#Article 1: Fuula


#Article 2: Afaan Oromoo (377 words)


Afaan Oromoo afaan baay'innaan Afrikaa keessatti dubbataman keessaa sadarkaa afraffaa irra jira akka Baayisaa Fufaan qorannoo isaa keessatti ibseen. Kana jechuun afaan Arabaa, afaan kiSwahiliitiif, afaan Hawusaatti aana jechuudha. Afaan Arabaa fi afaan Kiswaahilii afaan biyya ormaa yoo ta'an, Afaan Oromoo afaan Afrikaa keessatti dubbatamu keessaa Lammaffaa ta'a; osoo mootummaa ykn qaama giddugala qabaatee immo addunyaa irraatti sadarkaa sadaffaa ta'u ni mala. 

Afaan Oromoo kutaa afaanii Afroo-Eshiyaatiik jedhamu jalatti ramadama. Afaan kun Afroo-Asiyaatiik keessaa gare afaanii Kuush jalatti qooddama. Afaanota Kuusha keessa Afaan Oromoo afaan sabni baayyeen dubbatu yoo ta'u, uummata miliyoona 60 ol ta'utu dubbata. Uummatni afaan kana dubbatu Itoophiyaa fi kaaba Keeniyaa keessa jiraata. Akka warri afaan qoratan jedhanitti, Afaan Oromoo loqoda(garee) afur qaba: Oromoo Boorana-Arsii-Gujii, Oromoo Bahaa, Orma, fi Oromoo Dhihaa fi Giddugaleessa ti.

Warraaqsa Itoophiyaa kan 1974 dura, Afaan Oromootiin barreeffama maxxansuunii fi tamsaasa reediyoo ykn TV dabarsuun dhorkaa ture. Barreeffamni xiqqoon san dura maxxanfaman kan akka hiikaa Macaafa Qulqulluu kan Onesmoos Nasiibii fi Asteer Gannootin hiikaman qubee Gi'iiziitti fayyadaman. Kakuu Haaraan bara 1875 Kiraapfin maxxanfames akkasuma qubee Gi'iiziitti fayyadame. Warraaqsa Itoophiyaa bara 1974tti aansee, mootummaan duula barreessuu fi dubbisuu afaan baay'eedhaan, Afaan Oromoo dabalatee, geggeessaa kan ture yoo ta'u, Afaan Oromootin barreeffama maxxansuunii fi tamsaasa dabarsuun yeroo kana jalqabe. Barreeffamoonni yeroo kana Afaan Oromootin maxxanfaman, kan akka gaazexaa Bariisaa, qubee Gi'iizii fayyadaman. 

Afaan Oromoo afaan barnootaa taasisuuf yaaliin godhame amma mootummaan Dargii bara 1991 kufutti milkaa'uu hin dandeenye. Sana duraa garuu naannoowwan ABOn too'ataman keessatti afaan barnootaa taasifameera. Erga Mootummaan Naannoo Oromiyaa hundeeffamee booda, manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa keessatti Afaan Oromoo afaan barumsaa akka ta'uufii afaan hojii kan naannichaa akka ta'u godhameera.
  
Bara 1991 jalqabee, Afaan Oromoo Qubeetti fayyadamee barreeffama. Murtii kanaan booda, barreeffamoonni adda addaa bara 1991 hamma 1997tti maxxanfaman kan duraan waggaa 100f maxxanfaman akka caalan dubbatama.

Galanni Rabbiif haa ta'u malee, amma afaan keenyi Afaan Oromoo, afaan saba guddaa,afaan lammii sabboontotaa kan akka ardii Afriikaatti sadarkaa keessa gale kun fuulduratti afaan addunyaatti beekamtii qabuu fi isa duraa akka ta'u nama hin shakkisiisu. Kun immoo hirmaannaa lammii baratee fi gahee nama maraati.

Bamaqootni ammoo jechoota maqoota bakka bu'uu danda'aniidha. Jechumti Bamaqaa jedhu iyyuu yoo qoodamee ilaalamu Ba- fi Maqaa of keessaa qaba. Ba- kan jedhu jecha Bakka jedhu bakka bu'a. Bamaqaa = Bakka Maqaa


Tolaan saree ajjeese




#Article 3: Qubee Afaan Oromoo (217 words)


Qubeen Afaan Oromoo, Afaan Oromoo baruuf bu'ura dha. Qubeen kun ka'umsi isaa Laatinii yoo ta'u yeroo ammaatti bal'inaan itti hojjetamaa kan jiru dha. Qubeen Afaan Oromoo qubee guguddaa fi qubee xixiqqaa jedhamuun lamatti qoodama.

Gabateen armaan gadii qubee Afaan Oromoo gurguddaa agarsiisa:

Qubeelee armaan olitti barreeffaman alattis qubeen Afaan Oromoo qubee guguddaa warra qubee dachaa ta'a of keessaa qaba. Isaanis:

Hubachiisa: P,  TS, V, Z,  fi Zy n sagalee fi jechoota afaan ollaa fi addunyaa biraa irraa ergiffanne. Itti gargaaramuuf akka salphatuuf kan uumame malee sagalee dubbifamaa kanniin Afaan Oromoo keessatti hin argaman

Afaan Oromoo qubee xixiqqaa gabatee armaan gadii keessatti agarsiifaman qaba: 

Qubeelee armaan olitti barreeffaman alattis qubeen Afaan Oromoo qubee xixiqqaa warra qubee dachaa ta'an of keessaa qaba. Isaanis:

Hubachiisa: p, v, z, ts, fi zy n aadaa sabafi sablammii naannoo Oromoo jiraatanii calaqqisiisuuf kan uumamani malee Afaan Oromoo keessa hin jirani. Garuu, jechoota ergissan dhufan waajin, qubeewwan kun amma tokko Afaan Oromoo keessatti hojiirra oolaniiru.

Qubeen dachaa qubee sagalee addaa ta'e, kan qubeewwan digdamii jahan keessa hin jirre of keessaa qabu. Sagalee qubee kanniinii qubeewwan dubbifamaa gara garaa lama walitti fiduun barreeffamu. Qubeewwan dachaan kunniin qubee akka SH, NY ,CH, DH, PH fi TS ti. Qubeewwan dachaa kanniin keessa qubeen TS quboota akka P,V fi Z dabalatee qubee ergifanna ykn qubee alagaa jedhamani beekkamu.




#Article 4: Oromoo (1484 words)


Oromoon uummata afaan hortee Kuush dubbatu kan bahaa fi kaaba baha Afrikaa keessatti argaman keessaa isa guddaadha. Odeeffannoon jiru akka ibsutti, ummanni Oromoo akka hawaasaatti Gaanfa Afrikaa keessa waggoota kuma baay'eedhaaf jiraacha ture (Prouty et al., 1981). Bates (1979) Oromoon sanyiii duriifi jalqabumaa kaasee naannoo kana jiraachaa turedha, tarii uummattoonni naannoo baha Afrikaa kaan baayyen kan irratti erabamani.

Ka'umsi Oromoo eessaa akka ta'e sirriitti hubachuuf qorannoon dabalataa barbaachisuyyuu, Oromoon jalqabarratti akka horsiisee-bulaatti fi/ykn gartokkeen qotee-bulaatti jiraachaa ture jedhamee amanama. Qorattoonni seenaa baayyen gosoonni Oromoo (Baale) muraasni fiixee-kibbaa Itoophiyaa har'aa keessa waggaa kumaa ol jiraacha akka turan walii galu. Qoratoonni kun Godaansi Oromoo daldalaan-dhiibbame ummata Oromoo gara bakka har'a jiraatan walakkaa fi dhihaa Itooophiyaa jaarraa 16ffaa fi 17ffaatti akka fide dubbatu. Kaartaan durii kan impaayera Aaksum/Abisiniyaa fi Adaal/Sumaalee Oromoon gara walakkaa Itoophiyaa har'aatti haaraa ta'uu agarsiisa. Barnoota garii

 agarsiisu
Akka seenaan ibsutti, ummanni Oromoo bulchiinsaaf Sirna Gadaa fayyadamaa ture. Oromoon mootummoota ofbulchan muraasas qaba, kanas ummata Sidaamaa wajjin qooddata. Kana keessaa mootummoota naannoo Gibee ta'an Geeraa, Gommaa, Garo, Gummaa, Jimmaa fi Limmuu-Inaariyaa, fi akkasumas mootummaa Jireeni.  

Akka seenaan dubbatutti, walmorkiin karaa nagaa fi waraanaa ummata Oromoo fi sabootaa ollaa kan akka Amaaraa, Sidaamaa fi Sumaalee wajjin ture siyaasa hawaasa Oromoorratti dhiibbaa fide. Goddansi Oromoonni akka Yajuu gara kaabatti godhan, fi keessumattuu Oromoon Arsii gara lafa saba Sumaalee fi Sidaamaatti godhan baballiinsa Amaarri gara kibbaatti godhe wajjin wal fakkaata, fi siyaasa sanyii Itoophiyaa kan harraa kana boce. Akkasumas, baballinni guddaan Sumaalee lafa diriiraa Ogaadeniirraa gara dhihaatti gara laga Jubaatti godhame Oromoo wajjiniin walitti bu'iinsa fide. Iddoo tokko tokkotti, Oromoonii fi Sumaalen qabeenya uummamaa fi lafa gabbata irratti walitti bu'aa turan. Dabalataan, Oromoonni Bahaa, kan Islaamummaa fudhatanii turan, warra Sumaalee fi Affaar wajjin qaama Sulxaana Adaal kan Islaamaa hordofuu turan. Sulxaanni Adaal hooggana Imaam Ahimad Ibin Ibraahim Al-Gaazii jalatti Impaayera Abisiiniyaa kan Kiristaana ture qabachuuf duule ture.   

Qorataan seenaa Riichaardi Paankirasti odoo humnoonni Yuurooppi hin dhufinii fi mootummaan Itoophiyaa hin hundaa'in dura, naannon amma Itoophiyaa, Eertiraa fi Somaaliyaa jedhamu kana:  

Tuuta mootummootaa fi bulchiinsotaa qabata, tokkoon tokkoonsaanii ofumasaaanii kan socho'an turan, garummoo warra kaani dhiibbessaa fi warra kaanin dhiibbeffamaa turan. Bulchaan tokko bulchaa biyya biraa of eeggannoodhan ilaala garummoo yeroo baayyee kennaa fi dhaamsaa garii wal jijjiiru, tarii yoo wal waraanaa jiraatan malee. Sanyiin warra mootii karaa fuudhaa walitti hidhuun baramaadha, garuu yeroo baayyee daangaa amantii hin cabsuu. Karaa biraa, daldalli, garaagarummaa amantii ilaalcha keessa kan galche miti, karaan daldalaa mootummoota amantii aadaa, kiristaana, fi Islaama hordofan walitti hidha. Hawaasni fi sabni afaan mataasaa dubbatu baayyinaan warra kaanirraa adda ta'eetu jiraata, garuu aadaa walirraa dhaalun ni jira. Kunis qarqara Galaana Diimaa fi Gaarren Itoophiyaa keessatti qofa odoo hin taane, gara kibbaa daangaa Sumaalee fi Oromoo dabalata; achittis kara-deemtonni dhuma jaarraa 19ffaa keessa garas deeman hawaasa daldalu kan afaan baayyee dubbatu arganiiru. 
  

Wagga kurnan jalqabaa jaarraa 19ffaa keessaa, mootummaan Oromoo sadi'i Inaariyaa, Gommaa fi Gumaan cimanii dhufan. Naannoon kun walumatti lafa-Oromoo jedhamee yoo beekkamu lafa walakeessaa fi kibba Itoophiyaa qabata, kunis yeroo amma lafa sabni Oromoo hin taane irra jiraatu of keessatti qabata. Gumaachi Oromoo Itoophiyaa hundeessuu keessatti yoo ilaallame, Goobana Daaccii waraana geggeessudhaan mootummoota bilisummaan jiraachaa turan Itoophiyaa jalatti galcheera. Goobanaan Minilik jala galuudhan mootummoota Oromoo baayyee cabsee Itoophiyaa jalatti galche. Sababa kanaafis Oromoonnii Goobanaa akka gantuutti ilaalu. Itoophiyaan har'aa odoo hin hundaa'in dura daldallii naannoo, karaa dheeraa fi daangaa qaxxaamuru Itoophiyaa har'aa, Eertiraa fi kutaan Somaaliyaa walitti hidhee ture. Karaan daldalaa kun Boongaa, Jimma, Saqqaa, Asandaaboo, Goojjam, Bageemidir, Maramma, Misuwwaa, Sooddo, Shawaa, Harar, Zaayilaa fi Baarbaraa walitti qabsiisa ture.   

Bara 1973tti, Oromoon Itoophiyaa keessatti hacuuccamuunsaanii waan daangaa dhabeef ABO hundeessan; ABOnis naannoo Oromiyaa keessatti ummata sochoosuu jalqabe. Baruma kana Itoophiyaa keessa beela hamaa kan ummataa nuusa miliyoonatii ol ta'u fixetu dhufe; kanarrattis mootummaan Hayila Sillaasee tarkanfii fudhatee gargaarsi akka rabsamu eeyyamuufillee yeroo dheeraa itti fudhate. Namoonni beelan dhuman baayyensaanii Oromootaa fi Amaarotaa Walloo, Affaarii fi Tigroota turan. Bara 1974 Finfinnee keessa hiriira nagaa fi fincila hojii dhaabuutu jira ture; baruma kana Gurraandhala keessa mootummaan Hayila Sillaasee kufee Dargiin aangoo qabate; garuu ammas kaawonsiliin kun Amaaradhaan kan guuttame ture, namoota miseensa kaawonsilii kanaa 125 keessa 25 qofatu Amaara miti. Bara 1975 mootummaan lafti baadiyyaa hundi kan mootummaa akka ta'e labse, sirna abbaa lafaas balleesse. Garuu, bu'aan kunis qonnaa waliinii kan dirqamaa, qonnaa mootummaa fi sagantaa ummata dirqamaan qubsiisuurraan kan ka'e galmaa gaa'uu dide. 

Mudde 2009tti, gabaasni fuula 96 qabu kan Human Rights in Ethiopia: Through the Eyes of the Oromo Diaspora jedhamu kan Advocates for Human Rights jedhamuun qophaa'e sarbama mirga dhala namaa ummata Oromoo mootummoota Itoophiyaa sadan darban: Impaayera Abisiiniyaa kan Hayila Sillaaseen bulchaa ture, sirna Maarkisistii kan hordofu Dargii fi kan har'a Itoophiyaa bulchaa jiru ADWUI kan ABUT(Adda Bilisummaa Ummata Tigraayin) hoogganamu, jalatti irra ga'e gabaasa. ABUT miseensota ABO tilmaaman 20,000 ta'u kan hidhan yoo ta'u hoggantoota ABO hunda biyyaa ari'aniiru, ABOn Itoophiyaa keessatti akka dhaaba siyaasaatti akka hin sochoone godhaniiru. 

Akka Biiroo Mootummoota Gamtoomanii Komishinera Olaanaa Mirga Namaatti, Oromia Support Group (OSG) bara 2005 hanga Hagayya 2008tti Oromoonni 594 odoo gara mana murtiitti hin geeffamin humnoota nageenyaa mootummaa Itoophiyaatin ajjeeffamaniiru, 43 ammoo mana hidhaa erga galanii booda dhabamaniiru. 

Akka Gabaasa Amnistii Internaashinaal BECAUSE I AM OROMO jedhu kan bara 2014 baase ibsutti hacuuccaan mootummaan ADWUI ilmaan Oromoorraan ga'u cimee kan itti fufe ta'uu ibsa. Bara 2011 hanga bara 2014 gidduutti qofa, Oromoonni 5,000 ol ta'an mootummaa karaa nagaatin warri morman ykn mormu jedhamanii shakkaman mana hidhaatti galfamaniiru. Itoophiyaa keessa gazeexessitonnii dhuunfaa fi miidiyaan bilisaa waan hin jirreef, lakkoofsi namoota hidhamanii kun kana caaluu danda'a jedha. Miseensonnii dhaaba siyaasaa seeran galmaa'ee socho'uullee odoo hin hafin kan dhibbaa olitti lakkaawwaman mana hidhaatti akka darbaman dubbata.

Uummanni Oromoo Itoophiyaa, kan walumaagalatti sablammoota afaan 74 dubbatan qabdu, keessatti saba isa guddaadha. Oromoonni 95% ta'an qubatanii kan qonnaan bulanii fi horiisee bultoota godaanani. Oromoon tooftaa qonnaa aadaa duubatti hafaa ta'e kan hordofu yoo ta'u jireenyi isaanis irra caala harkaa gara afaanitti. Oromoonni muraasni naannoo magaalaa jiraatu. 

Ummatni Oromoo kaabaan hanga Tigraay, kibbaan hanga Keeniyaa faffaca'ee argama. Oromoon harki caalaan naannoo Oromiyaa keessa kan jiraatan yoo ta'u hangi tokkommoo kaaba Keeniyaa keessa jiraatu. Kana malees Oromoonni hangi tokko naannoo Amaaraa godina addaa saba Oromoo keessaa naannoo Tigraay aanaalee akka Raayyaa Azaboo  jiraatu. Sabaa fi sablammoota naannoo Beenishaangul Gumuz keessa jiraatu keessa harki caalaan saba Oromooti.

Ummanni Oromoo Afaan Oromoo (Oromiffas ni jedhama) dubbata. Afaan Oromoon maatii afaanii Afroo-Eeshiyaatik jalatti ramadama. Gaanfa Afrikaa keessa Oromoon saba kuushii dubbatu guddicha dha. Akka itinooloogin jedhutti, addunyaa guutuutti ummata 40,467,900tu Afaan Oromoo dubbata. Afaan Oromoo damee afur gurguddaatti qoqqooddama: Afaan Oromoo Booranaa-Arsii-Gujii, Afaan Oromoo Bahaa, Afaan Oromoo Dhihaaf Walakeessaa fi Afaan Oromoo Ormaati.

Yeroo ammaa Afaan Oromoo qubee Laatiniitin barreeffama.gahee guddaa kan tapatanii jalqabarratti sheikh bakri sapaloo turan.  Qubeen Saaphaalloos Afaan Oromoo barreesuuf keessattu baha Oromiyaatti tajaajila ture. haa tauu malee qubeen isaan kaayan osoo hojii irra hin oolin hayyuun fi bekhaan oromoo DR Sheikh Mohammed-rashad khabir Abdullee kan dhalootan gama baha oromiyaa naannawa harar turan lafa kaayanii  akka ummanni itti fayyadamu godhan.kitaabota amantaas dabalatee kitaaba hedduu  afaan biroo irraa gara afaan oromootti barreessan.Nannoo Oromoonni baayyen Musliima ta'anitti ammoo qubeen Arabaa Afaan Oromoo barreessuf fayyadamaa turan. Onesmoos Nasib eenyu hundeeffame caasluga Afaan Oromoo ammayyaa.

Oromoo Saba horsiisee bultoota (Pastoralist/nomadic) fi gartokkee qonnaan bultoota (semi-agriculturalist) jedhaman keessaa akka dhufe amanama.Jaarraa 16 keessatti eega mootummaan Habashaa fi Sulxaanetii Adaal wal hadhanii lachuu dadhabanii dhiisanii booda, ummanni Oromoo gara Kaabaatti (kaaba Oromiyaa ammaatti)babal'atan. Abbaan amantii  Baahiree jedhamu akka bara  1593tti barreessetti jajjabeenya Oromoon yeroo sunitti qabu cimaa akka ture ibseera. Baahiree itti aanee Oromoon akka gara kaaba-dhihaatti gara Arsii, Shawaa, Wallagga fi Goojjam akkasumas gara kaaba-bahaan gara Harargee fi Walloo akka fafaca'e ibseera. Haroold G. Maarkas(Harold G. Marcus) akka jedhetti kaabi-dhihaa Boorana akka bakki Oromoon duran qubate akka ta'e ibseera. Jaarraa 17 jalqabee Oromoon Amaara irraa gargar bahuu jalqaban. Haa ta'u malee, Oromoon bulchiinsa Itoophiyaa bara suni keessatti bakka argachuu jalqabde. Keessattuu Emperor Iyo'as 1ffaan (1730-55) Oromoota saba haadha isaa ta'an ofitti dhiheessuu jalqabe. Akkasumas waltajjii Gondar keessatti Afaan Oromoo akka dubbatamu taasise. Bara Zemene Mesafinti keessatti dhaloota Oromoo kan ta'an Yejjuun bara dheeraaf waraanaan Imperoota Itoophiyaa dursaa turan. Akkasumas Bageemidir, Enderases jalatti qoodamuu jalqaban. Yejjuunis Raas Alii 1ffaa jala bulaa ture, haa ta'u malee, bara dheeraan duuba Tewodiroos 1ffaan Raas Alii 1ffaa injifate. Ta'us, ammallee Impereronni Itoophiyaa waan dadhabaniif waraanni Yejjuu Itoophiyaa keessaa tokkoffaa ture.  

Oromoonni bara sunnitti beekkamoo turan keessaa 

Humnaa fi maatii imperiyaalaa wajjin walitti qabamuf jecha ummatni Oromoo hedduun Kiristaanummaatti jijjiiramanii turan. Itti fufee immoo,  gara dhuma 1800ffaatti, Imperer Yohaannis 4ffaan gosa Oromoo Walloo keessa jiran hunda akka Kiristaanummaatti jijjiraman yookaan immoo akka qabeenya isaanii dhaban sodaachisee ture. Kun immoo gosa Oromoo lafa warra dhiisan akka gara kibbaatti godaanan warra godhee ture. Bulchaan Oromoo Mohaammad maqaa jijjiratee Abbaa lafaa Mikaa'el jedhame, niitii erga fuudhee booda abbaa Imperer Iyyaasuu 4ffaa ta'e.

Uummanni Oromoo bakka kudha lamatti adda baha. Bakka dhiha baha irra eegalee hanga bahaatti tuutni kun:

Oromoon waggaa dheeran dura jalqabee sirna Gadaatin bulaa ture. Sirni Gadaa sirna dimokiraatawaa kan ammaa wajjin kan wal fakkaatu yoo ta'u, aangoo waggaa saddeetitti wal harkaa fuudhama.




#Article 5: Afrikaa (108 words)


Afrikaan addunyaa keessaa ardii guddittii lammaffaa fi ardii baay'ina ummataan Eshiyaatti aantee lammaffaa irra jirtu dha. Odollan(island) Afrikaatti dhihaataniin walitti qabame Afrikaan bal'inni ishee hanga 30,221,532 km² (11,668,545 mi²) yoo ta'u, balinni kuni immoo 6.0% balinna addunyaa (lafaa fi bishaan walitti qabame) yo qabaattu, kan lafa qofaatiin immoo 20.4% ballina addunyaa qabata. 

Bara 2016 baay'ina ummataa 1,225,080,510 caalu biyyoata 61 keessatti yoo qabdu, baayinni ummataa kun immoo 14% baayina ummata addunyaa ta'a. Ardiin kun kaabaan Galaana Mediteraaniyaanii, kaaba bahaan Suwiiz Kanaal fi Galaana Diimaa, kibba bahaan Garba Indiyaa, dhihaan immoo Garba Atilaantiikii daangeffamte argamti.

Madagaskaar iin walitti Afrikaa keessa biyyoota 46tti argama, odolaan walitti immoo biyyoota 53tti argama.




#Article 6: Main Page (174 words)


Abarraan Oromiyaa konyaa salaalee Ona
hidhabuu Abootee Ganda Dabalaa
bokkooloo iddoo addaa Qontore jedhamutti
bara 1981 haadha isaa aadde Mitikkee Tolaa Yaadatee fi abbaa isaa obbo Raggaa
Baallamii Gammadaa irraa dhalate. Akkuma ijoollee
baadiyyaa hamma umriinsaa barnootaaf
gahutti hojiilee xixiqqaa maatii gargaaraa
yeroo umriin barnootaaf qaqqabu bara 1988
mana barumsa naannuma sanitti argamu
MB Dabalaa Qontoreetti kutaa 1ffaa seene.
kutaa 1-5 manuma barumsa kanatti
barachuun kutaan itti aanu waan hin
jirreef lafa fageenya sa'aa 1 ol deemsisutti
imaluuf dirqame; mana barumsa
Alamganaa. kutaa 5-8 achumatti hordofuun
ammas sad. 2ffaa Aanaa hidhabuu Abootee
keessa waan hin turreef deemsa sa'aa 3
galaa torbee tokkoo baachuun gara aanaa
Kuyyuutti fuula naannefate. haatahu malee
umrii isaa waliin imalli kun ulfaataa waan
tureef akkasumas manni barumsa sad.

odeeffannoo jedhu miidiyaan waan
dhagaheef kutaa 9 ffaa mana barumsa
Garba Gurraachaatti eegale addaan
muruun bara 1997 MB Jeneraal Taaddasaa Birruutti eegale.
Kutaa 9-10 achumatti xumuruun
Qophaa'inni yericha Aanicha waan hin
turreef MB Fiicheetti kutaa 11-12 baratee
fixuun bara 2001 immoo Yuunivarsiitii
Wallaggaa muummee Civics and ethical
studies qorachuun bara 2003 Digrii




#Article 7: Tanzaaniyaa (188 words)


Tanzaaniyaan seeran United Republic Of Tanzania (Afaan Iswahiliin Jamhuri ya Muungano wa Tanzania) kan jedhamtu biyya baha Afrikaatti argamtuu dha. Kaaban Keeniyaa fi Yugaandaan, dhihaan Ruwaandaa, Buruundii fi Democratic Republic Of the Congon, kibbaan Zaambiyaa, Malaawwii fi Moozambiikn fi bahaan immo Garba Indiyaatin marfamtee argamti.

Maqaan Tanzaaniyaa jedhamu kunii kan ba'eef maqaa Tangaanikaa kan kutaa lafaa ishee tateffi fi maqaa Zanziibaar lafaa ishe kan bishaniin marfamtee, dangaa bahan argamtu irra dhufee. Bara 1964, Tangaanikaan Zanziibaar wajjin tokko tate United Republic Of Tanganyika and Zanzibar ergaa jedhamte bodaa, barumma sunitti maqaa United Republic Of Tanzania jedhamu argatte.

Bara 1996 biroon motumma Daree Salaam irra Dodomaa tti jijjiramun, Dodoman magaalaa guddoo Tanzaaniyaa taate. Daree Salaam immoo anna dinagdee gudditti tatte.

Jamhuri ya Muungano wa Tanzania




#Article 8: Baale (239 words)


Baaleen godinaalee Oromiyaa keessa jiran keessaa tokko dha. Daangaan Baalee, kibbaan Booranan (Booranaa fi Baale laga Gannaalee Doriyaatu gargar baasa), kibba dhihaan Saba, Sab-lammootaa fi Ummattoota kibbaan, kaaba dhihaan Arsiin, kaaba bahaan Harargee  fi kaaba fi kibbi Harargee Laga Shabaleen gargar  ba'u), bahaan immo Sumaaleen dangefamtee argamtii. Bakki dherinna gudda Baale keessaa qabu Gaara Baatuu yoo ta'u, gaarri kun immoo Oromiyaa kessattille guddinan tokkoffa dha. Gaarri Baatuu Gaara Urgoma jedhaman jalatti qoodama. Gaaronni biraa urgoma keessatti argamani kan akka Gaara Tulluu Diimtuu, Gaara Darkinna fi Gaara Geesse jedhamani dha. Aanoti bira Baale keessatti argamani kan akka Dodola, Ginniir, Gobba fi Roobee dha.

Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa bara 2005tti akka gabasetti, Baalen bayyina ummatta 1,727,306 yoo qabattu, kana keessaa 854,584 dhiraa yoo ta'an, 872,722 immo dubra dha. Ummatti Baale 233,013 yookan 13.5% magalaatti galu. Ballina lafaa tilmaman hanga 63,917.46 square kilometers ta'u keessatti, Baalen tuuta'insa ummataa 27.02, kilometiri tokko kessatti jiratta.

Akka meemoraandamii Baankii Addunyaa Caamsaa 24, 2004tti, 11% iin ummatta Baale elektrikii yoo fayyadamanii, rukkinni kara konkolaataa immo 11.4 kilometers per 1000 square kilometers qabu. Avirejjiin abba mana baadiyyaa tokko heektaara lafa tokko yoo qabatu, lakkoofsa horii immo 1.0 qaba. 19.5 % iin ummatta hojii qotee bulaa hin ta'iniin jiraata. 66%iin ijolee mana barumsaa sadarka tokkoffaf galmooftee barattu yoo tatu, 21% immo mana barumsa sadarka lammaffatti baratti. 53% Baale busaan qabammu yoo danda'ani, tokkollen immo Tsetse fly qabamu hin danda'anni. Memorandumiin Baalefi halla qillensa goga qabachuni kennamef 555 dha.




#Article 9: Godina Booranaa (348 words)


Booranni godiina Oromiyaa keessa jiran keessaa tokko dha. Laftii Booranaa kibbaan Keeniyaan, dhihaan Saba, Sabotta fi Ummatta kibban, kaabaan Baalen (Booranaa fi Baale jiddu Laga Gannaalee Doriya ttu ce'a), bahaan immo Sumaaleen dangeffamtee argamti. Bakki dheeraan lafa Booranaa keessatti argamu Gaara Dara Xiniro tti. Aanolee Booranaa gugguddoon Moyyaalee, Nageellee Booranaa, Yaaballoo fi Bulee Horaa jedhamu.

Rakkoon qilleensa gogaa Boorana kan bara 2006 wal-dhabi Booranaa fi Gujii Caamsaa 22, 2006GC jaqabe akka gudattu sababa ta'ee ture. Torbaan tokkon dudduba immo waranni ka'e ergaa guyya 10 wal hadhanii booda, jaarroleen adda waraana qabbaneessuu danda'aniru. Haa ta'u malee waraana suni qofaan namni 100 hanga 150 ta'anii du'anni, kumii isaani immo bakka isaani irra baqataniru.

Bara dhuma 2005, barreeffama Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaairratti hundeffame Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa(CSA) akka gabaasetti toniin buna 13,533 kan ta'u zonii kanatti akka biqila. Kuni immo ba'ii Oromoffi parsentii 11.8% yoo ta'u, bayyi biyyaffi (Itoophiyaa)f immo parsentii 6.0% ta'a. Booranni bakka warqee oomishamu sadii qaba: kunnis - Kibra Mangisti (Warqee), Laga Dambii(warqiiee) fi Kenticha(Tantalum) kan Shaakkisoo tti dhihattu dha.

Akka Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaatti, bayyinni ummata Booranaa 2,019,383 yoo ta'u kana keessaa 1,025,393 dhiraa fi 993,990 immoo dubartii dha. Ummatni 234,391 yokaan parsentiin 11.6% aanaa guggudatti yokan magaalaatti galu. Tilmama lafa ballina 95,740.23 square kilometers qabu kessatti ummatti borana tuuta'insa namaa isquweer kiilometirii tokkotti nama 21.09 qaba.

Akka  Meemoraandamii Baankii Addunyaa Caamsaa 24, 2004tti parsentiin ummatta 4% elektiriikii fayyadama, akkasumas zoniin kuni karaa konkolatta road density 27.5 kilometers per 1000 square kilometers. Avireejjiin abbaa manaa badiyyaa tokko hektara 0.5 lafa fi horii 0.6 qaba. Parsentiin 14.4% ummatta hojii qotee bulaa hin ta'iniin bula. Parsentiin 53% ijollee mana barumsaa sadarka tokkoffa kessatti argaman yoo ta'an 9% immo mana barumsa sadarka lammaffatti argamu. Parsentiin 35% zonii Booranaa busaaf kan saaxilamee yoo ta'u tokkollen tisiisa tsetse fly jedhamtuun carraa qabamuu hin qabu. Memoraandamiin godina kana carra haala qillensa gogaa 410 kennafi. 

Godinni Booranaa bara 2004tti Ministeera Qonnaa fi Misooma Baadiyyaa iin bakka fedhini ummatta biraa rakko bayyina ummatta qaban fudhachun filatamtee dha. Bara kanatti Booranni nama mana 9145 fi walii galatti nama matti hundaa irra 45,725 ta'anni fudhatterra. 




#Article 10: Godina Jimmaa (304 words)


Jimma godinaalee Oromiyaa keessa jiran keessa tokko dha. Maqaaan Jimma kuni maqaa mootummaa Jimmaa durii kan Kafaa wajjiin bara 1932 kessatti walitti makamani irra dhufe.

Jimmaan kibbaan mootummaa naannoo Saba, Sablammootaa fi Uummattoota Kibbaan, kaaba-dhihaan godina Iluu Abbaa Booraan, kaabaan Wallagga Dhihaan, kaaba-bahaan Shawaa Dhihaan daangeeffamtee argamti. Bakki dheerina guddaa godina kana keessa  Garaa Maigudoti. Aanoleen Jimma keessatti argaman kan akka Qarsaa, Gannat, Gommaa, fi Saqqaa jedhamani ni jiru.

Barreeffama Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa (Ethiopian Coffee and Tea authority) irratti hunda'uudhaan Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa (Central Statistical Agency) akka gabaasetti tooniin buna hanga 26,743 bara dhuma 2005tti oomishama. Kun immoo baasii Oromiyaa keessaa dhibbantaa 23.2% yoo ta'u baasii biyya keessaa immoo parsentii 11.8% ta'a. Kuni immo Jimman zoonii buna midhasun bekkaman sadeen kessa tokko ishee godha. Lamman hafaan kan birra  Sidaamaa fi godiina Gede'oo dha.

(Gabaasa CSA 2005 irratti hundaa'uudhaan)
Godinni kun baayyina uummataa walii galatti tilmaamaan hanga 2,773,730 ta'u yoo qabaattu, keessatti 1,382,460 dhiira yoo ta'an, 1,391,270 immoo dubartii dha. Ummati Jimmaa 340,666 yookaan dhibbantaan 12.3% magaallan gugguddoo keessa jiraatu, kan hafan immoo baadiyyaatti jiraatu. Bal'ina tilmaamaan 18,412.54 square kilometers ta'u keessatti Jimmaan tuuta'insa uummataa 150.64 people per square kilometer ta'u qabdi.

Akka May 24, 2004 Baankii Addunyaa (World Bank) memorandumitti, parsentiin 9% ummata  Jimmaa elektirikii ni argatu. Godinni kun density karaa 77.0 kilometers per 1000 square kilometers (Avirejjii Oromiyaa wajjin yoo walitti madaalani 30 kilometira ta'a). Avirejjiin abbaa manaa baadiyyaa tokko hektaara lafa 0.9 yoo qabaattu, mataan horii hanga 0.5 ta'u qaba. dhibbantaan 15.1% ummata Jimmaa hojii qotee bulaa hin ta'iiniin jiratta. Parsentiin 57% barattootta Jimmaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaatti yoo galmaa'anii argamani, parsentiin 12% immoo mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti barachaa argamu. Parsentiin 29% zoonii kana carra dhukkuba busaa (malaria) qabamuu qaba, dhibbantaan 63% immo tisiisa Tsetse fly qabamu carraa qaba. Memorandumiin zoonii kanaa karaa qilleensa goggogaa rating 298 kennaaf.




#Article 11: Mars (371 words)


Marsiin aduu irra planet affuraffa irratti argamtuu dha. Marsiin yeroo tokko tokko Red Planet (Planet Dimtuu) jedhamtee bekkamti, kunis waan yeroo Ardii Kenya|Lafaa kenya (Earth)] irra ilallani dimmena qabdufi. Planetii kunii maqaa kana kan argatee Roman irra yoo ta'u Mars jechun immo Roman god of war (waqqa warranna Rommanotta) jechu dha. Planet Gosa Lafaa Kenya (Terrestrial Planet) kan ta'e Marsiin kuni Atmosferra qalla qaba. Marsiin laftii ishe dhoqaa fi fakkena gossa Batti (Moon), Volkanoo Lafaa, dhoqaa lafaa fi Polar Ice Cap qaba. Marsiin bakka Olympus Mons, garaa dherinaa gudda adunya kessa qabu itti argamu fi akkasumas bakka Valles Marineris dhoqaa bishan kessa ce'anni adunya kessaa guddicha ofii kessa qaba. Fulli Marsii qofaa osoo hin ta'in Rotational Period (Marsaa Lafaa) fi jijjirami yeroo yerooni qabdu lafaa kenya wajjin walii fakkattin qaba.

Addemsa gara Marsii yeroo tokkoffafi Mariner 4 iin bara 1884(G.C.) godhame jalabe marsiin bishan qabachu dandetti jedhame yadattam ture. Kunii immo kan hundeffame, Marsiin jijjirama iffa fi dukkana kessattu bakka cabiin jiruutti qabdu ilallun, illaltotti waan arganu sunii bishan waan itti fakkatef. Yoo foto kana fixee issa ilaltani cabiin suni bishan fakkatte namatti mulatta . Haa ta'u malee yadni kuni akka sirri hiin tanne himame. Garuu Marsiin planetotta jiranii kessa (Lafaa kenya osoo walitti hin qabin) bishan qabachu akkasumasi nami irra jirachu hin danda'a kan jedhamu isaa tokko qofaa dha. 

Marsiin Spacecraft gosa sadii kessumesu dandettera, kuniis Mars Odyssey, Mars Express, fi Mars Reconnaissance Orbiter kan jedhamanii dha. Kunis planetotta biraa irra adda ishe godha. Laftii kunii Mars Exploration Rover's MER lammafi, kuniis Spirit Rover (MER-A) fi Opportunity Rover (MER-B)fi mana tatterti. Yalli kana fi kanan duraa irratti hunda'unni Marsiin bishan bayye qabachu akka dandettu mirkanessanirru. Yalluma kana irrattii hunda'un Marsiin bishan Fillewa(Amariffa) diqqo akka qabdu mirkaneffamera. Ilalchi Mars Global Surveyor Of NASA godhame akka agarsisutti cabbin fixxe marsii kibban argamu akka digama yokan caccaba jira.

Marsiin Batti (Moon) lamma qabdi, kuniis Phobos fi Deimos jedhamni. Lachu diddiqa yoo ta'an, irregular shape qaban. Kunii immo asteroid qabamanii kan 5261 Eureka, Trojan Asteroid Marsii wajjin wal fakkatu. Marsiin illa duwaan lafaa kenna irra ni mulatti. Apparent Magnitude iin Marsii -2.9 ni ta'a, kunis iffa Venus, Batti fi Aduu qofaani mo'attama. Jupiteriin illa namafi iffe haa mulattu malee, iffani Marsiin Jupiter ni calla.




#Article 12: Vacuum (282 words)


Vacuumiin bakka waan tokkolle ofii kessa hiin qabni dha kanafu dhibaan qillensa vacuum kessa jirru Atmospheric Pressure ni calla. Maqaan vacuum jedhamu kuni maqaa Latin vacuus jedhamu irra dhufee, vacuus jechun immo duwwa jechu dha. Haa ta'u male bakki adunya kana kessa tokkollen duwwa mitti, manif? yoo jettanii vacuum kessayyu wanti lubbu hin qabne jirachu ni danda'a. Kanaf jechi afaan Latin vacuo jedhamu jecha vacuus irra fayyadamu jalqabame. Perfect vacuum jechun vacuum dhibaa qillensa duwwa qabu yoo ta'u jechii kuni jecha Philosophy malee vacuumiin akka adunya kessatti hin argamu. Kunis sababa quantum theory iin, bakkii tokkollen hundumatti duwwa ta'u hin danda'u jedhufi. Physicists yeroo bayye jecha vacuum jedhamu kan diqqo gorsani fayyadamu. Jechaa perfect vacuum jedhamu kana salphatti vacuum yokan Free Space jedhani fayyadamu. Haa ta'u malee vacuum sirritti hin jirra jedhame mirkana'e warri partial vacuum jedhe wamma.

Quality iin vacuumii tokko akka dhihenna yokan wal-fakkattina perfect vacuum qabuu irratti hunda'e lakka'amma. Kan kessa dhibaan qillensa akka lakka quality vacuumii tokkotti fudhatama. Unittin dhibaa qillensa bayye fayyadatammu torr jedhama. Dhibaan diqqan quality gudda agarsisaa. Quality guddani vacuumiin qabachu danda'u Quantum Mechanics iin olka'amerra. Outer Space iin bakka umamman quality gudda qabu dha, kunii immmo vacuumii teknologii haraan midhafamu danda'an cuffa ni calla. Vacuumiin quality diqqa qaban kan harka naman midhafamani suction millennia fi fayyadamu.

Bara Ancient Greek jalqabee Vacuumiin akka wol-mormii Philosophy tti fayyadama turee, garuu qorannon isaa 17th Centuryitti jalqabe. Qo'annoni kunis kan jalqabee theory Evangelista Torricelli kan atmospheric pressure jedhamu irra jalqabe. Vacuumiin Century 20 jalqabee akka mesha Industry fudhatame, kunis light bulb fi vacuum tube midhafamu jalqabe jenan. Achiin bodaa teknologyiin vacuun bayyen bekkamu jalqabe. Fayyadamu Vacuum spaceflight irra ka'e qo'anno godhameni, Vacuumiin fayya namaffi barbachisa dha jedhame yaddatama.




#Article 13: NBA (237 words)


NBAn (National Basketball Association) Tapha kubbaa kochoo yoo ta'u geeba fudhachuuf kan taphatamu, garee Ameerikaa keessa jiraniin. NBA'n garee 30 of keessa qaba, kan kessa 29 United States kessa yoo argamani, tokko immo Canada kessatti argama. NBAn misensaa bekkama kan USA Basketball (USAB), International Basketball Federationiin immo NBAn akka bulcha basketball United States kessa (National Governing Body (NGB))tti fudhatama argattera. NBAn gosa tapha Amerikaa kessatti professional ta'an Afureen kessa tokko dha.

Leaguen kuni bara June 6, 1946 (G.C) New York City, United States kessatti jalqabame. Yeroo duraa jalqabu maqaa Basketball Association of America (BAA) jedhamuni wamama ture. Ha'a ta'u malee leagueiin kuni ergaa National Basketball League wajjin walitti makame, autumn 1949tti National Basketball Association jedhame. Birron international fi kopha, birro guddicha Olympic Tower, 645 Fifth Avenue New York City argamu jalla bullu. Haa ta'u malle studionii akka NBA Entertainment fi NBA TV biroo Secaucus, New Jersey irra darbu.

Yeroo durraffi jalqabu NBA'n buduni 11 qaba turee, haa ta'u male itti darama akkasumas hirdhacha ergaa turee bodda hardha buduni 30 ofii kessa qaba. Buduniin tokkichi USAn alla argamu buduni Torontotti. 

Boston Celtics kan jedhamani yeroo 17 NBA Finals fudhacun bekkamu. Itti anne immo Los Angeles Lakers 16, Chicago Bulls 6 fi San Antonio Spurs 5 fudhatee.

Leagueiin kuni Conference lammatti qodama. Conferenceiin lachu immo kutta yokan division sadii ofii kessa qaba. Divisioniin tokko immo buduni shan ofii kessa qaba. Qoqqodami kunis season 2004 fi 2005 jiddu jirrutti godhame.




#Article 14: Kanaadaa (129 words)


Kanaadaan biyya bayyinan kabba Ameerikaa Kaabaa qabatte dha. Adunya kessa Kanaadaan ballina lafaa ishee yoo walitti qabanni ilallani lammaffa irratti argamtii. Kanaadaan Garba Atilaantiik irra kastee hanga Garba Paasifiik yoo balattu, kabban immo hanga Garba Arkitiik fagatti. Kibba fi kabba dhihaan Canadan United Statesiin dangefamti. Jiratotni Kanaadaa ummatta aboriginal (Indians, Metis fi Inuit) jedhamani dha. Kanaadaan bara 1867tti akka British Coloniesitt dhabatte. Haa ta'u male Kanaadaa kessa bakki tokko tokko French Colonies turrani. Kanaadaan Yunaayitid Kingidem irra kopha kan batte bara 1982tti. Haa ta'u malee Kanaadaan akka Commonwealth Countritt bekkamti, akkasumas Queen Elizabeth 2n, head of state Kanaadaatti.

Kanaadaan Federal Constitutional Monarchy yoo tatu kan ittin bultu immo Parliamentay Democracy dha. Province kudhani fi Territory sadi qabdi. Akka Federalatti Kanaadaa kessatti afaan akka biyyatti fudhatamu English fi French dha.




#Article 15: Madagaskaar (102 words)


Madagaskaar yookaan Rippabiliika Madagaskaar (maqaa durii immoo Rippabiliika Malagasii) biyya Odolaa yoo taatu kan argamtus Garba Indiyaa keessatti kunis qarqara kibba-bahaa Afrikaan. Madagaskaar addunyaa keessaa odola guddinaan afraffaa gubbaatti argamtu dha. Dhibbantaa 5 gosa biqiltoota fi bineensota addunyaa Madagaskaar keessatti argamu. Kan keessaa immoo parsentiin 80% Madagaskaar qofatti kan argamani dha. Kan keessaa kan beekkamani immo Liimar (Lemur) kan ta'an, foon nyattota(carnivous) kan ta'an keessaa Fossaa(bineena adurree fakkatu), akkasumas gosa simbira Madagaskaar qofa keessatti argamani sadii fi gosa Baa'obaab ja'a kan Madagaskaar qofa keessatti argamani of keessaa qaba. Nammi Madagaskaar kessa jiraatu Malagasii jedhama (Madagascan mitti) akkasumas afaan Madagaskaar Afaan Malagasii jedhama.




#Article 16: Dolfiin (126 words)


Dolfiiniin Aquatic Mammals yoo ta'ani, gossa Whales fi Porpoisestti dhihattu. Genera kudhani-torbaa kessatti species gossa hanga 40 ta'anitti argamu. Garragarumma dherrinan metre 1.2 yokan 4 feet (Maui Dolfiin) hanga metre 9.5 yokan 30 feet (Orca) ta'u. Ulfinnan immo 40 kilogramii (88lb) (Maui Dolfiin) hanga tonii 10 (Orca) garagarumma qabu. Dolfiinotni adunya hunda kessatti ni argamu, kessattu gallana faggena gara kessa diqqo qabani kan Continental Shelves kessatti argamu. Dolfiinottni carnivore (fonni nyattotta) yoo ta'ani kan nyattanis Qurxummi fi Squid dha. Familyiin warra Delphinidae jedhamu Cetacea kessa guddicha yoo ta'u. Dolfiinottni kan umaman million gara 10 duratti yoo ta'u, yeroon sunis Miocene jedhama. Dolfiinotni binnensotta hundaa irra bektotta dha. Akkasumas addaa ummatta nama kessatti jalattama kan worra tolchu, dhihenna jalalla namafi qabanifi akkasumas nama wajjin taphachu jalachu issanitti.




#Article 17: Academy Awards (143 words)


Academy Awards kan jedhamu bayyinaan Oscars jedhame kan wamamau, shillimatti bayye barbachisaa jedhamu fi akkasumas ceremony adunyaa kessa bayye ilallamu. Wagga hundaa Academy of Motion Picture Arts and Sciencesiin bara 1929 Los Angeles jalqabe kan kennamu shillimatiin kuni, gossa hojji adda adda kan akka Motion Picture making, acting, directing fi screenwriting fi kennama. Academy awardsiin kuni kan kennamu AMPASiin yoo ta'u, AMPASiin immo akka birro professionalitti ilallama. Bara kanatti AMPASiin misensotta movie marraxanu 5,830 ofii kessa qaba. Kan kessa actorotni misensumma hanga 1,311 (percentii 22)ttin tokkoffa irratti argamu. Wanna miseensotni marraxanii immo kan mirkanessu auditing firm [PricewaterhouseCoopers fi warran durra wagga 72ffa kan turanni Price Waterhouse kan jedhamaniin.

Dhihoo kanatti 79th Academy Award kan jedhamu sanbatta February 25, 2007tti Kodak Theatre, Hollywood kessatti geggefame. Produced (kan qopha'e) Laura Ziskin yoo ta'u, host kan godhe (kan geggesse) immo Talk Show kan qabdu Ellen DeGeneresiin.




#Article 18: WNBA (121 words)


WNBA, also known as a joke, yokan Women's National Basketball Association birro bulcha basketball league dubartotta professionalii United States kessatti argamanitti. WNBAn kan dhabatte bara 1996 yoo ta'u kan taphi league jalqabe immo bara 1997tti. WNBAn kan jalqabame National Basketball Association irratti hunda'e yoo ta'u, WNBA garuu kan dubartottatti. Taphii WNBA May hanga August (Spring fi Summer North America)tti dha. 

WNBA history kessatti buduni 17 ture. Budunotni afurri league kessa ba'anirra, kunis Cleveland Rockers, Miami Sol, Charlotte Sting fi Portland Fire. Budunin birra lama immo gara birratti jijjiramaniru, kunis Utah Starzz gara San Antonio(Silver Stars) akkasumas Orlando Miracle gara Uncasville, Connecticut(Sun) demmaniru. Budunin WNBA guddon maqqa gossa NBA qabu. Fakkenafi Washington Wizards, Washington Mystics yokan Minnesota Timberwolves fi Minnesota Lynx jedhamu.




#Article 19: Speed of Sound (276 words)


Speed of Sound kan jedhamu kuni speed sound waveiin  wanna yokan (medium) Elastic ta'e kessa demuni. Gossa wanna kessa darbu irratti hunda'e speed kuni gargara jirra (Fakkena sound waveiin qillensa kessa calla bishanii kessa bayye faggo demma). Kana qoffa osoo hin ta'in garagarruman kuni fakki medium sunni irrattille ni hunda'a (fakkena Temprature). Maqqan kuni bayyinan sound wave qillensaffi fayyadatama. Sea Levelitti, temprature 21°C (70 °F) fi atmosferra sirritti (normalitti) speed kuni  344 m/s (769 mph or 1238 km/h) dha.

Maqaan sound velocity(v) fi sound speed(c) kan yerro guddo walli wajjin fayyadamani maqaa Sound Particle Velocity(v) wajjin gargarri bafachunni barbachissa dha. Sound particle velocityiin velocity particle(yokan velocity wantotta diddiqo waan adunya hundaa kessatti argamanitti).

Gossa atmosferra irratti hunda'e speed kuni gargarri jirra. Kan kessa immo kan bayye speed jijjiru tempraturadha. Dhibaan qillensa speed soundii irratti jijjirama homma hiin fiddu. Ideal gas irratti dhibaan qillensa jijjirama homma fidu hin danda'u. Kunis sababa dhibaan kunif densityiin qillensa jijjirama wal-qixxe ta'e waan fidanuffi. Kanaffu ideal gas kessatti density fi dhiban walli ballessu. Kunni immo jijjirami sababa tempraturra qofaan akka dhufu sababa ta'a. Tempraturra gudda kessatti speed of soundiin gudda dha. Fagganne gara olii yoo demnu speed of soundiin hirdhacha dhuffa kunis sababa yoo ollii demnu tempraturii waan hirdhacha dhufuffi. Haa ta'u malee olii demne yoo Stratosphere dhaqabnu temprecherii ni darrata kunis sababa ho'a Ozone Layeriif, kanafu speed of soundillen ni darratta. 

Jidhii (Humidity)iin jijjirami speed of sound irratti qabu diqqa haa ta'u malee lakka'amu ni danda'a. Speed of soundiin qillensa jidha kessatti percentii 0.1%-0.6% hirdhatta.

Tilmammi speed of soundii halla qillensa jidha hinqabne fi temprecherri 0 °Cfi dhihoo ta'e kessatti meters per second (m·s-1)iin formula kanan argamu ni danda'amma.
                        :



#Article 20: Ionizing Radiation (214 words)


Ionizing Radiation kan jedhamu Particle yokan Wave energy qabu kan Atom fi Molecule Ionize tolchuu danda'u dha. Kunii immo energy particle yokan wave sunii irratti hunda'a malle lakkofsa  particle yokan wave suni irratti hin hunda'u. particle yokan wave kuni waan bayyee ta'e qofaffi ionization geggesu hin danda'u, particle/wave iin suni energy barbachisaa ta'e qabachu qaba. Yoo ionizationiin kuni waan lubbu qabani irratti geggefame ajjesuu yokan immo DNA Cell warra kessatti argamanni hammessu danda'a. Yoo hin ijjesini immo ionizing radiationiin dhallotta yokan ijjolle nama sunii Mutant gochuu danda'a. Fakkeni gossa ionizing radiation kanfa dha - Energetic Beta Particles, Neutrons, Alpha Particles fi energetic Photons (UV fi UV olli). Energyiin ionize gochuffi barbadamu gossa atom yokan molecule irratti hunda'e jijjirama. X-rays fi Gamma Rayiin atom/molecule hunda ionize gochu ni danda'u. Far Ultraviolet, near ultraviolet fi Visible lightiin molecule diqqo ionize gochu danda'u. Microwave fi Radio Waveiin ionize gochu hin-danda'an kanafu Non-Ionizing Radiation jedhamu.

Visible Lightiin waan yerro tokkotti ifuufii moleculonni isanni ionize ta'anni yerro tokkotti jijjiramu. Kanaaf waan iffa kan dhoksuu fayyadamuni barbachisa. Fakkenaffi photographic film fi moleculotta tokko tokko kan Photosynthesis kessatti hirmattan.

Ionizing Radiationiin fayyida bayye qaba, kunis medicine,qo'anno,construction fi kan kan fakkatan kessatti. Yoo sirritti hin fayyadamne ilmee nama irratti rakko gudda fidu danda'a. Bakka fotonni kuni itti argamanitti offi egunii garri dha.




#Article 21: DNA (104 words)


Deoxyribonucleic Acid yokan DNA kan jedhamu kunii gossa Nucleic Acid yoo ta'u genetic instruction guddina fi jirenya waantotta lubbu qabanifi fayyadu ofi kessa qaba. Hojjin guddan DNA information yerro dheraffi offi kessatti kusse qabatta. DNA'n Blueprints wajjin walitti madalama, kunis DNAn ajaja akkaata qophii Waantotta seelii kessatti argamani kan birra akka pirootiinii fi RNA molecules ofii kewssa waan qabuufi. Kutaan DNA kan odeeffannoo kana qabatani jiinii jedhamu.

Akka Chemikallatti yoo ilallani DNAn Polymer dherra yoo ta'u, ofii kessatti wantotta diddiqoo Nucleotides jedhamani ofii kessa qaba. Nucleotidotni kuni immo shukkaaraa fi foosfeetii group wallitti qabamani. Shukkaarri hundaa wajjin Baseotta afuurenni kessa tokko walitti qabame argamma.




#Article 22: Itoophiyaa (280 words)


Rippabliikii Federaalawaa Dimokraatawaa Itiyoophiyaa jedhamuudhaan kan beekamtu biyya Gaanfa Afrikaatti argamtu yoo taatu, erga Eertiraan irraa bara 1993 G.C. cittee booda biyya lafa qofaan marfamte taatee jirti. Itoophiyaan kaabaan Eertiraan, dhihaan Sudaanin, kibbaan Keeniyaan, kaaba-bahaan Jibuutiin fi bahaan immoo Somaaliyaan daangeffamtee argamti.

Itiyoophiyaan biyyoota umrii guddaa qaban (biyyoota qaroomsa durii qaban)jalatti yoo ramadamtu, Afrikaa keessaa baay'inna ummataan lammaffaa irratti argamti. Barbaadina dhufaati ilma namaa irratti ga'e guddaa kan qabdu biyyittiin tun, maqaa cradle of mankind (bakka dhaloota sanyii nama jechuudha) jedhamuuf filatamuu dandeessee jirti. Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa koloniin kan hin qabamin keessaa tokko dha. Laayibeeriyaan koloniin qabamu baatullee, biyyittin Laayibeeriyaa kanitti dhaabatte koloni Afrikaanota Ameerikaa taate want turteefi. Itoophiyaan waggaa shaniif 1936-1941 G.C. Faashistii Xaaliyaann haa qabamtu malee, dhuma irratti Itiyoophiyaan gragaarsa Ingilaandiitiin mo'achuu dandeesseetti. Jaarraa 4ffaa kessatti kan gara kiristaanummaatti jijjiramte biyyi kuni, addunyaa keessaa biyya mootummaa kiristaana qabanii turan keessaa ishee lammaffaa dha. 

Haa ta'u malee biyyi Itoophiyaa seenaa hacuuccaa fi ukkaamsaa dheeraa keessa kan turte yoo ta'u keessaayyuu bara mootummaa Minilik, Hayila Sillaasee, Dargii, fi ADWUI hidhaa, reebicha(tortue), fi ajjeechaa keessa darbite. Namoonni mirgaa fi wal qixxummaaf qabsaahan hedduun haala kanaan ukkaamfamaniiru.

Akka Dhaabbannii Maallaqa Addunyaa jedhutti, Itoophiyaan biyyoota addunyaarra baayyee saffisaan guddachaa jiran keessa ishii tokko yoo taatu bara 2004 hanga 2009tti guddina diinagdee dhibbeentaa 10% ol galmessisiifte. Kunis bara 2007 fi 2008 diinagdee boba'aa-maleessa kan baayyee saffisaan guddachaa ture dha. Bara 2012tti, guddinni kun gara 7%tti gadi bu'e. Gara fuulduraatti, guddinni Itoophiyaa naannoo 6.5% ta'a jedhamee tilmaamama - kunis fedhiin namoota biyya alaa dadhabaa kan deemu fi sochiin abboota dhuunfa biyya keessaa ammoo kan daangeffame ta'u irraan kan ka'edha.

Ummatni Itoophiyaa kan bara 1983 miliyoona 33.5 turerraa bara 2013tti gara miliyoona 93.8tti ol guddate.




#Article 23: Pilaasmaa Dhiigaa (211 words)


Pilaasmaan dhiigaa dhangala'aa dhiiga keessatti argamu kan yeroo dhiigni qabbanaa'u mul'atu. Pilaasmaan kutaa dhiigaa guuddicha yoo ta'u, qabiyyee dhiigaa keessaa harka 55% ta'a.

Pilaasmaan dhiigaa pirootiinii barbachisaa ta'an of keessaa qaba. Pirootiinonni kunniinis fayibiriinoojiin(Fibrinogen), giloobuliins(Globulins) fi Human Serum Albumin jedhamanii waamamu. Yeroo tokko tokko pilaasmaan dhiigaa wanna xuraawaa ta'an kan vayireesii of keessaa qabu qabachu danda'a. Kunii immo dalagaa Viral Processing jedhamuun qulquleeffama. Dhigaa waraabamee taa'u keessatti, pilaasmaan dhiigaa seelii dhiigaa irraa gargar basuuf karaa salphaa ta'e Centrifugation jedhamutti fayyadamna. Pilaasmaan dhiigaa Clotting Factoriin akka tishuu keessaa basani Seeram jedhamee waammama. 

Pilaasmaan akka bishanii anana jalla qararre hafuu jira. Pilaasmaan bayyinan Bishaan, pirootiinii dhiigaa, fi Inorganic Electrolytes of keessaa qaba. Pilaasmaan kuni akka karaa tiraanispoortii ta'e wantonni akka giluukoosii (glucose), Lipid, aminoo asidii (Amino Acid), hormonii (Hormone), Metabolic end Products, kaarbon daayi'oksaayidii (Carbon dioxide) (CO2) fi ooksijiinii(oxygen) (O2) dhiiga keessa akka darbanni qarqarra. Dandettin ooksijiinii dabarsu fi ooksijiinii of kessatti qabachu pilaasmaa yoo Hemoglobinii RBC wajjin walitti lallami bayye diqqa dha. Haa ta'u malee haala Hyperbaric keessatti (CO2) pilaasmaa keessa jiru ni danatta.

Pilaasmaan clotting factors issa keessaa akka darbani fi akkasumas of keessatti qabuun qarqara. Pirootiiniin pilaasman ofii kessa qabbu Dhiibbaa Oncotic dhigaa akka sirritti deemu qarqarra. Plasmapheresis kan jedhamu gosa therapy pilaasmaa fi seelii dhiiga diimaa gargari itti baasani.




#Article 24: Giluukoosii (143 words)


Glucose (Glc), kan jedhamu kuni monosaccharide (yokan simple sugar) yoo ta'u Biology kessatti akka Carbohydrate bayye barbachissa ta'etti ilallama. Celliin akka madda energy fi dallaga bayyee geggesufi kan itti fayyadamu Glucosii dha. Glucosiin waantotta photosynthesis jalla argamanii kessa guddicha yoo ta'u and akka cellular respirationiin prokaryotes fi eukaryotes kessatti jalqabu qarqarra. Maqaan kunni Afaan Greek glykys jedhamu irra kan dhuffe yoo ta'u, kunii jechuni immo mi'ahha jechu dha. -Ose jechuun immo gossa Carbohydrate akka ta'e ibsaa.

Isomerotni lamma kan aldohexose sugarii glucose jedhamani wamamu, haa ta'u malle kaneen kessa tokkichi (D-glucose) qofatti biology kessatti hojjatta. Gossi kuni (D-glucose) dextrose (dextrose monohydrate) jedhame wamama maqaan kuni immo food industry kessatti bayye fayyadatama. Mirror-imageiin (garagalli isaa) molecule kana L-glucose haa ta'u malee moleculeiin kuni Celliin hin fayyadatamu.

Glucosiin akka wanna adii (white substance) fi cabbi (solid crystal)tti argama. Akkasumas akka fesashi (aqueous solution)ttis ni argama.




#Article 25: Carbohydrate (217 words)


Carbohydrates yokan saccharides (Afaan Greek σάκχαρον kun jechuni immo sugar) molecules salpha yoo ta'an fakkin issani straight-chain aldehydes yokan ketones yoo ta'an hydroxyl bayye offitti darame qaba. Hydroxyliin kuniin kan yerro bayye itti argamu immo Carbon Functional Group aldehyde yokan ketone allatti argamu irratti argama. Carbohydratonni molecule bayye argamu yoo ta'u, fayyida bayye wantotta lubbu qabbanif kenna. Fayyida carbohydrate kessa energy (Starch, Glycogen) ofii kessatti kussu fi daddabarsu. Akkasumas structure akka Cellulose biqqiltotta kessatti fi Chitin bineensotta kessatti argamani qarqarra. Akkasumas, carbohydrate fi kan carbohydrate irra hojjatamani jirrenya nama kessatti fayyeda bayye qabu. Fayyidan isaanis immune system, fertilization, pathogenesis, blood clotting, fi development kessatti.

Kuttan carbohydrate barbachisanni Monosaccharide jedhamu, kunis glucose, Galactose, fi Fructose jedhamu. Chemical formulan carbohydrate monosaccharide hundumma (C·H2O)n dha. n kuni lakkofsaa sadii fi sadii olii dha. Monosaccharides hanga lakkofsaa hin qabneen walitti qabamu danda'u. Monosaccharides lama yoo walitti qabamani Disaccharide jedhamu, kunis Sucrose fi Lactose jedhamu. Carbohydrates monosaccharide sadii hanga ja'a qabani Oligosaccharide jedhamu, kan monosaccharide kana olii qabani immo polysaccharide jedhamu. Polysaccharidotni, akka starch, glycogen, yoka cellulose, dherrinan unit hanga kumma qabu. Carbohydrates bayyen monosaccharide jijjirame kan group tokko fi tokko olii jijjirate yokan ofii kessa basse qabu. Fakkena deoxyriboseiin, kan kutta DNA ta'e kuni, ribose jijjirame dha. Chitiniin N-acetylglucosamine (gossa glucose Nitrogen ofii kessa qabuu) ofii irra deddebi'u (repeat) godhu qaba.




#Article 26: AK-47 (112 words)


Gababani Avtomat Kalshnikov (Afaan Raashiyaa ) kuni qawwe gas-operated assault rifle kan yerro Cold War biyyotta Eastern Blociin fayyadattama turre. Kan bara 1947 fayyida irra kan olle qawwen kuni kan midhafame Mikhail Kalashnikoviin yoo ta'u kampaniin midhasee immo kampanii Raashiyaa Izhevsk Mechanical Works jedhamunii.

Yoo qawwe offin ofii guttu (auto-loading rifles) kan yerro World War II (the StG-44 aside) wajjin yoo walitti madallani, AK-47iin jabba, dheriinna diqqa kan qabu fi bakki qallaciin (rifle) itti sennu bayye diqqa 7.62 × 39 mm cartridge yoo qabattu akkasumas selective fire qaba. Assault rifle tokkoffa fi dhugaa isaa yoo ta'u, adunya hundatti bayye fayyadatama fi bekkama dha. AK rifles kuni assault rifle hunda irra bayye hojjatama.




#Article 27: Kalee (196 words)


Barnoota qorannoo qaama (anatomy) keessatti, urinary system kan jedhamu kaleen xurii dhiigaa keessa jiru (kan akka yuuriyaa) baase, bishaan wajjin, akka fincaanitti baasa. Saayinsiin waayee kalee fi dhukkubota kalee qo'attu nephrology (nephro - kan Afaan Giriik nephros jedhamu irra dhufee kalee jechuu yoo ta'u renal jechuun immo Laatinii irra kan dhufee yoo ta'u renes jechuun kalee jechu dha. 

Ilmee namaa keessatti, kaleen kutaa posterior jedhamu kan abdoomenii(abdomen) keessatti argamu keessatti argama. Gama spine lachuun kaleen tokko tokkotu jira; kaleen mirgaa tiruu  jalatti yoo argamuu, kan bitaa immoo diaphragm jalatti rajiijiitti aane argama. Kalee lachuu gubbaatti xannacha adireenaaliinii (adrenal gland) (akkasumas kan suprarenal gland jedhamu)tti argama. Bakka sanitti tiruun wanna argamuufi, teessoon kaleen mirgaa xiqqoo kara gadii jira, kaleen bitaa immo xiqqo jiddutti dhiyaata. 

Kaleen retroperitoneal jedhamee waammama, kuniis peritoneum (lining of abdominal cavity) dudduba argamani jechu dha. Tilmaamaan bakki itti argamani levelii vertebra T12 to L3 dha. Gubbaan kaleen cinaacha(ribs) 11ffaa fi 12ffaa marfamme argama, akkasumas kaleen lachuu kutta faatii lamaan (the perirenal and pararenal fat)iin marfamee argama; kunii immo akka boraatii ta'ee kalee qarqaara. Kaleen tokko yookan lamaanuu dhabanii jirachuun ni dand'ama. Tokko yoo ta'e unilateral renal agenesis, lama yoo ta'e bilateral renal agenesis jedhama.




#Article 28: Enamel (237 words)


Tooth enamel nafa kessa jabbicha yoo ta'u, Albudda bayye qabachunis naffa kessa tokkoffa dha. Tissueotta ilkanna kessa jirrani kessa afurenni kessa tokko yoo ta'u kan hafani immo dentin, cementum, and dental pulp jedhamu. Enameliin tissue ilkanni illan mullatuu isaa tokko qoffa yoo ta'u, jallani immo dentinitt qarqarra. Percentiin 96% Enamelii Albudda yoo ta'u bishaan fi organic materialiin percentii haffe qabbatu. Qallamuni Enamelii normalii tokko kellu iffu hanga addi dallattu jiddutti argama. Qarqarra ilkanni bakka dentiniin enamel jalla hin jirretti qalamuni enamelii akka semayawi jirra. Enameliin semitranslucent (ofii kessa ifaa kan dabarsu) waan ta'efi qalamun dentin fi wantotta birra enamel jallatti argamanii fakki qallamu enamelii fi sababa ta'u. Furdinni Enamelii ilkan irratti bakka bakkatti kan jijjiramu yoo ta'u, bakka cusp jedhamutti yerro bayye (hanga 2.5mm) furdatta. Fixe yokan border irratti immo bayye qallatta, bakki kunis akka cliniccementoenamel junction (CEJ) jedhama.

Enamelii kessatti albudii bayyinan argamu hydroxyapatite yoo ta'u albudii kuniscrystalline calcium phosphate dha. Albudii bayyen Enamelii kessatti argamu jabbena Enamelii qoffa osoo hin ta'in daffe cabbu Enamelii fi sababa ta'a. Dentiniin immo albudaa diqqo kan qabu yoo ta'u, daffe garru hin cabbu kuni immo Enameliin akka hin cabne qarqarra. 

Dentin and Lafen wanna adda issa tolchu, enameliin collagen ofii kessa hin qabu. Haa ta'u malle kutta protein adda ta'e lamma qaba kunis kan amelogenin fi enamelin jedhamani dha. Fayyidan proteinotni kuni enameliif kennanin sirritti bekkamu battulle, proteinotni kuni guddina fakki fi mullatta enamelii kessatii fayyida qabu jedhame amanama.




#Article 29: Maayikil Joordaan (354 words)


Maayikil Joordaan (Michael Jeffrey Jordan) (bara dhalootaa Guraandhala 17, 1963) kan jedhamu tabataa kubba kaachhoo (basketball) Ameerikaa kan amma taphachu dhabee dha. Ballinan taphatta kubba kaachhoo guddicha jedhame kan beekkamu Jordaan, dhaloota isaa keessatti taba nama dinqisissu kan tabatee fi akkasumas addunyaa keessatti baroota 1980 fi 1990 keessatti NBAn akka beekkamaa ta'u hojii guddaa hojjateera.

Hojii baayyee nama dinquu Yuunivarsiitii Karolaayinaa Kaabaa (University of North Calorina)tti erga hojjatte booda, garee NBA Chikaagoo Buulsi(Chicago Bulls) jedhamani bara 1984tti seene. Akkuma seeneen Joordaan taphataa beekkamaa liigii sunii ta'e, akkasumas qabxii fidu baayyee nama dinquuni daawwatoota dinqisisaa ture. Dandeettii qurrupachu qabu irra kan ka'e Slam Dunk Contests irratti foul line irra quruphatte slam dunk gochu waan danda'uffi Jordaan maqaa Joordaanii Qilleensaa (Air Jordan) fi Qilleensummaa isaa (His Airness) jedhamu argachu danda'era.
Kan qofa osoo hin ta'in bekkamuma ittisuu yookan kubba deebisuu argateera. Bara 1991tti garee isaa Buulsi wajjin shaampiyonshiippii fudhachuu jalqabe, bara 1992 fi 1993tti walitti aansudhaan Buulsi shaampiyonshiippii fudhachu dandettera. Kuni immo mata duree yeroo sadii wal-gulla mo'achu (three-peat) jedhamu akka argatani warra tasiserra. Onkoloolessa 1993tti Joordaan kubba kaachoo dhiisee baseball taphadha yaada jedhuni ergaa ba'ee boodaa, bara 1995tti Buulsi deebi'ee warra wajjin shaampiyonshiippii saddi kan birra akka nyaatan warra taasiseera. Kunis bara 1996, 1997 fi 1998ttit. Seasonii bara 1995-96 jirru keessatti Buulsiin NBA keessatti tapha 72 mo'achuni rikardii qabachu dandettera. Joordaan ammallee bara 1999 ergaa NBA dhisee bodda debi'e Waashingiten Wiizaardisif bara 2001-03 taphachu danda'era.

Jordan ofiif badhaasa kanneen armaan gadii fudhattera:

Joordaan taba waggaa tokko keessatti tapha irratti keessatti giddu galeessaan 30.1 fi Playoffs kessatti giddu galeessaan 33.4 tapha tokko keessatti qabachuun riikardii qabatee argama. Bara 1999, Joordaan atileetii guddichaa Kaabaa Ameerikaa jaarraa 20ffaa jedhamuni ESPNiin badhaafame, kuni immoo Babe Ruthitt aanee Asoosheetid Pirees (Associated Press) irratti atileetii jaarraa kanaa (athlete of the century) jedhame filatamuun lammaffa irratti argama.

Joordaan daldalaaniis beekkamaa ture. Isniikeroota Nike's Air Jordan jedhaman gurguruun beekkama, isniikeroonni kuni bara 1985tti kan jalqabaman yoo ta'an hanga amma beekkamo dha. Joordaan bara 1996tti fiilmii Ispees Jaam (Space Jam) jedhamu irratti hojjachu danda'erra. Yeroo ammaatti kutaa kubba kaachoo Charlotte Bobcats jedhaman kan Karolaayinaa Kaabaatti argamani keessatti kuttan kan bulchu fi miseensa bulchiinsaa ti.




#Article 30: Ozone layer (148 words)


 ozone layer yokan ozonosphere layer (maqqa yeroo bayye hin fayyadatamne), kutta lafaa kan ozone (O3) bayye qabu dha. Relatively high (million kessa waan diqqo qabachu) yoo ta'u, atmosferra jalatti argamu calla walitti kan qabame ta'ulle yoo kuttalle atmosferra durra wajjin walitti ilallani walitti-kufama (concentration) bayye diqqa qaba. Bayyinan kan argamu jalla stratosphere yoo ta'u tilmamaan 15 km hangaa 35 km laffa irra olii ka'e argama. Ji'a ji'anni fi bakka bakkan furdinni ozone jijjirama demma. Ozone layeriin kanitti argamme bara 1913 Physicst French Charles Fabry fi Henri Buisson jedhamaniin. Fakkii fi qabenyi ozone ballinan kan iffa ta'e British meteorologist G. M. B. Dobson jedhamu kan spectrophotometer salpha midhasee. Meshan kunis stratospheric ozone lafa irra akka lakka'an qarqarra. Bara 1928 fi 1958 jiddutti Dobsoniin network adunya kan ta'e station wa'e ozone hojjattu dhabee, stationii kunis hanga amma ni hojjatta. Dobson unit kan jedhamu unitiin lakka bayyina ozone maqqa isaan moggafame. 




#Article 31: Ronaldinho (107 words)


Ronaldo de Assis Moreira n taphatta kubba milla Brazil yoo ta'u, maqqa birra Ronaldinho Gaucho  jedhamuni bekkama (kunis sababa inni state Brazil, Rio Grande do Sul dhufeef), haa ta'u malle salphatti akkasumas bayyinan Ronaldinho jedhame bekkama. Innis january 2007tti akka jirratta Spanishitt fudhatame. 

Maqqan issa Ronaldinho kan jedhamu kuni Brazilian Portugueseiin Ronaldo diqqa jechu yoo ta'u kunis kan ba'ef taphatta Ronaldo jedhamu irra gargara isaa basuuf jedhametti. Bekkamumma inni argatte kessa, Ronaldinhon FIFA World Player of the Year yeroo lamma fudhaterra (2004 fi 2005) akkasumas European Footballer of the Year award fi FIFPro World Player of the Year award yerro lamma (2005 fi 2006)tti fudhatterra. 

Boca Juniors




#Article 32: Cell nucleus (265 words)


.

 
Cell biology kessatti, nucleus (plural nuclei; Latin irra  or , kernel) organelle membraneniin marfamee argamu yoo ta’u kan itti argamus eukaryotic cells bayye kessa. Nucleusiin  genetic material DNA  molecule irra midhafamani kan protein akka histone wajjin walitti xaxamani chromosome jedhamani ofii kessa qaba. Geneotni chromosome kessatti argaman nuclear genome celli kessatti argaman jalatti argamu. The function of the nucleus is to maintain the integrity of these genes and to control the activities of the cell by regulating gene expression.

Kuttalle nucleus bekkamo ta’an nuclear envelope fi nuclear lamina dha. Nuclear envelopen membrane daballata (membrane lama) kan organelleotta hunda ofii kessatti marsee, wantotta nucleus kessatti argaman kan cytoplasm irra gargar bassu dha. Nuclear laminan immo waan walitti xaxame yoo ta’u jabbena akkumma cytoskeleton celli kennu innillen nucleus kenna. Nuclear membranen moleculotta bayye waan hin dabarsineef  (impermeable membrane waan ta’ef) demma moleculotta nucleus fi cytoplasma jiddu akka jirrattu urran nucleus (nuclear pore)n jirrachun  barbachisaa. Urrotni kuni membreni lachu kessa waan dabranif akka dandii moleculotta diddiqo fi ionotta ta’e tajajilla gudda kenna. Demma moleculotta guggudo akka protein jirran geggesuf egganoon kan godhamu yoo ta’u, active transportiin carrier proteiniin geggefamu jirrachu qaba. Nuclear transportiin hojja cellif bayye barbachisaa dha, kunis sababa demman urra kessani godhamu “gene expression” fi “chromosomal maintenance”ii waan qarqaruf. 

Waantotti cell kessatti argaman membren qabachu battanulle, kessi nucleus gossa tokko mitti. Nucleusiin wantotta diddiqo ‘subnuclear’ ta’an qaba, wantotti kun immo protein, moleculotta RNA fi kutta DNA garagara ta’e ofii kessa qabani. Kaneen kessa kan bekkama ta’e nucleolus dha, kunnis bayyinan  ribosome midhagsu irratti tajajilla. Ergaa nucleolus kessatti midhafamani bodda, ribosomotni gara cytoplasmatti dhaqanni mRNA jijjiru.




#Article 33: Obonboleettii (163 words)


 
Obonboleettiin(Tornado) dagalle qilleensa baayyee hamaa yoo ta’u, cumulonimbus yookan (yeroo tokko kan cumulus jedhamu) jala duumessa fi lafa wajjin walitti qabata. Obonboleettiin ballina adda addaan dhufuu ni danda’a, haa ta’u malee yeroo baayyee “form” yookan gosa illan mullatu fi qilleensa walitti qabame ta’e kan gubban furdaa fi jalaan qalla ta’e fakkaatte dhufaa (fakkii ilaalaa). Yeroo baayyee jalli isaa duumessa debris jedhamuun marafamee argama.

Obonboleettii baayyeen buubbee saffisa 110 mph (175 km/h) yookan kan irra xiqqaan deema, akkasumas dagalletti hanga 250 feet (75 meters) fi osoo hin badin maayilii xiqqoo (km baayyee) deemuu danda’a. Haa ta’u malee obonboleettiin tokko tokko buubbeen isaani saffisa 300 mph (480 km/h), dagallen hanga maayilii tokko (1.6km) fi osoo hin badin kiilomeetira hanga 100 ni deema. Obonboleettiin Antaarkitiikaa malee ardii hunda keessatti mullateera, haa ta’u malee baayyinan obonboleettiin USA keessatti mullata. Bakkonni birra obonboleettii baayye qaban Niwuu Ziilaandi, dhihaa fi kibba-baha Awustireliyaa, kibba-jiddu Kanaadaa, kabba-dhihaa fi jiddu Yuurooppi, Xaaliyaanii, kibba-jiddu fi baha Eshiyaa, baha-jiddu Ameerikaa Kibbaa fi kibba Afrikaatti.




#Article 34: Tropical cyclone (230 words)


tropical cyclone gossa “storm”ii yoo ta’u waantonni itti bekkamuni immo dhibaa diqqa jiddu kessa qabuu fi thunderstormii bubbe jabba fi bokka lolla fiddu kan ofii kessa qabu dha. Tropical cycloniin kan jabbena isaa argattu ho’a yerro qillensi jidhaan olii ka’u fi hurkii walitti qabame garra bishaani jijjiramu irratti. Tropical cycloniin gossa “storm”ii ho’a qabban (“warm core” storm systems) waan ta’aniif akki itti jabbena argataniin “mechanism”ii ho’a cyclonic windstorms kan akka nor’easter, European windstorm fi polar low irra adda ta’e qabu. 

Tropical cycloniin bubbe, bokka cimma, “wave” gudda fi storm surge (kan olii ka’e yerro tokko gaddi debi’u) bayye jabba fi hamma ta’e bassu danda’u. Kan itti dhallatan bishan gudda ho’a bassu irratti yoo ta’u yerro garra lafa dhufuu human dhaba. Kanaaf bakkotni qarqarratti argaman yeroo bayye tropical cycloniin midhamu, akkasumas bakkotni jiddu biyyatti argamani kanaaf tropical cyclone jabba ta’een hin midhamne. Haa ta’u malle bokkan jabban lollan akka garra kessa sennu kan godhu yoo ta’u, “storm surge”iin (storm olii gara gaddi daffe bu’u) immo bishaan “ocean” gara kessa hanga 25 mile (40 km) akka lolla ta’e akka seenu godha. Ummatta irratti midhama bayye gudda fidanulle, tropical cycloniin qillensa goggoga ballesu ni danda’u. Ho’a fi “energy” batanii tropics irra gara temprate latitudes gessu. Kuni immo atmospheric circulation bayye dansa yoo ta’u, troposphereiin lafa akka wal-qixxuma yokan “balance” akka qabattu godha. Akkasumas qillensi ho’a qabu lafa (earth) hunda gubbatti akka jirratu godha.




#Article 35: Taj Mahal (140 words)


The Taj Mahal mausoleum kan Agra, Indiatti argamu dha. Mughal kessatti “Emperor” kan ta’e Shah Jahan akka mausoleumiin kuni hadha mana issa Mumtaz Mahalif akka ta’u godhee ture. Kan ijjaramu jalqabe bara 1632 yoo ta’u kan dhumatte immo tilmaman bara 1648t. Enun akka “design” godhee irratti wal-dhabiin jirattulle, Taj Mahaliin nama bayye ta’aniin akka hojjatame fi Ustad Ahmad Lahaurin akka “designer” durra ta’u danda’a jedhame nama fillatamu dha

Taj Mahal (yerro tokko tokko the Taj kan jedhamu) kun akka fakkena Mughal architectureit bayye fudhatama. Mughal architecturiin “style” gosa bayye irra dhufee yoo ta’u, gossoni kunis: Persian, Turkish, Indian, and Islamic kan jedhaman walitti qabatetti. Taj Mahaliin fakki fi “structure” gossa gossa irra kan hojjatame ta’ulle, kuttan mausoleumii marble adii qabu bayye bekkama dha. Fillano UNESCO kan bara 1983 World Heritage Site jedhamun akka hojji seena qabu adunya kessatti bekkamanitti filattamerrai.




#Article 36: Ameerikaa Kaabaa (153 words)


Ameerikaa Kaabaan ardii adunya kessatti Hemisphere Kaabaa fi bayyinan immo Hemisphere Dhihaati argamtu dha. Kan dangeffamte immo kaaban Garba Arkitiikiin, bahaan immo Garbi Atilaantiik kaabaan, kibba-bahan Garba Karibiyaanii, kibba fi dhihaan immo Garbi Paasifiikii kaabaan, kibba-bahaan immo Ameerikaa Kibbaa. Ameerikaa Kaabaa fi Kibbaa kutaa lafa ismasii Panaamaa (Isthmus of Panama) jedhamuun walitti qabamu. Ameerikaa Kaabaan ballina lafa hanga 24,490,000 isquweer kiilomeetira (9,450,000 isq mi) yoo qabaatu kuni immo parsentii fuula addunyaa keessaa parsentii 4.8 qabata yookan immo parsentii fuula lafaa (bishaan malee) yoo ilaalan parsentii 16.4% qabata. Akka Onkoloolessa 2006tti ilallametti bayyinni ummatta ardii kanaa tilmaaman 514,600,000 cala. Ballina lafaatin addunyaa keessaa ardii sadaffa irratti argamtu yoo taatu kunis Eshiyaa (tokkoffa) fi Afrikaa (lammaffa)tti aanteti. Bayyina ummataan immo addunyaa keessaa ardii afurrafa irratti argamtu yoo taatu kunis Eshiyaa (tokkoffa), Afrikaa (lammaffa) fi Yuurooppi (sadaffa)tt aanteti. Ameerikaa Kaabaa fi Kibbaa walumma galatti Ameerikaas jedhamani waammamu. Ameerikaan Kaabaa Yunaayitid Isteetis fi Kanaadaa of keessaa qabdi.




#Article 37: Shrek (375 words)


Shrek movie animation yoo ta'u kan irratti hunda'es kittaba Fairy Tale William Steigiin bara 1990 kan barrefame irratti hunda'etti, kittabni kunis maqumma kana (Shrek) qaba ture. Movien kuni kan directed (namicha video akkam akka kasanu ilallu) godhe immo namicha New Zealandii Andrew Adamson jedhamun yoo ta'u kan animate godhamen immo DreamWorks Animation SKG kan jedhamun. Movien kun bara 2001 kan ba'e yoo ta'u, filmiin kun film yeroo durraf Academy Award for Best Animated Feature fudhatte dha. Qoqqodami kunis (Academy Award for Best Animated Feature) kan itti ba'es bara 2001 dha. Shrekiin DVDiin kan ba'e November 2, 2001it. 

Maqqan Shrek jedhu kun kan dhufee Afaan Yiddish kan שרעק jedhamu (pronounce yoo godhan Shreck) yokan immo Afaan  German kan Schreck jedhamu irra yoo ta'u, Afaan lachuun hikkan fear yokan terror (sodaa yokan riffu) jechu dha.  

Filmiin kuni qonqoo Mike Myers kan akka ogre gudda, jabba, magarissa fi kopha ta'u jallattu, kan Shrek (character)Shrek jedhame wamamu ta'e yoo hojjatu (Fakki ), Cameron Diaz akka Princess midhadu fi daftee riffatu kan Princess Fiona jedhamtu tatte, Eddie Murphyn immo akka harre bayye dubbatu kan maqqan Donkey jedhamu ta'e, fi John Lithgow immo akka nugusa hammena qabu Lord Farquaad jedhamu ta'e hojjata. Chris Farleyiin duraan qonqoo Shrek hojjata jedhame eggama ture, haa ta'u malle qonqoo warrabamun hanga wallaka ergaa hojjate bodda du'u danda'erra. Achiin bodda Dreamworksiin Mike Myers akka qonqoo Shrek hojjatu godhe. 

Myersiin ergaa qonqoo kennu fixxu ga'e, Productioniin movie jalqabuf ga'e bodda, Myersiin qonqon isaa kun akka Scottish Accentiin akka itti debi'e hojjatamuf gaffate. Accentiin kunis accenti durii hadhii isaa story galgalla galgalla ittin dubstuf ture. Akkasumas Myersiin accentii kana yerro Saturday Night Live, akkasumas character Stuart Mackenzie jedhamu kan motion picture So I Married an Axe Murderer jedhamuf fayyadammerra.

Filmiin kuni nama ganna guddaf ta'u jedhame himama, kunis waan nama gudda kofalchisu danda'uf akkasumas ijollefis kan gallu danda'u dha. Bayyinan Pop music kan fayyadamu filmiin kun, soundtrackiin immo sirbaa Smash Mouth, Joan Jett, The Proclaimers, Jason Wade, The Baha Men, fi Rufus Wainwright sirbamme ofii kessa qaba.

Bara 2001 yoo ba'u bayye bekkama kan ture yoo ta'u,  DreamWorksiin animationiin kessattu computer animationiin akka Walt Disney Pictures wajjin akka wal-fokku danda'u tasiserra. Kan malle Shrekiin company (DreamWorks)animation production kessatti akka mascot (fakki akka ofii gargar itti basanitti) fudhatamu danda'erra.  




#Article 38: Shark (257 words)


Shark (superorder Selachimorpha) gossa qurxummi yoo ta'u skeleton (lafe fi kuta nafa jabba bira) Cartilage guttu kan qabufi akkasumas nafi isaa akka bishaan kessa rakko malle demmu danda'u isaa godha. Kan itti hafurra fudhatanin gill bana shan hanga torba ta'un. Sharkotni dermal denticles (waan akka ilkanii) gogga isaani irra kan qabani yoo ta'an, kunis akka midhama fi parasite irra gogga isaani eega, kana malle akka fluid dynamics (demma bishaan kessa) salpha isaani ta'u godha. Sharkotni ilkaan ofiin debi'e biqillu danda'u qabu. Predatorotta (binensotta ajjesani nyattan) nama hin galle adunya kessa Sharkiin tokko dha, yoo nami isaan hin tuqne, nama yerro bayye hin nyattan. Ummatti tilmamaan wagga tokko kessatti Shark hanga 26-73 kan ijessani yoo ta'an, Sharkiin garu wagga tokkotti tilmamman nama hanga shan qofa nyattu. Waan guddan nami Shark ijessuf fin (waan harka fakkattu) isaan qabani kessa fudhachuf yoo ta'u, kuni immo Shark fin soup gochuf fayyadatama. Haa ta'u male Sharkotti bayyen osoo hin bekkin namotta dinagde qurxummi barbadu jirranin qabamu. 

Gossi Shark garagara kan jirru yoo ta'u, kunis sharkii diqqa harka ga'u pygmy shark kan gossa Euprotomicrus bispinatus ta'an kan jalla gallanatti argaman, kan 22 centimetres (nine inches) ga'anii jalqabe hanga whale shark, kan gossa Rhincodon typus ta'e, qurxumii gudinan tokkoffa ta'e fi kan yoo guddatte tilmaman hanga 12 metres (41 feet) ga'u danda'u jirra. Whale sharkiin akkuma great whale, kan nyattu plankton qofa yoo ta'u, akkatan itti nyattus filter feeding jedhama. Bull shark, kan gossa Carcharhinus leucas ta'e, gossa qurxummi gallan soda qabu, gallana qulqullu (fresh water) fi delta kessa dakkachu danda'an kessa bekkamicha dha. 




#Article 39: Chocho'a lafa (158 words)


earthquaken yoo 'energy'iin lafa jalla crust kessa jirru osso hin bekamin yoo gadhifamu akka seismic waveiin jirrattu godha, kuni immo earthquake jedhama. Fulla lafatti, earthquaken akkatta bayyen ofii agarsisu danda'a, kunis chocho'a lafa, jijjirama tesso lafa fi akkasumas yeroo tokko tokko tsunamis fiddu danda'u, kuni immo nama bayye ajjesu fi qabenya nama ballesu danda'a. Earthquakiin kan jalqabu yoo tectonic platesiin kessatti qabaman (cunfaman) bodda yoo lafa gubba yokan fulla lafa irratti dhibaa godhani dha. Dhibaan kun yoo gudattu cabbin kessa jirran planen akka cabu karra banu. Earthquake diddiqan Volcanon ka'ulle ni danda'u. 

Chocho'i lafa kuni umaman yokan sababa naman jalqabu danda'a. Maqaan earthquake jedhu kuni kan wali-galatti fayyadamu yerro seismic wave jirrattu hunda dha. Kuni jechuun immo yoo earthquakiin umaman jalqabe yokan jalqabu battelle, yoo seismic waveiin jirratte earthquake jedhama. 

Kuttan lafa earthquakiin itti jalqabe kan gubbatti argamu focus yokan hypocenter jedhama. Maqaan hin bekamne epicenter jedhamu immo bakka fulla lafa irratti argamu kan hypocenter olii argamu dha.




#Article 40: Tsunamis (291 words)


Tsunami (tsoo-nah-mee) kan jedhamu kunin waves walitti-qabame demmu yoo ta'u, kan jalqabus yeroo qammi bishaani kan akka gallana dafee bakka isaa irra humna guddan yoo chocho'e dha. Tsunamin kan ka'u danda'un sababa kaneenif ta'u danda'a Earthquake, chocho'a humna gudda bishaan irraa yokan bishaan kessa, olii dhibama volcano, toka'a bishaan jalla , milliqu lafa landslides, dhibaa gudda fi yerro yalli nuclear weaponii bishaan irra. Kuni hundinu tsunami fidu danda'u. Midhaan tsunamin fiddu danda'u kan bekkamu hin dandenne hanga nama riffachisu danda'u garagaruma qaba. 

Maqaan tsunami jedhu kuni kan dhufe Afaan Japan irra yoo ta'u, hikkan immo harbor dha. Akka afaan Japanitt jechi tsunami jedhu kuni akka waan tokkotti (singular) fi akka waan bayyetti (plural)itt fudhatamulle, English kessatti tsunami akka waan tokko, tsunamis immo akka waan bayye (plural)iit fudhatama. Maqaan kun kan ba'ef namotta qurxummi qabaniin yoo ta'u, akki basuu danda'anif guyya tokko qarqara bishaan isaani dhaqan harboriin isaani tsunamin cacabe ergaa argani bodaa. Isaanis bishaan bana jiru (open water) kessa wave ni jirra jedhani hin egne ture. Tsunamin Japanese history kessatti bayye kan jirru yoo ta'u, kan galma'e bekkamu hanga 195 ni ta'a. 

Tsunamin qarqara gallana (offshore) irratti olii dherina wave bishaani (amplitude yokan wave height) diqqa kan qabu yoo ta'u wavelength dherra (Km dhibaan lakka'amani qabu), walumma galatti kanaf tsunamin osso hin bekamin gallana kessani dabru. Tsunamin tidal wave jedhamani bekkamu kunis, yoo lafa dhaqabani waan cimma ta'anii, tide (olka'u fi gaddi bu'u bishaan) gudda qabattu. Kuni immo tide bishaan irra kan gargari itti gorun, bishaan irratti wave salpha kan bubeen demmu yoo qabattu kun immo waan nami yerro hunda gallana kessatti argu danda'u dha. Haa ta'u malee tsunamiin tide (olka'u fi gaddi bu'u bishaan) wajjin wal-fakkena homma waan hin qabnef oceangrapherotni akka maqqa tidal wave jedhu akka hin fayyadatamne dhowwu. 




#Article 41: Volcano (215 words)


Volcanon banamu yokan tarsa fulla lafa irra yokan crust irratti ta'u yoo ta'u, kuni immo cabbin baqqe kan ho'a qabu, darra fi gasiin akka jalla lafa baqatte ba'u eyyama. Geggefami Volcano kuni yoo ba'itti cabbi qabatte, yerro ta'en bodda kuni immo form (yokan fakki) akka garra yokan waan akka garra fakkattu umma.

Volcanon yerro guddo kan argaman bakka tectonic plateiin gargari itti ba'an yokan walitti dhufaan kessatti. Mid-oceanic ridgeiin akkuma Mid-Atlantic ridge fakkena gossa volcano kan yoo tecnotic plateiin gargara ba'an (divergent tectonic plate)iin kan umamu qaba. Pacific Ring of Fire immo fakkena gossa volcano walitti dhufu tectonic plate (convergent tecnotic plate)iin umamu qaba. Yoo kaneen oliitiin walitti ilallani Volcanon yerro bayye yoo tectonic plateiin wal-birra darban hin umamu. Kan malee volcanon kan itti umamu danda'u yerro crustiin lafa gargara ba'u (stretch) ta'u fi akkasumas yerro crustiin qallatu (kan non-hotspot intraplate volcanism jedhamu) kunis kan ta'u African Rift Valley, Rhine Graben kan Eifel volcano qabu kan Europe kessatti argamu, Wells Gray-Clearwater Volcanic Field fi Rio Grande Rift North Americat argamu dha.

Akkasumas Volcanon mantle plume (kan hotspots jedhamaniin) umamu danda'a, hotspotsiin immo kutta lafa danga plate irra faggatan jiran kan akka Hawaiian Islandsiit jalqabu danda'a. Kan nama gamachisu immo, hotspotiin bakka birra solar system kessatti kessattu planet fi batti cabbi dhakaa qaban kessatti ni argama.




#Article 42: UEFA (341 words)


Union of European Football Associations, kan yerro bayye maqqa yoo gababa UEFA jedhamun bekkamu (pronounced  (you-AY-fuh) or  (oo-Ay-fuh) or ) kuni bulchaa fi kutta ilalla kubba milla (football (soccer)) Europeiit. Kampaniin kuni kutta taphaa kubba milla Yuurooppi hunda ilallu yoo ta'u, kan qofaa osoo hin ta'in taphaa Europe biyya biraa wajjin ademsistu, tapha clubi, besse mo'achuf kenamu qabata, ademsa tapha fi mirgaa median tapha kessatti qabdu bulchaa. Bulchotni tapha kubba milla Eshiyaa kessatti argaman bayyen isaani Asian Football Confederation osoo hin ta'in UEFA jalatti argamu. Biyyotni kuni immo Isiraa'el, Saayippires, Armeeniyaa, Ji'oorjiyaa, Tarkii, Kaazaakistaan, Raashiyaa fi Azarbaajan, haa ta'u malle Isiraa'el  fi Kaazaakistaan miseensotta AFC turaan. Saayippires kutta kubaa milla Europe jalatti qodamu fillate malee, carra Yuurooppi, Eshiyaa fi Afrikaa taphachu qabu ture. 

UEFAn qoqqodama FIFA ja'een kan ardii ja'atti argaman kessa guddicha dha. Confederation hunda calla jabbena qabenya fi adunya kessatti taphaa dhibaa gochuun tokkoffa dha. Taphattotti adunya guggudon bayyen European league kessa taphatu, kanaaf sababi tokko wa'ee leagotni guggudon Europe kessatti argaman England, Firaansi, Xaaliyaanii, Ispeen fi Germany waan qarshii bayye taphattotaf keenanif. Biyyotni guggudonis UEFA kessatti argamu. Bakka bana ta'e 32 kan 2006 FIFA World Cup kessa, 14 buduni kubba milla UEFA jalatti argamanif kan kenname yoo ta'u, FIFA World Ranking irratti biyyotta gubba 20 kessa 16 miseensotta UEFAt. 

UEFA kan itti hundeffame June 15, 1954 yoo ta'u, kan itti hundeffames anna Basel jedhamtu kan Switzerland kessatti argamtu kessatti. UEFAn kan dhabatte ergaa mariin French, Italian fi Belgian FA jidutti godhame booda. Headquartersiin isaa Paris kessa hanga bara 1959 kan ture yoo ta'u, achiin bodda UEFAn gara Bernit godanne. Henri Delaunayn General Secretary tokkoffa yoo ta'u Ebbe Schwartz immo peresdantii tokkoffa ture. Kuttan bulcha UEFA hanga bara 1995it Nyon, Switzerland kessa ture. Miseensotti UEFA biyyotta 25 turaan, amma garuu 53 dha. Isaanis gadii bu'i ilalli. UEFA presidantin amma Michael Platini dha.

UEFAn akka bulchaa biyyotta walitti qabamanit, European Commission wajjin wal-dhabii qaba turee. Waggotta 1990 jiraan kessatti UEFAn waan mirgaa television fi akkasumas Bosman ruling (wali-daldallu) irra kan ka'e serra Europe wajjin dhaquf jijjirama gudda gochu qabdi ture. 




#Article 43: Tributary (167 words)


Tributaryn bishaan ya'u yokan laga yoo ta'u, kunis gara laga birra (parent river yokan laga dura) yokan Qamma Bishaani (body of water)iit ya'u yoo ta'u, kan garu gara gallana cisetti hin senne dha. orography kessatti tributaryiin kan gargari itti bafaman, kan gara Burqaa lagat dhihoo ta'ani jalqabe kan hanga Afaan bishaanit dhihoo ta'anit gargari bafamani qoqodamu. confluenciin bakka tributaryiin lama yokan lagni lama waliin ademani dha. 

Maqaan tributary mirgaa fi tributary bita jedhamu kan fayyadatamu, bakka tributaryiin sun laga irra essa gullatti akka argamu ilallun imamu dha. Kunis kara currentiin laga itti ademmu irratti hunda'etti. Fakkena yoo bishaani Nile gara kabba ademutti jirratte, currentiin bishaan gara kabba jechu dha, kanaf tributaryiin baha irra dhufaan tributary mirgaa yoo ta'an, kan dhihaa irra dhufaan immo tributary bita jechu dha. Karan currentiin itti ademu river bank wajjin gossa tokko dha. 

Fallan tributary immo distributary jedhama, kuni immo laga damee, bishaan guddicha irra gargari ba'u dha. 

Network analysis kan jedhamu wa'ee tesso tributary qo'atte, tartibba 1ffa, 2ffa fi 3ffa... ttin olka'a.




#Article 44: Chrysler (133 words)


DaimlerChrysler Motors Company LLC, achiin diqqo turee immo kan Chrysler Holding LLC jedhamu,kuni konkollatta midhasitotta America yoo ta'u, kan kophatti ofiin konkollatta midhagsu jalqaban immo bara 1925t. Yeroo bayye maqaan ittii wamamu Chrysler Group jedhame wamama. 

May 14 2007t DaimlerChrysler AGn akka konkollatta Chrysler isaan midhasan kessa percenti 80.1% akka Cerberus Capital Management, L.P. iif gurguru ifaa godhee ture. Yoo kenaan kuni dhummatu, Chrysleriin maqqa Chrysler Holding LLC jedhamu akka fudhattu himame ture. 

Chrysler fi dameen isaa jalatti argaman biyya German jalatti maqaa DaimlerChrysler AG osoo jirru, walii-galtee Merger of Equals jedhamuni,Daimler-Benz wajjin bara 1998tii godhame. NYSE irratti, walii-galtee bara 1998 godhame irratti, Chrysler Corporationiin qubee C jalatti U.S.f kenname. Maqaan Chrysler Corporation U.S. kessatti Chrysler Group jedhama. Maqaan birra konkolatotta Chrysler kenname Mopar jedhama. Gossa konkollata Chrysler durii fi amma gadii ilalli.




#Article 45: Kofalee (aanaa) (116 words)


Kofaleen maqaa aanaa Godinaa Arsii Lixaa Keessatii argamtuudha. Kofalee magaalaa bulchiinsa aanaa kofaleeti. Kana jechuun Kofalee maqaa aanatillee maqaa magaalatillee. Magaalaa  Kofalee Godina Arsii Lixaa keessatti argamtu yoo taatu, Magaalaa Shaashamannee irraa gara bahaatti tilmaamaan kiloometira 30 fagaatti. Magalaan Kofalee mana baruumsa sadarkaa tokkoffaa torbaa, mana barumsa jiddugaleessa saddii fi mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi priipaaraatorii tokko qabdi. Namoota bekkamoo kofalee kessatti baratan baay'ee jiru. Uumaatnii aanaa Kofalee goottuumadhan beekama. Baynii uumataa kootee bullaa yoo ta'aan hayyoota bay'eef hooratee jirtii. Uumatnii Kofalee harkii bayyeen(guutun guututii jechuun niidanda'ama) Oromoo Mando-Siikko yoo ta'aan, by'inii isanii ammantaa Islammaa hordofaan. Sabaa fi Sablamootnii addaa addas magaalaa Kofalee keessaa niijiratuu. Namoonni tokko tokko kofalee umrii Finfinne qixaa yookiin caalaa qabdi jedhu.




#Article 46: Abbaaduulaa Gammadaa (194 words)


Abbaa Duulaa Gammadaa kan dhalate Godina Arsiitti dha. Maqaan dhaloota is Minase Woldegorgis  ta u isaa seenan burqaa bira ni ibasa.
Dhugumattuu jabana Dargiitti abbaa duulaa cimaa akka ture ni beekama. Bara Dargiin kufus humna waraana wayyaanotaan Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Leeqaa Dullachaa(naannawaa Naqamteetti) bakka Hukkee jedhamutti marfamee namoota naannoo sanaan dhokfamee lubbuun isaa oolte. Ergasii Abbaan Duulaa dhaaba ABO waliinis bosona tureera. Boodarra harkuma wayyaanee jala galee hojii eegale.

Bara 2006 G.C tti immoo Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa isa 4ffaa ta'ee bulchuu eegale. Ummatni Oromoo garuu Oromummaa isaa waan shakkaniif yeroo duraatiif jibbaa turani. Booda garuu hojiin isaa Ummata Oromoo mararuun hin oolle. Akkuma Ummatni Oromoo hojii isaa jaallateen Wayyaaneen aangoo irraa isa buuftee bakka isaa Alamaayyoo Atoomsaa muudde. Kunis bara 2010 ture. Abbaan Duulaa ummata Oromoof bu'aa guddaa buusera. Baruma 2010 tti immoo Abbaan Duulaa Gammadaa dura ta'aa Af-yaa'ii bakka bu'oota ummattoota Itoophiyaa ta'ee wayyaaneef ergama itti fufe. Ta'us hariiroon inni Obbo Mallas waliin qabu hedduu hin turre.Galatni Abbaa Duula Yoomiyyuu hin irraanfatamuu

minaasee waldagoorgis eenyuti? kan isaa maqaa warra habashooti ta'us danda'a . garuu hanga har'aatti warri maqaa warra habashootaa qabdan hundi ofirraa galchaa akka abbaa duulaa kanatti yoo dhuguma beekaa taatan




#Article 47: Grand Canyon (263 words)


Grand Canyon kan qallamu qabu, kan qarqari isaa bayye dagalfate (kan olii dhabatte) kan kessa isaa immo Colorado River kan United States state Arizona kessatti argamu dha. Kan bayyinan argamu Grand Canyon National Park kessa yoo ta'u, Parkiin kuni parki biyya hunda duraa kan baname dha. Bakka Grand Canyon kana presidantiin America Theodore Roosevelt bayye jallata, akkasumas bayye morkaf ture, innis yerro bayye bineensota qabu fi bakka suni ilallu ni demma turee. 

Dhoqqi kuni kan Colorado Riveriin midhafame yoo ta'u, lagi kun channel bara million 6 olii kan kutte yoo ta'u, dheriini isaa 277 miles (446 km) yoo ta'u dherinni dagalee (width)n isaa immo 4 hanga 18 miles (0.4 hanga 24 kilometers) yoo ta'u, dhoqaa gara kessa hanga mile tokko callu (1.6km) ta'u qaba. 

Ilalchii Grand Canyon kan yerro duraaf godhame bara 1540t yoo ta'u kunis namicha Spain, Europe irra dhufee kan Garcia Lopez de Cardenas jedhamun ture. 

Grand Canyon hanga U.S. Civil War dhumattu hunda bayyinan hin bekkamu ture. Bara 1869t, Major John Wesley Powell kan harka tokko qabu kan Civil war kessatti yerro bayyef hojjattef kan fedhii Science fi waan harra argu qabu, laga Colorado irran Grand Canyon irratti ademme ilalcha godhee. Isaa fi namotti isaa wajjin jiraan sagal wajjin ta'e jalqabulle, isaan kessa ja'a qofaat demma xumure. Isaaf namotti isaa wajjin ademman kuni namotta yerro duraaf demma akkana godhani dha. Powellin Sedimentary rock dhoqaa kana kessatti argee leaves in a great story book (balla kittaba seena gudda kessa) jedhe wamme. Ture suniin dura bakki suni Native Americansiin qabame ture, isaanis bakka jirenya fi washa bayye dhoqaa suni kessatti ijarani turaan. 




#Article 48: U.S. Civil War (623 words)


American Civil War (1861–1865) kuni warrana gudda Yunaayitid Isteetsi jiddutti godhame yoo ta'u, kunis kan ta'e immo * Union fi * Yunaayitid Isteetsi Kibbaa kudhan-tokko kan kopha ta'u mirgaa akka qaban kan iffaa godhaani maqqa Confederate States of America jedhamun kan ofii wammani, kan President Jefferson Davis kan geggefamanin jiddutti warrani geggefame. Unioniin kan geggefaman President Abraham Lincoln fi Republican Partyiin yoo ta'u, Partyiin kun babbalachu gabrumma akka gara United States hin senne morkaa, kana malle mirgaa kopha ba'us ni dhowee. Warranis bara 1861 Ebla 12 ka'e, kunis waan humni Confederate wataderotta (federal) United States kan tesso isaan Fort Sumter, South Carolina godhaan hatte bodda. South Carolinan state yeroo duraaf gargari of bastee dha. 
                                                    
Wagga tokkoffa irratti, Unioniin border states qabate, akkasumas waan gammi lachu warrana gudachu jalqabaniif Cuffama Union gochuu dandettera. Bara 1854 E.C. (1862 G.C.)t warrani guddan ka'e, kunis dhibba gudda fide ture, kunis kan ta'eef waan wal-madalu dhabu meshaa harra fi itti hadhisaa durii jiddu argamun kan ka'e dha. Fulbaana 1854 E.C. (September 1862 G.C.) kessatti, Lincoln Gochaa Labsa (Emancipation Proclamation) inni godhee irratti akka ibseetti sababi warrana kana akka gabrumma bilissa basu ta'e ibsee ture, haa ta'u malee kana kan godhee morkii Copperheads kabba kan kopha ba'u fi gabrumma fudhatan birra dabretti. Gochii Labsa kuni kessa hirmachu fi qarqarsa Britain fi France kibba fi yokan Confederaciif kennu dandettu hirdhiserra. Kana malee, yaddi kuni gurrachi (African-American) akka dallaga yadda kana kessatti hirmattu tasiserra, kibbi immo yadda kana ergaa ture bodaa kasani malee takka akkana tasisani hin bekani ture. border states fi War Democratsiin yadda kana akka Union fayyadu danda'u gamachuun fudhatan. Gara bahat, Confederate general kan ta'e Robert E. Lee bulchinsa Army of Northern Virginia fudhate, Army of the Potomac irratti injifano bayye godhe ture, garu generaliin isaa dansan Thomas Jonathan Stonewall Jackson bakka warrana Battle of Chancellorsville jedhamutti bara Ebla 1855 E.C. (May 1863 G.C.)t ajjefame. Warrani Lee kan kabba bakka warrana Battle of Gettysburg jedhamu kan Pennsylvania argamut Adooleessa 1855 E.C. (July 1863 G.C.)t gara dubba kibban hadhame, haa ta'u malee akkuma ta'u ta'e Lee'n gara Virginiat baqatte. Union Navyn qarqara bishaani New Orleans bara 1854 E.C. (1862 G.C.) qabate, akkasumas Ulysses S. Grant bakka Mississippi River jedhamu qabate, kanas kan godhe duraan bakka warranna Vicksburg, Mississippi jedhamu Adooleessa 1855 E.C. (July 1863 G.C.) qabachun, kunis akka humni Confederacy akka gargari ba'u godherra. 

By 1864, long-term Union advantages in geography, manpower, industry, finance, political organization and transportation were overwhelming the Confederacy. Grant fought a number of bloody battles with Lee in Virginia in the summer of 1864. Lee's defensive tactics resulted in extremely high casualties for Grant's army, but Lee lost strategically overall as he could not replace his casualties and was forced to retreat into trenches around his capital, Richmond, Virginia. Meanwhile, William Tecumseh Sherman, the leader of the Union Military Division of the Mississippi, captured Atlanta, Georgia. Sherman's March to the Sea destroyed a hundred-mile-wide swath of Georgia. In 1865, the Confederacy collapsed after Lee surrendered to Grant at Appomattox Court House; all slaves in the Confederacy were freed by the Emancipation Proclamation. Slaves in the border states and Union controlled parts of the South were freed by state action or by the Thirteenth Amendment.

The full restoration of the Union was the work of a highly contentious postwar era known as Reconstruction. The war produced about 970,000 casualties (3% of the population), including approximately 620,000 soldier deaths—two-thirds by disease. The causes of the war, the reasons for its outcome, and even the name of the war itself are subjects of lingering controversy even today. The main results of the war were the restoration and strengthening of the Union (mainly by permanently ending the issue of secession), and the end of slavery in the United States.




#Article 49: Crust (geology) (186 words)


Ji'ooloojii kessatti crustn qoqodama lafa planeta kan fixe gubbat argamu yoo ta'u, planet kessa kutta lithosphere jedhamu kessatti argama. Qoqodamotta gara kessa jirran wajjin yoo walitti madalan, crustiin planet kessatti argaman waluma galatti waantotta bayye walit-qabama hin qabne ofii kessa qabu. Crustiin Planet kenya bayyinan kan ofii kessa qabu basalt fi granite dha. Qoqqodama gara kessatti argaman akka mantle fi core yoo walit madalan, crustiin qabana'a fi bayye jabba dha. 

Planetotta tartiban qoqodaman akka Planet kenya kessatti, lithospheriin fesashi gara kessa argamu irra nana'a. Demma fesashi irra (convection) akkatta plastic deformationniin kan baqaa-hin-ta'in, gubba mantle fi asthenosphere irra qabatulle, lithospheriin tectonic plate demma qabanitti caccabe argama. Crustiin bishaan jalatti argamu, crustii lafa irra gargari gora. Crust bishan jalla (sima) kunin furdinana 5 hanga 10 km yoo ta'u, kan ofii kessa bayyinan qabu immo basalt dha. Crust lafa irra (sial) immo dhoqan (furdinan) 20 hanga 70 km yoo ta'u, kan ofii kessa qabus cabbi (dhaka) bayye walitti hin qabamne akka granite ofii kessa qaba. Temprecherii crust temprechera qillensa fi hanga 900 °C (gubba mantlet) jiddutti argama. Volumii planeta kenya kessa crustiin planet kenya persentii 1% qofa qabata.




#Article 50: Tectonic plate (259 words)


Plate tectonics (Afaan Greek tektōn jedhamu irra kan dhufee yoo ta'u hikaan ijarra jechu dha) kuni immo yadda geology kessatti sochii lafa lithosphere planeta kenya kessatti argamu jechuu dha. that has been developed to explain the observed evidence for large scale motions of the Earth's lithosphere. Yaddi kuni immo yadda durii kana continental drift walakka 1ffa century 20ffa ba'e fi yadda seafloor spreading kana bara 1960ffa kessatti guddatte kan ofii kessa qabu fi kan irratti hunda'e yoo ta'u, yaddi tectonic plate yadda lachu fayyida alla gochu danda'erra. 

Gubban kessa lafa qoqqodama (layer) lama qaba: kan kessa tokko lithosphere gubbatti argamu yoo ta'u ofii kesssa immo crust fi gubba mantle jabba ofii kessa qaba. Jalla lithosphere immo asthenosphereit argama. Solid ta'ulle, yoo walitti madallan asthenospheriin viscosity fi shear strength diqqa qaba, akkasumas akka fesashi (geological time scalen) gaddii jiggu (lola'u) danda'a. Mantliin jalla kana asthenosphere jalatti argamu garu bayye jabba dha. Haa ta'u malee kuniin waan temprecherii qabana'a ta'ef miti, kuni waan dhibaan gudaan waan jirruf.

Lithospheriin tectonic platesit qoqodame argama. Akka Planeta kenya (Earth)iit immo tectonic plate guggudo torbaa fi diddiqo bayyetti jirra. Qoqqodama Earth kana ilalufi — Qoqodama Tectonic Plate ilalla. Platiin lithosphere asthenosphere gubbatti nana'u. Pletonii kuni ademsaa plate tokko fi kan birra irratti hunda'udhan dangaa saditti qodamu: kunis tokko; convergent yokan danga walitti ademani (walitti dhufaan), lamma; divergent yokan danga gargari ademani, fi sadi; transform (walii irra dabran) jedhamani qoqodamu. Chocho'a Lafa, volcano, ijjarama gara, fi oceanic trench hundinu danga plate irra kan ka'e umamuu. Ademsii plate bayyinan speed 0.66 hanga 8.50 centimeters per year ta'a.




#Article 51: Qoqodama Tectonic Plate (118 words)


Kuni qoqqodama tectonic plate adunya kana agarsisa. Tectonic plateiin kuta planeta kenya kana crust fi gubba mantle dha (kuni laman walii galatti lithosphere jedhamu. Plate kuni furdina hanga 100km (60 miles) kan qabu yoo ta'u, waan gossa lama ofii kessa qaba: tokko, oceanic crust (akkasumas sima kan jedhamu) kan silicon fi magnesium ofii kessa qabu fi continental crust (sial kan jedhamu) kan silicon fi almunium ofii kessa qabu dha. Qabenyii gossa crust laman gargari jirra, Oceanic crust (crustiin bishaan jalla) bayyinan cabbi (dhaka) basalt (mafic) kan ofii kessa qabu yoo ta'u, continental crust (crust lafa jalla) immo cabbi (dhaka) granite (felsic) kan walit-qabama (density) diqa qaban ofii kessa qaba.  

Modelonii tokko tokko plate diddiqo orogens amma jalatti ramadu.




#Article 52: Hypocenter (105 words)


hypocenter yokan hypocentre kan jedhamu kan Afaan Greek irra dhufee kuniin bakka Chocho'a Lafa yokan toka'a nuclear itti ademsifame jechuu dha. Jechii kuni jechaa 
focus jedhu wajjin kan hika tokko qabu yoo ta'u,  focusiin ground zerot. 

Haa ta'u malee yoo chocho'a Lafan walitti qaban ilallan, maqaan hypocenter jedhamu kuni jiddu chocho'a lafa yokan focus wajjin hikka tokko qaba. Kunis jechuun bakka crust Planet kenya kessa kana chocho'i lafa itti jalqabe dha. Kuniin immo epicenteriin jalla, faggena focal depth jedhamu irratti argama.  Bakkin kuni bakka energiin cabbi strain kessatti kufame argamu itti gadhifamu dha.
Bakki hypocenteriii chocho'a lafa akkatta seismic wave irratti hunda'udhan barbadamu ni danda'a. 




#Article 53: Epicenter (107 words)


epicenter yokan epicentre (kan Afaan Greek durii irra dhufee) bakka fulla lafa irratti argamu kan focus, bakka chocho'i lafa yokan tokka'i bira gubbatti argamu dha. Epicenteriin hypocenter olii fulla lafa irratti kan argamu yoo ta'u, hypocenteriin immo bakka energyiin lafa jalla itti gadhifame dha. Seismic waven bakka hypocenter jedhamu kana irra nana'a ba'a. Gaddifammu seismic kuniin qarqara lafa gamma birra epicenter lafat kan ta'u yoo ta'u kunis waan fesashin outer core waan transverse yokan shear waves (S-waves) waan xuxee, longitudinal yokan compressional (P-waves immo waan refract godhuuf.

Ergaa Chocho'i lafa ademsifame bodda, geologistotni epicenter bekkuf seismogram ilalanni bekku. Kunii immo yerro hunda seismograph bakka sadiit argamu barbada. 




#Article 54: Pirootiinii (404 words)


Pirootiinii kompaawondii orgaanikii guddaa yoo ta'an of keessatti immo aminoo asidii qabu, aminoo asidoonni immo akka cancalaa kan walitti qabatanii yoo ta'an, kan isaan walitti qabuus peptide bondii jiddu carboxyl fi amino group (kan dhihoo xaxama aminoo asidii keessa tokkotti argamaniin) walitti qabama. Teessoo fi tartibii aminoo asidii kan pirootiinii keessatti argamanii kan murtaa'u jiinidhan yoo ta'u, kunii immo genetic code kessatti barreeffama. Genetic coden kuni aminoo asidii gosa 20 kan murteessu ta'ulle, kutaan xaxama pirootiinii tokko kan keemikaalan gargar baafamuu danda'u gochaa post-translational modification jedhamunii, kunis osoo pirootiinii kun seelii keessatti hin tajajilamin yookan akka kutaa control mechanisms osoo jiruu godhamu danda'a. Waan tokko adeemsisuf, pirootiinonni adda adda tokko ta'anii hojjachu ni danda'u, akkasumas pirootiinonni walitti dhufanii pirootiin Kompileeksi (protein complex) uumuu ni danda'u. 

Akkumma macromoleculotta biologicalii birra kan akka polysaccharide fi niwuukiliik asid, pirootiinonni kutaa barbaachisaa lubbu qabaattota fi akkasumas waan seelii ademsifammu hundaa kessa ni hirmatu. pirootiinonni baayyen inzaayimii yoo ta'an isaanis reactionotta nafaa kenna kessatti ademsifaman akka dafee xumuramu yokan catalyst ta'un qarqaru. pirootiiniiotni kutta nafa fi dalaga humna kessattis fayyida qabu, fakkena actin fi myosin xuncha (muscle) kessatti, akkasumas pirootiiniiotni cytoskeleton kessatti argaman, dalagee ummudhaan fakkii (shape) cellii eguu. pirootiinonni biraa immo cell signaling, immune response, cell adhesion, fi cell cycle kessatti fayyida qabu. pirootiiniiotni nyatta kenya kessatti barbachisaa dha, kunis waan binensotni amino acid hunda ofiin midhasuu hin dandennef amino acid barbachisaa ta'an nyatta irra argachu danda'u qabu. Dakkamu nyatta kessatti, binensotti pirootiinii nyattaman suni akka gara amino acid salpha ta'anitti akka jijjiraman godhu, amino acidoni kuni immo protein synthesistiin tajaajilamu.

Maqaan pirootiinii jedhamu kuni kan dhufee Afaan Giriik prota jedhamu irra kan dhufee yoo ta'u hiikan immo barbachisumma tokkoffa kan qabu yoo ta'u, akkasumas molokiwuulonni kuni kan enyumani isaani himame fi mogafamee namicha Jons Jakob Berzelius jedhamun yoo ta'u barris 1838tiit. Haa ta'u malee fayyidan pirootiiniiiin lubbu qabatotta kennu danda'u kan ballinaan beekkame bara 1926tti yoo ta'u, kunis yeroo Jeemsi B. Samneriin inzaayimiin urease jedhamu akka pirootiinii ta'e beekee booda. pirootiiniiiin yerro duraaf tartibi isaa bekkame insuliinii yoo ta'u, kunis namicha Fireediriik Saanger jedhamuni yoo ta'u, kunis akka bara 1958t Badhaasa Noobelii fudhatu isaa tasiserra. pirootiiniiotni yerro duraaf tartibi isaani gargari-bafame bekkame heemoogiloobiin (haemoglobin) Max Perutziin fi myoglobin Sir John Cowdery Kendrewiin kan gargari bekkamani dha, kunis bara 1958tiit. pirootiiniiotni kuni lamaan tartibaa fakki kara sadii (three-dimensional structure) isaani kan bekkame X-ray diffraction analysis yoo ta'u, tartibii myoglobin fi haemoglobin bara 1962t Badhaasa Noobeelii Kemistirii fudhachu danda'erra.




#Article 55: Faayibrinoojiin (103 words)


Faayibiriinin gosa pirootiinii yoo ta'u dalagaan isaas itituu dhiigaa (walitti qabama dhigaa kan yerro bayyee yoo namii dhiga'u ta'u - blood clot) keessatti dha. Pirootiinii kanatti polymerise ta'e pilaatileetiis wajjin walitti qabamudhan yoo namni madaa'e dhiigu akka dhigni walitti qabamu taasisa. 

Faayibiriinin kuni kan midhafame kutaa isaa zymogen fibrinogen, kan pilaazma glycoprotein ta'e kan bishaaniin makamu danda'u kan tiruun midhafame of keessaa qaba. Ademsaa coagulation (walitti qabama dhigaa) kessatti zymogen prothrombin gara serine protease thrombinit jijjirama, kunis jijjirama faayibrinoojiin irraa gara faayibiriinitti godhamuf sababa ta'a. Achiin booda faayibiriinin gara lachuun walitti qabame akka dhiigni walitti qabamu godha, faayibiriininis kan walitti qabamu factor XIIIn.




#Article 56: Faayibriin (104 words)


Faayibriiniin gosa pirootiinii yoo ta'u dalagaan isaas itituu dhiigaa (blood clot), walitti qabama dhiigaa kan yeroo baayyee yoo namnii dhiigu ummamu, kessatti dha. Pirootiinii kanatti polymerise ta'e pilaatileetii wajjiin walitti qabamudhaan yoo namni madaa'e dhiigu akka dhiigni walitti qabamu tasisaa. 

Fibriniin kuni kan midhafame kutta isaa zymogen faayibrinoojiin, kan pilaasmaa glycoprotein ta'e kan bishaaniin makamu danda'u kan Tiruun midhafame of keessaa qaba. Adeemsa coagulation (walitti qabama dhigaa) kessatti zymogen prothrombin gara serine protease thrombinit jijjirama, kuniis jijjirama faayibrinoojiin irra gara faayibriinitti godhamuf sababa ta'a. Achiin booda faayibriiniin gara lachuun walitti qabame akka walitti qabami dhiga (clot) ta'u godha, faayibriiniinis kan walitti qabamu factor XIIIn.




#Article 57: Centrifugation (128 words)


Centrifugation kuni akkatta centripetal force fayyadamudhaan kan makamaa tokko garagari itti basanidha, kunis laboratory science kessatti tajajilama. Chemistry fi biology kessatti, humna Harkisaa lafa test tube irratti daruudhan kuni immo akka precipitaten (waani jabban makaa kessa jirru) akka dafee fi hundumtii isaa garaa jalatti walitti qabamu godha. Achiin makki osoo kaa jalatti hafee hin chochosiin waan biratti naqama yokan Pasteur pipetten akka xuxamu tasifama. Jijjirami (raten) centrifugation kan itti madalamu accelerationii makka tokko irratti jiruu irratti hunda'et, kunis kan itti laka'amu revolutions per minute (RPM) yokan gn. Dafee jalatti walitti qabamuu waan tokko kan itti hunda'u fakki (shape) fi hanga (size) waan sunii, centrifugal acceleration, hamam (volume) waan jabba (solid) makka kessatti argamu, garagaruma density waan sunif fesashicha jiddu jirru fi viscosity irratti hunda'et. 

Gossa centrifugation sadiit jirra:




#Article 58: Itita Dhiigaa (159 words)


Coagulation akkatta xaxama dhigni walitti qabame jabba ta'u dha. Kuni immo kutta hemostasis (walit-anne jiggu dhigaa) kessa isaa barbachisaa dha, kunis yerro girgidaan tuboon dhigaa midhame jirru yoo walitti qabama platelet fi fibrin ofii kessa qabun dhiga'un yoo dhabatte, tuboo midhame qajjelchu jalqabu dha. Disorderiin coagulationiin kuniin midhama dhiga'u fi/yokan walit-qabamu dhiga fi embolismii fiddu danda'a. 

Biology kessatti coagulationiin bayye eggama; hosiftotta hunda kessatti, coagulationiin kessatti lachuu: cellular (platelet) fi protein (coagulation factor) ofii kessa qaba. Akkataan coagulation kuni nama irratti waan bayye qo'atamuf nama kessatiis akkanuma bekkama.

Coagulationiin kan jalqabu yerro bayye ergaa nami tuboo dhigaa irratti midhama argatte midhami kuni immo endothelium (tartibaa tuboo) midhee dhufaa. Osoo hin turiin Plateletonni dhigii jiggu akka dhabatu hemostatic plug ummu kunis primary hemostasis (hemostasis duraa) jedhame bekkama. Yeroo hunda itti anne secondary hemostasis (hemostasis lammaffan) bakka fudhata, kunis yeroo proteiniin blood plasma kessatti argamu kan coagulation factor jedhamu yoo dafee dhaqabuf fibrin umme akka plugiin plateletiin umamee akka jabatuu godha.




#Article 59: Barnotta (260 words)


Mataa Duree Hardha

Shark (superorder Selachimorpha) gossa qurxummi yoo ta'u skeleton (lafe fi kuta nafa jabba bira)  Cartilage guttu kan qabufi akkasumas nafi isaa akka bishaan kessa rakko malle demmu danda'u isaa godha. Kan itti hafurra fudhatanin gill bana shan hanga torba ta'un. Sharkotni dermal denticles (waan akka ilkanii)  gogga isaani irra kan qabani yoo ta'an, kunis akka midhama fi parasite irra gogga isaani eega, kana malle akka fluid dynamics (demma bishaan kessa) salpha isaani ta'u godha. Sharkotni ilkaan ofiin debi'e biqillu danda'u qabu. Predatorotta (binensotta ajjesani nyattan) nama hin galle adunya kessa Sharkiin tokko dha, yoo nami isaan hin tuqne, nama yerro bayye hin nyattan. Ummatti tilmamaan wagga tokko kessatti Shark hanga 26-73 kan ijessani yoo ta'an, Sharkiin garu wagga tokkotti tilmamman nama hanga shan qofa nyattu.  Waan guddan nami Shark ijessuf fin (waan harka fakkattu) isaan qabani kessa fudhachuf yoo ta'u, kuni immo Shark fin soup gochuf fayyadatama. Haa ta'u male Sharkotti bayyen osoo hin bekkin namotta dinagde qurxummi barbadu jirranin qabamu. 

Gossi Shark garagara kan jirru yoo ta'u, kunis sharkii diqqa harka ga'u pygmy shark kan gossa Euprotomicrus bispinatus ta'an kan jalla gallanatti argaman, kan 22 centimetres (nine inches) ga'anii jalqabe hanga whale shark, kan gossa Rhincodon typus ta'e, qurxumii gudinan tokkoffa ta'e fi kan yoo guddatte tilmaman hanga 12 metres (41 feet) ga'u danda'u jirra. Whale sharkiin akkuma great whale, kan nyattu plankton qofa yoo ta'u, akkatan itti nyattus filter feeding jedhama. Bull shark,  kan gossa Carcharhinus leucas ta'e, gossa qurxummi gallan soda qabu, gallana qulqullu (fresh water) fi delta kessa dakkachu danda'an kessa bekkamicha dha.




#Article 60: Bishaan (238 words)


Bishaan keemikaala beekkamaa ta'e kan lubbu qabeeyyii gosa hundaaf barbaachisaa ta'e dha. Bishaan galaana yookan garba keessatti argamu parsentii 97% bishaan fulla lafa yoo qabatuu, cabbiin fixee kaabaa fi kibbaatti argamu parsentii 2.4% fi gossi bishaan lafa kan birra akka lagaa fi haroo immo parsentii 0.025% qabatuu. 

Bishaan gosaa fi akkataa kaneen keessa ta'e Marsaa Bishanii keessa Hurkuu fi Ademaa, Walit-qabama, fi ce'aa kan yeroo baayyee hanga galaana dhaqabuu ta'e ademaa. Bubeen hurkaa bishaan lafa irra qabatee ademma, kunis ce'umsaa bishaan lafa irratti godhuu wajjin wal-qixee dha, kunis ganna tokko kessatti bishaan Tt 36 geessa. Kuni immo adeemsaa bishaan lafa irratti godhuu kan hurkuu fi adeemuu irraa ka'ee kan ganna tokkotti 71 Tt ta'ee wajjin yoo walitti ida'amee ganna tokkotti bishaan hanga Tt 107 ta'etti lafa irratti ademaa. Bishaan xiqqoon tokko garuu yeroo ta'eef qabame haffa kunis kan ta'u cabbii yoo ummu, lafa jalatti (aquifers) fi haroo keessatti yoo qabamu yoo ta'u yeroo tokko tokko immo bishaan kuni akka bishaan qulqullu ta'e lafa irratti tajajilama. Bishaan hara, qulqulu ta'e ilmoo namaa fi lubbu qabeeyyii lafa irratti argamaniif bayye barbachisaa dha. Kunii immo kutaa lafa baayyetti hirdhatee argama.

Waantonii keemikaala ta'an akka soodaa, sukkaara, asidii, alkaalii fi gaazii tokko tokko keessattu ooksijiinii fi molokiyuulii orgaanikii(organic molecule) baayyen bishaan keessatti bullaa'u yookan makamuu ni danda'u. Pilaanetii keenya ala, bishaan baayyen lafa jala pilaaneetii Maarsii, baatii Yurooppaa fi Inseladuus(Enceladus) fi eksopilaaneetii(exoplanet) kan ta'ee HD 209458 b keessatti ni argama jedhame yaadama.




#Article 61: Pirootiinii dhiigaa (191 words)


Pirootiiniin dhiigaa, kan maqaa biraa pirootiinota seeram jedhamuun bekkamu kuni pirootiinii pilaasmaa dhiigaa keessatti argamu dha. Pirootiinonni kuni faayidaa baayye qabu; kana keessaa tokko adeemsa molokiyuulotaa akka lippiid (lipid), hormonii (hormone), vaayitaaminii (vitamin) fi sibiilaa (metal) nafa keenya keessatti ta'u qarqaara. Akkasumas akka inzaayimii (enzyme), protease inhibitors fi kininn precursors ta'anii ni fayyadu. Pirootiinota seeram (serum proteins) kan jedhaman kun faayidaa baayyee seelii alla ta'e fi sirna ittisaa (immune system) keenya keessatti qabu. Pirootiinota kana electrophoresisiin gargar baasuun baayye barbaachisaa dha. 

Gosa pirootiinota dhiigaa:

Gossoonni pirotiinii dhiigaa kan biraa:

Parsentiin 60% pirootiinii pilaasma kunii pirootiinota albiyumiin of keessaa qabu, kunis dhiibbaa osmotic plasma keessa, kan adeema lippiid fi steroid hormone sababa ta'u kessatti kennitootta tokkoffa dha. Giloobiyuliin kan jedhaman parsentii 35% pirootiinii pilaasmaa yoo ta'an, kunis adeemsaa ayonii (ion), hormonii (hormone) fi lippiid (lipid) kan sirna ittisaa (immune system) qarqaru kessatti tajajillu. Parsentiin 4% immoo faayibrinoojiin(fibrinogen), kunii immo walitti-qabamu dhigaa (coagulation) keessatti faayidaa kan qabuu yoo ta'u kunii immo gara faayibriin (fibrin) kan makamuu hin dandenetti jijiramu ni danda'a. Pirootiinota too'annoo (regulatory protein) kan jedhaman kan parsentii pirootiinota dhiigaa 1% gadi ta'an kuniin pirootiinii akka inzaayimii (enzyme), piroo'inzaayim(proenzyme) fi hormonii (hormone).




#Article 62: Lippiid (112 words)


Lipidonni kuniin amphiphilic kan ta'anii fi organic compoundii hydrocarbon ofii kessa qabanii dha.are an amphiphilic class of hydrocarbon-containing organic compounds. Lipidonni kuni kan qoqqodaman waan isaan akkatta makamuu bayye xaxama ta'ee waan qabaniif, kunis umamaa lipid polymorphismiif sababa ta'a. Moleculonii lipid ammalla akkana sababi qabaniif waan bayyinaan egee hydrocarbon dheraa ka umamaan lipophilic ta'an fi mataa polar (fakkena tajajilumma phosphate irratti hunda'e fi/yokan tajajilumma inositol irratti hunda'e) waan ofii kessa qabaniif. Organismotta lubbu qaban kessatti, lipidonii energy olka'un, kutta cell membrane kessatti argamani ta'un fi akkasumas lipid signaling barbachisaa ofii kessa qabu. Maqaan lipid jedhamu kunii maqaa fat jedhamu wajjin akka tokkotti fayyadamu, ta'ulle fatiin gossa lipid kessa kan triglyceride jedhamu dha.




#Article 63: Aminoo Asidii (215 words)


chemistry kessatti, amino acidiin molekulii amine fi carboxyl functional group kan ofii kessa qaba. biochemistry kessatti immo, maqaan kuni kan ibsuu alpha-amino acidotta formula waluma-galatti NH2CHRCOOH ofii kessa qabani dha. Molekulotni kuni immoo kuttan amino fi carboxylate jedhaman kan carbon tokkotii walitti qabataan yoo ta'an kuni immo α–carbon jedhamuu. Alpha amino asidonii garagara kan itti gargari ba'an garagarumma side chain (kutta R) alpha carbon isaanii irratti hunda'et. Garagarumman kunii immoo guddinan, diqicha hydrogen atom glycine kessatti argamu irra jalqabe, methyl group alanine kessatti argamu biraa darbee, hanga guddicha heterocyclic group tryptophan kessatti argamut ademma.

Alpha-amino asidoni proteiniin kan irrati hunda'e dha. Proteiniin kan umamuu yoo amino asidoni walit qabamaniin yoo ta'u kunis sansalata amino asid peptide bondiin walit qabaman umuudhan. Proteiniin gargara hunda, amino acid garagara ta'e ofii kessa qaba, tartibii kunis tartibaa protein tokkofaa dha. Akkumaa qubeen gargara waliti dhufaani maqaa garagara ummuu danda'anii hunda, amino asidoniis tartiba gargara gargaran walitti qabamanii proteinotta gargara ummuu ni danda'u. 

Proteinotaa standard amino acids ta'an kan cellotan protein biosynthesis kessatti tajajilaman digdama (20)t jiru, isaanis kan himaman genetic code isaanitiin. Amino asidonii 20n kuni kan midhafaman molekulotta birra irra ta'ulee, Organizimotti gargara amino asid midhasu danda'aniin fi amino asiidonii nyattaa isaani kessatti barbachisuun gargari jirru. Gossi amino asid organizimotaan midhafamu hin dandenne essential amino acid jedhamani wamamu.




#Article 64: Oromiya (234 words)


Mataa Duree Hardhaa Kutaa Oromiyaaf qophaa'e - Illu Abbabora

 
Illu Abbabora zonii Oromia kessa jiraan kessa tokko dha. Dangaan Illu Abbabora kibban Saba, Sabotta fi Ummatta kibban, kibba-dhihaan Gambela Region, dhihaan Baha Wallaga, kabban Benishangul-Gumuziin fi bahan Jimman. Annollen Illu Abbabora kessatti argamani Bedele, Gore fi Metu jedhamu.

Central Statistical Agency akka barrefama Ethiopian Coffee and Tea Authority irratti hunda'ee akka gabasetti toniin buna hanga 14,855 ta'u bara dhumaa 2005tti akka asitti midhafama. Kuni immo ba'ii Oromiaffi percentii 12.9% yoo ta'u, Ethiopiaffi percentii 6.5% ta'a.

CSAn akka 2005tti ibsetti, zoniin kuni bayyinaa ummatta walii-gallatti hanga 1,197,156 yoo qabattu kan kessa 587,134 dhirra yoo ta'an 610,022 immo dubraa; akkasumas 143,577 yokan percentii 12% ummatta ketematti gallu. Ballina lafa tilmaman hanga 16,555.36 square kilometers ta'u kessatti, Illubabor tilmamman population density 72.31 people per square kilometer ta'u qabbu.

Akka May 24, 2004 World Bank memorandumitti, percentiin 9% jirattotta kessa elektrikii fayyadamu. Zoniin kuni road density 43.2 kilometers per 1000 square kilometers (averegii biyya wajjin yoo walitti ilallani immo 30 kilometers ta'a).  Avregiin abba mana badiyya tokko hektara 1.1 lafa yoo ta'u, mattan horri hanga 0.6 qaba. Percentiin 14.7% ummatta hojji qotee bulla alla ta'en jirattu (yoo walitti madalanni immo avregii biyya kessa percentii 25% fi avregii Oromia kessa percentii 24% ta'a. Percentiin 84% ijjolle mana barumsaa sadarkaa tokkofatti argamu akkasumas percentiin 23% mana barumsaa sadarka lammaffatti argamu. Memorandumiin zonii kanaf rakkoo qillensa hamanni qabamu qabxii 296 kennaffi. 




#Article 65: Kaarbon daayi'oksaayidii (277 words)


Kaarbon daayi'oksaayidiin kuniin kompaawondii keemikaalaa kan atamii kaarben tokko fi ooksijiinii (oxygen) lama of keessa qaba. Yeroo baayyee foormulaa keemikaalaa isaa CO2 tiin beekkama. Kompaawondiin kuniin atimosfeerii lafaa keessatti xiqqaatee persentii tilmamaan 0.038% ta'uun yoo jirattu, kunii immo giriinhaawos gaaz(greenhouse gas) bayyee barbachisaa dha. Akkatta jajjabo(solid) isaa keessatti cabbii goggaa jedhame beekkama. Innis kutta gudda marsaa kaarbonii ti.

Kaarbon daayi'oksaayidiin gaazii qalama hin qabne yoo ta'u, yoo bayyinan gara keessatti afuuran fudhatamee (kunis waan hamma ta'e dha sababis rakko asphyxiation fiduu danda'a), dhandhama hamma afaan kessatti fi warranumma funaan fi qoonqo kessatti fiduu danda'a. Kunii immo kan dhufuu yoo gaaziin kuni mucous membrane fi gorora keessatti walitti makame, kaarboniik asidii jajjaba hin tanee ummu dha. Namii tokko dhugatti carbonate ofii kessa qabu (dhugaatii lallaafaa fi bishaan horaa/amboo) dhugee deeffachuu yoo yalle, waani akkana itti dhaqabu danda'a.

Rukkinni(density) gaazii kanaa tempireecharaa fi dhiibaa ummamaa keessatti hanga 1.98 kg/m³ yoo ta'u, kunii immo rukkina qilleensaa harka 1.53ttin caala. Molokiyuuliin Kaarbon daayi'oksaayidii (O=C=O) boondii harka lama lama ofii keessaa qaba, akkasumas fakkiin isaa dagale tokkoon (linear) dha. Dipole elektiriiki hin qabu. Akka ooksidaayizdi (oxidized) ta'etti (ooksijiinii of keessaa qabutti), gaaziin kun waantoota biraa wajjin dafee walitti hin makamu, akkasumas kan gubachu danda'u miti.

Dhiibbaa atmosferra sirrii (1 atm) fi tempireechara −78.5 °C irratti, Kaarbon daayi'oksaayidiin osoo dhangala'ootti hin jijjiramiin akkatta jajjaboo irra gara akkaataa gaaziitti akkataa sablimeeshin(sublimation) jedhamuun yokan gaazii irra gara jajjabootti akkata dippooziishin(deposition) jedhamuun jijjiirama. Akkatan jajjaboo isaa maqaa cabbi goggoga (dry ice) jedhamee beekkama. Kaarbon daayi'oksaayidiin dhangala'oo ta'e kan umamuu yoo dhiibbaan (pressure) 5.1 atm caalu dha. Qabxiin sadii isaa dhibaa 416.7 kPa irratti -56.6 °C yoo ta'u, akkasumas critical point isaa 7821 kPa irratti 31.1 °C dha.




#Article 66: Ooksijiinii (176 words)


Saayinsii keessatti, ooksijiiniin elementiikeemikaala yoo ta'u mallattoo kemikala O qaba;  lakkoofsi atamii ooksijiinii 8. Maqaan ooksijiinii jedhamu kuni jecha Afaan Giriik lama irraa dhufe, kunis oxys - asidii fi -genēs - midhagsa jedhamaan irraa dhufee. Gara jalqabaa jaarraa 18ffa irratti, Oontuwaan Laavoziyeen(Antoine Lavoisier), maqaa ooksijiinii, burqaa lameen Afaan Giriik olitti ibsamaan irratti hunda'udhaan maqaa kana baseef. Kunis ooksijiiniin waan asidii hundumaa keessatti argaman se'eet. Ergaa suniin bodaa garuu hikaan asidii jijjiramerra. Ooksijiiniin vaalensii 2 qaba. Lafa irratti ooksijiiniin kunii elementota biraa wajjin kovalentiin yokan ionikiin walitti-qabame argama. Fakkenii kompawondoota ooksijiinii of keessaa qaban bishaan (H2O), biyyee (silica, SiO2), fi sibila dammeessa'aa (iron oxide, Fe2O3). 

Ooksijiiniin diatomic (O2) ta'e kunii kutaa qilleensaa guggudo lameen keessaa tokko dha. Kunii immoo yeroo footosinteesisii(photosynthesis) biqiltootaan yoo bafamuu, bineensottaf immo aerobic respiration keessatti isaa barbaduu. Kunii immo Anaerobic organismsiif waan hamaa yoo ta'u lubbu qabatotta yeroo duraaf jiraachaa turaanin akka kosii (waste) hamaa bafamaa ture.

Ooksijiiniin triatomic (ozone, O3) ta'ee kuni raadiyeeshinii kessaan kan umamuu yoo ta'u kunis kutaa atmosferaa gubbatti umama, kunis raadiyeeshinii Altiraavaayoleetii (UV radiation) nurra dhowwuun nu qarqara.




#Article 67: Cartilage (108 words)


Cartilageiin gossa connective tissue walitti qabame dha. Kaan ofii kessa qabus fiberotta collagenous ta'an fi/yokan elastin ta'an yoo ofii kessa qabataan, gossa celli kan chondrocyte jedhaman, kan waan akka gel ta'e kan matrix jedhamuun marfamanii argamu. Cartilagiin kunin avascular (blood vessel homma kan hin qabne) fi nyatnii isaani matrix kessan hurkee dabraa. Cartilagiin fayyida bayye qabu, hundee jabba lafee kennaf kennu fi akkasumas lafee articulate ta'aniif fulla cisse (smooth) ta'e kennun ademsaa isaani salphisuu. Cartilagiin nafa kenyaa kessatti bakka bayeet argamu isaanis jilbaa fi ciqiletti, cinacha, gurra, funaan, Tuboo Bronchial fi jiddu Marsaa Intervertebralt. Cartilage gossa sadiit jirra: hyaline, elastic fi fibrocartilage. Isaanis waan tendon kessatti argamanii dha.




#Article 68: Maxxantuu (143 words)


Parasitismiin gossa symbiosis (waliin jirrachu) kessa tokko yoo ta'uu, kunis akkatta organizimonni lama kanphylogeneticsiin gossa tokko hin ta'iin, tokko ta'uun yeroo dheraa ta'eef, yeroo bayye hanga yeroo jirenya organizimii tokko kan walin jiratannidha. Waliin jirrenyi symbiosis kuni commensalism (waliin-nyachuu, kana organizimonni lama bakka tokkotti waliin jiracha garuu kan organizimiin tokko fayyadatama kan kan biraa immo kan hin midhamne akkasumas hin fayyadamne dha) jalqabe, symbiosisiin akkasumas mutualism (kan organizimonii lachuu waliin jirachu irra fayyadaman) kessa ba'ee hanga parasitism (maxantumma) (parasitichii kan yeroo bayye lachuu irra diqqaa ta'ee fayyadama kan hostiin immo midhamuu dha. Kessatuu qo'anno maxxantumma medicalla kessatti, maqaan parasite jedhamu kunii kan fayyadamu organizimotta eukaryotic fi pathogenic ta'aan ibsuuf. Kanaafu, protozoa fi metazoa ta'anii kan dhukkuba fidtotta ta'an akka maxxantottatti yoo qoqqodaman, bacteria fi virusonni immo akka maxxantottati hin qodaman. Kan nama dinquu immo fungusonni kitabba parasitology medikala kessatti hin barrefamne, eukaryotic ta'anulle.




#Article 69: Fluid dynamics (163 words)


Fluid dynamics kan jedhamu gossa barnotta fluid mechanics jalatti argamu yoo ta'u, kan qo'attus wa'ee fesashi fi gazii ademsaa (lola'u) kessa jiranni (fluids) qo'atta. Kunii immo ofii kessatti qoqqodama qaba, isaanis aerodynamics - qo'anno ademsaa gazii fi qillensa fi hydrodynamics - qo'anno ademsaa fesashi jedhamanii dha. Fluid dynamicsiin fayyidaa bayee qaba, isaanis humna fi momentii bariftotta (xuyuraa, jetii...) lakka'u, mass flow rate petroleumiin tuboo kessatti ademmu kessatti qabu barbadu, wa'ee dedebi'ee dhufuu halla qillensa duratti bekku, wa'ee nebulae bakka duwwa interstellar kessatti argamuu bekuuf, midhagsisuu tokasisuu meshaa warranaa tokka'anii kessatti fayyida qaba. Jechonni fluid dynamics kessatti argamii tokko tokko traffic engineering kessatti fayyida qabu, kunis trafficii akka waan lola'utti fudhachuun.

Fluid dynamics offers a systematic structure that underlies these practical disciplines and that embraces empirical and semi-empirical laws, derived from flow measurement, used to solve practical problems.  Fluid dynamics kessatti rakkoleen argaman kan hikkaman ammalla (property) fluid (fesashi) kan akka velocity, dhibaa, density fi temprature isaanii yeroo (time) fi bakka irratti hunda'anii lakka'un.




#Article 70: Pigment (203 words)


Pigmentiin waan qalamu ifaa isaa irratti (amh) antsabaraqu jijjiru dha, kunis waan qalamu fillaxe xuxuuf. Dalagaan kunii immo fluorescence, phosphorescence, fi gossa biraa luminescence, kan waantichinu ifaa ofii kessa basuu irra gargari jirra. Waantonni bayeen fillanodhan wavelength ifaa hanga ta'ee xuxuu. Waantonni ilmen nama fillate fi midhasite akka pigmentiit fayyadamtu ammalaa adda ta'ee kan akka waan biraa qalamu jijjiru danda'an isaan dandesisuu qabu. Pigmentiin kuniis humna yokan jabenya tinting gudda kan waantotta isaan guilarmo qalayyadamatu yfiin olmaan kkantolaq delhaatu masqii fantol kan qalamu jijjiranii calluu qabachu qabu. Akkasumas temprature kara hundan argamu kessatti, akkata solid kessatti ofii danda'ee jirrachuu qabachu danda'a. 

Dalagaa industry fi akkasumas arts yokan barnotta fakki kessatti, ofii danda'u fi osoo hin jijjiramiin argamuun amalla (property) bayye barbadamu dha. Pigmentiin jijjiraman yokan kan permanent hin tanee fugitive jedhamanii bekamuu. Fugitive pigments kan jedhaman kuni akkumaa yeroon darbuun yokan yoo ifaan walit dhufaan ni baduu, isaan tokko tokko immo akkanumatti gurata'u. 

Pigments kan fayyadaman dibba, qallamu, plastik, uffataa, cosmetics, nyatta fi waanen biraa qallamu dibuuf. Pigmentonni bayeen midhafama industry fi visual arts kessatti tajajilaman colourant gogogga yoo ta'anii, isaanis kan yeroo bayye dakamani akka duqetit argamanii dha. Duqetonni kunii waan qo'anoof tajajilamuu (vehicle yokan matrix) kan qalamu hin qabne kessatti naqama. 




#Article 71: Jajjaboo (136 words)


Waantoonni jajjaboo ta'an kan beekkamaniin walitti-qabamu fi jijjirama baayyinaa(volume) diduun. Xiqqeessanii (akka maayikiroskooppii jalatti) yoo ilaalanii, jajjaboon amala (property) sadii qaba:

Dameen fiiziksii kan waa'ee jajjabootaa qoratu soolid isteet fiiziksi (solid-state physics) jedhama. 

The branch of physics that deals with solids is called solid-state physics, and is a type of condensed matter physics. Materials science is primarily concerned with properties of solids such as strength and phase transformations. It overlaps strongly with solid-state physics. Solid-state chemistry overlaps both of these fields, but is especially concerned with the synthesis of novel materials.

Jajjaboon baayyee salphaa ta'e jajjaboo nam-tolchee yoo ta'u maqaansaa eeroojeel(aerogel) jedhama. Rukkinni eeroojeelii isa salphaa 1.9 mg/cm3 ykn 1.9 kg/m3 (rukkina bishaanii 1/530 ta'a). 

Jireenya keenya keessatti guyyaa guyyaadhaan jajjaaboo nu qunnama. Fakkenya jajjaboo keessaa kan akk cabbii, muka, pilaastikii fi kkf kaasun ni danda'ama. 




#Article 72: Connective tissue (130 words)


Connective tissue kan jedhamu kunii gossa qoqqodama tissue afuurenni kessa tokko dha, kan hafaan sadeen immo epithelial, muscle, fi nervous tissue. Tissuen hunda yokan bayeen qoqqodama kana jalatti argaman:

Dhigaa, cartilage, fi Lafeen yeroo bayee connective tissue jedhamani bekkamu, garuu tissue birra qoqqodama kana kessatti argaman irra adda waan ta'aniif, maqaa connective tissue proper jedhamun sadeen kuni kan biraa irra gargari bafamu. Qoqqodama embryonic connective tissue kessattille garagarummati jiraa; fuula kana irratti qoqqodami kuni akka qoqqodama sadaffa fi qoqqodama kophat barrefame argama. 

Gossi fibersii kaneen:

Rakoon connective tissue gargara bekkamanira; kunii immo kan dhalotaan dhufuu yokan kan environment (alla) dhufuu danda'u dha. 

For microscopic viewing, the majority of the connective tissue staining techniques color tissue fibers in contrasting shades. Collagen may be differentially stained by any of the following techniques:




#Article 73: Binensotta (142 words)


Binensotti qoqqodama organizimotta kessaattii guggudo kan ta'aan kessa tokko yoo ta'uu, kan qoqqodamus akkaa kingdom Animalia yokan Metazoa ta'eet. Walumma galattii celli bayee kan qaban, waan isaan marsee jiruu kan hubatanii fi kan nyataan immoo organizimotta biraa nyachuun yokan kuttaa organizimotta biraa kessaa hanga ta'ee nyachuun kan jiratanii dha. Qamnii isaan kuni akkumaa gudataniin jabacha dhufaa, kunis bayinaan kan ta'uu akka embryot yoo guddatan, haa ta'u malee binensotti tokko tokko itti anee metamorphosis geggesu.

Jechii animal jedhuu kan dhufee latin animal yokan (bayeet (plural) animalia) kunis jechaa anima jedhamuu irraa kan dhufee yoo ta'uu, hikaan jechaa kana qillensa yokan lubuu barbachisaa jechuu dha. Akka jechaa guyya guyyat fayyadamanit, jechii kunii hikaan isaa binensotaa nama alla ta'aan ibsuuf tajajilama. Haa ta'u malee Baayoloojii kessatti jechii kunii miseensotta Kingdom Animalia ta'aan hundaa ibsuuf tajajilamaa. Kanaafu jechii binensotta jedhuu biology kessatti yoo tajajilamuu namas walit-qabata.




#Article 74: Baha Shawaa (343 words)


Shawaa Bahaa (East Shewa) godinaalee kudhan-lamaan Oromiyaa keessaa tokko yoo tatu, maqaa kanas kan argatte kutaa bulchinsa Shawaa durii irratti. 

Shawaan Baha jiddu Oromiyaatti kan argamtu yoo ta'uu, kutaalee dhihaa fi baha walitti qabsisti. Zoniin kunii kibba fi kibba-dhihaan Naannoo Sabaa fi Sab-lammoota Ummattoota Kibbaa, dhihaan Shawaa Dhihaan, kabba-dhihan Shawaa Kaabaan, kaabaan Naannoo Amaaraatiin, kabba-bahan Naannoo Affaar, kibba-dhihaan Arsiin marfamtee kan argamtu yoo tatuu, dhumaa dhihaa ishettiin Laga Bilaattee qabachuun beekamti. Magaallan  beekamoo Shawaa bahaa kessatti argaman Adaamaa, Bishooftuu, Matahaaraa, Shaashamaannee fi Baatuu. 

Yaada badaa mukni isaa irraa ciramee badee midhasuu irraa ka'amee, Biiroo Qonnaa fi Misooma Baadiyaa godinichaa (Zonal Agriculture and Rural Development Office) guyya Onk. 2, 2006 irratti mukaa hangaa miliyoona 36.3 ta'uu, annolee godina Shawaa bahaa 10 keessatti, lafa heektaara 4,000 ga'u irratti dhabuu danda'eera.

Gabaasa Abbaa Taayitaa Instaatistiiksii (Central Statistical Agency) irraa bara 2005 GC akka ibsutti, godinni kuni tilmamaan bayyina ummatta 2,475,945, yoo qabaatu kana keessaa 1,246,576 dhiira yoo ta'an kan hafan yookan immo 1,229,369 immo dubraa dha. Bayyina ummatta oliitii ibsame keessaa parsentiin 32.1% yookan namni 794,683 badiyya alla jirrattu. Ballina lafa tilmamaan 13,624.09 square kilometers ta'u keessatti  tuuta'insa uummataa Shawaa Baha tilmamaan 181.73 people per square kilometer ta'a.

Akka Baankii Addunyaa meemoraandamii gaafa Caamsaa 24, 2004 akka ibsutti, parsentiin 9% jirattotta Shawaa Bahaa elektrikii ni fayyadatamu, akkasumas baayyinni karaa konkolaataa godina kanaa 54.7 kilometers per 1000 square kilometers yoo ta'u (kunis yoo kiilomeetira 30 kan biyyaa wajjin yoo walitti madalaan), akkasumas avireejjiin abbaa manaa badiyya tokko heektaara lafa 1.2 (kunis heektaara lafa biyyaa 1.01 fi heektaara lafa Oromiyaa 1.14 wajjin yoo walitti madalamu, akkasumas avireejjiin abbaa manaa baadiyyaa tokko mataan horii mana hanga 1.0 qaba. Parsentiin 14.5% ummata, namota qonnaa malee jiratan yoo ta'an, kunis yoo kan biyya parsenti 25% fi kan Oromiyaa 24% wajjin yoo walitti madallan. Ijollee barachu danda'an keessa parsentiin 61% mana barumsa sadarka tokkoffati galma'ani argamu, akkasumas parsentiin 19% mana barumsa sadarka lammaffatti galam'ani argamu. Parsentiin 21% godina kanaa busaaf saaxilamaa yoo ta'an, 49% immoo Tsetse flyiif bana jiruu. Meemoraandamiin godina kanaa balaa qillensa gogaa (risk of drought) qabachun qabxii 372 kennaaf.




#Article 75: Oromiyaa (439 words)


Oromiyaan () kutaalee Itoophiyaa saglan keessaa tokko taate dha. Ballinaa lafa bahaa hanga kibba-dhihaa biyya keessatti 353,632 km² ta'ee qabatee, baayyinaa ummataa bara 2002 tilmamee hanga miliyoona digdamii-afurii qabdi, kunis ballina lafaa fi baay'ina ummataan biyyaa keessaa tokkofaa ishee tasisaa. Isheenis kan ofii keessa : kutaa Arsii,  Baalee, Harargee, Iluu Abbaa Booraa, Kafaa, Shawaa, Sidaamoo fi Wallagga of keessaa qabdi, Booranaa fi Gujiin Sidaamoo jalatti walitti qabama turan. Magaalaan guddoon Oromiyaa Finfinnee dha. Bara booda gaaffii mirgaa sabni Oromoo gaafateen booda gara Finfinneetti deebbite. Magaallan gugguddoon biraa Oromiyaa keessatti argaman Adaamaa, Amboo, Asallaa, Bishooftuu, Dambidoolloo, Fiichee, Gimbii, Gobbaa, magaalaa Jimmaa, Mattuu, Nagallee Booranaa, Naqamtee, Shaashamannee fi Walisoo dha.

Oromiyaan naannoo Tigraay irraa kan hafe naannoolee hundaan wal daangessiti. Kun immoo yeroo tokko tokko walitti bu'insa uuma. Fakkkeenyaaf naannoo Sumaalee keessatti.
Godinaaleen Oromiyaa keessatti argaman
Arsii,
Baalee,
Boorana,
Harargee Bahaa,
Harargee Dhihaa,
Iluu Abbaa Booraa,
Jimma,
Shawaa Bahaa,
Shawaa Dhihaa,
Shawaa Kaabaa,
Wallagga Bahaa, fi
Wallagga Dhihaa ti.

Jaarraa digdamii tokkoffaan duraatti, magaalaan guddittii Oromiyaa Finfinnee turte, kunis maqaa biraa Addis Ababaa jedhamunis beekamti (maqaan kun Afaan Oromoo miti). Magaalaan guddittii Oromiyaa gara Adaamaatti jijjiiramuun ishee mormii hedduu fideen ture. Morkitoonni akka jedhanitti bulchaan Itoophiyaa Finfinneen Oromiyaa keessatti argamuu ishee hin barbaadne jedhaniiru. Karaa biraammoo, Finfinneen afaan, aadaa fi seenaa Oromoo guddisudhaaf mijaata miti jechudhaan mootumman ni dubbata. Waxabajjii 10, 2005 keessatti Dhaabbata Dimookraatawaa Ummata Oromoo(DhDUO) kan kutaa bulchaa Adda Demookraatwaa Warraaqsa Ummatoota Itoophiyaa (ADWUI) ta'ee, magaalaa guddoo Oromiyaa akka Finfinneetti deebisu ifa godhee. 

Seenaa Itoophiyaa sirrii 

Afaan Oromoo (Oromiffa), kan yeroo ammaa qubee Laatiniitin barreeffamu, afaan bal'inaan dubbatamu yoo ta'u kunis afaan Oromiyaa keessatti dubbatamu keessaa 83.5% ta'a. Afaanonni kan biraa kan baayyinaan dubbataman Amaariffa (11%) (keessaahuu Wallagga Bahaa fi Shawaa Kaabaa keessatti), afaan Guraagee (Sabat beet Guraagee, Sooddoo fi Silxee), Hadiyyaffaa, afaan Gede'oo (0.98%) (keessumaayyuu Shawaa Dhihaa fi Bahaa keessatti), Tigiriffa (0.25%). Afaanonni Oomotiik ummata muraasaan naannoo Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa fi Wallagga Lixaa keessatti ni dubbatama; afaanonnii Naayiloo-Sahaaraa (Koomoo, Majangi, Gumuzii fi Bartaa) ummattoota dhihaa keessa faffaca'anii jiraniin ni dubbatama.

Akka ATI (Abbaa Taayitaa Istaatistiiksii Itoophiyaa) gabaasetti, bara 2004-2005tti Oromiyaa keessatti buna toonii 115,083 oomishame; kunis galmee Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa argame. Lakkoofsi kun oomisha bunaa Itoophiyaa keessaa dhibbeentaa 50.7% ta'a. Qonnaan bultoonnii naannoo Oromiyaa loon 17,214,540 qabu (kunis loon Itoophiyaa keessaa 44.4% ta'a), hoolota 6,905,370 (39.6), re'oota 4,849,060 (37.4%), fardeen 959,710 (63.25%), gaangota 63,460 (43.1%), harree 278,440 (11.1%), gaala 139,830 (30.6%), lukkuu 11,637,070 (37.7%), fi kaanniisa gaagura 2,513,790 (57.73%) qabu.

Akka maxxansaa Baankii Addunyaa Bitootessa 2003tti, abbaan warraa baadiyaa lafa heektaara 1.14 qaba, kunis qabeenya lafaa kan biyyatti kan heektaara 1.01 ta'e ni caala. Namoonni 24% hojii qonnaan alaarratti kan bobba'ani(kan biyyatti ammoo 25%).




#Article 76: Symbiosis (146 words)


The term symbiosis (Greekiin hiikan waliin jirachuu) kan ta'ee kunii kan tajajilamuu danda'uu gosaa waliin jirenya garagara organizimotta gosaa adda adda jidutti ta'uu ibsuuf. Yeroo tokko tokko kuniin waliin jirenya organizimonni lachuu irraa fayyadataman qofaa ibsuuf tajajilamuu danda'a, yeroo biraa immoo walumma galattii waliin jirenyaa bayee walitti maxanee kan akka maxxantumma (predation miti) ibsuuf tajajilamma. Haa ta'u malee namni tokko tokko hangaa predationii ibsuut itti tajajilama. . Kunii immoo waliin jirenyaa organizimiin tokko organizimii biraa irraa yokan kessaa jiratuu ibsuuf yokan waliin jirenyaa organizimonii laman waliin dhabaanii itti fayyadaman ibsuuf tajajilama. 

Garuu lamanuu kessatti symbiosisiin adunyaa lubuu qabatotta kessatti waan jiruu fi barbachisumman isaa kan namii yaduu danda'u olii. Organizimonii bayeen maxantuu kessaa ni qabu. Persentiin gudaan herbivore ta'aanii waliin jirenyaa lachuu fayadamanii gut fauna wajiin qabuu, kunis nyanni akkaa margaa... isaan kessatti akka dakamuu danda'u isaan dandessa, kunii immo nyataa fonii calaa dakuun nama dhibaa.




#Article 77: Appaartaayidii (435 words)


Appaartaayidii (Afaan Afrikaa kibbaati, adda cokuu), maqaa waliigalaa kan siyaasa jibba dhala namaa bifa fi sanyii irratti hundaa’ee nama addaa qooduti. Siyaasni kun biyya rippabiliika Aafrikaa kibbaa keessatti adeemsifamaa kan ture yoo ta’u. Sirni kuni bara 1948 fi 1994 jidduutti biyyattiii keessatti gaggeeffamaa ture. 

Siyaasa Appaartaayidii kanatti fayyadamuun dhiibbaa fii cunqursaa gaggeessaa kan turan worroota galtuu Awurooppaa irraa dhufan yoo ta’u, warrii biyyaa (gurraachota Aafrikaa) ammoo seera warri adii isaanitti baaseen cunqurfamanii kophaatti cokamanii jiiraataa turan. Seerota cunqursaa keessa kan akka mana bunaa, hoteela, mana barnootaa fii wirtuulee tajaajilaa  kan hawaasa biyyattii keessa jiran warri adiif gurraachi akka walitti hin fayyadamne godhuu ture. Karaa biraatiin ammoo jiraattonni biyyattii dirqiin akka taaksii (tax) kaffalan godhaa turan.

Gara biraatiin ammoo, jecha Appaartaayidii kana sirna bulchiinsaa adda ta’e, kan siyaasa isaa ”rasisme”ykn  jibba gosa biraa kan bifaa fi sanyii irratti hunda’een adeemsisuun waamna. Sirni akkana kuni yeroo baay’ee koloniin walitti hidhata qaba. Mootummotni Walii Galan MW(UN) yeroo jalqabaatiif jecha Appaartaayidii jedhu kan ifatti baasee fayyadame bara 1976 karaa International convantion against Apartheid (turjumaanaan na gargaaraa)yoo ta’u. Halaaf amala mootummoota cunqurfataa ibsuufi jechii Appaartaayidii ni fayyadama.

Mootummaan Appaartaayidii kuni bifarratti hundaa'ee dhala namaa sanyi afuritti qoode:

Sanyummaan lammoota biyya sanii ifatti bahee waraqaa eenyummaafii pass irrattis barreeffamee mul'ata. Haala kanaan mirgaa fii dirqama akkamii namni tokko hawaasa keessatti akka qabu addaan fooyanii ibsu. Namoota waraqaa isaanii irratti chaappaan Adii jedhu rukutameef qofatu mirga dimokraasiifii abbaa qabeenyaa ta'uu qabaa ture. Worroonni bifaan adii hin ta'in kunniin boodarra lammuummaan isaanii kan Afrikaa Kibbaa jedhu irraa mulqamee gosa didiqqotti addaan qoodamanii waamamaa turan. Seerri gara garaas kan wolitti dhufeenna sanyii arfanii dhooggu tumamee dhiibbaa godhaa ture. Fakkeennaaf the immorality-act of 1950 Kan walqunnamtii saalaa sanyiiwan afran jiddutti akka hin godhamne kan dhoogguu ragaa tokko.

Bulchiinsi Appaartaayidii kan Afrikaa Kibbaa kan mirkanaa'ee erga paartiin leellissan kan irra caalaa warra boer'n deeggaramu filannoo bare 1948 moo'atee aangotti dhufeen booda. Dhiibbaan fi jibbaan uummata adii hin ta'inii saniin duras haa jiraatu malee kaayyoon warra leellistootaa siyaasa, aadaa, fedhii fii worraaqsa qabeennaa kan warra Awurooppaatiin ala geggeeffamu hundaa hundeen buqqisanii balleessuu ture. Haala kanaan seerri gara garaa tumamee ummata adda qoodaa fi cunqursaa isaa hanga bara 1977 itti fufe. Bara 1977 fincila Suweetoo tiin walitti qabatee dammaqiinsi uummataas guddataa dhufe. Kanarraan kan ka'e Appaartaayidoonni diqqoo laafuu jalqaban. Hanga bara 1984titti warra adii malee paarmaalaa biyyattii keessa taa'uu, mana qabachuu, lafaratti abboomuu, filachuus ta'ee filatamuu fi mirga lammiin tokko qabu maraa argachuu hin dandeenne. Yeroo jalqabaatiif bara 1984 warri sanyii  Halaleeffamaa (coloured) fi  Eeshiyaa(Hindi) mirga didiqqoo kennuufii jalqaban. 

Seerru nuuffisiisaan kuni hanga bara 1994 titti bulchiinsarra turee. Qabsoo dheeraafii jabaa qarqaarsa mootummoota addunyaatiin deeggarameen boodarra kufuu danda'e




#Article 78: Viilheelmi Roontigan (1053 words)


Viilheelmi Koonraad Roontigan (Ingiliffa: Wilhelm Conrad Rontgen; Bitootessa 27 1845 - Guraandhala 10 1923) fiizisistii lammii biyya Jarmanii yoo ta'u gaafa Sadaasa 8, 1895, elektiromaagineetiik raadiyeeshinii kan amma eksi-rey (x-rays) ykn carallaa Roontigan jedhamu yeroo jalqabaatiif uumuu fi argachuu isaatini. Argannoosaa kanaafis bara 1901tti Badhaasa Noobelii argate. Kabaja argannoosaa kanaafis, bara 2004tti Tokkuummaa Addunyaalessaa kan Kemistirii (International Union of Pure and Applied Chemistry (IUPAC)) elementii 111ffaaf maqaa rontigeniyem jedhu kennuufiin Viilheelmi Roontiganitti moggaase. 

Bara 1865tti, Viilheelmi Roontigan ulaagaa barataa guyyaa ta'ee barachuuf barbaachisu odoo hin guutin Yuunivarsiitii Yuutireekti  galee barachuuf yaalii godhe. Erga Inistiitiyuutii Pooliiteekniikii Federaalaa kan Zuuriiik (amma ETH Zuuriik jedhama) (Federal Polytechnic Institute in Zurich) galee barachuu akka danda'u dhaga'ee booda, qormaata darbuudhan makaanikaal injineriingii barachuu jalqabe. Bara 1869tti, Yuunivarsiitii Zuurikirraa PhD dhaan eebbifame; yeroo achi turetti barataa Pirofeesar August Kundtiin baayyee jaalatamu ta'e. Roontiganis pirofeesar Kundt hordofuudhaan bara 1873tti gara Yuunivarsiitii Istiraasbergi(iddoo dhiheenya sana Jarmaniitin qabame) deeme. 

Bara 1874 Roontigan Yuunivarsiitii Istiraasbergitti barsiisaa ta'e. Bara 1875, Roontigan Hohenheim, Württembergitti piroofeesara Akkaadaamii Qonnaa (Academy of Agriculture) ta'e. Pirofeesara fiiziksii ta'ee bara 1876 Istiraasbergitti deebi'e. Bara 1879tti, Yuunivarsiitii Giisenitti dura ta'aa fiiziksii ta'ee muudame. Bara 1888, dura ta'aa fiiziksii Yuunivarsiitii Viyuutisbuurgi ta'e, bara 1900 Yuunivarsiitii Muniikitti muudama wal fakkaataa gaaffii mootummaa Baveeriyaatin argate. Roontigan Ayoowaa USA keessaa maatii qaba ture, kanaafis yeroo tokko gara sanatti godaanuf yaadee ture. Muudama hojii Yuunivariitii Kolombiyaa kan Niwuu Yoorki jirutti fudhatee tikkeettii ittiin gara USA deemu kutee ture. Garuu Waraannii Addunyaa I waan banameef yaada isaa jijjiiree Muniik keessatti umurii isaa guutuu achitti dabarse.   

Bara 1895 Roontigan meeshaa vaakiyuum tuubii adda addaa - kan Henriiish Heerzi, Wiiliiyaam Kiruuksi, Nikolaa Teslaa, fi Filiip Voon Leenaardi - yeroo dischaarjiin elektirikii isaan keessa darbu dhiibbaa (effect) isaan wantoota alaarratti fidan qorachaa ture. Sadaasa gara jalqabaa keessa, yaalii tokko irra deebi'ee tuubii Lenardiin hojjachaa ture. Tuubii Lenaardii kanatti foddaa aluuminiyeemii xiqqoo kan itti godhe yoo ta'u kunis kaatod reeyiin akka tuubii kana keessaa ba'uu danda'uf ture, garuu aluuminiyeemii sana badii humna guddaa elektiroostaatiik fiildiin dhufurraa oolchuuf kaardiboordidhaan uwwisee ture - elektiroostaatiik fiildii guddaan kaatod reeyii uumuuf barbaachisaa ture. Kaardiboordin ifni akka hin dabarre haguugee akka dhorku mirkaneesse, garuu Roontigan kaatod reyiin ijaan hin mullanne kaardiboordii baariyeem pilaatinoosaayinaayid (barium platinocyanide) dibame irratti yeroo gara foddaa aluuminiyeemi sanatti siqe ifa akka uumuu arge. Roontigan, tuubin Hittorf-Kirooks kan tuubii Lenardii caalaa fuullee yabbuu qabu, ifa kana uumuu akka danda'u yaade.        

Gaafa Sadaasa 8 1895 gara galgalaa keessa, Roontigan yaada kana eksipermentiin ilaaluuf murteesse. Of eeggannoodhaan, kaardiboordii gurraacha kan duraan Lenardi tuubii irratti itti fayyadame kan fakkaatu hojjate. Achiin booda tuubi Hiitoorfi-Kiruuksi kaardiboordii kanaan aguuge, itti aansee elektiroostaatiik chaarjii akka uumuuf elektiroodota maraa shiboo Ruumkoorfitti qabsiise. Odoo argii baariyeem pilaatinoosaayinaayid itti hin godhin dura, Roontigen aguuggaan kaardiboordii ifaa akka sirriitti dhorku ilaaluuf kutaa isaa dukkaneesse. Chaarjii shiboo maraa Ruumkoorfi (Ruhmkorff coil) tuubii keessa dabarse aguugaan kaardiboordii ifa guutuutti akka dhorku erga hubatee booda, tartiiba eksipermentii isa itti aanu gochuuf achi garagale. Yeroo kana Roontigan teessoo tuubicharraa hanga xiqqoo achi fagaatee jirurraa ifa urgufamu arge. Mirkaneessuuf, dischaarjii dabalataa yeroo baayyee godhee yoo ilaalu ifti sun yeroo hundumaa ni jira ture. Ifa qabsiisee yoo ilaalu, ifti urgufamu sun kan dhufe argii baariyeem pilaatinoosaayinaayid inni itti aansee fayyadamuuf turerraa aka dhufe arge. 

Roontigan gosti ifaa sanaan dura hin beekkamne waan kana akka uume tilmaame. Sadaasni 8 guyyaa Jimaataa waan tureef, kanatti fayyadamuun guyyaa boqonnaa dhuma torbaniitti fayyadamee yaalii kana irra deebi'ee hojjatee yaadannoo jalqabaas barreesse. Torbeewwan itti aanuttti, Roontigan laabiraatorii isaa keessatti nyaachaa achuma bulaa amaloota ifa haaraa kanaa qorachaa ture. Roontigan, ifa haaraa kanaan eksi-reyii (X-ray) jechuun moggaase, kunis herregarratti gatiin hin beekkame X (afaan Ingilifaan kan eeksi jedhamee dubbifamu) waan bakka buufamus isarraa ka'eeti. Afaan baayyee keessatti, ifni haaraan kun maqaa isaatin moggaafamee Carallaa Roontigen (raadiyoogiraamin isaan wajjin walqabatu ammoo Roontiganoogiraam) jedhamuun waammama. 

Erga argannoo kana argatee torban lama booda, Roontigan suuraa eksi-reyii (carallaa-X) harka haadha manaasaa Aanaa Bartaa kaase. Ishiinis yeroo lafee harkashii argitu Du'akoo ijaan argeera jettee dubbate.  

Wayita dandeettii wantoonni tokko tokko carallaa kana dhaabuuf qaban qorachaa jiruu, Roontigan leedii (lead) xiqqaa tokko odoo dischaarjiin godhamaa jiruu gara tuubichaatti fide. Roontigan yeroo kana suura raadiyoogiraafii jalqabaa arge, kunis suura lafee qaamaasaa kan argii baariyeem pilaatinoosaayinaayidi irratti mullatu ture. Booda akka inni dubbatetti, yeroo kanattan yaaliwwanan hojjatu dhoksaan hojjachuuf murteesse, sababiinsaas yoo dogoggora wayii hojjate miidhaa hojii pirofeeshinaalaa isaarratti qabu waan sodaateefi.       

Peepperiin inni jalqaba maxxansiise Ifa Haaraa Irratti (Infiliffa: On A New Kind Of Rays Jarmaniffa: Über eine neue Art von Strahlen) gaafa Sadaasa 28 1895 maxxanfame. Amajjii 5 2896tti, gaazexaan Oostiriyaa tokko raadiyeeshinii haaran argamuusaa gabaase. Roontigan argannoo isaa kanaaf Yuunivarsiitii Viyuutisbuurgi irraa Doktora kabajaa meedisinii argate. Walumaa galatti, waa'ee eksi-reyii irratti peepperii sadi'i bara 1895 fi 1897 gidduutti maxxansiise. Harra, Roontigan abbaa raadiyooloojiin dhibee baruu (diagnostic radiology) jedhamee ilaallama, raadiyooloojiin dhibee baruun gosa fayyaa kan suuraa eeksi-reeyiitti fayyadamuun dhibeen dhukkubsataa maal akka ta'e adda baasuti.     

Kuusaan peepperii Roontigan Laayibrerii Medisinii Biyyaalessaa kan Bethesda, Meeriilaandi jiru keessatti argama. 

Roontigan Aanaa Bartaa Ludviig kan fuudhe yoo ta'u intala tokko kan Jooseefin Bartaa Ludviig jedhamtu qaba ture. Intala kana yeroo ishiin wagga 6 bara 1887 obboleessa Aanaa irraa guddifate. Roontigan bara 1923 dhibee xannacha marrimaanitiin waggaa 77tti du'e. Xannachi marrimaanii kun sababa inni raadiyeeshinii ayoonessaa irratti hojjachaa tureef kan dhufe jedhamee hin yaaddamu sababiinsaas tokkoffaa yeroo gabaabadhaaf qofa qorannoo kana hojjate, lammaffaa Roontigan namoota ittisa leedii irraa hojjatame fayyadamaa turan keessaa kan jalqabaa ture.    

Roontigan argannoo isaa kanaaf paatentii hin fudhanne, qarshii Badhaasa Noobelii irraa argates Yuunivarsiitii Viyuutisbuurgiif kenne. Qaala'aa gatii (inflation) Waraana Addunyaa Iffaatti aanee dhufeen, Roontigan jireenyasaa gara dullumaa dhaba mallaqaa keessa seene, kanaafis umurii isaa gara dhumaa keessa manasaa baadiyyaa kan Weilheim naannoo Muuniik jiru keessatti dabarse. Dhaamsa (will) isaa raawwachuuf jecha, erga inni du'ee booda xalayaawwan saayinsii kan inni namootaan wajjin walii barreessaa ture (scientific correspondence) hundi ni gubaman.

Bara 1901 Roontigan Badhaasa Noobelii kan fiiziksii argate. Badhaasni kun ofiseelaan yaadannoo tajaajila olaana inni carallaa addaa maqaa isaatin moggaafame kana argachuun kenneef beekkamtii kennuuf jedhame. Roontigan qarshii badhaasa kanarraa argate yuunivarsiitii isaatif kenne. Akkumaa Piyeer Kurii, Roontigan argannoo isaa kanaaf paatentii fudhachuu dide, sababiinsaas ilmi namaa hundi argannoo kanarraa fayyadamaa akka ta'an waan barbaadufi ture.  

Harra, Remshaat Leenep (Remscheid-Lennep) keessatti, kan Dusseldoorfirraa gara bahaatti 40 km fagaatee argamutti, manni Roontigan bara 1845 keessatti dhalate godamabaa Deutsches Röntgen-Museum jedhamu ta'ee tajaajila. Viyuutisbuurgitti, bakka inni itti eksi-reeyii argate, dhaabbanni bu'aa-malee tokko laabiraatorii isaa kan kunuunsu yoo ta'u daawwannaa gara iddoo yaaddanoo Roontiganitti godhamus ni qopheessa.




#Article 79: Gursum (aanaa) (714 words)


Aanaan Gursum godina Harargee Bahaa kessatti argamti. Aanaan kun ballina 967.3 km2 kan qabdu yoo ta'u kaaba godinichaatti argamti. Aanaan Gursum aanaa Jaarsoo, aanaa Baabbilee, mootummaa naannoo Hararii fi mootummaa naannoo Sumaaletiin marfamtee argamti. Bulchiinsi aanaa kanaa magaalaa Funyaan Bira keessa jira.  

Aanaan Gursum lafa ol ka'aa fi gad bu'aa of keessaa qabdi. Ol ka'iinsa lafaatin, aanan kun 1200m fi 2950m gidduu jirti; tulluuwwan gurguddoo keessaa Qundudoo (2950m), Madaro (2500m), Ilalami (2131m), Funyaan Juu (2200m), fi Funyaan Caalii (2100m) ti.   

Gursum yaa'a laga Waabii Shabalee keessatti argamti; laggeen ganna yaa'an kan akka Hariiroo, Gooroo Obolee, Ejerti, Agamsa fi kkf aanaa kana keessaa yaa'aanii laga Waabii Shabaleetti nammu. Haala qillensatiin, baddaan 15%, badda-dareen (35%) fi gammoojjiin 50% ta'a. Biyyoon baayyinaan aanaa kana keessa jiru Vetric Cambisols, Vertic Luvisols, Eutric Fluvisols, Lithosols fi Eutric Regosols dha. Mukkeen akka gaattiraa, laaftoo, miciree, fi bosona namoonni dhaabantu aanaa kana keessa jira. Bosonni aanaa kana keessa jiru mootummaadhaan eeggumsi godhamaafi jira. Bineensonni bosonaa kan akka waraabessaa, kuruphee, jaldeessa, fi karkarroo aanaa kana keessatti ni argamu.   

Akka lakkoofsaa bara 2005tti, aanaan kun ummata 211,593 kan qabdu yoo ta'u, kana keessaa 105,509 dhiira yoo ta'an 106,084 ammoo dubartoota. Ummata aanaa kana keessaa 15,478 (7.31%) jiraattota magaalaa yoo ta'an kun immoo avireejjii godinichaa 6.9% wajjin walitti dhiyaata. Gursum tuuta'insa uummataa 241.4 kan qabdu yoo ta'u kun immoo tuuta'insa uummataa kan godinichaa 102.6 ta'e irra guddaa dha. Baayyinni maatii giddu galeessaan kan baadiyyaa 5.8 yoo ta'u kan magaalaa ammoo 4.3 ta'a.  

In 1996, about 15.7%, 8.9%, 13.2% and 22.4% of the district's total area were arable, pasture, forest and built-up areas respectively, while the remaining was attributed to degraded and other areas. There were 36 Farmers' Associations and one Services Cooperative with 25, 757 (2577 females) and 1336 (121 females) member farmers respectively. Average number of farm plots and farm oxen holding sizes per farmer household were 2.4 and 0.9 respectively. About 30% of the farmers were without farm ox. Maize, sorghum, haricot bean, barley and wheat are the dominant crops in the district. Application of manure, fertilizers, crop rotation and short fallowing methods are exercised to maintain soil fertility. About 1389 quintals of fertilizers (Urea was 702.5 quintals), 112 quintals of improved seed, 169 liters and 117 kg pesticides and 85 liters of herbicides were distributed to the farmers in the district. Stalk borer, army worm, birds, rodent, monkey, warthog, weevils and crickets are major crop pests. There were 68,408 cattle, 23,785 goats, 10569 sheep, 6,807 assess, 5,164 camels and 22,283 poultry in Gursum district. Widely prevalent livestock diseases are blackleg, anthrax, pasturelosis and orf disease. About 41277 and 29167 livestock were vaccinated and treated against different diseases respectively. 

The availability of feldspar, quartz, mineral water and garnet deposits are known in the district, but except dolomite and granite quarries, modern mining activity of any mineral was not started yet. As to industry, only 10 flourmills and one blocket factory were available in the indicated year. They provided employment opportunities for 44 persons. 

There were 314 licensed business organizations (wholesalers, retailers and service renders) in the district. Groundnut, coffee and chat are the major local cash crops. Well known income generating tourist attractions sites were not available in Gursum. 

The district had 75 km gravel and 30 km dry weather roads, a semi-automatic telephone and regular post office. About 4.2% of the rural and 21.2% of the urban populations were supplied with potable water. Springs, wells, ponds and rivers are major sources of drinking water for about 95.8% of the district's total population. Hydro electric light and 3 fuel stations were available at Fugnan-Bira town. Firewood, charcoal, animals dung and agri-wastes are major sources of domestic energy supply in the district. Gursum district had one kindergarten (non-government), 26 elementary, 2 junior and one senior schools, holding 6,569 students 1,752 females) and 240 teaching staffs (75 females) in the indicated year. About 24.4% of the total enrolled students had left the school before the end of academic year. Students' participation rates in elementary and junior secondary schools were 19.8% and 6.0% respectively. Similarly, a health center, 4 clinics and a rural drug vendor with 2 doctors, 5 nurses, a lab technician, 27 health assistants and 12 beds, a veterinary clinic with 7 veterinary personnel and a Commercial Bank were available in the district.




#Article 80: Ho'a Adunya (322 words)


Ho'a Adunya (Global warming) kan jedhamu itti darama ademuu avregi temprechera qillensa lafat dhi'ate argamu fi bishani kan wagga kudhanen kan duraa kessat ademsifame fi kan itti fufa ademuu dha. 

Avreg temprecheriin qillensa adunya lafat dhi'ate argamu wagga dhibaa bara 2005 dura jirutti hanga 0.74 ± 0.18 °C (1.33 ± 0.32 °F) guddate turee. Waldaan Intergovernmental Panel on Climate Change (IPCC) kan jedhamu akka waliigalanit guddachuun avreg temprechera jiddu cencherii 20ffat ademsifame kan ka'ee sababa bayyina gazii greenhousii anthropogenic kan greenhouse effect kessan dhufuun. Ademsifami dhalotaan ta'u kan akka Jijjirama Aduu (Solar Variation) Volcano wajiin walit qabatee bara Industrii-duraa hanga 1950ffat ho'a qillensaf sababa yoo ta'uu, bara 1950 hanga amma immo qabana'u qillensaf sababa ta'a jedhame yadatama. 

Waliigalteen guddan kun These basic conclusions have been endorsed by at least 30 scientific societies and academies of science, including all of the national academies of science of the major industrialized countries. While individual scientists have voiced disagreement with some findings of the IPCC,the overwhelming majority of scientists working on climate change agree with the IPCC's main conclusions.
Climate model projections summarized by the IPCC indicate that average global surface temperature will likely rise a further   during the 21st century. The range of values results from the use of differing scenarios of future greenhouse gas emissions as well as models with differing climate sensitivity. Although most studies focus on the period up to 2100, warming and sea level rise are expected to continue for more than a thousand years even if greenhouse gas levels are stabilized. The delay in reaching equilibrium is a result of the large heat capacity of the oceans.

Increasing global temperature will cause sea level to rise, and is expected to increase the intensity of extreme weather events and to change the amount and pattern of precipitation. Other effects of global warming include changes in agricultural yields, trade routes, glacier retreat, species extinctions and increases in the ranges of disease vectors.




#Article 81: Ozone (166 words)


Ozone (O3) kan jedhamu molekula atomi-sadii qabu, kan atomotta oxygenaa sadii ofii kessa qabu dha. Kunis allotropeii oxygenaa yoo ta'uu diatomic O2 irra ofii danda'uun diqqatte argame. Ozoniin sadarka-lafa (Ground-level) irratti argamu qillensa kan hamessu fi akkatta qillensa basu fi galchu (respiratory system) binensotta kan midhuu dha. Ozoniin atmosferra gubba irratti argamu garuu cararii Ultraviolet jedhamu kan nama irratti midha dhaqabsu danda'u akka lafaa hin dhaqabne godhaa. Kuniis hamaa diqoon Atmosferra Lafa kessatti argama. Fayyadamtotta fi Industrii kessatti gochaa heduu qaba. 
Allotrope kemikalotta kessaa sayintistiin kan jalqaban bekkame Ozone yoo ta'uu, kuniis akka kemikala kompoundit kan gargara bafame bara 1840t namicha Christian Friedrich Schönbein jedhamun yoo ta'uu innis jechaa Greeka (ozein) irratti maqaa basef. Kuniis maqaa urgaa yeroo lightining jiruu dha. Urgaan yeroo lightiningii argamu kunii kan dhufuu jijjirama kemikalaa yeroo sunitii dafee ademsifamu irra malee ozoni irra kan dhufuu miti. Formulaan ozone, O3, hanga bara 1865faat hin murtefamne turee, bara kanatiis J.L.Soret namichi jedhamu murtessu yoo danda'uu bara 1867t immoo Schonbein namichi jedhamu dhugessu danda'erra.




#Article 82: Wave (133 words)


Wave kan jedhamu jeqamu space fi yeroo kessa darbuu, kan yeroo heduu daddarbu energy qabuu dha. Wavonni mechanical ta'aan daddarba (medium) barbaduu, daddarban kuniis ergaa waviin kessa darbee bodaa elastic restoring force basuu ni danda'a. Wavonni electromagnetic radiation garuu daddarba malee ademuu ni danda'uu, fakenya: gravitational radiation kan jedhamu vacuum kessaa darbuu ni danda'a. Wavonni energy bakka tokko bakka biratti gesuu fi daddabarsuu ni danda'uu, kanaas kan godhaan daddarba (medium) kessaa partikilotnii diquumma tokko yokaan hommaa osoo hin chocho'iin kessaa darbuun. Kanaaf jabenii (mass) tokkoleen ademsaa hin godhuu jechuu dha. Haa ta'u malee Waves travel and transfer energy from one point to another, often with little or no permanent displacement of the particles of the medium (that is, with little or no associated mass transport); instead there are oscillations around almost fixed positions.




#Article 83: Gill (161 words)


Gilliin qamaa nafa binensota bishaan-kessa bayee kessatti argamu dha. Kuniis qamaa afurra yoo ta'uu, fayyidaan isaas oxygenaa bishaan irraa gargari basuu fi carbon dioxide bishaaniti gadii lakkisu dha. Qamnii gill microsopic (yoo qamni isaa dhi'atee ilalamu) qamaa ballina (SA) guddaa qabate jiruu yoo ta'uu kuniis waantotaa isaa marsaani argamaniin akka wal-qunnamu isaa gargara. 

Binensotii bishaan kessa bayee xixiqoon (microscopic) fi kan guggudo ta'anii inactive ta'aan, oxygeen barbachisaa ta'ee qamaa isanii hundaan fudhachu ni danda'an, kanaaf, gill osoo hin fayyadamiin afuraa fudhachuu ni danda'uu. Haa ta'uu malee, binensotii bishaan kessaa xaxama (complex) ta'aan fi kan active ta'aan gill tokko yokaan tokko olii ta'ee ni barbaduu. 

Gillonni yeroo bayee tishu, damee (branch) yokaan slender tufted geggefama (anatomy) xixxiqo ta'aan ofii kessa qabu. Gilli tittolle bishaa kessaa alaa, gillonni biraa dhigaa yokan jigaa (liquid) coelomic ofii kessa qabu, kuniis karaa gaziin itti dadarbuun. Oxyginiin dhigaan fa'amee garaa qamotaa birratti geggefama. Carbon dioxidiin immo dhigaa kessa gara tishuu gillii qalla kessa darbee gara bishanii harcafama. 




#Article 84: Maatewos (132 words)


Kiristoosi isa sanyii Daawiti,
sanyii Abraahami ta'e sanaa

Yisaaq Yaaqoobin dhalfate;
Yaaqoob Yihuudaafii obboleeyyan
isaa dhalfate;

Faaresii fi Zaaraa dhalfate;
Faares Hesronin dhalfate;
Hesron Araamin dhalfate;

Amiinaadaab Nahasoonin
dhalfate;
Nahasoon Salmoonin dhalfate;

dhalfate;
Bo'eez Ruut irraa Yoobeedin
dhalfate;
Yoobeed Iseeyin dhalfate;

Daawit niitii Oriyooni irraa
Solomoonin dhalfate;

Robi'aam Abiyaa dhalfate;
Abiyaan Asaafin dhalfate;

Yosaafix Yoraamin dhalfate;
Yoraam Oziyaa dhalfate;

Yo'ataam Akaazin dhalfate;
Akaaz Hisqiyaasin dhalfate;

Minaaseen Amoonin dhalfate;
Amoon Yoosyaasin dhalfate;

Baabilooni keessa,
Ikooniyaanii fi obboleeyyan
isaa dhalfate.

Ikooniyaan Salaatiyaalin dhalfate;
Salaatiyaal Zarubaabelin dhalfate;

Abiyuud Eliyaaqeemin dhalfate;
Eliyaaqeem Aazaarin dhalfate;

Saadoq Akiimin dhalfate;
Akiim Eliyuudin dhalfate;

Alaazaar Maataanin dhalfate;
Maataan Yaaqoobin dhalfate;

Yooseef kunis dhiirsa Maariyaamiiti;
Maariyaam immoo
ishii Yesuus isa Kiristoos
jedhamu deesse sanaa dha.

hanga Daawitiitti dhaloota
kudhanii-afuri, Daawitii hanga
boojuu Baabilooniitti dhaloota
kudhanii-afuri, boojuu Baabiloo
niitii hanga Kiristoosiitti dhaloota




#Article 85: SF (110 words)


SF (Sportii Fufee) - continued from Sport Section on main page

Aug 7 ** Group A: Australia 1–1 Serbia ** Group A: Côte d'Ivoire 1–2 Argentina ** Group B: Japan 0–1 USA ** Group B: Netherlands 0–0 Nigeria ** Group C: Brazil 1–0 Belgium ** Group C: China PR 1–1 New Zealand ** Group D: Honduras 0–3 Italy ** Group D: Korea Republic 1–1 Cameroon

Aug 6 ** Group E: Argentina 1–2 Canada ** Group E: China PR 2–1 Sweden ** Group F: Germany 0–0 Brazil ** Group F: Korea DPR 1–0 Nigeria ** Group G: Japan 2–2 New Zealand ** Group G: Norway 2–0 USA

Aug 11

Aug 10




#Article 86: Arsii (187 words)


Arsiin  godinaalee Oromiyaa keessa isa tokko. Maqaan godinaa kan moggaafame ummata Oromoo Arsii ilma Booranaa irraahi. Ummatni Arsii baayyinnaan naannoo Baalee fi Arsii keessa jiraatu. 

Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa akka gabaasetti bunni tonii 2198 ta'u gara dhumaa bara 2005 akka aanaa kanatti oomishama. Kunis gabaasa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shayii Itoophiyaa irraa fudhatame. Kuni immo basii 1.9% Arsi yoo ta'u, Itoophiyaafi immo basii 0.97% ta'a. Magaalaa guddoon Arsii Asalla yoo ta'u, lafonni biraa Arsii kessatti argaman kan akka Abomsa fi Asasa jedhamani ni jiru.

Bayyina ummata 3,135,686 - dhiraa 1,557,984 fi dubartotta 1,577,702. Parsentiin 12.3% (386,707) kan ta'an magaalaatti galu. CSA 2005

Ballina - 23,724.44 sq Kiloometiri

Kuffama Ummata - 132.17 ummata sq kiloometirii tokkon
 
Akka gabassa Caamsaa - 24, 2004 Memorandamii Baankii Addunyaatti ummatta kessa parsentiin 4 elektiriikii fayyadama.

Kuffama kara konkolatta - 45.0 kilometers per 1000 square kilometers, Nami badiyya tokko avireejjii heektaara lafa 1.2 yoo qabaatu fi horii hanga 1.1. Parsentiin 84 ijoolle fudhatamte mana barumsa sadarka tokkoffa barrattan yoo ta'an, percentiin 22% immo mana barumsa sadarka lammaffa kessatti argamu. Parsentiin 17% lafa Arsi busaa qabamaniru, garu tokkollen tisiisa Tsetse fly jedhamtuun hin qabamne.




#Article 87: Faarfannaa (174 words)


Maqaa Fayyadamtotta - Maqaan atii yeroo log-in tattu akka user name kankeettit fayyadamte bakka kanaatti argama. Kana banuun immo gara fulla kankee qofaa ta'e sii gessa. Fulla kana akka fedhii ketti midhagsu ni dandetta. Haa ta'u malee akka nami si barresu danda'u gochuu qabda, fakkena kiyya ilalli DE.
Dubii kiyya - Kunii bakka barrefama namii si barrese tartibaa guyyatiin itti argamu dha.
Fedhii kiyya - Wa'ee kana ilaluuf Fedhii Kiyya banii.
Tartibba-jijjirama kiyya - Yoo barrefama tokko barresitte fixee bodaa ilaluu kan jedhuu yoo tuqxe, akka barrefami suni ilalchaa kankee jalatti ta'u godhaa. Kuniis jijjirami namni biraa barrefama sunii irratti godhuu hunda bekku ni dandetta. Kunii immo kan itti argamu bakka tartibba-jijjirama kiyya jedhuu kanatti. Wa'ee kana ilalluf kana banii.
Keena kiyya - Yoo log-in tatee jiratee tatee, bakka kana banuun barrefamotta atti barresite si agarsisa. Haa ta'u malee yoo barrefama tokko log-in osoo hin ta'in barresite turtee ta'e, barrefami sunii akka keena ketiit hin fudhatamu. Wa'ee kana ballinan ilaaluf kana bani.
log out - Ergaa barresitee xumurtee bodaa log-out gochuu kee hin dedhiin.




#Article 88: Manifesto Prague (654 words)


Esperanto - Internacia lingvo 

Manifesto Prague
uea Waldoota Esparantoo Addunyaa
Manifesto Prague
Manifeston Prague kan sochii Afaan Addunyaa Esparanto ti

Nuti miseensonni gutumaa Addunyaa, guddina Afaan Esparantof dhaabbannu, Manifesto kana mootummoota  gugurdoo fi, ijaarsota saboota dhaabbii gaarii qaban hundaaf murtiilee cimaa ta’e kanaaf akka dhaabannu beeksisaa, dhaabbatootii fi  namoonni hundi nu bira akka dhaabatanif, waan dhaabbannuuf  kanas waliin  bakkaan gahuuf waamicha goona.

Sirni wal’qunnamtii kamiyyuu yeroo dheeraa waan isaaf tolu qofa irratti yoo hundaahee argamee akka farra demokraasitti ilaalamuu qaba. „Esparanton „ akkuma afaan hedduu qajeeltootti sirraawee waan hinjirref, uummanni bal’aan afaan ittiin wal’qunnamu tahee  argama. 
As gubbaatti beeksisuu kan feenu, afaan tokko walqixxumaa dhabuun qixxee walqunnamuu dhabudhaan hanga sadarkaa addunyaa biratti,  akka nama hundaa   gahu beeksifnna. 

Afaan saba tokkoo, aadaa isaa fi sabummaatti hidhata qaba. Fakeenyaaf: Mucaan afaan Englizii baratu, addaa, Giograafii fi sirnna polotiika saba afaan kana dubatuu barata. Kunis harkka caala Biyya Englizii fi biyya Amerikaat ilaala. Mucaan tokko afaan Esparanton yoo waa baratee, achumaanis daanggaa biyya isaa irra darbee bakka gahuu hundaatu biyyi inni itti bahuu, biyya isaa tahee argama.
Barnootni afaan kamiiniyyuu kennamu, ilaalcha naannoo biyya tokkotti hidhata.  Nuti fi sochiin keenya kannirratti  hundaawe, barnoota marsaa adduniyaa irratti.

Barattootni lakoobsi isaani xiqqaa tahe qofatu afaan barachuu irra jiru sana sriitti beeku. Karaa Esparanto barachuu hoo tahe garuu, manuma offittiyyuu barachuun nidanda’ama. Muuxannoo addaa addaa iraa akka bira gahametti, Afaan Esaranto dhaa  afaanota biraa barachuuf nama gargaara jedhu. Afaan kuni, akka handhuura barnoota afaaniitti akka ilaalamuuf murtaahee jira.
As gubbaatti waanti  nuti beeksisuu feenu, rakkooleen afaan uummata tokkoo qajeelfachuudhaa, bartoota hedduuf afaan lammataa kana biratti barachuuf rakina uumu. Sochiin keenya  afaan tokko sirriti barachuudhaaf.

Hawaasni Esparanto addunyaa guutummatti kan beekame, guutumaa addunyaa fi walumaa galatti afaan gargaraa beekudhaani. Miseensi hawaasa kanaa yoo xiqqaatee  afaan alagaa tokko beeku, walqunamti qabaachuu yaalii gochuu qaba. Akka kanaan namni tokko dandeettii afaan garagaraa akka argatu fi ilaalcha isaas akanuma akka bal’ifatu gargaara. 

As gubbaatti kan mul’isuu feenu, afaan adda addaa kan dubbatani, xiqqaas guddaas tahe, carraa afaan biraa itti dabalani baratanu  walqunnamtiin  akka tolutti. 
Sochiin keenya namni hundinuu carraa akkanaa akka argatu dha. 

Aangoo walqixummaa dhabuu irraa kan ka’e fi  afaanota addunyaa giddutti argamu iraa kan ka’ee, afaan tokko tokko, tikaa fi tumssa  gahaa waan hin qabneef,  hacuuccaan itti hammaachuun nimala. Hawaasni Esparanto dubbatu, addunyaa guutummaa biratti, xiqqaa tahe guddaas, kan beekamee fi kan hinbeekamnes, bakka walqixeetti waliif galutu kaawamee jira. Haqootni afaan hundaaf dhaabbatan, itti gaafatamaa fi guddina isaanitti muka safaraa tahuu irra darbee, yeroo haalli dhibaan  tokko argamu,  furmaata argamsiisuuf murteesaadha.
As gubbaati beeksisu kanfeenu, aangoo walqixxummaa afaanota addaa addaa gidduutti uumuudhaan, murtee adduniyaa addaa adda keessati akka beekame, walqixxeetti akka ilaalamanif dhaabanna.
Nutii, jerreen  sochii walqixxummaa afaaniitiif dhaabannudha.

Mootumootni  biyya tokko tokkoo, baay’ina afaanii biyya tokko keessatti argamu guddinaa fi  walqunnamtii saba tokkoof akka waan gufuu taheetti rakkinaa isaa qofa argu. Hawaasa Esparanto tokko giddutti garuu, baay’inni afaanotaa akka burqaa badhaadhummaa ti. Waan hedduu keessaa akka baratanitti  akka waan dhabamuu hinqabneetti ilaalama. Kunis kan inni agarsiisu, Biolojii keessatti sanyiin addaa addaa argamee akka jiru argamu waan gatiin isaa gudda fi ol’kawaa tahe of keessaa qaba. As keessatti waanti nuti beeksisuu feenu, walqunnamtii, imaammata fi guddina biyya tokkoo keesatti, afaanni hundinuu  deggertii fi kabajaan ilaalamuu qaban.
Sochiin keenya afaanotni baay’inaan akka argaman deggerra.

Afaan hundinuu, jareen afaan sanatti dhimma bahan,  bilisummaa kennaaf  yokiin bakka tokkotti qabee saba biraatiin addaan isaan qooda, wluma qofa qunnammu. Uummata addunyaas  karaa tokkoon wal’irraa fageesa. Akka as gubbaatti hubanutti, akka namni walqunnamu taasisa. “Esparanto”n projektii sirnaan qophaawee  ka’ametti, walabummaa dhala namaa guddisuu fi  dhalli namaa karaa kanaan qooda akka argatuuf hawaasa  keessa jiru hundaaf akka ooluf, aadaa fi afaan isaaf/isee osoo hinxiqqeessin, akka beekamu gochisiisa.
As gubbaatti kan hubachiifnu, afaanonni saba tokkoo, waan addaan nama baasu balleesee walabummaan hirmachuuf, walqunnmtiin akka argamu taasisa Ijaarssi hundinuu  qooda akka argatu gochuu dha. Sochiin nuti dhaabannuuf walabummaa dhala  namaatiif.

Afrika Oficejo de UEA, BP 416, Lokossa-Mono, Respubliko Benino/République du Benin, tel: +229 22 41 02 29, Retadreso: afrika.oficejo @ co.uea.org. 




#Article 89: Galaana Diimaa (215 words)


Galaana Diimaan () galaana qalla Garba Indiyaa keessatti argamu kan Afrikaa fi Eshiyaa jiddu jiru. Galaana Diimaan kunii kan Garba Indiyaa walitti qabate kibbaan Bab el Mandabii fi Gulfii Eden keessan yoo ta'u, kaaban immoo Peninsulaa Sina'i, Gulf of Aqaba (Gulf of Eilat fi Gulf of Suez (kan gara Kanaalii Suwiiz nama gessu) kessanni. Ecoregioniin Galaana Diimaa Global 200 dha. 

Kuta Sulula Guddaa hanga ta'e kan qabatu Galaana Diimaan kuni ballina lafa walumaa galatti hanga 174,000 isquweer maayils (isquweer kiilometirii 450,000) yoo qabatu: dheriini isaa maayilisii 1,200 (1,900 km) fi ballina dagalee bakka Galaana Diimaan itti ballatutti argamu maayilisii 190 (300 km) ta'a. Galaana Diimaan dhooqa garaa keessa guddichi jiddu isaatti argamu 8,200 feet (2,500 m) yoo ta'u, avirejjiin dhooqa Galaana Diimaa immo 1,640 feet (500 m) ta'a. Haa ta'u malee bakka dhooqa diddiqa qaban ni jiru; bakkonni kunis binensotta bishaan keessa jiraatanii fi Corals baayyee of keessaa qabu. Galaanni kuni gosa lubbu qabeeyyii lafee dugdaa hin qabne(invertebrate) 1,000 fi kooraalsi(corals) laafaa fi jabbaa ta'an 200 of keessaa qaba. Galaanni kuni adunya keessaa fiixee kaaba naannoo tiropikaalitti argama.

Galaana Diimaan adunya keessaa baayyee soogiddaa'aa(soogidda qabaachuun) ta'un beekkama; kuni immo akka bishaan Galaana Diimaa itti maru irra kan ka'e dha. Kunis kan adda ta'e sababa hurka(evaporation) fi dhibba qilleensaatti. Sogiddummaan Galaana Diimaa 3.6% hanga 3.8% ta'a.




#Article 90: Finfinnee (1253 words)


Finfinneen magaalaa guddoo mootummaa naannoo Oromiyaa fi Itoophiyaa fi akkasuma barcuma Gamtaa Afrikaati.

Maqaan Finfinnee jedhu jecha Fin fi Finnee jedhurraa kan dhufe yommuu tahu maqaa bishaan danfaa Hora handhuura magaalittii keessatti argamuun kan moggaafamteedha. Finfinneen maqaa seeraan beekamti argatee fi maqaa seenaan durii jalqabee itti waamamtuudha. Maqaan ishee kan biroo Shaggar yoo tahu, jaalalaa magaala kana irra qabani fi bareedina isii irraa ka'uun kan moggaafameedha. 

Finfinneen qubsuma gosa Oromoo damee Booranaa ilmaan Tuulamaa kan qe'ee tufaa Munaati. Tuulama keessaa gosti guddoo fi Hangafaa kan taate Galaantu irra jiraachaa ture. Qarqara kibba tulluu Cuqqaalaa irraa ka’ee Hawaas (Hawaash) cehuun hanga walakkaa Finfinneetti tamsa’ee jira. Gosti kun balbala baayyee of jalatti kan qabu yoo ta’u hanga Wallootti diriiree jira.

Inni Lammaffaan Oboo Tuulamaa immoo Galaan irraa gara kaabattii Caffee Doonsaa irraa kaasee hanga Qarree-Gowwaa jedhamuttii diriiree kan jiru yoo ta’u, naannoo Finfinnee kan qubatee, ilma hangafaa Oboo kan ta’e gosa Gumbichuu yoo ta’u hanga kaabaa Finfinnee naannoo Caancotti jira. Oboon gosa gurguddaa 7 qaba. Yeroo ammaas Torban Oboo jedhamuun yaamamu.Ilmaan Oboo Finfinnee keessa warra jiran lamaan keessaa Gullallee Oboo fi Gullallee Beeroodha. Gullallee Oboo Finfinnee irraa kaasee gara kaabaa fi kaabaa dhihaatti diriiree hanga baha laga Mogoritti yoo ta’u gara kibbaatti immoo Galaan keessa gadi seenee jira. 

Inni sadeessoon immoo Eekkaa Oboo kan jedhamu Galaan irraa gara Kaabaa fi Gullallee irraa gara bahaatti laga Qabbanaawaa (Qabbannaa) irraa kaasee Finfinnee gara bahaa dhuunfatee hanga daangaa Gumbichuutti deema. Ilmaan sadii qaba.

Lafti Finfinnee jedhamu kun bara Minilik keessa itti godaanuun qubsuma waraana fi maatii nafxanyootaa erga taate booda gara magaala guddiitti Empaayerittitti jijjiramee. Oromoonis bakka kana irraa buqqifamee gara kutaa adda addaatti faca’uuf fi gosoota naannoo sana jiranitti makamee ture.

Ittii aanee Empaayerittii kan qabatees, bara Hayila Sillaasee, Shaggar babal’achaa deemuun, Oromoota buqqisee godaansisuu itti fufe. Fakkeenyaf bakki Gootaraa jedhamuu fii Fabrikaan Simmintoo ture sun bosaana dukkanaawaa fii Leenci keessaa baroodaa akka ture jaarsoleen dubbataa turan. Baruma bittaa H/Sillaasee kana naannoon Finfinnee kun “mannaggashaa Awuraajjaa” jedhama. Finfinneen kantiiban haa bultu malee, Awuraajjaa kana jala turte, awuraajjichis akkuma qaamaa Finfinneetti ilaalama ture.

Babal’ifannaan mootota habashaa bara Dargiis itti fufuun sirumaa hanga Km 125(kiiloo meetira) ta’a jedhamee odeeffamaa ture, Oromoota buqqiisuun bara dargiisi itti fufee ture. Dabalataanis Shaggar karaa kibba Dhihaatin jahan(6n) Bachootin daangeffama. Kan jechuun warra Finfinnee/Shaggar keessaa gadi dhiibamanii, naannoo Sabbataa fi naannoo Furii turan dabalatee jechaadha. Jahan Bachoo jechuun ilmaan jahan Bachoo-Tuulamaa hore jechaadha. Fakkeenya Meetta fi Subba sadeen (3n) fi kkf.

Amma Bara wayyaanee buqqifamuun Oromoo itti hammaatee, Sababni isaa misooma maqaa jedhuun gurgurtaa lafaa irraa argamu maallaqa waan barbaadaniif, warra qabeenya qabanitti lafa maqaa liizii jedhuu hanga waggaa 99ti kontiraata gurguruuf waan ta’eef. Karoora Wayyaanee “Ammisti Amata Pilaan” jedhuu inni jalqabaa ganda qonnaan bulaa Oromoo naannoo Shaggar 27 Finfinneetti dabalee karoorfatee ture. Karoora waggaa shanii inni lammaaffaan immoo, gara Onaatti (waraadaaletti) cehee karoorfate. Karoorri waggaa shanii inni 3ffaa fi amma keessa jirruu fii dhumaa jiru kun immoo gara Zoonitti cehee, gara Onaa (waradaalee) jahaa Finfinneetti dabaalee ture. Amma lafti zoonii kana keessaa guguramee, Oromoon buqqa’ee dhumee jennaan, Maqaa “Zoonii addaa” jedhuu irraa haqanii qaama Finfinnee taasisuun, karoora waggaa shanii isa itti aanu qopheefachuuf ture. Kanaaf Karoorri waggaa shanii wayyaanee inni ittii aanuu kan karoorfamu “Zoonii Addaa” irraa gara “Kutaa addaa” jedhamaa.

Hawaasin warra Amaaraa Manze jalqaba jaarraa 18ffaa tti babal'achuu jalqabee, bara Sahle Sellassie, jechuun akaakayyu Menelik mootummaa dhaabbate. Sahle Sillaseen Motomaa Manzee ykn Shawaa bara 1813 amma 1847tti waggaa 34 bitee. Waggaa-waggaatti si'a lama ykn sadii Oromoota ollaa isaa turan weeraraa kan ture Sahle Sellaaseen, akkuma bare bara 1843 keessa Finfinne weerare. 

Namtichi Major W. C. Harris jedhamu, mootummaa Inglizii irra Sahlee Sillaaseetti ergamee, baatii 18fi Sahle Sillaasie wajjiin yeroo turetti weerara Sahle Sellaaseen Oromoo irratti geggeessaa ture dukaa deeme argee, hubatee, macaafa The Highlands of Aethiopia (1844), jedhamu barreesse. Harris kitaaba isaa keessatti kutaa Bobbaa boojii fi Saaminsaa (saamichaa) jedhu jalatti wa’ee Finfinne yeroo gabaasu tikeen saanii, balaa itti dhufaa jiru hin beekne; hidhatani hin baane; nagaan loonsaani tiksata jiru; inni kaani maasi-isaa keessaa hoji-isaa hojjetataa jira; maatiin isaanii weeddisaa mana bira dalagatu; aduu dhihuuf deemti, laafaf mukni ifaa shee gammaachuu gudaan waan calaqsani fakkaata. Garuu osoo aduun hin seenin, badii guddaan biyya kanairra diriisuuf, warri akka bineesaa nama nyaatani kumaataman itti dhangala’a jiru jedhun ture. Sahle Sillaaseen Nafis abbaa iisaatiin yeroo gabaabaaf erga mar'atee booda, gara waraanasa isaatti galagalee, Waaqin abbootii keenya, nu ha jabeessu! jedhee ibidda fi meesha waraanaan akka Oromo irratti bobba'an ajaje.

Warranni Amaaraa, otoo Oromoon hinbekini akka galaanaa ganda Oromoo irra dhangala'e. Oromoota lubbusaanii baasuuf baqatan ari'aa, midhaan ga'ee ala jiru barbadeessaa, loon ala dheedaa jiru ooffachaa biyyaa Oromoo balleessuu eegalan. Ibiddi isaan mana fi qabeenya naannoo weeraran kanatti qabsiisanii fagoo mul'ata ture. Aarri manaaf midhaan gubatu gama-gamatti lafaaf waaqa kan dukkaneesse ture.

Yeroo gabaabaaf erga boqotanii booda biyya Ekkaa [Yakkaa] Oromoo, kan duraan barbadeessanii dabran keessa, bobbaasaanii itti fufan. Sa'aa 14 farda fi gaangoon gara maaylii 50 erga deemanii booda waraanichi boqotuuf dachaa Yakkaa keessa buufate. Fardi fi gaangoon hiikaman midhaan ga'ee ala dhaabbatu keessa gad-dhiifaman. Loon kuma hedduun lakkaawwamu, karaa dheeraa oofamee kan dhufe walitti qabanii erga iddoo tokkotti itisani booda, Sahle Silaaseen gammachuu guddaan halkan sanaf bakkaa bulu qabate. 

Wae’ee lafa bulti waraana Amaraa yaggu katabu Harris akkana jedha: Sagaleen lafa bultii isaaniti halkan gutu dhaga’amu waan raajitti: Karaa tokko sagalee loon Oromoo goolamee, iyyaaf booyicha durbaa fi dubartii Oromoo booji’aan itti roorrisaa jiruu yaggu ta’u; kara gara biraa moo kanatti makamee kan gurraa nama dhuuchu, abidda marsee, fooni dheedhi hoori saame nyaachaa 'fukkaraa' fi 'qarartoo' waraani Amaaraa godhaa bulee dha. Sagalee kanatti dabalame hirriba kan nama dhorgu, abidda gamaaf gamatti mandaroota Oromootti gubaa jiru halkan gutuu biyya akka gucaa ibsaa bulusaati jedha. 

Waggaa 40 caalaa Saahile Sillaaseen Oromoo sama turee bara 1847 keessa ni du'e. Achii booda kan ilma isaa kan Hayilee Melekot tu itti aane. Innis Oromoo hadamsee samuu itti fufe..Garuu bara dheera hin jiraanne. Bara 1855 ni du’e. Waggaa kudhan booddee ilmi isaa Minilik nugusa shawwaa ta'e. Saahile Sillaaseen deebi'e deddeebi'e Ormoo ha wareeru malee, biyya Oromoo qabachuus ta'e keessa turuu hin dandeenye. Qawwee Oromoon hinqabane haa qabatuu malee, Oromoo mo’ee of jallatti bulchuu hindandenyee. Eega kan Saahile Sillaaseen dadhabe Miniliki raawwachuu danda'e. Oromoo weraree saamuu qofaa utuu hinta'in, biyya Oromoo koloneefachuu danda'e. 

Oromiyaatti mootumaa isa babaldhisaa, Minilik jalqaba bara 1881 dhufee qarree Inxooxxoo irratti teessoo ijaarate. Achi qubachuunsaa lammii Oromoo kan humna Amaraan hin cabin naannoo sana waan jiraniif loltuu isaanirraa of eeguuf ture. Hata'u malee gargaarsa ganntuu lammi kan akka Goobanaa qabatee wagga yartu booda Oromota nannoo Finfinne mo’u danda’e. 

Egaa kana booda, Minilik Inxooxxoo dha gad bu’e magaalaa isaa Finfinne irratti ijaarachuu kan danda'e. Lafa Oromoo balabatoota Habashaa fi loltuu isaaf hiree, bara baraan magaalaan babal'achaa dhuffe. Ilmaan Oromoo kan kumaatamaan lakkaawaman qe'ee isaaniiti akka buqa'an godhaman. Lammiin Oromooo qe'ee isaaniitii buqa'an hedduun gara kibba deeman. Kaan gara lixaatti godaanan. 

Wa’ee Finfinnen Menelikiin qabamuu, Oromoo tokko 'Inxooxxoo dhaabatani' jedhee kan aarii isaa geerarsaan dhageessise dhaloota dhalootatti darbee jira. Geerarsisaa akkas jedha: 

 Inxooxxo dhaabatanii 
 Caffee gadi ilaaluun hafe 
 Finifinnee loon geesaani 
 Hora obaasuun hafe 
 Tulluu Daalattii irraatti 
 Yaaiin Gullallee hafe 
 Gafarsattii darbanii 
 Qoraan cabsachuun hafe 
 Hurufa Boombii irraatti 
 Jabbiilee yaasuun hafe 
 Bara jarrii dhufani 
 Loon keenyas indhumani 
 Eddaa Mashashaan dhufee 
 Birmadummaanis hafe!

Finfinnee kan argamtu lafa olka'aa 2200 m fi naannoo magariisatti argamti. Gara gajjallaa Mount Entoto fi laga Awash argama. Gara gadi aanaan ammoo kan jiru naannoo Bole International Airportiti. Finfinneen  Kibbaan qixa galaanaatiin 2326m fi 3000m gara Entoto Mountains Kaabaatiin kan olka'u.

Bulchiinsi magaalaa Finfinne kutaalee bulchiinsa Magaalaa 10tti qoqqoodamtee bulaa kan jirtuudha. Kutaa Magaalaa 10 fi Aanaale 106 qabdi.

Kutaalee magaagalittii 10 armaan gadii tarreefamaniiru.




#Article 91: Buna (102 words)


Bunni biqiltuu naanno oo'aatti biqilu yoo ta'u akka nama jajjabeessuuf(dadammaqsuuf) dhugama. Bunni mukunifi dadhabbiin akka namarraa badu kan godhu wayita ta'u danfifameet dhugama.

Bunni kan inni jalqaba argame Itoophiyaa kessatti akka ta'e dubbatama. Boodarra garuu Itoophiyaadhaa ka'ee ardii hundumattuu tatamsa'e. Adunyarratti buna oomishudhaan biyyoota beekkaman keessa Biraazil sadarkaa tokkoffaarra jirti. Biraazilitti aanudhan biyyooni akka Veetinaam, Kolombiyaa, Indoneeshiyaa, Honduraas, Itoophiyaa, Indiyaa, Meeksikoo, Gu'aatimaalaa, fi Peeruun sadarkaa 2ffaa hanga 10ffaatti qabatanii argamu.

Itoophiyaa keessatti, buni baayyinaan kan oomishamu naannoon Oromiyaa fi naannoon Sabaa fi Sab-lammoota Kibbaa keessatti. Nannoo Oromiyaa keessaa godinaalee akka Jimmaa, Iluu Abbaabooraa, Wallagga Dhihaa, Boorana fi godinaalee Hararge keessatti baayyinaan oomishama.




#Article 92: Busaa (200 words)


Busaan (malaria) dhukkuba daddarbaa kan bayyinaan naannoo tiroopikii fi sab-tiropikii kessatti ardii Ameerikaa, Eshiyaa fi Afrikaatti argamu. Dhukubni kun tilmaaman hanga ummata miliyoona 400 ta'u wagga tokkotti kan qabu yoo ta'u, ummatta miliyoona 1 hanga 3 ta'an waggaatti ajjeesa. Ummatni dhibeen kun bayyinaan ajjesus ijolle xixiqqoo Sab-Sahaaraa Afrikaatti argamani.

Dhibee busaa kan namarraa namatti dabarsu bookee busaa ishii dhaltuu Anoofeles jedhamuun beekkamtu. Maxxantoonni busaa nama qabsiisan seelii dhiiga diimaa keessatti kan wal horan yoo ta'u kanarraan kan ka'e, busaan hirrina dhiigaa (anaemia), akkasumas mallattoo oo'a qaamaa, qorri namtti dhaga'amuu, of wallaaluu fi du'a fida. Dhibee busaa ittisuuf akka bookeen busaa nama hin hiddine(ciniinne) gochuun barbaachisaa dha. Kana gochuuf agobarrii fayyadamuu, qoricha bookee busaa biifuu, fi bishaan ciise gogsuun fala ta'a.

Dhibeen busaa talaalli hin qabu. Kanarraan kan ka'e, falli inni guddaan akka dhibeen kun nama hin qabne ittisuudha. Qorichi dhukkuba kana ittisu garuu gatiinsaa miyaa waan ta'eef namoonni naannoo busaaf saaxilame jiraatan gatii isaa hin danda'an. Ga'eessota nannoo busaaf saxilame keessa jiraatan baayyeerratti dhibeen kun deddebi'ee itti ni ka'a, akkasumas humni dhibee kana ittisuu isaaniis dadhabaa deema. Dhukkuba kana yaaludhaaf qoricha akka kuniin(quinine) ykn artemisiniin(artemisinin) fayyadamuun kan beekkame yoo ta'u dhibeen busaa garuu yeroodhaa gara yerootti qorichoota kanatti baraa jira.




#Article 93: Shawaa Dhihaa (552 words)


Shawaan Dhihaa (Shawaa Lixaa jedhames ni waammama) godinaalee Oromiyaa 12n keessaa tokko. Shawaan Dhihaa karaa kibbaan godina Shawaa Kibba Lixaa fi Mootummaa Naannoo Kibbaan yoo daangeffamu, karaa kibba dhihaan godina Jimmaatin, karaa kaabaa dhihaa godina Wallagga Bahaa, karaa kaabaa Mootummaa Naannoo Amaaraatiin, karaa kaaba bahaa godina Shawaa Kaabaatiin, karaa kibba bahaa ammo godina Shawaa Kibba Lixaatin daangeffama. Iddoo ol ka’aa inni guddaan Tulluu Wancii (meetira 3385) yoo ta’u tulloonni ol ka’oon kaan Tulluu Mannaaggashaa fi Tulluu Wacacaa ti.  Magaalonni godina kana keessa jiran Ambo, Hoolota, Giincii, fi Geedoofaa dabalata.Bara 2002 hanga 2005tti aanoleen baayyeen godina Shawaa Dhihaarraa citanii godina Shawaa Kibba Lixaa uuman.

Akka lakkoofsa ummata bara 2007 Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaatin godhameetti, godinni Shawaa Dhihaa ummata 2,058,676 kan qabu yoo ta’u kana keessaa 1,028,501 dhiira 1,030,175 immoo dubartoota. Godinni kun ballina iskuweer kiilomeetirii 14,788.78 yoo qabaatu, tuuta’insa ummataa 139.21 qaba. Ummata godina kanaa keessa 6.10% (242,352) magaalaa keessa kan jiraatan yoo ta’u kan hafe baadiyyaa jiraata. Godina kana keessatti abbootii warraa 428, 689tu aragama; kanaan abbaan warraa tokko avreejidhaan nama 4.80 qaba.

Saboonni gurguddaan 3 godina keessa jiraatan Oromoo(89.78%), Amaara(6.66%), fi Guraagee(1.73%); saboonni kaan walumatti 1.83% ta’u. Afaan Oromoo ummata 89.47% akka afaan jalqabaatti kan dubbatan yoo ta’u, 7.32% Amaariffaa, akkasumas 1.16% Sabat Bet Guraagee dubbatu. Ummanni baayyeen amantii Ortodoksii akka hodofan kan dubbatan yoo ta’u, isaan dhibbantaa 80.6% ta’u, dhibbantaan 7% amantii aadaa akka hordofan, dhibbantaan 6.58% Piroteestaantii, fi dhibbantaan 5.34% Musliima ta’uu isaanii dubbatan. 
 
Akka meemoraandamii Baankii Addunyaa Caamsaa 24, 2004tti, ummatni godina kanaa dhibbantaa 35% eleektriikii kan argatan yoo ta’u, tuuta’insa karaa(road density) iskuweer kiilomeetirii 1000f kiilometirii 29.2 qaba (avireejjiin biyyatti kiiloomeetirii 30). Ummatni baadiyyaa avireejjidhaan lafa heektaara 1.4 qaba (avireejjiin biyyatti heektaara 1.01 yoo ta’u, kan Oromiyaa ammo heektaara 1.14). Namoonnii 31.8% ta’an hojii qonnaan alaa irratti bobba’an, avireejjiin biyyattii 25% kan Oromiyaa ammo 24%.  Barumsa ilaallatee, ijollee umuriin isaanii mana barumsaatiif ga’ee keessaa sadarkaa tokkoffaarratti dhibbantaa 66% kan barumsarra jiran yoo ta’u, sadarkaa lammaffaarratti dhibbantaa 28%. Karaa fayyaa, lafti godina kanaa 89% ta’u busaadhaan kan faallame. Memoraandamiin kun godina kana qabxii balaa gogiinsaa 406 kennaafi.  

Gabaasa Central Statistical Agency irra bara 1997 E.C. (2005 G.C.) akka ibsutti, godinni kun tilmaamaan baay'ina ummataa 3,294,232, yoo qabaatu kan keessaa 1,625,107 dhiiraa yoo ta'an kan hafan yookan immoo 1,669,125 immoo dubartoota dha. Baayyina ummataa olitti ibsame keessaa dhibbantaan 12.3 % yokan namni 403,776 badiyya alla jirrattu. Ballina lafa tilmamaan 21,551.98 square kilometers ta'u kessatti density (walitti-kufami) ummatta Shawaa dhihaa tilmamaan 152.85 people per square kilometer ta'a.

Akka meemoraandamii Baankii Addunyaa Caamsaa 24, 2004 ibsutti, dhibbantaan 35% jiraattota Shawaa dhihaa elektirikii ni fayyadamu, akkasumas rukkina karaa konkolatta godina kanaa iskuweer kiilomeetirii 1000f kiilomeetirii 29.2 yoo ta'u (kunis kan biyyaa kilomeetirii 30 wajjin yoo walitti madalaan) , akkasumas avireejjiin abbaa manaa baadiyyaa tokko hektaara lafa 1.4 (kunis hektaara lafa biyyaa 1.01 fi hektaara lafa Oromiyaa 1.14 wajjin yoo walitti madaalamu) , akkasumas avireejjiin abba mana baadiyyaa tokko mataan horii mana hanga 0.7 qaba. Dhibbantaa 31.8% ummatta, namoota qonna malee jiraatan yoo ta'an, kunis yoo kan biyya dhibbantaa  25% fi kan Oromiyaa 24% wajjin yoo walitti madaalan. Ijoollee barachuu danda'an keessaa dhibbantaan 66% mana barumsaa sadarkaa tokkoffaatti galmaa'anii argamu, akkasumas dhibbantaan 28% mana barumsa sadarka lammaffatti galam'ani argamu. Dhibbantaan 89% dhibbantaa kana busaaf banaa kan jiran yoo ta'an, tokkoleen waraanaa bana miti. Memorandamiin zonii kana balaan qillensa gogaa qabachun qabxii 406 kenaf.




#Article 94: Daraartuu Tulluu (282 words)


Kadiir Abdullaxiif Hajjii (Goonni Gosa Dhaala)
Daraartuu Tulluu atileetii fiigicha dheeraa tiraakirraa, karaarraa fi maraatooniti. Daraatuun godina Arsiitti, bakka Boqojjii jedhamutti bara 1972, Bitootessa 21 dhalatte.  Yeroo ijoollumma ishiis lafa ol ka’aa godina Arsii Boqojjii keessatti loon tiksaa guddatte. Qananiisaanis iddodhuma kanatti guddate.

Daraartuun medaaliyaa warqee Olomppiikii irraatti nyaachudhaan Afrikaa keessaa dubartii ishii jalqabaati. Medaaliyaan warqee Olompiikii bara 1992 irratti nyaatte seenaa moo’icha ishii kan ittiin jalqabde ture. Bara 1993 fi 1994 miidhama jilbaa ishiirra ga’een kan ka’e dorgommii addaan kuttee turte. Bara 1995 dorgommiitti deebi’udhaan, shampiyoonshiippii Qaxxaamura Biyyaa kan Addunyaa IAAF qopheesse irratti warqee fudhattetti.

Bara 1996,  Shampiyoonshiippii Qaxxaamura Biyyaa kan Addunyaa IAAF irratti qopheen ishii waan irraa baheef duubaa kaatee afraffaa taate xumurte. 1997tti, Qaxxaamura Biyyaa kan Addunyaa yeroo lammaffaatif yoo moo’attu, Shaampiyoonaa Addunyaa m 10,000 irratti garuu odoo hin hirmaatin hafte.

Daraatuun, bara 1998 fi 1999 mucaa waan deesseef dorgommii irraa fagaattee kan turte yoo ta’u, bara 2000tti dandeettii cimaadhan dorgomitti deebite. Dorgommii m10,000tin Olompiikii irratti warqee yeroo lammaffaatif kan nyaatte yoo ta’u kunis seenaa dorgommii kanaa keessatti dubartii jalqabaa ishii taasise. Akkasumas, Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyyaa kan Addunyaa IAAFn qophaa’e yeroo sadaffaatif moo’atte. Bara 2001tti dorgommii tiraakii m10,000 Edimentenitti kan moo’atte yoo ta’u kun immoo warqee sadaffaa ishii kan Olompiikii fi kan Addunyaa ture. Walumaa galatti, Daraartuun, medaaliyaa warqee kan Olompiikii fi kan Addunyaa 6 qabdi.

Bara 2001tti, maraattoonii Landanii fi Tookiyoo moo’achudhaan dorgommii maraatoonii milkiidhaan jalqabde. Akkasumas walakkaa maraatoonii Poorchugaal bara 2000 fi 2003tti, akkasumas walakkaa maraatoonii Liisban 2003tti moote. Bara 2005tti Shaampiyoonaa Addunyaa irratti sa’aatii saffisa kan dhuunfaa ishii 2:23:30 galmeessudhaan 4ffaa baate. Bara 2009tti, umurii 37tti, Maraatoonii Magaalaa Niwuu Yoork warra akka Paawulaa Raadkiliif, Liyudmiilaa Peetroova, fi Saalina Kosgee moo’achuudhaan warqee nyaatte.

Meetira 10,000 medaaliyaa warqee




#Article 95: Xurunash Dibaabaa (374 words)


Kadiir Abdullaxiif Hajjii (Goonni Gosa Dhaala)

Xurunash Dibaabaa Qananii atileetii Itoophiyaa fiigicha dheeraa beekamtedha. Isiin yeroo ammaa chaampiyoonii olompiikii meetira 5000 fi 10,00 ti. Xurunash fiigicha tiraakirraa afuriifi fiigicha qaxxaamura biyyaa shan moo’attee jirti. Kanaafis maqaan galaafattuu fuula ijoollee qabdu jedhamu kennameef.

Xurunash Onkoloolessa 1, 1985 Godina Arsii Aanaa Lemmuufi Bilbiloo magaalaa Boqojjii jedhamutti dhalatte. Maatii isii ijoollee 6 qabaniif Xurunash mucaa afraffaadha. Xurunash kan guddatte lafa ol ka’aa godina Arsii keessatti yoo ta’u, atileetiksii umurii isii 14tti jalqabde.  

Xurunash qaama maatii atileetiksii ti. Obboleettin isii Ijjigaayyoo Dibaabaa waltajjii addunyaarratti kan beekkamtu yoota’u, obboleessi isii Dajanee Dibaabaa akka abdii gara fuula duraatti ilaallama. Obboleettiin ishii Ganzabee Dibaabaa dorgommii guddattootaa (junior) Qaxxaamura Biyyaa kan Addunyaa 2008 godhame moo’attee jirti. Moo’attuun Olompiikii 1992 fi Olompiikii 2000 Daraartuu Tulluu durbii isaaniiti. Daraartuun milkaa’ina seenaa fiigicha dheeraa ummata Oromoo itti fufsiisaa jirti.

Xurunash riikardii addunyaa haaraa meetira 5000,  daqiiqaa 14:11.15 Gooldan Ligii Osloo 2008 irratti galmeessitee jirti. 
Xurunash Olompiikii Beeljiing irratti meetira 10,000n Hagayya 15, 2008 riikardii Olompiikii haaraa daqiiqaa 29:54.66 galmeessuun moo’atte. Duraan riikardii kana Olompiikii Sidinii irratti daqiiqaa 30:17.49n qabatte kan turte durbii isii Daraartuu Tulluu turte. Riikardiin Olompiikii kun seenaa fiigicha meetira 10,000 hanga ammaatti geggeeffame keessaa isa olaanaa lammaffaa yoota’u, Afrikaa keessaa immoo riikardii haaraadha. Afrikaa keessaa duraan riikardii kana Shampiyoonshiippii Addunyaa 2003 irratti daqiiqaa 30:04.18n qabattee kan turte Biraanee Adareeti. 

Torban tokko booda, Xurunash, gaafa Hagayya 22, 2008tti, meetira 5000n duraan shaampiyoonii kan turte Masarat Daffaar dursuun moo’attee. Sa’aatiin isiin galmeessites daqiiqaa 14:41.40 ture. Moo’ichi kunis dubartii jaqabaa meetira 10,000 fi 5,000n Olompiikii tokkorratti moo’atte isii taasisa.
 
Xurunash, bara 2008 atileetii waggaa kanaa jedhamtee Track  Field Newsn filamtee jirti. Akkasumas, baruma kana, yeroo lammaffaadhaf IAAFn ‘qabxii bayeessa dubartii waggaa kanaa (female Performance of the Year)’ jechuun filateera. Sana dura, bara 2005ttis badhaasa kana argattee turte. 

Xurunash abbaa meedaaliyaa meetii olompiikii 2004 fi 2008 Silashii Sihiin'tti heerumte. Erga Olompiikii Beeljingii, kilabiin isii Poolisiin Mana Sirreessaa, sadarkaa chiif suupper intendentii jedhamu kenneefii jira. Akkasumas hoospitaalli naannoo Finfinneetti ijaaramaa jiru tokko maqaa isiitiin moggaafame jira.
 

Daayimandi Ligiin dorgommii walitti fufaa tiraakii fi dirree keessaa IAAFn bara 2010 hundeeffame.

Atileetiksiin Addunyaa Xumuraa dorgommii atileeksii waggaa waggaan bara 2003 hanga 2009 tti IAAFn geggeeffame.

Gooldan Ligiin dorgommii walitti fufaa tiraakiifi dirree keessaa bara 1998 hanga 2009 IAAFn geggeeffame.




#Article 96: Qananiisaa Baqqalaa (1786 words)


Qananiisaa Baqqalaa atileetii Itoophiyaa kan fiigicha dheeraa fiigun beekkamuu yoo ta'u yeroo ammaa kana riikardii addunyaa fi riikardii olompiikii kan meetira 5,000 fi meetira 10,000 qabatee jira. Olompiikii Gannaa 2008tti dheerina lamaaninuu (5,000 fi 10,000n) madaaliyaa lama kan nyaate yoo ta'u bara 2004tti meetira 10,000n Olompiikiirratti warqii nyaate.

Qananiisaan seenaa Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyyaa Addunyaa IAAFn keessatti atileetii kan morkataa hin qabnedha; shaampiyoonaa kanarratti kiilomeetira 12n (long course) si'a ja'a wayita moo'atu kiilomeetira 4n(short course) ammoo si'a afur moo'ateera. Shaampiyoonaa Atileetikisii Addunyaa irratti Qananiisaan meetira 10,000n  bara 2003 amma 2009tti si'a afur moo'ateera; kanaanis riikardii Hayilee Gabrasillaasetiin wal qixxaate. Qananiisaan dorgommii meetira 10,000 bara 2003 amma 2011tti dorgome hunduma keessatti moo'amee hin beeku; bara 2011tti garuu Shaampiyoonaa Addunyaa dorgommii dhumaarratti fiigicha addaan kutee ba'e.

Shaampiyoonaa Atileetikisii Addunyaa kan 2009tti, Qananiisaan meetira 5,000 fi 10,000niin shaampiyoonaa tokkorratti moo'achudhaan nama jalqabaa ta'e. Fiigicha meetira 5000tin, madaaliyaa naasii olompiikiraatti (2004), madaaliyaa meetii Shaampiyoonaa Addunyaarratti (2003), madaaliyaa warqii Shaampiyoonaa Aafrikaarratti, fi madaaliyaa warqii Dorgommii Guutuu-Aafrikarratti argateera.

Qananiisaan atileetii fiigicha dheeradhaan amma harraatti dhufan keessaa kan isaan morku kan hin jirre yoo ta'u  riikardii addunyaa baayyee fi madaaliyaa hedduun kan faayyamedha. Gaafa Ebla 6, 2014tti, Qananiisaan sa'aatii maraatoonii saffisaan ja'affaa ta'e, 2:05:04, galmeessuun Maraatoonii Paarisirratti moo'ate; sa'aatin kunis riikardii iddoo sanaa ture. Qananiisaan obboleessa quxusuu kan Taarikuu Baqqalaa jedhamu, kan akkumasaa fiigichaan beekkamu qaba.

Qananiisaan bara 1982tti naannoo Oromiyaa Boqojjiitti dhalate. Boqojjiin iddoo dhaalota atileetoa beekkamoo baayyee yoo taatu kana keessaa ijoollee Dibaabaa(Ijjigaayyoo, Xurunashii fi Ganzabee) fi durbii isaanii Daraartuu Tulluuti. 

Hagayya 2001tti, Qananiisaan meetira 3000 kan ol adeemtotaarratti riikardii haaraa, daqiiqaa 7:30.67 Biraaselsitti galmeesse. Riikardiin Qananiisaa kun waggaa sadi'ii fi walakka ture; kan riikardii Qananiisaa kana cabses Augustine Choge daqiiqa 7:28.78 kaachudhaani. 

Waggaa shaniif walitti aansee, 2002 amma 2006tti, Qananiisaan fiigichaa gabaabaa (4km) fi fiigicha dheeraa (12km) Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyyaa Addunyaa IAAFn irratti moo'ate, kana namni kana dura gochuu danda'e hin turre, tokkollee. Bara 2004tti, Qananiisaan riikardii addunyaa kan 5000m mana-keessaa, 5000m kan mana-alaa, fi 10,000m kan mana-alaa cabse. 

Qananiisaan dandeetti dhuma fiigicha dheeraarratti gara dhummaatti furguffamee ba'ee xumuruuf qabuun beekkama; Waxabajjii 2003 Oslootti, Qananiisaan lammii Keeniyaa Abrahaam Cheebii hordofuun yeroo fiigu meetira 400 kan dhumaa sekendii 54.64tti fiigudhaan walumatti 12:52.26tti xumuree moo'ate. Lammatas Adoolessa 1, 2003 Luuzaanitti, Qananiisaan  meetira 200 kan dhumaa sekendii 24tti, meetira 100 kan dhumaammoo sekendii 12tti, marsaa kan dhumaa (meetira 400) walumatti 52.63tti fiigee xumure.

Qananiisaan gorsaa isaa Hayilee Gabrasillaasee wajjin dorgommii karaarraatti si'a lama, qaxxaamura biyyaarratti si'a tokko fi tiraakirratti si'a ja'a wajjin dorgome. Kana keessaa Hayileen tiraakirratti bara 2000 Nuurenbergitti meetira 5000n, bara 2001 Fiigicha Guddaa Itoophiyaa kan 10 km, fi  Cross de l'Acier irratti Mudde 2001tti Qananiisaa yoo moo'atu Qananiisaan ammoo Hengiloorratti bara 2003 meetira 10,000n (26:53 to 26:54), Room bara 2003 meetira 5000n (12:57 to 13:00), Paaris bara 2003 Shaampiyoonaa Addunyaa meetira 10,000n (26:49 fi 26:50), Ateensi bara 2004 Taba Olompiikiirratti (27:05 fi 27:27), meetira 10,000n Beejiingitti bara 2008 Taba Olompiikirratti (27:01 fi 27:06), fi the Great North Run maratoonii walakkaadhan Fulbaana 2013 (60:09 fi 60:41) Hayilee moo'ate.

Gaafa Amajjii 4, 2005, Kaadhimni Qananiisaa kan waggaa 18 turte Alam Tachaalee duute; sababiin du'a ishiis dhibee onnee yoo ta'u yeroo sana isa wajjin shaakallii hojjachaa turte. Jalqabarratti qorannoon reeffaa hin godhamne jedhamuyyuu, manaajeriin Qananiisaa fi Alam Joos Hermeens akka boodarra jedhetti qorannoon reeffaa sababa maalin akka Alam duute deebii quubsaa hin kennine jedhe. Alam bara Shampiyoonaa Dargaggootaa Addunyaa 2003 kan moo'attee fi fayyumaatu itti dhaga'ama ture.

Du'a kaadhimasaatti Qananiisaan torban baayyee gadda keessa ture. Dorgommii deebi'ee gaafa Amajjii 29 kan itti fufe yoo ta'u, meetira 3000  mana-keessaa lammii Aayerlaandi Alistair Craggn moo'atame; achirratti Qananiisaan odoo marsaan tokkoo fi walakkaan hafuu marsaa walakkaatu hafa jedhee yaadudhaan dafee fiigee waan ba'eef humnasaa fixatee moo'ame. Dogoggorri kunis gadda du'aa kaadhimasaan kana ta'uu hin oolle jedhamee tilmaamama. Torban muraasa booddee, Maarqos Gannatiitin fiigicha maayilii 2rratti moo'ame.   

Ji'a Bitootessaatti, Qananiisaa qormaanni fiigichaa jabaan isa eeggate. Gaddi isa muudatuu fi tiraakirratti walitti aansee moo'amuyyuu, Qananiisaan fiigicha gabaabaa fi dheera kan Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyyaa Addunyaa IAAF kan 2005 irratti hirmaachuuf murteesse. Haala diraamaa fakkaatuun, Qananiisaan fiigicha gabaabaarratti, lammiin Qaataar Saif Saaeed Shaheen saffisa fiigichaa ariifachiisuuf dhama'uyyuu, moo'ate. Guyyaa itti aanus, lammii eertiraa Zarasannaay Taaddasaa fi lammii Keeniyaa Eliyuud Kipchoogee dursuudhaan fiigicha dheeraarratti moo'ate.  

Hagayya 8, 2005tti, Qananiisaan madaaliyaa warqee meetira 10,000n Shaampiyoonaa Addunyaa 2005 kan Heelsiinkiitti geggeeffamertatti irratti moo'ate; meetira 200 kan dhumaa saffisa olaanadhaan xumure.

Hagayya 26, 2005tti, Qananiisaan rikardii meetira 10,000, daqiiqaa 26:17.53tti fiigudhaan qabate, rikardiin kun amma ammaatti isumaan qabamee jira; kunis Yaadannoo Vaan Daam 29ffaa kan Biraaselsitti geggeeffamerrati ture. Fiigicha kanarratti Qananiisaan riikardii isumaan qabame ture kan 26:20.31 ture sekendii 3 fooyyesse; meetira 5000 ammoo daqiiqaa 13:09 fi 13:08tti xumure. Dhuma bara 2005tti, Qananiisaan yeroo lammaffaadhaaf atileetii waggaa jedhamuun Tiraak Inda Niwuus Magaaziniin (Track  Field News magazine) filatame. 

Bara 2006, Qananiisaan meetira 3000 Shaampiyoonaa Mana-keessaa Addunyaa IAAF kan Mooskootti geggeeffamerratti moo'ate, kanaanis seenaa atileetiksii keessatti nama jalqaba Olompiikii moo'ate, Shaampiyoona Tiraakii Mana-alaa Addunyaa kan moo'ate, Shaampiyoona Tiraakii Mana-keessaa Addunyaa moo'ate fi qaxxaamura biyyaa addunyaa kan moo'ate ta'ee galmaa'e.  

Bara 2006tti, Qananiisaan dorgommii Goolden Liigii IAAAF kan meetira 5000 ja'a keessaa shan moo'achudhaan badhaasa $83,333 argate. 

Bitootessa 17, 2007, riikardii mana-keessaa addunyaa kan meetira 2000 cabse; kunis Birmiingaamitti yoo ta'u sa'aatin inni galmeessises 4:49.99. Meetira 300 kan dhumaa saffisni inni ittiin fiige kanaaf isa gargaare, saffisni kun dorgommii mana-alaatifillee baayyee bayyeessa kan jedhamu ture.

Bitootessa 24, 2007tti garuu, Qananiisaan Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyyaa IAAF 2007 kan Mombaasaatti geggeeffamerrati ho'aa fi jiidha(humidity) isaarraan kan ka'e dorgommii addaan kutee bahe. Kunis walitti aanse haala ajaa'ibsiisaa ta'een fiigicha 27 kan moo'ate Qananisaaf (sana duraa kan inni moo'amee beeku Mudde 2001tti ture) moo'ichasaa addaan jalaa kute. Fiigicha Mombaasaa kana kan moo'ate Zarasannaay Taaddasa ture. Fiigicha kanarratti hoo'aa fi jiidha isaarraan kan ka'e atileetota harka ja'a keessaa harki tokko (1/6) dorgommii addaan kutee bahe.      

Qananiisaan moo'amuu Mombaasaatti isarra ga'eerraa bayyanatee Shaampiyoonaa Addunyaa IAAF 2007 kan Osaakaatti geggeeffamerratti meetira 10,000n nama biyyasaa Silashii Sihiin moo'achuudhaan tokkoffaa ba'e. Yeroo dorgommii kanaa, Qananiisaan meetira 800 kan dhumaarratti waan gatamuuf jiru fakkaata ture, garuu meetirri 150 yeroo hafu sanarra bayyanachuudhaan Silashii Sihiin dhaqqabee bira darbuun yeroo sadaffaaf walitti aansee shaampiyoonaa addunyaarratti moo'ate.  

Sadaasa 18, 2007tti, Qananiisaa taatuu fiilmii kan taate Daanaawwiit Gabraigzaaber hoteela Sharaaten Addisitti, Finfinneetti fuudhe.

Bitootessa 30 2008 Edenbiraatti, Qananiisaan madaaliyaa warqee Qaxxaamura Biyyaa Addunyaa ja'affaasaa nyaate(12km). Kanaanis riikardii duraan Pool Tirgaat, fi Joon Nigugi wajjiin madaaliyaa warqee shan nyaachuun qooddachaa ture cabsee riikardii haaraa galmeessisiise. Moo'icha kanaan, Qananiisaan seenaa Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyyaa Addunyaa IAAF keessatti atileetii madaaliyaan atileetii kamuu caala faayyame ta'ee galmaa'e. Qananiisaan, kiilomeetira 12n (karaa dheera jedhama) medaaliyaa warqii 6, kiilomeetira 4n (karaa gabaabaa) medaaliyaa warqii 5, dorgommii ol-adeemtotaatin medaaliyaa warqii 1, fi medaaliyaa warqii 4 gareedhaan nyaachuun walumaagalatti medaaliyaa warqee 16 nyaate. Medaaliyaan Qananiisaan nyaate walumaa galatti yoo lakkaawwamu (kan dhuunfaas garees dabalate) medaaliyaa 27 ta'a: warqee 16, meetii 9, fi naasii 2 nyaate.     

Hagayya 17, 2008, Olompiikii Beejiingirratti, Qananiisaan meetira 10,000 sa'aatii 27:01.17 galmeesisuun moo'ate; sa'atiin kun riikardii haaraadha. Dorgommii kanarratti namoonni 20 gufuu daqiiqaa 28 cabsanii sana gaditti kan kaatan yoo ta'u namoonni 4 ammoo riikardii Qananiisaa kan Olompiikii 2004 27:05.10 gaddin xumuran. Qananiisaanis dorgommii kana moo'achuuf furguffama ittiin beekkamu sanatti fayyadamuun dirqama ture, meetira 400 sekendii 53.42n xumure (kunis Olompiikii Ateensirratti warqee nyaachuuf meetira 400 sekendii 53.02 kan fiige wajjin wal fakkataa). 

Hagayya 23, 2008, Olompiikii Beejiingirratti, Qananiisaan dorgomtoota isaa gatuun meetira 5000 moo'ate; dorgommii kanarratti riikardii olompiikii duraan Saïd Aouitan qabamee ture cabsuun riikardii haaraa sa'aatii 12:57.82 galmeesse. Dorgommii kana yaaddatamaa kan isa godhu akkaata itti Qananiisaan jalqaba saffisa dorgomichaa dabalaa adeemee dhumarratti ammoo furguffamuun, akkuma yeroo kaan godhu, dorgommii kana xumure: meetira 3000 kan dhumaa xumuruuf daqiiqaa 7:35.53, meetira 2000 kan dhumaa daqiiqaa 4:56.97, meetira 1600 kan dhumaa daqiiqaa 3:57.01, fi marsaa dhumaa ammoo sekendii 53.87tti fixe.

Olompiikii Beejiingirratti, Qananiisaan dorgommii meetira 10,000 fi 5,000n warqee lama nyaachuun tarree atileetota warra ciccimmoo kan akka  Hannes Kolehmainen (1912), Emil Zátopek (1952), Vilaadimiir Kuutsi (1956), Lasse Virén (si'a lama, in 1972 fi 1976), Miruuts Yifxar (1980), fi Mahaammad Faaraah (2012) taa'e. 

Qananiisaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 2009 kan Barliinitti geggeeffamerratti medaaliyaa warqee lama moo'ate. Moo'ichi lamaan kan 5000 m (13:17.09) fi 10,000 m (26:46.31 – riikardii Shaampiyoonaa Addunyaati) kanaan nama jalqaba fageenyaa lamaaniin warqee Shaampiyoonaa Addunyaa tokkorratti nyaate ta'ee galmaa'e. Kennaan saffisaa fi jabinaa Qananiisaan qaburraan kan ka'e yeroo inni ga'umsa gaarirra jiru isa moo'un gonkumaa kan hin yaaddamne. Fiigicha meetira 10,000 irraati Qananiisaan Zarasannaay Taaddasaa duuba fiiga ture, gaazzexeessaan fiigicha sana dabarsu Dhumeera, sirumayyuu fiigichi kun akkuma jalqabeen dhume jedhe akkuma marsaan dhumaa jalqabeen. Qananiisaanis dorgommii walitti dhiyaataa fakkaachaa duraan ture marsaa dhumaarratti tokkichumaan saffisaan ba'uun salphaatti moo'ate. Beeksiisaan IAAF Namni kun atileetii fiigicha dheeraa cimaa ijji keenya argite, tarii gara fuulduraattis nama cimaa akkanaa hin arginu ta'a jedhe dinqisiifannasaa ibse. Moo'icha gita hin qabne kana hunda argatuyyuu, Qananiisaan akka Hayilee Garbrasillaasee fi namoota kaanii fudhatama guddaa hin arganne. Qananiisaan callisaa ta'unsaa fi gaaffiif deebii miidiyaa adda addaa wajjin gochuuf fedhii kan hin qabne ta'uunsaa biyyoota dhihaa keessatti fudhatamaa baayyee hin arganne. Akkuma Qananiisaa riikardii qabatee kan jiru Yuseeyin Boolti akka jedhetti milkiin Qananiisaan argate guddaa ta'ee odoo jiruu fudhatama isaaf malu hin arganne jedhe.

Qanaaniisaan waggaa haaraatti jalqabbii yaraadhan jalqabe, kunis Qaxxaamura Biyyaalessaa Edenbiraa ka ni moo'ata jedhamee eeggamerratti arfaffaa ba'e - atileetonni Keeniyaa sadi'itu marsaa dhumaarratti itti wal furaa isa dadhabsiise ture. Sana booda Qananiisaan waggaa guutuu miidhama hirree mogolee lukaatin dorgommiirraa fagaate.

Qananiisaan miidhama jilbaarraa fayyee ji'a Bitootessaa 2011 keessa shaakallii jalqabe. Erga bara 2009 tiraakirratti dorgommii tokkoyyuu kan hin godhin Qananiisaan, Shaampiyoonaa Addunyaarratti dorgommiitti deebi'e. Haa ta'u malee meetira 10,000 irratti odoo marsaan 10 isa hafuu dorgommii addaan kutee baye. Meetira 5000 kaachuu dhiisuu murteesse. Qananiisaan dorgommiitti kan deebi'e Daayimendi Ligii Ivo Van Damme Memorial kan Biraaselsi irratti yoo ta'u achirratti sa'aatii addunyarratti saffisa ta'e galmeessee moo'ate, bara 2011tti. Bara 2012tti akka gaariitti hin jalqabne, Qaxxaamura Biyyaa Edenbiraarratti sadarkaa 11ffaadhaan xumure. Ji'a Eblaa keessa, dorgommii Fiigicha Aayerlaandi Guddaa moo'achuun ga'umsasaa deebisee kan argate fakkate; dorgomicharratti sa'aatii gaarii ta'e 27:49 galmeesisiise riikardii iddoo sanaas sekendii 46n fooyyesse. Taba Olompiikii Landan 2012 irratti, meetira 10,000 warra fuuldura jiran wajjiin fiigaa turuyyuu meetira 150 kn dhumaarratti isaan wajjin itti fufuu dadhabee duubatti hafee arfaffaa ta'ee xumure,  sa'aatinsaas 27:32.44 yoo ta'u obboleessa isaa kan sadaffaa ba'ee Taarikuu biraa sekendii 1.01 duubatti hafe. 

Dorgommii bara 2013tti godheen Qananiisaan Fiigicha Aayerlaandi Guddaa (Great Ireland Run) yeroo lammaffaaf moo'ate. Itti aansee Fiigicha Kaabaa Guddaarratti (Great North Run) maraatoonii walakkaadhaan sa'aatii 60:09 galmeessisuun moo'e; dorgommii kanarratti Faaraa sekendii 1n dursee fixe.

Qananiisaan, dorgommiin maraatoonii jalqaba godheen baayyee milkaa'e; dorgommii Maraatoonii Paaris kanarratti Qanaaniisaan rikardii iddoo sana cabsuun sa'aatii atileetonni ciccimoon kan akka Hayilee Gabrasillaasee, Pool Tirgaat, Saamu'eel Waanjiruu duraan achitti galmeessan cabsee sa'aatii 2:05:04 galmeessisiisee bara 2014tti moo'ate.

Qananiisaan bara 1982tti naannoo Oromiyaa Boqojjiitti dhalate. Boqojjiin iddoo dhaalota atileetoa beekkamoo baayyee yoo taatu kana keessaa ijoollee Dibaabaa(Ijjigaayyoo, Xurunashii fi Ganzabee) fi durbii isaanii Daraartuu Tulluuti.




#Article 97: Alii Birraa (551 words)


Alii Birraa weellisaa, qindeessaa, walaleessaa fi sabboonaa Oromooti. Aliin Fulbaana 29, 1950 magaalaa Dirre Dhawaa naannoo Lagaharree jedhamutti dhalate.

Aliin kan dhalate Dirre Dhawaa keessatti. Abbaa fi haati isaa Aliin dhalatee waggaa sadi’itti addaan bahan. Aliin sana booda abbaa isaa biratti guddate. Yeroo ijoollummaa isaa mana barumsaa Arabiffaa galee Afaan Arabaa barateera. Sana boodas mana barumsaa galee amma kutaa 6tti barate. 

Yeroo ijoollummaa isaa karaa irratti daldala adda addaa hojjatee of gargaaraa ture. Wayita umuriin isaa 13 ta’u, hawwisoo Afran Qalloo kan aadaa Oromoo guddisuuf dhoksaadhan hojjachaa turetti makame. Sirbi inni jalqaba waltajjiirratti sirbe “Birraa dha bari’e” kan jedhamu ture. Kanarraa ka’ee maqaa Alii Birraa jedhamu argate. Mootummaan Hayila Sillaassee hawwisoo kana bara 1965tti cufee miseensota hawwisoo kanaas gartokkee mana hidhaatti naqe. Aliinis baqatee gara Finfinneetti gale.

Aliin erga Oromoo Ahimad Taqii wajjin wal bare. Ahimad Taqiis Alidhaaf akka ittiin sirbuuf jedhee gitaara biteef. Beekkamtummaan Aliis magaalaa Finfinnee keessatti saffisaan dabale. Aliin Afaan Oromoon biratti Afaan Amaaraa, Afaan Arabaa, Afaan Hararii fi Afaan Sumaaleetiin sirbuu danda’a ture. Kunimmoo namoota adda addaa biratti akka jajamuu fi jaalatamu godhe. Namoota isa jaalatan keessaa tokko Iyyu’eel Yohaannis kan jedhamu dura bu’aa Kibur Zabanyaa kan ture tokko ture. Innis Aliin Kibur Zabanyaatti akka makamu godhe; achittis weellistoota beekkamoo kan akka Mahaammud Ahimad, Xilaahun Gassasaa, fi Buzunash Baqqalaafaatti makame.

Kibur Zabanyaa keessa yeroo turetti, carraa gara naanoo adda addaa deemee itti dandeettii isaa agarsiisu argate. Gara Sudaanis deemee wellistoota bebbeekkamoo akka Mahaammad Waardiifaa wajjin sirbe. Yeroo Finfinnee jiru, waltajjii gurguddaa akka Haagar Fiqirii fi Raas Tiyaatiriifaatti sirba ture. Boodarra abbaa isaa wajjin mariyatee Finfinnee gad lakkisee deeme. Bara 1970n keessa, yeroo Warraaqsi Itoophiyaa jalqabu, Ahimad Taqii baha Itoophiyaa keessatti loltuu mootummaatin odoo loluu du’e. Aliinis baayyee gaddee akkas jedhee sirbe

Yaa Hundee Bareedaa
Yaa Fiixee Miidhagaa
(Hundeen maqaa kan bira Ahimad Taqii ture)

Aliin hojii isaa weellisummaa fi qindeessumma itti fufe. Albamii isaa kan jalqabaas bara 1971 baase, kunis albamii sirba Afaan Oromoo kan jalqaba ture seenaa sirba Oromoo keessatti. Achii booda sirba jaallatamoo akka “Hin Yaadin”, “Asabalee”, “Ammalelee” fi “Gammachu” godhate. Albamiin isaa  sirboota Afaan Sudaan kan akka “Al-Habiib Ween” fi sirba Hararii kan akka “Yidenqal” of keessaa qaba.

Leellistuun Alii Birraa, Imbaasii Iswiidin kan Finfinnee jiru keessatti Itti-aantuu Sekreeterii (vice-secretary) kan turte, Alii gaa’ilaaf gaafatte. Aliinis gaaffii kana fudhatee bara 1985tti ishii fuudhe, maqaan ishii Birgittaa Astroom jedhama. Birgittaan kan dhalatte Istookoolmi Iswiidin keessatti (Adoolessa 21, 1942 – Fulbaana 13, 2009). Bara 1986tti, haati manaa Alii Sawud Arabiyaatti jijjirramate, Aliinis ishee faana Sawud Arabiyaatti gale. Haa ta’u malee, Sawud Arabiyaan Aliitti itti hin tolle. Kanaaf gara Iswiidinitti ce’ee achi waggaa lama jiraate. Bara 1988, Aartis Akkaadaamii Loos Aanjeles (Los Angeles Arts Academy)tti barachuuf gara USA deeme. Bara 1990tti erga eebbifameen booda bara 1992tti albamii lama Itoophiyaan alatti kan jalqabaa gad lakkise. Kunis addunyarratti akka beekkamu godhe. Aliin konsertii baayyee biyyoota adda addaa keessatti geggeesseera. Kana keessaa bara 20005tti ayyaana waggaa haaraa Itoophiyaa irraatti Sharaaten Addis kaasuun ni danda’ama.

Bara 2009tti, Aliin dhukkuba Kaanserii marrimaanii akka yaallamaa jiru yoo dubbatamu, garuu sirba akka itti fufuun hojjatu yoo dubbatu albamiin isaa kan dhiyoo baase garuu kan dhuma ta’uu hin hafu jedhama. 

Bara 1995tti, Aliin badhaasa Toroontoo Afrikaan meeritis Awwaard(Toronto African Merits Award) argateera. Bara 2010tti ammo, Yuunivarsiitii Jimmaa irraa Dokitreetii Kabajaa aragateera. Mudde 2012tti Dorgommii Daddaraaroorratti isa jalqabaa irratti marsa xumuraarratti keessummaa kabjaa ta’uun affeeramee argameera.          




#Article 98: Guddinaa Tumsaa (303 words)


Luba Guddinaa Tumsaan  bara 1929 Wallagga keessatti iddoo Boojjii jedhamutti dhalatan. Luba Guddinaan obboleessa waa'ee Oromootif wareegame Baaroo Tumsaa jedhamu qabu.

Waldaan Makaana Yesuusii dandeettii geggeessummaa fi beekumsa obbo Guddinaa waan hubatteef, bara 1963tti gara Ameerikaa deemanii Luter Tiyoolojikaal Seminaaritti tiyooloojii akka baratan goote. Ijoollee isaanii shananii fi haadha manaa isaanii Itoophiyaatti dhiisanii 1963 amma 1966tti achitti barumsarra turan. Yeroo barumsa xumuran baachiler digirii diviiniitii fudhatan.

Erga barumsa isaanii xumuranii booda, Luba Guddinaan gara Itoophiyaatti deebi’an. Akkuma deebi’aniin Jeneraal Sekreeterii (Dura ta’aa) Waldaa Makaana Yesuusii Itoophiyaa ta’anii muudaman. Bara 1966 kaase hanga 1979 ajjeefamanitti jeneraal sekreterii ta’anii tajaajilaa turan.
 
Geggeessummaan isaanii waldaan Wangeela, kabaja ilma namaa fi walqixxummaa sabaa irratti akka xiyyeeffattu godhe. Yaadni isaanii tiyooloojii Kiristoos bu’uura godhatee fi guutummaa ilma namaa irraatti xiyyeffatu ture. Barumsa argachuu, dhukkubsataa yaaluu, guddina diinagdee, hawaasa tokkummaasaa cimaa, fi amantiitti cimuu walitti kan qabate ture. “Afrikaa keessatti siyaasni eenyu jiraachuu akka danda’uu fi eenyu du’uu akka qabu murteessa” jechuun komiidhan dubbatu.

Mootummaa fiwudaalii Hayila Sillaasee warraa balaaleffatan xiqqoo keessa Luba Guddinaan tokko turani. Boodarras waan mootummaan Dargii jedhe namoota “lakki” jedhan keessaa tokko turan.

Luba Guddinaan bara 1979 mootummaa Dargiitin qabamanii mana hidhaatti galan. Pirezidaantiin Federeeshinii Luteraanii Addunyaa yeroo sanaa lubbu isaanitif waan sodaataniif Pirezidaantii Tanzaaniyaa yeroo sanaa Juuliyees Nereeree kadhachudhaan dhimma isaanii keessa akka seenu godhan. Nereereenis mootummaa Itoophiyaa wajjin dubbatanii akka gad lakkifaman godhan. Carraa kanatti fayyadamanii akka biyyaa baqatanii Tanzaaniyaa jiraatan yeroo gaafataman, Luba Guddinaan garuu waldaakoo gadhiisee hin baqadhu jechuun didan.

jechuudhan didani. Macaafaa qulqulluu keessaa 2Qor  5:15 isa

jedhu dubbatan.

Gaafaa Adoolessa 28, 1979 Luba Guddinaan qabamanii ajjeefaman. Duuti isaanii mullataa fi dandeettii guddaa tiyooloojiirratti isaan qabanii fi waldaan Itoophiyaa yeroo sanatti baayyee barbaaddu akka dhabdu godhe. Tiyooloojii Afrikaatiifillee miidhaa guddaa ture.

Yaadanno Luba Guddinaatif jecha dhaabbanni Gudina Tumsa Foundation jedhamu dhaabbateera. Kaayyoon dhaabbata kanaas namoota rakkatoo fi miidhamoo ta'an gargaaruudha. 




#Article 99: Iluu Abbaa Booraa (244 words)


Iluu Abbaaboor godina Oromiyaa keessa jiran keessaa tokko dha. Daangaan Iluu Abbaabooraa kibbaan Saba fi Sab-lammoota Ummattoota kibbaan, kibba-dhihaan mootummaa naannoo Gaambeellaa, dhihaan Baha Wallaggaa, kaaban mootummaa naannoo Benishangul-Gumuzii fi bahaan Jimman marfama. Aanoleen Iluu Abbaabooraa kessatti argaman Beddeellee, Goree fi Mattuu jedhamu.

Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa(Central Statistical Agency) akka barreeffama Abbaa Tayitaa Bunaa fi Shayii Itoophiyaa (Ethiopian Coffee and Tea Authority) irratti hunda'ee akka gabaasetti toniin buna hanga 14,855 ta'u bara dhumaa 2005tti akka asitti oomishama. Kuni immo ba'ii Oromiyaaf parsentii 12.9% yoo ta'u, Itoophiyaaf parsentii 6.5% ta'a.

CSAn akka 2005tti ibsetti, godinni kuni bayyinaa ummatta walii-galatti hanga 1,197,156 yoo qabattu kana keessaa 587,134 dhiira yoo ta'an 610,022 immo dubra. Kana  keessa 143,577 yookan parsentii 12% kan ta'an magaalaa keessa jiraatu. Ballina lafa tilmaaman hanga 16,555.36 square kilometers ta'u kessatti, Iluu Abbaabooraa tilmaaman isquweer kiilomeetirii tokkorratti nama hanga 72.31 (population density) ta'u qabbu.

Akka Caamsaa 24, 2004 Baankii Addunyaa(World Bank) memorandamiitti, parsentiin 9% jiraattota keessaa elektrikii fayyadamu. Godinni kuni road density 43.2 kilometers per 1000 square kilometers (averegii biyya wajjin yoo walitti ilallani immo 30 kilometers ta'a).  Avirejjiin abba mana baadiyya tokko hektaara 1.1 lafa yoo ta'u, mattan horri hanga 0.6 qaba. Parsentiin 14.7% ummatta hojji qotee bulaa ala ta'en jiratu (yoo walitti madalanni immo avirejjii biyya keessaa parsentii 25% fi avrejjii Oromiyaa keessaa parsentii 24% ta'a. Parsentiin 84% ijoollee mana barumsaa sadarkaa tokkofatti argamu akkasumas parsentiin 23% mana barumsaa sadarka lammaffatti argamu. Memorandumiin godina kanaf rakkoo qillensa hamanni qabamu qabxii 296 kennaffi.




#Article 100: Tiruu (123 words)


Tiruun qaama lubbu qabeeyyii lafee dugdaa qabanii fi bineensota biraa tokko tokko keessatti argamu. Meetaabolizimii (metabolism) keessatti faayidaa baayyee kan qabu tiruun, nafa keenya keessattis faayidaa baayyee qaba, kana keessaa gilaayikoojiinii (glycogen) olka'u, pilaasmaa pirootiinii (plasma protein) midhassu fi wantoota hamaa/summii balleessuuf (drug detoxification) fayyada. Qaamni kun immo nafa namaa keessatti xannacha guddicha dha. Tiruun diyaafiramii jalatti kutaa garaa tooraaksi (thorax) keessatti argama. Tiruun Diyaafiramii jala kutaa thoracic jedhamu kan garaa keessatti argamu biratti argama. Tiruun hadhooftuu oomisha, hadhooftuu(bilen) immo kompaawondii alkaalaayin(alkaline) yoo ta'u daakkamuu nyaataa (digestion) yookan nyaata bulleessuuf qarqaara. 

Saayinsii fayyaa (medical) kessatti wanti tiruu wajjin wallitti qabate yeroo baayyee maqaa hepato- or hepatic jedhuun jalqabba. Kuni immo Afaan Giriik irra kan dhufe yoo ta'u hiikan isaa immo tiruu jechu dha.




#Article 101: Gindabarat (376 words)


Gindabarat aanaa godina Shawaa Dhihaa keessaa tokko. Aanaan kun kan argamu kaabaa godina kanaatti yoo ta'u karaa kaabatiin Mootummaa Naanoo Amaaraa fi godina Shawaa Kaabaatiin, karaa kibbaa anaa Jalduu, Amboo fi Calliyaan, karaa dhihaa godina Wallagga Bahaatin, karaa bahaa immoo anaa Meettaa Roobiitiin wal daangessa. Anaan kun baayyinaan laggeeniin marfamtee kan argamtu yoo ta'u kana keessaa karaa kaabaa Laga Abbaayin (Blue Nile) (kan Mootummaa Naannoo Amaaraarraa gargar baasu), karaa bahaa Laga Mogor (kan godina Shawaa Kaabaa irraa gargar baasu) karaa dhihaammoo Laga Gudariin (kan godina Wallagga Bahaarraa gargar baasu) marfamti. Magaalaan guddon aanaa kanaa Kaachisii jedhamti. Aanaan kun mana barumsaa sadarkaa 2ffaa tokko kan Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Gindabarat jedhamu qaba.

Aanaan duraan Gindabarat jedhamu yeroo ammaa bakka lamatti qoodaamuun aanaa Gindabarat jedhamuu fi aanaa Abuunaa Gindabarat jedhamu uumeera. 

Aanaan Gindabarat haala qilleensa badda-daree fi gammoojjii qabdi. Lafa aanaa kanaa keeessaa parsentii 40% baddaa-daree yoo ta'u, badda-dareen  ol ka'iinsa lafaa meetira 500 amma 2604 ta'u qaba. Lafaa aanaa kanaa keessaa parsentiin 60% gammoojjii wayita ta'u kunis ol ka'insa lafaa meetira 1000 hanga 2500 qaba. Naannoon qilleensa badda-daree qabu gammoojjiirra yoo qorruu, rooba guddaa argata (gammoojjiirra).   

Lafa aanaa kanaa keessaa parsentii 40% oomishaaf kan oolu yoo ta'u, parentiin 36% kaloo loonitiif oola. 1.3% lafa bosona qabu, 9% mukkeen xixiqqoo kan uwwifame, 8.8% lafa manca'ee fi qonnaaf ooluu hin dandeenye, 2% lafa bishaaniin qabame yoo ta'u kan hafe walitti parsentii 2% ta'a.   

Akka lakkoofa ummata bara 2007 godhameetti, baayyinni ummata aanaa kanaa 104,595 yoo ta'u kana keessa 52,726 dhiira, 51,869 immoo dubartoota. Ummanni 11,082 ykn 10.56% magaalaa keessa jiraatan yoo ta'n kan hafan baadiyaa jiraatu. Jiraattonni aanaa kanaa baayyeen amantii Piroteestaantii kan hordofan yoo ta'u kunis parsentii 55.96% ta'a. Warra hafan keessa parsentii 34.12% Ortodoksii, akkasumas parsentii 9.18% amantii aadaa hordofu.

Akka lakkoofsa ummataa bara 1994tti, ummanni aanaa kanaa 147,437 ture; kana keessaa 71,799 dhiira yoo ta'u, 75,638 dubartoota turan. Yeroo sana, namni 4,363 ykn 2.96% magaalaa keessaa jiraatu turan. Lammiiwaan baayyinaan aanaa kana keessa jiraatan Oromoo (99%), fi Amaara (2.1%). Afaan Oromoo aanaa kana keessatti akka afaan baayyinaan dubbatamu (98.36%).

Jireenyii uummata aanaa Gindabarat baay'inaa jireenya qonnaa irratti kan hundeefame dha. Harki muuraasi hojii daldaalaa irratti kan bobba'anis ni jiru. Haalli jireenya qonnaas kan aadaa irratti hundeefame yoo ta'u waggatti al tokko oomisha argatu.
Aanolee Shawaa Dhihaa




#Article 102: Ambo (magaala) (200 words)


Ambo magaalaa Oromiyaa gara dhihaatti aanaa Amboo keessatti argamtu. Magaalaan Amboo naannoo Oromiyaa godina Shawaa Dhihaa kessatti argamti.  Magaalaan kun Finfinneerra gara dhihaattii Kiilomeetira 125 fagaattee argaamti. Ol ka’iinsi lafaa naannoo Amboo meetira 2101 yeroo ta’u laatiitiyuudii fi loongitiyuudiin ishii 8059’N 37051’E ta'a.

Ambo waan baayyedhaan beekkamti. Kana keessa tokko hora (mineral water) Ambotti. Warshaan hora kanarraa Bishaan Amboo oomishu magaalaa Amboorraa kiilomeetira 5 fagaatee argama. Kan biraa dhagaa mana ijaarsaaf oolu dhagaan Amboos achumatti argama. Manneen naannoo sana baayyeen kan ijaarraman dhagaa Amboo kanaani.

Ambo bishaan oo’aa(hot spring) lafa keessa burqu qabdi. Bishaan oo’aan kun bashannanaafis ta’ee fayyaa ofii eeguuf tajaajila guddaa kenna. 
Ambo naanno ishiitii iddoowwan turistii harkisan baayye qabdi. Kana keessa Finca’aa Gudar, Fincaa’aa Hulluuqaa, Haroo Wancii, fi kkf kaasuun ni danda’ama.

Ambo keessa Yuunivarsiitii tokkoo, manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa lamaa fi manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa baayyetu jira. Manni Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Amboo mannen barnoota gurguddo Oromiyaas ta’e biyyattii kessa jiran keessa tokko.

Akka lakkoofsa uummataa bara 2005tti, magaalaan Ambo uummata 49,421 qabdi. Uummanni magaalaa Amboo Oromummaa kan labsanii fi deeggartoota  Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) akka ta’an dubbatama. Kanaafis akka ragaatti kan kaafamu Mana Barumsa Sadarkaa 2ffaa Amboo keessatti baratoonni yeroo baayyee mormii mootummaarra qaban ibsaa turuu isaaniiti.




#Article 103: Taaddasaa Birruu (662 words)


Taaddasaa Birruu (1920 – Bitootessa 19, 1975)  kooloneelii loltuu waraana Impaayera Itoophiyaa fi sabboonaa fi qabsaawa mirga Oromooti. Taaddasaan jalqabarratti leellisa tokkummaa Itoophiyaa kan ture yoo ta'u, yeroo booda garuu, bara 1960n keessa, gara qabsaawaa mirgaa fi walqixxummaa Oromootti jijjiirame. Kanarraa ka'uun mootummaa fonqolchuuf yaalaa kan ture yoo ta'u, boodarrammoo karaa waraanaan mootummaa kuffisuuf yaalaa ture. Qabsoo kana keessatti mootummaa Dargiitin qabamee ajjeefame. Taaddasaan akka abbaa sabboonummaa Oromootti ilaallama.

Taaddasaan bara Hayilasillaasee keessa Impaayera Itoophiyaa keessatti kutaa bulchinsaa Shawaa keessatti kan argamtu Salaaletti dhalate.  Abbaan isaa obbo Birruun waraana xaaliyaanii irratti summii gaaziitin(poison gas) du'an. Haati isaa ammoo gadda kanarraa ka'uun ji'a sadi'i booda du'an. 

Erga warri isaa dhumanii booda, Taaddasaan wasiila isaa Beekaatti kan miseensa Arbanyoochi, riphxee-loltoota Xaaliyaanii lolan, turetti dabalame. Boodarras qabamee hidhaan umurii guutuu fi hojii humnaa itti murtaa'ee Moqaadishoo, Somaaliyaatti hidhame. Amma Biriitish bara 1940 Moqaadishoo qabattee bilisa ba'utti achi ture. Taaddasaanis erga hiikkamee booda leenjii waraanaa Keeniyaa deeme fudhatee bara 1941tti Itoophiyaatti deebi'e. Achii gara sadarkaa liyuutenaantiitti ol guddatee Akkaadaamii Waraanaa Hoolotaatti galmaa'e. Achi keessatti akka barsiisaatti yeroo dheeradhaaf tajaajillaa ture. 

Bara 1954tti, Taaddasaan gara liyuutenaant koloneelitti guddatte; waraanarraas gara humna poolisiitti jijjiirramee. Humna poolisii akka ammayyomsuufis dirqamni itti kenname. Dura ta'aa Faxnoo-Daraash(Rapid Forces) ta'ee muuddame. Fonqolcha mootummaa bara 1960 fashaleessuu keessattis ga'ee guddaa tabatee amanamummaa Hayilasillaaseef qabu agarsiise. Yeroodhuma dura-ta'aa Faxnoo-Darash ture kanatti lammii Afrikaa Kibbaa sirna Apaartaayidiin qabsaa'aa ture Niilsen Maandeellaa leenjise. Shugguxii Liliesleaf jedhamtu kan Maandeelladhaa kennes isa ture. Taaddasaa Birruu bara 1953tti gara Birgaader Jeneraalitti ol guddate. Yeroo kana inni dura ta'aa Faxnoo-Daraash, itti aanaa komishinerii Humna Poolisii Biyyaalessa, ajaajaa waraana naannoo fi dura-ta'aa Duula Dubbisuu fi Barreessuu Biyyaalessaa ture.

Taaddasaa Birruu jalqaba sochii sabboonummaa Oromoo hin balaaleffata ture. Erga muummicha ministeeraa Akliluu Habtawaldi wajjin haasawee booda Taaddasaa ni jijjiirrame. Akka dura-ta'aa Duula Dubbisuu fi Barreessuu Biyyaalessaatti, Taaddasaan Akliluu Habtawaldi wajjin walgayii taa'ee Akililuunis Taaddasaan Oromoo ta'uu isaa waan hin beekneef Oromoo akka baratu gochuuni fii Oromoo loltuutti qacaruun gaarii akka hin taane itti hime. Jechi kun Taaddasaan yaada isaa akka jijjiiruu fi Waxabajjii 1964tti miseensa Waldaa Wal-Gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa akka ta'u godhe. Waldaa kana keessattis sochii baayyee godhe.

Beekkamtummaan Taaddasaa Birruu fudhatamni Waldaa Wal-Gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa akka dabalu godhe; dabalataanis dandeettiin geggeessummaan isaa dhaaba kana gara dhaaba mirga Oromootif qabsaawutti jijjiire. Karaa dhaaba kanaas, Taaddasaan, Oromoon akka baratuu fi akka of danda'u barsiisaa ture. Fakkeenyummaa Taaddasaa fudhachuun, dura buutonnii loltuu baayyeen, ummatni siivilii, namoonni baratan, namoonni bizinesii fi geggeessitoonnii amantii waldaa Maccaa fi Tuulamaatti makaman. Namoonni kun baayyen isaanii Oromoo ta'uu isaaniyyuu dhoksanii kan turan yoo ta'u dhaaba kanatti makamuun isaani akka eenyummmaa isaani deebisanii akka labsuutti ilaalan.    

Taaddasaa Birruu Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaatti galuun isaa fudhatama dhaabichaa dabale. Kun immoo Hayilasillaasee fi qondaaltota isaa aarse. Keesumaayyuu muummichi ministeeraa Akliluu Habtawaldi Taaddasaa akka masaanutti ilaaluu jalqabe. Akliluu dhuka'a boombii Finfinneetti ga'ee fi fincila Oromoonnii Baalee kaasan sababa godhatee Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa akka cufamu godhe. Miseensonni isaa baayyen qabamanii, baayyeen ajjeefamanii, baayyeen immoo biyyaa ba'an. Taaddasaan kana hunda jalaa bahee garuu hidhaa manaa jala akka turu godhame. Hidhaa manaa kana jalaa waggaa sadi'i booda dhokatee jalaa bade. Kanatti aansee loltoota Oromoo sadarkaa olaanaarra jiran wajjin ta'uun fonqolcha mootummaa yaalan; Hayilasillaases ajjeesuf karoorsan. Fonqolchi sun garuu odoo hin milkaawin hafe. Taaddasaan qabamee , umuriin isaa dulloomaa ta'uyyuu, garmalees reebbamee. Murtiin ajjeechaa itti murtaa'es boodarra gara hidhaa guututti jijjiirrame. Warri isa wajjin fonqolcha irratti hirmaatan baayyeen garuu ni ajjeefaman.

Taaddasaa Birruu finciltoota geggeessaa kan ture yoo ta'u jeneraal Jaagamaa Keellotiin ganamee Hayiluu Raggaasaa wajjin booji'ame. Taaddasaa fi Hayiluuttis hidhaan umurii guutuu itti murteeffame. Boodarra kun Dargiidhan gara ajjeechaatti jijjiirrame. Taaddasaa Birruu, Hayiluu Raggaasaa fi geggeessitoota Oromoo ta'an baayyeen gaafa Bitootessa 18, 1975 ajjeefaman. Waraanni Bilisummaa Oromoo garuu qabsoo isaa kan itti fufe yoo ta'u bara 1976tti qaama Adda Bilisummaa Oromoo ta'e.

Taaddasaa Birruu Oromoota baay'ee biratti akka abbaa sabboonummaa Oromoo kan ammayyatti ilaallama. Barsiifni inni waa'ee eenyummaa Oromoo irratti gochaa ture dhaloota Oromoo haaraa kakaasee. Kunis aadaan, Afaanii fi eenyummaan Oromoo akkasumas sochiin bilisummaa Oromoo akka finiinu godhe.




#Article 104: Abuunaa Gindabarat (105 words)


Abuunaa Gindabarat aanolee godina Shawaa Dhihaa keessaa tokko. Aanaan Abuunaa Gindabarat kan argamtu gara kaaba godinichatti yoo ta,u duraan aanaa Gindabarat jala turte. Aanaan kun karaa Kaabaa Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Shawaa Kaabaatiin, karaa bahaa aanaa Meettaa Roobiitiin, karaa kibbaa aanaa Jalduutin, karaa dhihaa immoo aanaa Gindabaratiin daangeffamti. Bulchiinsi aanaa kanaa magaalaa xiqqoo Bakkee Qalaaxee keessatti argama.

Aanaan kun walumaa galatti ganda baadiyyaa 43 fi ganda magaalaa 1 qaba. Ballinni lafa aanaa kanaa km2 135.25 ykn heektaara 135875.41.
Lafti ol ka'aan aanaa kanaa meetira 2064 yoo ta'u lafti gadi bu'aan immoo meetira 1000 ta'a. 

Akka lakkoofsa ummataa bara 2007tti, baayyinnii ummata aanaa kanaa 109,545 ta'a.




#Article 105: Onesmoos Nasib (558 words)


Onesmoos Nasib (1856 - Waxabajjii 21, 1931) dhalataa Oromoo Kiristaanummaa Luteraanii fudhatee fi yeroo jalqabatiif Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiike. Maatiin isaa yeroo ijoollumma isaa maqaa Hiika jedhamu baasaniif; boodarra erga Kiristaana ta’ee maqaa Onesmoos jedhu Macaafa Qulqullurraa baafate.

Onesmoos Nasib Kitaaba Waaqeffannaa Luteraanii Ameerikaa keessatti akka qulqulluutti(saint) galmeeffameera, gaafa Waxabajjii 21 jireenyi isaas yaadatamee hin oola. Waldaan Makaana Yesuusii mana barumsa Wangeelaa isaani ikan Finfinnee jiru yaadanno Onesmoosiif jecha maqaa isaatin moggaasun isa kabajaniiru.

Onesmoos Nasib bara 1856 godina Iluu Abbaa Booraa bakka Hurrumuu jedhamutti dhalate. Abbaan Onesmoos yeroo umuriin isaa 4 du’e. Hiikaan yeroo ijoollumma isaa warra garba gurguraniin bara 1869 butamee gabrumatti gurgurame. Nasib yeroo 8 ol nama adda addaatti erga gurguramee booda namni Warner Manzinger (1832-1875) jedhamu, Masawwaatti Itti-aanaa Qoonsilaa Faransaayi kan ture  (naannoo Galaana Diimaatti, Eertiraa keessa) bilisa isa baase. Itti aansees  Mishinarii Wangeelaa Iswiidin (Swedish Evangelical Mission) biratti Wangeela barachuuf carraa argatee iddoo Imkulluu jedhamutti wangeelas barate. Barumsarrattis barataa cimaa ta’ee aragame, gaafa ayyaana Faasikaa Sanbata Bitootessa 31, 1872tti cuuphame. Itti aansee barumsa dabalataa waggaa shaniif akka fudhatuuf Iswiidin, Johannelunds Teologiska Högskola Biromaaitti ergame. Erga achii deebi’ee booda, Masawwaatti Mihiret Hayiluu fuudhe. 

Onesmoos dafee gara Oromoo Maccaa (gara biyya isaa) deemee Wangeela barsiisee Kiristaana taasisuuf karoorfate. Garuu Minilik II mishinariin biyya alaa kamiyyuu biyya keessa akka hin seenne waan dhorkeef karaa Sudaan Wallagga seenuuf yaali godhe. Gareen Onesmoos garuu Asoosa darbaa fagaatee odoo deemin duubatti gara Famakaatti akka deebi’u dirqame. Onesmoos achitti dhukkubaan qabamee dhukkubsatee ture. Kanaan booda gara Kaartumitti deebi’uf waan dirqamaniif gaafa Ebla 10, 1882 Kaartum ga’an. Onesmosis dhibee isaarraa fayyee gara Imkulluutti deebi’e. Achittii qajeelfama eeggachaa Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiikuu jalqabe. Bara 1886, erga yeroo lammataaf Wallaga seenuuf yaalii godhee milkaa’uu dadhabee booda, guutummaa Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiikutti deebi’e.

Onesmoos erga umurii ijoollummaa isaatii kaasee ummata Oromoo keessa jiraachaa waan hin turiniif jechoota fi jechamoota baayyee wan sirriitti hin beekneef gargaarsa isa barbaachise. Kanaafis nama isa gargaaru Asteer Gannoo (1874-1964) argate. Asteer Gannoo fi Onesmoos waliin Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiikan.

Bara 1904, Onesmoos gara Wallaggaatti deebi’e. Bulchaan Wallagga Kumsaa Morodaas kabajaan isa simate. Onesmoosis haala duraan hin baramneen Wangeela Afaan Oromootin barsiisa ture. Kunimmoo Qeesonni warra Ortodoksii akka isa jibban godhe. Jaalala ummanni Oromoo isaaf qabuu fi Afaan Oromoon barsiisuun isaa warri qeesotaa Durbee Maaramii arrabsa jedhanii akka himmannaa irratti banan godhe. Bara 1906 Onesmoos himannaa kanaan Abuna Maatewoos duratti dhiyaate Abunichis akka inni biyya ba’u murteesse. Haa ta’u malee Minilik IIn murtee Abuunichaa jijjiiree akka inni Naqamtetti deebi’u godhe; Macaafa Qulqulluu garuu akka hin barsiifne dhowwame.

Waggoota itti aananiif hojiin Onesmoos mana barumsaa Naqamtee keessatti barsiisuu caalaa waan biraa hojjachuu hin dandeenye. Sanayyuu ta’ee biyyaan ari’ama yaaddoon jedhu yeroo hunda isarra jira ture. Bara 1916, Lij Iyyaasuun Onesmoosiif akka Wangeela barsiisu eeyyameef. Iyyaasuun erga aangorraa bu’ees booda eeyyamni wangeela lallabuu irraa hin fudhatamne ture. Onesmoosis hanga du’a isaatti Wangeela lallabaa fi Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo ummataaf rabsaa ture. 

Suuta suutaan diinummaan Ortodoksiin warra mishineriitii qabu erga abunichi du’ee hirrachaa deeme. Warri mishinerii fi Onesmoosis ummata wangeela barsiisuu, dhukkubsataa yaaluu, fi dargaggoota mana barumsaa keessatti barnoota barsiisuu itti fufan.  

Onesmoos erga nagaa kana argee booda umurii isaa wagga 75tti gaafa Dilbataa Waxabajjii 21, 1931tti du’e. Guyyaan sun Dilbata barii ture, Onesmoosis Wangeela lallaba/barsiisa jedhamee eeggama ture. Garuu guyyaa san tasa dhukkubsatee du’e. Achuma magaalaa Naqamtee keessati awwaallamee. Awwaalli isa iddoowwan seena magaalaa Naqamtee keessaa isa tokko.




#Article 106: Naqamte (202 words)


Naqamte magaalaa Oromiyaa dhihaatti argamtu keesaa ishee tokkodha. Magaalaan Naqamte naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa kessatti argamti. Iddon itti argama ishee ol ka’iinsa lafaa meetira 2,088 kan qabu yoo ta’u latitude fi longitude 905’N 36033E qaba. Naqamte aanaa Guutoo Waayyuu keessatti argamti.
 
Naqamte magaalaa guddoo Kutaa Bulchiinsaa Wallaggaa kan durii kan turte yoo ta’u amma immoo magaalaa guddoo godina Wallagga Bahaati. Akka lakkoofsa uummata bara 2005 godhame agarsiisutti, uummata 84,506 ta’utu magaalaa kana keessa jiraata. Akka lakkoofsa uummata bara 1994 godhameetti, Naqamte uummata 47, 258 qabdi turte.

Naqamte keessa iddoowwan seenaa kan akka Masaraa Kumsaa Morodaa, awwaala Onesmoos Nasib (Abba Gammachiis), godaamba Wallaggaa fi kkf jira. Dhaabbata gurguddoo Naqamte keessatti argaman keessa tokko Yuunivarsiitii Wallaggaati. Istaadiyeemin sadarkaa isaa eeggate Naqamte keessatti qarshii miliyoona dhibba lamaa ol ta’uun ijaarramaa jira. Istaadiyeemin kun Istaadiyeemii Wallaggaa jedhamee moggaafame. Naqamte nyaata aadaa wallagga keessatti bekkamaa ta’e Ancooteedhan beekkamti. Hoteellonni fi manneen nyaata hedduun nyaata kana keessummoota isaaniif ni dhiyeessu.

Naqamte kan ishiin hundoofte jaarraa 19ffaa gara gidduu keessa. Yeroo san magaala guddoo Mootummaa Wallaggaa turte. Bakaree Godaanaa fi ilmi isaanii Morodaa Bakaree Naqamte magaalaa guddoo Mootummaa Wallagga godhatanii akka turan seenaan ni dubbata. Boodarras, ilmi Morodaa, Kumsaa Morodaa achuma qubatee Wallagga bulchaa akka ture ni dubbatama.




#Article 107: Galaana Meditiraaniyaanii (102 words)


Galaanni Meeditiraaniyaanii (kaabaan digirii 35, bahaan digirii 18) galaana Garba Atilaantiiktti qabtee argamu yoo ta'u baayyinan lafaan marfame argama, kunis kaaban Yuurooppiin, bahaan Eshiyaan dangefamme argama. Ballina hanga km² miliyoona 2.5 (965,000 mi²) qabata, haa ta'u male bakka Atilaantiik (Strait of Gibraltar) itti walitti qabamutti ballina 14 km (9 mi) qofa qaba. Qorannaa Garbaa (Oceanography) keessatti Meeditiraaniyaanota biraa irraa gargar baasuuf Galaana Meditiraaniyaanii Eurafrican yokan Galaana Meditiraaniyaanii Yuurooppi(European Mediterranean sea) jedhamee waammama. Bara duriitti akka daandii daldalaa fi addatti ummanni Mesoppotaamiyaa, Ejiipti, Semitiik, Pershiyaa, Foneeshiyaa(Phoenician), Carthaginian, Giriik fi Roomaa itti tajajilamaa turan. Seenan Meeditiraaniyaanii beekun Qaromma Dhihaa(Western Civilization) barachuuf baayyee nama gargaara.




#Article 108: Asteer Gannoo (231 words)


Asteer Gannoo (1872 - 1964) dubartii Macaafa Qulqulluu Onesmoos Nasib wajjin ta'uun Afaan Oromootti hiiktee. Macaafni Qulqulluun kunis bara 1899tti maxxanfame.

Asteer bilisummaa keessatti kan dhalatte yoo ta'u booda garuu mootii Limmuu Inaariyaattin gabrummatti gurguramte. Bara 1886tti dooniin Ixaaliyaa bidiruu ishiin itti fe'amtee gurguraaf gara biyya Arabaatti geeffamaa turtee qabee bilisa ishii baasan. Achiis gara Eertiraa ishii geessan; achitti manni barnoota wangeelaa Imkulluu kan Iswiidinootan geggeeffamu ishii fudhate. Asteeris mana barumsaa kanatti baratte. Onesmoos Nasib batalummatti Asteer kennaa sammuu fi jaalala Afaan Oromoo akka qabdu bare. Ishiittis galmee jechootaa Afaan Oromo (Oromo dictionary) akka qopheessitu dirqamni kennameef. Galmeen jechoota kunis hiikaa Kakuu Haaraa Macaafa Qulqulluu kan bara 1893 maxxanfamerratti faayidaarra oole. 

Asteer kitaaba waa'ee Mcaafa Qulqulluu (book of Bible stories) Afaan Oromootti hiiktee. Akkasumas hiiphoo Afaan Oromoo 500 ta'an, mammaaksa, oduu durii fi faaruu/weedduu walitti qabdee bara 1894 maxxansite. Boodarrammoo Onesmoos wajjin macaafa weedduu/faaruu Afaan Oromoo qopheessurratti hirmaatte. Arén akka barressetti kuusaan aadaa ishiin walitti qabde baayyeen isaa kan hin maxxanfamne akka ta'ee fi maatii HYlander harka olkaawwamee akka jiru dubbate.

Asteeri fi Onesmoos Macaafa Qulqulluu guutummaasaa Afaan Oromootti hiikuu xumuruan, bara 1899ttis maxxansiisan. Mata dureeni fi seenaan macaafichaa kan hiike Onesmoos akka ta'e yoo ibsu gumaachi Asteer goote baayyee iddoon hin kennamneef, amma harraattiyyuu. Bara 1904tti, Asteer fi Oneimoos, Oromoota biraa wajjin, Eertiraadhaa ka'ani gara Wallaggaatti galan. Achittis manneen barnoota kan dhaaban yoo ta'u Asteeris Naqamtetti akka barsiiftutti tajaajilaa turte.




#Article 109: Garba Indiyaa (123 words)


Garbi Indiyaa bishan addunyaa keessatti argaman keessaa guddinaan sadaffaa yoo ta'u, kan qabatui parsentii 20% lafa ni ta'a. Garbi kuni kaaban Kibba Eshiyaa (Indian subcontinent walitti daratte jechu dha, maqaan kuni immo maqaa garbi irraa moggaafame), dhihaan immo Peninsulaa Arabaa fi Afrikaan, bahaan immoo Peninsulaa Malese, Odola Sundaa fi Awustireliyaan, kibban immo Garba Antaartikiin (kan Antartide jedhamu) daangeffamee argama. Garba Addunyaan kan walitti qabate yoo ta’u garbi kuni Garba Atilaantiik irra sarara 20° baha Meridian kan Cape Agulhas irra kibba ce’un kan gargari ba’u yoo ta’u Garba Paasifiik irra immo sarara 147° baha meridiyaaniin gargara ba’a. Garbi kuni dheerina (dagalee) hanga 10,000 km fiixee Kibba Afrikaa fi Awustireliyaa yoo qabatu, Galaana Diimaa fi Golfo Persico walitti ida’amun ballina hanga 73,556,000 km² ta’e qaba.




#Article 110: Garba Arkitiik (168 words)


Garbi Arkitiik, garba hemisferii kaabaatti argamu yoo ta'u, kan baayyinan argamu garuu kutaa lafaa Arkitiik jedhamu kan fiixee kaabatti argamutti argama. Garbi kun garba addunya hunda irraa xiqqaa yoo ta'u, qallinaanis isa qallicha dha. Dhaabbata Qorannaa Bishaanii kan Addunyaa (International Hydrographic Organization) garba kana akkuma garba addunyaa shanan jalatti walitti-qabullee qorannaan garbaa yeroo baayyee Galaana Meditiraaniyaanii Arkitiik yookan salphaatti Galaana Arkitiik jedhani waamu, akkasumas akka bishaan xixiqqoo garba Atilaantiik jalatti argamani godhani qoodanii. Garbi Arkitiik bishaan Garba Addunyaa walitti qabamani adeeman keessaa kan fiixee kaabatti argamu dha. 

Kutaan baayyen garba kanaa cabbii bishaanin kan marfamee yoo ta'u, kunis kan ta'u ji'otta qabbana yookan immo yeroo tokko tokko ganna guutuu dha. Oo'ii fi soogiddummaan bishaan kanaa waqtiin jijjiirama, kunis yeroo cabbin baqu fi yoo cabbin walitti-qabamu. Soogiddummaan garba kanaa yoo ilaalan avireejjii sogiddummaa shananii irra xiqqaa dha, kunis wanna hurka xiqqaa fi waan bishaan gara alaa yeroo baayyee hin yaaneef akkasumas bishaani qulqulun biraa gara keessaa yeroo bayye waan hin senneefi. Walit-qabami cabbi yeroo ganna hanga parsentii 50% ta'a.




#Article 111: Garba Atilaantikii (426 words)


Garbi Atilaantiik addunyaa keessaa garba guddinaan lammaffaa yoo ta'u, tilmaaman tokko shanaffa fuula lafaa qabata. Maqaan isaa Amantii Giriik irra kan dhufee yoo ta'u, kun jechuun immoo Garba Atilaas jechu dha. Maqaan kuni kan durii yeroo duraaf itti fayyadaman yeroo seenaa Heroodetes bara 450 DhKD keessatti. 

Garba Addunyaan(World Ocean) kan walitti qabatee deemu yoo ta'u, Garbi Atilaantiik immo isaan keessaa tokko. Garba Atilaantiikiin garbi walitti qabatee jiru Garba Arkitiik, Garba Paasifiik ,Garba Indiyaa, fi Garba Kibbaati. Kutaa lafaa fakki S keessatti yoo ta'u Americas, Yuurooppi fi Afrikaa jiddu yaa'a. Garbi kuni Kaaba Atilaantiik fi Kibba Atilaantiik jedhamer sarara Equatorial Counter Currentiin tilmaman 8° kaaba latitude kan argamun gargari qoodama. 

Garbi kuni dhihaan biyya Americas (USA fi Ameerikaa Kibbaa)n kan daangeffame yoo ta'u, kaaba fi kaaba-bahaan Garba Arkitiik irra biyyoota Odoloota Arkitiikii Kanaadaa, Giriinlaandi, Aayislaandi, Izvaalberdi fi Yuurooppin gargari baha. Kan Garba Arkitiik wajjin walitti qabatu jiddu Denmark Strait, Galaana Giriinlaandi, Galaana Noorweeyi, fi Galaana Baarentis keessani. Bahaan garbi kun Yuurooppin, Streetii Jibraalter (straight of Gibralter) fi Afrikaan daangeffama. Kibba-bahan garbi kuni gara Garba Indiyaa seena, kan gargari warra basus sarara 20° East meridian kan Cape Agulhas irra gara Antaarkitiikaa kibba ce'un gargara ba'a. Bulchoonni tokko tokko akka garbi kuni kibba gara keessa Antaartiikaa akka ce'u godhani agarsisanille, kanneen biraa immo akka kibbaan Garba Kibbaan akka daangeffametti agarsiisu. Kibba-dhihaan Drake Passagen Garba Paasifiik wajjin garba kana qabsisa. Dandiin (bishaan) kan naman midhafame jiddu Atilaantiik fi Paasifiikitti argamu ni jira, kunis Kanaalii Panaamaa jedhama. Bishaanotti biraa dhi'eenyatti (itti ananii) argaman ni jiru, kunnis: Galaana Karibiyaan, Gulf of Mexico, Hudson Bay , Galaana Meditiraaniyaan, Galaana Kaabaa (North Sea) fi Galaana Baaltik jedhaman ni jiru.

Parsentii 20% fuula lafa qabachuun, Garba Atilaantiikiin ballinaan Paasifiikitti anne lammaffa irratti argama. Garba qarqara isaa jirran wajjin walitti yoo ida'ame, ballina hanga 106,400,000 square kilometers (41,100,000 square mile) yoo qabattu, isaan malle immo ballina hanga 82,400,000 square kilometers (31,800,000 sq mi) ta'e qaba. Qabiyyeen(volume) bishaan kan garba kana bishaan qarqara jirran wajjin yoo walitti qabame hanga 354,700,000 cubic kilometers (85,100,000 cu mi) yoo ta'u isaan malle immo 323,600,000 cubic kilometers (77,640,000 cu mi) ta'a.

Dhooqni (kessa faggeni) gara keessa garba kana (bishaan qarqarra jirran walitti qabun) avirejjiin isaa 3,338 meetira (10,932 foot); yoo ta'u isaan malee immo 3,926 meetira (12,881 ft). Dhooqni yookan keessa fageenyi guddaan garba kana 8,605 meetira (28,232 ft), yoo ta'u kan itti argamus Puerto Rico Trenchitti. Dheerinni dagalee (ballina) garba kana jiddu Biraazil fi Laayibeeriyaatti argamu 2,848 km (1,770 mi) yoo ta'u jiddu United States fi kaaba Afrikaatti 4,830 km (3,000 mi) ta'a, bakka hafaanitti immo jiddu lakkofsa kaneenitti argama.




#Article 112: Garba Paasifiik (127 words)


Garbi Paasifiik garba addunyaa keessaa isa guddaadha. Kaaban Arkitiik irraa ka'ee hanga Galaana Kibbaatti kan fulla'u yoo ta'u, karaa dhihaa Eshiyaa fi Awustireliyaadhaan, karaa bahaa immoo ardii Ameerikaa lamaanin marfamee argama.

Garbi kun lafa isquweer km miliyoona 165.2 kan uwwisu yoo ta'u, lafa bishaanin aguuggame keessaa kun parsentii 46% ta'a akkasumas gutumma addunyaa keenyyaa keessaa parsentii 30% qabata. Mudhiin lafaa garba kana bakka lamatti qoodudhaan Paasifiikii Kaabaa fi Paasifiikii Kibbaa uuma. Dhooqni Mariyaanaa kan Dhiha Paasifiikii Kaabaatti argamu iddoo addunyaa keenyarra garmalee gad dhooqqatu yoo ta'u kunis meetira 10,911 (35,797 ft) ta'a.
 
Garba kanaa maqaa Paasifiik jedhu kan baaseef abuurtuu biyya Poorchugaal Ferdinaand Maajelaani. Sababni inni maqaa kana baaseefis garbi kun tasgabba'aa fi bidiruu ofuuf mijataa waan tureefi maqaa Garba Nagaa(Paasifiik jechuun nagaa jechuu dha) jedhu kenneefi.




#Article 113: Ibantu (122 words)


Aanaan Eebantuu aanolee godina Wallagga Bahaa keessaa ishee tokko taatee kan kallatii kaaba lixa godinchaatti argamtudha. Magaalli guddoon aanaa kanaa #HINDEE jedhamti. Magaalaa beekamtuu biraas ni qabdi. QEELLOO jedhamti. Magaalli Gatamaa Waaqoo fi Oomaa Dilalloos achuma keesatti argamu. Aaanan Eebantuu Kaabaa fi Kaaba Lixaan Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuziin daangeffamti. Kibbaan Aanaa Limmuu, bahaan Aanaa Giddaa Ayyaanaatiin daangeeffamtee argamti. Eebantuu Biyya aanaa goototaa jedhamtee beekamti. Bara sirna Naafxanyaa, namootni aanaa kanaa duula hamaa humna habashaa irratti taasisaa turaniiru. Adda waraanaattis namni aanaa kanaa kan keessa jiru hin mo'amu jedhu. Aanaan kun adda qabdi. Beektotas hedduu qabdi. Jaarsoliin seenaa Oromoo gadifageenyaan beekanis aanaa kana keessatti ni argamu. Aanaa kana keessatti sanyiiwwaan akka Waayyuu, Aliitoo, Sinichoo, Jomottoo, Amuumaa, Jaggaa fi kkkf baayinaan keessatti ni argamu.




#Article 114: Zuwaay Dugdaa (130 words)


Aanan Zuwaay dugdaa anolee godina Arsii keessa ishee bekkamtu dha.
Anaan tun haalli qileensa ishe bakka lamatti qoodama. Isaanis: gara bahaatiin badda daree, irra jireesi ishii gammojidha. Magaaalan guddoon aanaa tana Ogolchoo jedhamti. Maqaan magaalichas maqaa gosa anna kana keesa jiratu kessa maqaa gosa Ogolchoo jedhamuutin moggae. Gosoota anaa kana keessa jiraatan keessa muraasni:

OGOLCHOO FI ISAAN BIROOS JIRI. Hanga bara 2008titi anatiin gandoota sodomii shan qabdi. Lagni guddan Kataar jedhamu aana tana keessatti argama. Lagni kunis yeroo amma misooma xinnof olaa jiraatus, humna gudda anicha fi godinaf ta'u ammas ni qaba. Laga kana irra iddolen bashananaaf ta'an heddutu jiru. Isaan keessa: fincaa'aa shaayee,riqicha ganda hallo fi magaalicha wal agarsisu isaan muraasa. hayyota bebeekamoo aana kana keesatti dhalatan keessaa muraasni: 

kannen biroo fi isaanan amma lafaa dhufaa jiranis ni jiru.




#Article 115: Polandball (559 words)


Polandball (akka jirutti yoo hiikkamu kubba Poolaandi jechuudha), maqaa biraa countryball jedhamunis ni waammama, waan aadaa biyyotaa agarsiisu fi fayyadamtoota Interneetiitiin waan uummamu yoo ta'u wanti kun jalqaba kan inni eegalmes bara 2009 weebsaayitii suuraa kan biyya Jarman Krautchan.net keessatti. Polandballn kun baacoo/qoosaa oonlaayinii wayita ta'u biyyoonni waan akka kubbaa fakkaatun bakka buufamanii Afaan Inglizii caccabaadhan wa'ee walqunnamtii biyyi tokko biyyoota biraa wajjin qabdu fi ilaalcha sirri kan hin ta'in kan ittiin ishiin biyya biraa ilaaltu (stereotype) irratti hundaa'un qoosudha. Qoosaan kun walumatti polandball ykn countryball jedhama.    

Jalqabamuun Polandball waraana Interneetii (cyber war) Hagayya 2009 (August 2009 GC) fayyadamtoota Interneetii biyya Poolaandi fi fayyadamtoota biyyoota addunyaa hafan weebsaayitii drawball.com irratti argaman irraayi. Interneetii Poolaandi irratti erga yaadni alaabaa Poolaandi kubba(geengoo) irratti kaasuu dhiyaatee booda fayyadamtoonni Poolaandi kumaatamatti lakkawwaman wal gargaarudhaan drawball.com too'atanii suura gararraadhan adii garjallaadhan diimaa fi gidduutti barreeffama POLSKA jedhame qabu akka mul'atu godhan. Boodarra qindeessaa 4channin, alaabaan Poolaandi kun mallattoo Naazii Iswaastikaadhan huwwifame.      

Krautchan.net weebsaayitii suuraa (imageboard) Afaan Jarman yoo ta'u fayyadamtoonni Afaan Inglizii dubbatan kan Interneetii fayyadamuu baayyee jalatan (netizens jedhamanii beekkamu) baayyee ni leellisu. Jalqabni Polanball nama lammii Biriiteen Faalkoo (Falco) jedhamuun akka ta'e yoo dubbatamu namni kunis Fulbaana 2009 (September 2009 GC) polandball Maayikiroosoofti Peyintitti(MS Paint) fayyadamuun uumee; kunis nama lammii Poolaandi ta'e Woojak (Wojak) jedhamu fi weebsaayitii sanarratti Afaan Inglilizii caccabaadhan barreessu tokkoo xuquu fi ittiin qoosuf ture. Sana booda Kaartuniin Polandball lammiiwwan Raashiyaa hedduudhan baayyinaan kaafamuu jalqabe.

Bu'uurri Polandball, Polandball fudhatama kan argate balaa Xiyyara Poolaandi kan iddoo Ismooleniski jedhamutti ga'ee fi Pirezidaantii Poolaandi Liich Kaziyaanskii erga ajeesee booda, Poolaandi fi seenaa ishii, walitti dhufeenya ishiin biyya biraa wajjin qabdu, fi ilaalcha sirrii hin ta'in ittiin ishiin biyya biraa laaltu(stereotype) bakka buusun agarsiisu irratti yoo ta'u keessumaayyu. Haasaan countryball gidduu jiru Afaan Inglilizii caccabaa fi jecha nama tuquun kan barreeffamu yoo ta'u, dhumarratti, Poolaandi, kan beekadhuma kubbaa gararraadhan diimaa dibameen bakka buufamte (kun faallaa alaabaa Poolaandi), yeroo boossu ni mullata. 

Qoosaawwan Polandball tokko tokko yaada Raashiyaan gara waaqaatti ol ba'uu ni dandeessi, Poolaandi garuu hin dandeessu kan jedhu irratti bu'uureffachuun kan qoofamani. Kaartuniin (cartoon) Polandball kan baayyee jaallatama guddaa argate Lafti(earth) qorsa guddaadhan (giant meteor) rukutamuuf akka deemtu fi kanarraa ka'udhaan biyyonni tekinoloojii ispeesii (space technology) qaban lafa gad dhiisanii gara waaqatti akka balali'an dubbata. Dhuma kaartunii kanaati Poolaandi ammas lafarra teessee boo'aa jiraachuu ishii fi Afaan Ingilizii caaccabadhaan jecha Polandball irraatti ittiin beekamtu Poland can't into space (Poolaandi Waaqatti ba'uu hin dandeessu) dubbatti. Qoosaa akkasiitin, Raashiyaanonni mormii biyya kamtu caala jedhu xumuru. Qoosan polandball kan biraa kan siyaasaa fi seena ilaallatuun ammoo, Poolaandi biyyoota biraa yeroo ishiin yeroo Raashiyaa fi Tarkii caccabsinee moone turretti nuti addunyaarratti biyyaa guddaa turre ... jechuun mukeessitu (boring) fi polandballn biyyoota biraa akka itti kolfan gootu mullata. Poolandis kolfa kanatti aarudhaan yeroo ishiin Kurwa (waan akka ejjituu jechuuti) jettuu fi mallattoo barreeffama Internet serious business, dhaadannoo interneetii kan interneetiirratti arrabfamuun dhuma addunyaa miti jedhu, agarsiiftu fi dhumarratti akkuma polandball irratti barame boo'aa yeroo xumurtu agarsiisa.        

 
Polanbdballn, Poolaandin alatti, qoosaa biyyoota biraa irratti xiyyeeffates ni qaba. Walumati garuu Polandball jedhame waammama, countryball ni jedhama. Akka Lurkmore.totti, Bavaariyaan kubba nmataashii qabdi, akkasumas kubboonnii Ameerikaa (USA), Kaataloon(Catalonia), fi Saayibeeriyaa (Siberia) bakka bu'an uummamanii jiru. Singaappoor kubba rogsadee ta'en yoo bakka buufamtu, Israa'eel waan akka hypercuben (fiiziksii Jiwish agarsiisuuf), Kaazaakistaan waan akka dhagaa ittin mana ijaaranii (brick), fi Yunaayitid Kingidem (United Kingdom) ammoo kooffiyyaa fi aguuggee ijaa(monocle) uffaate agarsiifamte. 




#Article 116: Afran Qalloo (374 words)


Afran Qalloo hawwisoo magaalaa Dirre Dhawaa keessati sirna gabrummmaa Hayila Sillaassee mormuufii aadaa Oromoo guddisuuf dhaabbate. Namoota hawwisoo kana keessa turan keessaa tokko weellisaa Alii Birraati.

Hacuuccaa hamaa keessa kan ture ummanni Oromoo, naannoo Dirre Dhawaattis akkasuma ture. Sabaa fi sablammoonni akka Amaaraa, Sumaalee fi Hararii wayita baandii mataasaanii qabaatan Oromoon garuu baandii wayiituu hinqabu ture. Kanarraa kan ka'e, wayita cidhaa fi sagantaa adda addaa, uummanni Oromoo Dirre Dhawaa fi naannoo sanaa baandii kan Sumaalee ykn kan Hararii waamuf dirqamu ture, baandin warra Amaaraa Oromoof tuffii guddaa waan qabuuf waamun hin yaadamu ture.  Kanarraan ka'uun, namonni quuqama qaban muraasni ijaaramanii baandii Afran Qalloo bara 1962 hundeessan. Afran Qalloo maqaan jedhu kan dhufe ilmaan Qalloo arfan jechuunis Alaa, Baabbilee, Dagaa fi Oborraa irraa yoo ta'u kunis maqaa gosoota Oromoo naannoo Dirre Dhawaa jiraataniiti.

Sirboota Afaan Oromoo jalqabaaf dhandhamee kan arge ummanni Oromoo naannoo Dirre Dhawaa, sirbi Afaan Oromoo akkuma warra kaanii bareedaa ta'uu wayita hubatu, aarii guddaa ummata keessati uume sabaabinsaas sirni fiwudaalaa carraa akkamii akka isaan dhowwate waan hubataniif.  

Baandiin Afran Qalloo wallee qofa odoo hin taane tiyaatirallee ni hojjata ture. Tiyaatirri kun baayyensaa hacuuccaa sirni fiwudaalaa ummata Oromoorran ga'u kan balaaleffatu ture. Sirni fiwudaalas baandii nan cufa jechuun isaan doorsisuu eegale. Cufamuusaa kan sodaatan maanguddoonni baandin Afran Qalloo sirba Hayila Sillaasee faarsu akka weellisan kadhatan. Haala kanaan baandin sirba mootii fiwudaalaa faarsullee baasee ture.

Hawwisoon Afran Qalloo yeroo muraasa booda mootummaa Fiwudaalaa Hayila Sillaasetiin dhorkame. Jaarsoliin biyyaa kan hawissoo kana deeggaranii fi miseensonni hawwisoo kanaa ni hidhaman, kaansaanii ni ajjeefaman. Kana keessaa gara jabummaan kan ajjeefame Abubakar Muusaa tokko. Sochiin hawwisichaa karaa seeraa dhorkamus, sochiin karaa lafa jalaa itti fufe. Haaluma kanaan walqunnamtii Waldaa Wal-gargaarsaa Maccaa fi Tuulamaa wajjin uumun, akkasumas qabsoo ummani Baalee geggeessaa ture wajjinis hariiroo uumuu itti fufan. 

Namoonni kaan ammoo, kan akka Ayub Abubakar fi Yonis Abdullaahii, gara Somaaliyaa deemudhaan sagantaa raadiyoo Afaan Oromootin eegalan. Warri kaan kan akka Dr Alii Birraa, Alii Shabboo, Usma'eelle Mummad, Mahammad Yusuuf, Saalaa Mahaammud, Shantam Shibbisaa fi kkf sagalee miidhagaa fi walaloo nama booji'uun wallee ittuma fufuun uummata Oromoo gabrummaa jala ture tokkummaan akka ka'u kakaasu itti fufan. 

Bara 2012tti, hawwisoon kun ayyaana waggaa 50ffaa hundeeffama hawwisoo kana magaalaa Dirre Dhawaatti kabajatee jira. Akkasumas Oromoonni biyya ambaa jiran Ameerikaa fi Kanaadaa keessatti kabajaniiru. 




#Article 117: Harargee Bahaa (335 words)


Harargee Bahaa godina Oromiyaa kudha-lamaan keessaa tokko yoo taatu, maqaa kanas kutaa biyyaa Harargee durii irraa fudhatte.  

Harargee Baha kibba-dhihaan Laga Shaballeen kan godina Baalee gargari basuni, dhihaan Harargee Dhihaa, kaabaan Dirre Dhawaan fi kaaba fi bahaan immoo Mootummaa Naannoo Sumaalee daangeffamtee argamti. Harari Regioniin zonii kana kessatti marfamte argamti. Magaalllan beekamoni Harargee bahaa Haromaayaa, Babille fi Funyan Bira. Bakki zoni sunitti dinqisisaa ta'e Harar Wildlife Sanctuary dha.

Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaatin (Central Statistical Authority) akka gabaasa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shayii Itoophiyaa irratti hundaa'e akka ibsetti toniin buna 3,654.00 ta'u bara dhumaa 2005 GC irratti akka Harargee bahaatti biqile ibseera. Kuni immo gumaacha Oromiyaa keessa parsentii 3.17% yoo ta'u, gumaacha biyya (Itoophiyaa) keessa immo parsentii 1.6% ta'a.
$ aanaalee godiin Hararge bahaa 

Gabaasa Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa kan bara 2005 akka ibsutti, godinni kun tilmamaan baaayyina ummata 2,555,635, yoo qabaatu kan keessaa 1,298,104 dhiira yoo ta'an kan hafan 1,257,531 immo dubartoota dha. Baay'ina ummatta oliitii ibsame kessa parsentiin 6.9% yokan namni 175,440 badiyya alla jirrattu. Ballina lafa tilmamaan 24,900.21 square kilometers ta'u keessatti density (walitti-kufami) ummata Shawaa dhihaa tilmamaan 102.64 people per square kilometer ta'a.

Akka Baankii Addunyaa (World Bank) memorandumi bara Ebla 24, 2004 akka ibsutti, Parsentiin 3% jirattotta Shawaa dhihaa elektriki ni fayyadatamu, akkasumas density kara konkolatta zoni kana 39.6 kilometers per 1000 square kilometers yoo ta'u (kunis yoo kilometer 30 biyya wajjin yoo walitti madalaan) , akkasumas avregiin abba mana badiyya tokko hektara lafa 0.5 (kunis hektara lafa biyya 1.01 fi hektara lafa Oromia 1.14 wajjin yoo walitti madalamu), akkasumas avregiin abba mana baddiya tokko mataan horii mana hanga 0.6 qaba. Persentiin 13% ummatta, namotta qonaa malee jiratan yoo ta'an, kunis yoo kan biyya persenti 25% fi kan Oromia 24% wajjin yoo walitti madallan. Ijolle barachu danda'an kessa persentiin 53% mana barumsa sadarka tokkoffati galma'ani argamu, akkasumas persentiin 10% mana barumsa sadarka lammaffatti galam'ani argamu. Persentiin 44% zonii kana malariaf bana kan jiraan yoo ta'an, tokkoleen Tsetse flyiif bana miti. Memorandamiin zonii kana risqii qillensa gogga (drought) qabachun qabxii 367 kenaf.




#Article 118: Harargee Dhihaa (380 words)


Hararghe Dhiha (West Hararge) godinaalee Oromiyaa kudha laman keessaa tokko yoo taatu, maqaan kunis maqaa durii kutaa biyyaa Harargee irraa dhufe. 

Harargeen dhihaa kibbaan Laga Shabalee kan godina Baalee irraa gargar baasuun, kibba-dhihaan godina Arsiin, kaaba-dhihaan naannoo Affaar, kaabaan naannoo Sumaalee, bahaan godina Harargee Bahaatiin daangeffamtee argamti. Bakki dheerina guddae qabu godina kanaaa Gaara Muktaar. Magaalan beekamoon godina kanaa Ciroo, Baddeessaa, Galamsoo fi Mi'eessoo dha. 

Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa (Central Statistical Authority) akka gabaasa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shayii Itoophiyaa irratti hundaa'e akka ibsettibunni toonii 8,364.00 ta'u bara dhumaa 1997 E.C. (2005 G.C.) irratti akka Harargee dhihaati biqile ibseera. Kun immoo baasii Oromiyaa keessaa dhibbantaa 7.27% yoo ta'u, baasii biyya (Itoophiyaa) keessaa immoo dhibbantaa 3.7% ta'a.

Gabaasa Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa irraa bara 1997 E.C. (2005 G.C.) akka ibsutti, godinni kun tilmaamaan baay'ina ummataa 1,787,086, yoo qabaatu kan kessa 915,138 dhiraa yoo ta'an kan hafan yokan immo 871,948 immo dubraa dha. Bayyina ummata oliitii ibsame keessa dhibbantaan 9.6% yookaan namni 171,598 baadiyyaa ala jiraatu. Ballina lafa tilmaamaan 17,552.23 km2 ta'u keessatti density (rukkina) ummata Harargee dhihaa tilmaamaan 101.82 people per square kilometer ta'a.

Akka Baankii Addunyaa memorandamii Caamsaa 24, 2004 G.C. akka ibsutti, Parsentiin 9% jirattotta Harargee Dhihaa elektiriikii ni fayyadamu, akkasumas density karaa konkolaataa godina kanaa 23.6 kilometers per 1000 square kilometers yoo ta'u (kunis yoo kilometer 30 biyya wajjin yoo walitti madalaan) , akkasumas avregiin abba mana badiyya tokko hektara lafa 0.5 (kunis hektara lafa biyya 1.01 fi hektara lafa Oromia 1.14 wajjin yoo walitti madalamu, akkasumas avregiin abba mana baddiya tokko mataan horii mana hanga 0.6 qaba. Persentiin 16.4% ummatta, namotta qonaa malee jiratan yoo ta'an, kunis yoo kan biyya persenti 25% fi kan Oromiyaa 24% wajjin yoo walitti madalan. Ijoollee barachuu danda'an kessa persentiin 55% mana barumsa sadarka tokkoffati galma'ani argamu, akkasumas persentiin 8% mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti galmaa'anii argamu. Dhibbantaan 92% godina kanaa busaa malariaf banaa kan jiran yoo ta'an, tokkoleen Tsetse flyiif banaa miti. Memorandamiin zonii kana risqii qilleensa gogga (drought) qabachun qabxii 372 kenaf.

Bulchaan ummata Oromiyaa guyya 25 Caamsa 2006 G.C. akka ifaa godhetti hojji bishaan dhugaatii ta'u baasuu 429 ta'u dhumachutti akka jiru fi hojii bira geggefamu jiran wajjin yoo walitti qaban, bishaan dhugaatii ta'u jiraattota hanga 72,300 ta'anif kan ba'u yoo ta'u, kunis persenti 37% hanga 47%f tajaajila bishaanii kenna.




#Article 119: Raashiyaa (732 words)


Raashiyaan (Afaan Raashiyaatin: Россия), maqaa Raashiyaan Federeeshin jedhamun beekamti, biyya kaaba Yureeshiyaa kessatti argamtu. Raashiyaan sirna bulchiinsaa federaalawaatin kan ijaaramte yoo ta'u mootummaa pirezidaanttin hogganamuun bulti. Raashiyaan kutaawwan bulchiinsaa 83 of keessaa qabdi. Ballina lafaatin, Raashiyaan biyyaa guddaa yoo taatu, karaa kaaba-dhihaatii kaasee hanga kibba-bahaatti biyyoota akka Noorwey, Fiinlaandi, Istooniyaa, Laativiyaa, Lituheeniyaa fi Poolaandi, Beelaarus, Yuukireen, Ji'oorjiyaa, Azarbaajan, Kaazaakistaan, Chaayinaa, Mongooliyaa, fi Kooriyaa Kaabaatin daangeffamtee argamti. Galaanarraan ammoo Jaappaan wajjin karaa Galaana Okotisk, fi USA wajjin karaa bulchiinsa Alaaskaatin daangaa waliin qabdi. Biyyoota addunyaa keessaa, ballina lafaatin, Raashiyaan tokkoffaa yoo taatu, ballini ishiis iskuweer km 17,075, 400 (6,592,800 sq mi) ta'a. Kunis ballina lafaa (earth) kan namni irra jiraatu keessaa harka saddeet keessa harka tokko ta'a. Baayyina uummataatinis, bara 2012tti uummata miliyoona 143 qabaachudhaan, Raashiyaan addunyaarraa sadarkaa 9ffaa qabatte jirti. Ballina lafa Eeshiyaa gara kaabaa hunda dhuunfachuun, Raashiyaan lafaa fi qilleensa gosa adda addaa qabdu yoo ta'u taayim zoonii (time zone) 9 ballata. Raashiyaa addunyaarraa kuusaa albuuuda(mineral) fi humna (enregy resource) isa guddaa kan qabdu yoo ta'u oomisha boba'aa (oil) fi gaazii uummamaatin(natural gas) biyyaa olaantumaa qabdudha. Akkasumas bosona guddaa addunyaarraa qabachun ni beekkamti. Haroowwan Raashiyaa keessa jiran, bishaan sogidaawaa hin ta'in addunyaan qabdu keessaa harka afur keessaa harka tokko yoo ta'u Haroon Baayikaal qofti 20% qabata.

Seenaan Raashiyaa kan eegalu seenaa gosa Islaav Bahaa kan Yuurooppi Bahaa keessatti jaarraa 3ffaa fi 8ffaa giddutti mul'ate wajjin wal qabata. Mootummaan Ruus kan uummamte naannoo jaarra 9ffaa keessa dursaa waraanaa kan Varaanjiyaan fi sanyii isaatin. Bara 988 warri Ruus amantii Ortodoksii mootummaa Beezaantaayin irraa kan fudhatan yoo ta'u kunis aadaa warra Beezaantaayin fi kan Raashiyaa waltti akka makamu gochudhaan barkumee(millenium) dhuftuuf aadaan Raashiyaa ittiin beekkamtu akka uummamu godhe. Dhummarratti Ruus mootummaa xixiqqootti kan diigamte yoo ta'u lafti Ruus ballaan warra Mongoliin qabamee gabbaraa warra horsiisee bulaa Golden Horde ta'an. Boodarra suuta suutan Bulchaan Mooskoo inni Guddaan (Grand Duchy of Moscow) mootummoota xixiqqoo Raashiya naannoo tokko jiran walitti qabee Goolden Horde(Golden Horde) jalaa bilisa baase.  Dhuma jaarraa 18ffaatti, biyyittiin karaa waraanatiin, karaa abuurutiinis baballattee Impaayera Raashiyaa ta'e, kunis seenaa keessatti Impaayera guddicha guddicha isa sadaffaa, kan Poolaandi Yuurooppii amma Alaaskaa Ameerikaatti ballatu ta'e.

Warraaqsa Raashiyaatti aansudhaan, Rippabiliika Federaalawaa Sooshaalistii Soovieyeeti Raashiyaa bulchiinsaa Tokkummaa Sooviyeet keessatti kutaa olaana kan qabdu taate. Tokkummaan Soovieyeet addunyaarra biyya Sooshaalistii hordoftu kan jalqaba fi biyyaa humna guddaa qabdu(superpower) yoo taatu Waraana Addunyaa II warri Allied Forces akka moo'atan gochuu keessatti ga'ee guddaa baate. Barri Sooviyeet jaarraa 20ffaa keessatti guddina teeknooloojii olaanaa kan fide yoo ta'u kana keessa tokko namni yeroo jalqabaaf lafa gadhiisee waaqati ol ba'uun (human space flight) tokko yoo ta'u kan biraa ammoo saatelaayitii waqarra ka'un. Federeeshiniin Raashiyaa diiggama Tokkummaa Sooviyeet kan bara 1991 booda bakka bu'utuu Sooviyeet taate.  
        
Diinagdeen Raashiyaa addunyaarraa GDPn sadarkaa 9ffaarra yoo jiraatu, humna bituutin ammoo sadarkaa 6ffaa fi baasii humna waraanatiin sadrkaa 3ffaa qaba. Diinagdeen Raashiyaa addunyaarraa diinagdee baayyee saffisaan guddachaa jiran keessaa tokko. Biyyota addunyaarraa humna Niwukilerii ifatti qabaachun beekkaman shan keessaa Raashiyaan tokko wayita taatu kuusaa meeshaawwan jamaa balleessan (weapons of mass destruction) guddaas ni qabdi. Raashiyaan biyya humna guddaa qabdu yoo taatu miseensa dhaabbataa Kaawonsilii Nageenyaa Motummoota Gamtoomanii, miseensa garee G8, G20, Kaawonsilii Yuurooppi, Waliigaltee Diinagdee Eeshiyaa Paasifiik,  Dhaabbata Walgargarsa Shaangaayi, Gamtaa Diinagdee Yureeshiyaa, Dhaabbata Nageenyaa fi Walgargaarsaa Yuurooppi, Dhaabbata Daladala Addunyaa, fi dura buutuu Tokkummaa Mootummoota Of danda'aniiti.

Warraaqsa Raashiyaatti aanudhaan, Rippabiliika Federaalawaa Sooshaalistii Soovieyeeti Raashiyaa bulchiinsaa Tokkummaa Sooviyeet keessatti kutaa olaana kan qabdu taate. Tokkummaan Soovieyeet addunyaarra biyya Sooshaalistii hordoftu kan jalqaba fi biyyaa humna guddaa qabdu(superpower) yoo taatu Waraana Addunyaa II warri Allied Forces akka moo'atan gochuu keessatti ga'ee guddaa baate. Barri Sooviyeet jaarraa 20ffaa keessatti guddina teeknooloojii olaanaa kan fide yoo ta'u kana keessa tokko namni yeroo jalqabaaf lafa gadhiisee waaqati ol ba'uun (human space flight) tokko yoo ta'u kan biraa ammoo saatelaayitii waqarra ka'un. Federeeshiniin Raashiyaa diiggama Tokkummaa Sooviyeet kan bara 1991 booda bakka bu'utuu Sooviyeet taate.  
        
Diinagdeen Raashiyaa addunyaarraa GDPn sadarkaa 9ffaarra yoo jiraatu, humna bituutin ammoo sadarkaa 6ffaa fi baasii humna waraanatiin sadrkaa 3ffaa qaba. Diinagdeen Raashiyaa addunyaarraa diinagdee baayyee saffisaan guddachaa jiran keessaa tokko. Biyyota addunyaarraa humna Niwukilerii ifatti qabaachun beekkaman shan keessaa Raashiyaan tokko wayita taatu kuusaa meeshaawwan jamaa balleessan (weapons of mass destruction) guddaas ni qabdi. Raashiyaan biyya humna guddaa qabdu yoo taatu miseensa dhaabbataa Kaawonsilii Nageenyaa Motummoota Gamtoomanii, miseensa garee G8, G20, Kaawonsilii Yuurooppi, Waliigaltee Diinagdee Eeshiyaa Paasifiik,  Dhaabbata Walgargarsa Shaangaayi, Gamtaa Diinagdee Yureeshiyaa, Dhaabbata Nageenyaa fi Walgargaarsaa Yuurooppi, Dhaabbata Daladala Addunyaa, fi dura buutuu Tokkummaa Mootummoota Of danda'aniiti.




#Article 120: Junaddiin Saaddoo (126 words)


ammaa waayyanneen sababbaa hin taanneen angoo irraa buufte. kunis obboo JUNEYDII namoota OROMOO OPDO. deegaran keessaa nama cimmaa fi yeroo baay'ee fayidaa sabbaa dursaa waan taheef angoo irraa busaan . kana hundaa ilmaan oromoo opdo deegaran hundii beeku qabdu. kana yoo jedhuu OPDO 2(lamma) jira, a, kan sabaa koo ni faayada jedhu, b,opdo gaaraaf qofa kaattuu fakkeenyaaf namoota ciccimmoo akkan yoo birraa arriin kan maltuu nagaa kan jedhu, kan bakka sana qabachuuf figuudha. wan birraa osoo hin tahiin garaa fundurraattii angoo nu harkaa fudhaa jedhaan waan soddaataniif. kan booda opdo sabaa maqaa saba oromoottii angaa qabaachuun isii yoo garaaf tahee malee . sabaa oromoo yoomiyyuu faayadhu hin dandaa'u. kabinneen naannoo keenyaa hundii keessaa guyyaa tokkoo dhufaa jira daafa qabsawwaa.OBBOO JUNEYDII SADOO bu'aa sabaa buufteef gudda galatoomii!!!




#Article 121: Dandii (276 words)


Aanaan Dandii aanolee godina Shawaa Lixaatti argamtu keessaa ishee tokkodha.Magala guddoon aanaa kana magaala Giincii jedhamti. Magaalan Giincii Finfinnee irra kilomeetira 90 fagaattee gara dhihaatti argamti. Aanaan Dandii magaalota shan fi gandoota 58 kan qabdudha. Magaalonni aanaa kana keessatti argamanis Giincii,Olonkomii, Asgorii, fi Bodda. Aanaan kun qabeenya uumama heddu qabdi. Kanneen keessaa Bosona Cillimoo, Haroo Dandii, burqaa Laga Awaash angafoota fi kkf kaasun ni danda'ama.  Haroon Dandii Teessumni lafa ishee magarisaa fi argamni ishee Bay'ee kan namatti tolu fi lakkoofsaa saddet kan fakkatuudha.  

HAROO DANDII  

Haroon dandii Haroowwan Oromiyaan qabdu keessa isa tokkodha. Haroon midhagaan badhaasa uumama Aanaa dandii keessatti argama. Haroon dandii fageenyaan Finfinnee irraa km 108kan fagaatu ennaa ta’u, magaalaa guddittii Aanaa Dandii Gincii irraa ammoo km 31 irratti argama. Akkasumas magaalaa gudditti Godina Shawaa Lixaa Amboo irraa km 60 yeroo fagaatu bal’inni isaa heek. 820 gadi fageenyi isaa beekudhaaf hin danda’amne. Haroon kun bifaan Lakkoofsa 8 (sadeet) fakkaata.   

Haroon dandii haroowwan sulula guddaa qixamaa ala jiran lafa ol ka’insa irratti argaman jedhaman keessaa tokko dha.

Haalli uumama isaa dho’insa volkaanoo ta’uun kan tilmamamuun alatti qorannoon irratti gaggeeffame waanti milkaa’es hin jiru. Osoo ogeeyyiin soshoolojiin xiyyeeffannoo itti kennanii haala uumamaa isaa beekuun danda’ame seenaa haroo kana dhugaa ta’e barreessuun ni danda’ama. Haaluma kanaan ol ka’insa lafa meetira 2840 irratti argama. Haroon kun argamni isaa Gandoota lamaan kan daangeeffamu yeroo ta’u Gandoonni kunis moggaasa Maqaa haroo kanaati. 

Daangeffamni beekamaanis Ganda dandii suluu fi dandii muumichaan marfamee jira. Lafa ol ka’insa guddaa qabu kana irratti gubbaan isaa lafa diriiraa ykn bifa pilaatoo qabu ta’e marsaan haroo kana fageenyaan kan tulluwaniin marfamee ta’ee itti dhiyeenya marsaan haroo kanaa lafa diriiraa ijaarsa fi misooma tuurizimiitiif kan ooluu danda’udha.




#Article 122: Nikolaa Teslaa (3588 words)


Nikolaa Teslaa (Afaan Sarbiyaatin: Никола Тесла; Adoolessa 10, 1856 - Amajjii 7, 1943tti jiraate) lammii Sarbiyaa-Ameerikaa fi kalaqaa(inventor), injiinera elektirikaalii (electrical engineer), injinera makaanikii, fi fiizisistii yoo ta'u kalaqa inni ittiin beekkamu keessaa tokko elektirikii danbali'uuni (alternating current). 

Teslaan hojii elektirikii fi bilbilaa kan jalqabe gara Ameerikaatti(USA) bara 1884 Toomaas Ediseniif hojjachuuf odoo hin godaanin dura ture. Ameerikaatti odoo baayyee hin turin gargaarsaa fi waliigaltee namoota gara garaa wajjin godheen laabiraatorii qorannoo waa'ee meeshaalee elektirikii keessattii geggeessu dhaabe. Mirga paatentii motora elektirikii (AC induction motor) fi tiraanisfoormerii (transformer) kan inni qabu dhaabbanni Joorji Westiingihaawus (George Westinghouse) jedhamu eeyyama kan argate yoo ta'u, akkasumas dhaabbanni kun Teslaa akka gorsaatti elektirikii danbali'uuni (alternating current) hojjachuuf akka isaan gargaaru qacare. Dabalataanis, Teslaan, qorannoo voolteejii guddaa fi firiquweensii guddaa naannoo Niwuu Yoorki fi Koloraadoo Ispiriingisitti geggeesun kan walqunnamtii raadiyoo, qorannoo eksi-reyii (X-ray), fi mala humna elektirikii wadaroo malee (wireless transmission of electricity) ittiin tamsaasu oomishuuf isa gargaarun ni beekkama.

Bu'aawwan qorannoo gara garaa kan raajii fakkaatan kun Teslaan addunyaarratti akka beekkamu isa godhe. Teslaan, qorannoosaarraa qarshii baayyee yoo argatellee, horiisaa kana qorannoowwan gara biraa irratti  balleesse. Kanarraa ka'uun bara dullumsaa keessa hoteela Niwuu yoorki Hoteel keessa kutaa 3327 kessaa jiraachaa ture; darbe darbee maxxansaalee gara garaatif yaada adda ta'e ni kennas ture. Sababaa yaada inni kennuu fi qorannoo inni geggeessuun kan ka'e, Teslaan maqaa saayintistii maraataa jedhamu kennameefi. Dhumarrattis, bara 1943 hiyyoomee fi liqaa keessaa jiraachaa turee du'e. Hojiiwwan Teslaa baayyeen sana booda dhokatanii turanillee bara 1990n keessaa kaasee beekkamtummaan isaa fi aadaa keessatti kaafamuun isaa dabale. Bara 2005tti, Teslaan Ameerikaanota Gurguddoo 100 filaman keessatti maqaan isaa dabalame. 

Bara 1960tti, kabajaa fi yaadannoo Teslaatif, walgayiin General Conference on Weights and Measures for the International System of Units safartuu jabinaa human maagineetii safaruuf gargaaru teslaa jehee moggaase.

Nikolaa Teslaan bara 1856tti Adoolessa 10 maatiisaa lammii Sarbiyaa ta'an irraa mandara Isimiilyen, biyya Oostiriyaa (biyya amma Kirooshiyaa jedhamtu) keessatti dhalate. Abbaan isaa, Milutin Teslaan, luba waldaa Ortodoksii Sarbiyaa turan. Haati Teslaa, Dukaa Teslaa, kan abbaan ishiis luba waldaa Ortodoksii Sarbiyaa turan, dandeettii fi kennaa meshaalee mana keessaa hojaachu fi walalooo Sarbiyiffaa dhedheera ta'an yaadachuu qabdi. Haa ta'u malee barumsa hin qabdu turte. Sanyiin maatii Teslaa Dhihaa Sarbiyaa naannoo Moonteneegrootii maddan.

Teslaan maatii isaa ijoollee shan qabaniif mucaa afraffaa ture. Obollessa angafasaa kan Deen jedhamuufi obboleeyyan durbaa Milkaa, Anjeliinaa fi Maarikaa jedhaman qaba. Obboleettiin isaa Deen balaa farda yaabbachuutin yeroo inni umuriin isaa waggaa shani duute. Namoonni tokko tokko akka jedhanitti farda dammaqsuun balaa kana kan uume Nikolaa Teslaati. Bara 1861tti, Teslaan mana barumsa sadarkaa 1ffaa mandara Isimiilyen keessa jirutti barumsa gale. Achittis Afaan Jarmanii, Herreegaa fi amantii barate.

Bara 1862tti, maatin Teslaa gara Goospiich, biyya Oostiriyaa, bakka abbaan isaa akka lubaatti tajajiltti galan. Nikolaanis barumsa sadarkaa 1ffaa fixee akkasumas barumsa giddu galeessaas fixe.

Bara 1870tti, Teslaan Kaarlovaak, Kirooshiyaatti barumsa sadraka lammaffaa xumuruuf gale; achittis barsiisaa Herreegaa Maartiin Sekuliichin baayye booji'ame. Teslaan integiraal Kaalkulesii waraqaa malee sammuudhumaa isaa keessatti hojjata ture, barsiisonni isaa garuu waan goowwoomsu itti fakkaata ture. Achittis barumsa waggaa afurii waggaa sadi'i keessatti xumuree bara 1873tti eebbifame. 

Bara 1873tti, Teslaan gara mandara Isimiilyenitti deebi'e. Erga deebi'ee odoo hin turinis, dhukkuba koleeraatiin qabamee ji'aa sagaliif sireerra ciise.  Yeroo baayyes inni du'a jedhamee sodaattamee ture. Abbaan Teslaa, abdii kutuun yoo inni fayyee mana barumsaa injineriingii beekkamaa akka isa galchu waadaa galeef (duraan abaan isaa akka inni luba waldaa ta'u barbaada ture).

Bara 1874tti, Teslaan dirqama loltuu waraanaa ta'uu jalaa gara Tomingaaj, naannoo Girachaakitti baqate jalaa ba'e. Achitti tulluu baayye akka adamsituuti koree yaabee arge. Teslaan ummaamaan wajjin wal arguunsaa qaamaanis ta'ee sammuun jabaataa akka isa godhe dubbata. Yeroo Tomingaaj ture kana kitaaba baayyee dubbise, boodarra yoo dubbatus barreeffamni Maark Tiween dhibee isaarraa akka fayyuuf na gargaareera jedha.

Bara 1875, Teslaan Pooliiteekniikii Oostiriyaa kan Giraaz jirutti iskoolaarshiippii waaraanatiin galmaa'e. Waggaa jalqabaa, Teslaan daree tokkollee odoo hin gubin barate, qaaphxii baayyee olaanaa ta'es fide, qormaata sagalis darbe (kunis qormaata darbuun isarraa eeggamu dachaa lamaan caala), Gumii Aadaa Sarbiyaa bane. Dabalataan xalayaa jajuu kan diinii teeknikaal faakaltiitin abbaasaaf barreeffame kan Ilmi keessan urjii sadarkaa tokkoffaa ti jedhu argate. Teslaan halkan keessaa sa'aatii 9 hanga galgala keessaa sa'aatii 5tti, Dilbataa fi guyyaa ayyaanaa dabalatee, hojjachaa (dubbisaa) akka ture dubbata. Yeroo abbaansaa milkii fi kabaja inni dhamaatii guddaadhan argate kana harkatti busheessu Teslaan baayyee qaaneffate. Erga abbaasaa bara 1879tti du'ee booda, Teslaan xalayaa hidhaa tokko kan pirofeesaroonni Teslaa abaasaaf barreessan argate. Xalayaan kunis, Teslaan yeroo barumsa akka addaan kutu yoo godhamuu baate garmalee hojjachuurraan kan ka'e akka du'u dubbata. Waggaa lammaffaarratti, Teslaan pirofeesar Poeschl wajjin waa'ee Gramme dynamo irratti wal dhabe; sabaabiin wal dhabdees Teslaan Gramme dynamof komuteeteriin(commutators) barbaachisaa miti waan jedheefi. Dhuma waggaa lammaffaarratti, Teslaarraa iskolaarshiippiin isaa irraa fudhatame; innis araada qarshiidhaan taba tabachuu(gambling) keessa seene. Waggaa sadaffaatti, Teslaan qarshii isaaf kennamee fi kaffaltii mana barumsaa tabaan nyaachisee fixe. Boodarra garuu deebisee qarshii isaa amma tokko nyaatee maatii isaattii deebisee kenne. Teslaan yeroo dubbatu dharraa koo gara dhabaa gaafasii fi achittan moo'adhe jedha; ta'us erga gara USA dhaqeeyis taba biiliyaardis jedhamu ni tabata ture. Gaafa yeroon ga'u, Teslaan waan hin qophoofneef yeroon barnootaa akka isaa dheereffamuuf gaafate, garuu hin didame. Kanaafuu, semisteera dhumaarratti qabxii (grade) hin argannee; yuunivarsiitiicharraayis hin eebbifamne.

Mudde 1878 keessa, Teslaan Giraaz gadi lakkisee deemee, walqunnamtii maatiisaa wajjin qabu addaan kute; kunis barumsaa dhiisuusaa (addaan kutuusaa) dhoksuuf ture. Hiriyoonni isaa Laga Murtu isa nyaate jedhanii yaadaa turan. Teslaan gara Mariibor(amma Isloveeniyaa keessa kan jiru) deeme, achitti akka diraaftismaanitti ji'atti florins 60n hojjachaa ture. Yeroo boqonnaasaammoo jiraattoota wajjin karaarratti kaardii tabachuun dabarsa ture. Bitootessa 1879 keessa, abbaan Teslaa Miluutin Teslaa mucaansaa gara qe'eetti akka deebi'uuf kadhachuuf gara Maribor dhaqe, garuu Teslaan hin dide. Naannodhuma kan keessa kana Teslaa dhibeen sammuu isa mudate.

Gaafa Bitootessa 24 1879, Teslaan eeyyama jireenyaa waan hin qabneef, poolisiin hooffamee gara Gospiichtti deebie. Gaafa Ebla 17, 1879, abaansaa Milutin Teslaan umuriisaa waggaa 60tti dhibee hin beekkamneen qabamee du'e. Bara sana, mana barumsaasaa durii kan Higher Real Gymnasium jedhamutti, Teslaan barattoota daree baayyee barsisaa ture.

Amajjii 1880, wasiilli Teslaa lama qarshii walitti buusanii Teslaan gara Piraag deemee akka baratu ergan. Carraa dhabeessa ta'ee, yeroo inni Yuunivarsiitii Chaarles-Ferdinaand ga'u, yeroon galmee darbee ture. Kana malees, Afaan Giriik kan barbaachisaa ture hin baranne; Afaan Cheekis dubbisuu fi barreessuu hin danda'u ture, garuu yuunivarsitiichaaf barbaachisaa ture. Haa ta'u malee, Teslaan daree seenee barachaa ture, akka yaaliitti, garuu qabxii itti hin arganne.

Bara 1881, Teslaan Ferenc Puskas jalatti, kaampaanii Budaappesti Telefoon Eksicheenji(Budapest Telephone Exchange) jedhamuu, kan tajaajila bilbila kennuuf hojjachuuf, gara Budaappesti deeme. Erga achi ga'ee booda, Teslaan kaampaaniin kun ijaarsarra akka jiruu fi hojii kan hin jalqabin ta'uu hubate. Kanaafuu akka diraaftismaaniitti Central Telegraph Officetti hojjacha ture. Ji'a muraasa booda, kaampaanichi hojii waan jalqabeef, Teslaanis gita hojii elektirishaanitiin hojjachuu jalqabe. Yeroo kana, Teslaan meeshaalee sentiraal isteeshinii (central station) baayyee fooyyesse; rippiiterii bilbilaa (telephone repeater) ykn ampilifaayeerii (amplifier) akka qajeeltotti akka hojjatu akka godhe dubbata. Kanaaf garuu paatentii itti hin arganne ykn ifatti hin wanti ibsame hin jiru.

Bara 1882, Teslaan Continental Edison Company kan Firaansi jiruutti hojjachuu jalqabe; hojiinsaas meeshaalee eleektriikii saxaxuu fi fooyyesuu ture. Bara 1884tti, gara Niwuu Yoorkitti godaane; achittis Toomaas Ediseniin Hojii Maashinii Edisen (Edison Machine Works) akka hojjatuuf qacaramee. Tajaajilli Teslaan Ediiseeniif kennu hojii elektrikaal injineeringii salphaadhan kan jalqabe yoo ta'u yeroo gabaabaa keessatti gara rakkoowwan gurguddaaf fala barbaadutti guddate.  

Teslaan jenereeteroota DC kan Kaampaanii Edisen (Edison Company) guutumaan guutuutti akka haaraatti akka saxaxuuf haffeerran godhameef. Bara 1885tti, Teslaanis jenereeteroota fi motoroota Edisen kan duraanii akka haaraatti saxaxuu akka danda'uu fi tajaajila isaanii fi bu'aa qabeessa ta'u isaanii akka fooyyessu dubbate. Akka Teslaan jedhetti, Ediisen Yoo kana gochuu dandeesse doolaara kuma shantama argatta jedhee waadaa galeefi - jechi kuni garuu kaampaanii Edisen kan kaffaltiirratti baayyee waakkatuu fi kan qarshii amma kana baayyatu hin qabneef adda ture. Dhamaatii ji'a baayyee booda, Teslaan hojii kana hojjatee fixe; itti aansee kaffaltii isaaf waadaa galame gaafate. Ediseen garuu jechi sun qoosaa akka ture dubbachaa Teslaa, ati qoosaa warra Ameerikaa kana hin barre jedheen. Bakka sana, Edisen Teslaadhaafa kaffaltii isaa kan torbanii kan $18 ture irraatti $10 dabaluufiif yaada dhiyeesse. Teslaan yaada kana diduudhaan hojii isaas gadi lakkisee baye.  

Erga Kaampaanii Edisen gadi lakkisee bayee booda, Teslaan namoota bizinesii lama wajjin bara 1886tti waliin hojjachuuf walii galan; jarri lamaan kun qarshii barbaachisuu dhiyeessanii kaampaanii ifa elektriikii kan maqaa isaatin moggaafame kan Ifa Elektirikii fi Warshaa Teslaa (Tesla Electric Light  Manufacturing) jedhamu dhaabuf murteessan. Kaampaaniin kunis ifa aarkii eleektriiki irratti hundaa'e kan Teeslaan saxaxee dhaabuu jalqabe. Dabalataanis motoroota humna elektriikiitiin hojjatanis saxaxa isaa qaba ture. Paatentiin(patent) jalqaba Teslaadhaaf USA keessatti kennameef kana ture.   

Investeroonni kun yaada motoroota haaraa fi mala ittiin humna elekriikii dabarsan haaraa kan Teslaan kalaquuf yaade baayyee hin fudhanne. Irra caalaa, isaan waan haaraa uumuurraa elektiriikii ummataaf dhiyeessuu wayya jedhanii yaadu turan. Dhumarratti, Teslaa dhiibanii akka inni kaampanicha keessaa ba'u godhanii harka duwwaa hambisan. Sirumayyuu paatentii isaallee fudhatama kaampaanichaa dabaluuf jecha maqaa kaampaanichaan waan galmeesseef hin dhabe. Teslaan sana booda hojii eleektriika suphuu adda addaa hojaachuuf dirqame, keessa darbee guyyaatti $2n boolla qotuulle hojjate. Teslaan gana bara 1886/1887 yeroo mataa bo'aa hamaa fi boo'icha hadhaawaa jedhee ibsa. Yeroo kana, Teslaan faayidaan barumsa koo maali jedhee of gaafata ture.   

Bara 1886 gara dhumaa, Teslaan Alfireed Biraawun, suupper intendentii Westerni Yuuniyeen (Western Union) fi abukaatoo Niwuu Yoorki Chaarles Peekin wal bare. Jarri lamaan kaampaanii dhaabuu fi kalaqa fi paatentii bu'adhaaf beeksisuurratti muuxannoo kan qaban turan. Paatentii Teslaarrattiifii yaada dabalataarratti hundaa'un Teslaa maallaqaan deeggaruufii paatentii isaa too'achuuf walii galan. Waliin, Ebla 1887tti Teslaa Elektriiki Kaampaanii(Tesla Electric Company) dhaaban. Bu'aan kaampaanii kanarraa argamus 1/3 Teslaadhaaf, 1/3 Peek fi Biraawun, fi 1/3 ammoo guddinaaf akka ooluuf walii galan. Teslaadhaafis laabraatorii Manaataanitti dhaabaniif; achittis Teslaan motora eleektriikii, jenereeterii, fi meeshaawwan biraa fooyyessuu fi haaraa kalaquurratti xiyyeeffate hojjata ture.   

Wantoota Teslaan laabraatorii kana keessatti kalaqe keessaa tokko motora indaakshinii kan elektirikii danbali'uuni hojjatu isa tokko. Elektirikiin danbali'uu, sirna anniisaa lafa fagootti tamsaasuuf mijatu waan ta'eef, Yuurooppi fi USA keessatti ijaarramaa ture. Motorri indaakshinii kun karantii pooliifeezii (polyphase current) kan maagineetiik fiildii naannawu uumuun motoricha naannessa (yaada kana Teslaan bara 1882tti akka burqisiise dubbata). Motora eleektriikii kalaqa cimaa ta'e kanatti Teslaan paatentii ji'a Caamsaa 1888tti itti argate. Motorri kun saxaxa ofumaaf naanna'uu jalqabuu fi kan komutaaterii hin qabne ture; kunis qaanqeen (spark) akka hin ummamne waan godhuuf suphaa yeroo yeroodhan barbaachisa ture hambise.   

Bara 1888, gulaalaa magaazina Electrical World kan ta'e Toomaas Komerford Maartin (hiriyasaa fi ummatatii kan beeksiisuun beekkamu), Teslaan hojiisaa karantii danbali'uu,  indaakshin motoriis dabalatee, Inistiitiyuutii Elektirikaal Injineroota Ameerikaa (American Institute of Electrical Engineers (amma IEEE)) irratti akka ummatatti agarsiisuuf qindeesseef. Injineroonni Kaampaanii Elektirikii fi Warshaa Westiingihaawus hojjatan Joorji Westiingihaawusitti Teslaan motora AC sirna humnaa isa wajjin walqabatu kan sirriitti hojjatu akka qabu itti himan — Westiingihaawus pateentii waan akkasii argachuuf dhama'aa ture. Westiingihaawus paatentii walfakkaataa indaakshin motorii maagineetiik fiildii naanna'uu komiteeterii-maleessa ta'e kan fizisistii Xaaliyaanii Galiiliyoo Feraaris bara 1988 maxxanse baase irratti paatentii fudhachuu barbaadee ture garuu paatentiin Teslaa gabaa akka too'aatu tilmaame.     

Adoolessa 1888, Biraawun fi Peek waliigaltee Joorji Westiingihaawus wajjin saxaxa motora indaakshinii fi tiraanisfoormerii Teslaatif kaffaltii fi aksiyoonaa $60,000 baasu fi motorri tokkoonsaa humna-fardaa tokko oomisheef kaffaltii fayyadamaa (royalty) $2.50 akka kennan walii galan. Westiingihaawus dabalataan Teslaa miindaa ji'aa guddaadhan $2,000 ($52,000 qarshii ammaatti) waggaa tokkoof mindeesse; kunis Teslaan gorsaa ta'ee Kaampaanii Elektirikii fi Warshaa Westiingihaawus jalatti laabiraatorii Piitisbargi keessatti akka hojjatuuf ture.     

Waggaa sana keessa, Teslaan Piitisbargitti keessatti, karantii dambali'u kan konkolaataa magaalatiif (streetcars) anniisaa kennu uumuu irratti hojjachaa ture. Yeroo achi keessa turetti, sababa mormii humna AC tooftaan baayeessi ittiin oomishan kami jedhurratti injineroota Westiingihaawus fi isa gidduu tureef turmaata isaatti hin gammadne ture. Isaan gidduutti, sirna karantii AC marsaa 60 qabu (60-cycle) kan Teslaan dhiyeesserratti waliigalan, kunis ammamtaa motora Teslaa wajjin tokko akka ta'uuf ture. Garuu, odoo hin turin motorri indaakshinii kan Teslaan kalaqe saffisa seranaan waan deemuuf, konkolaataa magaalaatiif akka hin hojjanne baran. Bakkasaa motora tiraakshinii DC (DCtraction motor) fayyadaman.        

Hojiin Teslaan karantii dambali'urratti hojjate, Teslaa waraana karantii jedhamu keessatti garee AC jala isa galche. Waraanni karantii kun Toomaas Edisenii fi Joorji Westiingihaawus gidduutti elektirkii kan isaanii fudhatamaa akka ta'uuf kan isaan godhan ture. Paatentiin Teslaa, paatentiiwwan kanneen biroo kan Westiingihaawus bite ykn kalaqe wajjin, Westiingihaawus sirna anniisaa AC kan sirna anniisaa DC Toomaas Edisen oomishu wajjin wal morku hojjachuu dandeessise. 

Bara 1893, Joorji Westiingihaawus caalbaasii World's Columbian Exposition kan bara 1893 Chikaagotti geggeeffameef elektirikii dhiyeessuu moo'ate, kunis AC fayyadamuun kan dhiyaatu yoo ta'u caalbaasii kanarratti aannisaa DC Edisen mo'atan ture. Kunis seenaa AC keessatti kun waan ijoo ture, sababiinsaas Westiingihaawus ummata Ameerikaatti karantiin dambali'u namarraan balaa kan hin geesifne, amansiisaa, fi ta'uu agarsiise. Columbian Exposition kanatti, Teslaan galtee elektirikii kan sana dura Yuurooppii fi ameerikaa keessatti hojjatamaa ture agarsiise, kan keessaa tokko AC voolteejii guddaa ammamtaa guddaa qabuun ampuulii gaaz-dischaarji wadaroo-maleessaa ta'e akka ifu gochuu ture. Namni laale tokko akkana jedhe:

Kutaa sana keessa tirii pilaastikii irraa hojjatamee fi tiinidhaan gubbaan dibame lamatu ture. Titiin kun lamaan fiitii 15 addaa fagaatu ture, akka moggaa (terminal) shiboo gara tiraanisfoormerii irraa dhufuutti tajaajilu ture. Yeroo karantiin akka yaa'u godhamu, ampuulonni shiboon wayiitinuu elektrikiitti hin qabanne, garuu minjaalarra tirii lamaan gidduu taa'aa jiran, kan harkaan baatamanii kutaa san keessa eessayyuu geeffamuu danda'an, ifuu jalqaban. Yaalin kunii fi meeshaalen kun waggaa laam dura Landanitti yeroo Teslaan agarsiisu ajaa'ibsiifannaa fi dinqisiifannaa guddaa uuman.       

Teslaan piriinsipillii maagineetiik fiildii naanna'uu fi indaakshin motorii ibse, kanas meeshaa hanqaaquu kolombos jedhamutti fayyadamee hanqaaquun koopparii moggaa tokkoon akka dhaabatugochuun agarsiise.   

Bara 1892tti, Kaampaanin Ediisen Jeneraal Elektiriikiiitti, kan hojii adda addaarratti hirmaatutti, nama maallaqa dhiyeesu (financer) J. P. Morgaanin makame. Kaampaanii haaran kun (gara humna ACtti jijjiiramuun) Elektrikii Westiingihaawus wajjin falmii paatentii fi Westiingihaawus of jala galchuuf yaalii gochuu jalqabe. Paatentii waliin qooddachuuf kaampaanonnii lamaan waliigaltee bara 1896 mallatteessaniyyuu Westiingihaawus falmii diinagdee sanarraan kan ka'een hirrinni maallaqaa isa mudate. Liqaa dabalataa argachuuf Westiingihaawus paatentii Teslaa irra deebi'ee laalun dirqama itti ta'e, sababiinsaas baankonnii paatentiin kun kaampanichaaf hidhaa diinagdee itti ta'a jedhanii yaadu turan (yeroo sanatti Westiingihaawus Teslaa, Biraawunii fi Peekif kaffaltii fayyadama kalaqaaf naannoo $200,000 kaffalee ture). Bara 1897tti, Westiingihaawus Teslaatti rakkina diinagdee jiru ifatti itti hime, yoo duraan ture akkaata duraa sanaan itti fufe Teslaan Elektirikii Westiingihaawus isa harkaa waan bahuuf Teslaan kaffaltii fayyadamaa fudhachuuf warra baankii wajjin qabsaawuu akka qabu itti himame. Westiingihaawus Teslaan kaampaanii isaa kaffaltii fayyadama kalaqaa kan paatentii AC Teslaa akka dhiisu amansiise, bakkasaa Elektikiin Westiingihaawus ampuulii dimshaashatti $216,000 baasu irraa bituuf walii gale. Kunis Westiingihaawus kaffaltii guddaa fayydama kalaqaa kan humna-fardaa tokkoof $2.50 ta'e sana, kan karantii dambali'u baayyee fudhatama argachaa waan dhufeef maallqa guddaa ta'uuf ture, irraa bilisa ba'e.

Adoolessa 30 1891tti, umurii 35tti, Teslaan lammummaa USA argate, Laabiraatorii South Fifth Avenue laboratory dhaabe, boodarra laabiraatorii kan biraa 6 E. Houston Street, in Niwuu Yoorkitti dhaabe. Teslaan iddoo lachanittuu ampuulii elektirikii wadaroo odoo hin fayyadmanin ibsa ture, kanaanis anniisaa wadaroo-malee dabarsuuf abdiin akka jiru agarsiise. Baruma sana, meeshaa kooyilii Teslaa jedhamuutti paatentii fudhate. 

Teslaan akka hoogganaa ittaaanaa Inistiitiyuutii Elektirikaal Injinerootaa Ameerikaa ta'ee bara 1892 hanga 1894tti hojjateera. Dhaabni kun dhaabbata amma IEEE jedhamuuf ka'umsa (Inistiitiyuutii Injineroota Raadiyoo waliin) ture. 

Bara 1894 jalqabee, Teslaan kan inni gosa anniisaa hin mullanne jedhee waamu qorachuu jalqabe; kunis yaaliisaa isa darberratti fiilmiin laabiraatoriisaa keessa jiru akka bade (gubate) waan argee fi. Kunis boodarra Roontigen reyi ykn eksi-reyii jedhamee adda baafame. Yaalin jalqabaa Teslaan naannoo kanarratti hojjate tuubii kiruuksii, dischaarjii elektirikii kaatodii qorraadhaan ture. Sana booda odoo hin turin, qorannoon Teslaa jalqabaa baayyen —ilaallata kalaqaa, saxaxa, yaadannoo, daataa laabiraatorii, meesaa, suuraa kan dimshaashatti naannoo $50,00 baasanii fi dhibbaa olitti lakkaawwaman— ibiddaa laabiratoorii 5th Avenue laboratory keessatti ka'een gubate, bara 1895tti. Teslaan kana ilaalchisee Amma gadda guddaa keessa waanan jiruuf dubbachuuyyuu hin danda'u. Maalan jedha? akka jedhe Za Niwuu Yoorki Taayimsi (The New York Times) gabaase ture. Teslaan odoo hin yaadin suuraa eksi-reyii (odoo Viilheelmi Roontigen bara 1895 eksi-reyii argachuusaa hin beeksisin torban muraasa dura) yeroo Geissler tube, dischaarji tuubii gaazii kan duraa, akka madda ifatti fayyadamee Maarki Tiween suura kaasuuf yaalu suura eksi-reyii kaase. Suurri fiilmirratti kaafame sibiila leensii kaameraarraa jiru qofa ture.   

Bitootessa 1896, erga Viilheelmi Roontigan akka eksi-reyii fi eksi-reyiin suura kaasuu (raadiyoogiraafii) argate dhagayee booda, Teslaan qorannoo eksi-reyiin suura kaasuu kan mataasaa hojjachuu jalqabe, kanaafis vaakiyuum tuubii anniisaa guddaa moggaa (terminal) tokkoo qofa qabu, kan elektiroodii hin qabnee fi kan baha kooyilii Teslaarraa dhufuun hojjatu kan mataasaa saxaxee uume (jechi ammayyaa kan wanta meeshan kun uumu ibsuuf fayyadamnu bremsstrahlung ykn braking radiation dha). Qorannoo isaa keessatti, Teslaan karaa ittiin eksi-reyii uumaan adda addaa haaraa uume. Teslaan, sarkiyuutii isaatti fayyadamuun meeshlen eksi-reyii... reyii Roontigan kan humni isaa meeshaalee baramaan baayyee caalu oomishuu nama dandessisiisa jedhee amana.  

Teslaan balaa sarkiyuutiinsaa fi meeshaale eksi-reyii noodii-tokkoo uumman irratti hojjachuun qabu hubate. Qorannoosaa jalqabaa kanarratti yaadannoo isaa baayyerratti, miidhama gogaa qaamasaa kan uume waan adda addatti qabsiise. Jalqaba miidhaan gogaasaarraa kun carallaa Roontiganiin kan dhufe miti jedhee amana ture, garuu yeroo eksi-reyiin gogaa tuqu ozoonii uummamutu fida, amma tokko ammoo naayitiras asidiitu fida jedhee amana ture. Teslaan dogoggoraan eksi-reyiin dambalii loogiitiyuuditi jedhee amana ture, kunis akkuma dambalii pilaazmaa keessatti uummamuu jechuu dha. Dambaliin pilaazmaa kun maagineetiik fiildii humna-maleessaa keessatti uummamu danda'a.   

Adoolessa 11 1934, New York Herald Tribune barruu waa'ee Teslaa irratti maxxanse, kana keessatti yeroo Teslaan vaakiyuum tuubii elektiroodii-tokkoo irratti yaalii hojjatu waan wayita baayye isa muudate yaaddate; paartikilii xiqqoon kaatodiirraa cabdee, tuubii keessaa baatee, Teslaa rukutti ture. Teslaan bakka itti wanti kun qaamaa seenetti dhukkubbii akka hiddaa fakkaatu, karaa ittiin qaama keessa ba'es akkasuma. Paartikiliin kun yeroo cabaa sibiilaa kan rasaasa elektirikii furguffameen wal dorgomsiifamu, Teslaan paartikiloonni humna ifaa kallatti qabuu kana keessa jiran ... paartikiloota sana caala saffisaan deemu ... fi tuuta'insaan waliin deemu.  

Tiyoorin Teslaa kan dambalii raadiyootin tamsaasuun akka danda'amu ibsu barnoota gabaabaa (lecture) fi agarsiisa bara 1893 Seenti Luwiis, Mizuuirii, Inistiitiyuutii Firankiliin kan Filaadelfiyaa, Pensilvaaniyaa fi Dhaabbata Ifa Elektirkii Biyyaalessaa (National Electric Light Association) keessatti kennenn jalqaba. Agarsiisnii fi piriinsippiliin Teslaa meeshaalee sabqunnamtii adda addaatin baayye barreeffamee ture. Meshaalee baayyeen kan akka kooyilii Teslaa raadiyoo guddisuu keessatti baayyee tajaajilarra oole.

Yaalin dambalii raadiyoo irratti Teslaan bara 1896 godhe, bakka inni jiraachaa ture Hoteela Gerlaach (boodarra Gamoo Dambalii Raadiyoo jedhamee moggaafame) keessatti godhame.

Bara 1898, Teslaan bidiruu raadiyoon too'atamtu ummatatti ekzibiishinii elektirikaalii kan Medisen Isquweer Gaardenitti geggeeffamerratti agarsiise — maqaasaa teelee-otomeeshin jedheen. Ummanni agarsiisa Teslaa kan laale waa'e akkamitti akka bidiruun sun hojjattuu irratti yaada dhugaarraa fagaate kan akka maajikii, telepaazii, jaldeessa hoofuu leenji'ee kan bidiritti keessa dhokateen hooffamaa jirti jedhee dubbata ture. Teslaan yaada kana waraaran USAttii akka torpeedoo raadiyoon-too'atamtuutti itti gurguruuf yaale, garuu isaan fedhii xiqqaa agarsiisan. Fagoodhaa raadiyoon too'achuun hanga Waraana Addunyaa I fi sana boodaatti waan haaraa ta'ee ture, sana booda garuu biyyoonni baayyeen sagantaa waraanaa keessatti itti fayyadamuu jalqabana. Teslaan carraa kanatti fayyadamuun haasaa walgayii Gumii Daldalaa Chikaagoo keessatti godhamerratti teelee-otoomaatiksi agarsiise, kunis Caamsaa 13 1899 yeroo gara Koloraadoo Ispiriingisitti deemaa turetti ture.    

Caamsaa 17 1899, Teslaan Koloraadoo ispiriingisitti gale, achittii kutaa yaalii voolteejii-guddaa, ammamtaa-gudaa keessatti geggeessu qaba ture; laabiraatoriin isaa naannoo karaa Foot fi karaa Kiyoowaa jira ture. Naannoo kana kan filateef, naannoo kanatti karantiin dambali'u kan pooliifeezii ta'e hojiirraa oolee waan turee fi hiriyoota anniisaa inni barbaade hunda kafaltii malee isaaf kennuuf murteessan achii waan qabuuf ture. Achi akkuma ga'een, Teslaan gabaastotaan yaalii telegiraafii wadaroo-maleessaa geggeessaa akka jiru, kanaanis asattoo Paayiksi Piikii irraa Paarisitti ergaa akka jiru dubbate. Kitaabni bara 1978 ba'e kan Colorado Springs Notes, 1899–1900 jedhamu ibsa yaalii Teslaan godhaa turee qaba.

Fudhattoota (receiver) isaa fayyadamuun asattoo bakakkaa ilaalun Teslaan elektirikummaa atimosferii qorate. Teslaan yeroo kana dambalii hin sochoone (stationary waves) akka arge dubbate. Fageenyaa guddaanii fi amalli wanti bakakkaa guddaarraa argaa jiruu kun, amantii Teslaan dacheen ammamtaa rizonaantii qabdi jedhu mirkaneesseef.   

Teslaan bakakkaa namtolchee uume(dischaarjii vooltii milyoonatti lakkaawwamu qabuu fi dheerina hanga fiitii 135 ta'u qabu). Sagaleen bakakkaa namtolchee kanarraa ba'e maayilii 15 fagaatee kan jiru Kiriippil Kiriik, Kolaraadotti ni dhaga'ama ture. Namoonni karaarra deemaa turan qaanqee miilaasaanii fi lafa gidduu utaalu argu ture. Qaanqeen ujummoo bishaanii yeroo tuqan ni ummama ture. Ampuulin laabiraatorii kanarraa hanga fiitii 100 fagaatee argamu hundi oduma dhaamee jiruuyyuu ni ifa ture. Fardeen dallaa fardaa keessa jiran kophee sibiilaa lukasaanirra jirurraa shookii elektriki waan isaan tuquuf dallaasaanii keessaa utaalanii ba'u. Billaachi elektirikiin ifte, wanti geengoo fakkaatu gubbaa koochoo ishiirraa ifa ture.

Yaalii hojachaa odoo jiruu, Teslaan odoo hin beekin jenereeterii humna elektrikii maddisiisu miidhee elektirikiin akka badu godhe. Adoolessa 1917, maaltu akka uummame yeroo The Electrical Experimenter irratti ibsu: Akka fakkeenya anniisaa ammamtaa guddaa kan kiilowaatii dhibba baayyee ta'u yeroo gadi lakkifame, dinaamoon maddaa elektrikii maayilii 6 fagaatee argamu keessa jiru yeroo baayyee irra deddeebi'ee gubate, kunis sababa karantii ammamtaa guddaa qabu isaan keessatti uummameef ture, karantiin kunis qaanqee guddaan maraa shiboo gidduutti uumee pilaastikii isaan aguugee jiru gube.  

Yeroo laabii isaa keessa ture, asattoo adda ta'e fudhattuu isaarraatti arge, kanas walqunnamtii pilaaneetii birarraa dhufe jedhee murteesse. Teslaan kanas xalayaa Mudde 8 1899tti gabaasaa Juuliyaan Haawutoornii kan Philadelphia North American keessa hojjatuu barreesserrattii fi xalayaa waa'ee argannoo jaarraa haaraa keessatti argamuu danda'an odeessu kan Mudde 1900tti Dhaabbata Qaxxaamura Diimaatiif barreesserratti ergaa addunyaa biraarraa dhufe kan 1...2...3... jedhu jedhee ibse. Gabaastonni kana seenaa guddaa godhanii waan ilaalaniif Teslaan asattoo Maarsiirraa dhufe dhaga'aa jira jechuun dubbatan. Asattoo dhaga'e kanarratti baballisuun gaafa Gurraandhala 9 1901tti barruu Collier's Weekly article irratti mata duree Pilaaneetota wajjin haasa'uu jalatti yoo ibsu jalqaba asattoo beekumsaan too'atamaa jiru akkan dhaga'aa jiru battalumaatti ifa naa hin taane ture, asattoon kun Maarsii, Veenusii, ykn pilaanetota biraarraa dhufuu danda'a. Asattoo Teslaan dhaga'e kana ibsuuf yaadni adda addaa ka'eera. Teslaan yaalii Maarkoonin Yuurooppitti Adooleessa 1899 geggeessee ture fudhattuu isaarratti arge — Maarkoonin yaalii galaanarraaf qubee S (tuqaa/tuqaa/tuqaa) tamsaasee ture, kunis asattoo Teslaan Koloraadoo keessatti dhaga'e wajjin tokko— ykn asattoo yaalii tamsaasa wadaroo-maleee namani biraa godhaa jiru dhaga'e kan jedhu ture.    

Amajjii 7 1900tti, Teslan Koloraadoo Ispiriingis gadlakkisee deeme.Laabinsaa 1904tti diiggame, waggaa lama booda qabeenyi achi keessa tures liqaa kaffaluuf jecha gurgurame.   

Yaalin Teslaan Koloraadotti godhe telekoominikeeshinii qaxxaamura-atilaantiki wadaroo-malee kan Wardenclyffe jedhamu naannoo Shoreham, Loong Islanditti akka dhaabuuf isa qopheesse. 




#Article 123: Xilaahun Gassassee (106 words)


Xilaahun Gassassee(Fulbaana 29, 1940 – Ebla 19, 2009) weellisaa Oromoo beekkamaa fi seenaa wallee biyyattii keessatti weeliisaa baayyee jaalatamaa dha. Bara 1960n keessa, Xilaahuun Itoophiyaa keessatti baayyee beekkamaa ta'e, maqaan abaa sagalee jedhamus kennameef. Bara beela 1970n fi 1980n keessaa, Xilaahuun gargaarsaaf qarshii walitti qabaa ture, kunis ummata biratti irra caala akka jaalatamu godhe. Yuunivarsiitiin Finfinnee badhaasa Doktara Kabajaa yoo kennuuf, badhaasa hojii umurii guutuu ammoo gareen Aartii Itoophiyaa fi miidiyaa kennaniifi.

Bara dullumma isaa keessa Xilaahuun dhukkuba sukkaaraan rakkachaa ture. Gaafa Ebla 19, 2009, akkuma Ameerikaadhaa deebi'een Finfinneetti du'e. Xilahuun awwaalcha kabjaa mootummaan kan awwalame yoo ta'u deeggartoonni isaa kuma kudhanii olitti lakka'aman irratti argamaniiru. 




#Article 124: Elemoo Qilxuu (579 words)


Hasan Ibraahim, maqaa qabsoo Elemoo Qilxuu jedhamuun uummata biratti beekkama, hirmaataa warraaqsa sabboonummaa Oromoo fi hoogganaa Waraana Bilisummaa Oromoo ti.

Seenaan ijoollummaa Elemmoo Qilxuu baayyee hin beekkamu. Garuu bara 1956 Elemoon barnoota Islaamaa baratee magaalaa Dirre Dhawaa keessatti daldalaa Arabaa sooressa tokkoof hojjachaa ture. Daldalaan kunis Elemoo fudhatee gara Eden, Yaman bara 1956tti deeme. Eden akkuma ga'een maqaa isaa gara Elemoo Qilxuutti jijjiirrate. Boodarraa dubartii Oromoo achi jiraattu tookos fuudhe, bizinesii jalqabe. Bizinesiin achitti jalqabe kunis baayyee milkaa'eef.

Elemoon waa'ee siyaasa nama dhimma qabu hin turre; garuu bara 1966tti manni isaa bakka itti sabboontonni Oromoo wal gahan ta'e. Kunimmoo qoonsilaa mootummaa Itoophiyaa yaaddessaa deeme. Elemoonis diinota mootummaa Itoophiyaa qarshiin gargaara jedhamee shakkame. Bara 1967, namni Hararii (Harari businessman) mootummaa Itophiyaatif hojjatu tokko, Eden dhaqee Elemoorraa mi'a liqeeffate. Elemoodhanis yeroo Finfinnee dhufteen sii deebisa jedheen. Akkuma Finfinnee ga'een, Elemoon qabamee gocha shororkeessummaa mootummaa Itoophiyaarratti geggeessun himatame. Mana hidhaa kessattis qorannoo hamaa, reebicha fi miidhaa sammuu (psychological torture) guddaatu isarra ga'e. Kunimmoo Elemoon irra caala akka inni siyaasa keessa seenu godhe. Hiriyoonni Elemoo qarshii walitti qabanii erga malaamaltummaan dura ta'aa nageenyaa namicha tureef qarshii kennanii booda gadi gadhiifame. Yeroon Eleomoon mana hidhaa keessatti dabarse akka inni sabboonaa kutataa ta'u isa godhe. Erga mana hidhaatii baayee booda sochii sabboonumma Oromoo kan akka Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti hirmaachu jalqabe. Bara 1968, Elemoon dhoksaadhan gara Moqaadishoo deemee walga'ii sabboonummaa Oromoo irratti hirmaate. Achittis hojiin sabboonummaa Oromoo uummata biyya Arabaatti baballisun isatti kenname. Gara Edenittis deebi'ee dhaabbata hawaasa Oromoo hundeesse. Bulchiinsa magaalaa Edenis amansiisee akka isaan biiroo siyaasaa banuuf isaa eeyyaman godhe. Gargaarsa mootummoota Arabaa fi akkasumaas Dhaabbata Bilisummaa Paalestiin fi Adda Bilisummaa Eertiraa irraa gaafate. Gargaarsa mootummaa Iraaqitiin, leenjii waraanaa ji'a torbaa erga kennee booda addaa riphee lolaa hundeessee. Adda kanas hooggansa hiriyaa isaa Abdulkarim Hajii Ibraahim, irra caala maqaa Jarraa Abbaagaddaa jedhamuun beekkama, bobbaase. Addi kun odoo gara Itoophiyaa seenuf yaaluu mootummaa Somaaliyaatin rukutamee, booji'amee gara mana hidhaa galfame. Kunis ta'u, Elemoon odoo abdii hin kutatin meeshaa waraanaa, gargaarsa Adda Bilisummaa Eertiraatin, dhoksaadhaan karaa gammoojjii Affaar keessan gara Itoophiyaatti galchuu fi kuusuu jalqabe. Bara 1973tti, Elemoon walga'ii sochii qabsoo Oromoo Finfinneetti akka hirmaatu waammame. Walga'iin kunis ummamuu Adda Bilisummaa Oromoo kan xumurame yoo ta'u Elemoonis qabsoo waraana akka jalqabuuf dirqamni itti kenname.

Walga'ii kana booda, hiriyaa isaa Hundee Taqii wajjin, qabsoo waraanaa jalqabuuf gara Galamsoo deeman. Achittis jeneraal Taaddasaa Birruu, kan mana hidhaa  keessa ture, wajjin wal argan. Elemoon dhoksaadhan humna waraana ijaaruu jalqabe. Abbaan Hundee humna waraanaa riphee lolaa kana bakka iddoo Gubbaa Qorichaa jedhama Tulluu Carcar irratti akka buufatu gorsan. Caamsaa 1974, Elemoon nama digdama fudhatee Gubbaa Qorichaa irratti kaampii dhaabe. Achiihis eegdota namicha Mulaatuu Tagany jedhamuu, abbaa lafaa ummata naannoo sanaa baayyee hacuucaa ture, ajjeesuu jalqaban. Boodarras erga Mulaatun barsiisaan amantii Islaamaa Galamsoo kessatti akka ajjeeffamu ajajee booda Mulaatuu ajjeesan.Ajjeechaan Mulaatu nannoo sana naasise. Bulchaan naannoo sanaas loltuu isaa ergee akka balleessan ajajus garuu loltuun isaa milkaa'uu hin dandeenye. Hidhattoonni naannoo riphxe loltoota Elemoo Qilxuu dhaabu waan dadhabaniif mootummaan Itoophiyaa jeneraal Geetaachoo Shibashii humna waraanaa guddaa wajjin gara Galamsootti erge. Humni waraanaa Elemoo waraanaa dheera waan hin geggeessineef, humni Geetaachoo hedduu rakkate. Dhumarratti humni Geetaachoo naannoo Xirrootti humna  Waraana Bilisummaa Oromoo itti marsan waraana geggeeffameen nama baayyee keessaa ajjeesan. Elemoonis erga harka kennatee booda gaafa loltuun isa qabuuf dhufan dhuka'aa dhoose of ajjeese.

Elemoo Qilxuun uummata Oromoo biratti nama waa'ee Oromootiif jedhee wareeggame jedhameeti beekkama. Yaaddannoo isaatifis walaloo hedduun kan barreeffame yoo ta'u kana keessaa kan Sheek Bakrii Saphaalloo kaasun ni danda'ama. Akkasumas sirbi baayyen sabboontota Oromootin isaaf sirbameera.




#Article 125: Oromoo Tuulamaa (1038 words)


Tuulamni gosa Oromoo keessaa tokko yoo ta'u baayyinaan giddu-galeessa Oromiyaa keessa jiraatu. Keessattuu, godina Shawaa Kaabaa, Shawaa Bahaatti fi GANF keessatti baay'inan argamu. Godinoota Kibba Lixaa Shawaa fi Lixa Shawaattis gosa Oromoo Maccaa angafticha kan ta'e Liiban wajjin wal makuun ni argamu.

Tuulamni ilmaan sadii qaba:

Tuulamaa Godinaalee Shawaa afran
keessatti kan argamu ta’ee daangaan
isaatis dhihaa fi kibbaan Macca (Libaan Maccaa [Waliso, Hammayya, Kuttaayee fi kkf]), Kaaban Laga Abbaayi,
Bahaan Karrayyuufi Kara kibbaatin
Arsiidhan kan daangeffamuudha. Lafa
bal’aafi ummata bal’aa kan
qabuudha.Teessoon mootummaa
biyya kanaatis handhura Tuulamaa,
Finfinneedha. Gadaa Tuulamaa kana
hundee irraa balleessuuf moototiin
Habashaa kanneen akka Saahila
Sillaasee, Minilikfi Hayila Sillaasee
waraana hedduu itti bobbaasanii
ardaalee jilaa isaatis dhaabbata adda
addaafi Bataskaana irratti ijaarudhaan
mallattoo eenyummaa Oromoo, lafa
maqaa Oromootin waamamanis ta’ee
maqaa namaatis jijjiirudhaan aangoo
isaanitti fayyadamuudhan waan
barbaadan hunda irratti raawwatanii
jiru.
Gadaan Tuulamaa gochaa bara
dheeraaf irratti gaggeeffame kanaan
baduu hin dandeenye. Dhiibbaa sana
hunda keessa darbee har’a of cimsee
Abbootii Gadaa Oromoo mara waliin
walitti dhufeenya isaa cimsatee jira.
Jiddu galli teessoo isaa dur Odaa
Nabee ta’ullee, haala teessuma
ummatichaatiin Gadaan achi taa’ee
hojjachuuf mijaawaa ta’ee hin
argamne. Lafti isaa qote-bulaadhan
qabamee jira.
Kana malees har’a haala ammayyaa
keessa jirru kanaan guddina Gadaan
irra gahe bu’uura godhachuudhan gaa
Gadaa Magaalaa Bishooftuu keessatti
hundeeffate jira. Rakkoolee hawaas –
diinagdee furuu keessattis waan
guddaa hojjachaa jira. Walitti
dhufeenya Abbootii Gadaa Oromootifis
wiirtuu ta’ee jira. Galma Tokkummaa
Abbootii Gadaa Oromoo ta’uun isaa
ummata biyya keessafi biyya alaa
hunda kan gammachiisedha.
Caasaa Gadaa Tuulamaa Caasaan
kun ilmaan Tuulamaa Sadeen; Daacci,
Bachoofi Jiille of keessaa kan
qabuudha. Saglan Yaa’ii Gadaa
Tuulamaas ilmaan Tuulamaa sadeen
kana irraa ijaarama. Saglan Yaa’ii
miseensa sagal kan qabu ta’ee hojii
Gadaa hunda ol’aantummaafi
giddugaleessummaan kan
gaggeessudha. Seera Caffeen tumte
hojiitti hiika, hojii diinagdee, siyaasaafi
hawaasummaa akkaataa duudhaa
Oromootiin gaggeessa. Seera Gadaa
irratti hundaa’ee hawaasa kan
gaggeessufi kan tajaajiluudha.
Baajataafi mindaa malee bilisaan
hojjata. Matta’aa ykn gubboo hin
fudhatu. Waadaa qumbii eega.
Waadaa gale hin cabsu. Cabsu
abaarree itti ta’a. Firaafi alagaa
walqixxee ilaala. Kanaaf ummataan
jaalatama. Ummata biratti fudhatama
guddaa qaba.
Gadaan Tuulamaa giddugaleessa isaa,
kan Yaa’ii Saglaniin hogganamu,
Magaalaa Bishooftuu godhatee caasaa
isaa aanaalee 42 kan Tuulama
keessatti argaman hunda keessatti
caasaa mataa isaa qaba. Aanaalee
kanneen hunda keessattuu bakka
bu’oota Abbaa Gadaa kan ummataan
walitti dhiyeenyaan hojjatan qaba.
Bakka bu’oonni kunis aangoo
giddugaleessarraa itti kennamu itti
gaafatamummaan hojjatu. Kan humna
isaanitii ol ta’e gara giddugaleessaatti
ol dabarsu. Gabaasa hojii isaanis
dhuma waggaa irratti ni dhiyeessu.
Hojiin Gadaa Duudhaa Oromoo irratti
waan hundaa’uuf Oromoo biratti
kabajaafi jaalala guddaa qaba.
Yeroo har’aa kanatti hawaasni bal’aan
dhimma isaa kara mana murtiitiin
dhaquurra gara Waajjira Gadaa
Tuulamaa fidachuu filata. Gadaan
Tuulamaa ummata biratti
amanamummaa guddaa qaba. Gadaa
kan jibbu yoo jiraate diina Oromoo
qofaadha. Warra waan hunda numatu
isinii beeka jedhuudha. Fudhatama nu
dhabsiisa jedhanii warra sodaataniifi
warra Oromoo jibbanii qabeenya
Oromoo jaalataniidha. Garuu akka
isaan jedhan osoo hin taane guddinni
Gadaa biyya tana irra darbee
addunyaafuu bu’aa guddaa qaba.
Kanas ta’ee sana Gadaan Tuulamaa
har’a cimee caasaa isaa dur dhiibbaa
adda addaan jalaa laafee ture
cimsachuu irratti argama. Gadaa
Tuulamaa keeaassatti Itti Makoo irraa
kaasee hanga Gadaamojjiitti kana
fakkaata; Itti Makoo→ Dabballee→
Foollee→ Qondaala→ Raabaa→
Doorii→ Gadaa→ Yuba→ Yuba 2ffaa

Tuulama keessatti namni tokko erga
Abbaa Gadaa ta’ee dabareen booda
Gadaa gargaarudhaan, gorsuudhaan
hojjata. Tuulama keessatti umrii
caasaa Itti Makoo irraa kaasee jiru
akka seenan ibsutti ijoollee waggaa 0

Tartiibni umrii eeggamaa miti.
Sababni isaas akkuma olitti xuqame
sirni Gadaa Tuulamaa baay’ee
sarbamuu irraan kan ka’e addaan
ciccitiin akka isa qunname seenan ni
ibsa.
Gahee hojii Caasaalee Gadaa Itti
Makoo: jabbilee tiksuu, qae’eerra
taphachuu. Foollen yoo Gadaarraa
gamma fudhatu isaan jala deemanii
aadaa sirna foollee baratu.
Daa’imman waan ta’aniif itti
gaafatamummaa baay’ee hin qaban.
Dabballee: Loon bobbaasanii,
borraaqanii taphatu, gosa ofii baru.
Afoola adda addaa baratu.
Foollee: Akka raayyaa waraanatti
gadaa jalatti kan ajajamaniidha.
Gadaaf ni ergamu, loon bade ni
barbaadu, bishaan ni obaasu. Warra
Gadaa akka abbaa isaanitti
gargaarudha. Kanaaf Gadaan gaafa
gadooma isaa gamma qopheessee
laataaf.
Qondaala: Sirna Bulchiinsa Gadaa
shaakalu, waraanni biyyarratti yoo
ka’e ni duulu, ni qotu, midhaan
haamu…
Raaba: Aangoo gadoomaa jala warra
gahaniidha. Bakka gadaan hin jirretti
bakka bu’anii ni tajaajilu.
Doorii: Baallii Gadaa fudhachuu warra
gahaniidha, alangee gadaa tolfatu,
Odaa Nabeefi Caffee Tumaa ni
godaanu, sirna Gadaa ni fudhatu.
Seera biyya ittiin bulchan ni tumatu.
Gadaa: Qaama bulchiinsaa isa
olaanaadha. Hawaasummaa,
diinagdee, siyaasa walitti qabee kan
ummata bulchuudha.
Yuba: Muuxannoo qabaniin warra
aangoo Gadaarra jiran ni gargaaru, ni
gorsu. Seera darbes ni himu.
Gadamiijjii: ni sooramu. Gadaa
Shanan Tuulamaa Dur Gadaan
miseensa (paartii) sagal akka ture
himama.
Maqaaleen hanga har’aatti
waamamanis kanuma mirkaneessa.
Isaanis: Birmajii, Beelbaa, Halchiisa,
Muudana, Roobalee, Horata, Duuloo,
Biifole, Michilleefi Kiiloleedha.
Haa ta’u malee marsaan Gadaa
naanna’ee hanga dhufutti Gadaa
abbaa ilmi waan dhaqqabuu
dadhabeef Gadaa shanitti akka
deebi’e/dacha’e himama. Garuu bara
kam Gadaa shanitti akka deebi’e
ragaa qabatamaan hin argamne.
Gadaan sagal haa jedhamu malee

maqaan ni jira. Kitaabni “Gadaa,
Siyaasa Oromoo Tuulamaa” jedhu
keessatti haaromsa Gadaa
gaggeeffameen Gadaan saddeet irraa
akka shanitti deebi’e haala kanaan
ibsa. “Caffeen giddugala Tuulamaa
osoo hin taa‟in waggoota 360 ykn
gadaa 45‟f akka citeefi gumiin hin
taa‟in himama. Cinna Gadaa bara
dheeraa kana booda bara Abbaa
Gadaa Namoo Dooyyoo gumiin
guddaan kan miseensa Birmajii jila
gaggeessen Gadaan haaromfame
jedhama. Kana jechuun yeroo ammaa
irraa duubatti yoo herreegame 2006 –

akka caffeen deebitee Odaa Nabee
teesse tilmaama. Jijjiirama yeroo
sanaa keessa marsaan Gadaa 8 ture
shanitti deebi‟e. Miseensi sadeen
duraa of danda’an sun akka miseensa
biraatti dabalaman ta‟e.”
Haa ta’u malee ragaa armaan olitti
xuqame kan faallessu waraana yeroo
adda addaa Oromoon lafa isaa
kabachiisuuf mootota Habashaa
wajjin gaggeessaa ture, Taabor
Waamii kitaaba isaanii “Ye Wigganaa
Dirsatoochinnaa Yetaarik
Iwunataa”jedhu keessatti bara
gaggeessummaa Gadaa isaanii haala
kanaan kaa’e.

As keessatti Harmuufa jedhamee kan
xuqame Gadaa Gujii keessatti argama.
Yeroo ammaa Halchiisa irraa baallii
fuudhuuf waggaa tokko kan isa
hafuudha. Mullata kan jedhus ragaa
yoon argachuu baadhellee Gadaa
keessa waan jiru hin fakkaatu. Akka
as irraa hubannutti Gadaan miseensa
shanitti kan deebi’e bara 1602 booda
fakkaata. Kun qorqnnoo gadi fagoo
kan barbaadudha. Akka Gadaa
Tuulamaatti Gadaan walitti deeb’e/
dacha’e kan armaan Gadiiti:
Roobaleefi Biifolee walitti dacha’uun
Gadaa tokko ta’an; Birmajiin akkuma
jirutti jira; Beelbaafi Horatni walitti
dacha’uun Gadaa tokko ta’an;
Muudanniifi Michilleen walitti
dacha’uun Gadaa tokko ta’an;
Halchiisnifi Duuloon walitti dacha’uun
Gadaa tokko ta’an. Walumatti Gadaa
shan ta’u.




#Article 126: Gammachuu Magarsaa (469 words)


Gammachuu Magarsaa sabboonaa Oromoo fi antiroppoolojistii beekkaamaadha. Dr Gammachuun waa'ee seenaa fi aadaa Oromoo qoratee barruullee adda addaa fi kitaabota barreessuun rabsuu fi leenji kennuun beekkama.  

Gammachuun kan dhalatee guddate magaalaa Dambi Doollootti. 

Dr Gammachuun sanyii abbaa bokkuu kan naannoo sanaa kan dhumaa kan ta'e Abbaa Bokkuu Ruudaa Kuraa irraa dhalate. Abbaan Bokkuu Ruudaa Kuraa sanyii Makkoo Biliirraa dhalata. Kanarraan kan ka'e Bokkuun sirna gadaa obboleessa Gammachuu isa angafatti kenname. Obboleessi Gammachuu beekkumsa aadaa Oromoo baayyee waan hin qabneef, Bokkuu kana dabarsee Dr Gammachuutti kenne. Kanarraan kan ka'e Dr Gammachuun bokkuun sirna gadaa na bira jira jedha, kana jechuun akka abbaa bokkuutti of ilaala. Abbaa bokkummaa isaatin Oromoo tajaajiluuf, qorannaa gurguddaa wa'ee Oromoorratti geggeessaa ture, ammas geggeessaa jira.

Gammachuun bara Dargii keessa 1979tti hidhamee ture, duutis itti murteeffamee ture. Kunis Jimmatti hojjataa mootummaa ta'ee hojjachaa wayita jirutti ture. Gargaarsa hiriyaasaa Takkaa Tulluu jedhamuun murtii du'aa kana jalaa ba'e. Kana booda hojii birroo mootummaa dhiisee yuunivarsiitii gale.  

Gammachuun mana hidhaa wayita jiru, luba amantii kaatolikii Abbaa Biraana Yesus (yeroo sana Abbaa Dammiroo Suraafel jedhama) wajjin wal bare. Abbaa Biraana Yesus ammoo antiroppooloojistii fi luba kan ture Laamberti Baartelsi wajjin wal barsiise. Dr Gammachuun Baatelsi wajjin waggaa saddet hojjate. Laamberti Baartelsi yeroo kana kitaabaa waa'ee amantii Oromoo ibsu kan Oromo religion: myths and rites of the western Oromo of Ethiopia: an attempt to understand jedhamu barreessee maxxanse.    

Baartelsis carraa iskoolarshiippii waan kenneefif Gammachuudhaan gara Keeniyaa deeme. Barnootasaa Keeniyaatti qorannoo seenaa kan Afrikaarratti xiyyeeffate godhe. Qorannoo kanarratti modeelin seena Afrikaa ittiin barreeffame hin gammachiifne ture, seenan Oromoos akkuma seenaa Afrikaa kaanii modeelii sanaan barreffame ture. Kanaafis seenan Afrikaa modeelii biraatin akka barreeffamu qaba jedhee murteesse.      

Kanarraan kan ka'e Aleeksaandiroo Tiraawelsii wajjin hojjachuu jalqabe. Gammachuun Aleeksaandiroodhaf, walaloo seena baroota gadaa ibsu kan Ingiliffaan fixed text jedhamu guuraa ture. Daataa guuruu kana booda seenan Oromoo yeroo barreeffamu, modeelii sirna gadaatin ta'uu akka qabu murteesse.           

Keeniyaa yeroo ture kanatti, USIU (United States International University Africa) galee saayinsii siyaasaa fi walqunnamtii Addunyaalessaa baratee digirii fudhate. Yuunivarsiitii kana wayita turetti, haadha manaasaa kan Lammii Keeniyaa taatee wajjinis walbarre. Haati manaasaa tun sanyummaan Eshiyaa yoo taatu waa'ee Oromoorratti qorannoo geggeessaa turte.           

Kana booda Gammachuun iskoolarshiippii postgraduate sudies argate gara Kaayiroo deemun Yuunivarsiitii Ameerikaa achi jirutti barate. Achittis sosoolojidhaan postgraduate diploma fudhate. Kanarratti, qorannoo Ethnic relations in Ethiopia jedhu hojjate. Gorsaansaa qorannoosaa kana waan jaalateef, SOAS (School of Oriental and African Studies) akka galuuf gargaare.           

Gammachuun SOAS galee maastersiisaa hojjate. Qorannoo maastersiisaa Cosmology and classification of birds among the Oromo kan jedhurratti hojjate. Gorsaansaa barruu kana dubbisee waan jaalateef, iskoolarshiippii warri kennaniif itti fufanii PhD akka hojjatu akka eeyyamaniif gaafate. Akkaataa kanaan iskoolarshiippii eeyyammaniifii PhD itti fufee hojjate. Barruun qorannoosaas Knowledge, identity and colonizing structure kan jedhu ture.          

Gammachuun dura ta'aa Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa ta'uun waggaa muraasaaf hojjataniiru. Gammachuun waggaa dheeradhaaf Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti barsiisudhaan hojjachaa ture.   




#Article 127: Naayil (212 words)


Naayil maqaan jedhuu kan dhufee Afaan Ijiipti irrayi. Naayil laga gara kaaba yaa'u kan Afrikaa keessatti argamu yoo ta'u addunya keessatti dheerinaan laga dhericha jedhamee beekkama. Naayil tributary (bishaan kara irratti isatti makaman yookan isaa irra gargar ba'an) lama qaba. Kunis Waayit Naayil(White Nile) (White Nile) fi Biluu Naayil(Blue Nile)dha. Haa ta'u malee, Biluu Naayil bishaan guddoo Naayil kan keessaa burquu fi biyyee badhadha kan qabu dha. Kan duraa Waayit Naayil immo dheerinaan Biluu Naayil ni caala. Waayit Naayilin African Great Lakes jiddu Afrikaa (Afrikaa Giddu galaa)tti argamu ka'a. Lagni kunis madda (burqaa) dheeraa kibba Ruwaandaa qabatte, achii ka'e gara kaabaa adeema, innis kanneen keessaa ba'uun adeema: Tanzaaniyaa, Haroo Viktooriyaa, Yugaanda fi Kibba Sudaan. Biluu Naayil immo Haroo Xaanaa Itoophiya kessatti argamu jalqabe, kibba-baha irra gara Sudaan senna. Lagi lamaan (Biluu Naayil fi Waayit Naayil) dhihoo Kaartum (magaalaaa guddoo Sudaanit) wal-qunamu. 

Kutaan laga kaabatti argamu bayyinaan gammoojjii keessa adeema, kunis Sudaan gara Ijiipti adeema. Bara durii ansee qarommi Ijiipti laga kan irratti kan hundeffame ture. Ummatti bayyen Ijiipti fi annotti baayyee Ijiipti keessatti argaman (biyyotta qarqaratti argaman malee) hundinu qarqara Sulula Naayil kaaba Aswaanitti argamatti argamu. Bakki adda fi senna Ijiipti baayyeen Ijiipti Durii qarqara laga Naayil kanatti argamu. 

Naayil bakki itti dhabatu River delta guddicha kan gara Galaana Meditiraaniyaaniiit jigutti dha.




#Article 128: Adda Bilisummaa Oromoo (441 words)


Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) (; 1967 kan hundeeffame) dhaaba siyaasaa Oromoo gurguddaa keessaa tokko kan ta'ee fi kan duraati.

Bara 1967tti, mootummaan Hayila Sillaasee Waldaa Wal-Gargaarsaa Maccaa fi Tuulamaa seeran dhorke, boodarras hoggantootaa fi miseensotaa dhaaba kanaa kaan hidhee kaan ammoo ajjeese. Geggeessaa waraanaa olaanaa fi hogganaa dhaaba kanaa kan ta'e Jeneraal Taaddasaa Birruus qabamee hidhame. Tarkaanfin akkasii kun kan fudhatameef sababaa Waldaa Wal-Gargaarsaa Maccaa fi Tuulamaa ummata Oromoo biratti fudhatama guddaa argatee fi Fincila Oromoo Baalee wajjin hariiroo waan qabuuf ture.  

Miseensa dhaaba kanaa kan ture Huseen Soraa 1967 biyyaa baqatee Somaaliyaatti gale. Innii fi baqattoonni Oromoo biroo dhaaba Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Itoophiyaa jedhamu hundeessun Huseen hogganaa dhaabichaa godhan. Dhaabni kun odoo hun turin gara Yamanitti ce'uun Oromoota biyya alaa jiraatan leenjisuu eegale. 

Yaalin jalqaba gara Itoophiyaatti seenu Jaarraa Abbaa Gadaatin durfamee godhame garuu karaa kaaba Somaaliyaa yeroo Itoophiyaa seenuf yaalii godhan humnoonni nageenyaa Somaaliyaa isaan hordofuudhan miseensota isaani kana hidhan. Yaalin inni lammaffaa milkaa'ee finciltoonni kun Itoophiyaa seenun Tulluu Carcarirratti buufata hundeessanii qubatan. Yeroo kana, dhaabichi maqaa Itoophiyaa jedhuun odoo hin taane maqaa Oromoo jedhuun socho'uuf murteesse.  

Bara 1973, haallii siyaasaa Itoophiyaa jijjiiramaa jira ture, humni waraanaa Itoophiyaa mootummaa fi'uudaalii Hayila Sillaasee kuffisee aangoo qabateera. Hoggantoonni fi miseensonni WWMT warri hidhamuu jalaa ba'an karaa lafa jalaa gaazexaa dhoksaan maxxanfamu kan akka Kana Beektaa fi The Oromo Voice Against Tyranny jedhamutti fayyadamuun ummata kakaasuu itti fufan. Jaroonni kun dhoksaadhan kora Huseen Soraa, Elemoo Qilxuu fi hoggantoonni Oromoo biraa baayyen irratti hirmaatan qopheessan. ABO kan hundeeffamee fi sagantaan siyaasasaa barreeffame kora kanarratti ture. Hidhattoonni Tulluu Carcarirra qubatan akka gobla waraanaa dhaabichaatti hammataman, maqaan Waraana Bilisummaa Oromoo jedhus kennamef.   

Waraanni Bilisummaa Oromoo kan Tulluu Carcarirra jiru hooggansa Hasan Ibraahim kan irra caala maqaa Elemoo Qilxuu jedhamuun beekkamu jala gale Bara 1974, WBO sochiisaa gaarrenirratti baballise, kunis bulchitoota naanichaa biratti sodaa guddaa uume keessatuu erga abbaa lafaa hamaa Mulaatuu Taganyi erga ajjeesanii booda. Mootummaan Waraanaa Itoophiyaa jeneraal Geetaachoo Shibashii akka finciltoota kan dhabamsiisuf erge. Fulbaana 6, 1974, Waraanni Bilisummaa Oromoo kan jalqabaa dhukaasa moortaaritiin Waraana Xirroo irratti moo'ame; Ahimad Taqii fi Elemoo Qilxuu yoo du'an loltoota WBO sadi'i qofatu lubbuun hafe. 

Fincila Oromoo itti fufuu akka hin dandeenye gochuuf, Dargiin ummata magaloota naannoo WBOn itti socho'aa ture sana keessa jiraatan hidhuu fi ajjeesuu jalqabe, keessattuu magaalota Galamsoo, Baddeessaa, Machaaraa, Bookee fi Balballeetti keessatti. Waraanni riphee lolaa gabaabaa kana booda, ABOn addaan faffaca'e, hooggantoonisaa muraasni gara Edenitti deebi'uun dhaabicha deebisanii karaa qabachiisuuf yaalan garuu hin milkoofne.

Jeneraal Taaddasaa Birruu, kan mana hidhaatii ba'ee, qabsoo waraanaa Shawaa keessatti Hayiluu Raggaasaa wajjin itti fufe. Boodarra garuu lamaanuu qabamanii bara 1976 ajjeefaman, garuu WBO inni hundeesse waraana ittuma fufe, namoonni itti makamanis ajjeechaa Taaddasaa booda ni dabale.




#Article 129: Haacaaluu Hundeessaa (332 words)


Haacaaluu Hundessa (1985-2020) weellisa Oromoo, barreessaa walaloo fi yeedaloo sirbaa, sabboonaa fi qabsaawaa mirga Oromooti. Haacaaluun weellisaa Oromoo jaalatamaa yoo ta'u eenyummaa fi aadaa Oromoo guddisuurratti of kennee hojjata. Haacaaluun seenaa fi aadaa Oromoo akka beekkamu gochuuf tattaafachuu isaatin ummata biratti beekkama.

Haacaalun kan dhalatee guddate magaalaa Ambootti yoo ta'u barri dhalootasaas bara 1985. Maatisaaf, Haacaalun mucaa shanaffaa yoo ta'u obboloota dhiiraa ja'aa fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Akkuma ijoollee Oromoo kamuu Haacaaluun maatisaaf loon tiksaa akka guddate dubbata. Barnootasaa hanga kutaa kudha lamaatti achuma magaalaa Ambotti barate.   

Haacaalun baayyinaan maatiisaa biratti kan guddate yoo ta'u akaakayyuusaa biras jiraateera. Akaakayyuusaa waan jaalatuufis, mana barumsa dhihoo jiru dhiisee kan naannoo mana akaakayyuusaa jirutti fagoo deemee barachaa ture.    

Haacaalun Looreeti Tsaggaayee Gabramadin wajjin firooma qaba.    

Haacaalun sababa siyaasatiin qabamee waggaa shaniif mana hidhaa Ambootti hidhamee ture. Yeroo gara Finfinnee gallees torban tokkof mana hiidhaa Ma'akkalawiitti hidhame ture.   

Waggaa shan guutuu yeroo Haacaalun mana hidhaa turetti, jaalalleensaa deddeebitee isa gaafachaa turte. Kanaafis, gaafa mana hidhaatii ba'ee albamii baasu sirba olmaan kee baayyatee, kan ati naaf gootee jedhu isheef jecha sirbe. Jaalalleensaa kun Faantuu Damisoo jedhamti; maatin Haacaaluu baayyee kan ishii jaalatan yoo ta'u abbaan Haacaaaluu maqaa baaseefi Beektuu jedhee waama ture.  

Haacaalun sirba kan eegale ijoollummaatti yoo ta'u kunis yeroo loon tiksaa oolu ture. Ijoollummaatti sirba ijoollen sirbitu sirbaa guddate. Erga guddateeyis wallee cimsee itti fufe.  

Haacalun albamiisaa kan jalqabaa bara 2009 baase. Haacaalun albama kana kutaa 12 odoo baratuu baase. Albamii kana baasuf, Jiimata gara Finfinnee deemee Wiixata deebi'aa shaakalaa ture. Albama kana hojjatee fixuufis ji'a torba fudhate. Albamiin kun sirba kudha lama of keessa kan qabu yoo ta'u matadureensaa Sanyii mootii jedha. Sirboota kudha lammaan kana keessa sagal walaloo kan barreesse Haacaaluu yoo ta'u kan hafan sadan ammoo Simee Tufaatu barreesse. 

Maatiin Haacaaluu keessattuu abbaansaa akka inni weellisaa ta'u hin barbaadu ture. Abbaansaa, Haacaalun baratee karaa barnootaa iddoo guddaa akka ga'u hawwa ture. Haacaalun barnoota qophaa'inaa baratee fixuyyuu walleerratti waan xiyyeeffateef barnoota olaanaa itti hin fufne. Haatii Haacaaluu garuu sirbootasaa ni jaalatti turte.  




#Article 130: Sirna Gadaa (1463 words)


Sirna Gadaa sirna ittiin bulmataa Oromoo ti. Gadaan jaarmiyaa umurii fi dhalootan ijaarame yoo ta'u, sirna bulchiinsaa diimokiraatawaadha. Gadaan sirna ittiin siyaasni, dinagdeenii fi hawaasummaan ummata Oromoo ittiin murteeffamu, kan miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee ittiin walii galuu fi tokkummaan ittiin waliin jiraatudha. Sirni Gadaa diimookraatawaa ta’uu isaa beektoonni seenaa fi saayinsii hawaasaa hedduun mirkaneessanii jiru. Keessumattu sirni kun uummata Oromoo Gujii fi Booranaa biratti hanga ammaatti osoo hin jeeqamin jeebantummaa isaa eegatee hanga har'aatti jira.

Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran sadarkaa Gadaa jedhama. Sadarkaan Gadaa tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeet saddeettan kanaan namni Oromoo hamma gaafa dulloomee du'utti hawaasa keessatti bakkaafi qoodama dalagaa qabaata. Sadarkaaleen Gadaa ilmaan kormaa keessa dabran bakka gariitti amala addaa yoo qabaatanillee waliigalatti akka armaa gadiitti keenya.

Dabballeen sadarkaan daa’immaaniiti, da'imman umurii 0-8 qaban Dabballee jedhamu. Riifeensi mataa mucaa sadarkaa Dabballee hin haadamu, guduruu guddifata. Akkasumas Dabballeen maqaa kan argatu yeroo sadarkaa kana huluuqe, amma sanatti maqaa manaatin waamama (fakk. Jaldeessoo, Qamalee kkf.). Warri isaanii horii aannaii kan hin qabaane yoo ta’an gosatu obaasa

Gadaan gogeessa (garee) shan kan qabu yoo ta'u isaanis shanan Gadaa Oromoo jedhamu. Gareewwan kun ganna sadeet sadeetiin aangoo wal harkaa fuudhu. Shanan Gadaa Oromoo kun bakka adda addaatti maqaa adda addaatiin beekkamuu (gabatee ilaali).

Ilmi Oromoo kamiyyuu, guyyaa itti dhalatee eegalee gogeessa shanan Gadaa keessaa tokko keessatti haammatama. Duraan dursee kan inni hammatamu, shanan Gadaa keessaa miseensa isa gaafa inni dhalatu aangoorra jirutini, kunis gogeessa abbaa isaa keessati jechuudha.

Keessumatti, bara 1270 (bara ka'umsa Yukuno Amlaak) irraa eegalee hanga dhumaa jaarraa 15ffaatti Oromoon dhiibbaa fi roorroo humnoota Kiristaana fi Islaamaa jala akka ture ragooleen niibsu. Roorroo kana ittisuurratti gootota fi hayyoota hedduutu wareegame, kanarraan kan ka'e sabni Oromoo walakaansaa manaa fi biyya abbaa ofii gadi-lakkisee waan qabu fudhatee gara kibbaa fi bahaatti godaane. Achiittis dhiibaan ittuma fufe. Kana booda Oromoon gara waggaa dhibba tokkootif roorroo kana ofirraa ittisuuf mala dhahaa ture, keessumaa bara Gadaa Gadawwoo Galgaloo 1470n keessa haala karaa lolaattin biyyaa ofii falmanii deebifachuuf akka toluutti of ijaaruun barbaachisaa akka ta’e amanee, hawaasa umuriin ijaaree, akka umurii isaatti dirqama itti kenne. Gadaan inni jalqabaa akka haarati waan ijaarameef Gadaa mala haaraa baase ykn Gadaa mala-baase jedhamee  hayyootan moggaafamee, meedhicha hidhate. Maqaan Gadaa kanaa seenaa keessatti Gadaa Melbaa (Gadaa mala-baase kan jedhurraa dhufe) jedhamee beekkama. 

Gadaan Melbaa Oromoodhaf Gadaa isa jalqabaa miti; isa durayyuu ganna kuma caaluuf Oromoon Gadaan bulaa akka ture ragaan nijira. Gadaan Melbaa garuu uummata bara saddeet saddeettin qoodee namoota waggaa 8 olii fi 80 gad jiraniitti dirqama adda addaa kenne. Bara Gadaa kanaa Oromoon jalqabaaf Abbaa Duulattiin of ijaaree, akka kana duraa yeroodhuma ormi ittidhufu ofirraa ittisuu qofaa dhisee biyya ofii deebifachuuf jecha lafa diinnonnisaa (Habashoonni) irraa fudhatan dhaqee loluu jalqabe. Waraani Oromoo bara sanaa akka waraana qaroomeetti hiriiree loluu eegale. Gadaan Melbaa Baale deebifachuuf yeroo lolu mooticha Habashaa Faasil jedhamu ajjeese. Gadaan kun lola irratti cimaa akka ture Abbaan Baahireefaa raggaa bahee jira.

Melbaatti aanee kan Gadaa fudhate Muudana. Bara Muudanaa kana seera jajjabaa lama tumatan. 

Baalli kan Melba weeraruu jalqabe Muudannii dhufatee hamma qarqara laga Awaashitti irra qubatan. Barri Gadaa Muudanaa kun bara Muusliimonni Imaam Ahimadiin geggeefamanii kiristaanootaan waraanaa turani. Waraana diinoonni isaa lamaan godhaa jiran kana Oromoon faana bu’aa ture. Daareel Baates namichi jedhamu kana barreessee ture. Waan waaqni diinoota isaa lamaan wal waraansiseef, Gadaa kana waaqatu mirga muude jechuudhan Gadaa Muudanaa jedhee moggaase. Gadaa Muudanaatu dura laga Waabee ce’ee lafa qabate jedhe Abbaan Baahire.
Kun seenaa ummata oromoof kan xumura osoo hin taane kan jalqabati kanarra ka'un lafa babalifanna itti fufe.

Muudanarraa Gadaa kan fudhate Kiiloleedha. Kiiloleen duula bal’isee Dawaaroo rukutuu jalqabe. Yeroo gabaaba keessati handhuura Dawaaroo gahe. Galaawudoos mooti Habashaa waana isaa kan nama Adaal Mabraq jedhamuun hoogganamu Dawarrootti bara 1545tti erge. Waraanni Adaal Mabraq harka Oromootti baqe, inniniis lbaqatee laga Awaash ce’e. Dawaaroo kan jedhamu Arsii har’aatt akeekuun ni dandayama. Galaawudoos Islaamoota mohuu dandahullee Oromoo biyaa isaaf lolu moohuu hindandeenye. 

Muudanatti aanee kan baalii fudhate Gadaa kiilolee ti. Bara Gadaa Kiilolee keessa Habashoonni gargaarsa warra Poorchugaalin, Imaam Ahimadiin bara 1543 waan ajjeesaniif qalbii tokkoon Oromorratti xiyyeefatanii meeshaa ammayyaa fi human waraanaa Awuroopparraa argataniin gargaaramuudhan Oromoo irratti duulani. Mootichi Habashaa Galaawudoos Imaam Ahimadiin erga ajjeese booda, waraana guddaa nama Adaal Mabiiraq jedhanuun hoogganamu gara Oromootti bobbaase. Gadaan Kiilolee waraana Habashaa fi Faranjii meeshaa hammayyaa akka madfii hidhate kana bara 1545 ofirraa rukutee, ajajaa waraanaa ari'ee laga Awwash ceesise. Waraani habashaa hedduun harka Gadaa Kiiloleetti baqee dhume jedhe Abbaan Baahire. Humnoota Habashaa fi Faranjii meeshaa hammayyaatti gargaaramanu waan mo’eef, Gadaa dhugaa lole, kan Lole jedhamee seenaa keessati yaadatama. Jechi kan lole jedhu kun bara dheerina keesa Kiilolee jedhamuun beekkama. 

Barri Gadaa Biifolee bara mootiin Habashaa lola warra Islaamaa waliin qabu moo'atee humna isaa mara gara Oromoo qofaatti xiyyeefate ture. Mootichi Habashaa Galaawdos, Adal Mabiraq moo’amuu dhaga’ee humna isaa walitti gurmeesee waraana Porchugaal wajjin Oromoo irratti bara 1548 duula guddaa saaqe. Gadaan Biifolee diina itti dhufe qolee, rukuutee moo’uudhan ofirraa deebise. Lafa bal’aa dabalee qabachuu dadhabus, humana guddaa kana falmee moo’ee ofirraa deebisuu waan danda’eef, waanti hojjate akka gootumaa guddaati fudhatameefii maqaa Bif-oole jedhamu akka argatu ta’e. Bif-oole jechuun odoo hin dabaliin, odoo hin hirrisin akkuma jirutti, bifuma duraan jiruun eegee dabarse jechuu dha. Jechi Bif-oole jedhu kun bara dheeraa keessa Biifolee jedhame. Gadaan Biifolee dangaa Oromoo eegee, dirqama ofii raawwatee aangoo Gadaa Michilleetti dabarse.

Miidhaan warra Abashaa fi Islaamaa karaa lamaan jabaatee waan dhufeef Gadaan Michillee seerota sadii baasee labsuudhan hojjaa irra oolchee ture, isaanis: 

Fardaa fi gaachanaan jabaatee loluu kan jalqabe Gadaa Michilleetti. Michillee waraana Galawudos, Hamalmaaliin hogganamu waraanee moo’e, Faxagariin (Ererii fi Karrayyu) guutuummaatti harka Oromooti galche. Itti dabalees hooggani Islaamaa Amir Nuur mooticha Habashaa Galawudewoosin waraanee moo’un ajjeesee gammadee ayyaaneffachaa otoo jiru Michille Harariin qabate. Amir Nuur oduu kana dhaga’ee otoo inni gara Hararitti deebi’uutti jiruu Michille bakka Tulluu Haazaaloo jedhamutti haxxee hidhatee rukute. Lola kana irratti Oromoon hedduun dhumullee waraanni Amir Nuur moo’amee harka Michilleetti baqee raawwate. Abbaan Baahire akka barreesetti Gadaan 5ffaan Missillee jedhamu biyya waraanee moo’atee idda balleesee booda loon ofii fudhatee itti gale jedha. Oromoon durii biyya waraanee waan barbaade erga godhee booda gara dhufetti deebi’aa jechuu isaattii. Seenaa Oromoo keessatti kan akka Gadaa Michillee diinota, warra habashaa (kan Porchugaalin gargaarame) akkasumas Affaar (kan Turkiin gargaarame) haleelee dangaa bal’aa bilisoomse hinjiru. Michillee jechuun, bineensa bara caamsaan hammaatee yeroo haroon qooru bakka bishaan ture keessa bahu, bineensa gurraatti hanga saree xiqoo geessu, kan waraanni hin seenne, kan nama hin soodaanne, kan nama duukaa kaattee nama ciniintu, bineensa hamtuudha. Gadaan Michillee farda luka afur qabu yaabatee gaachanaan waraana of irraa qolatee waan bakka yaade ga‘eef Gadaa Michillee jedhamee moggaafame.

Gadaan Michillee daangaa bal’aa waan bilisoomseef daangaa bal’aa kana Gadaa tokkoon hoogganuun rakkisaa waan ta’eef, Gadaan duraan Boorana fi Baarentuu irraa ijaaramee hooggana tokkoon walfaana socho’aa ture bakka lamatti qooduun dirqama ta’e. 

Baarentuu Gadaa Harmufaa akkasumas Boorani Gadaa Hambisaatiin akka hoogganaman godhame. Harmufni Bageemidir rukutee gosati moggaasee of jala galche, Hambisaan immo duula guddaa mooticha habashaa Minaas Oromoo irratti bobbaase jabinaan falmee, balaa dhufu danda’u hambise. Hambisni akka Harmufaa lafa bal’aa dabalee qabachuu baatuus, kan ture akka jirutti eegee dabarsuu waan danda’eef, Gadaa Harmufaa wajjin meedhicha hidhatanii baali dabarsanii Gadaa Roobaleetti kennan. 

Gadaan kun Roobalee Baarentuu fi Roobalee Booranaati. Roobaleen lachuu wal gargaarudhaan Bagamdir fi Wallootti duula guddaa bananii (keessatuu Roobalee inni Booranaa Amaaroota hallayyaa fi holqatti naquudhan) dangaa biyyaa ballisuu danda’anii turan. Wa’ee Gadaa Roobalee Abbaan Baahire akkas jedha, waggaa saddeet booda kan bakka Harmuufaa qabate Roobaleen ilma Gadaa Muudanaati, isa kan Shawaa balleessee Gojjaamin rukutee, nama aangoo cimaa qabu Azmaachi Zari Yohannis ajjeese jedhe.

Gadaan kun Birmajii Baarentuu fi Birmajii Booranaa ti. Gadaan Birmajii Baarentuu habashaa Kaabaa akka malee muddee qabuudhan, Dambiyaa rukutee Abooli fi Baahera Nagaash yeroo ajjeesu, Gadaan Birmajii inni Booranaa maqaa Maccaa fi Tuulamaatiin ijaaramee Amaaroota bakka hundaatii ari’ee, lafa fardi isaa seenuu danda’u hundaa qabate. Amaarris gaaratti, hallayyaatti, holqatti galtee dhokatte. “Utuu gaarrii, hallayyaa fi holqi hin jiru ta’ee namni hafu hin jiru jedhe” barreessaan habashootaa Alaqaa Atsimeen. 

Gadaan kun Muul’ataa Baarentuu fi Muul’ataa Booranaa ti. Bara Gadaa Muul’ataa kana Walloo hedduu hinduulle. Yeroo lama qofaa Gondoritti duulee deebi’ee qubate jedhama. Muul’ataa Maccaa fi Tuulamaa garuu duulasaa itti fufee. Bifa lolaa geeddaree Amaara karaa irratti gaadee ajjeesuu jalqabe. Gaara gidduu fi saqa dhiphoo ta’an gidduutti eegee ajjeesaa, murataa ture. Bakka farda isaaf mijaa’u mara Goojjaami fi Gondor keessa gulufee, qabatee, basha’ee achi taa’e. 

Barreesan yeroo sanaa Abbaa Baahire akka jedhetti, biyyi Gadaa Booranaa jalatti bule, kan hafe tokkollee hin jiru jedhe. Muul’anni baalii Gadaa Duulootti dabarsee kenne. Haala kanaan Abbootin Gadaa injiffannoo erga argatanii booda sabni Oromoo hanga sirni Nafxanyaa jaarraa 19ffaa keessa ka’uutti jaarraa lamaa ol tasgabbaa’ee Gadaa isaa kabajataa nagaadhan jiraataa ture.

Sirni Nafxanyaa kan jalqabe, Amaari Oromoo waraanuu dadhabnaan araarfachuu calqabe. Walitti makamuu (wal fuudhudhaan) uummameen kan ka’e Oromoonni Gondarii fi Goojjam keessa jiraatanu Afaani fi Amantaa ofii irraanfachuudhaan kan Amaaraa fudhatan jedhama.




#Article 131: Sheek Mahaammad Rashaad Abdullee (16975 words)


Dr. Sheek Mohammed Rashaad Abdullee (1934-2013) hayyuu Oromoo fi nama amantiiti. Sheek Mahaammad Rashaad Quraana Afaan Oromootti hiiku fi kitaabota Afaan Oromoo  barreessun beekkama. 

karaa intarneetii bakka rashaad  www.rashaad.net  

Sheek Mahaammad Rashaad Abdullee kana dhalate tilmaamaan bara 1934 yeroo Xaaliyaaniin Harar seenuu jalqabde ture. Haati isaa Faaxima Shurraa Ahmed jedhamti. Sheek Mahaammad obboleeyyan durbaa shan qaba. 

Barmoota kiyya kan duraa abbaa kiyya Kabiir Abdullee Kabiir Muumayya`arrattiin baradhe alifirraa qabee waan abbaan kiyya kabiir biyyaa tayeef . Abbaan kiyya kan gargaarsatti haajamu kan na malee nama isa garsaaru hin qabne kan dubra shan keessaa dhiirti ana qofaa kanan guddadhee isa gargaaruu jalqabe buna dhaabu`uufii lafa qotu`uufii mana jaaruu mawlida qara`uufii waan kana fakkaataa hundaan isaaf dhaabbatuu gaye narraa maaramee deemii waanan an si barsiisuu hin dhaqqabne fagaadhuu ilmi`ii si kennee baradhu naan je`ee na eebbise. Boodarra isaanirraa fagaadhee waa baratu`uuf Hirna dhaqe . duuba hirnatti sheekh aliyyii badru`urratti ilmii fiqhi`ii jalqabe wannin dura dursoo isaanitti qajeelef adeera kiyya sheekh muusaa untur isarratti qara`e an { mukhtasara } sheekh muusa`arrattin qara`ee duuba isaa sheekha isaa sheekh aliyyii badruu faarsu dhageenyan qalbiin gara isaanii gara na galtee hirna dhaqee fiqhii isaanirratti jalqabee baafadliifii umdaa isaanirratti qara`e tawhiidarraa ummulbaraahiin nuuruzzalaam irratti qar`ee eegasii biyya sheekh muhammed jaldii { dhidhiibama } dhaqee ilma isaanii sheekh ahmad sheekh muhammed jaldi`irratti zubad qara`ee eegasii biyyatti ol deebi`ee sheekh ibraahiim bakharraa { tawshiiha qara`ee haadhaa abbaa kiyya irraa hanga bara diiddamaa alan deemaa eehama naa khennaa je`eenii barbaadee duuba aayyun odoo boochuu eehama naa kennite  kan ijaan na laaluu hin dandeenye ammoo aabaan duraanuu iznii naa godhe akkasitti isaan biraa deeme abbaan kiyya hoggaa san galma sheekh umaree aaw`aliiti ajjeeru`utti jiraa manuma gubba`aa gad na laalaa harkafuudhu hin dhaqqabne isaan hangan ana kaarra qaaru manuma gubba`aa na laalu duuba eega bara afurtamaatii malee waliin agarre akkasittin biyya teenya laga arbaatii bakha dhaqee qabrii sheekh ismaa`iiloo bakhaa saahiba ammallee sheekha akhaakhiyyee kiyyaa waliyyii rabbii kan akhaakhiyyee khiyyaa du`aa`ii godhee ilma ilma  keetii keessatti na eegi jedheen duuba qabrii isaa ziyaaree intala isaanii tan sheekh ahmed yuusufe`ee irraa du`etti wannin dhaame akka kitaabban abbaan isaanii sheekh ismaa`iloon allafe takkaayuu barreesse tiysii baduu dhoowwi je`een hoggaa san ilma obboleessa isiitifii ilma indooyyee yookaa haboo tiyyaatu na wajji jira duuba eegasii baabura hadiidaa yaabbannee harar dirrii dhawaa dhayne eegasii addeellee sheekh muhammed rashaad saahiba sheekh muusaa addeelle`ee bira dheyn`e eegasii madiinaa harar dhayn`ee qabrii abaadir ziyaarree ammalee qabrii sheekh haashim harari`ii ziyaarree akkasuma qabrii sheekh ibraahiim umar gurbayyee ziyaarree qabriin isaanii abaadir duuba jirti saahiba isaanii tokkootu itti nu qajeelchee sheekh ibraahiimin kun haadha tiyyaaf abaabiyyee taya inni carcaritti dhalate qabriin abbaa isaa khaara barkallee madii bakka khaarra gurbayyee jecha`aan beekhamte jirti khaarritti barkalleetifii khaarritti gurbayyee bakkuma takka isii hoggaa eel tokkerraa gara carcar deeman itti dhufan hoggaa khaarra barkalle`erraa gad bu`an kharaan bakka sadiyitti addaan baya tokko bitaa gara saqa jiillee gora tokko mirga gara habro`oo gora duuba qabriin umar gurbayyee karaa kana keessa jirti ammoo karaan jiddu jereysaa qajeeletuma haratti nama geessa duuba umar gurbayyee kun ilmaan kudhan qaba inni ashraafarraayii ilmii jaalata ilmaan isaa kurnanirraa ilma isaa ibraahiim deemee harar dhaqee haa ilmii baratuu je`ee zakaa kennate akkasitti ilmi isaa ibraahiim joollee itu`uu heddu`uun wajji barmootaf magaalaa harar dhaqan duuba isaanii achi jiru amaarri itu`utti duule jechaa dhagayan dhageenyan darasaan itu`uu amaaran loltee ummata isaanirraa deebisu`uu jecha ilmii dhiisanii biyya itu`utti qajeelan sheekh ibraahiim umar gurbayyee malee ammoo sheekh ibraahiim abbaan kiyya ilmi`iif zakaa na baafatee ilmii hin dhiisu je`ee magaalaa hararitti hafe hanga aalima tayee qeessota amantii kiristaanatiin fuula iyyaasu`uu duratti qabsoo ilmi`ii walii bayanii sheekh ibraahim qeessota hundarraa aane liji iyyaasun harka isarratti amanee waliyyumma`aan beekkametti duuba ilmii baassee gaara beekkomsaa bahara ilmii tayee harar keessatti ilmi`iifii karaama`aan beekkamee sababaa isaatin mootin islaamaa liji iyyaasun islaamaye . qabriin isaa qabrii abaadir duuba jirti magaalaa harar keessa nama muriida isaanii kan harka isaatin isaan awwaallee maqaa irratti katabeetu na garsiise eegasiin an khortoo biyya sheekh abuu bakri usmaan oda`aa kan sheekh abuu bakri saphalootin beekkame bira dhaqee ilmii awfaaqatiifii manxiqaa ammallee ilmal hisaab irratti jalbee waan isaan khaliifaa sheikh umar aliyye`ee tayaniif xariiqaa qaadiriyya`aa irraa fuudhe eega khalwaa na seensisanii eegasii sheikh yuusuf ahmed bareedarratti fadisitti qaraatii jalqabee minhaaj nawawi`ii irratti qara`e HAJJI`IIFII ZIYAARAA NABII NAGEENYI  ISARRATTI HAA JIRAATUU
Duuba odo`on fadis jiruu wannin ifiin je`e odoo deemtee makka dhayxee hajji gootee madiinaa dhayxee nabi Muhammed nageenyi isarratti haa jiraatuu hin ziyaarin yoo duute guyyaa boruu maal himatta ? maaltu sanirraa na dhoowwe jetta je`ee garaan na kaase . duuba ka`eetin mandara harar dhaqee qabrii abaadir ziyaaree akkasuma qabrii aw haashim ziyaaree akkasuma qabrii akaakiyyee kiyyaa kan gamaa haadha tiyyaa shariif sheekh ibraahiim umar gurbayyee ziyaare . Harar keessatti sheekha tokko kan muriida sheekh ibraahiim umar gurbayyee tokkoon qunname.

Waan ajaa`ibaa kanin magaalaa harar keessatti argarraa namni tokko kan yoo laalte maraataa fakkaatu wanni naan je`e hajji dhaqi hajji dhaqi an gaafas sinqii yookaa gala hajji`iin dhaqu hin qabu ammas wannin sheekkota hararirraa dhagaye {bishu diimu jechuun  bi`saddamu jechuu namni maqaa kana baasef aw abaadir je`an sun gaafa burtugaal hararatti duulte abaadir ashkara fudhatee bisho diimotti afaan bayee cabsee dhiiyni kuffaaraa laga yaa`e hoggaa san dhiiga san laalee aashkara isaatin bi`sa haazaaddamu je`e achirraa biisho diimotti arrabni namaa gara galche.

WAAN BIYYARRAA DHAQU`UTTI NA KEESERRA TOKKO

Ammas waan biyya arabaa na geessarraa tokko gaafan biyya harar keessa olii gad deemu ashkarri mangistii sanii kan karaa eegu nu sodaachisee nu arrabsee karaa dabruu nu kuta sanirratti ida`amee sareen isaanitis karaa dabruu nu kutti gaafan joolle`ee ummanni gosa mangistii sanii horii isaanii ooyruu teenyatti qajeelchanii midhaan nurraa nyaachisan gaaf tokko horiin isaanii midhaan keenyatti jigee nyaannan tumee ooyruu keessaa yaase duuba haati horii sanii caya`aa dhuftee qottoo gama duubatiin hanga dandeessu mataa kiyya sammuu keessa na dhooyte duuba abbaan kiyya gadoo yookaa haluu yookaa biiluu irraa naa baasuu hin dandayu maalif abbaan lafaa isaanirraayi ashkarri gosa isaanitti gosa isaanillee tayuu baatu afaan isaanitti dubbata duuba kana hundaa jechaan sare`eefii ashkara isaanillee jibbe tanaaf jechaan gaafan biyya arabaa deemu`uu ka`e ilma indooyyee tiyyaatin mariyadhee wannin je`een biyya arabaa dhayne`eeti saa`aa bitannee gaafa san waan nuti magaalaa hin dhayna`eef waan saa`an biyya teenya jirtu hin seenu keessattuu saa`an ashkaraa ammas bombi bitanneeti biyya teenyatti deebinee nu lamaanirraa tokko bombii ashkara mangisti`ii kan mandara ciroo keessa jirutti darbee nu lamaanirraa tokko ashkara mangisti`ii kan harar jirutti darbee saa`aa takka keessatti kana hunda dalaynee ashkara isaanii lafarraa fin`ee nagayaan karaa dabarree nagayaan jiraanna je`een gaafas beekkomsi keenyi xiqaa tayuu keessa waan ashkarri hangas malee bakka biraa jiru hin seenee ammas waan bombiin biyya arabaa malee biyya biraa jirtu hin seene 

MAGAALAA HARARII AMNA JALQABUU

Akkasitti magaalaa hararii kaanee kan sinqii waa xiqqo malee hin qabne karaa jijigaatin awbareen zeyla`iin gaafas aw barreefii zeyla`I harka ingiliiz jirtii ziyala`ii baanee jibuutii harka faransa`aa jirtu seenne . miilan dhoysa`aan halkan keessa .
ODUU SAFAARAA HABASHA`AA
TA JIBUUTII JIRTU
Duuba waan baasaboortii harkaan qabneef safaaraa habasha`aa ta magaalaa jibuuti`ii keessaa jirtu dhayn`ee safaara`aan baasaboortii nuu kenni biyya arabaati dhayn`aa jenneen jennaanin tuyuu boqqolloo abbaa keessaniin wajji qotaa nuun je`e jennaan boqoolloo qotu`uuf warri hafee ni gayaa jenneen karaa kanaan waan kaan ifirraa nu deebisuu ijibbaannan safiirri wanni nuun je`e yoo biyya arabaa dhayxan arabni isin khulaaseti gabra isin godhata nuun je`e jennaan arabni gosa nabii keenyatii nageenyi isarratti haa jiraatuu nu miidhaa hin yaaadin je`een hoggaa san namni soomaale`e kan safaaraa habasha`aa keessa dalagu tokko harka nu qabee safiira biraa nu baasee qaadii jibuuti`ii kan { saqqaaf } je`amu bira nu geessee dhaamsa gargaarsaa warra yamanitti katabiif je`eenii qaadichi dhaamsa nuu katabe dhaamsi inni nuu dhaame wanni je`u jarri kun habasha`arraa deemaa hajji`itti yaa`anii waan dandeessaniin gargaara`aa dubbii isaanii laaffisaa jechu` .

JIBUUTI`IRRAA DOONII YAMANITTI YAABBATUU

Akkasitti warra jibuuti`irraa sinqii waan dooni`iin yaabbannu argannee doonii jibuuti`irraa hanga ganda { dabaab } je`amu kan qarqara yamanirraa jirutti yaabbanne haa tayuu odoo ganda san hin gayin abbaan dooni`ii waan nuti baasaboortii hin qabneef qarqara baharitti nu buuse bakkeen inni nu buuse bishaan isi`ii gad dheera`aa miti bishaan bahara nu liqimsuu gaye haa tayuu nu daddarbanii qarqara bishaanitti nu baasan haa tayuu huccuun { daboo } je`amtu tan qoqqobbaa meeqaatam qabdu tannin bara meeqaatam uffadhe bishaan bahar seenee harkisee harkisee keessaa baasuu dadhabee bahara keessatti dhiise akkasitti nuti nama afur ni geenyaa tokko soomale`ee tokko arusi`ii lama ituu carcarii odoo qarqara baharirraa yaanuu maghriba ganda yaman kan baharirraa jiru kan { dabaab }  je`amu seennee bullee ganama magaalaa sanii baanee , karaa ganda yaman { huseniyyaa } nu geessu yaa`utti seenne.

ASHKARRI  YAMAN KAN KARAA EEGU

Ashkarri yaman kan qarqara baharaa eegu nuu yaa`u argee tulluu ilaalaa gubba`aa nutti bu`ee eessaa biyya teenya seenu`uu yaatan biyya timiraa yaatan nuun jennaan habasha`arraa yaana jenneen  jennaan baasaboortii kennaa je`an jennaan mangistiin teenya nama akka keenyaa kanaaf baasaboortii hin keenitu nuti warra biyya kessatti waa baratuu turee mangistiin habasha`aa warra islaamaa kan biyya alatti waa baratu`uu deemuf baasaboortii hin kennituu namni islaamaa kan biyya alatti waa baratu hundi dhoysa`aan biyyaa bayanii diin islaamaa baratan . azhariifii beytazzabiid fa`atti kan yoo baratanii deebi`an dalagaa mangisti`ii hin arganne yoo diin islaamaa ganda keessatti barsiisuu taate malee yoo inuu hidhamanii hin ajjeefamin waan iznii malee biyyaa bayanii waa barataniif jennaanin mootin keessan haylasillaasse`ee nuun je`an hoggaa sana mootin keenya haylasalaasee tayuu didda`aaf manzuumaa takka tan halasillaasin keenya nabi Muhammed malikiin addunya`aa nabi muhammed jettu irratti qara`e gaafas manzuuma`an hedduu qara`aa manzuuman sun afaan arabaatin akki jettu.
         Malikilwajuud heylasilaasinaa 
    	yarasuulallahii yaa manba`alhana 
Ashkarri yaman hoggaa san dhagayu akka mootin keessan malilik eegasii haylasilaasee taye beynee isin gad dhiifnaa maalaqa kennaa je`an hoggaa san oow`atu natti jiraa lolee si nuti biyya kuffaaraa warra nu gabroonfatu biraa isinitti dhufnee bitti islaamaa biyya teenyaa yaannaa inumaa maallaqa kennaa nun jettanii nuti nu gargaartanii isinirraa khajeellaa isin horii nurra barbaaddanii je`een duuba achitti yaanni biyya arabaa dhaqeetan saa`afii bombi bitadhee deebi`ee cunqursaa dhawaan mataa keessa qabu arabni waan teenyan qabuu arge namuu biyya ifiiti tiyfataa arge yaada kiyya xiqqaadhan duuba xalayaa qaadin jibuuti`ii { saqqaaf } nuu barreesse tan jara kana gargaara`aa karaa dabarsaa jettu garsiifnee nu gad dhiisan akkasitti ta`izirraa mayna`aa magaalaa { huseyniya`atti } qajeellee seenne .
MANDAROOTA BIYYA YAMAN
Achirraa magaalaa zabiid seenne magaalaa zabiiditti  wannin arge warra dukkaana seene waan akka sukkaraa diimaa bitatee afaanitti naqatee bayu duuba sukkara biyya yamani je`ee hanga namnin arge bitee afaanitti naqatu takka anis bitee afaanitti naqadhe naqannaan onnee na dhayee lafaan na dhaye hogga`an bayyaanadhu abbaa dukkaanatiin siitu summii na nyaachise je`ee qabnaan naa mitii siitu waan hin beynetti seenee if miidhe naan je`e warri waan san nyaatu hoggaa afaanitti naqate garii liqimseeti garii tufaa wanni inni tufu udaan lukku`uuti fakkaata tanaaf jecha karaadhafii dirreen mana biyya sanii waanuma lukkuun udaan itti hayde fakkaatti akkan siyutti wanni sun haraami odo`on maqaa isi`illee beekhuu baadhee keessattu nama amma isii nyaatuu jalqaburratti haraami . ammas masjida guddaa mandara zabiid kan mazhabni afaran keessatti qara`amuu ture kan onee adari`iifii shinbirroon biraa keessatti horte . gaafni sun { 1951 } duuba achirraa beytalfaqiif achirraa zubeydaa seenne zubeydaa keessatti wannin arge darasaa sheekharratti kitaaba qaraatu kanniin jecha inni hiikkuf hundarratti rahimakallaahu rabbiin rahmata sii haa godhuu je`anii du`aa`ii isaaf godhanan arge achirraa magaalaa mansuuraa achirraa mandara hudeydaa je`amu seenne hudeydan dikkaa yookkaa miinaa magaalaa san`aadhaa kan gaara keessa jirtuuti 
MANDAROOTA BIYYA SU`UUDI`II
Hudeyda`arraa jiizaanitti qajeelle haa tayuu magaalaa hin seennee irraa mayn`ee ganda huseeniyyaa je`amu kan biyya su`uudi`itti qajeellee seenne ganda san orma gurraachatu qubata ganda san keessatti nama arabaa kan shariifaa je`aniin agarree bira qubanne namni sun wanni nuun je`e na biraan deeminaa dubra gabraa gugurraacha kanan isinitti fuudhaa jennaan ilmi indooyyee tiyyaa aaree biyya teenyattuu bilisa diddiimtuu fuunaa biyya arabatti gabroota gurraacha natti fuutaa je`een inni diima`aa akkuma kiyya narra joolle`e malee akkasitti aaran ganda saanirraa baane shariiftichi imaama ganda sanii sun kitaabni { tashiilulmanaafi` } je`amu kan xibbi`ii ammallee manzuumaa molida`aa narraa hanbise su`uudin kitaaba akkanaa hin feetu je`ee . achirraa karaa baddaa hijaaz qabbanooytuu tan akka { baaha`aa } abha`aa keessa yaa`aadhaa xaa`if dhayne anaafii ilmi indooyyee tiyaa . kana hundaa miilan kophee malee sinqii malee yaane gammoojjii yookkaa barahaa yaman tan oow`aaf halkan malee guyyaa yaa`uu hin dandeenye biyya bofaafii bineensaa keessa yaa`aadhaa biyya adda addaa keessa rakkoo adda addaa mudata`aa xaa`if seenne rakkoo sanirraa gaaf tokko halkan baadiyaa su`uudi`ii keessa odoo yaanuu warra baadiya`arraa namni tokko nutti bayee nu qabe nu qabnaan nuti musaafiraa habasha`arraayii makkatti yaanaa nu dhiisi jenneen haa tayuu horii kennitan malee je`ee nu gad lakkisuu dide horii waan harkaa qabnu ni kennineef ammas huccuu baafadha`aa kennaa je`e hoggaa sanan dirmachuu rabbi malee wanni nu dhaqabu hin jiruudhan qooqa ol fuudhee { yaa arhamarraahimiin uhkum banyan wa bayna haazarra jul } je`e hogga`an akkana je`u namichi rifateeti isaa hollatu waan nurraa fuudhe hunda nuu deebisee yaa`aa nuun je`e yaroon halkan gama boodatii akkasitti nuu karaan beeyne bosona keessa yaa`aadhaa bulle gandarra goruu sodaadhaf ganda arabaa kan biyya yaman gariidharraa wanni agarre arjummaa daangaa hin qabne keessattu keessummaa guddisus biyya gaari`irraa wanni argame kheessummaa tabbarraa takkaa mana fooqii gubbaa tattaa`aniiti eegan duuba hoggaa nama karaa yaa`u argan itti wal duggoman duuba kan dura bira gayeetu kheessummeessa haa tayuu ati khalee kheessummaa argattee ar`a keessummaa tana naa dhiisi waliin je`aniiti wal khadhatan duuba yoo nama hedduu taate adda qoodatan .
JAALOTA KIYYA LAMAAN
Jara afran biyya yaman wajji seennerraa tokko zabiiditti nu jalaa hafe qabrii abbaa soomale`ee ismaa`iilal jabartii ziyaaru malee je`ee. tokko eega beytalfaqiih dabarreeyi nu jalaa hafe anumaafii ilma indooyyee yookaa haboo tiyyaa ismaa`iil aliitu miilan xaa`if seenee achirraa makiinaa yaabbannee makkaa seenne baatii shawaal keessa eega baatii sadii miilan deemnee , xaa`ifiifu makka jiddu malee hoggaa makka seennu warri makkaa huccuu jalaa gubbaa nutti bite duuba hanga hajjiin geessu sinqii dalaganna jenneeti jidaa dhayn`e magaalan jiddaa gaafas xiqqoodhaa ni oow`iti duuba shirkaa { abuu nasiib } takka bira waa xiqqo dalayne al waaha markabni fidu bakka takkarra bakka taanitti guuru`uun haa tayuu oow`i jabeessinaan dhiifnee makkatti deebine . 

WAANIN MAKKA KEESSATTI QUNNAME 

Makka keessatti sheeykh alawii abbaas maaliki`irrattin waa baratu`utti seene keessattuu { iidaaha } manaasikaa kan imaamunnawawi`ii .
Waanin makka keessatti qunnamerraa tokko dubbii sheekh abdallaa tuqo`ooti sheekh abdallaahi tuqo`oo harar naannoo fadisitti dhalate duuba eega hararitti fiqhii akkaan baratee dawwee dhaqee achitti barmoota guddaa baratee eegasii xariiqaa fuudhee ahwaalli itti ka`e eegasii makka dhaqee fiqhii shaafi`iitifii xariiqaadhafii aqiidaa ash`ari`ii dhiisee da`waa muhammed abdulwahaabitti seenee makka kessatti karaa muhammed abdul wahaabitti nama yamu`utti seene sheekh abdulqaadir warra jimmaa tokkoon wajji wanni isaan dalagan nama biyya habasha`arraa dhufu karaa isaanitti yaamuu nama hawaashii gadii dhufu abdullaahi tuqo`ootu qabii maxaysa kan hawaashii olii dhufu abdulqaadir jimmaatu qabee maxaysa jara kana maddii jamaa`aa biraatu jira kan karaa shaafi`iidhatti warra habasha`arraa dhufu yaamu keessattu sheekkotiin soomaale`ee gaafa san da`waan sheekh muhammed abdulwahaab akkaan hin bal`annee sun bara afurtamii shan dura duuba abdallaan tuqo`oo wanni naan je`e fiqhii shaafiidhaa dhiisi an shaafi`ii ifiin hin je`in tawhiida ash`ari`ii dhiisi an ash`arii ifiin hin je`in xariiqaa qaadiri`ii dhiisi an qaadirii ifiin hin je`in hundinuu khuraafataa naan je`e hoggaa sanan mee akka mazhabni shaafi`iidha waan badduu itti taye na fudhachiisi je`een duuba na fudhachiisu dadhabe maalif an tawhiidafii fiqhii keessatti akkuma isaati yoo mataa jabaatuu kiyya itti idaane an isa darani duuba hoggaa ifii na gara galfatuu dadhabu sheikh abdulqaadir jimmaati natti fide sunis na ijibbaate eegasii sheekhe daarul hadiisitti na geese ammas eegasii anaafii ilma indoonyee tiyyaa ismaa`iil alii geessee ashaa yookaa hiraata yookaa dhiyana akka biraa nu nyaachise hoolaa guutuu gorra`anii gogaa irraa fuudhanii waan garaa keessa jiru hunda keessaa baasanii dhiqanii ruuza gaarii hawaaji`iin wajji itti takhashanii itti hodhanii furnoo keessa kaayanii isaa bilchaatee urgaayu kan yoo harkaan tuyxe foonifii ruuzni buqqa`ee si jala ka`u fidanii nu jiddu kaayan duuba nyaannee nyaannee quufnee beelti baatii sadiyii nurraa baate hoggaa nyaatarraa raw`annu sheekhni daarulhadiisa inni warra najdiiti maqaa isaa amma hin yaadadhuu gorsa gaarii nu gorse akka abdallaa tuqo`otti fiqhii shaafi`ii hin tuyn`e . duuba ganama hoggaa wal garru abdallaa tuqo`o wanni naan je`ee dubbii sheekhaa dhageessee yaada keetirraa deebitee mitii ? jennaan wannin je`een nyaanni waa yaada kiyyarraa nan deebisuu yoo kan bakka nyaataa san yaada kiyyarraa na deebisu`uu kan na geessite taate an amma eegu achitti hin deebi`u bakka sadaqaa ganamarraa dhaqanii biddeenafii ruuza irraa fudhatantu jiraa tikiyyaa umar je`amtuu achi dhaqee waanin nyaadhu fudha biddeen tokkoofii ruuza fal`aana tokko abdallaa tuqo`orraa maqee duuba abdallaan tuqo mataa bakka sadaqa`aa sanitti dhaqee namni muhammed rashaad je`amu kun yaadaa isaa gad dhiisee yaada keenyatti seenuu didee nyaata ittin kennin ruuzafii biddeena daabboo sadaqaadhaa ittin kennin je`een tanaaf jecha mataan { tikiyyaa } sanii na yaamee maaltu siifii nama abaddallaa tiqu`oo je`amu jidduu jira je`ee na gaafate na gaafannaan waannin je`een inni warra biyyatiyyaatii mazhabni biyya teenyatti itti dalagu mazhaba shaafi`iidhati akkuman an fiqhii shaafi`iidhaa qara`etti inninis qara`uu ture duuba inni as dhufnaan mazhaba hanbali`ii qabatee fiqhii shaafi`ii nama jibbisiisu`uttti seene an dhufnaan fiqhii shaafi`iidhaa dhiisi naan je`e ammas salaata alannabiyyi`in heddommeysaa kitaaba tokkorraan qara`aa sanis dhiisi naan je`e duuba hin dhiisuu je`een tanaaf hamtuu natti yaadan je`een mataan bakka sanii sun hoggaa dubbii tana dhagayu irraa hammaatee wanni naan je`e inni warra misraatii guyyaa hundaa koottaa nyaata hanga feete fuudhu naan je`e akkasitti kan duraan furnoo yookaa biddeena firii takka qofa naa kennan naa heddommeysanii ruuza hangan fedhu naa kennanii garii furno`oo warra achitti namarraa bitutti gurguradhee maallaqa argadhee rabbiin natti bal`ise inumaa rabbiin kiyya harama keessatti akkaan natti bal`isuu fiinan namni an hin beyne tokko anaa guyyaa soomanee galgala furnoo goggoyduu bishaan zamzamaa itti buufatee jiifatee itti faxaru garraan natti dhufee anaatu asitti nyaata sii fidaa ati asii hin sossoo`in haramarraa hin bayin naan je`ee akkasitti namni sun nyaate nyaata hoolaa daarulhadiis san caaltu kan gosa adda addaa miya adda addaatin galgala hunda naa fida rabbi galata isaaf haa galchuu akkasittan hajji eeggadhee baatii arafa`aa guyyaa saddeetii ganama hajji hidhadhee makkaa bayee bakka { mina } je`amtu tan makkaafii arafaa jidduu jirtu dhaqee achitti salaata zuhri`iitifii asri`ii magribaa ishaa`ii subhii guyyaa sayleessaa baatii arafa`aa salaatee minarraa gara arafa`aa deemuu jalqabe namni minarraa gara arafa`aa deemu dura bakka muzdalifaa je`amtutti dhufa eegasii laga lolayaa kan waadii yookaa laga {namiraa } je`amutti dhufaa duuba bakka namirraa je`amtu qubata masjida namiraa keessa takkaa ala isaa bakka arafaa hin tayin qubata maalif masjinni namiraa takkaa masjinni ibraahiim cina`aan namira keessa jiraa cina`aan diida arafaa keessa jiraa gama arafa keessa hin jirre taa`a hanga zuhriin gayutti duuba hoggaa zuhriin gayu odoo diida arafa`aa hin seenne salaata zuhri`iitifii salaata asri`ii raka`aa lama lama godhee wajji salaatee eegasii dirree arafa`aa seenee hanga magribatti diida arafa`aa san keessa bakka fedhe dhaabbatee booyee waan fedhu rabbi isaa kadhata duuba odoo magriba hin salaanne hoggaa aduun seente gara muzdalifa`aa deema achitti magriba ishaa`iidhan wajji walitti qabee salaatu`uuf duuba eega subii salaatee hanga aduun baatutti achi taa`ee rabbi khadhatee achirraa dhagaa boollaa sheyxaanni zamana ibraahiim seene sadeenirraa tan jamratul`aqabaa yookaa boollaa kaarraa je`amtu tan makkatti as aantutti darbatu dhagaa xixiqqaa hanga firii baaqila`aa takkaa dhagaa biimbe`ee gayu muzdalifa`arraa guurata duuba achirraa gara mina bakka boollitti sheyxaanaa jirtu hanga boolla sadeenirraa kan boodaa gayutti hoggaa biraa gaye  dhagaa turban muzdalifa`arraa guurate tokko tokkoon boolla sanitti darba guyyaan kan guyyaa iida arafa`aati guyyaa kana wanni dalagan tokko dhagaa boollatti darbatuu tokko yoo qabaatan waa qaluu tokko mataa haaddatuu tokko makka dhaqanii xawaafanii sa`yii godhuu waan dubbanne kanarraa yoo waa lama dalage akka dhagaa darbatee mataa haaddatu`uufii takkaa mataa haaddatee xawaafu`uutii waan lamaan kana dalagu`uun hiikkannaan hajji`ii lamaanirraa ta duraa argamtee wanni hoggaa hajji hidhate isarratti haraam yookaa dhoowwamaa godhame hundi halaal isaa godhamtee dalaguu qaba yoo beeratti ida`amuu taate malee ammoo yoo sadeenuu dalage dhagaa darbatee mataa haaddatee xawaafee sa`yii godhe waan irraa dhowwame mara dalaguun isaaf gayaa arkaana hajjiidhaa fixe waajibaatu irratti hafe malee sun iida booda guyyaa lama yookaa sadii mina bulee boolla sadeenitti dhagaa torba torba darbatuu hoggaa biyya isatti galu`uu ka`e xawaafa dhaammanna`aa ka`ba`aan hoggaa torba naannawuu yookaa xawaafuu . 

HAJJI`IRRAA RAAW`ATUU 

Akkanattin hajji fixee madiinaa dhaqu`uuf karaa bu`e karaan madiinaa dhaqu kanin an deemu`uu muradhe karaa nabi muhammed gaafa hijraa bayan deeman kan amma xariiqul hijraa je`amu kan amma matoobiliin gamaa gamana keessa oriitee makkarraa nama fuutee saa`aa afuritti yookaa saa`aa jahatti madiinaa nama geessitu kan gaafa nabii faa guyyaa khudhanitti makkarraa ka`anii madiinaa dhaqan karaan kun gaafan an deemu`uu ka`e matumaanuu namni deemuu dhiisee faanti isaatuu bade duuba karaa akkanaa kanan faanan  nabii jalan deema`aaf kanin sinqii yookaa galaa hin qabne deemu`uu karaa bu`e duuba tan`iimirraan amna jalqabee odo`on deemuu nama tokko kan gaala yaabbatee karaa kana deemu argadhe duuba odoo yaanuu biyya waadii faaxima`aa je`amtutti dhufnee magaalaa sanirraa timira fudhee khaliixaa dur biyyatti mahallii sharhii minhaaj keessa kaayatuu ture guuttadha ganda san keessa madda bishaan mi`aaya`aa tan burqitu tan bombaa itti hidhanii jidda geessanii bishaan isi`ii mi`aayaa mandarri jiddaa dhuguutu jira duuba ganda waadii faaxima`arraa namicha arabaa kan hajji dhufee biyya isatti galu`uu deemu saniin wajji amna itti fufne hanga odoo yaanuu halkan keessa bakka geenyetti duuba namni sun wanni naan je`e an bitti tiyya asirraa gara bayaatii ati karaa madiina`aati deemtaa rabbi si wajji haa jiraatuu nagayattu je`ee na biraa dabre hoggaa inni na biraa dabru ormi hedduun namni ati dhiiftee biraa deemte sun eenyu je`aniin jennaanin nama habasha`aa kan hajji godhee madiinaa ziyaaru`uu deemuu je`een .
Hoggaa san dhufanii naan marsan isaan nama heddu`uu wanni seyan nama horii guddaa harkaa qabu wanni akkas siyaniif anaatu borsaa yookaa qandii goga`aa timira guutee kan kitaaba { alfathurrahmaanii fissalaati alaa ashrafilnaw`il`insaanii } kan sheekh haashimilharariin allafe malee wanni biraa keessan hin jiru khaliixa`aatu guddoo malee kanin sharhii minhaaj { mahallii } keessa kaayatu`uu goga`arraa tolfadhe haa tayuu ormi sun waanuman maallaqa ba`adhu seyan yaroon sun halkan wal`akkaadha ammoo ji`aatu jiraa halkan ni ifa duuba odoo isaan afaanin  natti dubbatuu malee harkaan nan qabin rabbiin magaya na baasu`uu jecha matoobiliin takka gaara duubaa luf as jette gaafas warri baadiya`aa matoobilii hin beekhuu takka ashkara mangisti`ii kan baadiyaa keessa yaa`ee nagaya eegu seyanii hundi isaanii gara matoobilii sanii gara galanii laalu`utti seenan hoggaa sanan isaan jiddu`uu futtifadhee karaa ifaan matoobili`ii itti qajeellu keessa dhaabbadhee itti iyyadhe hoggaa san harka na qabanii matoobili`irratti na darban duuba matoobilii gubbaan bana`aa nuun fiiganii du`a jalaa rabbiin na baase galanni ka saatii silaa odoo xiqquma sayyaaran yookaa matoobiliin san na dura dabartee takkaa waa xiqquma turtee ar`a silaa an asin jiru oromolleen bu`aanarraa hin argatu haa tayuu namni sheekha tokko akki naan je`e maalumaaf jarri sun si kholaasee hayyuu arabaa tokkoo sin gurgurin silaa taabiyyaa argatteeti kafiila nuu taataa je`ee hawwe duuba akka namni sun nama dantaa ifii malee dantaan tiyya yookaa dantaan oromo`oo isan yaachifne asxaan sanii bakka heddu`utti naa mul`attee jirti matoobiliin sun hoggaa jara san jiddu`uu na fuutee nuun fiydu bakka deemtuf nuun dhayxe abbaan sayyaaraa sanii hogga`an dubbii tiyya itti odeessu ni booye wanni naan je`e bakka tanatti hajjaajonni meeqaatamtu dhume nama diiddamaa gadiin orma shifta`aa kana bira dabruu hin dandayan tanaaf jecha karaan kun dhiifamee jiraa jiddatti si deebiseetan karaa saahil yookaa qarqara bahar deemta malee gad sin dhiisu je`ee khakhate yoo sayyaaran sun eessaa dhufte jettan abbaan sayaaraa sanii warra shaamii matoobilii lamaan jiddaa bayee gaara qoraanii dhaqee achitti sayyaaran takka duraa baddee isii fayyaa qabduun jiddatti deebi`ee waan isii baddetti jirjiirufii ogeessa fudhatee isaa jiddarraa deebi`ee bakka matoobilii baddetti deemu halkan san bakka shifta`aa sanitti wal qunnamne duuba hanga sayaaran sun tolfamtu gaara san keessa wajji teenyee nyaata isaanii wajji nyaannee bishaan isaanii wajji dhuynee guyyaa meeqa booda jiddatti ifiin wajji na deebise riyaala shan ka xalaya`aa wahiin nyaadhu je`ee naa kennee .
Jidda keessatti wannin arge nama adii tokko kan nama guraacha tumu hoggaa sanan utaalee harka isaa qabe maa tumte je`ee hoggaa san na dhawu`uu natti gara gale hoggaa san namni tokko utaalee narraa dhoowwee harka na qabee achi naan deemee namni kun gabricha ifiiti tumaa ati maaltu siin gaye naan je`e . 

JIDDARRAA AMNA JALQABUU WAANAN KARAA JIDDATTI ARGE 

Duuba jiddatti asri`ii salaattan akka namichi shaam kan karaa kana hin deemtuu karaa saahil deemta naan je`ettin karaa jiddaa ka`ee madiinaa dhaqu deemu`utti seene an mataa kiyya keessa waa yaabbatuun hin jiru waanin miilan deemuu aadaa godhadheef ammallee waanin sinqii hin qabneef jecha tanaafan karaa saahilaatin deemtaa qaalichi shaam naan je`e san miilan deemu`utti fudhee karaa madiina`aa kan jiddaa bayu deemu`utti seene gaafas karaan madiina`aa akka ammaa kanatti hin tolfamne inumaa hoggaa san soqanii wal qixxeessuu jalqabanii bakka { raabigh } je`amtuun  gayan kan sanii achi matoobiliin ifumaa karaa baafattee deemtu .
Duuba karaa diriiraa sayyaaran yaatu asri`irraa deemuu jalqabe odo`on deemuu aduun seente eega maghribaati otobiisni mangisti`ii hin deemuu ni dhaabbata hammeenya kara`aatif jecha ammoo sayyaaran sha`bi`ii akka koturbaandi`itti takkaa akka hannatti ni yaati duuba karaa diida bal`aa keessa deemu kan sayyaaran tikka deemtun kophaa tiyya deema akka yaada kiyyatti madiinan dhiyo`o duuba dukkana karaa sanii ifaa sayaaraa na duubaa jiddarraa dhuftuutu naa ibsa karaan diriiraa dheera`aa wanni na rakkise yayyee diida san guuttee bineensa sayyaaran ajjeeftu nyaatu`uuf kara`atti oriitu kan karaa moggaa lamaanii iyyitu tan hoggaa sayaaran dabartee dukkanti dhufte kara`atti oriitu kan hoggaa ifaan sayaaraa biraa dhufe kara`arraa oriitu akkanatti ishaa`in dabartee sayyaaran takkittii hanga sayyaaraa takka malee sayyaaran jiddarraa dhuftu tan karaa naa ibsitu dhabamtetti hoggaa sanan yoo sayaaran tun dabarte yayyiin si nyaattee sayaaraa tanatti iyyadhu ifiin je`ee hoggaa isiin natti dhiyaattu dura dhaabbadhee itti iyyadhe duuba naan dhaabnee narraa maysaniiti dabarsan haa tayuu hoggaa waa xiqqo narraa fagaattu sayyaaran duraa dhaamtee dhaabbattee irraa bubu`anii waan taate laalu`utti seenan tana jidduu abbaan sayyaara`aa ceya`aa natti dhufee harka na qabee na bubbuta`aa isaa yaa saahir koottaa sihrii baaburarraa hiikki je`ee na arrabsu bakka baaburri dhaabbatuttiin naan qajeelee hoggaa baabura biraa na gayu baabura seenii bakka tana dhaabbadhuu qabadhu je`ee ol na darbe duuba hogga`an koree qalbiin na qabbanooytu baaburri odoo tutuqanuu ka`eefii akkasitti baaburri deemsa itti fufe , hanga bakka raabigh je`amtu geenyetti duuba abbaan baaburaa waan nuun je`e hara baafanneeti subhii dura kaanee deemnaa sayyaara`arraa bu`aadhaa rafaa hoggaa san namuu bubu`ee baabura jalaafii maddii rafan an ammoo sayyaaraadharraa fagaadhetin rafe anaa dadhabbii deemsa kara`aa qabu duuba hoggaa sabhii salaatu`uu ka`u sayyaaraa if biraa hin agarre amma lafti itti dachiin diidaa qiblaan gamanaamoo gamanaan hin beekkamu haa tayuu ijtihaada godheetan qiblaan gamanamoo gamana je`ee gara qalbiin tiyya gamana jettetti gara galee salaate maalif namni wanni lama itti wal fakkaatte akka huccuun xaahiraatifii huccuun najifamte itti fakkaatu`uutii ta qalbiin isaa xaahira jetti filatee salaatan duuba hogga`an salaata subi`ii salaatu amnaafin yookaa adeemsaf karaa bu`ee odo`on deemuu nama sayyaaraa { londoroofar } oofu argee madiinan dhiyo`oo je`ee gaafadhe gaafannaan lakkii madiinan dhiyo`oo miti fagoo naan je`e ammas wanni naan je`e madiinan asirraa sayyaara`aan amna guyyaa sadiyii ni geessii sanumaan wajji ati gara jiddaati deemu`utti jirtaa duuba deebi`ii gara madiina`aa deemi naan je`e . wanni akkas na godhe aduun takkaa hin baanee bayaa dhiya kaataa kibba yookaa mirgaa bitaan adda naan beekkamne . akkasittan karaa madiina`aa deemuu jalqabe duuba hogga`an karaan madiina`aa dheeraa tayuu hubbadhu matoobilii takka ta jiddarraa deemtu argee abbaa isi`iitin na yaabbachiisi je`ee kadhe khadhannaan maallaqa kenni je`e jennaan riyaala shan malee wa takkan qabuu na fattashii yoo garte fudhu je`een riyaalli shaman sun kan shaamichi keli na kenne hoggaadhan akkas je`uun dhiifadhu sayyaaraa kori naan je`e na korsiisee hajjaajota soodaanin wajji nyaata isaanii nyaata`aa bishaan isaanii dhuga`aa guyyaa hedduu deemne waan karaan madiina`aa hin tolfaminiif tolfamuu dhiisii soqamee wal hin qixxeeffamaniif kan sayyaaran hundi karaa ifii baafattee deemtu hanga odoo yaanuu bakka itti baasaboortii yookaa jawaaza nama gaafatan geenyetti achitti abbaan sayyaara`aa ati baasaboortii hin qabduu na qabanii narraa bu`ii madiinan dhiyo`oo miilan deemi naan je`ee irraa bu`e akkasitan halkan gama boodarraa adeemsa jalqabee suuta deema`aa waytii yookaa yaroo waari`ee madiinaa nuuraa seenee gammachuu likii yookaa daangaa hin qabne gammade duuba anaa salawaata alannabii akkaan heddommeysu masjida nabii seenee raka`aa lama tahiyyatal masjid je`ee rawdaa keessatti salaate rawdan bakka qabrii nabiitifii minbara isaanii jidduu jirtu minbirri yooka maqidallaan bakka isaan irra dhaabtanii yookaa taa`anii khuxbaa ju`aadhaa takkaa khuxbaa biraa qara`an nabiin akki je`e { qabrii tiyyaafii minbara kiyya jidduu rawdaa jannataatitu jira    ما بين قبري ومنبري روضة من رياض الجنة  } je`an akkana jechuun ibaadan achi keessatti dalagan salaata tayuu waan biraa tayuu waan jannata nama seensisu jechuu takkaa bakkeen sun kutaa jannatarraa taate tan jannata seensifamtu jechuu duuba eegan rawdaa keessatti tahiyyaa masjidaa salaate ka`eetan qabrii isaanii bira dhaqee qabri`irraa waa xiqqo fagaadhee { assalaamu alayka yaa rasuulallaahi ashhadu an laa ilaaha illallaahu wa ashhadu annaka Muhammed rasuulullaahi wa ashhadu annaka khaatimu rusulillaahi wa ashhada annaka qad ballaghtarrisaalaata wa addeytal`amaanata wa nasahgtal`ummata fa jazaakallahu khayra maa jaazaa nabiyyan an ummatihii } je`e 
{ السلام عليك يا رسول الله اشهد ان لا اله الا الله واشهد انك محمد رسول الله واشهد انك خاتم رسل الله واشهد انك قد بلغت الرسالة واديت الامانة ونصحت الامة فجزاك الله خير ما جازا به نبينا عن امته }
Akkana jechuun afaan oromo`ootin ergamaa rabbi nageenyi sirratti haa jiraatu an akka waaqa tokko malee waaqni biraa hin jirre nan beekhaa raga`an baya ammallee akka ati ergamaa rabbi kan boodaa kan nabiyyiin biraa haaroyni si boodan hin dhufne taate nan beekhaa raga`an baya ammallee akka ati amaanaa rabbiin sirra kaayee ummatatti geessi siin je`e ummatatti geessitee ummata kee qajeeljite nan beekhaa raga`an baya rabbiin galata galata anbiyootaf ummata isaanirraa galchu caalu ummata keetirraa sii haa galchu } je`een  eegasii salaamtaa namni nabitti nuu geessi je`e natti dhaammate itti geese abalu assalaamu alaykum siin je`aa assalaamu alaykum minhu } je`ee .
Eegasii hanga dhuudhuma tokkoo gara mirga kiyyaa siqee asaab abuu bakrirratti salaammadhe { assalaam aleyka yaa abaa bakrissiddiiq yaa khaliifata rasuulillaahi radiyallaahu anka wa an ashaabi rasuulillaahi ajma`iin wa jazaakallaahu anil`islaami kheyraljazaa` } je`e .
السلام عليك يا ابا بكر الصديق يا صاحب رسول الله ويا هليفة حبيب الله رضي الله عنك وعن اصحاب رسول الله اجمعين وجزاك الله عن الاسلام خير الجزاء .
Akkana jechuun { yaa saahiba ergamaa rabbi yoo khaliifaa jaalallee rabbii nageenyi sirratti haa jiraatu rabbiin siifii asaabaa nabii hundarraa haa jaalatu islaamarraa galata guddisee sii haa galchu } jechu` .
Eegasii hanga dhuudhuma tokkoo gara mirga kiyyaa siqee asaab umarirratti salaamadhe { assalaamu alayka yaa umarbnilkhaxaab yaa khaliifata rasuulillaahi radiyallaahu anka wa an ashaabi rasuulillaahi ajma`iin wa jazaakallaahu anil`islaami kheyraljazaa`} .
السلام عليك يا عمر بن الخطاب يا خليفة رسول الله رضي الله عنك وعن بقية اصحاب رسول الله اجمعين وجزاك الله عن الاسلام خير الجزاء .
Akkana jechuun { yaa umarabnilkhaxxaab yaa khaliifaa nabii nageenyi sirratti haa jiraatu rabbiin siifii asaabaa nabi hundarraa haa jaalatu rabbiin islaamarraa galata guddaa sii haa galchu } jechuu 
Eegan nabiifii saahibaan isaanii lamaanirratti salaamadhee dhaabbadheetan waanan fedhe hunda rabbii kiyya khadhe du`aa`in achitti ni qeebalamti .
QABRII NABII ZIYAARUN SAWAABA GUDDAA QABA
Qabrii nabii nageenyi isarratti haa jiraatuu ziyaarun sawaaba guddaa qaba .odoo hadiisa abuu daawuud odesse kan nabiin isa keessatti { nama dhufee qabrii tiyya bira dhaabbatee narratti salaammate rabbiin iznii naa godheetan salaamtaa isaaf deebisa } je`u malee hadiisni bira jiraatuu baatee hadiisni abuu daawuud kun qofti qabrii nabii ziyaaru`uu jecha madiinaa dhufu`utti nama kaasu`uuf ni gaya salaamtaa nabiin isarratti deebisu tana argatu`uu jecha nabiin namarratti salaammatuun waan laaftuu if dabarsanii mitii saniin wajji hadiisni biraatis ni jira hadiisni biraa wanni je`u { namni ziyaaraa tiyyaa jecha mana isaatii baye , kan ziyaaraa tiyya malee wanni biraa isan baafne guyyaa qiyaama`aa shafii`an isaaf taya } je`an kunis waan namni aylii qabu if dabarsuu miti .
Gaafan madiinaa dhaqe hoggaa san su`uudin masjida nabii bal`isuu jalqabde manootii naannoo masjidaa diiydee alwaaha jaaraniin achitti tuultee kan masjidaa tan { baabulmajiid } je`amtu diisu jalqaban anilleen dalagaa jaarmaya masjida nabii sanirraa haa xiiqqaaffulle`ee qooda fudhe odoo alwaaha yookaa muka bakka takkarraa takkatti guuruu takkaa sayyaara`arraa buusu`ullee taatee .
Hangan madiinaa keessa jiru bakka ziyaaramtu hedduudhan ziyaare kan akka qabroota uhud kan shuhadaa`otaa kan qabriin leenca rabbii hamza`aa keessa jirtu nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu qabrii hamza`aa ziyaaruu akkasuma masjida qubaatis ziyaaru`un ture inni masjida nabiin hoggaa madiina`atti galan dura dursoo jaaran akkasuma masjidulqiblateynii ziyaaru`un ture .
Ammas hangan achi jiru ulamaa`ii madiina`arraan waa baratuu ture keessattu lughaa arabaa . 

ABJUU BAREEDDUU 

Gaaf tokko odo`on al waaha masjidaan jaaru`uu jecha walitti qaban gubbaa rafuu manaama bareedaa tokkon arge manaamni nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu kan asaabaa isaanii dura deeman kan diiminni isaanii akka wardi`ii kan asaabonni jala ya`u kan karaa hulaa masjidaa tan baabussalaamin diidaa dhufanan argee itti ceyee utaalee  harka kiyya lamaanin morma isaanitti maramee miila lamaanin mudhii isaanitti akka joollen abba`atti maramtutti maramee wannin je`e ashhadu an laa ilaaha illallaahu wa ashhadu annaka muhammdun rasuulullaahi hogga`an akkas je`u wanni na garsiisan biyyaa bareedduu takka tan manneen isi`ii mukkeen dhedheeraa keessan mul`atuti naa akeekan akka waan dhaqi naan je`anii .
Duuba abjuunan arge kan waan an rabbi biratti ol kaayadhurraa irra guddo`oo tan namni hundi hawwuuf maalif nabi muhammed nageenyi isaanirratti haa jiraatuu manaaman arguun ni`maa yookaa qananii guddoo nabi Muhammad nageenyi isaanirratti haa jiraatuu akki je`an namni manaaman yookaa abjuuudhan na arge zaahiraan yookaa isaa dammaqa`aa na arguu hin oolu je`an isaan arguun sun addunyuma tanarratti takkaa hoggaa du`aa ka`an namni tokko warra dawwe`eetii manaama kana itti odeessinaan akka biratti isaan argu`uu dharra`e yookaa hawwe rabbiin isa haa agarsiisuu .
Duuba odo`on madiinaa taa`uu sheekh abdullaahi muhammadiin wal barre isaanii hajjii godhee madiinaa dhufeen wal barre . duuba wanni naan je`e an shaamittan deemaa asitti si dhiisuu hin fedhuu na wajji deemtaa ? jennaan gammadee ee nan deema je`een gurbaan tokkos warra fadisii isiniin wajjin deema je`e . 

Akkasitti sheekh abdullaahi matoobillii yookaa baabura nuu kireessee madiina`aa baane duuba nuu shaamitti yaa`u dura dursoo biyya imaam maalik tan { ulaa } je`amtutti dhufne isiin biyya timiraati sheekhni timira qirbata tokko nuu bite ajaa`iba timira sanii rifeensuma qofa maalif { qalqalloo } yookaa qarbata itti naqan san gama rifeensatti naqanii itti hodhan an waan akkas godhaniif hin beyne haa barakatuufimoo haa tiysuufimoo akka namni akka argetti nyaatee dafee duraa hin barakatuufimoo haa tiysuufimoo akka namni akka argetti nyaatee dafee  duraa hin dhumne  jecha`aaf akkas godhanii hin bayne an achittan warra timira zeyti`iin tuqatee nyaatu arge .
Duuba odoo yaanuu biyya nabi saalihitti dhufnee gaara ilmoon gala saalif kan ummanni isaa duraa ajjeesse dheeysitee seentefii manneen isaan gaara keessatti jaaran eela isaanii hunda garre . gaalli nabi saalih wanni irraa dhufe inni ummata isaa kan rabbitti balleessee namatti balleessutti rabbiin isa ergee rabbi sodaadha`aa badii itti jirtan tana dhiisaa an ergamaa rabbiiti na dhugo`oomsaa jennaanin mee yoo dhuga`aan argamaa isaa . taate dhagaan kun odoo nutti garruu gaala haa dhaluu je`aniin duuba gaalli odoo isaan arganuu ittanee ilmoo dhale dhallaan nabi saalih akki je`een gaalli tun gaala rabbiiti hin tuqinaa  je`een duuba bishaan isaanii adda qoodanii guyyaa tokko gaalli isaanii dhugee guyyaa kaan gaalli saalih kun dhugu kan aanan isiidhaa akka gaari`itti irraa dhugan duuba gaalli isaa kophaa bishaan dhuguun horiin isaanii isii dheeysun isaanitti ulfaatee nama tokko lam { qudaar ilma saalif } je`amu itti erganii ajjeesse hoggaa san ilmoon gaala sanii dheysitee gaara nuti garre san seente ammoo ummata saalih kan isatti amane malee rabbiin balaa itti buusee lafarraa dhuman ilmoon gaala sanii hoggaa qiyaaman dhiyaatte gaara sanii takkaa safa keessaa baatee nama iimaana qabuufii kaan mallatto`oon adda baafti . 

MAGAALAA TABUUK 

Eegasii tabuuk dhayne`ee bishaan diida keessatti nabi muhammadiif baye agarre kun eega guyyaa hedduu deemne yaroon sun yaroo qabbanaati hedduu rakkanne kan hunda kanuma naafii gurbaan ibraahiim je`amu kan madiina`aa wajji baane kan warra fadis jawaaza safaraa hin qabne yaana yoo namni baasaboortii nu gaafate wanni jennuun nuti takruunni`ii qabrii nabi zakariyya`aa tan suuriyaa { jaami`a umwi`ii } keessa jirtu ziyaarretti biyya teenyatti gallaa jennaanii numa dabarsan hanga magaalaa { ma`aan } je`amtu tan biyya { ordon } seennee eegasii magaalaa guddoo muummittii biyya ordon seennetti maqaan  isaa { ammaanii } .

Ammas ammaanirraa kaaneti magaalaa yookaa mandara { qudsii } dheyne gaafas mandarri qudsii harki tokko sun mandara durii kan masjidaafii qubbatul sakhraan keessa jirtuu harka mangistii ordun jira ammoo mandarri qudsii haaroyni harka yahuuda`aa yookaa israa`iil jira ganduma tokkichaatu bakka lamatti qoodame jechuu kan ashkarri ordoniifii ashkarri yahuudi`ii karuma tokkicharra gamaa gamana tattaa`u kun bara { 1952 } tt. duuba eegasii mandara { ibraahiimalkhaliil } ziyaarre eegasii magaalaa ammaanitti deebine .
SHAAM { SUURIYAA LOBNAAN }
Duuba sheikh abdallaahi Muhammad magaalaa ammaanitti nu dhiisee suuriya`atti dabre baabura hadiidatin waan baasaboortii qabuuf jecha ammoo nuti miilan ammaanii baanee suuriya`atti qajeelle karaa ashkarri eegurraa maqa`aa hanga magaalaa guddoo muummitti suuriya`aa dimishqa seennetti yaruun magaalaa dimishqaa geenye asrii boodaa masjida guddaa jaami`ul`umawi je`amu seennee asrii salaannee tetteenye 
Duuba namni tokko dullacha dhufee nu bira taa`ee nagaya nu gaafatee isin warra biyyaa hin fakkaattanii eessaa baatan biyya tamii dhuftan nuun jennaan habasha`arraa dhufne jenneen ka`aa nuun je`ee magaalaa nu geessee dukkaannotarraan nu gorree abbaa dukkaana tokkootin ati nama kana uwwisi je`eenii namni sun huccuu qabbanaa na uwwise yaroon yaroo qabbanaati huccuu qabbanaa hin qabuu ammas dukkana biratti dabree nama kana uwwisi je`eenii sunis waahila kiyya ibraahiim huccuu qabbanaa uwwise ammas nu fuudhee masjida sheekh hasan habannaka`aa kan mandaruma dimishqaa keessaa ganda { miidaanii } je`amu keessa jiru nu geessee sheikh hasan habannata`aan jara kana naa bulchaa ganaman dhufee fuudhaa je`eenii nu biraa deeme .
Duuba rabbiin ayyaana nu tolchuu keessa masjida sheekkotiin biyya teenya sheekh Muhammad jiilletiifii sheekh Muhammad alii yahya`aa bara hedduu keessa taa`anii ummata biyya sanii keessatti ilmi`iifii zikri`iifii waliyyumma`aan beekkaman keessa rabbiin nu qubsiise warri masjida saniitifii warri mana barmootaa kan masjida sanirraa laakkawamu gammadanii nu ashaman nutis haaluma sheekkotii isaan beekaniiti qabnaa haatayuu nuti isaan bira hin teenyee odoo isaan nutti rarra`anuu qaallichi achi nu fide borummaa nutti dhufee nu fuudhee madrasaa yookaa mana barmootaa kan { madrasat fathul`islaamii } je`amu geese mataa mana barmootaa sanitti nu kenne akkasitti mataan bakka sanii sheekh saalih farfuur nu qeebalee nu dhiyeesse . ammas rabbiin nasiiba nu tolchuu keessa sheekhni keenya abdallaahi kan ordonitti adda baane achi jiraa akkasitti walitti rabbiin nu qabee gammanne . 

Duuba mana barmootaa sanittan waan barmoota islaamaa taye hunda waliin gaye hundee kitaabban barmoota islaamaa kan nagaya qabu hunda sheekkotii gugurdoo amanamtuudharratti qara`ee bara shan keessatti halkanii guyyaa itti fufee sheekkotiin sun kan akka sheekh saalih furfuur kan jam`iyyaa yookaa wal daya wal gargaarsaa dhabee mana barmootaa kan fathul`islaamii je`amu jaare rabbii rahmata haa godhuufii ammas sheekkotii an irratti baradherraa tokko sheekh abdurrazzaaq halabii sheekh saalif aqqaad kan shaafi`ii zamanaa je`amu kan mughnilmutaajif hiikkaa yookaa haashiyaa kaaye ammas kan kifaayatul`akhyaarif haashiyaa kaaye aalima taajira zaahidaa akkasuma sheekh hasan habannakaa akkasumaa sheekh hasan kaftooroo akkasuma sheekh abdul`aziiz uyuunussuud kan teesson isaa { himsi } taate inni bukhaarii ijaazaa naa kenne ammoo sheekh abdulqaadir iisen kan teessun isaani halab taate kan kitaaba safwatuttasawuf allafe yookkaa barreesse inni sheekha kiyya kan ruuhi`ii kan khalwaa na seensisee xariiqaa qaadiriyya`aa tan isaanirraa kaatee ilma sheekh abdulqaadir abdurrazzaaqitti deebitu naa kenne isiin tun karaa kiyyaan harar seente isii tana sheekhni itti dalagu`uufii itti dalaysiisullee iznii guutuu naa kennani jiran isii hiruu naa eebbisan jechu duuba anis isii tana itti dalagu`uufii hirullee nama haqa godhatuu iznii godhe sheekh abdulqaadir suuruya`arraa madiina`atti galaniiti eegasii ordonitti galu`utti dirqaman kan eegasii dhukkubsatanii turkiyaa dhaqanii achitti du`an xariiqanin isaanirraa fuudhe ta biraa xariiqaa shaazaliyyaa darqaawiyyaa rabbi rahmata isaanii haa godhuu . inni nama ruuhin isaa jabdu`uuti kan laalchumaan nama qajeelchu .
Ammoo sheekhni kiyya kan hadiisafii fiqhi`ii sheekh abdallaahi muhammed harar sheeybaanii kan hadiisa nabii kum kudha lama haafazu kan sodaa rabbi keessa hoonga gaye kan horii boki`iitifii horii shubaan keessa jiru hin nyaanne gaafa isaan suuriyaa dhufan warri suuriya`aa akki isaan itti isa fudhatan akka sheekh abdallaahin kun khaliifaa sheekha isaanii kan badruddiin je`amu kan { muhaddisa shaam } taye inumaa muhaddisuddunyaa je`an taye maalif sheekh isaanii kanaatu namni ilmii hadiisaa keessatti bakka tiyya tana dhaalu sheekha tokko kan habasha`arraa dhufuu isa eeggadhaa je`aniin duuba isaanii mataa keessa kana qabu sheekh abdallaahi suuriyaa dhufe dhufnaan alaamaa sheekh badruddiin je`e irratti argan gama hundaan gama akhlaaqatiin gama hadiisa haffazu`uutin gama diin isaa waan is ir`isurraa tiysu`uutin gama waan nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu dalagaa je`e dalagu`uutin gara waan inni dhiisaa je`e dhiisu`uutin gara waan shari`aan dhoowwiterraa dhoowwamu`uutin laalte nama xaliila bara jahan khaddamee takkaa naman hamanne yoo namni biratti nama hamate seeqaniiti harka afaanirra kaayatan akka garaan kee hin hammaanne`eef isaan huccuu takkittii malee hin uffatan yoo namni hadiyyaa fideef irraa hin fudhatan ati an waliyyii jecha`aaf naa kennite je`anii deebisaniif yoo bira jiraate yoo namni sun lakkii ati waliyyii jecha`aaf siin kenninee ati saahiba kiyya jecha`aafan sii kenne je`een irraa fudhatan ammoo horiin hadiyyaa jaalalloonni isaa tujjaarri gugurdaan akka haaji sabri`ii haaji khaliifa`aa karaa boosxa`aatin isaa ergu bara shan keessatti duulaana habasha`aa kuma meeqaatam taaye kan waa takka irraa hin nyaatin kan san biraa beelayan hoggaa garii shubhaan horiin kiyyatti seenetan kiyyallee horii shubha`aa sanitti ida`ee tuulama karaa shubhaan nattin seenu : yoo sheekhni waa xiqqo horii halaal argatee mee hoodhaa qarshii meetaa kanaan sukkara nuu biti naan je`a duuba hogga`an dukkaana dhaqee qarshii meetaa itti kenne sukkara kiiloo takkaafii nusa qarshi`ii meeta naa kenna hogga`an fidee sheekha garsiise kun riba`aa deebisuu takkaa an kana sii kennee atis kan naa kenni je`ii karaa hiba`aatin irraa nuu fuudhi takkaa sukkaraafii waan meeta hin tayin sii kennuu karaa gurguraatin gaafin maallaqa isaanitiin sharxii guutee waa bitee waan maallaqa isaanirraa hafe borsa qamisa kiyyaa keessa kaaya borsaa san maallaqa kiyyaatu keessa jiraa kan hanganaa hin beyne duuba maallayni lamaan walitti makamaa isaan ka isaanii waa biti naan hin je`an anis kiyya wahiin hin bitu waan horiin kiyya ka isaanitiin walitti makameef hoggaa taan horii namatti iznii malee dalagu`uutu argamaa akkasittan fuudhe horii kiyyaafii kan isaanillee horii shubha`atti ida`a duuba horii tujjaarri habasha`aa karaa boosxa`aatin isaanii ergu kan kuma hedduu gayu kana biraa sheekhni risaalaa obboleessa isaanii kan dukkaana xiqqaa harar keessaa qabutti erganii maallaqa waanin haaja`aan bayu naa ergi je`aniin hogga`an yaa sheekha maalif kana dalaydan je`een horiin isaa halaal tayu`uun beekha je`an gaaf tokko namni tokko warra hararii azharitti qara`aa muhammad mahdii je`aniinii inni fira kiyyaa maalif inni kan faaximaa sheekh ibraahiim umara gurbayyeeti abbaan haadha isaa kun adeera haadha tiyyaati duuba namni kun misrarraa dhufee dimishqatti nu ziyaaree tuulaa maallaqa arge duuba maalif asitti tuultan je`ee na gaafate gaafannaan horii shubha`aati je`een jennaanin isin mi`aa maallaqaa hin beytanii an gubadhu haa gubadhuu je`ee fudhatee irraa qoofee turkiyaa dhaqee shirshiri`iin godhee misrati deebi`ee barmoota isaa oofate mahdiin kun mana barmoota lolaa kan olii kan biyya misrirraa bayee biyya soomale`etti deebi`e carcar keessatti warraaqa haylasillaase`een lolu keessaa lola keessatti baka { xir`oo } je`amutti ajjeefame { 1974 } karaa ashkara haylasillaase`eetin ilma sheekh muhammad rashiid kan ahmad taqii je`amuun wajji mahdiin ilmaan jaharraa du`e intala sulxaan ali nuur kan hawwiyya`aa fuudhee gaafas maqdishoo keessatti isaan dhiise nazmiin taariikha sheekh ibraahiim umar gurbayyee qabdo isaan bira jirti .
Dubbiin tiya ta gaafan suuriyaa keessa jirutti deebinaa gaaf tokko eegan subii salaatee manaama tokkon arge wannin arge sheekh taqiyyiddiinissubki isaa mana dheera tokko maddii bayee sheekh Muhammad rashaad manaa gadin bayu nagaya qabaa je`ee nama gaafatun arge duuba wanni je`anin sheekh Muhammad rashaad dawaa fudhatu`utti jiraa nagaya qabaa ni baya je`aniin hoggaa san hayyaa gaarii je`ee dabre duuba hogga`an hirriibaa ka`ee mana barmoota dhaqu numa tattaa`u ashkarri suuriya`aa kan nagaya eegu kan basaasaa mana barmootaa nutti seenee xalayaa teessu`uu kannaa nuun je`an ammoo nuti xalayaa san hin qabnu duuba qabaniiti anaafii ibraahiim mana hidha`aa nu geessanii nu hidhan hoggaa san warri nu beekhu hundi bakka jiruu sossoo`ee guyyuma san saa`aa lama booda mana hidha`aati nu baasanii suuraa shamsiyaa nu fuudhanii xalayaa teessumaa nuu baasanii mana barmootatti deebine maalif namni nagaya eegufii warri mangistii keessa dalagu fira sheekkotii teenyati an mataan kiyyaa obboleessi qondaala biyya keessaa halkan ishaa`ii booda dhufeeti fiqhii shaafi`ii narratti qara`a  . 

Hangan suuriyaa magaalaa guddoo muummittii biyya suuruya`aa jiru barmoota oofu`uun wajji garii masjida dimishqaa keessattin imaamafii khaxiiba tayuudhan ture akkuman ulamaa`ii biraa mandaroota biya suuriya`aa kan akka himsii hamaa halab keessatti ziyaaruu ture akkasuman ulamaa`ii lubnaan dhaqee ziyaaruu ture kan akka sheekh muhammadil`arabi`ii kan akka sheekh muhyiddinil`ajuuz .
Ammallee fiqhii mazhaba shaafi`iidhaa barsiisee mazhaba hanafiidhaa baratuudhan ture naman an fiqhii  shaafi`ii barsiiserraa joollee sheekh sa`iidil ahmar muhammadiifii ahmadi joolee tana isaanii tokko bara kudha lama tokko kudhaniitan biraa deemee eega bara soddomaati biyya su`uudi`itti isaanin wal garre kan tokko makka taa`ee tokko madiinaa taa`u lamaanuu tujaara saa`aadhati akkuma abbaa isaanitti sheekh sa`iidil`ahmar abbaan isaanii jaala keenya jabaa kan mana isaa dhayne`ee kitaabbaniifii waan biraa irraa argannu inni nama tolaa odoo sujuuduu du`e aadaa isarraa dubra isaa darasaa malee nama biratti hin kennu waan ilmi`iifii warra ilmi`ii jaalatuuf sheekh abdullaahi harar jaalallee isaatii dubra kiyyaa kanan sii heerumsiisa je`ee khadhateen haa tayuu sheekhni ni dide waajiba nabsee tiyaatu hin dandeenyeen waajiba lubbuu biraa ifitti ida`aa je`ee sheekh abdullaahi wanni jaartii isaa biyyatti hiikhef hoggaa salaattu hirpha if dhoysi jecha`arratti hiike tan ilma isaanii abdurrahmaan isaani dhalte adaaree yookaa haadha isaa biraa magaalaa harar keessatti duuba mucaa isaanii magaalaa hararitti dhiisaniti shaam dhaqan duuba hoggaa inni mana qur`aana geessuu gayuu shaamirraa haadhafii obboleessa isaa abdulkariimitti xalayaa barreessee mucaa kiyya qur`aana adare`ee narraan geessinaa je`een akka malee narraa qaraasisanii ilmi isaa amma islaamatti nama yaamu`uuf awusturaaliyaa dhaqee biyya intalti tiya faaximaa ilmaan isi`ii muhammadiifii abdulhakiimin haanim wajji jirtu jiru aadaa sheekh abdullaahirraa afaan arabaa kan qur`aanafii hadiisaa malee hin dubbatu sanuu guyya`aafii halkan keessatti hanga inni dubbate lakkaawuu dandeessa arrabni hoggu takka zakri`irraa lafan bu`u yoo dirqiin goote malee sheykha abdullaahi gaafa biyya jiru haylasilaasen qabu`uuf itti ka`ee ashkara itti ergee sayyaaraa yaabbachiisan haa tayuu ummanni bayee sayyaaraa deemuu dhoowwanii irraa buusan wanni mangistiin haylasillaase`ee isa barbaadduf ummanni isa jaalatu`uufii bareedumina isaatifi wanni mangistiin hayle`ee seete inni ilma mootii islaamaa kan hayleen mootummaa irraa fudhate kan { iyyaasuu } je`amu inni oromicha ilma oromichaatii abaan isaa raas miikaa`iili kan adeera isarraa mootummaa fudha`uuf kafare adeerri isaa abbaa waxooti je`amaa raa`isa warra wallootii odoo hin kafarin sheekh Muhammad alii je`ama duuba harka axii yuhaannisirratti kafaree kan eegasii intala mililik fuudhee mootummaan habasha`aa hundi harka isatti deebitee eegasii mootummaan harka ilma isaa iyyaasu`utti deebitee eegasii mootummaan harka haylasillaase`etti deebite akkanatti raas miikaa`iil kafaree ashkara guddaa argatee wasiilaa isarraa mootummaa fudatee dubbiin odoo deemtuu harka haylasillaase`ee seentetti haylasillaasen isa kan sheekh abdallaahii harar biyyaa baase sheekh abdullaahi wanni biyyaafii alattillee beekkamaniin waan gaari`itti nama kaasu`uufii waan hamtu`urraa nama dhowwu`uun jabeessuu namni qur`aanafii hadiisafii ijmaa`aa ulma`aa khilaafu isa birratti nama badaa tanaaf jecha { qaadiyaaniyyoota } warra nabi mahammad booda ergamaan biraa ni dhufa je`u kanneen nabi iisaa yahuudan ajjeeftee rarraafte je`u dura dhaabbatee nasri`iifii isaanirratti deebisee habashaa keessaa bakka dhaabbatan kute takkaa dhoowwe sheekhni eega shaamitti hijraa bayanii bara hunda shaamirraa hajjii godhanii deebi`uu turan duuba bara tokko warra biyya teenyarraa hajji dhuferraa wanni dhagayan haati tiyya na arguu feetii haanaa dhufuu jechuu duuba hoggaa hajji`irraa deebi`u wanni naan je`e haatee si yaaminsa isi`ii owwaadhu astaa`un kee haraamii gali haa si agartuu naan jennaan tole je`een . 

Duuba eegan mana barmootaa kan fathul`islaamii je`amu keessatti yaroo bara jahatti dhiyaattu keessatti waa baradhee raga muftumma`aa fudhadhee bara 1957 karaa bahariin beyruut mandara guddaa lubnaanirraa markaba yaabbadhee mandara biyya misraa iskandariyya`atti bu`ee achirraa biyyaa ahmadalbadawi`ii { xanxaa } dhaqee saahiba kiyya sheekh sayyid Muhammad naqashbandii kan qur`aana akkaan qara`u kannabi akkaan faarsu kan raadiyoona misraa keessaa dabarsu bira guyyaa sadii taa`ee achirraa qaahiraa mandara guddaa misraa kan azhara keessa jiru dhaqee azhar keessa ruwaaqa jabarti`itti bu`ee miya achi kaayadhee qabrii imaamushaafi`iidhaa ziyaaru`uuf baabura hadiidaa kan toromaayaa je`amu yaabbadhee maqaama shaafi`ii dhaqee ishaa`ii achitti salaatee masjiduma keessa taa`e kan musaafira tayuun narraa , mul`atu duuba namni tokko dhufee narratti salaamatee maalin sii godha je`ee na gaafannaan baaburra azhar deemu na garsiisi je`een baaburrin an dhufeen maqaama shaafi`iidharraa fagaateti dhaabbataa qooyxi isaa hin dhagayamtu an maqaamarraa gam kana dhaabbataa hin beekhu duuba namichi sun naan deemetti jara tokkorraan nu goree nyaata nuu kennanii isaan ashkarraa isaanirraa namni tokko akki je`een jirma buuba kana naa kenni jennaanin abbaa kiyyaatu naa dhaamee hin kennu je`een ammas akki je`e jamaalabdunnasreetu dalagaa waa barsiisu`urraa na ari`ee dalagaa hin qabu je`e duuba jara san biraa naan bayee karaa baaburri dhufuu mitii karaa biraatin na deemee gaara shifta`aatin na seene kan gaara { muqaxxam je`amuun na seene bakkeen sun qabroota durii lafee namaa tan nama shiftaan fixee malee bakkeen sun namumaanuu wal quban qabdu shiftaa malee hattuu malee wanni qubatu hin jiru duuba namichi sun horii meeqa qabda naan je`e jinne dhibbaafii diiddama je`een hogga`an an akkas je`uun gammadee koottaa tabba tana achi tarkaafannaa je`ee bakka itti dhayee na ajjeesutti achi tarkaanfatu qaamni na suukhannaayee waan inni naa deemuf beekhee if maddii mil`adhee mil`annaan baabura azharitti deemu kan fago`oo karaa qaxxaamurun arge anaa tabba gubbaa jiru agarraan ka`eetuman karaa baaburri irraa naa mul`ate sanitti ceyiinsa itti if gad lakkise namichi sunis na jala ceyuu itti if gad lakkese baaburri naa gara isaa ceyu halaalaa na garraan naa dhaabee anaa hafuurri ciccitu baabura kore namicha sunis akkuma ceyuun na jala baabura kore duuba wanni naan je`e maallaqa naa kenni naan je`e an siin kennun je`een akkanatti karaa dheeraa na wajji deemee hoggaa miidaana azhar geenyu na jala bu`eeti an biyyan beekku na ajjeesa je`ee maallaqa waa kenneefii narraa bu`e hoggaa inni dabru anis bu`ee mana darasaa habasha`aa kan azhar keessa jiru kan ruwaaqa jabarti`ii je`amu bakka meeshan tiyya jirtu qubadhe akkanatti rabbiin du`a jalaa na baase galanni kan isaatii . 

Namni dikkaa beyruutitti na geegesse jaala kiyya jabaa sheekh muhyiddiinil`ajuuz qaadii firdii beytii beyruuti { lobnaani } wannin achirraa gara misraa yabbaadheef karaa saniin biyya hariritti galu`uu jecha kanan raga bormootaa kan zamanaa harkaan qabne wannin an harkaa qabu ragaa ulamaan takkaa sheekkotiin namni kun bormoota islaamaa hunda waliin gaye jettee naa barreessite kan mallattoo mana barrmoota kan zamanaa firmaa harkaa malee hin qabne waa inni mana barmoota zamanaa hin tayiniif gaafa san ulamaan suuriya`aa shahaadaa yookaa ragaa mana bormoota zamanaa ni jibbiti wanni isaan je`an shahaadan tun waan barmoota guutuu baratuu nama dhoowwu je`an dhugumaa namni kitaaba jalaa qabee hin buufne kan yoo kitaaba tokko harka afurirraa harka tokko qara`e fixe je`anii ragaa baasu`uu kennaniif , duuba namni kitaaba tokko baaba isaa hunda hin qara`in akkamitti aalima je`ama haa tayuu dhabarraa nicaala . 

DARASAA HABASHA`AA TA MISRA JIRTU TA AZHARITTI WAA BARATU 

Hoggaadhan misra dhufee darasaa biyya teenyatiin wal garree wal odeeffannu waan an isaan dura biyyaa bayef haala barmoota kiyyarraa na gaafatanii ragaa barmootaa kaniin qaburraayis na gaafatanii wannin je`een : an ragaa barmoota jalqabaa kan barmoota lammeeysa`a kan barmoota gubba`aa hin qabu wannin an harka qabu ragaa ulamaa`in suuriya`aa namni kun barmoota islaamatiifii barmoota afaan arabaa fixe je`un harkaa qaba je`een jennaanin hangana ala teessee shahaadaa yookaa ragaa zamanaa malee biyyatti deebi`uun waan hin mallee azhar seenii shahaaduma takkallee taatu mee argadhu odoo ta jalallee taatee naan je`an tanaafan iyyata yookaa gaafii azharitti barreeffadhee duuba ulamaa`irraa warra gurguddaa hoonga beekkomsa kiyyaa laalu filanii ilmii hundarraa na gaafatanii himeefii akkasitti akkan an jaami`aa { yoniferistii } seenuu haqa godhadhu arganii haa tayuu waannin ragaa sakandari`ii yookaa shahaadaa saanawiyya`aa hin qabneef akkan mana barmoota kan saanawii azhar bara dhumatti jiru sii imtihaana fatanaa seenee hoggaasan imtihaani yookaa leenjifni dhiyaatee shahaadaa saanawi`ii fudhee jaami`aa seenu naa muran duuba imtihaana seenee qalama cabsee yookaa imtihaana yookaa leenjisa baasee ragaa saanawi`ii argadhu .
Ammas darasaan biyya teenyaa mala naa dhawuudharaa hin dhaabnee wanni naan je`an baga ragaa sakandari`ii argattee amma biyya galu`urraa sin dhoowwinuu haa tayuu jaami`aadhatti maqaa kee katabii deemii galii yoo bitti sii taate taa`i yoo sii tayuu baatte deebi`ii bakka maqaan kee jiru seenii barmoota kee oofadhu naan je`an akkasittan jaami`aa qaahira`aatifii jaami`aa azharitti maqaa kiyyaa barreessee biyya deemu`uu muradhe haa tayuu mee akkaataa kuliyya`aa haa laaluu je`eetan kulliyyaa aadaab ta jaami`aa qaahira`aatifii kulliyatu usuuliddiin jami`aa azhar lachuu waliin oofuu jalqabe takka ganama dhaqee takka galgala dhaqee. booda keessa kulliyya usuuliddiin jaami`aa azhar filadhee bara afuritti fixee irraa baye wannin kulliyyaa azhar filadheef mangistii misraatitu namni biyya alaatii dhufee misratti waa baratu bakka barmootaa lamaan biyya misraa jirturraa gama tokkotti goree haa baratuu bakkeen barmootaa lamaan azhar takkaa qondaala barmootatiifii guddisaatii bakkeen lachuu nama isii keessatti qara`uuf damooza takka qallaba kenniti namni tokko bakka lamaanirraa damooza nyaatuu hin qabu wanni isarra jiru lamaanirraa takka filatuu.
Tanaaf jechan mana barmootaa kan zamanaa kan azhara je`amu filadhee seenee mana barmootaa kan olii kan { kulliyyaa usuuliddiin } je`amu bara 1962 tti fixee irraa baye ragaa beekkomsa gubba`aa { leseensi } yookaa { aalimiyyaa } je`amu irraa argadhee ammas saniin wajji ragaa caalinsaa argadhe waanin jaami`aa { yoneviristii } azhar kulliyyatu usuuliddiin keessatti tokkoffaa tayee bayeef jechan shahaadaa yookaa ragaa caalinsaa argadhee ragaa caalinsaa san ayyaana yookaa iida beekkomsaa tan bararraa biyya misraa keessatti godhan tan 8 keessattin harka jamaal abdulnaasirirraa fuudhe haala kanarraa dhaabbadhee afaan biraatin akkaan 
 Akkuman ragaa dukkoorumma`aa akkaadimiyyaa beekkomsaa tan afaanii tan biyya soomaale`ee tan maqdishoo keessa jirturraa fudhadhe kitaaba Afaan Oromootin afaan soomale`ee walitti laalu takkaayuu waan walii tayu laalu barreessee kitaaba san ergaa biyyaa ingiliizirraa deemtu tan afaan soomale`eetifii afaan oromo`oo gaalla`aa baytu kan endorwiiskii itti mata`aa laaltee darajaa duktoorumma`aa haqa godhataa murte inderoowiskin bareeffama hedduu afaan oromo`oo keessatti barreesse odu doroon inni kitaabban isaa kan afaan oromo`oo keessatti barreesse takka akki jettu dur ba`aan hoggaa yaman ifumaan deemtee dhufti namni hin ba`atuu duuba gaaf tokko jaartin takka naatetii garaa laaftee ol fuutee deemten eegasii ba`aan hoggaa yaaman dhufu didde duuba sun argamnaan manguddoon oromo`oo baasatu dhalatee bayaa je`anii hayyoota walitti yaaman sun aadaa oromo`oo yookaa gaalla`aatii kan hoggaa wanni haaroyni argamte hayyoonni isaanii wal gayu. duuba hoggaa manni guutamu oduu ba`aadhaa walitti himanii waan dalaguun isaanirratti jirurraa wal gaafatan duuba eega malli namuutu laalamee eega sababaa ba`aan akka duritti dhufuu diddeef baranii wanni irratti walii galan akka jaartii ba`aa balleessite tana yakkan inumas isii yakkuu qofarratti hin dhaabbannee waan dhalaa tayee hunda yakkan waan ba`aa taye dhalumti haa ba`atuu je`anii .

Barmoota kiyyatti rarra`u waan an suuriyaa keessatti baradherraa beekkomsa akhlaaqaa hanga ihyaa  uluumiddiinitti . beekkomsa nahwi`ii hanga mughnillabiibitti . beekkomsa adabaa hanga albayaan wattabyiinitti .beekkomsa tawhiidaa hanga musaayara`atti . beekkomsa musxalaha hadiisa hanga tadriiburraawi`itti .beekkomsa hadiisaa hanga jaami`ulusuulitti beekkomsa tafsiira hanga jalaaleyni`iifii nasafi`itii . beekkomsa fiqhi`ii hanga { nazmii haawi`itti } beekkomsa taswufaa hanga { risaalaa } qusheyri`itti .beekkomsa hikma`aa hanga { iiqaazulhikam } sharhulhikamti. manxiqa hanga hawaashii sullamitti . beekkomsa usuulaa hanga jam`uljawaami`itti akkasuma wannii hisaaballee qara`ee kanarrattin ijaazaa ulamaa`iidhaa argadhe waanin hangan suuriyaa jiru dalagerraa kitaaba lama kan sheekh abdullaahii waan harar naasirul`albaani`irratti deebisu`uu jecha barreesse maxxansuu . yookaa xabba`uu kitaabni tokko { atta`aqqubulhasiis alaa man xa`ana fiimaa sahha minal hadiis  التعقب الحثيث  على من طعن فيما صح من الحديث  } wanni barreessef naasirul`albaanin hadiisa safiyyaan warri nabii hoggaa tasbiiha gootu dhagaa xixiqqaa walitti qabatteeti hanga tasbiiha goote lakkooyti je`u inni da`iifsinaan sheekh abdullaahii harar harkatti qabee kitaaba kana itti barreesse sheekh naasiriin kun warra albaniya`arraa suuri`atti gale gaafa shuyuu`in biyya isaanii qabatte inni gaafa duraa nama goojjoo xiqqoo takka godhatee saa`aa badde namaa tolchu . kan qaaxaroo namaa qabe hin dabarsini haa tayuu ulamaa`ii suuriya`aatin wal hin tayuu tayu duuba majallaan { attamaddunul`islaamii } je`amtu tan { zuheyra shaawiish } je`amu itti mata`aa horii argannaan nama waan suufiyyootafii warri mazhaba afranii dalagu jala deemee balleessu isiidhaa katabu yookaa keessatti isi`ii barreessu barbaaddattee naasiruddiin albaanii kana argattee inni horii argannaan saa`aa tolchuu dhiisee mana kitaaba kan { almakkatabatuzzaahiriyyaa } je`amtu seenee hadiisa da`iifa majallaa san keessatti katabuu jalqabe wanni jalqabeen hadiisa safiya`aati . kan da`iifa je`ee itti mure . hoggaa san sheekh abdullaahi hadiisni sun sahiiha je`ee kitaaba dubbanne san itti barreesse duuba sheikh naasirul`albaanin waan kitaaba sheekh abdullaahi keessa jiru fudhatuu dide sheekh abdullaahi waan kitaaba isaa san tumsu barreesse kan { nusratuttaaqqubilhasiisa نصرة التعقب الحثيث  } je`amu ammas wannin maxxanse barreeffama xiqqaa tokko kan sheekh bakhiitilmuxii`in fuul duraa kitaaba taqiyyiddiin subki`ii kan { shifaa`ussiqaam fii ziyaarati kheyril`anaam } je`amu kaaye duuba duree yookaa muqaddimaa isaa sanin kitaaba sanirraa kophaa baasee maxxansee maqaan isi`ii { taxhiirulfu`aad min danasil`itiqaad تطهير الفؤاد من دَنِسَ الاعتقاد  } ammas kitaaba xiqqaa tokko kan nabi ziyaaru`uuf fe`atanii bayuun ni barbaadama je`amu kanin qur`aanafii hadiisafii ijmaa`afii qiyaasan raggaasisen barreesse yookkaa allafe kitaabni sun amma soomaale`ee jira .
Ammoo wannin azhar keessatti baradhe: manxiqa duriifii manxiqa amma kan waa tolchuu nama barsiisu . falsafaa .towhiida usuulalfiqhii . ulumalhadiis musxalah , uluumalqur`aan , tafsiira , beekkomsa haala namaa kan laalchaa beekkomsa haala namaa kan taliga`aa , nahwii heera taliga`aa , ilminnafsi , ilmil`ijtimaa`a , jograafiyaa , ingilliiz , barmoota miya lolaa balaaghaa , taariikha islaama duraa taariikha islaamaa taariikha amma kan zamana jiddu jireysatiin wajji taariikha warraaqota addunya`aa .

Hangan misra jiru kitaaba sadeen bareesse isaan :1 – taariikha harar kan taariikha ahmad giraanyii keessan namaa mul`atu .

EEGAN AZHARIRRAA BAYEE MAALIN DALAGE

Eegan azharirraa baye mana barmoota olii kan { ma`haduddirraasaatul`islaamiyyah } je`amu seenetan bara tokko keessatti waa baradhe , eegasii biyyatti galu`uu ka`ee haa tayuu waan mangistii habasha`aatifii safaaraa isi`ii tan qaahiraa jirtuttu balleessineef jecha , biyyatti deebi`uu hin dandeenye maalif nuti ormi islaamaa ka misratti waa baratu hundi warra baasaboortii malee karaa soodaanin misra eega seennee mangistiin misraa haala keenya nuu beytee baasaboortii malee waa baratuu nuu eehamte duuba bakka addootin takkaa jabhootin afrika`aa tan bilisummaa barbaaddu itti wal geessu hundatti haala keenyarraa dubbannee miidhama keenya himanna . hoggaa haylasilaasen biyya misraa dhufu hunda salfii baanee miidhaa teenya itti himanna safaaran yookaa imbaasin ummata addunya`aa tan qaahiraa keessa jirtu marti  barattoota biyya isi`iitif baati`irraa damooza kennitti .
Ammoo nuti barattoonni islaamaa san hin argamu ammoo darasaan habasha`aa ta kiristaanaa tan diin kiristaanaa baratu`uuf mangistiin habashaadhaa ergite safaara`arraa horii guddaa argatti duuba Jamaal abdulnaasir bilisummaa barbaadaf sosso`utti nu kaasee safaaraa habasha`aa marsineeti caccabsina haa tayuu humaa irraa hin argannu .
Gama tokkoon mangistiin warra hawaashii gadii maqaa harariin amatarraaa nama saddeet warra baasaboortii malee misra dhufe qeebaltee barsiifti tanaaf jecha wal deenyi barattoota barmoota harar jaaramee jira . duuba waanan warra qabuuf jecha bakkeen waldeenyi kun taa`u mana kiyya nama nurraa barmoota isaa guuttatee habasha`atti galu mangistiin haylasilaase`ee garii ni ajjeefti garii ni hiiti garii dalagaa dhoowwattee mana isaa keessatti ittifti namni dhokatee jalaa bayee biyya biraa dhaqe isaatu irra hiree tola tanaaf jecha warri mangistii habasha`aa jalaa badee misra dhufee waa barate biyyatti deebi`uu sodaatee biyya biraa dhaqee jiraatu`uuf tattaafata godha . isaanirraa nama biyyatti galee mangistiin habasha`aa hiitee keessaa bayee biyya su`uudi`ii dhaqee hanga ammatti dammaam jiruutu jira isaanirraa nama sufaraa`ota islaamaa kanneen misra jiranitti iyyata kennatee biyya isaanitii dalagaa argatuutu jira . gariin su`uudi`irraa argatee gariin maghribirraa gariin jazaa`irirraa gariin liibiya`arraa argatee akkanatti bitti teenya warra waa baraterraa hoongoyte , sababaa warra biyya teenya harkaa qabuutin .
Ammoo an waannin irra caachise biyya tiyyarraa fagaatuu dhabu waanin kitaabban taariikhaa hedduu barreessef waanin yaada warraaqaa guutameef waan sababaa biyya arabaa na geessiterraa tokko biyya arabaa dhaqee saa`aa bitadhee bombii bitadhee biyya tiyyatti deebi`ee ashkara biyya sanii lafarraa fixuu tayeef jecha waanin waan lolaa biyya suuriya`atti baradheef jecha kan sheekh { abdulhakiim } khaxiibni jaami`a umawi`ii guyyaa jum`aadhaa hunda naannoo masjida umawi`ii keessatti lafa nu dhiichisiisee , waan lolli yahuuda`aa dhiyaatef ammallee waanin azhar keessatti waan lolaa bareef jecha biyya tiyyatti deebi`ee biyya tiyyaafii ummata kiyyarraa roorroo nyaabaa sanii deemsisuu , takkaa biyyatti dhiyaadhee waanin mata`aa qabuufii waanan bareessee kitaaba keessaa qabu ummata kiyyaan gayee dammeysuu sun waan an bombi`iifii saa`aa biyya arabaatii bitadhee deebi`ee ashkara nyaaba fixa je`ee biyyaa tiyyaa bayeef sanirraa harka heddu`uun caaluu ma`naan kanaa yaanni bilisumma`aa kan mataa ummata seenee isaan dammaysu kan karaa bilisumma`aa isaan garsiisu xiyyi`iitifii bombi`iin nama fixu`urra caala jechu`u 
Duuba rabbiin waanin yaade bakkeen naa gayu`uu jecha wal hedduu na qunnamsiise sanirraa tokko rabbiin bilisummaa soomale`ee kennuu kan biyya soomale`ee kan isti`maararra addaan qoqqooderraa harki lama bilisoome mangistiin soomale`ee dhalate bara 1960 yoo guyyaa tokkorratti hoggaa sanan jinsiyaa soomaale`ee fudhee wannin azharirra barbaade akka biyya soomaale`etti na ergu barbaannan naa eehamee na erge akkasittan bara 1963 baatii yuunyo`oo biyya soomaale`ee dhaqee waa barsiisuu karaa azhariin jalaqabe hisaaba isarratti kan damooza kiyya kan naa kennuu mure garii warra kiyya kannin misratti dhiisef kennee kaan soomaale`etti naa ergu maalif an gaafan biyya suuriyaa jiru takkaa dhalaa ijaan hin agarre ammoo misra dhufnaan saniin adda hoggaa saniin diin kiyya tiyfatu`uu jecha odo`on kulliyyaa ussliddiin keessa jiruu intala takka tan { zahiira mahmuud hariidii hijaazii } je`amtu mahrii godhee akka aadaa misratti fuudhe aadaa misraa ta dur namuu ni beekha yoo amma dhiisan malee duuba ilma tokko naa dhalte eegasii wal dinnee hiikhe .

Wanni wal dinneef gaaf tokko odoo si`erra wajji ciceefnu waan naatu sirra bareedaa beysisu jette isiin akkaan bareeddii wanni jette nuti warri misraa wanni jennuu { rabbi nama bareedaa lama siree takkarratti walitti hin qabne } jette hoggaa san qalbii tiyya keessaa baate anis waa gurraachaa mitii magaalaa haa tayuu isin bareedduu duuba hoggaa sanan waan sheekhni keenye sheekh saalih furfuur suuriya`atti nuun gorsuu ture yaadadhe waan isaan nuun je`uu turan dhalaa waa takkaan isinirra caalu hin fuudhinaa jiruu isitti busheessitii . tanaafan tan naatu sirra bareeda jettu hiikhe ammas haati isiidhaa dubra isii qofa qabdii intalti isi`ii na wajjiin biyya tiyyatti galuu hin feene . ammas haati isi`ii dubbii teenya keessa seenti yoon ganama waan kana godhi je`ee mana barmootatti dabre dhufteeti yaada isi`ii gara galchitee . gaaf tokko isii mana kiyya jirtuun mana barmootarra gale kanin eegan mana dheeraa fooqii shani bayee mana kiyya gaye hogga`an ol seenu jaartin kaateti akkuma aada`atti kootii narraa baaftee fanniftee kophee narraa baaftee bishaan na ubaafte hoggaa san haati isi`ii sheekh rashaad dubri keenye shariifa`aa kophee namarraa hin baasu naan jette duuba dubbiin isi`ii tun natti ulfaatte . maalif shariifaa kabajuun odoo barbaadamu haa tayuu kun wal gargaaruu je`ama malee wal xiqqeessuu hin je`amuu akkamitti akkas jetteenii jaartii tiyya natti balleessiti je`e aara jaba aare achirraa wal dheeysun walitti hammaatun nu jiddu`utti argamte maalif intalti isi`ii joolle`ee yaada kiyyaafii yaada haadhaa wal fudhachiisuu dadhabdee kan jala gortu wallaalte ammas sodaan intalti isiidhaa na wajji biyya tiyyatti galuun haadha isi`ii qophaa dhiisun qalbii haadhaa guuttee akkan intala isi`ii hiikuf dalaga`aafii haalalle`een fedhii irratti arge . amas obboleeyyan isi`ii kan haadhan addaa haadha isi`ii jabaadhuu ifirraa dhoowwi . tun mana kee dheessii addunya`aa ni diiydii yoo karaa biraatin dadhabde boolisiidhan ifirraa dhoowwi nan je`an . an waal ilmaan masaanu`uu tayuun akkas isaan jechiiftu hin seene . abbaan isaanii du`ee edaa isaan waan masaanumma`aatu keessa jiraa dubbii walii akka hama`atti fudhatan akkasittan meeshaa manaa hunda dhiisefii tiyaatifii meeshaa isi`illee fudhu je`een hiikef ilma naa dhalte kan baatii sadiyii kan mahmuud je`amu fudhattee mana haadhatti galtee naafii isiin addan cinne gurbaan kiyya sun isaa baatii saddeetiti misratti du`e .

Adaa misrarraa namni fuudha fedhu biiroo yookaa mana dhalaa dubraafii dubartii ganda isi`ii keessa jiru hunda addaan beekhutu jiraa isi`itti dhaqee fuudhan fedhaa je`een duuba wanni jettuun dubramoo dubartii qaali`imoo rakhisha dhiirti itti dhayxee waan fuutu irra barbaadu dhalaan heeruma feedhus dhiira akkanaatan fedha jettee waan adda nama dhalaa namatti fuudhuu godhan godhaniif yookaa kennaniif namni alaga`aa mana biyyaa seenee dubra fedhu laallatuu hin dandayu tanaaf dhalaa nama hunda beekhu kan mana hunda beekhuu dandayutti dhaqanii waan fedhan itti himatan . duuba nama kana fuuteti mana hundaan seentee intalti qahwaa fiddii akkaan laalladhu jettiin isi`iinis nama kanan sii fidee laalladhu jettiin duuba hoggaa biraa bayan sii taatemoo siin taane jettiin yoo naa taate je`e gaafa kaan itti deebi`an isi`iinis sii tayemoo siin taane jettee gaafatti . duuba yoo wal tayan akkaataa hamartii itti kaayataniifii akkaataa fuudhaa itti guutan dalagan.

Hamartii isi`iifii isattillee kaayan hamartii yookii qubee isi`irratti maqaa isaati barreessan hamartii isarratii maqaa isi`itti barreessan ammoo yoo ta arge sun isaaf hin tayin tan waliin galle faa taatee naan taane je`aanii mana biraa geessiteeti dubra biraa garsiiftii hanga ta isaan maltu argitutti jalaa hin haftu maalif isaafii warra intalarralle`ee horii fudhatti .
 	Duuba an dhala`an fuudhu barbaadafan biiroo jaartii takkaa dhaqe hogga`an dhaqu wannin achitti arge nama intala heeromsiisuu fedhu qabu duuba waan inni nama hayyuu jabaa tayuun isaa mul`atuuf jecha wanniin je`een mee intala san na garsii si je`een duuba mana isaanii na geessee hogga`an argu qalbii na buute qissaan intala sanii hunoo akkana maqaan isi`ii { haanim baashaa mabruuk } ilma eessuma je`ama isi`iitu khadhatee meeshaa manaa uffata hunda akka gaari`itti qopheessanii qaaxaruu fuudhaa qaban inni isii khadhate jaartii biraa qabaatuu turee ni  hiike malee . wanni duraan irratti walii galan jaartii hiikhe san deeffatuu dhabuu . haa tayuu wanni dhageesse akka jaartii isaa deeffatu`uuf jaatanii godhu`utti jiru odoo qaaxaroon sun hin gayin hoggaa san itti heerumuu didde . inumaa diduu qofarrattiin dhaabbannee odoo qaaxaroon sun hin gayin  akka heerumtu dhiira isi`ii kan haadha isi`ii qabu tattaafata godhe akkasittin fuudha daddaffi`ii argadhee fuudhe , kanan waa takka ittin baasin kun waanin jaartii duraa saniif miya hunda dhiisef rabbiin fuudha baraka`aa kana bakka naa buuse,maalif rabbiin nama waan takka rabbi je`ee dhiisef waan san caalu kennaa jechu`uutu hadiisatti dhufee .wanni kana dalaganiif gurbaa eessuma isi`ii kan baallama isi`itti diige san aarsu`uuf jecha . akka odoo inni jaartii isaa san hin deeffanne heerumtu  godhanii ammoo gama kiyyaan rabbiin naa dirmatu`uu jecha san dalage rabbiitu beekhaa .
Akkanattin jaartii tiyya tan { haanim baasha mabruukh } fuudhee barmoota kiyyarratti na gargaartee barmoota kiyya fixe .isiin odo`on misra jiruu intala azzaa je`amtu naa deesse wannin maqaa kana isii baasef , odo`on kitaaba akkaata ummanni keenya itti guddatu dubbatu barreessuu takkaayuu allafuudhatti jiruu dhalatte jech`aaf , danboobafi gaafan biyyaa misrati hisaaba azharirratti baye , isi`iifii intala tiyya azzaa misrattin dhiisee soomaalee dhaqe warra azhariin wajji dalagu`uu jecha .duuba azhar damooza kiyyarraa warra kiyya haanimiifii azaadhaa waan jiraataniin horii kenneefii waan isaanirraa hafe soomaale`etti naa erga hogga`an dura biyya soomaale`ee mandara maqdadhoo`otin bu`e waan dirreen xayyaara`aa achi jirtuuf , ammallee waan biiron { maktabni } azhar achi keessa jiruuf jechan maqdasho`otti bu`e yaroon maqdishoo seene yaroo mawlidaati kan masjida sheekh abdulqaadir keessatti ummanni wal gaye mataa biyyaa{ aadam Abdullaahirraa } qabanii hanga jalatti . duuba mataan barmoota azhar wal gaya yaadannaa mawlida nabii kanarratti waan mawlidatti rarra`u dubbadhu naan je`e duuba dubbadhee ummata sossoose .waanin achitti je`erraa { obboleeyyan kiyya yoo ar`a kan yaadannaa mawlida yookaa dhaloota nabiitif kan asitti wal geenyu taane sun haqa keenya maalif nabiinu guyyaa dhaloota isaa yaadatuu ture guyyaa san keessa ibaadaa rabbi godhee galata rabbii galchee tanaaf guyyaa isniinaa hunda soomana .tanaaf maalif guyyaa isniinaa soomanuu heddommeysitan je`anii gaaafannaan baraa sun guyya`an keessa dhaladhee guyyaa rabbiin rahmata aalamaa na godhee na mul`ise. ergamaan rabbi ni`maa dhaloota isaanitiin namaa mul`ate kanarratti ibaadaa godhee rabbiif galata galche akkasuma qur`aana qara`anii nama nyaachisanii yaadatuun ni barbaadama akkasuma guyyaa kudha lammeysaa rabii`al`awwal lakkooysa isi`ii kanarratti ni`maa dhaloota nabiitin namaa argamte yaadatuu shari`aan karaa nuu gootee jirti odoo guyyaan kudha lammeysa`aa sun guyyaa isniinaa tayullee baatee. maalif asitti wanni laalamu lakkooysa malee guyaadhaa miti tanaaf nabi Muhammad nageenyi isaanirratti haa jiraatuu gaafa madiina`atti gale yahuudaa kurneessaa baatii muharram soomantu argee maalif soomantan je`ee gaafannaan wanni soomannuuf kurneessaa kanaatu guyyaa rabbiin muusa`aafii ummata isaa najaa baasee diina isaa fir`awnafii ummata isaa bahara nyaachise tanaaf galata rabbi galchu`uuf jecha soomanna je`aniin jennaan nabi muhammed nageenyi isaanirratti haa jiraatuu nuutu waan obboleessa keenya muusa`aa argamerratti rabbiif galata galchuu irra haqa godhata je`anii kurneessaa ashuurra`aa soomananii soomanu`utti nu ajajan odoo guyyaan sun guyyaa jum`aadhaa kan rabbiin isa keessa nabi muusaa nagayaa baase tayuu baatelle`ee waan lakkooysi zamana ni`maan keessa argamtee laalamuuf jecha . guyyaa ni`maan keessa argamtee mitii sun akkuma rabii`alwal kan guyyaan kudha lammeysa`aa isniina tayuun hin laalamne .

Duuba achirraa {malaan malaan } yookaa mudiirri azhara bakka dalagaa itti naa qopheessan bura`otti na erge akkan mana bormoota islaamaa kan bura`oo jirutti barsiisee masjida guddaa mandara bura`oo keessatti khuxbaa jum`aadhaa qara`uuf jecha . {bura`on } hargeysarraa gara bayaati jirti isiin biyya biyyeen isi`ii , namni isi`ii dheenni isi`ii , foon isi`ii akkaan gaari`iiti . gaafas 1963 foon hin mizaanan luka re`ee guddo`oo shilingii lamaan namaa kennan kan amma 1968 lukni tokko shilingii kum diiddamii oliin bitamu azhar damooza kiyya { jinee diiddama } godhe sanirraa kudhan naa ergee khudhan warra kiyyaa misratti kenna duuba eega bara tokkootii azhar warra kiyya haanimiifii intala tiyya azzaa bura`otti naa erganii isaan argee yaada baye kannin san dura yaanni intala tiyya azza`aa na ajjeessuu gaye haala kiyyaafii haala isaanii keessatti walaloo afaan arabaa heddu`un tolche wannin intala tiyya azza`aaf akkasitti maraadhef isii dhalattee baatii lama geessen odo`on argaa isi`ii hin quufin biraa deeme akkasutti rabbiin walitti nu qabee dalagaa tiyyaa qalbii takkaan ooffe buro`oodhaa ilmi kiyya khaalid 1/11/1964 dhalate buro`oodhatti walaloo joollee oromoodhaa tolche isiin 
	 joollee oromoodhaa isin yaammannaa

baraa     waa hundaafuu isin abdannaa

isin guddisuudhaa lubbuu khenninaa 

nu         wajjin jiraadhaa bareedan isin 

baraa  isiniin  hayn'i nuu  mul'ataa

waa beekhu'uun bar sabni nuu guddataa

nu yoo lolli eenyukka'ee dubbataa

mataa  biyya teenyaa  numaan  ol  qaban 

tokkummaa biyyoo teenyatiif ol je'ii

xilaatan       lolu'uu bakka hundaa ka'ii

dargoo oromoodhaa  dafii sosso'ii

baraa        biyya fiitii akkaan  hojjatan

tolaan  oromoota walii galchinaa

xilaata     nu keessaa dirqi'iin darbinaa

biyyoo teenya hundaa waliif tunsinaa

baraa     biyya hundaa isin yaammatan

harkaafii garaadhan waliin ol ka'aa

biyyoo    teenya jaarraa dafaa sosso'aa

jiruu saba keenyyaa je'aatii du'aa

baraa    biyya        hundaa isin abdatan

ilmaan oromootaa jaynootii ka'aa

ni deemna karaa  guddinaa nuun bu'aa

mataan keenya haa guddatuu ol je'aa

baraa   dhiira   fiitin  biyoo    eeggatan

nu bar oromoota isaan  guddatuu

qeyron   biyya teenyaa ol haa mul'atuu

mataan orma keenyaa nuu haa dubbatuu

isaan   saba miidhan biyyaa haa bayan     

	buro`oodhatti kitaaba zaadussuwaar li tahriiril`aqxaar زاد الثوار لتحرير الاقطار   } je`u tokkon tolche inni kitaaba guddaaa gaarii inni mujjallada lama ni gaya maqaan isaa afaan oromo`otti { sinqii yookaa galaa warra biyyaafii ummata bilisoomsu`uuf qabsoo godhuuti }jechu kan waan taariikhaa kan qabso`orratti isaan gargaaru keessatti argatan inni biyya soomale`eti jira .

	ammoo eegan bara sadii azhariin wajji biyya soomaale`etti dalagee warra mangistii soomaale`eetin wajji dalaguttin ida`ame yookaa seene sababaa lamaaf jecha .
tokkoffaan : damoozni azhar naa kennu xiqqaadha wanni natti xiqqeessaniif biyya tiya keessan jiraa yaadan akka isaan yaadanitti an gosa tiyya keessa qubadheetan gaalafii ra`ee horii qabaa hangi naa kennan naaf gaya jechuu . haa tayuu an nam tokkollee hin beekhuu waan isaan ni qabaa yaadan hin qabu .
lammaffaan : mangistiin soomaale`ee nama mangistii alarraa horii nyaatu ija hamtu`uun yookaa yaada hama`aan laalti .
saddaffaan : mangistii alaa wajji dalaga`aa waan biyyaa dubbatuun hin dandayamu an wannin biyya soomale`ee dhufeef waan biyyaa dalagu`uufii duuba dantaa tanaa jechan azhariin wajji dalaguu dhiisee mangistii soomaale`eetin wajji dalaguu barbaadee akkasitti soomaalen na fudhatte . akkan mana barmoota soomaale`eetif kitaaban afaan arabaatifii diin namaa barsiisu tolchuudhafan maddabame .	

Duuba kanuman dalagaa mootummaa Somaalee oofu sun mana barmootatiif allafu`uu waan ummata Oromootif tolu dalaguurraa gad hin teenye.  Warri Moqdishoo afaan keenya kana hin beekanii hoggaa nuti afaan akanaa dubataa karaa yaanu amaara nuu jedhanii nu arrabsan. warri Hargiisaa kan afaan keenya kana afaan beeku, afaan qottu`uu je`eeti yaama nus qottu je`eeti yaama namni hedduun afaan kanaan dubbatuu sodaata akka joolle`eefii warri waan beekne amaara je`ee isa hin arrabsineef jecha an hogga`an warra Misraatin wajji dalaguu dhiisu bu`ro`orraa ka`eetan Moqdishoo dhaqe. hogga`an dhaqu tuuta yookaa dhaaba dantaa ummata bal`aadhatiif dhaabbate tan { adda soomaalee galbeed } jedhamtuttin ida'amee itti gaafatamaa dardaraatifii beekkomsaa ammallee labsaa na godhan. duuba achirraan waanan itti gaafatamu kana dalaga`arra oolchu`uu hidhadhe waanin itti gaafatamurraa tokko beekkomsa beekkomsi afaan hin tayu tanaaf jecha beekkomsi afaan ummata bal`aadha tiin tayuun waan irraa hafiinsi hin jirre . Kanaafan afaan keenya kana raadiyoona seensisuu barbaaduuf iyyata barreessee mootummaa Soomalerraa afaan keenya raadiyoo Maqdishoo nuu seensisuu barbaade akkan waan beekkumsa taye ummata keenyaa dabarsu duuba irraa argadhee raadiyoona maqdishoorraa Afaan Arabaatifii Afaan Oromootin waan diinifii taariikhatti rarra`u hunda dabarsuu ture. Kunis bara 1965 hang 1984 ture.

BARBAADA TAARIIKHATIIF BIYYA ARABAA DHAQUU

	Eegasii ergaa taariikhaa tan akka arabni biyya gaafa afrika`aa itti seene . ammallee gaafam seenan ammallee karaa kamiin seenan jechaa laaltun wajji filame sanii jecha biyya yaman iraaq kuweyti su`uudii dhaqee eega dalagaa ergamneef sanirraa raw`adhee maqdisho`otti hin deebinee su`uudii keessatti hafee afaan arabaatifii afaan oromo`ootin kitaabban dantaa oromo`oo qabu barreessuu itti fufe .	

WAANIN AFAAN OROMOOTIFII UMMATA OROMO`OOTIFII DALAGE

Waaqni oromoo uume waan oromo`oo tolu hedduu na dalaysiise sanirraa afaan isaanii kanaaf yaaddayuu taariikha isaanitiif yaaddayuu waanan argee dhagayee barreessu`uun afaan oromo`ootin .

Gaafan biyya misratti waa baradhu taariikha oromoo jala deemee waan namni taariikha isaanirraa barreesse laalee kan dabsan qajeelchee kan dhoysan mul`isee barattoota oromo`oo  warra misra jiru itti kaasee akka taariikha isaanitiin dhaaddatan godhe .

Duuba ummata oromo`oo maqaa isaanii isaan fudhachiisu`uuf rakkoo guddo`on arge yoon warra taariikha ummata oromo`oo baruu barbaadun kitaabban warri addunya`aa katabe yookaa barreesse ummata keenya kana maqaa gaalla`aatin yaamaa achi jalatti maqaa oromo`ootifii  maqaa ormaa ilma ormaa katabanii yookaa barreessanii kun hundinuu maquma isaanitii kitaaba taariikha yookhaa jograafiyaa kan ormi addunya`aa barreesse laala`aa taariikha keessan baradhaa isaanin je`e gariin wanni je`u nuti islaamaa malee gaalla`aa miti oromo`oo sii miti je`a gariin nuti kiristaana malee gaalla`a miti je`a duuba wannin je`uun yoo maqaa gaalla`aa diddan taariikhuma keessanuu baru`uu hin deemtan maalif warri taariikhaa wanni irratti walii galee { oromo`oofii gaallan maqaa ummata keenyati jechu haa tayuu wanni isaan irratti wal dhaban maqaa lamaanirraa kamtu dura jechu` haa tayuu wanni irratti walii galan gaafa ummanni oromo`oo biyya gaafa afrika`aa hunda bulchuu ture . kan diina isaanitti akkaan roorrisuu turan maqaa gaalla`aatin beekkaman ammas gaafa diinni isaanii humna argatee akka hama`atti ummata keenyatti roorrisee maqaa gaalla`aatin beekkame gaalla shawaa gaalla sidaamoo gaallaa harar gaallaa itu`uu gaalla aruusi`ii gaalla walloo gaallaa wallagaa gaalla jimmaa . je`amaniiti beekkan orma addunya`aa biratti .

NAMNI MAQAA GAALLA`AA JIBBU
TAARIIKHA IFII NI BARAA

Sababaan : gariin ummata keenya maqaa gaalladhaa jibbuuf yaada warri isaan miidhe baasefii yaanni sun maal je`a yoo maqaan gaalla`aa kun maqaa oromo`oo tayuu turuudhan beekkame ummanni oromo`oo laalaa waan nuti isaan goonetu itti dhagayamaa maqaa gaalla`aa kana isaan haa jibbisiifnuu hanga oromoonni nuti gaalla`aa mitii warri biyya teenya keessatti dur miidhame gaalla`a malee oromo`oo miti namni oromoo miidhe kan dachii isaanii qabate hin jiruu yaadutti haa tayuu akka maqaan gaalla`aa maqaa oromo`oo tayuu ture waan diinni isaanii katabeefii waan namni biraa barreesserraa fudhatuun ni dandayama .

Ammas akka maqaan ummataa heddommaatun waan rakkkoo fidu hin tayin beekuu qabna tanaaf jecha akka maqaan { gaalla } je`uufii maqaan { oromoo } yookaa { ilma orma } je`u maqaa orma keenyaa taye beekuu qabna haa tayuu yaroo garii maqaa gaalla`aatu mul`ata yaroo garii maqaa oromo`ootu mul`ata .

Maqaan ummataa jirjiiramuun aadaa ummata keenya qofa mitii aaduma ummata hundaati fakkeessa`aaf ummanni misraa dur fir`awna eegasii ajibt , takkaa qibxi eegasii  araba , duuba  sanumaan wajji taariikha isaanii kan maqaa ummata fir`awnatiin dur barreeffameen dhaaddatuu hin dhiifne lakkii taariikha keenyaa miti hin jenne akka ummata keenyatti hanga ummanni oromo`oo gariin maqaa ifii wallaalee takkaa warri isaan miidhe maqaa isaanii isaan jibbisiisee hanga yoo ati gaallaa takkaa ati oromoo jetteen si ajjeessu`uu sitti ceyu takkatti hanga ummanni keenya maqaa tokko kan yoo yaamamaniin owwaatan dhabanii maqaa gosaatifii maqaa dalaga`aatin namni isaan yaamu takkatti fakkeessa`aaf maqaa dalagaadhaa kan akka qottuu maqaa gosaa kan akka ituu arusii maccaa tuulama booranaa je`ee namni isaan yaamu takkatti maqaa guutuu ummataa walitti qabu dhabanii.

Duuba maqaa gaalla`aa takkaa oromo`oo kan ummata keenya walitti qabu kana , ummata keenya fudhachiisu`uuf jecha tarkaanfii heddu`un fudhe biyya alaa keessatti keessattuu biyya soomaale`etti tarkaanfin duraa afaan kana raadiyoo maqdisho`oo akka naaf seensisan xalayaa mangistii soomaale`etti barreessee akkin je`een afaan gaalla`aa takkaa oromo`oo kun afaan , afaan soomaaleedharraa hiriiroo jabduu qabuu akka raadiyoo maqdishoodhaa nuu seensiftanan barbaada je`een duuba akkaataa itti mangistii soomaale`etti geessurraa wal gaafatu`uu jechan koree ummata keenyaa kan maqdishoo jirturra mala fidee garsiise hunu afaan gaalla`aa takkaa oromo`oo raadiyoona nuu seensisaa je`eetan mangistii soomaale`etti barreessee nama na wajji itti geessu naa godhaammas afaan gaalla`aatimoo afaan oromo`oo jenneeti barbaana je`een gaafa san warri koree san keessa jiru irra hedduun warra hararii warra magaala`aatii wanni je`een nuti { gaalla`aa } miti { oromo`ollee } mitii nuti islaamaa afaan qottu`uu je`ii itti geessi ammoo yoo gaallaa takkaa oromoo jettee dabarsiite manca`aan wal fin`aa beekhi naan je`en an gaafa san koree san keessatti itti gaafatamaa waayee dardaraatifii beekkomsaati isaan diduu hin dandeenye mala kore`eetinan dalagaa malee mala kiyya qofaa miti maalif hoggaa harka baasaa jennee harki laalamu kan afaan qotu`uu je`uutu irra heddummaate ammoo nuti warri maqaa afaan oromo`oo yookaa gaalla`aatin raadiyoo nuu naqaa jenna je`u ni injifatamne warra maqaa afaan qottu`uutin haa barbaanuu je`uutu nurra heddommaate .

Duuba akkasittan xalayaa barbaadaa yookaa iyyataa kan afaan qottu`uu je`ee jechu`uun afaan xalayaanin barreefame kan koreen mure kan koreen murte san fuudhee qundaala yookaa abbaa waayee beysisaatifii raadiyoodhaati geessee wajji haasawee haasawa keessatti wanni naan je`e afaan kana yoo raadiyoo teenya galchine mangistiin ityoobiya`aa addunya`arratti nu khasaasti yookaa nu himatti dubbii biyya teenyaa keessa harka keessan jettee afaan kana raadiyoo seensisuun ityoophiyaa sossoosaa nan jennaan wannin je`een kiiniyaan afaan kana raadiyoo isaanii seensiftee jirti wanni seensisaniif gaafas warri kiinya`aatifii soomaalin enefdii keessatti wal dhawan waan warri gara kiiniya`aa jiru afaan oromo`oo beekhuf jecha wanni izaa`an dabarsitu ummata boorana`aa kan infidii taa`un soomaalen hargiisarraa boorana`arraa isin kaaftee jenuuba ifriikiya`atti isin galchu`uuf inifdi`itti isiniin looltii isin dhiiraa nitii eessatti dura oriitan dhaabbadhaa ifirraa deebisaa jetti izaa`an sun duuba wanni izaa`aa sun jerttu warra afaan kanaan dubbatu hunda mataa gara galchittii isii dura dhaabbatu`uu jecha raadiyoo teessan seensisuu qabdan yoo ityoobiyaan isin kasaftre takkaa isin himate nuti isinitti hin dubbannuu gara kiinya`aati achi dubbanna jettaniin je`een qundaalli raadiyo`oo gaafas { yuusuf aadam } booka`aati yaroo kam raadiyoonni kiiniya`aa afaan kanaan dubbii dabarsa naan je`e jennaan galgalarraa saa`aa torbatti je`een hoggaa san mataa raadiyo`oo kan { jaama` khalaf } je`amu yaamee afaan kana afaan qottu`uu je`ii guyya`arraa daqiiqaa kudhan raadiyoo keenya seensisi je`een akkasitti afaan kun daqiiqaa kudhaniin raadiyoona moqdisho`orraa bayuu jalaqabe .

Duuba bara { 1965 } rraa qabee odoo ida`ama`aa deemu bara { 1984 } saa`aa guute gaafan isa seensiserraa qabee hanga bara 1983 yitti waa heddu`un ummata keenya dabarsuu turre .

	Namni oromoo hin tayin afaan kana maqaa adda addaatin yaamuu ture tanaaf jecha gaafan dura afaan akan raadiyoona seensisu afaan qottu`uu jecha`aan yaamu`utti koriin namni oromoo hin tayin irra heddu`uu nu gidditee yookaa nu dirqite .

Duuba odoo barnaamija afaan qottu`uu jennee oofnuu namni kabbadaa gabree je`amu inni qondaala lolaa kan ityoobiya`aatii booqanna`aaf biyya soomaale`ee dhufee mataa soomaale`ee  { ziyaad barree } dubbisee afaan raadiyo`orra nuu dabarsitan kanarratti galatoomaa haa tayuu afaan kun afaan { qottu`uuti } mitii afaan gaalla`aati akka isinuu beytan je`een { kabbada gabree } kana shanyiin isaa gaalla`aaa duuba abbaan biyyaa { ziyaad barreen } xalayaa xiqqoo takka natti erge wanni xalayaa san keessatti barreeffame { itiz gaallaa not qottuu } jechu` akkana jechuun afaan kun afaan gaalla`aati je`ama malee afaan qottu`uuti miti jechuu isaati duuba achirraan barnaamija afaan gaalla`aa jechaadhan raadiyo`orraa dabarsuu jalqabe afaan qottu`uu dhiisee warri na dhaggeeffatu kan moqdishoo jiru hoggaa barnaamiga afaan gaalla`aa jechuu dhagayu sheekh mohammed rashaad gaallaa nu godhe nuti gaalla`aa miti islaamaa je`anii jirma natti guuratan ammoo an du`ullee homaa irran kaayanne duuba orma san hunda anumaatu irra aane maalif wannin raadiyoo keessaa dubadhu nama hedduu dubbii dhuga`aa fudhachiise tanaafan nama gaallaa gaafas jibbu bakka afurritti qoode akkan karaa raadiyoonattin je`e .

	kan oromoo diduu takkaayuu diinumaa 		
	                                 takkaayuu galtu'uu tanaaf isaan moromaa
takkaa  nin  laalinii   taariikha    saanitii 		
                                  takkaa wahiif fedhaa baduu  isaanitii
ammas ummata gaalla`aa  yookaa oromo`oo akka maqa tokko kan yoo isaan yaamaman maqaa isaanii tayuu beekhanii hundi isaanii owwaatu godhu`uu jecha wannin je`e 
yaa   ilmaan    oromoo    dubbii    too    dhagayaa
                                maqaafii afaanin harka  tokko     tayaa
namni      afaan    keetii     inni    shanyii    teetii
                                qoqqoteen gaafatin maali gosti     teeti 
	maqaa   gosaa dhiisaa   ka  dhiyoo    argamee
                                isa dur qabdhaa kan akkaan   baramee
bar    maqaan     durattii     isaawwali  qqabaa
                                gosa sabaa hundaa taariikhas ni qabaa
yoo  isin  wal  taatan   xiqqa'aafii    gudda' aanii
                                dhiirafii dhalaadhan walis    jaalattanii 
baraa   nam  tokkolleen     isin    duran   bayuu
                                dhiirummaa teessanis namuu haa dhagayuu
 
akkanattan maqaa gaalla`aa takkaa oromo`oo ummata fudhachiisu`uuf tattaafata godhe gaafa maqaan kun diina keenya biratti dhoowwama`aa haatayuu ummata keenya biratti maqaan gaalla`aa takkaa oromo`oo maqaa qottu`urra ni chaala ammoo diina biratti afaan kun raadiyo`orraa bayuun maqaa fedheen haa tayuu ni naasisa tanaaf jecha nu warra raadiyoo moqdisho`orraa afaan kanaan dubbatu nama nu ajjeesu nuti erganii ayyuub abuubakri nurraa ajjeessan ammoo kan naaf ergame odoo na bira hin gayin mangistiin soomaale`ee qabde ayuub abuu bakrii kun ituu { qaalluu } warra carcar naannoo badeesa`aati . namni isa ajjeesse isweedinirraa bitamee akka ayuub ajjeessu biyya soomale`etti ergame mataa boolisii soomale`ee jeneraal muhammad abshir bira qubate inni jaala isaatii ayuubisa jaala mataa boollisii soomaale`eeti mana isaa dhaqee joollee isaan afaan injiliiz barsiisa duuba achitti nama haylasillaasan erge saniin wal baran duuba gaaf tokko asrii mana dhugaati`ii faranjichaan wajji seenanii eegas bahara dhaqanii huccuu babaafatanii bakka huccuu kaayu`uuf jaaramte kaayatanii namnicha haylasilaasen itti ergeen wajji bara seenan duuba bahara keessa waa xiqqo achi fagaatanii namichi faranji`ii sun bahara lixee ayyuubii bahara jiru luka isaa qabee bishaan bahara jala harkisa`aa bahara keessa faggeesse du`aa achitti dhiisee biraa baye yaroo lafti golgolooyte duuba faranjichi sun huccuu ayuub fuudhee mataa boolisaa soomaale`etti geessee halkanuma san qophaayee ganamaan xayyaaraa yabbatee biyya soomaale`eetii baye ammoo reeffa ayyuub baharri qarqaratti darbee mangistiin soomaale`ee fuutee mustashfaa { mana haakimaa } kan dikfer je`amu geessitee achii fuunee irratti salaannee awwaalle duuba abbaan isaa gumaa isaa barbaadaf biyya soomaalee dhufe akkuma obboleessi isaa rashiid abuu bakrii moqdishoo dhufee raadiyoona moqdisho`oo keessa bakka ayyuub dalaguu jalqabe qophee afaan gaalla`aa keessa .
ammas warri afaan kana dura dhaabbatu karaa biraatin mangistii soomaale`etti dhaqanii afaan gaalla`aa afaan kuffaaratii afaan islaamaa raadiyoona nuu naqaa je`aniin afaan islaama kan isaan je`an afaan adare`eefi duuba mangistiin soomale`ee warra beekkomsa afaan ityoophiyaa keessa jiru qabu walitti qabdee dubbii tanarraa gaafannaan deebisan isiin argatte warri afaan adere`eetin dubbatu afaan gaalla`aa yookaa oromo`oo yookaa qottu`uu ni beekaa zamanni afaan gaalla`aatii kennamis xiqqa`aa addaan qottu hin tayuu tanaaf jecha amma hin haajamsiisu jetteen mangistiin soomale`ee .

ammas warri afaan kana dura dhaabbatu kharaa biraatin natti ka`an sun waanin an dubbadhu dhaggeeffatanii yoo isaanii tayuu baate natti duulan maa kana jette maa kana jette je`anii . duuba afaan kun akkuma natti jaba`aa dhiirti afaan kanaa tumsitu na wajji dhaabbattee afaan kana du`uu dhoowwine . gaafa tokko wannin raadiyoona moqdisho`orraa dabarsee bara kum tokkootii jahaatamii torbatti { 1967 } haasawa dheeraa isa keessatti wannin je`e yaa ummata keenya rabbiin biyya gaarii isinii kenne afaan gaarii isinii kennee rabbiin lafa teessanirratti isin heddommeyse tun qananii guddo`oo kennaa bal`oo rabbii keessaniirraa qeebala`aa ittiin qanani`aa namni biraa isinirraa fudhatuu ittin dhiisinaa qabsoo godha`aa warra alaa dhufee waan rabbiin isinii kenne isin duraa nyaatu ifirraa deebisaa waa takka beekhaa waan ajaanibni biyya teenya jiruun warri biyyaa hin quufu maalif isin bara guutuu dalaga`aa baatan maallaqa xiqqa`aan isin harkaa dhadhawatatanii kan waan isin dhibbatti gurguratu`uu magaalaa geessitan kudhan isin isinirraa bitan watayanii kanneen meeshaa kudhaniin bitanii alaa fidan dhibbatti isinitti gurguratan. duuba waan warri akkanaa biyya teenya jiruun deenaggeen teenya hin guddattu waan diinaggeen teenya hin guddatiniin qabsoon isti`maaratii goonu bakkan geessu maalif ormi ajaaniba yookaa alagaa basaasa mangistii isti`maarati wanni akkana tayaniif mangistii isti`maaratiin wajji jiraatu`uutu mangistii warra biyyaatin wajji jiraatu`urra isaanii caala tanaaf jecha naggadaa biyya keessatiffi kan alallee waan ala ooftaniifii waan alaa fiddanillee ifumaa harkattti qabadhaadhaa ajaanibatti rakkisaa duuba ummanni oromo`oo hoggaa dubbi tana dhagayu kutaa biya isaanii hunda keessatti orma ajaanibaa warra buna bituu dhoowanii wanni itti rakkisan namni biyya bookhe`ee ta carcara keessa moqdisho`o dhufe tokko akki je`e magaalaa bookhe`ee keessa taajira adare`ee tokkootu jira kan tujjaara biyyaa buna bituu dhoowwe maalif nama buna fidu hunda dhiirti isaa kara`atti afaan baate dirqiidhan irraa buuftee waan tujjaarri biyyaa bituun caalchisee kennaaf duuba warri biyyaa wal tayeeti taajirticha ashkara meeqaatam qabu asan tumanii magaalaa isaanii keessaa baasan warri naannoo biraatis akkasitti nama alaga`aa if keessaa baasanii waan naggada taye hunda harkatti deeffatan warri biyya wanni balleesse nama afaan isaa hin beyne hundaan alagaa jechuu kan akka adareedhaa takkaa warra akka alagaadhatti ummata miidhu hundaan alagaa jechuu odoo warra biyyallee taatee .

duuba duubbin tiyya orma adare`ee akka alaga`atti ummata biyyaa nyaatuu dhoowwinan dubbiin tiyya ummata oromo`oo dammeyinaan rakkatanii dardara nama saddeet gayu maqdisho`otti ergan bakkan irraa an dubbadhufti na cal`isiisu jecha duuba gal gala tokko mana kiyyatti jigan haatayuu an hoggaa san manan jiruu mana saahiba khiyyaa seenanii isa bira tattaa`an dhufa tiyya eegan duuba hogga`an dhufu saahibni kiyya sheekh muhammed saalih sa`iid na yaamee jara kanaatu si himataa waan isaan je`an irraa dhagu naan je`e jennaan dubbadhaa je`een duuba isaanirraa kan maqaa isaanitiin dubbatu akki je`e afaan arabaatin nuti dardara biyyaafii ummatarraa waan hamtuu deebisu ati raadiyoo keessaa waan ummata keenya miidhu dubbattee waan dubbatte san yoo kaaseeta`atti marte nu dhageessisi yoo xalaya`atti barreessite nurratti qara`i yookaa nuu dubbisi je`e jennaan wannin je`een kaaseetta`aafii xalayaa itti dhiisa`aa maali wanni isin raadiyo`orraa dhageessan jennaanin wanni je`e wanni ati jette waan alagaan yookaa waan tujjaari ajaaniba yookaa alaga`ara kan waan isin magaalaa geeffattan rakhishaan isinirraa bitee waan biyya alaa  nuu qaali`itti gurguru biyya teenya jiruun diinaggeen teenya hin guddatu qabsoon isti`maarri goonu bakkan geessu waan basaasa tayanii isti`maara yookaa cunqursaa wajji dhaabbatanii waan dantaan isaanii qursa`aan wajji jiraatun irra isaanif caaluf jecha jette je`e inni akkas jennaan sheekh muhammed saalih maaltu kanarraa isin aarse jennaanin ajnabii arrabsefa jennaan sheekh mohammed saalih akki je`ee si isin alaga`aa ajnabi`ii je`een jennaanin lakkii nuti warra biyyati waxaniyyiin je`an jennaan sheekh muhammed saalih akki je`een isin afaan oromo`oo hin beytanii yoo waa dhageessan nama afaan oromo`oo beekhu gaafadha odoo waa takka hin dalayne .

ammoo mangistiin ityoobiya`aa afaan kana raadiyoona soomaale`ee keessaa baassu`uu karaa hundaan itti if laaltee dadhabnaan raadiyoonaa harar afaan oromo`ootif bantee afaan duraan raadiyoona cabsaa je`anii raadiyoona addis ababa`aa naqu didan  jecha raadiyoona hararirra gad lakkisa.
AFAAN OROMO`OOTIN QUR`AANA HIIKU 
YOO { FASSARUU } 
Waan yaanni kiyya ilmaan oromo`ootif beekomsa isaan fayyadu isaanif dursuu tayeef wannin an dalaguu muradha qur`aana afaan isaanitti hiikku waan qur`aanni beekkomsa adunya`aa kan aakhira`aa  qabuuf jecha duuba nan barreessee raadiyoo moqdisho`orraa isaanii dabarsuu ture duuba ummanni jabduu irraa fayyadate haatayuu hin guunne .
Gaatayuu hangan qur`aana hiikku`urraa afaan oromo`ootifin barreesse ifii wajji fudhetan koree barbaada taariikha gaafa afriika`aa barbaadaf soomaaole`erraa biyya arabaa baatef wajji bayee biyya su`uudi`ii dhaqee yaman dhaqee iraaqa dhaqee kuweyti dhaynee biyyoota dhayne hundarraa taariikha baanef sargannee deebi`uudhaa khaane hangan kuweyti jiru haasawe jaazaxootafii godhee wannin warra gaazexootin je`e umanni oromo`oo kan ummanni islaamaa quban qabne rakkoo guddoo kheessa jira wanni gaazeteenya bitti oromo`oo eessa qubatan je`anii nagaafatan gaafannaan hararii fii baalee arsi ammallee biyya biraati je`an duuba waajirri biiroo soomaali galbeed kan kuweyti kheessa taa`u waanin an barreessarraa aaree dhaaba galbeed kan moqdishoo kheessa jirutti xalayaa barreesse wanni inni je`e biyya harariifii bale ammallee biyya biraa ta dhiirti teeny horiin keenya itti dhumte bara diiddama kheessatti { Dr Mahammed rashaad ) biyya oromoodhaa godhe  yaada arabaa gara galche gaazexaa {  al mujtama`a } kheessatti barreesse duuba hoggaa dubbiin tan dhaaba isaa ka moqdishoo keessa jiru geessu yoon biyyatti deebi`e na ajjeessu`uuf muratan isaanii na geese namni natti hime sheikh haaji ashaaq dhaadhiun tarra`eeti kan manjistii soomaale`eetiffi dhaaba san biratti akkaan amanamu wanni naan je`e yoo biyyatti deebite adda cinnee beekhi wanni akkana je`eef biyyatti deebi`urraa na dhoowwu`uufii waan akkaan na gaalatuuf kan duuti tiyya isa marartyu tanaa jecha damooze duraan mangistii fudhadhu joolee tiyyarraa muran tanaaf jechan sodaadhee biyya su`uudi`ii kheessatti hafe tanaaf jechan hiikka qur`aana kan oromo`oo kanin moqdisho`otti jalqabe itti fufee guute juuza { amma`aa } gaafan kuweyti jiruu barreesse kaan makka kheessattan barreesse jechi an irratti fixe { fazakir bilqur`aan man yakhaafu wa`iida }  tanaaf jecha jalqabni faatihaadhan moqdishoo kheessatti jalbabee juuza amma`aa kuweyti kheessatti barreesse deebi`ee suuraa kahfirraa qabee waan hafe fixe bara diiddamii lama kheessatti .
Duuba hogga`an tafsiira barreessee waraabee fixu { raabital`aalama maka keessatti kennee wannin je`een tafsiira kun barreeffama`aafii waraabamalleen isinitti amaana`aa kitaaba bareefame kana ummata oromo`ootin gayaa waanin an teessoo su`uudi`ii kan qabneef duuba hoggaa san mataan raabixaa aalamaa teessoo barbaanna je`ee itti aanaa qondaalaa biyyaa keessaa { amiir ahmeditti naa katabe duuba turtii keessa teesson naa dhufte qaalichi ahmed barakaati je`aniin kan biiroo qooda qur`aanatti mata`aa kaaseta qur`aana kanan manatti waraabee bakka qur`aana maxansu`uufii kaaseeti waraabu`uuf mootii fahdi madiinaa keessatti jaaretti erge akka waraabanii heddomeysaniif an kaasate hundarratti wannin barreesse { namni tolche sheikh moahammed rashaad Abdulle`ee rahimahullaahi jecha wanni bakka san keessa dalagu wanni ifiin je`an namni kaassata kana waraabe odoo jiraate kaaseetaa kana miya gaarii dhan nuu waraaba odoo taa`anuu akkan an makka kheessa jiru dhagayan hoggaa san na yaamanii madiinaa dhaqe duuba waan barbaadan natti himan wanni naan je`an kaassetan ati waraabde meeshaa gaari`iin hin waraabne amma meeshaa gaari`iin waraabnaa ammallee bakka ati qur`aana qaraatee eegasii hiiytu sheikh ali abdulrahmaan huzeyfi  bakka kee haa qara`u maali yaanni kee naan je`an qaraatin isaa akka isiin akkaan gaarii taate ulamaan hedduun irratti walii galte yanni keessan gaari`ii jaaladhe .
Akkasittan akka haarawatti hiikkaa qur`aanaa waraabii jalqabe amata lama keessatti irraa raa`adher odoo kaasetan mana iti waraabaniin hin bayin bara {		} haadha abbaa kiyyaa daawa`atu`uuf biya ityoobiyaa dhaqe eegan biya alaa amata afurtamii jeha taa`e {  عام الزيارة   } yaroo duraatin biyyatti deebi`uun dhiirti oromoodhaa wal qunnamneen hedduudhaa sanirraa mataa ummata oromo`oo { hasan ali } hoggaa san baandiraa inni tolche nagarsiise anis baandira an tolche is garsiise .

Eega saniin biya su`uudi`itti deebi`ee hiikkaa qur`aanaa irra deebi`ee laalee tole je`ee malatteesse akkasitti heddommeysanii kaaseeta dhibbaafii safii kan sagaltama albooma sadii sadii keessatti naqanii boolee biyya ityoobiya`atti erganii baatii sagal achi taa`e booda keessa { sheikh mahammed awal ragaan }obboo malasitti dhaqee hiikkee qur`aana kan afaan oromo`oo nuu dhufee bollee`etti fidhamee jiraa akkan baafadhu eehama naa godhi akkasitti sheikh mahammed awal ragaan kaasseta`aafii qur`aana baasee ummataan gaye kuni waan isaafii males irratti galatoomfaman hoggaa warri boole`ee kaaseetaa qur`aanaa baasuu didi ummanni dantaa ummata oromo`ooh in feene maka keessatti duula natti kaasanii hiikkan qur`aanaa kan afaan oromo`oo akka biyan hin seenne godhu`uuf tattaafata guddaa godhan akkuma ummanni oromo`oo kan dantaa ummata isaanitiif charraaqan diddaa isaanitiiif tattaafata guddaa godhe biya oromo`oo hundarraa koree godhanii anaafii gara nadura dhaabbatee guddoo seenanii na araarsu`uuf wanni ummanni na dura dhaabbatu akka hiikkan qur`aanaa kan afaan oromo`oo biyyan seenne godhu`uuf kitaaba na arabbasu kan ummata oromo`oo hiikkaa qur`aanaa jibbisuuse barreessan maqaan kitaaba sanii ( اعلام عقلاء العباد بافتراءات محمد رشاد } malattoon isaa :

Garri kun waan arrabaa narraa ol hin kaayanne ammo an asaanirratti deebisa`uu jecha kijiba isaanirraa kaayan ifirraa haqu`uu jecha kitaaba barreesse kan maqaan isaa { كتاب إعلام عقلاء العباد بافتراءات الدكتور /عبدالشكور  .والدكتور/ عبد الجليل على الدكتور محمد رشاد وهى ملاحظات ضرورية على رسالة  } إعلام عقلاء العباد بافتراءات محمد رشاد { التى كتبها كل من  الدكتور عبد الشكور محمد أمان.  والدكتور عبد الجليل
Namni aylii qabu kitaaba lamaan qara`ee yaada gara lamaanitiif yaada kiyya addaan baruu qaba.

AKKAATAA AFAAN OROMOO RAADIYOO MAQDISHOO SEENE

Gaafan afaan oromo`oo raadiyoona moqdasho`oo seensise nama heddu`uutu nadura dhaabbata isaanirraa nama afaan keessan kun afaan qotto`utti bayna aafaan biraa jettanii hin seensisinaa yoo afaan oromo`oo jettanii seensiftan takkaa afaan gaalla`aa jettanii seensiftan maqdishoo tana keessatti manca`aan wal fa`aa duuba odoo qooqa walirraa hin fuudhin adda yaanne boru galgalatti qaaxaroo qabanne duuba tumsa qobbeeatee boru galagala dhufe duuba warri afaan qottu`uu haa jennu je`e nurraa heddummaatee akkasitti maqaa kanaan roodiyoona maqdasho`oo seensisuu barbaadu namni waahela naa ta'e biiroo raadiyoo nawajjin dhaqe sheikh mahammed saaleh sa`iid odoo biiroo raadiyootti deddeebinu kophee nurratti dhumte sababaan kana abbaa raadiyoo biyya alaa deeme namni biiroo isaa eegu hin jiru nuun jedhan. tanaaf waan nutti afaan soomaalee hin beynef itti numa daddeebina duuba booda keessa alaa galee nu qeebale .duuba wannin jedheen nuti  waan ummata keenya toluuf si barbaanne intalti ati hularraa kheessa sitti seenuu nu dhoowwite akka ati amrikaa dhayxee karaa kooriya`aatin biyyatti galte hin beynu anaa lolu na argee amma maal feeta naan je`ee wannin fedhu afaan ummata kheenya kan harar taa`u kan aruusi taa`u afaan oromo`oo takkaa gaalla`aa kan namni gariin afaan qottu`uun je`uun lafa dubbanne tana hunda ummanni some`ee ni himataa afaan sun hundi raadiyoona maqdisho`oo seenu qaba akka afaan soomale`eek an biraa jannaan abbaan raadiyo`oo akki naan je`e inni { yuusuf aadam bookka`aan je`ama } yoo nuti afaan oromo`oo kan raadiyoo seensifne afaan oromo`oo  je`aa ityoobiyaan na khasasti jettee nu himatti kharaa itti isin himatuu hin dandeeyyatii jiraa maali sun naan je`e keeniyaan afaan ormaa jettee raadiyoo { eelbaru`urraa } dabarsiti ummata { enifdii } keessatti mirqaansu`uuf jecha wanni raadiyoo sanirraa dubbatamu akki je`u yaa ummata booranaa soomaalen boorana`arraa isin khaaftee issin isin jeessi ammallee isinumatti jirtii eessatti dura ariitan booda kheessa dabuuba afriikiya`aa isin jalchu`uu deemanii ifirraa dhoowwaa je`aniin dubbiin tun warra baalellee ni xuyxi warra hararillee ni xyxi tanaaf jecha orma sanirratti deebi`urratti akka nagargaartan afaan keenya kana raadiyoona maqdisho`oo nuu seensisaa jennaan yuusuf aadam bookka`aa qondaalli raadiyo`oo akki naan je`e keeniyaan afaan boorana`aa saa`aa tam gad lakkifti saa`aa toba galgalarraa dabarsiti hoggaan san qoondaalli raadiyo`oo hogi oofaa raadiyo`oo yaamee afaan kana qooda afaan soomaale`ee kheessa seensisi maqaa afaan qottu`uutin daqiiqaa kudhan duuba odoo idanuu daqiiqaa soddoma godhan duuba soomaalen afaan kheenya raadiyoona seensifnaan ummanni adare`ee afaan islaamaa afaan adare`etti afaan adera`ee raadiyoona nuu naqaa duuba dawlan soomaale`ee mariyatamaa isi`ii  gaafate afaan adare`eetifii afaan qottu`uu kamtu irra ummata fayyada jennaan namni sun akki je`e afaan adere`ee afaan ganda tokkooti afaan ummata fayyadu afaan oromo`ooti kan afaan qottu`uu je`aniin je`eenii akkasitti afaan oromo`oo raadiyoona naa seensisanii ummanni itti faayyadame dubbii tanarraa wanni beynu afaan kheenya kanaan afaan qottu`uun je`uun sababaa adara`eeti .

Qubee afaan oromo`oo baase somaalen afaan isaanitiif qubee kaayu`uu jecha ogeeyii walitti qabdee qubee afaan soomaalee kaayan biyya bilisoomssan geessu`uu jecha anis akka uumanni keenya qubee saba`irraa afaan amaararraa afaan soomaale`etti garan galle afaan oromo`ootif qubee kaaye kitaaba furaa afaan oromo`oo je`u barreessee abbaa biyyaa jeellee siyaaditti dhaqee afaan oromo`oo isintu dura raadiyoona keessan nuu seensisee ammas yoo qubee oromo`ootin kitaaba nuu maxansitan oromoon bakka hundaa ni gammaddi je`een jennaan afaan oromo`oo maxansuu kanaa miya adawwiin jabsinu godhanna je`ee mana maxansituu kitaabbatti ergee akkasitti kuma diiddamii shan maxxansanii biiroo an keessa jirutti naa fidan duuba firii takkaa kitaabarra fuddhee jaallee siyaaditti erge inni abbaa raadiyo`otti ergee biyya afaan kanaan jeeessi je`een duuba joollen adare`ee firii kitaabaa takkitti jaalle ziyaad abbaa raadiyo`oo kan { Abdulsalaat qaasim } je`amu biratti arganii ori`iidhaa jaallee siyaaditti dhaqanii nama kitaaba kana tolche nuu ajjeessi takkaa nuutu ajjeefataa nuu kenni kitaaba kana gubi duuba natti deebi`aa je`e barummaa itti deebi`an waan sirraa barbaane nuu gootee je`aniin jennaan maal kitaaba kanarraa jibbatan amaara faarsa soomaalee arabsaa maali wanni isa keessa jiru je`een isa keessa human jiran wanni nuti jibbinu kheessaa miti gubbaa isaati maqaa oromo`ootifii suurootii nuti maqaa oromo`ootifii aadaa ormo`o`ellee dhagyu`uufii argullee hin feenu sheikh mahammed rashaad oromoo nuti dirree lolatti ajjeefne maqdishoo kheessatti jiraachisuu fedha dafi nuu kenni yookaa nuu ajjeessi kitaaba isaa gubi yoo kana didde ati kopaa tee loli yoo oromoo nuti ajjeefne jiraachisuu feete jaalle siyaad barren akki je`een maqaa oromo`oo kan akkatti jibbitan taatan yoo maqaa oromo`oo jirjiirre yoo jirjiirtan gaari nullee afaanuma kana dubbana  

Akkasitti jaallee siyaad kitaaba afaan oromootin Furaa Afaan Oromoo jechaadhan maxxanfame maqaa kana jirjiiri jedhee abbaa raadiyootti ergfe abbaa raadiyo`oo natti erge hoggaa natti ergu wannin ifiin jedhe ummanni oromoo duraa dhaabbatu akka oromoonni afaan ifiitin qubee ifiitin barreeffatarre hin fedhan tanaaf nadura dhaabbataniif an odoo afaan sheyxaana jedhi naan jedhanilee numan jirjiira akka qubeen an ummata oromootii tolche tun akki ummata oromoo geessee qubee teenya jedhanii bakkayuttuu isi`iin dhaaddatan godhuu hin oolku tanaaf jechan maqaa lama barreesse abbaa raadiyo`oo { abdi salaat qaasimitti } erge inni afaan oromo`orraa jirjiiruu hin fechu tanaaf hoggaan jaalle siyaad maqaa kitaabaa oromoorra maqaa adareen jaalatutti jirjiiri jedheen maalif jirjiirra maqaa  seenaati kan ummata bal`aadhati jedheen jennaan jaalle siyaad naafii siitu wal lolaa je`een duuba abbaa raadiyo`oo maqaa lamaan itti erge takka { afaan soomale aboo } { afaan aboo } jedhu kan soomaali abboo jedhu qalama diinaa dhaye maalif soomaaleen nama gala utaaltan jedhee akkasitti inninis { afaan aboo } jedhu kan jabeesse maalif namni abboo je`u oromo .

Akkasitti kitaaban furaa afaan oromo`oo jecha`aan maxanfamee makiinaan fidanii biiroo tiyya kaayan fuudhanii mana duraan maxxansetti deebisanii maqaa furaa afaan aboo jedhutti akka jirjiiran ajaja baase abbaa raadiyoo. Duuba deebifnaan maqaa duraa irraa buqasanii darbanii duuba dalagdu mana sanii guurattee manattiin galan waan suuran namicha waraana qabatee dhaabbatuufii intalti gama kaanin dhaabbatti suuraa Soomaaleetin wal fakkaatii kanneen adareen jibbite ummanni soomaalee fudhatee baduu dhoowwe suuran wanni jettu : Daarotaa mashinga`aa matarraa kaayatte mudhii isiidhaa qaboo sabataan hidhatte qadaada aananii harkarra rarraafattee halaalaa sii laallan ijjii too  bol;oltee .

Duuba ummanni Somaalee an uffata kitaabaa san guurate galanii uffata kitaaban joollen isaanii itti qaraatuu godhan duuba borummaa joollen mana barmootatitti yaattu hunda kitaaban isaanii suuraa oromichaatifii suuraa oromtittifii kitaabban isaanii hunda owwisanii olii galeen mana barmmotas kan magaalaa maqdasho`oo keessa jirurraa galatan hoggaa san adaroonni oro`aadhaa jaalle siyaadatti dhufanii kitaaba ati maqaa isaa jirjiiraa jette sheekh rashaad dubbii tee hin dhageenyee magaalaa maqdasha`aa hunda kheessa facaasee waliin gaye akkasitti ashkara natti ergee akkamitti waanin an siin je`e dhagayuu diddee maqdashoo keessa fachaaftee jizee sun jizee lolaati dubbii mataa biyyaan diduun nama dubbii isaa didu akka namni hundi isin gargamutti ajjeessan wannin ajjeefamu`urraa na hanbise takkaan waanuma rabbiin ajjeefamni urraa nahambisuu fedhe  . Lammeysa : mataan warri nagayaa eegu hawwiya`aa dubbii tana quba qaba .Sadeessa`aa : wannin an je`een maalif naqabdan .
Jennaan siitu waan mataa biyyaa dalagu siin je`e dalaguu diddee an dide eenyu isin je`e ani waan mataan biyyaa je`e jaaladheetin fudha jennaan maqaa kitaaba jirjjiri siin je`e maal  jirjiiru ooltee maqdashoo keessa fachaaftee jennaanni mana maxansituu gaafadha je`een akkasitti gaafatanii maqaan jirjiiramee je`aniin wanni magaalaa keessatti argame waan kitaaba durirraa buqqifamee tuulame namni guurate galateenii uffata kitaabban joollee mana barmootaa godhan .

Obboleeyyan kiyya qubee afaan oromo`oo laaftu`utti isin bira hin geenye ittin arranfame itin bakka du`a gaye warri jiruu oromootaa hin feene bakka heddu`utti gufuu gaafan afaan oromo`oo raadiyoon maqdasho`oo seensisu gaafan qur`aana afaan oromo`ootin oromo`oo barreesse gaafan qubee afaan oromo`ootif kaaye duuba kan kana hunda rabbiin nagargaaree naa laalisee wannin an dalage hundi bakka geese duuba kitaaba maqaan { furaa afaan oromo`oo je`urraa furaa afaan abotti jirjiirame eega tolfamee dhaaba soomaale abboo itti jeessaa je`eeni itti jeessan duuba fuudhanatti warri achi keessa dalagu fachaasee namuu bakka hundaa jirjiirama maqa`aa kana dhagayee aaree waan tayu dhabe 

Ammo ABO dhageenyan Maqdashootti natti dhufanii wanni sigaafatuu feenu kitaabni duraan Furaa Afaan Oromoo jedhee ba'e maalif jirjiirame firii kan duraan maxanfame yoo jiraate nuu keeni jehhaniin duuba mataa akaadimiyaa soomaalee {shire jaama` ahmaditti } geesse kitaaba furaa afaan oromo`ootin maxanfamerraa kitaaba sadii kanin akaadiniyaa keessattiu hambiserraa mataan akaadiimiya`aa kenniif naan je`ee kenneef ammas wanni ergaan ABO narra barbaaddee wanni dhageenye ati kitaaba barannaa gaanfa Afrikaa jedhu kan {ool istakaa valiib} Afaan Oromootti deebifte jechaa dhageenyee akka maxanfamuu dhabee lafan bannee nuu kenni je`an akkasitti fudhatanii soodaanitti deebi`an. kitaabni gaanfa afrika`aa sun kitaaba lama gurguddaa ABO  maxansitee moo hin maxansinee hin beynu .

Wanni koreen eega Sudaanitti deebite hoggatte kitaaba furaa Afaan Oromootin maxanfame koree afaan oromo`oo irra fidanii ajaa`iba godhanii eega irraa haasawanii waan muran muranii koreen sun ergaa natti dhufte qubeetee tana jaalanne isii fudhanna yoo wanni sii wajji haasaynu jiraate haa wajjin haasaynu akkasitti yaadan an qabu mul`isee isaanis yaada qaban mul`isanii an yaanni kiyya qubee {TH} JECHU AKKA {X} taatu qubee { x } jettu akka { x } aaf taatu godhu koreen ni jaallatte ammas wanni koreen jette {ny} goote yoo jirjiirre yoo akka jirjiirra jennaanin akka qubeen lama ta quba biraa himtu quba biratti { nh } goone yoo naan jedhan lakki hin ta'u jedheen maalif hin taanne ummanni keenya yoo jirjiirran itti heddommaate dafanii hin fudhatan duuba jirjiiran { x } aatu ni geessii ummanni kheenya qubeen tan teenya je`ee fudhatee yoo jirjjirran itti heddommaate ni geessi duuba kkanatti qubee an kaayerratti walii galle { 1/1/1980 } achirraa qubee tanaan kitaabban haa barreesinu jennee murre kitaabni lama kan goolleedha kitaaba lama kan nama gurgudda`aa kitaabni tokko kan jechootaa tokko kan haasawaa barreesinee namni hedduun qooda irraa fadhate naannoo oromo`oo hundarraa duuba kitaaban bareefame san hunda ABO jarjaaranitti geessitee maxanfamee soomaaletti ergame kuma meeqaatamii hoggaa inni soomaale dhufu nama barnootaa bakka hundatti ummanni bane barmoota jalqabe . 

Boodarra ABOn Moqdashoo keessaa ari'amnaan kitaabban san ABO dhaaba Tigretti amaanaa jettee kennitee akkanitti kitaabban sun biyya Oromoo seenuu dandaye akkuma kaaseettoonni karaa malessiin ummata Oromoo gayuu dandaye .

MANGISTUUN BIYYARRA ARI`AMU

Duuba hoggaa mangistiin biyarraa ari`amee dhaabotiin biyyatti deebitee caffeen oromoon wal geessee qubee tiyya tan kitaabban barreeffameen fudhaturratti walii galan warra qubee tana fudhatarratti walii galerraa ABO { OPDO } haatayuu namni qubee tana jabeessuun qooda guddaa fudhate { OPDO } nama barsiisuu qopeessu`uufii waan bilalee .

Gaafa Moqdishoo dhaqee (1965) dhaaba Somaalee habasha`attin ida'ame itti gaafatama dardaggeessaa fi barmootaa na godhan. Duuba ka'eetan Afaan Oromoo raadiyoona Maqdashoo akka seensisuu barbaanu dhaabbarra fide finnaan maqaa maalin seensifna gariin oromoo takkaa gaallaa haa jennuu jariin qottuu haa jennuu gariin akki je`e yoo oromoo takkaa gaallaa jettanii raadiyoo seensiftan manca`aan wal fin`a je`e odoo dubbii hin fixin boru galgala haa nuu taatuu jennee namuu tumsa barbaadatu`uuf adda yaane haatayuu warra afaan qottu`uu haa jennuu je`eetu irra heddommaate goreen akkas jettugoree adare`eeti .akkanatti adareen yaada keenya dura dhaabbattee afaan qottu`uu jecha`uun raadiyoo Maqdashaoo seensifne 

Ammas wannin an tolche baandiraa dachii Oromoo himtu gurraatii, adii diimaa manchaa lama kan wal dabru kan mukni bunaa jidduu dhaabbatee kan buna gubbaa urjiin roga shan qabdu tan boodaa shaman akeektu jirtu kun hundinuu adii kana keessa jira akkanatti baandiraa soomaale galbeed taate ma`naan soomaali galbeed { ona gaalla`aa } jechu wanni jechi kun irraa dhufe warra arabaatitu kan biyya soomaalee seene gara dhiyaa kana eenyu taa'a jennaan ona gaallan teessu { ona } jechuun mana namni keessaa baye jennaan namichi arabaa ona wanni itti hiikke bayti wanni taye { gaal beyt } duuba dubbiin akki taate { gaalbayd } akka soomaalen { T } { D } gootutti.

Duuba adareen kaatee baandiraa manchaa qabdu nuun taatu nuti manchaa kan hin feenu ilmaan keenya fite  ka`anii baandiraa kopa`aa godhan
 { ta moggaalleneen diimtu`uu ta magariinsan jiddu`uu ta handhurtii isi`ii urji`ii hoggaa san oromoonni lolee baandiraa biyya teenya mul`iftu sheekh mahammed rashaad tolche malee ta biraa hin feenu duuba hoggaa san dhaabni soomaali galbeed bakka lamatti qoodamte gamin tokko maqaa baandiraa sheekh mahammed rashaadin bakka dhaabaa bane gamin tokko dhaaba baandiraa adare`etti hafe warri dhaaba kan keessa jiru hundi ala yaa`an namni baandiraa manca`aa tana tumsu haaji ishaaq daadhii tarre`ee fa`a .
Hoggaa dhaabni baandiraa tiyyaa baname haaji ishaaq dubbii dheertuu dubbatee namni dhaaba sanitti mata`aa shugutii dardaratti baaffatee dhayu`uuf agate je`ee dubbii isaa keessatti mangistii soomaalerraa akka jara dhaaba sanii ummata keenyarraa dhoowwitee duubadhaabni lamaanuu maquma tokkoon kan baandiraa lamaa deemu ture duuba warri araba baye xalayaa as erganii wanni je`an orma arabatitu ziyaaraa maqdashoo dhufaa dhaaba lama yoo argan yaanni isaanii ni jirjiiraamanuti dhaabni kheenya tokkoo jenneeni dhaaba lamaan tokko godhaa odoo isaan hin dhufne dhaaba lamaan tokko godhaa akkasitti dhaaba baandiraa oromo`ootifii dhaaba baandiraa adara`ee akka goone akki takka itti goone mataan dhaaba baandiraa oromo`oo itti aanaa tayee dhaabni baandiraa adare`ee mataa tayee baandiraa manca`aa ta mangistii tayee ta adara`ee ta ashkjara tayee akkanatti dhaaba lamaan tokko goone baandiraa dhaaba kaanin wanni himtu gaafa adareen keesse hunoo akkana jetti :

Moggeen   lameen diimtu`uu *

Magariisaan        jiddu`uu

Handhurtii   sii          urji`ii*

Madanni isii      heddu`uu

Namni walaloo tana je`e shantam shubbisaa wanni bifti lamaan himtu adawwii lamaan soomaale`eetifii amaarati magariinsan dachii oromo`ootin urjiin jiddu`uu alaamaa soomaale`eeti .

Haatayuu walaloo tana jirjiira`aatu itti argame kan mal je`u :

Moggeen   lameen diimtu`uu *

Magariisaan        jiddu`uu

Handhurtii  sii          oda`aa*

Madanni isii      heddu`uu




#Article 132: Siyaatil (125 words)


Siyaatil magaalaa naannoo qarqara garbaa jirtu yoo taatu, USA keessatti mootummmaa naannoo Waashingiten keessatti argamti. Bara 2012tii, magaalaan kun jiraattota 634,535 kan qabduu fi akkasumaas magaalaa USA ariitidhaan guddachaa jiran keessa ishii tokko. Naannoo magaalaa Siyaatil uummata miliyoona 4 ta'u kan jiraatu wayita ta'u kunis USA keessaa sadarkaa 15ffaa qabata. 

Dhalattoonni Ameerikaa (Native Americans), odoo qubattooni Yuurooppi kan jalqaba hin dhufin dura, naannoon Siyaatil waggaa 4,000 ol achi jiraachaa turan. Artur A. Deenii fi gareen isaa gaafa Sadaasa 13, 1851 iddoo Alkii Pooyint jedhamu ga'an.  Bara 1853, qubsumni isaanii gara iddoo amma magaalaan Siyaatil jirtu kanatti kan jijjiirrame yoo ta'u maqaa Siyaatil jedhus kennameef. Maqaan kunis kan moggaafameef nama yeroo sana gosa naannoo san turan kan Duwamish fi Suqu'amish jedhaman bulchu kan Si'aal jedhamu irraayi.




#Article 133: Ji'ooloojii (300 words)


Ji'ooloojii (Greek irra kan dhufe - ge jechuun Planeta kenya (Earth); fi logos immo bekkumsa) kunii immo science yoo ta'u kan qo'atuus wa'ee kutta planeta kenya kan solid ta'anii, qabenya, kuttalle, fakkii, seena fi ademsaa fakki isaa (lafa) jijjiru qo'atta. Kunii immo Earth science kessa tokko dha. Geologistotni ganna planeta kenya hamam akka ta'ee itti dhaqabaniru, kunis wagga billiona 4.6 (4.6x109) dha. Kan qofaa osoo hin ta'in geologistonii, lithospheren lafa kan crust ofii kessa qabu akka tectonic platiit kan caccabe yoo ta'u plate kunii immo rheic irra gubba mantle (asthenosphere) irra kan ademmu yoo ta'u kunii immo ademsaa walumma galatti plate tectonics jedhamun. Kana malee geologiston qabenya planetta kenya akka petroleum fi coal, akkasumas sibilotta akka iron, copper fi uranium barbadu fi qussachu irratti hojjatu. Qabenyi birra economyiif barbadamu [gemstone yoo ta'u, kan birra immo albudotta bayye akka asbestos, perlite, mica, phosphates, zeolites, clay, pumice, quartz, fi silica, akkasumas elementotta akka sulfur, chlorine, fi helium dha.

Planetary geology (kan yerro tokko tokko Astrogeology jedhamu) kunii immo yoo yaddi geology kunii immo yerro planetotta biraa irratti tajajillamu dha. Haa ta'u malee kan qofaa osoo hin ta'in planetotta tokko tokko maqaan adda ta'e birratti tajajallima, fakkena qo'ano geology Batti yerro tokko tokko selenology kan jedhamu yoo ta'u qo'anoon geology Mars immo areology jedhamu, fakkeni birra bayeen ni jirra.
 
Maqaan geology jedhamu kuni kan yerro duraaf tajajilame namicha Jean-André Deluc jedhamun bara 1778 kessatti yoo ta'u kan akka yerro hunda tajajilamu danda'u kan godhe immo namich Horace-Bénédict de Saussure jedhamuun bara 1779 kessatti. Qo'annon geology kuni Encyclopedia Britannica's sadaffa kan bara 1797 midhafame dhumatte irratti kan hin argamne yoo ta'u, garuu afurrafa kan bara 1809 midhafame xumurame irratti barrefami geology dheranii galma'e ture. An older meaning of the word was first used by Richard de Bury to distinguish between earthly and theological jurisprudence.




#Article 134: Jaarraa Abbaa Gadaa (720 words)


Jaarraa Abbaa Gadaa Baha Oromiyaa, konyaa Gaara Mul’ataa ganda Mudiir Gooroo keessatti abbaasaa Ibraahim Hamiid fi harmeesaa Moominaa Eeboo irraa bara 1936 dhalatan. Yeroo umuriin barnootaf ga'us mana barumsaa galanii barachuu eegalan.  

Mana barumsaa sadarkaa olaanaa Harar keessatti yeroo baratan, baratoonni saboota biroo akka Amaaraa, Hararii fi kkf yeroo ayyaanaa walaloo fi sirba aadaa sirbanii ummata isaani bashannansiisu ture. Baratoonni Oromoo garuu, sababa hacuuccaa, dhiibbaa fi jibbiinsa irratti geggeeffamurraa kan ka'e hirmaannan afaanii fi aadaa ofii guddisuu hinyaaddamu ture. Kun itti dhaga'ame Jaarraa Abbaa Gadaa, barattoota Oromoo walitti gurmeessun dhaaba Waldaa Barattoota Oromoo jedhamu hundeesse. Jaarran karaa dhaaba barattootaa kanaatin, ijoollen Oromoo wal akka baran, hacuuccaa ummata Oromoorratti hojjatamu akka hubatan, afaansaanii fi aadaasaanii akka guddisan dadammaqasaa ture. Namoota yeroo sana dhaaba kana keessa turan keessa pirofeesar Mahaammad Hasan, Xahaa Alii Abdii, Jamaal Alii Abdii faadha. Dhaabni kunis jajjabaatee, bara 1961tti mana siinimaa Hararitti, agarsiisa aadaa Oromoo geggeesse.  

Barumsa sadarkaa lammaffaa akkuma xumureen, Akkaadaamii Barumsa Waraanaa Harar galee barachuu jalqabe. Yeroo gabaabaa booda, bulchiinsi akkaadaamichaa, amantiisaa akka hinshaakalle waan dhorkeef, bakka bilisaan jiraachuu ta'usaa waan hubateef, barumsa addaan kutee ba'e.

Bara 1966 qabsaawota Baalee kan gabrummaa hadhooftuu lolanitti makamuuf loltoota 12 fudhatee gara Baalee deeme. Baaleettis Fincila Jeneraal Waaqoo Guutuutiin hogganamu sanitti galee qabsoo jalqabe. Fincila Baalerrattis lola gurguddaa hedduu keessatti hirmaateera.

Akkuma mootummaan Fincila Baalee too'annoo jala oolcheen, Jaarraan leenjii fi meeshaa waraanaa gahaa qabaachuun murteessaa ta'uu Isaa waan hubateef achumaan gara Somaaliyaa deeme. Mootummaan Sumaalee qabsoo Baaletiif gargaarsa gochaa ture, haaluma kanaan Jaarraas simatan. Boodarra garuu, bara 1969 Mootummaan Ziyaad Baarree kan Somaaliyaa maqaa Oromootin qabsoo hayyamu dide. Ziyaad Baarreen Oromoonni maqaa Somaaleetiin yoo qabsaa'an malee gargaarsa akka hinarganne ibsan. Akka Ziyaad Baarree jedhutti Harargee, Arsii, Baale fi Sidaamoon Somaaleedha, Oromoo miti. Kanaaf Maqaa Somaaleetiin malee gargaarsa takka qabsoo biraatiif hingodhan.

Jaarraan Abbaa Gadaa yeroo kana gara biyya Arabaatii gargaarsa barbaacha Yaman deeme. Bara 1970 Yaman Kibbaa magaala Eden gale. Yamanittis, Oromoota kan biroo kan Elemoo Qilxuu, Huseen Sura fi kkf walarguun waa'ee qabsoo Oromoo mari'atan; dhaaba Oromoof qabsaa'us hundeessuf murteessan. Mootummaa Yaman waliin marii kan godhe yoo ta'u mootummaan Yamanis gargaarsa gochuuf abdii kennaniif. Baruma sana keessa gara Iraaqis deemee qaamoota mootummaa waliin marii godheera.

Huseen Suraa, Jaarraa Abbaa Gadaa, Elemoo Qilxuu fi hoggantoonni kan biroo Kaayiroo, Bagdaad fi Damaasqoo dhaquun marii geggeessan. Mootummaan Iraaqii fi Sooriyaa meeshaa waraanaa keennuufiif, Filisxeemonni Sooriyaa keessa jiran leenjii waraanaa kennuuf waadaa galan. Erga qophiin barbaachisu xumuramee booda, loltoonni 36 biyyatti deebi'anii qabsoo waraana kan eegalan leenjii waggaa tokkoo fudhatan. Maqaan loltoota kanaas Qeerroo Ganamaa jedhamaee moggaafame.  

Baruma kana Jaarraan Qeerroo Ganamaa hogganuudhaan meeshaa waraanaa fudhatee gara biyyaa qajeele. Qeerroo Ganamaa 36n hogganuudhaan Jaarraan doonii yaabbatanii Sumaaleetti wayita bu’an, waraanni Sumaalee isaan marsee isaan qabe. Bara 1970tti Somaaliyaa keessatti mana hidhaa Mandheeraa jedhamutti waggaa shan hidhaan dabarsan. Waggaa shan hidhaa keessa turee achii ba'ee gara Moqaadishoo geeffame. Moqaadishotti Ziyaad Baarree ofumasaatii Jaarran Adda Bilisumma Sumaalee Dhihaa (maqaa Ingiliffaa Western Somale Liberation Front - WSLF beekkama) akka makamu gaafatan. Jaarran garuu kana fudhachuu dide. Bara 1975 hoggaa mana hidhaatii bahe qabsoon biyyatti galauu akka qabu waan amaneef gara biyyaa seenee qabsoo jalqabe.

Sabboontonni Oromoo Finfinnee jiran, labsii dhaaba Oromoo haarawa hundeessuu, kan Elemoo Qilxuufaa bara 1973 Finfineetti jalqaban xumuruuf gara Finfinnee akka dhufu affeerranii Finfinnee deeme. Haa ta'u malee, sabboontonni Oromoo dhaaba Maarkisisti-Leeninistii Dargii wajjin dhaaburratti waan qabamaniif dhaaba Oromoo hundeessuu kanarratti xiyyeeffachuu waan hindanda'mneef gara biyyaatti deebi'e. Qawwee muraasaa fi rasaasaa Elemoon faa awwaalan fudhachuun Waraana Bilisummaa uumee qabsoo itti fufe. Goolii Diimaa Dargii namoonni hedduun baqatanis waraana kanatti makaman.

Yeroo muraasa booda waldiddaan sababnii isaa ifa hinta'in waraana Jarraa Abbaa Gadaa fi qabsaawota Finfinneerraa dhufan gidduutti waan ummameef addaan ba'an. Waraanni lamaan addaan ba'us lamaanuu maqaa Adda Bilisummaa Oromoo jechuun waammama. Bara 1985, Jaaraa Abbaa Gadaa fi hiriyoonni isaanii waraana kan saanii Adda Islaamummaa Bilisummaa Oromoo (AIBO) jechuun moggaasan.

AIBOn mootummaa ce'umsaa Itoophiyaa kan bara 1991 ijaarame keessatti hirmaatee ture. Bara 1992, mootummaa ce'umsaa keessaa ba'uun gara gaarren Harargeetti deebi'ee qabsoo itti fufe. Bara 2005, maqaa AIBO jedhu gara Adda Bilisummaa Dimookiraatawaa Oromiyaa jedhutti jijjiirani. 

Jaarraa Abbaa Gadaa biyya Yaman magaalaa Sana'aatti dhukkubsatee, yaalamaa ture. Gaafa Bitootessa 4, 2013 du'aan darbe. Reeffi Jaarraa Abbaa Gadaa gaafa Bitootessa 7, 2013 gara biyyaa deebi'e. Gaafa Bitootessa 8, 2013, reeffisaa magaalaa Wataritti awwaallame. Jaarraan qabsoo Oromoo keessatti gumaacha godheen yoomiyyuu yaadatamaa jiraata. Artistoonni hedduunis kabaja Jaarraaf qabaniif irraa ka'uun sirboota hedduu baasanii sirbaniiru.




#Article 135: Oromoo Maccaa (284 words)


Oromoon Maccaa gosa Oromoo Oromiyaa Dhihaa keessa  

Oromoon Maccaa naannoo kana kan qubate jaarraa 16ffaa walakkeessa lammaffaa keessa yeroo Oromoon gara kibba Mormoritti babaallachaa tureti. Mootummaan duraan naannoo san ture Impaayera Itoophiyaa fi Sulxaana Adaal bulchinsa Ahimad Giraanyi jalaltti waraana geeggeeffamen kan dadhabe yoo ta'u waraana fi buttaa garbaa kan abbootin waranaa warra Kiristaanaa geggeessaa turaniin ummannii duraan naannoo sana ture bayyee xiqqeesseti ture.   

Qubsumni Maccii naannoo amma jiraataniitti godhe kun garee guguddaan odoo hin taane garee xixiqqoon kan godhame ture, maqaan gosoota Maccaa ammallee akka maqaa iddoowwaniitti bakka baayyeetti tajaajilaa jira. Ummanni afaan Omootiikii fi Naayiloo-Sahaara dubbatu kan duraan naannoo sana ture jalqaba gabaro (gabbara) yoo godhaman dhawaata garuu gosa Maccaatti makamanii Oromoo ta'an.      

Oromoon Maccaa Oromoo Tuulamaa wajjin sirna Gadaa tokko kan qabu yoo ta'u caffeen isaan kibba Finfinnee harraa kana ture. Jaarraa 16ffaa gara dhumaa keessa, Oromoon Maccaa sirna Gadaa mataa isaa kan dhaabbate yoo ta'u Caffeen isaas Odaa Bilii /Tute Bisil ture; kunis yaa'aa olii Gibee keessatti argama. Makkoo Bilii gadaa Maccaa kana waame. Addaan bayiinsa kanaaf Maccaa fi Tuulamni walii walii isaanii itti gaafatamaa godhu. 

Bara 1963tti, Waldaan Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa irra caalaa Oromootan yoo dhaabbatu dabalataan gosoota ummattoota kibba Itoophiyaas keessatti hirmaatanii jiru. Waldaan kun jalqaba waa'ee dhimmoota naannoo irratti kan socho'uu fi guddina kan jajjabeessu kan ture yoo ta'u, yeroo gabaabaa keessatti bilisummaa siyaasa fi aadaa Oromoo hundaaf falmuu jalqabe. Haaluma kanaan, bara 1967tti waldaan kun akka hin sochoone dhorkame; bara 1994tti waldaan kun lammata yoo dhaabbatu yeroo lammataaf bara 2004tti dhorkame.     

Macci ijoollee shan qaba, isaanis shanan Maccaa jedhamu. Shanan Maccaa kunis: Liiban, Jaawwii, Guduru, Daallee (Daadhii) fi Jidda.  

Ijoolleen Maccaa shanan eenyuun horan jennee yoo gaafannu:




#Article 136: Oromoo Booranaa (187 words)


Oromoo Booranaa (Booraan jedhamu) ummata Oromoo kan horsiisee buluun jiraatuu yoo ta'u Kibba Oromiyaa fi Kaaba Keeniyaa keessa jiraatu. Boranni qoqqooddama Oromoo keessaa isa tokko yoo ta'u kan biraan Oromoo Baarentuu ti.

Oromoon kaaba Keeniyaa jiraatann kan isaan achi seenan kibba Itoophiyaa irraa ka'anii yoo ta'u kunis jaarraa 10ffaa keessa yeroo baballina Oromootti ture. Achii booda Oromoon gosa loon horsiisu fi gaala horsiisutti addaan qoqqooddame; gosti kunis Gabraa, Sakuyyee, fi Rendille. 

Booranni afaan Booranaa dubbata, kunis Afaan Oromoo kibbaa jalatti ramadama.  Afaan Oromoo afaan Kuush damee Afiroo-Eshiyaatiik jalatti ramadama. Walumaagalatti, baayinni ummata Boorana naannoo miliyoona 7 ta'a. 

Oroomoon Boornaa dhahaa mataa isaani naannoo DHKD 300 akka ummatan yaaddama. 

It is believed that the Borana developed their own calendar around 300 BC. The Borana calendar is a lunar-stellar calendrical system, relying on astronomical observations of the moon in conjunction with seven particular stars or constellations. Borana Months (Stars/Lunar Phases) are Bittottessa (iangulum), Camsa (Pleiades), Bufa (Aldebarran), Waxabajjii (Belletrix), Obora Gudda (Central Orion-Saiph), Obora Dikka (Sirius), Birra (full moon), Cikawa (gibbous moon), Sadasaa (quarter moon), Abrasa (large crescent), Ammaji (medium crescent), and Gurrandala (small crescent).

Booranni akka kanatti addaan qoodama:




#Article 137: Sheek Bakrii Saphaalloo (1166 words)


Sheek Bakrii Saphaalloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphaallootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yeroo Minilik Harar qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji'amte waggaa 8 booda yoo ta'u erga abbaansaa amantii Islaamaa fudhatee waggaa 16 booda ture. Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi'ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba.  Garad Usmaan musliima bayeessa fi dandeettii Afaan Oromoo kan qabu yoo ture barnoota garuu hin qabu; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda'u. R. J. Hayiwaardi fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti, ati isaa Kadijjaan Musliima ta'uu akka hin hafne dubbatu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar gara Carcar deemee barsiisaa amantii Islaamaa Sheeh Umar Aliyyii Balballeetti jalatti barate. Itti aansee Harar deemun waggaa baayyeef Sheek Yusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta'u seenaa isaanii (biography) kan inni barreessee kanuma isaan kana qofaati. 

Sheek Bakrii Saphaalloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphaallootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yeroo Minilik Harar qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji'amte waggaa 8 booda yoo ta'u erga abbaansaa amantii Islaamaa fudhatee waggaa 16 booda ture. Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi'ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Garad Usmaan musliima bayeessa fi dandeettii Afaan Oromoo kan qabu yoo ture barnoota garuu hin qabu; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda'u. R. J. Haywar fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti, ati Sheek Bakrii Kadijjaan Musliima ta'uu akka hin hafne maqaa ishiirraa ka'uun tilmaamu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar gara Carcar deemee barsiisaa amantii Islaamaa Sheeh Umar Aliyyii Balballeetti jalatti barate. Itti aansee Harar deemun waggaa baayyeef Sheek Yusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta'u seenaa isaanii (biography) kan inni barreessee kanuma isaan kana qofaati.

Erga waggaa 20 barnootarratti dabarsee booda, Sheek Bakriin gara Saphaallootti debii'e; achittis barsiisuu jalqabe. Amantiidhan bukkeetti, barnoota akka hawaasaa, seenaa, herreega, qorannaa urjii(astronomy), Afaan Arabaa fi barreeffama Afaan Oromootin barreessuu barsiisa ture. Ofii isaas Afaan Oromootin walaloo barreessu jalqabe; Kunimmoo isaaf beekkamtii akka argatuu fi maqaa inni baayyinaan ittiin beekkamu akka argatu godhe. Sheek Bakriin Saphaalloo gadi-lakkisee iddowwan adda addaatti barsiisaa ture. Kana keessaa beekkamaan sadi'i Hortuu, naannoo Dirre Dhawaa, magaalaa Dirre Dhawaa mataasaa, fi Addelle, Dirre Dhawaarraa km 25 kan fagaattu fi karaa Hararirratti kana argamtu. Adelleetti mana barumsaa ijaaree ture, manni barumsaa kuni masgiida isaa jedhamee beekkama. Sheek Bakriin bakka deeme hundatti dubartii naannoo sanaa haadha manaa godhee fuudhaa akka ture dubbatama. Kana keessaa haati manaan isaa 11 ni beekkamu. Hadha manaa isaa sadi'irraa ijoollee 18 qaba ture: dhiira 13 fi durba 5. Haadha manaa baayyee haa qabaatu malee, Sheek Bakriin seera fuudhaa Musliimaa eegaa ture, si'a tokkottis haadha manaa lamaa ol hin qabu ture; bara dullumasaa keessa ammoo haadha manaa tokko qofa qaba ture. Yeroo kana barreeffama Afaan Oromoo fi Afaan Arabaa baayyee barreessaa ture.

Sheek Bakriin qubee Afaan Oromoo ittiin barreessan haaraa bara 1956tti iddoo Hagi Qome jedhamutti uume. Sheek Bakriin qubee kana uumuuf gara naannoo dhaloota isaatti deebi'e. Kunis qondaaltonni mootumma Afaan Oromoon qubee kan biraan dhiisii qubee Saabatiinu akka barreeffamuuf gonkuma kan hin barbaadne waan turaniif hojiisaa icitiin hojjachuuf ta'u hin oolu jedhama. Jalqabarratti yoo qubeen Afaan Oromoo kun fudhatama guddaa nannoo Harargeetti argateyyuu, qondaaltonnii mootummaa Itoophiyaa ija sodaatin ilaalun Oromoo akka of baru godhee tokkummaa biyyattii balaa keessa buusa jedhan. Kanarraa ka'uun fayyadama qubee kana ukkamsuu jalqaban. Bara 1965tti Sheek Bakrii Saphaallos Dirre Dhawaatti hidhaa manaa jala akka turuu godhan; barsiisuu akka itti fufu garuu eeyyamaniif. Bara 1968tti, torbanitii si'a lama ykn sadi'i Adelle akka dhaqu eeyyamaniif. Yeroo kana Sheek Bakrii Shalda, kan fuula 20 qabu, kan inni barreesse. Shaldaan barreffama qajeelfama amantii qabate kan fakkeeffame yoo ta'u garuu jalqabaa qabee amma dhumaatti waa'ee bitta garbumma Amaaraa fi hacuuccaa Oromoorra ga'e fi rakkina sirna Hayilasillaase jalatti uummata Oromoorra ga'aa jiru kan qabate ture. Wanti biraa Shaldaa adda godhu, barreeffama guddaa jedhamuu keessaa qubee Sheek Bakrii Saphaallotti fayyadamuun kan jalqabaa fi kan dhumaas ture. 

Bara 1978tti, erga Hayila Sillaasen aangorraa bu'ee Dargiin angoo qabatee booda, Sheek Bakrii Saphaalloo fi haati manaan isaa Goola Diimaa (Red Terror) baqachuun gara Somaaliyaa deeman. Achittis buufata baqattoota Hiraan keessa galan. Sheek Bakriin gara Moqaadishoo akka deemuf eeyyama nan argadha jedhee abdatee ture. Moqaadishoos deemee hojjatee barreffama isaa maxxansuuf hawwii qaba ture. Garuu buufata baqattootaa gadi-lakkisee gara Moqaadishoo deemuf eeyyama hin arganne. Haalii buufaticha keessa jirus isaaf nama umuriin saddeettama keessa jiruuf ulfataa ta'e. Achittis yeroo dheeraa erga dhukkubsatee booda bara 1980tti umurii wagga 85tti du'e. 

Sheek Bakriin barreeffama baayyee amantiirratti fi amantiin-ala kan barreesse yoo ta'u, kana keessaa muraasa qofatu meeshaalee maxxansaan qophaa'ee; barreffamni baayyeen harkaan kan barreeffame ture. Barreeffamoonni kun barattoota isaa adda addaa biratti faffaca'anii turan. Hayiwaardi fi Hasan barreeffama inni barreessee kessaa saddeet kan inni Afaan Arabaan barreesse tarreessu, barreeffamoonni kun Moqaadishootti argamuu akka danda'anis heeraniiru: Dirdsa fi al-mantiqa 1-Harariyya jughrafiyyan wa bashariyyan, barreeffama qorannaa hawaasaa (geography) fi dimoograafii naannoo Harari fi kan fuula 200 qabu; barreeffama seenaa lama Janaza shamarikh min hadayiz al-tawarikh kan fuula 95 qabu, and Kitab irsal al-sawarikh ila sama' al-tawarikh, kitaaba seenaa Oromoo kan fuula 56 qabu; barreeffama amantii sadi'i Al-mawahib al-madadiyyah fi l-'awf al-'adadiyya, Muqaddamat taysir al-zari'a (fuula 48 qaba), fi Taysir al-zari'a ila fuquhiyy fi ahkam al-shari'a; fi seenaa barsiiftota isaa (biography) lama kan armaan olitti ibsame. 

Mahaammad Hasan yeroo kitaaba The Oromo of Ethiopia, a History: 1570-1860 barreessu barreeffama Sheek Bakrii Kitab irsal al-sawarikh ila sama' al-tawarikh itti baayyee fayyadame. Barreeffama Sheek Bakrii kanas akkas jedhee ibse seenaa Oromoo jalqabaa hanga ammaa irratti ibsa guddaa qaba. Seenaa Oromoo kan jalqabaarratti hanqina haa qabaatu malee sirna gadaarratti odeeffannoo gaarii qaba. Mahaammad wa'ee sirna Gadaa yeroo barreessu barreeffama Sheek Bakrii kanarratti hunda'e. 

Akkuma olitti ibsametti Sheek Bakriin walaleessaa Oromoo beekkamaa dha. Akka Hayiwaardi fi Hasan jedhanitti, Sheek Bakriin sammuu Oromootaa kana dadammaqsee fi karaa walaloo isaa kan inni Afan isaanitiin barreessen akkasumas ummanni akka qalbiitti qabatee yaadatuuf gaggabaabaa kan tureen jaalaala Oromoo argate.

Hojiin Sheek Bakri Saphaallloo inni guddaan qubee Afaan Oromoo ta'u uumuu isaati. Afaan Oromoo sirna barreeffamaa adda addaa lamaan barreeffama kana ture yoo ta'u, Sheek Bakriin lamaan isaani ni beeka ture; innis Afaan Arabaa fi Afaan Gi'izii. Sirni barreeffamaa afaan lamaanu kana Afaan Oromoo barreessuf mijatu hin turre. Kana keessaa tokko Afaan Oromoo dubbachiiftuu 10 kan qabu yoo ta'u Amaariffi garuu dubbachiiftu torba qofa qabaachuu isaati. Sheek Bakriin qorannaa afaanii (linguistics) kan baranne ykn beekkumsa sagaleewwan afaanii (phoneme) kan hin qabne yoo ta'u sirnni barreeffamaa inni uume garuu irraa caalansaa sagalee afaanii(phoneme) irratti hundaa'a. Kana jechuun sagaleewwan Afaan Oromoo tokko tokkon isaanitiif qubee tokko uume. Hayiwaardi fi Hasan itti aansun sirni barreeffamaa inni uume kun silabasii fi alfaabeetii kan walitti qabate ture jechuun dubbatu.  Sirni barreeffamaa Sheek Bakrii kun akka Afaan Arabaa walitti hdihamaa kan hin turre yoo ta'u, kunimmoo Afaan Arabaarraa caalaa Gi'iizitti kan hidhate kan fakkeessu yoo ta'u, karaa biraa ammoo qubee sagalee hin qabne kan barreeffama keessatti itti hin fayyadamane qaba; kun immoo Gi'iizii keessa kan hin jirre. Walumaagalatti sirni barreeffamaa Sheek Bakrii afaan lamaanittu hidhata kan hin qabnee fi kalaqa mataa isaati. 




#Article 138: Oromoo Baarentuu (221 words)


Baarentuuu (ykn Baarentoo; (maqaa durii) Baraytumaa ) gosa Oromoo lamaan keessa isa tokko. Gosti inni kan biraa Boorana. Gosti Oromoo Barentu nannoo Oromiyaa Bahaa keessa jiraata. Ummanni Baarentuu godinaalee Oromiyaa Harargee Bahaa, Harargee Dhihaa, Arsii fi Godina Baalee keessa jiraatu.

Baarentuun ummata Oromoo yoo ta'u gosa Oromoo kan jalqabaa keessaa walakkaa ta'a (walakkaan inni biraa Boorana). Ummanni Baarentuu baayyinaan magaala keessa fi baadiyyaa keessa yoo jiraatan muraasni garuu horsiisee bulaa fi qonnaa aadaatin jiraatu.baarentun oromuma isaatti ni bonaa.

Gara Godina Wallagga Bahaa fi Wallagga Dhihaa, ummanni baayyen amantii Piroteestaantii kana hordofan yoo ta'u, ummanni Shawaa Kaabaa, Shawaa Dhihaa, fi Shawaa Bahaa amantii Ortodoksii, Piroteestaantii, Islaamaa hordofu. Godinaaleen Baha Oromiyaa kan akka Harargee Bahaa, fi Harargee Lixaa keessatti ummanni baayyeen, naannoo dhibbeentaa 98.5% kan ta'u,  amantii Islaamaa hordofa. Harargeen Oromiyaa gara bahaa achi fagoo waan jirtuuf, kunis ollaa ummata Sumaalee kana Ogaaden keessa jiraatu fi kibba ummata Affaar kan Mootummaa Naannoo Affaar keessa jiraatu waan ta'eef, ummanni Sumaalee fi Affaar ummata Afrikaa keessa jalqaba amantii Islaamaa fudhate waan ta'ef, Oromoon Harargee baayyeen amantii Islaamaa fudhate. Ummatni muraasni godinaalee Arsii fi Baalee keessa jiraatu ammallee amantii Oromoo kan durii Waaqa tokkichatti kan amanu yoo ta'u, ummatni baayyeen garuu amantii Islaamaa hordofu. Ummanni amantii aadaa Oromoo Waaqatti amanan baayyen isaani gosa Booranaati.     

Ummanni Baarentuu/Baarentumaa qoqqooddama armaan gadi qaba (qoqqooddamni tokko deebi'ee mataasaatti qoqooddamuu danda'aa):




#Article 139: Antiraaksii (2374 words)


Antiraaksiin dhibee hamaa yoo ta'u kan inni dhufus baakteeriyaa Baasiles Antiraasis (Bacillus anthracis) jedhamuuni. Gosti dhibee kanaa baayyen isaa kan nama ajjeesu yoo ta'u dhibeen kun bineesotaa fi nama qaba. Yeroo ammaa dhukkuba kanaaf talaalliin kan jiru yoo ta'u erga dhibeen isaa nama qabeeyis antiibaayootiiksiidhaan yaalun gosa dhibee kanaa muraasarratti amma tokko ni hojjata.  

Akkuma miseensota jenasii Baasiles, Baasiles Antiraasisiin indoospoorii(gabaabumatti ispooriis ni jedhama) mugaa yoo uumuu kunis haala qilleensaa hamaa keessa waggaa kudhanii hanga jaarraa tokkoo jiraachuu danda'a. Ispooriiwwan kun ardii addunyaa hundumarratti argamu, Antaarkitiikaa dabalatee. Ispooriiwwan kun yeroo qillensa wajjiniin ykn nyaata wajjiniin qaama keessa seenan ykn madaa qaamaa irra yoo qubatan, battalumatti mugaatii isaanii keessaa dammaquun saffisaan wal horuu jalqabu.  

Antiraaksiin baayyinaan bineensota biqiltuu nyaatan kan manaa fi kan bosonaa qaba; kunis yeroo marga dheedan ykn yeroo afuura baafatan ispoorii kana yeroo liqimsani. Irra caalaa dhiibeen bineensota biqiltuu nyaatan kan qabu nyaata wajjin liqimsuuni. Bineensonni foon nyaatan ammoo irra caalaa bineensota dhibee kanaan qabaman nyaachudhaan qabamu. Bineensonni dhibee kanaan qabaman dhukkuba kana  namatti dabarsuu danda'u; kunis foon bineensa dhukkubsatee kanaa nyaachun ykn qaaman wal-tuquun (fkn dhiigni faallame yoo madaa tuqe) ta'uu danda'a. 

Antiraaksiin qajeeltodhumaan dhukkubsataa tokkorraa kan biraatti hin darbu; karaa ispoorii qofa namatti darba. Ispooriiwwan kun uffataa fi qopheedhan iddoo tokkoo gara biraatti geeffamuu danda'a. Reeffi bineensota dhibee kanaan du'anii madda ispoorii ta'uu danda'a. Jabina ispooriwwan kun qabaanii fi oomishuun salphaa waan ta'eef, akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamuuf baayyee mijataa dha. Antraaksii akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun kun yoo xiqqaate biyyoota shaaniin hojjatameera: Yunaayitid Kingidem, Jaappaan, USA, Raashiyaa fi Iraaq. Akkasumas biyyoota biraa baayyedhaan yaallame.

Hanga jaarraa 20ffatti wagga waggaadhan adunyaarratti antiraaksiin namoota fi bineensota hanga kuma dhibba tokkoo ol ajjeesse. Saayintistiin Firaansi Luuwii Paaster talaallii antiraaksii bara 1881tti yeroo jalqabaatif hojjate. Jaarraa tokkoo oliif talaalli bineensotaa, bobbaa bineensotaa qulleessuu, fi sagantaa antiraaksii balleessuu kan Ameerikaa Kaabaa, Awustireliyaa, Niwuu Ziilaandi, Raashiyaa, Yuurooppi, fi kutaa Afrikaa fi Eshiyaa keessatti geggeeffameen, dhukkubni antiraaksii bineensot manaa irratti mul'atu baayyee xiqqaadha (waggaatti baayyee muraasatu gabaafamea). Antiraaksiin keessumaayyuu saree fi adurree irratti baayyee hin mullatu, fakkeenyaaf bara 2001tti USA keessatti tokko qofatu galmaa'e.  

Dhibeen antiraaksii bineensota foon nyaatanii fi raqa qulqulleessan (scavengers) hin qabu; yoma foon bineensa dhibee kanaan qabamee nyaataniyyuu hin qabaman. Dhukkubni kun bineensota daggalaa biratti yeroo yeroodhan deeddeebi'eet ka'a. Dhibeen kun biyyoota mana yaalaa namaa fi kan horii baayye hin qabne keessatti baayyata. Jaarraa 21ffaattillee, antiraaksiin biyyoota hin guddatin keessatti rakkoo guddaa ta'ee argama. Fakkeenyaaf biyya Filippiinsi keessatti foon bineensa dhibee kanaan du'ee nyaachuun bara 2010tti namoonni 400 ol yoo dhukkubsatan yoo xiqqaate namoonni 2 akka du'an gabaafameera.       

Ispoorin Baasiles Antiraasis biyyee keessa jiraata. Yeroo dheeraa jiraachuu waan danda'uuf, ispoorin antiraaksii addunyaa guutuu keessa jira keessaahuu iddoowwan awwaalaa bineensota dhukkuba kanaan du'aniitti argama. Iddoo awwaalaa tuttuqamerraan kan ka'e erga dhukkubsataan du'ee waggaa 70 booda dhibeen kun reeffarraa nama qabu danda'eera.  

Miidhaan sirna argansuu jalqaba waan akka qufaa(utaalloo) fakkaatee guyyaa muraasa kan turu yoo ta'u, itti aansee dhibee nimooniyaa(pneumonia) fi miidhaa sirna argansuu guddaatu dhufa. Dhibeen kun nama ajjeessuun isaa 92% yoo ta'u, yoo yaaliin akkuma dhibeen kun jalqabeen kennameef garuu gara 45% gadi bu'a. Dhibee antiraaksii sombaa dhibee sirna argansuu isa kaanirraa dafanii adda baasun dhibeen kun dafee yaalii akka argatu gochuuf waan tajaajiluuf baayyee barbaachisaadha. Malli ittiin kana addaan baasanis kalaqamee jira. Dhibeen kun cimee deemnaan, ammuma fe'eyyuu yoo yaalii argate, carraan nama ajjeesuu isaa 97%.  

Dhibeen nama qabee kan amma nama ajjeessutti ga'uu yoo ispoorii(spore) naannoo 10,000-20,000 qilleensaan wajjin (yeroo hafuura baafatan) yoo gara qaamaa seene. Akkuma dhibee kaanii, carraan ittiin dhibeen kanaan qabaman nama tokkoorra nama biraatti gargar yoo ta'u, namoonni tokko tokko salphaatti saaxilamu; ragaan barreeffame ta'e kan giddu-galeessatti ispoorii meeqatu nama saaxila jedhu hin jiru. Antiraaksiin argansuun nama qabu kun dhibee warraa wuul footuu ykn warra wayyaa dulloomee gatame funaantuu jedhameet beekkama. Hojiiwwan kun bineensota dhibee kaan qabmaniif waan nama saaxiluuf warri hojii kana hojjatan salphaatti dhibee kanaaf saaxilamu. Hojiiwwan kanaaf nama saaxilan keessaa kan biraa gaanfaa bineensotaa kolbaa hojjachuuf caccabsuu, rifeensaa bineensotaa kan ittiin buruushii hojjatan tuttuquu, fi gogaa bineensotaa ti. Gogaan bineensaa kan dhibee kanaan du'an irraa kan dhufe ta'uu ykn ispooriin ittin godhamee lafa kan kaawwame ta'uun hin beekkamu. Malli kun dhibee kana akka meeshaa baayolojiikaawaa itti fayyadamuuf gargaara.    

Antraaksin garaachaa fi marrimaanii nama kan qabu foon dhibee kanaan qabame nyaachun dhufa; mallattoon isaas dhukkubbii garaachaa fi marrimaanii, dhiiga hoqqisuu, albaatii hamaa, garaa gubaa marrimaanii fi nyaata jibbuu dha. Marrimaan, afaanii fi qoonqoon yeroo baayyee hin madaa'a. Erga baakteeriyaan kun garaa keessa faffaca'ee booda, itti aansun gara dhiigaatti darbee qaama keessa faffaca'a, summiis oomishuu ittuma fufa. Antiraaksin garaachaa fi marrimaanii yaallamuu kan danda'u yoo ta'u yaaliin dafee jalqabuu fi turuu isaarratti hunda'ee, carraa nama ajjeesuu 25%-60% ta'u qaba. Gosti antiraaksi kanaa bayyee xiqqaadha.   

Antiraaksiin goaa namarratti madaa kan uumu yoo ta'u gidduun madaa kanaa hin gurraacha'a. Gurrachi madaa kanaa baayyee nama hin dhukkubu. Antiraaksiin gogaa kan inni ummamu bakka ispoorin itti gogaa namaa keessa seenetti yoo ta'u kunis erga seenee guyyaa 2 hanga 5tti jalqaba. Akka madaa kaanii odoo hin ta'in, madaan antiraaksii gogaa nama hin dhukkubu.   

Antiraaksiin gogaa kan uummamu erga ispoorin  Baasiles Antiraasis(Bacillus anthracis) gogaa namaa kessaa karaa madaatin seenee booda. Gosti antiraaksii kun baayyinaan kan nama qabu yoo bineensota dhibee kanaan qabame/du'e tuqanii. 

Antiraaksiin goaa yoo yaalii argate yeroo baayyee nama hin ajjeesu, sababiinsaas miidhaan isaa gogaa irratti kan murtaa'e waan ta'eefi. Kunimmoo dhibeen kun qaama keessoo akka hin miine godha. Yoo yaalii argachuu baate, carraan nama ajjeesuu isaa 20% ta'a.  

Baasiles Antiraasisiin bifa ulee fakkaatu kan qabu baakteeriyaa eroobiikii (aerobic bacterium) ti; guddinii isaa naannoo maayikiroomeetirii 1 amma 9 ta'a. Baakteeriyaan kun dhibee akka inni fidu kan beekkame bara 1876 Rooberti Kookin ture. Rooberti Kook kana kan argate dhiiga sa'a dhibee kanaan qabamtee fudhatee, baakteeriyaa kana erga adda baasee booda hantuuta keessa kaa'e. Baakteeriyaan kun akka indoospooritti biyyee keessa taa'a, haala kanaan waggaa kurna baayyee turuu danda'a. Bineensonni biqiltuu nyaatan, yeroo marga dheedan ykn baala nyaatan qabamu, keessaahuu yeroo biqiltoota jabaataa, kan gubuu, fi qara qabu yeroo dheedan: sababiinsaas biqiltoonni akkasii madaa garaachaa fi/ykn marrimaanii uumuu waan danda'aniif, baakteeriyaan kun salphaatti karaa madaa kana tishuu keessa seenuu danda'a. Erga liqimfamee ykn madaarra bu'ee booda, baakteeriyaan kun saaxilamaa kana keessatti wal horuu jalqaba, dhukkubsataa qabame sanas guyyoota ykn torban muraasa keessatti ajjeesa. Insoospooronni bakka itti tishuu keessa seenan sanatti biqiluun sana booda karaa dhiigatiin gara liimfatiiksiitti faffaca'u, achittis wal horu.

Baakteeriyaan kun summii lama kan eksoo-tooksiin(exo-toxins) jedhamuu fi leetaal tooksiin (lethal toxin) jedhaman kan oomishuu yoo ta'u kan nama ajjeessuus summii kana. Doktoroonni du'a dhibee kanaan dhufe adda baasuf tokkoffaa tasa kan dhufe ta'uusaa, fi lammaffaa ammoo dhiiga gurraacha hin itinne kan qaama keessaa karaa uraa adda addaa yaa'un tilmaamuu danda'u. Erga dhukkubsataan du'ee booda, yeroo daqiiqaa muraasa hanga sa'a gabaabaa keessatti, baakteeriyaan antiraaksii baakteeriyaan an'eroobiikiin moo'amuudhaan ni balleessa. Haa ta'u malee,  baakteeriyaan antiraaksii kan dhiiga wajiin qaama keessaa ba'e ispoorii jabaataa uumuu danda'a. Baakteeriyaan tokkoo ispoorii tokko uuma. Maaltuu baakteeriyaa antiraaksii ispoorii akka uumu akka godhu amma ammaatti wanti beekkame hin jiru, garuu ooksijiinitti saaxilamuunii fi nyaata dhabuun shoora akka tabatu ni tilmaamama. Ispooriin, tokkicha uummamnaan balleessuuf baayyee ulfaataadha.      

Bineeldonni biqiltuu nyaatan (yeroo tokko tokko namoonnis) dhibee kanaan karaa argansuun kan qabaman akka kanatti: ispooronni qilleensa wajjin erga liqimfanii booda, qilleensaan hooffamuudhaan sombaa keessa alviyoolaa seenuu. Ispooronni somba keessaa seelota qulleessituun (scavenger cells - macrophages) fuudhamuudhaan karaa veeseloota xixiqqoo (small vessels - lymphatics) keessa hooffamudhaan gara liimfi noodii (lymph nodes) geeffamu. Miidhaan ispooronnii fi baasiilaayi qomarraan ga'u mallattoon dhibee qomma keenyarratti akka nutti dhaga'amu fi hafuura baafachuun akka ulfaatu godha. Erga liimfi noodii seenanii booda, ispooronni biqiluudhan gara baakteeriyaatti jijjiiramu, achiis saffisaan wal horuu jalqabu. Wal hormaata kanaan seelota qulleessituu dhoosuun baakteeriyaa baayyeen dhiiga keessa seenee gara qaama hundaatti akka faffaca'u godhu. Erga dhiiga keessa seenaanii booda, baakteeriyoonni baasilaayi kun pirootiinota sadi'i kan letha factor, edema factor, fi protective antigen jedhaman gadi lakkisa. Pirootiinonni sadanuu mataa isaanitti summii kan hin qabne yoo ta'u, walitti makamni isaanii garuu namaaf summii hamaa ta'a. Protective antigenin warreen lamaan hafan wajjin walitti makamuun summii lethal toxin fi edema toxin jedhamu uuma. Summiwwan kun miidhaa tishuu, dhangala'uu dhiigaa, fi du'a fidu. Yoo antiibaayotiiksiin turee kennameef, antiibaayotiiksiin baakteeriyaa kana yoo ajjeesee fixeyyuu, summii kanaan dhukubsataan sun ni du'a. Sababiinsaas summiin baakteeriyaa baasilaayiin uummame kun baayyina nama ajjeesuu danda'uun dhiiga keessatti waan hafuufi.   

Ammeenyi dhibee antiraaksii amala baakteeriyaa kanaa lamarratti hunda'aa: (i) poly-D-glutamic acid capsule, kan baakteeriya kana faagoosaayitoosisii(phagocytosis) neutrophils dhukkubsataa irraa dhowwu, fi (ii)  tripartite protein toxin, kan summii antiraaksii (anthrax toxin) jedhamu dha. Summiin antiraaksii makaa pirootiinota sadi'iitti: (i) protective antigen (PA), (ii) edema factor (EF), fi (iii) lethal factor (LF). PA fi LFn lethal toxin uumu, PA fi EF ammoo edema toxin uumu. Summiin lethal toxin du'aa yoo fidu, edema toxin ammoo dhiita'a tishuu/qaamaa fida.     

Seeloota keessa seenuuf, endema fi lethal factor pirootiinii biraa kan baasiles antiraasis oomishu kan protective antigen jedhamutti fayyadamu. Protective antigen qabduu seelotaarratti argamu gosa lamatti of maxxansu. Inzaayiimii seelotaa kan pirooti'eez jedhamu PA bakka lamatti cabsa: PA20 fi PA63 tti. PA20n marsaa summeessuu keessaa bahee waan seelota ala turutti jijjiiraama. PA63n garuu sana booda caccabaa PA63 kan biraa ja'a wajjin oligomerize gochuun prepore uuma; kunis bifa geengoo qaba. Erga bifa kana erga godhatee booda, EF ykn LF sadi'i wajjin walitti qabachuun resistant complex uuma. Itti aanuun karaa rissepteroota seelootaatin endocytosis geggeeffama, karaa kanaan summiin kun seelota keessa seenuun keessoo seelotaa argata. Naannoon asidaawaa kan endosome keessaa kun heptamer akka LF ykn/fi EF cystosolitti gadi lakkisu godha. Akkamitti akka summiin kun seelota ajjeesu garuu sirriitti hin beekkamu.

Namoonni baayyeen dhibee kanatti karaa ittiin saaxilaman keessaa inni guddaan iddoo hojiitti bineeldota dhukkubstan ykn bu'aa bineeldota dhukkubsatanii (gogaa, foon, fi rifeensa(wool)) tti saxilamuudhaani. Hojjattoonni bineeldota du'anii fi bu'aa bineeldotaa kanaaf saaxilaman balaa dhibee kanaa guddaa keessa seenu, keessahuu biyyoota dhibeen kun baayyatu keessatti. Horiin yeroo goodatti bayee marga dheedu, bineensota daggalaa wajjin walitti makamuu waan danda'aniif, dhibeen antiraaksii darbee darbee karaa kana ni dhufa. Hojjattoonni baayyeen rifeensa uffata ta'urra (wool) fi gogaarra hojjatan ispoorii antiraaksii xiqqoodhaaf ni saaxilamu, garuu saaxilamni akkasii kun baayyensaa dhibee antiraaksii fiduuf ga'aa miti. Ittisni qaamaa saaxilama xixiqqaa akkasii kana ofirraa dhowwuu danda'a jedhamee yaaddama. Namoonni kun yeroo qabaman gosa dhibee kanaa kan antiraaksii gogaa jedhamuun qabamu. Seena dheeraa keessatti, antiraaksiin qilleensa wajjin seenu inni hamaan  Woolsorters' disease jedhama, sababni isaas iddoo hojiitti namoota wool foo'an waan qabuufi. Yeroo amma, dhibeen karaa kana dhufu bineensonni dhibee kanaan qabaman waan hin jirreef baayyee xiqqaadha. Fakkeenyaaf, biyya USA keessatti dhibeen karaa kanaan nama qabe, yeroo dhumaaf bara 1976 yoo ta'u, kunis wool biyya Paakistaanii dhuferraa kan aka'e ture.    

Talaalliin antiraaksii kan loonii fi namootaaf kennamu seenaa qorichaa keessatti iddoo guddaa qaba, argannoo Luuwii Paaster horiirratti godhe kan jaarraa 19ffaadhaa hanga oomisha ammayyaa (Bio Thrax) jaarraa 20ffaa keessa loltoota Ameerikaa waraanaa baayoloojikaawaarraa dhowwuuf ooletti dabalatee. Talaalliin antiraaksii kan namootaa Tokkummaa Sooviyeet keessatti bara 1930n keessa yoo hojjatamu, USA fi UK keessatti ammoo bara 1950n keessa hojjatame. Kan yeroo ammaa TNQ(FDA) USAn fudhatame fayyadamaa jirru bara 1960n keessa oomishame. 

Yeroo ammaa, talaalliin antiraaksii kan namaa gosa acellular(USA) fi live spore(Raashiyaa) kennama. Talaalliin amma kennaman hundi mallattoo murtaawaa fi waliigalaa dhibee (madaa, qaamni hoo'uu, gogaan qaamaa diimachuu) agarsiisa; namoota naannoo 1% ta'an ammoo miidhaa jabaan irra ga'uu danda'aa. 

Antiraaksin namarraa namatti qajeeltodhaan hin darbu, garuu uffannii fi qaamni namaa ispoorii antiraaksin faallamuu danda'a. Faallama kana balleessuuf, saamunaa farra jarmii fi bishaanin sirriitti miccuu barbaachisa. Bishaan faallame qulqulleessuuf farra jarmiitin yaaluu barbaachisa. Meeshaalee biraa qulqulleessuuf, meeshaa sana daqiiqaa 30 ol danfisuu/affeeluu barbaachisa. Kilooriniin yaalun ispoorii balleessurratti bayyee bu'aa kan hin qabne yoo ta'u  formaldehyden fayyadamuun garuu bu'aa qaba. Uffata faallame gubuunis mala biraa ittin ispoorota balleessani. Erga ispoorin mala kanaan balleessinee booda, nama dhibee kana qabu namoota biraarraa adda qooduun barbaachisaa miti.       

Antiibayotiiksiidhaan dafanii yaaluun baayyee murteessaa dha - yaaliin yoo turee jalqabe carraa fayyisuu isaa baayyee xiqqeessa. 

Yaaliin dhibee antiraaksii fi dhibee baakteeriyaan dhufan kan biraa antiibayotiiksii akka  fluoroquinolones (like ciprofloxacin), doxycycline, erythromycin, vancomycin, or penicillin doozii baayyee liqimsuu fi waraannachuu barbaada. TNQ kan mirkaneeffaman ciprofloxacin, doxycycline, fi penicillin dabalata.

Antiraaksi qilleensa wajjin somba seenuuf, dafanii antiibayotiiksii prophylaxis yaalun du'aa oolchuuf baayyee murteessaa dha.  

Caamsaa 2009tti,  Human Genome Sciences eeyyama Biologic License Application qorichaasaa haaradhaaf galchate, qorichi kun raxibacumab kan jedhamu yoo ta'u antiraaksii qilleensa wajjin seenuf yaaluuf tajaajila. Yoo dhukkubsataan antiraaksiin du'e, reeffa sana kobaatti adda baasanii kaa'un  jarmiin antiraaksii akka hin baballanne dhowwa. Reeffa awwaaluun ispoorii antiraaksii hin ajjeesu.  

Waggaa as dhihoo keessa, qoricha antiraaksii haaraa oomishuuf yaaliin adda addaa godhaama jira, garuu qorich duraan jiruyyuu yoo yaaliin yeroodhaan kennamuu jalqabe dhibee kanarraa ni fayyisa.  

Mudde 14, 2012tti, TNQ USA raxibacumab antiraaksii qilleensaan seenuu yaaluu akka limmoodhaan kennamu eeyyame. Raxibacumab antiibodii monoclonial kan summii Baasiles Antiraasisiin uummamu sana halaksiisa. Summiin kun tishuurratti miidhama hin fayyinee fi du'a fida.  Antiibodii monoclonial kun pirootiinii antiibodii namaa fakkaatu yoo ta'u qaamota alaa nama keessa seenan kan akka baakteeriyaa fi vaayiresii barbaadanii balleessa. 

Maqaan antiraaksii jedhu kan dhufe jecha Giriik anthrax[άνθραξ] irraa yoo ta'u jechi kun maqaa 'dhagaa cilee' (coal) ture. Maqaan kun kan kennameefis miidhaa dhibeen kun gogaa qaamarraan ga'uu bifa gurraachaa waan qabuu fi. Dhibeen kun kan qoratamee argame bara 1876 Rooberti Kookin ture.

Doktoriin lammii Jarmanii Rooberti Kook baakteeriyaa dhibee antiraaksii fidu yeroo jalqabaatiif bara 1875 Wolsztynitti argate. Argannoon isaa kan jaarraa 19ffaa gara dhumaa keessaa kun, dhibeen lubbu qabeeyyii ijaan hin mullanne (microbe) xixiqqoodhaan akka dhufu hubachiise. Yaalii (experiment) gurguddaa hojjateen, Rooberti Kook marsaa jireenyaa fi mala ittiin antiraaksiin darbu adda baasee argate. Yaaliin isaa kun antiraaksii hubachuuf qofa odoo hin taane, dhibeen lubbu qabeeyyii ijaan hin mullanne (microbe) akka dhufu hubachiisu keessatti ga'ee guddaa qaba; sana dura dhibeen karaa ittiin dhufu hin beekkamu ture. Kook ittuma fufuudhaan akkataa dhibeewwan biraa ittiin darban qorate. Kanaafis, Badhaasaa Noobelii kan bara 1905 baakteeriyaa tuberkiloosis (dhukkuba somba) fidu waan argateef badhaafame.

Caamsaa 1881tti, Luuwii Paaster yaalii uummataaf banaa ta'e kan yaadaa talaallii agarsiisu geggeesse. Paaster garee lamaan hoolota 25, re'ee tokko, fi saawwan muraasa qopheesse. Horii garee tokko keessa jiraniif talaalliin Paaster qopheesse garaa garummaa guyyaa kudha shan gidduutti si'a lama kennameef, garee kan lammataatii garuu talaallin wayiituu hin kennamneef. Erga talaalliin jalqabaa kennamee guyyaa soddoma booda, gareen lamaanuu baakteeriyaa antiraaksii lubbuu qabu waraannaman. Horiin garee talaallii hin fudhatin keessa turan hundi yoo dua'an, horiin garee talaallii fudhatan keessa jiran tokkollee hin duune.  

Talaalliin antiraaksii kan namaa bara 1954 gadi lakkifame. Talaalliin kun kan seelii hin qabne dha, kan Paaster horiidhaaf fayyadame seelii lubbuu qabu ture. Talaalliin seelii hin qabne irra fooyya'aan bara 1970tti bahe. 




#Article 140: Baaroo Tumsaa (992 words)


Baaroo Tumsaa   

(1942-1977)  Oromoo fi qabsaawa mirga namummaa ti. Baaron kabajamuu mirga Oromootif falmaa kan ture yoo ta'u qabsoorratti lubbuunsaa dabarte. 

Baaroo Tumsaa bara 1942 Lixa Oromiyaa godina Wallagga Lixaa naannoo Gimbii ganda karkarroo jedhamtu keessatti abbaasaa obbo Tumsaa Silgaa fi harmeesaa aadde Naasisee Ciratoo jedhaman irraa dhalate.

Abbaansaa fi harmeensaa walitti aansuun du’aan irraa adda baanaan Baaroon obbolootasaa lamaan Raaheel fi Nagaasaa Tumsaa wajjin mana duwwaa keessatti hafe. Yeroo sanatti obboleessi isaa obbo Guddinaa Tumsaa hojiidhaan magaalaa Naqamtee keessa jiraachaa waan turaniif, qophummaa obboleessasaanii jibbuudhaan dhaqanii bakka jiraatan magaalaa Naqamteetti isa fidan.

Baaroon barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa fi lammafaa achuma magaalaa Naqamteetti erga xumuree booda, barumsasaa sadarkaa olaanaammoo kolleejjii Waldaa Makaana Yesuus Bishooftuutti argamurraa xumure. Itti aansuudhaan Yuunivarsiitii Finfinnee seenudhaan barnoota faarmaasiistiin digirii jalqabaa bara 1966tti fudhate. Itti fuufuudhaan utuu hinturiin yunivarsiitichumarraa seeraan digiriisaa jaaalqabaa fudhate. Baaroon egaa turtiisaa yunivarsiitii keessatti barattoota jijjiirama barbaadanii wajjin waliigaluudhaan sochii cimaa taasisaa ture. Barattoota kutannoodhaan saba isaaniif qabsaa’aa turanis sadarkaa garaagaraatti ijaaraa ture. Ijoolleen Oromoo muummee barnoota addaa addaarratti ramadamtee akka biyyaasheef hojjechuu qabduttillee gurmeessaa ture. Bara 1964-1965 waldaa Yunivarsiitii kolleejjii Finfinnee irratti pirezidaantii ta’uudhaan hojjete. Bara 1966 immoo waldaa waliigaltee Yuunivarsiitii Finfinneerratti barreessaa ta’uudhan hojachaa ture.

Baroota kana keessatti baay’inni barattoota Oromoo yuunivarsiitii keessatti haa xiqqaatuyyuu malee, warruma jiran kanaa wajjin wal arguudhaan mirga uummata Oromoo kabachiisuurratti maree taasisaa tureera. Wal’aansoon barattoota yuunivarsiitiin jalqabame kun utuu hinturiin ifatti ba’uudhaan namoota hedduu sochooseera. Sochiin kunis kana qofaaf utuu hintaane, uummanni Oromoo akka inni mirgasaaf falmatuuf karaa baaseera. Baaroon itti fufuudhaan namoota paarlaamaa keessa hojjetanii wajjin wal argee mariyachuun warra akka Maammoo Mazammirfaa wajjin ta’uun Waldaa wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa keessatti mormii fiyuudalizimii baadiyyaa keessattis baballisuun sochii mormii bara 1966 keessa turerratti haala mijeessuun shoora olaanaa taphatera.

Finfinneefi magaalota kanbiroo keessatti yaada ‘lafti qoteebulaaf’ jedhu irratti dargaggoota hedduu gurmeessuudhaan bittaan warra nafxanyootaa akka gabaabbatu taasisuuratti gumaacha guddaa taasiseera. Wallaansoon bara 1966 ka’e kun duula guddina waliin jedhu uumee keessumaayyuu naannoo Oromiyaa keessatti fudhatama argateera. Fudhatama argachuusaatiif sababnisaa Baaroo ture. Baaron goota humna dargaggootaa ijaaruun sirna Nafxanyootaa barbadeessuuf kutatee ka’e ture.

Baaroon bara 1966 barnootasaa erga xumuree booda biiroo eegumsa fayyaatti miindefamee hojjechuu jalqabe. Waajjira kana keessa amma turetti loogii bara dheeraaf mana hojii sana keessaa ture qorachuudhaan qajeelfama ture sana jijjiiree namoota hedduudhaaf bu’aa ta’eera. Sobdootaafi warreen malaamaltummaadhaan jiraatanis qaanessaa tureera.

Haalli Baaro ofi garee hojjetootaa kanaa namoonni itti hintolin Baaroo hojiirraa ariyani. Miindaasaarra ariyatamuun cinatti akka shororkeessituu addaatti fudhatamee tureera.  Haata’u malee dabni irratti raawwate kun Baaroon wallaansoosaatti akkanni cimu isa taasise malee dugda duubatti isa hindeebifne. Yeroo mara mootummaan bara sanaa Oromoorratti miidhaa dhoksaa waan taasisuuf, akka sabni Oromoo walitti dhufanii mariyatan waan hinbarbadneef Waldaan Maccaafi Tuulamaa akka cufamu taasisaniiru. Kun kan isa gaddisiise Baaroon ummanni Oromoo bakka maree akka hindhabneef Waldaa Dhaaba Dhidheessaa jedhu uume. Mul’anni Baaroo keessaa finiinaa ture sun boqonnaa waan isaaf hinlaanneef yoo isaan karaa tokko cufan inni ammoo karaa biraan mala dhaha malee sodaachisiifamuu mootummaa kanaaf goota hinjilbeenfanne ture. Faayidaalee yeroo qabsoo bilisummaa Oromoof jedhee dhabes homaa tokkottuu hin lakkoofne.

Baaroo Tumsaa bara 1964 aadde Warqinash Bultoo wajjin bultii  ijaarrate. Aadde Warqinash Bultoo biyya Eertiraa keessatti dirqama loltummaarra utuu jirtuu bara 1982 loltoota amanamoo Mangistuu Haayilamaariyaamiin ajjeefamte. Aadde Warqinash Bultoo obboleettii jeneraal Demisee Bultoo yoo taatu, abbaanshii obbo Bultoo Ejersaammoo Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessatti miseensa turani. Cidhi Baaroo Tumsaa Oromoota sadarkaa hojii adda addaarra bakka adda addaarra jiran hundaa biratti haala ho’aadhaan waan kabajameef, diina biratti akka sochii siyaasaatti fudhatamee isaan sodaachisaa ture.

Barruu amma ammaatti saba Oromoo hedduu biratti akka gaariitti dubbifamuu fi jaallatamu The Oromos voice against tyranny document 1971 jedhamu garee hojjetootasaa wajjin namoota hedduu bira akka ga’u taasiseera. Barreeffamni kun gara Amaariffaattillee hiikamee dubbifamaa ture. Kan inni barruu kana raabsaa tureefimmoo waan Waldaan maccaafi Tuulamaa cufameef Oromoota jajjabeessuuf qofaa utuu hintaane, baroota dheeraadhaaf cunqursaafi dabaa saba Oromoorra ga’aa ture barruun kun of keessatti waan qabatee jirtuufidha. Dararfamaafi cunqursaa tureef jiru saba Oromoo ittiin bariisuuf jedheetu. Baaroon bara 1972tti Afaan Oromoo akka qubee laatiiniin barreeffamuuf Hayilee Fidaa wajjin qo’atee yeroodhaaf garuu gaazeexaan Bariisaa qubee saabaatiin akka maxxanfamu taasisaniiru. Garuu utuu hinturiin mootummaan Dargii itti inaafuudhaan fuudhee ministeera beeksisaa jala galche.

Har'a gaazeexaan Bariisaa faayidaa siyaasaatiif jedhamee kan qophaa'u malee faayidaa eenyummaa saba Oromootiif jedhee miti. Baay’inaan waa’ee eenyummaa Oromoo irrattis kan hojjetaa jiru miti.  Maqaa kana qabatee gaazexaan bahaa jiru garuu ammayyuu biyya Oromiyaa keessa jira. Qubee Afaan Oromoo har’a sabni Oromoo itti fayyadamu Baaroo Tumsaa fi Hayilee Fidaafaatu bara lubbuun jiran qopheessani. Bara 1973 qabsoon Oromoo akka inni sadarkaa olaanaarra ga’uuf kaayyoo balla’aa baasuudhaan Wiirtuu Qaama Qindoominaa dhaaba jedhu hundeesseera. Kunis immoo turee dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo jedhutti jijjiirameera.

Bara 1974 daba mootummaan Hayila Sillaaseefi jaleensaa uummaatarratti geessisaa turan qaamni qoratu hundaa’e. Kana keessattis Baaroon miseensa ta’ee akka hojjetu erga taasifameen booda namoota Oromoo hinta’iniin rakkoo keessa galafamuuf tureera. Garuu rakkoo isaan Baaroorratti qopheessan kana namoota miseensa Dargii turaniin karaatti hafeera. Baaroon dhaabbata siyaasaa bara sana keessatti hundeeffaman hunda dhiisee saba bara mootummaa Haayila Sillaasee cunqrsaan irra ga’aa ture hundaa kan ofitti haammatu dhaaba Wala’ansoo saba balla’a cunqursamoota Itoophiyaa ‘Ye Itoophiyaa ciqunooch abiyootawwii Tigil’ jedhu hundeesse. Dhaabni kunis saba Oromoofi sabaafi sablammoota cunqurfamoota byyattii kan of-keessatti haammate ture. Isaan booda Dargiin yeroo jabaachaa deemu of-tuulummaasaa dabalaa deemuun dhaaba ‘EMALEDHI” jdhaman diiguutti kaanaan Oromoonni baay’een gara qabsootti seenuu jalqaban.

Bara 1974tti hundaa’ee baha Oromiyaa keessatti soch’aa kan ture Addi Bilisummaa Oromoo qabsaa’ota hedduu horachuu danda’ee ture. Baaroonis qabsoo kanatti seenuudhaan gara bahaatti deemee geggeessummaan hojjetaa utuu jiruu bara 1977tti lubbuunsaa darbe. Duutii Baaroo umurii gabaabaafi akka tasaa dhaaba Adda Bilisummaa Oromoofi uummata Oromoo akka malee naasiseera; miidheeras. Dargaggeessi umurii waggaa 35tti ajjeeffame kun bara hundumaa godaannisa hindagatamne saba Oromoo irratti maxxansee jira. 

Akkaataa du’asaa ilaalchisee saba Oromootiif odeeffannoon hinkennamne. Haata’u malee, du’a Baaroo booda namoonni yeroo sana turan geggeessummaarratti dandeettii dhabuu qofaa utuu hintaane, ejjennoo dhabuusaaniirraan kan ka’e dhaaba saaniitiifis ta’e uummata saaniitiif ta’uu dadhabuudhaan ummata qaanessanii jiru. Kaayyoo innii fi kan isa fakkaatan itti wareegamaniif xiyyeeffannoo guddaan hinkennamne. Barreessitoonni tokko tokkorratti akka jedhanitti, Baaroo kan ajjeese loltuu WBO kan sammuunsaa fayyaa hinturre tokkoonii jedhu.




#Article 141: Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa (1396 words)


Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa waldaa mirga ummata Oromoof qabsaawuf dhaabbate. Dhaabbanni kun leellistoota Oromummaa kan akka Maammoo Mazammir, Hayilamaaraam Gammadaa fi Taaddasaa Birruu faatin dhaabbate. Waldaan kun maqaa kan kan argate gosoota Oromoo gurguddoo lama kan Maccaa fi Tuulama jedhamanirraayi. Waldaan Macaa fi Tuulamaa kan dhaabbate bara 1960n keessa yoo ta'u kaayyoon isaas eenyummaa Oromoo gabbisuu fi mirga Oromoof qabsaawuuf ture. 

Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa magaalaa Finfinnee keessatti Gullalleetti Amajjii 24, 1963 hundeeffame. Hundeeffamee waggaa tokko booda Caamsaa 1964tii akka waldaa gargaarsaatti akka socho'u mootummaa fiwudaalarraa eeyyama argate. Koloneel Alamuu Qixxeessaa pirezidaantii waldichaa fi hogganaa boordii, Baqqala Nadhii itti-aanaa pirezidaantii, koloneel Qadiidaa Gurmeessaa itti-aanaa pirezidaantii lammaffaa fi Hayilamaaraam Gammada barreessaa waliigalaaaldaa waldichaa ta'anii filataman.  

Koree seera ittiin-bulmaata waldichaa baasu kan hooggane abbaa seeraa kan ture Hayilamaaraam Gammada yoo ta'u maqaa waldaa kanaas Maccaa fi Tuulma akka jedhamu isatu moggaase. Kana malees, odaan asxaa waldichaa akka ta'us Hayilamaaraam Gammadatu murteesse. Waldaan kun koree adda addaa torba yoo qabaatu namoota himaammata baasan kudha-sadi'i qaba ture.  

Jalqaba Waldaan Maccaa fi Tuulamaa jalqaba kaayyon inni dhaabbateef: 

Boodarra garuu hacuuccaa ummata Oromoorragfi waldicharraa'urraan kan ka'e waldaan kun gara sochii siyaasaatti jijjiirrame.aa deeme

Walga'iin ummata wajjinii kan jalqabaa konyaa Jibaati fi Maccaa magaalaa Giincitti geggeeffame. Itti aansunis aanaa Jalduu keessatti walga'iin walfakkaataan geggeeffame. Achirratt koloneel Alamuu Qixxeessaa lafa hektaara 10,000 hojii misoomatiif akka itti fayyadamu waldichaaf kenne. Sochiin misoomaa waldichi godhe waan isa gammachiisef, koloneel Alamuun, ogeessota waraanaa bebbeekkamoo Oromoo ta'an miisensa waldichaa akka ta'an affeeruf murteesse. Namoota akkaataa kanaan affeeraman keessaa tokko jeneraal Taaddasaa Birruu ture. Leellisaa Itoophiyummaa fi Hayilasillaaseef amanaa kan ta'e Taaddasaan waldaa gosaan hundaa'e keessatti hinhirmaadhu jedhe dide.  Hogganaa Dubbisuu fi Barreessuu Biyyaaleessaa waan tureef, hojii waldichi barnootarratti hojjaturratti garuu gargaaruf waadaa seene. Barnoota baballisuuf cichee hojjachaa kan ture Taaddasaan, gaaf tokko Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Akliluu Habtawaldi wajjin wayita haasa'an, Akliluun akkas jedheen baradhaa baradhaa jedchuu guddifteetta. Kuni gariidha, garuu eenyu akka baratuu gargar baaftee beeku qabda. Nuti Oromoo jaarraa tokko duubatti akka hafu goone bulchina. Ummanni Oromoo galaana waan ta'eef yoo barate nu liqimsa jedheen. Akliluun Taaddasaan Oromoo akka ta'e hinbeeku ture. Daba sirna fiwudaalaa ummata Oromorratti hojjatu kan baree fi kananis hedduu kan aare Taaddasaan dhaqee Waldaa Maccaa fi Tuulamaatti makame. Waldichis beekkamtummaa jeneraal Taaddasaan qabu keessattuu hariiroo cimaa inni Hayilasillaasee wajjin qabu fayyadamee  hojii waldichaa gufuu tokko malee baballisuu barbaade. Yeroo gabaabaa kessatti Oromoonni ogummaa adda adda keessa hojjatan hedduun miseensa waldichaa ta'an. 

Maccaa fi Tuulamni ummata misoomaf dadammaqsuu fi qarshii misoomaf oolu walitti qabuuf, walga'ii gurguddaa ummata wajjin geggeessuu jalqabe. Walga'ii kana kan ispoonserii godhu Oromoota qabeenya fi mirga fooyya'aa qaban kan akka Kabbadaa Buzunash faatin geggeeffama ture. Kabbadaa Buzunash lafa hektaara 50,000 waldaan kun misoomaaf akka itti fayyadamuuf kenne. Yaa'ii seenaa qabeessa keessa tokko Yaa'ii Itayyaa kan Caamsaa 1966 dureessa Arsii keessaa Hajii Roobalee Tureetin qophaa'e yoo ta'u kunis Oromoota bahaa fi dhihaa, kiristaanaa fi islaama walitti fiduun tokkumaa Oromoo mirkaneessuu keessatti iddoo olaanaa qaba. Hajii Roobalee Turee yaa'icharratti yoo dubbatu burqaan walitti dabalamtee laga taati, ummannis walqabatee biyya ta'a jedhe. Hajii Roobaleen namoota muraasa waldichaa kan Oromoon biyya mataasaa akka qabaatu yaadan keessa isa tokko. Yeroo sana Afaan Oromootin yaa'ii kamiyyuu geggeessun seeran dhorkaa ta'uyyuu yaa'iin Itayyaa kun kan geggeeffame Afaan Oromootin ture. Yaa'icharrattis Oromoonni kiristaanni foon islaamni qale nyaachun, Oromoonni islamnis foon kiristaanni qale nyaachun tokkummaasaanii agarsiisan. Kun kan isaan naasise bulchitoonni Amaaraa, waldaa warra waaqa hinbeekne jechuun maqaa balleessuu jalqaban. Walga'ii wal fakkaatan ittuma fufuun kan geggeeffame yoo ta'u, kan keessa tokko Bishooftuutti Lammaa Guyyaatin (kaapiteenii umna qilleensaa) kan qindeeffame tokko ture.  

Waajirri Finfinnee dhaabbatee erga hojii eegalee booda, damee Waldaa Maccaa fi Tuulamaa kutaa-biyyaa addaa keessatti akka banamu sochiin jalqabame. Akkaatadhuma kanaan damee Arsii banuuf, Usmaan Sheek, Galatee Xaddachoo fi Ahmad Bunaa filatamanii sochii jalqaban. Maanguddoon Oromoo Arsii Hajii Roobalee Turee  waajira Finfinnee dhufanii walga'ii Fulbaana 1966 irratti hirmaatanii sochii naannoo Arsii jiru warra waajira muummetti beeksisan. Hoggantoonni waajira muummes Dheeratti dhufanii ummataan akka walbaran walii galan. 

Warri bulchaa kutaa-biyyaa Arsii, waa'ee walga'ii kanaa erga dhaga'anii booda akka hingeggeeffamne waan hinbarbaadneef Haaji Roobalee Turoo fi namoota walga'ii kana qindeessan hidhan. Haa ta'u malee, hoggantoonnii muummee kan Finfinnee jiran haaluma beellamaatin Dheeraa deemuf kutatan. Haaluma kanaanis koreen hoggantootaa Dheeraa seenan. Ummanni Arsii hedduunis ba'anii jila Finfinneedhaa dhufe kana haala hoo'adhaan simatan. Walga'ichis haaluma karoorfameen adeemsifamee kaayyoon waldaa kanaa ummataaf ibsame. 

Bulchaa Arsii kan ture namni Saahiluu Difaayee jedhamu ummata walga'ii kanarraa ba'ee gara manaatti deebi'aa jiru kanaratti dhukaasa banuun namootarraan miidhaa geessisan. Lafa walga'iin irratti geggeeffamee fi naannoo san jiru hunda mootummaan waan dhaalee nama biraatif waan kenneefi ummanni irraa akka ka'u ajaja dabarsan. Ummanni lafarraa buqqa'e aanaatti, konyaatti, bulchiinsa kutaa biyyaatti iyyatanillee murtiin lafarraa ka'aa jedhu ittuma fufe. Dhumarratti Baqqalaa Nadhii gara mana murtii Hayila Silaasetti akka ol iyyatan gorsan. Hayila Silaasellee murtii gara gadiitti sinirratti murtaa'e cimseera jedhe. Ummanni lafti jalaa dhaalames ol ka'anii 'u u u u u, yaa waaqa sitti iyyanna' jedhanii iyyan. Hayila Silaasenis yaadasaa jijjiiree laftisaanii akka irraa hin fudhatamne murteesse. 

Damee Wallaggaa dhaabuu keessatti Aadde Atsadee Habtamaariyaam, Qana'aa Gumaa, Tasammaa Nagarii, Bayyanaa Abdii, Abdiisaa Moosisaa, Ol'aanaa Baatii fi Taasisoo Eebbaa fi namoonni biroo qooda guddaa qabu ture. 

Damee Harargee akka dhaabbatu Abdulaziiz Muhammadii fi Abdulrahmaan Laazimaa sochii guddaa godhan. Waajira Sidaamoo dhaabuu keessatti Tasfaayee Dagaagaan kan hoogganamu yoo ta'u namoonni Oromoo hin taane kan akka W/Amaanu'eel Dubbalaa faa akka itti hirmaatan himama. Waajirri Jimmaa ammoo Abbaa Biyyaa Abbaa Joobirii fi Dr Moggaa Firrisaatin hoogganame. Waajirri Iluu Abbaa Booraa Balaachoo Dhaabaa fi Dr Jamaal Abdulqaadiriin akka geeggeeffame himama. Waajirri Yererii fi Karraayyuu ammoo Adaamaatti hunda'ee Baqqalaa Waldee, Daadhii Fayyisaa fi Gammachuu Taffasaa faatin geggeeffame. Waajirri Baalee Sheek Huseen Muhammad (Huseen Suraa) fi Haaji Aadam Saaddootin hoogganame. 

Sochii waldaa kanaa kan sodaate mootummaan gabroomfata Hayilasillaasee, waldaan kun akka hinsochoone bara 1967 dhorke. Hoggantootaa fi miseensota waldaa kanaa kan Finfinnees ta'e kan kutaa-biyyaarra jiran qabee mana hidhaatti naqe, mana murtiittis himannaa irratti bane. Galmeen himannaa hoggantootarratti baname bakka sadi'itti qoodama. Gareen tokkoffaan: Jeneraal Taaddasaa Birruu, Ajajaa dhibbaa Maammoo Mazammir, Seefuu Tasammaa, Daadhii Fayyisaa, Lammeessaa Boruu, Qanyaazmaach Mokonnin Wasanuu, Hayilamaariyaam Gammadaa, Koloneel Alamuu Qixxeessaa, Birgaader Jeneraal Daawit Abdii fa of keessatti qabata.

Garee lammaffaan ragaa sobaa ta'anii garee tokkoffaa keessa namoota jiranirratti ragaa akka ba'an mootummaan yaalee ture. Garuu isaan kana fudhachuu didnaan isanirrattis himanni baname. Gareen kun Taaffasaa Gammachuu, Tasfaayee Dagaagaa, Baqqalaa Mokonnin, loltuu Hayilamaariyaam Dimaanaa, fiixumaa Hiikaa faa of keessatti qabata. 

Garee sadaffaan jalqaba mana murtii Baaletiin himataman. Boodarra garuu gara mana hidhaa Finfinneetti ol dabarfamana. Gareen kun Fitawuraarii Ahimad Imaamaa, Haaji Aadama Saaddoo, Giraazmaach Umar Huseen, Qanyazmaach Abuubakar Dargaa, Aliyyii Ahimad, Qaasim Huseen, fi Hasan Jimaa faadha.  

Manni murtii mootummaa fiwudaalaa ilaalcha diinummaatin, Jeneraal Taaddasaa Birruu fi Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir adabbii du'aa yoo itti murteessu, koloneel Alamuu Qixxeessaa, Baqqalaa Makonnin, Seefuu Tasammaa, fi Daadhii Fayyisaarratti hidhaa cimaa waggaa kudhanii murteesse. Qanyaazmaach Mokonnin Wasanuurratti hidhaa waggaa torbaa, Lammeessaa Boruu hidhaa cimaa waggaa shanii, fi Daawit Abdiirratti hidhaa waggaa sadi'ii murteesse. Kana malee, qabeenyi himatamtootaa kan Finfinnee fi kutaa-biyyaa jiru hundi akka mootummaan dhaalllamu murteesse.  

Hayilamaariyaam Gammadaa reebichaa fi dararaa isarra ga'erraan kan ka'e mana murtii dhufuu kan hin dandeenye ta'ullee sireedhan baattame akka dhufu ajajame. Kan dhaga'uun Raas Immiruun waan gaddeef Hayilasillaasetti dubbate. Sana booda gara mana yaalaa akka deemu eeyyamameef. Mana yaalaa deemee yaallamaa odoo jiruu baayyee waan miidhameef torban tokko booda Adoolessa 1, 1970 lubbuunsaa dabarte.   

Ergaa waldichi akka hinsochoone dhorkamee booda, miseensonni muraasni gara Somaaliyaa deemun mootummaa fiwudaalaa kuffisuuf of ijaaruu jalqaban. Kaan ammoo, kan akka Ejjetaa Fayyisaa, gara Sudaan deemun damee waldichaa achitti banan. Miseensonni waldichaa kan Finfineetti hafan sochii lafa jalaa jalqaban; koree aadaa fi garee waliin qo'annoo adda addaa hundeessan. Gareen kunis barruu ummata dadammaqsu Afaan Oromootin, Amaariffaa fi Ingiliffaan qopheessee rabsaa ture. Barruu The Oromos: Voice Against Tyranny fi Kana Beekta jedhaman hacuucca Oromoo ga'u ibsan maxxansiisun ummata dadammaqsaa turan. Sochii lafa jalaa kana namoota qindeessan keessaa obboleeyyan lamaan waa'ee Oromootif wareegaman luba Guddinaa Tumsaa fi Baaroo Tumsaati. Baaroo Tumsaa sochii lafa jalaa kana qindeessuu qofa odoo hintaane, hundeeffama Adda Bilisummaa Oromoo keessattilee shoora guddaa qaba.      

Yeroo ammaa, Waldaan Maccaa fi Tuulamaa erga mootummaan ADWUI akka hinsochoone dhorkamee miseensoni isaa hidhamanii booda biyya keessatti socho'aa hinjiru. Haa ta'u malee, yeroo ammaa deebi'e biyya Ameerikaatti of ijaarudhaan sochii gara agaraa gochaa jira.  

Qabsoo farra diddaa gabrummaa Oromoo keessatti WMT ga'ee guddaa ba'e. Namoonni boodarra Adda Bilisummaa Oromoo hundeessan baayyen isaanii miseensota Maccaa fi Tuulmaa kan turan yoo ta'u hundeeffama ABOf haala mijeesse. Kana malees, Oromoo dadammaqsee aadaa fi afaan isaatin akka boonu gochuun shoora olaanaa ba'e. 




#Article 142: Abdiisaa Aagaa (792 words)


Koloneel Abdiisaa Aagaa (1919 - 1977) Oromiyaa, Wallagga kessatti dhalate. Abdiisan waraana Itoophiyaan Xaaliyaanii waliin geggessiteraati gootummaa guddaa agarsiisen ummata biratti beekkama.

Koloneel Abdiisaa Aagaa Oromiyaa Dhihaa,Wallagga 

,Najjotti bara1919 kessatti dhalate. Bara 1925tti mana barumsaa Abbaa Gabra-Maaram seenee afaan Amaariffaa dubbachuu, dubbisuu fi barreessuu barate. Bara 1927, mana barumsa misiyoonii Najjoo seenee Afaan Ingiliffaa barate. 

Yeroo umuriinsaa 12, Abbaan Abdiisaa obboleessa isaa ajjeessee mana hidhaa gale. Abdiisan kana ol iyyatee abbaasaa gadi lakkisiisuf gara Finfinnee yoo deemeyyuu, abbaansaa dhumaratti murtii du'aatin ajjeefame. Kanaan gaddee fi aaree, Abdiisan umurii 14tti Waraana Itoophiyaatti dabalame. Bara 1932, Akkaadaamii Waraanaa Hoolotaa seenee waraana barachuun ajaja-kudhanii ta'uun eebbifame. Yeroo waraanni Xaaliyaanii Itoophiyaa qabatu Abdiisanis waraana kanarrati loltuu ta'ee hirmaatee ture. Hiryootasaa wajjini diina Wallagga qabate buqqisuuf gara Wallaggaa deeme. Boodarras hiriyootasaa du'arraa hafan 30 wajjin booji'amee jalqaba Jimmatti hidhame. Hiriyootasaa wajjin ji'a tokko booda Jimmarraa gara Finfinneetti dabarfamanii ji'a lama hidhman. Ji'a lama boodas mana hidhaatii gadi lakkifaman. Bara 1936, Giraaziyaanitti boombin darbatamee waan madaayef, Abdiisaan namoota 42 wajjin qabamee karaa Mitsiwwaatin gara Moqaadishoo geeffamuun achitti hidhaman. Namoota Abdiisaa wajjin Hoolotatti baratan keessa nama 18 erga ajjeesanii booda, namoota 30 hafan Xaaliyaanii geessanii mana hidhaa kuusaa odola Sisilii keessatti aragamutti hidhame. Achitti Kapiteen Juuliyoo, goota Yugozilaavin wal bare.

Mana hidhaattis Abdiisaa fi Kapiteen Juuliyoon michuu ta'an. Waliinis mana hidhaa keessaa badanii miliqan; isaan wajjin hidhamtoota 10 ol ta'an fudhatanii bahanii bosonalatti galan. Guyyaa muraasa booda mana hidhaa sanatti geggeessummaa Abdiisatiin alkan deebi'an; Abdiisaa Xaaliyaanonni hedduu soodaatu turan. Abdiisan eegdota mana hidhaa sanaa hudhee ajjeese. Itti aansun Juuliyoo wajjin uffata eegdota mana hidhaa sanaa fudhatanii uffatan. Meeshaa waraana eegdota sanaas qabataii eegduu mana hidhaa sanaa fakkaachun karrarraa dhaabbachuu jalqaban. Abdiisaa fi Juuliyoon buufata sana keessa seenun hidhamtoota hunda gadi lakiisan, qondaaltota Xaaliyaanii buuftana sana keessa jiraniin wal waraananii meeshaa isaanii fi rasaasa saamanii, konkoolattota meeshaa waraanaa fe'an booji'anii gara bosonaatti deebi'an.

Abdiisaanfaa haaluma kanaan loluun hidhamtoota baasuu, baankii, mana kuusaa mootummaa fi buufata kuusaa saamuu itti fufan. Kanaanis lakkoofsi garee isaa guddatee waraana ta'e. Mootummaan Faashistii Xaaliyaanis waraana isaanirratti bane. Gareen kunis Abdiisaa geggeessa isaa godhachun filatee sadarkaa meejerii isaaf keenne. Xaaliyaanonniis Abdiisaa baayyee sodaatu turan. Sodaa kantti fayyadamuun saamtonni Xaaliyaanii fuula isaanii gurraacha dibanii Abdiisaa fakkaachun baankii fi manneen namaa saamu jalqaban. Abdiisaanis jarreen hojii hamaa kanaan maqaa isaa xureessan kana qabee ajjeessa ture. Mootummaan Xaaliyaanii Abdiisaa qabuuf yaalii guddaa gochaa ture garu hin dandeenye. Kun ta'u didnaan, Abdiisaa aangoo guddaa sii kennina jechuun garee isaanitti akka dabalmu gochuuf yaalan. Abdiisan garuu kana hin fudhanne.

Boodarra Waraannii Addunyaa Lammaffaan jalqabame. Humni Allaayidii Biriiten, USA, Firaansi, fi Raashiyaan meejer Abdiisaa, kaapiteen Juuliyoo fi garee isaanitiif beekkamti kennuun meeshaa waraanaa fi gargaarsa kan biraa dhiyeessufii jalqaban. Meejer Abdiisan waraana paartisaanotaa kan addunyaa kan Ameerikaanota, Faransaayota, Ingilishoota, fi Itoophiyaanota of keessaa qabu akka geeggeessuuf filatame. Kaapiteen Juuliyoon ammoo paartisaanota Yugosilaav akka geggeessuuf filatame. Haala kanaa paartisaanonni, duraan baayyen isaanii hidhamtoota kan turan, Xaaliyaanii dadhabsiisun kufaatii isaanitiif karaa banan. Meejer Abdiisan goota waraana Addunyaa lammaffaarratti magaalaa Room booji'edha. Warri Biriitenis Abdiisaa ajajaa Pooilisii Waraan Biriitish godhanii yoo filatan Jarmaanii akka waraanufis gar Jarmaniitti ergan. Achittis Naazii Jarmaniidhan magaalaa adda addaa keessatti loluun isaan mo'era. Dhumarrattis Barliin alaabaa Biriitishii fi Itoophiyaa fannifachuun seene gootummaa isaa addunyaatti agarsiiseera.

Dhuma waraana addunyaa lammaffaarratti, warri Biriitish, Kanaadaa fi Ameerikaa, aangoo guddaa akka isaaf kennan itti himuun akka loltuu isaanitti dabalamu gaafatan. Abdiisaan garuu gara biyyaa isaatti deebi'uu akka barbaadu itti imuun dide. Deebin warra Allaayidii waan arseef, yeroo Xaaliyaanin lolaa turetti biyya barbadeessite jechuun himannaa irratti banan. Warri Firaansi, Biriitishi, Ameerikaa fi amma tokko Raashiyaa, haala kanaan isa balaaleffatanii himannaa irratti banan. Akka carraa ta'ee, jeneraalli Biriitish kan duraan badhaasa Abdiisaaf kennee beeku tokko akka Abdiisan gadi lakkifamuuf tattaafachuun hidhaa isa gara adabbii qarshiitti jijjiirsise. Qarshii kanas Abdiisaa fi mootummaa Biriitishtu kaffaale, Abdiisanis gadi lakkifame.

Gootichi Abdiisaa Aagaa dhumarratti gar biyyaatti deebi'e. Hayila Sillaasenis Abdiisa erga simatee booda gara Abbabaa Aragaayitti, Ministeera Ittisaa kan ture, ergee akka inni qacaramuuf ajaje. Abbabaa Aragaay fi gootonnii kan biroo baayyeen gootummaa Abdiisaa waan beekaniif aangoo nurraa fudhata jedhanii isa sodaatan. Kanarraa kan ka'e, Abdiisaa gara jeneraalaatti ol guddisuurra, Abbabaa Aragaay Abdiisaa gara Akkaadaamii Waraanaa Hoolotaatti akka waraana baratuuf erge. Erga ji'oota hedduu baratee booda akka liyuutenaantiitti eebbifame; kunis qondaaltota waraanaa kan Biriiten kan duraan Abdiisan Yuurooppitti ajajaa isaani ture baayyee naasie. Abdiisaan waraa Itoophiyaa keessatti baayyee hacuuccame. Waraan Itoophiyaa fi Somaaliyaa irratti akka loluuf, Abdiisaan gara Ogaadenitti ergame. Achirratti gootumma fi ogummaa waraanaa guddaa yoo agarsiisus, sadarkaan isaa waggaa dheeradhaaf kaapiteen bira ol hin dabarre ture. Boodaraa erga kaapiteen Juuliyoo fi Maarshaal Tiitoo dhimma kana H/silaasetti beeksisaanii booda, Abdiisaan gara sadarkaa koloneelitti ol guddate; eegduu mootis ta'e. Koloneel Abdiisaa Aagaa, warraaqsaa Itoophiyaa kan bara 1974 booddee waggaa muraasan booda bara 1977 boqote.

Yaadannoo Abdisaatif, manni barumsa sadarkaa lammaffaa Najjotti argamuu maqaa isaatti moggaafamuun, Mana Barumsa Abdiisaa Aagaa jedhama.




#Article 143: Maammoo Mazammir (709 words)


Koloneel Maammoo Mazammir (1929 - 1969) qabsaawaa mirga Oromooti. Koloneel Maammoon sababa qabsoo mirga Oromootif gochaa tureen murtiin du'aa itti murteeffamee ajjefame. 

Koloneel Maammoo Mazammir abbaasaa obbo Mazammir Habtee Doorii fi haadhasaa aadde Ummee Gurmeessaarraa Shawaa Lixaa magaalaa Amboo Aanaa Gudar keessatti bara 1929tti dhalate. Dhalatee umuriinsaa gaafa barnootaaf ga’u mana barnootaa dajjaazmaach Bashaa magaalaa Gudar keessatti argamu seenudhaan barnoota sadarkaa jalqabaa barate. Akkasumas barnoota sadarkaa lammaffaa mana barnootaa Tafarii Makonnin keessatti osoo hordofaa jiruu mana barnootaa leenjii barsiisotaa Hararitti akka baratuuf barattoota yeroo sana qabxii olaanaa qaban keessaa tokko ta’uun gara magaalaa Hararitti imale.

Haa ta’u malee fedhiinsaa yeroo sanaa barnoota qofa osoo hin taane dhimma waraanaas waan barbaadef mana leenjii waraanaa Harar seene. Mana leenjii kana keessattis qabxii olaanaadhaan waan xumureef leenjisaa mana leenjii waraanaa Harar ta’ee muudame. Yeroo muraasa boodas leenjistoota barnoota sadarkaa olaanaa akka barataniif carraa argatan keessaa Maammoo Mazammir isaan tokko ture. Bara 1962tti Yuunivarsiitii Finfinneerraa digirii jalqabaa barnoota seeraatiin LLB argate.

Koloneel Maammoo Mazammir osoo barnootaaf mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee jiruu, uummanni Oromoo gurguddoon waliin gurmaa’uudhaan Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa jalatti mirga uummata Oromoo kabachiisuuf sochii akka jalqaban odeeffannoo argate. Yeroo kanarraa jalqabees barattoota mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee keessaa gara Waldaa Maccaa fi Tuulama keessatti makamuuf sochii jalqaban keessaa Maammoo Mazammir isaan hangafaati. Fedhiin isaa kunis milkoomeefii gara dhaabbata kanaatti makamuudhaan hanga murtoon du’aa itti murtaa’ee fannifamutti sochii guddaa fi bu’a qabeessa ta’e seenaa uummata Oromoo keessatti raawwatee darbe.

Koloneel Maammoo Mazammir bara jireenya isaa harka caalu kiitaaba seenaa fi siyaasaa dubbisaa akka dabarsee fi uummata Oromoo cunqursaa jala jiruuf sagalee ta’uudhaan waltajjii garaa garaa irratti falmii ciccimoo taasisaa ture. Seenan Itoophiyaa sobaan kan guuttame akka ta'ee fi seenan Oromoo dhofkamaa akka jiru kan bare Maammon, kitaabaa Seenaa Oromoo jedhamu barreessaa ture. Kanatti kan hingammanne nafxanyoonni, barruu kana yeroo inni hidhamu manasaatii fudhanii akka badu godhani. Kana malees Maammon, barreeffamoota karoora mootummaa haaraa hundeessuu ibsu fi heera haaraa kan sirna abbaa-lafaa balleessee qonnaan bulaa abbaa lafaa godhu qopheessee ture. Kunis, nafxanyootaf mataa-dhukkubbii guddaa itti ta'e.

Koloneel Maammon, Afaan Oromoo, Amaariffaa fi Ingiliffa sirriitti danda'a ture. Yeroo sanatti walaloowwan adda addaa Afaan Oromootin barreessee walga'ii Maccaa fi Tuulmaa irratti dhiyeessun ummata gammachiisa ture. Kana malee, taba adda addaa kan hacuuccaa Oromoon keessa jiru agarsiisan barreessee walga'irratti dhiyeessa. San bukkeetti, Maammon nama dubbii danda'u waan ta'eef dargaggoota heddu gara waldichaatti fide. 

Mul'ata guddaa kan qabuu fi nama fageessee yaadu kan ture Maammon, qabsaawota Fincila Baalee wajjin Maccaa fi Tuulamni hariiroo akka uumu namoota godhan keessaa isa tokko. Xalayaa qabsaawota Baalef barreesserratti akkas jedhee ture seenaa ilma namaa keessatti, ummanni mirgaa fi bilisummaa isaatif du'a odoo hinsodaanne qabsoof ka'u yoomiyyuu niinjifata. Haala kanaan, Finciltoonni Baalee fi Maccaa fi Tuulamni waliin akkamitti akka socho'an mari'achaa turan.  

Miseensota Maccaa fi Tuulamaa irratti duulaa kan bane mootummaan Hayilasillaasee himata sobaatin koloneel Maammoo himate. koloneel Maammoo Gurraandhala 10 bara 1967 uummata Siniimaa Ampiir keessatti walitti qabamerratti boombii dhukaaftee namoota hedduurratti miidhaa geessise jechuudhan himatame. Boombii kana kan kiyyeesse garuu humna tikaa nageenyaa mootummaa yoo ta'u namoota kana keessaa tokko wayita kiyyeessu itti dhuka'ee harki irraa cite. Guyyaa muraasa boodas, Mammoon boombii situ dhukaase jechuun qabame. Erga boombichi dhoo'ee guyyaa kudhan booda, Maammon gara mana siinimaa geeffamee suura kaafame. Mana hidhaa keessattis, reebichaa fi dararaa guddaan walirraa hincitin irra ga'e. Dararaa guddaa boodas Maammon anatu godhe jedhee akka mallateessu dirqame. Akkaataa kanaan, shira mootummaan fiwudaalaa hojjateen himatamee gaafa Gurraandhala 28, 1969 murtoon du’aa irratti murtaa’e. Diraama kun Maammoo qofa odoo hintaane, miseensota Maccaa fi Tuulamaa hunda qabuuf sababa gaarii ta'eef.  

Koloneel Maammoo Mazammir gaafa diraamaa mootummaan dalageen murtoon sobaarratti muraataa’ee fannifamuuf jedhu dhaamsa dhumaa akkas jechuudhaan dhaammate:

dhiigni koo dhiiga mirga uummata oromoo kabachiif dhangalaatedha malee dhiiga lafatti bade miti. Dhiignii koo qabsoon Oromoo akka latu bishaan ta'eefi guddisa. Har’a maalummaa uummata Oromoo balleessuudhaaf nama uummata Oromoof qaroo ta’e damee tokko murtanis dameen uummata Oromoo sagal ta’ee lata. Dhiiga uummata oromoo har’a dhangalaa’aa jirunis ta’e bor dhangala’u dabalatee uummati Oromoo mirga isaa akka kabachiifatu hinshakkinaa. Garuu mooti badii ani hinhojjatiniin murtoon kun akka narratti raawwatu godhee fi fakkaattonni isaa ummata Itoophiyaarraa murtoon wal fakkaataa akka isaan qaqqabu itti naaf himaa! Koloneel Maammoo Mazammir himata sobaa ragaa hin qabneen himatamuudhaan bara 1969 mana adabaa alem beqqanyi jedhamu keessatti fannifame. Koloneel Maammoo Mazammir osoo mirga uummata Oromootiif hin fannifamin dura abbaa ijoollee lamaa ture.




#Article 144: Abbabaa Biqilaa (1307 words)


Abbabaa Biqilaa (Hagayya 7, 1932 – Onkoloolessa 25, 1973) atileetii Olompiikii maraatoonidhaan si'a lama mo'ee yoo ta'u irra caala kan ittiin addunyaarratti beekkamu bara 1960tti Olompiikii Gannaa luka duwwaa kaachudhaan medaaliyaa warqii argachuu isaatini. Yaadannoo Abbabaaf jecha istaadiyemiin Finfinnee jiru maqaa isaatin moggafameera.

Abbabaa Biqilaa Hagayya 7, 1932 maatii Oromoo gosa Abbichuu ta'an irraa dhalate; iddoon dhalootasa araddaa Jaatoo jedhamtu kan Mandiidarraa km25 fagaate argamtuti. Guyyaan dhalootasaa kun guyyaa Maraatoonii Olompiikii Loos Aanjeles ture. Abbabaan ijoollumaatti tiksee ture. Abbabaan boodarra eegduu mootichaa (Imperial Bodyguard) ta'uudhaan maatii isaa gargaaruu waan barbaadeef km250 lukaan deemudhaan gara Finfinnee dhaqe. Finfinneettis jalqaba eegduu dhuunfaa ta'uudhaan maatii warra sanyii mootii (royal family) eeguu jalqabe. 

Onnii Niskanen, lammii Iswiidin kan Fiinlaanditti dhalate, mootummaa Itoophiyaatin atileetota akka leenjisuuf qacarame. Leenjisaan kun battalumatti dandeetti Abbabaa kana arge. 

Abbabaan garee Olompiikii Itoophiyaatti kan makame dhumarratti yeroo xiyyarri gara Room deemuu ka'uuf jedhutti. Abbabaan garee kanatti kan makame  Waamii Birraatu kan taba kubbaa miilaa odoo tabatuu miidhame bakka bu'uudhaani. Meejer Onni Niskanen Abbabaa Biqilaa fi Abbabaa Waaqjiraa maraatoonii akka isaan fiigan godhe. 

Adidaas, ispoonsariin Olompiikii Gannaa 1960, qophee muraasa qofa qaba ture yeroo Abbabaan qophee itti ta'u filachuu dhaqu; sababa kanaaf qophee itti hin taanet kennameef, kanaafuu itti fayyadamuu hin dandeenye. Fiigichi odoo hin jalqabin sa'a lamaan tokko dura, Abbabaan akkuma yeroo leenjii godhu lukaan kaachuuf murteesse. Leenjisaan isaa Niskanen waa'ee morkattoota isa wajjin fiiganii itti himee akeekkachiisaa ture; kana keessaa tokko lammii Morookoo Raadi Bin Abdiselaam kan lakkoofsa 26 uffatu ture. Sababa hin beekkamneen garu, Raadiin fiigicha dura uffata maraatoonii gurraacha kan lakkoofsa qabu hin arganne ture, kanaafuu uffata yeroo tiraakirraa fi dirreerra fiigu uffatu kan lakkoofsisaa 185 ta'u uffate. 

Fiigichi gara galgalaa godhame kun jalqabnisaa fi dhumnisaa aarchii Konistaantiin kan Koloosiyeemii fuuldura jiru ture. 

Yeroo fiigichaa kana Abbabaan lakkoofsa Raadii 26 barbaaduuf jecha atileetota baayyee bira darbee fiige. Yeroo km20 ta'u, Abbabaa fi Raadiin(kan lakkoofsa 185 uffate)  atileetota fiigaa jiran isaan kaanirraa faagaatanii addatti bahan. Abbabaan nama lakkoofsa 26 uffatee barbaaduf jecha gara fuuldura ittuma fufe; Raadiin isa bukee fiigaa namicha jiru ta'uu hin barre. Jarri lamaan amma 500m ga'anitti wajjin fiigaa turan; meetira 500 booda, Abbabaan furguffamee bahee xumure. Abbabaan sa'aatii riikardii ta'e 2:15:16.2 galmeessuun moo'ate. Moo'icha kanaanis, Abbabaan nama gurraacha Aafrikaa medaaliyaa warqii Olompiikirratti argate kan jalqabaa ta'ee galmaa'e. Abbabaan Raadii sekendii 25n dursee fixe. 

Fiigicha booda, Abbabaan yeroo maaliif akka luka duwwaa kaate yoo gaafatamu addunyaan marti biyyikoo Itoophiyaan yeroo hunda kutaannoo fi gootummaan akka moo'attu akka baran gochuufi jedhee deebise. 

Ji'a Mudde 1960, yeroo Hayila Sillaaseen Biraazil daawwachaa jiruu, humni eegdota mootichaa (Imperial Guard) jeneraal Mangistuu Niwaayin geggeeffamun fonqolcha mootummaa geggeessan. Ilma Hayila Sillaasee angafa Asfa Wasan mootii godhanii muudan. Sababa kanaan lollii Finfinnee walakkaatti geggeefame, dhuka'aan masaraa mootichaa keessatti dhuka'ee namoonni mootichatti dhiyeenya qaban baayyeen du'an. 

Abbabaan fonqolcha kana keessatti hirmaachuu baatus, yeroo gabaabadhaaf hidhamee mana hidhaa ture. Eegdonni mootichaa kan lubbuun hafan hundisaanii hin bittineeffaman. Gaazexaan tokko akka ibsetti: Abbabaan lubbuunsaa kan hafteef sababa madaaliyaa warqii sanaafi. 

Bara 1961, Abbabaan maraatoonii biyya Giriik, Jaappaan, fi Koshissa Chekosilovaakiyaatti fiigee hundumaa moo'ate. Abbabaan Maraatoonii Boosten kan 1963 irratti fiigee 5ffaa ta'ee xumire - Abbabaan fiigicha maraatoonii fiige odoo hin moo'atin kan xumure kana qofa. Abbabaan gara biyyaatti deebi'ee dorgommii kamirrattuu odoo hin hirmaatin ture amma 1964tti ture. Bara 1964 Finfinneetti dorgomee, sa'a 2:23:14 xumure. 

Olomppikki Gannaa Tookiyoo kan 1964 jalqabuu guyyaa 40 dura, Abbaana naannoo Finfinneetti odoo shaakalliirra jiruu, dhukkubbiin itti dhaga'amuu jalqabe. Dhukkubbiin maalirraa akka dhufe hin barre ture. Odoo dhukkubbii kana moo'uf yaaluu of wallaalee gaggabee kufe. Battalumatti gara man yaalaatti yoo geeffamu dhukkuba appendesaayitis (appendicitis) ta'uun barame. Abbaabaadhaafis yaalin baqaqsanii hodhuu godhameefi. Kanan yeroo gabaabaa booda odoo dhibee isaarraa bayyanachaa jiruuyyuu hoospitaalichuma keessatti alkan alkan fiigicha salphaa jalqabe.

Abbabaa Biqilaa gara Tookiyoo deeme, garuu hin dorgoma jedhamee hin yaaddamne. Fiigicharrattis ni hirmaate. Abbabaan tooftaadhuma bara 1960 itti fayyadametti fayyadame: hanga kiilomeetira 20tti wal fuuldurarra jiran wajjin fiiguu, achii booda suuta suuta saffisa dabaluu ture. Kiilomeetira 15 yeroo ga'an,  kan isa wajjin ture lammii Oostiriyaa Roon Kilarak fi lammii Aayerlaandi Jiim Hoogaan qofa ture. Kiilomeetira 20 booda, Hogan qofatu isaan dorgoma ture, kiilomeetira 30 bodda, Abbabaan Hoogaanin sekendii 40 yoo dursu lammii Jaappaan kan sadaffaarra jiru Kokichi Tsuburaya daqiiqaa lamaan dursa ture. Istaadiyeemii kobaa seene yoo seenu ummanni 70,000 sagalee guddaadhaan hiyyanii isa simatan. Dorgommichaas sa'aatii riikardii Olompiikii ta'een 2:12:11:2 moo'ate, kunis daqiiqaa 4, sekendii 8n atileetii lammaffaa ba'e lammii Biriiten Basil Heatley dursa. Kokichi Tsuburaya sadaffaadhaan xumure. Abbabaan seenaa Olompiikii keessatti nama maraatoonii si'a lama moo'ate kan jalqabaati. Erga fixee booda Abbabaan daawwattoota ajaa'ibsiise: nama hin dadhabiin fakkaata, sochii qaama diddiriirsuu jalqabe. Boodarra yoo dubbatus itti fufee kiilomeetira 10 fiiguu nan danda'a ture jedheera. 

Abbabaan yeroo biyyatti deebi'u akka gootaatti simannaan godhameefi. Mootichis ol isa guddisee, konkolaataa mataasaa, Voolswaagan Biitil adii kenneefi. 

Bara 1969, yeroo jeequmsa ummatta finfinnee keessa turetti, Abbabaan odoo Volsiwaagan Biitilisaa hoofuu barattootaa hiriira nagaa bahanirraan qaba jedhee odoo yaalu konkolaatansaa karaarraa gortee boolla keessa buute, isas achi keessatti ciniintee qabdee ba'uu dhowwite. Erga konkolaataa keessaa baafamee booda harkaa fi miilasaa sochoosuu hin daddhabe. Biyya Ingilaandi Hospitaala Istook Mandeviil keessatti baqaqsanii yaalun godhameefi. Achii booda fooyya'ee harkasaa sochoosu yoo danda'u millisaa garuu akkasummatti socho'uu didee hafe. Nisaksen Abbabaan akka inni dorgommii aarcherii kan atileetota wiilcheeriin deemanii akka dorgomu amansiise, Abbabaanis maraatoonii Olompiikii isa dhufu wiilcheeridhaanan moo'adha jedhee qoosa ture. 

Abbabaan akka keessummaa addaatti Olompiikii Gannaa 1972 kan Muuniikitti geggeffamerratti haffeerrame; achitti namni biyyasaa Maammoo Waldeen yeroo inni carraa Abbabaadhaan qixxaachuuf qabu fashaleesse arge. Maammoon lammii Ameriikaa Firaank Shorter fi lammii Beeljiyeem Karel Lismont tti aanee sadaffaa ba'e. Shorter erga madaaliyaa fudhatee booda, gara Abbabaa deemee harkasaa qabachuun kabajasaa ibse. 

Gaafa Onkoloolessa 25, 1973 Abbabaa Biqilaa Finfinneetti umurii waggaa 41tti du'e; sababiin du'asaas dhiigni sammuu keessatti dhangala'uudhan (cerebral hemorrhage) kan dhufee fi balaa konkolaataa wagga afur dura irra ga'een kan ka'e ture. Abbabaan haadha manaa fi ijoolleesaa afur dhiisee du'e. Awwaalcha isaarratti ummata 75,000 ta'utu argame. Imperer Hayila Sillaaseenis guyyaa boo'ichaa biyyoolessaa goota kanaaf labsani. Gaazexoonni Aafrikaa hundi maqaasaa jajuudhaan atileetota isaaniif kaka'umsa akka ta'u dubbatan; atileetonni kun kaansaani ergasii madaaliyaa warqii nyaatani. Abbabaan reeffisaa Finfinneetti Bataskaana Qul. Yooseefitti awwaalame. 

Erga inni due'ee wagga shan booda, Fiigdota Karaa Niwuu Yoork (New York Road Runners) kabajasaaf jecha badhaasa waggaa waggaan geggeeffamu hundeesse - Badhaasa Abbabaa Biqilaa (the Abebe Bikila Award) badhaasni jedhamu kun namoota fiigicha dheeraaf gumaacha addaa godhaniif kennama. 

Istaadiyeemiin Finfinee jiru tokko kabaja isaaf jecha maqaa isaatin moggaafame. Manni barumsaa Ameerikaan Kominiitii Iskuul(American Community School) kan Finfinnee jiru  jiminaaziyeemii tokko bara 1960n gara dhumaa keessa maqaa isaan moggaase. Hagayya 2005, gargaarsa Dhaabbata Ifa Abdii(A Glimmer of Hope Foundation) fi deeggartoota isaa Isaabeel fi Deev Welaandiin, manni barumsaa Oromoo Yaayya Abbabaa Biqilaa Mana Barumsaa Sadarakaa Tokoffaa jedhamu yaaddannoo isaaf ummata Madiidaatiin dhaabbate. Manni barumsaa kun araddaa Jaatoorraa meetira mana dhibbatti lakkaa'amu fagaata. 

Moo'ichi Abbabaa kan Olompiikii bara 1964, fiilmii dokimenterii Ttokiyoo Oloompiyaad jedhamu keessatti seeneffame. Kutaan dokimenterii kanaa keessa ammi tokko fudhatamee fiilmii Maraaton Maan (Marathon Man) jedhamu kan 1976 ba'etti faayidaarra oole. 

Abbaan fiilmii Bud Greenspan kan Za Maraaton jedhamu keessas ni jira. Fiilmiin kun mo'icha Olompiikii lamaanuu kan seenessu yoo ta'u xumurrisaas ayyaaneffata giminaaziyeemii du'asaa yeroo gabaabaan duratti maqaa isaan moggaafameerratti godhameen. 

Fiilmiin Atileeetu (Atileeticha) kan 2009tti ba'e, kan Davey Frankel fi Rasselas Laaqawn daayireekti godhame, jireenya Abbabaa Biqilaa kan gara dhumaarratti xiyyeeffata: moo'icha Olompiikii deebisee argachuuf yaalii inni godhe, balaa isarra ga'e (kan waan hedduu jijjiire), fi deebi'ee dorgomuuf kutannoo inni qabu.  Fiilmin kun 35mm kan waraabbame ture, sarara Arkitiikiirraa amma Iqu'eeteriitti. 

Bara 2010tti, Viibiram modeelii qophee salphaa Biqilaa jedhamu gadi lakkise. 

Roobiin Wiiliiyaams luka duwwaa kaachuu Abbabaa qoosaa isaa addaa kan Meeshaalee Ittiin Of Balleessan kaasee akkas jedhe: Abbabaan Olompiikii Room luka duwwaa kaatee moo'e. Ergasii Adidaas isnpoonserii isa godhe. Olompiikii isa itti aanu yoo kaatu ba'aa baatee (qophee jechuusaati) kaate. 

Bara 2010tti, Maraatoonin Room waggaa 50ffaa moo'icha Abbabaa yaadachuuf jecha dorgommii maraatoonii qopheesse. Isa yaadachuuf, atileet Siraaji Ganna xumuraa meetira 300 luka duwwaadhaan fiigee moo'ate (kanaafis dabalata badhaasa Yuuroo 500 argate). 




#Article 145: Agarii Tulluu (1929 words)


Agariin Tulluu qabsaawaa mirga Oromooti. Agariin bara sirna abbaa lafaa keessa cunqursaa ummata Oromoorra ga'u balaaleffachuudhan qabsoo waraanaa jalqabe. Qabsoo irra guddaa gochaa kan ture naannoo Salaaletti ture. Qabsoo kana gara naannoo biraattis baballisuuf sochii gochaa ture.

Agarii Tulluu giddu galeessa Oromiyaa godiina Shawaa Kaabaa aanaaa Dagam iddoo addaa Leemman sillaasee jedhamuutti bara 1934tti dhalate. Agarii Tullu diimaa gara magaalatti aanuu fi dhaabbanni isaa baayyee gabaabadha. Yemmuu alaalaa ilaalan nama homaa hin beekne wayii fakkaata. Yeroo baayyee fuula isaa iraa gammachuutu dubbifama. Onneen isaa garuu dhiibbaa ilmaan nafxanyaatin madooftee jirti. Namoonnii isatti dhiyaata akka ragaa bahanitti Agariin garraamessa. Garraamummaan isaa garuu sodaataa isa hin goone, hinumaayyuu akka inni hiyyeessaf falmuuf baayyee gargaare.

Agarii Tulluu bishaan daakudhan yeroo ijoollumaasaa dabarse. Gootichi Agarii Tulluu umurii ijoollumaatin bara 1950tti leenjii looltummaa fudhachuuun waraana yeroo sana kubur zabanyaa jedhamu kana mana mootummaa eegu keessatti qaxaramuun magaala Finfinneetti gale. Waraana keessatti qaxaramuu murteessuun isaa jaalala sirna sanaaf qabu osoo hin taanee booree garaa isaa guutte baafachuuf mala ittiin leenjii loltummaa fii meeshaa waraanaa argatu mijeeffachuufi. Wayita looltuu kubur Zabanyaa ta’ee hojjeechaa jiru kanattii loogin sanyii biyya kana keessatti dagaagee jiru fi cunqursa uummata Oromoo irra gahaa ture sana arguudhan garaan isaa caalatti murtii qabsoo hidhannoo gochuuf murteesse sanarra akka ga’uuf gumaacha guddaa godhe. Kana malees wayita Salaale lafa dhaloota isaa turetti dhiibbaa ilmaan Nafxanyaa yookan Abbaan lafa ilmaan Oromoo irraan gahaa jiran suni umrii ijoollumaati sammuu Agarii keessa seeee jira.

Wayita loltuu Kubur zabanyaa ta’uun Finfinneetti tajaajila ture sana miseensa Waldaa wal-gargaarsa Maccaa Fi Tuulama ta’uudhan sochii sabboonummaa Oromoo waldichaan jalqabame sana keessattillee qooda fudhachaa akka ture seenaa jireenya isaa irra mirkaneeffannee jirra. Waldaa kana keessattis jeneraal Taaddasaa Birruu wajjin wal baree dhimmaa qabsoo Oromoo irrattilleen mar’achaa akka turanii fi Agariin caalatti akka inni murtii jabaa kanarra ga’uu godhee jira.

Bara 1959tti wayita hooggantoonni Waldaa Maccaa fi Tuulama mootummaa Hayilasillaasetiin yakkamanii mana hidhaa gala sanatti Agarii Tulluu immoo hojii loltummaa kubur Zabanyaa hojjecha jiru sana dhiise meeshaa waraanaa hidhatee jiru fudhachuudhan gara bosona Salaaleetti qajeele. Tarkaanfii kana fudhachuuf kan isaa kaakaase cunqursaa uummta Oromoo irra jiru san hambisuuf karaa nagaa waan hin yaadamneef qabsoo hidhannoo geggeessuun barbaachisaa ta’uu isaa waan itti amaneef.

Erga qabsoo hidhannoo irratti bobba’ee booda sodaa tokko malee uummata fincila diddaa garbummaatif akka kakka’an barsiisaa ture. Uummanni abba lafaa akka hin gabbaree fi abbaan lafaa immoo uummata irra irboo akka hin fudhanne akkeekkachiisaa kan ture wayita ta'u abbaa lafaa ajaja isaa kana fudhachuu dide irratti immoo tarkaanfii fudhachaa ture. Ilmaan Nafxaanya gochaa Agarii kun kan aarse fii rifachiise waan ta’eef gootni kun akka waan shiftaa ta’ee fakkeessudhan uummata burjaajessuuf yaalan illeen gochaa isaa amala shiiftaa waan hin qabneef uummanni irraa hin fudhane. Sababiin isaas Agariin akka shiftaa qabeenya namaa kan saamu osoo hin taane rakkoo hiyyeessaaf nama falmuu fi qabeenya warra ilmaan nafxanyaa qofa addaan baasee nama saamaa ture.

Agariin bosonaa keessa dhokaate kan ta’uu osoo hin taanee guyyaa saafa’aan baadiyyaadha hanga magaalatti uummata keessa deemee balaa sirni sun uummata Oromoo irraan ga’aa ture sana nama ifatti uummata barsiisaa ooludha. Sabaabin isaa immoo uummmata biratti fudhatama waan argatee fi qabsoo inni gochaa jiru uummata bal’aaf ta’uu uummanni duurse waan hubateefi. 

Agariin ummata Oromoo biratti jaalala guddaa waan horateef mootummaan garboofta abbaa irree sanaaf Agarii argachuun lilmoo takkittii tuulaa cidii guddaa keessa barbaaduu itti ta’e. kana irraa ka’uudhan nama Agarii qabes ta’ee nama Agarii bakka jiru argee mootummatti himeef badhaasni guddaan akka kennamu labsame.

Gootni kun baayyee abshaala waan ta’eef tooftaa garaa garaa fayyadamuudhan uummata amansiisaa akka ture ni dubbatama. Faakenyaf bara qabsoo isaa keessatti guyyaa tokko ergamtoonni mootumma garboofata abbaa irree biraa dhufan kan dhalootan Oromoo ta’an Agarii qabanii keennuuf akka dhufan waan duursee dhaga’eef galgala bakka isaan jiranitti akkuma tasa irra ga'e. Sana booda jarri nu ajjeessa jedhanii baayyee rifatan, inni garuu akka isaan ajjeessuf hin dhufne itti hime tasgabeesse. Sana booda “akka ana qabuuf yookan ajjeesuuf dhuftan dhaga’een dhufe, akkanumaan dhaamaatan malee ana rasaasni na hin ajjeessu jechuudha isaan fuuldura dhaabbatee rasaasa sobaa kan yeroo kubur zabanyaa ture argate qawwee isaa keessa galchuun ofitti dhukaase du’uu didnaa jaarrii baayye rifatte. Itti aansee immoo rasaasa sana qawwee isaa keessa godhee ergamtoonni sun akka itti dhokkasani ajajee fuuldura dhaabbate. Haaluma inni ajajee dabaree dabareedhan itti dhokaasan, garuu Agarii hooma hin taane. Sana booda Agarii rasaasni hin dhawu jechuudha ballinaan odeeffame. Kuni immoo sodaa Nafxanyoonni Agariirraa qaban kan dabalee fi fudhatamni Agarii uummata keessatti qabullee akka dabalu taasise. Kabaja guddaas akka argatu ta’e.

Agarii Tulluu hordoffiin mootummaa abbaa irree waan itti baayyateef yeroo hunda of jijjiiret qabsoo sana adeemsisaa ture. Yeroo tokko qeesii fakkatee yoo deemee yeroo biraa immoo kadhatuu fakkaatee deemaa. Yemmoo barbaade immoo qotee bulaa baadiyya fakkaate waan garaa isaa hojjechaa ture. Yeroo sana namoonni oduu funaananii qaama nageenyatiif geessaan “Agariin qeesii fakkatee amma asii darbee agarree ture” yoo jedhan tibbaa sana namni uuffata qeesii uffate hundi qaama nageenyatiin qabamanii qoranna irratti gaggeeffama. Xiqqoo turanii immoo “Agariin Kadhattuu fakkaatee yommuu asiin darbu agarree turree” oduun jedhu qaama nageenyaa qaqaba. Tibba sana immoo kadhattuu hundi qabamanii mana hidhatti guurramuun kanuma barame. Garuu Agarii argachuun hin dandeenye. Agariin gaafa ofii isaatii barbaade malee qaama nageenyatti hin mul’atu garuu isaanuma wajjin oolun kanuma barame.

Ummanni Oromoo salaalee akka Agariin harka mootummaa oftuulaa sanatti hinkufneef akka armaan gadii kanatti sirbaan waaqa kadhatuuf.

Hurufa kuyyuu hinroobin yaa cabbii
Nafseetti faradanii Agarii Tulluu baasi yaa rabbii

Gaafa Nafxanyoota irratti tarkaanfi fudhachuu barbaades tasa osoo hin taane akka qopha’anii eegani dura ergaa itti dhaameetuma dhaqa. Fakkeenyaf guyyaa tokko Bulchaa aanaa Dagam yeroo sanaa kan ta’etti akka dhaquu ergaa itti dhaame. Guyyaa jedhame yoo ga’uu namichi waardiyyoota isaa qabatee meeshaa isaa hidhatee loltuuta isaa hidhachiisee dhufa Agarii eegutti ka’e. Osumaa eegaa jiru kadhataan uuffata baayyee moofa’e uuffatee kadhachaa deemu tokko mana bulchaa kanaatti goree kadhate. Hojjettooni isaa kadhataa kanaaf miidhan kennaniifii nyaachisan. Kadhatichis “aduun waan itti dhiittef bakkin ani deemu immoo bosona keessa darbeeti waan ta’eef shiftaan na reebaa akka gooftan keessan na bulchuuf naaf kadhadha” jedhen. Hojjettonnis goofta isaani kadhataniif yaa bulu, achi baaxii mana jala yaa ciisu jedhee hayyameefi kadhatichi bakka bultee argate. Sana booda dhufa Agarii eeguu itti fufan. Sa’aati beellamaa darbus Agariin dhufuu waan dideef abbaa angoo “suni duraanu erga hoomi tiskee na fuldura dhaabatee naan lolti” jechuu tuffii Agariif qabu mullisuun laphee ofii dhiittessee ta’ ee. Yeroo kan kadhataa baaxii jala ciisu sun waan namni kun jechaa jiru hunda sirritti dhaga’a. Ergaa obsaan xiqqoo turee booda kadhatichi bakka ciisuu ka’ee shuggixii qanqalloo iitti kadhachaa ture sana keessaa baase gurraa bulchaa sana irratti qabee akka harka kennatu gaafate. Namichis naasudhan qawwee isaa lafa godhatee harkaa itti kennate. Edaa kadhaata bakka bultii gaafate sun Agarii Tulluuti. Sana booda Agarii namichas Wardiyyoota isaa walitti hidhee erga garafaa turee booda mana tokkotti galchee balbala itti cufuudhan meeshaa waraana isaani fi maallaqa fudhatee deemudhan waan ta’e sana akka bulchaa godinichaatti Fiichee deemudhan itti himu ajajee yoo himuu baate garuu yeroo biroo deebi’uudhan akka ajjeessu akkeekkachiise. 

Gochaan Agarii kun kan rifachiise fi baayyee aarse bulchaa aanaa kuyyuu yeroo sanii kan ture fitawurarii Muluu Asanuu anuu Agarii nan qaba jedhee dhaadachuudhan bulchaa godinichaatif waadaa galee, akka ittiin qabuuf qawwee Domoftorri Ameerikaa shan kennameefi. Qawween kunis ashkarootasaatii hiruun barbaacha Agariitiif Aanaalee Kuyyuu, Warra Jaarsoo, Giraar Jaarsso, Dagam, Hidhabuu Abootee fi Yaayyaa Gullallee lafa kanaa dura Agariin keessa socha’uun qabsoo gaggeessa ture keessa ka’an. Barbaachaa baayyina keessa naannoo lafa dhaloota Agarii kan taate bakka Leemman sillaasee jedhamuun beekkamtutti Agarii argatan itti marsan. Sana booda Agariin namoota ergmanii isa qabuu dhufan dura dhaabachuudhan injifannoo seenaan hin daganne galmeessisuu danda’ee jira. Namoota qabuu dhufan kaan isaani ajjeessee, kaan immoo madeesse, kanneen hafan immoo dheessanii gara dhufanitti akka deebi’aniif dirqisiise.

Sanaa booda uummanni Salaalee gootummaa kana dingisiifachuudhan akka Muluu of fakkeessanii Agariidhaf sirba armaan gadii kana sirbaniif.

Ana rabbitu na baasee
Dabalee gurrarra yaasee
Burruusee dheefatu baasee
Qawwee awuraajjaa gachisiisee

Itti dabaluudhanis akka armaan gaditti weeddisu:

Yaa burruusee  
Ashkara koo yaa burruusee 
Ni lolla naan jettaniitoo 
Sintu rakkoorra na buusee 

Jechuudhan salphina Muluu sirbaan Agarsiisaa turan. Burruusee fi Dabaleen ashkaroota Muluu turan.

Guyya tokko bakka Agarii jiru kan duurse hubate Asmaarin duraan Agarii wajjiin deemee faarsa ture qaama nageenyatti hime. Asmaariin kun kan Agarii ganeef namni bakka Agariin jiru hime lafa gaashaa lamaa fi qarshii kuma kudhan badhaasa akka argatu mootumman suni waan labseefi. Sana booda humni dafee qaqqabaa mana Agariin keessa jiru sanatti marsanii yemmuu Agarii bahuu ajjeesuu yookan immoo madeessani booji’uudhaf eeguu jalqaban. Humni waraana dafee qaqqabaa itti marsuu waan dhagayateef toftaa itti harkaa bahu barbaadee jalqabe. Sana booda qamisii dubartii kaawwatee, kophee durbaa godhatee, shaashii hidhatee durbaa bareeddu fakkaatee karuma balbalaati bahee deeme. Yeroo kana waranni iddoo qabatee eegaa jiru ilaale sanyoon isaa baate inni itti aanee dhufa jedhanii of eeggannoodhan eegutti ka’an. Agariin duubatti darbuudha jaallewwan qabsoo isaa wajjin bombii fi rasaasa itti roobsudhan loltoota baayyee ajjeesee kaan immoo madesse warri kaan immoo gara dhufanitti akka deebi’an godhe. Gama Agariitin jaallee qabsoo tokko qofatu wareegame.

Sochiin Agarii jalqabe kun hirriiba kan dhoowwe mootummaan Hayila sillasee loltoota baayyina gara Salaalee naannoo Agariitti qabsoo hidhannoo gaggeessaa jiru sanatti bobbaasee, Agarii bakka jiru nutti himaa jechuu uummata daraaruu fi hidhuu itti cimsan. Baayyinni loltoota bobba’ee Sulultaa hanga qarre gohaatti kan lafa dhiphise ture. Yaa ta’u malee uummanni naannoo saniii namni tokkoyyuu Agarii dabarsanii kennuu irraa ofumaa dararaa fi gidiraa irra gahu fudhachuuf filatan. 

Qabsoon Agariin godhus Salaalee keessaa Aanaa ja’a jechuun Aanaa Dagam, Kuyyuu, Warra Jaarsoo, Hidhabuu Abootee, Giraar Jaarsoo fi Yaayya Gullallee yoo ta’u Shawaa dhihaa keessaa immoo Aanaa Meettati. Kanaaf Agarii eessa akka oolu fi bulu hin beekkamu har’aa bakka tokkotti yoo argame bariisaa immo iddoo biraatti Argama.

Dhumarratti qabsoo hidhannoo kana gara kutaa Oromiyaa biraatti baballisuu fi iddoo jijjiirachuudhan umurii qabsichaa dheeressuuf yaadee gara dhiha Oromiyaa, Wallaggaatti bobba’ee. Gaafa gara Wallaggaatti deemuu Finfinnee naannoo Qacanee Madaniyalemi jedhamu bakka duraan itti boqotutti goruudhan jaallewwaan qabsoo isaatif gara magaalaa Naqamteetti deemuu isaa fi isaan illee akka isa hordoofuun garas deemaan xalayaa barreessef dubartii haadha manichatti kenneefii deemee. Xalayaa kana irraatti Hoteela keessa qubatulleen barreesse ture. Isumaa bakka sanii bahee qaamni nageenya mootummaa abbaa irree Agarii barbaachaf iddoo qacanee Madaniyalemi kana dhaquun mana Agarii boqotu sana seenuun haadha mana sana dirqisiisani bakka Agarii jiru gaafachuun xalayaaa sana dabarsitee akka kennitef seenaa isaa irraa hubanneera. Bakka Agariin boqotu kana kan hime immoo namuma dura Agarii wajjin Dirree Qabsoo galee booda maalaqqaan mootummaan sun bitate akka ta’ee qorannoo seenaa godhame irraa hubannee jirra.

Erga xalayaa Agarii jallewwan isaati katabe sun harka diinatti kuftee booda Gurraandhala 8, bara 1962 tti Magaala Naqamtee hoteela keessa boqote keessatti gootichi Oromoo Agarii Tuulluu harkaa warra oftuultotaatti kufe. Sana booda gammachuudhan Agarii fudhatanii gara Salaalee geessanii magaala Fiicheetti hidhan.

Sana booda uummanni qabamuun Agarii aarse sodaa tokko malee dirreetti bahanii Agariidhaf sirbuu jalqban. Fakkeenya gaafa qabamuu isaa dhaga’an:

Yaa Hoolota oboriilt;br
Hoolota Hamdee gugurraa saniilt;br
Shiboo irra maranii lt;br
Harka Agarii ibiddo saniilt;br

jechuun dhaamsa dabarfachaa tura.

Dhaamsi sirba armaan olii kanaa dhaamsa guddaadha. Hamdee Abarraa Nafxanyicha uummata Salaaleerraa lafa fudhatee biyyaa isaanirraa akka baqatan godhee yoo ta’u. Hoolota Hamdee jechuun immoo wardiyyoota Hamdee jala kaachudhan uummata isaani rakkisa jiran jechuu isaaniti.

Agariin erga hidhame turtii ji’a tokkoo keessatti akka duuti itti murteeffamu godhan. Sana booda Eblaa guyyaa Wiixata bara 1962 magaala Ambisootti obboloota isaa Jimaa Tulluu fi Hirkoo Tulluu wajjiin bakka uummannii baayyinan jirutti fannisaani ajjeessan. Jimaa Tuulluu fi Hirkoo Tulluu obboleessa Agarii ta’uun qofa fannifamanii ajjeffaman. 

Duutii ijjoollee Tulluu kan baayyee aarse ummanni Oromoo Salaalee akka armaan gadii kanatti sirbaan gadda isaanii ibsachaa turan.

Yaa haadha too yaa Tarrafuult;br
Tokko du’ee lamat hafuult;br
Lama du’ee tokkotti hafuult;br
Sadi du’ee maalitti hafuult;br

Agarii Tulluu seenaa qabsoo uummata Oromoo keessatti goota bara baraan kabaja fi jaalalaan yaadatamaa kan jiraatu fi sochiin sabboonummaa Oromoo innii godhee laphee ilmaan Oromoo keessa kan hin baanedha.




#Article 146: Haroo Limmuu (101 words)


Aanaan Haroo Limmuu aanoolee Godina Wallagga Bahaa keessatti argaman keessaa ishee tokko dha. Aanaan Haroo Limmuu maqaa kana kan moggafatte yeroo jalqabaa aanaa Limmuu jalatti hundooftee bulaa turtee haala kana irraa ka'uun yeroo amma kana immoo bara 1998 of danda'uu dhaan maqaa kana argatteetti cittee jirti. Aanaan Haroo Limmuu Godina Wallagga Bahaa irraa kallatti dhihaatti argamti. A/H/L/ kallatti bahaan aanaa Limmuu, kallattii lixaan naannoo Beneshanguul Gumuz, kibbaan aanaa Eebantuun dangeffamtee argamti. Aanaattiin horsiisa beeyladootaa fi akkasumaas kunuunsa bineensota bosonaan ni beekanti. Kana qofa osoo hin taane haalli qillensa ishee jireenyaaf mijataa, namoonni gurguddoo, gootonni kanneen akka Abdiisaa faa achuma kessatti argamu.




#Article 147: Dhiiga (661 words)


Dhiigni dhangala'aa qaama bineensotaa keessatti argamu kan wantoota barbaachisaa ta'an kan akka niwuutireentii fi ookisijiinii seelotaaf geessu fi akkasumas xurii yeroo meetaboolizimii ummamu seeliiraa guuree hoofu.  

Bineensota lafee dugdaa qaban keessatti, dhiigni kan inni qabatu seelii dhiiga kan pilaasmaa dhiigaa kessatti qabamee jiru. Pilaasmaan, kan dhangala'aa dhiigaa keessaa 57% qabatu, irra caalaan isaa bishaan yoo ta'u(92%), dabalataan pirootiinii, giluukoosii, hormonii, ayonii albuudotaa (mineral ion), kaarbon daayi'oksaayidii fi seeloota dhiigaa mataasaanii qabata. Pirootiiniin pilaasmaa inni guddaan albumiin yoo ta'u faayidaan isaas dhiibbaa dhiigaa too'achuudha. Seelonni dhiigaa kan akka seelii dhiiga diimaa, fi seelii dhiiga adii of keessaa qaba; pilaatileetii fi luukossayitiis dabalate. Seeliin heddumminaan baayyatee dhiiga bineensota lafee dugdaa qaban keessatti argamu seelii dhiiga diimaati. Seelin dhiiga diimaa hemoogiloobiinii of kessaa qaba. Hemoogiloobiiniin pirootiinii ayirenii of keessaa qabu yoo ta'u ooksijiinii qaama keessaa deddeebisuuf tajaajila. Hemoogiloobiiniin ooksijiinii seelii isaatti qabsiisunii fi akka inni dhiiga keessatti makamu gochuun ooksijiinii qaama keessa facaasa. Karaa biraa, kaarbon daayi'oksaayidiin guutumaan guutummaatti seelin alatti pilaasmaa keessatti bulbulamee akka baayikaarboneet ayon (bicarbonate ion) socho'a.     

Dhiigni bineensota lafee dugdaa qabanii bifti isaa yoo ookisijiinii qabaate diimaa ifaadha. Bineensonni tokko tokko, kan akka moloskootaa fi Kirastaashiyaan, ooksijiinii baachuuf heemoogiloobiinii odoo hin taane heemoosaayaninitti fayyadamu. Ilbiisonni fi moloskoonni tokko tokko dhiiga odoo hin taane dhangala'aa heemooliimfii jedhamu fayyadamu. Garaa garummaan isaanis heemooliimfiin sirna dhangala'aa cufamaa kessatti kan qabatame miti. Ilbiisota baayyee keessatti wanti akka dhiigaa kun molokiyuulii ooksijiinii baatu kan akka heemoogiloobiinii hin qabu sababiinsaas qaamni isaanii xiqqoo waan ta'eef qoonqoon/tiraakiyaan (trachea system) isaanii ooksijiinii dhiyeessuuf ga'aadha.                      

Bineensota lafee dugdaa qaban keessatti, sirna ittisaa kan seelii dhiiga adiirraatti hundaa'e qabu. Seelin dhiiga adii, qaamni dhukkubbaan akka hin qabamnee fi maxxantoota akka ofirraa ittisuuf garaara. Pilaatileetin dhiigni akka itituuf gargaara. Kunimmoo yeroo qaamni madaa'e, dhiigni baayyen akka hin dhangalaane dhorka.  Aritiropoodonni, hemoolimfii kan qaban, qaama ittisaa isaanii keessaa hemoosaayitisii qabu. 

Dhihigni onneedhaan dhiibbamuudhaan hidda dhiigaa hordofee qaama keessa tatamsa'a. Bineensota somba qaban keessatti, aarteroonni dhiiga ooksijiinii qabu tishuuwwaaniif yoo geessan, veenonnii ammoo kaarbon daayi'oksaayidii,  kan yeroo meetaabolizimii ummamu, tishuuwwaniirraa guurani gara sombaa geessu.

Dhiigni qaama keessatti faayidaa bayyee kenna. Isaan keessaa: 

Ulfina qaamaa namaa keessaa dhiigni dhibbeentaa 7% ta'a, densiitiin (density) isaa kan giddu galeessaa ammoo tilmaamaan 1060kg/m3, kunis densiitii bishaan qulqulluuitti (1000kg/m3) baayyee dhihaata.  Namni guddaan, dhiiga naannoo liitira 5 ta'u qaba (1.3 gal), kunis pilaasmaa fi seelotaa dhiigaa adda addaa of keessatti qabata. Seelonni dhiigaa kun erritirosaayitis (erythrocytes) (seelii dhiiga diimaa, SDD), luukosaayitis (leukocytes) (seelii dhiiga adii, SDA), fi tirmboosaayitis (thrombocytes) (pilaatileetota) of keessaa qaba. Baayyinaa dhiigaa keessa, seeliin dhiiga diimaa dhibbeentaa 45%, pilaatileetiin dhibbeentaa 54.3%, seeliin dhiiga adiimmoo dhibbeentaa 0.7% qabata.  

Dhiigni maayikirooliitiriin tokko wantoota armaan gadii qabata:

Baayina dhiigaa keessa dhibbeentaan 55% pilaasmaa dha. Pilaasmaan dhangala'aa dhigaati, bifti isaas keello dha. Baayyinni pilaasmaa namarratti giddu galeessaan liitira 2.7-3.0 ta'a. Pilaasmaan dhangala'aa kan 92% bishaan, 8% pirootiinii pilaasmaa dhiiga, fi wantoota biraa xiqqoos of keessaa qabudha. Pilaasmaan niwuutireentii bulbulame kan akka Gulukoosii, aminoo asidii, fi faattii asidii (kan dhiiga keessatti bulbulamee ykn pirootiinii pilaasmatti qabatee) qaama keessa facaasa, akkasumas xuriiwwan akka kaarbon daayi'oksaayidii, yuuriyaa, fi laaktiik asidii fuudhee akka gatamuuf hoofa.    

Qabiyyeewwan baayyee barbaachisaa ta'an kan biraa keessaa muraasni: 

Jechi siiram jedhu pilaasmaa pirootiinin ittichu (kan dhiigni akka ititu godhu) keessaa baafame ibsa. Pirootiinin siiramii keessatti hafe albiyumiin fi immiyuunoogiloobuliinsi dha.  

PH dhiiga qaphxii 7.35 hanga 7.45 gidduu akka turu ni too'atama, gatiin kunis dhiigni xiqqoo beezawaa ta'uu isaa agarsiisa. Dhiigni gatii PH 7.35 gadi qabu asidaawaa dha, kan 7.45 ol qabu ammoo beezaawaa dha. PHn dhiigaa, dhiibbaa gartokkee ooksijiinii (pO2), dhiibba gartokkee kaarbon daayi'oksaayidii (pCO2) fi  HCO3− tooftaa gara garaat homeostaticn too'atamu, kunis dhiibbaa isaanii karaa sirna argansuu fi sirna fincaanitin erguun walqixxummaa asidii-beezii dhiigaa fi argansuu too'atu. Qorannoon gaazin dhiiga aarterii keessaa kana safaruu danda'a. Dabalataanis, pilaasmaan hormonoota erga isaani tishuu adda addaatti dabarsuuf deeman of keessaa qaba.    

Dhiigni namaa dhiiga hoosiftootaatiif akka fakkeenyaatti kaafamuu danda'a; gauu garaagarummaan baayyina seelii, guddina isaanii, caasaa pirootiinii, fi kkf sanyii tokkorraa sanyii biraatti gargar ta'uu danda'a. Bineeldota lafee dugdaa qaban kan hoosiftoota hin taane keessatti garuu, garaagarummaa ijoo ta'etu jira: 




#Article 148: Baayoogaazii (1440 words)


  
Baayoogaaziin maqaa gaazota yeroo lubbu qabeessi (orgnaic matter) bakka oksijiinin hin jirretti tortore ummanan ibsudha. Baayogaaziin meeshaalee naannoo keenyatti argaman kan akka kosiirraa oomishuun ni danda'ama. Baayogaaziin gosa anniisaa bakka buufamu (renewable energy) keesssaa tokko yoo ta'u kaarbonii xiqqoo qofa gadi lakkisa.  

Baayoogaaziin kan ummamu yeroo nyaatni haala an'eroobiik ta'een bullaa'uu/daakkamu(digestion) yoo ta'u kunis baakteeriyaa ana'erobiikii ykn bukaa'uu (fermentation) meeshaalee akka bobbaa horii, kosii magaalaa, kosii magariisa, biqiltoota, fi midhaan dabalata. Baayogaazii baayyinaan mitteenii (CH4) fi kaarbon daayi'oksaayidii (CO2) kan qabatu yoo ta'u hayidiroojin salfaayidii(H2S), fixeensaa fi silookseenii xiqqoos ni qaba. 

Gaaziwwan akka mitteenii, hayidiroojinii fi kaarbon mono'oksaayidii ooksijiinii argannaan ni boba'u ykn oksaayidii uumu. Sababa kanaaf baayoogaazin akka boba'aatti tajaajila kenna; dabalataanis mana hoo'issuuf (keessaahuu biyyoota cabbii qaban keessaatti), fi nyaata bilcheessuuf gargaara. Kana malees, injiinota gaazii (gas engine) keessatti tajaajilarraa oolun eleektirikiii fi  hoo'a omishuuf gargaara.

Baayoogaaziin cafaqamuu danda'a, kunis akkuma gaaziin ummama (natural gas) cafaqamee gara GUCtti(Gaazii Ummamaa Cafaqamaa) jijjiirramu, deebi'ee motorootaa deemaniif (konkolaataa) humna kennuuf tajaajilu jechuudha. Fakkeenyaaf, biyya Yunaayitid Kingidem keessatti, baayoogaazin boba'aa konkolataaf oolu keessaa 17% bakka bu'uu danda'a. Biyyoota addunyaa tokko tokko keessatti baayoogaazin deeggarsa qarshii (subsidy) argata. Baayoogaaziin qulqulleeffamee gara sadarkaa gaazii ummamaatti ol guddachuu danda'a; kunis baayoo mitteen jedhama.

Baayoogaazi kan oomishamu boolla keessatti ykn gaazii bullaa'e keessatti. Warshaa baayoogaazii maqaan jedhu daaktuu an'erobiik kan kosii qonna ykn midhaan humnaa fayyadamee baayoogaazii omishuuf kennamedha. Baayoogaaziin warshaawwan an'erobiikidhaan daakaniin ummama. Warshaawwan kun midhaan humnaa kan akka agadaa boqqoolloo ykn kosiiwwan tortoran  kan akka irraa hafaa nyaataa, fi xurii manaa fudhachuu danda'u. Yeroo kana, taankerii qilleensa hin galchine keessatti  biomass gara mitteenitti geeddara; kunis humna bakka buufamu kan tajaajila akka oo'aa, eleektriikii, fi tajaajilawwan kan biraa hedduu kan injiinii garaa keessatti gubu (internal combustion engine)  fayyadamaniif ooluu danda'a.   

Gaaziin boollaa yeroo wantoonnii jiidhaa ta'an haala ana'erobiikii ta'een tortoran ummama. Kosiin achi keessaa kun kan aguuggamee fi ulfina wantoota isa gubbaa jiraniin kan cafaqame dha. Kunimmoo kosiin sun ooksijiinii akka hin arganne godha, kun dabaree isaatin maayikiroobonni ana'eroobiikii akka achi keessa jiraataniif haala mijataa uuma. Gaaziin kun yeroo ummame yoo qooda isa kuusee qabatu qabaachuu baate, yaa'ee qilleensaatti makama. Gaaziin boollaa haala too'atamaa hin taanen gadi lakkifamu balaafamaa dha sababiinsaas yeroo boolla keessaa yaa'e ooksijiinii wajjin wal argatu dhuka'aa ta'e dhuka'uu danda'a. Dhuka'adhaaf baayinni gad aanaan 5% yoo ta'u baayyinni olaanaan ammoo mitteenii 15%.   

Mitteeniin baayoogaazii keessa jiru, kaarbon daayi'oksaayidii caala dachaa 20 oliin gaazii giriin haawusii ti (green house gas). Kanaafuu, boolli baayoogaazii kan mitteenii calluma jedhee qilleensatti gadi lakkisu, oo'a adunyaatif (global warming) gumaachaa jira. Dabalataan, volatile organic compounds (VOCs) kan boolla gaazii keessaa ba'u, waarrii (smog) footookeemikaalaa uumuu keessattii ga'ee tabata.

Wantoonnii baayoogaazii keessatti argaman mala daaktuu ana'eroobiikii gaazin sun ittiin ummamerratti hundaa'a. Gaaziin boolla keessatti oomishame mitteenii dhibbeentaa 50% qaba. Teeknooloojiin ammayyaa kosii fayyadaman baayoogaazii kan mitteenii naannoo 55%-75% qabu omishu; kunis ri'aakteroota dhanga'aa bilisaa qaban keessatti gara mitteenii 80%-90% tooftaa qulqulleessutti fayydamuun ol guddifamuu danda'a. Yeroo uummamu, baayoogaaziin hurka bishaanii of keessaa qaba. Baayinni hurkaa kan baayoogaazii keessa jiruu kun oo'a baayoogaazii kanarratti hundaa'a. 

Yeroo tokko tokko, baayoogaaziin silookseenii qabaachuu danda'a.  Kunis kan ummamu yeroo wantoonnii saamunaa fi diterjentii keessaa jiran haala ana'erobiik ta'een tortoranidha. Yeroo baayoogaaziin silookseenii qabu bobeeffamu, silkenii gadi lakkisa; silkeniin kun ooksijiinii ykn albuudota gaazii boba'u kana keessa jiran wajjin ri'aaktii gochuu danda'a. Kuusaan siliikaa ykn siliikeetis qabatu ummamuu mala, akkasumas kaalshiyeemii, salfarii, ziinkii, fi foosfarasii qabaachuu danda'a. Kuusaan albuudotaa adii ta'e kun yabbina miliimeetira baayyee ta'e qabaachuu danda'a; keemikaalaa ykn haala mekaanikaalaa ta'een balleeffamuu qaba. Teknooloojiin ittiin silookseenii fi wantoota biraa baayoogaazii faalan gatii salphaadhaan ittiin balleessan ni jira.

Waan baayoogaaziitti naqamu kan ulfinaan 100 kg ta'u keessaa (ulfina jiidhaa - wet weight), jajjaboon ulfina jiidhaa keessaa 30% yoo ta'u jajjaboo bulbulla keessa jiru keessaa 90% ta'uu mala. Pirootiiniin jajjaboo bulbulli sun qabate keessaa 20% yoo ta'u, kaarbohayidireetiin 70% fi faatin 10% ta'a. 

Ameerikaa Kaabaa keessatti, baayoogaazin elektrikii oomishudhaan fedhii elektrikii keessaa 3% kan ta'u dhiyeessa. Dabalataan, baayogaaziin jijjiirama qilleensa addunyaa xiqqeessuu irratti gargaaruu danda'a. Yeroo faltiin horii (kosiin horii walumaagalatti) haala an'eroobiikii ta'e keessatti kuufame, mitteenii baayyeetu uummama. Yeroo kosiin horii kuufamee jiruu fi yeroo lafa qonnaatti naqame, yeroo dinitirifiskeeshiniin geggeeffamu (denitrification process) naayitires oksaayidiinis akka dabalataatti ni uummama. Naayitires oksaayidiin (N2O) kaarbon daayi'oksaayidiin caalaa harka 320n hamaa yoo ta'u mitteenii caala harka 21n hamaa dha. 

Faltii horii haala ana'eroobiikii ta'een bulleessuun gara baayoogaazii mitteenitti jijjiirun, horii miliyoonatti lakkaawwaman kan USA keessa jiran irraa elektiriikii 100 kiilowaat haawors oomishuun ni danda'ama; kunis humna mana miliyoonatti lakkaawwamu tajaajiluu danda'u dha. Gabaabumatti, faltii saani tokko guyyaatti agduu irraa elektrikii 3 kiilowaat haawors ta'u oomishuun ni danda'ama; ampuulii waatii 100 guyyaa tokko guutuu ibsuuf, elektrikii 2.4 kiilowaat haaworsii qofatu barbaachisa. Kana malees, faltii horii akka tortoru gochuurraa baayoogaaziif fayyadamnee mitteenii oomishuun, gaazii oo'a addunyaaf gumaachan meetriik toonii 99 ykn 4% hirrisuun ni danda'ama.  

Baayoogaazin hojii xurii dhangala'aa lafa jala yaa'u keessatti (sewage) humna elektirikii oomishuuf ni tajaajila, akkasumas injiinii gaazii (CHP gas engine) keessattis kanumaaf ni tajaajila. Injiinii gaazii keessatti, oo'i achirraa ba'u bulleessaa baayoogaazii sana yeroo barbaachise oo'isuuf, nyaata bilcheessuuf, bishaan oo'isuuf, naannoo oo'isuuf, fi kkf ni tajaajila. Yoo cafaqame, baayoogaazin GUC (compressed natural gas) bakka bu'uudhaan konkolaataa (vehicle) keessatti tajaajiluu ni danda'a, achi keessatti internaal kombasishin injiiniif (internal combustion engine) ykn fiyuul seeliif (fuel cell) boba'aa ta'a; kana malees, tajaajila dhaabbata CHP keessati kennuu irra caalaa, kaarbon daayi'oksaayidii iddoodhaa hoofuu keessatti ni tajaajila. 

Baayoogaazii dheedhiin kan bulleessaan oomishame mitteenii naannoo 60% fi kaarbon daayi'oksaayidii 29% qaba, harca'aa H2S of keessaa qaba; kun immoo maashiniif tajaajilarraa ooluuf qulqullina ga'aa hin qabu.  H2S amala waan ta'e nyaachuu waan qabuuf (corrosive), keessoo warshaalee nyaatee balleessuu danda'a. 

Mitteenii baayoogaazii keessa jiru sadarka gaazii uummamaatti ol guddisuun mala baayoogaazii ol guddisuutin (biogas upgrader) ni danda'ama. Gaaziin uummama mataansaa tartiiba qulqulleessuu kana keessa darbudhaan baayoomitteenii ta'a. Yoo tamsaasaan gaazii kan naannoo jiru eeyyame, oomishaan baayoogaazii cimdaa tatamsaasa gaazii kan duraan jiru fayyadamuu danda'a. Sadarkaa ujummoodhaan ittiin tatamsaasan bira ga'uuf, gaazin qulqullina guddaa qabaachuu qaba, wanti inni of keessatti qabates sirrii ta'u qaba warri cimdaa tatamsaasa akka fudhataniif. Kaarbon daayi'oksaayidii, bishaan, hayidiroojin salfaayidii, fi waan akka dhukkee yoo jiraate keessa balleeffamuu qaba.     

Malli ittiin baayoogaazii ol guddisan gurguddaa afurtu jira: miiccaa bishaanii,  pressure swing adsorption, selexol adsorption, and amine gas treating.

Malli baayyinaan baayoogaazii ol guddisuun ittiin hojjatamu miiccaa bishaanii yoo ta'u kunis gaaziin dhiibbaa guddaa qabu gara tarjaa yaa'uu fi bakka itti kaarbon daayi'oksaayidii fi wantoonni biraa hin barbaaddamne bishaan gara faallaa baayoogaazitti yaa'un qulqulleeffamu dha. Mala kanaan, mitteenii 98% argachuun ni danda'ama, yeroo kanas mitteenii dhibbeentaa 2% gadi qofatu bada. Sirna baayoogaazii ol guddisuu kana hojjisiisuuf humna oomishamu keessa humna amma 3%-6% ta'utu barbaachisa.   

Giriidii gaazitti naquu jechuun baayoogaazii gara giriidii mitteeniitti (giriidii gaazii uummamaatti) galchuu dha. Sirna tatamsa'ina gaazii uummamaa kana keessatti, aanniisaan badu dhibbeentaa 1% - 2% ta'a. Aanisan sirna elektrikii gurguddaa irratti badu 5% - 8% ta'a.    

Gas-grid injection is the  of biogas into the methane grid (natural gas grid). Injections includes biogas until the breakthrough of micro combined heat and power two-thirds of all the energy produced by biogas power plants was lost (the heat), using the grid to transport the gas to customers, the electricity and the heat can be used for on-site generation resulting in a reduction of losses in the transportation of energy. Typical energy losses in natural gas transmission systems range from 1% to 2%. The current energy losses on a large electrical system range from 5% to 8%.

Yoo cafaqamee fi furdatu (concentrated) godhame, baayoogaazin konkolaataa geejjibaaf fayyaduu danda'a. Baayoogaazii cafaqamaan, biyyoota akka Iswiidin, Siwiizerlaandi fi Jarmanii keessatti ballinaan hojiirra oolaa jira. Baaburri baayoogaazin deemu, kan Biogaståget Amanda (Baabura Baayoogaazii Amanda) jedhamu, biyya Iswiidin keessatti bara 2005 kaasee hojjachaa jira. Baayoogaaziin otomoobilii hoofuf ni oola. Bara 2007tti, addunyaarratti konkolaatonni tilmaamaan 12,000 ta'an baayoogaazii fooyya'adhaan fayyadamuun kan deeman turan, keessumaayyuu Yuurooppi keessatti.   

Baayoogaaziin gosa gaazii jiidhaa fi gaazii kondenseensu (wet gas and condensing gas) kan hurrii ykn waarrii yaa'aa gaazii keessatti qabatu dha. Hurriin kun irra caala hurka bishaanii kan bukkee ujummoorratti qabbanaa'u ykn kan yeroo gaazin yaa'u waliiti qabamu dha. Naannoon baayoogaazii keessaa bulleessitoota bishaan xuraawaa, boolla baayoogaazii, fi lafa itti loon nyaachisan (hidhaa horii kan qadaada qabu) dabalata. 

Meetiroonni yaa'a altiraasoonikii (ultrasonic flow meters) meeshaalee muraasa naannoo baayoogaaziitti safaruu danda'an keessaa isaan muraasa. Meetiroonni yaa'a termaalii (thermal flow meters) nannoo baayoogaaziitti safara amansiisaa kennuu hin danda'an sababiinsaas jiidhni (moisture) dubbisa guddaa baayyee hin jijjiiramne fi yaa'a itti fufuun dabalaa deemu akka agarsiisan godha. Garuu, meetiroonni yaa'aa maasii termaalii (thermal mass flow meters) kan yaa'a baayoogaazii sirriidhaan safaruu danda'an ni jiru, gad bu'iinsa dhiibbaa xiqqoo qofas fidu. Isaan kun jijjiirama jiidhaa kan yaa'aa baayoogaazii keessatti uummamu, kan sababa jijjiirama tempireecheraa kan guyyaa fi kan waqtileen dhufuun hin dogoggoran, jiidha yaa'aa gaazii keessa jiru yaada keessa galchuun safara gaazii gogaa kennu.       




#Article 149: Meeshaalee Niwuukilaaraa (1333 words)


Meeshaan waraanaa niwuukilaaraa dhuka'aa humna isaa ri'aakshinii niwuukilaariiraa argatu yoo ta'u kunis fishiiniii ykn walitti makaa fiyuuzyinii fi fishiinii ta'uu danda'a. Ri'aakshiniin lamaanuu dhuka'aa xiqoorraa humna guddaa uuma. Boombiin fishiinii (boombii atoomikii) kan jalqabaa yeroo dhukaafame humna hanga boombiin TNT toonii 20,000 t'au yoo dhuka'e baasu uume. Boombiin termooniwuukilaaraa (boombii hayidiroojinii) kan jalqabaa yeroo dhukaafame humna hanga boombin TNT toonii 10,000,000 t'au yoo dhuka'e baasu uume. 

Meeshaan waraanaa termooniwuukilaaraa kan kg 1,100 ulfaatu yoo dhuka'e humna hanga boombiin TNT toonii miliyoona 1.2 ol ta'u yoo dhuka'e uumun qixxee uuma. Kanaafuu, meeshaaleen waraana xixiqqoon kan boombii durii hin caalle magaalaa tokko guutummaatti balleessuu danda'a; badiin kunis kan ga'u humna dhuka'aatin, ibidda uummamuu fi raadiyeeshinii ummamuun ta'a. Meeshaalen waraanaa niwuukilaaraa meeshaa jamaa balleessuu jalatti qooddama; kanaaf faayyadamni isaanii fi too'annoon isaanirratti godhamu xiyyeeffannoo walitti dhufeenya biyyoota murteessu ture.   

Meeshaaleen waraanaa niwuukilaaraa Waraana Addunyaa 2ffaatti si'a lama hojiirra kan oolan yoo ta'u yeroo lamaanuu kan itti fayyadame USA dha. Gaafa Hagayya 6, 1945, boombiin niwuukilaaraa kan yuraaniyeemiirraa hojjatame kan maqaansaa Little boy (hiikaansaa mucaa xiqqaa jechuudha) jedhamu biyya Jaappaan magaalaa Hirooshimaarratti darbatame. Guyyaa sadi'i booddee, gaafa Hagayya 9, boombiin niwuukilaaraa kan piluutooniyeemiirraa hojjatame kan maqaansaa Fat man jedhamu magalaa Jaappaan kan biraa kan taate Nagaasaakirratti darbatame. Boombiwwan kun lamaansaanii tilmaamaan ummata naannoo 200,000 ta'u, bayyeensaanii ummataa nagaa kan loltuu hin taane, ajjeese. Shoorri boombiwwan kun lamaan Jaappaan akka harka kennattuuf tabatanii fi itiiksiin (ethics) fayyadama isaanii hanga harraatti beektotaa fi ummata biratti mataduree moormii ti. 

Erga Hirooshimaa fi Nagaasaakin rukutamanii booda, meeshaalen waraanaa niwuukilaaraa wayita kuma lamaa ol yaalii fi agarsiisaaf dhukaafamaniiru. Addunyaarratti biyyoota muraasa qofatu meeshaa waraanaa niwuukilaaraa kana qaba ykn qabaachuuf hawwa. Biyyoonni meeshaa kana dhukaasuun isaanii beekkamee fi qabaachuu isaani ifa baasanii beeksisan USA, Tokkummaa Sooviyeetii (ammammoo Raashiyaa), Yunaayitid Kingidem, Firaansi, Chaayinaa, Indiyaa, Paakistaan, fi Kooriyaa Kaabaati. Isiraa'eel meeshaa kana qabdi jedhamee kan amanamu yoo ta'u biyyittiin garuu qabaachuu ishii ifatti hin beeksifne. Afrikaan Kibbaa, meeshaa waraanaa niwuukilaaraa kana oomishtee kan turte yoo ta'u erga sirni appaartaayidii kufee booda meeshaa kan balleessitee jirti, itti aansunis waliigaltee meeshaalen niwuukilaaraa akka hin baballanne godhu kan 'Nuclear Non-Proliferation Treaty' jedhamu keessatti miseensa taateerti. Akka Federeeshinii saayintistoota Ameerikaa tilmaametti, walumaagalatti addunyaarra bara 2012tti meeshaalen niwuukilaaraa 17,000 ta'u kan argamu yoo ta'u kana keessaa kan 4,300 ta'an waraanaaf qophii ta'anii kan taa'anidha.

Meeshaa waraanaa niwuukilaaraa gosa lamatu jira: kanneen humna isaanii isa guddaa ri'aakshinii fishiinii niwuukilaaraa irraa argatanii fi kanneen ri'aakshinii fishiiniitti fayyadamanii fiyuuzyinii akka jalqabu gochuun humna isaanii isa guddaa fiyuuzyiniirraa argatanii dha.

Meeshaaleen waraanaa niwuukilaaraa amma jiran hundi isaanii humna isaanii amma tokko ri'aakshinii fishiinii niwuukilaaraa irraa argatu. Meeshaalen humna dhuka'aa isaanii guutumaan guutuutti ri'aakshinii fishiinii irraa argatan atoomiik boombii jedhamanii waammamu (Ingliffaan A-bombs ni jedhamu). Maqaan kun garuu dogoggorsaa dha sababiinsaaas humna isaanii isa guddaa atamiirraa odoo hin taane niyuukilasii irraa argatu.  

Meeshaalee fishiinii keessatti, wantoonni fishiiniidhaaf itti fayyadaman (piluutooniyemii ykn yuraaniyemii gabbatee) yeroo omishaman 'supercritical mass' ol ta'anii hojjatamu - 'supercritical mass'n baayyina wantoota fishiinidhaaf fayyadan kan ri'aakshinii niwuukilaaraa wal qabataa (nuclear chain reaction) umuuf barbaachisu dha. Kunis qaama meeshaa fishiinii isa tokkoo isa kan biratti akka bu'u gochuun (mala rasaasaa) ykn dhuka'aa keemikaalaatti fayyadamuun meeshaan fishiinii akka inni walitti cafaqamu gochuun (mala implosion) ta'uu danda'a. Malli inni lammaffaan mala isa duraa caalaa ulfaata yoo ta'u yoo wanti fishiiniidhaaf itti fayyadamnu piluutooniyeemii ta'e, malli nuti itti fayyadamuu dandeenyu kana qofa.   

Meeshaa waraanaa niwuukilaaraa hundumaa saxaxuu keessatti wanti ulfaataan, boombiin sun odoo hin dho'in dura wantoota fishiiniif itti fayyadamu sana bayyee isaa akka nyaatu (consume) gochuu dha. Humni boombiin fishiinii yoo dhuka'e ummamu gara gara yoo ta'u kunis humna TNT toonii 1n qixxaatuu hanga TNT toonii 500,000 qixxaatuu ta'uu danda'a.   

Ri'aakshiniin fishiinii hundi bu'aa fishiinii uuma, kunis haftee niyuukilesii atamii kan raadiyoo'aaktiivii ta'e kan ri'aakshinii fishiinitiin addaan cabeti. Bu'aaleen fishiinii baayyeensaa garmalee raadiyoo'aaktiivii (garuu yeroo gabaabaa kan turu) ykn raadiyoo'aaktiivii giddu galeessa(garuu yeroo dheeraa kan turu) dha. Kunis yoo too'atamuu baate fallama raadiyoo'aaktiivii hamaa fiduu danda'a.     

Meeshaalee waraanaa niwuukilaaraa hojjachuuf yuraaniyemii-235 fi piluutooniyemii-239 tti fayyadamu. Kan yeroo muraasa qofa itti fayyadaman ammoo yuraaniyemii-233. Neeptuuniyeem-237 fi ayissootooppiin ameerikem tokko tokko dhuka'aa niwuukilaaraa hajjachuuf hojiirra ooluu kan danda'u yoo ta'u garuu boombin albuudota kanatti fayyadamuun hojjatamee beekkamuun isaa shakkii keessa jira, sirumayyuu albuudonnni kun meeshaa niwuukilaaraa hojjachuuf tajaajiluun isaaniyyuu moormii sayiinsii ta'ee jira.  

Meeshaalen waraanaa niwuukilaaraa gosti biraa humna isaanii isa guddaa ri'aakshinii fiyuuzyinii irraa argatu. Meeshaalen kun walumaagalatti meeshaa termooniwuukilaaraa ykn boombii hayidiroojinii (H-bomb) jedhamu; sababiin isaan boombii hayidiroojinii jedhamiifis humni isaanii fiyuuzyinii ayissootooppii hayidiroojinii (deuterium and tritium) irratti waan hundaa'ufi. Meeshaalen kun humna baayyeesaa, yeroo tokko tokko ammoo isa guddaa, ri'aakshinii fishiinii irraa argatu. Kunis meeshaalen fiyuuzyinii ri'aakshinii fiyuuzyinii jalqabuuf waan isaan kakaasu waan barbaadaniif, ri'aakshinii kana jalqabsiisuuf fishiiniitti fayyadamu; ri'akshiniin fiyuuzyinii mataasaatin ri'aakshinii fishiinii dabalataa kakaasa.    

Addunyaarraa biyyoota ja'a, isaanis USA, Raashiyaa, Yunaayitid Kingidem, Firaansi, fi Indiyaa qofatu yaalii meeshaa waraanaa termooniwuukilaaraa geggeesse (kan Indiyaa garuu mormii kaasisa). Meeshaalee termooniwuukilaaraa saxaxuunii fi oomishuun meeshaalee fishiinii oomishuu caalaa baayyee ulfaataadha. Meeshaaleen waraanaa niwuukilaaraa harra jiran hundi isaanii kan termooniwuukilaaraa ti, sabaabiinsaas irra caalaa humna waan qabaaniif (more efficient).   

Boombiin termooniwuukilaaraa, humna boombii fishiiniitti fayyadamuun boba'aa fiyuuzyinii cafaquu fi hoo'isuudhaan hojjata. Kana gochuuf, saxaxa Teeler-Ulaam  kan hayidiroojiin boombii gurguddaa hojjachuuf itti fayyadaman keessatti, boombii fiishiinii naannoo boba'aa fiyuuzyinii kaa'un hojjatama. Yeroo boombiin fishiinii dhuka'u, carallaan gaammaa (gamma rays) fi carallaa-eksii (X-ray) gadilakkifamu jalqaba boba'aa fiyuuzyinii walitti cafaqa (compress), itti aansun sadarkaa termooniwuukilaaraatti hoo'isa. Ri'aakshiniin fiyuuzyinii kanarraa ka'ee ummamu niyuutiroonii saffisa guddaa qaban hedduu uuma, kun immoo itti aansee meeshaalee biraa fishiinii keessa akka galu godha, kan akka yuraaniyeemii xuuxxamee. Isaan kun lamaan marsaa jechuun beekkamu; boombiin fishiinii marsaa duraa yoo ta'u, boombiin fiyuuzyinii ammoo marsaa lammataa ti. Hayidroojiin boombii gurguddaa fi kan huma meeggaa-toonii ta'u qaban biratti, humna isaanii keessaa walakaa ol fishiinii yuraaniyeemii  hin gabbatin  kan marsaa dhumaarraa argata.     

Meeshaaleen termoniwuukilaarii harra hojiirra jiran hundi kan saxaxa marsaa-lama armaan olitti ibsame kanatti fayyadamuun hojjatamani. Haa ta'u malee, marsaa fiyuuzyinii dabalataa itti dabaluun ni danda'ama - marsaan inni tokko boba'aa fiyuuzyinii kan marsaa itti aanuu fi kan marsaa isa ammaarra bayyee guddaa ta'e bobeessa. Tooftaa kanaan meeshaa termooniwuukilaaraa humni isaa kan daangaa hin qabnee hojjachuun ni danda'ama; meeshaan fiishinii garuu, akka termoniwuukilaarii odoo hin taane, humni isaanii murtaa'aadha. Meeshaan niyukilaaraa inni guddaan kan dhukaafamee USSRn yoo ta'u maqaa isaas Zaar Boombaa (Tsar Bomba) jedhama. Zaar Boombaan yeroo dhukaafamu, humna yoo TNTn toonii miliyoona 50 ol ta'u dhuka'e uumu wajjin kan wal qixxaatu uume. Zaar Boombaan marsaa sadi'i qaba ture. Meeshaalen waraanaa termooniwuukilaaraa baayyeen isaanii garuu kanarra bayyee xiqqaatu, sababiinsaas misaayeliin (missile) baattamanii deemuuf guddinni isaanii fi ulfinni isaanii xiqqaachuu qaba.

Ri'aakshiniin fiyuuzyinii bu'aa ri'aakshinii fishiinii hin uumu, kanaafuu harca'aa niwuukilaarii yeroo fishiinii ummamu baayyee hin uumu. Haa ta'u malee, meeshaaleen termooniwuukilaarii hundi yoo xiqqaate fishiinii marsaa tokko waan qabaniif, fi warri olaanaan ammoo fishiinii akka marsaa dhumaatti waan qabaniif, meeshaaleen waraanaa termooniwuukilaarii harcaa'aa niyukilaaraa hanga fishiiniin qofti uumu uumuu danda'u.

Meeshaalen niwuukilaaraa gosti biras ni jira. Fakkeenyaaf, meeshaan fishiinii didhame dhuka'aa fishiinii kan humnasaa karaa ri'aakshinii fiyuuzyiniitin ol guddisu yoo ta'u garuu dhuka'aa fiyuuzyinii miti. Dhuka'aa didhame kana keessatti, niwuutiroonin ri'aakshinii fiyuuzyiniin uummamu, irra caalaa humna dhuka'aa fishiinii ol guddisuuf tajaajila. 

Dhuka'aan tokko tokko tajaajila addaatif hojjatmau; dhuka'aan niwuutiroonii meeshaa termooniwuukilaaraa kan dhukaasa xinnaa uumu yoo ta'u garuu raadiyeeshinii niwuutiroonii guddaa uuma; meeshaalen akkasii namarraan miidhaa guddaa kan ga'an yoo ta'u buurmisooma garuu hin miidhu, harca'aa niwuukilaaraas ni xiqqeessa. Meeshaa niwuukilaaraa gosa kamiyyuu dhukaasuun raadiyeeshinii niwuutiroonii guddaa uuma. Meeshaalee niwuukilaaraa wantoota akka warqee fi koobaaltiin yoo marame dhuka'aa salted bomb jedhamu uuma. Dhuka'aan akkasii kun faallama raadiyeeshinii baayyee olaanaa ta'e uumuu danda'a.  

Qorannoon adda addaa meeshaalee fiyuuzyinii qofaa (pure fusion bombs), meeshaalee niwuukilaaraa kan dhuka'aa fishiinii odoo hin barbaadin fiyuuzyinii qofatti fayyadamanii hojjatan, oomishuuf godhamaa ture. Meeshaalen akkasii karaa salphaa meeshaalee termooniwuukilaaraa, kan meeshaalee fishiinii malee hojjatu, oomishuuf gargaara. Meeshaalee fiyuuzyinii qofaa harca'aa niwuukilaaraa xiqqaa uuma, sababiinsaas harca'aa fishiinii waan hin qabneefi. Mootummaan USA qarshii baayyee baasee meeshaalee fiyuuzyinii qofaa qorachaa kan ture yoo ta'u garuu meehsaa kana oomishuuf hin dandeenye. 

Garaa garummaan saxaxa meeshaalee niwuukilaaraa adda addaa gidduu jiru humna dhuka'aa gara garaa akka kennaniif waan hojatamanii fi guddina meeshaa niwuukilaaraa hirrisuuf jijjiirama saxaxaa godhamuuni. 




#Article 150: Waldaa Qorannoo Oromoo (218 words)


Waldaan Qorannoo Oromoo (WQO) dhaabbata qorannoo bu'aaf hin dhaabbanne yoo ta'u hayyoota Oromoo fi miti-Oromoo ta'aniin Oromoorrattii fi waan Oromoo wajiin wal-qabaturratti qorannoo geggessuuf kan dhaabbate dha. WQO dhaabbata barnootaa kan sadarkaa addunyaa (international academic organization) qorannoo fi galmeessuu seenaa fi aadaa Oromoo irratti xiyyeeffatee kan hojjatudha. Dhaabbanni kun kan hundeeffame hayyoota beekkumsi ummata Oromoorratti jiru xiqqaachuun ykn dhabamuun isaa isaan yaaddesseeni.     

WQO akka dhaabaatti of danda'ee kan dhaabbate bara 1990ti. Bara kana bu'ureffamuu dhaaba kanaatif piroppoozaalin dhiyaatee kora wagga kan Tokkummaa Oromootaa Kaaba Ameerikaa (Union of Oromos in North America - UONA) irraatti mari'atame. Bara 1991tti, dhaabni kun Dr Ismaa'el Abdallaa dura bu'aasaa jalqabaa gochuun file. Dr Ismaa'el dhaaba kana hanga 1992tti kan tajaajilan yoo ta'u dhaabni kun TOKA(UONA) jalaa ba'ee dhaaba of danda'e akka ta'u gochuu keessatti ga'ee guddaa tabatan.       

WQO bara 1990 of haa danda'u malee, qorannoon Oromoo kora waggaa kan Tokkummaa Oromootaa Kaaba Ameerikaa (UONA) irratti sana duralee dhiyaachaa ture. Qorannoon jalqaba waa'ee Oromoorratti sadarakaa idila addunyaarratti dhiyaate kan jalqabaa bara 1984 Dhaabbata Qorannoo Aafrikaa (African Studies Association - ASA) konfaransii wagga irratti ture; kunis magaalaa Loos Aanjelesitti godhame. Milkaa'ina konfaransii kanarratti argameen jajjabaachuun, bara 1985 kora waggaa TOKA (UONA) irratti qorannoon adda addaa waa'ee Oromoo irratti yeroo jalqabaaf dhiyaate. Haaluma kaanaan waggaa waggaadhaan hanga bara 1990tti itti fufe.          

WQO kayyoowwan armaan gadii qaba:




#Article 151: Aartii Oromoo (190 words)


Aartiin Oromoo akkuma kan faranjootaa bara hedduu dura jalqabuutiin, dheerina umurii kan warra Awurooppaa gadii kan qabu miti.  Adda addummaan Aartii faranjiifi Oromoo, kan faranjii barreeffamaan yookaan bakka bu'aa yaadaatiin dhihaachaa turuusaati. Kan Oromoo ammoo afaaniin yookaan afoolaan daddarbaa dhufuu isaati. 
Oromoon saba jireenyasaa aartiin wal simsiisee jiraatudha. Aartii muuziqaa, aartii walaloo, aartii bobbocaafi aartii argaati. Qarooma sirna Gadaa irraa kaasee, meeshaalee Aadaa Oromoon itti fayyadami hedduun isaa kanneen aartiidhaan bocamanidha. Sirboota garaagaraatti maqaa baasuudhaa, Mararoo, Geerersa, Mirriga jechuun aartii walaloo guddaa saba qabudha. Shubbisa /dalaga/ irrattilee dha'aa garaagaraa 20 ol ta'u saba qabudha. Gelloo, Kumkummee, Washabaa, Ragada, Dhiichisa, Shobotee, Shaggooyyee, Gadtumee, Tirrii, Sidaamee, Hammisafi Shubbisa saba qabudha. Gama aartii Asoosamaatiin illee, Afoolota garaagaraa bifa adda addaatiin, Sheekkoo, Oduu durii, Mammaaksafi Raagamtaa jedhee qoodee qaba.
Aartii ammayyaa keessattis, Tiyaatira 1957 Mata duree 'Barumsa' Barreessaan Maammoo Mazammir
'Bara Birraan Bari'e' Haayilee Fidaa, bara 1973. 
Gama Asoosamaatiin, 'Bu'aa Caafuu Beekuu' Asteer Gannoo bara 1896
Kuusaa Gadoo, Gaaddisaa Birruutiin 1983.
'Hursaa' Luba Dafaa Jamoo 1966
Godaannisa, 1984, Dhaabaa Wayyeessaa
Hawwii, 1995 Isaayyas Hordofaa

Biliqa 1972= Abdii Xa'aa
Anaaniyaa= Asafaa Jaallataa
Gama Aartii bobbocaatiin,
Jaarraa hedduu dura, Siidaa Piraamedootaa, Aaksum, Laalibalaafi kkf bocuun beekama.




#Article 152: Nyaata aadaa Oromoo (172 words)


Nyaata aadaa Oromoo nyaata ummata Oromoo biratti beekkama ta'ee kan dhaloota keessa darba dhufe. Nyaatni aadaa ayyana, cidha, qophii fi yeroo adda addaa irratti ni dhiyaata. Nyaanni akka marqaa, ittoo fi qorii Oromiyaa maratti beekkamus, kan naannoo garii qofa keessa beekkamus jira.     

Nyaata aadaa Oromoo yeroo hunda nyaatamu fi kan waqtii addaa nyaatamu jira. Nyaata yeroo hunda nyaataman kan jedhaman nyaata ummanni Oromoo gannas ta'ee bona, birraas ta'ee arfaasa nyaatu fi yeroo baayyee mana keessatti kan qophaawuudha. Fakkenyaaf, buddenaa baadudhaan ykn ittoodhan nyaachuu, akaawwii, buddena/maxinoo aannaniin/itittuun nyaachuu fi kkf. Nyaanni akka addaatti nyaatamu nyaata yeroo baayyee hin qophhofne fi kan akka addaatti yeroo muraasa qofa qophaawu. Akka fakkeenyaatti, ancooteen nyaata ayyaanarratti nyaatama. Nyaanni akka cuukoo, qorii, gorsoddoma, fi kkf ammo yeroo fira dubbisuuf deeman kan firaaf/nama jaalataniif fuudhanii dhaqani dha. Nyaanni akkasii kun mana keessatti maatin akka nyaatuuf baayyee hin qophaawu.  

Nyaannii aadaa Oromoo baayyeensaa dhadhaa of keessaa qaba. Kun immoo Oromoon loon waan sirriitti qabuuf, dhadhaadhaan nyaata isaa miyeessee nyaata.     

Nyaata aadaa Oromoo beekkamaan keessaa:

aadaa saba guddaa

Gulaalan Mubarik gidi




#Article 153: Ogbarruu (253 words)


Ogbarruun (og-barruu) hojii kalaqa ilma namaa dhugaa hawaasa keessa jiru bu’ureeffachuun akkaataa miidhagina qabuun haala aartiin kan dhiyaatuudha.

Ogbarruun afoolaas ta'e, barreeffama amaloota nama bashannansiisuu, barsiisuu, kakaasuu, koofalchiisuu, qirqiirsuu, gaddisiisuu, gammachiisuu, amansiisuufi kkf of-keessaa qabuudha.  Akka Zarihuun jedhutti, ogbarruun waan barreeffame mara qofa osoo hin taane kan afaaniin darban afoola kanneen akka walaloo fa’aa ni dabalata. Ogbarruu ilaalchisuun Asaffaan akka lafa kaa’eetti, safuu fi falaasama hawaasummaan kan itti dhiyaatuudha. Hojii kalaqaa kamiyyuu keessatti yoo dhimma hojii sanaa isa gooroo hin ta’iin , dhimmi rakkina safuu osoo hin ka’iin hin hafu. 

Hayyoota garaagaraan jechi Afaan Ingiliish  jedhu Afaan Oromootin ogbarruu jedhamee hiikame. Haata’u malee jechi ogbarruu ogummaa barreeffamaa ta'uu bu'uureffachuun, barreeffama qofaaf kan jedhani mormanis jiru.

Ummanni Oromoo ogbarruu ofii qaba. Ogbarruu fayyadamuun haala jiruu fi jireenya isaa ibsata. Ogbarruun Oromoo yeroo gara yerootti suutan dagaagaa kan dhufeedha. Haala guddinaafi dagaagina ogbarruu Oromoo keessatti, dhiibbaa mootummoonni darban biyya keenya bulchaa turan irraan ga'an irraa kan ka'e afaanichi carraa afaan hojii, afaan barnootaa, afaan sab-qunnamtii, afaan qorannoofi qo'annoo akkasumas carraa afaan barreeffamaa ta'uu sadarkaa eegameen argachaa turu dhabuun qancaruu danda'e. 

Qorannaan ogbarruu jala bu’ee fayidummaa isaanii fi dadhabinna isanii saaxilee kallattii ifaa ta’e akeekus baay’ee xiqqaadha. Fakkeennaaf sadarkaa digirii sadeessootti, ogbarruu Oromoo irratti qorannaan hojjataman keessa kan Dr. Addisuu Toleessaa geerarsa Oromoo irratti hojjatan, kan Dr. Taaddesee Jaalataa afoolaa fi tapha ijoolle Oromoo Gujii irratti hojjatan, kan Dr. Asafaa Teferraa ogwolaloo diddaa Oromoo Salaalee irratti hojjatan fi biyya keessa Yuunivarsitoota Finfinne (Dr. Xilahuun Taliilaa, Dr. Teshoomee Egeree, Dr. Destaa Dessalenyii) fi Yuunivarsiti Jimmaa kan eeramaniidha.




#Article 154: Waaqeffannaa (853 words)


Waaqeffannaan sirna amantii Waaqa tokkichatti amanuu fi lubbu qabeessi hundi isaan uummamuu fudhachuu dha. Waaqeffanaan amanii sanyii Kuushi hundaa ti, Oromoos dabalatee. Oromoonni waggaa kuma hedduudhaaf waaqeffannaatti bulaa turan.

Akka Waaqeffannaatti, uummama hundaaf, Waaqni Ayyaana kenneeraaf. Ayyaanni Waaqaa fi uumama gidduutti akka riqichaatti ilaallama, akkasumas fedhii Waaqaa akka isaanitti agarsiisuutti fudhatama. Ayyaantuun nama Ayyaana wajjin dubbachuu danda'uu fi amantoonni seera, duudhaa fi qabeenya Waaqaa akka eeganiif geggeessummaa kennani. Waaqni uumamuu fi jiraachuu Ayyaana, lubbu-qabeessaa fi lubbuu-dhabeessaa, wantootaa fi al-wantoota hundaa too'ata, akkasumas madaallii Waaqaa fi lafaa sirreessa.   

Waaqeffannaa keessatti, Waaqayyoo namoota waliin kan walqunnamu karaa ayyaanaati. Dureewwan amantii akka bakka bu’oota Waaqaatti ilaalamu. Akka Waaqeffannaatti, Waaqayyo ayyaanota kana laggeen, tulluuwwanii fi mukkeen guguddoo keessa kaa’eera. Kanaaf bakkeewwan ayyaanonni jiraatan lafa eebbifamoo fi kabajamoo jedhamanii amanamu. Bakkeewwan eebbifamoon kunneen bakkatti namoonni amantii itti gaggeeffatan, wareeggatanii fi Waaqa itti kadhataniidha.

Ayyaaneffataa Oromoo keessatti, ayyaanota amantii baay'eetu jira.  

Barruu Guddaa Moggaasaa

Ammachiisa guyyaa itti daa'ima reefu dhalatte maqaa moggaasanii fi eebbisani. Kunis maqaa moggaasaa jedhama.

Boorantichi (Nabi/Booranticha) Ayyaana warri abbootii (ayyaana dhiira warra mana bahee) waggaa keessatti yeroo tokko akka amantiitti maatiin ykn balballi tokko qe’ee angafaatti walgahee kabajudha. Guyyaa kabajaa ayyaana kanaa mijuu fi dhangaan qophaahu gosa adda addaatu jira. Yeroo fi akkaataan itti kabajamu naannoo naannootti xiqqoo addummaa qabaatus jifuu fi duudhaan guutamuu qabu tokkuma.

Barruu Guddaa Ateetee

Ateeteen ayyaana haadhaati. Ayyaana dubartii fi hormaataati. Oromoon kan dhugeeffatu, Ateeteen ayyaana sanyii fi hormaataa kan dubartiin facaafattu. Dubartiin ayyaana kana kan facaafattu ayyaanni haadha ishee, isheefis tolee akka dhala ishee qajeeluuf uumamaan Waaqa kadhatti. Ateeteen  Saddeetatti kabajamti. “Saddeettan Ateetee jedhama”. Kana jechuun  waggaa lamatti al tokko kabajamti. Birraa keessa ykn yeroo midhaan (jarmiin) alaa walitti qabamee galu, ykn Arfaasaa yeroo roobni roobee margi dagaagee loon quubse, ykn yeroo sanyiin faca’uu jalqabu ta’a. Ateeteen Loon mataa ishii qabdi. Loon Ateetee jedhamu. Dhadhaa finnan loon sanaatiin  sirna Ateetee bulfatu. “Waan hundi Faanshoo Ateeteeti” jedhu’ Ateeten ayyaana hormaataa haa taatu malee, irra jireessi Ishii bal’inaan aadaa calaqqisiisa.

Wadaajo/Wadaaja

Wadaaja jechuun firummaa, aantummaa, wal mararfachuu, walii yaaduu, walii birmachuu jechaadha. Kanas warra ykn maatii tokkotu bulfata. Guyyaa kana ayyaantuu warra dhahaa fi faaruu ayyaana kanaa beekan afeeruun Waaqa isaanii kadhachaa, faarfachaa, galateeffachaa bulu. Ayyaanni kun bakka tokko tokkotti ayyaana ” jaalaa” ni jedhama. Ji’a ji’aan ta’uu danda’a, Waggaatti ala lama ykn tokkos ta’uu ni danda’a.

Ayyaana Irreecha Malkaa fi Tulluu

Irreechi sirna aadaa Oromoo gamtaadhaan tulluu fi malkaa irratti ba’anii waaqa kadhatanii, faarfatanii fi galateeffatan. Karaa biraatiin Irreecha yemmuu jennu hiika (yaada) birootis niqaba. Kunis marga ykn coqorsa sirna ayyaaneffannaa tokkoof ykn araaraaf yoo deemamu harkatti qabatamus ni ibsa. Akkasumas hiikoo gara warra waa beeku bira deemanii namaaf himamu tokkoof kaffaluu (galchuu) ta’uu danda’a. Akkasumas Irreessa jechuun aangessuu jechuus nita’a. Ayyaanni Irreechaa waggaatti yeroo lama Birraa fi Arfaasaa kabajama.

Taaboree/Ukee

Ayyaanni kun ayyaana ijoollee dhiiraa kan ganni isaanii waggaa 16 gadii ta’an waggaatti altokko kabajani. Guyyaa ayyaana kanaa mijuu fi cunqoo qophaa’eef erga soorratanii eebbifatanii booda dirreetti waliin bahuun Qaccee dhukaasu ykn wallaansoo taphatu. Yeroo fi akkaataan ayyaanni kun bakka adda addaatti kabajamu gargari ta’uu nimala. Kanaaf qorannoo barbaachisa.

Ingiccaa/Qunnii darbaa

Ayyaani kun ayyaana ijoollee dubraati. Waggaatti yeroo tokko walitti dhufanii ayyaaneffatani. Guyyaa jala bultii ayyaana kanaa dubri ollaa waliin miidhagdee  gara lagaa ykn dirreetti bahuun gosa margaa Qunnii jedhamu buqqifatu. Yeroo dhaqaa fi galaa sirboota ykn wallee wallisan niqaban. Galgala isaa Qunnii buqqifatanii manatti galan sana battee dhahu. Inni dhahame kun Ingiccaa jedhama. Ganama isaa ingiccaa kana akkuma duraa gurmuun waliin ollaarra deemuun Ingiccaa utubaa ykn gorroo manaatti hidhu. Yeroo kana dhangaa adda addaa afeeramuun dhadhaas muudamanii eebba fudhatu. Xumurarra Galma Ayyaanaa ykn waltajjii tokkotti walgahanii gamtaan sirna ayyaana kanaa sirbaa fi wallee gara garaan kabajanii oolu.

Gannii/Qillee

Ayyaanni kun ayyaana looniin beekama. Bakka tokko tokkotti ammoo akkuma ayyaana biraatti fudhatama. Gara Maccaatti akkitti beekamuu fi Tuulama keessatti akkasumas naannoo gara kibbaa fi bahaatti adda adda ta’uu danda’a. Guyyaa ayyaana kanaa mooraa looniitti marqaa marquun itti facaafatanii hormaata isaaniif eebbisu. Akkitti waanti kun raawwatu hedduu fi bal’aadha. Guyyaa kana Qillee  fi Gugsii fardaa taphachuunis ni beekama.

Kana malees ayyaanotii guyyaa lafaa (ayyaana dachii), guyyaa sanyii (jaarii) fi kkf hedduun kan maqaa hin dhahiin godinoota Oromiyaa garaagaraa keessatti yeroo adda addaatti kan kabajaman nijiran.

Oromoo Waaqeffattoonni gaafa ayyaanota adda addaa kabaju Waaqa galateeffachuu fi waaqeffachuuf ni eebbisu. Kunis waqtiilee adda addaatti geggeeffama. Eebbifannaanii fi Waaqeffachuun hojii Waaqeffannaa keessaa tokko.  

Eebbifannaa muraasa:

Oromoon ayyaana eebbaa baayyee qaba. Oromoon waan jireenya isaa wajjin walqabatu hundumaa ni eebbisa. Fakkeenyaaf:

Gatiin cubbuu asuma jireenya isa ammaarratti nama ga'a, jireenya isa du'a boodderratti odoo hin taane. Waaqayyo namoota cubbuu hojjatan adabuuf sihoolin inni qopheesse hin jiru. 

Oromoonni waaqaeffattoonni hammeenyi fi rakkinni lafa kanarratti namarra ga'u sababa hojii yaraa namoonni hojjatanii fi murtii dogogoraa isaan murteessanirraa kan ka'e dhufa jedhanii amanu, kana jechuun bu'aa cubbuu namoonni hojjataniiti jechuu dha.

Hojiiwwan gimbii keessatti hojjataman keessaa:

The Seemaa provides guidance not only on ‘religious matters,’ but addresses every aspect of life, including issues of social justice, politics, trade, international relations, family life, domestic and wild animals’ rights, ecosystem.

Seema prohibits lying, stealing, cheating, betraying, dishonesty to one’s parents and to one’s fellow human beings, drugs, alcoholism, gambling and exhibition of unethical and immoral behaviours against the prescribe social norms among others.




#Article 155: Gumii Waaqeffattoota Addunyaa (956 words)


Gumii Waaqeffattoota Addunyaa (GWA) garee amantii Waaqeffannaa yoo ta'u kan dhaabbates bara 2008 biyya Noorweyiti; dhaaba kan kan dhaabe baqattoota Oromoo biyya Nooweyi jiraatani. Dhaabbachuun GWA beekkumsaa fi ogummaa Waaqeffannaa keessa jiru addunyaattii beeksiisuu fi furmaataa hafuuraa, dhuunfaa, fi hawaasummaa addunyaaf akka kennuufi ochuu fi.  

Ummanni Oromoo, kan waggaa dheeraa dura waaqa akka uumaa hundaa fi ajajaa hundaa ta'uu isaa bare, ummata Aafrikaa keessatti qofa odoo hin taane ummata addunyaa biratti amantii Waaqa tokkotti amanuu (monotheism) kan jalqaban keessaa tokko.  

The Oromo people, who had long ago recognized Waaqaa as the only Supreme Reality, the Creator of everything, could be one among the earliest peoples not only in Africa but also in the world, to develop the doctrine of monotheism. Thenceforth, Waaqeffannaa as a religion, as a religious thought, and as a religious practice of the Gadaa-organized Oromo people, sprung out of the Oromo concept of Waaqaa. As a public affair, Waaqeffannaa is manifested by Oromummaa-being Oromo as part of the cultural domain of the Gadaa Oromo Society.

Since the emergence of Waaqeffannaa as a public religious affair, the Waaqeffattootaa have been organizing Irreechaa, “Thanksgiving Ceremony”, near a body of water (lake, spring, crater, or stream) or at the Galma of the Qaalluu-spritual hut which resembles church or mosque, every year. The ceremony is conducted by offering thanks and greeneries to Waaqaa, Who helped them, pass through the ‘dark’ rainy winter season to the bright sunny season, which begins to shine in the month of Fulbaanaa, September, the time crops and plants are furnishing colourful flowers.

In spite of problems confronting the Oromos in course of their history, interaction with other peoples, voluntary or involuntary conversion to the ´written´ religions of the Muslim and Christian worlds, Waaqeffannaa continues to offer pertinent answers to its adherents. Waaqeffannaa has made remarkable contributions in conflict resolutions, in making peace, in maintaining social harmony, in defending the Gadaa-based moral qualities of the Oromo families, in shaping the behavioral system of the Oromos (from blessing ceremonials to etiquette of socializing), and in bestowing socially meaningful names upon the newly born Oromo children.

Therefore, the establishment of the Group of Waaqeffannaa Assembly- GWA is to serve the true Waaqeffannaa religion based on the Will and the Laws of Waaqeffannaa knowledge and wisdom, moral judgments and human compassion by respecting and deeply exploring the values of the indigenous religions, cultures and ethic for the religions of the indigenous peoples of African origin to satisfy their needs. GWA has also an objective of promoting the teachings of Waaqeffannaa creeds, based on the Rules and the Principles of Waaqeffannaa, the Right Path to Gaarummaa, and the Avenue of Peace to the rest of the world. Thus, the rationale behind the establishment of GWA by taking into account the beneficial role of an indigenous religion is to re-cultivate and promote the positive roles of Waaqeffannaa and Gadaa in protecting Namummaa (Humanity) throughout the world.

Mul’annoon Gumii Waaqeffattoota Addunyaa amantiin Waaqeffannaa golgaa keessaa bahee, dagaagee, babal’atu arguudha. Waaqeffannaa takaallaa irra ture keessaa baasee dagaagsuu fi babal’isuufis Gumiin Waaqeffattoota Addunyaa waan danda’u mara ni hojjata.

The primary mission of the GWA is the realization of Waaqeffannaa religion for the betterment of Namummaa (humanity), moral judgments and human compassion based on the Rules and the Principles of Waaqeffannaa, the Right Path to Gaarummaa-being kind, and the Avenue of Peace to attain modesty, honesty, happiness, and Peace by respecting and deeply exploring the values of the indigenous religions.

Waaqeffannaa promotes and cultivates the Will of Waaqaa for the betterment of human being. It is also based on the Rules and the Principles of Waaqeffannaa, the Right Path to Gaarummaa, and the Avenue of Peace to attain Gaarummaa, happiness, and Peace.

According to Waaqeffannaa principle, a cheeky person of sneaky behavior, a counterfeiter, and a renegade, a socially inconsiderate, selfish and deceptive person is understood as existing against the Law of Waaqaa. Hence, Waaqeffannaa refrains from approving a ‘certificate of integration’ into the religious life of Gadaa Oromoo Families. No one can ever trust such person as a faithful citizen of the Republic of Gadaa Oromoland .

Waaqeffannaa rather adheres to teaching human compassion, conformity to facts of truth, respect to the Law of Waaqaa, honesty to the legitimacy of social taboos, fairness to individual and public opinions, care for strangers, and hospitality to foreigners.

Waaqeffannaa teaches its followers to abhor practices like persecution, ostracizing and segregation of man by man because of differences in faith, language, ethnicity, hair texture, physical character, skin colour, height or weight.

Waaqeffannaa always advocates honesty, modesty, truth, purity and humanity as inherent qualities of the Gadaa-based Oromo Society, which can lead them to successful achievement for the endeavors they are constantly undertaking.

Waaqeffannaa teaches the abhorrence of the root causes that emit cataclysmic social disorders and defile the established social norms with which the Oromos have been living in the longest period of their history, when they stood in the light of Seera Waaqaa and Safuu.

As GWA is established to promote and cultivate these Waaqeffannaa Rules and Principles, its guiding values and principles’ are also emanates from and based on the Holy messages, the everlasting Laws and Principles of Waaqaa. More specifically, the values of the Group of Waaqeffannaa Assembly are:

These and other messages of Waaqaa are believed to have been delivered through the mouth of the first Qaalluu, who had been anointing Waaqeffattootaa pilgrims from all over Gadaa Oromoland at Odaa Mormor and Haroo Walaabuu before colonization. The message has become a self-assertive declaration in rejecting any form of internally assumed dictators and the colonial rules and rulers.

The Group of Waaqeffannaa Assembly is a religious organization dealing with the Waaqeffannaa affairs. The Objectives of GWA are:

GWA aims to achieve the following:




#Article 156: Saayinsii (115 words)


Saayinsiin (jecha Laatinii scientia jedhurraa kan dhufe, hiikaansaa beekumsa) mala ittiin beekumsa waa'ee yuuniversii ijaaruu fi qindeessu yoo ta'u beekkumsi kunis ibsa yaalidhaan qoramuu danda'uu fi waan gara fuulduraa ta'uuf jiru dubbachuu danda'uu irratti hundaa'ee. Hiikaan kan durii garu kanatti kan dhiyaatu saayinsii qaama beekumsaa tokko, kan karaa namaa galuun ibsamuu danda'uu fi kan haala amansiisaa ta'een hojiirra oolchun danda'amudha. Namoonni saayinsii hojjatan saayintistii jedhamu.

Saayinsiin, ballifamee yoo ilaallame, bara ammayyaa dura ture, qarooma durii baayyee keessa ture. Garuu saayinsiin ammayyaa adeemsa isaatin adda waan ta'eef akkasumas bu'aa isaan waan milkaa'eef jecha saayinsii jedhu kan ammayyaa kun isa kanaan hiikkama. Bara ammayyaa dura, jijjiirramni guddaan kan biraa falaasamni uummamaa kan durii naannoo Giriikitti dhalachuu isaati.




#Article 157: Eeritiraa (177 words)


Eeritiraan biyya Gaanfa Afrikaa keessatti argamtu. Eeritiraan naannoo Galaana Diimaatti argamti.

Eeritiraa n biyya baha Afrikaatti argamtu yoo tattu dhihaan Sudaaniin, kibbaan Itoophiyaan, kibba-bahaan Jibuutin dangeffamte argamtii. Bahaa fi kabba-bahaan Galaana Diimaan kan marfamte yoo taatu, Galaana Diimaa gama immo Sa'ud Arabiyaa fi Yamanitu argama. Odoloonni Dahilaak fi Odolli Hanish bayyen akka kutaa Eertiratti ilaallamu.

Mudde 1, 1890tti, Eertiraan bittaa gabrummaa (colony) Ixaaliyaa jala galte. Eertiraan ammaa kuni billisumma Itoophiyaarra kan argatte warrana wagga sodammaffi geggeffameen booda. Warranni kunis bara 1961 hanga 1991 geggeeffame. Heerri Eertiraa bara 1997tti ba'e akka ibsetti, Eertiraan riippabiliika pirezidaantin bultu (presidential republic) yoo taatu dimookiraasii paarlaamaa (Unicameral Parliamentary Democracy) qabdi. Haa ta'u malee sababa warrani Itoophiyaa fi Eertiraa jiddutti Caamsaa 1998 jalqabbeffi, Eeritraan seera kana hojji irra olchuu hin dandenye.

Eertiraan biyya afaan fi adaa adda adda qabdu fi gosa amantii lamma qabdi, kunis amantii Islaamaa Sunnii fi amantii Ortodoksii kan bahaa (Oriental Orthodox Christianity) ti. Ertiraa keessatti gosa sagalitti argamu. Eritraan afaan biyyaffi murteeffame hin qabdu, haa ta'u malee biyya keessatti afaani gosa sadiin hojjattu; kunis Tigriffa, Arabiffa fi Ixaaliyaaniffa dha.




#Article 158: Afaan Siwaahilii (138 words)


Afaan Siwaahilii (akkasumas kan Kiswahili jedhamu) Afaan Bantu tti. Afaanii kunni afaan biyyotta Sahaaraa n jalla jirranitti yeroo bayee dubbatama. Swahilin afaan Ummattaa Swahilikan fixee Gallana Oceanii kabba Somaaliyaafagatte hanga danga Moozaambiik fi Tanzaaniyaa argamaniin dubbatama. Ergaa afaan adda Tanzaaniyaa kufeen bodda, Afaan Siwaahiliin akka afaan tokkoffatti ummattaa Tanzaaniyaan fudhatame, lakkofsii ummatta afaan Kiswahili akka Afaan tokkoffatti dubbatan hanga million 40 guddatte. Haa ta'u malee Siwaahiliin ummatta hanga million 100 ta'aniin dubbatamma. Biyyotta kabba Afrikaa tti fi Riippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo tti Siwaahiliin lingua franca ta'erra. Siwaahiliin afaan Afrikaa jirran kessa akka afaan hojjii African Union kan fayyadaman isaa qofaatti. Siwaahiliin University gugguddo adunyaa kessatti ni barsifama, akkasumas stationotta akka BBC, Voice of America fi Xinhua irratti ni dabarfama.

Tanzaaniyaa, Keeniyaa, Yugaandaa, Ruwaandaa, Buruundii, Riippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo, Somaaliyaa, Komoroos, Moozaambiik.

Niger-Congo-Atlantic-Congo-Volta-Congo-Benue-Congo-Bantoid-Southern-Narrow Bantu-Central-G-Swahili

Afaan tokkoffa Tanzaaniyaa, Keeniyaa, Yugaandaan (2005 jalqabe)tti.




#Article 159: Mitteenii (589 words)


Mitteeniin kampaawondii keemikaalaa yoo ta'u foormulaan keemikaalaa isaa CH4 (atamii kaarbonii tokkoo fi atamii hayidiroojinii afur). Mitteeniin alkeenii salphaa dha; qabiyyeen gaazii uummmaa inni guddaan mitteeni dha. Mitteeniin wantoota biraa wajjin yoo wal bira qabamu baayyinaan waan jiruuf akka boba'aatti itti fayyadamuuf ni danda'ama; garuu gaazii waan ta'eef, mitteenii walitti qabuuni fi kuusun baayyee rakkisaa dha. Uummamaan, mitteeniin lafa jalatti argama, akkasumas lafa garba jalatti argamu keessatti ni argama. Mitteenin garba jalatti argamu karaa adda addaatin achii ba'ee qilleensatti makama, kunimmoo mitteenii qilleensaa jedhamee beekkama.

Ji'a Sadaasa 1776, Mitteenin karaa saayinsiitin fiizisistii biyyaa Xaaliyaanii Alesaandiroo Vooltatiin haroo Maggiorestraddling kan Xaaliyaanii keessa jiruurratti fi biyya Siwiizerlaanditti argame. Alesaandiroo Vooltaan akka mitteenii barbaaduuf kan isa kakaase barreeffama Benjamin Franklinabout barreesse kan qilleensa boba'uu jedhu dubbisuusaa ture. Vooltaan gaazii caffee keessaa ba'u waraabe, bara 1778ttis gaazii kana gaazii kaanirraa addaan baasee kobaasaatti qulqulluusaa argate. Vooltaan mala ittiin qaanqee elektirikiitti (electric spark) fayyadamuun gaaziin kun akka ibidda qabatu godhanis agarsiise. 

Miteenin molokiyuulii teetiraahedraal kan boondii C-H wal qixxee ta'an afur qabu dha.    

Tempireechara daree fi dhiibbaa beekkamaa keessatti, mitteenin gaazii bifaa fi foolii hin qabne. Foolin gaazii uummamaa kan manatti yeroo itti fayyadamnu beeknu sun beekadhuma of eeggannoof jecha foolii akka godhatuuf wanti foolii uumu waan itti dabameefi, kunis yeroo baayyee makaa tert-butylthiol of keessa qabu dha. Mitteenin, dhiibbaa atimosfeerii tokko irratti, qaphxii danfinaa −161°C (−257.8 °F) qaba. Akkuma gaazii ta'ee jirutti, mitteenin baayina ballaa ta'e (4.4-17%) keessatti boba'uu jalqaba.  

Ri'aakshinii gurguddaan kan mitteenii wajjin godhamu: boba'uu, hurka uumuu (steam reforming to syngas), fi halojineeshinii dha. Walumaa galatti, ri'aakshinii mitteenii too'achuun ulfaataa dha. Fakkeenyaaf, oksideeshiiniin gartokkee gara metanoolitti godhamu, baayyee ulfaataa dha sababiinsaas ri'aakshiniin kun dhaabbachuu didee hanga kaarbon daayi'oksaayidii fi bishaan uummamutti ittuma fufa, oduma ooksijiinii ga'aan hin jiraatiniyyuu. Inzaayimiin mitteen monoo'oksaayijeneesi mitteeniirraa metanoolii uumuu danda'a, garuu sadarkaa industiriitti itti fayyadamuun hin danda'amu.    

Akkuma hayidirookaarbonoota kan biraa, mitteeniin asidii laafaa dha. pKan mitteenii DMSO keessatti naannoo 56tti tilmaamama. Bulbula keessatti, pirootoonii akka gadi lakkisu gochuun hin danda'amu, garuu konjigeet beezin (conjugate base) kan mittaaliitiyeem beekkamaa dha.    

Ayonoota poozetiivii ta'an kan mitteenirraa uummaman gosa baayyetu argame, baayyinaan wal-makaa gaazii dhiibbaa-xiqqaa qabu keessatti akka waan hin suukanoofnetti argamu. Kunis mitteeniyeem ykn metaayil kaatayon CH+3, kaatayoonii mitteenii CH+4, fi mitteeniyeem ykn mitteenii pirootonaawaa CH+5 dabalata. Ayoonoota kana keessaa muraasni isaanii ispeesii keessatti argamaniiru. Mitteeniyeemin akka bulbula laafaatti (diluted solution) mitteeniirraa asidoota suupperiitti fayyadamuun uumun ni danda'ama. Kaatayonoonni chaarjii guddaa qaban, kan akka CH2+6 fi CH3+7, tiyooridhaan qoratamanii suukana'aa ta'uun isaani tilmaamameera. 

Jabiina guddaa boondiin C-H oduma qabuuyyuu, si'eessituu aktiveeshinii boondii C-H (C-H bond activation) kan mitteenii (fi alkeenota xiqqaa kan biraa) irraatti fedhii guddaatu jira. 

Oo'i yeroo mitteenin boba'u uummamu 55.5 MJ/kg. Boba'uun mitteenii ri'aakshinii tartiiba baayyee qabu dha. Iqu'eeshiniin armaan gadii tartiiba kana kan agarsiisan yoo ta'u bu'aansaanis kana: 

CH4 + 2 O2 → CO2 + 2 H2O (ΔH = −891 kJ/mol (at standard conditions))

M* qaama sadaffaa kan humna guddaa qabu bakka bu'u, qaama kanarraas humni yeroo walitti-bu'iinsa molokiyuulii darba. Foormaaldehaayidin (HCHO ykn H2CO) bu'aa gara jalqaatti argamu (tartiiba 7). Ooksideeshiniin foormaaldehaayidinii raadikaalii formylii kenna (HCO; ri'aakshinii 8-10), kun itti aanee kaarbon mono'oksaayidii (CO) (ri'aakshinii 11, 12 fi 13) kenna. H2 uummamu kamiyyuu gara H2O oksidaayizdi ta'a ykn bu'aa giddu galeessaa kenna (ri'aakshinii 14, 15). Dhumarratti, CO ooksidaayizidi ta'ee CO2 uuma (ri'aakshinii 16). Marsaa dhumaarratti (ri'aakshinii 17-19), humni deebi'ee gara qaama sadaffaatti darba. Saffisni guutuu ri'aakshinii kanaa baayyina (concentration) wantoota barbaachiisan adda addaa yeroo mitteenin boba'uu jiran irratti hundaa'a. Yoo tempireecharri dabale, baayyinni raadikaalotaa ni dabala, boba'iinsis ni ariifata.

Mitteenin yoo haalli hundi mijateef haloojinoota wajjin akka armaan gadiitti wal nyaata:   

Methane reacts with halogens given appropriate conditions as follows:

Xn halloojinii: filoorinii (F), kiloorinii (Cl), biroominii (Br), or ayoodinii (I).




#Article 160: Ameerikaa Kibbaa (199 words)


Ameerikaan Kibbaa ardii addunyaa keessaa tokko yoo ta'u kan argamus wantaa dhihaatti, irra caala mudhii lafaarraa gara kibbaatti.
Ameerikana Kibbaa ardii Ameerikaas jedhaman keessaa tokko yoo ta'u, kan guutumaan guutuuti Hemisphere Dhihaatti kan argamu yoo ta'u, kan baayyinaan argamu immo Hemisphere Kibbaatti. Kan dangeffame immo dhihaan Garba Paasifiik, kaaba fi bahaan immo Garba Atilaantiik, kaaba-dhihaan immo Ameerikaa Kaabaa fi Garba Karibiyaanii daangeffamee argama. 

Maqaan Ameerikaa Kibbaa jedhuu kun kan kennameef bara 1507, kan maqaan kennamef namoota kaartaa kaasan kan ta'an Martin Waldseemüller fi Matthias Ringmann yoo ta'u maqaan kuni immoo kan kennameef maqaa nama Ameeriigoo Vespuuchii jedhamu irraa ka'aniiti, namichi kunis namicha yeroo duraaf lafoonni Ameerikaas kunin Isti Indiis (East Indies) akka hin taane fi addunyaa haaraa namoota Yuurooppiif hin beekkamne akka ta'e namicha ifaa godhedha. 

Ameerikaa Kibbaa ballina hanga 17,840,000 isquweer kiilomeetira (6,890,000 isq mi) kan qabdu yoo taatu yookan immo parsenti fuula addunyaa kana 3.5% qabata. Akka bara 2005 baayyinni ummata isaani tilmaaman 371,000,000 caala dha. Ameerikaa Kibbaa ballina lafaan addunyaa keessaa afraffaa irratti kan argamtu yoo taatu kunis Eshiyaa (tokkoffaa), Afrikaa(lammaffaa) fi Ameerikaa Kaabaa (sadaffa) aanteti. Akkasumas bayyina ummattan addunyaa keessaa shanaffa irratti argamti, kunis Eshiyaa (tokkoffa), Afrikaa (lammaffaa), Yuurooppi (sadaffaa) fi Ameerikaa Kaabaa (Afraffaa)tti antetti.




#Article 161: Laga Dhedheessaa (366 words)


Lagni Dhedheessaa laga dhiha Itoophiyaa keessatti argamu. Dhedheessi galtuu Laga Abbaayi yoo ta'u kan inni ka'us gaarren Gommaa irraayi. Achii erga ka'ee booda gara kaaba-dhihaatti yaa'un Laga Abbaayittii odoo inni bakka 9°57′Ka 35°41′Dtti gara kaabatti hin jallatin itti makama. Iddon kunis yeroo Lagni Abbaayi kallattii kibbaatti deemu ga'u fiixee kibbaati. Bishaan Laga Dhedheessaatti galu ballina lafaa 19,630 isquweer kiilomeetirii ta'urraa kan dhufu yoo ta'u kunis Godina Wallagga Bahaa fi Beeniishaangul-Gumuz keessa.

Galtuuwwan Laga Dhedheessaa kan karaa mirgaa Inaariyaa, Aet, Waamaa fi Angari; karaa bitaa ammoo galtuu inni guddaan Laga Dobanati. Bara 1890n keessa laga Dhedheessaa qorachaa kan ture Aleeksaander Bulaatooviichi, qorannoo isaafi gaaffiif deebii ummata naannoo wajjin godherra ka'uun, ya'aasaa gara gadiitti erga Angariin walitti dabalamee booda, Lagni Dhedheessaa suuta waan yaa'uuf geejjibaaf ooluu danda'ama jedhe.

Abuuraa jaarraa-20ffaa gara jalqabaa kan ta'e Herbert Weld Blundell maqaan Dhedheessa jedhu maqaa laga kanaa kan duraanii kan bakka bu'e ta'uu hinhafu jedhee dubbata, kunis maqaa Dhedheessa jedhu kana bara 1861, yeroo d'Abbadie gara Shawaatti imalee qorannoo godheen dura faayidaarra oolee hinargamne waan ta'eefi. Yeroo bara 1905ttii dhaqee turetti, Bosonni Handak kan Laga Dhedheessaarra karaa mirgaa jiru, iddoo arba itti adamsan beekkamaa ture. Arbi, Laga Dhedheessaa fi Laga Dabbus hordofuun gara Laga Abbaayitti dhufu fakkaata, kan Laga Dabus leemmani waan keessatti marguuf sanaa barbaacha lagicha hordofanii deemudhaan. Itti aansees, bakka Lagni Dhedheessaa Laga Abayitti dabalamutti, hojii warqii miccuu guddaan jira, kunis Laga Abbaayi, Dabbusii fi galtuuwwansaa hordofee ittuma fufa jedhe:

Dhiqama lolaa guddaa kan dhagaa baazaaltiirra ga'uu fi tortoruun biqiltootaa sana booda dhufu, istiraataa jala jiru gubbaatti ol baasa; kaanafis, biyyi guutuun Chochii jalaa kaasee hanga Laga Dhedheessaatti, fageenya maayilii 15 ta'u, cirracha quwaartizii fi qarsaadhan uwwifama, akkasumas dhagaa gurguddaa ol dhaabbatutu mul'ata. Qaawwan tortore lafarratti faffaca'ee argama, warqiin inni qabatee jirus dhiqamee lagatti nama, achii hooffamee gara Laga Abbaayi dhaqa 

Abuurtonni kun yaalii godhaniyyuu, akkasumas namoonni naannoo laga kanaa erga sanyiin namaa uummamee kaasee achi jiraataniyyuu, karaan Lagni Dhedheessaa deemu kan naannoo Naqamteetii kasee amma inni Laga Abbaayitti dabalamutti jiru kun as dhihoo bara 1935 Dunlop fi Taylorin guutummaan deemmame. Jarri kun lamaan yoo gaafatan, Dajjaazmaach Habta Maariyaam bulchaan Naqamte jiru Namuu, warra Shaanqillaayyuu dabalatee, amma ani beekutti, laga kana amma inni Abbaayitti dabalamutti hordofee kan arge hin jiru jedhe




#Article 162: Jidda (101 words)


Jidda aanolee godina Shawaa Kaabaa keessaa isa tokko. Omisha midhaanii garbuu,qamadii faan beekama. Haalli qillensa ishee baddaadha. Magaalli guddittiin aannaa kanaa sirtii jedhamti. Uummanni aanaa jiddaa tokkummaa jigii fi walgaarsaan waliin jiraatu. Guyyaa kamisaa gabaa daldalaa beekkamaatu jira.

Horsiisa loonii, fardeen fi hoolotaanis jiddi beekamtuudha. Atileetii beekamaan yeroo jalqabaatif medaaliyaa maraatoonii oloompikii miila duwwaa fiigun injifate Abbabaa Biqilaan aanuma Jiddaa keessatti dhalate. Siidan atileet Abbabaa Biqilaas mana barumsaa maqaa isaatin ijaarame Mana Barumsa Sadarkaa 1ffaa Shaambal Abbabaa Biqilaa  keessatti hirmaannaa uummataa fi mootummaatin hojjetamee dhaabbatee jira.

Akkuma uummata Oromoo kan biroottis jiddi sirna gumaa,gadaa,sirna fuudhaf heerumaa fikkf bifa bareedina qabuun gaggeeffata.




#Article 163: Orgaanizimoota (119 words)


Baayoloojii keessatti, orgaanizimii waan lubbu qabeessa kamiyyuu yoo ta'u kunis warra lafee dugdaa qaban, ilbiisota, biqiltootaa fi baakteeriyaa dabalata. Orgaanizimoonni hundi ergaa alaa dhufuuf (stimuli) deebii kennuu, wal-horuu, guddachuu fi dagaaguu, fi of-tooachuu (homeostasis) danda'u.  

Orgaanizimiin seel-qeenxee ykn kan seelii tiriliyoona baayyee qabu ta'uu danda'a; warra seelii baayyee qaban keessatti seelin gurmaa'ee tishuu fi qaama uuma. Orgaanzimoonni seelii tokkoo ol qaban seel-hedduu jedhamu.  

Orgaanizimiin pirookaariyootis ykn yuukaariyootis ta'uu danda'a. Pirookaariyootisiin doomeenii lama qaba: baakteeriyaa fi arkiyaa. Orgaanizimoonni yuukaariyootis niwukilasii seelii kan membireeniin marfamee fi kutaalee seelii kan biraa kan meebireenin marfame qabu (biqiltootaa fi bineeldota keessatti maayitookondiriyaa, biqiltootaa fi algee keessatti  pilastiidsi, isaan hunduu indoosimbaayootiik baakteeriyaa irraa dhufan jedhamee yaaddama). Faangasiin, bineeldonnii fi biqiltoonni mootummaa orgaanizimoota yuukaariyootis jalatti ramadamu.   




#Article 164: Seelota (185 words)


Seeliin (jecha Laatinii cella jedhurraa dhufe) bu'uura caasaa, tajaajilaa fi baayoloojikaawaa lubbu qabeessa hundaa ti. Seeliin bu'uura lubbu isa xiqqaa kan horuu danda'u yoo ta'u yeroo baayyee dhaga bu'uuraa jireenyaa jedhamee beekkama. Qorannoon seelii baayoloojii seelii jedhamee beekkama. 

Seelonni pirootoopilaasmii membireenin marfame qabu, kunis baayoomolokiyuulii akka pirootiinii fi niwuukiliik asidii baayyee of keessaa qaba. Orgaanizimoonni seel-qeenxee (kan seelii tokko qofa qabu; baakteeriyaa baayyee dabalatee) ykn seel-hedduu (biqiltootaa fi bineeldota) ta'uu danda'a. Lakkoofsi seelotaa biqiltootaa fi bineeldota keessatti sanyiirraa sanyiitti gar gar yoo taa'u namoonni seelota naannoo tiriliyoona 100 ta'u qabu. Seelin biqiltootaa fi bineeldotaa baayyen mayikiroskooppii jalatti qofa mul'ata, guddinni isaas maayikiroomeetirii 1 hanga 100 ta'a. 

Seelin Rooberti Huukin bara 1665 argame. Tiyoorin seelii, kan jalqaba 1839tti Jakob Schleiden fi Theodor Schwann ummame, yoo ilaalamu orgaanizimoonni hundi seelii tokkoo fi isaa ol kan qaban ta'uu, seelonni hundi seelii duraan jirurraa kan dhufan ta'uu, tajaajilli gurguddaan orgaanizimootaa seelii keessatti kan raawwatamu ta'uusaa, fi seelonni hundi odeeffannoo dhaalan darbu kan tajaajila seelii too'achuu tajaajilu kan qaban ta'uu fi odeeffannoo dhaloota seelii kan itti aanutti kan dabarsan ta'uu dubbata. Seelin lafarratti waggaa biliyoona 3.5 dura ummame jedhamee tilmaamama.  




#Article 165: Dhibbee vaayiirasii Iboollaa (346 words)


dhibbee vaayiirasii Iboollaa (EVD) yokkin  ho'aa Iboollaa Hemmoorihajjikii (EHF) dhibbee ilma nammaa  Vaayirasii Iboollaa dhaan dhuffuu dha . Malatton dhukkibichaa kan mul'aachuu jalqabuu guyyaa lama hanga toorban saddi (3) erga vaayiirasichaan qabamanni booda dha. Malatoon issas Hoo'aa qaamaa, dhukkuba qoonqoo, dhukkuba laffe, fi dhukkuba mattaa dha. Irra caallaatti immo dhukkuba garaa, hooqissa fi  garraa kaassaa dabalattaanis, hojji tirruu fi kale hir'isa. Yeroo kana, nammoonni tookko tookko rakkina  dhiigguu qabbaattu.

Vaayiirasiichi kan nama qabattuu wallitti dhuuffenya dhiigaa yookkin dhangalaa'aa qaamaa bineensoota Vaayirasiichaan qabbaman dha (yerro baay'ee qamaleewaan yookkin simbira haalkannitini. Manca'insii qillenssaan umamuu nannoo umammaa kesati hin galmoofnee. Siinbiiriii haalkanni otto hindhibamiin vaayiirasichaa baachuufi dabarsu akka danda'aan ni amanama. Namni   dhukkubichaan qabamee, nama birratii darbarsuu danda'aa. Dhirri dhukubicha irra fayye sanyii issatin hanga ji'aa lamatti nama biraati dabarsuu danda'aa. Dhuukubicha adda baasuf,dhukkubooni mallatoo walfakaatuu qabaan kan akka Buussaa, kooleraa fi kanbirraa ho'aa vaayiirasi Hemmoorihajjikin adda bahaaniruu. Dhuukubicha mirkaneesuuf fakeenyii dhigaa  qaamoota alagaa vaayirasiidhaan dhufan Riboo Nukilik Asiidii, yookkin vaayiirassin mattaa isaa ni qooratama.

Of eganoon dadarba dhuukibichaa, qamaleewan fi boyyeewan dhiibaman irra akka ilma namaati hindarbinnee ittisu dabala. Kuunis kan goodhamuu danda'uu, bineyyi dhiibichaan qabamaan ajeesuufi qaama issani akkataan gatuu dhaanii. Foon siiritii bisheesuu fi yeroo foon tuqaan uffata oof eeganoo kaawwachuunis nigargaara. Yemmuu nama dhibamee wajjin jiran, uffata oof eeganoo kaawwachuni fi harka dhiqaachuun barbaachisaa dha. Fakeenyii dhangala'aa qaamaa fi tishuulee nama dhiibamee oof eganoo gudadhaan qabamuu qabu.

Dhuukuubichaaf yaaliin kana jedhamuu hinjiru;tattaafin namoota dhibaman gargaaruf godhamaa jirran  walaansaa dhangala'aa qaamaa deebisuu (bishaan dhugaati ashaboo fi suukaara xiinno qabuu)yookkiin dhangalaa'aa veenii dhaan keennu dha. Dhuukuubichii yerro bay'ee nama ajjesa: namoota dhibichaan qabamaan keesaa baay'iinaan gidduu 50% fi 90% ni du'uu. EVD n yerroo duurraa Suuddaan fi Dimookraatikii Repablikki Kongoo kessati adda baafame. Tatamsa'iini dhuukuubbichaa bay'iinaan kan uumamuu naanoole oo'aa Biyyoota Afrikkaa Saharaa Gadi dha. 1976 irraa jalqabee( Yerroo duura argamee) hamma 2013, nammoota 1,000 gadii qabamaniiruu. Tatamsa'iinii inni guuddaan yerroo aammaa argamu 2014 Afrikkaa dhiihaa weerara Iboollaa, kan huubbaa jirruu Giinii, Seerraaliiyoonnii, Laayiibeeriyyaa fi Naayiijeerriyyaa kessatis umamu danda'aa. Haagayya 2014 irra jalqabee dhibamtoonii 1600 argamaniirruu. Yaalliwaan talaali; argachuuf godhamaa jirran illee; haama ammaati hoomtuu hin argamnnee.




#Article 166: Kompitara (4233 words)


Kompitarri meeshaa hunda galeessa kan saganteeffamee (programmed) hojiiwwan qooyyabaa fi yaayaa ofumasaa hojjachu danda'u dha. Tarreen hojiiwwanii akka barbaaddametti jijjiiramuu waan danda'uuf, kompitarri rakko gosa baayyee furuu danda'a. 

Akka walii galaatti, kompitarri yoo xiqqaate kutaa hijeessaa tokko, kunis Kutaa Hujeessaa giddugaleessaa (Central Processing Unit - CPU) ti, fi kuufannoo wayii (memory) qabata. Kutaan hujeessaa hojiiwwan qooyyabaa fi yaayaa (arithmetic and logic operations) raawwata, kutaan too'anoo (Control Unit) ammoo tartiiba ittiin hojiiwwan sun raawwataman odeeffannoo kuufannoo keessa jirurratti hundaa'ee too'ata. Meeshaleen alaa (peripheral devices) odeeffannoon madda alaarraa akka dhufu kan godhan yoo ta'u bu'aan hojiiwwan raawwatamnii akka olkaawwamuu fi bakka olkaawwamee deebi'ee akka dhufu gochuufis ni tajaajilu.   

Yeroo Waraana Addunyaa II, kompitaroonni anaaloogii tajaajila waraanaa addaatif fayyadaa turan. Yerooduma kana kompitaroonnii dijitaalaa kan elektiroonikii kalaqaman. Kompitaroonni jalqabarratti oomishaman hanga kutaa guddaa tokkoo ga'u turan, humna elektirkii kan kompitaroota matayyaa (Personal Computer) harraa dhibba baayyeetti lakkaawwaman ga'uu danda'u nyaatu ture.      

Kompitaroonni ammayyaa kan integireetid sarkiyuutii (integrated circuit) irratti hundaa'an dachaa miliyoonaa hanga biliyoona kompitaroota jalqabaa caala humna hujeessuu qabu, iddoo baayyee xiqqoos fudhatu ija warra jalqabaatti yoo ilaallamu. Kompitaroonni salphaan xiqqeeffamanii meeshaa socho'uu danda'u ta'anii hojjatamuu danda'u, kompitaroonni socho'uu danda'an (mobile computers) kunis baatiriidhaan hojjatu. Kompitarooni matayyaa (PC) gosaa fi akaakuu isaanii hundaan mallattoo Bara Odeeffannoo (Information Age) ti, namoonnis kompitara jedhanii kan isaan yaadan isaan kana. Haa ta'u malee, kompitroonni idaatii (embeded computers) kan meeshaalee adda addaa baayyee keessati argaman, tabattuu mp3 hanga xiyyara waraanaatti, meeshaa ijoollen ittiin tabattuu (toy) hanga roobootiitti, kan jiru isaan san caala baayyee dha.  

Jecha kompitara jedhu kan jalqaba fayyadame barreessaa biyya Ingilaandi Richard Braithwait kitaaba isaa “The yong mans gleanings” jedhu keessatti ture. Jechi kun kitaabicha keessatti nama shallaga hojjatu kan ibsu ture, hiikaan jecha kompitara jedhus akkaata kanaan hanga jaarraa 20ffaa walakeessatti itti fufe. Dhuma jaarraa 19ffaatii kaasee garuu, hiikan jecha kompitaraa gara maashinii shallaga hojjatu kan jedhu kanatti jijjiiramaa deeme.     

Meeshaaleen shallaga hojjatan kan bu'uuraa jalqaba kan uummaman bara durii keessa ture; meeshaaleen shallagaa makaanikaalaa (mechanical calculating aids) jaarraa 17ffaa keessa kalaqaman.  Fayyadamni jecha kompitara jedhuu kan jalqabaas jaarraa 17ffaa keessa kan jalqabame ture, kunis maqaa namoota shallaga akka hojiitti ittiin qacaramanii hojjataniif kenname ture.  Meeshaan kompitara jedhamu jalqaba kan yaadni isaa dhufe jaarraa 19ffaa keessa ture, haala amma jiru kanaan garuu bara 1940n keessa kalaqaman.   

Yaada kompitara saganteeffamu danda'u kan jalqaba kan burqisiise Chaarles Baabeeji, makaanikaal injinerii fi pooliimaz (polimath) lammii Ingilaandi. Abbaa Kompitaraa kan jedhamu Baabeeji, kompitara makaanikaalii kan jalqabaa jaarraa 19ffaa gara jalqabaa keessa yaadasaa erga bu'uuressee booda itti aansemmoo kalaqe. Erga diferensi injiinii (difference engine)  kan qooyyaba bishaanirra deemuf barbaachisu hojjatu kalaqee booda,, bara 1833ttikan saxaxnisaa kan sana caalu, kan anaalitikaal injiini jedhamu uumuun akka danda'amu hubate. Naqni sagantaa fi daataa maashinii kanatti karaa panchid kaardii akka galu yaadame ture; panchid kaardin yeroo sana qasamii makaanikaalii warshaa huccuu keessatti too'achuuf tajaajila ture. Bahaaf ammoo, maashiniin kun maxxansaa (printer), pilooterii fi bilbila (bell) qabaata. Maashiniin kun lakkoofasa panchid kaarditti irratti booda akka dubbisuun danda'amuuf barreessuu danda'a. Injiiniin kun kutaa yaayaa herregaa, kutaa to'annoo kan utaalcha haalaa fi marsaa (loop) irratti hundaa'e, fi kuufannoo qaba; kunis saxaxa kompitara hunda-hojjatuu kan jalqabaa kan Tuurin-kompiliit ta'e isa taasisa.   

Maashinoonni kun jaarraa tokko dursanii kan dhufan turan. Qaamni maashinii kanaa hundi harkaan hojjatamuu qaba ture - maashiniin kun qaama mana kumaatti lakkaawwamu waan qabuuf kuni rakkina guddaa ture. Dhumarratti, mootummaan Biriiten fandii kennuu waan dhiiseef pirojeektiin kun ni dhaabbate. Chaarles Baabeeji anaalitikaal injiini odoo hin xumurin kan hafeef sababa fandii fi siyaasaa qofaaf odoo hin taane, sababa yeroodhaa gara yerootti kompitara bayyee ulfaataa fi xaxamaa ta'e hojjachuuf yaaduu isaati. Boodarra garuu, ilmi isaa Henirii Baabeeji, bara 1888tii anaalitikaal injiinii kan duraan yaaddamerraa salphaa ta'e hojjatee xumure. Faayidaa kompitara kanaas bara 1906tti gabatee hojjachuun agarsiise.   

Jaarraa 20ffaa gara jalqabaa keessa, fedhiin qooyyabaa kan saayinsii baayyeensaa kompitara anaaloogii kan yeroodha gara yerootti cimaa deemen raawwatama ture. Garuu, maashinoonni kun kan saganteeffaman miti, kan malees sirroominaa fi hunda galeessummaa kompitara dijitaalaa kan ammayyaa kanaan wal hin gitan.    

Kompitarri anaaloogii kan jalqabaa kan kalaqame Sar Wiiliyaam Toomsaniin bara 1872 ture, kompitarri kunis danbalii bishaanii (tide) tilmaamuuf gargaara ture. Diferensiyaal anaalaayizeriin, kompitara anaaloogii kan gaaffii diferenshiyaalii itegireeshiniitti fayyadamuun furuuf saxaxame, bara 1876tti Jeemsi Toomsan, obboleessa Loordi Kelviin kan ta'en, yaadni isaa dhufe.   

Beekkumsi kompitara anaaloogii makaanikaalii kan inni sadarkaa olaanaarraa ga'e diferensiyaal anaalaayizeriin yoo ta'u kanas kan hojjate H. L. Hazen fi Vannevar Buush MIT keessatti bara 1927 ture. Kunis makaanikaal integireeterii Jeemsi Toomsan fi toorki ampilifaayerii H. W. Nieman kalaqee irratti bu'uureffamee hojjatame. Kompitaroonni kun kan darzana tokko ta'an kan oomishaman yoo ta'u boodarra garuu teeknoloojiin isaan caalu waan dhufeef oomishni isaani ni dhaabbate.

Priinsippiliin kompitara ammayyaa jalqaba kan ibsame saayintistii kompitaraa Alen Tuurinin yoo ta'u kunis bara 1936 barruu (paper) On Computable Numbers jedhamu irratti. Tuuriin daangaa piruufii fi qooyyabaa kan Kurt Gödel 1931 kan afaan yuuniversaalii kan qooyyaba irratti hundaa'e ture, meeshaa yaadaa qofaan jiru kan salphaa fi foormaalii ta'e kan Tuurin maashin jedhamuun bakka buuse. Tuuriin mashinoonni akkasii qooyyaba herregaa sammuun namnaa yaaduu danda'u kamiyyuu yoo akka seermurtootti ibsuun danda'ame hojjachuu akka danda'an mirkaneesse. Itti fufees Entscheidungsproblem dhaaf furmaanni akka hin jirre dhugeesse (prove); kanas maashiniin Tuuriinii akka hojjachuu dhaabu mirkaneessuun hin danda'amu: walii galatti, seermurtoodhaan maashiniin Tuurin akka hojii dhaabu bira gahuun hin danda'amu.  

Tuurin yaadaa 'maashinii yuuniversaalii' (kan amma 'maashinii yuuniversaalii Tuuriin') jedhamu kan uume yoo ta'u kunis maashinii hojiiwwan mashiiniin biraa kamiyyuu hojjatu kan hojjachuu danda'u dha; karaa biraa, maashiniin akkasii sagantaa teeppiirra kaawwame raawwachuun hojii qooyyabaa gosa kamiyyuu ni hojjata jechuu dha. Maashiniin akkasii kan saganteeffamu dha. Voon Niwumaan booda akka jedhetti bu'uurri handhuura kompitara ammayyaa barruu kana. Maashiniin Tuuriin amma harraattuu tiyoorii qooyyabaa keessatti handhuura qorannoo ti. Kuufannoon isaanii murtaa'aa ta'uurraan kan hafe, kompitaroonni ammayyaa Tuuriin-kompiliitii dha, kana jechuun dandeettii seermurtoo raawwachuu kan maashinii yuuniversaalii Tuuriinin qixxaatu qabu jechuu dha. 

Kompitaroonni jalqabaa elektiroomakaanikaalii turan; shallaga hojjachuuf iswiichiin elektirikii (electric switch) riileyii (relay) makaanikaalii too'atu ture. Maashinoonni akkasii saffisni isaanii xiqqaa ture, kanaafis kompitaroota gutummaan elektirikiin hojjataniin bakka buufaman, jalqaba vaakiyuum tuubitti fayyadamuun. Z2, kan lammii Jarmanii Konraad Suuzetiin bara 1939 kalaqame, kompitara elektiroomakaanikaalaa kan rileyiin hojjatan keessa kan jalqabaa ti.   

Bara 1941, Suuzen maashiniisaa kan jalqabaatti aansee Z3 hojjate, kunis kompitara dijitaalaa elektiroomakaanikaalii kan saganteeffamu, guutummaan ofumaa (automatic) kan ta'e kan jalqaba ti. Z3n riileyii 2000 irraa hojjatame, dheerina jecha kompitaraa laklamee 22 kan saffisa naannoo heerzii 5-10 hojjatu ture. Koodiin sagantaa fi daataan panchid fiilmii irra olkaawwama. Maashiniin kun kompitara ammayyaa wajjiniin amma tokko kan walfakkaatu ture, waan haaraa baayyee uume kan akka lakkoofsa firaakshinii fayyadamuu. Lakkurnyee (kan saxaxaa Chaarles Baabeeji irratti fayyadaman), kan hojiirra oolchuuf ulfaataa ture, lakkoofsa lameen (binary number) bakka buusun maashinoonni Suuzee teeknooloojii yeroo sana jiruutti fayyadamuun hojjachuuf salphaa fi irra caala amansiisaa akka ta'an isaan godha. Z3n maashinii Tuurin-kompiliitii ta'uu hin oolu.     

Sarkiyuutii elektiroonikii baayyee odoo hin turin bakka makaanikaalii fi elektiroomakaanikalii bakka bu'an, yeruma kana shallagni dijitaalaa shallaga anaaloogii bakka bu'e. Injineer Toomaas Filaaworsi, bara 1930n keessa kan Landanitti argamu Post Office Research Station keessa hojjachaa kan ture, elektirooniksii eksicheenjii bilbilaa (telephone exchange) irratti fayyadamuun ni danda'ama moo kan jedhu alooluu jalqabe. Meeshaan eksipermentii kan inni bara 1934 hojjate, wagaa 5 booda hojiirra oole; kunis cimdaa eksicheenjii bilbilaa gartokkeesaa, vaakiyuum tuubii kumaatamatti lakkaawwamnu fayyadamee, gara mala elektirooniikiin daataa hujeessutti jijjiire. USA keessatti, hojjattoonni Yuunivarsiitii Ayowaa John Viinsenti Atanasof fi Kilifoordi Beerii bara 1942  kompitara Atanasof–Beerii Kompitara (ABC) jedhamu hojjatan. Kunis kompitara dijitaalaa elektiroonikii ofumaa kan jalqabaa ti.  Saxaxaan kun gutummaan elektiroonikii yoo ta'u vaakiyuum tuubii naannoo 300 fayyadame, kuufannoof ammoo kaappaasiterii diraamii naanna'utti qabatee jiru fayyadama.  

Yeroo Waraana Addunyaa II, Biriitishoonni Bletchley Park ergaa iciteeffame kan Jarmaniin ergitu cabsuun milkaa'an. Maashiniin iciteessaa Jarmanii, Enigmaan, jalqaba meeshaa elektiroo-makaanikaalii ta'e kan boombe jedhamuun cabsuun yaalame. Garuu, maashinii Jarmanii Loorenzi SZ 40/42 kan sanarraa xaxaa kan ta'e, kan walqunnamtii waraana olaanaaf fayyadaman, Maksi Niwumaan fi gareen isaa Filaaworsi maashinii Kolooses jedhamu akka hojjatu muudani. Filaaworsis Guraandhala 1943 jalqabee Koloosesii jalqabaa saxaxuu fi hijjachuuf ji'a kudha tokko itti fudhate. Mudde 1943 akka seeran hojjatu erga ilaallamee booda, Koloosesiin sun gara Bletchley Park akka dhaquuf fe'ame gaafa Amajjii 18 1944 erga achi ga'ee booda Guraandhala 5 ergaa iciteeffame kan jalqabaa cabse.         

Koloosesiin kompitara dijitaalaa elektiroonikii kan saganteeffamu kan jalqabaa ti. Koloosesiin vaalvii (vaakiyuum tuubii) baayyeetti fayyadamae. Naqaa peepper-teepiidhaan kan fudhatu yoo ta'u hojii yaayaa adda addaa daatasaa irratti hojjachuuf kan qindeeffamuu dha, garuu Tuurin-kompiliitii miti. Koloosesiin MK II sagala kan hojjataman yoo ta'u MK I tokko ammao gara MK IItti geeddaramuun walumaagalatti kudhan ta'e. Koloosesiin MK I vaalvii 1500 kan qabu yoo ta'u MK II garuu 2400 qaba.  MK IIn dachaa 5 saffisni isaa kan MK I caalu yoo ta'u fayyadamuufis salphaa ture, kunimmoo baayyee hojii icitii diiguu ariifachiise.  

USAtti kan hojjatame ENIAC (Electronic Numerical Integrator and Computer) kompitara elektironikii kan saganteeffamu kan USA keessatti hojjatame kan jalqabaa ti. ENIACn Koloosesii yoo fakkaateyyuu, Koloosesii caalaa saffisa guddaa kan qabuu fi salphaatti kan jijjiirun danda'amu ture (flexible). Shakkii tokko malee ENIACn meeshaa Tuurin-kompiliitii ture, kanaafis rakkina kuufannoo isaa keessa taa'uu danda'u kamiyyuu shallaguu danda'a. Akkuma Koloosesii, ENIAC irratti sagantaan haalaa keebilii fi iswiichii irratti hundaa'a, kompitara sagantaa kuufame fayyadaman kan booda dhufanirraa baayyee addaani. Erga sagantaan barreeffamee booda, harka namaatin iswiichii fi pilagiidhaan fayyadamuun kompitararratti galchuun ni barbaachisa ture.         

Maashiniin kun saffisa olaanaa elektirooniksii fi dandeettii rakkoo xaxamaaf saganteeffamuu danda'uu walitti qabata. Ida'uu ykn hirrisuu 500 sekendii tokkotti hojjachuu danda'a, kunis saffisa maashinii kamiyyuu dachaa kumaan caala. Maashiniin kun muraa baayyisuu, hiruu fi iskuweer ruutii hojjachuu danda'us ni qaba. Kuufannoon saffisa olaanaan hojjatu jechoota 20 (baayitii 80) qofa. Maashiniin kun Yuunivarsiitii Peensilvaaniyaa keessatti geggeessummaa Joon Maakilee fi Presper Eckert kan hojjatme yoo ta'u hojiinsaa bara 1943 hanga dhuma 1945 fudhate. Maashiniin kun baayyee guddaadha, toonii 30 ulfaata, humna elektirikii 200 kw fayyadama, akkasumas vakiyuum tuubii 18000, riileyii 1500, fi rezisterii, kaappasiiterii fi indaakterii kuma dhibbaa olitti lakkaawwamu of keessaa qaba ture.

Kompitaroonni jalqabaa sagantaa murtaa'e (fixed programs) qabu. Hojii inni hojjatu jijjiiruuf, shiboo buqqisanii bakka biraatti suuquu fi maashinii sana caasaa isaa jijjiiruu barbaachisa ture. Kompitarri sagantaa kuufame fayyadamuu yeroo dhufu kuni hundi jijjiirame. Kompitarri sagantaa kuufame fayyadamu saxaxa isaatin kurfii ajajaa qaba, akkasumas kuufannoosaa keessa garee ajaja (sagantaa) akkamitti akka shallagni hojjatamu agarsiisu kaawwata. Bu'uurri tiyoorii kompitara sagantaa-kuufamee kan kaawwame Alen Tuurinin barruu isaa kan bara 1936tini. Bara 1945, Tuurin Labiraatorii Fiiziksii Biyyaalessaatti (National Physical Laboratory) dabalamuudhaan kompitara dijitaalaa kan sagantaa-kuufame fayyadamuu hojjachuu irratti hirmaachuu jalqabe. Gabaasni isaa kan bara 1945 ‘Proposed Electronic Calculator’ jedhamu ulaagaa (specification) maashiniin akkasii kan qabatu ture. Joon Voon Niwuumaan kan Yuunivarsiitii Peensilvaaniyaa keessa hojjatus akkasuma First Draft of a Report on the EDVAC bara 1945 tamsaasuu jalqabe.     

The Manchester Small-Scale Experimental Machine, maqaa masoon daa'ima kan jedhamu, kompitara jalqabaa sagantaa kuufame fayyadamuu. Kompitarri kun  Yuunivarsiitii Viiktooriyaa kan Maanchisteritti argamu keessatti Frederic C. Williams, Tom Kilburn fi Geoff Tootilln hojjatame. Kompitarri kun sagantaasaa kan jalqaba Waxabajjii 21 1948titti raawwate. Sadarkaadhuma yeroo isaattu, kompitarri kun akka xiqqaa fi dubatti hafaa tti yoo ilaallameyyuu, kompitara hojjatu kan jalqabaa kan wantoota kompitara ammayaaf barbaachisaa ta'an qabu ture. Akkuma Small-Scale Experimental Machine hojjachuun akka danda'amu beekkameen, yuunivarsiitiicha keessatti pirojeektiin SSEM irratti hundaa'un kompitara faayyadamuun danda'amu hojjatu dhaabbate, kompitarri kunis Maanchister Maarki I jedhama.     

Maarki I odoo hin turin kan maddaa (prototype) Ferranti Maarki 1 ta'ee, kunis kompitara gurguraaf hojjatame kan hojii hunda hojjatu kan jalqabaati. Ferrantiin hojjatamee, Guraandhala 1951 Yuunivarsiitii Maanchisteritti kenname. Yoo xiqqaate maashinooni kun kan 7 ta'an bara 1953 hanga 1957 gidduutti kan kennaman yoo ta'u kana keessaa tokkoo laabii Sheel kan Amisterdaam jirutti kenname. Onkoloolessa 1947tti, hooggantoonni kaampaanii Biriitish J. Lyons  Company kompitaroonni kana daldalaaf akka hojjataman beeksisuu keessatti shoora gudda tabachuuf murteessan. Kompitarri LEO I jedhamu Ebla 1951 hojiirra oole, hojii biiroo keessaa kan kompitarri hojjachuu danda'u hojjachuunis kan jalqabaa ta'e.     

Baayipoolaar tiraanzisteriin bara 1947tti kalaqame. Bara 1955 kaase saxaxa kompitaraa keessatti tiraanzisteriin vaakiyuum tuubii bakka bu'e, kunis kompitaroota dhaloota lammaffaa jedhamu uume. Tiraanzisteriin vaakiyuum tuubiitti yoo madaalamu faayidaa baayyee qaba: bayyee xiqqaa dha, humna elektirikii xiqqaa barbaada, knaafis hoo'a xiqqaa uuma. Silken jaankishin tiraanzisteriin vaakiyuum tuubii caala baayyee amansiisaa dha, akksumas yeroo dheeraa hin daangeffamne hojjachuu danda'a. Kompitaroonni tiraanzisterii fayyadaman iddoo xiqqaa irratti sarkiyuutii yaayaa lamee (binary logic circuits) kuma kudhanitti lakkaawwamu qabatu.     

Yuunivarsiitii Maanchister keessatti, gareen Tom Kilburn hoogganamu maashinii vaalvii odoo hin taane tiraanzisteroota haaraa uummaman fayyadamu saxaxanii hojjatan. Kompitarri  jalqabaa kan tiraanzisteriitti fayyadamu kan isaan hojjatan, kan addunyaarratti kompitara tiraanzisterii fayyadamu kan jalqaba ta'e, bara 1953 hojii jalqabe, fooyya'aa lammaffaan Ebla 1955 xumurame. Haa ta'u malee, maashiniin kun kilookii 125 KHz ta'ee burqisiisuuf akkasumas kuufannoo maagineetiik diraamii irratti barreessuuf vaalvii fayyadama ture. Kanaafuu kompitarri guutummaan tiraanzisterii fayyadamu kan jalqabaa Harwell CADET kan 1955 ture; kompitarri kun Harwellitti kutaa elektirooniksii kan Dhaaba Qorannoo Anniisaa Atomiikiitin (Atomic Energy Research Establishmen) hojjatame.     

Humna shallaguu keessatti olaansi guddaan itti aanu kan dhufe kalaqamuu integireetid sarkiyuutii ti. Yaada integireetid sarkiyuutii jalqaba kan burqisiise saayintistii raadaarii kan Royal Radar Establishment Ministeera Ittisaa hojjachaa ture Geoffrey W.A. Dummer. Drummer waa'ee integireetid sarkiyuutii ibsa jalqabaa ummataaf Waashingitenitti Symposium on Progress in Quality Electronic Components irratti Caamsaa 7 1952 kenne.

ICn jalqabaa kan kalqame Jaak Kilbii kan Teksaas Inistirumentis keessa hojjatuu fi Rooberti Nooyisi kan Feerchaayildi semiikondaakter keessa hojjatuuni. Kilbiin yaada jalqabaa waa'ee integireetid sarkiyuutii Waxabajjii 1958tti galmeesse, kanas sarkiyuutii hojjatu fakkeenyummaaf Fulbaana 12 1958 agarsiisun godhe. Iyyannoo mirga paateentii Guraandhala 6 1959 galcheen, Kilbiin meeshaa isaa haaraa kana akkana jedhee ibse qaama wantoota semiikondaakterii...kan qabiyyeen elektiroonikii hundi guutummaan bakka tokkotti hojjatame. Nooyisi yaada integireetid sarkiyuutii kan mataasaa waggaa tokkoo fi walakkaa booda fidee dhufe. Chiippiin Nooyisi rakkoo baayyee kan chiippiin Kilbii hin furreef furmaata kenna ture. Feerchaayildi semiikondaakteritti kan hojjatame chiippiin Nooyisi, silkeeniirraa hojjatame; kan Kilbii ammoo jermaaniyemirraa hojjatame.

Kalaqni haaraan kun fayyadamni kompitaraa hojii daladalaa fi matayyaaf ooluu irratti akka ariitin guddatu godhee, gara maayikiroopirooseserii kalaquuttis geesse. Yoma meeshaa kamtu maayikiroopirooseserii jalqabaa ti jedhu mormisiisaa ta'eyyuu, karaa tokkoon sababa hiikaa sirrummaa jecha maayikiroopirooseserii irratti waliigalteen hin jirreef, maayikiroopirooseseriin chiippii tokkorratti hojjatame kan jalqabaa Intel 4004 akka ta'e mormiin hin jiru. Intel 4004n, Ted Hoffn, Federico Faggin, fi Stanley Mazorn Intel keessatti saxaxamee hojjatame.

Meeshaalen kompitaraa akkuma xiqqaachaa deemaninii fi umuriin baatirii socho'uu akkuma dabalaa deemeen, kompitaroonni socho'uu danda'an bara 1990n keessa baayyachaa deeman. Teeknooloojiin kompitara koyaa (laptop) fi kompitara salphaatti socho'an kan biraa oomishuuf gargaare kun, bilbila mobaayiliittis (cell phone) oomishtoonni  meeshaalee shallagaa akka itti gochuu danda'an godhe. Bilbiloonni akkasii kun ismaartifoon jedhamuun beekkamu. Ismaartifoononni sirna dalagaa adda addaa kan fayyadaman yoo ta'u ariitidhaan meeshaa shallagaa gabaa too'ate ta'aa jiru, oomishtoonni akka gabaasanitti nuusa lammaffaa 2013tti qofa ismaartifooni miliyoona 237 oomishamee gabaaf dhiyaate.

Amalli kompitara ammayyaa kan maashinoota kan biraa hundarraa adda baasu tokko kompitaroonni saganteeffamuu danda'uu isaaniti. Kana jechuun ajajni wayii (sagantaa) kompitaraa kennamuu danda'a, kompitarris sana raawwata. Kompitaroonni ammayya kan ijaarrii Voon Niwuumaan irratti hundaa'an yeroo baayyee maashin koodii akka afaan saganteessaatti (programming language) itti fayyadaman qabu. 

Sagantaan kompitaraa ajaja muraasa qofa ykn kan miliyoonatti lakkaawwamu ta'uu danda'a. Fakkenyaaf, hujeessaan jechoota fi weeb biraawuzeroonni ajaja miliyoonatti lakkaawwamu qabu. Kompitarri ammayyaa sekendii tokko keessatti ajaja biliyoonatti lakkaawwamu raawwachuu yoo danda'u dogoggora sirumaayyuu hin hojjatu. Sagantaan kompitaraa gurguddaan ajaja miliyoona baayyetti lakkaawwamu qabu kun, garee saganteessitootaatin (programmer) kan barreeffamuu fi waggaa muraasa kan fudhatu yoo ta'u, sababa ulfina hojii kanaarran kan ka'e yeroo hunda dogoggora ni qabaata.  

Yeroo baayyee, ajajni kompitaraa salphaa dha: lakkoofsa tokoo kan biraatti ida'i, daataa wayii iddoo tokkoo gara biraatti geessi, ergaa meshaa alaatti ergi, kkf. Ajajni kun kuufannoo kompitaraarraa dubbifamee tartiiba ittiin kaawwameen raawwatama (executed). Garuu, ajajni addaa kan kompitarri ajaja gara fuulduraa jiru ykn kan darbetti akka utaalu gochuun achii kaasee ajaja raawwachuu akka itti fufu godhu ni jira. Isaan kun ajaja utaalchaa (ykn damee) jedhamu. Dabalataanis, ajajni utaalchaa otoola (conditional) irratti hundaa'un akka raawwataman gochuun ni danda'ama; kunis tartiibni ajajaa gara garaa bu'aa shallaga darbee ykn muudata (event) alaa dhufu irratti hundaa'un raawwatamuu akka danda'u godha. Kompitaroonni baayyen tajaajila qajeelyodhumaan utaalcha bakka irraa utaale yaadatu, kan boodara ajaja iddoo itti utaale sana jiru yoo fixe bakka duraan irraa utaaletti deebi'e ajaja raawwachuu itti fufu dhiyeessu. Kunis sagantaa xiqqaa (sub routine) jedhama.     

Sagantaa raawwachuun kitaaba dubbisuu wajjin wal fakkeeffamuu danda'a. Namni kitaaba yeroo dubbisu jecha tokko tokkon sarara sararan tarreedhan dubbisa, yeroo barbaade ammoo iddoo duraan dubbisetti deebi'ee dubbisuu ykn mata dureewwan barbaachisaa hin taane bira darbee kaan dubbisuu danda'a. Akkuma kana, kompitarri duubatti deebi'ee garee sagantaa sanaa keessaa muraasa irra deddeebi'ee hanga haalli guututti raawwachuu danda'a. Kunis tartiiba too'annoo (flow of control) kan sagantaa keessaa jedhama; kompitari gargaarsa namaa malee hijii irra deddeebi'ee akka raawwatu kan godhu kana.  

Yoo walitti madaallu, namni kaakuleeterii fudhatee qooyyaba herrega bu'uuraa kan akka lakkoofsa lama ida'uu qabduu muraasa gadi dhiibun hojjachuu danda'a. Garuu, lakkoofsa 1 hanga 1,000tti jiru walitti ida'uuf qabduu si'a 1000 gadi dhiibuu kan qabu yoo ta'u yeroo dheeras fudhata, dogoggoraaf saaxilamuunsaas baayyee guddaa dha. Karaa biraa, kompitara kana akka godhuuf, ajaja muraasaan saganteessuu dandeenya. Fakkeenyaaf: 
       mov 0, sum     ; set sum to 0
       mov  1, num     ; set num to 1
 loop: add num, sum    ; add num to sum
       add 1, num      ; add 1 to num
       cmp num, #1000  ; compare num to 1000
       ble loop        ; if num 
Si'a tokko akka sagantaa kana akka raawwatu erga ajajamee booda, kompitarri hojii ida'uu irra deddeebi'aa kana odoo nama hin barbaadin hojjata. Kanarratti dogoggora wayiitu gonkumaa hin hojjatu. KM (PC) ammayyaa hojii kana yeroo gabaabduu yoo sekendii bakka miliyoonatti qoodne argannu keessatti raawwata.  

Kompitara baayyee keessatti, ajajni tokkoo tokkoonsaa akka maashin koodiitti kuufama, ajajni tokkoo tokkoonsaas lakkoofsa matasaa qaba (kunis oppereeshin koodi ykn gabaabaatti opkoodi jedhama). Ajajni lakkoofsa lama walitti idaasisu opkoodii tokko qaba; ajajni lakkoofsi akka baayyifamu godhu ammoo opkoodii kan biraa qaba, fi akkaatadhuma kanaan, ajajni kaanis opkoodii qabu. Kompitaroonni baayyee salphaa ta'an ajaja muraasa qofa raawwachuu danda'u; kompitaroonni ulfaataa ta'an garuu ajaja dhibbaan lakkaawwamu raawwachuu danda'u, ajajoonni kun hundi isaanii lakkoofsa addaa mataasaanii qabu. Kuufannoon kompitaraa lakoofsa kuusuu waan danda'uuf, koodii ajajaas kuusuu danda'a. Kunis gara sagantaa guutuun (kan tarree ajajoota kanaa ta'e) tarree lakkoofsaatiin bakka buufamuu danda'a jedhuu fi kompitara keessatti akkuma lakkoofsa kaaniitti hujeeffamuu danda'a jedhutti ol guddate. Yaadni sagantaa fi daata inni irratti hojjatu kuufannoo kompitaraa keessa kaa'uu jedhu bu'uura ijaarrii Voon Newuumaan ykn sagantaa kuufame ti. Yeroo tokko tokko, kompitarri ajajasaa muraasa ykn hunda kuufannoo keessatti, daataa irratti hojjaturraa gara biraa yeroon kaawu ni jira. Kunis ijaarrii Harvaardi jedhamee beekkama, kompitara Haarvaard Maark I jedhamu irraa ka'uun. Kompitaroonni ammayyaa kan ijaarrii Voon Newuumaan irratti hundaa'an saxaxi (design) isaanitiin amala muraasa ijaarrii Haarvaardi of keessaa qabu, kan akka caashii CPU keessatti.           

Oduma sagantaa kompitaraa akka tarree lakkoofsaa dheeraa tokkootti (maashin koodii) barreessuun danda'amuuyyuu, tooftaan kun kan kompitara jalqabaa baayyee irratti itti fayyadamaa turan ta'uyyuu, malli kun garmalee dadhabsiisaa fi dogoggoraaf kan saxilame dha, keessahuu sagantaa gurguddaa fi ulfaataa barreessuuf. Bakka kanaa, ajajni bu'uuraa hundi maqaa gabaabaa kan hojii ajajichaa ibsu fi kan yaadachuuf salphaa ta'e kennamuufii danda'a - kan akka IDA, HIR, BAY, ykn UTAL. Maqaa gabaabaan ajajootaa kenname kun assembilii laanguweeji jedhame beekkama. Sagantaa assembiliin barreeffame gara waan kompitarri hubachuu danda'uutti (kompitarri maashin koodii qofa hubachuu danda'a) jijjiiruuf sagantaa kompitaraa assembiler jedhamutti fayyadamna.     

Afaan saganteessaa karaa adda addaa ittiin saganta kompitarri raawwatu ibsinu nuu keenna. Haala afaan namaatin wal hin fakkaanneen, afaanonni saganteessaa kan saxaxaman gabaabaa akka ta'anii fi himni tokko hiika tokkoo ol qabaachuu akka hin dandeenyeefi. Gutumaatti afaanonni saganteessaa afaan barreeffamaa yoo ta'an sagaleen ol fuudhanii dubbisuuf ulfaataa dha. Walumaa galatti, afaan saganteessaa gara maashin koodiitti kompaayileriin ykn assembileriin hiikkamu, ykn ammoo interpireeteriin battaluma sagantaan sun raawwatamaa jirutti hiikkamu. Yeroo tokko tokko, sagantoonni walmaka tooftaa lamaaniniituu raawwatamu.     

Afaan maashinii fi afaan assembilii afaan ga-xiqqaa kana jalatti ramadamu. Afaanonni kun gosa kompitara irratti kan hunda'ani dha, kan jechuun kompitara adda addaaf, afaan gad-xiqqaan isaanii garaa garummaa qaba jechuu dha. Fakkeenyaaf, kompitarri ijaarrii ARM (ARM architecture) (kan meeshaalee akka PDA ykn viidiyoo geemii keessatti argaman) ta'an afaan maashinii (maashin koodii) Intel Peentiyeemii ykn AMD Atiloon 64 hubachuu hin danda'an.     

Maashin koodii caala dachaa baayyeen salphaa ta'uyyuu, afaan assembiliitin sagantaa dheeraa barreessuun ulfaataa fi dogoggoraaf kan saaxilame dha. Kanaafuu, sagantaa baayyeen afaan ol-guddaa kan fedhii saganteessaa haala mijataa ta'een ibsuu danda'aniin (kunimmoo dogoggora sagantaa hirrisa) barreeffama. Afaanonni ol-guddaan yeroo baayyee gara afaan maashiniitti roggeffamu (ykn dura gara afaan assembiliitti, itti aansee gara afaan maashiniitti); kanas kan godhu sagantaa kompitaraa kan biraa kan kompaayilerii jedhamu. Afaanonni ol-guddaan assembilii caalaa kompitara irratti raawataman irratti baayyee hin hundaa'an, irra caala afaanichumaa fi caasaa rakkoo kompitaraan furamauuf jiruu irratti hundaa'u.  Kanaafu, kompaayilerii gara garaatti fayyadamuun sagantaa afaan ol-guddaan barreeffame tokko gara afaan maashinii kompitara adda addaatti jijjiiruun ni danda'ama. Kunis tooftaa ittiin mosajjii (sagantaa) akka viidiyoo geemii ijaarrii kompitara adda addaa kan akka kompitara matayyaa fi viidiyoo geem konsoliirratti akka hojjtuuf ittiin dhiyeessani.     

Saxaxiin sagantaa kan sagantaa xixiqqaa salphaa yoo ta'u rakkoo furamuuf jiru qorachuu, galcha walitti qabuu, jechoota sagenteessuu afanoota keessa jiran fayyadamuu, adeemsaa fi seermurtoo haaraa baasuu ykn kan duraan jiran fayyadamuu, daataa meeshaalee bahaaf dhiyeessuu fi furmaata rakkoo kennuu dha. Akkuma rakkoon guddachaa fi ulfaataa ta'aa deemu, wantoonni akka sagantaa xiqqaa (subprocedure), muraa (module), galmeessa (documentaation), fi tooftaa saganteessuu haara kan akka wantarratti xiyyeeffatu (object-oriented programming) barbaachisa ta'a. Sagantaa gurguddaan kan sarara lakkaddaa mana kumaatti lakkaawwamu qabuf toftaa mosaajii (software methodology) ittiin saxaxan barbaachisa. Hojiin moosaajii gurguddaa hojjachuun qormaata beekumsaa (intellectual challenge) guddaa dha. Mosaajii amansiisummaa guddaa qabuu fi kan bajataa fi yeroo itti xumuramu tilmaamun danda'amu uumuun baayyee ulfaata ture; kutaan barnoota kan injineeringii moosaajii irratti xiyyeeffatu qormaata kanarratti xiyyeeffatee furuuf yaala.

Ilbiisni dhugaa kan kompitaraa kan jalqabaa irbaata abiddaa kompitara Harvaardi Maark II keessatti argamte.  

Dogogorri sagantaa kompitaraa ilbiisa jedhama. Dogoggorri kun kan miidhaa hin qabnee fi sagantaan sun faayidaa qabeessa ta'uusaa kan hin jijjiirre, ykn jijjiirama xiqqoo qofa fiduu ta'a. Garuu yeroo tokko tokko, sagantaan sun ykn sirni guutuun akka halaku godhuu danda'a, deebii kan hin kennine fi naqaa hantuuttee ykn kiyiboordii kan hin fudhanne, gutumaan guutuutti akka kufu, ykn akka halaku godha. Karaa biraa, ilbiisni namoota yaada hamaa qabaniif sagantaa hamaa kan ilbiisa kanatti fayyadamuun kompitarri keenyaa seeran ajaja akka hin raawwane godhaniif ooluu danda'a. Kompitaroonni ajaja kennameef qofa kan raawwatan waan ta'eef, ilbiisni kan dhufu dogoggora saganteessa ykn dogoggora saxaxa sagantaatini.   

Admiral Graas Hoopper, saayintistii kompitaraa Ameerikaa fi kompaayilerii jalqabaa kan uume, jecha ilbiisa jedhu kana kompitaraaf kan fayyadame isa ture. Kunis erga irbaata abiddaa duute kompitara Haarvaard Maark II keessatti bara 1947 argee booda.

Kompitarri hojii walii galaaf hojjatame kutaa afur qaba: Kutaa Yaayaa Herregaa (arithmetic logic unit), Kutaa Too'annoo (Control Unit), kuufannoo, fi meeshaalee naqaa fi bahaa. Kutaawwan kun hundi karaa baasii walqabatu, baasiin yeroo baayyee wadaroo sibiilarraa hojjatama dha.  

Kutaalee kana hunda keessa sarkiyuutii elektirikaa kumaa hanga tiriliyoonatti baayyatu keessa jira; sarkiyuutin kun elektrikii akka dabrsuu fi akka dhowwu iswiichii elektroonikiitti fayyadamuun gochuun ni danda'ama. Sarkiyuutin tokko tokkoonsaa odeeffannoo laklamee (lakkofsa lama) qabata, yeroo sarkiyuutin elektrikii dabarsu 1 bakka bu'a, yeroo elektirikii dhowwu ammoo 0 bakka bu'a. Sarkiyuutonni kun karra yaayaa (logic gates) ta'nii kan qindeeffaman yoo ta'u kunis sarkiyuutin tokko ykn tokkoo ol haala sarkiyuutota kan biraa akka to'atuuf jedhameeti.    

Kutaan too'annoo, KYH (ALU), fi meeshaleen naqaa/bahaa bu'uuraa bakka tokkotti kutaa hujeessaa giddugaleessaa(KHG) (Central Processing Unit) jedhama. KHG kan jalqabaa qabiyyee kobaa kobaa jiran irraa ummama ture, garuu bara 1970n gidduu keessaa jalqabee KHG integireetid sarkiyuutii tokko irratti oomishama; kunis qabiyyee KHG hunda bakka tokkotti kan qabatu yoo ta'u maayikiroopirooseser jedhama.  

Kutaan too'annoo (sirna too'annoo ykn too'ataa giddugaleessa ni jedhama) kutaa kompitaraa adda addaa too'ata; ajaja kompitaraa dubbisuu fi hiikuu (decode) kan hojjatu yoo ta'u kan gochuun ajajoota gara asattoo (signal) too'annootti jijjiirun qaama kompitaraa kaan akka kakaasu godha. Sirni too'annoo kompitaroota olaanaa keessa jiran tartiiba ajajni ittiin raawatamu kan jijjiiran yoo ta'u kunis saffisa ajajni ittiin raawwatamu fooyyesuufi.   

Qabiyyeen murteessaan KHG hunda keessa jiru lakkaawaa sagantaa (program counter) ti, innis registerii (kuufannoo adda) bakka ajajni itti aanu jiruu fi irraa dubbifamu qabatu dha.  

Sirni too'annoo akka rmaan gadiitti hojjata — kuni ibsa salphifamee dhiyaate ta'uu qalbeeffadhu, KHG irratti hundaa'ee tartiibni tokko tokko erga takkaa raawwatamuu danda'a ykn tarree biraatin raawwatamuu danda'a:

Lakkooftuun sagantaa mannee kuufannoo (memory cell) waan ta'eef, shallaga KYH keessatti raawwatamurraan kan ka'e qabiyyeen isaaa jijjiiramuu danda'a. Lakkooftuu sagantaatti 100 ida'uun, ajani itti aanu bakka amma jirurraa 100 gadi fagaatee akka dubbifamu godha. Ajajoonni qabiyyee lakkooftuu sagantaa jijjiiran utaalcha jedhamu, isaanis marsaa (ajaja irra deddeebi'ee raawwatamu) fi ajaja otoolaa (kan haalarratti hundaa'ee raawwatamu) raawwachuuf gargaaru.

Tarreen hojiiwwanii kan kutaan too'annoo ajaja raawwachuuf jecha hordofu mataasaatin akka sagantaa kompitaraa xiqqaati. Keessaahuu, saxaxa KHG ulfaataa keessatti, kompitara xiqqaa kan maayikirooseku'eenser jedhamutu jira, kunis sagantaa maayikirookoodii raawwachuun hojiiwwan armaan olii hundi seeran akka raawwataman godha.

Hojiin qooyyabaa kan KYH tokko raawwatu ida'uu fi hirrisuu qofa ta'uu danda'a ykn baayyisuu, hiruu, tiriigonomeetirii akka saayinii, kosaayinii, fi kkf, fi isquweer ruutii dabalachuu danda'a. KYH tokko tokko lakkoofsa intiijerii qofa fudhatu kaan ammoo lakkoofsa firaakshinii qabu fudhachuu danda'u, garuu dheerinni firaakshinii sanaa xiqqaa ta'uu danda'a. Haa ta'u malee, kompitarri hojii salphaa hojjatu kamiyyuu hojii isa xaxamaa gara hojii salphaa ofii hojjachuu danda'uttii jijjiiree akka hojjatuf sganteeffamuu danda'a. Kanaafuu, kompitarri kamiyyuu qooyyaba hunda akka hojjatuuf saganteeffamuu danda'a - garuu hojii sana raawachuuf yeroo fudhachuu danda'a. Dabalataan, KYH lakkoofsa waldorgomsiisee gatii buuliyaanii deebisuu danda'a (dhugaa ykn soba); kunis lakkoofsonni sun wal qixxee, irra guddaa ykn irra xiqqaa ta'u isaanii irratti hundaa'a (fkn 64

Mosajjiin qaama kompitaraa kan fiizikaala hin qabne kan akka sagantaa, daaataa, aaloo, fi kkf agarsiisu. Yeroo mosajjiin haardiweerii keessatti kuufame, kan salphaatti jijjiiruun hin danda'amne yoo ta'e (akka BIOS ROM), yeroo tokko tokko fiirmiweerii jedhama.  

Afaan saganteessaa kumaa olitti lakkaawwamutu jira - kaan kan hojii hundumaaf tajaajilan, kaan ammoo hojii addayaa qofaaf kan tajaajilan. 

Akkuma fayyadamni kompitaraa ummata keessatti babballachaa deeme, kaamayaan kompitara wajjin walqabatu dabalaa deeme. 

Kompitaroonni waliin hojjachuu fi odeeffannoo wal jijjiiruu danda'uu waan qabaniif, dhaabbanni walteessaa baayyeen akka ummamuuf karaa bane, kunis dhaabbata, hawaasa, fi gumii adda addaa of keessatti qabatu yoo ta'u kan seeran dhaabbate ykn kan ofumaa dhaabbate ta'uu danda'a.




#Article 167: Qarsaa (110 words)


Aanaa Qarsaa moggaasa maqaa kana kan argaatte barreessan seena kana qoraate tokko ibsutti jechi qarsaa jedhu iddo lagaa Qarsaa jedhamu kan dangaa Gobelle fi Qarsaa addan baasu iddo riqicha bishaan gamaas qarsuu irra fudhatame yaadne jedhuus ni jira.
yaadni biraa ammaas moggaasa maqaa kanaatin kan wal qabaaate yeroo lola minilik wajjin calaanqo irrati gaafa godhaamu san dhakaa Qarsaa kan jedhamu ittiin qaraacha akka waan turaanif Maqaan Qarsaa jedhamu moggaafame kan jedhuus ni jira.....
aanaa kenyaa teeysuma lafaa diriira kan qabuu yoo tahuu lafaa Investmentiif mijaawa kan qabduu yommuu magaalota umrii wagga dheera kan qabaan keessa isii tokko..baliina seena kana yeroo dhihoo booda  barreessa Gutama Mahamad jedhamun isiinif gad dhisaama Inshallaah.
 




#Article 168: Piyeer Kurii (873 words)


Piyeer Kurii (Caamsaa 15 1859 - Ebla 19 1906) fiizisistii lammii Firaansi yoo ta'u qorannoo kiristaalaa (crystallography), maagineetii, pi'eezzoo'elektirisiitii fi raadiyoo'aktiiviitii irratti geggeesseen beekkama. Piyeer Kuriin bara 1903tti Badhaasa Noobelii kan Fiiziksii haadhaa manaasaa Meerii Kurii, fi Henri Becquerel waajjin yaadannoo tajaajila olaana isaan qorannoo wal faana raadiyeeshinii Pirofeesar Henri Becquerel argate irratti godhaniin kennaniif beekkamtii kennuuf argate.   

Piyeer kurii Paarisitti Caamsaa 15 1859 dhalate; abbaan Piyeer Eugene kurii (28 Hagayya 1827 – 25 Amajjii 1910) yoo ta'u haati isaa ammoo Sophie-Claire Depouilly Kurii (15 January 1832 – 27 September 1897) ti. Abbaansaa Piyeer mana keessatti isa barsiise, Piyeer yeroo umuriinsaa mana kudhanii keessaa seenu dandeettii herregaa fi ji'oomeetirii guddaa agarsiise. Umurii 16tti, digirii herregaa fudhate. Yeroo umuriinsaa 18, Piyeer barnoota digirii olaanaan qixxaatu fixe, garuu sababa mallaqa dhabuutin battalumaan doktireetii itti hin fufne. Sana dhiisee barsiisaa laabiraatorii ta'ee hojjachuu jalqabe.    

Bara 1880, Piyeerii fi obboleessi isaa angafni Jaak (1856 - 1941) yeroo kiristaalli cafaqamu garaagarummaan elektirikii (electric potential) akka uummau argatani; kunis pi'eezzo'elektirisiitii jedhama. Hojii kanarratti itti fayyadamuuf, Piezoelectric Quartz Electrometer kalaqan. Yeroo gabaabaa booda, amala faallaa kanaa ta'ee agarsiisan: kiristaalonni yeroo fiildii elektiriikitti saaxilaman bocni isaanii akka jijjiiramu. Yeroo ammaa elektirooniik sarkiyuutin dijitaalaa hundi kanarratti kan hundaa'an yoo ta'u kunis kiristaal osileeterii (crystal oscillators) dha.  

Piyeer Kurii Meerii Kurii (duraan Maariyaa Sklodowska jedhamti) karaa hiriyaasaa tokkootin wal bare. Wanti Piyeer Meerii akka jaalatu godhe tokko ishiin akka dubartoota kaanii miti - garaa guutuun saayinsii jaalatti. Yeroo inni fuudhaaf ishii gaafatu, ishiinis oduma isa jaalattuuyyuu, hin didde. Dhumarratti Adooleessa 26 1895tti gaaffii gaa'ilaa kana fudhatee.  

Qorannoo dokitireetiisaa kan maagineetizimii irratti godhe dura, Piyeer meeshaa ittiin koofishentii maagineetii ittiin safaru kalaqe. Meeshaa kana (jijjiirraa muraasa gochuun) namoonni waa'ee maagineetizimii irratti hojjatan baayyen ergasii itti fayyadamaniiru. Piyeer dokitireetii isaatif feerroomaagineetizimii, paaraamaagineetizimii fi daayaamaagineetizimii qorate, kanaanis dhiibbaa tempireecharri paaraamaagineetizimii irratti qabu kan amma seera Kurii (Curie's law) jedhamu argate. Seranaa (constant) wantootaa kan seera kiyuurii keessa jiru seranaa Piyeerii jedhama. Wantoonnii feerroomaagineetik ta'an tempireechara jijiirramaa murteessa, kan yoo tempireecharri isaa ol ta'e amala feerroomaagineetik isaanii dhaban argate. Kunis qabxii Kuurii jedhama.

Piyeer kan amma Piriinsipillii Dissimeetirii Kurii jedhamu baase: bu'aan fiizikaalaa (physical effect) dissimeetirii waan ka'umsa ta'eef sana keessa hin jirre hin qabaatu. Fakkenyaaf, wal makaan cirrachaa kan zeeroo giraaviitii keessa jiruu dissimeetirii (ayisotirooppiikii) hin qabu. Fiildii giraaviitii yoo itti godhame, dissimeetiriin ni uummama, kunis sababa kallattii fiildii girraviitii sanaatiif kan dhufe. Sana booda tokko tokkeen cirrachaa sun rukkina kan yabbina wajjin dabalaa deemu wajjin of-fooya (self-sort). Qindoomni haaraan kun garuu, kan ijji cirrachaa kallattiin of qindeesse kun, dissimeetirii fiildii giraaviitii kan fooyama uumuf saba ta'e sana agarsiisa.

Piyeer haadha manaasaa Meerii Kurii wajjin hojjachuun polooniyemii fi reediyeemi argatan. Jecha 'raadiyoo'aktiviitii' jedhu yeroo jalqabaatiif kan fayyadame isaan yoo ta'u qorannoo  raadiyoo'aktiviitii irratti geggeessuun namoota jalqabaa turan. Hojiin isaanii, qorannoo doktireetii kan Meerii isa beekkamaa dabalatee, elektiroomeetirii pi'eezzoo'elektirikii kan  Piyeerii fi obboleessi isaa Jaak wajjin kalaqanitti fayyadamuun hojjatame.   

Yeroo jalqabaaf anniisaa niwuukilaaraa Piyeerii fi barataasaatu argate; kanas hoo'a odoo addaan hin citin reediyeemii keessa yaa'u adda baasun argatan. Piyeer raadiyeeshinii wantoonni raadiyoo'aktiivii ta'an maddisiisan qorate, maagineetiik fiilditti fayyadamudhaan raadiyeeshiniin tokko tokko chaarjii poozatiivii kan qabu, kaan ammoo nageetiivii kan qabu, fi kaan hinbabsaawoo ta'uu hubate. Kunis raadiyeeshinii aalfaa, beettaa, fi gaamaa jedhamu.

Kuriin safartuun raadiyoo'aktiiviitii (sekendii tokkotti tortora 3.7 × 1010 ykn 37 gigabecquerels) yoo ta'u jalqaba kabaja Kuriif jecha bara 1910tti Kongiresii Raadiyooloojiitiin moggaafame, kunis erga Kuriin du'ee booda ture. Boodarra garuu, maqaan kun kabaja Marii, Piyeer, moo kan lamaanuti jedhu mormii kaase. 

Gara dhuma jaarra 19ffaa keessa, Piyeer Kuriin icitii maagineetizimii (ordinary magnetism) qorachaa ture; kana bukkeetti eksipermentii hafuura kan saayintistoonni Yuurooppi kan akka Charles Richet and Camille Flammarion godhan dhaga'e. Piyeer jalqaba qorannoo tooftawaan waa'ee hafuuraa irratti godhamu gaaffiwaan maagineetizimii kan deebi hin argatin baruuf akka isa gargaaru tilmaame. KAadhimasaa Mariidhaa yeroo barreessu Waa'een hafuura kun baayyee akka na hawwate sitti dhoksuu hin barbaadu. Isa keessa gaaffiin wa'ee fiiziksii jira (Hurwic 1995, p. 68). Yaadannoon Piyeer Kurii kan yeroo sanaa kitaabaa wa'ee hafuuraa baayyee akka dubbise agarsiisa (Hurwic 1995, p. 68)  

Waa'ee seances kan Eusapia Palladino, Piyeer Kuriin fizisist Joorji Goyiif xalayaa Adoolessa 4 1905 barreessefin akkana jedhe: 

About some séances with Eusapia Palladino, Pierre Curie wrote to physicist Georges Gouy in a letter dated 24 July 1905 (Hurwic 1995, p. 248):

Piyeer gara Seances daawwachuuf qofa hin deemne, kaayyoon isaas hafuura wayii wajjin dudubbachuuf hin turre. Piyeer seances akka eksipermentii saayinsiitti ilaale, ulaagaa adda addaas too'achuu yaale, dhumarratti yaadanoo ballaa waan achirratti argees qabate (Hurwic 1995, p. 247).   

Intalli Piyeeri fi Marii Kurii Aayiriin Joliot-Kurii fi abbaan manaa ishii Fireediriik Joliot-Kuriis fiizisistii wa'ee raadiyoo'aktiiviitii qoratan turan. Isaanis Badhaasa Noobelii kan Fiiziksii qorannoo isaanii kanaaf argataniiru. 

Intalli isaanii kan biraa, Iivi ammoo, seenaa haadha ishii barreessite.

Kan Piyeer Kuriin akaakayyuu ta'uuf intalli intalasaanii Hélène Langevin-Joliot, Yuunivarsiitii Paarisitti pirofeesarii fiiziksii niwuukilaaraa ti. Kan Piyeer Kuriin akaakayyuu ta'uuf ilmi intalasaanii Piyeer Joliot, kan akaakayyuusaa Piyeeritti moggaafame, baayookemistii beekkamaa dha. 

Piyeer Kuriin balaa karaarraa kan Paaris keessatti isarra ga'een Ebla 19 1906 du'e. Karaa tiraafikiin itti baayyatu Rue Dauphine bokkaa keessa bakka Quai de Conti jedhamutti odoo qaxxaamuraa jiruu, Piyeer mucucaatee konkolaata fardaan harkifamu (cart) jalatti kufe. Lukti konkolaataa kanaa mataasarra bahee buqqee mataasaa waan cabseef battalumatti du'e. 

Ebla 1995, Piyeeri fi Marii Kurii Paaris keessatti iddoo awwalcha namoota kabajamoof addatti qophaa'e keessati awwaalaman. 




#Article 169: Marii Kurii (3404 words)


Marii Skiwoodofiskaa Kurii (Maria Salomea Skłodowska-Curie) (Sadaasa 7 1867 - Adoolessa 4 1934) fiizisistii fi kemistii beekkamtuu yoo taatu namoota qoraannoo wa'ee raadiyoo'aktiviitii irratti godhan keessaa kan jalqaba fi adda duree turte. Mariin dhalootaan lammii Poolaandi yoo taatu boodarra garuu lamummaa Firaansi argate. Mariin Badhaasa Noobelii argachuun dubartii jalqabaa yoo taatu, nama badhaasa kana si'a lama argate kan jalqabaa (dubartii keessaa kan qofaa) ti, nama saayinsii adda addaatin badhaasa kana si'a lama argate kan qofaa, fi maatii Kurii kan Badhaasa Noobelii shan argate keessaa nama tokko turte. Mariin Yuunivarsiitii Paarisitti dubartii pirofeesara taate kan jalqabaa yoo taatu bara 1995 dubartii jalqabaa kan hojii mataa ishiitin Paaris keessatti awwalcha namoota kabajamoof addatti qophaa'e keessati awwaalamte dha.

Mariin Waarsawu, kan yeroo sana Mootummaa Poolaandi jedhamu fi kutaa Impaayera Raashiyaa ta'e keessatti Mariyaa Saloomiyaa Skiwoodofiskaa taatee dhalatte.  Mariin dhoksaan socho’u Yuunivarsiitii Filootingi (Floating University) Waarsawu keessatti barattee leenjii saayinisii hojiirrattii Waarsawu keessatti jalqabde. Bara 1891tti, umurii 24tti, obboleettii ishii angafaa hordofuun barnootaaf Paaris deemte. Paarisitti digirii ishii kan argate yoo ta'u hojiiwwan saayinsii hojjatte hundas Paaris keessatti hojjatte. Badhaasa Noobleii kan 1903 abbaa manaashii Piyeer Kurii fi fiizisisti Henrii Baakireel wajjin kan addaan qooddatte Mariin bara 1911tti ammoo Badhaasa Noobelii kan Kemistirii dhuunfaa ishiitti argatee jirti. 

Argannoo Marii keessaa raadiyoo'aktiiviitii (jecha kana kan uume ishii dha), toofta ittiin ayissotooppota raadiyoo'aktiivii addaan baasanii fi elementoota haara lama kan polooniyeemii fi reediyeemii jedhaman kaasun ni danda'ama. Qajeelfama Mariitin,  ayissotooppota raadiyoo'aktiivii ta'anitti fayyadamuun, qorannoon jalqabaa kan akkataa ittiin neoplasmas yaalanii fayyisuun danda'amu irratti xiyyeeffatu godhame. Mariin dhaaba Inistiitiyuutii Kurii jedhamu Paarisii fi Waarsawu keessatti kan dhaabdee yoo ta'u dhaabni hanga ammaatti giddugala qorannoo fayyaa ta'ee argama. Yeroo Waraana Addunyaa I, giddugala raadiyooloojii dirree waraanaa kan jalqaba dhaabde.

Lammii Firaansi yoo taateyyuu, Marii Skiwoodofiskaa Kurii (maqaa maatii lamaanuu ni fayyadamti) eenyummaa kan Poolish ta'uushii hin daganne.  Ijoollee ishii kan durbaa lamaanuu Poolaandiffa kan barsiifte yoo ta'u akka daawwataniifis gara Poolaandi yeroo baayyee isaan geessitee jirti. Elementii jalqaba argate – Polooniyeemii kan jalqaba bara 1889 adda baafte – maqaa biyya dhaloota ishiin polooniyeemi jettee moggaafte.

Mariin bara 1934 Hospitaala Sanselomuuz (Sancellemoz - Haute-Savoie), Firaansi keessatii duute, sababiin du'a ishiis apilaastiik animiyaa yoo ta'u kunis kan dhufe raadiyeeshiniidhaaf saaxilamuu isheetin ture - kan saaxilamtes yeroo qorannoo teesti tuubii reediyeemii kiisii keessatti waan baachaa turtee fi tajaajila eksi-reyii yeroo waraanaa kenniteen ture.     

Marii Skiwoodofiskaa Waarsawu, kutaa Poolaandi kan Impaayera Raashiyaa jala ture keessatti Sadaasa 7 1867 dhalatte. Mariin ilmoo shanaffaa fi kan dhumaa Birooniswaa, fi Waadiswaa Skiwoodofiskaa ti. Obbleeyyan Marii kan angafa ishii ta'an Zoofiyaa (1862 dhalate), Yoozeef (1863), Birooniiswaa (1865) fi Heleenaa (1866).        

Karaa abbaas ta'ee karaa haadhaa, maatiin Marii qabeenyaa isaanii fincila bilisummaa Poolaandiif jecha godhaniin (kan dhiyoo sana ka'e Fincila Amajjii kan 1863-65) dhaban. Kunis dhaloota itti aane dhufu, Marii dabalatee, obboleeyyanshii kan durbaa fi obbleessa ishii, rakkina qabeenyaa fi jireenya moo'achuuf qabsoo keessa akka seenan godhe.      

Akaakayyuun Marii kan karaa abbaa, Yoozeef Skiwoodofiskaa, Lubliin keessatti barsiisaa kabajamaa ture,  achittiis Boleswaa Piruus kan seenaa ogbarruu Poolaandi keessatti nama guddaa ta'e yeroo ijoollummaasaa barsiisee ture. Abbaan ishii, Władysław Skłodowski, herregaa fi fiiziksii barsiisa ture, barnoota boodarraa Mariin ; akkasumas geggeessaa jiminaaziyemii dhiirotaa ture. Erga qondaaltonni Raashiyaa ajaja akkaata fayyadama laabiraatorii ibsu mana barumsaa Poolaandi kessaa balleessanii booda, abbaan ishii meeshaalee laabiraatorii baayyee kan manasaatti fide, akkasumas akkamitti akka fayyadaman ijoollee isaa barsiise.         

Abbaan ishii boodarra qondaaltota Raashiyaatin deeggarsaa bilisummaa Poolandiif qaburraan kan ka'e hojiirraa ari'ame, kanarraan kan ka'e hojii miindaansaa xiqqoo ta'e hojjachuuf dirqame; kana malees, maatin Marii investimeentii godhaniin qarshii dhaban, kanaafuu galii argachuuf jecha dargaggoota mana isaanii akka bulan eeyyaman. Haatii Marii Bronisława mana barumsa fi jireenya dubartoota (boarding school) keessaa hojjatti turte, ergaa Mariin dhalattee hojii kana gadi lakkifte. Yeroo Mariin waggaa 10, Bronisławan dhibee tuubarkiloosisiin duute. Waggaa sadi'i dura, obboleettiin Marii Zoofiyaan, dhibee taayifesii kan mana barumsaatii ishii qabeen duute.  

Abbaan Marii nama waaqatti amanu hin turre (atheist), haati ishii garuu Kaatolikii cimtuu turte. Duuti haadhaa fi obboleettii sihii Mariin amantii Kaatolikii dhiiftee aginoostikii taate. 

Yeroo Mariin waggaa 10, mana barumsaa fi jireenyaa J. Sikorska galtee barachuu jalqabde; itti aansee jiminaaziyeemii dubartootaa kan baratte yoo ta'u gaafa Waxabajjii 12 1983 madaaliya warqeetin eebbifamte. Erga gaggabdee kuftee booda, tarii dippireeshiniidhaan ta'uu hin oolu, waggaa itti aanu sana baadiyyaa keessatti fira abbaa ishii biratti dabarsite. Wagga itti aanu ammoo Waarsawu keessatti abbaashii biratti nama qayyabachiisaa dabarsite. Barnoota sadarkaa olaanaa sababii dubartii taateef galuu waan hin dandeenyeef, ishiini fi obboleettiin ishii  Bronisławan yuunivarsiitii dhoksaan hojjatu kan Yuunivarsiitii Filootingi jedhamu, dhaabbata barnoota olaanaa bilisummaa Poolandi deeggaruu fi kan dubartoota fudhatu, galan. 

Mariin obboleettii ishii Bronisława wajjin waliigaltee uumte, kunis yeroo Bronisławan Paarisitti medisinii barattu gargaaruuf, waggaa lama boodammoo Bronisławan akkasuma Marii akka gargaartu ture. Kana wajjin wal qabatee, Mariin hojii maatii namaa wajiin jiraattee ijoollee isaanii barsiisuu (governess) jalqabde: jalqaba manaa ishiitii deddeebi'uun qayyabachiisu, achii booda waggaa lamaaf  maatii wayii wajiin jiraattee ijoollee isaanii barsiisuu jalqabde; kunis iddoo Ischukii (Szczuki) jedhamu yoo ta'u maatin kunis kan Żorawskis jedhaman fira abbaa ishii turan. Yeroo maatii kanaaf jirtutti, ilma isaani  Kazimierz Żorawski, kan sana booda herregaa beekkama ta'e, jaalatte. Maatin isaa garuu Mariin kan saantima cabduu hin qabne fuudhuun akka hin danda'amne itti himan, innis kan maatin isaa dura dhaabachuu hin dandeenye. Haala kanaan addaan ba'uun isaani jara lamaanifuu ulfaataa ture. Sana booda odoo hin turin Kazimierz Żorawski dafee doktireetii isaa argate, akka barsiisaa herreegaattis hojii jalqabe, Yuunivarsiitii Kirakoov keessatti pirofeesaraa fi dura ta'aa ta'e. Erga dulloomee booda, pirofeesara herregaa Waarsawu Pooliiteekniik (Warsaw Polytechnic) ta'e yeroo jirutti, siidaa Marii kan bara 1935tti Inistiitiyuutii Reediyeemii kan Mariin bara 1932 dhaabde fuuldura jiru jala taa'ee baayyee yaadan bada ture. 

Jalqaba bara 1890tti, Bronisława —  kan ji'a muraasa dura, kan doktarii fi qabsaawaa mirga namaa Poolaandi ta'e Kazimierz Dłuskitti heerumte — Mariin gara Paaris akka dhuftuuf ishii affeerte. Kaffaltii yuunivarsiitii waan hin dandeenyeef, Mariin affeerraa kana hin didde; qarshii ishii barbaachisu walitti qabuuf, waggaa tokkoo fi walakkaa ishiitti itti fudhate. Abbaanshii kan deebi'ee hojii mindaa guddaa qabu aragate, ishii gargaare. Yeroo kana hunda Mariin of barsiisuu itti fufte, kitaaba dubbisuu, xalayaa babarreesuun, fi tutooriyaalii (tutor) fudhacuun barachaa turte. Jalqaba bara 1889, Mariin Waarsawutti gara mana abbaashiitti deebite. Achittiis ijoolee namaa barsiisu ittuma fufte, hanga 1991ttis achuma turte. Mariin tuutooriyaalii ni kenniti, Yuunivarsiitii Filootingitti ni baratti, akkasumas leenjii saayinsii shaakalaan deeggarame laabiraatorii keemikaalaa keessatti jalqabde; laabiraatoriin kunis Godambaa Industirii fi Qonnaa keessatti, bakka Krakowskie Przedmieście 66 jedhamutti Waarsawu dulloomaa keessatti argama. Laabiraatoriin kun wasiilashii Józef Boguskin, kan kemistii Raashiyaa Dimiitirii Mendeleeviif gargaaraa ta'ee Seenti Petersibergi keessatti hojjachaa ture, kan hoogganamu ture.      

Gara dhuma 1891 keessaa Mariin Poolaandi gadi lakkiftee gara Paaris deemte. Paarisitti, hanga mana yuunivarsiitiitti dhiyaatu kan Latin Quarter jedhamu kireeffatutti, Mariin obboleettii ishii abbaa manaa obboleettii ishii bira quabatte. Bara 1891tti, Mariin Yuunivarsiitii Paarisitti galmooftee fiiziksii, kemistirii, fi herrega barachuu jalqabde. Mariin qabeenya xiqqo qabdutti fayyadamtee jiraatte, qora bonaa hamaadhan waaddamaa fi yeroo tokko tokko ammoo beelarraa kan ka'e gaggabdee kufaa turte. 

Mariin guyyaa guyyaa barachaa alkan alkan ammoo qo'achiisaa turte, ittiin jirachuuf garuu ga'aa hin turre. Bara 1893tti, Mariin fiiziksiidhan digirii fudhatee laabiraatorii pirofeesara Gabriel Lippmann kessatti hojii jalqabe. Bukketti ammoo barnoota ishii kan Yuunivarsiitii Paaris ittuma fufte, carraa gargaarsa barnootaa argatteen, bara 1894tti digirii lammaffaa fudhatte. 

Mariin ogummaa saayinsiishii isa dheeraa Paarisi keessatti amala maagineetawaa sibiila adda addaa qorachuun jalqabde, kan ishee hojjachiisiises Société d'encouragement pour l'industrie nationale ture. Baruma kana keessa Piyeer Kuriin jireenya ishii keessa seene; fedhii guddaan saayinsiif isaan lamaanu qaban walitti isaan harkise. Piyeer Mana barumsa Fiiziksii fi Kemistirii, École supérieure de physique et de chimie industrielles de la ville de Paris (ESPCI), keessatti barsiisaa ture. Kan wal isaan barsiises fiizisistii Poolaandi pirofeesara Józef Kowalski-Wierusz ture; kunis Mariin laabiraatorii guddaa akka barbaaddu waan bareef, kanammoo Piyeer qabaachuu danda'a yaada jedhuun ture. Piyeer laabiraatorii guddaa yoo qabaachuu baateyyuu, Mariif iddoo wayii qopheesseefii ishiinis achitti hojii jalqabde. 

Jaalala guddaan lamaanuu saayinsiif qaban irra caala walitti akka isaan dhiyaachaa deeman gode, boodarras jaallalli keessa isaanitti biqile. Kana booda Piyeer gaa'ilaaf Marii gaafate; jalqabarratti Mariin kana hin fudhanne, sababinsaas gara biyya ishiitti deebi'uu barbaaddi ture. Piyeer garuu, ishii wajjin gara Poolaandi deemuf qophaa'aa ta'usaa itti hime, yoma kana jechuun saayinsii jaalatu dhiis hojii xiqqaa akka Firaansiffa qofa barsiisuu hojjachuuf ta'elle. Gidduu kanatti, boqonnaa gannaa 1894tti Mariin gara Waarsawutti deebi'te warrashii dubbifte. Amallee Mariin saayinsii isa jaalattu Poolaandi keessatti hojjachuu nan danda'a jettee yaaddi ture, garuu Yuunivarsiitii Kiraakoov keessatti sababii ishiin dubartii taateef iddoo dhowwatan. Xalayaan Piyeer ergeef gara Paarisitti deebitee PhD akka itti fuftu ishii amansiise. Jajjaabeessaa Mariitin, Piyeer qorannoo maagineetizimii irratti godheen bara 1895 PhD argate; mana barumsaasaa keessattis gara pirofeesaraatti guddate. Namoonni waa'ee Marii yeroo dubbatan argannoo guddaa Piyeer jedhu ture. Gaafa Adoolessa 26 1895 Suu (Sene) keessatti gaa'ila isaanii raawwatan; lamaanuu sirna ga'ilaa kan amantii hin barbaadne ture. Uffata aruzaa dhiiftee, uffata gurrracha cuquliisni Mariin gaafa gaa'ilaa sana uffatte, sana boodallee yeroo laabiraatorii keessa hojjachu baayyee ishii tajaajile. Jarri laamaanuu yeroo boqonnaa isaanii kan ittiin dabarsan waa lama qabu: karaa dheeraa saayikilii hoofuu, fi biyya alaa daawwachuu ture, kunis irra caala akka isaan walitti dhiyaatan godhe. Piyeer keessatti, Mariin jaalalaa haaraa, gargaaraa, fi nama saayinsii waliin hojjattu kan guutummaan itti abdachuu dandeessu argatte. 

Bara 1895tti Viilheelmi Roontigan jiraachuu eksi-reyii (x-rays) argate, garuu akkaataa uummama isaanii irratti hubannoo ga'aan hin turre. Bara 1896 Henirii Baakireel ashaboon Yuraaniyemiin carallaa akka maddisiisuu fi carallaan kunis humna waantoota keessa seenuu danda'uu isaatin eksi-reyii akka fakkaatu argate. Baakireel raadiyeeshiniin kun, akka fosfaraseensii madda anniisaa alaarraa kan dhufe odoo hin taane yuraaniyemichuma irraa kan burqaa jiru akka fakkaatu agarsiise. Argannoo gurguddaa lamaan kanaan dhiibbamuun, Mariin qorannoo PhD ishii carallaa yuraaniyemii kana irratti akka gootu murteessite. 

Saampiloota qorachuufis tooftaa haaraatti fayyadamte. Waggaa kudha-shan dura, abbaan manaashii Piyeerii fi obboleessi isaa elektiromeetirii hojjataan, kunis meeshaa siyaa'aa chaarjii elektirikii safaruuf gargaaru ture. Elektiromeetirii Piyeer kanatti fayyadamuun, carallaan yuraaniyemii qilleensi naannoo yuraaniyemii sanaa jiru elektirikii akka dabarsu kan godhu ta'u argatte. Tooftaa kanatti fayyadamuun, hojiin kampaawondii yuraaniyemii sanaa baayyina yuraaniyemii achi keessa jiruu irratti akka hundaa'u argatte. Raadiyeeshiniin kun walnyaatinsa molokiyuulotaa ta'urraan kan dhufu odoo hin taane atamiirraa kan dhufu jettee yaada dhiyeessite. Yaadni kunis yaada durii kan atamiin waan addaan cabuu hin dandeenye jedhu kuffise. 

Bara 1897 intalshii Ayiriin deesse. Maatii ishii gargaarufis, Mariin Ikool Noormaal Supperiyeertti (École normale supérieure) barsiisuu jalqabde. Kuriiwwan (Piyeerii fi Mariin jechuudha) laabiraatorii hojii saayinsiif hojjatame hin qaban turan; hojiisaanii baayyee gamoo Mana Barumsa Fiiziksii fi Kemistirii bukkee jiru gara laabiraatoriitti jijjiiranii ittti fayyadamaa turan. Gamoon kun, kan duraan kutaa baqaqsanii yaaluu barnoota fayyaa ta'ee tajaajilaa ture, kan qilleensa seeran hin galchinee fi kan bishaan dhowwuuyyuu hin dandeenye turre. Jarri lamaanuu miidhaa hamaa raadiyeeshiniidhaaf saaxilamuun namarraan ga'uu waan hin beekneef ittisa wayiituu odoo hin fayyadamin wantoota raadiyoo'aaktiivii irratti hojjachaa turan. Manni barumsaashhii, Mariidhaa qorannoo kanaaf fandii wayiituu hin kennineefi, garuu kaampaanota sibiilaa fi albuuda baasuu irraa fi dhaabotaa adda addaa fi mootummootarra deeggarsa maalaqaa (subsidy) ni argatti ture. 

Qorannoon tooftawaan Mariin geggeessite albuuda yuraaniyemii lama irratti ture, pitchblende fi torbernite (chalcolite ni jedhama). Elektiroomeetiriin pitchblenden yuraaniyemii dachaa afuriin akka caalu agarsiise, chalcolite ammoo dachaa lamaan akka caalu. Yoo yaadni ishii kan duraanii, kan raadiyoo'aktiiviitiin kampaawondii tokkoo baayyina yuraaniyemii irratti hundaa'a jedhu dhugaa ta'e, albuudonni lamaan sun wanta bira kan yuraaniyemii caalaa raadiyoo'aktiivii ta'e akka of keessaa qaban hubatte. Haala tooftawaa ta'eenis wantoota biraa kan carallaa burqisiisan barbaaduu jalqabde, bara 1998 elementiin tooriyeem raadiyoo'aktiivii akka ta'e argatte. 

Piyeeris hojii ishii kanaan baayyee booji'ame. Bara 1898 walakkeessa keessa hojiishii kana keessatti baayyee harkifamuurraan kan ka'e qorannoo kan matasaa kan kiristaala irratti hojjachaa ture dhiise Marii wajjin hojjachuu jalqabe. 

Yaadni qorannoo sanaa kan mataa ishii ti [Reyid yoo barreessu]; namni kamiyyuu mata duree kana filachuuf ishii hin gargarre, yoo abbaa manashiitti yaada isarraa fudhachuuf itti himteyyuu daftee abbumaa mataduree sanaa fudhatte. Boodarra seenaa jireenyaa abbaa manaashii keessatti si'a lama galmeessitee jriti, wanti ifa hin ta'in tokkoyyuu akka hin jiraanneef. Seenaa ogummaashii kan saayinsii kana gara jalqabaa irratti saayintistoonni baayyen dubartiin yaada qorannoo haaraa akkanaa kan ishiin irratti hojjachaa jirtu kana ni burqisiifti jedhanii amanuuf rakkachuu akka danda'an hubachuu hin oolle. 

Mariin argannoo ishii kana maxxansiisuun murteessaa akka ta'e waan barteef dursa kennuufif murteessite. Waggaa lama dura, Baakireel odoo argannoosaa waa'ee raadiyo'aktiviitii Académie des Sciences dhaaf guyyaa lama booda dhiyeesseera ta'e kabajni nama raadiyoo'aaktiviitii argate jedhuu fi Badhaasni Noobelii Silvaanus Toomsaniif kennama ture. Mariinis mala argannoo ittiin maxxansan kan ariifataa ta'e filatte. Barruun ishii, kan hojii ishii gabaabsee fi salphisee ibsu, Académiedhaaf gaafa 12 Ebla 1898 pirofeesarashii kan duraanii Gabriyeel Liipmaan dhiyaateef. Sanayyuu ta'ee, akkuma Toomsan Baakireelin durfame, argannoo Marii kan tooriyeem akkuma yuraaniyemii carallaa burqisiisa jedhu akka Mariin argatteefitti hin galmoofneef; sanan ji'a lama dura, Geerhaardi Kaarli Shimiit Barliin keessatti argannoo kana maxxansiiseera ture.

Yeroo sanatti, addunyaarraa namni fiiziksii kamiyyuu waa'ee hima Mariin yaadannoo ishiirratti barreessite hin beeku, kunis pitchblende fi chalcolite yuraaniyemii caalaa ammam akka raadiyoo'aktiivii ta'an ibsa: dhugaan kun baayyee adda, kanaafuu albuudonni kun elementii yuraaniyemii caala raadiyoo'aktiivii ta'an qabaachuu danda'u amantii jedhutti nama geessa. Boodarra yaadattee waan ishiitti dhaga'ame yoo dubbattu yaada kana ariitidhaan mirkaneessuuf fedhii cimaatu na keessa ture jette. Ebla 14 1898, Kuriiwwan (Piyeeri fi Mariin) piichibileendii (pitchblende) giraama 100 madaalanii fudhachuun mooyyee keessatti tumuu jalqaban. Yeroo sanatti wanti isaan barbaadan kun kan baayyee xiqqatee argamu waan ta'eef boodarra oorii tooniidhaan lakkaawwamu hujeessuu akka qaban battala sanatti hin hubanne ture.

Adoolessa 1898, Mariini fi abbaan manaashii barruu elementii haaraa argachuu isaanii isbu walii wajjin maxxansan, elementii haara kanas polooniyeemii jechuun kabaja biyya Marii Poolaanditti moggaasan, Poolaandi sana boodallee gara waggaa digdamaaf impaayera sadi'iin addaan qoqqoodamtee turte. Gaafa Mudde 26 1898, Kuriiwwan elementii haraa kan biraa argachuu isaanii beeksisan, elementii kana jecha Laatinii kan radius (carallaa) jedhurraa reediyeemi jechuun moggaasan. Qorannoosaanii kana keessattis, jecha raadiyoo'aktiiviitii jedhu uuman.

Argannoo isaanii kana shakkii tokko malee mrikaneessuuf, Kuriiwwan polooniyeemii fi reediyeemii qulqulluu baasuu barbaadan. Pitchblenden albuuda xaxamaa waan ta'eef ruuqoleesaa adda baasun ulfaataa ture. Polooniyeemii argachuun amma tokko salphaa ture; amalli keemikaalaasaa bismazii fakkaata, wanti oorii san keessaa bismazii fakkatu polooniyeemii qofa ture. Reediyeemiin garuu, argachuuf baayyee ulfaataa ture; amalli keemikaalaasaa baariyeemii kan fakkatu yoo ta'u bismazin lamaan isaanituu of keessaa qaba. Bara 1898 Kuriiwwan reediyeemii xiqqoo argatan, garuu reediyeemii baayyinaan jabaa ta'e, kan baariyeemin hin faalamne argachuun kan bira hin ga'amne ta'e. Kuriiwwan hojii ulfaataa ashaboo reediyeemii mala diferenshiyaal kiristaalaayizeeshiniidhan addaan baasuu jalqaban. Pitchblende toonii tokko keessaa, bara 1902tti reediyeem kilooraayidii kan amma giraamii tokko bakka kudhanitti qoodamtee ga'u adda baasan. Bara 1910tti Marii Kurii sibiila reediyeemii qulqulluu adda baafte. Mariin polooniyeemii, kan jireenya-walakka guyyaa 138 qofa qabu, adda baasurratti hin milkoofne.   

Bara 1898 hanga 1902 gidduuttii, Kuriiwwan walii wajjin ykn dhuunfadhaan barruu saayinsii 32 maxxansiisan, kana keessaa tokko seelonnii xannachaa fidan yoo reediyeemitti saaxilaman seelota fayyaa caala dafanii du'u kan jedhu ture. 

Bara 1900, Mariin miseensa faakaltii École Normale Supérieure ta'uun dubartii kan jalqabaa taate, abbaan manaashii ammoo faakaltii Yuunivarsiitii Paarisi gale. Bara 1902 sababa du'a abbaa ishiitin gara Poolaandi deemte. 

Adoolessa 1903tti, Gabriel Lippmannin gorfamuun, Mariin dokitireeti ishii Yuunivarsiitii Paarisirraa argatte. Ji'uma sana keessa, Marii fi Piyeer Royaal Inistitushinii Landanittin waa'ee raadiyoo'aktiiviitii haasaa akka godhaniif affeeraman; Mariin akka hin dubbanne dhorkamte, Piyeer qofatu dubbate. Yeruma kana keessa, indastirii haaran reediyeemii irratti hundaa'e guddachuu jalqabe. Kuriiwwan argannoo isaanii kanaaf paatentii hin fudhanne, kanaafis bu'aan isaan bizinesii guddachaa jiru kanarraa argatan gadaanaa ture.

Mudde bara 1903, Akkaadaamiin Saayinsii Iswiidin Piyeer Kurii, Marii Kurii fi Henrii Baakireel Badhaasa Noobelii kan Fiiziksii kenneef, kunis yaadannoo tajaajila olaana isaan qorannoo wal faana raadiyeeshinii Pirofeesar Henrii Baakireel argate irratti godhaniin kennaniif beekkamtii kennuuf. Jalqaba irratti, koreen kun badhaasa kana Piyeerii fi Baakireelif qofa kennuuf yaade, garuu miseensa koree kanaa fi deeggaraa saayintistoota dubarti ta'n kan ture Herregaa Iswiidin Maagnus Jostaa Mittaag-Leefler dhimma kana Piyeeritti hime. Piyeer erga komii dhiyeessee booda, maqaan Marii filannoo kana keessa gale. Mariin Badhaasa Noobelii argachuudhaan dubartii jalqabaa ti. 

Kurii fi abbaan manaashee qaaman Istookoolmi deemanii badhaasa fudhachuu hin didan; hojiitti baayyee qabamanii turan, Piyeeris yeroodhaa gara yerootti dhukkubsachaa ture, Piyeer ayyaneffata bakka ummanni walitti qabametti godhamu hin jaalatu ture. Looretiin Noobelii barnoota gabaabaa (lecture) kennuu waan qabuuf, Kuriiwwan bara 1905 gara sana deeman. Maallaqni badhaasa kanarraa argatan, Piyeerii fi Marii gargaartuu laabiraatorii kan jalqabaa akka qacaratan isaan dandeessise. Badhaasa Noobelii argachuutti aane, akkasumas affeerraa Yuunivarsiitiin Jeneevaa iddoo kennuufiif godhe, Yuunivarsiitin Paaris Piyeerif sadarkaa piroofeesarummaa kenneef, dura bu'aa fiiziksiis godhee muude. Kuriiwwan laabiraatorii seeran hojjatamellee hin qaban turan yeroo sana. Hiyyannoo Piyeer irraa ka'uun, Yuunivarsiitin Paaris laabiraatorii haaraa ijaaruu fi meeshaa itti guutuuf walii galan, garuu hanga bara 1906tti hin xumuramne ture. 

Muddee 1904, Kuriin intalashii lammaffaa Iivi deesse. Mariin boodarraa nama afaan dhalootashee Poolaandiffa ijoollee ishii barsiisu mindeessiteefi, ijoollee ishiis Poolaandi akka daawwataniif ni ergiti, ofiifis fuuteet deemti ture. 

Ebla 19 1906tti, Piyeer balaa karaarraatin du'e. Kuriin du'a abbaa manashee kanaan guyyatu itti dukkanaa'e. Caamsaa 13 1906tti, dippaartimentii fiiziksii Yuunivarsiitii Paaris dura ta'ummaa Piyeerif kennee ture Mariif kennuuf murteesse. Mariinis affeerraa kana laaboraatorii cimaa hojjachuudhaan yaadanoo Piyeerif oolchuf na gargaara jettee fudhatte. Mariin Yuunivarsiitii Paarisitti pirofeesara ta'udhaan dubartii jalqabaa taate.  

Hawwiin Mariin laabiraatorii cimaa ijaaruf qabdu garuu Yuunivarsiitii Paarisitti hin xumuramne. Gara dhuma jireenyaa ishii keessa, Mariin Inistiitiyuutii Reediyemii (Institut du radium, amma Inistiitiyuutii Kurii, Institut Curie) hoogganaa turte, kunis laabiraatorii raadiyoo'aktiiviitii Yuunivarsiitii Paarisii fi Inistiitiyuutii Paasteriin ishiidhaaf hojjatame ture. Yaadni Inistiitiyuutii Reediyemii uumuu kan dhufe bara 1909 hoogganaa Inistiitiyuutii Paaster kan ture Piyeer Pool Emiila Ruudhaan ture. Piyeer Pool Emiila Ruun Yuunivarsiitiin Paaris Mariif laabiraatorii seeran hojjatamee kennuufii daddhabuu isaatiin baayyee gaddee gara Inistiitiyuutii Paaster akka dhuftu yaada dhiyeesse. Sana booda, Marii gadi lakkifti sodaa jedhuun, Yuunivarsiitiin Paaris kan duraan dide yaada jijjiiruun, gamoon Kurii, waliigaltee Yuunivarsiitii Paarisii fi Inistiitiyuutii Paasteriin ijaarrame. 

Bara 1910tti Mariin reediyeemii addaan baafte; akkasumas sadarkaa addunyaalessaa madda raadiyoo'aaktivii kan kabaja ishii fi Piyeeriif kurii jedhamee moggaafame uumte. Haa ta'u malee, bara 1911 Akkaadaamiin Saayinsii Firaansi miseensa akka taatu harka tokko ykn lamaa jecha odoo hin filatamin hafe. Bakka ishiitti kan filame Iduwaardi Biroonii, kalaqaa Gulyeelmoo Maarkoonii telegiraafii wadaroo-maleessaa akka hojjatuuf gargaare, ture. Dubartiin Kurii jalattii doktireetii barattu, Maargariit Pereeyi, dubartii jalqaba miseensa akkaadaamii kanaa taatee filatamte - kunis walakkaa jaarraa tokkoo booda, bara 1962tti ture. Mariin saayintistii beekkamtuu Firaansif hojjattu ta'ee oduma jiruu, ilaalchi uummataa garuu gara nama biyya alaa ta'uu ishiitin gara jibbuutti deema - qisaasa Direeyfus irrattis mul'ateera - kunis oduun sobaa Mariin sanyii Yihudaa ti jedhu akka odeeffamu godhe. Yeroo filannoo Akkaadaamiin Saayinsii Firaansi geggeefamu, gaazexaa kaachoo mirgaa (right wing press) saba nama biyya ormaa taatee fi nama waaqatti hin amanne taateefi balaleffatanii maqaa ishii xureessan. Intalli ishii booda wa'ee kanaa yoo dubbattu gaazexoonni Firaansi yeroo Mariin badhaasa Firaansi keessatti kennamuuf filatamtu akka nama biyaa ormaa gatii hin qabneetti ishii dhiyeessu, yeroo badhaasa biyya alaa kan akka Badhaasa Noobelii fudhattu ammoo akka goota lammii Firaansi taatetti barreessu jechuun of tuulummaa isaani ibsite.      

Mariin bara 1910-11tti walqunnamtii jaalalaa waggaa tokkoof fiizisistii Pool Loonzyevaa, kan duraan barataa Piyeer ture, wajjin akka qabdu bara 1911tti ifa ta'e. Namni kun nama fuudhee yoo ta'u garuu haadha manaasaa wajjin jiraachaa hin turre. Kunis qisaasa maxxansaalee gaazexoota fide, warri karaa hojii mormitoota ishii ta'an kanatti fayyadman. Kuriin (umuriin wagga 40n walakeessa kan turte) umuriidhaan Loonzyevaa waggaa shaniin caalti turte, gazeexootarrattis akka nama ormaa sanyii Yihuudi gaa'ila namaa diigdutti ibsamte. Yeroo qisaasni kuni jalqabu, Mariin Beeljiyeem turte; yeroo deebitu, uummata aaretu karra ishiirratti ishii eege, ishiinii fi ijoollenshii durbaa lamaan hiriyaashii biratti baqatanii turuun dirqama itti ta'e.     

Beekkamtiin hojiishii sadarkaa addunyaalessaatti ol gudhachaa dhufe, Akkaadaamiin Saayinsii Iswiidinis mormii qisaasa Loonzyevaa irraa ka'ee dhufe bukkeetti qabuun, yeroo lammaffaatiif, Badhaasa Noobelii kan Kemistirii kan bara 1911 kenneef. Badhaasni kun yaadannoo tajaajila ishiin guddina kemistiriitif elementii reediyemii fi polooniyemii argachuun, reediyemii adda baasun, fi qorannoo ummamaa fi kompaawondoota elementii addaa kanaa irratti gooten gumaachiteef beekkamtii kennuuf jedhameeti kennameef. Mariin Badhaasa Noobelii lama moo'un ykn qooddachuun nama jalqabaa turte, namni badhaasa kana damee saayinsii adda addaatin argate lama qofa yoo ta'u kunis Marii fi Laayinas Poolin qofa. Jilli beektota biyya Poolaandi, barreessaa asoosamaa Henriik Shinkeeviichin durfamuun Mariin gara biyya ishiitti deebite qorannoo ishii akka achitti itti fuftu gaafatan. Badhaasni Noobelii inni lammataa Mariin mootummaa Firaansi Inistiitiyuutii Reediyemii akka deeggarana amansiisuuf ishii gargaare. Inistiitiyuutin kunis bara 1914tti kan hijaarrame yoo ta'u achi keessatti qorannoo kemistirii, fiiziksii, fi fayyaatu godhama ture. Badhaasa Noobelii kan bara 1911 erga fudhattee ji'a tokkoon booda, Mariin dippireeshinii (depression) fi dhukkuba kaleetin hospitaala seente. Bara 1912 baayyeesaa, Mariin jireenya ummataa dhiiftee garuu Ingilaandi keessa hiriyaashii fiizisistii Heertaa Ayirtan biratti dabariste. Laabiraatorii ishiitti kan deebite ji'a Muddee keessa yoo ta'u kunis ji'a 14 booda ture.    

Bara 1912tti, Hawaasni Saayinsii Waarsawu aangoo hoogganummaa laabiraatorii haaraa Waarsawu keessa jiruu kennuufiff affeere, garuu Mariin ni didde, sababiinsaas Inistiitiyuutii Reediyemii kan Hagayya 1914tti xumurame irrattii fi karaa haaraa Gaabine Piyeer-Kurii jedhamee moggaafame irratti xiyyeeffachuu barbaadde. Mariin bara 1913tti Poolandi yoo deemtu Waarsawuttis simannaan godhameef garuu angaawonni Raashiyaa iddoo hin kennineefi. Guddinni Inistiitiyuutiichaa waraana dhufeen addaan cite, qorattoonni Firaansi baayyen Loltuu Firaansitti makamuuf dirqaman, inistiitiyuutichis hojiisaa bara 1919 deebi'ee jalqabe.    




#Article 170: Elektirooniksii (949 words)


Elektirooniksiin waa'ee elektirikaal sarkiyuutii yoo ta'u kunis ruuqolee elektirkii ka'aa kan akka vaakiyuum tuubii, tiraanzisterii, daayoodii fi integireetid sarkiyuutii of keessaa qaba, kan sana wajjin walqabatu teeknoloojii walqabsisiistuu mugaas of keessaa qaba. Baayyinaan, meeshaalen elektirooniksii sarkiyuutii kan irra caala ykn guutummaan semiikondaakterii ka'aa kan ruuqota mugaan deeggarame of keessaa qabu qabata; sarkiyuutonni akkasii elektiroonik sarkiyuutii jedhama.   

Amalli al-liniyaarii ta'uu ruuqolee ka'aa fi yaa'a elektiroonii too'achuu danda'uun isaanii asattoo dadhabaa guddisiisuu dandeechise, kanaafis elektriioniksiin baayyinaan odeeffannoo hujeessuu, telekoominikeeshinii, fi asattoo hujeessuu keessatti hojiirra oola. Meeshaaleen elektirooniksii akka iswiichiitti hojjachuu danda'uun isaanii odeeffannoo dijitaalaa hujeessuu dandeessisa. Teeknooloojiin walqunnamsiisaa kan akka sarkiyuuti boordii, teeknooloojiin elektirooniksii ittiin qarqaban (electronics packaging), fi maloonni walqunnamtii bu'uuraa kan biraa tajaajilli sarkiyuutii sanaa guutuu akka ta'u gochuun ruuqolee walitti makaman kana gara sirna hojjatuutti jijjiira.  

Elektirooniksiin saayinsii fi teeknoloojii elektrikaalii fi elektiroo-makaanikaalii irraa adda; elektrikaalii fi elektiroo-makaanikaaliin waa'ee anniisaa elektirikii oomishuu, tamsaasuu, kuusuu, anniisa elektirikii gara anniisaa biraatti jijjiiruu, anniisaa bira gara anniisaa elektirkiitti jijjiiru of keessatti qabata; kan gochuufis motora, jenereetara, baatirii, iswiichii, riileyi, tiraanisfoormerii, rezisterii, fi ruuqota mugaa kan biraatti fayyadama. Saayinsoota kana lamaan gargar baasun bara 1906tti erga tiraayoodin, kan asattoo raadiyoo fi sagalee dadhabaa odoo meeshaa makaanikaaliitti hin fayyadamin ol guddisuu dandeessisiise, Lii Di Forestiin kalaqamee booda jalqabe. Hanga bara 1950tti, saayinsiin kun raadiyoo teknooloojii jedhama ture sababiinsaas iddoo inni itti hojiirra oolu inni guddaan tamsaastuu raadiyoo (radio transmitters), fudhattuu raadiyoo (radio receivers) fi vaakiyuum tuubii irratti ture.   

Yeroo ammaa, meeshaaleen elektirooniksii baayyeen elektiroonii too'achuuf ruuqolee semiikondaakteriitti fayyadamu. Qorannoon meeshaalee semiikondaakterii fi teeknoloojii wal qabatuu damee fiiziksii falkaa-jajjaboo (solid-state physics) jedhama, elektiroonik sarkiyuutii rakkoo furuuf jecha sxaxuuni fi hojjachuun ammoo elektirooniksi injineeringi jedhama. Barruun kun elektirooniksi injineeriingii irratti xiyyeeffata.    

Ruuqoleen elektiroonikii kan jedhaman qaama fiizikaala sirna elektiroonikii keessa jiru kamiyyuu kan elektiroonii too'achuuf ykn fiildii isaanii haala faayidaa sirna elektiroonikii san wajjin deemun jijjiiru danda'u hunda dha. Walumaa galatti ruuqoleen walitti kan qabatan yoo ta'u kunis piriintid sarkiyuuti boordii (printed circuit board) irratti baqfamuun qabsiifamaniiti; walitti qabsiifamun isaani kunis elektiroonik sarkiyuutii faayidaa addaa qabu (fakkeenyaaf ampilifaayerii, raadiyoo fudhataa ykn osileeterii) uumuufi. Ruuqoleen elektiroonksii baayyee beekkamoon kaappaasiterii, indaakterii, rezisterii, daayoodii, fi tiraanzisterii faadha. Ruuqoleen yeroo baayyee ka'aa (fkn tiraanzisterii fi taayiristerii) ykn mugaa (kaappaasiterii, indaakterii, rezisterii, daayoodii, fi tiraanzisterii) jechuun bakka lamatti qoodamu. 

Vaakiyuum tuubii (Vacuum tubes or Thermionic valves) ruuqa elektiroonikii kan jalqaba kalaqame dha. Jijjiirama guddaa elektirooniksii irratti walakkeessa jaarraa 20ffaa kan duraa keessa dhufeef, vaakiyuum tuubiin sababa ture. Vaakiyuum tuubiin elektirooniksii ittiin gowwoomsoo tabachuu harkaa baasee raadiyoo, televizyinii, fonogiraafii, raadaarii, bilbila fageenya dheeraa fi wantoota biraa baayyee ilmaan namootatii kennisiise. Vaakiyuum tuubiin, hanga bara 1980n keessatti maayikirooweevii fi tamsaasa humna guddaa (high power transmission) akkasumas fudhattuu televizyiinii keessatti shoora olaanaa tabata ture. Erga yeroo sanaatii, meeshalen falkaa-jajjaboo gutummaan vaakiyuum tuubii dhaalan. Vaakiyuum tuubiin ammallee iddowwaan hojii addaa barbaachisu keessatti kan fayyadaa jiran yoo ta'u kunis kan akka ampilifaayerii RF humna guddaa, kaatood reyi tuubii, meeshaalee sagalee kan addaa, ampilifaayerii gitaaraa fi meeshaalee maayikirooweevii muraasa keessatti ni tajaajilu.   

Ebla 1955ttii IBM 608, meeshaa IBM kan vaakiyuum tuubii tokkolle hin fayyadamane, gutummaan sarkiyuutii tiraanzisterii kan fayyadamu kaalkuleeterii jalqabaa ti; kunis kaalkuleeterii gurguraaf hojjatame kan tiraanzisterii qofa fayyadamu addunyaarratti kan jalqabaa ti jedhamee yaaddama. IBM 608, tiraanzisterii jermeeniyeemii 3,000 qaba ture. Thomas J. Watson meeshaaleen IBM sana booda oomishaman hundi saxaxasaanii keessatti tiraanzisterii akka fayyadaman ajaje. Erga yeroo sanaatii, kompitara keessatti loojik geetii (logic gates) fi meeshaalee moggaa (peripheral devices) hojjachuuf tiraanzisteriin qofatti fayyadu.

Sarkiyuutii fi ruuqonni garee lamatti qooddamuu danda'u: anaaloogii fi dijitaala. Meeshaan tokko sarkiyuutii akaakuu isa tokko, ykn akaakuu isa kan biraa ykn makaa lamaanituu qabaachuu danda'a. 

Meeshaalen elektiroonikii anaaloogii baayyeen, kana akka fudhattuu raadiyoo, waliitii fiduu sarkiyuutii bu'uraa muraasa irraa hojjataman. Sarkiyuutiin anaaloogii voolteejii odooo addaan hin citin walitti fufaa fi kan daangaa hin qabne kan fayyadamu yoo ta'u sarkiyuutii dijitaalli ammoo voolteejii muraasa kan lakkoofsaan beekkamaa ta'e fayyadama.

Lakkoofsi sarkiyuutii anaaloogii saxaxamee baayye dha, sababiinsaas sarkiyuutin kan ruuqa tokko qaburraa kaasee hanga sirna ruuqolee kumaatti lakkawwaman qabutti waan of keessatti qabatuuf.

Sarkiyuutiin anaaloogii yeroo tokko tokko sarkiyuutii liiniyaarii jedhama garuu bu'aawwan al-liniiyaarii ta'an kan akka miikserii, mojuleeterii, kkf fayyadamuu danda'a. Fakkenya sarkiyuutii anaaloogii gaarii keessaa muraasni ampiliifaayerii vaakiyuum tuubii fi tiraanzisterii, ampilifaayerii dalagaarra oolu fi osileeterii faa dha. 

Yeroo ammaa sarkiyuutii guutummaan anaaloogii ta'e darbe darbee malee hin argamu. Yeroo ammaa sarkiyuutiin anaaloogii, saffisa fooyyessuuf jecha, tooftaa dijitaalaa ykn maayikiroopirooseserii fayyadamuu danda'a. Sarkiyuutii akkasii kun yeroo baayyee anaaloogii ykn dijitaalii odoo hin taane asattoo makoo jedhama.  

Yeroo tokko tokko sarkiyuutii anaaloogii fi dijitaalaa gargar baasun ulfaataa dha; sababiinsaas hojii isaanii keessatti ruuqota liniyaarii fi al-liiniyaarii of keessa waan qabaniif. Fakkenyi gaarin kompaaraaterii (comparator) kan voolteejii fufaa ta'e fudhatu garuu akka sarkiyuutii dijitaalii baha sadarkaa lama qabu baasa. Akkanuma, ampilifaayeriin tiraanzisterii guddaa amala iswiichii agarsiisu kan danda'u yoo ta'u kanaafis bahaa sadarkaa lama qabu baasa. 

Sarkiyuutiin dijitaalaa sarkiyuutii elektirikii kan voolteejii sadarkaa muraasa qofa qabu dha. Sarkiyuutiin dijitaalaa haala fiizikaala ta'en Buuliyaan aljebraa bakka bu'uun beekkamaa dha, kanaafis bu'uura kompitara dijitaalaa ti. Injineroota baayyedhaaf, waa'ee sarkiyuutii dijitaalaa yoo dubbatan, jechi sarkiyuuti dijitaalaa, sirna dijitaalaa, fi loojikii jedhu wal gegeeddaranii fayyadamuun ni danda'ama. Sarkiyuutiin dijitaalaa baayyeen lakkoofsa lamee (binary system) kan sadarkaa voolteejii lama qofa qabu, 0 fi 1, fayyadama. Yeroo baayyee, loojikii 0n voolteejii xiqqaa ta'ee kan gadaanaa jedhamuun bakka buufama, loojikii 1n ammoo voolteejii guddaa kan olaanaa jedhamuun bakka buufama. Garuu, sirni tokko tokko faallaa kanaa (0n olaanaa ) fayyadamauu ykn karantii irratti hunda'aa. Yeroo baayyee, saxaxaan loojikii sanaa hiika kana sarkiyuutii tokkorraa sarkiyuutii biraatti saxaxa sanaaf akka mijatuuf jecha jijjiiruu danda'a. Hiikaan sadarkaa 0 fi 1 akkuma abbaan murteesse.
 Loojikiin sadee (kan haala sadi qabu) qoratamee ture, kompitarri kan maddaas hojjatamee ture
Kompitaroonni, sa'aatin elektiroonikii, fi too'atoonnii loojikii saganteeffamu (kan hojii industirii keessa jiru too'atu) sarkiyuutii dijitaalaa irraa hojjataman. Hujeessitoonni asattoo dijitaalaa fakkeenya tokko.   

Buu'ura irraa ijaarraman: 

Meeshaalee bu'uuraa gurguddaa: 




#Article 171: Daawud Ibsaa (490 words)


Daawud Ibsaa Ayyaanaa Cunqursa mirga Oromoo fi dura bu'a Adda Bilisummaa Oromoo ti.

Daawud kan dhalate naannoo Horroo Guduruu ganda Abuunaa jedhamu keessatti yoo ta'u kunis kutaa bulchiinsa Wallaggaa durii kessatti argama. Barnoota isaa kutaa tokko hanga saddeetii Mana Barumsaa Shaambutti barate. Barnootaa sadarkaa lammaffaa ammoo carraa iskoolaarshiippii argatee Mana Barumsa Jeneraal Wiingeeti keessatti barachuun bara 1970tti xumure. Bara barnootaa 1970/71 yuunivarsiitii yeroo ammaa Yuunivarsiitii Finfinnee jedhamu (yeroo sana Yuunivarsiitii Hayilasillaasee Tokkoffaa jedhama ture) seene barnoota sadarkaa olaanaa jalqabae. Haa ta'uu malee warraaqsa barattoota fi uummataa yeroo sana biyyattii keessa tureen, barnoonni seeran adeemsifamaa hin ture. Boodarra bara 1974ttis mootummaan Hayilasillaasee kufee Dargiin aangoo qabate. 

Bara 1975 fi 76 keessaa ABO harka lafa jalaatin sochii guddaa gochaa ture. Daawud ammoo dhaaba kana jalatti Goblaa Dargaggoota (Youth Wind) jedhamu jalatti miseensa ture. Sochii kana keessattis hirmaachaa waan tureef motummaan Dargii qabee mana hidhaatti isa galche. Daawud kan hidhame tilmaaman Sadaasa 1977 yoo ta'u kan hiikkame ammoo Mudde 1979 ti.      

Erga mana hidhaatii ba'ee booda bara 1980 barnoota itti fufuuf gara yuunvarsiitiitti deebi'e. Garuu, yeroo sanatti mootummaan Dargii ilmaan Oromoo mana hidhaatti naqaa fi hiraarsaa waan tureef, ajaja ABOtin barnoota dhiise gara dirree waraana deemee ABOtti dabalame. Daawud barnoota istaatistiksii kan barachaa ture yoo ta'u waggaa sadi'i baratee waggaa afraffarratti barnoota dhaabe dirree qabsootti makame.

Qajeelfama ABOn kenneefin, Daawud barnoota dhiisee Suudan deemudhaan bara 1980 ABOtti makame. Itti aansee leenjii waraanaa fudhachuuf gara Eertiraa deemudhaan qabsoof of qopheessuuf leenji'e. Leenjii kana bara 1981 xumuruun gara Sudaanitti deebi'ee karaa Oromiyaa dhihaa qabsoo waraanaa jaqabe.        

Ebla 1981tti, Gidaamii bakka Giraayi jedhamutti, Daawudi fi sagliin inni wajjin hojjachaa ture summii nyaatatti naqame nyaachudhaan namni torba yoo du'u Daawud gaggabee of wallaalee kufe. Warra summii sana nyaatan saddeettan keessa torba yoo du'an Daawud qofatu lubbuun hafe. Kanuma keessaan Daawud mootummaa Dargiitin qabamee gara mana hidhaatti geeffame hidhame.       

Summii kana kan qopheesse bakka bu'aa Dargii kan naannoo Wallaggaa kan ture namicha Nugusee Faantaa jedhamuu yoo ta'u raawwi isaatif ammoo namoonni konyaa, aanaa, fi gandarraa jiran irratti hirmaataniiru. Summii kan nyaatatti godhee kan Daawudii fi garee isaatif kenne namicha Zakkaariyaas Shorroo  jedhamu yoo ta'u warra summii nyaatan keessa tokkoo obboleessasaa Taaddasaa Shorroo ti. Taaddasaa Shorroo ABO keessatti socho'aa kan ture yoo ta'u summii kanaan du'e.            

Mootummaan Dargii Daawud kan gaggabee of wallaalee jiru kana qabee jalqaba gara Naqamteetti geessun torban lamaaf warra tikaa bira turse. Boodarra Naqamtee hoofun gara mana hidhaa Maayikalaawwiitti geeffame. Maayikalaawwiitti qorannoo gochuuf kan socho'an yoo ta'u Daawud baayye dhukkubsachaa waan tureef itti fufuu hin dandeenye. Sababa kanaaf hospitaala poolisiitti geeffamuun achi ji'a ji'a tokkoo hanga ji'a lamaa ture. Hoospitaalaa erga ba'ee booda, masaraa guddichatti geessuun qormaata itti fufanii, kunis toorcherii (torture) of keessaa qaba ture.            

Qorannoo kana booda, Daawud Hagayya 1982 gara mana hidhaatti geeffame. Akkaatadhuma kanaan hanga bara 1986tti mana hidhaa kan ture yoo ta'u bara Mudde 1986 hiriyootasaa nama sada'i, Aman Nuuraa (Hundee Nuuraa), Nagaash Kumsaa (1983tti Beegitti waraanarratti kan wareegame) wajjin mana hidhaati baduun deebi'anii gara dirree waranaa deebi'uun ABOtti makaman.                         




#Article 172: Jawaar Mahaammad (205 words)


Jawaar Mahaammad () qabsaawaa mirgaa fi xinxalaa siyaasaati. Jawaar yaada Ani jalqaba Oromoo dha ykn  yaada jedhu uumuun, ummata Oromoo naannoo biyya ambaa jiraatan baayyee kakaasuu fi sabboonummaa isaanii cimsuun fudhatama guddaa argate. Akkasumas, Jawaar gaaffiin mirgaa ummata Oromoo deebii akka argatu qeerroo hundeessee qabsaawuu bira darbe ummata Itoophiyaa cunqurfamaniif sagalee ta'uun beekkama.

Jawaar Mahaammad kan dhalatee caamsaa 12, 1986 oromiyaa godina harargee iddoo Dhummuuga jedhamu keessatti. Abbaan Jawaar baddaa Arsiirraa ka'anii gara gammoojjii daangaa Harargee jirutti kan godaanan yoo ta'u maatin haadhasaa ammoo gara Abbichuurraa bara Hayilsasillaasee keessa lafasaanirraa ari'atamanii gara sanatti kan godaanan turan. Kanaaf Jawaar  karaa abbaasaa Arsiirraa kan dhalate yoo ta'u, karaa haadhasaa ammoo Tuulamarraa kan dhalate. Haatisaa amantii Ortodoksiirraa kan dhufte yoo ta'u, abbaansaa ammoo amantii Islaamarraa kan dhufe ture. Gama soddaatin Jawaar wallaggaa fi Guji dha.
	
Jawaar barnootasaa sadarkaa 1ffa magaalaa Asallaa mana barnoota kaatolik barate. Barnoota sadarkaa 2ffa Adaamaatti kan barate yoo ta'u. Bara 2003 carraa iskoolaarshiippii biyya alaa argateen gara Singaappoor deeme achitti barnootasaa itti fufe. Achumaan itti fufuun gara Ameerikaa deemee Kaalifoorniyaa keessatti Yuunivarsiitii Istaanfoorditti barate; kunis iskoolaarshiippidhaan ture. Jawaar hawwiinsaa ijoollummaa fiziksi barachuu yoo ta'eyyu guyyaa keessa fedhiinsaa jijjiiramaa deemee. Bara 2009 Istaanfoorditti saayinsii siyaasaan (political science) eebbifame. Yunivarsiti kolombiyaa irra digrii 2ffaan 2013tti ebbifame.




#Article 173: Baatirii (680 words)


Baatiriin elektirikii meeshaa seelii elektirookeemikaalaa of keessaa qabu yoo ta'u hojiinsaas anniisaa keemikaalaa gara anniisaa elektirikiitti jijjiiru dha. Seelin tokko tokkoonsaa moggaa poozatiivii, ykn kaatodii, fi moggaa nageetivii, ykn anoodii qaba. Elektiroolaayitoonni ayonoonni elektiroodota ykn moggaa lamaan gidduu akka yaa'u godhu, kunis karantiin baatirii keessaa yaa'ee hojii akka hojjatuu godha.  

Baatiroonni dursaa (primary battery) yeroo tokkoo faayidaarra oolanii achii booda kan gatamani dha; elektiroodonni isaanii yeroo baatiriin hojjatu akkaataa duubatti deebi'uu hin dandeenyeen jijjiiramu. Fakkeenya gaarin baatirii alkaalayinii kan meeshaalee socho'an baayyeen itti fayyadamanii fi kan ifaaf tajaajilu dha. Baatiriin lammaffoo (kan chaarjeffaman) yeroo baayyee chaarjii godhamuu fi faayidaarra ooluu danda'a; qabiyyeen elektiroodii kan jalqabaa yeroo karantiin faallan keessa darbe bakka duraatti deebi'a. Fakkeenyaaf baatirii liid-asidii kan konkolaataa keessatti itti fayyadmnu fi baatirii liitiyeem ayoonii kan elektirooniksii socho'u keessatti itti fayyadamnu kaasun ni danda'ama. Baatiriin bifaa fi danaa addaa addaatin dhufa, seelii baayyee xiqqishuu kan meeshaa warra gurri dabarsu gargaaruu fi sa'aatii harkaatii humna kennuu hanga baatirii guddinaan amma kutaa tokkoo ga'u kan anniisaa waljijjiirraa bilbilaa fi daataa senterii kompitaraaf dhiyeessuu ta'uu danda'a.    

Akka tilmaama bara 2005tti, wagga waggaadhan daldallii baatirii qarshii biliyoona $48 baasa, waggaatti guddina dhibbantaa 6% ta'us agarsiisa.      

Baatiriin boba'aa bebbeekkamoo akka gaazoliinii caala anniisaa xiqqaa qaba. Kana garuu amma tokko baatiriin anniisaa isaanii akka elektrikiitti (kan gara hojii makaanikaalitti karaa  jijjiirramu) waan kennaniif ni fura, karaa biraa boba'aan injiinii keessatti gara hojiitti yeroo jijjiiramu annisaansaa baayyee xiqqaa dha.    

Jechi baatirii jedhu meeshaa elektirikaalii ibsuuf kan jalqaba fayyadame Beenjamin Firaankiliin ture, kunis bara 1748 Leyden jars baayyee ibsuuf qawwee baayyee kan yeroo sana baatirii jedhamuun wajjin wal fakkeessee (Beenjamin Firaankiliini jecha kana waraanarraa ergifate, baatiriin waraana keessatti meeshaa waraana waliin wajjin tajaajilan ibsa). Alesaandiroo Vooltaa baatirii elektirookeemikaalaa kan jalqabaa kan vooltaayik paayil jedhamau bara 1800tti hojjate. Kunis koopparii fi zinkii walirratti tuullame yoo ta'u gidduusaanii waraqaa bishaan soogiddaa keessa cuubametu jira, baatiriin kun karantii baayyee hin jijjiiramne yeroo dheeraaf maddisiisa. Vooltan voolteejin baatirii kun sababa walnyaatinsa keemikaalaa ta'uu hin hubanne. Vooltan seelonni inni uume kun madda anniisaa hin dhumneeti jedhee amana, fana maleesi nyaatamuu elektiroodota baatiriirra ga'u akka waan nuffisiisaa tokkootti qofa ilaale, akka waan hojii baatirii keessatti hafuu hin dandeenyeetti hin ilaalle. Bara 1834tti, Maayikil Faradaay nyaatamuun elektiroodotaa walnyaatinsa keemikaalaa geggeeffamuun kan dhufu ta'uu fi kan hin oolle ta'uu agarsiise.

Baatiroonni jalqabaa yaalii adda addaa hojjachuuf baayyee murteessoo kan turan yoo ta'u, garuu voolteejin isaanii kan jijijjiiramuu fi karantii guddaa yeroo dheeradhaaf kennuu kan hin dandeenye turan. Baatiriin seelii Daanish jedhamu, kan bara 1836tti kemistii biyya Biriiteen Joon Firedriik Daani'eelin kalaqame, baatirii akka madda elektirikiitti tajaajile kan jalqabaa ti. Baatiriin kun madaala industirii ta'e, akkasumas cimdaa telegiraafii keessati akka madda anniisaatti baayyinaa itti fayyadamuu jalqaban. Baatiriin kun huubboo koopparii kan bulbula kooppar salfeetin guuttame qabata, kana keessa huubboo suphee salfariik asidii fi elektiroodii zinkiitu qabatutu jira.   

Seelonni jiidhaan elektiroolaayitii dhangala'oo fayyadamu, kunis yoo seeran qabamuu baate dhangala'uu fi cobuu danda'a. Namoonni baayyen huubboo fuullerraa hojjatame ruuqolee kana qabachuuf itti fayyadamu turan, kunis salphaatti akka caban godhe. Amaloonni akkanaa kun seelii jiidhan meeshaale socho'aniif mijataa akka hin taane godhe. Dhuma jaarraa 19ffaa keessa, baatiriin seelii gogaa kalaqame, isaanis meeshaalee socho'aniif humna dhiyeessuuf mijataa ta'an. Baatiriin seelii gogaa elektiroolaayitii dhangala'oo waan furdaa hin dhangalaanen bakka buusan.

Baatiriin aannisaa keemikaalaa qajeeltodhaan gara anniisaa elektirikiitti jijjiira. Baatiriin seelii vooltaayik muraasa of keessaa qaba. Seeliin tokkoo tokkoonsaa walakkaa-seelii lama qaba, walakkaan-seelii elektiroolaayitii elektirikii dabarsu fi anaayonii fi kaatayonii of keessaa qaba; kunis karaa siiriyesiin walqabata. Walakkaan-seelii tokko elektiroolaayitii fi elektiroodii nageetiva ta'e qaba, elektiroodii kanatti anaayoniin (ayoonota chaarjii nageetiva ta'e qaba) itti godaanu; walakkaan-seelii kan biraa ammoo elektirolaayitii fi elektiroodii poozatiiva ta'e qaba, elektiroodii kanatti kaatayooniin (ayoonii charjii poositiiva ta'e qabu) itti godaanu. Walnyaatinsi redksii baatirii kana humna maddisiisa. Kaatayoononni yeroo baatiriin chaarjii ta'u kaatodii irrattii ni hirrifamu (elektiroonin itti dabalama), anayoononni ammoo yeroo dischaarjii ta'u anoodii irratti ni oksideeffamu (elektiroonin irraa fudhatama).    

Seelii-walakkaan tokko humna elektiroomootivii (electromotive force - emf) qaba, kunis dandeettii inni karantii elektirikii keessoo seelii irraa gara duuba seelitti oofuf qabuun murteeffama. emf dhugaa garaagarummaa emf walakkaa-seelii lamaani ti. Kanaafuu, yoo elektiroodonni emf  fi  qabaatan, emfn dhugaa  dha; jecha biraatin, emf dhugaa garaagarummaa dandeettii riddaakshinii walnyaatinsa-walakkaa ti.  




#Article 174: Ibolaa (1859 words)


Ibolaan dhibee namaa fi piraayimeetota (primates) kaan qabu yoo ta'u dhibee kana kan fidus vaayiresii ibolaa ti. Mallattoon dhibee kanaa vaayireesin kun nama qabee guyyaa lamaa hanga torban sadi'iitti mul'achuu jalqaba; mallattoonsaas oo'a qaamaa, qoonqoon madaa'uu, dhukkubbii hirree, fi mataa bo'oofaa dha. Yeroo baayyee hoqqisiisuu, albaasuu fi waan akka finniisa fakkaatu qaamarratti yaa'un itti fufee dhufa, kana wajjin tiruu fi kaleen hojiin isaanii baayyee gadi bu'a. Yeroo kana, dhukkubsataan karaa qaama keessaa fi alaatin dhiigni keessaa yaa'uu jalqaba.  

Vaayiresiin kun dhiiga ykn dhangala'aa bineelda dhukkuba kanaan qabamee yeroo tuqan nama qaba. Karaa qilleensaa tatamsa'uu danda'uunsaa hanga ammaatti hin mullanne. Sinbirri alkanii ija mukaa nyaattu vaayiresii kanaan odoo ofii hin qabamin baattee akka tatamsaastu amanama. Namni tokkicha qabamnaan, dhibeen kun namootarraa namootatti ni darba. Dhiirri dhibee kanaan qabamee fayye, vaayiresii kana karaa mi'oo hanga ji'a lamaatti nama biraatti dabarsuu danda'a. Dhibeen kun akka nama qabe baruuf, dhibeewwan mallatto Ibolaa fakkaatu qaban kan akka busaa, koleeraa, fi vaayireesota nama dhigsisan akka hin taane dura addaan baafama. Sana booda mirkaneessuuf, dhiigni dhukkubsataa fudhatamee antiibodii vaayiresii, RNA vaayiresii, ykn vaayiresii mataasaa akka qabu ni qoratama.      

Ittisni dhibee kanaa, dhibeen kun bineeldota qabamanirraa gara namaatti akka hin tatamsaane to'aachuu dabalata. Kunis bineeldonni dhibee kanaan qabamuu isaanii sakatta'uu fi yoo qabaman ajjeessanii reeffa isaanii karaa sirrii ta'een gatuu dha. Foon seeran affeeluunii fi yeroo foon tuttuqan uffata ittisaaf ta'u uffachuun fayyaduu danda'a, akkasumas naannoo nama dhbee kana qabuu jiraannan, uffata ittisaaf ta'uu kaawwachuu fi harka dhiqachuunis ni fayyada. Eddattoon dhangala'aa qaamaa fi tishuu nama dhibee kana qabu irraa fudhatame of eeggannoo guddaan qabatamuu qaba.  

Qorichi dhibee kana faayyisu hanga ammaatti hin argamne. Yaalin namoota qabamaniif godhamu yaalii gargaarsa qofa, kunis dhangala'aa karaa afanii kennuu (xinnoo miyaa'aa fi soogidda kan qabu) fi dhangala'aa karaa ujummoo dhiigaa kennuu dabalata. Dhibeen kun carraan ajjeesuusaa guddaa dha, kan qabman keessaa naannoo dhibbantaa 50% hanga 90% ni ajjeesa. Iboolan jalqaba kan argame Sudaan (amma Sudaan Kibbaa) fi Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti. Dhibeen ibolaa baayyinaan Afrikaa keessatti naannoo tirooppikii Sahaaraa gadiitti akka weeraraatti ka'a. Bara 1976 (bara itti jalqaba argame) hanga 2013tti, Dhaabbannii Fayyaa Addunyaa keezii 1,716 gabaase. Weerarri guddaan hanga har'aatti uummame kan bara 2014tti Afrikaa Dhihaa keessatti ka'e yoo ta'u biyyoota akka Giinii, Seraa Liyoon, Laayibeeriyaa fi Naayijeeriyaa keessatti mul'ate. Hanga Onkoloolessa 1, 2014tti, namoonni 3,069 qabamuunii fi kana keessaa 1,552 du'uun gabaafameera. Talaallii humuufojjachuuf yaalin godhamaa kan jiru yoo ta'u, hanga ammaatti garuu hin argamne.  

Mallattoon ibolaa akkuma tasaa dura sadarkaa infuleenzaa fakkaatun, kunis mallattoo dhadhabbii, oo'a qaamaa, mataa bo'oo, fi dhukkubbii buusaa, hirree fi qomaa agarsiisa. Hoqqisiisuu, garaa kaasaa, fi nyaata jibbuun mallattoo beekkamaa keessa tokko. Mallattoon darbee darbee mul'atu: madaa qoonqoo, dhukkubbii qomaa, hinqirsoo, qilleensi namatti hirrachuu fi waa liqimsuu dadhabuu dha. Dhibeen kun nama qabee hanga mallattoon mul'achuu jalqabutti giddu galeessan guyyaa 8 hanga 10 fudhata, garuu bultii 2 hanga 21 gidduu ta'uu mala. Gogaa qaamarratti dhiitaa xixiqqoo akka finniisaa fida (dhibbantaa 50% irratti). Mallattoon ibolaa gara jalqabaa busaa, dengue fever ykn tropical fevers kan biroo wajjin walfakkaata, kunis hanga dhibeen sun guddatee dhiiga qaama keessaa yaasu jalqabutti.       

Dhukkubsattoota 40-50% irratti, karaa qaamni ittii madaa'eefi karaa uraa qaamaa (fkn ujummoo mariimaanii fi garaacha, funyaan, buqushaa, iddiddii) dhiigni yaa'un gabaafameera. Sadarkaa dhiiguu, kan mallattoo jalqabaa booda guyyaa 5 hanga 7tti dhufu kanarratti, dhiigun qaama keessoo hoqqisa dhiiga qabuu fi ija diimateen of mullisa. Dhiigni googaa qaamaatti yaa'e waan akka petechiae, purpura, ecchymoses andhematomas (keessaahuu naannoo limmoon waraannatanitti) uuma.  Dhukkubsattoonni qufa'anii dhiiga aakkifatu, dhiiga hoqqisu/balaqqamsiisu ykn bobbaa wajjin dhiiga baasu.

Baayyee dhiiguu muraasa, akkasumas yeroo baayyee garaachaa fi marrimaan irratti qofa kan murtaa'e dha. Walumaa galatti, mallattoon dhiigni yaa'uu kun dhibeen hammaachaa deemuu kan agarsiisuu yoo ta'u dhiiga baayyee dhabuun kun du'atti geessa. Namoonni dhibee kanaan qabmana hundi sirni marsaa dhiiga akka keessa jiru muulisu, dhiigni itituu diduu dabalatee. Namni qabame tokko yoo fayyuu baate, erga mallattoon jalqabaa mul'atee guyyaa 7 hanga 16tti (yeroo baayyee 8 fi 9 gidduutti) ni du'a, du'a kanas kan fidu qaamoonni (fkn tiruu, kalee, kkf) hojii dhaabuu isaanitti.   

Dhibeen ibolaa vaayiresii shan kan warra ibolavaayiresii, maatii filooviraayid, fi oordarii mononegavaayiraals jalatti ramadaman keessaa afuriin dhufa. Vaayireesonni dhibee fidan arfan vaayiresii Bundibugyo (BDBV), vaayiresii Sudaan (SUDV), vaayiresii Taï Forest (TAFV), fi tokko ammoo kan salphumatti vaayiresii Ibolaa (EBOV, duraan vaayiresii Ibolaa Zaayer jedhama) jedhamuuni.  Vaayiresii Ibolaa (EBOV) kan jedhamu kun sanyii Zaayer ibolaavaayiresii jalatti ramadamu kan qofaa yoo ta'u vaayiresota dhibee kana fidan keessaa isa hamaa dha, akkasumas weerara ka'e baayyee kan kaase isa.  Vaayiresii shanaffaan Reston virus (RESTV) jedhamu namarratti dhibee fida jedhamee hin yaaddamu. Vaayiresonni ibolaa shananuu vaayiresii Marburg jedhamun walitti dhiyaata.  

Namarraa-namatti daddarbuun kan dhufu dhiiga ykn dhangala'aa qaamaa nama dhukkubsatee tuquun (reeffa nama du'ee dabalatee), ykn wantoota vaayiresii kanaan fallamee tuquun, keessaahuu limmoo wayyaa ittiin hodhanii fi limmoo mana yaalaaa, ta'uu danda'a. Carraan dhibeen kun weerara guddaa geggeessuuf qabu xiqqaadha jedhamee yaaddama, sababiinsaas dhangala'aa dhukkubsataa keessaa bahe qajeeltodhaan tuttuquun qofa waan darbuufi. Mallattoon dhibee kanaa dhukkubsataan akka hin sochoone waan godhuuf carraan namni kun dhibee kana tatamsaasuff qabu ni xiqqaata. Reeffi nama du'ee dhibee kana waan dabarsuuf, sirni awwaalchaa aadaa dhibee kana baballisuu danda'a. Weerara bara 2014 irratti Giinii keessatti dhibeen kun harki lama-sadaffaan kan dhufe sababa awwaalchatiin jedhamee amanama. Mi'oon namoota dhukkubsatanii fayyanii hanga ji'a sadi'iitti dhibee kana dabarsuu danda'a. Weerarri ibolaa kan jalqabaa akkamitti akka ka'e hin beekkamu. Weerarri vaayiresii ibolaa kan jalqabaa dhangala'aa bineelda dhibee kanaan qabame tuquun namatti darbuu hin oolle jedhamee amanama.    

Sababa inni baballatuuf keessa inni tokko biyyoota Afrikaa keessatti manneen yaalaa baayyee dadhabaa waan ta'anii fi. Hojjattoonni fayyaa kan uffata ittisaa seeran hin kaawwanne dhibee kanaa qabamuu danda'u. Dhibeen kun Afrikaa keessatti karaa hospitaalaa tatamsa'eera sababinsaas limmoo irraa deebi'anii fayyadamuu fi of eeggannoon waliigalaa dhabamuu dha. Buufanni fayyaa kan dhukkubsattoota yaalaa jiran tokko tokko bishaan ujummoollee hin qaban.      

Ibolaan karaa qilleensaa darbuunsaa hin gabaafamne. Garuu, laabiraatorii keessatti kan qophaawu, cobni 0.8– 1.2-μm ta'u qillensa wajjin yoo ol xuuxame dhibee kana nama qabsiisuu danda'a. Vaayiresiin kun, waltuquu tokko malee booyyerraa gara piraayimeetotaatti tattamsa'uu akka danda'u mul'ateera, garuu qorannoon kun daddarbuu akkasii piraayimeetota nama-hin-taane gidduutti arguu hin dandeenye. 

Sinbirri alkanii ija mukaa gartokkeen nyaatame lafatti gadi darbatti, achii hoosiftoonni lafarra jiraatan kan akka goorillaa ija mu harca'e sana nyaatu.Cancalli ta'umsa akkasii kun karaa al-qajeeltoo dhibeen kun baattuu vaayiresii kanaarraa gara bineelda biratti ittiin darbu dha, kunis gorora sinbira alkanii vaairesii baachuu ilaalchisee qorachuutti geesse. Oomishni ija mukaa, amalli bineeldaa, fi wantoonni biraa yeroo fi iddoo adda addaatti jijjiiramuun isaanii ka'umsa weerara dhibee kanaa bineeldota keessatti fida.   

Sinbirri alkanii kuusaa uummamaa vaayiresii Ibolaa ti. Biqiltoonni, aritiropoodonnii fi sinbirris tarii ta'uu danda'u jedhamee yaaddama. Bosonatti, dhibeen kun kan darbu yeroo sinbirri alkanii dhibee kanaan faalamte ija mukaa gartokkeensaa nyaatame ykn foon ija mukaa gad darbatte, achii booda hoosiftoonni lafarra jiraatan kan akka goorillaa fi kuruphee ija mukaa bu'e san nyaatu. Cancalli akkasii kun sanyii uummaan baattuu vaayiresii ibolaa ta'e keessaa gara sanyiiwwan biraatti karaa kallattii-alaan akka darbuuf carraa uuma. Kunis vaayiresii gorora simbira alkanii kuduraa nyaatu keessa jiruu irratti qorannoo gochuutti geesse. Oomishni kuduraa, amalli bineeldaa, fi sababoonni biraa yeroo fi iddoo adda addaatti jijjiiramuun bineeldota keessatti ka'umsa weerara dhibee kanaa fida. 

Simbirri alkanii warshaa jirbii kan jalqaba weerarri dhibee ibolaa bara 1976 fi 1979 keessatti mul'ate keessa akka jiraachaa turte, akkasumas weerara vaayiresii kan Marburg kan bara 1975 fi 1980 ka'e keessaas harka akka qaban dubbatame. Sanyii biqiltootaa 24 fi sanyii bineeldota lafee dugdaa qaban 19 kan yaaliif jecha vaayiresii ibolaan waraanaman keessaa, simbira alkanii qofatu dhibee kanaan qabame. Simbirri alkanii mallattoo dhibee kanaan yeroo qabaman mul'atu hin agarsiifne, kunis baattuu vaayiresii kanaa ta'uu isaanitiif ragaa ture. Sarvee bineeldota 1,030 irratti, simbira alkaniii Gaabonii fi Rippabiliika Koongoo 679 dabalatee, irratti bara 2002-2003 godhameen, simbirri alkanii kuduraa nyaatan 13 keessatti RNA vaayiresii ibolaa qabu ture. Hanga 2005, simbirri alkanii kuduraa nyaattu (Hypsignathus monstrosus, Epomops franqueti, and Myonycteris torquata) vaayiresii ibolaa akka qaban adda baafameera. Sanyiiwwan kun yeroo ammaa baattuu uummaan akka kuusaa vaayiresii ibolaa akka ta'an shakkama. Antiibodiin vaayiresii Zaayerii fi Reston simbira alkanii Baangilaadish keessatti argameera, kunis baattuun vaayiresii kanaa fi mallattoon filoovaayiresii Eeshiyaa keessa akka jiru agarsiisa.  

Bara 1976 fi 1998 gidduuti, hoosiftoota, simbira, reptaayiloota, amfibiyaanota, fi artiroopoodota 30,00 naannoo weerarrii ibolaa ka'e keessa akka eddattootti fudhamatame keessaa, vaayiresiin ibolaa keessatti hin argamane, kunis hurraa jenetiikii roodentii ja'a (Mus setulosus fi Praomys) fi shiruu(Sylvisorex ollula) Rippabiliika Gidduagaleessa Afrikaa keessaa dhuferraa argameen ala jechuudha. Yeroo weerara 2001 fi 2003, hurraan vaayiresii ibolaa raqa goorillaa fi chimpaanzii keessatti argameera, kunis boodarra dhibeen kun akka nama qabuuf madda ta'e. Haa ta'u malee, sanyiiwwan kanaa dhibeen kun yoo qabee waan ajjeesuuf, isaan akka kuusaa uummamaatti tajaajiluu hin danda'an.  

Vaayiresiin ibolaa jinoomii RNA maraa tokko kan nama hin faalle qaba. Vaayireesin ibolaa jinoomii tilmaaman 19 ta'nii fi kan jiinii torba tartiiba 3'-UTR-NP-VP35-VP40-GP-VP30-VP24-L-5'-UTR of keessaa qaban qaba. Jinoomin vaayireesin ibolaa shananii (BDBV, EBOV, RESTV, SUDV, fi TAFV) tartiibaa fi lakkoofsa fi iddoo jiiniin walirra oolutti gargari. Akkuma filoovaayiresii hundaa, vaayiresiin ibolaa paartikilii maraa danaa ulee hookkoo fakkaatu ykn boca U ykn 6 qabu dha, kana malee vayiresiin kun maramaa, geengoo ykn kan damee qabu ta'uu danda'a. Walumaa galatti, vaayireesin ibolaa ballinaan 80 nm yoo ta'u dheerinaan garuu gargari. Dheerinni ibolaa miidiyaanin 974 hanga 1,086 nm (kunis faallaa marburgvirions kan dheerina midiyaaniin 795–828 nm ta'e qabuu ti) ta'a, garuu paartikiliin ibolaa dheerina hanga 14,000 nm ta'u qabu tishuu namni guddise keessatti argameera.

Marsaan jireenya vaayiresii ibolaa yeroo vaayiriyoniin rissepterii seelitti of qabsiise jalqaba, itti aansuun marsaan seelii vaayiresii membireenii seelii wajjin tokkooma, niwuukilookaspiidin vaayiresii gara saayitosoolitti gadilakkifama. Gilaayikoopirootiniin (GP1,2 jedhama) vaayiresii ibolaa, dandeettii seelitti of qabsiisuu fi seelii faaluu kennaaf. RNA poliimeraasin vaayiresii kanaa, kan jiinii L lakkadaa'e,gartokkeen niwuukilookaspiidii banuun jiinii gara mRNAttii dabarsa, kunis achii booda gara pirootiinii istiraakcheraalii fi nan-istiraakcheraaliitti jijjiirama. Pirootiinin baayyinaan oomishamu niwukiyoopirootiini dha, priootiinin akkasii kun seelii keessatti baayyachuunsaa iswiichiin L jiinii dabarsuuraa gara jinoomii baayyisuutti yoom akka ce'u murteessa. Seelii baayisuun antiijinoomii dheerina-guutuu, maraa poozatiivii qabu uuma, kunis itti aansun garagalcha jinoomii vaayiresii maraa-nageetiiviitti jijjiirama. Istiraakcheraal pirootiinii fi jinoomiin haaraa oomishame kun ofumaa walitti gaggaluun seel membireenii qarqaraatti karaa keessa walitti qabamu. Vaayiroonin seelii irraa akka dameetti marguu jalqaba, maraa seelii isaas seel membireenii irraa marganirraa fudhatu. Partikiliin guddate kun sana booda seelii biraa weeraruun marsaa kana irra deebi'ee hojjata. Jenetiksii vaayireesii ibolaa qorachuun baayyee ulfaata, sababiinsaas dhibee nama qabsiisuu waan danda'uuf.      

Seelonnii ujummoo dhiigaa karaa keessaa jiran(endothelial cells), makroofeejonni, fi seelonni tiruu dhibeen iboola kan guddinaan miidhu keessa adda dureedha. Dhibeen qabamuun booda, gilaayikoopirootiinin burqisiifame, kan gilaayikoopirootiinii bulbulamu xiqqoo (small soluble glycoprotein - sGP) ykn gilaayikoopirootiinii vaayiresii ibolaa jedhamutu, hojjatama. Vaayiresii ibolaa baayyisuun oomisha pirootiini seelotaa faalamanii fi sirna ittisaa dhukkubsataa dhiphina keessa galcha. sGPn pirootinii sirna asattoo dabarsuu niwutiroofiilsi (neutrophils), gosa seelii dhiiga adii kan ta'e, jeequ oomisha, kunis vaayiresiin kun sirna ittisaa jalaa niwutiroofiilsin akka dafee hojiitti hin bobbaane gochuun jalaa miliqa. Seelonni dhiiga adii kun vaayiresii kana baatanii  qaama hunda keessa gara limfi noodii, tiruu, somba, fi hadhooftuutti faffacaasu. Vaayiresiin jiraachuu fi miidhamni seelii kan vaayiresiin isa keessatti oomishamee keessaa ba'urran kan ka'e dhufu, asattoon keemikaalaa(kan akka TNF-α, IL-6, fi IL-8) akka gadilakkifamu godha, kunis asattoo molokiyuulii kan oo'a qaamaa fi gubaa ti. Miidhaan seelii namaarra ga'u, kan seeliin indooteeliyaalii(endothelial cells) fidu, ujumoo dhiigaa irraan miidhaa ga'a. Miidhamni ujummoo dhiigaa kun oomishmuu GPrraan ka ka'e ittuu ammaata, GPn wanti seelonni walitti akka qabatan godhu hirrisa, fi miidhaa tiruu kan dhiigni seeran akka hin ittitne godhu fida.   




#Article 175: Oliiqaa Dingil (1392 words)


Oliiqaa Dingil lammii Oromoo yoo ta’u, ummata Oromoo naannawa Qeellem Wallaggaa keessa jiraatu jidduudhaa kanneen hidda ja’an Sayyoo warra Laaloorraa dhalate. Qorannoon seenaa hangaa har'aatiin maqaa hadhaasaa beekuun danda'amu baatus maqaansaa guutuun Oliiqaa Dingil Bookaa jedhama.

Bakki dhaloota gooticha Oliiqaa, Qeellem Wallaggaa keessa Yamaaloogii Walal, Ganda Gurraattii Walal, bakka Deentaa Garee jedhamu. Barri dhalootasaa sirriitti qoratamee beekamuu baatus namoota bara sana beeku jedhamanirraa akka himametti, tilmaamaan bara 1890 ta’uu akka hin oole dubbatama.

Oliiqaa Dingil mana barumsaa qeesotaa /lubootaa/ galee akka barate seenaansaa ni mirkaneessa. Erga guddatee umriinsaa hojiif ga'ee booda bara bulchiinsa Hayilasillaasee mootummaadhaan mindeeffamee hojjetaa ture. Ga'een hojii goota kanaas gabaarra naanna’ee ashuura mootummaa walitti qabu ture. Gabaa hedduu inni irra naanna’aa ture keessaa gabaan Ashii, Muggii, Shabal, Qaaqeefaan ni eeramu. Bakki jireenyaasaa magaalaa Dambii Doolloo, Ganda 03 keessa akka ture odeeffannoon jiru ni ibsa.

Oliiqaan, dubartii maqaanshee Gannatawarqi Ashanaa jedhamtu Gidaamiidhaa fuudhee jiraachaa ture. Walumaagalatti Oliiqaan lammii nagaa namaa fi biyyaaf yaaduu fi quuqamu yoo ta’u amalasaa kanaan ummata Oromoo biratti hedduu jaalatama ture.

Caamsaa 23, bara 1929 wayita koloneeffattoonni Xaaliyaanii Itoophiyaa humnaan weeraranii qabatanitti waggaa tokko booda dhiibbaa koloneeffattoonni kun ummatarraan gahaniin mormee bosona seene. Gocha Xaaliyaanonnii fi sirni gita bittaa Nafxanyootaa ummata biyyattii keessa jiraatan irratti keessumaa Oromoorratti raawwachaa turanirraa kan ka’e haalli jireenyaa, aadaa fi safuun ummatootaa baduu jalqabe. Wayita sana Xaaliyaanonni lammiilee Itoophiyaa tokko tokko ofitti madaqsuudhaan maqaa “Baandaa” jedhamu itti moggaasuun duuka buutuusaanii taasifachaa turaniiru.

Xaaliyaanonni baandota kanneenirraa odeeffannoowwan gara garaa argataa, akka turjumaanaattis itti gargaaramaa turaniiru. Gochi baandotaafi Xaaliyaanotaa kun Oliiqaa qofa osoo hinta’iin namoota saba isaanii jaalatan hunda kan aarsu ture. Gochi suukanneessaan ummatarratti raawwatamu yeroodhaa gara yerootti babal’achaa dhufuusaarrayyuu roorroon haadha warraa Oliiqaa Dingil, Aadde Gannatawarqi /Moominaa/ Ashanaarra ga’eera jedhamu aarii Oliiqaan duraanuu qabu akka dabalu taasise. Kana malees gaaf tokko baandaa Xaaliyaanii kan ture namichi Baashaa Gabayyoo Waldee fi Oliiqaan otuu Amaariffaan haasa'anii Baashaa Gabayyoon Oliiqaa Dingil akka tuffiitti jecha Oromoon jedhamuu hin feeneen arrabsa.

Guyyaa biraammoo Baashaa Gabayyoon namicha Dhaabaa Maashaa jedhamu wajjin waliigaluudhaan Oliiqaan qarshii ashuuraa walitti qabe dhimma dhuunfaa irra oolfateera jechuun odeessisiisuurra darbee hoogganaa Xaaliyaanii yeroo sanaatti hima. Oliiqaan qawwee dhokfatee qaba jedhees yakke. Odeeffannoo kanarratti hundaa’uun Xaaliyaanonni Oliiqaa qabanii mana hidhaa galchan. Oliiqaan halkanuma sana mana hidhaa cabsee ba’uudhaan, bakka dhalootasaa Deentaa Garee dhaquudhaan qawwee Beeljigii 2fa jedhamu bitatee Dambii Doollootti deebi’e. 

Halkan gaaf tokkoo Baashaa Gabayyoo ajjeesee, gara mana Baashaa Gabayyoos dhaqee haadha warraa Baashaa alatti baasuun, “Ati dhirsa kee dhabda, ani immoo haadha warraa koon dhabe” jechuun du’a abbaa warraashee itti himee manicha qabeenya keessa jiru waliin gube. Itti aansee, namicha Dhaabaa Maashaa jedhamummoo Gabaa Dafinoo /Dambii Dolloo/ keessatti ajjeesee, “Anatu ajjeesee nama bira hin gaafatiinaa” jedhee barreessee mukatti maxxanse. Intalasaa fi haadha warraasaa Ganduma 03 keessatti dhiisee deeme.

Kana booda Oliiqaan nama durumaa qabee isa bira jiraatu, kan maqaansaa Shaanqoo jedhamu, qawwee namoonni dirqiidhaan Xaaliyaaniif galchuuf deeman irraa booji’ee Shaanqoo hidhachiise. Kanaanis Xaaliyaaniifi baandaarratti tarkaanfii fudhachuu eegalan. Sababoota Oliiqaa 'shiftummaaf' kakaasan keessaa tokko tokko eeruuf.

Oliiqaan erga Gabayyoo ajjeesee deemee booda gaaf tokko halkan keessaa sa’aatii shanitti haala haati warraasaa irra jirtu ilaalee deebi’uuf wayita gara manasaatti qajeelu isheen teessee jirbii fo’aa:

Utuu ati jiraattee hantuunni maa warraaqxee?

Yaa abbaa coomaafi booka kootii amaaseniin maal na gooti?”

jettee isa faarsituu dhokatee dhaggeeffate. Halkan sana dhokatee ishee ajjeesee deebi’uuf yaadeeti kan dhufe. Garuu wayita faaruu haadha warraasaa dhaga’u cancala qawweesaa dhaamsee halkan sana manasaa bulee ganama bariidhaan bakka dhufetti deebi’e. Yeroo yerootti uffata waraana Xaaliyaanii uffatee Dambii Dolloo seenuudhaan mana Aadde Moominaafi Aadde Daasharee Akkayyuutii daadhii dhugee, odeeffannoo barbaachisus walitti qabatee deebi’aa ture. Namoota isa fakkaatan waliinis dhoksaatti ni mariyata ture.

Deggartoota Oliiqaa gocha weerartoonnii fi jala kaattuun warrasaaniirratti raawwatan namoota hedduu aarsee tureera. Haala kanatti aaree kan garaa kutate Oliiqaa duukaa shaffata, warri kuun immoo, naannoodhuma jiran taa’anii deggaraa turan. Daggarsi kennamaa tures, odeeffannoo kennuu, galaa qopheessanii nyaachisuu, meeshaa waraanaa kaa’uufi erguu dabalata. Namoonni adda addaa yeroo waraanni Oliiqaa naannawa tokko galu nyaataa fi dhugaatii dhiyeessuudhaan halkanii guyyaa wajjin dhama’aa turan. Loltoonni Oliiqaa Xaaliyaanii dhamaasaniifi baandaa bakka garagaraatti oliifi gadi joonjessaa fi ajjeesaa turan. 

Bakkii da'annoosaanii haala yeroon jijjiirama ture. Lafti akka holqa Qacii, Aggataa, Macaqeddoo, Ondoloqqee, Doggaa, Walal, Cabal, Qilxuu Kaarraa fi Ulaa Biyyaa’oo bakka itti da’atan akka ture dubbatama. 

Lola koloneeffattoota wajjin godhame guyyaafi haalli lola Oliiqaadhaan geggeeffame barreeffamaan yoo jiraachuu baateyyuu seenaa afaaniin darberraa hubachuun akka danda’amutti qabsoo ittisa koloneeffataa keessatti Oliiqaa Dingil gumaacha olaanaa akka godhe beekama. Tooftaa mataasaatiin geggeeffamee injifannoowwan gurguddoo galmeessaa tureera. Fakkeenyaaf yeroo Xaaliyaanonniifi baandaan Oliiqaan Awusa jira jedhanii achi dhaqan jalaa mimmiliquun jara joonjessaa tureera. Injifannoowwan guguddoo waraana Oliiqaatiin argaman keessaa Aanaa Yamaaloogii Walal keessatti bakki Fiinchoofi Dubbisi jedhamu gidduu lola Xaaliyaaniifi Oliiqaan wajjin gaggeeffameen Xaaliyaanonni 30 ta’an du’aniiru. Dirreen injifannoo inni seena qabeessa jedhamee himamu immoo, lola Wallaggaa, Aanaa Tajjootti gaggeeffame yoo ta’u, lola kanarratti baandonni 750 ta’anii Oliiqaatti duulan. Lola hamaa, tooftaa fi kutannoo guddaa gaafate kanarratti Xaaliyaaniifi baandonni waraana Oliiqaatiin yommuu dhuman, loltuun Xaaliyaanii maqaansaa Tinintii Biichee jedhamuufi baandonni sadii duwwaan baqatanii deebi’anii akka galaniidha kan ibsamu.

Namoota Xaaliyaanii wajjin waliigalanii Oliiqaa fi waraanasaa booji’uuf ykn ajjeesuuf yaalaa turanirratti Oliiqaan dursee tarkaanfii fudhataa ture. Akka fakkeenyaatti namichi maqaansaa Waacilaa Waloo jedhamu miseensa waraana Oliiqaa kan ta’e Dhaabaa Bocoloo ajjeefnaan Oliiqaan battaluma sanatti Waacilaa Waloo, Anfillootti ajjeesee gumaa Dhaabaa Bocoloo baaseera. Itti dabalees, Aanaa Tijjootti namichi maqaansaa Fullaasaa Baabil jedhamu, Oliiqaa ajjeeseen mataasaa muree fida jedhee Xaaliyaaniif waadaa galee qawwee minishirii shan fudhatees deeme. Otoo hin turin dhimmi kun Oliiqaaa bira ga’e, Oliiqaan mana Fullaasaa Baabil dhaqee ajjeesuudhaan qawwee shananuu harkaa fudhatee humna waraanasaa ittiin cimsate. Haaluma kanaan lola hedduurratti lubbuun diinaafi deggartootasaanii lakkoofsaan kaa’uun nama rakkisu dhabameera.

Walumaagalatti qabsoon Oliiqaan ummata Oromootiin deggaramee gaggeesse, ummatichi akkasuma lammiifi saba kaanii goota cimaa akka qabu kan mirkaneessuu dha. Du’a Oliiqaa Dingil qabsoo ittisa koloneeffataa Oliiqaa Dingil gaggeessaa ture jala deemtonni diinaa hin deggaran ture.

Oliiqaan yommuu bosonaa dhufu Magaalaa Dambi Dolloo keessa mana meeshaasaa keewwatu qaba ture. Yeroo inni dhufee kaa’u halkan keessaa sa’aatii shanii hanga 10 gidduu ture. Yeroo bosonatti deebi’ummoo rasaasaafi meeshaalee isa barbaachisan fudhateeti. 

Namichii Oliiqaan waliin hojjetu, warra Xaaliyaanii wajjin qunnamtii dhoksaa qaba ture. Namichi akka warri Xaaliyaanii hin shakkineef halkan halkan manasaa biratti qawwee dhukaasaa bula. Ganama ka'ee, eda mana eebaluu biratti qawween dhuka’aa bule yeroo jedhan Xaaliyaanonni dhaqanii qalahaa hammaarratanii akka galaniidha seenaan kan eeeru. Tooftaa kanaan Oliiqaafi namichi kun waliin deemaa erga turanii booda, qarshiin Oliiqaa namicha kanarratti heddummaataa waan dhufeef gaafa tokko Oliiqaan qarshiisaa akka deebisuuf gaafatee, namichi didnaan Oliiqaan arrabse. Arrabsoon Oliiqaa Dingil onnee namicha kanaa waan madeesseef namoota Oliiqaa Dingil qunnaman qarshiidhaan kadhachuu jalqabe.

Haaluma kanaan Oliiqaan holqa Qacii keessa otuu jiraatuu namichi isa irratti haaloo kuufate sun, dubartii imaanaa Oliiqaa turte /haadha warraa Baaburii Wagee/ uffata babbareedaa, bituufiidhaan, qarshiis harkatti kennuufiidhaan, akkasheen Oliiqaa hordoftee qoricha obaaftuuf summiin itti kenname. Haaluma kanaan osoo jiranii gaaf tokko Oliiqaa heexoon mul’anaan dubartiin imaanasaa turte sun qoricha daaktee summii itti kenname itti dabaltee Oliiqaan akka dhuguuf kenniteef.

Oliiqaan eddii summicha dhugee booda qaamnisaa dadhabaa adeeme. Guyyaa yeroon inni waa nyaatu geenyaan ammas lammaffaa nyaata summii qabu dabalteef. Dhugaatii maastikaa jedhamu kan summiin makame akka inni dhuguufis affeerte. Kana booda Oliiqaan laafaa deeme. Namoonni isa duukaa turanis waan godhan wallaalan. Guyyaa guutuu dhukkubsataa oolee, Roobii halkan sa’aatii 9:00 irratti bakka Oddoo Butaa jedhamutti du’e.

Namichi tooftaan nyaataa fi summii dhiyeessuudhaan nafxanyicha wajjin waliigaltee qabaachaa tureefi namni maqaansaa Wadaajoo jedhamu, gaafa Oliiqaan du’uusaa hubatu qawwee dhukaasee funyaansaa madeessuun, anatu ajjeese jedhee muudamuuf jecha Xaaliyaanotatti gabaase. Gaafa du’a Oliiqaa dhaga’u ummanni naannawa sanaa ba’ee hiyyee boo’e. Hogganoonni koloneeffataas Dambii Dolloorraa yeroo dhufan Oliiqaa miti, kan du’e nama kan biraa ta’a jedhanii shakkanii turan. Sababiin shakkii saaniis Oliiqaa qabachuu fi ajjeesuuf yeroo dheeraaf yaalii godhaniin waan hin milkoofneefi.

Kana booda muudamaan Xaaliyaanii kan Gavarnoo Dhaayee jedhamu reeffa Oliiqaa yommuu argu ajjeesuu balleessitan, nama akkasii hin ajjeesan, muudanii hoogganaa waraanaa godhatu jechuun Wadaajootti dheekkame. Erga reeffasaa gara magaalaa Dambii Dolloo geessanii booda haadha warraa Oliiqaa waamanii isa ta’uufi dhiisuusaa adda akka baaftu gaafatan. Isheenis mallattoo duraan miilasaarra ture ilaaltee isa ta’uu mirkaneessiteef.

Sana booda Xaaliyaanonni reeffasaa suura kaasanii karaa laga Borxaa buusanii naannawa dur Biheeraawwii Xoor jedhamutti awwaalan. Wadaajoo isa Oliiqaa natu ajjeese jedhu Jimmaa geeffamee otuu achi jiruu guyyaa tokko mana daadhii taa’ee otuu dhaadatuu durbiin Oliiqaa achumatti ajjeese. Erga Oliiqaan du’ee weediftoonni akkana jedhanii isa faarsaa turan:

Facaasaa heexoo dhuguun

Oddoo Butaarra buluun

Michuu dubartii buluun

Xixxiixaa Dingil Bookaa

Oliiqaa galaafate.

Qawween Oliiqaa ajjeesee

Maqaansaa Wacafoodha

Baga kaartaa hin nyaatini

Namni Oliiqaa ajjeese

Maqaansaa Wadaajoodha

Baga taa’ee hin nyaatini




#Article 176: Kaappaasiterii (115 words)


Kaappaasiteriin (duraan kondenserii jedhama ture) ruuqoo elektirikaalii mugaa kan tarminaalii-lama qabu wayita ta'u faayidaansaas anniisaa elektirikii karaa elektiroostaatikii ta'een elektirik fiildii keessatti kuusee ka'u dha. Gosti kaappaasiterii baayyetu jira, garuu hunduu kondaakterii lama (pileetii) kan daayi'elektiriin (insuleeterii) gargar ba'e qabu. Kondaakteriin kaappaasiterii keessa jiru irra-dibaa haphii, fooyilii, ykn elektirlaayitii kondaakterii ta'e, kkf ta'uu danda'a.  Daayi'elektiriin elektirikii hin dabarsine ammoo humni chaarjii kuusuu kaappaasiterii akka dabaluuf gargaara. Daayi'elektiriin fuullee, seraamikii, pilaastikii happhii, qilleensa, vaakiyuumii, waraqaa, maayikaa, oksaayidi leyerii, kkf irraa kan hojjatame ta'uu danda'a. Kaappaasiteriin baayyinaan qaamaa elektirikaal sarkiyuutiitti meeshaalee elektirikaalii ta'uun tajaajila. Faallaa rezisteriitin, kaappaasiterii gaarin anniisaa salphaatti hin gatu (disspate). Faallaa gatuu, kaappasiteriin anniisa haala elektiroostaatik fiilditiin pileetii isaa lamaan gidduutti kuusee kaa'uu qaba.   




#Article 177: Daayoodii (147 words)


Elektirooniksii keessatti, daayodiin ruuqoo elektirikaalii tarminaalii-lama qabu wayita ta'u hojiinsaas elektirkii gara tokkotti qofa dabarsuu dha; daayoodiin karantii gara kallattii tokkootti dabarsuurratti mormii xiqqaa (inni bayeessi 0) kan qabu, gara kallattii biraatti dabarsuurratti ammoo mormii guddaa (inni bayeessi infinite) qaba. Daayoodiin semiikondaakterii ta'e, yeroo ammaa baayyinaan kan beekkamu, kiristaala wanta semiikondaakterii ta'eerraa kan hojjatame fi p-n jaankishiniinsaa tarminaalii elektirkii lamatti kan qabate dha. Daayodiin vaakiyuum tuubii elektiroodii lama qaba, kunis pileetii (anoodii) fi kaatoodii hoo'ifamu dha. Daayoodiin semiikondaakterii ruuqoo elektirooniksii semiikondaakteriirraa hojjatame kan jalqabaa ture. Kiristaalli kun elektirikii AC gara DC akka jijjiiruu kan argate fiizisistii Jarmanii Ferdinaandi Biraawun bara 1874tti ture. Daayoodin semiikondaakterii kan jalqabaa, kan kaat wisker daayod jedhamu, naannoo bara 1906tti kan hojjatame yoo ta'u kunis kiristaala albuudaa kan akka galiinaa irraa hojjatame. Yeroo ammaa, daayodii baayyen silkaniirraa hojjatama, yeroo tokko tokko garuu semiikondaakteroonni kan biraa kan akka seliniyeem ykn jermeeniyeemii irrayis ni hojjatama.      




#Article 178: Tiraanzisterii (1440 words)


Tiraanzisteriin meeshaa semiikondaakterii asattoo fi humna elektirkii guddisuu fi dabarsuu/dhorkuu too'achuuf tajaajilu dha. Tiraanzisteriin meeshaa semiikondaakterii irraa kan hojjatame yoo ta'u yoo xiqqaate tarminaalii sadi'i kan sarkiyuutii alaatti ittiin qabachuuf gargaaru qaba. Voolteejiin ykn karantiin tarminaalii tiraanzisterii cimdii tokkotti kenname, yaa'a karantii tarminaalii cimdii kan biraa gidduu jiruun ni jijjiirama. Humni too'atmaan (baha tiraanzisterii) humna too'atu (naqa tiraanzisterii) caaluu waan danda'uuf, tiraanzisteriin asattoo guddisuu danda'a. Yeroo ammaa, tiraanzisteroonni muraasni kobaa qarqabamu, garuu baayyen isaanii integireetid sarkiyuutii keessatti hammatamanii argamu.    

Tiraanzisteriin bu'uuraa meeshaalee elektirooniksii ammayyaa ti, akkasumas sirna elektiroonikii ammayyaa hunda keessatti argamu. Tiraanzisteriin bara 1947, fiizisistii USA Joon Bardiin, Waalter Biratayin, fi Wiiliyaam Shookileetin kalaqame; tiraanzisteriin seenaa elektironniksii guutumaan guutuutti jijjiire, raadiyoo, kaalkuleeterii, fi kompitara xixxiqqoo fi bushoo ta'an oomishuuf karaa bane. Tiraanzisteriin tarree IEEE tarkaanfii elektirooniksii keessa jira, akkasumas kalaqxoonni tiraanzisterii hojjatan Badhaasa Noobeli kan Fiiziksii kan bara 1956 argataniiru.    

Termooniik tiraayoodin, vaakiyuum tuubii bara 1907tti kalaqame, teknooloojii raadiyoo guddifamuu fi bilbila fageenya-dheera hojiirra oolchuu dandeessisuudhan bara elektirooniksii gara fuulduraatti tarkaanfachise. Garuu, tiraayoodin meeshaa salphaatti cabuu fi humna baayyee nyaatudha. Fiizisistii Yuuliyus Edgaar Lili'enfeldi paatentii fiildi-iffekti-tiraanzisterii (FET) Kanaadaatti bara 1925 fudhate, kunis meeshaa falka-jajjaboo tiraayoodii akka bakka akka bu'uuf yaaddame ture. Lili'enfeldi paatentii sanuma fakkaatu USA keessatti bara 1926 fi 1928 fudhate. Garuu, Lili'enfeldi barruu qorannoo waa'ee meeshaasaa kana ibsu hin maxxansinee, akkasumas paatentiin isaa kanmaddaa hojjatu kan akka fakkeenyaatti hojjatame hn ibsu. Sababa oomishni meeshaa semiikondaakterii qulqullina-guddaa qabu waggaa kurnoota achi fagaatee jiruuf, oduma kanmaddaa hojjatameerayyuu ta'ee, yaadni ampilifaayerii falka-jajjaboo Lili'enfeldi bara 1920n fi 1930n keessa hojiirra oole tajaajiluuf hin rakkata ture. Bara 1934, kalaqaan lammii Jarmanii Oskar Heil meeshaadhuma kana fakkaatuuf paatentii fudhatee ture.     

Sadaasa 17, 1946 hanga Mudde 23, 1947tti, Joon Baardiin fi Waalter Birateeyin Laabii Beel kan ATT kan USA kessa jiru keessatti, yaaliwwan hojjatan keessatti yeroo warqeen lama kiristaalii jermeniyeemiitti qabsiifaman,  asattoo bahaa kan humnisa asattoo naqaa caalu uume. Hoogganaan Garee Fiiziksii Falka Jajjaboo (Solid State Physics Group) kan ta'e Wiiliyaam Shookileen faayidaa kuni gara fuulduraatti qabu arge, ji'oota itti aanan muraasa keessattis beekumsa semiikondaakterii sirriitti ballissuuf ciminaan hojjate. Jecha tiraanzisterii jedhu kan uume John R. Pierce yoo ta'u jechoota lama tiraansirezistaance (transresistance) jedhurraa uume. Akka barreessitoonni seenaa dhuunfaa Joon Baardiin Lillian Hoddeson fi Vicki Daitch jedhanitti, Shookileen paatentiin Laabiin Beel tiraanzisterii irratti baasu kan jalqabaa fiildi-iffektii irratti akka hundaa'u fi Shookileen akka kalaqxuu kana argateetti akka galmaa'u barbaade. Paatentii Lili'enfeldi kan duraan dhokatee ture waan arganiif, abbootin seeraa Laabii Beel kuni akka hin taane gorsan, sababiinsaas yaadni tiraanzisterii fiildi-iffektii kan fiildii elektirikii akka tarsaatti fayyadamu haaraa hin turre. Bakkasaa, kan Bardeen, Brattain, fi Shookileen bara 1947 kalaqan tiraanzisterii pooyinti-kontaaktii kan jalqabaa ture. Milkii isaanii kanaaf beekkamtii kennuun, Bardeen, Brattain, fi Shookileen Badhaasa Noobelii kan Fiiziksii kan bara 1956 waliin qooddatan, kunis qorannoo semiikondaakterii irratti godhanii fi argannoo galtee tiraanzisteriitif jedhameet kennameef.    

Bara 1948, tiraanzisteriin pooyinti-kontaaktii fiizisistoota Jarmanii Herbert Matiree fi Hayinriish Velkeen hojjatamee ture, kunis Compagnie des Freins et Signaux, damee Westiingihaawusi kanPaariskeessatti argamu,  keessa wayita hojjatan ture. Mataré muuxannoo rektifaayerii kiristaalaa silkenii fi jermeniyemii irraa hojjachuu qaba ture, kunis yaalii raadaarii kan Jarmaniin yeroo Waraana Addunyaa II goote irraayi. Beekumsa kanatti fayyadamuun, waa'ee interfiiraansii bara 1947 qorachuu jalqabe. Karantii pooyinti-kontaaktii keessa yaa'u ilaaludhaan, akkuma Bardiin fi Birateeyin Mudde 1947 godhanitti, Matire Waxabajjii 1948tti jermeniyeemii Velkee hojjatetti fayyadamuun bu'aadhuma sana fakkaatu argate. Saayintistoonni Laabii Beel isaan dura akka kana hojjatan erga baranii booda, kampaanichi cimdaa bilbilaa Firaansi keessatti fayyadamuuf jecha tiraanzitiroon isaa gara oomishuu ariifachiisutti darbe.    

Tiraanzisteriin ammamtaa-guddaa qabu kan jalqabaa tiraanzisterii saarfees-baariyerii jermeniyemii kan Philcon bara 1953 hojjatamedha, kunis ammamtaa hanga 60 MHZ ta'uun hojjachuu danda'a. Tiraanzisteriin kun kan hojjatame jermeniyemii akaakuu-N keessatti karaa lachuu (gubbaa fi jalaan) indiyeem salfeetiitti fayyadamuun boolla uumuun ture, kunis hanga inni furdina inchii tokkoo qabaatutti. Indiyeemin boollaa sana keessatti naqame akka funaantuu (collector) fi maddisiiftuutti (emmitter) tajaajila. Raadiyoon konkolaataa kan guutummaan tiraanzisterii fayyadamu, kan 1955 Chrysler fi Philco oomishame, sarkiyuutii isaa keessatti tiraanzisterii kana fayyadame. Tiraanzisteriin kun kompitara saffisa guddaa qabuufis mijataa ta'uun kan jalqabaa ti.    

Tiranzisteriin silkenii kan hojjatu kan jalqabaa Laabii Beelitti Amajjii 26, 1954tti Mooris Taanenbaawum hojjatame. Tiranzisteriin silkenii kan gurguraaf hojjatame kan jalqabaa Teeksaas Inistirumeentisiin bara 1954 hojjtame. Kunis hojii Gordon Teal, kan kiristaala qulqullina olaanaa qabu hojjachuun ogummaa guddaa qabu fi kan duraan Laabii Beel keessatti hojjachaa turen hojjatame. Tiraanzisteriin MOS kan jalqabaa Kahng fi Atalla Laabii Beel keessatti bara 1960 hojjatame.   

Tiraanzisteriin elektirooniksii ammayyaa hunda keessatti ruuqa ka'aa isa ijoodha. Namoonni baayyeen tiraanzisteriin kalaqa gurguddaa jaarraa 20ffaa keessaa isa tokko jedhanii amanu. Hawaasa ammayyaa keessatti, faayidaan tiraanzisterii adeemsa ofummaa'een (meeshaa semiikondaakterii oomishuu) baayyinaan oomishamuu danda'uusaa fi kunis gatii tiraanzisterii tokkoo baayyee gadi buusuu isaa irratti hundaa'a. Kalaqamuun tiraanzisterii jalqabaa kan Laabii Beel keessatti raawwatame tarkaanfii IEEE 2009 (IEEE milestones) keessatti tarreeffameera. 

Kaampaanii baayyeen tiraanzisterii kobaa qarqabaman kan biliyoonatti lakkaawwaman waggaa waggaadhaan yoo oomishaniyyuu, tiraanzisterii harki guddaan integireetid sarkiyuutii (yeroo baayyee gabaabfamee IC, maayikiroochiipsii ykn salphaadhumatti chiipsii kan jedhamu) keessatti qarqabamu, kunis daayoodii, rezisterii, kaappaasiterii fi ruuqolee elektiroonikii kaan wajjin walqabachuun elektirooniik sarkiyuutii guutuu uumu. Loojiik geetin tiraanzisterii hanga naannoo digdamaa of keessaa qaba, maayikiroopirooseserii olaanaan, bara 2009tt, tiraanzisterii (MOSFET) hanga biliyoona 3 fayyadamuu danda'a. Bara 2002tti, nama lafarra jiru tokkoo tokkoosaatiif, ijoollee, dhiira, dubartii odoo hin jedhin, tiraanzisterii miliyoona 60 hojaatame. 

Tiraanzisteriin gatiinsaa xiqqaa ta'uun, salphatti jijjiramuu danda'uunsaa, fi amansiisummaansaa meeshaa bakka hunda jiru isa taasise. Meeshaalee fi maashinii too'achuu keessatti, sarkiyuutin meekatiroonikii tiraanzisteriin of keessaa qaban, meeshaalee too'annaa elektiroomekaanikaalii bakka bu'aniiru. Yeroo baayyee tajaajila too'annaa argachuuf, meeshaa too'annaa makaanikaalii saxaxuurra maayikirookontiroolerii fayyadamuun sagantaa kompitaraa barreessutuu irra salphaa fi bushoodha.

Faayidaa guddaan tiraanzisterii kan dhufu asattoon xiqqoon tarminaalii garee tokko ta'an lamatti kennamte, asattoo guddaa tarminaalii garee tokko ta'an kan biraa gidduu yaa'u too'achuu danda'uu isaati. Amalli kun humna argachuu (gain) jedhama. Kun asattoo bahaa jabaa ta'e, voolteejii ykn karantii, kan asattoo naqaa dadhabaa wajjin wal fakkaatu garuu humna guddaa qabu uumuu danda'a; kana jechuunis, akka ampilifaayeriitti tajaajiluu danda'a. Karaa biraa ammoo, tiraanzisteriin akka iswiichii elektirikiin too'atamuuttii tajaajiluun karantii sarkiyuutii keessa yaa'u dabarsuu ykn dhorkuuf tajaajiluu danda'a, yeroo akkasii guddinni karantii ruuqolee sarkiyuutii kan biraatin murteeffama.   

Tiraanzisterii gosa lamatu jira, akkaatan isaan sarkiyuutii keessatti hojiirra oolanis xiqqoo garagara. Baayipoolaar tiraanzisteriin tarminaalota bu'uura (base), funaantuu (collector), fi maddisiiftuu (emmitter) jedhaman qaba. Karantii xiqqoon karaa tarminaalii bu'uuraa dhufu (kunis, kan bu'uuraa fi maddisiiftuu gidduu yaa'u) karantii guddaa tarminaalii funaantuu fi maddisiiftuu gidduu yaa'u too'achuu ykn dabarsuu/dhorkuu danda'a. Tiraanzisterii fiildi iffektiirratti (FET), tarminaalonni karra (gate), burqaa (source), fi cobsituu (drain) jedhamu, voolteejin karaa karraa dhufu karantii burqaa fi cobsituu gidduu jiru too'ata.      

Suurrii karaa mirgaa jiru baayipoolaar tiraanzisterii sarkiyuutii keessa jiru agarsiisa. Karantii tarminaalii bu'uurarra jirurratti hundaa'ee, chaarjin maddisiiftuu fi funaantuu giduu yaa'a. Sababa keessa tiraanzisteriitti walqunnamtiin tarminaalii bu'uuraa fi maddisiistuu akka daayoodii semiikondaakteriitti hojjatuuf, hanga karantiin tarminaalii bu'uuraarra jirutti voolteejin bu'uuraa fi maddisiistuu giduu jiru gadi bu'a. Ammi gadi bu'iinsa voolteejii kun waan tiraanzisteriin sun irraa hojjatame irratti hundaa'a, VBE jedhames wammama.     

Tiraanzisteriin yeroo baayyee akka iswiichii elektiroonikiitti tajaajila, kunis fayyadama humna-guddaa kan akka humna dhiyeessituu (power supply) fi fayyadama humna-xiqqaa kan akka loojik geetii keessatti ta'uu danda'a.  

Sarkiyuutiin tiraanzisterii kan burqisiiftuu-lafaa'ee keessati, fakkeenyaaf sarkiuutii iswiichii ifaa suurarratti mul'atu, akkuma voolteejiin bu'uuraa guddachaa deemen, karantiin maddisiiftuu fi funaantuu gidduu jiru garmalee guddachaa deema.  Sababa ittisni funaantuu fi maddisiiftuu gidduu jiru hirratuuf, voolteejin funaantuu gad bu'a. Yoo garaagarummaan voolteejii funaantuu fi maddisiiftuu gidduu jiru zeeroo (ykn naannoo zeeroo) ta'e, karantii funaantuu ittisa loodiitin (ampuulii ifu) fi voolteejii dhiyaaten qofa daangeffama. Kunis guuta jedhama sababinsaas karantiin maddisiiftuurraa gara funaantutti bilisumaadhan yaa'a. Yeroo guutaa kana, iswiichin sun banaa jedhama. 

Karantii bu'uuraaf ga'aa ta'e dhiyeessuun tiraanzisterii baayipoolaarii akka iswiichiitti fayyadamuu keessatti rakkoo ijoodha. Tiraanzisteriin karantii guddisuuf gargaara, karantii guddaa funaantuurra jiru karantii xiqqoo tarminaalii bu'urarra jiruun too'achuu dandeessisa. Reeshiyoon karantiiwwan kana lamaanii akaakuu tiraanzisterii irratti hundaa'ee gara gara, akaakudhuma tokkoofuu, karantii funaanturra jirurratti hundaa'ee gara gara. Sarkiyuutii ifaa akka fakkeenyatti kenname keessatti, rezisteriin karantii tarminaalii bu'uuraa ga'aa ta'e dhiyeessee akka tiraanzisteriin sun guutu godhutu filatame.  

Sarkiyuutii akka iswiichitti tajaajilu keessatti, gatiin voolteejii naqaa akka bahi guutammaan darbu ykn guutummaan hin darbine godhuuf filatama. Tiraanzisteriin akkasii akka iswiichiitti tajaajila, tajaajilli akkasii kun sarkiyuutii dijitaalaa, kan gatiin banaa ykn dhaamaa qofti barbaaddamu keessatti baayyee tajaajilarra oola. 

The common-emitter amplifier is designed so that a small change in voltage (Vin) changes the small current through the base of the transistor; the transistor's current amplification combined with the properties of the circuit mean that small swings in Vin produce large changes in Vout.

Various configurations of single transistor amplifier are possible, with some providing current gain, some voltage gain, and some both.

From mobile phones to televisions, vast numbers of products include amplifiers for sound reproduction, radio transmission, and signal processing. The first discrete-transistor audio amplifiers barely supplied a few hundred milliwatts, but power and audio fidelity gradually increased as better transistors became available and amplifier architecture evolved.

Modern transistor audio amplifiers of up to a few hundred watts are common and relatively inexpensive.




#Article 179: Rezisterii (128 words)


Rezisteriin ruuqoo elektirikaalii mugaa kan tarminaalii lama qabu yoo ta'u hojiinsaas yaa'a elektirkii ittisuudha. Rezisteriin yaa'a karantii gadi hirrisuuf hojjata, akkasumas, voolteejii sarkiyuutii keessa jiru gadi hirriisuuf hojjata. Elektirooniik sarkiyuutii keessatti, rezisteriin guddina karantii yaa'uu murteessuuf, amma asattoo to'achuuf, ruuqolee ka'aa gargaaruuf, fi sarara tamsaasaa guduunfuu fi kkf kan biraaf tajaajilu. Rezisteriin humna-guddaa kan humna elektirikii waatii (watt) baayyee ta'u akka oo'aatti gatuu danda'u akka qaama too'annaa motoraatti, sirna tamsaasa humnaa keessatti, ykn akka loodii yaalii jenereeteriitti tajaajila. Rezisteriin ittisa hin jijjiiramane (fixed resistance) kan tempireechara, yeroo fi voolteejii fayyadamu irratti hundaa'ee xiqqoo qofa jijjiiramu qaba. Rezisteriin jijjiiramu ruuqolee sarkiyuutii (kan akka guddina sagalee ykn amma ifa ampuulii) tottolchuuf gargaaruu danda'a, ykn ammoo akka meeshaa oo'a, ifa, jiidha qilleensaa, humna ykn walnyaatinsa keemikaalaa arguutti (seensi godhutti) tajaajiluu danda'a.     




#Article 180: Vaakiyuum tuubii (146 words)


Elektirooniksii keessatti, vaakiyuum tuubin (Ameerikaa Kaabaa - elktiroon tuubii, Ingiliffa Biriitish - vaalvii) meeshaa karantii elektirikii vaakiyuumii qabduu saamsame keessa jiru keessatti too'atudha. Vaakiyuum tuubin termoonik immiishinii elektiroonii kan filaamentii ykn kaatodii oo'e irra maddu irratti hundaa'a. Gosti kun termooniik tuubii ykn termooniik vaalvii jedhama. Footootuubin garuu, elektiroonii maddisiisuuf, galtee footoo'elektirikiitti fayyadama. Vaakiyuum tuubii hundi vaakiyuumii of keessaa qabu jechuu miti: tuubin gaazin guutame amala dischaarjii gaazii ayoneeffame keessatti geggeeffamu irratti hundaa'ee hojjata.

Vaakiyuum tuubii salphaa kan ta'e daayoodiin kaatoodii kan elektiroonii oomishu fi pileetii kan elektiroonii funaanu qofa of keessaa qaba. Meesha kana keessatti, karantiin elektiroodii lamaan gidduu kallattii tokko qofatti yaa'uu danda'a; kunis elektiroonin kaatodii oo'aan maddisiifaman tuubii keessa yaa'anii deemun anoodidhaan funannamu. Tarsaa too'annaa (control grid) tuubii kanatti dabaluun karantii elektiroodii lamaan gidduuu yaa'u too'achuu nama dandeessisa. Tuubonni tarsaa too'annoo qaban akka ampilifaayerii elektiroonikiitti, rektifaayerii, iswiichii elektiroonikiin too'atamuutti, osileeterii, fi kkf tajaajiluu danda'u.   




#Article 181: Kutaa Hujeessaa Giddugaleessaa (197 words)


Kutaa Hujeessa Giddugaleessaa haardiweerii kompitaraa keessa tokko yoo ta'u hojiinsaas ajaja sagantaa kompitaraa raawwachuudha, kanas kan godhu hojii qooyyaba, yaayaa, too'annoo fi naqa/baha raawwachuudhaani. Maqaan kun industirii kompitaraa keesssatti bara 1960n gara jalqabaatii kaasee fayyadamaa ture. Seenaa KHG keessatti, danaan, saxaxni, fi akkaataan itti hojjatama KHG yeroodhaa gara yerootti jijjiiramaa deeme, garuu dalagnisaa bu'uuraa sanuma.      

Kompitarri tokko KHG tokkoo ol qabaachuu danda'a; kunis hujeessa-baayyee (multiprocessing) jedhama. KHG ammayyaa hundi maayikiroprooseseriidha, kana jechuun chiippii tokko irratti argamu jechuudha. Integireetid sarkiyuutin (IS) tokko tokkoo chiippii tokkorraatti KHG tokkoo ol qabaachuu danda'u; integireetid sarkiyuutin akkasii kun hujeessaa handhuura-baayyee (multi-core processor) jedhama. Integireetid sarkiyuutin KHG qabate tokko dabalataanis kuufannoo, meeshaalee moggaa, fi kutaa kompitaraa kan biraa qabaachuu danda'a; kunis sirna chiippirraa (system on a chip) jedhama.

Ruuqoleen KHG beekkamoon lamaan kutaa yaayaa herregaa (KYH), kan hojii herregaa fi yaayaa hojjatu, fi kutaa too'annoo, kan ajaja kuufannoo keessaa fidu, ajajaa kana hiikuu (decode) fi raawwatuu dha, yeroo barbaachisetti KYH gargaarsa gaafachuun. 

Kompitarri hundi Kutaa Hujeessaa Giddugaleessa irratti hin hundaa'u. Hujeessaa baayyen ykn hujeessaa veekteriin (vector processor) hujeessaa baayyee kan erga takkaa hojjatu qaba, kana keessa tokkoonsaayyuu giddugaaleessaa jedhamee hin fudhatamu. Ilaallata shallaga faffaca'aa keessatti, rakkooleen kan furaman tuuta hujeessaa (processor) faffaca'aa walqabataniini.




#Article 182: Indaakterii (200 words)


Indaakteriin, maraas ni jedhama, ruuqoo elektirikaalii mugaa kan tarminaalii lama qabu yoo ta'u hojiinsaas jijjiirama yaa'a karantii elektirikii isa keessa darbaa jiruu mormuu dha. Indaakteriin shiboo elektirikii dabarsu kan marame of keessa qaba. Yeroo karantiin keessa yaa'u, anniisaan yeroodhaaf maagineetiik fiildii maraa shiboo san keessatti kuufama. Yeroo karantiin indaakterii keessa yaa'u jijjiiramu, maagineetiik fiildiin yeroo-wajjin jijjiiraamu indaakterii keessatti voolteejii uuma, kunis seera elektiroomaagineetik indaakshinii Faradeeyi irratti hundaa'a. Kunimmoo jijjiirama karantii kan kana uume sana morma. 

Indaakteriin indaaktaansii isaatin ibsama, kunis reeshiyoo voolteejii fi saffisa jijjiirama karantiiti, safartuun isaas henriis (H) dha. Indaakteroonni yeroo baayyee gatii 1 µH (10−6H) hanga 1 H guddatu qabaatu. Indaakteroonni baayyen maagineetiik koorii kan ayiranii ykn feerraayitii irraa hojjatame maraa indaakterii keessaa qabaatu, kunis maagineetiik fiildii guddisuudhan indaaktaansiin akka dabalu godha. Kaappaasiterii fi rezisterii wajjin, indaakteriin ruuqoo mugaa sorooroo sarkiyuutii kan elektirik sarkiyuutii uuman sadi'i keessa tokko. Indaakteriin baayyinaan meeshaalee elektirooniik karantii dambali'u (AC) fayyadaman keessatti tajaajila, keessaahuu meeshaa raadiyoo keessatti. Isaan yaa'a karantii AC dhorku, yaa'a karantii DC garuu ni dabarsu; indaakteroonni hojii kanaaf saxaxaman chooki jedhamu. Kana malees, gingilchaa elektiroonikii keessatti asattoo ammamtaa adda adaa qabu addaan baasuuf fayyada, kaappaasiterii wajjininis sarkiyuutii tiyuunii (tuned circuits), kan fudhattuu raadiyoo fi TV keessatti tajaajilu, hojjachuuf fayyada.     




#Article 183: Raadaarii (381 words)


Raadaarin sirna ittiin wantoota-argan kan dambalii raadiyoo fayyadamuun fageenya, ol kaa'insa, kallattii, ykn saffisa wantootaa arguuf tajaajilu dha. Raadaarin xiyyara, ispeeskiraaftii, bidiruu, misaayelii qajeelfamu (guided missile), konkolaataa, odeeffannoo haala qilleensaa fi akkaataa taa'umsa lafaa arguuf gargaara. Diishin ykn anteenaan raadaarii, dambalii raadiyoo ykn maayikirooweevii tamsaasa, kunis wantoota fulduraasaa jiran kan gufuu itti ta'anitti bu'ee gara duubatti deebi'a. Wantoonni gufuu ta'an kun anniisaa dambalii keessa amma xiqqoo gara diishii ykn anteenaatti, kan yeroo baayyee naannodhuma tamsaasaa (transmitter) kanatti argamutti, deebisu.   

Raadaariin biyyoota adda addaa baayyedhaan yeroo Waraana Addunyaa Lammaffa fi sana dura hojjatame. Jechi raadaar jedhu bara 1940 Humna Galaanaa USAtin kan uummamee yoo ta'u kunis gabajee gaalee RAdio Detection And Ranging jedhurraa dhufe ture. Gabajeen kun erga sanii gabajee ta'uunsaa hafee akkuma jechaatti tajaajiluutti darbe. 

Faayidaan raadaarii kan ammaa baayyee ball'aadha, kunis too'annaa tiraafikii qilleensarraa, sirna ittisa-qilleensarraa, astironoomii raadarii, sirna farra-misaayelii; raadaarii bidiruun iddoowwanii fi bidiruu biraa arguuf; sirna xiyyara akka walitti hin buune dhorku; sirna garba ilaaluu, sirna ispeesii ilaaluu, fi sirna ispeeskiraaftii walittii dhiyeessuu keessatti; meetirooloojii keessatti hordoffii jiidha qilleensaa kan rooba fiduu; sirna xiyyara balaliisuu keessatti; misaayelii qajeelfamu keessatti iddoo rukutamu addaa baasuus; raadaarii lafa keessa seenu kan qorannoo ji'ooloojiif oolu dabalata. Raadaarii teknooloojii olaanaa fayyadaman hujeessa asattoo lakqurxaawaa (digital signal processing) ofirraa qabu, odeeffannoo fayyadu waca guddaa keessaa adda baasuus danda'u.  

Sirnoonni kaan kan raadaarii fakkatan kutaa elektiroomaagineetiik ispektiremii keessaa kan biraa fayyadamu. Fakkeenyi tokko liidarii dha, liidaariin bakka dambalii raadiyoo ifa leezerii kan ijaan mul'atu fayyadama.  

Sirnoonnii raadaarii tamsaastuu dambalii raadiyoo kan asattoo raadaarii jedhamu kallattii duraan murtaa'etti tamsaasu qabu. Damabaliin raadiyoo kun yoo waan ta'etti bu'e, yeroo baayyee gara duubatti calaqqifamu yookan kallatti adda adaatin bittinneeffamu. Asattoon raadaarii gara duubatti calaqqiseeffama, keessaahuu meeshaalee dabarsoo elektirikii ta'an keessatti  — keessumattuu sibiilaan, bishaan garbaatinii fi lafa jiidhadhaan. Kana keessaa muraasni altimeter raadaarii  fayyadamuu nama dandeessisu. Asattoon raadaarii kan gara duubaatti kallattii tamsaastutti calaqqiseeffametu raadaariin akka hojjatu godha. Yoo wanti asattoo raadaarii calaqqiseesse sun gara tamsaastutti ykn faallaa tamsaastutti deema ta'e, jijjiiramana ammamtaa dambalii raadiyoo kan sanaan walqixxaatutu fida, kanas kan godhu galtee Dooppilerii ti.  

Fudhattuun raadaarii, yeroo baayyee, garuu yeroo hunda miti, iddoodhuma tamsaastun jirutti argama. Asattoon raadaarii duubatti calaqiseeffamee anteenaan fudhatame yeroo baayyee dhadhabaa yoo ta'eyyuu, elektirooniik ampilifaayeriidhaan anniisaa isaa guddisuun ni danda'ama. Asattoo raadaarii fayyidaa kennuu danda'u argachuuf, tooftaa asattoo hujeessuu xaxamaanis hojiirra oola.  




#Article 184: Yunaayitid Isteetsi (331 words)


Yunaayitid Isteetsi‎ (Tokkummaa Koonyoota Ameerikaa) biyya federaalaa dhihaa hemisferii yoo taatu bulchiinsa naannoo 50 fi territory (biyya akka odolaa) bayye of kessa qabdi. Magaalaa guddaan USA Waashingiten D.C. dha. Bulchiinsi naannoo (state) afurtami sadetti kan Ameerikaa Kaabaatti gidduu Garba Paasifiik fi Garba Atilaantiikitti kan argaman yoo ta'an, kaaban biyya Kanaadaatin, kibbaan Meeksikoon dangefamanii argamu. Bulchiinsi naannoo (state) birra laman immo Alaaskaa fi Hawaayii dha. Alaaskaan kaaba-dhihaa ardii Ameerikaa Kaabatti argamtu yoo taatu bahaan immo Kanaadaan dangeffamte argamti. Hawaayiin immo jiddu Paasifiikitti argamti. 

Ballina lafa 3.7 million square miles caalu (9.6 million km² callu) fi bayyina ummatta millionna 300 olii qabachuun, United Statesiin adunya kessa ballina lafan walii-gallatiin sadaffa yokan afuuraffa (Chaayinaa fi USA irra kam akka caalu hanga amma hin beekamu) gubbatti kan argamtu yoo tattu, ballina lafa qofaan fi bayyina ummatan sadaffa irratti argamti. Ummatti America walitti qabama ummatta adunya immigrationiin dhufan yoo ta'u, kuni immo akka isaan adaa garagara ta'e akka qabattan sababa ta'erra. USAn addunyaa keessaa biyyoota ummatta adaa fi akka jirenya gosa gossa ofii kessa qaban keessa tokko dha. United Statesiin addunyaa keessaa diinagdee biyyaatin GDP trillion $13 fi gross world product parsentii 22% qabachuun tokkoffa irratti argamti. GDP per capitan yoo ilaalani immo USAn sadarkaa sadaffa fi sadetteffa irratti argamti. 

Biyyi kun kolonii kudhan-sadeen Gireet Biriiten walitti qabatte, kolonoonni kuni immo billisumma isaani kan argattan Declaration of Independence ifa gochuun, kunis kan ta'e bara 1776, Waxabajjii 4tti (July 4). Constitution hardha kan itti argattan Fulbaana 17, 1787 yoo ta'u, achiin bodda amendment 27 bassu danda'anirru. Biyyi kun kan lafan babalatte bayyinan century 19ffa irratti, kunis biyyotta kan irra lafa fudhachudhan - Firaansi, Meeksikoo, Ispeen fi Raashiyaa. Achiin bodda United States biyyoota humna baayye qaban lamman kessa tokko ta'u dandeetterti, kunis Waraana Addunyaa II keessatti waan USn goote fi akkasumas Meeshaa Niyuukileerii (Nuclear weapon) isheen qabdu irra ka'erra. Ergaa Soviet Union kuftee booda, USAn humna addunyaa keessaa jabenyaan haftee tokkitti qoffa ta'u dandeesse. Akkasumas addunyaa keessatti diinagdee, siyaasa, aadaa fi Militaryiin adunya kessatti dursuni itti fufu jirtii.




#Article 185: Abdii Fiixee (119 words)


Abdii Fiixee waloo, gaazexeessa, barreessaa, fi qabasaawa mirga Oromoo ti. Abdiin meeshaalee sab-qunnamtii adda addaa keessatti hojjachuu fi barreeffamoota walaloo fi asoosamaa adda addaa barreessuun beekkama.

Abdiin kan dhalate Wallagga Lixaa Boojji keessatti yoo ta'u yeroo inni daa'ima turetti maatiinsaa gara magaala Naqamteetti godaanan. Abdiinis maatii isaa wajjiniin Naqamte galuun Naqamtetti guddate. Abdiin barnootasaas kutaa tokkoo hanga kudhanii achuma Naqamtetti kan barate yoo ta'u kutaa kudha-tokkoo fi kudha-lamaa ammoo Najjootti barate. Barnoota sadarkaa lammaffaa erga xumuree booda, Abdiin gara Ameerikaatti godaane. Ameerikaattis mana barumsaa galuudhaan ogummaa fiilmii baratee xumure.

Abdiin jaalala barreessuu guddaa akka qabu dubbata. Irra guddinaan walaloo fi asoosama barreessudhaan beekkama. Barreessudhaaf namoota fakkeenya naa ta'an keessaa Onesimos Nasib, Asteer Gannoo fi Dhaabaa Wayyeessaa akka ta'an dubbata.




#Article 186: Luuwii Paaster (131 words)


Luuwii Paaster (Mudde 27, 1822 – Fulbaana 28, 1895) kemistii fi maayikiroobaayoloojistii lammii Firaansi yoo ta'u kan inni ittiin beekkamus argannoowwan talallii, bososuu maayikiroobii fi paasteraayizeeshinii argachuu isaatini. Paaster kan inni ittiin yaaddatamau maaltu dhibee akka fidu fi akkamitti akka ittisuun danada'amu argachuu isaatini, kunis ergasii lubbuu namoota hagana hin jedhamnee du'a oolcheera. Du'a dhibee yeroo da'umsaa nama qabuun dhufu hiirrise, akkasumas talaallii dhukkuba saree maraatuu fi antiraaksii uume. Argannoon Paaster fayyaarratti argate tiyoorii dhibeen jarmiidhan dhufa jedhu kan mirkaneesse yoo ta'u kun immoo fayyaa mana yaalaatti kennamuuf karaa bane. Paaster ummata biratti tooftaa ittiin aannanii fi wayiinii faallama baakteeriyaa irraa dhowwuun danda'amu uummu isaatini, tooftaan kunis paasteraayizeeshinii jedhama. Paaster namoota damee saayinsii baakteeriyooloojii dhaaban sad'ii keessa isa tokko, warri lamaan Fedinaand Koohen fi Rooberti Koochi. Paaster abbaa maayikiroobaayoloojii jedhamee beekkama.  




#Article 187: Gootfiriid Viilhelmi Laayibiniiz (145 words)


Gootfiriid Viilhelmi Laayibiniiz (Jarmaniffa: [ˈɡɔtfʁiːt ˈvɪlhɛlm fɔn ˈlaɪbnɪts] ykn [ˈlaɪpnɪts]; Adoolessa 1, 1646 – Sadaasa 14, 1716) abbaa herregaa fi filoosofera lammii Jarmanii ti. Seenaa herregaa fi seena falaasamaa keessatti, Laayibiniiz iddoo guddaa qabata. 

Laayibiniiz kaalkulasii kan kalaqe yoo ta'u kunis hojii Isaaq Niwuuten kaalkulesii irratti hojjachaa ture odoo quba hin qabaatin ture, erga maxxansa isaatii mallattoon Laayibiniiz fayyadame fudhatamuudhaan yeroo amma kaalkulasiif isatti fayyadamu. Jaarraa 20ffaa keessatti Law of Continuity and Transcendental Law of Homogeneity inni uume faaydiaa herreegaa argate (karaa qaaccessa al-idileetin). Damee kaalkuleeterii makaanikaalii keessattis, Laayibiniiz kalaqxoota gurguddoo keessaa tokko ture. Kaalkuleeterii Paaskaalitti baayyisuu fi hiruu itti dabaluuf yaalaa odoo jiruu, Laayibiniiz kaalkuleeterii piinwiilii (pinwheel calculator) bara 1685 bu'uuressuun kan jalqabaa ti. Laayibiniiz wiilii Laayibiniiz(Leibniz wheel) kalaqe, kunis kaalkuleeterii makaanikaalii baayyinaan oomishame kan jalqabaa kan ture aritoomeetirin kanatti fayyadame. Kana malees sirna lakkoofsa baayinarii, kan bu'uura kompitara dijitaalaa hundaa ta'e, fooyyessuun qulqulleessee. 




#Article 188: Galiiliyoo Galiilii (118 words)


Galiiliyoo Galiilii(Xaaliyaaniffaan yoo dubbifamu: [ɡaliˈlɛːo ɡaliˈlɛi]; 15 Gurrandhala 1564 – 8 Amajjii 1642), yeroo baayyee maqaa Galiiliyoo jedhamuun kan waammamu, fiizisistii, abbaa herregaa, injinerii, qorataa urjii, fi filoosoofera Xaaliyaanii kan warraaqsa saayinsii keessatti ga'ee guddaa tabatedha. Hojii isaa keessaa teleskooppii fooyyessuu fi kanaan qorannoo astiroonoomii gochuudha, kunis tiyoorii kooppernikas deeggare. Galiiliyoon abbaa daawwannaa astiroonoomii kan ammayyaa, abbaa fiiziksii ammayyaa, abbaa saayinsii, fi abbaa saayinsii ammayyaa maqaan jedhamu kennameeraafi.         

Gumaachi inni astiroonoomii daawwannaa keessatti godhe keessaa marsaa Veenusii mirkaneessuu, ji'a Juuppiterii gurguddaa arfan argachuu (kabaja isaaf jecha j'ioota Galiiliyoo jedhamanii kan moggaafaman), fi xuqaa-aduu (sunspot) daawwachuu fi qaaccessuu dha. Galiiliyoon saayinsii fi teknooloojii hojiirraa oolu irrattis hojjateera, kana keessaa koompaasii waraanaa fooyya'aa kalaquu fi meeshaalee kan bira hojjachuu ture.    




#Article 189: Maayikil Faradaay (115 words)


Maayikil Faradaay (22 Fulbaana 1791 – 25 Hagayya 1867) saayintistii Ingilaandi kan damee elektiroomagineetizimii fi elektirookemistirii irratti gumaacha guddaa godhedha. Argannoon isaa inni guddaan elektromagnetik indaakshinii, diyaamaginetizimii fi elektirolayisisi irraatti.   

Faradaay barumsa idilee xiqqoo qofa kan argate ta'uyyuu seenaa keessatti saayintistii gurguddaa keessaa tokko. Qorannoosaa kan maagineetik fiildii naannoo dabarsoo elektirikii karantii qajeeltoo (DC) baatu irratti godheen Faradaay bu'uura yaada fiiziksii elektiroomaagineetiik fiildii uume. Faradaay maagineetizimiin carallaa ifaa akka dhiibbessu qorate, akkasumas jarreen kana lamaan gidduu firoominni akka jiru argate. Kana malees, Faradaay piriinsippilii elektiroomaagineetiik indaakshinii, diyaamaginetizimii fi seera elektiroolaayisisii argate. Kalqni inni meeshaale elektiroomaagineetiikin naanna'an irratti hojjate bu'uura teknooloojii motora elektirikii ta'e, akkasumas elektirikiin hojiirra ooluu kan danda'eef irraa caala qorannoo inni godheef ture. 




#Article 190: Maaksi Pilaanki (127 words)


Maaksi Pilaanki (Ebla 23, 1858 – Onkoloolessa 4, 1947) fiizisistii tiyoorii lammii Jarmanii yoo ta'u kan inni ittiin beekkamus tiyoorii quwaantamii bu'uuressudhaani, kunaafis Badhaasa Noobelii kan Fiiziksii kan bara 1918 argateera. 

Pilaanki tiyoorotikaal fiiziksiidhaa gumaacha guddaa godhe, garuu beekkamtiin isaa inni guddaan tiyoorii quwaantamii nama uume ta'uu isaatini. Haa ta'u malee, maqaansaa damee barnootaa ballaa keessatti beekkama, bara 1948 maqaan inistiitiyuutii saayinsii Jarmanii kan Hawaasa Kaayizer Viilheelmi jedhamu (Pilaanki si'a lama pirezidantii ta'ee kan bulche) gara Hawaasa Maaksi Pilaanki (HMP) jijjiirame. Dhaabbanni kun amma damee irratti xiyyeeffannoon baratamu 83 qaba. 

Tiyooriin quwaantamii Maaksi Pilaanki, hubannoo ilmi namaa atomii fi adeemsa sab-atomii baruu irratti jijjiirrama guddaa fide, akkuma tiyoorin Alberti Anistaayin hubannoo iddoo fi yeroo (space and time) jijjiiretti. Kun lamaan walitti tiyoorii bu'uuraa fiiziksii jaarraa 20ffaa ti. 




#Article 191: Liyoonaardi Ooyiler (126 words)


Liyoonaardi Ooyiler (/ˈɔɪlər/; Jarmanii: [ˈɔʏlɐ]; 15 Ebla 1707 – 18 Fulbaana 1783) abbaa herregaa fi fiizisistii Siwiizerlaanditi. Ooyiler damee ballaa akka tiyoorii giraafii fi kaalkulesii infiniitesimaal keessatti gumaacha guddaa godhe. Ooyiler jechoota fi mallattoo herregaa ammayyaa baayyee uume, keessaahuu qaaccessuu herregaa keessatti, kan akka yaada faankishinii herregaa uume. Oooyiler hojiisaa makaaniksii, filuud daayinaamiksii, optiiksii, astiroonoomii, fi tiyoorii muuziqaa keessatti hojjateenis ni beekkama.    

Ooyiler akka abbaa herregaa guddaa jaarraa 18ffaa fi abbaa herregotaa dhalatan gurguddoo keessaa akka tokkootti ilaallama. Ooyiler abbaa herregaa baayyee barreessan keessaa isa guddaadha; hojiiwwan barreeffamaa inni walitti qabe qabiyyee 60-80 guuta. Ooyiler jireenyasaa bara ga'eessummaa St. Peetirsibergi, Raashiyaa fi Barliin, Piraashiyaa keessatti dabarse.   

Jechi Piyeer-Simoon Laappilaasi akka jedhe dubbatamuu Ooyiler dubbisaa, Ooyiler dubbisaa, inni mootii hunda keenyaati dhiibbaa Ooyiler herreega irratti qabu ibsa 




#Article 192: Ernesti Raazerfoordi (257 words)


Ernesti Raazerfoordi, Baaron Raazerfoordi Nilsan, (30 Hagayya 1871 – 19 Onkoloolessa 1937) fiizisistii Biriiten kan dhalootan Niwuu Ziilanditti ta'e yoo ta'u abbaa fiiziksii niwukilaaraa jedhamee beekkama. Insaayikiloppidiyaan Biritaanikaa Raazerfoordi nama yaalii hojjatu kan Maayikil Faradaay booda dhufe isa guddaadha jedha.  

Hojiisaa isa jalqabaatin, Raazerfoordi walakkaa-jireenyaa (half-life) raadiyoo'aaktivitii argate, raadiyoo'aktiiviitin elementiin keemikaalaa tokko gara elementii kan biraatti jijjiiramuu ta'uusaa mirkaneesse, akkasumas raadiyeeshinii aalfaa fi beettaa adda baasee maqaa kanas kenneef. Hojiin kun Kanaadaa Yuunivarsiitii Makgiil keessatti hojjatame. Argannoo kanaafis Badhaasa Noobelii kan Kemistirii kan bara 1908 qorannoosaa caccaba elementotaa fi kemistirii wantoota raadiyoo'aktiviitii irratti godheef argate. 

Bara 1907 Raazerfoordi gara Yuunivarsiitii Viktooriyaa kan Maanchister (amma Yuunivarsiitii Maanchister) YKtti (UK) godaane, achittis Toomaas Rooyidsi wajjin raadiyeeshiniin aalfaa niwukilasii hiiliyemii ta'uu mirkaneesse. Raazerfoordi hojiisaa hunda caala beekkamu erga looreetii Noobelii ta'ee booda hojjate. Bara 1911, yoo chaarjin sun poozatiivii ykn nageetivii ta'uusaa mirkaneessu dadhabeyyuu, Raazerfoordi chaarjiin atomii niwukilasii kan xiqqoo taate keessaatti baayyinaan kuufamee akka jiru tiyooresse. Kanaanis modeelii atomii Raazerfoordi bu'uuresse, kanas argannoo yaalii fooyilii warqee hojjate hiikun raawwate. Raazerfoordi atomii cabsuu kan jalqabaa bara 1917tti ri'aakshinii niwuukilaaraa naayitiroojinii fi paartikilii aalfaa gidduutti godheen hojjate, kana keessattis pirootoonii argate maqaa kanas kenneef.   

Raazerfoordi bara 1919 daarekterii Laaboraatorii Kavendiish kan Yuunivarsiitii Kaambiriiji ta'e. Geggeessummaa Raazerfoordi jalatti niwuutiroonin bara 1932 Jeemsi Chaadwiikin argame, baruma sana yaaliin jalqaba niwukilasii haala too'atamaa ta'een addaan cabsuun hojjatame, kunis barattoota qajeelcha isaa jalatti hojjatan Joon Cockcroft fi Ernesti Waltonin hojjatame. Bara 1937tti erga du'ee booda, saayintistoota gurguddoo YK wajjin, awwaala Isaaq Niwuutenitti dhihoo Westiminister Abiitti, awwaallamuun kabajame. Elementiin keemikaalaa raazerfoordiyem (elementii 104) bara 1997 maqaa isaatti moggaafame.   




#Article 193: Laga Awaash (425 words)


Lagni Awaash (yeroo tokko tokko Awaas ni jedhama) laga guddaa Itoophiyaa keessati argamu keessa tokko. Lagni kun guutumaan guututti Itoophiyaa keessatti kan hafu yoo ta'u dhumarratti haroowwan tarreedhan walqabatanii argmanitti namma, kunis Haroo Gargoriitin jalqabee Haroo Abbee (ykn Abe Bad) kan daangaa Jibuutitti argamuun xumurama, naannon haroo dhumaa kun galoo galaanaa Taajuraarraa 100 km fagaate argama. Yaa'an galtuu lagaa kanaa naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Sumaalee, fi walakkaa Affaar gara kibbaa uwwisa.   

Lagni Awaash kibba Tulluu Warqeetii ka'a, kunis Finfinneerraa gara dhihaatti aanaa Dandii keessa, naannoo magaalaa Giincii, Shawaa Dhihaa, Oromiyaa keessa. Awaash jalqaba gara kibbaatti yaa'e erga Tulluu Cuqqaalaatti marsee booda gara bahaatti naanna'a, boodarraas gara kaabaatti naanna'uun Paarkii Biyyoolessaa Awaash keessa darba. Sana booda, karaa bitaa galtuusaa guddicha kan ta'e Lagni Garmaamaa (ykn Laga Kasam) Awaashitti makama, achii boodas naannoo 11° Ka 40° 30' B ttii gara kaaba-bahaatti jallatee erga deemee booda bakka 12° guutummaan gara bahaatti jallatee Haroo Gargoriitti namma.  

Akka gabaasni Abbaa Taayitaa Istaatistiiksii Itoophiyaa maxxanse ibsutti, Lagni Awaash 1200km dheerata. Barreessaan Encyclopædia Britannica bara 1911 yaa'aa gara gidduu laga kanaa yoo ibsu, Awaash Laga guddaa kan yeroo caamaa 60m bal'atuu fi 1.2m gadi fagaatu, yeroo roobaa ammoo iddoo bona turerratti hanaga 15-20m dabaluudhan lafa naannoo laga sanaa jiru lolaadhan uwwisa jedha.   

Galtuun laga Awaash kan birooo (tarreedhan gara gadiitii gara ka'umsa Awaashitti): Loogiyaa, Miillee, Borkannaa, Qabbannaa fi Laga Duukami. Magaalonni naannoo laga kanaa jiran Matahaaraa, Awaash, Gawwaanee fi Asaayittaadha.  

Ilmoon namaa sulula Awaash keessa dhufaatii sanyii namaarraa kaasee jiraacha ture. Giddu-galeessi Awaash bakaa itti lafeen hoominiidii nama-duraa (pre-human hominid) baayyen itti argamedha. 

Sululli Awaash yaa'aa gadii naannoo 9° Ka kaasee bara dheeradhaaf iddoo jireenyaa ummata Affaari. Sululli kun mootummoota Dawwaaroo, Fatagar, Ifaat, fi Shawaatti akka qaama bulchiinsa isaanitti dabalamee ture. Shawaadhan ala, mootummoonni kun erga Oromoon jaarraa 16ffaa keessa dhufee booda nibadani.

Namni Yuurooppi kan jalqaba laga Awaash hordofee bakka inni itti namu haroowwan Awussaa argate Wilfred Thesiger yoo ta'u kunis bar 1933/1934. Thesiger magaalaa Awaashii ka'e, yaa'a lagaas hordofee deemun Haroo Abbee erga argatee booda hanga Taajuraatti ittuma fufee deeme. Abuuraan L.M. Nesbitt jedhamu ya'aa laga Awaash gartokkesaa hordofee bara 1928tti kan ilaalee yoo ta'elle, Asaayittaa yeroo ga'u laga kanarraa goree gara kaabatti karaa Sulula Affaarin gara Galaana Diimaa qaxxaamure.  

Bara 1960tti, Hidhni Qooqaa iddoo Finfinneerraa 75 km fagaatee argamutti Laga Awaashirratti hojjatamee xumurame. Haroon kunis naannoo sanaaf madda anniisaa elektirikii guddaa ta'ee. Haroon hidha kanaan uummame Haroon Galiilaa (Kuusaa Qooqas ni jedhama) ballina naannoo isquweer km 180 ta'u qaba. Yeroo ammaa kana, hidhni fi haroon kun sababa cirrachaatin balaarra jira. 

Baankin Addunyaalessaa Awaash Laga Awaashitti moggaafame. 

Sulullii Awaash Gadii iddoo hardiida Afrikaa itti kunuunsan kan dhumaati. Hardiidni kun Paarkii Biyyoolessaa Yaanguddii-Raasaa keessa guutummaan badaniiru, garuu ollasaa kan ta'e Kunuunsa Hardiidaa Miillee-Sardoo keessa ni jiru. Bineeldonni gurguddon naannoo kana jiraatan kan biraa saalaa (Beisa Oryx), busaawaa garagaraa kana akka  gugguuftuu (gerenuk), hiddii (Dorcas gazelle), kuruphee fi bosonuu, fi hardiida (Grevy's zebra).     




#Article 194: Barreeffamoota Waa'ee Oromoo (2051 words)


Uummatni Oromoo saboota kaaba baha Afiriikaatti argaman keessaa isa tokkoofi saba guddaa, aadaa badhaadhaa qabu, dachee uumamaan badhate irra qubatee jirudha. Uummatni Oromoo duruma uumama isaa irraa kaasee sirna aadaa isaa ittiin geggeessu, amantii isaa ittiin ibsatu, barootaaf itti fayyadamaa kan ture, kan dhuunfaa isaa waan ta’e sirna Waaqeffannaa kan qabudha.Oromoon waaqa isa dacheefi waan isa  irra jiraatu akkasumas garaa dachee keessa waan jiru mara isa uume sanaaf jiruufi jireenya isaa guyyaa guyyaa  keessatti iddoo guddaa fi ol’aanaa kennee hawaasa jiraatudha. Sodaafi safuun waaqaaf qabus kanuma irraa madda jedhu hangafootni Oromoo.
Uummatni Oromoo waaqa tokkichatti amana. Waaqni tokkichi kun dhugeeffata ykn fakkaatti kan hin qabne Uumaa Waaqaafi dachee kanaati jedha. Nama ta’ee nama dhugaa kana shakku yoo arge Waaqni akka itti hin mufanneef Oromoon  araara kadhataaf. Garaa isaa qulqulluu ta’een waan kadhatuuf Waaqni isaa kunis ni dhaga’aaf. Kanaaf, Oromoon Uumama Waaqaafi harka namaa ta’an kamiinillee bakka Waaqaa buusee hin waaqeffatu garuu uummama kanatu gochaafi humna Waaqaa ibsa jedhee raajeffata. Kanaaf, Oromoon lageen, tulluuwwan, mukkeetii, gaarreewwaniifi wanneen kana fakkaatan itti hin waaqeffatu. Haala kanaan, Oromoon Waaqa Uumaa waa hundaa ta’e kana bifaafi adeemsi ittiin waaqeffatuufi galateeffatu Irreechadha. Irreecha jechuun “Waaqa tokkicha sana galateeffachuudha” jedhu abbootiin.
Kaalandara Oromo (Akkaataa Oromoon itti Bara Lakkaa’u)
Waa’ee yeroo fi seenaa irratti Oromoon yaada bal’aa qaba. Oromoon jiruu fi jireenya isaa, jiloota adda addaa, yeroo itti dhimmota siyaasaaf wal-gahu, yeroo itti aangoo walitti dabarsu fi kkf hundaaf dursee bara, ji’aa fi guyyaa beekamaa ta’etti baallama qabata. Kaalaandarri Oromoon yeroo yaadachuuf itti gargaaramu sirriitti kan qindaa’ee fi qarame dha. Akka kaalandara biyyoota biroo aduu dhiitee bariitu qofa irratti hundaawu utuu hin taane sochii ji’aa(baatii) fi urjii irratti illee kan hundaawe dha. Kalaandarri akka kan Oromoo ji’aa fi dhahaa urjii irratti hundaawe seenaa uummatoota biyya lafaa keessaa aadaa uummatoota sadi’ii qofa keessatti galmaa’e. Isaanis Chaayinaa, Hinduu fi Maayaa dha.
Kaalandarri Oromoo tuuti urjii torban tokkoo tokkoon isaanii yeroo isaan itti ji’a walin toora tokko irra dhufan faana dhahanii ilaaluu irratti kan hundaawe dha. Kun Dhaha Urjii (guided by stars) jedhama. Ji’a ykn baatii  tokko kan jedhamu guyyoota ji’i jalqaba itti baatee fi deebitee baatu gidduu jiran oggaa ta’u isaanis guyyoota 29 fi walakkaa(29.5) dha. Akka kanaan waggaan tokko keessa guyyoota 354tu ji’ooya 12tti qoodama. Kaalaandara Girigoorii ykn warra Awurooppaa wajjin garagarummaa guyyoota 11 qaba jechuu dha. Oromoon kaalaandara isaa kan warra Awurooppaa wajjin wal qixxessuuf akka uummatoota garii ji’oota akka Qaammee(Intercalary month) tolchuuf itti hin rakkanne.
Ji’ooti(lunar months) kudha lamaan Oromoo: 1. Amajji 2. Guraandhala 3. Bitootessa. 4. Ebla. 5. Caamsaa 6. Waxabajji 7. Adoolessa 8. Hagayya 9. Fulbaana 10 Onkoloolessa 11. Sadaasa 12. Mudde jedhamu. Guyyooti torbaniin osoo hin taane ji’aan lakka’amu. Guyyooti ji’a tokko keessa jiran hundi maqaa ofii isaanii qabu. Akka kanaan maqoota guyyaa 27tu ji’a tokko keessa jira. Ayyaanota ykn Ayyaana jedhamu (Asmerom Leggese, Gadaa, 1973 fi Marco Bassi, 1988). Ayyaana jechuun Guyyaa jechuu dha. Maqaan guyyootaa turban torbaniin naanna’uu kan jalqabe baroota dhihoo as. Maqaan guyyootaa torbatti gadi bu’uu fi naannoolee Oromiyaa adda addaa keessatti maqaa adda addaa horachuunis barootuma dhihoo keessa kan dhufe dha.  Maqooti Ayyaanaa(guyyaa) 27n akka itti aanan kana dha:   Innika, Lumaasa, Gidaadaa, Ruudaa, Areeri, Areerii Lammaffaa, Aduulaa, Aduulaa Lammaffaa, Garba, Garba Deettii, Bitaa, Sorsa, Algajima, Arba, Walla, Basaa duraa, Baasaa Lammaafaa, Carawaa, Dureettii, Salbaan, Salbaan Deettii, Dullatti, Gardaaduma, Buusaa, Bal’oo,  Qaraa fi Rurruma. Maqoota kanneentu ji’a ji’aan guyyaa 29.5 keessa adeemee ji’oota 12 bahan booda marsaa isaanii xumuree waggaa tokko ta’a. Guyyooti ji’a tokko keessa jiran 27 waan ta’aniif Ayyaanni(guyyaan) inni jalqabaa ji’i bahuu ykn ji’a tokko guyyaa 2.5 dursee naanna’ee dhufa.  Kanaaf Ayyaanni(guyyaan) jalqabaa ji’a isa itti aanuu guyyaa biraa irra ta’a jechuu dha. Akka kanaan guyyooti deebi’anii yeroo lama ji’uma tokko keessa dhufan jiru jechuu dha. Guyyaa inni guyyaa jalqaba ji’aa ta’ee dhufu ji’uma sana keessa guyyaa 28ffaa irratti dhufa jechuu dha. Guyyaa inni guyyaa sadaffaa ykn afraffaa ture ji’a isa itti aanu keessa guyyaa tokkoffaa ta’ee dhufuu danda’a.  Guyyaan ji’aa kan jalqabaa Ayyaana ykn gaafa ji’i haaraan itti mul’attu dha.
Ogeeyyiin waa’ee kaalandara Oromoo tolchanii beekan Ayyaantuu jedhamu. Ogeeyyii kanneen biratti guyyooti 27 jiran hiika mataa isaanii qabu. Fakkeenyaaf namni Ayyaana ykn guyyaa Gardaadumaa dhalate nama akkamii akka ta’ee fi amala akkamii akka qabaatuu himuu danda’u.
Ayyaantuun bara, ji’aa fi guyyaa dhimmi siyaasaa ykn ayyaanoti adda addaa itti raawwataman yaadannoo sammuutiin himuu danda’u. Yoo yaadachuu dadhaban qixa ji’aa fi urjiiwwan torban irra jiran faana dhahanii qormaata urjiitiin guyyaa fi ji’a isaa bira gahuu danda’u. (Asmerom Laggasee, 1973). Urjiileen torban Ayyaantuun guyyaa, ji’aa fi bara lakkaawuuf itti gargaaraman: Lamii, Buusan, Bakkalcha, Algajimaa, Arba,gaadduu,  Urjii- wallaa jedhamu. Urjiileen torban tarree galanii mul’atu. Warri Ayyaantuu walitti dhufeenya ji’i tokkoo tokkoon urjiiwwan kanaa wajjin qabdu ji’a ji’aan jala bu’anii qorachuudhaan maqaa ayyaanotaa ykn guyyootaa adda baasu.
Ambaan seenaa fi aadaa Oromoo durii qormaata kan waa’ee Urjii fi ambaa seenaa duriitiin (by  The Archeo-Astronomic) kaaba Keeniyaa  keessatti argame, akka Oromoon dhaloota Kiristoos waggaa 300  dura Dhahaa Urjiin guyyaa, ji’aa fi bara lakkaawaa akka ture ibsa. Kunis kan  bara 1978 namoota Lynch fi Robbins jedhamaniin bakka booda Dhahaa Urjii “Namoratunga” jedhu moggaafametti  argame. Akka Lynch fi Robbins qoratanii bira gahanitti, Utubaan dhagaa gurraachaa (Oromoon Utubaa Jaanjaroo jedhee waamu) 19 ta’an kallattii Urjiiwwan murtaawoon irra jiran agarsiisu. Oromoon utubaawwan dhagaa kallattii agarsiisuuf dhaabe kanneenitti gargaaramee walitti dhufeenyaa fi jijjiirama ji’aa fi urjiiwwan jedhamanii gidduutti yeroo yerootti ta’u herreguudhaan guyyoota adda baafatu. Akka kanaan akka kaalaandara Oromootti maqaan guyyaa aduun dhiitee barihuudhaan osoo hin taane Ji’aa fi urjidhaan  herregama.
Oromoon bara lakkaawuuf marsaalee sirna Gadaattis ni gargaarama ture. Oromooti seenaa dabre yaadachuu fi ta’iinsota dabran wal duraa duuba isaanii akkasumas hidhata isaan wal gidduutti qaban qindeessanii himuu irratti dandeettii guddaa qabu. Lubooti Gadaa yoom fi akkamitti akka wal duraa duubaan dhufan hima afaaniin waliif dabarsu. Akka sirna Gadaatti Luba baasi maqaa tokkoo Gadaa 36(8×36) ykn dhaloota torba(7×40) booda deebi’ee dhufa. Kana malees tooftaa Daaccii jedhamuun bara lakkaawuun waanuma ture. Innis ta’iinsa seenaa beekamaa ta’e tokko bara eenyuufaa akka raawwatame waan yaadatamuuf sanyiin sanyii namoota seenaa ciccimaa hojjetanii gaafa aangootti dhufan seenaa akaakilii fi abaabilii isaanii dabaluuf jecha seenaa wal fakkaataa hojjetu.Warri ogummaa bara lakkaawuu qaban Dhaaccii kanattis ni gargaaramu jechuu dha. Walumaa gala Oromoon malli inni bara lakkaawuuf itti gargaaramu baayyee qaroo fi ibsuuf illee kan ulfaatuu dha.

Uummatni Oromoo saboota kaaba baha Afiriikaatti argaman keessaa isa tokkoofi saba guddaa, aadaa badhaadhaa qabu, dachee uumamaan badhate irra qubatee jirudha. Uummatni Oromoo duruma uumama isaa irraa kaasee sirna aadaa isaa ittiin geggeessu, amantii isaa ittiin ibsatu, barootaaf itti fayyadamaa kan ture, kan dhuunfaa isaa waan ta’e sirna Waaqeffannaa kan qabudha.Oromoon waaqa isa dacheefi waan isa  irra jiraatu akkasumas garaa dachee keessa waan jiru mara isa uume sanaaf jiruufi jireenya isaa guyyaa guyyaa  keessatti iddoo guddaa fi ol’aanaa kennee hawaasa jiraatudha. Sodaafi safuun waaqaaf qabus kanuma irraa madda jedhu hangafootni Oromoo.
Uummatni Oromoo waaqa tokkichatti amana. Waaqni tokkichi kun dhugeeffata ykn fakkaatti kan hin qabne Uumaa Waaqaafi dachee kanaati jedha. Nama ta’ee nama dhugaa kana shakku yoo arge Waaqni akka itti hin mufanneef Oromoon  araara kadhataaf. Garaa isaa qulqulluu ta’een waan kadhatuuf Waaqni isaa kunis ni dhaga’aaf. Kanaaf, Oromoon Uumama Waaqaafi harka namaa ta’an kamiinillee bakka Waaqaa buusee hin waaqeffatu garuu uummama kanatu gochaafi humna Waaqaa ibsa jedhee raajeffata. Kanaaf, Oromoon lageen, tulluuwwan, mukkeetii, gaarreewwaniifi wanneen kana fakkaatan itti hin waaqeffatu. Haala kanaan, Oromoon Waaqa Uumaa waa hundaa ta’e kana bifaafi adeemsi ittiin waaqeffatuufi galateeffatu Irreechadha. Irreecha jechuun “Waaqa tokkicha sana galateeffachuudha” jedhu abbootiin.
Kaalandara Oromo (Akkaataa Oromoon itti Bara Lakkaa’u)
Waa’ee yeroo fi seenaa irratti Oromoon yaada bal’aa qaba. Oromoon jiruu fi jireenya isaa, jiloota adda addaa, yeroo itti dhimmota siyaasaaf wal-gahu, yeroo itti aangoo walitti dabarsu fi kkf hundaaf dursee bara, ji’aa fi guyyaa beekamaa ta’etti baallama qabata. Kaalaandarri Oromoon yeroo yaadachuuf itti gargaaramu sirriitti kan qindaa’ee fi qarame dha. Akka kaalandara biyyoota biroo aduu dhiitee bariitu qofa irratti hundaawu utuu hin taane sochii ji’aa(baatii) fi urjii irratti illee kan hundaawe dha. Kalaandarri akka kan Oromoo ji’aa fi dhahaa urjii irratti hundaawe seenaa uummatoota biyya lafaa keessaa aadaa uummatoota sadi’ii qofa keessatti galmaa’e. Isaanis Chaayinaa, Hinduu fi Maayaa dha.
Kaalandarri Oromoo tuuti urjii torban tokkoo tokkoon isaanii yeroo isaan itti ji’a walin toora tokko irra dhufan faana dhahanii ilaaluu irratti kan hundaawe dha. Kun Dhaha Urjii (guided by stars) jedhama. Ji’a ykn baatii  tokko kan jedhamu guyyoota ji’i jalqaba itti baatee fi deebitee baatu gidduu jiran oggaa ta’u isaanis guyyoota 29 fi walakkaa(29.5) dha. Akka kanaan waggaan tokko keessa guyyoota 354tu ji’ooya 12tti qoodama. Kaalaandara Girigoorii ykn warra Awurooppaa wajjin garagarummaa guyyoota 11 qaba jechuu dha. Oromoon kaalaandara isaa kan warra Awurooppaa wajjin wal qixxessuuf akka uummatoota garii ji’oota akka Qaammee(Intercalary month) tolchuuf itti hin rakkanne.
Ji’ooti(lunar months) kudha lamaan Oromoo: 1. Amajji 2. Guraandhala 3. Bitootessa. 4. Ebla. 5. Caamsaa 6. Waxabajji 7. Adoolessa 8. Hagayya 9. Fulbaana 10 Onkoloolessa 11. Sadaasa 12. Mudde jedhamu. Guyyooti torbaniin osoo hin taane ji’aan lakka’amu. Guyyooti ji’a tokko keessa jiran hundi maqaa ofii isaanii qabu. Akka kanaan maqoota guyyaa 27tu ji’a tokko keessa jira. Ayyaanota ykn Ayyaana jedhamu (Asmerom Leggese, Gadaa, 1973 fi Marco Bassi, 1988). Ayyaana jechuun Guyyaa jechuu dha. Maqaan guyyootaa turban torbaniin naanna’uu kan jalqabe baroota dhihoo as. Maqaan guyyootaa torbatti gadi bu’uu fi naannoolee Oromiyaa adda addaa keessatti maqaa adda addaa horachuunis barootuma dhihoo keessa kan dhufe dha.  Maqooti Ayyaanaa(guyyaa) 27n akka itti aanan kana dha:   Innika, Lumaasa, Gidaadaa, Ruudaa, Areeri, Areerii Lammaffaa, Aduulaa, Aduulaa Lammaffaa, Garba, Garba Deettii, Bitaa, Sorsa, Algajima, Arba, Walla, Basaa duraa, Baasaa Lammaafaa, Carawaa, Dureettii, Salbaan, Salbaan Deettii, Dullatti, Gardaaduma, Buusaa, Bal’oo,  Qaraa fi Rurruma. Maqoota kanneentu ji’a ji’aan guyyaa 29.5 keessa adeemee ji’oota 12 bahan booda marsaa isaanii xumuree waggaa tokko ta’a. Guyyooti ji’a tokko keessa jiran 27 waan ta’aniif Ayyaanni(guyyaan) inni jalqabaa ji’i bahuu ykn ji’a tokko guyyaa 2.5 dursee naanna’ee dhufa.  Kanaaf Ayyaanni(guyyaan) jalqabaa ji’a isa itti aanuu guyyaa biraa irra ta’a jechuu dha. Akka kanaan guyyooti deebi’anii yeroo lama ji’uma tokko keessa dhufan jiru jechuu dha. Guyyaa inni guyyaa jalqaba ji’aa ta’ee dhufu ji’uma sana keessa guyyaa 28ffaa irratti dhufa jechuu dha. Guyyaa inni guyyaa sadaffaa ykn afraffaa ture ji’a isa itti aanu keessa guyyaa tokkoffaa ta’ee dhufuu danda’a.  Guyyaan ji’aa kan jalqabaa Ayyaana ykn gaafa ji’i haaraan itti mul’attu dha.
Ogeeyyiin waa’ee kaalandara Oromoo tolchanii beekan Ayyaantuu jedhamu. Ogeeyyii kanneen biratti guyyooti 27 jiran hiika mataa isaanii qabu. Fakkeenyaaf namni Ayyaana ykn guyyaa Gardaadumaa dhalate nama akkamii akka ta’ee fi amala akkamii akka qabaatuu himuu danda’u.
Ayyaantuun bara, ji’aa fi guyyaa dhimmi siyaasaa ykn ayyaanoti adda addaa itti raawwataman yaadannoo sammuutiin himuu danda’u. Yoo yaadachuu dadhaban qixa ji’aa fi urjiiwwan torban irra jiran faana dhahanii qormaata urjiitiin guyyaa fi ji’a isaa bira gahuu danda’u. (Asmerom Laggasee, 1973). Urjiileen torban Ayyaantuun guyyaa, ji’aa fi bara lakkaawuuf itti gargaaraman: Lamii, Buusan, Bakkalcha, Algajimaa, Arba,gaadduu,  Urjii- wallaa jedhamu. Urjiileen torban tarree galanii mul’atu. Warri Ayyaantuu walitti dhufeenya ji’i tokkoo tokkoon urjiiwwan kanaa wajjin qabdu ji’a ji’aan jala bu’anii qorachuudhaan maqaa ayyaanotaa ykn guyyootaa adda baasu.
Ambaan seenaa fi aadaa Oromoo durii qormaata kan waa’ee Urjii fi ambaa seenaa duriitiin (by  The Archeo-Astronomic) kaaba Keeniyaa  keessatti argame, akka Oromoon dhaloota Kiristoos waggaa 300  dura Dhahaa Urjiin guyyaa, ji’aa fi bara lakkaawaa akka ture ibsa. Kunis kan  bara 1978 namoota Lynch fi Robbins jedhamaniin bakka booda Dhahaa Urjii “Namoratunga” jedhu moggaafametti  argame. Akka Lynch fi Robbins qoratanii bira gahanitti, Utubaan dhagaa gurraachaa (Oromoon Utubaa Jaanjaroo jedhee waamu) 19 ta’an kallattii Urjiiwwan murtaawoon irra jiran agarsiisu. Oromoon utubaawwan dhagaa kallattii agarsiisuuf dhaabe kanneenitti gargaaramee walitti dhufeenyaa fi jijjiirama ji’aa fi urjiiwwan jedhamanii gidduutti yeroo yerootti ta’u herreguudhaan guyyoota adda baafatu. Akka kanaan akka kaalaandara Oromootti maqaan guyyaa aduun dhiitee barihuudhaan osoo hin taane Ji’aa fi urjidhaan  herregama.
Oromoon bara lakkaawuuf marsaalee sirna Gadaattis ni gargaarama ture. Oromooti seenaa dabre yaadachuu fi ta’iinsota dabran wal duraa duuba isaanii akkasumas hidhata isaan wal gidduutti qaban qindeessanii himuu irratti dandeettii guddaa qabu. Lubooti Gadaa yoom fi akkamitti akka wal duraa duubaan dhufan hima afaaniin waliif dabarsu. Akka sirna Gadaatti Luba baasi maqaa tokkoo Gadaa 36(8×36) ykn dhaloota torba(7×40) booda deebi’ee dhufa. Kana malees tooftaa Daaccii jedhamuun bara lakkaawuun waanuma ture. Innis ta’iinsa seenaa beekamaa ta’e tokko bara eenyuufaa akka raawwatame waan yaadatamuuf sanyiin sanyii namoota seenaa ciccimaa hojjetanii gaafa aangootti dhufan seenaa akaakilii fi abaabilii isaanii dabaluuf jecha seenaa wal fakkaataa hojjetu.Warri ogummaa bara lakkaawuu qaban Dhaaccii kanattis ni gargaaramu jechuu dha. Walumaa gala Oromoon malli inni bara lakkaawuuf itti gargaaramu baayyee qaroo fi ibsuuf illee kan ulfaatuu dha.(Lalisaa dhinsaa)

romoo ===




#Article 195: Chee Guvaaraa (261 words)


Ernestoo Chee Guvaaraa (Ispeeniffa: [ˈtʃe ɣeˈβaɾa]; Waxabajjii 14, 1928 – Onkoloolessa 9, 1967), baayyinaan El Chee ykn salphumatti Chee jedhamee kan beekkamu, geggeessaa warraqsa Maarkisistii, doktorii, barreessaa, geggeessaa riphee-loltootaa, dippilomaatii, fi abbaa tiyoorii waraanaa lammii Arjentiinaa ti. Warraaqsa Kuubaa keessatti nama ijoo kan ture Cheen, fulli isaa kan istaayilii qabu bakka hundatti mallattoo fincila gabrummaa fi aadaa uummataa keessatti addunyaa maratti kan beekkamu ta'e.   

Dargaggeessa ta'ee yeroo medisinii baratutti, Guvaaraan biyyootaa Ameerikaa Kibbaa keessa deeme, yeroo kanas hiyyummaa, beela, fi dhibee argeen baayyee suukanneeffamee. Guvaara kuni saamicha kaappitaalizimii kan Yunaayitid Isteetis biyyoota Laatin Ameerikaa irratti geggeesitu ta'uu hubate. Kunis haalli kun akka jijjiirramuuf hojjachuuf fedhii guddaa isa keessatti uume. Fooyyessa hawaasummaa (social reforms) Gu'aatimaalaa keessatti pireezidaanti Jaakooboo Arbenz geeggeessuu keessatti hirmaachuuf isa kakaase, boodarra pirezidaantiin kun gargaarsa CIAtin fonqolchame, kunimmoo ilaalcha siyaasaa Guvaaraa cimseef. Boodarra Meeksikoo Siitii keessatti, Guvaaraan Raa'ulii fi Fidal Kaastiroo wal bare, dhaaba isaanii Sochii Adoolessa 26ffaa jedhamutti makame, bidiruu Giraanmaa (Granma) jedhamtu yaabbatees mootummaa abbaa hirree Fulhensiyoo Baatistaa kan USn deeggaramu kuffisuuf gara Kuubaa deeme. Guvaaraan oduma hin turin finciltoota biratti baayyee jaallatame, itti-aanaa ajajaa ta'ees muudame. Waraana riphee-lolaa waggaa lama fudhate kan mootummaa Baatistaa kuffisuun milkaa'e keessattis shoora olaanaa tabate.   

Warraaqsa Kuubattiin booda, Guvaaraan mootummaa haaraa kana keessatti gaheewwan ijoo hedduu tabate. Kana keessaa ol iyyannoo namoota manni murtii warraaqsaa yakka waraanaa hojjachuu itti murteesse qorachuu fi namoota dhukaasanii isaan ajjeesan too'achuu, fooyyessa lafa qonnaa akka ministeera indastiriitti too'achuu, duula dubbisuu fi barreessuu biyyoolessaa geggeessuu, pirezidaantii baankii biyyoolessaa fi daarekterii leenjii humna waraanaa Kuubaa, fi dippilomaatii sooshaalizimii Kuubaa bakka bu'u ta'uun addunyaa mararra deemuu ture. 




#Article 196: Geerarsa (577 words)


Geerarsi gosa afoolaa ta'ee jecha mana rukutu kan nama onnachiisuun jiruu fi jireenya, gaddaa fi gammachuu, obsaa fi hamilee kan ittiin ibsataniidha. Geerarsa yeroo baayyee warra dhiiraatu gootummaa agarsiisufi geerara. Jireenya ummata Oromoo keessatti ergaa dabarsuuf tajaajila. Oromoon gerarsaan goota isaa faarfatee dhaadata.

Geerarsa gosa lamatu jira. Innis geerarsa qondaalaa fi geerarsa gurgudduu jedhama. Geerarsi qondaalaa kan qondaalaan geeraramuudha. Qondaalaan nama duulee diina ofii ajjeesee kan mirgaan gale ykn bineensota bosona keessa jiraatan (leenca, gafarsa, arba, qeerransaa fi kkf) adamsee kan ajjeesedha. Isaan kun hawaasa keessa jiraatan biratti kabajaa fi ulfina qabu. Yeroo sirna ykn cidha tokkorratti sirbamu ykn geerarsi yeroo gahu isaantu dura geerara. Tartiiba mirga isaan ajjeesanii qabanii fi hawaasa sana biratti beekamaniin wal-duraa duuban geeraru. Yeroo geeraramu dura waaqa, dachee, midhaan, loon (saawwan) fi booka ykn daadhiitu faarfatama.

Geerarsa gurgudduu kan jedhamu nama duule hin ajjeefne ykn bineensa akka mirgaatti lakkaawu kan hin ajjeefneen geeraaramuudha. Isaan kun warra qondaalaa booda geeraru. Yeroo geeraranis hojii qabatanii jirani qonnaa fi waan kana fakkaatu irratti bobba’anirratti cimaa fi jabaa ta’uu isaanii ykn ammoo duulanii mirga dhabuu isaaniif gadda itti dhaga'ame, yaalii fi tattaaffii godhan, kanaafis ragaa qaban himachuun balasiin komachuun geeraru. Akkasumas jireenya isaanii keessatti karaa adda addaa dhiphuu fi roorroo isaan mudate haala adda addaan ibsatu.

Yeroo Qondaalli ykn gurgudduun geeraru, kanneen taa’anii dhaggeeffatan ishoo gurbaa jechuun jala cooqa ykn soosisa kan jedhamuun harkaa fuudhanii gargaaru. Kunis geeraraan sun akka afuura fudhatuu fi akka onnatuufi. Yookaan ammoo warra geerarsa beeku ykn qondaaltotaa fi gurgudduutu wal harkaa fuudhee dabareedhaan geeraru jechuudha. 

Fakkeenya geerarsa

 Birbirsa mootii mukaa
 Riqaa malee hinyaabani;
 Birboo mootii galaanaa
 Daakaan malee hince’ani;
 Abbaan ofii mootii dha
 Harmeen ofis giiftii dha
 Mirga malee hinwaamani.
 Kanaafuun boobe tume
 Kanaafan booye du’e.

 Qumxaa machallaa godhe
 Balasiin abbaa godhee
 Waanuman yaade godhee
 Hodhemoo… nan barreesse?
 Tolchemoo… nan balleese?

 Abbaa koo yaa abbaa koo
 Wayyaa kee kuula maru
 Natu kuula marsiise
 Maqaa kee duulli haabaru
 Natu duula barsiise.
 Qoteen baase maqaa kee
 Akka guuboo dinnichaa
 Hordeen dhaabe maqaa kee
 Akka muka birbirsaa.

 Abba koo ani jedhu kuni
 Sooressa guutuu miti
 Hiyyeessa duutuus miti
 Gamna itti himatan miti
 Raatuu ifatan miti
 Hinqotata maasi isaa
 Hingorfata maatiisaa
 Hingodhata maayiisaa;
 Jaarsa dallaan waleensuu
 Isa didaa qajeelchu
 Yaa isa kan coome qalu
 Isa kan doofeef faluu.

 Yoo ajjeesan mucaa ta’u
 Mucaa kurkuraa ta’u;
 Hundatu nama dhungata.
 Yoo dhaban budaa ta’u
 Budaa furgummaa ta’u;
 Hundatu nama tuffata.
 Ameessa maalan godhaa?
 Yeennaa borillee gu’e;

 Si’achi maalfaan godhaa?
 Yeennaan borillee du’e.
 Moosisnaan korma ta’e
 Tumamnaan qotiyyoo ta’e
 Gurgurraan dhibba bite
 Gunfureen dhimma fixe.
 Si’achi maalan yaadaree?
 Bajjii qotachuu malee
 Qalbii horachuu malee
 Goodarree dhaabuu malee.
 Dhoobamee taa’u malee
 Dhoobee dibachuu malee
 Ulee qaldhoo qabachuu
 Biyya abbaa koo taphachu.

 Gojjolaa nyaateettaaree?
 Yoo foon taskaaraa malee
 Gujii agarteettaaree?
 Gabaa Jimaataa malee
 Boora agarteettaaree?
 Sangaa magaala malee
 Dhiiga agarteettaaree?
 Dhiqaa fagaaraa malee!
 Akkam taanee akkas taane?
 Akkamiin akkas taane?
 Goommanaaf raafuu taane
 Dhala abbaa raatuu taane

 Hunduu nutti xaphatte
 Muka nuugii taane kaa;
 Hunduu nu bobeeffatte
 Dhala luujii taane kaa
 Hunduu nu odeeffattee
 Akkam taanee akkas taanee?
 Moofa uffattuu taane
 Doofa of gattuu taane
 Fayyaa dhukubsatu taane

 Beekaa wallaalaa taane
 Otoo qabnuu deegaa taane
 Akkam goonee taanuree?
 Kam goorree jalaa baanuree?
 Inni Abbaan koo guddise
 Kaballaan na kuffise
 Inni abbaa koo tii gadii.
 Hardha gaangeensaa sadii
 Gaangeen biyyaaf barcuma
 Ani hinyaabne takkumaa.
 Kaabbortaan raroo taatee
 Na geessee rakkoo taatee.

Fakkeenyaa Geerarsa gootaa
 Goota goota caalu 
 Seenaan yoo gilgaalu
 Goota biyyaaf kufu 
 Seenaan bira hin lufu 
 Oromoon sodaatee hin beekuu
 Yoo sodaachise malee
 Seenaan gootaa hindhumu
 Yoo obsinee itti dhiifne malee




#Article 197: Mammaaksa (147 words)


Mammaaksi afoola Oromoo keessaa tokko yoo ta'u jechoota beekkumsaa fi ogummaa qaban of keessaa qaba. Mammaaksi dubbii fiduufi gabaabsanii fixuuf ykn salphaatti namatti himuuf tajaajila. 

Uummanni Oromoo mammaaksa isaatiin ragaa baha. Oromoon dubbii cimsanii fi gabaabsanii mi’eessuuniifi miidhagsuun fixuuf mammaaksatti fayyadama, keessaahuu warri maanguddoo. Yeroo baay’ee manguddoonni araarsufis ta’e marii hawaas-dinagdee adda addaaf yoo walga’an yaada isaanii gadi fagessanii garuu osoo dubbii hindheeressin ibsachuuf mammaaksatti fayyadamu. 

Mammaaksi hawaasa Oromoo biratti waan hedduuf mammaakama. Fakkeenyaaf, qarutuma, tuffii, jaalala, hawwii, haqa, gootummaa, doqnummaa, jibbaafi kkf, agarsiisuuf nimammaakama. Ergaa mammaaksa tokkoo hubachuuf wantoonni adda addaa nama gargaaruu malu. Fakkeenyaaf, aadaa, seenaa, durdurii faa beekuu
barbaachisaadha.

Mammaaksi beekumsaa fi muuxannoo maanguddootaati. Haasaan maanguddootaa yeroo baayyee mammaaksaan kan guutameedha, kunis dubbii gabaabsanii himuuf, dubbii mi'eessuuf ykn bareechuuf godhama. Kanaafis, sagantaa aadaa ykn hawaasummaa bakka maanguddoonni itti baayyatan keessatti mammaaksi baayyinaan dubbatama. 

Oromoon iddoo mammaaksi qabu akka armaan gadii ibsa.

Tarree Mammaaksa Oromoo




#Article 198: Hiibboo (146 words)


Hiibboon () gosoota afoolaa keessaa tokko ta’ee akka tapha gaaffii fi deebiitti dhihaatuudha. Hiibboon wanta beekkamaa tokko akka iccitiitti gaafachuun taphatama. Gaafatamaan wantoota deebii itti fakkaatan maqaa dhahuun deebisuuf yaalaa. Yoo argate bakka waljijjiiruun gaafataa ta'a. Yoo deebisuu dadhabe immoo biyya kennuun deebii bara.

Ummatni Oromoo durii kaasee hiibboo galgala erga loon galani booda hanga sa’aan hirriibaa gahuu ibbidda irratti wal-yaamani taphatu. Karaa kanaan uummatni daa’ima isaa jireenya hawaasummaa fi gadi fageenyaan hubachu ittiin barsiifataa dhufe. Kana malees Oromoon aadaa, falaasama, seenaa fi duudhaa karaa ittiin dabarsatuudha.

Hiibboon waan gaafatamu irratti hundaa'uun hiibboo hibibii fi hiibboo hibbakka jedhamuun bakka lamatti qoodama. Hiibboo hibibiin ka deebiin isaa wantoota yoo ta’u namni kamuu waliin taphachuun dandeetti waa hubachuu kan itti cimsatuudha. Hiibboo hibbakkaan (Hibboo Xarii) deebiin isaa namoota beekkamoo ykn ollaa saani yoo ta'u yeroo baay'ee maatiin mana tookkoo taphachuun naannoole isaani kan itti baraniidha.

Tarree Hiibboo Oromoo




#Article 199: Irreecha (504 words)


Irreechi ayyaana Oromoo kan Waaqa galateeffannaafi kadhannaati. Ayyaanni Irreecha wayaa aadaan faayamanii harka marga jiidhaa qabatuun kabajama. Yeroo malkaa bu'an ykn tulluu bahan, haati golaa siinqee qabatte, caaccuu naqatte mareewoo, yaa mareehoo jechuun dura deemu. Abbaa Gadaan immoo bokkuu qabatee, kallacha hidhate Abbaa Duulaan durfamuun hordofu. Shamarraniifi dargaggoonni dhiichisaa ykn jeekkaraa deemu. 

Irreechi Oromoo biratti ayyaana jaallatamaafi kabajamaadha. Oromoon Irreecha Malkaa fi Irreecha Tulluu jechuun duudha kana waggaatti waqtiile Birraa fi Arfaasa malkaa fi tulluu irratti kabaja. 

Akka Waaqeffannaatti kadhaa fi galanni godhamu iddoo fi yeroon kan murtaa’eedha. Kunis amantii keessatti gochaadhan kan ifa ta’udha. Sirna irreechaa kan hoogganu jaarmayaa Qaalluutti. 

Irreechi iddoo adda addaatti yoo gaggeeffamellee inni guguddaan bakka lamatti raawwatama, isaanis Irreecha Tullu fi kan Irreecha Malkaatti. 

A. Irreecha Tulluu (Irreecha Arfaasaa)

Irreechi Arfaasaa (Irreecha Tulluus ni jedhama) kun kan gaggeeffamu Tulluurratti yoo ta’u, yeroon isaas bonnii darbee roobni Afraasaa yeroo itti eegamuudha. Baatileen dursan turan roobni dhabamee hongeen namnii fi horiin kan itti miidhamaa tureedha. Kanaaf giddugala ji’a Bittooteessa maatiin marti gara lafa qabbana fi jiidha qabutti bahanii rooba arfaasa argachuuf waaqa kan itti kadhatanii. Tulluutti bahanii kadhachuun kun kan amantii waaqeeffannaa Kuushoota dur durin walqabateedha jedhama. Tulluun Cuqqaalaa araddaa irreecha isa guddichadha.

B. Irreecha Malkaa (Irreecha Birraa)

Irreechi Birraa (Irreecha Malkaas ni jedhama) kan raawwatu yeroo ganni xumuuramee seena baatii birraa ykn giddugala ji’a Fulbaana (22-25) keessatti. Guyyaan Irreechaa “Ayyaana Birraa ykn Xaddacha Saaquu” jedhamuunis ni beekama. Iddoon irreechaa, malkaa fi hora guguddoo irratti. Tibba darbe namoonni guutama galaanaatiin addaan citanii turan walarguuf jecha guyyaa kana akka guyyaa gammachuutti fudhatu. Kanaaf Oromoonni malkaa gamaa fi gamanaa walitti bahanii Mareewoo!... Mareewoo..!” jechaa Waaqa kadhachaa, faarfachaa, galateefachaa gara Malkaa deemu. 

Eebba Abbaa Malkaa fi hangafootaan godhamu booda marga jidhaa fi abaaboo birraa qabatanii bishaaniin tuqani waaqa galateeffachaa irreeffatuu. Araraa fi wagii gaafatuu. Kaayyoon kadhaa kunis Waaqayyoo akka rooba, nagaa fi dhala ykn sanyii isaanii baayyisuu fi firii argataniidha. Yeroo baayyee Oromoonni bakka qubatanii gara horaatti loon isaanii wajjin itti godaanu. Kunis akka jalqabaa fi seena hojii bara haaratti fudhatamaa. 

Horri Arsadii iddoo Oromoonni Tuulamaa jaarraa dheeraa dura itti hirreeffachaa turaniidha. Arsadii maqaa namaa yoo ta’u gosa Liiban keessaa Abbaa Malkaa nama tureedha. Arsadi Abbaa Malkaa ta’uu kan danda’e balaa lubbuu isaa irrra ga’e jalaa of baraarsuu erga danda’ee booda, guyyoota saddeetif, soomana cimaa godhee, muka birbirsaa jalatti lubbuun kan mul’dhate waan ta’eefii. Birbirsi kan inni itti dhibaafatamuufis yaadannoo fi raajeeffannaa kanaaf akka ta’ee ni himamaa. Kana booda Horii Harsadii akka Malkaa irreessaatti ulfaa ta’ee Oromoota Tuulamaatiin akka kabajamu murtaa’e. Yeroo booda Oromoonni marti Hora Arsadii akka wiirtuu Irreeffannaa godhanii itti hirreeffachaa turan. Yeroo ammaa kana waggaa keessatti ala tokko Hora Arsadii irratti ni hirreefatu.

Hora Arsadii

Ayyaanni Irreecha kun Oromoon falaasamaa fi ilaalcha addunyaa keessatti jiruufi waaqaa akkasumas raajii isaa, dhalootaa fi iccitii jireenyaan walitti fiduun kan ibsuudha. Sanyiin namaa horee kan baayyatu, kan faca’e du’aa ka’e ija godhatu, atoomsaa fi gargaarsa humna waaqatiin jedhu. Nuti Oromoon waaqa nu uume kadhanna. “Uummamaan uumaa kadhata” jechuun uummamaan waaqa isaa ni galateeffata, ni faarfata, yeroo ammaa kanas Hora Arsadii irratti kan raawwatamu sirnuma kana.

Eebba Oromoo




#Article 200: Ateetee (286 words)


Ateeteen ayyaana sanyiifi hormaata qajeelchitu yoo taatu, kan ayyaneffatus irra caala dubartoota. Ayyaanni Ateetee waggaati al tokko kabajama. Guyyaa ayyaana Ateetee, dubartiin uffata addaa kan mataa isaa danda’ee, Caaccuufi Calleen kan jifaarame uffattee, dhangaa adda ta’e nyaachisuudhan kabajji. Ateeteen yeroo Oromoon dur akka Kuushiiti jiraataa ture (waggoota ca. 5500 dura) jalqabame jedhameeti tilmaamama.

Guyyaan ayyaanaa kun seera Ateetee qabatee bakka sadiitti qooddama:

Ayyaanni kun ji’a Amajjii keessa kan kabajamu, kan dubartiin ijoollee ofii Ateetee naqxee itti eebbiftuudha. Haati ijoollee isiif dhangaa qopheessitee, kan deesse hundaa walitti qabdee Ateetee itti naqxee eebbifti. Guyyaa sana hortee haadha manaa sanaa kan ta’an hundinuu tokkollee osoo hinhafiin, mana isiitti wal-ga’anii eebba Ateetee fudhatu. Guyyaan kun guyyaa firri itti wal arguudha.

Ayyaani Ateetee kunimmoo Gindii hiikoo ykn Ateetee Midhaanii jedhama. Ayyaani kun ji’a Hagayyaa keessa yeroo qotee-bulaan qonna raawwatee gindii hiikee, midhaan facaase hundatti Ateetee naqee, qotiyyootti dhaddoo mataatti maree eebbisee gad-dhiisudha. Kun mallattoo xumura qonnaati. Sana booda bakka qonnaa hundaarra deemudhaan seerri dhibaayyuu xumuurama. Dhumaa irratti bakkuma dhibaayyuu sanatti gamtaan taa’nii, wanna qabatan, farsoo dhuganii marqaa nyaatanii galu. Walumaagalatti ayyaanni kun Ayyaana Sanyii jedhama.

Ayyaanni Ateetee kun bakka tokko tokkotti Jaarii Kormaa ykn Gannii Loonii jedhama. Ateeteen Loonii ji’a Sadaasaa keessa kabajama. Sirni kun kan ayyaaneffamu dallaan loonii bakka duraa irraa jijjiiramee erga ijaaramee booda, mukni birbirsaa (kan kormoomsaa jedhamu) wiirtuu dallawaatti dhaabudhaani. Bakki muyni itti dhaabate kun sirritti erga jifaaramee booda sirni Ateetee naquu kormoomsaa jalatti kabajama. Dallawaan loonii guyyaa sana galma misirroo fakkaata. Dubartiin kormoomsaa jalatti marqaa marqiti. Sirni dhibaayyuu erga xumuree booda abbaan warraa waan qalmaaf qopheesse qala. Dhiiga sana bitaa fi mirga karraa tuqsiisa. Gogaan horii qalamee sun babbaqaqfamee miilafi mataa looniitti nihidhama ykn nimarama. Kana booda dhangaan qophaa’eefi foon nyaatamee, farsoon dhugamee sirnichi xumuura.      




#Article 201: Afrikaa cirachuu (1544 words)


Afrikaa cirachuu (Afrikaa qooddachuu ykn Afrikaa Gabrommfachuu) Afrikaa qabachuu, koloneeffachuu, fi lafasaa saamuu humnoota Yuurooppin yeroo Impeeriyaalizimii Haaraa, bara 1881 fi 1914 gidduutti raawwatamedha. Bara 1870tti, Afrikaa dhibbantaa 10% qofatu too'annaa Yuurooppi harka jira ture; bara 1914tti, ardii Afrikaa keessaa dhibbantaan 90% bulchiinsa Yuurooppi jala jira, Abisiiniyaa (Itoophiyaa) fi Laayibeeriyaa qofatu gabrummaa jala hin galin hafe.

Korri Barliin 1884, kan daldalaa fi koloneessuu Yuurooppi too'ate, jalqaba Afrika gabroomfachuuti. Walmorkii siyaasaa fi diinagdee impaayera Yuurooppi giddu jirurraan kan ka'e, nuusa dhumaa jaarraa 19ffaatti, Afrikaa addaan qooddachuun tooftaa ittiin warri Yuurooppi Afrikaarratti tooftaa ittiin walii waliisaanitiin loluu ittisanidha. Waggoonni 59 kan dhumaa jaarraa 19ffaa, ce'umsa imperiyaalizimii dhokataa, karaa waraanaa dhiibbaa uumuu fi diinagdee too'achuu, gara ummata kallattiin bulchyytti, imperiyaalizimii koloneeffataatti ce'e.

Warri Porchugaal biyya Yuurooppii kan Bara Giddugaleessa booda jalqaba qarqara galaana ardii Afrikaatti iddoo qubsumaa, buufata daldalaa, dawoo waraanaa dhaabbataa fi buufata doonii dhaabanidha. Kunis, Bara Abuurraa keessa jaarraa 15ffaatii kaaseti. Sana booda jaarraa lamaaf, beekkumsi keessoo Afrikarratti qabanii fi fedhiin beekuf qabaniis xiqqaa ture.

Qorannoon Yuurooppanonni keessoo Afirkaarratti godhan gara dhuma jaarraa 18ffaa keessa jalqabe. Bara 1835tti, warri Yuurooppi kaaba-lixa Afrikaa baayyeesaa qoratanii kaartas kaasaniiru. Gara giddu galeessa jaarraa 19ffaa keessa, qorattoota Yuurooppi kan baayyee beekkamoo ta'an Deevid Liiviingistoon fi H. M. Istaanlii yoo ta'an isaanis kaartaa kibba Afrikaa fi Giddugaleessa Afrikaa hedduu kaasan. Imala ulfaataa bara 1850n fi 1860n keessa Riichaard Bartan, Joon Ispeek fi Jeemsi Giraant geggeessan, haroowwaan giddugaleessa gurguddaa fi madda Naayil argatan. Dhuma jaarraa 19ffaa keessa, warri Yuurooppi kaartaa laga Naayil maddasaarraa jalqabee kaasaniiru, boqoqa lagni Niijer, Koongoo fi Zaambeezii keessa yaa'u argataniiru, akkasumas qabeenya guddaa Afrikaan akka qabdu hubataniiru.

Hanguma bara 1870n keessattillee, mootummoonni Yuurooppi ardii Afrikaa dhibbantaa kudhan qofa qabatan, kunis baayyensaa qarqara galaanaati. Kan qabataman gurguddoo keessaa Angoolaa fi Moozaambiik, kan Poorchugaalin qabaman; Keeppi Kolonii, kan Ingilaandin qabame; fi Aljeeriyaa kan Firaansin qabame. Bara 1914tti, Itoophiyaa fi Laayibeeriyaa qofatu gita bittaa Yuurooppi jala hingalle.

Guddinni teeknolooojii lafa ormaa qabachurratti guddaa gumaacheeraa. Baballinni industirii dagaagina geejjibaa fi walqunnamtii fide, keessattuu bidiruu danfaan deemu, baabura, fi telegiraafii irratti. Guddinni saayinsii fayyaas akkasuma murteessaa ture, keessattu dhukkuboota tirooppiiksii keessatti. Kalaqamuun kuniinii, kan dhukkuba busaa yaaluuf gargaaru, warri Yuurooppi lafa tirooppikaalaa Afrikaa hedduu keessa seenuf isaan gargaare.

Afrikaan Sahaaraa-gadii, naannoo addunyaa kan imeeriyaalizimii alidileen hintuqamne kan dhumaa, bulchitoota Yuuroppif sababa diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaan hawwataa ture. Yeroo daldalli Biriiteen hirrina agarsiisaa deeme, gabaa Yuurooppi kan sababa Dippireeshinitin (1873–96) xiqqaachaa deemee fi kan huggurri itti baayyachaa deemee, biyyoota akka Biriiten, Jarmanii, Firaansi, fi biyyoota biraaf Afrikaan gabaa gaarii ta'eef: gabaa humnoota gita bittaarraa waan baayye bitu garuu kan itti gurguru baayyee kan hinqabne.

Dabalataan, kaappitaalli dabalataa yeroo baayyee biyya alaatti investii yoo godhame irra bu'aa qaba, kunis meeshaalee bushoon, dorgommii xiqqaa fi meeshaa dheedhii hedduun jiraachun bu'aa olaana argamsiisa. Kan biraa kan impeeriyaalizimii amansiise tokko fedhii meeshaa dheedhii Yuurooppi keessa hin jirre keessattuu koopperii, jirbii, gommaa, zayitii paalmii, koko'aa, daayimendii, shayii, fi tiinii kan fayyadamtoonni Yuurooppi baayyinaan fayyadamuu jalqaban fi kan indastiriin Yuurooppi irratti hirkatu ture. Dabalataan, Biriiten qarqara galaanaa kibba fi baha Afrikaa qabachuu barbaadde, kunis gara Eeshiyaa fi impaayerashii kan Indiyaa yeroo deemtu, buufata bidiruu itti dhaaban akka ta'uufi.

Haa ta'u malee, Afrikaa keessatti – naannoo bara 1910tti Tokkummaa Kibba Afrikaa ta'e odoo hin dabalatin – kaapitaalli warra Yuurooppin investii godhame kan warra kaanitti yoo madaalamu xiqqaadha. Sababa kanaaf, kaampaanonni daldala Afrikaa tiropikaala irratti hirmaatan ija warra kaanin yoo laallamu xiqqaadha, kan Kaampaanii Albuuda Baasu Cecil Rhodes's De Beers alatti. Roodes Roodeeshiyaa mataa isaatif qabate; mootin Beeljiyeem Liyooppooldi II boodara gara jabummaa guddaadhan Koongoo saame. Wantoonni akkasii kun deeggartoota Impeeriyaalizimii kan turan kan akka Alldeutscher Verband, Francesco Crispi fi Jules Ferry jalaa ragaa ittiin gaarummaa impeeriyaalizimii amansiisan dhabsiisa, jarri kun gabaan Afrikaa rakkoo gatiin xiqqaachuu fi humnaa ol omishuu industirootaa kan ardii Yuurooppi keessaatti gabaan xiqqaachun dhufe hambisa jedhanii mormu.

Joon A. Hobsen gabaan Yuurooppi keessa jiru xiqqaachaa deemuun sababa Impeeriyaalizimii Haaraati jedhee dubbata.

Kan Yuunivarsiitii Niwuu Yook keessa hojjatu Wiiliyaam Isterlii, garuu, hariiroo kaappitaalizimii fi impeeriyaalizimii gidduu jiruu jiru ni morma, gita bittaan kan mootummaan deeggarame malee kan korporeshiniin deeggarame miti jedha. Inni yeroo dubbatu impeeriyaalizimiin kaapitaalizimii fi gabaa bilisaa wajjin ifaan wal hinqabtu...seenaa keessatti kolooniyaalizimii/impeeriyaalizimii fi misooma mootummaan deeggarametu wal qabata.

Wal morkiin Biriiten, Firaansi, Jarmanii fi biyyoota Yuurooppi biraa gidduu ture sirna gita bittaatif sababa guddaa ture. Afrikaan tirooppikaalaa godina investimentii guddaa ta'uu baatus, naannowan biraa garuu iddoo investimentii turan. Keesson Afrikaa bal'aan Afrikaa Kibbaa kan daayimendiin badhaatee fi Ijiipti kan warqeen badhaate gidduu jiru daldala biyya alaa mirkaneessuu keessatti ga'ee waan tabatuuf shoora tarsiimawaa qaba. Biriiten gabaa guddaa Chaayinaa fi koloniishii kan bahaa, keessattuu Indiyaa, Malaayaa, Awustireeliyaa fi Niwuu Zilaandi, keessa jiru morkitootashii dura qabachuuf dhiibbaa siyaasaa keessa turte. Kanaaf, karaa bishaaniirraa kan bahaa fi dhiha walqunnamsiisu - Kanaalii Suwiiz - qabachuun murteessaa ture. Haa ta'u malee, tiyoorin beekkamaan kan Wiiliiyaam L. Laanger Imperial Diplomacy (1935) keessatti dhiyeesse, Roonaaldi Roobinsen fi Joon Andiree Galaager Africa and the Victorians (1961) keessatti dhiyeessanii fi kan Biriiten Afrikaa Bahaa bara 1880-90nitti sababa yaaddoo tarsiimawaa Laga Naayilii fi Ijiipti waan bulchituuf qabdurraa kaatee qabatte jedhu - achumaan karaa garbarraa gara Indiyaa geessu Suwiiz Kanaaal qabatte jedhu - kana Joon Daarwin bara 1997 morme. Mormiin kunis Joonaas F. Gjersøtiin bara 2015tti irra caala jabeeffame.

Lafa Afrikaa qabachuuf ariifachuun buufata waraanaa fi buufata humna galaanaa qabachuurrattis mul'atera, kunis kaayyoo tarsiimoo fi humna agarsiisuf ture. Humni galaana guddachaa deemee fi bidiruuwwan haaran humna danfaatin deeman bakka itti dhagaa cilee naqatanii fi buufata itti suphaman barbaadu turan. Buufanni waraanaas karaa galaanarraa fi sarara walqunnamii eegufis barbaachisaa ture, keessattuu karaa bishaanirraa kan murteessaa ta'ee fi mi'aa ta'e kan akka Kanaalii Suwiiz. Koloniin madaallii humnaa keessatti akka qabeenyaatti ilaallamu, akka meeshaa yeroo walii galtee uuman walii kennaniitti itti fayyadamu. Kolonoonni ummata dhalataa biyya sanaa baayyee qaban madda humna waraanaati; Biriiten dhalattoota Indiyaa baayyee waraanagita bittaaf geggessiterratti akka loltootaatti itt fayyadamte, Firaansi ammoo dhalattoota Kaaba Afrikaa hedduu fayyadamte. Bara sabboonummaa keessa, biyyoonnii impaayera akka mallattoo guddina isaanii ittiin agarsiisaniif impaayera qabachuuf dhiibbaa keessa turan; yaadni guddaa ta'uus biyyoonni akka impaayera godhataniif akka dirqamaatti tarsiimoosaanii keessatti baasutti geesse.

Jalqaba 1880n keessa, Pierre Savorgnan de Brazza mootummaa Koongoo Firaansif jedhee qorachaa ture, yeroodhuma sana Henry Morton Stanley ammoo mootii Beeljiyem Liyooppooldi II bakka bu'ee qorachaa ture. Liyooppooldi II akka qabeenya dhuunfaasaatti Koongoo Firii Isteet jedhee qabate. Firaansi Tuniiziyaa Caamsaa 1881 qabatte, kunis Xaaliyaanin michooma Jarman-Awustiriyaatti 1882 akka makamtu amansiisuu hin oole. Baruma sana, Biriiten Ijiipti (hanga sanatti kan bilisa turte garuu kan Impaayera Otomaanif amanamtuu turte) qabatte, Ijiipti yeroo sana Sudaanii fi gartokkee Chaad, Eertiraa fi somaaliyaa bulchaa turte. Bara 1884, Jarmaniin Toogoolaandi, Kaameruun fi Kibba Afrikaa Dhihaa akka too'annooshii jala jiran beeksifte; Firaansi Giinii qabatte. Afrikaan Dhihaa Fireench 1895tti bu'uureffame, akkasumas Fireenchi Equwaatowiyaal Afrikaan bara 1910tti bu'uuressan. 

Jarmaniin Bara Impeeriyaalizimii Haaraa dura humna koloneefattu hin turre, garuu siyaa'inaan dorgommii kana keessatti hirmaatte. Mootummoota baayyetti ciccittee kan turte Jarmaniin, bulchaa Piraashiyaa jalatti Lola Sadowaa kan bara 1866 fi Waraana Firaankoo-Piraashiyaa kan 1870 booda tokkoomte. Humna industirii guddachaa jiru kan taate Jarmaniin, baballachuu bara 1880n keessa jalqabde. Michooma garee-lamaa Oostiriyaa-Hangaarii wajiniitinii fi ittaansee Michooma garee-sadi'ii Xaaliyaanii waliinitiin erga Firaansi qophaatti ambisee booda, Otoo Voon Bismaarki Kora Barliin 1884-85 akka geggeeffamuuf yaada dhiyeesse; korri kun seera ittiin lafa ormaa qabatanii fi too'atan baase. Weltpolitik (himaammata addunyaa) himaammata biyya alaa Kaaayizer Viilheelmi II bara 1890 baasedha, kaayyonsaas karaa dippilomaasii cimaa, lafa gitta bittaa qabachuu fi humna bishaanii guddaa ijaarun Jarmanii humnootaa addunyaa keessa tokko gochuu ture.

Jarmanoonni tokko tokko, lafa Filippiinsii fi Tiimor qabachuu deeggaran; kaan ammoo Formosaa (Taayiwaan ammaa), kkf akka qabatamaniif yaada dhuyeessan. Dhuma 1870n keessa, yaadonni namoota muraasan dhiyaatan kun himammata impeeriyaalistii baasun guddatan, fedhii daldalaan deeggaramee. 1881tti, Hübbe-Schleiden, ogeessa seera kan ture, kitaaba Deutsche Kolonisation maxxanse, kitaabni kunis sabboonummaan biyya keessaa guddachuun himaammata biyya alaa haaraa barbaachisaa godhe jedha. Jarmanii-leellisuun fedhii impeeriyaalizimii biyya haaraa kanaa waliin walitti hidhata. Jalqaba 1880n keessa, Deutscher Kolonialverein uummame, bara 1884ttii barruu mataasaa Kolonialzeitung dhaabbate. Dhiibban gita bittaa qabachuuf godhamu kun sabboonaa kan ture lldeutscher Verband dubbatamaa ture. Walumaa galatti, Biismaarki gitta bittaa babal'aa akka Jarmaniin qabaattu hin deeggaru ture, garuu bara Bitootessa 18, 180tti mooti Jarmanii haaraa Viilheelmi IItin akka aangoo gadi lakkisu dirqisiifame. Viilheelmi IIn himaammata gitta bittummaa fi lafa ormaa qabachuu sadarkaa olaanadhaan hojiirra oolche.

Baballachuun Jarmanii gara Tirpitz Planitti geesse, kunis Admiral von Tirpitz hojiirra oole. Namni kun 1898 kaasee Fleet Acts adda addaa deeggaraa ture, kunis dorgommii meeshaa waraana Biriiten wajjin gochuutti geesse. Bara 1914tti, Jarmaniin humana bishaaniirraa addunyarratti kan sadarkaa lammaffaa qabatu akka qabaattu godhe (dhibbantaa 40%n kana Biriteenii gadi kan ta'e). Akka von Tirpitz jedhutti, himaammannii humna bishaanirraa muddaan kun warra duubatti harkifatoon odoo hin taane National Liberal Party kan deeggaramu ture, kunis impeeriyaalizimiin namoota jireenyan giddu-galeessaa kan baayyachaa turaniin akka deeggaramaa ture agarsiisa.

Jarmanoonni Afrikaa keessatti humna koloneeffata guddaa sadaffaa ta'an. Impaayerri isaanii kan iskuweer kiilomeetirii miliyoona 2.6 ta'uu fi ummanni miliyoona 14 ta'u kan isaan gabroomsan irra caalaa Afrikaa keessatti Kibba-lixa Afrikaa, Toogoolaandi, Kaameruun fi Tagaanikaa keessatti argama. Entente cordiale 1904 kan impaayera Biriitenii fi Firaansi gidduutti godhametti aansee, Jarmaniin Qisaasa Morokkoo Duraa kan 1905tti fayyadamtee Firaansi kophaatti ambisuuf yaalte. Kunis Kora Algeciras 1905tti geesse, achirrattis Firaansi sababa Morookoo qabatteef lafa kan biraa akka gadi dhiiftuf walii galte. Kana boodas Qisaasni Agaadir bara 1911tti dhufe. Muudannoo Fashooda 1898 kan Firaansi fi Biriiten gidduutti uummame dabalatee, qisasni addaan hincitne itti fufaan kun wallaansoo hadhaawaa biyyoota impeeriyaalistii gidduu jiru agarsissa, kunis dhumarratti Waraana Addunyaa Itti geesse.




#Article 202: Poortaalii:Oromiya (137 words)


 

Oromiyaa (kan yoo Ingiliffa keessatti yeroo tokko tokko Oromia jedhame kan barreeffamu, kan garuu barreeffama Afaan Oromoo keessatti Oromiyaa jedhamee beekamu) kuniin kutaalee Itoophiyaa saglan keessaa tokko taate dha. Ballinaa lafa bahaa hanga kibba-dhihaa biyya keessatti 353,632 km² ta'ee qabatee, baayyinaa ummataa bara 2002 tilmamee hanga miliyoona digdamii-afurii qabdi, kunis ballina lafaa fi baay'ina ummataan biyyaa keessaa tokkofaa ishee tasisaa. Isheenis kan ofii keessa qabduu: kutaa Arsii,  Baalee, Harargee, Iluu Abbaa Booraa, Kafaa, Shawaa, Sidaamoo fi Wallagga of keessaa qabdi, Booranaa fi Gujiin Sidaamoo jalatti walitti qabama turan. Magaalaan guddoon Oromiyaa durii Finfinnee yoo taatu, kan ammaa garuu Adaamaadha. Bara booda gaaffii mirgaa sabni Oromoo gaafateen booda gara Finfinneetti deebbite. Magaallan gugguddoon biraa Oromiyaa keessatti argaman Adaamaa, Amboo, Asallaa, Bishooftuu, Dambidoolloo, Fiichee, Gimbii, Gobbaa, magaalaa Jimmaa, Mattuu, Nagallee Booranaa, Naqamtee, Shaashamannee fi Walisoo dha.

Hlaya leswi engetelekeke...




#Article 203: Poortaalii:Saayinsii (118 words)


 

Saayinsiin (jecha Laatinii scientia jedhurraa kan dhufe, hiikaansaa beekumsa) mala ittiin beekumsa waa'ee yuuniversii ijaaruu fi qindeessu yoo ta'u beekkumsi kunis ibsa yaalidhaan qoramuu danda'uu fi waan gara fuulduraa ta'uuf jiru dubbachuu danda'uu irratti hundaa'ee. Hiikaan kan durii garu kanatti kan dhiyaatu saayinsii qaama beekumsaa tokko, kan karaa namaa galuun ibsamuu danda'uu fi kan haala amansiisaa ta'een hojiirra oolchun danda'amudha. Namoonni saayinsii hojjatan saayintistii jedhamu.

Saayinsiin, ballifamee yoo ilaallame, bara ammayyaa dura ture, qarooma durii baayyee keessa ture. Garuu saayinsiin ammayyaa adeemsa isaatin adda waan ta'eef akkasumas bu'aa isaan waan milkaa'eef jecha saayinsii jedhu kan ammayyaa kun isa kanaan hiikkama. Bara ammayyaa dura, jijjiirramni guddaan kan biraa falaasamni uummamaa kan durii naannoo Giriikitti dhalachuu isaati.

Hlaya leswi engetelekeke...




#Article 204: Nadhii Gammadaa (465 words)


Nadhii Gammadaa (1955-) qabsaawaa mirga Oromoofi miseensa ABO ture. Nadhii Gammadaa bara 1993 keessa bakka buuteen isaa kan dhabame yoo ta’u du’uu ykn mana hidhaa jiraatuun isaa haga yoonatti hinmirkaneeffamne.

Nadhiin naannoo Oromiyaa aanaa Zuwaay Dugdaatti Maqaan dhalootaa isaa Qaasim H/Usmaan Roobaa jedhama. Maqaan ittiin waamamu maqaa qabsoo Nadhii Gammadaa jedhamuun beekkama. Nadhiin bara 1955 Kutaa Arsii Aanaa Zuway Dugdaa keessatti, Abbaa isaa H/Usmaan Roobaafi Haadha isaa Aadde Amiinaa Borsee irraa dhalate. Maqaan Nadhii jedhu kun maqaa abbaa isaa kan H/Usmaan Roobaa ture. Abbaan isaa amantaa Islaamaa erga baratee booda, maqaa isaa gara H/Usmaanitti jijjiirrate. Nadhiin maqaa abbaa isaa kana fudhatee Nadhii Gammadaa jedhamee waammamuu jalqabe. Nadhiin obboloota dhiiraa saddeetiifi obboloota durbaa afur qaba.  

Nadhiin mana barnoota sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga yuunivarsiitiitti barumsaan cimaa ture. Nadhiin qormaata biyyoolessaa darbee Yuunivarsiitii Finfinnee gale. Yuunivarsiitii Finfinneetti barnootaa faarmaasii baratee waggaa tokko akkuma fixeen barnoota addaan kutee qabsoo bilisummaa Oromoo geggeessuuf bara 1978 ABOtti makame. ABOtti makamee yeroo gabaabaa keessatti miseensa koree giddugaleessa ta’e.   

Nadhiin bara 1993 wal ga’ii ABO irratti hirmaachuuf Waardiyoota isaa ja’a (6) wajjiin osoo gara iddoo Bookee 27 jedhamuutti deemuuu, bakka Asakoo jedhamu tan daangaa Arsiifi Harargee jidduutti argamtutti butamee, achi buuteen isaa dhabame. Nadhiin goota sammuu qaroo, kan yoo dubbatu haasawa isaa jechoota akka rasaasaatti onnee nama kutu, kan sagalee onnattummaafi kutannoon dubbatu saniin hedduu beekama. Akka namoonni tokko tokko jedhanitti Nadhii Gammadaa Maqaleetti dararaan mana hidhaatti irra gahaa jira yoo jedhan kaanimmoo Nadhiin lubbuun hin jiru jedhu. kunis ragaa qabatamaan kan deggerame miti.                                                                                     

Walumaa galatti Nadhiin seenaa Oromoo keessatti nama seenaan isaa barabaraan yaadatamu eessa akka jiru du’ee jiraafi lubbuun jiraan isaa kan hinbeekamne nama seenaa guddaa qabuudha. Nadhii  Gammadaa as-buuteen dhabame haajedhamu malee, barbaacha isaaf xiyyeeffaannoon gama mootummaatiin wanti hojjatame hinjiru. Namnii namaaf falmuuu haa barbaadamu ilaalun gaariidha. 

Akkuma sagalee haasawa isaa Nadhiin goota murannoofi kutannoo dhugaa kan qabuudha. Jechoota muraasa gatii qabdu, kan haasawa isaa humna qabeessaa keessaa; 

 Nadhii!!!

 Saba kee Bilisoomsuuf,
 Yommuu ati yaaddu.
 Gootummaadhaaf,
 Onneen tee hin gaaddu.
 Tolchitee dubbattaa,
 Boonaaf of hin dhaaddu.
 ---
 Walabummaa goonfachuuf,
 Qabsootti cimtaa.!
 Eessa jirta Nadhii,
 Bakka jirtu nutti himtaa?.
 Saba keetiif baatee,
 Karatti maaliif timtaa?.
 ---
 Cingala dabdemoo,
 Waraabessatu sinyaate?.
 Beekaati riphxemoo,
 Biyya keessaa baate?.
 Waa'een kee maaliif dide,
 Nadhii atta taate?.
 ---
 Ati hin duutu Nadhii,
 Ni jirta siif waadaa.
 Oromoon Booyee,
 Garaatti qaata aadaa.
 Dubbadhu mee Nadhii,
 Si arguu barbaadaa?.
 ---
 Bareedaa Oromoo,
 Hayyuu hoonga hin qabne.
 Iyyaafannoon si soqnee,
 Akkamitti si dhabne?.
 Nu Oromoon mara dunnine,
 Hamileedha cabne.
 ---
 Dubbataa beekamaa,
 Qillisaa Sagalee.
 Nama hunda hawwata,
 Midhaga kiloolee.
 Yoomuma as baatee,
 Nuun jetta kunooree?.
 ---
 Iyyaankee maafin argamne,
 Maaltu nurraa sifooye. 
 Jiraattu nutti himadhumee,
 Eenyutu adda sidooye?.
 Ati maaliif nu miliiyxe?
 Barana Risaa bokkaa mooye.
 --- 
 Maaliif nuufin qoorsine,
 Imimmaan firootaa. 
 Gadaannisa seenaati,
 Ati Utubaa dhalootaa.
 Mul'adhu as bahii,
 Sabni kankee si iyyaafataa.
 ****************
 December 15, 2018




#Article 205: Yaayyaa shanan (611 words)


Yaayyaa shanan wantoota shanan Waaqayyoo dachee fi qoolloo irraa uumedha. Seerri yaayyaa shananii kun jireenyaa fi falaasama Oromoo keessatti iddoo guddaa qaba. Fakkeenyaaf Sirni Gadaa kanan bu'uureffame, akkasumas Oromoon manallee yoo ijaaru seera yaayyaa shananii bu'uura godhata, bineeldota nyaatamuu fi hinnyaannellee kanaan addaan baasa ture. 

Walaabu bishaan ganamaa bishaan uumamaati. Waaqayyo odoo waan lubbuu qabu tokkollee hin uumin dura, bishaan Walaabuu kana bakka lamatti addaan baase: bishaan gubbaa fi bishaan godaatti. Kana booda bishaan gubbaa bakka sadi'itti baase, bishaan godaa ammoo bakka lamatti baase. Kunis bu'uura uummama Waaqayyoo ta'ee tajaajile. Kanaan Oromoon yaayyaa shanan ykn yayyaba shanan jedhaani. 

Qoqqoodamni bishaan gubbaa sadan waan adda addaa ta'ani. Inni tokkoo bishaanuma ta'e, qoodamni inni tokkommoo qoolloo (sky) ta'e, qoodamni inni sadaffaan waan qoolloo kanatti galu kan akka urjii, aduu, ji'a fi kkf ta'e. Qoqqoodamni bishaan godaa waan lama ta'ani. Inni tokko lafaa gogaa ta'e, inni kan biraan ammoo bishaan lafarra jiru kana ta'e. Walumaagalatti, bishaan Walaabuu waan waaqni ittiin uumaa fi uummama isaa yayyabedha.

Oromoon yeroo man ijaaru seera yaayyaa shananii eegee ijaara. Manasaa kana dura bakka lamatti qooda, deebisee isa tokko bakka sadi'itti, isa lammataa ammoo bakka lamatti qooda. Qoqoodama isa duraa sadan keessaa:

Qoqqoodaman isa lammataa lamaan keessa:

Oromoon horii horsiisee jiraata. Horii kanas bakka lamatti qooda: horii qeencaa fi horii kottee. Horiin qeencaa loon, re'ee fi hoolaa of keessatti qabata. Horiin kottee ammoo fardaa fi harree of jalatti qabata. Kunis seera yaayyaa shananii kan eegedha. Oromoo waan akka lukkuu, qurxummii, fi gaala hin nyaatu. Isaan kun seera yaayyaa shananii keessa hin jiran ykn hin guutan.  

Oromoon hallaattii seera yaayyaa shananiitti yoo qoodu:

Akkaataa kanaan seera yaayyaa shananiitin addaan qooda.

Oromoon waggoota dheeradhaaf Gadaa shaniin bulaa ture. Kunis seera yaayyaa shananii irratti kan bu'uureffame ture. Isaanis:

Oromoon Raayyaa-Aseeboo, Maccaa-Tuulama fi Sabboo-Gonaan Boorana jedhee waama. Gadaan lamaan hafan, Siikkoo-Mandoo fi Ituu-Humbannaa ammoo Baarentuu jedhee waama.

Akka doktar Gammachuu Magarsaa jedhutti, Oromoon namaan alatti lubbu qabeessa hunda, Waaqatu uume jedhee amana. Waaqayyo waan hunduma uumee fixuuf guyya digdamii-torba fudhate. Wantoota tokko tokko guyyaa tokkotti, wantoota tokko tokko guyyaa lamatti, wantoota tokko tokko ammoo guyyaa sadi'itti uume. Guyyaa digdamii-torba boodas hojiisaa fixe.   

Waaqni erga waan hundumaa uumee fixee booda, gaafa achi garagalu wanti inni hin uumin tokko bishaan keessa yeroo ba'u arge. Wanti kunis nama ture, maqaansaas Horo jedhama. Waaqani nama hin uumne ture, garuu akka bu'aa waan Waaqni uumee hundaatti, namni uummame. Dr Gammachuun kana fakkeenyaan yoo ibsu, namni konkolaataa hojjata (motorasaa, gommaasaa, balbalasaa, fi kkf). Garuu gaafa konkolaatan ka'u sagalee dhageessisa, sagalee kana namni hin tolchine. Sagaleen kun bu'aa hojii qaama konkolaataa isa namni hojjateeti. Namni akkaataa kanaan uummame jedha Oromoon.   

Namni gaafa bishaan keessaa ba'u tokko ture, yeroo Waaqayyo gara isaa ilaalu milluu Waaqatiin bakka lamatti ba'e. Lamaan kana keessaa tokko dhiira ta'e, kan lammataa ammoo dubartii taate. Inni dhiiraa Horo yoo jedhamu ishiin dubartii ammoo Hortuu jedhamti.    

Namni seera yaayyaa shananii ofirraa qaba: miila lama, harka lamaa fi mataa tokko qaba. Akkasumas, seera guyyaa digamii torbaas qaba: quba miilaa kudhan, quba harkaa kudhan, fi qaawwa torba fuularraa qaba. Kunis walitti digdamii-torba ta'a. 

Qaamni saalaa ykn hormaataa namaa shani. Isaanis: 1. Qunxurroo, 2. Cidhaan, 3. Buqushaa, 4. Qinxirii fi 5. Fuuffee (qaawwa hudduu). Qaamonni hormaataatis shan yoo ta'an isaanis 1. Harma 2. Buqushaa 3. Qinxirii 4. Gadaamessa fi 5. Qunxurroo dha. Lubbu maleeyyiin shan: 1. Aduu (urjiilee) 2. Baatii 3. Bishaan 4. Qilleensa fi 5. Ibidda yoo ta'an. Lubbu qabeeyyiin ammoo 1. Nama 2. Bineensota 3. Biqiloota 4. Raammolee fi 5. Ilbiisota fa'a. Beeladoonni Oromoon jalqaba Madaqsee itti dhimma ba'e shan isaanis 1. Loowwan 2. Re'ee 3. Hoolaa 4.Harree fi 5. Fardeen faadha. Sooranni Oromoon nyaatu shan ture 1. Aannan 2. Dhadhaa 3. Foon 4. Dammaa fi 5. Midhaani faadha.




#Article 206: Odaa (443 words)


Aadaa fi seenaa Oromoo keessatti Odaan akka madda nagaa fi mallattoo eenyummaa, tokkummaa uummata Oromootti ilaalama. Faayidaa amantii fi siyaasa Oromoo keessatti qaburra kan ka’e Odaan mukoota jiran keessa baay’ee kabajamaa fi eebbifamaadha. Umuriin isaas haga malee dheeraa dha. Uumamaan lalisaa ta’ee bifti isaa harbuu ykn qilxuu fakkaata. Muki kun yoo caamsaan dheeratelee hin gogu. Kana malee uumamaan lafa jala bakka bishaan ykn jiidhinsi jirutti biqila. Guddinni isaa hanga tokko ol ka’ee dameen isaa waan wagga waggaan dalga dagaaguuf bal’dhatee gaddisa ta’uun namaa fi loonii madda qabbanaati. Gaaddisni Odaa iddoo itti Ayyaanni Muudaa raawwatuu fi miseensonni Gadaa sirna Ayaana ce'umsaa itti sirneefatanuu dha. Galmi Abbaa Muudaa fi teessoon Abbootii Gadaa Odaa jalatti ijaarama.kutaa lammafati na egadha Ahemad Hassan

Gosa biqiltuuti

Odaan Oromoon waggaa dheeradhaaf seera jalatti tumaa fi yaa'ii taa'aa ture shani. Isaanis:

Odaan Oromoo yeroo ijaarramu, hunduu bara tokko keessa kan ijaaraman otoo hin ta’iin odaa tokkorraa dameetu latee odaa of danda'e ta'aa deemaa har'a gahe. Odaan angafaa odaa Roobaati jedhama. Odaan Nabee damee odaa Roobaa ta’uun hin oolu.  Hanga bara 1558-59 qomoon Maccaa fi Tuulamaa waliin Odaa Nabeetti seera tumee labsachaa turan, kanas seenaan barreeffamaan jiru nuuf mirkaneessa. Sana booda qomoon Maccaa of danda'ee Odaa Bisil ijaarrate.

Seenaa afoolaas ta'e kan katabame akka ibsutti, Odaan Bisil Laga Gibee, Biloo fi Geedoo jidduutti ijaarame jedhama. Bakki kun tulluun marsamee jira jedhu. Odaan Bisil-maqaa nama naannoo sun qabiyyee isaa ta'een moggaafame. Namni kun Bisil Osolee jedhama. Hogganaan Odaa Bisil hoogganaa ture, akka seenaan nuuf addeessutti Makkoo Bilii jedhama. Makkoo Bilii seera hedduu  tume jedhamee beekkama. Odaa Bisil jalatti kan walga'aa turan shanan Maccaa ti. Shanan Maccaa kunis: Liiban, Jaawwii, Guduru, Daallee (Daadhii) fi Jidda.    

Yeroo hawaasni guddatee odaa Bisil gad-dhiisee deemu, Odaa Bisilitti kan hafe, shanan Maccaa keessaa hortee hangafa qofa. Hangafti Maccaa Liibani. Sana jechuun hortee sadan Liibantu qe'eetti hafe. Isaanis: Jahaan Ammayya, Arfan Walisoo, fi Torban Kuttaayee ti.

Odaa Gudayyaa (Odaa Mandiidaa Waaqoo) aanaa Baakkoo Tibbee ganda Odaa Gudayyaa jedhamutti kan argamu yoo ta'u,
innis damee Odaa Bisil dha.
Odaan Roobaa Godina Baalee keessa aanaa Ginniiritti argama. 

Odaan Bultum Godina Harargee aanaa Odaa Bultum keessatti argama.

Maanguddoonni odaan akkamitti akka filatame akkanatti ibsu. Innis dur dur bara caamsaan /ongeen/ hammaate tokko jaarsi tokko odoo loon tiksaa jiruu goromsisaa jalaa badde. Faana goromsa sanaa hordofuun barbaacha jalqabe. Odoo barbaaduu odaa jala ciistee arge. Jaarsi kunis goromsasaa argachuusaatti gammadee, gaaddisa odichaa jalattis boqote. Yeroodhuma kana hurriin dura naannawa sana hinturre dhufee Odaa uffise. Waaqayyo seeraa fi safuu namoonni kabajuu qabanii fi cubbuurraa ittin of eegan gadi buuseef. Jaarsi kunis guyyaa sanarraa ka’ee namoota barsiisuu eegale. Jaarsi kun imaanaa Waaqni itti kenne ba’uuf odaa jala taa’ee seera Waaqaa barsiiuu eegale. Haala kanaan odaan filatame Oromoo biratti muka addaa ta'e.




#Article 207: Oromoo Tuulama (145 words)


Tuulamni latiinsa Oromoo damee Boorana hidda dhaloota Raayyaati. Ilmaan Raayyaa lamaan Maccaa fi Tuulamni kan dhalatan Tullu Eegduu irratti. Ilma hangafaa kan ta'e Tuulamni, lafa abbaa isaa Raayyaatti qubate. 

Tuulama kibbaan  Haroo Dambal haga kaabaan Walloo fi Raayyaatti kan qubatee jiruudha. Bahaan Karrayyu haga Lixaan Walisoo qubate. yuulamni Godinoota Oromiyaa Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Lixaa, Godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinne, Shawaa Kaabaa fi Shawaa Bahaa keessa warra qubate. Godinoota naannoo Amaaraa Shawaa Kaabaa, Godina Oromiyaa fi Walloo Kibbaa keessa Oromoota Tuulamaa Doobbaa, Waayyuu, Laaloo, Maammaa, Geeraa, Gishee baasoo fi Warana, Liche, Alkoo Bar, Majatee, Sanbatee, Qawaati, Jillee fi Dhummuugaa kan jiraataniidha. Akkasuma Naannoo Tigraay keessas ni jiru.

Tuulama ilma Raayyaa ilma Marrawwa ilma Walaabu ilma Odaa ilma Nagawoo ilma Gurraacha ilma Saammalo ilma Boorana ilma Oromoo ilma Horooti. Horo Waaqa uume. Hidda dhaloota gubbaa gadi yoo laakkawamu akka armaan gadiiti.

Ilmaan Tuulama sadaniif isaan boodaa.




#Article 208: Koloneeffamuu Afrikaa (1418 words)


Seenan Afrikaan humnoota alaatin koloneeffamuu marsaa sadi'itti qooddamuu danda'a: kan bara durii, bittaa Arabaa, fi koloniyaalizimii Yuurooppiti. Ummata biratti, koloniyaalizimii Afrikaa kan jedhu sadan kana keessaa isa dhumaa akka ibsutti beekkama.

Biyyoota Afrikaa hunda keessatti, afaan mootummaa fi meeshaalen sabqunnamtii itti fayyadaman dhaala sirna koloniyaalizimii irraa dhufedha. Dhalattoonni Afrikaa baayyeen biyyoota biraa keessa jiraachunsaanii Afrikaanonni miliyoonatti lakkaawwaman akka garbaatti koloneessitoota alaa kanaan guurramanii gara biraa geeffamuu wajjin kan walqabatudha.

Fakkeenya guddaa koloneessuu keessaa kan Ardii Afrikaa keessaatti godhame godaansa Baantuti.

Afrikaan kaabaa koloneessuu Yuurooppii fi Eeshiyaa Dhihaa bara seena jalqabaa keessatti mudate, keessummattuu Giriikii fi Foneeshiyaanota.

Faaroo Ijiipti Amaasis (570–526 DhKD) jalatti, koloniin daldalaa Giriik Naucratis itti, bakka Aleksaandiriyaarraa maayilii shantama fagaatutti, hundeeffame. Giriikonni yeroodhuma kana Cyrenaica koloneeffatanii jiru. Bara 513 DHKD, warri Giriik kolonii Cyrene fi Carthage gidduutti dhaabuf yaalii godhanii turan, kunis ummata naannoo fi warri Carthage waliin ta'uun waggaa lama booda koloneessitoota Giriik ari'ani.

Aleeksaander Guddichi (356–323 BC) magaalaa Aleeksaandiriyaa bara Ijiipti koloneeffatetti hundeesse. Kunis magaalaa guddaa bara Heleenii fi Roomaa ta'e, giddu-gala daldalaa fi aadaa akkasumas buufta waraanaa fi walqunnamtii ta'e.

Finiishaanonni kolonii baayyee naannoo qarqara galaanaa Kaaba Afrikaa dhaabaniiru. Kana keessaa muraasni bara durii keessa kan dhabbatanidha. Utica, fakkeenyaaf, 1100 DhKD dhaabbate. Kaarteej, kan hiikansaa magaalaa haaraa jechuu ta'e, DhKD bara 801tti hundeeffamte. Kaarteej biyya amma Tuniiziyaa jedhamtu kana keessatti kan dhaabbatte yoo ta'u DhKD jaarraa 4ffaa keessa naannoo galaana Meditiraaniyaaniitti humna guddaa taatee turte. Warri Kaarteeji mataansaanii duulaa Afrikaa naannoo qarqara Atilaantii qoratuu fi kolonii dhaabu ergaa turan. Duulaa akkasii kan beekkamu keessaa tokko kan Hannoti, Harden kana naannoo 425 DhKD tilmaama.

Kaarteeji warra Roomaatin walitti buutee lolaa turte. Waraana kan sadaffaa fi kan dhumaatin, Waraana Puniikii Sadaffaa (150–146 BC), Room Kaarteejin guutummaan balleessite. Scullard (f. 37, 150, 216) karoora Gaius Gracchus jaarraa 2ffaa DhKD, Julius Caesar fi Augustus giddu-galeessa jaarraa 1ffaa DhKD kolonii Roomaa naannoo sanatti dhaabuuf qaban ibsa. Koloniin kunis dhaabbatee ture, bara Augustus akka magaalaa guddoo Konyaa Room kaan Afrikaa ta'ee tajaajile.

Gothic Vandals yeroo gabaabaaf naannoo sanatti mootummaa jaarraa 5ffaa keessa dhaabanii turan, yeroo gabaabaa booda kunis harka warraa Roomatti kufe, warraa Beezantaayin. Guutummaan kolonii Roomaa/Beezantaayin kan Afrikaa Kaabaa jaarraa 7ffaatti Araboota jalatti kufe.

Warri Arabootaa afaan Arabaa fi Islaamummaa jalqaba bara Giddu-galeessaa keessa beeksisan, karaa biraa ummanni Malaay ammoo afaansaanii adda addaa Madagaaskaariitti sana dura beeksisan.

Jaarraa 7ffaa kaasee, daldaltoonni Arabaa qarqara bishaanii Siwaahiliitti qubachuu jalqaban, odola Zaanzibaar dabalate. Daldala qaxxaamura-Sahaaraarraan kan ka'e magaalonni Afrikaa Dhihaa muraasni jiraattota Arabaa yoo qabaataniyyuu, biyyoonni akkasii kun akka kolonii ta'aniif kan yaaddame miti, garuu Morookoon Saahel Waraana Morookotiin qabachuu yoo yaalteyyuu, naannoo sana qabachuun saamtee oduma hin turin loltuu ishii akka baastu dirqamte.

Jilli warra Yuurooppi kan jalqabaa odoloota namni irra hin jirree kan akka Keeppi Verdee fi Sa'o Toomee koloneeffachuurratti, ykn qarqara galaanaatti dawoo waraanaa (forts) akka buufata daldalaatti ijaaruu irratti xiyyeeffata. Dawoon waraanaa kunis yeroo baayyee nannoo qarqara galaanaa kan dhiibbaa warra Yuurooppi jala jiru uumee, garuu, Laga Senegaalin alatti, kutaan Afrikaa garri keessaa ballaan hinkoloneeffamne, akkasumas hanga jaarraa 19ffaatti warri Yuurooppi waa'ee keessa Afrikaa hinbeekan ture.

Viinsenti Kapooyaa sabaawwan walqabatan babal'aa sadii kan Alii Mazru'ii kan warri Yuurooppi maalif Afrikaa abuuruu akka jalqaban ibsu: beekkumsa dabalachuuf, kiristaanummaa baballisuuf, fi ofitti-amantummaa biyyasaanii dabaluufi. Kapooyaan itti fufuun sababoota (siyaasa/tarsiimoo, aadaa fi diinagdee) koloniyaalizimii tarreessa.

Impaayeroonni bubbulan, keessaahuu Biriiten, Poorchugaal, fi Firaansi, lafa bal'aa Afrikaa fi Eeshiyaa sana durayyuu kan keenya jedhanii labsatan, impaayeroonni haara dhufaa jiran kan akka Xaaliyaanii fi Jarmaniis akkuma kana kan godhan, haa ta'u garuu lafti isaanii xiqqaadha. Erga chaansilerii duulloomaa jiru Bismaarki Kaayizer Viilheelmi IIdhaan angoorraa buufamee booda, sirni koloneeffachuu duraan kallattii qabatee deemaa ture tokkichumaan saamicha garadhabaa ta'e. Korri Barliin 1885, kan Biismaarki qajeelfama addunyaalessaa kan ittiin lafa Afrikaa fudhatan hundeessuuf waame, Impeeriyaalizummaa Haaraa kana waaltesse. Waraana Firaankoo-Piraashiyaa fi Waraana Guddaa gidduutti, Yuurooppi lafa miliyoona isquweer maayilii 9 (23,000,000 km²) ta'u - kan ballina lafa addunyaa keessaa tokko-shanaffaa ta'u - kolonii isaanii fageenyatti argamutti dabalatan.

Viinsenti Kapoya ofitti-amanamummaa guddaa biyyoonni Yuurooppi sababa kolonii ballinaan biyya isaanii dachaa baayyen caalu qabaniif isanitti dhaga'ame guddaadha jedha. Kana malees, wal-falmii biyyoota gurguddaa kana gidduu jiru irratti gumaacha guddaa akka isaan godhan kaasa. Dhalatoonni Afrikaa milyoona tokko ta'an Waraana Addunyaa Iffaarrati, miliyoona lama kan ta'an ammoo Waraana Addunyaa IIffaarratti warraa Allayis bukkee hiriirun hirmaataniru jedha.

Khapoya tooftaa bulchiinsa koloneessitoota ilaalchise akkana jedha. Firaansi, Poorchugaal, Jarmanii, fi Beeljiyeem tooftaa bulchiinsa kan giddu-galeessan too'atamu kan 'Qajeelton bulchuu' jedhu hordofu. Biriiten ammoo namootaa naannoo sanaa kan angoorra jiran fayyadamuun akka isaan Impaayera Biriitishiif bulchan jajjabeessun ykn dirqisiisun bulchite. Kunimmoo Alkallattiin bulchuu dha.

Firaansi, biyya Firaansirraa qajeelton bulchaa turte, kunis fedhii fi seera warra Afrikaa odoo hin eegin Firaansif amanamoo ta'uu isaanirratti qofa hundaa'un bulchitoota ramadaa turte. Firaansi Afrikaa keessatti federeeshinii kolonii guguddaa lama hundeessite, Afrikaa Dhihaa Fireenchi fi Iqquwaatoriyaal Afrikaa Fireenchi dha. Firaansi, angaawota ramaddi, seera baafti, akkasumas labsiin korri warra kolonii baase kamiyyuu Firaansin mirkanaa'uu qaba.

Gareewwan ummataa Afrikaa Bahaa Jarman keessa jiran gibiraa fi hojii humnaa diqamaa morman. Jarmanoonni bara 1888titti guutummaan ari'amuuf qarreerra turan. Waggaa kudhan booda kolonii kun guutummaan qabatame, garuu qabsoo dheeraa ture, akkasumas giddu-galli bulchiinsa kan kolonii keessaa buufata waraanaa xixiqqaa ture. Bara 1905tti, fincilli deeggarsa guddaa argate Jarmanoota mudata. Mormiin kun jalqabarratti milkaa'ee ture. Haa ta'u malee, waggaa tokko keessatti, fincillii kun loltuu qawwee maashinii hidhateen deeggaramee too'annoo jala oole. Yaali Jarmanoonni kibba-bahaa Afrikaa qabachuuf godhanis akkasuma mormii jabaan kan mudate yoo ta'u humna waraanatiin akka cabu godhame.

Mootichi Beeljiyeem Liyoopooldi kolonii dhuunfaasaa bal'aa ta'e Mootummaa Bilisaa Koongoo jedhee moggaase. Kan jechuun, namoonni naannoo sana saaman bilisa jechuudha, kan isaan deebii kennaniifis Mootii Beeljiyeemif qofaafi. Ummanni Afrikaa sirna kana keessatti baayyee hacuuccamuurraan kan ka'e humnoonnii koloneessitootaa kan biroo mootiin Beeljiyem gidduu seenee akka tasgabbeessuf gaafatan. Boodarra mootummaan Beeljiyem nannicha akka kolonii Beeljiyemitti qabate.

Kappooyyaa (ff. 134–143) humnoonni koloneeffattootaa bu'aa diinagdee koloneeffachuun isaanii kennuuf xiyyeeffannaa guddaa akka keennan dubbata. Kunis kan dabalatu: lafa qabachuu, hojii humna dirqamaa hojjisiisuu, midhaan daldalaa akka oomishan gochuu, yeroo tokko tokko hanga midhaan nyaataa oomishuun dagatamutti, warra Afrikaan sirna koloneeffamuun dura wajjin daldalan jijjiiruu, hojjattoota humnaa Indiyaarraa fiduu, fi kkf akkasumas Afrikaan Industirii Yuurooppif meeshaa dheedhii dhiyeessuu akka itti fuftu gochuudha. Humnoonnii koloneeffattootaa garbummaa balleessuu, bu'uurmisoomaa hojjachuu fi barnootaa fi fayyaa fooyyessuu irrattis xiyyeeffatanii turan.

Viinsentii Kaappoyaan (p. 148f) mormii guddaa humnoonni impeeriyaalistii yeroo Afrikaa gamboomsuf jedhan isaan muudate dubbata. Olaantummaan teknooloojii too'annoo jala glchuu fi gabroomsu isaan dandeessise. Afrikaanonni bilisa ba'uutti amanan ga'ee barnoonni Yuurooppi qabu hubatan. Afrikaanonni tokko tokko waldaa kiristaana mataa isaanii dhaabbatan. Afrikaanonni yeroo Waraana Addunyaa biyyoota Impeeriyaalistiitif gargaarsa godhaniif ragaan galataa isaanif kennamee kan warra kaanii wajjin walixxee akka hin taane hubatan.

Viinsentii Kaappoyaan (p. 148f) mormii guddaa humnoonni impeeriyaalistii yeroo Afrikaa gamboomsuf jedhan isaan muudate dubbata. Olaantummaan teknooloojii too'annoo jala glchuu fi gabroomsu isaan dandeessise. Afrikaanonni bilisa ba'uutti amanan ga'ee barnoonni Yuurooppi qabu hubatan. Afrikaanonni tokko tokko waldaa kiristaana mataa isaanii dhaabbatan. Afrikaanonni yeroo Waraana Addunyaa biyyoota Impeeriyaalistiitif gargaarsa godhaniif ragaan galataa isaanif kennamee kan warra kaanii wajjin walixxee akka hin taane hubatan.

Viinsentii Kaappoyaan (p. 148f) mormii guddaa humnoonni impeeriyaalistii yeroo Afrikaa gamboomsuf jedhan isaan muudate dubbata. Olaantummaan teknooloojii too'annoo jala glchuu fi gabroomsu isaan dandeessise. Afrikaanonni bilisa ba'uutti amanan ga'ee barnoonni Yuurooppi qabu hubatan. Afrikaanonni tokko tokko waldaa kiristaana mataa isaanii dhaabbatan. Afrikaanonni yeroo Waraana Addunyaa biyyoota Impeeriyaalistiitif gargaarsa godhaniif ragaan galataa isaanif kennamee kan warra kaanii wajjin walixxee akka hin taane hubatan.

Akka Shilingiten ibsutti qonnaan bultoonni Biriitish Afrikaa Bahaa keessa jiraatan yaalii lafasaanii irraa fudhachuuf godhamee fi toofta qonnaa isaan hin barbaadne akka fayyadaman dirqisiifammuu isaanitiin baayyee haaran. Tangaanikaa keessatti, Juuliyes Nerereen Afrikaanota Siwaahilii dubbachuun tokko ta'an qofa osoo hin taane geggeessitoota warra diimaa (faranjii) heeraa sanyummaan guutame san keessatti sagalee jabaa qaban birattillee dhageettii guddaa qaba. Nerereen yeroo Tangaanikaan 1961tti bilisa baatu pirezidaantii ta'e. Keeniyaa keessatti, warri diiman qonnaan bultoota Afrikaa 1930n keessa lafa isaanirraa buqqisan. 1940n keessaa kaasee yeroo hunda lolatu jira ture. Kunimmoo bara 1952 itti cime. Bara 1955tti, Biriiten fincila kana dhaamsite. Bara 1960tti, Biriiten bulchiinsa warra baayyee Afrikaanotaa fudhatte. Waggaa sadi'i booda, Keeniyaan bilisa baate.

Shilingten Beeljiyeem jalqaba bilisa ba'uu Afrikaa baayyee mormuushii, Afrikaanonnii magaalaa jiraatan gaaffii kaasuu, filannoon 1957 fi 1958 aarii kana qabbaneessuf godhamusaa, tasgabbii dhabuun kolonii kana guutummaa keessatti ka'uu, bilisumma atattamaan kennamuufii fi sanatti aanee mormiin waliinii ka'uu.

Afrikaanonni kolonii jalaa ariitidhaan kan ba'an Waraana Addunyaa II boodaa jalqabeeti. Sochiin bilisummaa baballachaa deemuu, dhaabni siyaasaa fi hojjattootaa Afrikaanootaa dhaabbachuu fi humnoota imperiyaalistiirratti dhiibban biyya keessaa baayyachuu akkasumas USA dhiibbaaa gochuun biyyoonni ardii Afrikaa baayyen hanga bara 1980tti bilisa akka ta'an godhe. Naanno muraasni, keessattuu Afrikaa Kibbaa, dhalattoota ummata diimaa yoo qabaataniyyuu, lafa biyya biraatin marfame Se'utaa fi Meelillaa fi Odoloota Riiyuuniyen, Odoloota Kanaarii fi Madeeraa qofatu too'annoo warra Yuurooppi jalatti hafe.




#Article 209: Alamuu Qixxeessaa (1599 words)


Koloneel Alamuu Qixxeessaa (Bitooteessa 5, bara 1907 - Mudde 09, 2001) loltuu waraanaa fi qabsaawa mirga Oromooti. Koloneel Almuun dargaggummaa isarraa eegalee hanga gaafa boqotouutti umani Oromoon gabrummaa jalaa ba’ee abbaa biyyasaa akka ta’u murannoodhan nama hojjataa turedha.

Kabajamaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa abbaasaanii obbo Qixxeessaa Yaadatee fi haadhasaanii addee Haayyuu Roobiirraa Bitooteessa 5, bara 1907 waltajjii Oromiyaa anaa Jalduu ganda Goojjoo keessatti dhalatan. Koloneel Alamuun bakki isaan itti dhalatanii guddatan magalaa Jalduu fi nannoo sana manni baruumsa ammayyaa waan hin jirreef, mana barnoota amantii (qeesii) seenanii barataniiru. Abbansaanii obbo Qixxeessaan, ilmisaanii akka isaanii baratu waan barbadaniif gara Finfinnetti eerganii akka raayyaa waraanaa biyyattii keessatti qaxaramu godhan. Koloneel Alamuun yeroo sanatti raayyaa waranaa Eegduu Mootichaa (Imperial Bodyguard) jedhamee beekamu keessatti qaxaramanii hojjataa osoo jranii gama tokoon ammoo barnoota ammayyaa fi afaan Faaransaayii barachuu eegalan.

Mootummaa sirna goonfoo keessatti qaxaramee osoo hin bubbuliin aangoo ajajaa shantamaa gonfate. Kana keessatti, gara Waraana Maa'icaw akka duulan godhaman. Waraana Maa'icaw kan Xaaliyaanii waliin godhame kanarratti, Koloneel Alamuun luka isaanii rukutamanii gara biyya dhaloota isannii gara Jalduutti galan. Jalduutti galanii maatii isaanii waliin osoo jiraataa jiranii, biyyattiin Warana Xaaliyanitiin weeraramte.

Koloneel Alamuun jagnummaa fi gotummaa uumamaan qabaniin waraana Xaaliyanii kan isa meeshaa ammayyaa hiidhate, diinni adii fi gurracha hinqabu jechudhan waraana Xaaliyaanii qabsoo hidhannootiin falmuutti qajeelan. Lolaa osoo jiranii bara sana dhibee qorichi hin argaminneef kan ummata hedduu fixaa ture dhibee “tasiboo “jedhamee beekamun qabaman.

Koloneel Alamuun dhibee kana irraa akka caarraa ta’ee fayyanillee, abbaan isaa obbo Qiixxeessaa yadatee fi haatiisaa addee Haayyuu Roobii dhibee kanarraa fayyuu hindandeenye. Lamaan isaaniyyuu guyyaa tokkotti ijoollee isaanii koophaatti dhiisanii adunyaa kanarraa darban. Guyyaa tokkotti haadha fi abbaa isaanii kan dhaban Koloneel Alamuun, gaddi dachaa dachaadhaan irratti fe'ame. Obboleewwaniif maatii isaanii hunda jiraachisuun dirqamni kan isaanii ta’e. Haala kanan maatii jirachiisaa osoo jiranii gotoota Jalduu kan Xaaliyaniin lolaa jiran waliin walitti dabalamanii lolaa osoo jiranii harka warana Xaaliyaanitti kufan.

Waranni Xaaliyaanii, Koloneel Alamuu Qixxeessaa irratti murtii du'aa murteesse. Koloneel Alamuun guyyaa ajjeefamuu isaanii osoo eeggachaa jiranii, Xaaliyaniin gama tokkoon Jalduu keessatti Warana Xaalyanii barbadeessaa kan turan gotoota Oromoo kan Dirribsaa Faayyisaa Nagarootiin hoggnamuun akka harka isaanii keennatan kadhachaa waan turaniif, gonni Oromoo Dirribsaa Faayyisaa Xalyanidhaan nama kiyya qabdanii kan isin harka jiru, Alamuu Qixxeessaa gadi-lakkiftan malee harka kiyya hin kennu jedhe. Xaalyaniin Gotoota Oromoo Dirribsaa Fayyisaatiin hogganaman of harkatti galfachuuf jecha, Alamuu Qixxeessaa kan duuti itti murtaawe, mana hidhaa isaanii keessaa basanii gadi dhiisan.

Koloneel Alamuun akkuma mana hidhaatii hikkamaniin, waraana Diribsaa Fayyisaatiin hogganamutti dabalame. Gootni Oromoo Dirribsaa Faayyisaa Alamuu Qixxeessaa erga mana hidhaatii hiiksifateen booda, gootota bara sana naannoo Jalduutti argaman, kan akka Xanqeessaa Keelloo, Mi’eessaa Jombaa, Niigisaa Faajjii, Dinqaa Urgoo fi kanneen biroo waliin warana Mosoloonii kan Jalduu keessa qubatee jiru irratti lola banuudhaan hanga dhumaatti lolaa turaniiru.

Erga Xaaliyaanin biyyaa baatee booda, H/Sillaaseen gara aangoo isaatti deebi'e. Gotonni Oromoo waggaa shan guutuu Xaalyaniin falmaa turan kan akka Kabbaddaa Buzunaash fa'aa aangootti deebi’uu H/Silasee mormaa akka turan keessa beektonni ni dubbatu. Koloneel Alamuun akkuma mootummaan sirni gonfoo dhaabbateen mana barnoota Akkaadaamii Waraanaa Hoolotaa seenaanii barataniiru. Bara 1944, gara kaaba Itoophiyaa Ambaalagee bakka jedhamutti akka duulan ajajamanii rasaasaan rukutamaniiru. Koloneel Alamuun Akkadamii Waraanaa Hoolotattii barsiisaa ta’anii waggoota lamaa oliif hojjataniiru. Koloneel Alamuun Bulichiinsa Mootummaa H/Silasee keessatti sadarkaa gadiirraa egalee hanga Sadarkaa oliitti hojjataniiru. Hojii isaanii kana keessatti, Mootumman sirna gita-bittoota Habashootaa ilaalchi Oromoo fi lammii Oromotii qaban akka gaaritti hubataniiru. Koloneel Alamuun Oromoo ta'uu isaanii irraa kan ka’een, bulchiinsa mana waraana biyyatti keessatti isaanifi Oromoota raayyaa ittisa biyyattii keessa jiran irratti, kan raawwatamaa ture haala qabatamaadhaan argaa turaniiru.

Qabsoo uummata Oromootiif daandii kan saaqe tokkoo fi inni guddaan hundeeffama Maaccaa fi Tuulamaati. Maaccaa fi Tuulamni mootummaa sirna nafxanyootaatiin gaggeefamu keessatti, ummata Oromoo gabrummaa jalaa basuuf wareegama barbachiisu kaffaleera. Rakkoo uummanni Oromoo qabu, amma tokko irraa saliphisuuf, misooma maqaa godhatee kan dhaabbate kana keessatti, Koloneel Alamuun jalqaba irraa eegalanii hanga gaafa addunyaa kanarraa darbaniitti, pirezidaantii waldaa kanaa ta'anii halkani fi guyyaa hojjachaa turan.

Koloneel Alamuun, barreessaa Waldaa kanaa kan turan Hayilamaaraam Gammadaa waliin ta'udhaan Oromoonni bebeekkamoo ta'an akka waldaa kana keessatti miseensa ta'an cimsanii hojjachaa turan. Isaan keessaa Jeeneeraal Abbabaa Gammadaa, Jeneraal Tolaa Badhaadhee, Jeeneeraal Jaagamaa keelloo, Dajjazmaach Dani’eel Abbabaa, Kabbadaa Buzunaash fi kan biroo miseensa gochuun yeroo itti hin fudhanne. Akkeekni Waldaa Maaccaa fi Tulamaa beekumsaa fi qabeenya qaban wareeganii uummata Oromoo dukkana keessa jiru kana keessaa gara ifaatti baasuu waan ta'eef, kan lafa qabu lafa isaa kennee, akka manni baruumsaa irratti banamu waan waliigalameef jalqaba duraatiif gochaan kun Koloneel Alamuu Qixeesatiin hojii irra ooleera.

Haaluma kanaan Koloneel Alamuun, bakka dhaloota isanii nannoo Jalduu manni barumsaa tokkollee waan hin jirreef ijoolleen aanaa Jalduu akka barnoota ammayyaa argattee ija banattuuf lafa magalaa Jalduu qabanirraa kaare meetira 10,000 ol eebbisanii ummata Jalduuf keennudhan manni barumsaa kutaa 1-6 itti bananiiru. Haluma kanaan, Kabbadaa Buzunash Misooma Ada'aa Bargaa fi Goroo Makootti kaare meetira 20,000 yoo kennan miseensonnii fi hoggantoonni Waldaa Maaccaa fi Tulamaa duursanii qabeenya fi humna isaanii waakkii tokko malee wareeganiiru.

Waldan Maaccaaf Tulamaa hogganummaa Koloneel Alamuu Qixxeessaa jalatti, yeroo gababaa keessatti ummata Oromoo yoo gaammachiisu, H/Sillaasee fi kanneen isaan marsanii jiran mara ,yaaddoo keessa isaan galcheera. Waldaan Maaccaa fi Tuulamaa xiyyeeffannan isaa inni guddaan, uummata Oromoo barisiisuu irratti waan ta'eef, uummanni Oromoo ammoo yoo of bare akka isaan harkaa ba'u waan beekaniif, adeemsa waldaa kanaa gabaabsuu akka qaban murteeffatan.

Keessattuu Waldaan kun of keeessatti hammatee kan qabu hoggantoota waranaa, hojjatoota mootummaa, barattoota fi qotee bultoota Oromoo akkasums kan akka Saba Oromoo cunquursaa habashootaa jala jiran Sidaamaa, Walaayittaa, fi kkf waliin ta’uun hedduu isaan yaddeeseera.

Koloneel Alamuu Qiixxeessaa H/Silasee biratti ija hamadhan ilaallamaa turan. Sababiinsaas yeroo Oromoonni Raayyaa hacuuccaarraa kan ka'e fincilanii lola jalqaban waraanni meeshaa ammayaa hidhate ittiduuluu hinqabu, kun biyyaa keessaa waan ta’eef kan biyyaa keessaa poolisii ta'uu qaba waan jedhaniif, Mootummaa H/Silasee biratti waamamanii diniin cimaan eerga keennameefiin booda, guddinni karaa seeraa mana waraanatiin keennamuu malu hunda hanga Waggaa 5tti akka hinkennamneef godhamanii, bakka duraan ramadamanii hojjachaa turaanirraa gara biraatti akka jijiraman godhamani. Gara biroon ammoo haala Waldaa Maaccaa fi Tulamaatin walqabateen H/Silaseen hogganoota Waldaa kanaa Jeneeral Taddasaa Birruu fi Jaarsolii beebekamoo Arsii waliin H/Silasee biratti yeroo dhiyaatan Koloneel Alamuu Qiixxeessaa sodaa tokko malee H/Silaseedham ati maa Oromummaan nu yakkitaa? ati Oromoo miti? yeroo jedhaniin, H/Silaseen isa eenyutu nutti himi siin jedhe jedheen jedhama.

Koloneel Alamuun ilma angafaa Abarraa Alamuu jedhamu kan Ajajaa dhibbaa ta'e qabu ture. Abarraan ajajaa dhibbaa ta’ee Asmaratti ramadamee hojjataa osoo jiru, akka caarraa ta'ee bara lola Jeeneeraal Mangistuu Niwaay Finfinnee yeroo dhufu lola kan afaan bu’e. Abarraan lola kana irratti gara Mootummaa H/Silasee goree lolaa osoo jiruu warana Garmameefaatin ajjeefame.

Koloneel Alamuun ilmi isaanii lola isaaf hinmalle kanarratti du’uusaan bayyee akka gaddan keessa bekitoonni nidubatu. Dhimma Waldaa Maccaatiin yakkamanii yeroo Kaabinoota H/Silasee duratti dhiyaatan, lolarratti yeroo lama rukutamanii waan turaniif luuka koo yeroo lama isiniif keennera! Ilma koo Abbarraa isiniif kenneera akka lammii Oromoottii ijaaramnee biyya keenya keessatti misooma, guddisuun maaf yakka isiin biratti ta’e? jechuun gaaffii deebii hinarganne hoggantoota Mootummaa H/Silasee tii dhiyeesaniiru. Ilmi isaanii Abbarraan Mootummaa H/Sillaaseef du’uusaan hedduu akka gaddaan bekitonni ni dubbatu. Hata’uu garuu hogganummaa isanitiin kan dhalate waldan Maccaa fi Tuulamaa akka dhabamee badu, kaabinoota H/Silaseetiin hoggantoonni waldaa kanaa, sobaan yakkanii adabbiin adda addaa yeroo irratti murtawu, Koloneel Alamuu irratti murtiin adda addaa sadii (3) irratti murtaaweera: Hidhaa cimaa waggaa 10, maqaan isaanii koloneelummaan akka irraa mulqamu fi yeroo mana hidhaatii hiikaman mirgi eenyummaa akka waggoota shaniif irraa mulqamu kan jedhu ture. Koloneel Alamuun akka uummani Oromoo isaan arguu ykn gaafachuu hin dandeenyeef faggeessanii Gondoor magalaa Dabra Taaboritti akka hidhaman godhaman. Yeroo mootummaan H/Silasee kufu, hoggantooni waldaa kanaa hundu mana hiidhati hiikkaman.

Erga mana hiidhatii hikkamanis uummani Oromoo akka blisummaa isaa gonfatee abba biyyaa isaa ta’u, bakkoota adda addatti aanaalewwan fi kutaalewwan Oromiyaa keessa naannawanii keessattuu bara 1991/1992 barsiisaa turaniiru. Ibsa isaan waajiraa ABO yeroo sana Gullallee jiru dabalatee keennaa turan mootummaa wayyaanee biratti isaan balaleefachiisullee sodaa tokko malee uummata kanaaf of keennanii hojjataa turaniiru.

Bara 1992 keessa, hogganaan wayyaanee Mallas Zeenaawwii bakka jirutti wamamanii osoo waliga’iirra jiranii bakka bu’aa OPDO yeroo sanaa kan ture Kumaa Dammaksaa, uummata Oromoo kan diigu kan akka keessanii kana yeroo jedhaniin Sodaa kan hin beekne Alamuu Qiixxeessaa Yeroon ani mirga Oromooti falmuu jalqabu ati hudduu kee hinxaraganne jedhanii waliga'ii sanarratti kumaa salphisanii akka gadi teesisaan namoonni walga’ii sanarratti argaman ni dubbatu. Koloneel Alamuu bara jireenya isanii yeroo hedduu mana isanii dhaqee waliin dubbachuu carraa argadheera. Abbaa kiyya waliin nannoo tokkotti waan waliin guddataniif walitti dhufeenya qabu. Akkuma ABOn Mootummaa Ce’uumsa keessaa ba’een ijoollee Oromoo rakkoon irra ga’ee hunda gargaraa turan. Anaafis gargarsa nagodhaniiru. Yeroo sana waan lama isani irraa dhaga’eera.

Yeroo sana waan lama isani irraa dhaga’eera.

Bara 1991/1992 yeroo ABOn Mootummaa Ce’uumsa Ithiopiya keessa jiru, waajjiroonni ABO bakka adda addatti yeroo banaman, hoggantonni ABO fi Koloneel Alamuu bakka hedduu deemanii ummata isaniif ibsa kennaa turaniiru. Baatii Onkoloolessa bara 1991 waajjirrii ABO Yeroo Jalduutti banamu, Koloneel Alamuu fi namoonni bebbeekkamoon ABO fi bakkoota biroo irraa argamaniiru. Waliga’ii kana nama qindeesse keessaa nama tokko waanan ta’eef Ummani Anaa Jalduu, Ginddabaratii fi Meettaa Roobii hedduminan akka argaman irratti hojjatameera.

Guyyaa seenaa qabeessa kana irratti kan argaman Kloneel Alamuu Qiixxeessaa, Obboo Damisee Kabbadaa (ABOrraa), Girmaa W/Giyoorgis Sooddoo Jiddaa bakka bu’dhan (Preezadantii), Jeneraal Jaagamaa Keelloo fi kanneen birooti. Jaagamaa Keelloo bara Xaalyaanii nannoo sanatti lolaa waan turaniif Ummata anaa Jalduu biratti maqaa guddaa qabu. Ummani Jalduu, Alamuu Qixxeessa fi Jaagamaa Keelloo maqadhan malee, arganii waan hinbeekinneef isaan argudhaaf Oromoni dhufan heddudha. 

Bakki walga’iin kun itti Qoophawe mana baruumsa Jalduu keessatti yoo ta’u, mana baruumsaa kana yeroo Waldaa-Walgargaarsa Maaccaaf Tulamaa hundeessan, jalqaba duraatiif, lafa qaban keennanii kan Ummata Jalduuf ijaarsiisanii, Oromoota nannoo biroof fakkii goddaa kan ta’aniidha.

Koloneel Alamuun Fulbaana 9, 2001tti lubbunsaani dabarte. Reeffi koloneel Alamuu iddoo dhalootasaanii magaala Jalduutti bakka ummanni isaan jaalattu hedduun argametti awwaallame. 




#Article 210: Siiqqee (841 words)


Seerri siinqee ulee qal'oo sorooroo muka harooressaa irraa muranii tolchan, kan dubartiin heerumte qabattuun ibsama. Mukti harooressaa qaqal’aa fi sorooroo wanta qabuu fi kan laayyootti hin cabne waan ta’eef filatama. Siinqee dheerina dubartii qabattu akka gitutti muru. Siinqeen akka diimatee bareedu baaxii manaa jala bakka aara argatutti suuqu. Siinqee akka uleetti hin fayyadaman, horii ittiin hin haleelan. Yeroo qabatan illee akka dhadhaabbataatti hin fayyadaman.

Dubartoonni siinqee qabatanii gurumuudhaan sirna hawaasummaa fi amantaa heddu wanta raawwataniif siinqeen waraana dubartii ti jedhu.

Haati intala heerumsiistu, siinqee, boraatii fi baarree qopheessiti. Siinqeen mallattoo birmadummaa (uumamaan bilisa ta’uu) ti. Boraatiin muka irraa soqamee tolfamee, calleedhaan faayame immoo mallattoo haadha-warrummaa ti. Baarreen qodaa aannanii waan ta’eef mallattoo qabeenyaa ti.

Cidha gaa’elaa irratti yeroo idaayyichi idaayyittii fudhatee galuuf ka’u, haati ishii siinqee, boraatii fi baarree harkatti qabattee, balbala fuula dura teessi. Idaayyichi haadha idaayyittii bira ga'ee dhaabbata. Haati idaayyittii hoo baarree, hoo barsee jettee siinqee, boraatii fi baarree itti kenniti. Hoo barsee jechuun yaboo sirra keewwadhee jechuu dha.

Hamaamonni oggaa qe’ee ga’u, idaayyichi siinqee, boraatii fi baarree idaayyittiitti kenna. Idaayyittiin seera hirma furaa booda, siinqee boraatii fi baarree qabattee ol seentee gola ishii keessi. Kanumaan haadha siinqee taati. Yeroo eebbisanillee siinqee baarree oofkalaa jedhu. Kunis fuudha kana nagaadhaan keessa fulla’aa ykn ofkalaa jechuu dha.

Siinqee seeraan kenname kanaan mirga haadha-warrummaa ishiin qabdu ittiin tikfatti. Hawaasa keessattis dubartoota siinqee qaban waliin gurmuu uummatanii seera adda addaa ittiin raawwachiisu.

Dubartiin siinqee qabatte, hawaasa keessatti ulfina guddaa qabdi. Dubartii siinqee qabattee karaa deemtutti yoo dhufan hin qaxxaamuran. keessattuu dhiirti yoo ishiin hayyama kenniteefii dabarsite malee bira hin darbu. Dhaabbatee ishii dabarsuuf dirqama qaba. Lagas ishii dura hin ce’an.

Dubartoonni siinqee qabatanii wal faana yaa’an/bayima ba’an, Ateetee/Ganyaa jedhamu. Dubartoonni bayima ba’anii, siinqee faarfachaa deemanitti yoo dhufan, nama tokkoos ta’e nama hedduus ta’an, maanguddoonillee, fardarraa bu’anii, gadi jedhanii marga jiidhaa ciratanii “Ilteeninnaa” jedhanii itti irreeffatu. Dubartoonnis akkasuma marga ciratanii itti irreeffatanii “obbayaa” jedhanii deebisu. Dubartoonni bayima ba’an, otoo isaan hin eebbisiin nama isaan qaxxaamure ari’anii qabanii adabu.

Sirni Gadaa, seera siinqeetiin, mirgi dubartoota Oromoof kenne, kan ittiin mul’atu keessaa tokko, dubartii abbaa warraatiin dhaanamteef, dubartoota gurmuu uummataniin birmannaa godhamu.

Sagaleen dubartii dhaanamte bakka dhaga’ametti, mallattoo wal waamichaa kan ta’e sagalee ililfannaa, “ililii,ililii,ililii…” jedhu wal dhageessisanii walii qaqqabu. Akka seera siinqeetti, dubartiin sagalee ililfannaa dhageesse, kan daa’ima hoosisaa jirtus, kan sa’a elmitus, kan okkotee ibiddarraa qabduus, hojii of harkaa qabdu battalatti dhiistee, siinqee ofii luqqifattee, hatattamaan birmachuuf dirqama qabdi. Dubartoonni seera siinqee raawwachiisuuf gurmuun deeman, weedduu siinqee weeddifachaa mana dubartii abbaan warraa dhaane sana qaqqabu. Dubartoonni dura qaqqaban, dubartii sana siinqee qabachiisanii manaa baasu.

Namicha haadhawarraa isaa dhaane dabalatee, dhiirti haati warraa isaa gurumuu kana keessa jirtu hundi, qe’een isaa adiyyoo dha. Bultiin abbaa hin qabu. Daa’imni ni booya. Kanaafiyyuu dhiirti marti namicha balleessaa hojjate sana murtiitti dhiyeessuuf carraaqa. Dubartoonni, miseensa isaanii miidhamte itti marsanii, faaruu isaanitiin roorroo didaa, gara caffee/Mana maree Gadaa/ erga seerri Gadaa laaffatee booda jaarsolee gosaatti iyyata deemu.

Qaamni itti iyyatan, waltajjii qabaniifii, ulfina isaanitiif jecha, ofirra taa’anii dubbisu. Kana malees, gadi jedhanii marga jiidhaa ciratanii, “ilteeninnaa” jechuun itti irreeffatu. Dubartoonnis “hobbayaa” jedhanii eebbisu. Yeroo seera kana raawwatan, weeddudhaan siinqee faarsuu hin dagatan.

Qaamni himannaa isaanii dhaga’uuf taa’e, “Wayyooma/ulfina dubartii kan tumaadhaan dhugoomse Gadaa dha.” Jechuun seera jiru mirkaneessuudhaan, waltajjii jalqabu. Sana booda, “ulfoo teenya maaltu bade, maal rakkattan” jedhanii dubartoota gaafatu. Dubartiin gurmuu kana gaggeessitu, dubartii dhaanamte of fuuldura qabdee, waan ishii irratti raawwatame caffee fi yaa’iitti himti. Qaamni seera raawwachiisu, nama miidhaa kana raawwate, waamanii dhiyeessanii, dubbii qoratu. Hanga murteen kennamutti, dubartoonni, roorroon akka irraa dhaabbatu weedduudhaan gaafatu.

Xumura irratti caffeen, miidhaa qaqqabe madaalee, murtee dabarsa. Murteen kun loon inni qabu keessaa isa mararsiifatu sangaa/qotiyyoo isaa qaluu ta’uu danda’a. Seerri siinqee murtee kana raawwachiisee, dubartoonni sangaa qalame yaa’iidhaaf laatanii, weedduu isaanitiin siinqee faarfachaa, dubartii dhugaa argatte sana manaan ga’anii, mana mana ofitti galu.

Birmannaan akkanaa, dubartii qanafaa addarraa qabdu/ kan deessee ji’a jahaa hin guunneef/ malee, dubartii abbaan warraa dhaane hundaafii miti kan jedhan jiru. Akka manguddoo irraa dhageenyeetti , erga sirni Gadaa laaffatee booda birmannaan akkanaa, deessuu dhaanamteef qofa ta’e malee, dur dubartii hundaaf birmatu. Kan deessuu dhaane adaba isaatu guddaa dha.

Gosa Oromoo gidduutti, walitti bu’iinsi uumamee, lolli hamaan/waraanni ka’ee, namni wal miidhe, dubartiin oduun lolaa kun dura, gurra bu’e, ililfattee, dubartoota bakka hallee dammaqsiti. Gurmuun dubartootaa, oduu waraanaa kana darbaa walii dabarsanii, siinqee qabatanii battalatti walga’u.

Weedduu isaanitiin siinqee weeddisaa gara lafa lolaatti oggaa deeman, Waaqa siinqeedhaaf aangoo kana kenne faarsu. Iddoo lolaa sanatti wayta dhiyaatan immoo weedduu isaanii keessa, waraanni akka dhaabbatu maqaa Waaqaatiin gaafatu. Bakka lolaa sana yoo ga’an siinqee isaanii faarfachaa, lolli akka dhaabbatu gaaftu. Kanaan yoo dhaabbachuu dide, gidduu seenu. Waraana hamaa attamii illee yoo ta’e, seera kana bira hin darbu. Battalatti dhaabbata. Siinqeen meeshaa araaraa ti.

Warri ilmoo hin arganne, warri ilma hin qabne, fira irraa yookaan nama michuu ta’uuf irraa ilmoo guddifata. Dubartiin dhala hin qabne, seera guddifachaan ilmoo guddifachuu barbaadde, siinqee qabattee, aannan ciicoodhaan fuutee warra irraa guddifattu sana dhaqxi.

Warri ilmoo irraa guddifachuuf filatan warra ijoollee baay'ee hore. Warri akkanaa, dubartii siinqeedhaan dhaqxee ilmoo isaan irraa guddifachuuf gaafatteef, ilmoo isaanii kennuuf dirqamu. Dubartiin siinqeedhaan deemtu hinqoltu/hindhabdu.




#Article 211: Kolonii Jalaa Bahuu Afrikaa (486 words)


Afrikaan kolonii jalaa ba'uun Waraana Addunyaa IItti aanee kan dhufe yoo ta'u kunis uummanni koloneeffame bilisummaaf waan dadammaqaanif fi humnoonni koloneeffattootaa bulchitoota isaani Afrikaa keessaa waan baasaniif ture.

Humnoonni Adunyaa lamaan kan jaarraa 20ffaa guutuu kolonii jalaa ba'uu Afrikaa kara ofiseelaa fi cimsanii deeggaraa turan Sooviyeet Yuuniyeenii fi Chaayinaa qofa ture — biyyoonni kaan yaadasaanii deeggarsa koloniyaalizimii cimaarraa ka'ee hanga deeggarsa waan duraan ta'eef garaa duubaa kennuutti garaagarummaa qaba.

Dhuma jaarra kudha-salgaffaa keessa yeroo Afrikaa cirachuu, humnoonni Yuurooppi Dhihaa, Afrikaa fi qabeenyashii Kora Barliin 1884-85 irratti addaan hiratan. 1905tti, lafti Afrikaa hundi too'anna mootummoota Yuurooppi Dhihaa harka jira ture, kana keessaa kan hafan Laayibeeriyaa (iddoo qubsumaa Afrikaan-Ameerikaanota duraan garba turanii kan taate) fi Itoophiyaa (kan yaalii koloneessuu Xaaliyaaniin godhame ofirraa faccifte) qofa ture. Biriiteen fi Firaansi lafa bal'aa qabatani, garuu Jarmanii, Ispeen, Xaaliyaanii, Beeljiyeem fi Poorchugaalis kolonii qabu turan. Sababa koloniyaalizimii fi imperiyaalizimiitin, Afrikaa harki guddaan birmadummaa fi too'annaa qabeenya isaanii kan akka warqii fi muka gommaa dhaban. Yaada-rimee Walaloo Ba'aa Nama Diimaa hordofudhaan, namoonni Yuurooppi kan koloniyaalizimii irraa bu'aa argatan, koloniyaalizimiin Afrikaa qaroomsuuf barbaachisaadha jedhanii yaadu ture.

Waraanni Addunyaa II irratti kolonoonni Biriiten baayyen humnoota Allaayid humna waraanaa fi qabeenyaan deeggaranii warra Aaksisi lolaa turani. Kolonoonni Afrikaa baayyen waraana kana booda bilisa hin kennamneef. Impeeriyaalistiin Jaappaan Baha Fagoo qabachuunsaa hirrina meeshaa dheedhii kan akka gommaa fi albuudota adda addaa fide. Afikaan hiirina kana bakka buusuuf yoo dirqamtu jijjiirama kanarraas bu'aa guddaa argatte. Rakkoon biraa Awurrooppaanota Dhihaa mudate bidiruu-U kan Garba Atilaantiik to'achaa turedha. Kuni meeshaa dheedhii kolonii Afrikaarraa gara Awurooppaatti fe'amu hirrise ykn gufuu itti ta'e. Sababa daldalli gadi hirrate kanaaf, industiriin Afrikaa keessa jiru jajjabaachaa deeme. Industiriin Afrikaa keessa kun jajjabaachun ammoo magaalonni haaran akka uummaman, kan duraan jiran ammoo akka diingadee fi baayyinni ummata isaanii guddatu godhe. Akkuma ummanii magaalaa fi industriiin guddachaa deemen, waldoonni hoojattootaas baayyachaa deeme. Waldaa hojjatootaa kana bukkeetti, magaalomuun namoonni dubbisuu fi barreessuu danda'an akka guddatu godhe, kunimmoo gaazexoonni bilisummaa deeggaran akka dhaabbatan karaa bane.

Gurraandhala 12, 1941 pirezidaantin USA Firaankiliin D. Ruuzvelti fi muummichi ministeeraa Biriiten Winisten Charchil addunyaan waraana booda uummamtu maal akka fakkaattu dubbachuuf walga'an. Bu'aan walga'ii kanaas Chaarterii Atilaantilii ti. Wanti kun waliigaltee miti, Paarlaamaa Biriiteenitti ykn seneetii Yunaayitid Isteetisitti kan raggaasifamuuf hin kennamne, garuu dookimentii fudhatama bal'a argatedha. Waadaan tokko, kan Ruuzvelti itti galche, kolonoonni akka ofiin of bulchan kan jedhu ture. Waraana Addunyaa II booda, USA fi kolonoonni Afrikaa, Biriiten akka murtii Chaarterii Atilaantik kana kabajjuuf dhiibbaa godhan. Waraana booda, lammiin Biriiten tokko tokko kolonoonni Afrikaa kan hin bilchaatinii fi amala ijoollummaa akka qabnitti ilaalu turan; koloneessitoonni Biriiten bulchiinsa dimokiraatawaa kolonii keessatti amma gadiitti diriisan.

Bara 1930tti, humnoonni koloneeffattootaa, yeroo tokko tokko odoo hin beekin, bulchiitota xiqqoo kan yuunivarsiitii biyyoota dhihaa keessatti baratanii fi waa'ee hiree ofii ofiin murteeffachuu hubatan aangoorra kaa'an. Bulchitoonni kun hooggantoota qabsoo bilisummaa ta'an, kunis kan akka Joomoo Keeniyaataa (Keeniyaa), Kiwaamee Inkiruumaa (Gooldi Koosti, amma Gaanaa), Juuliyees Nereeree (Tanzaaniyaa), Liyooppoldi Seedar Sengor (Senegaal) fi Filiiksi Hufeet Boonyii (Kootdivo’aar) dabalata.




#Article 212: Eebba Oromoo (856 words)


Eebba dhimmaafi ayyaanaaf Waaqa kadhatanii fi galata galchanii ittiin jalqaban ykn xumuraniidha. Eebbi gaafa akka muudaa, irreechaa, gaa'elaa, duulaa fi araaraa ni taasifama. Eebba kanas kan eebbisuu manguddoota umuriidhaan ykn dhaloota hiddaan hangafa ta'aniidha.

Kutaaleen Oromoo hundinuu qabiyyee fi haala eebbaa adda addaa qabu. Eebba Booranaa qaamolee hawaasaa, mukeen, loon fi lafa hundaayyuu dabareedhaan caqasuun “nagaa” kadhataaf. Eebba Macccaa balaawwan dhufuu malan yaadachiisuun Waaqni akka oolchu kadhata. Eebba Gujii ammoo kan Tuulamaa fi Booranaa giddu-gala taasifachuun Waaqa fi Nagaa walitti qabee waammata. Walumagalatti, bakkeen adda addaatti eebbi akka garagaraa dhiyaata.

Hayyee,Hayyee! Hayyee, Hayyee!

Waaqa uumaa Waaqa uumamaa

Waaqa Burqaa Haroo Walaabuu

Waaqa sagaltama garbaa

Waaqa salgan Booranaa

Waaqa torban Baarentummaa

Waaqa Bokkuu Gurraachaa

Waaqa Ciicoo Gurraattii

Waaqa Caffee Tumaa

Waaqa shanan Gadaa Oromoo

Nagayaan nu olchitee nagayaan nu bulchi

Nagayaan nu bulchitee nagayaan nu olchii

Kan faantii lafaan lolte

kan sammuun Waqaan lolte nurraa qabi

Irraa-gora nu oolchi

Dogoggora nu oolchi,

Hamaa nurraa qabi

Tolaa nutti qabi,

Xiqqaa nuu guddisi 

Guddaa nu muldhisii/bulchi

Waan qabnuun nu bulchi

Rooba nagayaa roobi

Baraa nagayaan nu basii

Gadaan roobaa nagayaa

Barri quufaa gabbina

Ardaan nagaa……….........................................Nagee

Bobbaan nagaa....…….................................….Nagee

Barri nagaa………...............……......................Nagee

Waareen nagaa……….....................................Nagee

Waariin nagaa………...........…….....................Nagee

Reerii nagaa…………….......….....................…Nagee

Dheedi nagaa…………...........…......................Nagee

Yaa’iin nagaa……………...................…...........Nagee

Kuubiin nagaa……...........................................Nagee

Raabi nagaa…………………...........................Nagee

Kuusaa goseen nagaa…….....................…….Nagee

Ijoolleen Kuuchuu nagaa…..............................Nagee

Dirreen nagaa……………...................…...……Nagee

Dirree dirri Liiban nagaa…...............................Nagee

Liiban Golbaa Diidi nagaa…....................…….Nagee

Malbee Golboon nagaa.....…...................…….Nagee

Saakuu waasoon nagaa…...............………….Nagee

Tulaa sallan nagaa………...........Nagee 

Ee…… Ati Waaqi Ardaa

Waaqi Abbaa

Ka Me’ee Bokkoo

Ka Dibbee Dhugoo

Ka Garba Aannoo

Waaqi Gujii Gurraachaa ati nuu dhageyi

Dhageettu nuu Owwaadhu

Ta olii oliitti nu hanqisi

Ta gadii gaditti nu hanqisi

Ta dallaa lamaanii achumatti nu hanqisi

Barri nageya

Bariin nageya

Jaarsi nageya

Jaartiin negeya

Ilmi nageya

Intalti nageya

Ka fuudhu nageya

Ta heerumtu nageyaa

Uchumti nageya

Bobbaan nageya

Tissaa uleen nageyaa

Elemaa gaadin nageya

Ardaan yaa’aa nageya

Me’een Bokkoo nageya

Duddaa daawwaan nageya

Sabbaa Oddoon nageya

Gooroon Doolaa nageya

Gooroon Oromoo teennaa martinuu nageya

Handhurri Oromiyaa Finfinneen nageya.

Abbaa badhaasi abbaa dhaas.. Leel

Taadhii............... ... Leel

Taadhii roobaa...... Leel

Bohaarsa barii....... Leel

Haadha nagayaa... Leel

Biyyii nagaa............ Leel

maatiin nagaa........ Leel

Hoo waqni jee'e hoo waqni jee'e

Horaa bulaa deebanaa

Na oofkalchaa…………………..............................oofkalaa 

Na oofkalchaa…………...……..........................….oofkalaa 

Na oofkalchaa………...………...........................…oofkalaa

Waaq nagaan bullee nagaan nu oolchi ...............nu oolchi

Hamaan gargar nu oolchi ....................................nu oolchi

Irraa gora nu oolchi ..........................................…nu oolchi

Dogoggora nu oolchi............................................nu oolchi 

Citiin sadii citii sadan nu oolchi............................nu oolchi 

Citii waraanaa nu oolchi......................................nu oolchi

Citii waraansaa nu oolchi ...................................nu oolchi 

Kan caamee goggogsu nu oolchi.......................nu oolchi

Kan roobee tortorsu nu oolchi............................nu oolchi 

Walbira oolchii nu bulchi....................................nu bulchi

Waliigaltee nuu kenni……….............................nuu kenni.

Waliigalii nuu toli...............................................nuu toli

Sonii nuu roobi..................................................nuu roobi

Waan rooba keessa jibban nu baasi................nu baasi

Waan caama keessa jibban nu baasi..............nu baasi

Egaa nagaya...................................................nagaya

Barri quufa

Gadaan gabbina gabbisi Waaq!

Kan ati jette tolaadhaa tolaan nu haa ga’u .........haagahu

Bakkalchi bakkee haa ta’u ................................haa ta’u

Bakkeen nagaa haa ta’u ...................................haa ta’u

Qorroon dibdibbee haa ta’u ..............................haa ta’u

Dhiigni dhallaadduu haa ta’u.............................haa ta’u

Adamoon deettii haa ta’u ..................................haa ta’u

Duulli dannaba haa ta’u.....................................haa ta’u

Rimaan haphee haa ta’u ....................................haa ta’u

Kormi cirrii haa ta’u............................................haa ta’u

Dhugee haa booressu .....................................haa booressu

Dheedee haa barbadeessu..............................haa barbadeessu

Booruun gabbina haa ta’u................................haa ta’u

Barbadaan suga haa ta’u ................................haa ta’u

Dhugaan tulluu haa ta’u ..................................haa ta’u

Dharri sulula haa ta’u ......................................haa ta’u

Anaaf sihii hin maqsin .....................................hin maqsin

Kan ormi maqe nu hin gahin............................hin ga’in

Bakka hir’ate Waaqni itti haaguutu…………....haa guutu.

Egaa nagaya ..................................................nagaya

Haleele………............................................…..Diina haleeli!

Irreeffatee, dhibaafateet oofkala!.....................Irreeffatee, dhibaafateet oofkala!

Miinya tahi!………………………..........ziz

Foduu tahi!………………………..........ziz

Alalaasi!…………………………….......ziz

Alaa gali!………………………….........ziz

Oli reebi!……………………………......ziz

Maatii raaphu!…………...………….....ziz

Gadi reebi!…………………………..…ziz

Karra raaphu!……………………….…ziz

Adaboon gooba!.………………….......ziz

Goobni geerarsa!……………………...ziz

Hurrubni Mirga!………..………….......ziz

Dirreen Dannaba!……...……………..ziz

Simoo ta’i! ………………………….....ziz

Sin simin!……………………………....ziz

Dandoo ta'i! ……………………..........ziz

Sin danda'in! ……….………………....ziz

Doobbii ta'i! …………………...……....ziz

Diina gubi !………………………….....ziz

Guchii ta'i !……………………….........ziz

Baalaan booni !….…….……………...ziz

Citaa ta'i! …………………………......ziz

Gurmuu baasi! ……………………….ziz

Daddaraari! ……………..……………ziz

Dilboo ta'i! ………..…………………..ziz

Babbaroodi .………………………….ziz

Cibraa dhoosi ……..…………………ziz

Gaara ta'i! ...................………………ziz

Itti jigi!……....................……………...ziz

Haladdaq ta'i.……..……………..……ziz

Bal'adhu!…………..…………………..ziz

Fantaallee ta'i!..……………………….ziz

Mul’adhu!......................………….......ziz

Qabadhu!...........................................qabadhu!

Dhiltee Dhinnaa............... Hoffolaa

Dhiltee Dhinnaa............... Hoffolaa

Dhiltee Dhinnaa............... Hoffolaa

Faatee waaqni dhagahi............. Dhagahi

Lafti sii dhagahi.......................... Dhagahi

Gadaan dhagayi.......................... Dhagahi

Gadaamoojjiin dhagayi............... Dhagayi

Dhibbi dhagayi............................. Dhagayi

Dhibaayyuun dhagayi................. Dhagayi

Gadabitti nu galchi.................... Galchi

Gadaa nu hulluuqsisi................ Hulluuqsisi

Waraana qaqeessi.................... qaqeessi

Oromoo qaqatti nuu bulchi......... bulchi

Doloolloo yaasi............................. Yaasi

Yaa’aa gabbis................................ Yaasi

Jinfuu tuuli.................................... Tuuli

Tuulaa diinaa diigi........................ Diigi

Oromoo biifaa si godhi................. Si Godhi

Biiftuu ganamaa si godhi.............. Si Godhi

Ejersa gaaraa si godhi.................. Si Roobi

Korma nyaaraa si godhi............... Si Roobi

Bokkaa sii roobi..................... Sii Roobi

Bokkuu sii moosisi................ Sii Moosisi

Laftana ititi............................... Ititi

Itittuu nu obaasi........................ Obaasi

Qabattanii aaga qabadhaa

Rafaa abjuu qabaadhaa

Adeemaa milkii qabaadhaa

Miillaan lafa qabadhaa

Harkaan Waaqa qabadhaa

Coqorsa lo’aa ta’aa

Gannaa fi Bona lalisaa

Odaa dagaagaa ta’aa

Gannaa fi Bona garbaabaa

Aannanii fi garaa ta’aa

Dhadhaa fi mataa ta’aa

Akka biiftuu aanga’aa

Akka qorsaa ifaa

Cirracha Abbayyaa ta’aa

Lakkaa’aan isin hin fixin

Madda Walaabuu ta’aa

Waraabaan isin hin fixin

Jalduu Biikkoo ta’aa

Qomaa fi dugdatti baadhaa

Goomattuu fi tolfattuun isin hin danda’in

Bona ongee baraaraamaa

Ganna balaqqee ofkalaa

Hamaa fi hamtuu isin irraa haa qabu

Kumaatama horaa

Kan hortanii wajjin bulaa

Walbira oolaa-bulaa

Safuu waliif qabaadhaa

Eebbi kun eebba gosaatii,

Qabatee isin biraa hin hafin

Dhallaaduu lagarraa tahaa

Baattoo jaldeessaa tahaa

Eessumni gaarii dhalatee gidduu haa marmaaru

Arrii waliin filadhaa

Na hoofkalchaa




#Article 213: Addooyyee (345 words)


Addooyyeen, aadaa Oromoo keessatti, sirna ittiin durbi lama umurii isaanii guutuu obboleetti walii ta'uf waada itti walii galani.

Hiriyummaan uummata Oromoo biratti aadaa kabaja guddaa qabu. Aadaa hiriyummaa Oromoo keessaa tokko addooyyee yoo ta'u kunis shamarran Oromoo biratti baay'ee beekamaadha. Addooyyen aadaa ittii shamarran Oromoo jaalala dhugaa, kabajaafi maalummaa hiriyummaa ittiin agarsiisani. Addooyyeen aadaa dubri umrii fi naannoo jireenyatiin walitti dhiyaatan lama hanga waliin jiranitti wal jaalachuu fi waliin dhaabbachuuf waadaa waliigalani. Waadaan walii galan kuni kakuu hiriyummaa isaanii cimsu ta’a. Haalli kakuun kun itti raawwatus seera mataa isaa qaba. Dura jarri lamaan quba moggee wal qabatanii akkana jechuun kakatu:

Dubree A: Addooyyee Addooyyee 

Dubree B: Oo koo!

Dubree A: Yoon lammata maqaa kee dhaye maqaa koo duuti haa dhooftu.

Dubree B: Koollee duuti haadhooftu.

Kakuu kaan booda hiriyoonni lamaan addooyyee jedhanii wal waamu; maqaa isaanitiin lammata wal hin waaman. Naannoo muraasatti, hiriyoonni lamaan maqaa biraa walii moggaasuun isaan wal waamu. Fakkeenyaaf, Arsiitti kumuudee, Hanguggee, Bilillee faa walii moggaasuun wal waamu. Waadaa walii galan kana eeguuf jecha dubara moggoo taatellee maqaa ishiitiin hinwaaman. 

Addooyyee lamaan yeroo gammachuus ta’ee gaddaa waliin dhaabbatu. Yeroo boqonnaa isaanii guyyaa Dilbataa waliin dabarsu, dhimma qaban hundarratti wajjin mari’atu. Dhimmi gaa’ila raawwachuu yoo isaaniif dhiyaate, waa’ee gurbaa isa fuudhaf gaafatee iyyaafatanii irratti mari’atu. Mariin waa'ee hojii isaa, amala bayeessa qabaachuu isaa, harka qalleessa ykn sooressa ta’u isaarratti ta’uu mala. Haaluma kanaan ulaagaa kaadhimummaa guutuufi guutuu dhabuu isaa mirkaneessu. Kana malees, gammachuu warra isaaniirratti wajjin hirmaatu. Yoo warri isaanii sirna adda addaa godhatan nuffii tokko malee wal gargaaru. Haaluma kanaan gaafa rakkoos walirraa hinbaqatan.

Hunda caalaa ammoo cidha waliirraa hinhafan. Qophii cidha wliirratti hirmaatu. Addooyyeen heerumaaf qophooftu maal gochuu akka qabdu gorsu, akka ishiin haala gaariin mana horattu yaadaan gargaaru. Kana malees, waan misirroon fudhattee heerumtu dhalee fi dhangaa adda addaa qopheessanii mi’a manaa fi uffata bitaanii walii gumaachu. Bakka tokko tokkotti ammoo, heexoo dubarri heerumaaf kaatu dhugdu waliin dhugu; sirba cidhaa jala bultii waliin sirbu. Dhumarratti, gaafa heerumaa baye-bayee fi taritaarii baafachuun booyanii fira boochisu.Walumaagalatti, addooyyeen haala shamarran jireenya keessatti gaddaa fi gammachuu irratti waliin dhaabbatani jaalala waliif qaban ittiin ibsatani.




#Article 214: Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Amboo (369 words)


Barri haaraan Amajjiin1 2015 fi Guyyaan WBO bifa ho’aa ta’ee fi haala baay’ee qindoomina qabuun Oromiyaa guututti Kabajame.

Barri darbe 2014 seenaa Uummata Oromoo keessatti bara hammeenyi Wayyaanee daangaa hin qabne uummata Oromoo irratti raawwate galmee seenaa hin dagatamne galmeessisee fi dhiiga ilmaan Oromoo dhangala'eef gadda ulfaatan dabarsine haa ta'uyyu malee karaa biraa ammoo qabsoon Oromoo golee Oromiyaa cufa irraa finiinee, Oromoon warraaqsa FDG irratti wareegama baasuun warraaqsa  FDG karaa nagaan qabsiisee wareegama qaalii kanfaluun gadda sana qalbii Oromoo keessaa haqee Qabsoo Oromoo sadarkaa Idil-Addunyaatti dhageettii horachiise ta’uun ni hubatama. Waggaa haaraa 2015 kana yeroo simannu gochaa diinaa daangaa hin qabne kanatti xumura gochuu fi qabsoo Oromoo hanga bilisummaatti finiinsuun galii isaatiin ga'u dandeenyu ta'uu qaba. 
Amajjiin tokko Guyyaan WBO fi barri haaraan 2015 Godinaalee Dhihaa Oromiyaa fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Oromiyaa fi Dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo fi sabboontota uummata Oromoo hedduminaan hirmaachise kun haala baay'ee ho'aa fi dinqisiisaa akkasumas Qindoomina qabuun kabajame. Kabaja guyyaa seena qabeessa kana wanti adda godhu, uummatni Oromoo fi dargaggootni Oromoo dhaamasa gurguddaa waliif dabarsuun Muddee 31/2014 jalbultii irraa eegaluun  bifa ho’aa ta’ee fi sagantaa fi karooraa hojii qindeeffachuun tokkummaan walitti dhufuun lafa diinaan marfamee eegamaa jiru Oromiyaa fi dhaabbilee barnoota Olaanoo keessatti bifa qindoomina addaa qabuun kabajame, amma illee itti fufee kabajamaa jira.
Dhaabbilee Barnoota Olaanoo godina Oromiyaa  garaagaraa irraa haallii kabaja guyyaa WBO fi waggaa haaraa 2015 akka armaan gadii nu qaqqabee jira.

Haaluma walfakkaatuun Guutummaa Godina Lixa Shawaa aanotaa  fi manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa keessatti sabboontota ilmaan Oromoo, dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo Aanoota kanneen akka Calliyaa Geedoo, Midaa Qanyii Ballammii, Iluu Galaan Ijaajjii,  Xiqur Incinnii, Jalduu, Meettaa Roobii, Adaa’aa Bargaa, Gindabaratii fi Giinciitti haala hedduu jajjabeessa ta’een kabajatan.

Hooggansii qeerroo Bilisummaa Oromoos akkuma jalbultii Amajjii tokko bara haaraa Guyyaa WBO ilaalchisuun ibsa dabarsuun guyyaan WBO bifa adda ta’een akka kabajamuuf qajeelfama dabarseen uummatni fi dargaggootni Oromoo Qajeelfama Qeerroon dabarsee hojitti hiikuun guyyaa WBO bara kana bifa addaan kabajuu hoggansii qeerroo Bilisummaa Oromoo hedduu kan dinqisiifatuu fi  Uummatichi dhugaatti Qeerroo waliin hiriiree jiraachuu mirkaneeffachuun  Uummata isaa qabatee qabsoo Warraqsaa FDG akka Waliigalatti (National Revolution) Mootummaa wayyaanee angoo irraa fuudhe darbuu qindeessa jiraachuu beeksise!!.

   

            Injifannoon uummata oromoof!
             Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
              Barri kan Milkii Fi Injifannoo U/ Oromoo Hundaaf!!
                Qeerroo bilisummaa Oromoo!!




#Article 215: Kafaa (1991 words)


Miseensota ABO QBO Dirqama Duraa Godhatuun Qabsootti Dhaabbataan Jirtan;

Waraana Bilisummaa Oromoo Bilisummaa Oromoo Dhugoomsuuf Wareega Qaalii Baasaa Jirtu;

Dargaggoota Oromoo, Sirnaa fi Diina Farra Oromoo fi Bilisummaa Oromoo Irratti Finciluun Mirga Ummata Keessaniif Falmaa Hadhaawaa garuu Boonsaa Irratti Cichitanii Argamtan;

Ummata Oromoo, Sirna Gabrummaa Haalaan Hadhaawaa fi Umurii Dheeraa Of Irraa Darbatuuf Qabsoo Haqaa of Irratti Irkannoo Qofaan Gaggeessaa Jirtu; Akkasumas Firoottan QBO

Baga waggaa haaraa 2015 geessan. Waggaan haaraa kunis waggaa ummatni Oromoo bittaa alagaa of irraa kuffisee bilisummaa fi walabummaa biyyaa isaa qabsoo isaatiin itti gonfatu akka tahu, akkasumas diinni ummatoota cunqurfamoo irratti roorrisaa jiru itti jilbeenfachiisamee, hawwii fi fedhiin ummatootaa itti guutamu akka tahu ABOn hawwa.

Waggaa haaraa seene kana keessa maaltu raawwatamuu qaba? Fedhii fi hawwiin ummata qabsoofnuuf akkamiin guutama? gaaffiilee jedhaniif deebii gahaa fi qabatamaa kennuuf waggaa dabre keessa kan raawwatamee fi kan hanqate ilaallatuun fardii dha. Kanaaf bara 2014 keessa haala dhaabni keenya ABOn keessa ture, haala ummata keenyaa fi haala diinaa wal yaadachiisuu feesisa.

Guyyaa ummatni Oromoo gabrummaa jalatti kufee eegalee mootummootni Itophiyaa sirnoota gara garaa fi mootummaa adda addaa diriirsan irratti wal jijjiiruun kan mul’ataa ture tahullee jijjiirraan sirnaa fi mootummootaa ummata Oromoo irraan miidhaa irra caalaa dhaqabsiisuu fi mirga uumaa fi seeraan qabu dhiphisuu malee isaanii ummata Oromoo akka ummataatti ilaalanii mirgi isaa akka kabajamu yeroon fedhii itti agarsiisan hin mul’atne. Mootummootni Itophiyaa hundi akkaataa itti qabeenya ummata Oromoo saaman, ummata Oromoo hamilee cabsuun bittaa jala turfatan irratti karoorfatuun hojjatan. Kanas gochaan isaan ummata Oromoo irratti bara baraan raawwatan ifatti agarsiisa. Addatti ammoo mootummaan Wayyaanee Itophiyaa bituuf erga humnaan of labseen asitti gochaalee ummata Oromoo qofa osoo hin taane ummatoota hunda dheekamsiise, gadadeesse, diinummaa babal’isee fi ummatoota gaddisiise ifaa fi dhoksaan raawwatuun impaayera humnaan bitaa jiru kufaatii fi gadadootti oofuu irratti argama. Mootummaan Wayyaanee/IHADG gaaffii ummatootaa karaa nagaa deebisuu irra maaf gaaffii mirgaa kaaftan? jechuun ukkaamsuuf humnatti gargaaramuu filatuun ummatoota caalaatti fincilsiisaa fi mirga isaaniif akka falmataniif kakaasa jira.

Ummatni Oromoo mootummaa kan kiyya jedhuu fi dantaa isaaf dhaabbatu dhabuu irraa waggoota dheeraaf qabsoo wal irraa hin citni geggeesse. Hawwii fi fedhii ummata Oromoo kana guutuuf ABOn dirqama qabsoo Oromoo hogganuu fudhatuun qabsoo bilisummaa fi walabummaa geggeessaa jiruun injifannoolee hin tuffatamne argamsiisuu irratti milkaa’ullee kan hafatee jiru hubatuun QBO finiinsaa akka jiru hubatamaa dha. Falmaa diina irratti adeemsisaa jiru kanaanis caasaalee fi ijaarsa diinaa ummata Oromoo irratti xiyyeeffatan, lukkeelee diinaa Oromiyaa fi ummata Oromoo keessa jiraataa isa basaasuu fi saamuu keessatti qooda kennan, waraanaa fi humna baasasa diinaa ummata Oromoo mirga isaaf falmatu ajjeesuu fi hiraarsuu irratti bobba’an irratti tarkaanfiilee hedduu fudhatuun adaba malu kennaafii ture. Kana keessatti WBO’n goleelee Oromiyaa adda addaa keessatti tarkaanfii fudhataa tureen QBO’n deebii quubsaa argatu malee kan hin dhaamne tahuu mirkaneessuun caalaatti mooraa diinaa dhiphisaa fi diigaa akka jiru ifaa dha. Kun ammoo bara haaraa kana keessa hanga ummanti keenya mirga isaa harka galfatutti jabaatee kan itti fufu tahuun hin shakkisiisu.

QBOn ABOn durfamu har’a sadarkaan irra gahe amansiisaa fi kan humni kamiyyuu ukkaamsuu hin dandeenye tahuu sochii bal’aa Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru irraa ni hubatama. Sochiilee roga afran Oromiyaa keessatti finiinaa turanii fi jiran kana keessatti qoodni maadheelee ABO, dargaggootaa fi ummataa ol aanaa tahuun hin falamsiisu. Waggaa dabarsine keessa Oromiyaa keessaa bakki itti dargaggoo fi ummatni fincila itti hin adeemsisin hafe hin jiru jechuun ni danda’ama. Keessattuu manneen barnootaa sadarkaa ol aanaa irraa hanga giddu galeessaatti shira diinaa saaxiluu fi mirgi ummata Oromoo akka kabajamu gaafatuun diddaan agarsiisan kanneen haqaaf falman hunda kan boonsee fi gammachiise, mooraa saamtotaa fi cunqursitootaa raasee fi sarde ture.

Mootummaan abbaa irree fi loogummaa sanyii geggeessuun beekamu sirna isaa kufaatii irraa hambisuuf akkuma aadeeffate humnatti fayyadamuu filatuu irraa dargaggoo fi barattooota Oromoo gaaffii isaanii karaa nagaa dhiheeffatan irratti waraana bobbaasuun lubbuu ilmaan Oromoo hedduu galaafachiisee jira. Kumootaanis hidhaatti guuruu fi barnoota irraa ari’uun haaloo bahatuuf yaaleera. Haa tahu malee dhiigni ilmaan Oromoo Wayyaaneen dhangalaafame ilmaan Oromoo sabboontotaa fi muratoo kumootaan horee mooraa qabsootti akka makaman taasise malee, sodaan manatti akka dacha’an taasisuu hin dandeenye. Hin danda’us. ABOn Fincila Diddaa Gabrummaa keessatti kanneen wareegaman hunda oggaa yaadatu akeeka kufaniif bakkaan gahuuf waadaa seenuudhaani.

Waggaa dabarsine keessa mootummaan Wayyaanee mirga ummata Oromoo caalaatti dhiphisaa, lafa isaa irraa ari’uu fi bal’ifatuuf karoora “Master Plan” jedhuun eegale mormii guddaa dhalchee shirri yaade saaxilamuun ni yaadatama. Kun ammoo kanneen Oromummaaf hadoodan qofa osoo hin taane, kanneen mootummichaaf ulee tahanii ummata Oromoo dararaa jiran gidduutti iyyuu mormii dhalchee mootummaa farra ummatootaa qullaa dhaabeera. Karoora kana duubaan akeekni jiru maal akka tahe Oromoon ifa gochuu danda’uu qofa osoo hin taane, mootummootni Itophiyaa kamuu ilaalchi ummata Oromoof qaban kan diinummaa tahuu ittiin saaxiluu danda’ee jira. Ummatni keenya biyyoota alaa adda addaa keessa jiraatus aggaammii diinaa kana dura dhaabbatuun sagaleen ummata Oromoo mootummootaa fi dhaabbattoota addunyaa gara garaa birattti dhageettii akka argatu gochuuf kana sana osoo hin jenne harka wal qabatee ka’uun mormii fi balaaleffannaan agarsiise kan dinqisiifamu dha. Bara kanas caalaatti tokkummaa isaa jabeeffatuun midhaa ummata Oromoo irra gahaa jiru akka dhageessisu ABOn amana.

Bara 2014 mooraa Qabsoo Bilisummaa gabbisuuf tarkaanfii fudhatameen milkiin argames kan jajjabeessuu fi mooraa qabsoo itichuu keessatti kan gumaache dha. ABOn humnaa fi dandeettiin Oromoo bifa qindaa’aan qabsoo irra akka ooluuf sochii adeemsisaa tureen ABOn ShG fi ABOn QC kaayyoo tokko, heera tokko, sagantaa siyaasaa tokkoo fi hooggana tokko jalatti deebisuu danda’uun milkii ummata Oromoo fi firoottan qabsoo Oromoo hunda gammachiisee dha. Kana malees jaarmayoota Oromoo biroo kanneen kaayyoo bilisummaa fi walabummaatti amanan waliin mareen qabsoo irratti wal tumsuuf ykn bifa waltahiinsi irra gahameen qabsoo waliin qindeeffatuuf tattaaffiin itti fufee jira. Qabsoo irratti wal tumsuuf sirna kana dandeessisu tolfatuun humna qabsoo qisaasama irraa hambisuuf yaalii taasifamaa jiru kanas kanneen suduudaan dhimmi ilaaluu fi lammiileen Oromoo hundi deggersa isaanii akka itti fufan ABOn hiree kanaan yaadachiisa.

Sochii waraanaa fi siyaasaatti dabalee roorroo ummata keenya irra gahaa jiru mootummoota, jaarmayoota Idil Addunyaa fi Godinaalee hubachiisuu irratti sochii gama diplomaasiin godhameen tattaaffiin godhames kan jajjabeessu tahuu ABOn hubachiisuu fedha.

Sochii diplomaasii kanaan, Ajjeechaa barattoota Oromoo fi lammiilee Oromoo biraa irratti raawwatame addunyaan akka hubatu taasisuu, kana irratti qoodni ummata keenya biyyoota alaa keessa jiraatuu ol aanaa tahuu fi akka diinni barbaaduutti osoo wal hin qoodiin tokkummaan sagalee ummata isaa dhageessisuu danda’uun jabina mooraa qabsoo Oromoo keessatti mul’ate, kan fuula durattis itti fufuu qabu dha.

Lafti Oromoo seeraan alatti saamamee alagaaf qoodamaa, ummatni Oromoo ammoo hiyyummaa keessaa bahuun hin laaffannetti gatamaa akka jiru,

Lammiileen Oromoo Oromummaa isaanii fi yaada kan mootummaan alaa qabaachuu qofaan adamsamanii hidhaatti guuramaa akka jiranii fi lakkoobsa hidhamaa Impaayera Itophiyaa keessaa baay’een Oromoo tahuu,

Lammiilee Itophiyaa cunqursaa fi roorroo adda addaa jalaa bahuuf biyyoota alaatti osoo baqatanii kanneen gammoojjii keessattii dhuman, galaana osoo qaxxaamuranii dhabaman harka guddeessaan Oromoo tahuu,

Mootummaan Wayyaanee preesii walabaa ukkaamsuun tarree biyyoota maqaan dura kaafaman keessa kan jiru, dhimma amantii keessa seenuun amantoota amantii gara garaa hiraarsuun kan beekame, lafa baadiyyaa qofa osoo hin taane, lafa magaalaa saamuun ummatoota addatti ammoo ummata Oromoo lafaa fi mirga dhablee taasisee miidhaa ol aanaa fi suukaneessaa irraan gahaa akka jiru ragaalee qabatamoo waliin dhiheessuun ilaalcha mootummaa kanaaf qaban akka irra deebi’anii ilaalan gochuuf yaaliin godhame kan laafaatti ilaalamu miti.

Har’a ummatni Oromoo cunqursaa baroota dheeraa irra ture of irraa jigsuuf qabsoo isaa finiinsaa akka jiru hubatamaa dha. Fincila ummataa kana dhaamsuuf diinni qabeenya hedduu irratti dhangalaasuu irratti argama. Humna waraanaa fi tikaa ummatatti bobbaasee nagaa dhorkataa fi jeequu irratti argama. Shira diinaa kana fashalsuun QBO rarraga bilisummaan gahuufis waggaa haaraa kana jabinaa fi murannoon hojjachuun dirqama qabsaawotaa fi lammiilee hundaa tahuu ABOn hubachiisa.

Akkuma beekamu mootummaan Wayyaanee mootummaa sirnaawaa fi seerawaa of fakkeessuuf yeroo gara garaa filannoo adeemsisaa akka ture ni yaadatama. Filannoon Wayyaaneen geggeeffaman hundi ulaagaa filannoo dimokraatawaa kan hin guutne tahuu kan addunyaan hundi ragaa itti bahe dha. Filannoon waggaa kana keessa adeemsisuuf itti qophaa’aa jirus kan kanaan duraa irraa addummaa kan hin qabne, filannoo Wayyaanotni qofti keessatti dorgoman tahuu qophii itti jiran irraa hubatuutu danda’ama. Waan taheef ummatootni Itophiyaa addatti ammoo ummatni Oromoo filannoo isa hin ilaallee fi bakka bu’oota isaa ittiin filatuu hin dandeenye kana irratti yeroo isaa gubuu dhiisee qabsoo isaa diina irratti akka finiinsu ABOn waamicha gadi jabeessee dabarsaaf. Filannoo kana keessaa qooda fudhatanii Wayyaanotaa fi Lukkeelee isaanii filuun haada waggaa 23 morma ummataa hudhee jiru ofitti jabeessuun of ajjeessuu waan taheef kan darbe irraa baratamee guutummaatti lagatamuun qabsoo finiinsuun mirga ofiif qofa hiriiruu irratti akka fuulleeffatamu hubachiifna.

Mirgi keenya kan kabajamu diina of irratti filuun osoo hin taane, qabsoo gosa hundaa finiinsuun mirga keenya bortaan mulqame of harka galfatuuf qabsaa’uun qofa. Qabsoo ummatni Oromoo itti jiru kan shaffisiisuu fi galii isaa dhaqqabsiisu falmaa biyya keessaa jabeessuun tahuun hin falamsiisu. Ijaaramuu, qajeelfamaa fi bulchiinsa diinaa diduun, imammata mootummaa hojiitti hiikuu lagatuun tokkummaa ofii cimsatuun diina irratti falmaa geggeessuun alatti filmaatni biraa hin jiru. Kanaaf kanneen QBO mararfatan marti ABO, WBO fi SBO fi JARMAYAA DARGAGGOOTAA (QEERROO)f ilaalcha addaa kennuun caalaatti jabeessuu irratti bobba’uun hojjatuun dirqama ulfaataa nu eeggatuu dha.

WBOn haalota ulfaatoo fi hamoo isa mudatan hunda irra aanee kan qabsoo itti fufuu danda’e deggersa gosa hundaa ummata keenya biyya keessaa fi ala irraa argatuuni. Ummatni Oromoo ilmaan isaa cinaa dhaabbatuun waan irraa barbaadamu guutuutti dabalee qaamaan itti makamuun WBO jabeessuu irratti qoodni gumaachaa turee fi jiru yoomiyyuu kan hin dagatamne seenaa keessatti ifee mul’ataa jiraatuu dha. Wareegama hanga ammaatti baafame firii itti gochuun qadaaduuf, bara 2015 bara WBO jabeessuu dirqama duraa godhatuun qabeenya, beekumsaa fi humna namaan gabbisuuf haa hojjatnuun waamicha isa hangafa ABO waggaa haaraa kanaa ti. Keessattuu ummatni keenya biyyoota alaatti argamu kana hubatuun dirqama lammummaa isaa akka bahatu ABOn waamicha isaa dabarsa. Kanaaf 2015 bara WBO itti tinnisnu akka tahu ABOn yaadachiisa. ABOn waamicha dhiheessu kanaafis ummata irraa deebii quubsaa kan argatu tahuu abdii guutuu qaba.

Wayta ammaa kana midiyaaleen adda addaa biyyoota alaa irraa dhimma ummata Oromoo tarkaanfachiisuuf dhaamsa gara garaa dabarsaa jiran. Dhimmi ummata Oromoo caalaatti dhageettii akka horatuu fi deggersa argatu gochuuf tarkaanfiilee WBOn fudhatu dhageessisuu keessatti qooda isaanii akka gumaachan ABOn waamicha dabarsaaf.

Waggootiin bittaa Wayyaanee dabran, murni humnaan aangootti dhufe humnaan malee aangoo karaa nagaa kan gad hin dhiisne tahuu ummatoota Itophiyaa haalaan hubachiisan. Mirga ummatootaaf kan dhaabbatan, sirna dimokraasii kan diriirsan tahuu lallaba isaanii hifachiisan lallabaa oolan iyyuu, gochaan isaanii akeeka isaanii waan ibsuuf sadarkaa ummatoota akka kanaan duraatti sobuu hin dandeenye gahee jira. Kanaafis ummatootni bakkaa bakkatti diddaa isaanii agarsiisaa fi finiinsaa jiran.

ABOn tattaaffii ummatoota cunqurfamoo kana ni dinqsiifata. Kan isaaf danda’ame hundaanis kan waliin dhaabbatu tahuu mirkaneessa. Ummatni Oromoos kanneen cunqursaa irra gahu jalaa walaboomuuf qabsaawaa jiran karaa danda’ameen jajjabeessuu irratti akka hojjatu waamicha isaa dabarsaaf. Olola diinaa ummatoota walitti buusuu fi diinomsuuf osoo bakka hin laatne kan diina waloo of irraa buqqaasuun danda’amu cunqurfamootni wal tahuun akka tahe hubatuun bal’inaan akka irratti fulleeffatuun hojjatamu ABOn yaadachiisa.

Ummatni Oromoo hiraara irra gahaa jiru keessaa bahuuf abdiin isaa qabsoo bilisummaa ABOn durfamu akkaa tahe ifaa dha. Ummatni Oromoo ABO kan abdatuufis dantaa ummata Oromoof kan dhaabbate tahuu fi falmaa QBO keessatti haqa ummata Oromoo dhugoomsuu keessatti wareegama ulfaataa baasuu hubatuu irraa ti. Bara haaraa kana keessatti abdii fi hawwiin isaa guutamee walabummaa isaa akka gonfatu dandeessisuu keessatti ABOn qooda irraa eegamu gumaachuu irraa kan booda hin jenne tahuu mirkaneessaa, kana guuttatuuf harka wal qabannee tokkummaan haa kaanu jedha.

Akkuma waggaa dabre keessa oggaa saamamnu, ajjeefamnuu fi hidhaatti guuramnu callisnee hin ilaallu jechuun tarkaanfiilee adda addaa fudhataa turre, bara kanas caalaatti babal’isuu fi finiinsuun umrii bittaa alagaa haa gabaabsinu.

Ummatni, addatti dargaggoo fi barattootni gabrummaa hin dhaallu jechuun harka qullaa diina hidhataa dura dhaabbatuun wareegama baasaniin ummata Oromoo boonsanii fi abdii itti horaan qabsoo itti jiran finiinsuuf caalaatti wal ijaaranii fi gurmaa’anii akka sochii isaanii cimsan ABOn dhaamaaf. Caalaatti ijaaramanii falmaa jalqabame bakkaan gahuuf caalaatti socho’uun alatti filmaatni biraa fi daandiin biraa akka hin jirre gadi jabeessinee hubachiifna.

Mootummaa farra ummatootaa kan ummatoota walitti buusuu fi diinomsuun umrii bittaa isaa dheereffatuu barbaadu kana of irraa gatuuf cunqurfamootni hundi akka qabsoo isaanii finiinsan ABOn hubachiisa. Wal irratti osoo hin taane diina irratti ha bobbaanu. Wal tahuu fi wal dhaga’uun sochii goonuu fi wareegama baafnuun umrii bittaa cunqursaa haa gabaabsinu.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo




#Article 216: Paarkii Biyyoolessaa Gaarren Baalee (801 words)


Paarkii Biyyoolessaa Gaarren Baalee paarkii biyoollessaa Oromiyaa godina Baalee keessa jiru yoo ta'u paarkin kun bidoollee dachee addunyaarra jiru kamiyyuu caalaa bineensota baayyinaan achi jiraatan qabaachuun beekkama. Paarkin kun bara 2009 Tarree Ambaa Addunyaa kan Yeroo keessatti galmaa'eera. Paarkin Baalee ballina tilmaamaan 2,150 km2 ta'u qaba. Paarkin kun bidoollee adda ta'an shanitti qooddama: lafa margaa kaabaa (Sulula Geeysee), lafa mukkeenii kaabaa (bakka itti biiron paarkicha too'atu argamu), lafa margaa Afiroo-alpaayin (pilaatoo Saannatee), Erica Moorlands, fi bosona Harannaa ti. Paarkin kun iddoo jeedalli fardaa (Canis simensis) fi gadamsa gaarrenii (Tragelaphus buxtoni) lakkoofsaan iddoo kamiyyuu caalaa baayyee ta'an jiraatan ta'uun beekkama. Akkasumas bineensonni iddoo sana qofa jiraachun beekkaman kan akka qamalee Baalee (Chlorocebus djamdjamensis) fi tuqaa guddaan (Tachyoryctes macrocephalus) achi keessa jiraatu. Kan balaa keessa jirtu yayyiin (Lycaon pictus) yeroo tokko paarkii kana keessa jiraacha kan turte yoo ta'u (hooman jeedala kanaa 1990n keessa achitti mul'ataniiru) ammaa garuu, sababa baayyinni ummataa naannoo sanatti dhiibbaa isaanirratti uummef, badaniiru.  

Paarkii Biyyoolessaa Gaarren Baalee kibba Itoophiyaa, Finfinneerraa 400km gara kibba-bahaa fagaatee, Shaashamanneerraa ammoo 150km gara bahaatti fagaatee mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti argama. Paarkin kun qaama gaarren Arsii-Baalee ti, kunis lafa olka'aa kibba-bahaatti kutaa dhihaa uuma. Paarkin kun aanaalee shan keessa jira: Adaabbaa (dhiha), Dinshoo (kaaba), Gobba (kaaba-bahaa), Dalloo-Mannaa-Angeetuu fi Harannaa-Bulluq (kibba-bahaa). Guutummaan paarkii kanaa koordineetii 6º29' – 7º10'N fi 39º28' – 39º57'E jidduutti argama.

Tempireecharii PBGB bayyee garaagara: pilaatorratti, oo'i guyyaa yeroo baayyee naannoo 10 °C (50 °F) fi buubbee jabaa kana qabudha; Sulula Geeysee keessatti, oo'i guyyaa naannoo 20 °C (68 °F) ti, Bosona Harannaa keessatti ammoo 25 °C (77 °F) ta'a. Haa ta'u malee, qilleensi naannoo baayyee jijjiirrama, yeroo tokkoo tokko battalumatti jijjiirrama. Lafa olka'iinsa 3,000m ol qabutti, qilleensi diilallaa'an alkanii baayyee baramaadha. Bokkaan naannoo kanatti kan roobu ji'a Caamsatii hanga Sadaasaatti.

Bidoollen PBGB lafa margaa naannoo 3,000m kaasee hanga tulluu dheerinaan Itoophiyaa kessatti lammaffaa ta'e: Tulluu Diimtuutti kan 4,377m dheeratuutti jira. Mukkeen gaattiraa fi St. John’s Wort, margaa fi ilillii hanga mudhii namaa ol dheeratu Lafa Margaa fi Mukaa Kaabaa keessatti biqila. Erica Moorland keessatti miciree addunyaa maratti baramaa ta'e Baale keessatti baayyee guddate argama. Lafa margaa fi miciree Afro-alpaayin kan ta'e Pilaatoon Saannatee ardii Afrikaa keessatti lafa isaaf mijatu walittifufaa isa dheera ta'a. Dhagaa aarriidhan uwwifamee fi jibbirraa (Lobelia rynchopatelum) kan amma meetira 12 ol dheeratun kan guuttame pilaaton kun, haroo fi laggeen qaba, kunis tajaajila sirna ikkoo akkasumas simbirroota naannoo Saannateef iddoo bona iiti dabarsan ykn yeroo godaansa itti boqotan ta'ee tajaajila. Bosonni Harannaa walakkaa paarkii kanaa ta'a, mukkeen gurguddaa kan aarrii mukaa fi moss ofirraa qabaniin kan guutame yoo ta'u bishaan damee mukkeenirraa cobu qaba. Naannon kun yeroo baayyee hurriin kan marfame yoo ta'u, bineeldota bosonaa arguun baayyee ulfaataadha. 

Paarkin Baalee paarkii bineensota achi qofa jiraatan baayyee kan qabu yoo ta'u bineensota Itoophiyaa keessa qofa jiraatan garuu balaa keessa warra jiran baayyedhaaf iddoo murteessadha. PBGB hoosiftoota Itoophiyaa keessa qofa jiraatan 20 fi hoosiftoota Gaarren Baalee keessa qofa jiraatan shaniif iddoo jireenyaati. Hoosiftoonni PBGB keessaa faayidaa guddaa qaban jeedala fardaa (anis simensis), gadamsa gaarrenii (Tragelaphus buxtoni), tuqaa mataa guddaa fi qamalee Baaleeti. Naannon Afroo-alpaayinii, iddoo jeedalli fardaa addunyaan kun qabdu keessaa walakkaan jiraatanidha, jeedalli fardaa addunyaarraa kaaniidii baayyinaan xiqqoo yoo ta'u yeroo ammaa 400 kan ta'an qofatu addunyaarra jira. Bosonni gaattiraa fi heexoo kan gara kaabaatti argamu akkasuma iddoo jireenyaa bineensa balaa jala jiru kan biraa kan ta'e kan gadamsa gaarrenii ti. Gadamsi PBGB keessa jiraatu, baayyina addunyaan kun qabdu keessaa harka lama-sadaffaa ta'a. Dabalataanis, tuqaan mataa guddaa addunyaan kun qabdu martii fi qamaleen Baalee addunyaan kun qabdu baayyeen paarkicha keessa jiraatu. Kana malees, amfibiyaanota Itoophiyaa keessa qofa jiraatan 12 fi reptaayiloota Itoophiyaa keessa qofa jiraatan afur PBGB keessa jiraatu.    

Jeedalli fardaa tullu-gubbaa lafa ol ka'aa Itoophiyaa ja'a irratti murta'anii jiru. Walumaagalatti baayyinni jeedala fardaa 400 ta'a, kanaafis sorattoota foonii Afrikaa balaa keessa jiran keessa kan jalqabaati, akkasumas addunyaarraa kaaniidii balaa keessa jiranidha. Sababa kanaaf, seeraan waan jireenya isaanii balaa keessa galchu kamirraayyuu ni eeggamu. Miidhama bidoollee sababa baballina lafa qonnaa fi horii horsiisuutin kan ka'e dhufe balaa isa hamaadha fi guddaadha, garuu dhibeen adda addaa (dhibee saree maraatuu fi canine distemper) kan saree manaarraa jeedala fardaatti darbu balaa ariifachiisaadha, yeroo as dhihootti Garreen Baalerratti ka'uudhaan jeedaloota fardaa baayyee ajjeesee baayyina isaanii ittuu gadi xiqqeesse. 

Dabalataan, paarkin kun sanyii Itoophiyaa keessa qofa jiran keessa dhibbantaa 26% qabata, kunis qaroo tokko, hilleentii tokko, bineensa horii fakkaatu tokko (bovid), sanyii ilkaan rigoo saddeetii fi tuqaa guddaa kan addunyaa kun qabdu marti achitti argamu. Akkasumas, amfibiyaanota hedduu kan achi qofa jiraataniifi baayyee hinargamnes jiru, reptaayiloonni lama kan Baale keessatti qofa argaman nijiru.  

Hoosiftoota 47n kan PBGB keessa jiraatan keessa harki tokko-sadaffaan ilkaan rigoo dha. Maatin ilkaan rigoo, keessattuu pilaatoo Afiroo-alpaayin keessatti, sanyii murteessaa PBGBti. Isaan nyaata jeedala fardaati, akkasumas margaa dheedduu naannoo Afroo-alpaayini, bakka itti adeemsi kiraayotarbeeshin (cryoturbation) raawwatamu, ti.

Hoosiftoonni PBGB keessa jiran kan biraan bosonuu achi qofa jiraatu, borofa, klipspringer, grey duiker, karkarroo, jeedala magaala, waraabessa burree, deeroo, weennii, leenca, qeerransaa fi yayyiidha. 




#Article 217: Kallacha (297 words)


Kallachi meeshaa aadaa Oromoo kan addarratti godhatamu yoo ta'u kallacha kan godhatu warra dhiiraati. Kallachi meeshaa nageenya fi araaraati, kanaafis meeshaalee aadaa kamiyyuu caalaa kabaja guddaa qaba. Yeroo baayyee, namni kallacha godhatu, bokkuu kan mallattoo abbaa aangumma agarsiisus qabatee deema.  

Kallachi kan godhatamu addarratti yoo ta'u kan godhatus namoota umuriidhan bilchaatee fi angafa gosaa ta'edha. Kallachi kan godhatamu faayummaaf odoo hin taane sirna aadaa Oromoo keessatti hiikaa mataasaa waan qabuufi. Kunis nageenyaa fi araara buusuuf tajaajila. 

Oromoon kallacha Waaqatu kenne jedhee amana. Waaqayyo kanas kan godhu bakakkaatti fayyadamuudhaan kallacha Oromoof buusa. Waaqni kallacha kan Oromoof kenneef meeshaalee kanatti fayyadamuun Oromoon nagaa fi seera eegee akka jiraatu gochuufi. Akka manguddoonni jedhanitti, kallachi sibiilarraa hojjatama, sibiilli kunis biyyoo bakka bakakkaan itti bu'erraa fudhame irraa argama. Sababa kanaaf, Oromoon kallachaaf kabaja guddaa kennaafi. Namni kallacha keewwatee deemu 'Abbaa Kallachaa' jedhama, namni bokkuu qabatu ammoo 'Abbaa Bokkuu' jedhama.

Bara durii, kallacha akaakuu lamatu jira ture: kallacha kormaa fi kallacha laafaa. Kallachi kormaan meeshaa ittiin nama abaaran yoo ta'u sababa kanaaf baayyee sodaatama. Kallachi kormaan kan tajaajilu nagaa buusuu fi ayyaaneffata amantii fi hawaasummaa raawwachuufi. Karaa biraa, kallachi laafaan akka mallattoo kabajaa fi qajeelummaatti kan tajaajilu yoo ta'u abbaan Gadaatu godhata. 

Kallachii fi caaccun araara buusuu keessatti ga'ee guddaa qabu. Jaarsolii fi beerren kallachaa fi caaccuu qabatanii araara dubbatu. Meeshaalen kun namni firri jalaa du'e gadda isaanii dagatanii gara araaraatti akka dhufan godha jedhame amanama. Yeroo mariin araaraa godhamu, namoonni kallachaa fi caaccuu yoo argan nagaa akka bu'u sirritti itti amanu. Kunis, abaarsi warra araara diderraa ga'uu fi eebbi warra araara jaarsolii fudhataniif kennamu namooni akka sodaatan gochuun araara akka fudhatan godha.  

Araarri kallachaa fi caaccun dhufe cimaa ta'a. Ummata Oromoo keessatti, Abbaan Kallachaa fi Haati Caaccuu hawaasa keessa filatamanii meeshaalee kana qabaatu, meeshaalee kanaanis hojii hawaasumma fi siyaasaa akkasumas amantii raawwachiisu.




#Article 218: Qubee Laatinii (217 words)


Qubee Laatinii kan durii, Qubee Roomaaniis jedhamee kan beekkamu, sirna barreeffamaa kan qubee Giriikirraa dhufedha. Qubeen Giriikii, Giriik duriiyyuu dabalatee, abijaadii Foneeshiyaa irraa dhufe. Itirooskanonni Room jalqabaa bulchanh, qubee Giriik fudhachuudhan fooyyessanii hojiirra oolchan. Qubeen Itirooskan ammoo dabree isaatin, Roomanota duriitin fooyya'ee Afaan Laatinii ittiin barreesuf hojiirra oole. 

Bara giddu-galeessaa keessa, barreessitoonni afaanota Roomaansii, kan qajeelton Laatiniirra dhufan, barreessuufii akkasumas afaanota akka Seltiikii, Jarmaniikii, Booltikii fi Islaavikii barreessuf qubee Laatinii fudhatan. Bara koloniyaalizimii fi wangeela Kiristaanaa baballisuu keessa, qubeen Laatinii Yuurooppin alatti tatamsa'ee afaan dhalatoota Ameerikaa, Austireeliyaa, Oostirooneeshiyaa, Oostiroo'eehiyaatiik fi afaanota Afrikaa barreessuf ooluu jalqabe. Yeroo as dhiyootti, qorattoonni afaanii yeroo barreessan ykn afaan Yuurooppi kan hin taanef yeroo seera barreeffamaa waaltessan, kan akka qubee wabii Afrikaa, qubee Laatinii ykn IPA (kan ofumaafuu irraa guddaa qubee Laatiniirraa dhufe) filatu. 

Jechi alfabeetii Laatinii jedhu yookan alfabeetii afaan Laatinii barreesuf oole (akka barruu kana keessatti ibsametti), yookan ammoo alfaabeetii kan biraa kan qubee Laatinii irraa dhufan ibsuu danda'a. Alfabeetota Laatiniirraa dhufan keessatti, kan akka alfabeetii Ingiliffaa dabalatee, qubeewwan Laatinii tuuta qubee hunda isaanii keessa jirudha. Alfabeetonni Laatinii kan akkasii kun qubee gatuu, akka alfabeetii Rotokasitti, ykn qubee haaraa dabaluu, akka alfabeetii Daanishii fi Noorweyitti, danda'u. Bocni qubeewwanii jaarraa baayyee keessaa jijjiiramaa dhufe, kunis qubee xixiqqaa kan Laatinii durii keessa hin jirre Laatinii Giddu-galeessatif uumuu dabalatee jijjiirama Laatiniin keessa darbedha. 




#Article 219: Ancootee (136 words)


Ancooteen (coccinia abyssinica) biqiltuu hiddaa yoo ta'u kan facaafamuufis hundeensaa akka nyaatatti waan tajaajiluufi. Ancootee karaa lamaan marguu danda'a: ijasaa yoo facaasanii fi hundeesaa yoo dhaabani. Ancooten biqiltuu waggaa yoo ta'u erga ija godhatee booda nigoga. Hundeensaa garuu lafa keessa turuun hanga roobni dhufutti eeggata, jiidha gaafa argates deebi'ee marga.

Ancooten niwuutirentii adda addaa of keessaa qaba. Kana keessaa pirootinii, kaarboohidireetii, faatiin warra gurguddaa dha. 

Ancooten albuudota akka ayirenii, kaalsiyemii, magniziyeemii, ziinkii fi fosfarasii of keessaa qaba. 

Ancooten baayyinaan kan oomishamu godinaalee Wallaggaa keessatti. Ancooten baayyinaan kan facaafamu naannoo lafa ol ka'iinsisaa meetira 1300 - 2800 qabutti. Roobni ancootef mijatu 762-1016mm. Akka gabaasni Ministeera Qonnaa ibsutti, yeroo ammaa, ancooten lafa heektaara 6,526 ta'urratti kan oomishamu yoo ta'u qonnaan bultoota 45,232 ta'utu oomisha. Ancooten heektaara tokkorraa kuntaala 150-180 oomishama, kunimmoo oomisha moosee fi mixaaxisa wajjin wal gita. 




#Article 220: Mahaammad Hasan (233 words)


Pirofeesar Mahaammad Hasan barsiisaa barnoota sadarkaa olaanaa fi hayyuu seenaati. Pirofeesar Mahaammad seenaa Oromoo irratti qorannoo gochuun kitaabotaa fi barruulee qorannoo adda addaa baayyee maxxansiise.  

Pirofeesar Mahaammad Harargee, Gaara Mul'ataatti dhalate. Iddoon magaalaa Hararirraa 150km fagaatee argama. Akkuma ijoollee badiyaa kamuu, pirofeesar Mahaammad yeroo ijoollummaa loon tiksaa maatiisaa gargaara ture. Boodarra, gara magaalaa Hararitti galuun barnoota idilee jalqabe. Erga barnoota sadarkaa tokkoffaa Hararitti xumuree booda, leenjii barsiisotaa fudhachuudhaan eebbifamee barsiisuu eegale. Erga amma tokko barsiisee booda, barnoota sadarkaa olaanaa itti fufuuf Yuunivarsiitii Finfinnee gale. Yuunivarsiitii Finfinneettis, jalqabaa seera barachuuf yaadaa kan ture yoo ta'u boodarra garuu seenaa barachuuf murteessee seenaa barate. Barnoota seenaa xumuree erga digirii fudhatee booda, Koollejjii Leenjii Barsiisotaa Jimmaatti barsiisaa ta'ee hojjate. Waggaa akkuma barsiiseen, mootummaan Dargiin duula ergaa waan tureef gara duulaa deeme. 

Bara 1977tti, biyya Ingilaanditti digirii lammaffaa barachuuf kan deemee yoo ta'u barnoota maastersiis achumatti xumure. Biyya Ingilaandi erga waggaa saddeet jiraatee booda baqattoota Oromoo wajjin hojjachuuf gara Sudaan deeme. Sudaan keessas ji'a kudhan turee gara Ingilaanditti deebi'e, itti aanse gara Ameerikaa deemudhaan achi qubate. Bara 1985 nama biyyatti beeku fuudhudhaan haadha manaa godhate. Pirofeesar Mohaammad ijoollee dhiiraa lama qaba.   

Pirofeesar Mahaammad, Ameerikaa keessatti yuunivarsiitii addaa addaa keessatti barsiisaa ture. Jalqaba Atilaantaa Yuunivarsiitii, Moorhaawus koolleejjii keessatti waggaa sadi'iif barsiisaa ture. Itti aansuun Niwuu Yoorki kan jiru Haanter Koolleejjii keessattis akkasuma waggaa sadi'i barsiise. Bara 1992 eegalee hanga ammaatti, Atilaantaa kan jiru Ji'oorjiyaa Isteet Yuunivarsiitii keessatti barsiisaa jira.  




#Article 221: Waaqoo Guutuu (1626 words)


Jeneraal Waaqoo Guutuun (1920 - Gurraandhala 3, 2006) geggeessaa Fincila Baalee fi qabsaawaa mirga ummata Oromooti. Jeneraal Waaqon umurii isaa guutuu mirga ummata Oromoo kabachiisuf qabsaa'un dabarse.

Gootichi Oromoo Jeneraal Waaqoo Guutuu abbaasaa Guutuu Usuu Cammarrii fi haadhasaa Dhuulloo Alii Hasanirraa bara 1924 aanaa Madda Walaabuu lafa Oda jedhamutti dhalate. Abbaansaa Guutuun ilma dhiiraa kudhanii fi durba sagal walumaagalatti ijoollee kudha-sagal qaba ture. Isaan keessaa Jeneraal Waaqo ammoo dubartoota torbarraa ijoollee afurtamii-sagal kan hore yoo ta’au , kaniin keessaa kudha-shan lubbuun hin jiran. Yeroo ammaa (2015tti) dubartoota kudha-ja'a fi dhiirota kudha-saddeetii walumaagalatti ijoollee soddomii-afur qaba.

Jeneraal Waaqo ijoolummaa isaatirraa jalqabee xiiqii fi jibbinsa diinaa qaba; faandhooftuu diddaa gabrummaas ture. Bara 1938, fuudhee mana osoo hin bayin, osoo abbaansaa hinbeekin horii abbaasaa gurguree qawwee ittiin bitate. Sammuunsaa roorroo gabrumaa fudhataa waan hinta’iniif ijoollee hiriyootasaa gurmmeessuun akkasumas gorsuun poolisii mootummaa tumaa turan.

Jeneraal Waaqon bara 1943 Muhaammad Gadaa Qaalluu fakkeenna godhachuun diddaa gabrummaatti seene. Bara 1952 akka nama hiyyeessa tokkoo ta’anii uffata poolisii nama dhaloota gosa Raayituu Alii Jiloo kan maqaan kiristaana Shaalaqaa Isayaas jedhanii mogaafatan kadhate. Erga inni uffata kana kenneefii booda isuma uffachuun magaalaa seeneei kitilaayyota Nafxanyaa sodaachisaa ture. Iccitiidhan gartuuleen diinaarrati tarkaanfii ciccimaa fudhataa turan. Haaluma kanaan, bara 1958 poolisii lama ajjeesan. Baruma kana keessa poolisoota erga ajjeesaniin booda, Waaqon akkuma tasaa magaalaa Nageelleetti shaalaqaa sanaan walargan. Yoo kana “Eessatti baddee, Waaqoo!!!“ jedhee gaafate. Yoo tana malli dafee dhufeefii ”Looniin godaanee gammoojjii ture, damma adii ati jaalattu kan nagaafate san siif arge, horii ittiin bitu dhabee fidi” jedheen. Shaalaqaan baayyee gamaddee qarshii 200 itti kenne. Qarshii kanaanis rasaasa zinnaara dachaa lamaa ittiin guutatee. Ammas baatii tokkoon booda Nageellematti walitti dhufani. Nagayyumalee utuu hin gaafatin “maali si barbaadaa mitii, damma kee bitee lafa jiraa, horii karaa waan kafalu ittiin feesisuun dhabee“ jedheenii qarshii 20 ammallee irraafudhate tooftaa kana fakaatu hedduun gargaaramanii diina hifachiisaa turan.

Bara 1962 dhiibaan, gidiraafi ajjeechaan mootummaa Nafxanyaa Hayila Sillaasee ummata isaanii irratti hammataa dhufnaan ijoollee gana kudhanii gadii imaa Helgool Waaqoo. Abdallaa guutuu , Alii Jiloo, Yisaaq Suudee Goobana, Muhaamad Butaa Aagaatii, Alii Buttaa Aagaa kkf dhibboota ajjeefaman keessaa haga tokko yoo ta’an, tarkaanfii Mootummaa Abashaa kana hifachuun ummanni bulchitoota naannooo kana mootummaatti hiyyate. Yeroo kana dubbiin kun mooticha bira ga'e. Finfinnee irraa Koloneel Taaaddasaa Tagan namni jedhamuu fi ajajaa waraanaa kutaa bulchiinsa Sidaamoo yeroo sanii koloneel Zawudee Xilahun gadi dhufanii uummata Oromoo naanoo Nageellee Booranaa jiru mooraa waraantitti walitti qabuun rakkoon keessan maali jedhee yoo gaafatu ummanni rakkoon teena isini biyya teena irrati dhuftanii nu ajjeessaa jirtan, dubartii fi daa’imman teena irra deemitanii fixaa jirtan, qabeena keena saamtanii kaan barbadeesaa jirtan, namoon isin of jalati qabattanii nuun ajjeeftaniif nuun saamtan maaliin nuun adda jiran? Nuuf isaan obboleeyaanii maaliif adda nu baaftan? kana hundaa isintuu nutti fidee lafa keenyarraa nuu ka’aa” jedhaniin. Nafxanyoonni lafa kana gadi lakkiftanii deemuu qabdu, yoo diddan ajjeechaa, saamichii fi qabeenya barbadeessun itti fufa jedhaniin. Ummanni wacee lakki jennaan loltuu waraanaa itti waamani.

Waaqoo Guutuu Kadiir Wariyootii fi Huseen Harcummaa futdhatee, Abdullaahii Usmaan, Muussaa Sheekaa, fi Abdurrahmaan Haroo dhaamsa waliin biyyatti ol deebisee gara biyya Sumaalee socho’e. “Ummata keenyaan wal ta’aa, Amaara ofirraa ittisaa, hafuura keenyallee nuhordofaa!” jedhanii Eela Baalantichaatti addaan bobba’uun, bakka bu’oota woraana gosoota: Ajjuurana, Karallee, Gurraa, Garri’ii fi wkf wajjiin walqabatanii Bulahawoon Sommaalee seenan. Warri dhaamsaan biyyatti ol-deebi’ellee, Gannaale Arba-Gabbaa bakka jedhamutti ummata walga’e kan maanguddoonni akka Waaqoo Luugoo, Camarrii Guutuu, Aadam Jiloo, Muussaa Dooyaa, Ibraahim Qurii tii fi kkf keessatti argaman qunnamuun dhaamsa isaanii dabarfatan.

Murni gama biyya ollaa deeme, qondaalota Somaalee Bulahawoo irratti qunnamu’uun yaada isaanii erga hubachiisaniin booda, xiyyaaraan Moqaadishoo geessuun, ajajaa poolisii Motummaa Somaaliyaa Koloneel Umar Muhaammad H/Masallaa simatee qubachiisuun dhimma isaan deemaniin erga irraa hubateen booda, gara Jeneraal Daawud Abdullee, Ministeera Ittisa Biyyaatti geesse. Jeneraalchillee qormaata fetdhu irratti dhuunfaa fi gamtaan adeemsisee, haala ummata kanniinii erga hubateen booda, Waaqoo Guutu’uu addatti waamee ”Mootummaan Habashaa: Mootummaa dullatti bara dheeraa bulchiinsa irra turtee, isin dhiisii nutuu Mootummaan Somaalee humna isaaniin nu lolchiisuu dandeettu ga'aa hinqabnuu, waraanni mootummaa Itoophiyaa guddaa akka ta’e isinuu himaa jirtanii waan humna keessaniitii olii kanaan loluuf yaaduu dhiisaa, waan sibarbaachisaa hundaa siif godhaa, asuma quphadhuu taa’ii, taa’ii yeroo itti eggadhuu” jedheen.

Waaqoo Guutuu, mootummaasn Itoophiyaa waraana guddaa qaba jechuunkee dhugadha, garuu nuti gurmuu guddina isaa dadhabnee usuu hin taane, meeshaa woraanaa keessattu rasaasa dhabuu keenyaaf malee, yoo meeshaa waraanaa arganne, rabbiin gargarsifatnee akka ofirraa kaasuu dandeenyu ummata kiyya irraa abdii qabaa, rakkoo jiruu dadhabee biyyaa hinbaanee, laaftee jabaatteellee manuma oo’aa keessaa ba'e, amma diina maangudoo, dubartii fi daa’imman keenya bakka hundatti fixaa jiru fi qabeenya keenya saamuu fi barbadeessaa jiru kana hanga dhoofnee of keessaa baafnutti jireenyi ani mataa mataa kiyyaan argadhee ittiin jiraadhu tokkollee naaf hinjiru, mootumma Habashaa ‘Guddoodha hindandeessan” jettu tana akka dandeenyu sitti agarsiifnaa, yoo qawwee guddoollee naaf dhabde, rasaasuma Albeenii fi Minishirii naaf kenni,” Ammallee isin obboleewwan keenna tokkoo, rabbiin isin gargaaree, rakko gabrumma’aa hamtuu san jalaa isin baasee, namni miila lamaan dhoqqee seene miila tokko dhiqatee tokko hindhiisuu, nuti miila keessan tokko kan dhoqqee keessatti hafee, dhoqqee gabrummaa Nafxanyaa kana keessaa waan dandeessaniin nu gargaaraa, nubaasaa” jedheen. Jeneraal Daawudillee yaada isaa kana xiinxaluun hubatee “Wanti ati nuun jette dhugumaa! Ammoo nutillee marga qacalee reef ba’aa jiru, nibeektuu, wanti guddoon isin gargaarru jiraachuu dhabaatus, waan humna keennaa isinii goona, mee hangasiif gama Bulahawootti ol-deebi’aatii na eegaa. jedhee gara koloneel Umar deebise.

Guyyaa gabaabaa keessatti koloneel Umar jara kaawwan Bulaahawootti gaggeesse. Waaqoo fi Kadiiriin Moqadishootti hambise. Isaan ammoo, afaan Sumaalee faaratti beeekuu dhabuu irraa kan ka’e, hafuu isaanii kanatti, “Maali’iif nu hambisan?” jetdhanii yaaddayan. Hedduu rifatan, gaddan. Tanuma keessa Jeneraal Daawud guyyaa lammataa Helekoopterii ofiitin Waaqoo fi Kadiiriin gara Bulaahawootti fudhate. Amma Jeneraal Daawud hooganoota gosoota waraanaa hunda waliin jiran walitti qabee, Jeneraal Waaqoon hooganaa isaanii godhee muude. Qawwee Dhoombir afurtama, matirayyeesii Toomaas lama fi Boombii sadi'i kenneefii “yoo isin silaafuu waraana Amaaraa hindandeettanii, mallayyoo poolisaa ykn hiituma mudhi’iillee boojitanii naaf fiddan fuula dura waan kanaa olii akka isin gargaaruu fi bifaa fi baay’inni qawwe’eellee kanaa ol akka ta’u waadaa siif gala,” jetdhee gaggeessa. Amma Waaqo nama sadi'ii, qawwee afurtamii-lamaa fi boombii sadi'iin fe’atanii galuuf gaala barbaadachutti jiran, Camarrii Guutuu woraana nama afurtama qabatee dib-jedheef. Gammachuu guddaan qawwee walii hiratanii, itti gaafatamtoota waraana kaanii wajjiin taa’anii mari’atan. Sochii isaaniifillee maqaa baafatan. “HIZBII” ofiin jedhan. Namuu gama biyya isaatti socho'e, waraanni Waaqoollee gara Oromiyaa-Baaletti qajeele.

Humni Waaqoo Guutuu Oromiyaa seene, maqaa isaa kama qawwee isaa baafate, “dhoombir“ ofiin jedhe. Bara 1963 malkaa Annaatti seensa ji’a Caamsaa irratti waraana Amaara kan isaan gaadaa jiru, lakkoofsan dhibba ja'a ta’u, shaalaqaa Buzunaan durfamuun waliin walsiman. Lola ganama saa’aa 10:00 irraa jalqabee saafaya booda 2:30tti adeemsifameen, humna diinaa irraa namni afurtamii sadi'i yoo ajjeefamu dhibbaa ol kan ta'ummoo madaa'e. Yeroo duraatiif qawween Oromoo akka Amaara ajjeeftu hojiin mul’dhatee, deeraa fi ijoolleen daaw’atte. Guyyaa kana qawwee M1 ykn Furgoo saddeet, kan akaakuun isaa hinbeekamin kudha sadi'i booji’an. Shaalaqaa Buzunaan dursa waraana ofii baqatee Bidiretti gale. Gootota Diddaa-Gabrummaatiif bayan keessaa lola kana irratti gootonni lama wareeggaman. 

Falmiin bifa kanaan jalqabee bal’dhinaan itti fufee kutaa Baalee walakkaa ol akkasumas Sidaamoo koonyaa muraasa gabrummaa Habashaa jalaa bilisoomsee waggaa saddeetif bulcha’aa ture. Haaloo baafannaan Hayila Sillaasee birmachuu meeshaa fi beektota faranjiitin gargaaramee gara-jabinaan hamma bara 1969 ummata Oromoo beeraa fi ijoollee dhibba sadii'ii fi kudha shan qilee keessatti fixuun diniina ummatatti kenne. Kunis “Waaqoon fidaa, yookan ammoo ummata harka boojuu jiru keessaa dhiira umurii kudha shanii olii jiran fixuu” jedhee maanguddoota waamuun itti hima. Dhiibba kana irraa kan ka’e anaaf jecha lubbuun ummata kiyyaa hindhabaminii.” jedhe Onkololeessa 1970 motummaatti harka kennatan.
Haaluma kanaan, gootichi Waaqo qoratamanii mooticha waliinillee dubbatan. Badii biyyaa irratti raawwatameef balleessan gutumaa-guututti kan mootummaa ta’uun itti walii galamee, ammaa booda biyya waliin bulchina jedhan. Aanga’oo fi bulchaalee mirkaneessanii fii Jeneraal Waaqollee biyyatti deebi’an. Haga dhuma 1975 biyyuma keessa turanii 1976 humna Waraana Soowraa ykn Jaanaddee ijaaramee ol bobba’e Magaalaa Bidiree keessaa ba'uun isaaniitti makaman. 1976-1983, itti-gaafatama adda-addaa irratti humna Soowraa hoogganaa turan: ajajaa woraanaa ta’uun, itti gaafatamaa dantaa haajaa alaa ta’uun, itti aanumma’aan gaggeessa’aa turan.

Akeekni Jeneraal Waaqoo bilisummaa uummata Oromooti. Kunis kan mirkanaa’u tokkummaan uummata Oromoo yoo eegame jechuun Dhaaba Adda Tokkummaa Bilisummaa Ummata Oromoo (ATBUO) bara 1989 hundeessun dura bu’ummaan hooganaa turan. Bara 1991 Motummaan Dargii jige,”rakkinna Ummata Oromoo karaa nagayaatiin haafuramuu” jechuudhaan Mootummaa Ce’umsaatti dhaabbilee dabalaman keessaa jaarmayaan Waaqoo Guutuu isa tokkoo ture. Diinni qoosaa hinbeekuu, murtii nagayaa diignaan isaanis bara 1992 chaartera keessaa bahanii qabsootti deebi’an. Bara 2000 tti humnoota Oromoo qindeessuun /ULFO/ dura taa’ummaan gaggeessanii jiru. Waldhabbii jaarmayaalee Oromoo gidduu jirus furuuf qooda guddaa kennanii turan. Dhaamsa ummataa dura taa’ummaan gaggeessanii jiru. Waldhabbii jaarmayaalee Oromoo jidduu jirus furuuf qoodda goddaa kennanii jiran. Dhaamsa Ummataa ergan keessaas “Yaa ummata keenya gaafa beekaan hinheddumaatin waljala yaanee, diina keenna ofirraa dhoofne. Har'a ammoo beekaan heddummaatee, waldhagayuun dhabamtee, ummata keenyaallee waa godhuu hanqanne. Har'a tokko ta’aa jirra, dhaabbilee Oromoo ja'an walii galtee uumaa jirra, Ummatni keenya waan guddaan gadii baanaan nu eegaa jiraa—mee gaara dorrobe nu hingotdhinaa. Bara durii gaarri dorrobee maal dhala jedhanii odoo eeganii lilmoo dhale, gaara dorrobee lilmmoo dhale nuhingotdhinaa,” jedhanii ummata isaaniitti dhaamatanii turan.

Loltoonni Waaqoo Guutuu lenjii fi meeshaa ga'aa qabaachuu baataniyyuu gootummaan waan lolaniif injifannoo battalumatti galmeessuu jalqaban. Injifannoo guddaa argatan keessaa tokko Waraana Malkaa Annaatti bara 1963 godhame. Waraana kanarratti, helekoopterii lama qawwee dhombiir kan otomaatikii hintaanen rukutanii kuffisan. Kanaafis barri 1963-1970 jiru ummata biratti maqaa qawwee sanaatti moggaafamee Towra/Sowra Dhombiir jedhamuun beekkama. Waraana Dhombiir kan Malkaa Annaatti godhamerratti finciltoonni Oromoo meeshaalee waraanaa baayyee booji'an, kunis meeshaa ittiin diina ofirraa ittisan jabeesseefi. Finciltoonni waraana kanarratti gootummaa guddaadhan ijoollee, haadha manaa fi loonsaaniirraa diina ittisuuf ciniinnatanii lolani, kanaafis injifatani.  

Jeneraal Waaqo dhukkubsatanii gaafa Gurraandhala 3, 2006 lubbuunsaa dabarte. Dr Gammachuu Magarsaa awwaala Jeneraal Waaqoo irratti akka dubbatetti Waaqoon odoo lubbuun jiruu dhiisii gaafa du'ellee ummata gara garaa walitti fida jedhe. Dhaloonni isarraa dhaalu ummata Oromoo tokko akka godhan amanna. Jeneraal Waaqon, qabsoo bilisummaa uummanni Oromoo godhe fi godhaa jiru keessatti gumaacha guddaa godheen yaaddatamaa jiraata. 




#Article 222: Abiishee Garbaa (645 words)


Abishee Garbaa abbaa duulaa (mootii jechuunis ni danda'ama) ummata Oromoo naannoo Horroo jiraachaa turee yoo ta'u goota beekkamaadha. Abbaan Abiishee Garbaa Hurruubaa yoo ta'u haatisaa ammoo Dagattee jedhamti. Aadde Dagatte daldaltuu beekkamtuu yoo taatuu abbaansaa ammoo abbaa duulaati.

Abiishee Garbaa ilma abbaa duulaa Odaa Bulluq kan naannoo Horroo kan ture kan Garbaa Hurruubaati. Garbaa Hurruuba sirna Gadaatin Odaa Bulluqiin filatamee akka abbaa duulaatti bara 1850-54tti tajaajilaa ture. Waggaa afur akkuma tajaajileen Garbaan ni du'e. Abishee Garbaa kanatti fayyadamuun abbaa duulummaa abbaasaa kan waggaa afur hafe kana qabachuuf gaaffii dhiyeesse. Kunimmoo sirna Gadaa keessatti fudhatama kan hin qabne waan ta'eef mormiin isa mudate; garuu deeggartoota muraasaa keessattu dargaggoota ni qaba ture. Boodarra Abisheen abbaa duulummaa abbaasaa kana humnumaan dhaalee abbaa duulaa ta'e.  Kunis bara 1855tti. Waggaan arfan hafan xumuramanis Abisheen aangoo akka sirna Gadaatti hin gadhiifne, ittuma fufee warra kaan amansiisun warra kaan ammoo doorsisuun akka aangoosaa fudhatan godhe. Naannoo Horrootti weerarri Goojjam yeroo yeroon kan dhufu waan tureef Abishen ammo kana sirriitti faccisaa waan tureef namoota birattis fudhatama argate.

Abiisheen lolee naannoo kuma kudha shan ta'u qaba ture. 

Goojjamoonni Abiishee waraanaan injifachuu waan dadhabaniif, tooftadhaan qabuuf shira xaxan. Haala kanaan, waliigaltee nagaa si wajjin uumuu barbaadna jechuudhan ergaa karaa nama Qadiidaa Wannabee jedhamuu dhaamsa itti ergan. Karaadhuma Qadiidaas kennaa beennacha fardaa warqiirraa hojjatame erganiifi. Akkaataa kanaan Abiisheen Raas Darasuu wajjin walitti dhufee akka mari'atu haala mijeessan. Akka seera Oromoottis walii kakachuudhan wadaa nageenyaa kana Abiishee fi Goojjamoonni xumuran. Kakuun kan dhugaa akka hin taane abbotin duulaa Oromoo akka Dabalaa Gannaa fi Dagaa Hooroo jedhaman itti himanillee Abiisheen isaan hin dhageenye. 

Haala kanaan waliigaltee erga uumanii booda, Goojjamoonni Laga Mormor ce'anii odoo Abiishen hin beekin daangaa Guduruu fi Horro gidduu jiru qaxxaamuranii loltusaanii Goodaa Kokor kan teessuma Abiishee Dooyyorraa 20km fagaatu qubachiisan. Abiishen erga kana dhaga'ee booda loltuusaa kan lakkoofsan kuma afur ta'an qabatee gara Goodaa Kokor deeme. Waliigalteen duraan waan qabaniif Abiishen waraanaf hin deemne. Erga achi ga'ee booda akka seera Oromootti bakara qabatanii man ol seenun safuu waan ta'eef Abiishen meeshaasaa ala ka'ee gara dunkaana Goojjamootaa mariif ol seene. Gojjamoonnis duskaana keessatti Abiishee qabanii gaadi'ani. Qabamuusaa kan ibsuufis dibbee yeroo rukutan loltoonni Abiishee waan raawwatame barani. Loltoonni Abiishes waraana jalqabani warra Goojjamootaa rukutuu jalqaban. Garuu jarri duraan qophaa'anii waan turaniif loltoota Abiishe ni injifatani. Lola kanarratti abbaaduulaa Dabaloo Gannaa dabalatee loltoonni baayyen du'ani, obboleessa Abiisheemmoo qaamnisaa irraa murame. Duulli kun Duula Goodaa Kokor jedhamee beekkama.

Duula Goodaa Kokor kan Gurraandhala 13, 1877 Abiishee fi Raas Darasuu Abbaa Xooboo gidduutti godhamee (Abiishen odoo hin beekin waan gaadi'ameef kana jechuun nama rakkisa) kanaan loltuun Abishee injifatame. Abiisheen erga gaadi'amee booda deemuu waan dideef akka qotiyyootti harqota itti godhanii harkisanii gara Goojjam geessan. Abiishenis gowwoomfamuusaa erga baree booda aaridhaan quba harkasaa tokko alaanfatee fixe jedhama. Erga Goojjam geessanii booda niitin mootichaa goota loltusaanii yeroo baayyee injifate kana arguuf fida jettee fidchisiifte. Abiisheen ergarama beelaa fi darararran kan ka'e fokkisaa ta'ee argame jedhama. Niitin mootichas godummaasaa kanaan arrabsite. Kanaafis dubartoonni Horroo yeroo mammaakan:
 Kan goduma keerra kan gowwumaa ke siin jette niitin Adaal Tasammaa 

San booda, Abiishen iddoo Jabalaa fi Maxaraa jedhamutti hidhame. Achitti, Goojjamoonni Abiishee mormaa gadi jiraa awwaalanii mataasaarratti soogida firfirsan. Itti aansanii, fardeen erga itti gadilakkisani; akkaataa suukaneessaa kanaan Abiishen qorqamee du'e, reefisaas bataskaana Dabra Maarqos keessa jirutti awwaallame. Kana dhoksuuf jecha garuu gifiraan akka du'etti odeessisiisaa turani.

Abiishen erga du'ee booda Goojjamoonni aangoo obboleessa Abiishee Fandalalaa Garbaatti kennani. Fandalalaan gumaa Abiishee deebisuu waan dideef, ummanni akkas jedhee ittiin geerare:

Fandee faandiyyaa Garbaa 
Gumaa mootichaa hin baafnee 
Siree mootichaa yaabdee

Fudhatamni Fandalalaan uumata biratti qabu xiqqaa ture. Mootummaan Horroos odoo hin turin bakka adda addaatti qooddamuun warra Goojjamootaf amanamoo ta'aniif kenname, Fandalaan Gubayyaa qofa akka bulchu godhame. Yeroo Minilikii fi Goojjamoonni Waraana Imbaaboo geggeessan, Fandalalaan gara Goojjamootaa goree lolaa ture. Kanaafis, waraanni Minilik bara 1881tti Horroon rukutee ture. 

Reeffa Abiishee Horrotti deebisuuf yaalin adda addaa godhamaa turullee hanga ammaatti hin milkoofne. Yeroo Xaaliyaanin biyya kana qabatte ilmi Abiishee Fiitaawurari Amanuun reeffa abbaasaa deebisuuf yaalii godhaa turus hin milkoofne.  Bara 1950n keessa akaakayyuun Abiishee Fitaawuraarii Oljirraa yaalaa ture. 




#Article 223: Laggasaa Wagii (761 words)


Laggasaa Wagii (? - 2008) miseensa ABO fi qabsaawaa mirga Oromooti. Laggasaa Wagii ABO keessatti sadarkaa adda addarratti kan hojjate yoo ta'u qabsoorratti bara 2008 lubbuunsaa dabarte.  

Laggasaa Wagii umriin isaa barmootaaf yeroo ga'u mana baruumsa sadaarka tokkoffaa Bakkamee jedhamuuti kutaa tokkoo hanga afurii barate. Barnoota isaa kutaa shanii hanga saddeetii ammoo mana barumsaa Hinccinniitti barate. Sana booda gara Finfinneetti deemuun barumsa isaa itti fufuun kutaa kudha tokkoo hanga kudha lamaa magaluuma Finfinneeti barate.

Lagaassaa Wagii erga barumsa isaa haga kutaa kudha tokkootti barate booda barnoota akkaadaamii dhiisee baruumsa Makaanikummaa fi Konkoolaata oofu bara 1975 keessa barate. Oguummaa isaa kananiis hojiilee adda addaarraatti bobba'uun hojjaachaa ture. Laggaasaa Wagii hojii daldalarraatti bobba'uun magaalaa Dirree Dhawaa keessaati waggaa torbaaf kan jiraachaa ture yeroo ta'u hojiidhuuma daldala kanaaf meesha daldaala adda addaa fe’achuun gara dhiha Oromiyaa deemuun daldala itti fufe.

Laggaasaan obbolaa shan kan qaba. Laggasaan, Waxbajjii 27, 1987 haadha manasaa Waynisheet Getahuun fudhe. Hadha manasaa kanarraa ijjoollee dubartoota sadii kana maqaan isaani Bilisummaa Laggasaa, Fireehiwet Laggasaa fi Nastaannat Laggasaa kan jedhamaaniis godhate.

Wagii  jaalalaa guddaa ummata Oromoof qaba. Hacuccaan ummatarra ga'u boqonnaa waan isaan dhorkeef bara 1990 maatii isaa jaalatu dhiisee Dhiha Oromiyaa deemun qabsoo bilisummaa hogganummaa ABOtiin gaggeeffamutti makame. Bara 1991, barumsa siyaasaa fi leenjjii waranuumma, marsaa 18ffaa gahummaan xumuratee, dirree dhihaatti miseensa ABO ta’e.

Dammaqiinsaa fi hubaannoo Lagaasa Wagii qabu irraatti hundaa’uun dhaaba keessaatti barumsa dabballummaa bara 1991 bakka Beelmuuguu jedhamuutti barate. Akka baratee ba'een dirqama dabballummaan zoonii Beegitti ramadame. Zoonii kana keessatti  dirqama dabballummaa ga'umsaan osoo bahaa jiruu mootummaan Dargii kufe. Dhaabni dandeetii fi ga'umsa isaa ilaaluudhaan ona Qaaqeetti dirqama bulchiisaatti ramade. Bulchaa ona kanaa yeroo turetti, kaayyoo ABO ummata hifannaa tokko malee barsiisuun fakkii guddaa miseensa ta'ee fi ummata biratti jaalala guddaa nama horatee ture.

ABO mootummaa Ce'umsaa keessaa akka ba'een WBO naannoo jirutti dabalamuun diina jabinaan lolee lolchiiseera. Falmaa diinaa wajjin godhamuu haga walakkeessa bara 1993 itti fufuun of ijaaruuf humna daangaa Sudaanii fi Itophiyatti ba'e waliin ture. Bara 1994 humna ijaaramee walkeessaa Dhiha Oromiyaatti deebi’e keessa Laggasaa tokko ture. WBO diinaa wajjin falmaa hadhaawaa itti fufuun bara 1997 keessa oggaa mootummaan Wayyaanee magaalota Sudaan Kurmuk fi Giizan rukuttee qabattee xurreen dhiheessii akka hin cufamneef humna of duuba daangaatti deebi’ee keessa ture Laggasaan. Bara 1993-1998tti sadaarka miseensuummaarraa kaase hanga sadaarkaa qondaala waraana ol-anaati dirqaama fudhatee hojjachaa ture.

Bara 1998 keessa miseensota ABO leenjii addaaf biyya ollaatti  ergaman keessaa ture. Leenjii isaa xumuratee haga ramadamutti biyya ollaa keessa Oromoota jiran akka ijaaruuf dirqamni itti kennamee ture. Akka kanatti tattaaffii Jeneraal Laggasaan godheen  bara 2000 keessa Oromooti biyya ollaa  keessa jiran walitti qabuun Waldaa Hawaasa Oromoo Eritrea ijaare, QBO irraa qooda akka fudhatan taassisee jira.

Laggasaa Wagiin bakka fi haala  dirqaamni qabsoon  isa feete hunda keessaati qooda ol’anaa nama kenna turee fi gahumaadhaan dirqaama itti kenname hunda nama baha turee dha. Akka kanaati Lagaasan bara 1998/99 irraa kaasee itti anaa moona leenjii WBO waliigalaa ta'ee hojjaacha ture. Bara 2000 irraa kaase barumsaa fi haroomsa waraanummaa, siyasaa fi tikaa erga baraate booda ajajaa WBO Zonii Dhiha J. Irreessaa Caalaa jalatti ajajaa bobbaa fi quunnamtii Oromiyaa Dhihaa ta'uun bara 2002 dirqama dhaabaa fudhatee gara dirree dhihaatti moona leenjii waliigala dhaabiicha irraa bobba’e. Sochii seenaa qabeessaa fi mootummaa Woyyaanee raase WBO bara 2002 Baddalee Dhiha Oromiyaa  Qeebbe, Dambii Dolloo, Gidaamii, Beegii fi Mandii keessatti ta'aa turan irratti akka ajajaa waraanaa fi siyaasaatti hogganummaa mul’ataa kennee jira. Erga Ajajaan WBO Dhiha Oromiyaa J. Irreessaa Caalaa wareegamee boodaa hanga 2008 wareegametti ajajaa WBO Dhiha Oromiyaa ta'uun falmaa hadhaawaa fi gootummaan guutamee diina waliin ta'e hoggana waraanummaa fi siyaasaa kennaa ture.

Laggasaan dirqaama sadaarkaa adda adddaatti irra ture hunda keessaatti, gootummaan, cichoominaa fi obsaan kan dirqama isa baha ture fi fakkeenya guddaa miseensoota, qodaalotaa fi hoggantoota ABO, qabsaawoota fi sabboontoota akkasumaas ummata Oromoo hundaaf  nama ta'e dabree dha.

Lagasaa Wagii, dirqama dhaabaa fudhatee zoonii dhiha keessa waan tureef  KS-ABO-3ffaa (Kora Sabaa-ABO-3ffaa) bara 2004 irraa hirmaachuu baatuus bakka inni hin jirreetti miseensa GS-ABO (Gumii Sabaa-ABO) ta'uun filatame. Dirqaama fi itti gaafatamuummaa dachaan itti kenname kanaas ga'umsaa fi of-kenniinsa haga wareegaama lubbuu isaati kennun goota qabsoo ta'uu isaa mirkaneesse jira.

Lagasaan, bilchina qaburraa, tooftaa fi mala qaburraa akkasumaas gootuummaa qaburraa ummaata Oromoo hunda birraatti kan baayyee jaallatamu fi kabajaamudha. Akkasumaas, Laggasaan diina biraatti kan bayyee sodatamuu fi gootummaa fi abbaa toftaa fi mala ta'uunsaa diinoota keenyaa utuu hin jaallatin kan ragaa ba'aniidha. Mootummaan gita bittaa Itoophiyaa yeroo adda addaa humna kumatamaan lakkaawamaan, meesha gurguddaa fi humna qileensaallee osoo hin hafiin duulaa fi sakataa adda addaa yeroo itti zoonii dhihaa keessaati banaa turteetti, WBO hogganuun, hoggaansa cimaa kennuun, lolaa lolchiisaa humna diina dirree lola irraatti falmaa nama ture Laggasaan.  




#Article 224: Hayilee Fidaa (1053 words)


nDoktor Hayilee Fidaa (1939-1979) nama siyaasaa yoo ta'u hogganaa Warraaqsa Sooshaalistii Guutuu-Itoophiyaa (irra caala maqaa Amaariffaa ME'ISOON jedhamuun beekkama) ture. Gumaachasaa keessa inni guddaan Dargii bakka bu'uun Sagantaa Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyooleessa baasuu isaatini. Kana malees, Dr Hayileen qorannoo adda addaa qubee Afaan Oromoorratii fi caasluga Afaan Oromoorratti godheen beekkama.

Hayilee Fidaa Wallagga keessa magaalaa Arjootti dhalatee Naqamtetti guddate. Hayileen barnoota sadarkaa tokkoffaa Mana Barumsaa Arjootti yoo baratu sadarkaa giddu galeessa (kutaa 5-8) ammoo Naqamtetti mana barumsaa yeroo sana Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Hayila Sillaasee I jedhamutti barate. Barnootasaa ittuma fufuun, sadarkaa lammaffaa Finfinneettii Mana Barumsa Jeneraal Wiingeetitti barate qaphxii olaanadhaan xumure. Kana booda barsiisaa ta'ee qacaramuun Dadaritti waggaa tokko barsiisaa ture.         

Bara 1961tti, Hayileen Yuunivarsiitii Finfinnee galee barnoota ji'ooloojii baratee qaphxii guddaadhan eebbifame. Dr Hayileen barata cimaa ture; barnoota sadarkaa lammaffaa A kudhanii fi B lamaan xumure. Yuunivarsiititti ammoo qaphxii 4.0 fiduudhan barata kabajaa ta'ee (great distinction) eebbifame. Erga eebbifamee booda, achuma Yuunivarsiitii Finfinneetti, Dippartimentii Ji'ooloojitti Gargaaraa Eebbifamaa ta'ee akka barsiisaatti qacarame. Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti erga waggaa tokko barsiisee booda barumsa digirii lammaffaa itti fufuuf gara Firaansi deeme.        

Dr Hayileen Firaansitti jalqaba barumsa Ji'oofiiziksii, itti aansee waggaa lamaaf ammoo Sosooloojii baratee eebbifame. Hayileen sochii Tokkummaa Barattoota Itoophiyaa kan Yuurooppi keessatti godhurraan kan ka'ee fi mootummaa Hayilasillaasee waan balaaleffatuuf, paaspootii fi iskoolaasrhiippinsaa jalaa haqame. Sababa kanaaf biyyatti deebi'uu waan hin dandeenyeef, wagga lamaaf mana barumsaa Firaansi tokkotti qacaramee barsiisaa ture. Ittii aansee, paaspoortii dhoksaadhan imbaasin Itoophiyaa kan Jarmanii keenneefin gara Jarmanii deemee, Yuunivarsiitii Hambargitti waggaa lamaaf barsiise. Amajjii 1975 erga Warraaqsi dhoo'ee booda gara Itoophiyaatti deebi'e.         

Yeroo Firaansi turetti, Hayileen Maarkisizimii Sooviyeetii fudhatee ture; Rene LaFort akka jedhetti Hayileen miseensa Paartii Koministii Firaansi ture. Waamicha Dargiin Itoophiyaanonni baratan gara biyya isaanitti deebi'anii akka tajaajilan godhe fudhachuun, Hayileen bara 1975 keessa gara biyyaatti achas deebi'e. Nagadee Goobazee, kan achuma Firaansitti barachaa ture wajjin naannoo Yuunivarsiitii Finfinneetti mana kitaabaa tarkaanfataa bane; kunis kitaabota Maarkisizim-Leeninizimii lammii biyyaattiitif dhiyeessuf ture. Manni kitaabaa dulloomaa fi dadhabaa ture kun barattootaan guuttame, kitaabonni haaraa dhufan battalumatti gurguramanii dhumu ture.             

Oduma baayyee hin turin Hayileen Dargiin biratti qofa odoo hin taane hogganaa Dargii Mangistuu Hayilamaariyam biratti beekkame, Dargiin yeroo sana deeggartoota siivilii fi gorsaa Maarkisizim-Leeninizimii barbaada ture. Muddee 1975, barreessan Dargii kutaa Biiroo Dhimma Ijaarsa Uummataa kan Yeroo (kan Ingiliffaan POMOA jedhamu) dhaabe, Hayilee Fidaas hogganaa godhe. Kaayyon POMOA Dargiin deeggarsa ummata biratti akka argatu gochuu qofa odoo hin taane siviloota bitaa warra kaan dhqqabuu ture. Hogganaa kutaa kanaa ta'ee odoo jiruuti kan Dr Hayileen Sagantaa Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyoolessaa kan qopheesse, dookimentin kunis dhaadhannoo Itiopiya Tikdem (Itoophiyaan haa dursitu) jedhu kan Dargiin akka kallattiitti itti fayyadamaa ture garuu kan ifa hin turin bakka bu'e. Tokkummaa warraaqsa hojjattootaa, qonnaan-bulaa fi burjaa xixiqqaa tarkaanfataatin, fiiwudaalizimii, impeeriyaalizimii fi kaappitaalizimiin barbadaa'anii dhumarratti Rippabiliika Dimokiraatawaa Ummataa Itoophiyaa uummame. Mangistuun Warraaqsa Dimokiraatawaa Biyyoolessaa fudhatamee hojiirra hooluusaa hiriira Ebla 20, 1976 irratti beeksise.         

Haa ta'u malee, POMOAn mormitoota siivilii wajjin walqunnamtii uumuu dadhabe. Namoota Duula irratti hirmaatan kan hojii baadiyyaatti irratti ramadaman dhiisanii gara magaalaatti deebi'anii wajjin mormitoonni Dhaabaa Warraaqsaa Ummattoota Itophiyaa (kan Ingiliffaan EPRP jedhamu) deeggaran; kunis lakkoofsa miseensotasa fi dhiibbaa inni uumu dabale. MEISON Dargii yoo deeggaru, EPRPn Dargiin sochii uummataa humna waraanatin akka ukkaamse dubbachuun balaaleffate. Karaan sooshaalistii inni qajeelton mootummaa uummataa kan dhugaa hundeessuf qabsaawuu itti fufuu malee Dargii isa nama hacuucu akka hin fudhanne ifoomsan.         

Shoora Dargiin Warraaqsa Itoophiyaa too'achuu keessatti tabachuu qabu irratti garaagarummaa hadhaawaa qabaataniyyuu, MEISON fi EPRP sagantaa walfakkaatu baasan. Akka Ottaways, kan mormii kana ijaan arge jedhutti, Itoophiyaanonni hedduun, warrumti baratanillee hubachuu hin dandeenye.           

Ottaways akka jedhanitti:         

Haala kana keessatti, Hayilee Fidaa walitti hidhata Dargii wajjin qabu cimse. Hagayya 1975, Hayileen Sisaay Haptee kan Koree Dhimma Siyaasaa Dargii ture wajjiin rakkoo Eertiraa keessa jirurratti biyyoota Arabaa ja'a wajjin mari'achuuf bobba'e. 

Jechaan kan wal moo'uu dadhaban mormitoonni kun gara tarkaanfii humnaatti ce'an. Namni jalqaba tarkaanfin irratti fudhatame Tiyoodor Baqqalaa yoo ta'u gaafa Gurraandhala 25 1977 ajjeefame. Tiyoodor Baqqalaa miseensa MEISON fi hogganaa Tokkummaa Hojjattoota Guutuu-Itoophiyaa ture. Kun jalqaba Goolii Diimaa ture, yeroo kanas namoonni dhibbatamatti lakkaawwaman yoo du'an moo'amuu EPRPtin xumurame. Namoonni goolii kana jalaa ba'an Finfinneedhaa gara Tulluu Asiimbatti baqatan. 

EPRP baqatuyyuu, haalli jiru Hayilee Fidaafis ta'ee MEISONf hin fooyyofne. Adoolessa 10 1976, fonqolchi Mangistuu aangorraa buusuf godhame fashale, Sisaay Haptee guyyaa sadi'i booda gargaartotasaa 17 wajjin ajjeefame. Kana booda dhuma bara 1976 keessa, mormiin Mangistuu fi MEISON gidduutti uummame. Kana booda Mangistuun miseensota MEISON kan mootummaa keessa jiran aangoorraa kaasuu jalqabe. Filannoo ministerotaa Bitootessa 11 1977 godhamerratti MEISON aangoo tokkoyyuu odoo hin argatin waan hafeef haalli jiru ittuu hammaate. Waxabajjii 14 hoggansi POMOA MEISONirraa fudhatame. Hayilee Fidaa fi miseensonni MEISON tarkaanfin itti aanu hamaa akka ta'u waan baraniif dafanii tarkaanfii fudhatan: Hagayya 19 hoggantoonni MEISON 19 fi kaadiroonni 500 ta'an ifatti socho'uu dhiisanii lafa jala socho'uutti geeddaran; Finfinneedhaa baqatanii gara baadiyyaatti baqatan. Mangistuun haasaa guyyaa shan booda godherratti MEISON balaleffate. Hagayya 26 Hayilee Fidaa fi hoggantoonni MEISON kaan naannoo Finfinneetti qabamanii Gibbii durii kan biiroon Dargii keessa jiru keessatti hidhaman. Hoggantoonni MEISON baayyen dhukaasa humnoota Dargii fi isaan gidduutti godhameen du'an. Nagadee Goobazee qofatu gara Yamanitti baqatee lubbuun hafe. 

Hayilee Fidaa mana hidhaa keessatti yeroo dheeraaf hanga dhumarratti ajjeefamutti haala hamaa keessa jiraachaa ture. Haalii ajjeechaasaa ifa miti, garuu Andaargachoo Xurunash Hayileen erga hidhamee waggaa lama booda, bara 1979tti ajjeefame jedhe.

Hayileen dura ta'aa Tokkummaa Barattoota Itoophiyaa kan Yuurooppi ture.

Dr Hayileen qubee Afaan Oroomoo uumuu keessatti ga'ee guddaa qaba. Yeroo Yuurooppi jiru, Hayileen miseensa garee barattoota Oromoo kan qorannoorratti xiyyeeffatu fi kan Garee Qorannoo Barattoota Oromoo jedhamuu ture. Gareen qorannoo kun barattoota Oromoo biyyoota akka Firaansi, Jarmanii, Iswiidin, Tokkummaa Sooviyet, Hangaarii fi Yugoslaaviyaa keessa jiraatan hammata. Gareen kun Afaan Oromoo afaan barreeffamaa akka ta'uuf qorannoo bal'aa godhe. Haaluma kanaan, gareen kun bara 1972 barruu qorannoosaa kana kan Languages in Ethiopia: Latin or Geez for Writing Afaan Oromoo, Tatek, 1972 maxxanse. Barruun kunis Afaan Oromoo qubee Laatiniitiin barreessun filatamaa akka ta'e seera ittiin Afaan Oromoo Laatiniidhaan barreeffamu bu'uura kan kaa'e ture. Qorannoo kanarratti Dr Hayileen gumaacha guddaa qaba.        

Dr Hayileen, itti fufuudhaan qubee Afaan Oromoo haaraa kanatti fayyadamuun kitaabota lama walitti aansuun maxxanse. Kitaabni inni jalqabaa Hirmaata Dubbi Afaan Oromoo kan jedhamu yoo ta'u qorannoo caasluga Afaan Oromooti. Kitaabni kun kan maxxanfame bara 1973, magaalaa Paarisitti. Kitaabni inni lammataa ammoo Barra Birraan Barihe jedhama

gama kiyyan seenaan baayyee kan natti tooleefi kan oromoon hundu beekuu qabuudha. kanaafuu haayyoonni keenyaa seenaa DR.HAYILEE FIDAA afaan oromoon baarreessuun sinirra jirra Gaaddisaa Dhaabaa yuuniversiitii finfinneerraa




#Article 225: Baqqalaa Garbaa (510 words)


Baqqalaa Garbaa (1961 - ) barsiisaa Yuunivarsiitii Finfinnee fi hoogganaa itti-aanaa WFDO (Warraaqsa Federaalistii Dimokiraataawaa Oromoo) ture. Baqqalaan sababa siyaasatiin Hagayya 27, 2011 Olbaanaa Leellisaa wajjin qabamee mana hidhaa gale. Mana hidhaa keessa erga waggaa afur turee booda gaafa Bitootessa 31, 2015 gadi lakkifame. Olbaana Leellisaa garuu Baqqalaa wajjin hin gadhiifamne. 

Baqqalaa Garbaa Oromiyaa keessa godina Wallagga Lixaa aana Boojjii, magaala Boojjii Dirmajiitti bara 1961 dhalate. Barnoota sadarkaa tokkoffaaa achuma Boojjii Dirmajiittii baratee xumure, itti aansun barnoota sadarkaa lammaffaa Mana Barumsa Sadarkaa Lammaffaa Gimbiitti barate. Barnoota olaanaas Yuunivarsiitii Finfinnee galuudhan dame barnootaa afaanii fi ogbarruu biyyaa alaatin digiriisaa jalqabaa fudhate. Digiriisaa kanaan barsiisaa Afaan Ingiliffaa ta'ee mana barnoota sadarkaa lammaffaa magaala Dambii Dolloo fi Mana Barumsa Sadarkaa Lammaffaa Najjoo keessati barsiisaa ture.

Barnoota digirii lammaffaa itti fufuudhan, Baqqalaan bara 2001tti Yuunivarisiitii Finfinneerraa damee barnootaa Ingiliffa akka Afaan Biyaa Alaatti Barsiisuu jedhuun fudhate. Kana booda Koollejjii Barsiisota Adaamaatti qacaramee Afaan Ingiliffaa fi Afaan Oromoo barsiisaa ture. Bara 2005, sababa fincila barattootaa deeggarta jedhuun hojiirraa ari'ame. Baqqalaan kana booda gara Finfinneetti dhufuufhaan waggaa lamaaf kollejoota dhuunfa keessatti barsiisaa erga turee booda bara 2007tti Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa ta'ee mindeeffame. Achittis Afaan Ingiliffaa barsiisun tajaajilaa ture. 

Baqalaa Garbaa abba maati yoo ta'u ijjoolle afur qaba. Baqqalaan Yuuniversiitii Finfinneerraa barnoota siyaasaan PHD fudhateera.

Baqqalaan sochii siyaasaa ifatti kan jalqabe bara 2009 miseensa WFDO ta'udhan ture. WFDO keessattis miseensa koree hojii-raawwachiiftuu fi hoogganaa hariiroo uummattaa ture. Filannoo Itoophiyaa kan bara 2010 irrattis hirmaatee ture, garuu hin moone. Erga WFDO fi Kongiresin Ummata Oromoo bara 2012 walitti makamanii booda, Baqqalaan oduma mana hidhaa jiruu itti aanaa hoogganaa ta'udhaan filatame. 

Baqqalaa Garbaa ji'a Hagayaa keessa gaafa guyya 27 bara 2011 sababa Amnistii Internaashinaal (Amnesty International) wajjiin wal qunnamtii godheef qabamuun mana hidhaa gale. Seera falmisiisaa kan ta'e seera shororkeessummaatin himanni irratti baname. Himata kanarratti Baqqalaan miseensa ABO ta'uu fi sochii Oromoo Itoophiyaarraa fottoqsuu goote jechuun himatame. Jalqbarratti murtiin wagga saddeetii kan itti murteeffame yoo ta'u boodarra garuu murtiin kun gara waggaa sadi'ii fi  ji'a torbaatti gadi xiqqeeffame; mirgi yoo amala gaarii agarsiise dafee akka gadi lakkifamus kennameefi. 

Murtii kana booda dhiifama yoo mana murtii gaafatte, waggaan hidhamtu gadi sii xiqqeeffama jedhee yeroo abbaan alangaa Baqqalaatti himu, innis akkas jedhee dhiifama isaanii tuffate 

Yoo dhiifama gaafachuun narra jiraate, mana murtii yakka ani hin hojjanneen hidhaa natti murteesse osoo hin taane ummata Oromoo fi waaqayyoon gaafadha; ummata Oromoo sababan hacuuccaan isaanirra ga'aa jiru ammam hamaa akka ta'e itti himuu dhiiseef, kanas kanan godhe saba kaan wajjin waliin jiraachuu akka danda'aniif jedhee ta'uusaa; Waaqayyoorraa ammoo yoo qabsoon ani mirga Oromoof jecha godhe fedhii dhuunfaa koof jecha ykn beekkamtummaa akka naa dabaluuf jecha kanan godhe yoo ta'e, ummanni biyya kanaa hundi bilisummaadhaan, kabajaa fi walqixxummaadhan akka jiraatanif jecha yoon hin goone ta'e Waaqan dhiifama gaafadha.    

Baqqalaan mana hidhaa Ziwaay (Baatuu) keessa ture. Bara 2014tti amala gaarii agarsiisun gadi lakkifamuun kan irra ture yoo ta'eyyuu mootummaan Wayyaanee mirga kana dhorkachuudhan hidhaa guutuu xumuruuf dirqame. Mana hidhaa kana keessa waggaa afur erga turee murtiisaa fixatee booda Bitootessa 31, 2015 gadi lakkifame. Baqqalaan mana hidhaatii gaafa ba'u, yeroo namoonni isa galateeffachuuf yaalan akkas jedhe deebiseef:  




#Article 226: Dinquu Dayyaasaa (354 words)


Dinquu Dayyaasaa abbaa qabeenyaa fi tola-oolaa yoo ta'u abbaa Koolleejjii Riifti Vaaliti. Dinquun dhaabbata Televizyiinii tamsaasu kan Oromia Broadcast Service (OBS) jedhamus hundeesseera.

Dinquu Dayyaasaa godinaa addaa naannawaa finfinnee kombolee bakka addaa Gabreelii Leencaa jedhamutti dhalate. Abbaan Dinquu Dayyaasaa Abbaa makkoo jedhamaa inniss qallichaa kabajamaa ijoollee shantamii lama qaba. Dinquu ilmoo soddommii saddeettaffaa ta'ee dhalate. Dayyaasaan nama aangoo qabu yoo ta'u giraazmaachii ture. Feedhii aadaa Oromoo guddisuuf qaburraan kan ka'es, Dayyaasan miseensa Waldaa Wal-Gargaarsaa Maccaa fi Tuulamaa ture. Haatii Dinquu Daansee Gurmuu jedhamti.    

Dinquun Sandafaa haa dhalatu malee kan guddate garuu Aanaa Boosat, Ganda Rukeecha fi Boqoree keessatti. Dinquun barnoota sadarkkaa tokkoffaa fi giddu-galeessa lammaffaa Mana Barumsa Walancitiitti kan barate yoo ta'u mana barumsaa ga'uuf naannoo sa'aatii sadi'ii deema ture. Barnoota sadarkaa lammaffaa ammoo magaalaa Adaamaatti Mana Barumsa Haawaasitti barate.

Abbaan Dinquu, Dinquun akka qotatuu fi of danda'uuf qotiyyoota cimdii lamaa fi lafa qarxii afurtamii shan hojjattoota wajjin kenneefi. Haala kanaan Dinquun barachaa fi qotachaa ture. Dinquun sangaa gabbisuun bu'aa guddaa akka qabu waan hubateef xaafii sirriitti qotee gurguruun sangaa gabbisuu jalqabe. Sangaa gabbisuu qofaan osoo hin daangeffamin, baaburri midhaan daaku waan hin jirreef, Dinquun kana hubachuudhan baabura midhaanii iddoo Tirii Sangootaa jedhamutti dhaabe. 

Haala kanaan qabeenya horachaa kan deeme Dinquun, bara 1998 gamoo Naa'ol jedhamu magaalaa Adaamaatti ijaare. Gamoon kun yeroo amma (bara 2015) hoospitaalaa fi koollejjii fayyaa ta'uun tajaajilla jira. Itti aansun bara 1999 mana barumsa sadarkaa tokkoffaa kan NFYD Lakkoofsa 1 jedhamu magaalaa Adaamaatti ijaare. Boodarras ol guddachuun manni barumsaa kun barattoota oolmaa daa'immaniirraa kaasee hanga qophaa'inaatti barsiisaa jira. Yeroo amma magaalaa Adaamaa keessa manni barumsa kun lama yoo ta'u magaalota kan biraattis babal'achaa jira. Itti fufuun, bara 2000 Dinquun Koolleejjii Riifti Vaalii hundeesse. Koollejjiin kun sadarkaa olaanatiin barsiisaa waan tureef battalumatti gara yuunivarsiitii koollejjiitti ol guddate. Yeroo ammaa Koollejjiin Yuunivarsiitii Riifti Vaalii kaampaasii kudha shan kan qabu yoo ta'u walumaa galatti barattoota 120,000 yoo qabaatu kana keessa 78,000 barattoota idilee fi 42,000 ammoo barattoota barnoota fageenyaa baratani.   

Koollejjii Yuunivariitii Riifti Vaalii keessatti, Dinquun barattoota harka qalleeyyii fi gargaarsa hin qabne tola akka baratan carraa iskoolaarshiippii kenneefii barsiisun beekkama. Akkaataa kanaan barattoonni kuma baayyee ta'an hanga ammaatti Riifti Vaalitti baratanii eebbifamaniiru.




#Article 227: Pool Baakister (455 words)


Dr Pool Baakister (Ingiliffa: Paul Baxter; Amajjii 30, 1925 - Gurraandhala 2, 2014) antiroppooloojistii hawaasa lammii Ingilaandi kan Oromoorratti qorannoo gochuun beekkamudha. Baakister barruu qorannoo adda addaa fi kitaaba waa'ee Oromoorratti maxxansiiseera. Baakister gabrummaa ummanni Oromoo keessa jiraatu nama biyyota dhihaatti akka beekkamu godhedha.   

Baakister bara 1925 biyya Ingilaanditti Liimingiten Ispaa bakka jedhamutti dhalate. Abbaansaa barsiisaa sadarkaa toffaa fi hoggana mana barumsaa ture. Baakisteris mana barumsaa Waarwiik jedhamu galee barachaa ture. Boodarra garuu yeroo Waraana Addunyaa II, barnoota addaan kutee bara 1943 komaandoo seene. Yeroo kana biyya Neezerlaandi keessatti biyyasaa tajaajiluun Jarmanii qabate. Bara 1944 kaadhimasaa Paat kana mana wal beekan fuudhe. Erga WWII xumuramee booda Yuunivarsiitii Kaambiriij seenee digirii BA barnoota Ingiliffaan fudhate. Erga eebbifamee booda, Baakister bakka itti antiroppooloojjin guddachaa jiru gara Oksifoordi deeme. Itti fufee Yuunivarsiitii Oksifoordi seenudhaan antiroppooloojii hawaasaa barate.  

Yeroo kana, haala qindoomina hawaasa Oromoo qorachuuf fedhii guddaa gohate. Bara 1952, gara Oromiyaa deemee Sirna Gadaa qorachuuf yaadus sirni Hayilasillaasee kan aadaa fi Afaan Oromoo balleessee Amaaraa gochuuf halkanii guyyaa hojjachaa ture, Baakister eeyyama dhowwate. kanaan abdii kan hinkutatin Baakister, karaa Keeniyaa dhufuudhan, qorannoo fiildii Oromoo Booraanaa kan Kaaba Keeniyaa jiraatanirratti gochuuf haadha manaasaa Paati fi ilmasaa Timootii fudhatee garas deeme. Qorannoo kanaafis waggaa lama 1952-1953 achi ture. Baakister qorannoo PhD isaa bara 1954tti kanaratti barreessee PhD fudhate; mata-duree qorannoo kanaa The Social Organization of the Oromo of Northern Kenya jedha ture. Qorannoon kunis qorannoowwan kan biraa inni Oromorratti sana booda godhee fi barattoota waa'ee Oromoo barataniif bu'uura ta'eefi. Sana malee, maqaa balleessi warri nafxanyootaa kan Oromoon ummata qaroomina, aadaa fi seena hinqane jedhu soba ta'uu mirkaneesse. Baakister, hojii qorannoo fiildii ittuma fufee ummata Kiigaa kan Yuugaandaa keessa jiraatu qorateera. 

Sana booda, gara Gaanaa deemun Yuunivarsiitii Koollejjii Gaanatti hojii jalqabe. Maatinsaa Gaanaa waan jaalataniif, yeroo inni achitti hojjachaa ture yeroo gammachuu ta'eef. Boodarra, bara 1960 gara Ingilaanditti deebi'e Yuunivarsiitii Maachister keessatti wagga tokkoof barsiisaa ta'ee hojjate. Gidduutti waggaa lamaaf Yuunivarsiitii Koollejjii Siwaansee keessatti erga barsiisee booda yeroo dhumaatif gara Maanchisteritti deebi'e. Sana booda waggaa 26 guutuu Oromoo qorachuu fi antiroppooloojirratti dabarse. Baakister qorannoo Oromoof Arsii dhufee ji'a 12f bara 1968/69tti ummata Arsii keessa Kofalee jiraateera. Ummanni Arsii naannoo Kofalee jaalala gudda isaaf qabanirraan kan ka'e ilmasaa Aadama jedhanii moggasan, Baakisteriinis abbaa Aadama jedhanii waamu ture.

Baakister waa'ee Oromorratti barruu qorannoo fi kitaabota hedduu kan maxxansiise yoo ta'u barruu qorannoo Oromoo kan namoota biraa hedduu gulaaleera. Kora Waldaa Qorannoo Oromoo hedduurratis hirmaateera. Barruu qorannoo Ethiopia’s Unacknowledged Problem: The Oromo jedhu kan 1978 maxxanserratti, hacuuccaa ummanni Oromoo keessa jiraatu baayyee hamaa akka ta'ee fi gara-jabummaa impaayera Itoophiyaa keessa jiru agarsiise.

Baakister sababuma Oromoorratti qorannoo geggeesseef, gara Itoophiyaa deebi'ee akka hinseenne dhorkameera. Yeroo adda addaatti gara itoophiyaa dhufee qorannoosaa hayyootaaf dhiyeesuuf akkasumas qorannoo dabalataa geggeessuf yaadullee, mootummaan Dargii akka biyya keessa hinseenne dhorkeera. 




#Article 228: Dhaha Booranaa (436 words)


Dhahaan Booranaa akkataa ittiin ummanni Oromoo Booranaa guyyaa, ji'aa fi waggaa lakkaawwudha. Dhahaan kun Dhaloota Kiristoos Dura bara 300tti ummame. Akka dhahaa kanaatti ji'a keessa guyyaa 29.5tu jira, waggaa tokko keessa ji'a kudha lamatu jiru, waggaa tokko keessa guyyaa 354 ta'a. Dhahaan kun torban kan hinqabne yoo ta'u guyyonni ji'aa tokko keessa jiran hundi maqaa qabu. Dhahaan Booranaa addeessaa fi urjiiwwanirratti hundaa'a. 

Oromoon Booranaa dhahaa mataasaa nannoo bara 300 DhKD akka uummate amanama. Iddoo arkiyoo-astiroonoomii Namoraatungaa kan kaaba Keeniyaa keessatti argamutti, utubaan dhagaa kan kallattii urjiiwwan Dhahaa Booranaa keessatti itti fayyadaman agarsiisu dhaabbame argameera. Namoraatungaa II utubaa dhagaa baazaaltii 19 kan qabu yoo ta'u dhagoonni kunis kallattii urjiiwwan torban Dhahaa Booranaa keessatti fayyadanitti garagaree argama; urjiiwwan kunis Lamii (Triangulum), Busan (Pleiades), Algajima (Bellatrix), Bakkalcha (Aldebaran), Arba Gaddu (Central Orion), Urji Walla (Saiph) fi Basa (Sirius) jedhamu. Booranni dhahaa kana kalaquuf iddoo astironoomii itti daawwatan kanatti akka fayyadamaan amanama. 

Dhahaan Booranaa dhahaa urjii fi addeessa irratti hundaa'u waan ta'eef, addeessaa fi urjiiwwan torba waliin daawwachuu barbaachisa. Maqaan ji'oota Dhahaa Boornanaa Bitootessa (Triangulum), Caamsaa (Pleiades), Bufa (Aldebaran), Wacabajjii (Bellatrix), Obora Guddaa (Central Orion-Saiph), Obora Diqqaa (Sirius), Birraa (addeessa goobane), Cikawa (gibbous moon), Sadaasaa (quarter moon), Abrasa (baatii guddaa), Ammajjii (baatii giddugaleessa) fi Gurrandhala (baatii xiqqoo). 

Maqaan guyyoota ji'aa 27tu jira. Kanaafis, maqaan jalqabaa lama ykn sadi'i ji'a tokko keessatti irra deddeebi'ama. 

Ji'a tokko kaanirraa addaan baasanii beekuf, marsaa addeessi irra jirtu urjii dhahaa wajjin walitti laaluun barama. Gareen urjootaa kun Lami (Triangulum), Busan (Pleiades), Bakkalcha (Aldebaran), Algajima (Bellatrix), Arba Gaddu (central Orion), Urji Walla (Saiph) fi Basa (Sirius) jedhamu. 

Ji'ootaa fi Sirna Urjootaa

Dhahaan Booranaa ji'oota 12 qaba. Dhahaan addeessarratti waan hundaa'uf, ji'a tokko keessa guyyoota 29.5 qabata. Kunis waggaa keessatti guyyaa 354 ta.a.

Akka Dhahaa Booranaatti, waggaa haaran ji'a Bitootessaatti gaafa guyyaa Bittaa Qaraa jalqaba. Kunis yeroo addeessi baatin urjii Lamii wajjin mul'atedha. Kana booda, Dhahaan Booranaa maqaa guyyoota ji'aa calluma jedhee hordofuudhan amma ji'i kun dhumutti deema. Ji'i itti aanu yeroo addeessi baatin urjii Busan wajjin baatu jalqaba. Kunis erga ji'i Bitootessaa jalqabee guyyaa 29.5 booda kan uummamudha. Haa ta'u malee, maqaan guyyoota ji'aa 27 qofa waan ta'eef, guyyoonni ji'a keessa jiran odoo hin dhumin maqaan guyyaa dhuma. Kunis adeemsuma dhahichaati. Guyyoonni hafan maqaa jalqaba ji'arratti fayyadaman irra deebi'uun dhuma ji'aatti fayyadamu. Kunis ji'oota hunduma keessatti tokko yoo ta'u amma urjiin dhahaa fi addeessi waliin dhufanittii jalqa ji'arratti guyyaa lamaa fi sadi'i gidduutti darbuu danda'a. Ji'i inni sadaffaan yeroo addeessi baatin Bakkalcha wajjin baate jalqaba. Adeemsi kun ji'oota ja'an jalqabaatif urjoota hafan wajjin ittuma fufuun kan deemu ta'a. Urjiin dhahaa kun ji'a ja'an hafaniif Oromiyaa keessatti sirumayyuu hin ba'ani. Kanaafuu, jalqaba ji'oota kanaa urjoota dhahaa odoo hin fayyadamin addeessuma qofa ilaalun murteeffama. 




#Article 229: Aristootil (124 words)


Aristootil (Giriik: Ἀριστοτέλης, Aristotélēs; 384 – 322 DhKD) saayintistii fi filoosofera Giriik yoo ta'u magaalaa Maqedooniyaa Isteejiraa, Chaldiis, qarqara kaabaa Giriik durii keessatti dhalate. Abbaansaa, Nikoomachus, yeroo Aristootil daa'ima ture du'e, kana booda Pirooksenus kan Eetarines guddistuusaa ta'e guddise. Umurii kudha-saddeetitti, Aristootil Akkaadaamii Pileetoo kan Ateensi keessa jiru gale, achi keessas amma umuriinsaa soddomii-torba ta'utti ture (347 DhKD). Barreeffamni Aristootil mataduree gara garaarratti barreeffame – fiiziksii, baayoloojii, zuwooloojii, meetaafiiziksii, yaayaa, safuu, aartii fi bareeda, walaloo, tiyaatira, wallee, xiinluga, siyaasaa fi mootummaa – kunis falaasama dhihaa kan guutuu ta'e kan jalqabaati. Pileeton erga du'ee yeroo gabaabaa booda, Aristootil Ateensi gadilakkise, gaaffii Filiippi kan Maqedooniyaatin, Aleeksaander Guddicha bara 343 DhKD kaasee barsiise. Akka Insaayikiloppidiya Biritaanikaan jedhutti Aristootil saayintistii dhugaa kan jalqabaati... kanaafis saayintistiin kamirraayyuu oolmaa qaba




#Article 230: Mararaa Guddinaa (593 words)


Mararaa Guddinaa (1956-) barsiisaa saayinsii siyaasaa fi hoogganaa garee mormituu Koongireesii Federaalawaa Oromoo KFOti. Dr Mararaan umurii isaa guutuu waa'ee ummata Oromoof jecha qabsaa'aa kan dabarse yoo ta'u ammas paartii momituu hoogganuudhan siyaasa Itoophiyaa keessatti socho'aa jira.

Mararaa Guddinaa Adoolessa 5 bara 1956 godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kuttaayee ganda Caancoo Obbiitti dhalatee guddate. Ijoollummaa isaarraa jalqabee waan isaaf hingalle cimsee gaafachuu fi waan sammuun isaa hinfudhanne hunda mormuu isaarraan kan ka’e maatii isaa fi namoota naannoo biratti maqaa masoo “Didaa” jedhamuun beekama ture. Oromoota muraasa yeroo sana carraa barnootaa argatan keessaa tokko yoo ta’u barnoota sadarkaa tokkoffaa achuma aanaa Tokkee Kuttaayee  magaalaa Gooroo Sooleetti barnoota sadarkaa lammaffaa ammoo magaalaa Ambootti haala gaariin hordofuudhaan qabxii olaanaa galmeessisee Yuunivarsiitii Finfinnee seenuudhaan barnoota Saayinsii Siyaasaa hordofuu jalqabe. Haa ta’u malee carraan hidhamuu, dararamuu fi ajjeefamuu barattoota Oromoo irra ga’aa turee fi ga’aa jiru Mararaa Guddinaa irras ga’uu dhaan Mootummaan Dargii badii tokko malee mooraa barnootaa keessaa qabuudhaan waggaa torbaa oliif mana hidhaa keessatti isaan darare. Bara Jireenya isaanii keessatti abdii kutatanii kan hin beekne Dr. Maraa Guddinaa waggaa torbaa oliif badii tokko malee mana hidhaa keessatti dararamanii erga ba’anii booda gara Kaayiroo Ijiiptitti imaluudhaan barnoota addaan kutan itti fufanii Yuunivarsiitii Kaayiroo irraa barnoota Saayinsii Siyaasaatiin Digirii Jalqabaa fudhatan.

Barnootaaf bakka guddaa kan qaban Mararaa Guddinaa barnoota isaanii itti fufuudhaan bara 2002 yuunivarsiitii guddichaa fi beekamaa ta’e Yunversiitii Nezerlaandirraa barnoota Saayinsii Siyaasaatiin doktarummaa fudhatan.

Mararaan bara 1986 barsiisummaadhaan Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti tajaajiluu kan jalqaban yoo ta’u hanga ammaatti achumatti barsiisaa jiru.

Dr Mararaa qabsoo Oromoo biyya keessaa bifa bittinnaa’een adeemsifamaa ture daandii qabsiisuudhaaf bara 1996 paartii Koongireensii Biyyoolessaa Oromoo hundeesse. Kunis qabsoo uummata Oromoof daandii haaraa bane. Sochii dinqisiisaa fi fudhatamaa ta’e uummata Oromoo waliin taasisuudhaanis filannoo bara 2005 irratti hojii guddaa dalaguudhaan uummatarraa jaalalaa fi amantaa guddaa argatan. Sababa kanaanis Oromiyaa bakka hedduu keessatti injifatanii mana maree Federaalaa seenuudhaan mirgi uummata Oromoo akka kabajamuuf cimsanii falmaa turan.

Haala kanaan moo'amuu fi uummata biratti fudhatama argachuu Mararaatti kan hin gammadne ADWUIn miseensota garaa isaanii guuttachuuf Koongirensii Biyyolessa Oromoo keessa seenan kanneen akka Tolasaa Tesfaayeetti qarshii muraasa hiixachuudhaan daandii godhatee shira hin jirre paartii kana keessatti uumuudhaan hundeessaa paartii kanaa kan ta’e Mararaan paarticha irraa fudhachuudhan paartiin uummata Oromoo biratti jaallatamee fi abdatame Koongireesiin Biyyoolessa Oromoo warra gantuuf dabarfamee kenname. Namoota kana godhan keessa tokko kan ta'e Tolasaa Tasfaayee akka hooganuufis angoon kijibaa ni kennameef.

Sochii godhan keessatti haala rakkisaa kam keessattis abdii kutatee kan hin beekne Dr Mararaan ammas adeemsa isaa itti fufuudhaan bara 2008/2009 paartii hayyuu diinagdee kan ta'an Bulchaa Dammaqsaatiin hundeeffame paartii Warraaqsa Federaalistii Dimokiraatawaa Oromoo(WFDO) waliin walitti makamuudhaan Koongiresii Federaalistii Oromoo (KFO) bifa haaraan hundeessanii qabsoo isaanii itti fufan. Paartii kana qabachuudhaanis uummata keessa gadi bu’anii qabsoo rincicee ture oo'isuudhan uummata dammaqsanii sochoosan. 

Mirgi uummataa akka kabajamuuf halkaniif guyyaa carraaquu irraan kan hafe waa’ee jireenya dhuunfaa isaanii yaadanii kan hin beekne Mararaa Guddinaa hanga har’aatti mana hin qaban, maatii hin qaban, ijoollee hin qaban. Manni isaanii dachee Oromiyaa halkaniif guyyaa waardiyyaa dhaabbataniifidha. Maatiin isaanii uummata Oromoo hundadha, Ijoolleen isaanii Dhaloota Qubee of jalaan horatanidha.

Mormituu mootummaa ta'uu Dr Mararaa kan hin jaalanne ADWUIn, Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti soo ammas dalaguuf humna qabuu osoo barattoota mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee biratti daran jaallatamuu yunrvarsiitii waggoota hedduudhaaf hojjaterraa tajaajilli kee dhumeera jechuudhan dirqamaan soorama akka ba'u godhameera. Seera yuunivarsiitii keessatti namni tokko hojjachuu nan danda'a jedhetti soorama ba'uuf kan hin dirqamne yoo ta'ellee, Yuunivarsiitin Finfinnee Mararaan dirqamaan soorama baaseera. Kana qofa miti tajaajjilli isaan waggoota hedduudhaaf biyyittii kana tajaajilan dagatamee manni jireenyaa waggoota hedduudhaaf keessa ta’anii biyyittii kana tajaajilan harkaa fudhachuudhan yeroo ammaa kana mana kiraatiif saaxilamanii jiru.




#Article 231: Usmaayyoo Musaa (475 words)


Artisti Usumaayyoon Musaa weellisaa fi qabsaawaa mirga Oromooti. Usmaayyon jiruu fi jireenyasaa keessatti dalagaa aartii inni uummataf kaa‘ee darben yaddatama.

Artisti Usmaayyoo Muusaa baatii Amajjii 1967 abbaasaa Muusaa fi haadhasaa Faaxumaa Abdullaahiirraa baha Oromiyaa magaalaa Haroomaayaatti dhalate. Artisti Usmaayyoon gara laafinaa fi mararoo guddaa uumama Waaqni uume hundaaf qabaachuun beekkama.

Artiisti Usmaayyoo Muusaa mararoo fi jaalala saba isaaf qabu irraa kan ka‘e jiruu fi jireenyasaa qabsoo bilisummaa Oromoof dabarsee wareeguudhaan Hawwisoo Caffee Gadaa fi Baandii Gadaa Oromoo keessatti saboonummaa fi wallisummaan baroota dheeraaf tajaajilaa ture. Oromoon qaamaan isaani beekuu fi kanneen wallee isaa kaasetta irraa caqasan yeroo hunda imimmaantu isaan dursa, sababni isaas maaliif akka ta‘e kan beekaan Oromoota falma bilisummaa irra jiranii fi kanneen jiruu fi jireenyaan waanjoo gabrummaa mootummaa Habashaa jalatti kufanii jireenya hadhaawaa dirqiin dhamdhamsiiffachaa jiran qofatu beeka. Kanatti dabalee amalli artistiin kabajamaan kun weeyitii lafa irra turetti qabu, kokkofluun ,xabachuu fi kabajaan nama simachuunsaa yoom illee ija hiriyyootansaa fi Oromoota qaamaan isaan beekan jalaa hin badu.!!

Artisti Usumaayyoon Bara 1987 Abdii Mahammed wajjiin hojii muuziqaa qindeeffate shaakala xumuree albama tokkofaasaa mana muuziqaa JOLIY kan jedhamutti gurgure. Garuu albamiin isaa osoo gabaarra hin ooliniif, sirni gitabittaa Dargii barbadaa'eee kufe. Albamiinsaas achumaan cilee bishaan buute tahee duraa hafe.

Bara 1991 eega Dargiin kufee booda waamicha Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Artistoota Oromoo hundaaf godhe kabajuudhaan Artist Usmaayyoon artistoota baayyee wajjin kaayyoo bilisummaa irratti hundaawee akeeka siyaasaa kaallacha qabsoo ummata Oromoo kan ta'e kan ABO fudhatee Hawwisoo Caffee Gadaa wajjin magaalaa Dadar keessatti gurmaa'ee qabsoo itti fufe. Yaadannoodhaaf seenaa hujii isaa kan gaafasi keessaa: 

Bilisummaaf imimmaan ijatoo walmaraa

Obese sirraa hafuu nindadhabe garaa

Sidhabee hinjiraadhu biyyatoo Oromiyaa … Kan jedhamutu keessatti argama.

Sirbi Usmaayyoon sagalee isaa laayyoo alalaasaa ture, ummata Oromoo baayyee garaa roraasee qabsoof Kakaase. Bara 1992 erga mootummaan Ce’umsaa diigamteen boodas. Artis usmmaayyoon sirboota siyaasaa ummata Oromoo jajjabeessanii fi hamilee cimsan wallisaa ture.

Albama lammaffaa isaa nuyaamti kan jadhu bara 1995 magaalaa irra akuma oolchetti, bara 1996 keessa shira Wayyaaneetiin sarbamee, qabamee hidhame. Waggaa saddet guutuus mana hidhaa Zuwaay keessatti jireenya hadhawaa dabarse.

Bara 2004 keessa akka mana hidhaa Zuwaayii gad lakkifamettis ji’uma sana keessa albamii sadaffaa “Hidhaa fi ajjeechaan hamilee nucabsu” mata duree jedhuun baase. Gochaan isaa kunis Artist Usumaayyoon yoomiyyuu qabsoo kanarraa boodatteetti akka hin deebine mirkaneesseef.

Artisti Usmaayyoo Muusaa abbaa ijoolee shanii ture. Haati warraa isaa gannoota saddetan Artist Usmaayyoon mana hidhaa mootummaa Itoophiyaa keessatti rakkachaa ture gidduutti ijoollee guddisuu fi abbaa ijoollee ishee ammoo mana hidhaa keessaa baasisuuf olii fi gad osoo fiigduu dadhabbii, miidhamaa fi roorroo ishee mudateen ijoollee ishee dirreetti facaaftee, abbaa warraa ishee mana hidhaatti dhiiftee addunyyaa kana irraa godaante.

Artisti Usumaayyoon roorroo fi dararama qaamaa fi qalbii irra ga’aa tureen Mana Hidhaa Zuway keessatti baatii Sadaasaa bara 2006 addunyaa kanarraa du‘aan godaane. Sirni awwalcha isaas magaalaa Ciroo bakka uummanni Oromoo hedduminaan irratti argamanii gadda isaanii haala xiiqii fi haluu baafannaa guddaa of keessaa qabuun raawatameera.




#Article 232: Dhukkuba Chaagas (451 words)


Dhukkuba Chaagas, YKN American trypanosomiasis, kun mudhii lafaa dhukkuba ilbiisotaan darbu kn uummamu protozo’aMaq. Trypanosomacruzi. Yeroo baay’ee kan ittin tamsa’u ilbiisakissing bugsjedhamtee beekamtuuni. Mallattoowwan erga dhukkubichi qaama keessa galee /faale/ kaasee jijjiirramaa deema. Sadarkaa jalqabaarratti, mallattoowwan hin mul’atan yookin dhukkubbi xiqqoo: kan akka hoo’ina qaamaa fi ita’uu mudaamuddii, dhukkubbii mataa, YKN idoodhumtii ciniinname sun ita’utu mul’ata.  Torban 8-12 booda,namootni gara sadarka dhukkubicha waliin yeroo dheeraa jiraachutti /Chronic/ itti waan ce’aniif dhibbanta 60-70% mallattoo dabalataa hin argisiisan.  Namootni kun dhibbanta 30 anga 40 erga faallamanii kaasee wagoota 10 fi 30 gidduutti mallattoowwan biraa argisiisu malu.  Kunis guddachuu Idda onnee/ ventricles of the heart aga dhibbanta 20-30 dabaluun gara dadhabuu onneetti/heart failuregeessa. kan enlargedesophagus YKN guddachuun qaama marumaanii namaoota dhibbanta 10 ta’an irratti ni mul’ata.

T. cruzi n yeroo baay’ee namaa fi bineeyyii oosisanitti kan dadarbu ilbiisa dhiiga-xuuxxuu gosakissing bugs jedhamtee beekamtuuni Triatominae. Ilbiisonni kun iddoowwan adda addaatti maqaawwan adda addaatiin beekkamu, kunis: Arjentiinaa, Booliviya, Chiilii fi Paraguayi keessativinchuca, Braazil keessatti barbeiro (the barber, Kolombiyaa keessatti pito, giddu-gala Ameerikaa keessattichinche, akkasumas Venzuweelaa keessattichipo jedhamuun beekkama. Dhukkubnu kun tarii dhiiga walii dabarsuudhan, qaama nama tokkoo isa gara biraatiif dabarsanii dhaabudhaan, nyaata dhukkubichaan faalame nyaachu, fi, haadharraa gara daa’imaattidaddarbuu danda’a. Sadarkaa duraa/jalqabbii irratti maayikirooskooppii fayyadamuudhaan raammoo dhukkubicha fidu addaan baasun ni danda’ama.  Dhukkubichii yeroo dheera erga tureen booda aqaama ittiftuu /antibodiesT. cruzi dhiiga keessa ilaaludgaan addaan baasun ni danda’ama.

Dhukkubicha ittisuuf yeroo baay’ee ilbiisa “kissing buge” jedhamtu kana balleessu fi cinniinaa ishii dhabamsiisudha. Tarkaanfiin ittisaa gara biraa yeroo dhiiga walii dabarsan sirriitti sakatta’uudha. Akka lakkoofsa faranjootatti anga 2013 itti talaallin hin uummamnne. Dhukkubichi yeroo jalqaba nama qabu yoo yaallaman qorichoota benznidazole YKN nifurtimoxtiin fayyuun ni danda’ama. Ammuma dhukkubni “Chagas” namarra turu sadarkaan fayyuu gadi deema kan dhufu yoo ta’eyyu, jalqaba irratti dafanii yoo yaallaman amma gutummaa guututti dhiyaatun ni fayyu.  Erga yeroo dheeraa namarra tureen booda yaallamuun mallattowwan dhukkubbii dhumarra mul’atan akka turan yookin akka hin mul’anne ittisuuf gargaara.  “Benznidazole” fi “Nifurtimox”n namoota dhibbantaa aga 40 ga’an irratti yeroodhaaf dhiibbaa maddii  kan akka dhukkubbii gogaa, summaa’uu sammu, fi gubaa qaama garaa irraatti mul’isuu danda’a. 

Namootni miiliyoona 7 aga 8 itti tilmaamaman baay’een isaani biyoota Meeksiiko, Giddu-gala Ameerikaa fi Kibba Ameerikaa jiraatan dhukkuba Chagaasin qabamanii argamu. Akka raga bara 2006 itti waggaatti namoota 12,500 ajjeesa.  Namootni edduun dhukkuba kana waliin jiraatan hiyeessota  fi namootni dhukkuba kanaan qabamanii jiran baay’een isaani faallamuu isaanillee hin beekan/hin hubatan.  Sosochiin uummataa edduumminaan iddoodha gara iddotti taasifamuu bakki dhukkubnii Chagas itti argamu akka babal’atu kan taasise si’a ta’u kunis yeroo amma biyyoota Awuroopaa edduu fi Ameerikaa dabalata.  Naannowwan kun waggoota anga 2014 keessatti olka’iisa argisiisaniiru. Dhukkubichi yeroo jalqabaatif kan argame bara 1909 nama Carlos Chagas jedhamuun si’a ta’u sana booda maqaa kanatti moggaafame. Dhukkubichi nama malees bineessota 150 caalan kan miidhudha.




#Article 233: Maaree Dibaabaa (540 words)


Maaree Dibaabaa Hurrisaa (Onkoloolessa 20 1989 dhalatte) atileetii fiigicha-dheera Itoophiyaati. Maraatonidhaan yeroo ammaa haadha shaampiyoona yoo taatu kanas Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 2015 kan Beejiingirratti geggeeffamee waan moo'atteefi. Maaren Xurunash Dibaaba faana firooma hin qabdu. 

Maareen yeroo jalqabaatif dorgommii sadarkaa gaaridhaan xumurtee beekkamtummaa argachuu kan jalqabde bara 2007 shaampiyoonaa Itoophiyaa 20km irratti yoo ta'u sadarkaa ja'aaffadhan xumurte. Dorgommii kanarratti Maaren Poolisii Oromiyaatif fiidge ture.  Dorgommiinshii kan sadarkaa addunyaa kan jalqabaa Walakkaa Maraatoonii Uudinee kan 2008 irratti geeggeeffame yoo ta'u nama umurii kudha-saddeetii kan turte Maaren sa'aatii 1:10:32 galmeessudhaan Aniikoo Kaaloviichitti aantee lammaffaadhan xumurte. Kanatti aansun, ji'a Sadaasatti Walakkaa Maraatoonii Niwuu Deelii irratti kan fiigde yoo ta'u sadarkaa saddeettaffaadhan xumurte; sa'aatti itti xumurte garuu xinnoo fooyyesitee 1:10:28 galte ture.
Maaren yeroo gabaabadhaaf Azarbaajanif dorgomuuf bara 2009 achi imaltee kan turte yoo ta'u maqaa Maaree Ibraahimoovaa jedhamuun fayyadamaa turte. Erga Shaampiyoonaa Gadaanaa Atileetiksii Yuurooppi irratti umuriin ishii waan guddateef dorgomuu akka hin dandeenye itti himamee booda biyya dhalootasheef dorgomuuf deebite. Dorgommiiwwan Azarbaajan bakka buute goote keessa Walakkaa Maraatoonii Deelii kan bara 2009 irratti sadarkaa ja'affaan xumurte. Dorgommii sanarratti Maareen sa'aatii mataashii fooyyessuun 1:08:45 galte (kun riikardii Azarbaajani).    

Erga lammuumma Itoophiyaatti deebitee booda, Maaren Walakkaa Maraatoonii Raas Al kaayimaa irratti Elvaan Abiylaggaseetti aanudhaan lammaffaa baatee ciminashii agarsiifte. Dorgommii kanarratti Maaren hanga 20 km dursaa kan turte wayita ta'u hanga sanatti sa'atin ishiin galmeessite 1:03:47 sa'aatii saffisaa dubartoota kan bara 2010 ti, sa'aatin walakkaa maraatoonii 1:07:13 sa'aatii saffisaa bara sanaa lammaffaadha. Dorgommii maraatoonii kan jalqabaa ji'a Bitootessaa keessa Maraatoonii Room irratti kan goote yoo ta'u sa'aatii 2:25:38 galmeesisiisun sadaffaadhan xumurte. Walakkkaa Maraatoonii Raabaat Eebla keessa tokkoffaan moo'atte. Hagayyaa keessa USAtti Crim 10-Miler fi Walakkaa Maraatoonii Seentineelii fi Niwuus moo'atte. Maraatoonii Firaankifartirratti, Maaren atileetii eeggamaa turan keessaa tokko taatutyyuu saa'tii ishiin galmeessitte sa'aatii mataashii saffisa ta'uyyuu dorgommichi saffisa gudda qaba waan tureef sa'aatii 2:25:27n shanaffaa taatee xumurte.   

Maaren Walakkaa Maraatoonii kan Raas Al kaayimaa irratti Gurraandhala 2011 sadaffaa baate. Maraatoonii Loos Aanjelesi irratti ni moo'atti jedhamtee tilmaama guddaa kan argatte yoo ta'eyyuu Maaren Buzunash Dhaabaa fi Amy Hastingsitti aantee sa'aatii gadaanaa ta'e 2:30:25 galmeessuun sadarkaa sadaffaa baate. Ji'a tokko booda Walakkaa Maraatoonii Addunyaalessaa Yangzhou Jianzhen daqiiqaa tokkoon dursitee moo'atte. Ji'a Hagayyaa keessa Walakkaa Maraatoonii Bogotaarratti sadarkaa lammaffaan xumurte. Garee shaampiyoonaa Addunyaa keessatti bara sana yoo filatamuu baatteyyuu Taba Guutuu-Afrikaa 2011 irratti biyyashii akka bakka buutuf filatamte. Achirrattis Walakkaa Maraatoonitiin medaaliyaa warqee sa'aatii riikardii tabichaa ta'ee 1:10:47 galmeessisiisun moo'atte. Onkoloolessa keessa dorgommii Maraatoonii Toroontoo Wooterfiroonti irratti sa'aatii maraatoonii kan mataashii fooyyessuun 2:23:25 fiigdee Koren Yalitti aantee sadarkaa lammaffaan xumurte. Itti aansee, Walakkaa Maraatoonii Niwuu Deelii sadarkaa ja'affaadhan xumurte.   

Maraatoonii Dubaayi kan 2012 irratti Maareen sa'aatii mataashii isa saffisa 2:19:52 galmeessun sadarkaa sadaffaan xumurte, kunis Assallafach Margaa kan dorgommii sana moo'attetti aanee sa'aatii Itoophiyaa kan dubartootaa isa saffisaa lammaffaadha. Kanarraa ka'udhaan Olompiikii Landan 2012 irratti garee maraatoonii keessatti filatamtee deemte. Landanitti garuu saffisaa duraan qabdu hirristee sa'aatii 2:28:48tti fiigudhan sadarkaa 23ffaan xumurte. Baruma kana Walakkaa Maraatoonii Filaadelfiyaa irratti sadarkaa lammaffaan xumurte.  

Bara 2014, Maaren dorgommii Maraatoonii Chikaagoo sa'aatii 2:25:37tti xumuruudhan moo'atte. Maareen mo'aachuunshii kan himamae Amajjii 30, 2015 yoo ta'u kunis erga Riitaa Jeeptoo qorannoon qoricha nama jajjabeessu fudhacuunshee beekkamee booda ture. Riitaa Jeeptoo qorannoo Fulbaana 25, 2014 kan kufte yoo ta'u kunimmoo dorgommii Maraatoonii Chikaagorratti akka hin hirmaanne godha ture.

Bara 2015, Maaren Shaampiyoonaa Addunyaa kan Beejingitti geggeeffamerratti maraatoonii moo'atte.




#Article 234: Lataa Qana'ii (211 words)


Lataa Qana'ii Aagaa (1991-) waloo Oromoo reefu ol adeema jiran keessaa isa angafa yoo ta'u walaloosaa miyaa'aa nama hawwatuun beekkama. Lataan walaloowwan dhedheeroo waraqaarraa otoo hindubbisiin sammuutti qabatee yeroo dheeraaf dhiheessuudhaan beekkama. Lataan dandeettiisaa addaa kanaan ‘waloo abdatamaa’ jechuudhaan waltajjiiwwan gara garaarratti leellifamaa ture.

Lataan bara 1991 Godina Wallaggaa Bahaa, Aanaa Giddaa Ayyaanatti abbaasaa Qana’ii Aagaa fi harmeesaa Zawdituu Qanaatee irraa dhalate. Barnootasaas achuma Giddaa Ayyaanatti xumuruun bara 2010 Yuunivarsiitii Finfinnee gale. Bara 2015 Yuunivarsiitii Finfinneerraa damee barnootaa seeraatiin digrii jalqabaatiin eebbifameera.

Sirni eebbaa CD walaloo kan ‘Haqni dhara Hinqabu’ bakka ummanni magaalaa Finfinneefi naannooshii itti argamanitti eebbifame. Sirni eebbaa kun kan geggeeffame galma Giddugala Aadaa Oromoo, Finfinneetti yoo ta'u namooni kutaa hawaasaa adda addaarraa dhufan irratti hirmaatnii jiru. Eebbi kun Fulbaana 5, 2015 tti geggeeffame.

Akka Lataan jedhetti, sirna eebba CD walaloosaatii kaleessa taasifameerratti, qooda fudhannaan ummataa daran akka isa gammachiiseefi fedhii dagaagina aartii Oromoo hegereedhaaf malu kan agarsiiseefi namoota aartii keessa jiran kan abdachiise akka ta’e eeree, isallee hojii fuulduraatiif kan onnachiise akka ta’e dubbate.

Moggaasa CD walaloosaa ‘Haqni dhara hinqabu’ jedhu ilaalchisee yoo dubbatu, ‘’Namoota ‘haqni dhara qaba’ jedhanii haqaafi dhara walitti makanii yaadan gorsuufi’’ jedhe. Walaloowwansaa CDdhaan ummataaf dhiheesse keessaa tokko akkas jedha:

Haqni haqumaadhaa haqni dhara hinqabuu…

Sammuun hinadeemuu miilli hinxiinxaluu,

Hangam ittanuyyuu sangaan jabbii hindhaluu...




#Article 235: Sayyoo Dandanaa (180 words)


Sayyoo Dandanaa () weellisaa Oromoo fi qabsaawaa mirga Oromooti. Sayyoon sirboota qabsoo ummata Oromoo deeggaranii fi jajjabeessan hedduu sirbudhan ummata biratti beekkama.  

Sayyoon kan dhalatee kan guddate magaalaa Ambootti. Sayyoon bultii kan qabu yoo ta'u ijoollee lama qaba: ilama tokkoo fi intala tokko.   

Sayyoon barnoota sadarkaa lammaffaa barachuuf bara 1970n gara dhumaa keessa obboleessasaa wajjin gara Finfinnee dhufe. Yeroo kana Sayyoon umuriinsaa 14 ture. Sayyoon yeroo ijoollummaasaa weellisaa ta'uuf yaadee akka hin beekne dubbata. Akka carraa ta'ee Finfinnee naannoo inni jiraachaa ture Kolfee, Orkestiraan Poolisii jira ture. Sayyoon namoota orkestiraa kana keessa hojjatan wajjin suuta suutan hiriyaa ta'a deeme. Isaanis Sayyoon yaalii akka godhuuf gara orkestiraa kanaatti affeeran. Sayyoon yaalii erga godhee booda sagalee gaarii waan qabuuf orkestiraa kanatti dabalame. Orkestiraan Poolisii Sayyoon akka baratuuf gara mana barumsaa muuziqaatti ergan. Achitti Sayyoon dandeettiisaa duraan qabu barumsaan gabbifate.      

Kana booda Sayyoon bara 1980 weellisuu jalqabe. Maqaan matiinsaa baasaniif kan Sayyoo jedhu orkestiraa kana keessa erga galee booda gara Tsaggaayetti jijjiirrate.      

Sayyoon erga bara 1980 kaasee sirbuu jalqabee hanga ammaatti albamii 10 baaseera. Albamoota 10n kana keessatti, sirboota 80 ol ta'an baase. 




#Article 236: Hepatitis A (381 words)


Hepatitis A (maqaan inni ittiin beekkamu infectious hepatitis) jedhama acute dhukkuba faalaa/infectious disease kan ltiruu/liver ka’uumsi isaa vayirasii hepatitis A (HAV). Baay’een isaa keessattuu dargaggoota irratti mallattoo dhukkuba xiqqoo mul’isa yookin mallattoo omatuu hin argisiisu. Yeroon wayita faallamaa fi mallattoon dhukkuba itti mul’atu gidduu jiru, torban lamaa anga torban ja’aa ta’a.  Wayita mallattoon dhukkubsachuu mul’atu keessattuu dhuma torban saddeetii booda: nyaata jibbisiisu, ol-debisiisu, gadi-teessisu , gogaan keelloo ta’u/yellow skin, hoo’ina qaamaa, fi dhukkubbi garaatu irratti mul’ata. Namoonni dhibbantaa 10–15 ta’an jalqaba faallamanii kaasee torban ja’a booda mallattoo dhukkubbii argisiisu. tiruun tajaajilaan ala ta’un/Acute liver failure tarbee darbee kan mul’atu yoo ta’u kunis harka caaluu namoota dullooman irratti mul’ata.

Yeroo baay’ee kan tamsa’u bishaan yookin nyaata boobbaa dhukkuba kana qabuun faallame dhuguu fi nyaachudhaani. qurxummiin/ Shellfish yoo sirriitti bilchaachuu baate aga tokko dhukkuba kana dadabarsuu danda’a. Nama dhukkuba kanaan qabame waliin walitti dhiyenyaan jirachudhaanis namatti darbuu danda’a. Daa’imman faallaman mallattoo dhukkubbii yoo argisiisu baatan illee dhukkubichi isaan irraa namoota gara biraatti darbuu danda’a. Al tokko namni faallamee fayye sana booda umurii isaa guutuu deebi’ee hin qabamu. Sababa mallattoon dhukkubbi dhibeewwan gara biraatin wal fakkaataniif dhukkubicha addaan baasanii baruuf qorannoon dhiigaa barbaachisaadha. Dhukkubni hepatitis viruses gosoota adda addaa shan: A, B, C, D, and Etiin beekkama.

Gosni hepatitis A vaccine ittisaaf mijataadha. Biyyoonnii tokko tokko daa’immanii fi iddoo sodaa guddaan jirutti warra ijoollumaatti hin talaalamin talaalchisu. Talaallin ummurii guutudhaaf ittisa. Tarkaanfiwwan ittisaa kuun harka dhiqachuu/hand washing fi nyaata sirriitti bilcheessudha. Yaalin addaa godhamu hin jiru,boqonnaa fudhachuu fi qoricha nausea yookin diarrhea fudhachuun akkuma barbaachisaa ta’etti ajajamuu fi danda’a. yeroo baay’ee faalamnii uummame guutumaa guututti dhukkuba tiruu itti fufiinsa qabuu malee ni fayya. Yaalii tiruu tajaajilaan ala t’ee ilaalchisee, wanti akkasii yoo muuddate tiruu bakka buusudhaan/liver transplantion dhaan yaallama.

Sadarkaa addunyaatti dhukkuba kanan walqabatee gara namoota miiliyooma 1.5 ta’antu dhukkubsata  walumaa galatti namoota faallaman miiliyoona 10 ta’an keessaa. Dhukkubichi kutaa addunyaa qulqullina gadi aanaa qabanii fi bishaan qulqulluu ga’uumsaan hin argannetti bali’aan mul’ata. Biyyoota guddachaa jiran developing world keessatti daa’imman dhibbantaa 90 ta’an yeroo umuriin isaanii waggaa 10 waan faallamaniif yeroo guddatan dhukkubichaan hin qabaman. Biyyoota guddatan keessatti ijoollen yeroo daa’imummaa waan hin saaxilamnee fi talaallin yoo kennamuu baate bifa weerraraatin mul’ata. Bara 2010 keessa, dhukkubni “acute hepatitis A” namoota 102,000 ajeese. Guyyaan Hepatitis Addunyaa/World Hepatitis Day adoolessa 28 ubannoo waayee viral hepatitisuumudhaaf kabajama.




#Article 237: Dracunculiasis (344 words)


Dracunculiasis, akkasumas dhukkuba raammoo giinii jedhama (GWD), fallamamuu guinea wormtiin dhufa. Namoonnii dhukkuba kanaan kan faallaman yoo bishaan water fleas raammoo giiniitiin faallame dhuganii larvae. Jalqaba irratti mallattoon omaatuu hin mul’atu. Gara waggaa tokkoo booda, raammoo ishii dhaltuun gogaa itessuu waan jalqabduuf dhukkubsataan qaama isa ooqsisuu yookin gubuu jalqaba, yeroo baay’ee jilaa gadii. Itti aansudhaan raammoon torban muraasa keessatti qaama keessaa yaa’uu eegaltii. Wayita kanatti, deemuuf yookin hojjachuuf baay’ee rakkisa. Dhukkubichi yeroo baay’ee lubbuu dabarsuudhaan hin beekamu.

Lubbu qabeeyyii jiran keessaa ilma namaa qofa kan raammoo giinii tiin faallamuu danda’u. Raammoon giinii furdina milii meetira tokko anga lamaa fi dheerina milii meetira 60-100 qabdi (raammoon inni dhiiraa caalmatti gabaabadha). Qaama namaatin halatti hanqaaqun raammoo kanaa torban sadiif jiraachuu danda’a. Kana dura ilbiisota bishaan irraatin nyaatamu qabu. Hanqaaqun gara raammotti jijjiramuuf jedhu/laarvaan qaama ilbiisota bishaanii keessa ji’oota afuriif tora. Kanaaf dhukkubni kun otoon hin badin naannoo tokko turuuf waggaa waggaadhan nama qabuu qaba jechuudha. Qorannoon isaa yeroo baay’ee mallattoo fi dhukkubbii nama irratti mul’atu irratti hundaa’un kan geeggeeffamu ta’a.

Ittisuun durasanii sakatta’uudhaan yookin qorachuudhaan dhukkubsataan bishaan dhuguun akka hin madoofne ittisuudhaanii. Tarkaanfiwwan biraa: bishaan qulqulluu fayyadamuu yookin yoo bishaan qulqulluu hin taane dhinbiibanii fayyadamuu faa dabalata. Uccuu qulqullina qabuun dhinbiibu yeroo baa’ee ga’aadha. Bishaan dhugaatii faallame keemikaala temefos jedhamuunis hanqaaquu raammichaa irraa ni qulqulla’a. Qorichi yookin talaallin dhukkubicha ittisu hin jiru. Raammoo kana suuta suuta muka irratti maruudhan torban muraasa keessatti qaama namaa keessa baasuun ni danda’ama. Dhooqni madaa raammoo kanaan qaama namaarratti uumamu baakteeriyaadhan kulkuluu danda’a. Erga raammoon qaama keessaa ba’een booda dhukkubbiin ji’ootaaf itti fufuu danda’a.

Bara 2013 keessa dhukkubsattoota  148 tu gabaafame. Kun bara 1986 miiliyoona 3.5 turerraa kan gadi hir’ate tauu argisiisa. Tamsa’inni bara 1980 biyyoota 20 keessatti mul’achaa turerra amma gara biyyoota Afrikaa 4 gadii bu’eera. Biyyoonni dhukkubichi baay’ee itti mul’atu Afrikaa kibbaa/South Sudan. Dhukkuba kana dhabamsiisuf kan jalqabaa tatii jedhameetti eegama parasitic disease. Dhukkubni raammoo giinii yeroo duriirraa eegaleeti beekama. Baroota 1550 irraa eegalee yaalii fayyaa biyya Misiraa Ebers Papyrus, keessatti ni beekama  BC. Jechi/maqaan “dracunculiasis” jedhamu Latin jaalala dragon xiqqoo” irraa moggaafame, maqaan raammoo giinii/guinea worm kan dhufe erga warrii Awuroopaa dhukkubicha biyya Guinea nannoo West Africa jaarraa 17ffaa keessa arganiin booda. Sanyiin raammoo biraa kan raammoo giinii waliin walfakkatu beeladoota biraa irratti dhukkuba uumanis ni jiru. Isaan kun mana irratti miidhaa hin geessisani. Dhukkubni kun dhukkuba dagatame neglected tropical disease Keessatti ramadama.




#Article 238: Hayilamaaram Gammadaa (676 words)


Hayilamaaram Gammadaa (1915 - 1970) qabsaawaa mirga Oromoo fi hoggantoota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessaa isa tokko. Hayilamaariyaam reebichaa fi dararaa mootummaan Hayilasillaasee isarraan ga'erraan kan ka'e yaallamaa turee Adoolessa 1, 1970 lubbuunsaa dabarte. 

Hayilamaaram Gammadaa kutaa bulchiinsa Shawaa Kaabaa, aanaa Jiddaa keessatti bara 1915 maatii qonnaan bulaarraa dhalate. Yeroo inni barnoota sadarkaa lammaffaa barachaa jiru Xaaliyaanin Itoophiyaa weerarte. Hayilamaaram Gammadaas Raas Abbabaa Aragaay (akaakayyuu Goobana Daaccii) jalatti galuun Xaaliyaanii lolaa ture. Boodarra Xaaliyaanotaan booji'amee Somaaliyaatti waggaa sadi'i hidhame. Erga Xaaliyaanin bara 1941 Itoophiyaadhaa baatee booda, Hayilamaaram biyyatti deebi'ee Ministeera Humna Namaa keessatti mindeeffamee Shawaa, Tigraayi, Harargee, Kafaa, Iluu Abbaa Boor, Arsii fi Sidaamoo keessatti hojjachaa ture. Kutaalee Oromiyaa hedduu keessa socho'uun odeeffannoo seenaa Oromoo, aadaa, duudhaa fi dhaabbilee siyaasaa guuraa ture. Carraa hojiisaa kanaanis Haayilamariyam bakka hedduu waan deemeef, waa’ee Oromoo fi kutaalee Oromiyaa akkasumas, mala bulchiinsa jallaa ummata Oromoorratti mootummaa yeroo sana tureen fe’amee jiruu fi walumaa galatti waa’ee Impaayera Itoophiyaa kana hubannaa gaarii argachuu danda’ee ture.

Bulchiinsa loogii sanyii, dhiittaa mirga dhala namaa Oromoon lafa itti dhalatee keessatti irratti geggeeffamuu fi akka sabaatti tuffatamuu fi maqaa hinmalleefiin waamamuunsaa Haayilamaariyam kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti argaa ture sun boqonnaa dhorkate; hojiisaa qalbiin  itti fufee hojjachuu hindandeenye. Rakkoo sana keessaa Oromoo kan baasuu danda’u Oromoo malee qaamni biraa jiraachuu akka hindandeenye hubate. Kaanfis ofirraa jalqabuun akka barbaachisu murteessuun hojii mootummaa yeroo dheeraaf hojjachaa ture gad lakkisuun dhuunfaan hojii abukattummaa seeraa hojjachuu jalqabe. Hojiinsaa kunis barnootaan kan deeggarame akka ta'uuf, guyyaa hojjachaa galgala ammo barnoota seeraa Yuunivarsiitii Finfinneetti barachuu jalqabe. Barnootasaa kanas xummuree Diploomaan erga eebbifameen booda, jiruu fi jireenyasaa hafe Oromoo salphina isa mudate keessaa baasuuf ga'eesaa ba’uuf of qopheessuu jalqabe.

Hojiin seeraa inni dhuunfaan hojjatu kunis Oromoota kutaalee Oromiyaa adda addaarraa dhufan wajjin kan wal isa barsiise yoo ta’u, namoota qunnamuu hundaa irraa waan inni dhaga’u haqa barbadaaf dhaaddachaa fuula duratti dhihaatanii haqa osoo qabanii sanyiin looginsa ta’u yeroo hubachaa deemu, jibbiinsi sirna sanaaf qabu jabaachaa hawwii inni qabsoof qabu ol ka’aa deeme. Akeeka isaa fiixaan baasuufis umanni Oromoo bifa kamiinuu of ijaaruu fi ijaarsa sanaan tokkummaan qabsoo gochuu akka qabu waan itti amaneef, hayyama mootichi Hayilasillaasee uummanni of ijaaruu danda’a jedhee baasetti dhimma bu’aan namoota yaada akka isaanii qaban waliin ta’uun bu’ureffamni Waldaa Maccaafi Tuulamaa mirkana akka ta’u taasise.

Hayilamaaram nama dubbisuu jaalatu, waan haaraa baruuf nama fedhii qabu fi nama sammuu qara qabu ture; kunis seenaa Oromoo hedduu akka beeku isa godhe. Hayilamaaram seenaa fi aadaa Oromoorratti beekumsa olaanaa qaba ture.      

Hayilamaaram Gammadaa namoota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa hundeessan keessaa tokko yoo ta'u barreessaa waldichaa ta'ee hojjachaa ture. Hayilamaaram hogganaa koree seeran ittiin-bulmaata waldichaa baasu ture. Maqaa waldichaallee kan baase isuma yoo ta'u asxaa dhaabichas akka odaa ta'u kan yaada dhiyeesse isa ture. 

Sochii Hayilamaarama Maccaa fi Tuulama keessatti godhu, sirna fiwudaalaa Hayilasillaassee baayyee sodaachise. Akkasuma ta’ee garuu, mootichi Hayilamaaram irratti balaa qaqaabsiisuu odoo hintaane ofitti butuun dhimma itti ba’uuf saganteffate. Haala kanaanis hojii mootummaatti deebi’ee mindaa fi itti gaafatamuummaa guddaa akka qabaatuuf yaadun xalayaan ajajani. Hojii isaa kennames itti gaafatama abbaa seeraa fi qeeyee mootummaaf ammoo gorsituu seeraa ta’ee akka dalaguuf ture.  

Muudamni kun maalif akka ta’e Haayilamaaramiif battalumatti galeefi. Yeroo gabaabaaf erga hojjateen booda fedha isaan hojicha gad lakkisee ba’uun yeroosaa guutummatti ijaarsa Waldaa Maccaafi Tuulamaa irratti dabarsuu jalqabe. Hojiisaa gadi lakkisee yeroo muraasa booda hidhattoota mootummaatin qabamee mana hidhaatti darbatame. Qabeenya isaas maqaa idaa baankii jedhuun horii hintaanetti gurguruun mormitoonnisaa akka qircatan taasisanii. Akka kanatti maatii fi qee'eesaa dirree gubbaatti rakkinaaf saaxilan. Mana hidhaa sana keessattis dararama qaamaafi qalbiin irra ga’aa tureen erga dadhabeen booda manatti galee haa du’u jechuun yeroo lubbuun isaa ba’u geessu manatti galchan. 

Waldaan Maccaa fi Tuulamaa erga dhorkamee booda sababa hirmaannaa waldicha keessatti qabuun reebichaa fi dararaa guddaa mootummaan fiwudaalaa irraan geessise. Hayilamaariyaam Gammadaa reebichaa fi dararaa isarra ga'erraan kan ka'e mana murtii dhufuu kan hindandeenye ta'ullee sireedhan baattame akka dhufu ajajame. Gara boodaa garuu gara mana yaalaa akka deemu eeyyamameef. Mana yaalaa deemee yaallamaa odoo jiruu baayyee waan miidhameef torban tokko booda Adoolessa 1, 1970 lubbuunsaa dabarte. Gara mana yaalaa deemuf yeroo ka'u, Hayilamaaram jaallewwansaatin akkas jedhe: 

Waa'ee Maccaa fi Tuulamni akka hinsochoone dhorkamuu fi miseensoni waldichaa hidhamuu ilaalchisee akkas jedhee dubbate:  

Hayilamaaram, qabsoo Oromoo keessatti, gumaacha godheen yoomiyyuu ni yaaddatama. 




#Article 239: Echinococcosis (379 words)


Echinococcosis, akkasumas hydatid disease, hydatidosis, YKN echinococcal disease, jedhamee kan beekkamu parasitic disease sababa tapeworm gosa Echinococcus kan dhufuudha. Namoonnis gosa dhukkubba kanaa lamaan qabamu, “cystic echinococcosis” fi alveolar echinococcosis. Gosoonni lama immoo kan baay’ee hin beekamnes “polycystic echinococcosis” fi “unicystic echinococcosis” ni jiru. Dhukkubichi jalqaba irratti mallattoo tokko male kan nama qabu si’a ta’u bifuma kanaan waggaa tokko turuu mala. Mallattoo fi dhukkubbiin mul’atu iddo itti dhiiton/iitoon uummamee fi ammanttaa isaa irratti hundaa’a.  Dhukkubni “Alveolar” yeroo baay’ee tiruu irraa yaa jalqabu malee gara qaama biraa kan akka sonbaa fi sammuu itti faca’a.  Yeroo tiruun miidhamu dhukkubsataan dhukkubsachuu qama garaa abdominal pain, ulfni isaa hir’achuu, fi biftii jijjiirramu yellow tu irratti mul’ata.  Dhukkubni sonbaa tarii dhukkubsachuu laphee fiduu, shortness of breath fi qofaasisuu fiduu danda’a.

Dhukkubichi kan faca’u soorataa fi bishaan hanqaaquu raammoo dhukkubicha fiduun faallame fayyadamanii fi beeylada dhukkubsateen yoo wal tutuqqiin jiraatedha.  Hanqaqun bobbaa /gadi teessuma/ beeylada foon nyaatan kan dhukkubichaan qabamanii keessatti argama.  Beeyladoonni dhukkubichaan qabamuun beekkaman: saroota, sardiidotaa fi yayii faa dabalatu. eeyladoonni kun dhukkubichaan qabamuuf qaama organsjechuun foon kan akka hoolaa fi illeentti dursanii dhukkubsatanii nyaachuu qabu.  Gostii dhukkuba nama qabuu garuu gosa raammmmoo Echinococcus faallama fiduu irratti hundaa’a.  Qorannaan yaalii yeroo baay’ee ultrasound karaa computer tomography (CT) YKN magnetic resonance imaging (MRI)tiin fayyadamuun geggeeffama.  Qorannoon dhiigaa antibodies qaamni ammam akka dhukkubicha ofirraa ittisuuf yaalii gochaa jiruu ilaalunis biopsy tarii fayyaduu danda’a. 

Dhukkuba kanaa beeyladooda dadabarsuu danda’anii kan akka sarootaa yaalu fi hoolota talaalchisuun too’achuun ni danda’ama.  Treatment is often difficult. Dhukkubni kun yeroo qoricha fudhatan qaama gogaa jalatti bishaan godhachuu YKN dhiita’uu danda’a.  Yeroo tokko tokko dhukkubni akkasii mul’achuu /argamuu/ danda’a.  Gosti dhukkubichaa kan “alveolar” qoricha fudhatametti aansudhaan baqaqsanii baasuu barbaachisa.  Qorichii fudhatamu albendazole waggaadhaaf fudhatamuu barbaachisuu mala.  Dhukkubni gosa “alveolar” kun du’aatii geessisuu ni danda’a. 

Dhukkubichii kutaa biyyoota addunyaa baay’etti kan mul’atu si’a ta’u yeroo ammaa kana namoota miiliyoona tokko ta’an miidhaa jira.  Naannowwan kibba Ameerikaa, Afriikaa fi Asiyaa keessatti uummanni dhibbantaa 10 ta’utu miidhamaa jira jedhameet tilmaamama.  Bara 2010 keessa dhukkuba kanaan namoonni 1200 kan du’an si’a ta’u kunisa bara 1990 keessa du’aatii sababa dhukkuba kanatiin uummamee ture 2000n yoo wal bira qabamee ilaallmu gadii bu’uu argisiisa.  Ubaatiin dhukkubichi diinagdee irratti geessisu waggaatti gara doolaara Ameerikaa biiliyoona 3 itti tilmaamama.  Dhukkubni kun beeyladoota kan akka booyyee, saawwanii fi fardeenis ni miidha. 




#Article 240: Qurcii (336 words)


Qurcii, akkasumasdhukkuba “Hansen” (HD)jedhamuun kan beekamu, kun chronic dhukkuba karaa baakteeriyaa nama qabuudha Mycobacterium leprae fi Mycobacterium lepromatosis. Jalqaba irratti, dhukkubichi mallattoo dhukkubbii tokko malee waggoota 5 anga 20 itti akkanumatti tura.  Mallattoowwan uumaman granulomas kan narvoota, qaama afuura baafannaa, gogaa, fi ija irratti argamani.  kunis sababa qaamni adoodu fi dhukkubbiin hin dhaga’amneef jecha madaa walitti aansee uummamuun ciccituun qubeenii, funyaan fi qaamoole gara biraa irratti uummama.  Dadhabbii fi sirriitti arguu dhabuunis ni uummama. 

Gosawwan dhukkuboota bifa lamaa baay’ina baakteeriyaa argamee irratti hundaa’a: “paucibacillary” fi “multibacillary”.  Gosawwan lamaan kun kan addaan ba’an baay’ina xiqoo kan faca’e, gogaan bifa adda ta’ef adoode argamu, “paucibacillary” shan ykn sanaa gadii fi “multibacillary” shan caalu waliin argama.  Qorannaan isaa kan mirkanaa’u acid-fast bacilli gogaa bakka dhukkubsate keessaa ykn kara “DNA” argachuudhaan polymerase chain reaction isaa ilaludhaan ta’a.  Dhukkubni kun baay’inaan kan beekkamu warra hiyyummaa keessa jiraatan biratti si’a ta’u kan tamsa’us karaa dhangala’aa qaama afuura baafannaa keessaa ba’uun akka ta’e amanama.  Garuu waan baay’ee wal tutuquudhaan darbu miti. 

Quriin dhukkuba yaalidhaan fayyuudha.  Yaaliin dhukkuba gosa qurcii “paucibacillary” tiif qorichawwan dapsone fi rifampicin ji’oota ja’aaf fudhachuudha.  Yaaliin gosa qurcii “multibacillary” tiif rifampicin, dapsone, fi clofazimine walitti ji’oota 12 fudhachuudha.  Yaliiwwan kun karaa Dhaabbata fayyaa addunyaa tola/bilisa kennamu.  Qorichoonni baakteeriyaaf kennaman kan biroo baay’eenis fayyadamu malu.  Sadarkaa addunyaatti bara 2012, namoonnii dhukkubichaan qabamanii turan 189,000 si’a ta’an haaraa kan qabaman immoo 230,000 turan.  Baay’inni namoota qabamanii dhukkubicha waliin jiraachaa turanii bara 1980 miiliyoon 5.2 kan turerraa gadii hir’achaa dhufeera.  Dhukkubichaan haaraa qabamaa kan jiran biyyota 16 keessatti si’a ta’u kana keessaa Indiyaa keessatti kan qabaman  harka wadhakkaa ol ta’u.  Waggoottan 20 darbanitti namoonni miiliyoona 16 sadarkaa addunyaatti qurciirraa fayyaniiru. 

Qurciin waggoottan kumaatamaaf nama miidhaa ture.  Dhukkubichii maqaa kana kan argate jecha Latin lepra, jechuun waan jabaataa scaly, si’a ta’u jechi Dhukkuba Hansen ogeessa fayyaa Gerhard Armauer Hansenirraa moggaafame. Namoota qooduun/ofirraa fageessun leper colonies ammallee biyya akka Indiyaa keessatti, kan kumaatama caalan irratti;  Chayina keessatti, namoota dhibbatamaan lakkaawwaman irratti;  fi Afrikaa keessatti.  Ta’us, qoodinis bakka baay’etti dhaabbateera.  Qurciin Qoodinsa hawaasummaa waliin seenaa duubaa dhufeen wal qabata,  kunis dhukkubsattoonni dursanii akka hin bakkesifannee fi dafanii yaalii hin arganne godhaa jira. Guyyaan qurcii addunyaa warra qurciidhan miidhaman biratti ubannoo uumuuf bara 1954 irraa eegale. 




#Article 241: Leishmaniasis (268 words)


Leishmaniasis YKN leishmaniosis jechuun dhukkuba sababa prootozo’a paarasayitii sanyii Leishmania tiin dhufuu fi karaa hiddaa/ciniinnaa tisiisa ashawaa/sandflies daddarbuudha.  Dhukkubichii karaa sadiin jechuu: “cutaneous”, “mucocutaneous”, gosa “leishmaniasis” qaama keessaatin mul’ata YKN uummama.  Gosti inni “cutaneous” gogaa si’a orbobbeessu, gosti isa “mucocutaneous” gogaa dabalatee afani fi funyaan mammadeessa. Gosti inni qaama keessatti uummamuu immoo dura gogaa irraa eegalee booda hoo’ina qaamaa fida, seelii dhiiga diima gadii xiqqeessa, akkasumas rajiijji fi tiruun akka guddatu taasisa. 

Dhukkubni kunkan namatti dhufu karaa Leishmania gosa 20 ol ta’aninii.  wantoonni balaa kana ammeessan: hiyyummaa, hanqina nyaataa, manca’iinsa bosonaa, fi babal’achuu magaalatii.  Dhukkubni gosa sadaniyyuu paarasayitii maaykiroskooppi dhaan ilaaludhan baramu/addaan ba’u.  Dabalataan, dukkuba isa qaama keessatti uumamu dhiiga qorachuudhaan bira qaqqabuun ni danda’ama.        

Dhukkubni “Leishmaniasis” amma tokko saaphana keemikaala farra bookee cuuphame jala rafuudhaan ittifamuu ni danda’a.  Tarkaanfiwwan ittisaa kaawwan keemikaala farr bookee biifu fi namoota dhukkubsatan dursanii yaaludhaan akka hin tamsaane ittisuudha.             Yaalin barbaaddamu dhukkubichii eessaa akka nama qabe, sanyii/gosa Leishmania, fi gosa dhukkubichaa irratti hundaa’a.             Qorichoonni dhukkuba isa qaama keessatiif oolan: liposomal amphotericin B, walitti makaa pentavalentantimonials fi paromomycin, fi miltefosine faa dabalata.  Dhukkuba gosa “cutaneous” tiif, paromomycin, fluconazole, yookin pentamidine fayyisuu danda’u. 

Namoonni gara miiliyoona 12 ta’an yeroo ammaa biyyoota 98 keessatti miidhamanii argamu. gara miiliyoona  2 kna ta’an haraa wayita ta’an waggaa waggaatti kuma 20 anga kuma 50 kan ta’an immoo lubbuu isaanii dhabu. Namoonnii miiliyoon 200  ta’an Asiya, Afrikaa, kibbaa fi wadhakkeessa Ameerikaa, fi kibba Awurooppaa keessaiitti iddoo dhukkuba kanaaf saaxilame jiraatu. WorldDhaabbanni Fayyaa Addunyaa yaalii dhukkuba kanaatif jecha qorichoonni tokko tokko gatiin isaanii akka gadii bu’u tasiiseera.  Dhukkubni kun beeyledoota edduu kan akka saroota fi sanyiiwwan hantuuta faa qabuu danda’a.




#Article 242: Jajjuu (aanaa) (713 words)


Daanggeeffamaa fi argamni  Aanaa Jajuu 
	Kaabaan ___ Aanaa  Boosat 
	Kibbaan __Aanaa  Sudee
	Bahaan  _Aanaa  Martii 
	Lixaan _Aanaa  sireetiin   Daanggeeffamati.
Bal’inni   Lafa Aanichaa  :    Heektaara 75,200     yoo ta’u  kana  keessaa 
	Qonnaaf  kan Oolu  hek 29017 
	  Bosonaan kan qabame hek 10998 yoo ta’u 
	 Dheeedinsaaf  hek 10925    
	 Lafti Bishaanii  hek 671 
Haalli  Qilleensa Aanichaa  (Agro- Ecologiin isaa
	 Baddaan __________ (33%)
	Badda Dareen ________ (47%)
	 Gammoojjiin ________ (20%)yoo ta’u,Baay’ina  Ummata  Aanichaa  141,252 
	invastaroonni qonna kuduraa  fi muduraa irratti bobba’an fi oomisha habaaboo irratti hirmaatan  19. Hojii  dhabeeyyiii 1,220f  dhaabbiidhaan hojii kan uumaniif yoo ta’u, namoota 5,000  oliif immoo yeroof  carraa hojii uumaniifii jiru.
	Jallisiin Tibilaa kan Heektaara 5000 ol misoomsaa jiru anaa kana keessatti argama. jallisiin aadaa, paampii fi jallisiin hammayyas nijira. 
	Daandiin Arbooyyee Adaamaa fii Daandii Gandootaa fi gandoota walqunnamsiisu Daandii cirrachaa km 108 ta’u diriiree jira. 

	Manneen Barnootaa sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga mana brnootaa sadarkaa 2ffaa Dhaabbata leenjii teeknikaa fi ogummaa 1 qabdi 
	 Buufata Fayyaa 4 fii keellaa fayyaa  26  kilinika dhuunfaa  5 fi Ogeeyyii fayyaa hedddun kan fayyaa jiraattota ishee too’attuudhaGama Imxtiin baadiyyaa magaalattis  Hoji Dhabeeyyiif carraan hojii uumameera 
	 waliin gahiinsi bishaan dhugaatii Aanichaa % 62 irra gahee jira. 
	Gama ibsaatiin magaallonni Aanichaa Arbooyyee , Boolloo  fi Magaalaan Alaagaa dureettii Ibsaa kan argatan yoota’u Magaalonni xixiqqoon daandii gubbaajiran hunduu ibsaa argataniiru. 
	Gama teeleetiin Gandoota magaalaaf baadiyyaa Aanichaa hunda irrattuu tajaajilli bilbilaa nijira. 
Gama Barnootatiin  
Baay’inna Manneen Barnootaa 	1984	2007
M/B    1-4	3	14
M/B    5-8	18	29
M/B    9-10	1	2
M/B     11-12	0	1
                     Baay’inna Barsiisotaa 
Barsiisota 	1984	2007
Digrii	14	99
Dippiloomaa 	10	424
TTI 	186	64
    Hirmaannaa Barattootaa ilaalchisee 
Baay’innaa barattootaa 	1986	2007
Olmaa daa’immanii	0	217
Zeeroo claasii 	0	2,300
Barattoota 1-4	-	20,753
Barattoota 5-8	-	1,724
Barattoota 9-10	-	6632
Barattoota 11-12	-	268
Barattoota fedhii addaa	0	16
Gamaa Bishaan Dhugaatiitiin 
Hojiwaan Bishaanii dhugaatii bara 1984 hanga 2007 hojjatamaan fi Bu’aawwan akka Aanaa keenyaatti argaman 

  
Daandii Ilaalchisee  

 3. Dandii Arbooyyee – Habuulee dheerina  km 12.5 

Akkasumaas hojiin misooma dandii bara 2007 saganta waliin gahinsa dandii badiyyatiin hojjiin ciruu fi haxa’uu, hojii lafa (earth work) hojjatamaa jiru 
.Dandii Danaab guddoo - D/Kombolchaa  dheerina km 6 

Sagantaan waliin gahinsaa daandii baadiyaa (SWGDB) bay’inaa gandoota 15 ta’aniifi bay’inaa ummata dhira 26,910 dubara 19,367 w/qaba 46,277 tajjajila kan keena jiruu ta’u isaatti. 
Walumagalattii akka Aanaa jajuutii sirnaa Dh.D.U.O. (ADWUI) dandiin cirachaa  k.m 108.6 ta’uu hojjatameera. 
Bay’iina ummata Aanaa kenyaa dhiira 47,635 dubara 35,043  w/qaba 82,678  tajjajilaa omishaa oomishtumma gabaya geeachuu fi  dubartootni ulfa tajjajilaa Ambulansii argataniruu.  

Jiraattonni Godina Arsii Aanaa Jajuu Filannoo Biyyoolessaa Marsaa 5ffaan Bakka Bu’aa Keenya Nagaan Filanne Jedhan. 
Akeekni dagaagina dimookiraasii biyya tokkoo filannoo ummataa ummataan gaggeeffameedha.
Kana kan dhugoomsu ammoo filannoon  paartilee siyaasaa hirmaachise karaa iftoominaa fi bilisa ta’een nu hirmaachiseedha jedhan jiraattonni Aanaa jajuu buufataalee filannoo garagaraa irratti yaada kennaan tokko tokko .
Gandoota Aanichaa 29 keessa buufataalee 66 tti filannoon kan gaggeeffame yoo ta’u iddoolee filannoo hundattuu filannoon karaa nagaatiin gaggeeffamuun isaa dimokiraasii biyyattiin gaggeessaa jirtu hawaasni keenya ofitti fudhachuu isaa agarsiisa jedheera bulchaan bulchiinsa Aanaa Jajuu obbo Jeylaan Abdullee.
Itti gaafatamaan boordii filannoo aanichaa Obbo Alamaayyoo Wadaajoo hawaasni aanichaa akkuma sirna dimookiraasii dhugoomsuuf karaa nagaatiin filannoo gaggeessen karoora guddinaa biyyattiin qabattee itti deemaa jirtu cinaa dhaabbachuu qaba jedhanii jiru.
Oduu qindaa’eef :-  Waajjira DhKMA/Jajuu 
                                    

Godina arsii aanaa Asakootti filannoon marsaa 5ffaan haala si’oominaa fi milkaa’ina qabuun gaggeeffamaa jiraachuun himame.yeroo ammaa kana biyya keenyatti aangoo mootummaatiinfilannoo ummataa malee meeshaalee waraanaa qabatanii socho’uun hafuu isaa mirkanaa’eera.
Yeroon kunis ummanni abbaa aangoo kana itti ta’ee fi bu’uura heeraa kan qabu sirni dimookiraasii yeroo itti dagaageedha.kanaanis waggoottan 25’n darban keessattisaboonni sablammoonni fi ummanni biyyattii filannoowwan haqa qabeessa ta’an marsaa 4’f gaggeessanii turan.
Haaluma kanaa jiraattonni godina Arsii aanaa Asakoo filannoo biyaalessa marsaa 5ffaa caamsaa 16 gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachuun karaa milkaa’ina qabuun filachaa jiraachuun dhaga’amee jira.
Namoonni buufataalee filannootti argamuun yaada kennan tokko tokko nuti abbaa aangoo kan taane ummanni guyyaa seena qabeessa kanarratti argamnee paartii siyaasaa ,nageenya,misooma fi ijaarsa sirna dimookiraasii  amma eegame kana itti fufsiisuuf ganamaan kaanee filachaa jirra jedhan.
Iddoolee filannoo 46 irratti namoonni kuma 38 ol kan galmaayan yoo ta’u,hanga amma oduun kun qindaayutti namoonni kuma 35940 sagalee kennuudhaan dhibbeentaa 92 irra gaheera. Kan gabaase r/w/dh/k/m/aanaa asakoo maammad-jamaal arrooleeti

Italic text
Bold text

 ==




#Article 243: Cysticercosis (363 words)


Cysticercosis ita’iinsa qaamaa faallama karaa young form (cysticercus) pork tapeworm jedhamurraa uummamuudha (Taenia solium). Namoonni waggadhaaf mallattoo xiqqoo argu yookin mallattoo omaatuu otoo hin argin turun,qaama YKN gogaa isaaniirratti ita’iinsi seentii meetra tokkoo anga lamaa ta’uu fi kan dhukkubbii hin qabne uummama, YKN yoo sammuun tuqame neurological symptoms qabaatu. Ita’iinsii jajjabina qabu kun erga mul’atee kaasee ji’oota yookin waggoota booda gar malee ita’uun/guddachuun dhukkubuu eegala.  Biyyoota guddachaa jiran keessatti kun yeroo baay’ee ka’uumsa seizuretii. 

Yeroo baay’ee kan inni ittin nama qabu nyaata yookin bishaan hanqaaqu raammoo hadhaa/heexoo tiin faallame nyaachu fi dhuguudhaani.  kuduraalen hin bilchaatin kanaaf ka’uumsa guddaadha.  Hanqaaqun raammoo heexoo/hadhaa bobbaa nama raammoo kanaan faallamee irraa kan dhufuudha, wanti kunis taeniasis jedhamee beekkama.  “Taeniasis” dhukkuba gara biraa xannacha foon keessatti argamu otoo hin bilchaatin yoo nyaatan kan nama qabuudha.  Namoonnii nama hadhaa/heexoo qabu waliin jiraatu carraan inni dhukkuba “cysticercosis”n qabamuu isaa ol¬-aanadha.  Qorannoon dhukkuba kanaa karaa aspiration xannacha uummame ilaaludhan geggeeffama.  Suura sammuu karaa computer tomography (CT) fudhacuun YKN magnetic resonance imaging (MRI) fayyadamuun dhukkubichii sammuu keessa jiraachuu fi dhiisuu addaan baasuuf baay’ee gargaara.  Baay’achuun lakkoofsa ceelii dhiiga hadii/white blood cell, kunis eosinophils jedhama, dhiignii cerebral spinal fluid keessatti argamus akka mallattoo tokkootti ni gargaara.

Faalamuun kun qulqullina dhuunfaa eeggachuu fi sanitationdhaan ga’uumsaan ittifamuu ni danda’a. Kunis: Foon sirriitti bilcheessuu, qulqullina bobbaa sirriitti eeggachuutoilets fi bishaan qulqulluu fayyadamuu dabalata. Dhukkubicha “taeniasis” dhaan yaalun akka hin tamsaane ittisuuf gargaara. yaaliin qaama “nervous system” hin dabalanne tarii barbaachisaa ta’uu dhiisuu mala.  Yaaliin “neurocysticercosis” waliin taasifamu qorichoota praziquantel YKN albendazoletin godhama. Isaan kun yeroo dheeraa barbaaduu malu. Steroids, yeroo qorichoonni kun fudhataman dhiibbaa fayyaa isaan fidan ittisuuf/anti-inflammation fi anti-seizure medications ni barbaachisu.  Yeroo tokko tokkoo xannacha basuuf yaliin baqaqsuu ni taasifama. 

Dhukkubnii raammoo hadhaa/heexoo keessumattu biyyoota Asiyaa, Afrikaa saaraa gadii fi Laatin Ameerikaa keessatti beekkamaadha. beentaan anga 25 ta’an faallamaniiru jedhameet amanama. Biyyoota guddatan keessati garu kun gonkumaa waan barame miti. Sadarkaa addunyaatti bara 1990 itti namoota 700 kan ajjeese dhukkubni kun bara 2010 keessa namoota 1,200 akka ajjeese gabaafameera. “Cysticercosis”n nama malees booyye fi saawwan kan faalu ta’u illee mallatton yeroo gabaabaadhaaf qofa darbee darbee irratti mul’ata. Dhukkubni kun seenaa dhala namaa keessatti kan mul’achaa tureedha. Dhukkuboota dagataman keessa isa tokko neglected tropical diseases.




#Article 244: Gubaa sulula qiinxamaa (308 words)


Gubaa sulula qiinxamaa (RVF) kun dhukkuba vaayirasii kan hoo’ina qaamaa (dhukkubbii salphaa) argamsiisun dhukkubbi cimaaf geessisuudha.  Mallattoowwan dhukkubbii hoo’ina qaamaa (salphaa)kun: gubaa, dhukkubbii qaama foonii, fi bowwoo mataawan yeroo baay’ee torbaniif turu dabalatu.  Dhukkubbiwwan cimoon tari kan dabalatu: erga qabamanii kaasee jalqaba torbee sadiirra arguu dadhabauu, tuqamu sammuu kan bowwoo mataa hamaa geessisuu fi raata’uu, fi dhiiguu rakoo tiruu waliin dabalatee guyyoota muraasa keessatti mul’atu faa dha. Warrii rakkoon dhiiguu irratti mul’atu harka 50% kan caalan carraa du’aaf saxilamuut qabu.

Dhukkubichi kan uummamu kara RVF vaayirasii, gosti isaa filebovaayiras jedhamuuni. Dhukkubni kun kan dardarbuu danda’u dhiiga beeylada summaa’ee yootuqan, naannoo beeyladoonni summaa’an (dhukkubsatan) yeroo qalamannaannoo sanatti qilleensa waliin qaama keessa seenun, aannan dheedhii horii dhukkubsatee dhuguun, yookin ciniinnaa boookeedhukkubichaan faallamteen. Beeyladaaleen kan akka, saawwanii, hoolaa, re’ee fi gaalaa dhukkuba kanaan qabamuu danda’uu. Beeyladoota kanarratti baay’inaan dhukkubichi kan tamsa’u karaa bookewwaniiti. Namni dhukkubsate tokko dhukkubicha gara nama kan biraatti dabarsuun isaa hin mul’anne.  Dhukkubicha qorannoodhaan bira ga’uuf ittistuu qaamaa/antibodies qaamni vaayirasii dhukkubichaa ofirraa ittisuuf uumu ilaalun yookin vaayirasichuma mataa isaa dhiiga keessatti ilaalun addaan baasun ni danda’ama. 

Dhukkubicha namarraa ittisuun kan danda’amu beeyladoonni akka dhukkuba kanaan hin qabamne talaalli keennudhaan ta’a.  Kunis otoo dhukkubichi bifa weerraraatin hin ka’in ta’uu qaba, erga weerrarri ka’een booda yoo ta’e garuu haalicha baay’ee hammeessuu mala.  Wayitii weerraraa beeyladoonnii iddoodhaa gara iddootti akka hin sochoone ittisuunis fayyaduu dandaa’a.  Baayina bookewwanii hiri’isuu fi akka nama hin ciniinne gochuunis akkasuma faayidaa qaba.  Namaafis talaallin ni jira; haa ta’u malee, erga bara 2010 as bal’inaan hin argamu. Once infected there is no specific treatment.

Weerrarri of dhuukkubichaa kan mul’atu Afrikaa fi Arabiabiyya Arabaakeessa qofatti. Weerrarrii yeroo baay’ee kan uummamu yeroo bokkaan eddumaatee booken gar malee wal hortuudha. Dhukkubni kun yeroo jalqabaatif kan gabaafame loon irraati Sulula Qiinxamaa/Rift Valley  biyya Kenya keessatti jalqaba bara 1900 keessa ture, akkasumas vaayirasiin isaa yeroo jalqabaatif kan adda ba’ee beekkame bara 1931. 




#Article 245: Trichoriyaasis (315 words)


Trichoriyaasis, akkasumas kan  dhukkuba raammoo geengoo, jedhamee waamamu dhukkuba Raammoo Maxxantuu Trichuristrichiyura irra dhufudh (whipworm). Dhukkubichi kan dhufe raammoo baayyinni isaanii xiqqaa ta’een kan dhufe ta’e, yeroo heedduu mallattoon dhukkubaa hinjiraatu. namoota raammoolee baayyetiin qabaman irratti,dhukkubbii garaa, dadhabbi fi teessisaa. bobbaatiin kan yeroo baayyee  dhiiga qabu argisiisuu danda’a. Dhukkubbiin daa’imman irratti xiqqeenya guddina sammuu fi qaamaa fiduu danda’a. Dhiiga dhabuunsadarkaa seelii dhiigaa diimaa qaqqabuu danda’a.

Dhukkubichi kaninni yeroo baayyee faca’u yeroo namoonni nyaata ykn bishaan anqaaquun raammolee akkanaa kessaa jiru nyaatan ykn dhugani dha. Kunis kan mudatu yommuu fuduraalee/kuduraaleen rakkoo qaban guutummaan guutuutti hinqulqullaa’iin hafani dha. Raammoleen kun yeroo baauyyee anqaaquun raammolee akkanaa kan argaman biyyoo bakka namoonni diida irratti bobba’ani fi bakka  bobbaatiin namaa hinwallaanamiin akka xaa’ootti fayyadaman irratti argamu. Anqaaquwwan kun kan maddan bobbaatii namota dhukkubichaan qabanii irraati. Daa’imman xixiqqoon kan biyyoo akkanaa irra xabatani fi harka isaanii gara afaan isaaniitti galchan salphaatti dhukkuba kanaan qabamuu danda’u. Raammoleen sun  boolla guddaa keessa kan jiraatani fi dheerinni isaanii seniti meetira afur gaha.name=CDC2013/ Raammoo Geengoon yommuu bobbaatiin namaaMaayikirooskoppiidhaan qoratamutti anqaaquuwwan sana arguudhaan beekama. Anqaaquun suni barmeela fakkaatu.

Kan ofirraa ittisuun danda’amu nyaata haalaan bisheeffachu fi  utuu nyaata hinbisheesin duraharka dhiqachuudhaani. Tarkaanfiwwan kanbiroon tajaajila   qulqullinaa kan akka mana fincanii faayidaa kennani fi  manneen fincaanii qulqulluu tti fayyadamuu fi bishaan qulqulluu argachuu faa dabalata. Iddoowwan addunyaa kanaa bakka dhukkuboonni itti barmaatilee ta’anitti yeroo baayyee gareen namootaa hundinuu altokkoon wallaanamuu fi idileedhan wallaanamuu nidanda’u.. Wallansi isaa guyyota sadiif qorichoota.: albendaazoolii, mebendaazolii or ivermektinii fudhaachuudhaani. Namoonni erga yaalamaniin booda yeroo baayyee deebiyaanii dhukkuba kanaan qabamu.

Dhukkubni raammoo geengoo sadarkaa addunyaatti namoota Miliyoona 600 hanga 800 ni miidha. Innis barmaatileedhan kaninni mudatu biyyoota tiroopikaalii keessattiargamani dha. Biyyoota boddeti hafoo keessati, namoonnii dhukkuba raammoo geengo kanaan qabaman yeroo heedduu dhukkuba alalunaa fi maagaa ni qabaatu. Dhukkuboonni kun dinagdee biyyoota baayyee irratti dhiibbaa guddaa fidu. Dhukkuboota kana irratti talaallii qopheessuuf hojiin hojjetamaa jira. Dhukkubni raammoo geengoo kun akka dhukkuba tuffatamaa tiropikaaliitti fudhatama.




#Article 246: Zarihuun Wadaajoo (134 words)


Zarihuun Wadaajoo() weellisaa fi qabsaawaa mirga Oromoo beekkamaadha. Zarihuun wallee qabsoo adda addaa kufaatii sirna fiwudaalaa irraa kaasee hanga ammaatti sirbuun beekkama. 

Zarihuun kan dhalatee Godina Wallagga Bahaa naannoo magaalaa Naqamteetti. Abbaansaa ijoollummaan kan irraa du'e Zarihuun, umurii ijoollummaasaa hedduu haadhasaa, akkoosaa lamaanii fi wasiilasaa biratti guddate. Yeroo sanas takka Gu'ii, yeroo biraa Gimbii, yeroo biraa ammoo Mandii jiraachaa ture. 

Kufaatii sirna fiwudaalaa erga kufee booda, hawwisoon 'Koree Aadaa Bultii Biyya Wallaggaa' Naqamtetti hundeeffame. Sana keessa kan gale Zarihuun,  yeroodhuma sana sirba qabsoo beekkamaa 'koottaa aramaa aramnaa' kan jedhu barreessee sirbe. Sirba kanas namoonni Finfinneerraa dhufanii waraabun raadiyoodhan gadi lakkisan. Oduma baayyee hin turin, Zarihuun sirba qabsoo kan biraa 'injiraan mataakoo' kan jedhu sirbe. 

Kanaan kan jalqabe Zarihuun, erga sana wallee qabsoo hedduu weeddiseera. Zarihuun umuriisaa guutuu wallee qabsoo jajjabeessan weellisuunii fi qabsaawun dabarse. 




#Article 247: Admaasuu Biraanuu (297 words)


Admaasuu Biraanuu (1956 - Gurraandhala 14, 2015) taatoo fi nama baacoo adda addaa tabatu yoo ta'u guddina aartii Oromoo keessatti gumaacha guddaa qaba. Artisti Admaasun baayyinaan hojiisaa kan Afaan Oromootin haa beekkamu malee, hojiiwwan Amaariffaan hojjates ni qaba. 

Admaasuun godina Wallagga Dhihaa Biilaa gaanda Qumbii jedhamutti bara 1956tti dhalate. Yeroo ijoollummaa isaa magaalaa Asoosaatti galuun bakka Kumruk jedhamutti abbaasaa kan daldalaa ture biratti guddatee. Yeroo gabaabaf magaalaa Jimmaa adaadaasaa bira jiraateera. Yeroo umuriinsaa 13 gara Finfinneetti godaane.  

Admaasun barnootaasaa adaadaasaa bira gara Jimmaa deemee achitti barate. Barnootasaa sadarkaa lammaffaa ammoo Finfinnee Addis Katamaatti hanga kutaa 7tti erga baratee booda hojii aartii itti fufuuf addaan kute. Boodarra guyyaa hojjachaa galagala barachuun barnoota sadarnaa lammaffaa mure. 

Admaasun hojii aartii walakkeessa 1970nii keessa mana tiyaatira bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti akka weellisuuf qacarame. Boodarra tiraampeetii baratee sana tabachuudhaan, sagaleen wellisuudhaan, ragada aadaa Oromoo ragaduudhaan hojjata ture. Kana malees sirbaa fi walaloo adda addaa ni barreessaa ture. Walleewwan jaalatamoo inni mana tiyaatira bulchiinsa magaalaa Finfinneetti weellise keessaa “Yaa Turungoo” fi “Biqiltuu Ganamaa” ti. 

Admaasuu Biraanuu manneen tiyaatiraa biyyattii keessa jiran gurguddaa kan akka Haagar Fiqir, Raas Tiyaatir, fi Beeraawwii keessatti hojjateera. Tiyaatiroota Amaariffaan hojjate gurguddaa keessaa Abugidaa Qayiso, Tewoodroos, Simmanyi Sintayehu, Balchaa Abbaa Nabsoo, Ya Veenus Nagaaddee, Isaat Sinaddi, Mali’ikta Wozadar, Maqidim fi Ya Qossaluu Mishigooch isaan muraasa. 

Adaamsun walaloo sirbaa barreessunis ni beekkama. Namoota inni walaloo sirbaa kenneef keessa muraasni Saahilee Dagaagoo, Sayyoo Dandanaa, Daagim Makonnin, Hirphaa Gaanfuree, Asteer Abdii fi as dhihooti ammoo Haabtaamu Lamuu faadha.

Booda ammoo diraamaalee Oromoo adda addaa beekamoo ta’an keessumaa kan jalqaba 1990mootaa keessa baay’ee jaalatamaa ture Qophii Dhangaa irratti achiimmoo diraamaalee baacoo akka qaanqee, diraamaa dhiyeenya agarsiisamaa ture kan dheebuu jedhu keessattis qooda guguddaa fudhachuudhaan daawwattoota biratti nama jaal’atama guddaa qabu ture.

Admaasuu Birhaanuu abbaa ijoollee durbaa sadii fi dhiira lamaa walumaa gala abbaa ijoollee shanii ture.




#Article 248: Huseen Bunee (526 words)


Huseen Bunee (1998-2004 ALH) qabsaawaa Fincila Baalee keessatti Jeneraal Waaqoo Guutuu wajjin ta'uun lolaa turani. Huseen jecha nafxanyaa qawween hin ajjeftu jedhu kan yeroo sana diinni ittiin ummata Oromoo sodaachisuuf fayyadamu nafxanyoota hedduu ajjeesun soba ta'u ummatatti agarsiisan.

Huseen Bunee Godina Baalee aanaa Sawweenaa bakka Goonii Gafarsaatti jedhamutti abbaasaa Daraaraa Godaanaa fi armeesaa Hawwaa Badhaasorraa bara 1898 (ALH) ykn 1904/1905 ALA dhalate. Abbaansaa erga dua'anii booda Huseen Bunee qe'ee abaasaa too'achuuni fi obboleeyyansaa guddisuun dirqamasaa waan tureef kanuma fudhatee socho'aa ture. Yeroo sana manni barumsaa waan hinjirreef, Huseen mana amantii Islaamaa seenee amantii baratee barsiisaa ture. Erga guddatee haadha manaa fuudhee booda, ciminaa fi siyaa'inasaa kan argan bulchiinsa Mootummaa Hayila Sillaasee keessatti Burqaa godhanii muudan.  Adeemsa keessan ciminasaarraa ka'uun gara bakka bu'aa baalabbaataatti ol guddisan. Adeemsa hojii kana keessattis hacuuccaa sirni Nafxanyaa ilamaan Oromoorran ga'u argee aaruu jalqabe. 

Walga'ii baalabbaatota Oromo ta'an 18 irratti, Huseen Oromoon sirna nafxanyaa qabsaawu akka qabuu innis kanumaaf qophaawuusaa itti himee isaanif akka isa faana hiriiran gafate. Isaan garu humna maalitiin Hayila Sillaasee lolta, kuni gonkumaa hin ta'u jedhanii didan. Innis akkamitti akkan qabsaawuu Nafxanyaa akka falmu sinittan agarsiisa jedheen.  

Itti aansun Huseen Bunee horiisaa keessaa sangoota sagal gurguree qawwee sadi'i bitate qabsoof qophaawe. Obbolootasaa fi namoota biraa muraasa fudhatee bara 1962 ALH qabsoo eegale. Huseen Bunee Gaara Goonirratti qubachuudhan qabsoo finiinse. Namoonni gabrummaan itti hammaate hedduun dhaqanii miseensa waraana Huseen Buneetti makamuu eegalan. Gaara Goonii kan amma Gaara Huseen Bunee jedhamee moggaafame karaan ittiin koran tokko qofa, loltoonni Huseen Bunees gaara kana erga koranii booda loltuun Hayila Sillaasee akka hin seennef hulaa cufani. Yeroo loltuun Hayila Sillaasee dhufes dhagaa gaararraa itti gadi kaachisuun ajjeesu. Gaara kanarra bineensonni adda addaa waan jiraniif yeroo beela'an gadamsa ajjeesanii nyaatu turan.    

Mootummaan Somaaliyaa cunqurfamtootaf gargaarsa akka kennu kan dhaga'e Huseen Bunee namoota saddeet filee gara Somaaliyaatti erge. Mootummaan Somaaliyaas gaaffii kana fudhachuudhan qawwee 8, dhoobir 7 fi toomsanii 1 kenneefi. Meeshaa kanatti fayyadamuun qabsoo itti fufan. Bara 1963 gara Somaaliyaa deemee bakka Elbaardii jedhamu dhaqee isaan wajjin marii godhe. Mootummaan Somaaliyaas qawwee, dhuka'aa fi rasaasa kenneefi geggeesse. Huseenis kana gaalatti fe'udhaan gara Baaletti deebi'e. Ummanni naannoo sanaas kanarraa ka'uun haamileensaa dabale. Baalabbaatonni duraan Huseen bunee didani amma harka lafa jalaatin gargaaruu eegalan.       

Bqattoonni Oromoo Huseen Mahaammad Suuraa gara Ijiiptitti ergan. Innis achi deemee gargaarsa maallaqaa fi meeshaa waraanaa akka gaafatuf ture. Mootummaan Ijiiptis kana fudhatee gargaarsa maallaqaa fi meeshaa waraanaa kenneefi geggeesse. Kana kan dhaga'e mootummaan Somaaliyaa aarudhaan akkamitti haayyama keenya malee siyaasa keessan biyya alaa baatan jedhe. Meeshaa waraanaa gargaarsan dhufe kan Barbaraa fi Basasoo gidduutti bu'ee ture loltootasaa itti ergee qabsiise. Namoota meeshaa waraanaa kana fe'uuf dhufan 36s qabee mana hidhaa Looyi Haaddee jedhamutti waggaa 5f hidhe.       

Baqattoonni Oromoo Somaaliyaa keessa turan nuti Sumaalee Abboo odoo hin taane nuti Oromoodha, yoo nu gargaartan maqaa kanaan nu gargaaraa jedhanii ibsa baasan. Huseen Bunee mootummaa Somaaliyaa wajjiin haasaa godhee kanuma waan ifa godheef mootummaa Somaaliyaatin hidhame. Mootummaan Somaaliyaa maqaa Sumaalee Abbotiin yoo qabsoofte gargarsaa siif goona, umurii kee guutuu miindaa siif kaffalla jedhanii amansiisuf yaalanirree Huseen Bunee ni dide. Waggaa sadi'ii fi ji'a booda Huseen Bunee mana hidhaatii gadi lakkifamee baqattoota achi jiranitti makame. Mootummaan Somaaliyaa gaafa gadi lakkisu qarshii shilingii kuma soddoma kenneefi.        




#Article 249: Fincila Baalee (781 words)


Fincilli Baalee qabsoo Oromoon Baalee gabrummarratti godhee fi milkaa'ina guddaa itti argatedha.

   SEENAA

Mata duree kiyya hardhaa seenaa qabsoo oromoodhaa
keessatti Seenaan oromoota baalee akkam turtee? Hardha hoo
maaltu mudatee? Jedhu keessatti seenaa gaarreen baaleefi
qabsaawota baalee guutuu kaasuudhaaf halkaniifii guyyaanuu
barruudhaaf yeroo gabaabaa akka ta'u eennumtuu tilmaamuun
waan itti ulfaatuu miti.!
Haala akkasii keessatti anis guutuu seenaa qabsaayota baalee
akkam akka tureefi amma hoo ilmoolee leencota saniifii
dachiiniifi gaarreen baalee dhiigaafi lafee diinaatiif naasuu
qabaachuu hin turin sun maaltu isa qunnamnaan qabsoo
oromoo bara kanaa haala dinqisiisaadhaan diina raasee
addunyaa raajjessuutti jiru kanarraa duubatti akka hanbise
dubbachuu dadhabullee gaarreeniifi dachee baalee keessaa
seenaa maqaa wojjiin yeroo kaayutti seenaan gootota tokko
tokkoos akka dirqiitti keessatti dhuftu beekkamaadha.
Akkuma seenaan biyyattiif seenaan qabsoo oromoodhaallee
ibsutti dachiiniifi gaarreen baalee akkuma ardii afrikaa
keessattuu iddoo guddaa kan qabu ta'uunsaa beekkamaadha.
Keessumattuu qabsoo baroota dheeraadhaa kan sabaafi
diinnillee ragaa jiru kan akka # fincila qonnaan bultoota baalee '
Lola xaaliyaanii, weerara sirna minilikiifi akkasumas qabsoo sirna
hayla sillaasee keessatti seenaa gootummaa maaluu itti hin
qixxoofne oromiyaa kutaalee biroo keessattis muldhatu kan
baalee iddoo guddaa qabaachuu akka ture beekkamaadha. Egaa
nuti seenaa baroota dheeraa kana yeroo biroo baldhinnaan kan
irraa dubbannu yommuu ta'u,
Seenaadhuma sirna dhihoo kanaa keessatti gootonni baaleefi
gaarreen baalee akkasumas dachiin baalee biroo maal
gumaachuu turan kan jedhu haa ilaalluu:-
Kana keessatti ammoo kan hardha irraa dubbannu dachee fi
gaarreen baalee kan akka # GAARA RIRAA, # Saannatee, # Tulluu
Diimtuu, # Shaawwee , # Dalloo mannaa dayyuu fi # Odaa Guddaa
faa keessatti seenaa qabsoo adda bilisummaa oromootiin
wolqabsiisnee maaltu akka hojjatameefi seenaa ta'ee ture haa
ilaalluu :-

Seenaa qabsoo dachee diriiraafi gaarreen baalee keessatti
Saannate iddoo guddaa seenaadhaaf kan qabduudha.
Dacheen diriirtuun saannatee baale keessatti wol qixxee
magaalaa goobbaafi magaalaa dalloo mannatti kan argamtu
yommuu ta'u bara sirni woyyaaneedhaa biyyattii teenya oromiyaa
roorroodhaan dhuunfate yeroo addi bilisummaa oromoodhaa
chaartara jiruufi bahes keessatti Dachiin saannatee teessuma
maandhee adda bilisummaa oromoodhaatiif qubsuma gootota
oromoodhaa seenaa boonsaa hedduun diina raasaa turaniiti
turte.
Seenaa qabsoo bara sana saannatetti dalagamuu turee yeroo
kaasnu Gootota gaara baalee kan akka :-
Jamaal Abdaa,, Huseen Gabayaa,, Xaahaa Amaan Amboo,,
Huseen Galataa,, Amaan Aliyyii,, Haaji Goobee Riraa,, Haaji
Amaan Godii,,
Kadiir Aliyyii,, Marshaalloo Xeemoo,,
Umar Salaalee,, Xaahir H/Dheekkoo fi Haaji Dheekko faati Gaara
tulluqqee kan gad bu'iinsa Riraa irra ta'ee hedduu qabsoodhaaf
mijjaawaa ta'e kan handhuura baalee irratti argamu keessatti
Guyyaa mootummaan woyyaaneedhaa ummata baalee
cabsuudhaaf gara dalloo mannaatti loltoota Ooraalii lamaa
hidhannoo addaa wojjiin erge gootonni maqaa dhoofne kunniin
barbadeessan waan yoomuu irraanfatamuu qabu hin turre.
Namoonni hedduunis akkuma beektan loltoota woyyaaneedhaa
ooraalii lamaanii keessaa diinni lubbuudhaan hafe namoota Afur
(4)qofa akka turan waan namuu beekuudha. Haaluma
wolfakkaatuun bosona baalee ganda awwo'oo gaara laadamoo
gubbaatti bara 1997-8keessa Qubsumni leenjii woraana adda
bilisummaa oromoodhaa kan Jaal sardaa baatiitiin hoogganamu
achi akka ta'e beekkamaadha. Raajiin gootummaafi diinarratti
ejjannoo fudhachuudhaa gaara laadamootis barreeffamee kan
xumuramuu danda'u hin turre. Gaarri laadamoo dhiiga diina
meeqaa dhugee akka garaa qabuufi lafee diina dhiiga
oromoodhaa hedduu dhuguu turee akka garaa qabu
gaarrummaan laadamoo mataan isaa haa dubbatu jedheen
isumaaf dhiisa. Inni hedduu nama raaju ammoo humna gaara
laadamoo kan diinni yoomuu balleessuu hin malin sanas kan
barbadeessee balleesse gantootaafi maxxantoota diinaa kan
ta'an ilmaanuma oromoodhaa ta'uu isaa ti.!
Akkuma beekkamu baroota san keessatti qabsoon
oromoodhaatis sadarkaa hardhaa kana hin turre.
Dammaqiinsi ilmaan sabaa guutuu oromiyaadhaa keessa jiraniis
hedduu gadi bu'aa akka tures ni yaadatama.
Haa ta'u malee garuu naannnoon yeroo ummanniifi dachiin
oromiyaadhaa qabsoof uf kennuu keessatti sadarkaa laafaa irra
turtetti hedduu diina yaaddessaa ture Godinni baalee kan irraa
dubbachaa jirru kun akkaan kan nama gammachiisu ture.
Hardha garuu guutuun oromiyaadhaa sadarkaa namuufuu ibsuu
hin barbaachisne boonsaa kanarra yeroo gayutti iddooleen duruu
ka'anii dhiiga diinaa garaa qaban kunniin seenaa yeroo kanaa
keessaa duubatti hafuun gaaffii saba guutuutti ta'ee jira. Haa
xiqqaatuu namoonni seenaa kana gaafas hojjatanii onnee sabaa
keessatti iddoo hin banne keessa uf kaayanis hardhallee hammi
ta'e achuma jiru. Gaarreeniif dacheen sabaaf malee diinaaf karaa
banuu hin turre sunis achuma jiru. Hanqatee hanqatu ilmaaniifi
firaaf gosti gootota sanneeniilleen achumatti kan argamaniidha.
Roorroo diinaas yoo taate hardha kan gaafa saniirra harka
hedduun caalee argame malee woyyaa nama caldhisiiftu kan
argannee miti.
Seenaa faaya dhiiga goota hedduutii barreeffamee ture kan
tiksuun akkamiin ilmaaniifi gosa gootota sanaallee yaaddessuu
akka dhabde baruun gaaffii hunda keenna maraa ta'ee jira.
Baale yeroo ammaatti namoota seenaa hin beekneefi kan osoo
seenaa beekuu jarjaruun (xinnishu'aa maqalee) jedhamtee jirti.
Garuuyyuu ammaas kaanee qabsoo sabaatti makamuudhaan
seenaa faaya dhiiga goototaatiin barreeffame kanatti faaya biroo
daballee uffisuufi aduu bilisummaadhaa arguuf yeroon kan
dabre akka hin taanellee ni hubadha. Garuuyyuu seenaa keessaa
uf dhabuudhaaf sa'aatiifi guyyoonninuu ga'aa waan ta'eef seenaa
wol yaadachiisnee faaya dhiigaan dhufe kanaarraa xurii eeguun
waan hedduuf faaydaa akka qabu beekuun barbaachisaadha
jedheen amana.




#Article 250: Kamaal Galchuu (491 words)


Jeneraala Kamaal Galchuu hogganaa waraanaa Itoophiyaa kan duraanii yoo ta'u boodarra ABOtti makamuun qabsoo geggeessa jira.

Jeneraala Kamaal Galchuu, hoggana waraana Itoophiyaa moora 18 kan ture yoo ta’u bara 2006, waraana Itoophiyaa ganee, meeshalee garagaraa fi waraana 541 fudhatee biyya bahee ABOtti makame. 

Jeneraal Kamal Galchuu, yeroo biyyii Laayibeeriyaa weeraramee ture bare 1999-2003 giddutti nama gamta Afrikaa wajjiin moora waraana Itoophiyaa achittii bakka bu’e leenjii hogganaa nama leenjifamaa turedha. Waraanni Itoophiyaa kan Laayibeeriyaatti ergamee walakkansaa ijoolle Oromoo ture . Kamal carra kana fayyadamuudhan ijoolle Oromoo haala adda ta’een dhoksaadhan nama gurmeessa tureedha. Lola biyya sana haala gaari irra leenji’e ture. Dura ta’aa Waraana Gamta Africa warqee ykn medaaliya Jeneraalumma Kamaal Galchuutti kenne ture. Lollii biyaa Laayibeeriyaa xinno erga tasgabba’ee booda, Kamal Galchuu biyyatti deebi’ee. Erga deebi’ee immo moora waraana 18 daanga Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti hogganaa ture. Loltoota Eertiraa kumaataman daanga Itoophiyaa irra kiloomiitira 25 ol ji’a 3 keessa of jalattii galchee ture. Yeroo kanatti Mallas Zeenaawwii haala hojii Jeneral Kamal Galchuu kana dinqisiifatee maqaa Birgaader jedhuu argatee. Bara 2005 yeroo inni Finfinnee dhufu, waraana isaa waliin miinda isaani fudhachuuf gaafata ture. Garuu yeroo sanatti miindan ji’a dhufuu isiniif kennamaa jedhanii waraana hunda dachaasan. Waraanni iddo sana turan akka jedhanittii, Jeneraal Kamal Galchuu karaa moora mummicha ministeraa cufsiisudhan dirqiin miinda waraana isaa akka kafalamuu gaafate. Yeroon kun yeroo filannoo waan tureef, haalli Itoophiyaan keessa jirtuu jeequmsaatu ka’aa jedhamee eegamaa ture, wayiituma sanatti waraanni mindaa isaani dacha lama ol kafalamanii achii galan.

Ji’aa muraasa booda Jeneral Kamal Galchuu daanga Itoophiiyaatti ammas ramadamee waraana wajjiin achittii ergamee ture. Carraa gabaaba kana keessatti Inni meesha fii waraana harka qabuun biyya bahee ABOtti maqamee ture. Gaaffi deebi inni yeroo sana televizyiina Eertiraa fi Televishiina adda addatti dubbateetti hawwiinsaa yeroo gabaabatti Itoophiyaa deebi’ee mootumma Wayyaane fonqolchuu akka ta’ee ibsee ture. Wayyaanen afaan qawwee malee afaan biraa hinbeektu jedhee BBCttis himee ture. Garuu hoggantoota ABO yeroo sanattii biyya galanii akka lolan hin qophoofne jedhanii of duubatti harkifachaa turan. ABO iddo lamattii akka qoodamuu kan taasisee keessa isa kana dha. Warra Itophiyaa galanii loluu barbaadu fi warra immo loluuf hin qophoofnee jedhantu ture. Yeroon ABO sababaa kanaan iddo lamatti qoodhamu yommu ta’u waraanni Bilisummaa Oromoo humna isaa laafa dhufee. 

Yeroo kanatti Jeneraala Kamal Galchuu dhaaba haara hundeesssun isaa beekameera. Dhaaba Kallacha Walabumma Oromiyaa (KWO) jedhuu fi alaaba abbaa Gadaa, odaa waliin kan qabuu bu’ureessun isaa beekameera. “Qabsoon biyyaa keesa malee Eertiraa hin jirtu, Wayyaane biyya keessa jiraata malee Asmaraa mitii” jechuudhan  gaaffiif deebii OMN wajjin godherratti dubbateera. Ji’aa muraasa dura kana jechuun 2015 keessa biyya Eertiraarraa gama biyya Yugaandaa akka seenaniis beekamee jira. Odeeffannoon tokko tokko Kamaal amma biyya keessa jira jedhu, garuu hinmirkanoofne.

Updated(14/10/2018/04/02/2010)
Jeneraala Kamaal Galchuu yeroo ammaa galata Dr.Abiy, Prdt Lammaa Magarsaa fi Qeerroo biyyaa galuudhaan uummata isaanii dukaa qabsoo kan finiinsaa jiran irra darbuun haaromsa dhugaa OPDOn yeroo dhiyooti taassisaniin hoggantoota haarimsa duukaa tarkaanafachuu fi tarkaanfachiisuu danda'an gara muudamaati fiduuf carraqamaa jiruun Jeneraala Kamaal Galchuu Itti Gaafatamaa Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa taasisuun muudanii jiru.




#Article 251: Abuuna Pheexiroos (518 words)


Abuuna Pheexiroos (maqaan warrisaa baasef Magarsaa Badhaasaa) abbaa amantii yoo ta'u bara Xaaliyaanin Itoophiyaa weerartee turte Xaaliyaanidhan ajjeefame. 

Abuuna Pheexiroos bara 1875 Fiichee Salaaletti maatii qoteebulaarraa dhalatan. Warri isaan irraa dhalatanis gama abbaatiin warra Badhaasaa Guddaa jedhaman, gama haadhaatiin ammoo warra Jaalee Masoo jedhamu. Maqaan isaanii jalqabaa kan maatin baasef Magarsaa ture. Ijoollummaadhanis gara kawaala Debre-Libaanos deemuudhaan baruumsa amantaa yeroo gabaabaa keessatti haala nama dinqisiisuun xumuruu danda’an. Sana boodas yeroo sanatti iddoo hayyoonni amantaa jiru gara kaaba Itoophiyaa, Gondor, akkasumas Goojjam fi Wallo deemuudhaan baruumsa afuura qo’atanii turan. Bara 1900, Walloo iddoo Amaaraa Saayintitti waggoota sagaliif barsiisa nama turaniidha. Bara 1909 ttis sirni moloksummaa kawaala Dabra-Libaanositti raawwatameefi ture. Kawaalaa Gabr’ieelii Baatuu dabalatee iddoo gara garaatti naanna’anii barsiisaa turan.

Godina Arsii Aanaa Zuwaay Dugdaa Hora Danbaliirratti kan argamtu godaambaa afuura Debre Tsiyoonitti/Tullu Guddootti/ wangeelli isaan harkaan barreessan uffanni isaan uffataniifi fannoon isaan qabatachaa turan ammayyuu ni jira. Bara 1919 ammoo gara Finfinnee dhufuudhaan bataskaana Maarqoositti tajaajilaniiru. Phaaphaasota Itoophiyaadhaa bara 1921 yeroo jalqabaaf gara Ijiipti, Aleksaandiriyaatti ergamanii muudaman keessaa Abuuna Pheexiroos tokko turan. 

Abbuna Pheexiroos, bara 1928 yemmuu Xaaliyaanin biyya keenya gabroomfachuuf dhufte qabsaa’ota mirgaa kadhannaadhaan gargaaraa turan. Keessumattuu gara Salaalee deemuun qabsaa’ota Salaalee kakasanii akka diinan morman shoora guddaa taphataniiru. Booda garuu diddaa bittaa gabrummaa Xaaliyaanii kanaan harka Xaaliyaanotaatti kufan. Erga qabamani boodas gara Giraaziyaaniitti dhiyaatanii, abboota murtii Xaaliyaaniitiin adabbiin du’aa irratti murteeffame. Xaaliyaanonni uummanni akka Xaaliyaaniif bitamu nuuf ajajaa  jedhanii gaafatan. Isaan garuu uummata walitti naaf qabaa jechuudhaan erga uummatichi wal gahee booda “An egaa warra gita bittoota kanaaf akka hin bulle nama keenya dhiisaati lafa kanayyuu hidheera” jedhanii gara kuteenyan dubbachaa turan.

Murtiin du’aa kunis hatattamaan guyyaa walakkaa keessatti akka raawwatu ta’e. Isaan garuu murtiin du’aa kun homaa itti hin fakkaanne. Yommuu ajjeefamuuf ka’anittis fannoo baafatanii uummata eebbisan; Kitaaba Qulqulluu harkaa qabanis ni dhungatan. Namoota murtii du’aa irratti dabarsaniifis ni kadhatuuf ture. Gamoon jala dhaabatanis barbaadamee fuula isaanii ummatati garagalchanii dhaabachiisan. “Fuula kee akka uffisan ni barbaaddaa?” jedhamanii gaafatamnaan ‘kuni hojii keeti’ jedhaniin nama isaanitti haasawuun.

Xaaliyaanonni Abuuna Pheexiroos naannoo addabaaba’ii Birbirsa Goorootti (maqaa ammaa Piyaassa) gamootti hirkisanii dhaaban. Yeroo kana loltoonni saddeet qopheedhan eegaa turan saddeettanuu yeroo tokko qawwee itti dhukaasan; garuu dhukaasa saddeettaniinuu du’uunsa shakkan. Yeroo kana du’uuf dhiisuu isaanii adda baasuuf hakimni waamame. Akka lubbuun keessa hin baane mirkaneesse hakimtichi. Sana boodas itti deebi’anii shugguxiidhan yeroo sadi mataatti dhukaasanii ajjeesan. Yemmu kuni hundi ta’u koloneelli isa ajjeesisaa ture sun uummanni dirqamaan akka harka walitti rukutuuf taasisaa ture.

Xaaliyaanonnii reeffa isaanis namni akka hin agarreef Finfinneedhaa baasanii bakka namni hin agarretti awwaalan. Ummati Finfinnee guyyaa sana guutummaan boo’afii oole. Siidaan yaadannootis bara 1938 Finfinneetti iddoo isaan wareegamanitti dhaabteef. Manni amantaa Ortodoksii bara Paatiriyaarikii Shanaffaa Abune Phaawuloos, waggoota 60 booda wareegamaa Abuuna Pheexiroosif aangoo qulqullummaa laatte. Jaarraa si’anaa kana keessas mana amantaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa keessatti aangoo qulqullummaa kan argatan isaan qofadha. Taabonni maqaa isaanitiin moggafames Salaaletti argama. Abbaa dhugaa ta’uudhan yommuu warri biyya bulchina jechaa turan guyyaa rakkoo kana uummata gatanii dheessanitti, isaan garuu ummata isaanii waliin du’uu filatan.

Siidaan isaanis Finfinnee Birbirsa Goorootti (Piyaassaa) argama. Siidansaanii kan yeroo gabaabaaf sababa misooma daandii baabura salphaatin ka’ee ture, Amajjii 29 bara 2008 iddoo isaatti kabajaan deebi’eera.




#Article 252: Gumii (395 words)


Gumiin Gadaa kora ykn yaa'ii abbootii Gadaa fi gosaati. Gumiin abbootii Gadaan hoogganame, gosa naannoo gumiin itti teessu jiran hundaa hirmaachisa. Gumiin kora abbootii gadaa gosa gosaan gaggeeffamuudha. Korri abbootii gadaa gosaan gaggeeffamu kun, waggaa saddeet keessatti gumii (kora walii galaa) ni waama. Gumiin Oromoo Booranaa fi Oromoo Gujii biratti walgayii ol’aanaa abbootii gadaa fi ummataa yoo ta’u, Oromoo kaan biratti ammoo Caffee yookan Yaa’ii Odaa jedhamuun beekama.

Iddoowwan sirna Gadaa keessatti abbootiin Gadaa fi miseenson­ni Gadaa Gumii taa’uun hanga har’atti sirna ho’aadhaan itti kabajamu keessaa Gumiin Gaayoo fi Gumiin Bokkoo isaan beekamoodha. Gumiin kan taa’amuuf sirna Gadaa keessatti, gamaaggama gaggeessuuf, rakkoo hawaas-dinaagdee hiikuuf, seera dulloome baasuufi seera haaraa lallabuuf.

Gumiin Gaayoo ardaa jilaa godina Booranaa aanaa Dhaas ganda Gaayoo keessatti argamu yoo ta’u, ardaan jilaa kun ardaa abbootiin gadaa seera itti haaromsanii fi seera haaraa lallabame iddoo itti raggaasisaniidha. Gu­miin Gaayoo bara gadaa Abbaa Gadaa Daawwoo Gabboo (1764) irraa kaasee, Oromoo Booranaatiif wiirtuu jilaa akka taatee fi marsa gadaa 40ffaa akka keessummeesse ni dubbatama. Gumii Gaayoo kanarratti seerota fooyya’uufi jijjiiramuu qabanis haaluma yeroofi gaaffii gosaatiin kora itti keessumeeffamuudha. Adeemsi kora Gaayoo kunis, jijjiirama hawaasaafi haala guddina hawaas-dinaagdee Oromoo Booranaarratti hojii guddaa kan raawwachaa ture yoo ta’u, jireenya Oromoo Booranaafi walitti dhufeenya inni saboota ollaa wajjin qabu kan itti madaalamuufi hiikoo argartuudha. Kana malees mirgoota dubartiifi daa’immanii, akkasuma mirgoonni namoota harka qal’eeyyiifi rakkinoota gosaa, dhimma buusaafi gonofaa, dheedaafi obaafi k.k.f. iddoo itti sakatta’amuufi falli itti kennamuudha. 

Gumiin Gaayoo safuu mataa isaa qaba. Oromoo Boorana biratti Gumii Gaayoorra hin qotan; namni itti hin awwaalamu. Yoo mana itti ijaaruuf muka irraa muraanis daraaraa itti naqatan. Gumiin Gaayoo walakkaa lafa Booranaa waan taateef gosonni Booranaa 17 (Digaluu, Maxxaarrii, Karrayyuu, Daaccituu, Odituu, Galaantuu, Maccituu, Bachituu, Siraayyuu, Koonnituu, Arsii, Hawaaxxuu, Qarcabduu, Warra Jiddaa, Malliyyuu, Dambituu fi Noonnituu) Gumii Gaayoo akka wayyuutti ilaalan. 

Gosti Booranaa 17nu Gumii Gaayoo hordofuuf yoo ganda Gaayoo dhufan, guyyoota hedduu waan achi turaniif gosa gosaan ‘diidaa mana waaqaa’ Gaayoorratti qubatan. Yeroo qubatanitti osoo gumiin hin gaggeeffamiin dursanii gosa gosaan taa’anii rakkoo gosaa qoratan. Akka ilaalcha Oromoo Booranaatti irreen Boorana gosa Booranaati. Booranni gumii kanaan seera adda addaa qorata; seera namaa, yookiin ilmaafi intalaa, seera marraafi bishaanii, seera mukaa (muka jilaa), seera eelaa, seera galaanaa fi k.k.f. qorata.akka barbadametti a bbaan

Gumiin Bokkoo godina Gujii aanaa Annaa Sorraa keessatti taa'ama. Gumii kanarrattis akkuma Gumii Gaayoo seera haaraa tumuu, rakkoo hawaas-diinagdee qorachuu, marrii geggeessuu fi kkf keessatti argama.




#Article 253: Baallii wal harkaa fuudhuu Me'ee Bokkoo (148 words)


Baallii Wal Harkaa Fuudhuu Me'ee Bokkoo sirna Baallii (ykn aangoo) walitti dabarasuu Oromoo Gujii yoo ta'u godina Gujii aanaa Annaa Sorraa keessatti geggeeffama. Sirni kun waggaa saddeet saddeetin kan geggeeffamu yoo ta'u Oromoon Gujii hundi jechuunis Uraagaa, Maattii fi Hookkuu irratti hirmaatu.  

Gaafa Guraandhala 15, 2016 Abbootiin Gadaa Uraagaa, Maattii fi Hookkuu gogeessa Dhallanaa (Warra baallii kennu), Harmufa (warra fudhatu) fi Roobalee (warra itti aanu) hundi Me’ee Bokkootti Qorbisa taa’an. Qorbisni kan namni hunduu Me’ee Bokkoo gahuu fi Gumiif qophii ta’uu irratti too’atani.

Sirna baallii wal harkaa fuudhuu kun guyyaa shaniif kan taa'ame yoo ta'u dhumarratti gaafa Gurraandhala 21, 2016 Jiloo Maannoo abbaa Gadaa Gujii gochuun muudeera. Sirni baallii dabarsuu Gujii kun 74ffaa yoo ta'u kunis sirni kun waggaa 592f odoo addaan hin citin geggeeffamaa turuu agarsiisa. abbum,ti barbade gulaaluu dandahaa? sirna wal har kaa dfiuudhinmnsa si4rna gadaa  keessa tytgi karaa nagaaqnm angoo waliif dar ba rsuu dha




#Article 254: Abuurraa Afrikaa (2179 words)


Ji'oogiraafin Kaaba Afrikaa bara duriitii kaasee ji'oogiraafii Giriikoo-Rooman keessatti sirriitti ni beekkama. Kaabni-dhiha Afrikaa (Maagiriib) maqaa Liibiyaa ykn ammoo Afrikaa jedhamuun beekkama, karaa biraa Ijiipti akka qaama Eeshiyaatti ilaallamti turte. Abuurraan Afrikaa Sahaaraa-gadii Bara Abuurraa jaarraa 15ffaatti jalqabe, kunis baayyinaan mootummoota naannoo qarqara galaanaa jiranirratti kan murtaa'e yoo ta'u yeroon kunis yeroo Addunyaa Haaraa itti abuuranii fi gabroomsan ture. Kanaaf, abuurraan keessoo Afrikaa Araboota daldalaa garbaarratti hirmaataniif dhiifame. Kunis Islaamotaan gabroomfamuu Sudaan wajjin walqabatee cimdaa lafa fagoo ga'u hundeessun jaarraa 15ffaa hanga 18ffaa dinagdee mootummoota Saahel hedduu deeggaraa ture. Jalqaba jaarraa 19ffaatti, beekkumsi warri Yuurooppi ji'oogiraafii keessoo Afrikaa Sahaaraa-gadiirratti qaban baayyee murtaa'aa ture. Ji'ooloojii Afrikaa ballinaan qorachuun, abuurtota Biriitish kan bara-Viiktooriyaa kan maddaa laga beekkamaa ta'e Naayil barbaadaa turaniif dhiifame.

Bara Giddu-galeessa keessa, keessoo Sahaaraa fi Saahel akkasumas qarqara bishaanii Siwaahilii hanga Moozambiikitti qorachuun pirojektii wara Islaamaa ture, kunis gitta bittaa fi daldala garbaatifi yaaddame. Moozambiik keessatti daandin abuurraa kan Porchugaalii fi kan Araboota walitti dhufe.

Erga Kaaba Afrikaa qabatanii booda, Araboonni Muslima ta'an Afrikaa Sahaaraa-gadii sulula Laga Naayil hordofuun gara Nuubiyaatti, boodarras Sahaaraa qaxxaamuruun gara Afrikaa Dhihaatti deeman. Jarri kun daldara Sahaaraa-qaxxaamuru keessatti hirmaachuu barbaadu ture, keessattuu daldala garbaa. Baballinnii aadaa Arabaa fi Islaamaa kun kan dhawaataa dhufe yoo ta'u kunis Bara Giddugaleessa keessa ture. Mootummaan Kiristaanaa kan Nuubiyaa jaarraa 7ffaa dhiibbaa keessa seente, garuu jaarraa hedduudhaf faccisan. Motummaan Makuriyaa fi Dongoolaa Durii jalqaba jaarraa 14ffaa keessa kufani. Amantii Islaamaa Afrikaa keessatti baballisuu keessatti shoora guddaa kan tabate warra Suufii yoo ta'u yeroonsaas jaarraa 9ffaa hanga 14ffaatti; kunis daandii daldalaa Kaaba Afrikaa fi mootummoota Sahaaraa-gadii Gaanaa fi Maalii gidduu jiru hordofuun babal'ate. Afrikaa Dhihaatti, qarqara Laga Niijeritti zaawiyya dhaaban. Impaayerri Maalii Muusaa I bara 1324 sagadaaf Makkaa erga dhaqee booda Islaama taate. Timbuktuun wiirtuu aadaa Islaamaa Sahaaraa-gadii guddaa taate. Aloodiyaan, iddoo kan dhumaa kan Nuubiyaa Kiristaanaa kan turte, bara 1504tti Funjiin barbadoofte.

Abuuran Poorchugaal Piriinsi Henriin, nama haala tooftawaa ta'een Afrikaa fi daandii galaanarraa kan gara Indiyaatti geessu qorate kan jalqabaati. Mana jireenyasaa kan naannoo Algareeve kibba Poorchugaalitti argamurraa, jila Afrikaa qaxxaamuree Indiyaa deemu hedduu hooggane. 1420tti, Henriin jila odola namni irra hinjiraanne garuu kan bu'aa tarsiimoo qabdu Madiiraa akka qabataniif erge. 1425, Henriin Odoloota Kanaarii qabachuu yaalee ture, garuu odolli kun too'annoo Kastiliyaan jala turte. 1431tti, jilli Poorchugaal kan biraa Azoores ga'ee lafasaa qabate.

Kaartan galaanarra yeroo deeman itti fayyadaman kan 1339 akka agarsiisutti, warri Yuurooppi Odoloota Kanaarii sana durayyuu ni beeku ture. 1341tt, abuurtonni Poorchugaalii fi Xaaliyaanii waliin jila abuurraa deemu qopheessan. 1342tti, Katalaanonni jila abuurraa kan Firaansiis Desvaalersiin hoogganamu gara Odoloota Kanaarii kan deemu qopheessan, jilli kunis Maayoorkaarraa ka'ee socho'e. 1344tti, Phaaphaasi Kilementi VI lammii Firaansi kan ta'e admiiraal Luis de la Cerda dhaaltuu mootii Forchuun godhe, Odoloota Kanaariis akka qabatuuf erge. 1402tti, Jean de Bethencourt fi Gadifer de la Salle Odoloota Kanaarii qabachuuf deemani garuu sana Kastiliyaanin saamamtee akka turte argan. Jarri kun odoloota kana gita bittaan qabataniyyuu, kan Bethencourt wasiila/eessuma ta'uuf bara 1418tti dirqamee Kaastilii kenne.

Qarqara galaanaa Afrikaa bahaa fi dhihaa keessatti, qorannaan suuta deemaa ture; abuurtonni Poorchugaal Keeppi Bojaador 1434tti Keeppi Bilaankoo 1441tti ga'an. 1443tti, dawoo waraanaa odola Arguin Moritaaniyaa amma keessatti kan argamturratti ijaaran, achittis qamadii Yuurooppirraa fidan garboota Afrikaa fi warqiin daldalu turan. Warqeen Sudaan karaa daldaltoota Islaamaa odoo hin taane yeroo jalqabatif qajeelton harka warra Yuurooppi kan ga'e yeroo kana ture. Garboonni hedduun gara Madeeratti ergamu turan, Madeeran erga bosonnisaa sirriitti ciramee booda lafa oomishaa warra Yuurooppi kan jalqabaa ta'e. 1444 fi 1447 gidduutti, Poorchugaal qarqara Garbaa Senegaal, Gaambiyaa fi Giinii qoratte. 1456tti, kaapiteeniin Vaatikaan Alvise Cadamosto, hooggana Poorchugaal jalatti, odoloota Keeppi Verdee qorate. 1462tti, erga Piriinsi Henriin du'ee waggaa lama booda, abuurtonnii Poorchugaal odoloota Bisaa'uu qorachuun Serra Leoa jechuun moggaasan (Tulluuwwan Leencaa).

Bara 1472tti, Fernaa'oo Du Po odola jaarraa hedduuf maqaa isaatti moggaafamte (amma Bi'ookoo jedhamti) argate. Akkasumas laga shiriimpii hedduu qabu (Afaan Poorchugaalin: camarão) argate, biyya kunis Kaameruun jedhamtee moggaafamte.

Sana booda oduma hinturin, warri Yuurooppi mudhii lafaa qaxxaamuran. Poorchugaal Sa'oo Toomee keessatti buufata hundeessan, kunis 1485 booda bakka yakkamtoota irra qubachiisan ta'e. 1497 booda, Yihudoonni Ispeenii fi Poorchugaalii ari'aman biyya sanatti qubatanii boqonnaa argatan.

Bara 1482tti, Diogo Cão laga guddaa galaanatti galu argate, mootummaa guddaan Koongoo jedhamus akka jirus bare. Bara 1485tti, laga guddaa kana gara burqaasaatti asii ol deeme qorate.

Warri Poorchugaal garuu, waan hunda caala, karaa gara Indiyaa nama geessu argachuu barbaadu ture, kanaafis Afrikaa garjallaa darbuuf yaalaa turan. Bara 1485, jilli João Afonso d'Aveiros, kan qorataa urjii lammii Jarman Maartin Behaayim of keessatti qabate, qarqara galaana Beeniin qorate, odeeffannoo mootii Afrikaa keessaa Ogaanees kenne.

Bara 1488tti, Baartoloomiyoo Diyaas fi hooftuu bidiruusaa Pêro de Alenquer, erga fincila bidiruu keessaa dhaamsanii booda, lafa bishaan keessa gadi seenu tokko qaxxaamuran yeroo deeman buubbee hamaan qabaman, lafa kanas Keeppi oof Istoorms jedhanii moggaasan. Xinnoo kaabatti jallachaa gara bahaattii akka deemu waan arganiif, qarqara galaanaa hordofuun amma tokko deeman. Wantoota jireenyaf barbaachisan of harkaa waan fixaniif, dhumni Afrikaa kanuma jedhanii amanuun gara duubatti deebi'an. Gara Poorchugaalitti yeroo deebi'an, Keeppin isaan bira ga'anii deebi'an sun Keeppii Abdii Gaarii (Keeppi oof gud Hooppi) jechuun moggaafame.

Waggoota muraasa booda, Kiristoofar Kolombos ajaja Kaastil kan morkataa ta'een Ameerikaa argate. Phaaphaasii Aleeksaander VI seera haaraa tume, kanaanis kutaa addunyaa kiristaana hintaane biyyoota Kaatolikii wal firrisan lamaan, Ispeeni fi Poorchugaalif addaan qoode.

Dhumarratti, bara 1497 fi 1498 gidduutti, Vaaskoo da Gaamaa, Alenquer akka hooftuu bidiruutti fudhachuun, karaa qajeelton gara Keeppii Abdii Gariitti (Keeppi oof gud Hooppi) geessuun St. Heleenaarraan goruun deeman. Da Gamaan bakka duraan Diyaaz ga'e darbee fagaachuun deeme, biyyasaas Naataal jedhee moggaase. Sana booda gaara kaabaatti deeme, Quelimane (Moozambiik) fi Mombaasaa, bakka itti daldaltoota Chaayinaa argate, fi Maalindiitti (lamaanuu Keeniyaa ammaa keessa) bidirusaas qubsiise. Magaalaa kanatti, bololiisaa (hooftuu bidiruu) Arabaa mindeessun qajeelton gara Kaalikutitti karaa jalqabe. Hagayya 28, 1498tti, Mootin Poorchugaal Maanu'eel bidiruunsaanii akka Indiyaa geesse phaaphaasiitti oduu gammachiisaa hime.

Ijiiptii fi Veenis odeffannoo kanaaf deebii jibbiinsaa kennan; waliinis, Galaana Diimarratti, bidiruu Poorchugaal kan Indiyaa wajjin daldala jalqaberratti haleellaa banan. Poorchugaal, bidiruuwwan kana bara 1509tti naannoo Di'uutti injifatte. Abuurraa Poorchugaal geggeessituuf dhimma kan hinqabaatin Impaayerri Otomaan Poorchugaal daldala karaa Garba Indiyaa akka guutummaan too'attuuf karaa bane. Warri Poorchugaal qarqaraa garbaa baha Afrikaatti buufatawwan hedduu hundeessan, Moozambiikii kaasee hanga Somaaliyaatti. Bara 1513ttis Eden qabatan.

Bara 1500tti, hoomaan bidiruu kan Pedroo Alvaarees Kabraalin hoogganamu, kan karaa Vaaskoo Da Gamaa duraan Indiyaa dhaqe hordofee deemu, Garba Indiyaa keessatti hobomboleettii hamaan addaan bittinneeffame. Bidiruuwwan kana keessa tokko kan Diyoogoo Diyaazin hogganamu qarqaraa galaanaa haaratti dhufe. Waggaa lama booda, kaartan ba'e odola baha Afrikaatti argamu yoo agarsiisu maqaa Madagaaskaar jedhu qaba ture. Garuu, odola sirriitti kan qoratan jaarraa tokko booda bara 1613 fi 1619 gidduutti ture. Waligaltee bulchitoota aadaa wajjin mallatteessuun mishiinota jalqabas ergan, garuu ummata biyyasii wa'ee si'oolii amansiisuu dadhaban, dhumarrattis biyyasii ari'aman.

Poorchugaalonnii Afrikaa keessa jiraachun fedhii daldalaa Araboonni qaban wajjin battalumatti wal faalleessu jalqabe. Hanga bara 1583tti, Poorchugaalonni Zaanzibaarii fi qarqara galaanaa Siwaahilii qabataniiru. Mootummaan Koongoo bara 1495 Kiristaanummaa fudhate, mootin Koongoos maqaa Zyuwaa I jedhu moggaafate. Warri Poorchugaal fedhii daldalaa kan Mootummaa Mutaappaarratti qaban jaarraa 16ffaatti lafa qabsiisan. 1629ttis bulchaa isaanin ajajamu angoorra kaa'an.

Poorchugaalonni (fi boodarra Daachonni) mootummaa Jaggaa kan garboota Koongoo keessaa butuuf duula geggeessu deeggaruun diinagdee garbootaa kan naannichaa keessa seenan. Mootummaa Koongoos mootummaa ollaa ishii Nidoongoo, kan mootittiin isaanii Nizingaan karoora Poorchugaalii fi Jaggaa faccisaa turte, dadhabsiisuf itti fayyadaman. Porchugaalonni wal dhabdee kana keessa humna waraanatiin seenan, kunis kolonii isaanii Angoolaa qabachuuf karaa baneef. Bara 1663tt, waraana biraa booda, Mootin Koongoo gara Liisbanitti ergame. Sanas ta'u, mootummaan Koongoo kan dadhabaa ta'e hanga 1885tti jira ture. Bara kana, mootin Koongoo kan dhumaa Peediroo V biyya isaa dabarsee Poorchugaalif kenne.

Poorchugaal mootummaa jabaa Kibba Afrikaa kan ta'e Monomotaappaa (kan Zimbaabuwee har'aa keessa ture) akkaatadhuma sanaan qabatte: Poorchugaal waraanaa warri naannichaa godhan gidduu seente, kanas albuuda hedduu argachuun yaaddee goote. Mootummaa sanas of jalatti galchuun ajaja isaanirraa akka fudhatu goote. Angoon Monomotaappaa sababa warraa biyya alaatin yeroo laamsha'u, jeequmsi baayyate. Warri albuuda baasan godaanuu jalqaban, lafa albuudni ba'aa tures harka Poorchugaal akka hin galle awwaalan. Yeroo bara 1693 ollaan ishii Kangamaayersi biyyattii weerartu, Poorchugaalonni kufaatii isaanii fudhatanii gala qarqara galaanaatti baqatan.

Jarraa 17ffaarraa kaasee, warri Neezerlaandi Afrikaa abuuruu fi koloneeffachuu jalqaban. Yeroo Daachoonni Ispeenirraa bilisa ba'uuf waraana dheeraa geggeessaa turanitti, Poorchugaal Ispeen wajjin hiriirte, kunis 1580 jalqabee 1640tti dhaabbate. Sababa kanaaf, fedhiin Neezerlaandii kolonii babal'ifachuuf qabdu Poorchugaalirratti kan xiyyeeffate ture. Kana raawwachuufis, kaampaaniin Daachi lama dhaabbatan: Westi Indiis Kaampaanii, kan Garba Atilaantikii too'achuuf aangoo guutuu qabu, fi Isti Indiis Kaampaanii, kan Garba Indii too'achuuf aangoo qabu ture. Kaampaaniin Westi Indiis bara 1637 Elmiinaa fi bara 1640 Luwaandaa humnaan qabate. Bara 1648tti, warri Daachi warra Poorchugaalin Luwaandadhaa ari'aman. Walumaagalatti, warri Daachi buufata waraanaa 16 iddoo addaddaatti ijaaran, kunis Goree kan Senegaal keessa jirtu dabalata. Daldala garbaatin Poorchugaal caalun iddoo guddaa qabatan.

Warri Daachi Afrikaa Kibbaa kan Poorchugaal fedhii dhabuun dhiistee turte irratti jijjiirrama guddaa fidan. Daachonni Afrikaa Kibbaa imala gara Eeshiyaa Bahaatti godhaniif akka buufataatti fayyadamuuf murteessan. Yaan vaan Rebeek 1852tti magaalaa Keep Taawon hundeesse, kunis abuurraa fi koloneeffachuu Afrikaa Kibbaa jalqabsiise.

Yeroodhuma Daachi Afrikaa dhufte sanatti, humnoonni Yuurooppi kaanis daldala garbaa geggeessaniif akka gargaaruf buufata dhaabuuf yaalii gochaaaa turan.
Bara 1530, Daldaltoonni Ingilaandi Afrikaa Dhihaa dhufanii daldaluu jalqanii turan, yeroo kanas loltoota Poorchugaal wajjin walitti bu'uun dhufe. Bara 1581tt, Firaansis Direek Afrikaa Kibbbaa Keeppi oof Gud Hooppi ga'e. 1663tti, warri Ingilaandi Gaambiyaa keessatti buufata waraanaa Foorti Jeemsi ijaaran. Waggaa tokko booda, jilli koloneeffattuu kan Ingilaandi kibba Madagaaskaar qubachuuf yaalii godhe, koloneeffattoonnii baayyen isaanii ni dhuman. Buufanni waraanaa Ingilandii kan Dhiha Afrikaa turan boodarra warra Daachin fudhataman.
Bara 1626tti, kaampaani Firaansi Compagnie de l'Occident hundeeffame. Kampaanin kunis warra Daachi Senegaal keessaa baase, kanaanis Afrikaa keessatti lafa Firaansi qabatte kan jalqabaa ta'e.

Firaansis ija ishii Madagaskaar, odola bara 1527 irraa kaasee imala gara Indiyaatti godhamuuf akka iddo haara galfitti tajaajilaa turte, irraa buufatte. 1642tti, Kaampaaniin Fireenchi Isti Indiyaa kibba Madagaskaaritti iddoo qubsumaa kan Foorti Doofiin jedhamu hundeesse. Bu'aan daldala qubsumma kanaarraa argame baayyee xiqqaa yoo ta'u qubattoonni baayyen isaani ammas ni dhumani. Qubattoota kana keessaa kan lubbuun hafe, Itiyeen dii Filaakorti, kitaaba Seenaa Odola Guddicha Madagaskaar fi Hariiroo jedhu maxxanse. Kitaabni kun yeroo dheeraaf warra Awurooppatiif odola Madagaskaar irratti madda odeeffannoo guddaa ture. Yaaliin qubsumaa dabalataas baayyee hin milkoofne, garuu 1667tti Firaansowaa Maartiin jila hoogganudhaan gara keessoo Malaagaasy seenee, Haroo Ala'otraas ga'e. 1665tti, Firaansi sadarkaa mootummaatti Madagaskaar kan ishii ta'uu himatte, maqaa Ile Duufinee jedhamu kenniteef. Ta'us, hanga jaarraa 19ffaatti sochiin kolonii xiqqaa ture. 1657tti, daldaltoonni Iswiidin biyya Gaanaa ammaa kana keessatti Keeppi Koosti dhaaban, garuu yeroo gabaabaa keessatti Deenmarrki-Noorweyi kan naannoo Akraa ammaatti Foorti Kiristiyaanboorgi dhaabaniin buqqifaman.

Walumaa galatti, jaarraa 17ffaa fi 18ffaa keessa abuurraan warri Awurooppaa Afrikaa irratti godhan baayyee murtaawaa ture. Irra caala, daldala garbaa irratti xiyyeeffachaa turan, kunis buufata qarqara garbaa fi meeshaa itti daldalan qofa barbaada ture. Abuurraan keessoo Afrikaa inni dhugaa jaarraa 19ffaa keessa jalqabe.

Waraanonni Nappooliyoon xiyyeeffannoo hojii Afrikaa abuuruu Awurooppaa yoo hirriseyyuu, waraanonni sun egeree ardicharraatti dhiibbaa guddaa uumee, kunis Ijiiptii fi Afrikaa Kibbaa keessatti. Koloneeffamuun Ijiipti (1798-1803), jalqaba Firaansiin itti aanseemmoo Biriiteniin, Impaayerri Otomaan biyyattii to'aannoo isaa jala akka oolchu taasise. Bara 1811tti, Mehemet Alii biyya irra guddeessa ofiin bultu hundeesse, 1820rraa kaasee Sudaan Bahaa bulchiinsa Ijiipti jala galche. Afrikaa Kibbaatti, wallaansoon Naappooliyoon waliinii, Biriiteen akka qubsumma warra Daachi kan Keepii keessa jiru akka fudhattu taasise. 1814tti, Koloniin Keeppi, kan 1806 kaasee loltoota Biriiteniin qabame, seera guutee mootummaa Gonfoo Biriitenitti dabarfame.

Yeroodhuma kana, kutaalee Afrikaa biraa keessatti jijjiirramni guddaan dhufeera. Aljeersi Firaansiin 1830tti qabamuun ishii saamicha galaanaarraa kan mootummoonnii Baarbarii geggeessan dhaabsise. Bulchiinsi Ijiiptii gara kibbaatti babal'achuu ittuma fufe, kunis beekkumsa Laga Naayilirratti jiru dabale. Magaalaan Zaanzibaar, kan odola Zaanzibaarirra jirut, saffisaan barbaachisummaa argate. Odeeffannowwan garbaa guddaatu Afrikaa keessa jira jedhuu fi Tulluu Kilimanjaaroo kan cabbii mataarraa qabu 1840-1848 argamuun, fedhii warri Awurooppaa Afrikaa beekuf qaban akka dabalu taasise.

Walakkeessa jaarraa 19ffaa keessa, mishinaaroonni piroteestaantii qarqaraa garbaa Giinii, Afrikaa Kibbaa fi Zaanzibaar keessatti hojii amantii hojjaachaa turan. Mishinerooonni iddoowwanii fi uummata duraan hin beekkamne dhaqaa turan, yeroo baayyeess ofuma isaanii abuurtotaa naannolee haaraa qoratan ta'u, akkasumas daldala fi impaayera jalqabsiisu. Deevid Liviingistoon, mishineriin biyya Iskoot, 1840 irraa kaasee kaaba Laga Oreenjji keessatti socho'aa ture. 1849, Liviingistoon Gammoojjii Kalahaarii kibbaarra gara kaabaatti kutee ce'uun Haroo Nigamii ga'e. Bara 1851 fi 1856 gidduutti, Afrikaa gara Dhihaarraa gara Bahaatti imale, yeroo kanas bishaan bishaan bidiruun irraa deemuu danda'u Laga Zaambeezii gara olii arge. Sadaasa 1855tti, Liviingistoon nama Awurooppaa Finca'aa Viktooriyaa arge kan jalqabaa ta'e, fincaa'an kun maqaa Mootittii Biriteenin moggaafame. 1858 irraa hanga 1864tti, Liviingistoon Zaambeezii gara gadii, Laga Shiree fi Haroo Niyasaa abuure. Haroo Niyaasaa kan jalqaba argate garba amanamaa kan Antooniyoo daa Silvaa Poortoo, daldalaa Poorchugall kan Angoolaa keessa Bi'ee qubate, ture. Garbichi kun 1853-1856tti Afrikaa Benqulla irraa gara Roumaa deemunn Afrikaa qaxxaamure. Kaayyon guddaan abuurtoota madda Laga Naayil argachuu ture. Jilli Burtoon fi Ispeeke (1857–1858) akkasumas Ispeeke fi Giraant (1863) Haroo Tanganyika fi Haroo Viktooriyaa argate. Boodarraas Lagni Naayil Haroo Viktooriyaa irraa akka maddu barame.

Henrii Mortan Istaanlii, nama 1871tti Liviingistoon argatee akkasumas gargaarsa godheef (jechama Dr Liviingistoon, natti fakkaata kan uume), lammata gara Zaanzibaar deemuf 1874 qajeele. Jila abuurraa Afrikaa hunda keessaa haala baayyee yaadatamuun, Istaanliin Viktooriyaa Niyaanza (Haroo Viktooriyaa) fi Haroo Tangaanikaatti geejjiba bishaanirraatti itti naannaa'ee ilaale. Sana darbee lafa naannoo Lu'alabaa qorachuun, Istaanliin laga hanga Garba Atilaantiikitti hordofee deeme - garba kana 1877tti ga'e - lagni kunis Laga Koongoo ta'uu mirkaneesse.




#Article 255: Tasfaahun Camadaa (596 words)


Tasfaahuun Camadaa (1976 - Hagayya 24, 2013) ogeessa siivil injineerii fi qabsaawaa mirga Oromoo ti. Tasfaahun sababa siyaasatiin qabamee mana hidhaa erga galee booda reebichaa fi dararaa irra ga'erraan kan ka'e dhukkubsatee Hagayya 24, 2013 du'aan boqote. 

Tasfaahuun Camadaa  abbaasaa Camadaa Gurmeessaa fi harmeesaa Giddinash Beenyaa irraa bara 1976 godina Wallagga Bahaa, aanaa Guduruu, ganda Harbuu jedhamutti dhalate. Umuriin barnootaaf isa gahees barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa fi gidduu galeessaa mana barumsaa Looyyaa fi Finca’aatti barachuun, kan sadarkaa lammaffaa ammoo magaala Shaambootti itti fufee bara 1996 xumure. Qabxii olaanaa galmeessuunis Yuunivarsiitii Finfinnee seenee gaafa Adoolessa bara 2001 Digrii jalqabaan siivil injineeringiin eebbifame.

Erga eebbifamee booda, Fulbaana bara 2004 hanga Amajjii bara 2005 tti supha daandii Arsii- Baalee, pirojektii Abbaa Taayitaa Daandii Baadiyaa Oromiyaa fi pirojektii gamtaa misooma baadiyaa Arsii-Baalee Itiyoo-Xaaliyaaniin durfamu yuunit manaajerummaan hojjate. Itti aansee, pirojektii daandii Dagalee-Birbirsaa (pirojeektii idilee kan naannoo Sallee-Noonnoo kibba-lixa godina Iluu Abbaa Boor), pirojektii daandii qubatiinsaaf si’a takkaan deemaa turan afur: Kone-Cawwaaqaa, Baddallee-Kolosirri, Gachii-Catee fi Yaanfaa- Ballattii irratti hirmaate. Akkasumas ijaarsa waajira aanaa Cawwaaqaa magaalaa Iluu-Hararitti bu’uureffame projekti manaajerii ta’uun yoo dalagu, Onkoloolessa bara 2001 hanga Adoolessa bara 2003tti ammoo pirojektii Siree-Nuunnuu-Arjoo godina Wallaggaa saayit injinerii ta’uun, Tasfaahuun Camadaa saba isaa tajaajilaa ture. 

Sababaa dararamni itti baayyatee fi lubbuun barbaadamuurraan kan ka'e, Tasfaahun biyya gadi lakkisee jalqaba bara 2005 gara Keeniyaatti baqachuuf dirqame. Keeniyaa magaala Naayiroobiittis waajjira Mootummoota Gamtoomanitti Koomishinera Ol’aanaa Dhimma Baqattootaa (UNHCR)tti himachuun, nama nagaa roorroo dheessee nageenya ofiif dahannaa gaaafatu ta’uun gaafa mirkanaa’u waraqaa jireenyaa fi sochii UNHCR irraa argatee ture. Haa ta'u malee, sababaa ga'aa fi qabatamaa osoo hin qabaanne gaafa Ebla 27, 2007 walta’iinsa mootummaa Keeniyaa fi Wayyaneetiin waahilasaa injinar Masfin Abbabaa waliin ukkaamfaman. 

Dhaaba gaaddidduu mootummaa Ameerikaan hundaa’e biyyoonni akka Yuugaandaa fi Keeniyaafaa miseensa itti ta’an, Joint Anti-Terrorism Task Force (JATT) jedhamu keessatti miseensa kan taate Itoophiyaan dahoo maqaa shororkeessitummaa adamsuu jedhuun ilmaan Oromoo baqattummaan biyyoota ollaa keessa jiraatan ukkaamsaa jiraachuun beekamaa dha. Haaluma kanaanis Tasfaahun Camadaa fi Masfin Abbabaa yakka sobaa maqaa shororkeessummaan faaluun gargaarsa mootummaa Keeniyaatti dhimma baatee ukkaamsuun sababa shororkeessitoota gaanfa Afrikaa Finfinneetti qoranna jedhuun akka dabarfamanii laataman gochuu dandeesse. Injinar Tasfaahuun Camadaa fi Injinar Masfin Abbabaas gaafa Caamsaa 12, 2007 halkan keessaa sa’aatii 2:00tti harkaa fi ija hidhamanii Moyyaaleerraan Itoopiyaatti dabarfamanii kennaman. 

Biyyatti dabarfamuun duratti gaafa qabaman Ebla 27, 2007 irraa kaasee hanga gaafa Caamsaa 12, 2007tti (National bureau of Investigation-NBI) head office naannoo Tirm Valley jedhamu jiru keessatti qorattoota FBI Ameerikaa fi Keeniyaa Anti-Terror Police Unit jedhamuun qoratamaa turan. Erga qoramaata isaanii xumuranii booda dursaan qorannoo kanaa namni Firaansis jedhamu dargaggoonni ukkaamfaman kun yakka shororkeessitummaa waliin wal qabatu tokkkollee kan dalagan waan hin qabneef mootummaan Keeniyaa akka dafee gad lakkisuu qabu murtii dabarse. Garuu dubartiin Keeniyaa Liiliyaan jedhamtu kan waajjira CID jedhamu keessatti hojjattu maallaqa mootummaa Itoophiyaarraa nyaattee jara lamaanis dabarsitee kennite.

Haala akkas dabaan xaxameen Injinar Tasfaahuun Camadaa fi Injirner Masfisn Abbabaa gara Maa’ikalaawwii geeffaman. Maikalawwii keessatti waggaa tokko fi ji’a sadii guutuu reebicha fi dararama daangaa hin qabne jalatti qoratmaa bahan.

Yakka dharaa miseensummaa ABOtiin himatamee jireenya mana dukkaanaa waggaa fi ji’a sadiin duubatti Adoolessa bara 2008 mana murtiitti kan dhiyaate Tasfaahuun Camadaa, gaafa Bitootessa 31, 2010 dhaddacha ta'aameen murtii hidhaa umurii guutuu itti murteeffame.  

Du’asaa arguun malee murtii kamiinuu quufuu kan hin dandeenye mootummaan Wayyaanees, gaafa Ebla 04, 2011 mana hidhaa keessaa miliquuf karoorfachaa jirtu jedhee sobaan yakkuudhaan Masfin Abbabaa fi Tasfaahuun Camadaa mana hidhaa keessaa ukkaamsee ciraa dhabamsiise. Iddoo hin beekkamnettis geeffamanii reebichaa fi dararaa hamaa irraan ga'an. Dirmammuu qaamaa, madaa onnee fi godaannisa sammuu irraa fayyuu hin dandahamneen kan eele Tasfaahuun Camadaa dhukkubsatee akka hin yaalamne taassifamuun gaafa Hagayya 24, 2013 du’aan addunyaa kanarraa boqote. 




#Article 256: Bageemidir (224 words)


Odaa, mallattoo Oromootaa

Ummanni Oromoo saba Afrikaa keessa baayyinaan Itoophiyaa keessaa jiraatuu fi haga xiqqaa ammoo kaaba Keeniyaa fi Somaaliyaa keessatti jiraatudha. Sabni Oromoo baayyinaan miliyoona 40 yoo ta'u kanaanis Itoophiyaa keessattis ta'ee gaanfa Afrikaatti baay'ina ummataan sadarkaa tokkoffaarra jira. Akka lakkoofsa uummataa bara 2007tti, baay'nni ummata Oromoo dhibbeentaa ummata Itoophiyaa 50% qabata. Afaan ummanni Oromoo dubbatamu Afaan Oromoo jedhama, Afaan Oromoon garee afaanii Afroo-Eeshiyaatiik jalatti ramadama.

    1 Dhufaatii
    2 Seenaa As Dhihoo
    3 Dimoogiraafii
    4 Afaan
    5 Qoqqoodama Oromoo
    6 Oromoo Beekkamoo
    7 Bulchiinsa
    8 Kanas ilaali

Oromoon ummata afaan hortee Kuush dubbatu kan bahaa fi kaaba baha Afrikaa keessatti argaman keessaa isa guddaadha. Odeeffannoon jiru akka ibsutti, ummanni Oromoo akka hawaasaatti Gaanfa Afrikaa keessa waggoota kuma baayeedhaaf jiraacha ture (Prouty et al., 1981). Bates (1979) Oromoon sanyiii durii fi jalqabumaa kaasee naannoo kana jiraachaa turedha, tarii ummattoonni naannoo baha Afrikaa kaan baayyen kan irratti erabamani.

Ka'umsi Oromoo eessaa akka ta'e sirriitti hubachuuf qorannoon dabalataa barbaachisuyyuu, Oromoon jalqabarratti akka horsiisee-bulaatti fi/ykn gartokkeen qotee-bulaatti jiraachaa ture jedhamee amanama. Qorattoonni seenaa baayyen gosoonni Oromoo (Baale) muraasni fiixee-kibbaa Itoophiyaa har'aa keessa waggaa kumaa ol jiraacha akka turan walii galu. Qoratoonni kun Godaansi Oromoo daldalaan-dhiibbame ummata Oromoo gara bakka har'a jiraatan walakkaa fi dhihaa Itooophiyaa jaarraa 16ffaa fi 17ffaatti akka fide dubbatu. Kaartaan durii kan impaayera Aaksum/Abisiniyaa fi Adaal/Sumaalee Oromoon gara walakkaa Itoophiyaa har'aatti haaraa ta'uu agarsiisa.




#Article 257: Agarsiisa Aadaa fi Sirboota Oromoo 1977 (276 words)


Agarsiisni Aadaa fi Sirboota Oromoo 1977 agarsiisa bara 1977tti geggeeffame yoo ta'u kan irratti xiyyeeffates Oromoota adda adda walitti fiduun aadaa fi sirboota Oromoo agarsiisuu ture.

Bara 1977, artistoonni Oromoo hawwisoo Kutaa Biyyaa Arsii, Baalee, Jimmaa, Wallaggaa, Shawaa fi Harargeerraa dhufan Finfinnee Biheeraawwii Tiyaatiriitti agariisaf walitti qabaman. Agarsiifni kun seenaa Oromoo keessatti kan jalqabaa yoo ta'u Oromoonni kutaa biyyaa adda addaa keessa jiran dhufanii yoo wal arganis kan jalqabaa ture. 

Agarsiisa kana qindeessuu keessatti namoonni hedduun kan hirmaatan yoo ta'u Gaazexaan Bariisaa maallqaa fi yaadan deeggaruun shoora guddaa tabate. Namoota agarsiisa kana qindeessuu keessatti hirmaatan keessaa Kumaa Ida'ee, Mahdii Hamid Muudee, Kuwee Kumsaa, Ibraahim Hajii Alii, Bushraa Warquu, Birkaa Bulloo, Kinfaa Hindheessaa, Daansamoo Mi'eessoo, Oloo Ilmii, Anshaa Aagoo, Saamunaa Rakkisoo, Yoseef saaddoo, Bakaree Bantaa, Daaluu Baqulee, Tasammaa Nagarii, Taaddasaa Dabalaa, Ahmad Muussaa Haaji (Araarsoo)  faadha.

Agarsiisa kanarratti wellistoonni baayyen naannolee Oromiyaa gara garaarra hirmaataniiru. Kutaa biyyaa Harargeerraa Gaaddisaa Abdullaahii (Muhammed Abdullaahi), Alii Birraa, Shantam Shubbisaa, Hordofaa Guyyisaa, Faaxumaa Muhammad, Ashu Muhammad, Halloo Daawwee, Himee Yusuuf, fi Ibraahim Hajii Alii ti. Godina Wallaggaarraa Ilfinash Qannoo, Zarihuun Wadaajoo, Daani'eel Namarraa, Amantee Doojaa, Askaala, Alamituu, Biraanuu Quuyyoo faati. Godina Arsiirraa Bashir Dhaabii, Buttaa Makuraa, Shugguxee Naga'oo, Billisaa Kaa'oo, Xayyibaa Kattoo, Abdoo Galatuu, Xayyibaa Aliyyii, Hajii Tufaa, Urgeessaa Bantaa, Huseen Tusii, Saamu'eel Shunee, Dannabee Eda'oo faati. Godina Baalerraa Shaabee Sheekoo, Zamzam Bushraa, Raabiyaa Bushraa faan hirmaatanii jiru.

Agarsiisa kanarratti wallee gabrummaa fi cunqufama Oromoo balaaleffatan, bilisummaa fi warraaqsaaf kakaasan baayyetu wallifame. Walleewwan kana keessaa muraasni armaan gaditti barreefamanii jiru.

Agarsiisa kanatti kan hin gammadne mootummaan abbaa hirree Dargii, manuma tiyaatiraa san keessatti boombii namootatti darbachuuf yaadee ture. Boodarra garuu achuma keessaa namoonni tokko tokko waan mormaniif, boombii darbachuun ni hafe. 




#Article 258: Tsahaay Tolasaa (1549 words)


Aadde Tsahaay Tolasaa (1931-2014), namoota fiigicha jireenya hafuuraa isaanii keessatti gatii gurguddaa kan hin irraanfatamne baasan keessaa tokko akka taate beekamaa dha. Abbaa ishee obbo Tolasaa Boruu fi harmee ishee aadde Do’ii Qinaaxxii irraa bara 1931 naannoo magaalaa Naqamteetti kan dhalatte Tsahaay Tolasaa, jireenya ishee keessatti gidiraa gurguddaa dabarsuu kan eegalte ijoollummaa ishee irraa jalqabdee turte. Abbaan ishee obbo Tolasaa Boruu waraana Xaaliyaaniif dirqisiifamee utuu hojjetuu summii nyaachifamee yeroo jalaa du’ee kaasee jireenyi maatii isaanii balaa irra bu’e. Haati Tsahaayfaa ijoollee ishee hundaaf akka abbaa fi haadhaa taatee yeroo murtaa’eef isaan guddistullee, dhukkuba daddarbaa yeroo sana ganda isaanii weeraree—taayifesiidhaan—Tsahaay mucaa waggaa 8 taatee utuu jirtuu ijoollee ishee bakkeetti dhiiftee jalaa duute. Yeroo kanaa eegalee gargaarsa ergamoonni Wangeelaa Siwidin ishee fi obboleessa isheef taasisaniin doormii mana barumsaa waldichaa seenanii barnoota ishee hanga kutaa 6ffaatti barachuu dandeesse. Boodas mana hidhaa keessa utuu jirtuu barumsa ishee itti fuftee kutaa 12ffaa xumurteetti.

Buufata Ergamoota Wangeelaa sana keessa utuu jirtuu ture, yeroo jalqabaaf dargaggoo meetira 2 dheeratu—kan booda abbaa manaa ishee ta’uuf jiru—Guddinaa Tumsaa waliin kan wal argite. Lachuun isaaniis wal fuudhanii ijoollee horuudhaan, waggootaaf waliin jiraachaa turan.

Aadde Tsahaay Tolasaa, gaa’ela erga qabattee boodas yoo ta’e, qorumsa gurguddaa dabarsiteetti. Isaan kana keessaa muraasa qofa ibsuuf:

Barreessaa walii galaa Waldaa Makaana Yesuus Itoophiyaa kan ture, Lubni Guddinaa Tumsaa deddeebi’ee hidhamuu fi gidirfamuun isaa, haadha manaa isaa Tsahaay Tolasaaf qorumsa guddaa ture. Dhuma irratti, Adoolessa 28, bara 1979 Waldaa Makaana Yesuus Uuraa’elitti, sagantaa Qo’annaa Macaafa Qulqulluu irratti tajaajilee erga raawwatee booda, haadha manaa isaa wajjin gara manaatti deebi’aa utuu jiranii, humna waraanaa mootummaa Dargiidhaan butamee fudhatameera. Guyyaa kanaa eegalee maatii isaa ijaan hin argiin hafuudhaan, sun ta’ee waggoota 13 booda, mootummaa Dargiidhaan akka ajjeefame baramee, reeffi isaa bakka itti awwaalamee baafamee, Waxabajji 27 bara 1992 kabajaan awwaalameera. Taateen kun, aadde Tsahaay Tolasaa fi ijoollee ishee hundaaf akka malee ulfaataa ta’uurra darbee, hawaasa Luba Guddinaan tajaajilaa ture hundaaf, oduu baay’ee gaddisiisaa ture.

Kun hundi ta’ee utuu jiruu, itti dabalaan, Lubni Guddinaa amantii isaaf wareegamee ji’oota ja’a booda, Guraandhala 2, 1980, humni waraanaa Dargii Tsahaay Tolasaa qabee mana hidhaa galche. Abbaa fi haadha malee kan hafan ijoolleen isaanii, ni bittinna’an. Filannoo biraa waan hin qabneef, isaan biyyoota adda addaatti imalanii jiraachuuf dirqaman. Guyyaa sanaa eegaltee aadde Tsahaay Tolasaa—Kiristoosiif jettee—mana hidhaa sana keessatti waggoota kudhan guutuu, dararama suukaneessaa dabarsite.

Turtiin mana hidhaa sun hammam hadhaa’aa fi rakkisaa akka ture, seenaan ni ibsa. Kutaa xiqqoo tokko keessatti namoota 62 waliin hidhamtee, taa’uu fi rafuu waan hin dandeenyeef, yeroo dheeraa dhaabbiidhaan dabarsiteetti. Achi keessatti hamma lafeen mormaa ishee cabutti gara jabina guddaadhaan reebamteetti. Waggaa fi ji’a tokkoof, walitti aansitee kutaa dukkanaa’aa qilleensi seenuu hin dandeenye keessatti hidhamuun ishee, iji ishee hamma dhumaatti rakkina akka qabaatu taasiseera. Miilla ishee diriirfachuu hamma dadhabdutti lafeen ishee caccabeera. Reebichaa fi gidirfama sana irraa kan ka’e dhukkuba gurguddaaf saaxilamtee, mana qorichaa deemtee yaalamuuf garuu, carraa dhabdeetti.

Mana hidhaa sana keessatti, wanta irra ciistu kan argatte hidhamtee yeroo dheeraa booda waan ta’eef, yeroo dheeraa lafa dilallaa’aa irra ciisteetti. Barreeffamoota lubni Guddinaan barreesse akka isaanitti kennitu, maallaqa qaban galii akka isaaniif taasiftu, namoota Guddinaan qunnamaa ture akka isaanitti himtuuf jecha, harka ishee dudduubatti hidhanii fannisanii reeban . Guyyaa inni fannifame sana Gooftaa Yesuusitti akkuma ga’isan, loltoonni Tsahaayittis ga’isanii, “Mee Yesuus kee dhufee si haa gargaaru kaa!” jedhanii, daran gidirsaniiru. Rukkuttaa gurguddaa ishee irratti raawwatame irraa kan ka’e, hamma dhumaatti kaleewwan ishee haalaan hojjechuu hin dandeenye. Namoonni haala sana keessatti ishee argan hundi, gadda guddaa irraa kan ka’e boo’aa turan. Aadde Tsahaay afaan isheetiin akkana jetteetti, “Gidiraa sana hundumaa keessatti waan fedhe ta’ullee, yeroo hundumaa Yesuus natti dhiyoo, dhiyoo akka jirun hubadhe!”

Dhiphina hamma sana ga’u yeroo dabarsite aadde Tsahaay Tolasaa, gooftaa kadhachuutti booddee deebitee hin beektu. Haaluma sana keessatti, hidhamtoota isaan kaaniif Kiristoosiin dhugaa baatee, isaaniif kadhattees namoota hedduu gara fayyinaatti fiddeetti. Yeroo sana Macaafa Qulqulluu baatanii argamuun, adaba guddaaf kan nama saaxilu ta’ullee, isheen garuu namoonni nyaata isheef geessan meeshaa nyaataa sana jala dhoksanii, Macaafota Qulqulluu akka isheef fidan taasisuudhaan, namoota hedduuf Macaafa Qulqulluu hirteetti. Akkasummaas luba Biraanuu jedhamu waliin hidhata godhachuudhaan, dhiirota mana hidhaa jiraniif Macaafa Qulqulluu ergitee, namoota hedduu biraan Wangeela geesseetti. Ofii dararamaa fi gidiraa guddaa dabarsaa, namoota itti dukkanaa’e hedduuf immoo, sababa fayyinaa ta’uu dandeesseetti. Yeroodhuma kana keessa, dhukkubni daddarbaan koleeraa fi TB’ n ka’ee, namoota hanga 900 ta’an yeroo fixu, heyyama addaa baafachuudhaan gara kutaa warra dhiiraa seentee, tajaajila fayyaa laachaa akka turte, namoonni dhukkuba kanaan qabaman hedduun dhugaa ba’aa turan. Akkasumas dubartoota qalbiin isaanii darbe, mana hidhaa keessatti tajaajila addaa kennaafii turteetti. Turtii ishee waggaa 10 keessatti, dubartoota ulfa ta’anii hidhamanii turan 57 deessifteetti, ijoollee xixiqqoo hedduu mana hidha keessatti dhalatan guddisteetti. Gocha isheen gochaa turtee irraa ka’uudhaan, yeroo isheen walaba baatee hidhaa irraa hiikamtu, namoonni mana hidhaa keessatti hafanii fi poolisoonni mana hidhaa sanaa gadda guddaadhaan: “Maaltu nu sooraa? Maaltu nu barsisaa?” jechuudhaan hedduu boo’aa turaniiru . Mana hidhaadhaa erga baatee boodas bu’uura isheen lafa keesseen, hanga har’aatti tokkummaan obbolootaa Prison Fellowship jedhamu akka hundaa’uuf sababa taateetti.

Namoonni mana hidhaa sanatti dararamaa turan hedduun akka ishee biraa du’an yaadattee, ofii ishee garuu gargaarsa gooftaan du’a irraa akka oolte, akkana jechuun jecha afaan isheen ibsitee turte: “Sana hundumaa keessatti kan na gargaare Gooftaa koo akka ta’e beekeera. Utuu inni na hin gargaarre ta’ee halkan hadha’aa, dukkana’aa sana keessa darbuu hin danda’un ture. Isaan qaama koo qofa miidhuu danda’an. Lubbuu koo garuu tuquu hin dandeenye. Lubbuun koo harka Gooftaa keessa jirti!”

Maalummaa Kiristaanummaa haalaan kan hubatte, gootni Wangeelaa aadde Tsahaay ittuma fuftee akkana jette: “Kiristaana ta’uun gidiraa fudhachuu jechuu dha. Kiristoos nuuf dhiphateera. Gooftichi erga dhiphatee, duuka bu’oonni isaas sanarraa waan adda ta’e eeggachuu hin qaban. Ani isa duukaan bu’e.”

Waggoota 10 mana hidhaatti dararamaa turte sana keessatti, waa’ee abbaa manaa ishee isa ukkaamfamee fudhatamuudhaan achi buuteen isaa dhabamee, akkasumas waa’ee ijoollee ishee warra jalaa bittinna’anii—waa’ee Kuulanii, Aster, Leensaa fi Amantii yaadda’aa turte. Guyyaa tokko mana hidhaa sana keessaa baatee, abbaa manaa ishee waliin akka wal agartus abdachaa turte. “Abdii kutuu hin barbaanne!” jettee isa kana ibsiteetti.

Guyyoota dukkanaa sana hunda keessatti, ejjennoon isheen du’aaf qabdu ajaa’ibsiisaa kan ture aadde Tsahaay Tolasaa, yoo duute gara gooftaa ishee akka deemtuu fi, sanaaf immoo qophooftuu akka turte seenaa isheerraa hubachuun ni danda’ama. Obboloota gooftaatti turan, kan ishee wajjin hidhamanii turanis yaaduma kanaan jajjabeessaa turteetti. Ergamaan Phaawuloos ergaa isaa warra Filiphisiyuusiif barreesse keessatti, duuti bu’aa isaa akka ta’ee fi, Kiristoos immoo jireenya isaa ta’uu isaa akkuma ibse, aadde Tsahaay Tolasaas ilaalcha akkanaa qabdi turte. Raawwattee du’a kan hin sodaanne, ittumaa isa isheef jedhee lubbuu isaa kenne Kiristoosiin simachuuf dheebuu guddaan keessa ishee akka ture hubachuun ni danda’ama.

Aadde Tashaay, kitaabashee bara 1990 keessa afaanota Awurooppaa adda addaa 11-n maxxanfamee ba’e keessatti, cimsitee waamicha wangeelaaf Gooftaa biraa qabdu dubbatti. Ergamaa Wangeelaa biyya Siwidinii Luba Baakluundi jedhamu wajjin, baadiyyaa naannoo Naqamtee keessa jiran keessa deddeemtee, waldoota bu’uuressaa turteetti. Dhaala lafa-bunaa warra ishee irraa argatte, waldaan akka irratti bu’uureffamtu laachuudhaan, bal’ina Wangeelaa naannoo sanatti adeemsifamaa ture keessatti, shoora guddaa gumaachiteetti.

Jaallalli Yesuus Kiristos keessa ishee guutee irraa dhangal’ee jennaan, akkana jettee Waaqayyoof kakuu galte –“Mucaa angafni koo yokaan abbaan manaa koo luba ta’anii si haa tajaajilaniif siif kenneera.” Seenaan Luba Guddinaa Tumsaa, wareega sana keessaa madda. Gaafa filannoon ogummaa qorichaa barachuu isaaf dhiyaate, “Lakki wareegan qaba, Luba taata” jettee tajaajila yeroo guutummaatti kan isa jajjabeesse ishee dha.

Waldaan baroota booda qe’eeshee keessatti bu’uureffamte—bu’aa kakuu mana hidhaa keessatti, Gooftaan abjuun itti mul’atee isheef kakateeti. Dukkana limixii keessa, ija aduu otuu hin argiin iddoo isheen ji’oota 13-f hidhamtetti, iddoo reebicha hamaa irraa kan ka’e qaamni ishee madaa’ee raamma’etti, iddoo dilallaa’aa isheen uffataaf afata hin qabnetti, achitti Yesuus itti mul’atee, gaaf tokko hidhaa keessaa ishee baasee qe’ee waldattiin keessa dhaabattee jirtu akka isheef kennuu itti dubbate. Kakuun sun dhiibuu du’aa keessatti, waggoota 10 guutuu mogolee ta’ee ishee jiraachise.

Mana hidhaa keessaa baanaan obboloota kadhatan wajjiin, halkaniif guyyaa kadhachuu itti fufte. Warri bara sana ishee waliin kadhachaa turan yeroo ragaa ba´an, “Mata dureen ishee har’aa fi borii manni koo mana kadhannaa akka ta’u …” kan jedhu akka ture ibsaniiru. Abbaan kakuu yaroon isaa yeroo ga’u kakushee raawwateefii, waldaan Amantoota Biiftuu Bolee Makana Yasus qe’eeshee keessatti bu’uureffamte. Sagalee afaan Raajicha Isaayyaasiin dubbatame, waldaan kun ittiin haa geggeeffamuuf jettee isheen kennite akkas jedha:

Bu’aa mixuu fi gidiraa bara dheeraa ta’ee akkuma hawwii isheetti, waldaan Biiftuu Boolee dachaa fi gaarreen Oromiyaa irra dabartee, addunyaa irratti ifaa jirti. Hawwii fi abjuun Aadde Tsahaayi Tolasaas, dhaloota haaraa kumaa fi kitila keessaan galma ga’aa jira. Jireenya ija danuu naqate kanaaf hin boo’amu, hin gaddamus! Ni hawwama, ni ayyaaneffama malee!

Walumaa galatti, mana hidhaa keessa turtii waggoota kudhanii booda, Fulbaana bara 1989, haala nama ajaa’ibuun bilisaan gad dhiifamtee, gara manaatti deebiteetti. Abbaa manaa ishee Luba Guddinaa Tumsaa deebitee ijaan arguuf carraa dhabdus, ijoollee ishee isaan kaan waliin, hamma guyyaa itti lubbuun ishee gara gooftaa deemtee kanatti, jiraachaa turteetti. Jaarmayaan ‘Gudina Tumsa Foundation’ jedhamu kan ijoollee isheen hoogganamuun yeroo hundeeffames bu’uuressitoota keessaa tokko ta’uudhaan shoora ol-aanaa taphatteetti. Gumaacha ol aanaa jaarmayaa kanaan saba isheef taasifame argitees itti gammaddeetti.

Gidiraa isheen wangeelaaf jettee fudhatte, dararama isheen amantii ishee eeggachuuf ittiin miidhamte, gatii guddaa isheen baafte hunda, seenaan ni yaadata. Kitaabni seenaa jireenyaa ishee guutuu qabate, kan jalqaba afaan Noorweyiin barreeffamee amma immoo gara Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, fi Afaan Ingiliziitti hiikames, yeroo gabaabaatti maxxanfamee dubbiftoota ni qaqqaba. Achi irraas dhaloonni seenaa guddaa isheen dabarsite wal harkaa fuudhee dubbisa. Seenaan sammuu qaba—hamma dhumaattis aadde Tsahaay Tolasaa ni yaadata!  DA'ANNOO IMMIRUU ttin.




#Article 259: Tigist Maammoo (101 words)


SEENAA GABAABDUU GOOTITTI #TIGIST_MAAMMOO
Barattoota oromoo kan yuunivarsitoota garaagaraati osoo karaa nagaan hiriira bahani dhimma abbaa biyyummaa isaanii falmaata jiraanu lubbuun isaanii waraana mootumaa wayyaanen darbite keessa seenaa gabaabaa barattuu #Tigist_Maammoo Simaa isiniif qooda. Tigist abbaa ishee obboo

Gootittin #Tigist_Maammoo mana barnootaa sadarkaa 1ffaa kan barattee kutaa 1-8ffaa mana barnootaa

Gootittiin oromoo #Tigist_Maammoo dhalattee ganna 22tti gootummaan ummata oromoof wareega lubbuu ishii bakka bu'aa hin qabne kaffaltee. Qbsaawaan yoo kufe illee qabsoon itti fufaa kaayyoon isaanii galmaa ni gaha. Jallaawwan keenyaa saba isaaniif wareega lubbuu kaffalan hundaaf biyyoon itti nuf haa salphaatu!
ODDEEFFANNOO DABAALATA: seenaa gootitti oromoo kanaa argachuuf;
wbsite: om.wikipedia.org/wiki/




#Article 260: Aliyyii Cirrii (1072 words)


Koloneel Aliyyii Cirrii (1921 - 2017) qabsaawota Fincilaa Baalee keessatti loluun hirmaatanii yoo ta'u jeneraal Waaqoo Guutuu faana sirna Nafxanyaa lolaa turan.adam aliyii

Koloneel Aliyyii Cirrii Godina Baalee aanaa Dalloo Mannaa ganda Cirriitti bara 1921 abbaa isaa Cirrii Jaarraafi haadha isaa Badheessoo Miinaa irraa dhalate. Koloneel Aliyyiin ijoollummaa isaatirraa eegalee lolaafi adamoo baay’ee jalata ture. Adamoo kanaas kan gaggeessaa ture obboleeyyan isaa Abduraamaan, Awwaluu, Usmaan, Isaaqiifi Harbisee Cirrii waliin ture.

Koloneel Aliyyiin haadha warraa afurirraa ijoollee 25 horateera. Aliyyiin akkaataa itti maatii horate yoo dubbatu Ilmaan teenyayyuu osoo qabsoorra jirruu bosonuma keessatti horre, yeroon nuti loon horsiifannee dikee jalaa harre hin jiru. Humnaafi yeroo keenya bosona seennee qawwee diinarratti dhukaasaa turre.

Abbaan isaa Cirrii Jaarraa loltuu cimaa sirna naafxanyaa waliin yeroo dheeraa waraana geggeessaa ture yoo ta'u, haaloo ilmaan Oromoo lubbuun isaanii darbe gumaa baasaa ture. Qabsoo isaanitiin, Cirriin garee waraana shaambaal Baqqalaan hoogganamu waliin Sannateetti wal waraanuun shaambaal Baqqalaa ajjeesun loltoota isaa hedduus barbadeessuun injifannoo argataniru. Mootummaan Hayilasillaasee loltootni isaa dhumachuu erga dhaga’ee booda hoomaa waraanaa baay’ee erguun abbaan Aliyyii Cirriin akka qabamu godhe. Erga qabameen booda mana hidhaa Gobbaatti hidhame. Waggaa shaniif achuma Gobbaatti mana hidhaa keessaas ture.

Waggaa shan booda, qaamni mootummaa Hayilasillaasee, umurii guutuu hidhamuurra gumaa nama ajjeestee kanfalii ba’i jedheen. Cirriinis, qabsoon waan itti urgaa'ef kaffalee ba’e. Erga hiikkamee, Madda Walaabutti deebi’ee galuunis maatii isaa fi ijoollen isaa maalirra akka jiran erga hubatee booda Aliyyii Cirrii, Awwaluu Cirrii, Abduramaan Cirrii, Usmaan Cirrii, Isaaq Cirrii fi Harbisee Cirriin waraana akka baran taasise.

Gabrummaa ummatarraa ga'uun kan aare koloneel Aliyyiin, qabsaawuf umurii isaa 12tti gara bosonaa seene. Qabsoosaa jalqabaa Mahaammad Gadaa Qaalluu wajjin godhe. Baaletti, yeroo Aliyyii Cirrii ijoollee turetti, qabsoo kan jalqabe Mahaammad Gadaa Qaalluuti. Aliyyii Cirriifaan lola Mahaammad Gadaa Qaallurraa baratan. Mahaammada Gadaa, qawwee Xaaliyaanirraa bara 1938 argateen sirna Nafxanyaarratti lola jalqabe. Sirna Hyilasillaasee sanarra Oromoof Xaaliyaanii  wayya jedhu Haji Adam Tiinnaa seenaa Koloneel Aliyyii fi hacuuccaa bara sanaa yoo himan. Sirni Nafxanyaa Mahaammad Gaadaa Qaalluurratti karaa sadi'iin duula irratti bane. Isaanis karaa Gadab, Raammii W/mikaa’eel, Muloo Daadhii, Saannata, Hangeetuu, Manniisaan lola guddaatu ta’e. Waraana kanarratti gootonni Oromoo sadan, Huseenonni loltoota nafxanyaa 56 ajjeesuun wareegamaniiru.

Waraannii Mahaammad Gadaa Qaalluu laafee hiikkachuu jalqabe. Innis Raayituu Galdii seene. Booddees qabamee mootummaa Hayilasillaaseef dabarfamee laatame. Mana hidhaa Gobbaattis summii nyaachifamee ajjeefame.

Aliyyiin qabsoorra odoo jiruu, jeneraal Waaqoo Guutuu qabsoo jalqabuu yeroo baran, waliin qabsaawuf dhaqanii itti makaman. Kunis, Koloneel Aliyyiin sana duraanuu ummata biratti qabsoon beekkamaa waan tureef, Jeneraal Waaqoo hedduu gammachiise. Sana booda, Koloneel Aliyyiin qabsaa’ota akkasaa kan akka Hajii Goobanaa Yuuboo, Saamoo Kormee, Jeneraal Waaqoo Guutuu, Koloneel Adam Jiloo, Koloneel Dubroo Waaqoo, Koloneel Huseen Bunee, Koloneel Kadir Waaqoo faa waliin diinan lolaa ture.

Koloneel Aliyyiin, bara 1957 Waxabajjii keessa Oborso aanaa Madda Walaabuutti nafxanyaa muddees waraanera. Kana malees, Aanaa Dalloo Mannaa fi Madda Walaabuu kan daangessu Malkaa Amaanaarratti guyyoota torbaaf nafxanyaa saamichaa fi weeraraaf bobba’e akka hin dabarre dhoorkera. Iddoowwan akka Camarrii, Horri Korree, Tulluun Araaraa, Tulluun Habbisuu keessatti nafxanyaa waraanee injifateera. Akkasumas, iddoowwan akka Gubbaa, Dalloo, Angeetuu, Bidiree, Oborsofaatti goota nafxanyoota nagaa dhorke ture. Magaalaa Oborsootti waraanni Aliyyii Cirrii waraana nafxannaa barbadeessera.

Waaqoo Guutuu namoota afurtama fudhatee Somaaliyaa dhaquun qawwee 40 fi matarayyeesii 2 argatee deebi’ee. Aliyyii Cirriinis yeroo kana Waaqoofaatti dabalame. Bara 1963, Madda Walaaburraa Nafxanyaa ari’uun too’annoo ofii jala oolchan. Maddatti yoo walga’anis hoogganaa filatan. Waaqon jeneraalummaan hoogganaa olaanaa, Aliyyiin koloneelummaan itti aanummaan akka tajaajilu filatame. Koloneel Dubroo Waaqoo, koloneel Adam Jiloo Weeboos hoggantummaa argataniiru.

Waraanarratti, loltoota qabsoo Baalee taa'umsa lafaatu isaan gargaara. Sulula Gannaalee, Sulula Weelmal, bosona Harannaa Bulluq keessatti injifannoowwan jajjaboos galmeessisaa turaniiru.

Koloneel Aliyyii Cirrii Jeneraal Walda Sillaasee Barakat, Jeneraal Kabbadaa Yaa’iqoob, Fitawuraarii Alamaayyoo Taayyeefaan ummata Oromoo irratti hacuuccaa gaggeessaa turan nuffuun, “Yoo nu dhiisuu baattan qabsoon keenya ittuma fufa!” jechuun kutannoon nama dubbataa ture. Keessattuu Fitawuraarii Alamaayyoo Taayyee, kan sabaan Amaara ta'e, Dalloo bulchaa yeroo turetti, ilmaan Oromoo irratti hacuuccaa daangaa hin qabne geessisaa ture. Kana malees, Fitawuraarii Galchuu Toogee ammoo sabaan Oromoo ta’ee Madda Walaabuu bulchaa ture. Fitwuraariin kun mootummaa Hayilasillaasee biratti fudhatama argachuuf jecha ummata Oromoo lammii isaa fixaa ture.

Gama biraatiin lammiin Oromoo dhalootaan Angeetuu ajajaa kudhanii kan ture Bulloo Gammadaan ammoo gidduu deemtuu ykn haala mijeessaa nafxanyaa ta’uun tajaajilaa ture. Kunis dubbiin Oromummaa amma galuufitti ture. Kana jechuun waraanni koloneel Aliyyiin hoogganamu iddoo inni qubatuu fi bulu waan beekuuf odeeffannoo nafxanyaa mootummaa Hayilasillaaseef dhiyyeessaa ture. Haaluma kanaan otuma nafxanyaa waliin ummata Oromoo waraanaa jiruu loltoota Oromoo Madda Walaabuun booji’amuun waraana Shaalaqaa Awwaluu Cirriin hoogganamu jala gale.

Yeroo kanatti ajajaan kudhanii Bulloo Gammadaan kaayyoo ummata Oromoo fi kallaatti deemsa isaanii erga hubateen booda garee waraana ummata Oromoo waliin ta’uun Oromummaa isaa amanee ummata Oromoo waliin gara waraana nafxanyaatti seenuun Godina Gujii bakka ‘Gurraa’ jedhamutti harka nafxanyaan du’e.

Yeroo sanatti waraanni kun humnaan ol waan cimeef ummanni Oromoos ta’e nafxanyaan osoo wal baqatanii galaana bishaan Gannaaleen lubbuu isaanii dhabaniiru. Haaluma kanaan gareen waraana koloneel Aliyyii Cirrii magaalli Oborsoo fi Bidiree akka nafxanyaa yeroo saniif hin taane guban. Akkasumas Riqicha laga Gannaalee gubuuf ka’anii yoo hafe nu fayyaduu danda’a jedhanii gubuu dhiisan.Yeroo kanatti bakka Maddaatti waraanni akka hin gaggeeffamne dhaamsi isaanii bineensi illee ykn allaattiin illee bakka kanatti akka hin ajjeefamneef beelladoota manaa keessaa immoo gaala akka hin qallee dhaamsa walii dabarsanii waraana isaanii itti fufan.

Jaagamaa Keelloo mootummaa Hayilasillaaseen muudamee gara Baalee yoo deemu, ummata sossobee ofitti akka qabachuu yaalaa ture. Gootonni Baalee harka akka kennannu kan nu taasise Jaagamaa Keeloo ture jedha Aliyyi Cirriin.

Haaluma wal fakkaatun bara mootummaa Dargii, mootummaa Hayilasillaasee caalaa cunqursaa guddaan ummata Oromoorra gahaa ture. Bara muutummaa Dargii kana keessatti waraanni meeshaalee waraanaa ammayyaa waan qabuuf ilmaan Oromoo hedduu irratti ajjeechaa raawwachaa tureera. Koloneel Aliyyiin sirnicha kana cal jedhee hin ilaalle ture. Akkuma mootummaa Hayila Sillaasee irratti qabsaa’een mootummaa Dargii jalas dhaabbachuun hacuuccaa cunqursaa ummata oromoo irratti gahaa ture ofirraa qolachuuf hoomaa waraanaa isaa qabatee Dargiin lolaa turuun isaa ni beekama.

Koloneel Aliyyiin mirgi ummatichaa qawwee qofaan mirkanaa’uu danda’a amantii jedhu qabaachuun, waraana Dargii jala dhaabbachuun erga waraanaa turee, mootummaan Dargii waraanni isaa humnaan ol cimachaa adeemuun, koloneel gara mootummaa Somaaleetti baqachuun waggaa 11 achi ture. Koloneel Aliyyiin Somaaliyaarraa erga Dargiin kufee ADWUIn aangoo qabatee biyyatti deebi’e.

Koneleel Aliyyiin Cirrii dhukkubsatee yaalamaa erga turee booda Sadaasa 11, 2017 waggaa 96tti du'aan addunyaa irraa deeme. Gaafa Sadaasa 14, bakka jaallewwan wajjin qabsaa'aa ture kan akka Waaqoo Guutuu fi Adam Jiloo faa itti awwaallaman Madda Walaabutti kabajaan awwaallameera. Awwaala kanarratti, kutaa Oromiyaa hundarraa namoonni kuma kudhaanii ol kan argaman yoo ta'u angaawonni naannoo Oromiyaas agamaniiru. Artistoota keessa Haacaaluu Hundeessaa, Galaanaa Gaaromsaa fi Habiibii Kamaal faa argamaniiru.




#Article 261: Abubakar Muussa (289 words)


Abubakar Muussaa (? - 1977) waloo, gaazzexeessaa fi qindeessaa yoo ta'u umuriisaa guutuu mirga ummata Oromoof qabsaawun dabarse. Abubakar Muussaa walaloo sirbaa weellistoota hedduudhaf kenneera.

Abubakar Muussaa bara 1940n keessa Harargee nannoo Oborraa Leelee Gabaa, ganda Alii Arbatti dhalate.

Abubakar Muussaa artistoota Oromoo walitti qabuun namoota Hawwisoo Afran Qalloo ijaaran keessa isa tokko. Hawwisoon Afran Qalloo akka jajjabaatuf yaalii guddaa godhe. Walaloo babbareedaa ta'an barreessun, miseensota cimsuu fi qindeessun Hawwisoo Afran Qalloo waggaa torbaaf tajaajile.

Abubakar Muussaa walaloo Afaan Oromoo barreessee weellistoota baayyef keennaa ture; kanaanis muuziqaan Oromoo akka dagaagu taasise. Walaloowwan inni barreesse keessa tokko kan yaadannoo Hundeef (Ahimad Taqii) barreeffamee fi kan Alii Birraa sirbe kana kaasun nidanda'ama: 
Yaa Hundee bareedaa 
Yaa fiinxee miidhagaa 
Azaala jannataa 
Mayra bishaan lagaa
Walaloowwan sirbaa Abubakar Muussaa weellistoonni hedduun kan sirban yoo ta'u kana keessaa muraasa kaasuf Alii Birraa fi Abdii Buuh kaasun nidanda'ama. Walaloowwan Alii sirbee fi ummatta biratti baayyee jaalatamaa ta'an keessaa: 
Kobaa koo na dhiiftee ati deemuf kaanan Dubbachuun dadhabee ati naan dubbannaan 
Sin barbaada hogguu gadi hinteenye takkaa Baallama naa qabi essatin si argaa 
Hinyaadini hinyaadini yaadni namaan badaa Maal akkana yaaddaa 
Amma lelee lelee
Walaloosaa kan biraa beekkamaan tokkoo fi kan Wagaayoo Nigaatu sirbe:
Hammaarressi hincabuu numa micciirramaa Garaan ilma namaa torba jijjiirramaa 

Erga mootummaan Hawwisoo Afran Qalloo dhorkee booda, Abubakar Muussaa Raadiyoo Hararitti mindeeffamee hojjachuu jalqabe. Raadiyoo Hararitii, namoota akka Shawaaluul Mangistuu, Abdii Qophee (Abdii Muhammad), Muhammad Qophee(Muhammad Ahmad) faa wajjin sagantaa Afaan Oromoorratti mindeeffamee hojjachaa ture.

Adoolessa 12, 1969 (ALH), Abubakar Muussaa yeroo inni oduu dubbisee buufata raadiyootii ba'u, hidhattoonni Dargii karaarratti eeganii itti dhukaasanii ajjeesan. Namoota reeffa isaa kaasuf dhufan akka hinkaafne dhorkanii reeffi isaa ala san bule. Waan nama gaddisiisu, alkan san reeffasaa waraabessi nyaachaa bule. Ganama san lafee miilaa, mataa fi harka qofa arganii awwaalan.




#Article 262: Guutamaa Hawaas (715 words)


Guutamaa Hawaas (1945-1994) qabsaawaa mirga Oromoo fi hoogganaa Waraana Bilisummaa Oromoo ture. Guutamaan waraana qabsoo bilisummaaf ABO fi ADWUI gidduutti geggeeffamerratti waan diinan marfameef, ofumaan of ajjeese.

Guutamaa Hawaas maqaan dhalootasaa Jamaal Roobaleeti. Guutamaan bara 1945 keessa abbaasaa Roobalee Daadhii fi haadhasaa Gaashoo Tofoorraa  Oromiyaa kibba-bahaa Arsii keessatti, aanaa Gololchaa, ganda Haaroo jedhamutti dhalate. Umuriin isaa barnootaaf akka ga’eenis mana barnootaa Gololchaa seenuun kutaa 1ffaa hanga 4ffaa kan barate yoo ta’u, kutaa 5ffaa hanga 12ffaatti ammoo gara Finfinnee dhaquun mana barumsaa Addis Katamaa jedhamutti baratee xumure. Akka barnootasaa xumureenis waajjira Boordii Bunaa jedhamu keessaan hojii jalgabe. Waajjira kanas damee Finfinnee fi Diillaatti aragmu keessatti yeroo muraasaaf ramadamee hojjate. Waajjirra kana keessatti bulchaa aanota garaa garaa, keessattuu bara 1975-1977tti naannoo Arba Guuguutti ramadamuun bulchaa aanaa Gololchaa ta'ee hojjateera. Itti aansee bara 1978-1979tti konyaa Arba Guuguutti itti gaafatamaa dhimma ummataa ta’ee hojjate. Haa ta’uyyuu malee, mootummaan Dargii sochii qabsoo bilisummaa Oromoo waliin hidhata qaba jechuun ba'uu fi galuusaa waan hordofuu jalqabeef, waajjira kana gad lakkisuun gara hojii isaa jalgabaatti deebi'ee hojjechuu jalgabe.

Guutamaan yeroo naannoo kana keessa hojii mootummaa kana hojjataa turetti miseensa ABO waan tureef, achuma keessa hojii ABO lafa jalaan hojjataa ture. Kunis, maadhee dhaabaa lafa jalan ijaaruu fi miseensonni dhaabaa karaa saniin gaaratti bahan dabarsuu irratti hojjataa ture. Hojii qabsoo inni lafa jalaan hojjachaa fi hojjachiisaa ture waan diinaan jalaa saaxilameef, Guutamaan gara bosonaa seenuu fi guutummaan hojii qabsoorratti hirmaachuun dirqama itti ta'e. Akka kanaan bara 1979 keessa naannoma Arba-guuguu, Gololcha kanatti bosona seene. Qabsoon hidhannoo yoosuma sanuu naannoo sanatti eegalamee waan jiruuf, Guutamaan Waraana Bilisummaa Oromoo kan naannoo sanatti ramadamee jirutti makame. 

Guutamaan yeroo sanaa kaasee hanga gaafa wareegameetti itti gaafatama dhaabaa kan gara garaarra ture. Kunis bara 1979-1984tti miseensa koree Godina Kibba-Bahaa ture. Yeroo sanatti Godina Kibba-Bahaa kan jedhamu: aalee Diida aa, Baalee fi kutaa Harargee keessaa ammoo aanaa Daaroo-Labuu kan of keessaa qabu ture. Yeroo kana koree keessatti itti gaafatamni isaa dhimma hojii hawaasummaa ture. Bara 1983 jila miseensota ABO Godinoota Bahaarraa yaamamee fi hogganoota ABO kan wareegaman bakka buusuuf kutaa Harargee, Laga Raammis, bakka Raaree Aadam Boruu jedhamutti taa’erratti miseensa koree maatii fi jaallan isaa irraa jidduu ABO ta'ee filame.

Bara 1984 keessa walga'ii koree gidduu-galeessaa 2ffaa kutaa Harargee, Aanaa Daaroo Labuu, bakka Sakattee Billiqaa jedhamutti taa'erratti gaafa waajjirri siyaasaa ABO jalgabaaf ijaaramutti miseensa Waajiira Siyaasaa ta'ee filame. Achumaan hoogganaa Damee Hawaasummaa ABO ta'uun ramadame. Bara 1989 yeroo Korri ABO 2ffaan kutaa Harargee, naanoo Laga Gobelleetti godhamuuf qophiirra jirutti, miseensa Koree Qindeessituu Kora Sabaa ABO ta'ee qindeessaa Itti-aanaa fi diinagdee koree kanaa fudhachuun ramadamee hojjate. Korarratti ammoo, yeroo lammaaffaaf miseensa Koree Jidduu fi Waajjira Siyaasaa ta'ee filame. Achumaan mataa Damee Diinagdee ABO ta'uun ramadame. Bara 1991, yeroo mootummaa ce'umsaa keessa ABOn seene, hirmaata hojii kan hoogganni dhaabaa yeroo san hojii mootummaa fi dhaabaa walitti qindeeffatuuf godhaterratti miseensa mana marii fi itti-gaafatamaa Zoonii Kibbaa ta'ee ramadame. Bara 1992 yeroo mootummaa Ce'umsaa keessaa ABOn ba'etti itti gaafatamummaa kanaan dirree qabsoo Zoonii Kibba Bahaa, kutaa Baalee, naannoo Gadabii fi Dalloo Bunaatti deebi’ee maroo lammaffaaf gaara seene.

Yeroo sanatti waraanni Wayyaanee fi Shaabiyaa humna isaani walitti qindeeffachuun waraana Aadda Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf lolaa guddaa yeroo isaan itti banan ture. Ebla 12 bara 1994ttis kutaadhuma kana aanaa Dalloo Mannaa, naannoo Laga Dayyuu, bishaan Haxiballaa jedhamurratti Waraanni Wayyaanee fi Shaabiyaa kun lola guddaa WBOrratti bananiin, lola hadhawaa guyyaa sad’iif geggeeffamerratti akka gootaatti lolee lolchiisaa erga tureen booda Ebla 14 naannoo Barraaq bakka Dhukkee jedhamutti lola geggeeffameerratti diinaan marfamee harka diinatti hinkennu jechuun boombii ofitti dhoosanii jaallewwansaa afur yeroo sana isa waliin turan waliin wareegame.

Guutamaa Hawaas qabsoof bosona kan seene naannodhuma itti dhalate waan ta'eef bara 1979-85tti sababaa fi maqaa isaatin maatii inni irraa dhalate dabalate ummanni Oromoo kan naannoo sanii fi hiriyyoonnisaa osoo hinhafin Dargiin ajjeefamanii lafarraa duguugamaa turan. Obboleessasaa Muhaammad Roobalee bara 1980 keessa magalaa Abboomsa keessatti ajjeefame, akkasuma Obbolecttiisaa Lukku Roobalee Bara 1982 ji’a Ramadaanaa keessa bakka Dande jedhamutti bakka looniin godaantetti ganama manaa qabanii kaampi waraanaa Haroo Kambeelaa jedhamutti guyyaa guutuu qaamaa fi qalbi dararaa erga oolanii booda naannoo manaatti deebisuun rasaasaan tumanii biraa deeman. Namoonni ga'eeyyiin, maanguddoonni dhiiraa fi dubartii, dargaggoonni fi shamaran bakka tokko walitti qabamanii rasaasaan ajjeefamaan, mana keessatti ibiddaan gubamanii fi bakkoota gara garaatti ajjeefaman awwaalallee dhabuun bineessaa fi allaatiin nyaate naannoo nama 500 oliiti.

Guutamaa Hawaas intala Biiftuu jedhamtu kan qabu yoo ta'u yeroo ammaa Biiftun biyya Awustireeliyaa jiraatti. 




#Article 263: Muhaammad Zaakir (654 words)


Muhaammad Zaakir (1949 - 1977), maqaa Mayra jedhamuun irra caala beekkama, qabsaawaa mirga Oromoo naannoo Oromiyaa bahaatti hedduu beekkamu. Muhaammad Zaakir qabsoorratti hidhattoota Somaaletiin ajjeefame.  

Muhaammad Zaakir bara 1949  Galamsootti abbaasaa Umar Aliyyii fi harmeesaa Meeymuunaa Saadiq irraa dhalate. Muhaammad ijoollummaa isaatti mana barnoota Islaamaa seenee amantii baratee ture. Itti aanse barnoota ammayyaa Galamsoo fi Cirootti barate. Barnoota sadarkaa olaanaa barachuuf, Koollejjii Teekniikaa Finfinneetti (Tagbaara-id) galmaa'ee ogummaa barachuu jalqabe. Barumsa odoo hinxumurin addaan kutee qabsoo Oromoo keessatti hirmaachuf gara Carcar deeme. Muhaammad barumsa  dhiisee qabsootti makamu isa kakaase sochii qabsoo Elemoo Qilxuu fi Hundee ture. 

Hiriyaa fi firasaa kan ta'e Ahimad Taqii, Muhaammadin Elemoo wajjin wal barsiise. Muhaammadiif, ittii gaafatamummaan kennameef dhimma basaasuu fi dhiyeessii (loogistiikii) ture. Kanaafis, waan loltoonni nyaatanii qopheessuu fi odeeffannoo barbaachisaa funaanun hojiisaa ture. Muhaammad garuu riphe-loltoota Oromoo sanatti galee isaan wajjin hinjiraatu ture, kunis murtii geggeessan waraanichaa Elemoo Qilxuu ture. Elemoon Muhaammad akka inni waraana keessa odoo hintaane ala turee hojjatu barbaade. Gaaf tokko yeroo inni Gubbaa Qorichaa bakka loltoonni Elemoo fi Hundee jiranii yeroo deebi'u, tikaa nageenyaa Dargiin qabamee mana hidhaa gale. 

Fulbaana 5, 1974 Waraana Xirrootti geggeeffame booda, yeroo sana reefu dhaabachaa kan ture Dargiin, fulaasaa gara ummata magaalaa, daldaltoota fi hayyoota magaalaa Galamsoo, Baddeessaa, Machaaraa, Bookee fi Balballeettii dimshaashan guuree mana hidhaatti naqe. Warra hidhaman kana keessaa namni saddeet mana murtii waraanaa duratti dhiyeeffamuuf gara magaalaa Hararitti geeffaman. Namoonni saddeettan kun Muhaammad Rashaad (obboleessa Ahimad Taqii), Ahimadal-Haadii Huseen (obboleessa Muhaammad Zaakir), Mohaammad Bakar, Najaash Ismaa'el, Ismaa'el Ahimayyuu, Amiinoo Abdulrahmaan (Amiinoo Tuutii) fi Wayyaa Ibroo (Abubaka Ibraahim) ture. Mayraa fi hidhamtoonni torban mana hidhaa Aw-Izin keessatti hidhaman. Erga gaaffiif deebiidhaan qorannoo hedduu irratti geggeessee booda, manni murtii waraanaa kutaa biyyaa Harargee jara saddeetanittu du'a itti murteesse. Boodarra bara 1974 yeroo Dargiin hidhamtoota siyaasa dhiifamaan akka gadi-lakkifaman labsuu, Mayraa fi warri isa wajjin hidhaman mana hidhaatii ba'an.

Oduma umuriinsaa 20 keessa jiru, Mayri dargaggoota fi qonnaan bultoota gurmeessee gumii Tuuta Bariisaa jedhu dhaabe. Miseensot gumii Tuuta Bariisaa fudhatee gara Somaaliyaa deeme. Gara Somaaliyaa kan deemaniifis mootummaa Ziyaad Baarree kan reefu hundaa'ee turerraa gargaarsa gaafachuuf ture. Somaaliyaadhaa birgeedii tokkoo fudhatee ajajaa ta'e gara biyyaatti deebi'e. Birgeedin kun Oromoota qofa odoo hintaane loltoota Adda Bilisummaa Sumaalee Dhihaa (Ingiliffaan WSLF) kan obboleeyyan keenya Oromoo gargaarra jedhan of keessaa qaba ture. Birgeedin Mayraa loltoota Dargii kan aanaa Bookee fi Daaroo Labuu keessa jiru guutummaan barbadeesse. Mayri waraana geggeessurrati dandeetti fi gootummaa guddaa qaba ture. Loltoota Dargiis naannoo baadiyaa Bookee, Daaroo Labuu keessaa baasee.

Mayri jalqabumaa kaasee hariiroo Adda Bilisummaa Sumaalee Dhihaa (ABSD) wajjin qabu of eggannoon geggeessaa ture. Yeroo muraasa booda, Sumaalonni ummanni Oromoo akka isaan Sumaalee Aabboti ofiin jedhan yeroo dirqisiisuu jalqaban, Mayri isaani walitti bu'uu jalqabe. Wanti irra caala guddaa isa naasise tokko ammoo loltoonni ABSD lafa Oromoo kan bilisa ba'e keessatti alaabaa Rippabiliika Somaaliyaa fannisuu isaaniti. Mayri hojii hammeenyaa ABSD kanatti hedduu aaree nuti Oromoodha, mirga ummata keenyaf lolla. Nuti ergamtoota Ziyaad Baarree miti, diinaa hamaa lama gidduudha filannon hinjiru. akkuma warra Abashaa lollu, ABSDs nilolla jedhee dubbate. 

Sana booda loltootasaa gara ABSDtti garagalchee waraanuu jalqabe. Loltoonni Mayraa ABSD waraana hedduurratti injifatee guutummaatti Daroo Labuu keessaa baase. Waraana ittuma fufuun aanaa Bookee keessatti odumaaisaan waraanaa jiruu, ABSD loltoota dabalataa Somaaliyaarraa dhufaniin humna dabalatee buuftaa loltootasaa irratti waraana banani. Waraanni ABSD wajjinii kun hanga bona 1977 ittuma fufe. Dhumarratti, Mayri Lola Kurfaa Rooqaa, kan magaalaa Bookerraa gara kibbaatti 30km fagaatte argamturratti geggeeffameen wareeggame.  

Seenaan Mayraa baayyee barreeffamuu baatuyyuu, Mayri ummata Harargee biratti akka goota guddaatti ilaallama. Gumaachi Mayraa yoomiyyuu kan dagatamu miti: yeroo qabsoon Oromoo waan laafte fakkaattutti deebisee finiinse. Barreessaa Tewoodiroos Mulaatuu kitaaba Amaariffaan barreesse kan Akeldaamaa jedhamu keessatti, Mayra akka goota guddaatti dhiyeesse. Tewoodiroos fi Mayri mana barumsaa tokkotti waliin baratan. Kan barreeffama kana adda godhu Tewoodiroos lammummaan Oromoo ta'u dhiisuu isaati.  

Weelliss beekkamaan yeroo ammaa biyya Kanaadaa jiraatu Elemoo Aliin, jaallewwan waraana Xirroorratti du'aniif akkas jedhee weellise:  

Dhigni Keessan Yaa'ee Carcar Xirroodhattii  
Dhagatti Goggogee Ititee Biyyattii 
Margaa Meyra inni hinbiqilchinee? 
Ummata Dammaqsee Sossoose Qabsotti 
Nu hordofaa Jedhaa Daandii Warraqsatti 




#Article 264: Bakar Waaree (359 words)


Bakar Waaree kan dhalate Aanaa Jaarsoo bakka amma  aannaa Jarsoo aradaa burqaa miixe (Laga Mixee) jedhamutti. Bakar Waaree gumii bultumaa kan Raabaa fi Doorii Baarentummaa kan Addeellee maadheftattee Fugug bulchu keessatti qondaala guddaa Birmajii yeroo sanaa ture. Keessattuu dhaddacha mooraa Fugug kan teessuma man-bultii gorguddoo kudha lamaan Alaa: Nuunnu, Meettaa, Diiramu, Goollo, Buubbu, Abbay, Galaan Abbaadho, Ere, Kaako, Arroojjii, Gutayyu keessatti haala sochii siyaasaa fi hawaasummaa irrattii adda durummaadhaan murtii fi hoggansa kennaa ture.

Bakara Waaree, seenaa qabsoo Oromoo keessatti waan hedduun yaadatama. Keessayyuu, Oromootni Oromiyaa Bahaa keessa jiraatan ijoolleen Qalloo afran (Afran Qalloo) jachuuniis Daga, Oborraa, Baabbile, Ala fi ijoollen Anniyaa Sadachaa fi Kodheellee waraana weerartoota nafxanyaa ofirraa ittiisuuf godhamu irratti hogganaan waraana Oromoo (murtii guutoo) eenyu akka tahuu eega marii godhatan booda abbaan duula kan isaan hogganu akka Bakar Waaree ta'u filatan.

Mariin kun kan taasifame eega ergaan miila qallaa Abbaa Gadaa yeroo sanii Wadaay Galmoo Kormoosoorraa mooraa Fugugitti isaan ga'ee booda ture. Fillannoo kanarrattis sooreeyyiin beekkamoon gosoota bakka bu’an kan argaman yoo ta'u isaaniis Anniiyyarraa Hargaaya, Afran Qalloorra Wedaay Galmoo Kormoosoo, Orfoo, Katabee Wadaay Dugaa fi Mareenyi yoo ta'u kana keessahiis Hargaayaa fi Wadaay Galmoo Amiir Abdulaahii waliin ta'anii haala walii gala waraana kanaa akka hogganan gaafatan. Ta'us Amiir tole hinjenne. Sababniis yeroo sanatti Amiir abbaasaa kan deeggarsa Oromoo qabu mootummaa Ijiipti waliin angoorraa fonqolchee gara angooti dhufuunsaa yeroo xiqqoo waan ta'eef haala waliigala waraana sanii hogganuu hindandeenye.

Lola Calii Calanqooirratti gaggeeffame irratti, gootichi hogganaa waraana oromoo Bakar Waaree gootummaa fi gootummaa isaarraa kan ka’e miilasaa kan irraa cite osoo ifin dhagahin hanga lolli goolabamuuf gahutti kan ture ta'uu isaatu himama. Miilli isaa eessatti fi akkamiitti akka irraa cite wanni beekkamu waan hinjirreef achi buuteensaa hinbeekkamu. Warri Harargeetiis akka maakmaaksaatti jecha kana itti fayyadamuun waan tasa badee hinargamne takka “Achi buutee miila Bakar Waaree” jadhanii himu.

Yaadannoo gooticha kanaatiifiis siidaan yaadannoo fardasaa waliin siidaa yaadannoo wareegamtoota Calanqoo kan dhiheenya kana eebbifame keessatti ijaarameefii jira. Gama kaaniin tulluun fuul dura iddoo siidaan itti ijaarame gamatti argamtu durumarraa Tulluu Bakar Waaree jadhamuun beekkamti. Waraanni Murtii Guutoo kan isaan hogganamuutu achirra qubatee ture jadhama.

Seenaa dhaloota bakar waaree 
Yoo katabamu haatisaa eenyu akka taate hin eeramne maalif?== Wabii  ==




#Article 265: Ahimad Taqii (173 words)


Ahimad Taqii (1942? - ) qabsaawaa miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo warra jalqabaa keessa tokko. Ahimad Taqii waraana Xirroorratti wareegame.

Ahimad Taqii abbaasaa Muhaammad Rashaad fi harmeesaa Maariyaam Ahimadirraa naannoo bara 1942 dhalate. Ahimad kan dhalate Oromiyaa Bahaa, Aanaa Habroo ganda Balballeettii jedhamtu keessatti. Ahimad maqaa warri baasaniif yoo ta'u aqaan qabsoosaa Hundee ture. 

Ahimad-Taqii yeroo umuriinsaa digdama ta'u obboleessasaa Muttaaqii fi boodarraa ammoo obboleessa kan biraa Israafiil wajjin magaalaa Galamsootti galanii daldala eegalan. Jeneraal Taaddasaa Birruu sochii Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti godheen wayita magaalaa Galamsootti hidhame, Ahimad-Taqii isaan wajjin wal bare. Akkuma garaa wal baraniin, rakkoo ummata Oromoo fi mirga dhala namummaa dhabuu ummata Oromoo kaasanii yaada wal-jijjiiruf carraa argate.

Ahmad Taqii ummata naannoo Galamsoo jiran miidhaa sirni nafxanyaa ummata Oromoorraan ga'aa jiru hirree tokkoon ofirraa ittisuu akka danda'an gorse. Mirga nafxanyootan irraa fudhatame qabsaa'anii deebifachuu akka qaban onnachiisan. Ummata dadammaqsuu fi onnachiisuun booda, namoota filataman meesha waraanaa hidhachiisuf qophii xumuran. Boodarra, Elemoo Qilxuu qabsaawota fudhatee gara Gaara Gubbaa Qorichaa deeme. Ahimad Taqiinillee bakka Buubbee jedhamtu kan Galamsoorraa 33km argamtutti qabsaawotatti dabalame.    




#Article 266: Fayyisaa Leellisaa (784 words)


Fayyisaa Leellisaa (1990 - ) atileetii fiigicha dheeraa fiigu yoo ta'u dhalataa Oromoo ti. Fayyisaan Oromiyaa Shawaa Dhihaa Aanaa Jalduu magaalaa Jalduu keessatti bara 1990 dhalate.   

Fayyisaan dargaggeessa maraatoonii sa'aatii 2:06 gaditti fiigee kan jalqabaa yoo ta'u kanas kan fiige Maraatoonii Rooterdaam 2010 irratti. Sa'aatin inni galmeessise inni gaarin 2:04:52 yoo ta'u kunis namoota maraatoonii saffisaan fiigan kudhan keessaa tokko isa godha.   

Fayyisaan dorgommii jalqaba godhen Maraatoonii Dabliin bara 2009 irratti injifate. Itti aanses bara 2010 Maraatoonii Addunyaalessaa Shiyaamen irratti injifate. Fayyisaan Maraatoonii Shaampiyoonaa Addunyaalessaa irratti bara 2011tti nahaasii yoo fudhatu Olompiikii Riyoo kan 2016 irraatti ammoo meetii injifate. Olompiikii Riyoo 2016 irrattii dorgommii guyyaa dhumaa geggeeffamerratti, Fayyisaan yeroo xumuru harkasaa walirra qaxxaamursuun deeggarsa fincila Oromootif qabu agarsiisee, ajjeechaa fi gidiraa uummata Oromoorra ga'u mormeera. Gara Itoophiyaatti yoo deebi'ee lubbuusaarra balaa ga'u sodaachun gara biyya biraan deema jedhee ibsa gaazzexeessitootaf kenne. 

Ibsaa gaazzexeessitootaf kenneenis akkas jedhe Mootummaan Itoophiyaa uummataa koo ajjeesaa jira, kanaafis uummata koo wajjinan dhaabbadha. Maatin koo mana hidhaa keessa jiru, namoonni waa'ee dimookiraasii dubbatan ni ajjeefamu 

Fayyisaan dorgommii addunyaalessaa kan jalqabe bara 2008 yoo ta'u dorgommiin guddaa inni jalqaba godhe Shaampiyoonaa Qaxxaamura-biyyaa Addunyaa IAAF kan bara 2008 ti, kanarrattis dorgommii ol-adeemtotaatin sadarkaa 14ffaan xumure, kunis garee Itoophiyaa medaaliyaa meetii akka argattu gargaare. Dorgommii Addunyaa 10,000 kan Baangaloor irratti geeggeeffamerratti hirmaatee sa'aatii 28:35 galmeessun sadarkaa shanaffaan xumure.

Fayyisaan dorgommii ga'eessotaa bara ittaanu godhe, kunis Shaampiyoona Qaxxaamura-biyyaa Addunyaa IAAF kan 2009 irratti yoo ta'u sadarkaa 12ffaan xumuruun medaaliyaa nahaasii garee Itoophiyaa wajjin argate. Baruma sana Ebla keessa Kiresenti Siitii Kilaasik irratti hirmaachuf gara Yunaayitid Isteetis Niwuu Orliyaansi deeme. Meetira 10,000n Maarki Kiptootti aanee lammaffaa ba'uun sa'aatii gaarii 28:20 galmeessise. Ji'a Fulbaanaa keessa walakkaa Maraatoonii Rook inda Rool Virjiiniyaa Biich Haaf Maraatoonii irratti fiige. Dorgommii kanarratti sa'aatii 1:02:15 yoo galmeessu morkataasaa lammii Keeniyaaa Wiiliyaam Cheeboritti aanee lammaffaa ba'e. Fiigicha maraatoonii kan jalqabaa ji'a ittaanu Maraatoonii Dabliinirratti godhe. Dorgommii kana si'a lama mo'aatee kan ture Aleeksii Sokoloov daqiiqaa tokkoo fi walakkaan dursuun injifate. Sa'atin inni galmeessis 2:09:12 akka nama jalqaba maraatoonii fiigutti baayyee gaarii ture, garuu riikardii dorgommii kanaa sekendii 5f cabsuu dhabe.  

Amajjii 2010tti Fayyisaan Maraatoonii Addunyaalessaa Shiyaamen irratti sana caalaa fooyyesse, achirrattis riikardii dorgommichaa kan waggaa tokkoof Saamu'eel Muturi Mugo qabame cabsuun sa'aatii 2:08:47 galmeessee maraatoonii guddarratti yeroo jalqabaaf moo'ate. Maraatoonii Rooterdaam irratti Sa'aatii kanarraa baayyee hirrisuun 2:05:23 xumure. Sa'aatin kunis Fayyisaa atileetii Itoophiyaa saffisaan fiigan keessa sadaffaa isa godhe, kunis Hayilee Gabrasillaasee fi Tsaggaayee Kabbadaatti aane jechuudha. Sa'aatin kun garuu Fayyisaan sadarkaa afraffaan akka xumuru godhuurraa hinbaraarre, sababiinsaas dorgommichi baayyee kan morkiin itti baayyate ture  – Patrick Makau, Geoffrey Mutai, Vincent Kipruto hundi isaanii atileetota maraatoonii saffisaan fiigan 10 keessa galan. Maraatoonii Chikaagoo kan 2010 irratti ji'a Onkoloolessaa keessa kan fiige yoo ta'u dorgommicha sadarkaa sadaffaan xumure. Dorgommii kanarratti hanga 20 km warra dursan, Tsaggaayee Kabbadaa fi Saamii Waanjiruu, wajjin fiigaa yoo turu boodarra gara duubatti hafe. Ji'a itti aanu, Walakkaa Maraatoonii Deelii irratti jalqabarratti warra dursaa turan keessaa tokko yoo ta'u dhumarratti sadarkaa shanaffaan xumure.         

Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyyaa Addunyaa IAAF kan 2011 irratti, Fayyisaan garee Itoophiyaa kan medaaliyaa meetii fudhate keessaa ture. Achirrattis Fayyisaan sadarkaa kudha-torbaffaan xumure. Ji'a Ebla keessa, Maraatoonii Rooterdaam irratti kan hirmaate yoo ta'u sadarkaa torbaffaan xumure, moo'ataa dorgomichaa booda daqiiqa ja'a turee xumure. Shaampiyoonaa Addunyaa kan Atileetiksii kan 2011 irratti akka hirmaatuf kan filatame yoo ta'u dorgommicharrattis sa'aatii garii kan waggaa sanii galmeessun nahaasii fudhate, dorgommii kana 2:10:32 xumure.          

Bara 2012 walakkaa maraatoonitiin haala gaaridhan jalqabe, Walakkaa Maraatoonii Hiwuusten irratti sa'aatii riikardii dorgommichaa ta'e 59:22 galmeessun injifate. Ji'a ittaanu Walakkaa Maraatoonii RAK kan dorgome yoo ta'u daqiiqaa lamaan hirrisuun shanaffaadhan xumure. Ji'a Bitootessaa keessa, Walakkaa Maraatoonii Niwuu Yoorki irratti sadaffaadhan xumure, kunis atileetii Itoophiyaa kan biraa Dirribaa Margaatti aane jechuudha. Dorgommii 10K Addunyaa kan Baangaloor irratti gara dhumaa duubatti hafuun sadarkaa afraffaan xumuree medaaliyaa dhabe. Garee Itoophiyaa kan Olompiikii 2012 irratti hirmaatef odoo hin filatamin hafe. Ji'a Adoolessaa keessa Walakkaa Maraatoonii Bogotaa irratti lammaffaa ba'e. Maraatoonii Chikaagoo kan 2012 irratti, Fayyisaan maraatoonidhan sadarkaa gaarii agarsiise – Tsaggaayee Kabbadaa wajjin hanga dhumaatti wal morkuun sa'aatii dhuunfaasaa saffisaa ta'e 2:04:52 galmeessun lammaffadhan xumure. Jalqaba 2013 irratti injifannosaa Walakkaa Maraatoonii Hiwuusten kabachiise. Ji'a tokko booda Walakkaa Maraatoonii RAK irratti afraffaa ba'e. Fayyisaan dorgommii qaxxaamura biyyaa Jaan Meeda moo'achuun dorgommii addunyaaf filatame.                   

Olompiikii Gannaa 2016 irratti, medaliyaa meetii kan injifate Fayyisaan, harkasaa lamaan walirra qaxxaamursuun deeggarsa mormii Oromoof qabu agarsiise. Mormiin kun sababa lafarraa buqqifamuu namootatin kan dhufe yoo ta'u Sadaasa 2015irraa eegalee ji'oota hedduuf geggeeffamaa ture. Uummanni yeroo mormii dhageessisaa ture mallattoo kana agarsisaa kan ture yoo ta'u Fayyisaan deggarsaasaa mallattoodhuma sana agarsiisun mullise. Sababa deggarsaa mormii Oromoof godheen, yoo biyyatti deebi'e ajjeechaa ykn hidhaan waan isa eeggatuf biyyatti akka hin deebine dubbate. Biyyatti yoon deebi'e balaa hamaatu na eegata jechuun gareen Itoophiyaa yeroo biyyatti deebi'u inni achuma Biraazilitti hafe.             




#Article 267: Qandhoon Zikkaa (244 words)


Qandhoon Zikkaakan akksumasd huukkuba vaayrassii Zikkaa jedhamun kan bekkamud hukkuba sababavaayrassii Zikkaadhan kan dhuffuu dha.yerroo baay'ee malatoo hin qabuu, garruu yoo jirraatte bay'inaan salphaafi Qnadhoo bussaa wajin walfakkachuu danda'a.Malatooni argisisuu danda'uus  qandhoo,dimmachuu ijaa,qiiqee dhukkuba mattaa fi suukii.Malatooni issaa walligalatti guyyaa torba gaddi tuura. Kannan duura jalqabba balfammu irrati dunni hin himamnee.Balfamnni kan walqabattuu rakkina dhuukubbaa guuliyan baarree (GSB).

Qandhoon Zikkaa kan walliti darbuu hida bokebiffa Ayideesii dhaaani.Akkasumas saallaandhiira irraa michuu quunamttii saallaa isaatii fi  karra birraa immo kan darbuu danda'uu dhiiga nammaa qaamatti fudhachuniidha. Faalamnnii duubarttii ulfa irraa garra daa'imaati darbuun walqaabattee ulffa bu'uufiguuddina sammuu hinxuumuuramnee. Faalamni vaayrassii Zikkaa kan qooratammu fakkeenyaa dhigaa, fincaanii, haancuufa qorrachun asiidii riiboo nukuulikiiyeroo namnii dhuukuubsatuu.

mallotnni ittissaa kan off kessa qabuu isa hiidda bokkee nannoo dhuukubichi it umamee hirisuufi  koondoomin fayadammuudhaani. Yallin hiidamaa booke hirrisuf kan fayyaduu farra illbissotadhaqna hunduumaa ufataan uffissuu saaphana bookee, fi lafa bishaan irra cissuu bakka bookeen horuu baleessuu. Talaalin hojjeettuu hin jiruu. Goorsii Ogeessoota fayyaa duubartoota bakkee faalamani 2015-16 ballaa Zikkaaulfa bassuuf yaaddun fi duubartootnii ulfa ta'aani bakka dhukkubaan faalammee akka hin demneefi dha. Yeroo wal'aansi bekkamuu hinjireetti paariisataamoolii(aseetamiinofeeni) yerroo dhuukuubii ni gaargaara. Hospitaala ciisuun tassa barbaachisa.

Vaayirassiin dhukkuubicha fiduu yaroo duuraaf bara 1947 tii baramee. Baqaqiinii yeroo duraaf ilma namaaratti galma'ee bakka kan fudhatee barra 2007 mootumaa nanoo Maaykronesiiyyaa tti. ,dhuukuubichi biyyoolee digdama nannoo Ameeriikaa ti muul'ateera. Naannoo Afriikaa, eeshiiyyaa fi paasfikkiiitii mul'aachuun isaas beekammera. Sababa baqaqii Braaziilitti wagaa 2015 ti jalqabeen dhaabatnii fayyaa adunyaalabsiiBalaa-tassaaa Fayyaa Haawaasa Dhima Addunyaaguraandhala 2016 ti labseera.




#Article 268: Shiistoomiyaasiisii (247 words)


Shiistoomiyaasiisii akassumas guuba-qaamaa cilaaluu jedhamuun kan beekamu  ta'ee dhiibee maxanttuu raamoo dirirraakaanshiistoomoosomu jedhamuun kan dhuufuu. ujuummoon fincaaniiyookinmar'iimaanfaalamuu danda'uu Mallatoonii muul'aachuu danda'aan dhuukuuba garraa,,albaatii,udaan dhigaa qabuu, yookkin dhiiga fincaan keesa. Namootni dhuukuubichaan qabaman yeroo baay'ee kanquunammuu danda'uu balaa tiruu,ballaa kalee,maseenummaa,kansaari dha. Daa'iiman irrati , kan fidduu danda'uu rakkina guuddinnaafi dadhaabina barachuu dha.

Dhuukuubichii kan waliitii darbuu walquunamtii bishaan haaraamaxaantuun faalammeni. Maxantooni kuunni kan gadhisamani bishaan haarraa cilaaluun faalameeni. Dhuukuubnii kuunni kan baramaa ta'ee daa'iman biiyoolee gudachaa jiran kessa jirraatanii fi bishaan faalamee birra taphatan irattii. Balaa gudaan kan birraa kan jiraattuu qonaan bultoota,nammoota quurxuumii-qaban, fi namoota jirenya guyyaa isaanif bishaan qulquuluu kan hin fayadamaniidha. Gareen itti ramadamuudhuukuuba heelminizzii.Qooranaan kan addemsiifamuu hanqaaquu maxantuu fincaan yokkin udaan nama kesa yoo aagrameedha.  Qooranoodhaan kan mirkaneefammuu danda'uu qaamoolee dhuukibicha fidankan falmatan dhiga kessa arguunnii.

Mallotnni ittissaa isaa kaneen aka akkattaa bishaan qulquuluun itti argammuu fooyesuufi lakkoofsa cilaluu hir'iisuun of kessaa qabuu. Naanoolee dhukkuubichi baay'inaan argamuu, wal'aansi paaraaziikuu'aanteliiwaggaati yerroo tokko garee hundaaf kenama. Kuunis kan goodhammu namoota dhukkuubichaan qabamaniifi, iti anuun. tamsa'ina dhukuubicha hir'isuufidha. Paaraaziikuu'aanteliin wal'ansaa Waldaan Buufaata Fayyaa aduunyaatinnamoota dhuukubichaan qabamaniif kan goorsu dha.

Wagaa 2012 irra jalqabee Shiistoomiyaasiisiin tilmaamaan gara nammoota miilliiyoona 210 addunyaa mara ira ajeeseera. Tilmaaman namotnii 12,000hanga 200,000 bara baraan dhuukkubichan du'uu Dhuukkubichi baayinaan ardiilee Afriikaa, Eshiiyyaa akkasuumas Ameeriikaa kibaati argama. Naannoo namootnii miliiyoona 700, biyolee 70tamaan caala, nanoolee dhuukuubichii barammaa ta'ee kesa jiraattuu. Biyyoolee gamoojii keesa, shiistoomiyaasiisiin dukkuba busaatiin durfameedhukkuboota maxaantootan dhuufanifi dinaagdee ira dhibbaa ciimaa gessan kessa lamaffaa irrati argama. Shiistoomiyaasiisiin dhuukuuboota gamoojii dagatamannii keesatii tareefama




#Article 269: Dhuukkuba Sarre Maraataa (592 words)


Raabiisiisiin Vaayirasiin  kandadaarbuufidhukkuba faalama sammuuilmaan nammoota irraa fi bineensootadhiga ho'aa qabaan irra kan gessuu Malattootnii jalqaba irrati argam ho'a qaamaa fi bakka itti quunameerati   dhageeti hiddaa dha. Mallattootnii itti annunn dhagaa'aaman sochilee nama jeeqan, gamachuu to'aachuuf rakkisuu soddaa bishaani,kutaalee qaamaa tokko tokko sochoosuu dadhabuu, bitaa galuu fi off walaaluudha. Malatootnii erga mul'atan booda, Raabiisiin yeroo maraa du'a fiida. Yerroon dhukkuubichaan qabamuu fi malatoolee ilaaluu giduu jirruu ji'aa tokkofi ji'a sadii gidduudha. Ta'ulee, yerron kuuni torbee tokkoo gaddi haama waggaa tokkoo caala garaagarumaa qabachuu danda'aa. Dheerinii yeroo kan hundaa'uu yeroo vaayiirasichii gidduu galaa sirna narvii gahuuf itti fuudhatuu irrati. 

Raabiisiin bineensoota birraa irraa gara ilman namaaniti darba. Raabiisiin kan namati darbuu, bineensii faalamee yeroo nama nyaatuu yookin taraaruu dha. Gooroorii bineensa dhuukuubichaan qabamee yoo mukoos meembreenni binensa yookkin nama birraa wajjin wal quuname dhuukuubichii dadarbuu danda'a. Raabiisiin nammoota qabattu yaroo baay'ee saree irra dhuufa. Caalmaa 90% ira Raabiisiin biyyoolee sarooni Raabiisii qaban irrati umamuu saroota irraa dhuufa. BiyooleeAmeerikkaa keesa,hiddi simbira haalkanibaay'inaan dhuukkuuba Raabiisii namattii fiduu, haami 5% gadi immoo saroota iraa dhufa.  Bineensooni akka hantuutaa jirran yeroo bay'ee dhuukuubichaan hin qabamanii. Vaayirasiin Raabiisiigara samuuti kan bahuu narvoota peerifeeraaliihoordoofuuni dha. Dhuukuubichi kan qooratammuu danda'uu erga malatootnii isaa jelqaban booda dha.

To'anaa bineensootaa fi sagantaaleen talaali balaa Raabiisii sababa sareedhaan dhuffuu biyoolee adugnaa bay'ee irraa hir'iseera. Uumatoota balaa guddaa ira jiraaniif yammuu saaxiila hin bahiin talaalii kenuun ni goorfama. Namootnii balichaaf saaxiilamaan, namoota siimbira halkanii wajjin hoojatan fi namoota baka Raabiisiin baay'inaan argammuuti yeroo bay'ee dabarsanii dha. Namoota raabiisiiti saaxilaman kessaa,talaalin Raabiisiifoo yeroo tokko tokko Raabiisii iimuunooguloobiiniiyoo malatooleen dhuukuubichaa mul'aachuu otto hinjalqabiin kenamee dhuukuubicha ittisuuf gargaaruu. Baka maddaa daqiiqaa 15f saamunaa fi bishaaniin,ayoodiinii piirooviidoniiyookiin saamuunaa dhangala'aa tiin dhiqquun vaayiirasii ajeesuu nidanda'a. Akasuumas tamsaa'iina dhuukuubicha hambisuu danda'a.  Erga malatootnii mul'atan booda namoota muurraasatuu dhuukkuubiicha irraa haafee.  Kuuniis wal'aansa guddaa kan piirootookoolii Miilwaa'uukkee jedhamuun beekamuuni dha.

Talaaliin Raabiisii Talaaliiittiisa raabiisiif gargaaruu dha. Kan buu'aa qabeesa ta'ee fi balaa kan hinqabnee muurasni jirruu. Ergaa namnii vaayiirasii Raabiisiin sababoota akka ciniinaa saretiin yookiin siibmira haalkaniitin  saaxiilamuu fi erga saaxilameen bodda dhuukuubicha ittisuuf gargaara. Dandeettiin-dhibee- ittisuu kan hama-qooricha saddii boda argamuu ciimaa fi yerroo dheraa kan turu danda'uu dha. Yeroo bay'ee kan kenammuu gogaa yookiin irree irati limo waraaniidha. Erga saaxiilaamaan booda talaaliin  yeroo- hunda kan fayadammuuimmuunoogiloobbuuliinii Raabiisii wajjiinnii. Namootnii balaa saaxiilamuu guddaa irra jiraatani, yeroo saaxiilamuuf dandaa'aniin duura talaalamuun issanii ni gorfama. Talaaliileen namoota fi bineensoota irrati nihoojettuu. Daandeetii- sarootnii dhibiicha ittisan ijjaruun dhibee namoota irra ittisuf mala bu'aa qabesa dha.

Namootnii miiliiyoonoota addunyaa keeseti  talaalamani jirruu, kuusin tilmaamaman  namoota millioyoona 250,000 ta'an ittusin isa ni tilmaamama. offeganoon godhamuu dan'aan garee umrrrii hundumaaf ni jirruu. namootnii % 35 fi %45 gidduu jiran bakka limoon warraanamee irati yeroo muraasaaf dimachuu mul'issuu. Namootnii  %5 fo %15  gidduu hoo'a qaamaa,dhukkuuba sammuu,dhuukuuba garraa qabaachuu ni danda'uu. Raabiisiin saaxilamuun boda balaan issan itti fayyadamuu wajjin walqabattee dhuffuu hin jirruu. Talaaliileen baay'een tiimeeroosaa of kesaa hin qabanni. Talaalileen tishuulee naarvoota irraa hojeetaman biyyoole muraasa kessati ni fayadammuu, bay'inaan Eshiyyaa, Ameeriikaa kibaa kessati haata'uu malee, bu'aan issani xiqaa fi rakkoo caalaa qabuu. Isaaniitii fayadamuun Buufataa Fayyaa Adhunyaatiin hin goorfamuu.  

Bara 2014 irraa jalqabee,gattin waligalaa Dollara Ameerikkaa 44 fi 78 gidduu baasa. Ameerikkaa Kaabbaa kesatti sangantaan talaalii Raabisii tokko Dollara Ameerikkaa 750 baasa.

Raabiisiin bara tokkoo kesatti nammota 26,000 hanga 55,000 adduugnaa mara keesattii ajjeesa. Duunii 95%ira kan caaluu kan uumamuu EshiyaafiAfrikkaa keesa dha. Raabiisiin biyoollee 150 ira caalan kessa  ardii Antartiikaan alla arrdillee hunda keesatii argama. Umatootni milliyoona 3 irra caalan nanoolee Raabiisiin itti argamuu keesa jiraatuu. Awuuroopaa fi Awuustraliyyaa keesati, Raabiisiin haarka-caalaati siimbira haalkannii kesatii argama. Nammootni odooloota xiixiiqoo irrati jirratan raabiisii goonkuumaa hin qabaannii.




#Article 270: Oonchooseersii'aasiisii (252 words)


Oonchooseersii'aasiisii, akkasuumas jamiina tiruu jedhamee kanbekammuufi dhibee Roobiisii dhiibee faalama raamoo maxantuu Oonchooseersaa voolvuuloosii dhan kan dhufuu dha. Malatoolen kan argamuu danda'aan , dhaqanaa chaachuu, googaa jala dhitahuu fi jaamina dha. Sababoole  ija jaamsan keesaa lamaffaa iraati argama.

Raamichi maxanttuu kan babal'atuu ciniinaa titisakan Simuuliniiyaii fakaatuu. Dhukkuubichann faalamuun yeroo bay'ee hiddamun dhuufa.  Titisoonii naannoo lagaa jirraatuu, kanaafuu moogaasa maqaa issani . Namaa kessa erga galee booda, rammoolenlarvaa umuukuunis akka raamoolen gara googgaa namaati dema. Yeroo kana tiisiisa guraacha nama hidduu faaluu danda'uu. Qorranaa isaa gochuf mallootnii addada, kan akka baayoopsiigoogaa saaliinii barammaa ira goochuunifii haamaa laarvaan dhuuffuu ilaauu, ija laarvaa kesa ilaaluu, fi raamoo gaheessaaf dhitoo kessaa ilaaluudhan.

Talaallindhuukuubichaa hin argamnee. Itiisnii isaa tisiisaan hidammuu irraa off eeguuniidha. Kuunis kan goodhamuu danda'uu wantoota iilbiisoota dhiibanii faydammuu fi uffatasirriti uffachuudhaani. Caraaqiin birraa baay'iina titisootaa farra ilbisootaa afuufuun hir'iisuu faa ta'uu danda'a. Carraaqiin dhibee kana baleesuu,garee namootaa naanoolee aduunyaa heduu wagaatii yeroo lama wal'aanuunidha. Wal'aansii namoota faalaman qoorichaanii dha iinveermeektiiniiyeroo ji'a 6 fi 12 gidduu jirru. Wal'aansiichii laarvaa ajeesa garuu ramoo gaheesa hin ajeesuu. Wal'aasiichiidooksiisaaykliinii, kan nama ajeesuu eendoosiiymbiiontii/kan walqabateebaakteeriyooleee Woolbaachaayii kan ramoolee dadhabbsuufi namoota tokko tokknon kan gorfamuudha. Dhitoo googaa jalaa baqaqsanii bassunis ni danda'aama.

Namootnii miiliiyoona 17 fi 25 gidduu jiran dhibbee tirruu jaamaattiin qabamani, kan 0.8 milliyooniiti tilmaamaman ijjisaani jameera. Faalamootni bay'een kan uumaman biyootaa Afriikaa Sahaaraa gaddii, hata'uus mallee dhimmoolin Yamaaniifii naanoolee addan bahaan Ameeriikkaa giddu galafiAmeeriikaa kiibbaa irras gabafaamaniirruu. Bara 1915 kesa, ogeesiichii fayyaa Roolfoo Roobileesiiyeroo raammicha dhuukuuba ijaa wajin walqabsiiseera. Buffatnii fayyaa adunyaa,taree dhuukuuba gamoojii dagamaatamii irrati ramadeera.




#Article 271: Leeshimaasiisii (219 words)


Leeshimaayisiisii akkasumas leeshiimaani'oosii jedhamee kan katabammuu dhuukuuba prootoozoowaamaxanttuukan sanyiiLeeshiimaaniiyaa fii kan hiida tiitiisa ciirachaa biffa muuraasatiin dhuufu dha. Dhuukkuubichii haaloola guguudoo 3 :Kuutaaniiyasii,muukookuutaaniiyeesii, yookiin Leeshiimaasiisii viisseeraalii tiin dhufa. Inii bifa kuutaaniiyasii alseerii googaa yeroo fidduu,muukookuutaaniiyeesii alseerrii googaa, affaanii, fi funyaani, fi inni viisseeraalii alseerii googaadhaan jalqabee, bodda irrati ho'aa qaammaa, hir'inaa seeloota dhigaa, guddina esspileenii fi tiiruu fiida.

Faalamnii, namootaa kan dhuufuu sanyii Leeshiimaaniiyaa goosa 20 tiin dha. Dhiibaan ballaa wantoota akka hiiyuumaa, hir'iina nyaattaa,ciirama dagalaa, fi guddina magaalootaa fidduu danda'a. Qoorannaan kana fakkatan hundinnuu maxantoota maaykiirooskoopii jala ilaaluun goodhamuu danda'a. Dabalataan, dhuukuubnii viiseeriyaali qoorannaa dhigaattiin goodhamuu danda'a.

Leeshiimaayisiisiin saaphanaa fara ilbisootaatiin waal'aanamee jala rafuun ittiifammuu danda'a. Tarkaafiileen tamsaa dhuukuubicha itttisuuf barbachisan  faraa ilboosotaan fayadammun tisiisota ciiraachaa ajjeesuufi  namoota faalaman wal'aanuun dha. Waal'aansii wabbaadammuu kan muurteesamuu, bakka dhuukuubichi umammee fi gosa Leeyishimiiniyaa fi goosa faalamichaa irrati. Qoorichootaa dhuukuubicha furuuf fayadamuu danda'aan keesa Lipoosoomaalii Amroofooteeriisiiniin isa tokkodaha, Makkaa peentaavaaleettii anttiimooniiyaaliisiinfipaaroomoomyiisiinii,fiimiilteefoosiinee.Dhuukuuba kuutaaneeyeesii, paaroomaaysiinii,filuukoonaazoolii, yookiin peentaamiidiineeyookiin buu'aa qabeesa.

Namootnnii gara miiliiyoona 12 ta'aanbiyoolee 98 kessatii faalamanniiruu. Dhiimoonii du'aa haarraa gara miiliiyoona 2 fi gidduu kuuma 20 fi 50 bara baraan muul'ata.  Namootni hama milliyoona 200 ta'aan: Eshiiyyaa,Kiibbaa fi giidduu gala Ameerriikkaa, fi Awuurooppaa Kiibbaa naanoolee dhuukuubiichii barammaa ta'eetii jiraatan keesa jirraatuu. Buufatnnii fayyaa aduunyaa qoorichoolee tookkoo tookkoo irratti gatti gadii'aanaa argateera. Dhuukuubichii binneensoota biiraa kan akka sarootafi binneensoota xiixiiqaa irrattii argamuu danda'a.




#Article 272: Laamberti Baartelsi (455 words)


Seenaa qabsoo sirna didaa bittaa nafxanyaa Oromoon Arsii(Sikkoo Mandoo)'tiin gaggeefamaa ture irratti ga'ee olaanaa kan taphatan keessaa Leenjisoo Diigaa isa beekamaa ture.

Seenaa qabsoo diddaa gabrummaa Oromoonni Sirna gita bittaa nafxanyaa irratti gaggeessan keessaa qabsoon Oromoon Arsii(Sikkoo Mandoo) bara 1881-1887tti gaggeesse akkaan hadhaawaa fi Aarsaa guddaa kan gaafate akkasumas injifannoowwan dirree waraanaa irratti Oromoon Nafxanyaa irratti gonfate keessaa injifannoon Doddotaa, Albasoo, Dibbee, Haroo Hamoommotaa fi laga Qalaxaatti Humni Waraana Arsii Leenjisoo Diigaatiin Hoogganamu si'a shaniif bara 1881-1885 tti Minilik itti Jilbiiffachiise kan yoomuu dagatamuu miti. Fakkeenyaaf, Waraana bara 1884tti gaggeeffameen Leenjisoon akkasumas Jaatamee Bultumii fi ilmaan isaa farda Minilik Yaabbate kan Abbaa Daanyoo jedhamu ajjeesuudhaan hanga Dibbee fi Gonfoo mataa minilik irraa fuudhanitti kan kalaahe ture. haa ta'uu malee Minilik xinnomaaf lubbuunsaa baraaramtee jirti. Guyyaa sana Leenjisoon Minilikiif Jal-deemtuu isaa hanga Magaalaa Mojootti fardaan ari'ee biraa deebi'ee ture. Leenjisoo Diigaa harka muraa fi Harma muraa Aanoleetiin booda waan harka kennate fakkaachuudhaan nafxanyaan waraana akka hiikkattu erga taasiseen booda Hoogganaa Waraana Nafxanyaa Dajjaach Wasanee jedhamu ajjeesuudhaan Gootummaa isaa mirkaneessee jira. Oromoon Arsii har'as ijoollee isaa yommuu Eebbisu Onnee Leenjisoo, Harka Leenjisoo, Ija Leenjisoo, Gurra Leenjisoo isiniif haa kennu jedha. kunis Gootummaa fi Hayyummaa Leenjisoo mirkaneessuudhaaf. Leenjisoon Gosa Arsii kan Kolooba Jedhamu keessaa dhalatus kan isa guddise garuu gosa Harmee isaa Abeeta akka ta'e himama. ilmi Oromoo Arsii tokko akka Aadaatti gosa Abbaa Malee kan haadhaa biratti hin guddatu ture. haa ta'uu malee wayta inni ijoollee turetti Abbaan isaa waan irraa du'eef haati isaa maatii ishee bira fiddee laatte. Leenjisoon gosti Abbaa isaa Koloobni waan isa hin guddifneef aarii irraa qaba ture. guyyaa tokko Bosona deemee ijoollummaa isaatti Leenca erga ajjeeseen booda Gosa Kolooba jedhamu kan Abbaa Kootii naaf yaamaa jedhee Eessuma isaa ajaje. Eessumni isaas Gosa koloobaa keessaa namoota baay'ee wameef kana booda Leenjisoon haala Armaan gadii kanaan gosa Abbaa Isaa Kolooba geerarsaan qaanesse

 Koloobni gadi gatee
Abeetni guddifatee
waan boru biyyaa tahu
waan boru Arsii tahu
Leenjoon har'uma mudhifatee,,,,(2x)

. Leenjisoon kana jedhee kan geerareef gosa Abbaa isaa Kolooba Gaabbii keessa galchuuf ture. Gootummaan Leenjisoo tan guyyaa keessa dhufte osoo hin taane tan ijoollummaa irraa waliin guddate ta'uu umrii ijoollummaatti adamoo bahee Leenca Ajjeesuun isaa kun ragaadha.

Gaaf Leenjisoon du'e Ummanni Sikkoo Mandoo kan Waabee gamaa fi gamanaa marti yaa'ee boohe manguddoon Sirna Awwaalcha isaa irratti argaman tokko immoo haala armaan gadiitiin Leenjsoo faarsuudhaan ummata tasgabbeessaniiru.

 Waan akka Leenjisoo
Homuu hin qabnee
warri midhaan nyaatu
nuyyuu hafnee,,,,,,(2x)

. Hiikkaan dubbii tanaas, Leenjisoon Seenaa Yoomuu hin duune hojjateera waan ta'eef hin duune. kan du'e immoo nuyi warra Seenaa osoo hin hojjanne midhaan nyaatu kan qabsoon keenya midhaaniif bishaan ta'e malee jechuudha.,,,,,,,,,,Leenjisoon Heexosaa irraa dhiheenyatti kan argamu naannawa Doddotaatti akka dhalate ni himama. Goonni du'us Seenaan isaa bara bara baraan kan jiraatu ta'a.

Gadabitti galaa Gadaa Hulluuqaa,,,,,,,,,,!!!




#Article 273: Gudayyaa Biilaa (579 words)


aana gudayyaa biilaa godinnaa wallaga bahaa keessaa tokkodha.

Balbala Leeqaa Gudayyaa keessa kan marge
Hayyuun seera Makkoo Biliin tumaa seera
gurguddoo saddeet,waliigala keeyyata 65n kan of
keessa qabu tumeera.
kana malees,Makkoon gurguddoota qomoosaa
hortee Jaawwii Maccaa Raayyaarraa dhufan
hubachaa guddachuusaatiin,caalaayyuu sabni kun
walga'iidhaafi hoodaaf Odaa Bisil jalatti Yeroo
walitti qabaman kan gammachisu jaalalasaatiin akka
ta'e himama.
Jireenya Xuxee Bisil (Odaa Bisil) facaatii Gibee laga
Uumaa booda keessa baay'achuusaaniitiin lafti loon
isaanii irra dheechifatan,irra jiraatan waan isaan
barbaachiseef Makkoon gaggeessummaasa
atiin,ummatasaa sochoosee lafa haaraarra
qubachiisuuf dirqamullee,jireenyi Xuxee Bisil waan
isaanitti toleef, mormiin Makkoo akka mudachaa
dhufetu yaadatama.Makkoo Biliis,Tutii Bisili ka'ee
Oromoota kaasee biyya Wallaggaa fi Iluu Abbaa
Boor keessa tamsaasuuf Salgeesaa mariisiseera
jedhama.Salgee keessa muraasni Nyaa'aa
Dooroo,Mutulii Kulee,Godaanaa Seenekaa,Keedoo
Bantii,Boofoo Dadhii,Furdisa Bonayyaa fi Yeegguu
Maatiidha.
jireenyi naannoo Tutii Bisil kan Itti tolee ummanni
bakka sanaa deemuu hin fedhu jeddhee waan
shakkeef Nyaa'aa Dooroo,goondaan mana kooti
nam'ejedhee mana ofitti ibidda qabsiise.ibiddi
mana Nyaa'aa Doorootii ka'es manneen naannoo
sana jiran Mara Jim godhee gube.kanaan Makkoo
Bilii fi salgeensa ummata Odaa Bisil jalatti walitti
qabanii ummata gorsuu eegale;
Dhaga'aa dhaggeeffadhaa!
Dhaga'aa dhaggeeffadhaa!
Seerri tumame hin jigu hin dhangala'u
Hin cabu hin dabu
Yoo muran seera
Yoo tumamee cuqqaalame bar'uudha
Seerri muramuuf aggamame
Utuu hin muramiin
Utuu Bokkuudhaan,Duddubbisan hin rukutamiin
Utuu Qacceedhaan hin quwaafamiin
Yoo 'qaphe,qaphe'jedhe deebi'ee akka mar'atamu
ta'a.

wal gargaaraa mana walii ijaaraa,iyya walii
dirmadhaa,ibidda walirraa dhaamsaa.nama harkisaa
xuraa'e (nama,nama ajjeese) qomoon nama sanaa
loon buusee,gumaa akka bitee oolchu,qomoodhaan
haa ta'ujedhee ummatasaa bobbaasee
qubachiisera.ha
ala kanaan ilman Gudayyaa sadan keessaa;-

hangafuumaan ardaa Abbaasaa facaatii Gibeefi
Aanaa Gudayyaa Biilaa keessatti ilmaan saddeet
horee jiraateera.

s ilmaan ja'a horee Aanaa Gobbuu Sayyoo har'aa
maqaa ilma Sayyoo hangafaa kan Gobbuu
jedhamuun moggafame keessa jiraata.Bujjuuraa
Sayyoo lammaffaadha.Aanaadhuma Gobbuu Sayyoo
keessa iddoo (ganda)Bujjuura jedhamu irra
jiraata.Midaa Sayyoo,lixaa laga Gibee golga laga
Odaa Aanaa Sibuu Siree keessa Haroo Caalchisaatti
Aananii jiraattota duraati.Daannoo Sayyoo kibba
bahaa facaatii Gibee, golga laggeen qallaa,Roobii
Abukkoo fi laga Amaaraa Aanaa Baakkoo Tibee
qabata.Yeroo ammaa Aanaa Daannnoo keessa
ilmaan Liiqan Maccaa waliin wal makanii jiraatu.

Jaawwwii Maccaati.ilmaan lama;-Soolee Leeqaa fi
Baabbuu Leeqaa godhateera.kudha lamaan Soolee
Leeqaa Gudayyaa fi Sadan Baabbuu Leeqaa
Gudayyaa Aanaa Waayyuu Tuqaa har'aa tulluu
Koomtoon gaditti Wallaggaa bahaa ,lixaa fi Qeellam
Wallaggaa keessa hanga Tulluu Walalitti qubataniiru
jedhama.Egaa Har'allee Hayyuun Makkoo Bilii
hortee Gudayyaa keessa kan marge:-√Pireezi
aantiin MNO Obbo Lammaa Magarsaa fakkeenya
ta'u danda'u.

jiru...Galatooma.......................
Maddi;-Seenaa fi Sirna Gadaa Oromoo Maccaa
hanga Jalqaba Jaarraa 20 ffaati.
Jildii-1

Gudayyaa Biilaaf••

Jalqaaba ______

seenaa adda addaa dabarsiteetii.

argaamtuu tatee
Seenaa isheen weerara sirna#NAFXANYAA Duraa
qabdu kutaawwan oromiyaa biroo irraa adda miti.

aanichaa kessati argamuu Keessa tokko kan taatee
Heenaa jaawwajaa Gooxii didibbee(walqixxe)
keessaatti bakka #odaa jimmaa jedhame
wamammuttidha .

hundaa'uudhaniidha.

Bulchinsaa isheen keessaa seente kan sirna
nafxanyaa ture :- ittumaa fufuudhaan caaseffama
sirnaa Bulchinsaa diriiraa turee weerara xaaliyaaniin
Duraa hangaa #bara 1925tti bakka Geenboo
sillaasee jedhamuun kan yeroo ammaa Aanaa
jimmaa Gannati Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaa
keessaatti argamutti Namaa Fitawuraari Birruu
Yirguu jedhamuun Qamaa Horroo taatee bulaa turtee
.

mokonnon Indaalkaacho jedhamutu Horroo irraa
addan batee Gudayyaa biilaan itti aanuummaan
Aanaa sibuu siree jala Akka galtuu tasisee

biyyaa weerartee turtetti waggoota 5f yeroo
lammaffaa Aanaa jimmaa Gannati (Harato) jalatti
Akka bultuu godhame.

akkumaa duratii garaa Aanaa sibuu siree tti Itti
aanuummaan deebisamtee # bara 1938 caamsaa

aanuummaadhaan sibuu siree jalatti bulaa turaaniruu
.

jedhamuu magalaa siree irratii walgahii waamee
gaggessen ,Har'aa jalqabee Aanaleen Itti
aanuummaadhaan buluun hafee akkumaa walitti
dhiheenyaan walitti dadachaasudhan Aanaan mataa
isaa danda'ee Akka bu'ureeffammuu  Kaan jedhu
tumaa dabarse.
Ittii fufaa.......
Kaan hafeef imoo
Fulaa ittii anuun
Naa egaa




#Article 274: Kuraa Jaarsoo (147 words)


Kuraa Jaarsoo abbaa gadaa Booranaa 71ffaa yoo ta'u gaafa Bitootessa 2, 2017 abbaa gadaa duraanii Guyyoo Gobbaarraa baallii fuudhun muudame. Sirni Baallii wal harkaa fuudhuu kun Ardaa Jilaa Badhaasatti dhuma ji'a Gurraandhalaa fi jalqaba Bitootessaa keessa torban tokkoof bakka hirmaatonnii argamanitti geggeeffame .

Kuraa Jarsoo yeroo abbaa gadaa ta'ee aangoo fudhatu nama waggaa 30 ti. Akka kanaan duubatti deebinee yoo lakkoofnu, Kuraan tilmaaman bara 1986 dhalate. Abbaa gadaa Kuraa nama barate yoo ta'u barnoota istaatistiiksitiin Yuunivarsiitii Hawaasatti waggaa lammaaffaa barachaa odoo jiruu addaan kutee Sirna Gadaa keessatti hirmaachuf murteessun gale. 

Akkaa aadaa Booranaatti, baallii kan wal harkaa fuudhamu icciitidhan bakka abbaan gadaa duraanii fi kaabinoonni isaa fi abbaa gadaan haaraa fi kaabinonnii isaa itti argamanitti geggeeffama. Warra kanaan alatti, namni kaan yoo iddoo sana dhaqe, sirni kun baayyee qulqullaa'aa waan ta'ef ni du'a jedhee amana Booranni. Kanaaf, uummanni inni kaan iddoo baallii wal harkaa fuudhurraa fagaatee taa'a.  




#Article 275: Sabbata Waaqaa (112 words)


Sabbanni Waaqaa waan bokkaan yeroo roobu uummmamu yoo ta'u kan inni uummamus sababa ifti yeroo imimmaan bokkaan keessa darbuuf jedhu calaqqisuu fi yoo keessa darbeyyuu kallattiin isaa jallatuufi. Sabbanni waaqaa geengoo gartokkee halluu adda addaa qabudha. Sabbanni waaqaa faallaa kallattii biiftuun jirtutti uummama.   

Sabbata waaqaa tokkicharratti, geengon karaa duubaa halluu diimaa yoo ta'u karaa keessaa ammoo bifa cuquliisaa qaba. Sabbanni waaqaa yeroo ifti immimmaan bokkaa keessa seenuu kallattiinsaa jallachuun, yeroo karaa duubaa keessaa ba'uuf jedhummoo duubatti calaqifamuun, erga calaqqifamee booda ammas kallattiinsaa jallachuun karaa fuulduraa keessa yeroo ba'uu uummama. 

Sabbata waaqa lakkuurratti, geengon lammataa sabbata isa guddaa gararraatti yoo argamu tartiibni halluu ni jijjiirrama. Sabbata isa lammataarratti, halluu diiman karaa keessa oola.  




#Article 276: Dale Wabara (215 words)


Aanaa Dale wabera

aanaan D/W haala sochii siyasa keessatti ga'ee ol anaa qabatte jirtii yeroo sochii masterpilan aanichaa keessaa namota heddutu du'ee kan mmana hidha xolayiitti hidhame kan du'ee dargagoo kidanee garommaa qaaqee ganda 02 fi dargagoo Isheetu harmee isa faana guyyaa tokkichaa wayyanneen rasasan rukkuttee harmeen isaa guyyaa gafummaa rukkutamtee duutte inni garuu xiqqoo turee du'ee polisichi ajjesses gafasummaa qeerroon caanqaa ajjesse gumma baase  

kabinonnii magallaa sana keessaa jiran yeroo ammaa kana sodaa guddaa keessaa jiruu

   By   in 				Leave a comment

Baatiin Eblaa Uummata Oromoo fi mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessaatti seenaa bara baraan hin dagatamnee kan qabudha.  Ebla 15/1980 Hooggantootni ABO olaanoon Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa uummata Oromoo gonfachiisuuf qabsoo gitaa finiinsaa utuu jirani harka Shiftaa Somaaliyaa bu’uun wareegama qaaliif saaxilaman. Oromoon akeekaa fi kaayyoo tokkicha qabu ilaalcha amantaa fi gita fedhee kamiin iyyuu adda bahuu akka hin dandeenyee lubbuu isaanii qaalii kennuun dhiigaa fi lafee isaaniitiin mirkaneessan. Kun seenaa Uummata Oromoo keessaatti SIIDAA YAADANNOOfi SIIDAA YAADANNOO TOKKUMMAA UUMMATA OROMOO qabsoo dhugaan ijaaramee isa dorgommii hin qabnedha, Kanuma irraa ka’uun ABOn Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo kanneen barootaa fi yeroo garaagaratti  wareegama qaalii baasaniif bakkuma tokkotti akka kabajamuuf murtii jarmiyaan dabarseen Ebli 15 Guyyaan Gootota Oromoo bara baraan yaadatamaa turee fi ammas yaadatama kan jiruu bara baraanis kan hin dagatamnee dha.




#Article 277: Gaazexaa Bariisaa (198 words)


Bariisaan gaazexaa Afaan Oromoo kan jalqabaa yoo ta'u guddina Afaan Oromootiif gumaacha guddaa godhe. Gaazexaan kana seenaa ogbarruu Oromoo keessatti kan adda isa godhu bvarreeffama eeyyama mootummaa ergatee maxxanfame kan jalqabaa ta'u isaati.

Bariisan kan hundeeffame sirni fiwudaalaa Hayilasillaasee kufee Dargiin erga dhaabbatee waggaa tokko booda Fulbaana 11, 1975tti ture. Gaazexaa Bariisaa kan hundeesse, kanarraas ka'ee Abbaa Bariisaa jedhamuun kan beekkamu, Mahdii Haamid Muudee ture. Namoonni isaan wajjin hirmaachaa turan kan jiran yoo ta'u isaan keessaa muraasni Lammeessaa Booruu, Kuwee Kumsaa, Ibraahim Hajii Alii fi Immiruu Angoosee faati. 

Bariisaan jalqabarratti hanga gaazexaa 20,000 maxxansiisun raabsaa ture. Maallaqni ittiin gaazexaan kuni maxxanfamu namoota dhuunfarraa kan walitti qabamu ture. Sochii gaazexaa kanaatti kan hin gammadne mootummaan Dargii, Gurraandhala 1, 1977 gaazexaa kana dhaaludhaan harka mootummaa galche. Gaazexaa kun Dargiidhan sababni inni dhaalame waan lama. Tokkoffaa maallaqa gaazexaan kun ittiin maxxanfamu sabboontota Oromoorraa kan funaanan qopheessitoota gaazexaa kanaa waan ta'eef yoo ta'u kan lammattaa ammoo qopheessitoonni gaazexaa kanaa Agarsiisa Aadaa fi Sirboota Oromoo 1977 waan qopheessaniif sana haaloo ba'uuf ture. Erga Dargiin dhaallamee booda maxxansaan gaazexaa kana gadi bu'uudhan 5,000 qofa maxxanfamee rabfamaa ture. 

Gaazexaan kun yeroo jalqabaa Qubee Saabatiin maxxanfamaa kan ture yoo ta'u 1991 as garuu Qubee Laatiniitin maxxanfama.  




#Article 278: Magarsaa Barii (1056 words)


Magarsaa Barii (1942?-1984?) qabsaawaa mirgaa Oromoo fi hoogganaa Adda Bilisummaa Oromoo ture. Magarsaan namoota ABO hundeessan keessa tokko yoo ta'u hoogganaas ture.

Magarsaa Barii bara 1942 abbaasaa Barii Tufaa fi haadhasaa Caaltuu Tufaarraa Arsii koonyaa Cilaaloo aanaa Leemmuu fi Bilbiloo, Boqqojjii ganda Leemmuu jadhamutti dhalate. Maatiinsaa qonnaan bultoota sirna nafxanyaa duraanii sanaan hacuucamaa fi cunqurfamaa turan yeroo ta'u, bara 1953 lafa qonnaa barbaacha godina Arsiirraa gara godina Baaletti godaananii, konyaa waabee aanaa Gololchaa, Yaakumaa Dinkitti jedhamu keessa qubatan. Baaletti erga galaniis abbaan Magarsaa obbo Barii Tufaa abbootii lafaa naannoo sana turan wajjiinis wal fudhachuu hin dandeenye. Sirna nafxanyaa fi abbaa lafaa hin sarman turan. Haala jireenyaa fi sirna yeroo sanaarraa kan ka'e, Magarsaa Barii dhalatee waggaa 14 booda bara 1956 keessa mana barnootaa galee barumsa jalgabe. Barnoota kutaa 1-4 kan barate, konyaa Gannaalee, aanaa Adaabbaa, magaalaa Adaabbaatti argamu mana barnootaa warra misiyoonii, kan Mission Interior School jedhamu keessatti barate. Eessumasaa kan ta'e Soorili Tufaatu Adaabbaatti ofitti fuudhee mana barnootaa galche. Bakki sun mana warra Magarsaarraa yoo xiqqaate adeemsa guyyaa lamaa fagaata. Hanga bara 1959tti mana barnootaa warra misiyoonii kana ture Magarsaa Barii barnoota kutaa 4, Adaabbaatti akka xumurateen, mana barnootaa mootummaa Gindhir deemee kutaa 5-8 barate. 

Akka kanaan Magarsaa Barii bara 1959-1963 mana barnootaa mootummaa sadarkaa tokkooffaa fi giddu galeessaa Gindhiir kan ture yeroo ta'u eessumasaa malee faranjootni Adaabbaarraa qabanii gargaaraa turan. Barnootatti qaroo waan ta'eefis barsiisotaa fi namoota biroorraa marantee guddaa qaba ture. Bara 1963 qormaata kutaa 8ffaa fudhatee qabxii ol aanaa fiduun Finfinnee mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Koomersii ramadame. Bara 1963-1967, mana barnootaa kana keessatti barachaa kan ture yeroo ta'u bara 1967 qormaata kutaa 12ffaa fudhatee qabxii olaanaa fiduudhaan darbe. Bara 1968, Yuunivarsiitii Finfinnee galee barnoota olaanaa jalqabe. 

Magarsaa Bari bara 1968-1971 Yuunivarsiitii Finfinnee Faakaaltii Saayinsii Hawaasummaa, Bulchiinsa Daldalaa barate. Akkuma olitti ibsame obbo Magarsaa Barii sammuu cimaa waan qabuuf bara 1971 qabxii guddaa fiduudhan 'great distinction' eebbifame. Akka kanaan barattoota yeroo sana qabxii guddaa fiduudhan mooticha yeroosanii Hayilasillaasee harkaa badhaasa fudhatan keessaa tokko ture. Walumaa gala Obbo Magarsaa Barii bara 1971 Yuunivarsiitii Finfinnee irraa digrii jalgabaa fudhatee achuma Finfinneetti kan argamu waaijira Abbaa taayitaan Humna Ibsaa Itiyoophiyaatti ramadame. Achirraa gara waajjira olaanaa Telekominikeeshina ltoophiyaatti jijjiiramee hangan bara 1974tti bakka gaafatamaa irra hoojate Kufaatii mootummaa Hayilasillaasee bara 1974ii booda, jalgaba 1975 irraa hanga walakkeessa 1976tti itti-aanaa bulchaa kutaa Baalee ta'ee hojjateera.

Walakkeesa 1960moota keessa wayita Magarsaan sadarkaa lammaffaa barachaa ture keessa qabsoon Oromoo fi sochiin barattoota Oromoo boqonnaa haaraa seenaa ture. Sochiin Waldaa Maccaa fi Tuulamaa fi Qabsoon Baalee yeroo sana geggeeffamaa ture. Magarsaan bara 1963 yeroo mana Barumsaa Sadarkaa Lammaaffaa Koomersii Finfinnee seene irraa qabee barattoota Oromoo yeroos Yuuniversitii Finnfinnee keessaa baratan wajjin quunnamtii akka qabu ni himama. 

Gaaffii yeroo sana barattooti Oromoo fi barattooti ummatoota cunqurfamoo kaasaa turan keessaa inni tokko lafti kan qonnaan bulaa haa ta'u kan jedhu ture. Magarsaan ijoollummaa isaarraa qabee sirni nafxanyaa ummata Oromoo irratti diriirfamee ture maal akka fakkaatu haala jireenyaa maatii fi nannoosaarraa ka'ee sirriitti beeka. Dhaadannoo 'lafii kan qonnaan bultootaa haa ta u' jedhu jalatti bara 1965 hiriira mormii barattoota Yuunivarsitii kan qindesse barattoota Finfinnee yeroos Gumii Barattoota Yuuniversitii hoogganaa turan namoota akka Baaroo Tumsaa barattoota akka turanis seenaan galmeesseera. Sochiin sadarkaa Yuuniversitii kun gara manneen barumsaa sadarkaa lammaffaatti baballachuu isaa caalaa Magarsa Barii quunnamtii barattoota Oromoo Yuuniversitii wajin qabuun hirmaannaansaa guddaa ture. Magarsaan bara 1967 Yuunivarsiitii Finfinnee erga seenee booda caalaatti sochii barattootaa fi qabsoo Oromoo irraa guddaa itti hirmaachuu itti fufe. 

Bara 1960moota keessa qabsoon Oromoo bifa adda addaan of mul'isaa kan ture ta'us dhaabi siyaasaa qabsoo bilisummaa Oromoo hogganuu danda'u bifa ammayyaan ijaaramee fi hidhatee hin turre. Kanaaf qabsoo Oromoo faffaca'aa ture waaltessuuf dhaaba bilisummaa Oromoo hooggana waliigalaa kennu tokko hundeessuun barbaachisaa ture. Dhaaba bilisummaahundeessuf tattaaffii biyya keessatti godhaman keessatti ilmaan Oromoo qooda olaanaa bahan keessaa tokko Magarsaa Barii ture. Akka kanaan dhaaba Adda Bilisumma Oromoo namoota bu'uuressan keessaan tokko Magarsaa ture. Magarsaan, maadheelee ABO keessaan madde warra jalgabaa keessatti argama. Ilmaan Oromoo qaroo gaafa sana cunqursaa ummata Oromoorra ga'aa turee fi ga'aa jiru sirriitti hubatanii hubachiisaa turan keessaa nama tokko ture. 

Bara 1971 Yuunivarsiitii Finfinneerraa eebbifamee hojii mootummaatti haa ramadamu malee, irra guddaa qabsoo Oromoo irraa qooda fudhachuu fi dalaga dhaaba qabsoo bilisummaa Oromoo hogganu tokko hundeessuu irratti bobba'ee hojjachaa ture. Gootichi Oromoo Jeneral Taaddasaa Birruu mootummaa H/Sillaasee fonqolchuu yaalan jedhamee yeroo sana Hararge mana hidhaa Galamasoo ture sochii bilisummaa Oromoo waaltessuu yaada jedhu dhugoomsuuf birkiin (koreen) qinddeessituu tokko maadheelee sabboontota Oromoo yeroo sana lafa jala ijaaramanii turan irraa akka tolfamu dhaamsa dabarse. Akka kanaan ilmaan Oromoo hubatoo, qaroo fi muratoo ta'an, dhaaba bilisummaa ijaaruu fi hoogganuu danda'an, Adoolessa 1, 1973 walitti dhufanii Birkii Qindeessituu Waaltaa (Central Coordinating Body) jedhu uuman.

Dura ta'aan Birkii kanaa Jeneraal Taaddasaa Birruu oggaa ta'u, miseensonnisaa Magarsaa Barii, Baaroo Tumsaa fi namoota biroo turan. Akka kanan dhaaba bilisummaa kan hunda hammate tokko dhaabuuf sochiin bal'inaan itti fufe. Sochii biyya keessaa fi alaa walitti fiduun barbaachisaa ta'uun waan itti amanameef baruma 1973 kana keessa jilli qabsaawota Oromoo biyya keessaa fi ala turanii walitti dhufuun marii bal'aa adeemsisaa turan.

Kun kanaan utuu jiruu hogganaa Birkii Qindeessituu Waaltaa kan ture Jeneraal Taaddasaa Birruu mana hidhaa Galmsoo ba'ee baadiyyaa Harargee wayta seenu, qabsaa'oti Oromoo biyya alaatti leenjifamanii deebi'an Oromooti akka Hasan Ibraahim (Elemoo Qilxuu) akka dhaqqabanii miseensoti Birkii qindessituu Waaltaa hafan Obbo Magarsaa Bariifaa haala mijessaa turan. Elemoo Qilxuufaa, Jeneraal Taddasaa wajjin wal quunnamsiisuu haa hanqatan malee haalli yeroo sana ture qabsoo hidhannoo eegaluuf kennataa Waan tureef achumaan qabsoo hidhannoo akka jalqaban taasisan. Kun gara dhuma 1973 yeroo ta'u meeshaa waraanaa dhoksaan biyya seensisanii Elemoo Qilxuufaa dhaqqabsiisuurrati  Magrsaa Barii qooda guddaa qabaachaa akka ture ni himama. Gama biraanis Magarsaan Oromoon fincila diddaa gabrummaa kibba Oromiyaa kessaati qooda qabaachaa ture hanga baadiyyaa Baaleetti itti dhaqee qunnamuun dadammaqsuu fi ijaaruuf tattaaffii godhaa ture.

Keessaattuu bara 1975 fi 1976 wayta itti-aanaa bulchaa Kutaa-biyyaa Baalee ture namoota sochii kibba Oromiyaa keessaa qooda qabaachaa turanii fi Oromoota Somaaliyaarraa meeshaa waraanaa hidhatanii maqaa Sumaalee Aabboo jedhun Baale konyaalee Waabee, Kurkurru, Saawweena, Dalloo Mannaa fi Raaytuu keessa socho'aa turan dhoksaan itti dhaqee haasofsiisuun sochicha qaama sochii ummaa Oromoo taasisuuf tattaafataa ture. Namoota gaafas maqaa Somaalee Aabboo jedhuun Somaaliyaa irraa hidhatanii Kibba Oromiyaa keessa socho'aa turan Magarsaan bulchaa kutaa Baalee ta'ee utuu jiruu dhoksaan qunname keessatti namoota akka Siraaj Haaj Isaaq, Maammee Harqaa, Tilmoo Alii fi kan birootu aragama. Namooti Magarsaa waliin bobba'aa turan ammoo namoota akka Kabbadaa Tulluu, Hawwal Jiddaa, Ahmed Abdulqaadirfaa oggaa ta'an namooti biroos isaan faana turan.




#Article 279: Xulaa Ejersaa (120 words)


  Goota beekkamaa Oromoo Gujii kan bara mooti H/s keessa nafxanyoota irratti qabsoo cimaa gaggeessaa tureedha. Gaafa tokko nafxaanyaan hiriyaa isaa tokko biraa ijjeese. Yeroo tokko ammo nafxanyoonni obboleeyyan isaa lama woliin qabuun fannifamanii akka ijjeefaman itti murteessani. Manni keessatti hidhame sun adoo inni tuttuquu cabee qaawa horatee;akka bayee dande'u laallatee namoota mana hidhaa san keessa jiran hunda yoo lafti dhiite akka suuta jedhanii bayan itti dhagarsiise walii galani. Garuu namoonni erga lafti dhiite inni dammaqsinaan hirriiba oo'ifatan jalaa hafani. Inni ammoo huccuu isaan irraa guurate dalleya nafxanyaan shiboo qoree qabuun xaxe ijaare san huccuu irra afee yaabuun nafxanyaa harkaa baye. Namoonni mana hidhaatti hafan garuu ganama san nafxanyoonni fannisanii fixani.
  Gootichi kun ammoo qabsoo isaa itti fufuun nafxanyoota hedduu barbadeesse.




#Article 280: Lammaa Magarsaa (286 words)


Lammaa Magarsaa pirezidaantii naannoo Oromiyaa ti. Lammaan Fincila Diddaa Gabrummaa 2015/2016 booda gara dhuma 2016 aangoo kan qabate yoo ta'u haala bulchiinsa naannichaa fooyyeessuuf tattaaffii guddaa godhe.

Lammaa Magarsaa Wallagga Bahaa aanaa Gudayyaa Biilaa keessatti tilmaamaan naannoo bara 1970 dhalate. Lammaan digirii jalqabaa Yuunivarsiitii Finfinneerraa damee barnootaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Addunyaalessaatin fudhate. Itti aansunis yuunivarsiituma kanaraa digirii lammaffaa Hariiroo Addunyaalessaatin fudhateera. Digirii doktorummaa barachaa wayita jiru, pirezidaantii Oromiyaa ta'ee waan muudameef, garaa guutuun uummata tajaajiluuf jecha barnoota addaan kute. 

Lammaan yeroo dheera biiroolee dhimma nageenya wajjin wal qabatan keessa hojjachaa ture. Akkaataa kanaan Komishinerii Poolisii Oromiyaa ta'uun tajaajileera. Kana malees, hogganaa tika nageenyaa fi hogganaa Daldalaa fi Misooma Gabaa ta'ee hojjateera. Odoo pirezidaantii ta'ee hin muudamin dura ammoo af-yaa'ii Caffee Oromiyaa ta'uun hojjateera.

Lammaan Onkoloolessa 23, 2016 pirezidaantii naannoo Oromiyaa fi dura ta'aa DhDUO ta'ee filatame. Lammaan akkuma aangoo qabateen tarkaanfiiwwaan addaaddaa fudhateera. Kan jalqabaa lafa investerootaf kennamee garuu hin misoomin hunda irraa fuudheera. Lafa kanas kaansaa baankii lafaatti akka deebi'u yoo godhu kaan ammoo qonnaan bulaaf akka deebi'u godheera.  

Kana malees, investimeentii addaddaa kan hawaasa naannicha tajaajilaa hin jiirre ykn seeralan ala sochao'aa ture hedduu cufsiise. Kaampaaniwwan karaa seera alaa albuudota addaddaa baasan hedduus heeyyama irra fudhateera. 

Jijjiirama kitaaba barnootaa Afaan Oromoo wajjin walqabatee mormii ka'e sababeeffachuun koree hayyootaa dhimma kana qoratu hundeesseera. Gabaasa koreen kun dhiheesserratti hundaa'ee kitaabonni duraanii hojiitti akka deebi'an godheera.

Gaaffii uummannii Oromoo poolisiin federaalaa akka Irreecha 2017 irratti hin argamne dhiyeesseen, Lammaan nageenyi Irreecha 2017 poolisii oromiyaa fi folledhaan qofa akka eeggamu, poolisiin federaalaa akka hin dhufne dhorkeera. Sana malees, Calanqootti, Agaaziin yeroo uummata ajjeesu, odoo nannon hin waamin Agaazin maalif akka dhufe hin beknu. Warra seera darbanii lubbuu namaa dabarsan seeratti dhiyeessina. jechuun koree dhimmicha qoratu hundeessee ture.  




#Article 281: Asaffaa Shaaroo Lammii (500 words)


Asaffaa Shaaroo Lammii gooticha naannoo Salaaletti sirna abbaa lafaa fi cunqursaa mormaa ture.

Asaffaa Shaaroo Lammii Oromiyaa Salaalee  Aanaa Kuyyuu Darroottti dhalatee guddate. Asaffaan abbaa isaaf ilma hangaafaa fi tokkichadha. Abbaan Shaaroo, Lammiin Darrootti sababa gabbara dideef gara Dhahee Sillaaseetti Asaffaa ilma isaa tokkicha kana qabatee godaane. Maqaansaa Asaffaa Lammii yoo ta'u gootummaa isaa, qolannaa shimalaatin gaafa leellifamu Asaffaa Shaaroo jedhanii waamu. Innis diina shimalaan akaa'ee, gobee, ashaaroo godhee waan galuuf kanumarraa ka'uun maqaa Masoo Asaffaa Shaaroo Lammii jedhanii waamuu eegalan. Asaffaan Abbaa ijoollee dhiira sadiiti. Asaffaan Ijoollumaa isaarraa kaasee onneen Oromummaa fii dhiirummaa kan keessatti dagaagaa guddateedha. Abban isaa Lammiin dhiira diinaf tole hin jenne waan tureef, gootummaa abbarraa dhaale fakkaata. Abbaasaa waliin Nafxanyoota adamsanii gobaa turan. Gabbaras akka isaan Oromoo irraa hin fudhanne gobanii irraa dhorkaa turan.

Asaffaan dhalatee waggaa soddomii lamaan kan mana hidhaa, achuma magaalaa guddoo Salaalee Fiichetti waggaa torba, jiboo kiloo shantamaan miila isaa lamaan walitti hidhanii harka isaa lamaan ammoo fuulduratti walitti hidhuun waggaa torba teessisan. Aseen gaafa qabamu sana, otoo mana dhugiitii taa'anii hiriyootasaa waliin taphataa jiraniti, nama kudha lama ta'anii qabuuf dhufan. Hiriyyonnisaa gaafa argan, Asee kunoo kaa sii dhufanii jedhanii itti himan. Aseenis filannoo biraa waan hin qabneef dheeffuu filate. Jara qabuu dhufan keessaa ajajaan shantamaa isaanii fardaan jira. Asaffaan, karaa boroo bahee fiigicha itti kute. Ajajichi fardaan jira waan ta'eef, ari'ee gaafuma Asaffaan mana saatti dhihaatuu bira gahe. Asaffaan itti garagaree shimalaan fardasaa adda rukutuun jalatti lafaan dhahe. Eegaa itti garagaree hin ilaalee, fiigee mana gahe 'shugguxii Musgeerii isaa fudhatee of-duuba itti deebi'e dhaqe. Kun kan ta'e gabaa roobii bakka jedhamutti achuma ganda inni keessa jiraatu keessa. Jarri kudha tokkon baqattee badde. Ajajaa isaanii rasaasa takkaan lafaan dhahee biraa deeme.

Gaafa kana nama baayyisanii humna dabalataa fidanii dhufan. Asaffaan harka duubati hidhanii fudhatanii Fiicheetti geessan. Hidhaa waggaa torbaas itti murteessan. Iddoon inni itti hidhame lafa jalatti boolla qotanii namarraa adda baasuun kobaa isaa hidhan. Isa gubbaatti ammoo hidhamtoota biraatu hidhama. Kana malees torbaan tokkof midhaan dhowwatanii jecha sanyummaatin arrabsaa turan. Nyaata dhaburraa kan ka'e waan nyaatu dhabee torbee tokkoof biyyoo nyaatee du'a jalaa oole. Kana malees bakka inni miila lameenifii harka walitti hidhamee jirutti boolla keessa waan ta'eef hantuunni itti yaatee ciniinuuf gaafa jettu harkaan ofirratti ajjeesa ture.

Maal kana qofa guyyaa tokko jala deemtonni ajajichaa itti dhaqanii tuffi isaa fi saba isaaf qaban argisiisuf gaallaa jedhanii gaafa arbsan, onneen dhirrumaafii quqqamnni sabumaa utaalchisee kaase. Achuumaa ol utaalee ka'ee harkuma walitti hidhamee jiruun, danqaraa balbalaatiin nama torba gamaa gamasitti gogonbise kuffise.

Ajajichi dhufee mallattoo diimaa addaasaa irratti dibe, akka ajjeefamuuf. Asaffaanis Obboo gochaa keessan kana nan falmaa jedheen. Sababnisaas ani kunoo akkuma na argitan kana jiboo giraama shantamaan miillikoo na hidhamee, harkoollee akkasuma, akkaminaan jara kan ilaa tokko kan kufe garana tokko kan kufe garas mee akkamiin socha'ee jara kana rukuta jedhe gaafate? Namichii mataa qabatee iyyee jedha irraa hiikaa jedheen. Gooftaa koo akkamin hiikna yoo hiikne nu fixaa jedhani didan. Garuu, xiqqoo akka sochaa'uu danda'utti itti bal'isaniif. Haaluma kanaan waggaa torba dararaa meeqa arganii guyyaa murtii saa fixuun bahe!




#Article 282: Sabsibee Abbabaa (262 words)


Sabsibee Abbabaa artistii fi gaazexeessaa yoo ta'u hunda caala diraamaa dheeraa Abbaa Jaamboo jedhamuun uummata biratti beekkama. 

Sabsibee Abbabaa dhalatee kan guddate Godina Arsii, Aanaa Hexosaa, Magaalaa Booruu Jaawwii jedhamtutti. Barumsasaa kutaa 1-8 achuma Booruu Jaawwiitti, kutaa 9-12tti ammoo Hurutatti barate. Barumsa sadarkaa olaanaa ammoo Yuunivarsiitii Finfinneetti meejerii Seenaa fi maayinerii Ogbarruu barate.

Sabsibeen bultii kan ijaarrate yoo ta'u abbaa ijoollee afuriiti.   

Kitaaba dubbisuu yeroo kutaa 4ffaa baratu kan jalqabe Sabsibeen, mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti miinii miidiyaa keessatti hirmaataa ture. Yuunivarsiitii wayita baratus barreeffama adda addaa Afaan Oromoo fi Amaariffaan barreessaa ture.   

Sabsibeen ogummaa aartii bukkeetti, gaazexeessa ta'ee waggaa dheeraaf Raadiyoo Faanaa keessatti tajaajilaa jira. Irra caalaa garuu artii akka jaalatu dubbata. Ogummaan kun lamaan tokko isa tokko akka deeggaran, keessattuu gaazexeessummaan aartii akka deeggare hima.   

Sabsibeen, tapha Abbaa Jaamboo bara 1991 irraa eegalee raadiyoodhaan darbaa jiru barreessaa jira. Tapha kanaaf ka'umsa kan ta'eef nama Booruu Jaawwitti ollaasaa ture kan Abbaa Jamboo jedhamuu yoo ta'u namni kun dhugaatii wayii yoo fudhate waan hedduu nama dubbatu ture. Abbaan Jaamboo ilma Jaamboo jedhamu kan qabu yoo ta'u Jaamboon Sabsibee wajjiniin umuriidhan walitti dhiyaata.  

Sabsibeen Abbaa Jaamboo barreessuu kan jalqabe Yuunivarsiitii Finfinneetti barataa waggaa tokkoffaa wayita baratu ture. Yeroo barumsa sadarkaa lammaffaa barachaa turetti taphni Amaariffaa Abbiyyee Zargaawu kan 'Shangaay' jedhamu Raadiyoodhaan darbaa ture. Tapha bara 1989 darbaa ture kana baay'ee akka jaalatu kan dubbatu Sabsibeen, maaliifin afaan kiyya Afaan Oromootiin hinjalqabne jedhee yaadaa turuus dubbata. Kanuma ka'umsa godhachuun erga yuunivarsiitii seenee Afaan Oromootiin diraamaa dheeraa barreessuu jalqabe. Yeroo sanatti, diraamaa kanaaf qarsii 250 kanfalamaafii kan ture yoo ta'u qarshiin kun yeroo sanatti guddaa ture. 




#Article 283: Adam Jiloo (392 words)


Koloneel Adam Jiloo Weeboo(1917-2005) hoggantoota Qabsoo Baalee keessa tokko yoo ta'u itti aanaa Jeneraal Waaqoo Guutuu ta'ee waraana geggeessaa ture.  

Adam Jiloo bara 1917 godina Baaleetti dhalate. 

Bara 1962 keessa, Hayilasillaasen kutaa-biyyaa Baalee daawwachuu deeme. Daawwannaa kanarrattis nuti Itoophiyaanonni uummata tokko; alaabaa fi biyya takka qabna jedhee haasaa godhe. Gootichi Adam Jiloo akkas jedhee deebise nuti uummata tokko miti, waan wal nu fakkeessu takkallee hin qabnu. Maalif akkas akka jedhe yeroo gaafatamu, Adam Jiloo akkas jedhee deebise Itoophiyaa keessatti, mootin Amaara, abbaan seeraa Amaara, bulchaan Amaara, ergamaanillee Amaara. Nuti Oromoonni dhimma keenyarratti murteessuf mirga hin qabnu. Kanaafuu, wanti wal nu fakkeessu tokkollee hin jiru. 

Ergaa dhimmoota kanarratti waliin haasa'anii booda, Hayilasillaasen Adamiin amansiisuu waan dadhabeef, doorsisuuf ergamaa Sumaaleti jechuun yakkuu yaale. Humni tikaa fiwudaalaas yakka biyya ganuu  jedhuun qabanii akka hidhan ajaje. Akkaataa kanaan bara 1962 qabamee mana hidhaa gale. Wagga tokko erga hidhaa turee booda bara 1963 gadi lakkifame.

Bara 1963, Oromoonni Baalee gabrummaarratti qabsoo eegaaluuf murteessun Jeneraal Waaqoo Guutuu hogganaa godhanii filatani; Adam Jiloo ammoo itti aanaa ta'ee filatame. Baruma kana, Waaqoo fi Adam namoota biroo dabalatanii, leenjii waraanaa fudhaachuuf akkasumas meeshaa waraanaa barbaacha gara Somaaliyaa deeman. Somaaliyaarraa meeshaa waraanaa muraasa erga argatanii booda, gara Baaletti deebi'anii waraana riphxee-loltummaa jalqabani.  

Qabsoo Baalerratti injifannoo guddaa galmeessani. Qabsoon kun, kutaa-biyyaa Baalee fi gartokkeee kutaa-biyyaa Sidaamoo bilisa baasee ture. Injifatamuu Hayilaasillaaseetin kan rifatan michoonni isaa, USA fi Israa'el gargaarsa godhaniin qabsoo Baalee deebisanii dhaamsan. Qabsaa'onni Baalees mootummaa fiwudaalaa wajjin haraara gochuun qabsoon kun bara 1970 xumurame. 

Hayilasillaaserraa aangoo kan fudhata Dargiin, himaammatni inni Oromoorratti qabu adda hin turre. Oromoota jajjaboo hedduu wajjin himaammata kana akka jijjiiruf gaafachaa turan.  Dargiin akka kana hin fudhanne erga baranii booda, bara 1977 deebi'anii qabsoo eegaluuf gara Somaaliyaa deeman. Somaaliyaa hoogganaa kan ture Siyaad Baarren, maqaa 'Somaalee Aabboo' jedhamuun Oromoota Sumaalomsuuf yaalaa ture. Adam Jiloo dhimma Oromoo Sumaalomsuu kana fudhachuu waan dideef, bara 1977 hanga 1980 hidhamee mana hidhaa ture. Dhiibbaa Addii Bilisummaa Oromoo mootummaa Sumaalerratti godhee, bara 1980 gadi lakkifame. Mootummaan Somaaliyaa garuu isa Sumaalomsuuf hordofuu ittuma fufe. Yeroo tokko ani Sumaaledha jedhi dubbadhu yeroo jedhaniin, angaawota Sumaale duratti Wallaahi-Billaahi-Tallahi ani Oromoo jedhee dubbate. Sababa kanaan ammas deebisanii hidhani. Haala kanaan, Somaaliyaa keessatti yeroo hedduu hidhamaa gadi lakkifamaa deebi'ee hidhamaa ture.

Dararaan Somaaliyaa waan itti hammaatef, bara 1988 gara Baaletti deebi'e. Mootummaan Dargiin batalumatti qabee mana hidhaa galche. Bara 1991, yeroo Dargiin kufu mana hidhaatii gadi lakkifame.




#Article 284: Bilillee (399 words)


Bililleen (Mahibuubas ni jedhamti) intala Oromoo garbummaatti gurguramtee ilma mooticha biyya Jarmaniitin bitamte. Ilmi mootichaa kun Bililleedhaa maqaa Maahibuubaa itti moggaase. Kunis Afaan Arabaatin 'jaalallee koo' jechuudha. Ilmi mootichaa kun Bilillee jaalallee isaa godhate.

Bililleen maqaa maatiin ishee akkuma aadaa fi duudhaa Oromtichaatti ishiif baasani. Kan dhalatte Oromiyaa dhihaa bakka Gummaa jedhamuutti . Barri isheen dhalattee 1820n keessa. Dhalattee yoo waggaa kudhan guuttuu, bara 1835-6, biyya isheen dhalatetti lolli ka’e. Abbaa fi oobboleewwan ishee ja'an ni ajjeefaman. Bilillee fi oobboleetiin ishii ammoo booji’amanii gabrooman. Sanaan booda obboleewwan lamaan kun gara Gondoritti fudhatamuun achittis gargar bahan; sana booda deebi’anii wal hin agarre.

Umriin ishee ijoollee haata’u malee, yaannii fi hojiin ishii akka nama guddaa ture. Kun ammoo Paklaar daran akka ishii jaalaatu taasise. Qulqullina garaa ishii fi fedhiin Bililleen barumsaaf qabdu guddaa qalbii isaa fudhate. Kanarraa kan ka’e, Afaan Arabaa fi Afaan Jarmanii akka barattu waan barbaadeef, bakka daawwachuu deemu hundattu Mahibuubaa of biraa hin hambisu ture. Yaadni isheen iddoo tokko erga daawwatte booda kennitu baay’ee isa ajaa’ibsiisaa ture. Amalli ishii kun amala cimaa Paklar yeroo Awurooppaadhaa dhufu qabu akka jijjiirratu godhe. Kanaaf, Paklar yeroo tokko, “Nama dhugaan wajjiin jirtu wajjiin ooleen, yeroo baay’ee booda nama dhugaa ta’e,” jedhee barreesse.

Biyyoota bahaa waggaa sadiif erga daawwatanii booda, bara 1840 Paklarii fi Mahbuubaan gara Awurooppaa deebi’an. Yeroo kana Mahibuubaa dhukkubni sombaa fi heexoo waan qabeef, baay’ee dhukkubsatte. Nafti ishees baay’ee huqqattee lafeetti baate. Paklaar osoo garaan jibbuu Mahibuubaa mana isaa Muskaa jiru keessatti dooktora isaatti amaanaa kennatee haadha manaa isaa dhukkubsatte gaafachuu Barliin deeme. Yeroo kana baay’ee dhukkubsattullee, Mahibubaan dardarri biyya ishee Oshuu Aagaa kan jedhamuun wal barte. Oshuu Aagaa irraan immoo, hayyicha  Jarmanii kan Afaan Oromoo qoratu, Tuucheekiin, walbarte. Sirba Oromoo kan Bililleen sirbite hayyichi kun galmeesee dhalootaaf dabarsee jira.

Ijoollummaa isheetii kaasee guddisee jaalallee akka ija isaatti ilaalu kan taasise, Paklaar, haati manaa isaa waan guddaa dhukkubsateef Barliin gara Mahibuubaatti deebi’uu hindandeenye. Garuu xalayaa ni barreessaaf ture. Mahibuubas dhukkubni guyyuma guyyaan itti cimaa adeeme. Akka hindandamanne garaan waan beekeef, yoo duutu Paklar akka ishee bira taa’u guddaa hawwite.Fedhii ishee kanas dhukkubsatte barreessuu waan dadhabdeef dooktorri ishee barreesseef. Yeroo xalayaan kun harka Paklar gaheetti haati manaa isaa daran waan dhukkubsatteef gara Mahibuubatti hatattamaan deemuu hin dandeenye. Kanaaf, rakkina irra jiru ibsee xalayaa fi meetii maqaan ‘Maahibuubaa’ jedhu irratti bocame ergeef. Garuu yoo xalayichifi meetichi Onkololeessa 27, 1840 Muskaa gahu, Bililleen garuu arguu hin dandeenye; isheenis, isa dhumaaf addunyaa kanarraa boqatte.




#Article 285: Gaaddisaa Birruu (586 words)


Gaaddisaa Birruu artistii Oromoo asoosaa fi diraamaa barreessun beekkamu. Gaaddisaan aartii Oromoo guddisuu keessatti gumaacha guddaa godhe. 

Gaaddisaan Birruu abbaa isaa Birruu Waaqaa fi harmee isaa Bijigee Gonfaa irraa bara 1950 A.L.Itti, Godina Arsii, Magaalaa Boqqojjiitti dhalate. Gaaddisaan, obboleeyyan dhiiraa lamaa fi dubaraa lama kan qabu yoo ta’u, hojii qonnaa adda addaatin maatii isaa gargaaraa guddate. Yeroo umriin isaa barumsaaf ga’u Mana Barnootaa Boqqojjii seenee kutaa 1-8 barate. Kutaa 9-10 immoo Magaalaa Asallaatti mana barnootaa yeroo sana “Raas Daargee” jedhamutti barate. Bara sana keessa barattoonni qaphxii olaanaa qabaniifi fedhii barsiisaa ta’uu qaban filatamanii barsiisummaaf leenji’uu danda’u turan. Gaaddisaanis barataa cimaa waan tureef, bara 1965tti barsiisummaaf filatamee dhaabbata leenjii barsiisotaa seene. Sana booda, waggaa lamaaf leenji’ee barsiisummaan eebbifamuun Godina Arsiitti ramadamee barsiisaa ture.

Gaaddisaan, waggaa jahaaf erga barsiisee booda, barnootasaa itti fufuun bara 1973 A.L.Itti Yuunivarsiitii Finfinnee seenee damee barnootaa Ogbarruu Afaan Ingiliziitiin digirii jalqabaan eebbifame. Hamileefi kaka’umsa inni barnootaaf qabu dabalaa waan dhufeef, waggoota muraasa booda barnoota isaa itti fufuun Ogbarruu Afaan Ingiliziitiin Digirii lammaffaa Yuunivarsiitii Finfinneerraa fudhateera.

Beekumsaafi dandeettii barnootaan argate kana hojiirra oolchuuf waajjiraalee mootummaa fi mitimootummaa adda addaa keessatti tajaajileera. Haaluma kanaan, Dhaabbata Giddu-gala Qorannoo Misoomaa fi Barnootaa jedhamee waamamu keessatti, kutaa qorannoofi qu’annoorratti qindeessaa pirojeektii ta’uun bara 1997-2006tti tajaajileera. Isaan duras Dhaabbata Federeeshinii Luuteraanii Addunyaa keessatti Ofiisara Qophii Ragaa Bu’uuraa ta’uun bara 1989-1997tti hojjeteera. Biiroo Komiishina Qophii fi Ittisa Balaa Oromiyaa keessatti itti gaafatamaa gargaarsaafi hariiroo tajaajila hawaasaa ta’uun bara 1986-1989tti hojjeteera. Haaluma walfakkaatuun, Ministeera Dhimma Aadaafi Ispoortii keessatti, miseensa garee qopheessitoota Kuusaa Jechoota Afaan Oromoo ta’uun bara 1977-1986tti hojjataa tureera. Kana malees, bara 1967-1972tti manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessatti barsiisaa tureera.

Gaaddisaa Birruu barreessaa akka ta’u kan karaa baneef barnoota Afaanii fi Ogbarruu barachuusaa ta’ullee, hojii Dhaabaa Wayyeessaa hordofuunsaa caalaatti kaka’umsa ittuumeera. Yeroo taphoota gaggabaaboo Dhaabaan barreessee raadiyootiin darbaa ture Gaaddisaan immoo hojii Dhaabaa kana raadiyooniitiin hordofa ture. Kunis, qalbiifi fedhiinsaa gara waa barreessuutti akka dhufu taasise. Kanarraan kan ka’e, asoosama gabaabaa matadureen isaa Waa Lama Dhabuu jedhu yeroo jalqabaaf barreesse. Asoosamichis raadiyootiin torban 29f darbeera. Kanarraa ka’uun, kitaabilee Afaan Oromoo adda addaa barreessuu eegale. Kitaabilee inni barreesse keessaa tokko, asoosama dheeraa Kuusaa Gadoo jedhu yoo ta'u kunis bara 1983tti maxxanfame. Asoosamni kunis, seenaa ogbarruu Oromoo keessatti asoosama dheeraa yeroo duraaf barreeffame jedhamee beekameera. Ittifufuun, Guuboo yookaan kuusaa jechoota Afaan Oromoo bara 1977-1986tti namoota biroo waliin qopheesseera.

Gamabiraatiin, asoosama dheeraa matadureensaa Dhaamsa Abbaa jedhu bara 1994tti kan maxxansiise yoo ta’u, bara 1995tti immoo asoosama gabaabaa matadureensaa Waxala Qaccee Gaabbii jedhu barreessee dorgommii Qaacceessa ogbarruu sadarkaa idiladdunyaatti adeemsifametti dhiyaatee tokkoffaa bahuun badhaafame. Bara 1997 asoosama gabaabaa matadureensaa Fedhii Gamtokee jedhu dorgommiif dhiyeessee sadaffaa bahuun badhaafameera. Haaluma walfakkaatuun, bara 2001 kitaaba “Fedhii Gamtokkeefi Ogbarruu Gaggabaaboo Biroo” barreessee maxxansiisuun uummata biraan gaheera. Dabalataanis, Gaaddisaan kitaaba matadureensaa “Namummaa” jedhu namoota waliin ta’uun bara 2004 maxxansiiseera. Kana qofa osoo hinta’in, barruulee matadureensaa “Birmata” jedhu kan waggaatti si’a lama maxxanfamu namoota waliin qopheessuun dubbistootaaf dhiyeessaa tureera.

Ogummaa barreessuu kana malees, Gaaddisaa Birruu aartii Oromoo guddisuuf barreessitoota Oromoo waliin Waldaa Barreessitoota Oromoo bara 2002tti hundeesseera. Hogganaa waldichaas ta’uun tajaajilaa jira. Kaayyoo waldichaas bu’uureffachuun barreessitoonni Oromoo caalaatti akka barreessan jajjabeessuuf haala mijeessuun itti gaafatamummaa guddaa bahaa jira. Walumaagalatti, gummachi Artisti Gaaddisaa Birruu aartii Oromoo guddisuu keessatti qabu salphaa miti. Gaaddisaan baroota Afaan Oromootiin barreessuun akka yakkaatti ilaalamaa ture keessatti aarsaa kaffalamuu qabu hunda kaffaluun kitaabolee Afaan Oromoon barreesseera. Kunis, guddina aartii Oromootiif qooda guddaa taphateera. Kana malees, Gaaddisaan itti gaafatamummaa adda addaa fudhachuun guddina aartii Oromoo gama barreessuun jiruuf gumaacha guddaa taasisaa jira. Kun hundi immoo, dhaloota isa booda jiraniif hamilee guddaa ta’uun barreessitoonni hedduun akka uumaman taasisaa jira.




#Article 286: Baakkoo (101 words)


Magaalaan Baakkoo Godina shawaa lixaa(shawa dhihaa)tti daandii magaalaa Finfinneef Naqamtee wal qunnamsiisu irratti argamti.Magaala guddoo Aanaa Baakkoo tibbee yoo taatu magaalonni kanneen akka Shobokaaf Tibbees aanaa kana keessatti argamu.
yeroo weerara Xaaliyaanii magaalaan Baakkoo mana barnootaafi kiliinika fayyaa misiyoonota Siwidiniin bara 1948 dhaabbate qabdi. bara 1967tti immoo tajaajila bilbilaa kan argatteefii bara 1961tti manni barnootaa qaroo dhabeeyyii Finfinneetii gara magaalaa kanaatti akka dabarfame seenaan magaalittii ni mul'isa.
giddugalli qorannoo qonnaa baakkoo bara 1968tti dhaabatee.
akka odeeffannoo Ajeensii staatiksii gidddu galeessaa 2005tti(A.L.A),Baakko baay'ina uummataa 18,641 kan qabduufi isaan keessaa 9,370 dhiira yeroo ta'an  9,271 dubara/ttoota.

Bara 1928 ALI akka hundoofte ni himama.




#Article 287: Lammaa Guyyaa (587 words)


Lammaa Guyyaa (1928? - ) artistii Oromoo suura kaasun beekkamu yoo ta'u magaalaa Bishooftuu keessa mana hojii isaa kana itti agarsiisu kan 'Gaalerii Aartii Afrikaa' jedhamu qaba.

Artisti Lammaa Guyyaa bara 1928 Godina Shawaa Bahaa Aanaa Ada’aa Liiban bakka Daloo jedhamutti dhalate. Maatiin isaa qonnaan bultoota waan turaniif, Lammaan hojii qonnaatin maatii isaa gargaaraa guddate. Lammaan hojii qonnaa cinaatti, namoota naannawa ogummaa meeshaalee qonnaa kanneen akka nohee, hordaa fi waanjoo hojjatan xiyyeeffannaan ilaala ture. Akkasumas, namoota naannoo isaatti ogummaa meeshaalee manaa adda addaa supheerraa hojjatan argaa guddate.

Lammaan, daa’imummaa isaatti ogummaa namoota naannawa ilaalaa waan guddateef bocaa fi fakkiilee adda addaa mukaa fi supheerraa hojjachuu eegale. Namoonnis waan inni kalaqu kana ilaaluun baay’ee waan dinqisiifataniif, abbaa isaa mana barnootaa akka galchuu gorsan. Lammaanis, ogummaa naannawasaatti horate guddifachaa deemuun yeroo umriin isaa waggaa 17 ga’u carraa mana barnootaa seenuu argate. Mana barnootaa keessatti cimina fakkii kaasuu fi barnootaaf qaburraa kan ka’e barattootaa fi barsiisotaan baay’ee dinqisiifatama ture. Haala kanaan, barnootasaa hanga kutaa 7 Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti, Mana Barnootaa Bishooftuu sadarkaa 2ffaa yeroo sana ‘Libne Dingil’ jedhamutti baratee xumure. Yeroo sanatti kutaa 7 xumuruun akka sadarkaa olaanaatti waan ilaalamuuf ogummaa barsiisummaan akka leenji’uuf gara dhaabbata Leenjii Barsiisotaa Adaamaatti ergame. 

Haata’u malee, leenjiin kun fedhiisaa waan hin turreef, Bishooftuutti deebi’ee bocaa fi fakkii garagaraa bifa nama hawwatuun kaasuu fi bocuu itti fufe. Boca Lammaan yeroo sana boce keessaa tokko boca xiyyaaraati. Boca xiyyaaraa kanas mukaafi abujadiirraa hojjachuun gara Humna Qilleensaa Itoophiyaa geesse. Namoonnis boca xiyyaaraa kana baay’ee jaallachuurraa kan ka’e bulchaa Humna Qilleensaa Itoophiyaatti agarsiisan. Bulchaan Humna Qilleensichaas boca xiyyaaraa sanatti hedduu waan gammadeef, nama boca kana hojjate akka dhiyeessaniif ajaje. Yeroo walarganis ogummaa Lammaa dinqisiifachuun, gara fuulduraatti maal baraachuu akka barbaadu gaafate. Lammaanis, “Humna Qilleensaa Itoophiyaa keessa seenee barachuun barbaada,” jedhee ibseef. Bulchichis akka baratu waan eeyyameefiif, Lammaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa seenee barachuu eegale. Humna Qilleensaa keessatti leenjii meeshaalee waraanaa, qaama xiyyaaraa hiikuu fi suphuu waggaa shan leenjifamuun eebbifame. Ogummaa ittiin eebbifameenis namoota leenjisaa ture.

Artisti Lammaan hojiisaa idilee Asmaraatti osoo hojjatuu ogummaa fakkii kaasuu artistoota biyya Xaaliyaanii irraa caalaatti barate. Sana booda, fakkiilee garagaraa kaasuun bara 1950 Asmaraatti daawwannaaf dhiyeesse. Sanarraa ka’uunis beekamaa dhufe. Haa ta'u malee, sirna yeroo sanaatiin dhiibbaan uummatarra ga’aa ture isa yaaddessaa ture. Kanarraa kan ka’e, hojii aartii isaatiin mormii isaa ibsa ture. Fakkeenyaaf, fakkii adurree aannan jigsitee, hantuuta ishee bira jirus dhiistee foon qooxiirraa buusuuf yaaltu kaasuun ibsate. Qondaaltonni mootummaa yeroo sanaas hojii isaa balaaleffachuun yeroodhuma sana hojii mootummaa akka dhaabu taasisan.

Garuu, Artisti Lammaan duubatti osoo hin deebi’in, hojii fakkii kaasuu kutannoon itti fufuun, jireenyasaa haala gaariin gaggeessuu jalqabe. Ogummaa isaan beekamtii guddaa argachuurraa kan ka’es biyyoota addunyaa kanneen akka USA, Siwiidin, Yuunaayitid kingidam, Naayijeeriyaa, Keeniyaa fi Seenegal keessatti hojiisaa daawwannaaf dhiyeessuu danda'eera. Agarsiisa fakkiileefi boca adda addaa dhiyeesse kana irraas galii guddaa argate.

Artisti Lammaan Magaalaa Bishooftuu keessatti gaalerii 'Aartii Afrikaa’ jedhamu baneera. Gaalerii kana keessatti fakkiilee mimmiidhagoo kanneen akka muka, gogaa, baala, rifeensa beelladootaa fi kkf irraa bocaman yookiin kaafaman baay’eetu argamu. Keessattuu, fakkiileen aadaa Oromoo naannawa adda addaa agarsiisan qalbii namaa booji’u. Namoonni biyya keessaa fi alaa daawwannaaf gara gaalericha deemuun daawwatu; kaanis ni bitatu. Kaka’umsaa fi fedhii ogummaasaa dhaloota har’aa dhaalchisuuf qaburraa kan ka’e, ......................... 

Walumaagalatti, Artisti Lammaan daa’imummaa isaatti muuxannoo hojii qonnaa maatii isaa irraa horateera. Muuxannoo isaa gabbifachuun ogummaa fakkii kaasuu fi leenjisummaan akka hojjataa mootummaatti Humna Qilleensaa Itoophiyaa keessatti baroota dheeraaf tajaajilaa tureera. Hunda caalaa ammoo, aartii Oromoo gama fakkiitiin guddisuu keessatti gahee guddaa taphateera. Gummaacha inni guddina aartiif taasisu kun mataa isaa bira darbee uummatasaa, biyyasaa fi addunyaa irrattillee xiyyeeffannoo argachuun bu’aa guddaa buuseera.




#Article 288: Garasuu Dhukii (822 words)


Garasuu Dhukii goota Oromoo waraana Xaaliyaanii waraanun beekkamu yoo ta'u irra caala naannoo Walisoo fi Jimmatti Xaaliyaanii wajjin waraana geggeessaa ture. Boodarras bulchaa konyaa 'Caboo fi Guraagee' ta'ee hojjateera.   

Garasuu Dhukii abbaa isaa Dhukii Gulummaa fi haadha isaa Warqee Elemoorraa Caamsaa 1905 dhalate. Bakki dhaloota isaa karaa Finfinneeraa gara magaalaa Walisootti geessu cinaatti kan argamu iddoo Maaruu jedhamutti ture. Umuriin isaa barumsaaf akka ga'een, maatiin isaa waldaa amantii Orotodoksii Maaruu Mikaa'el jedhamurraa barsiisaa mindeessuun obbolaa isaa wajjin barumsa mana amantichaa akka hordofu taasisan.  

Tapha Garasuun jaalatu keessaa inni guddaan fardaan gulufuu ture. Akkuma ijoollee abbaa lafaa naannoo Maaruu, fardaan gulufuu, gaachana qolachuu, eeboo darbachuu fi adamoo shaakalaa ture. Abbaa isa duukaa waltajjii addaa addaarratti argamuun akkaataa dubbii barachaa hojiirra oolchuun hunda durse. Ija jabinaa fi ciminaa isaa kanarraa kan ka'e, bifa farda inni yeroo hundaa gulufsiisuu jaalatuun umurii waggaa kudhanitti maqaan masoo 'Abbaa Booraa' jedhu kennameef. Yeroo dirree waraanaa ture farda adii yaabbatullee, maqaadhuma kanaan hamma lubbuun isaa darbuutti waammamaa ture. 

Yeroo tokko mootii Hayilasillaasee fi haatii warraa isaa bishaan hoo'aa lafa keessaa burqu kan Walisoo daawwachuuf yeroo deemanitti, Garasuun farda isaatiin fuuldura gulufuun karaa agarsiisaa ture. Sana malees, fuulduratti ba'uun waa'ee naannichaa haasawa namaa hawwatuu fi ogummaan guutame uummataa fi mootichaf taasise. Martuu itti gammadee, 'Ijarraa hafi; guddadhu' jedheen. Ogummaa fi ciminni akkasumas, ija jabinni isaa qalbii mootii fi giiftii seenee ija gaarin akka isa ilaalan taasise. Odeeffannoo Gabramaaram Gaarii irraa argamee fi waan guyyicha hubatanirraa ka'uun guyyuma sana Finfinneetti waamsisuun Ministeera Ittisaa keessatti ajaja mootitiin akka mindeeffamu ta'e. Loltummaanis waggoota torbaaf erga tajaajile booda jabinaa fi amanamummaa isaatiin filatamee itti dhiyeenyaan mooticha akka tajaajilu taasifame. Waggoota muraasaaf mootii erga tajaajilee booda, eeyyama mootiitiin loltoota ilma isaa Asfaawasanitti makame. 

Garasuun loltoota Asfaawasan waliin gara Walloo deemuun achirraas Ambaalaagee kan jiran loltoota Raas Kaasaatti dabalamuun Xaaliyaaniitti duulan. Lola Tambeenitti  geggeeffamee fi kan Maayicawurratti geggeeffame keessatti loltuu diinaa madfii fi matarayasii, qilleensarraan ammoo, Xiyyaaraan gaasii summii facaasuun lolu jala dhaabachuu waan dadhabaniif kaan dhumanii kaan booji'amanii, kaan ammoo baqatanii lubbiin harkaa ba'anii gara Wallootti deebi'uun karaa Warra Iluu magaalaa Finfinnee galan. Haala kana keessatti cimina geggeessummaa isaarraan kan ka'e loltoonni Garasuu dursaa turan.

Kumalaa Garasuun erga Finfinneetti deebi'ees, katannoo fi jaalala biyya isaatiif qaburraan kan ka'e, naannoo dhaloota isaa Maarutti deebi'uun qabsoo itti fufuuf murteesse. Yeroo kana mootii Hayilasillaaseen hoggantoota waraanaa hedduu wajjin biyya Ingilaanditti baqate. Kaan ammoo, Xaaliyaanitti harka kennan; gariisinis ni booji'aman; kaan ammoo ni dhuman. Kun marti Garasuu fi gootota akka isaa jilbiinfachiisuu hin dandeenye. Waggoota shaniif yeroo Xaaliyaaniin biyyicha bulchaa turte keessatti lotuu isaa wajjin riphee loluun diina bahaa-gala dhowaa ture. Kallattiinis ba'uun diina humna lafoo fi qilleensaan lolu moo'achaa loltoota hedduu booji'aa, barbadeessaa, kanneen jalaa biiji'aman deebifachaa qabsoo hidhannoo fi hojii gootummaa itti fufe. 

Geggeessitoonni Xaaliyaanii fi baandaan sodaatanii yeroo hedduu araaraaf jaarsa itti ergaa turan. Garasuun gargaarsa uummataa fi onnee waan qabuuf shiraa fi kiyyoo isaanitiin qabamuu hin dandeenye. Roorrisaan biyya abbaa qabu gabroomfate fi baandaan biyyaa isaa saamsisuun alagaa jala kaatu ramaca caalaa isa guba ture. Keesumaa uummanni Itoophiyaa Xaaliyaanotaan Finfinneerratti ajjeefame ijasaa duraa baduu dide. Guyyaa tokkollee osoo miila isaarra rasaasan rukutamee loltoonni harkaa dhumanii kanneen hafan ammoo isa gatanii deemanitti akkas jechuun yaadannoo isaa barreesse. Ani Garasuudha; hojii koos xumureera; du'us giroo koo miti; kan na yaaddessu garuu Finfinneen bakki uummanni koo irratti dhume bilisa baatee osoo hin argin du'uu kooti jedhe.

Haa ta'u malee, yeroo marfame sanatti diina jalaa ba'uun madaan isaa fayyee loltoota abdii kutatanii faca'an walitti qabuun lola itti fufe. Dhumni hojii gootummaa Garasuus lola Jimmarratti Xaaliyaanii wajjin geggeeffame. Garasuun loltoota diina kan Jimmarra buufatan marsuun yaaddesse. Loltoota Garasuun hoogganuun marfamuu cinaatti oduuun biyyatti deebi'uu mootii Hayilasillaasee fi gargaarsi Ingilaandi waan dhaga'ameef, odoo dhiigni hin dhangala'in loltoonni Xaaliyaanii warri naannicha akka harka kennan taasise. Kumaalaa Garasuunis, Hayilasillaasee fi uummata Itoophiyaa biratti gootummaa fi tooftaa lola isaanitiin hundaa olitti dinqisiifame. Kanarraan kan ka'e, waamicha mootirraa taasifameen loltuu isaa Shawaa Lixaa kan qabsoo finiinsaa turee fi Jimmaan kan bilisa baase mara dhiisee Finfinnee deeme. Marti namaa ajajaa waraanaa biyyattii ta'a jedhee eegaa ture; innis akkanatti of beeka ture; hojiin isaas kanaa gadi miti. Mootiin garuu biyya Oromoo fudhachuun olaantummaa na dhabsiisa jechuun waan shakkeef, bulchaa konyaa Caboo fi Guraagee taasisuun muude. 

Mootummaa erga tajaajilaa turee booda soorama ba'e. Sana malees, Garasuun hin dhukkubsate.  Dhukkuba isaa kana ogeeyyiin biyya keessaa waan dadhabaniif, qabeenyaan isaa hundi gurguramee ilmi isaa Kumalaa Tafarraa Garasuu biyya Ingilaanditti geesse akka yaalchisu ta'e. Achittis fayyuu akka hin dandeenye waan hubataniif, gara biyyaatti deebi'e. Dhukkubni isa qabes kaanserii ture. Dhibeen kun daran itti cimee waxabajjii, 1966 lubbuun isaa dabarte. Ulfinan jiraatti dhabe du'aatti hin barbaadu jechuun wayita lubbuun jiru bakka gootonni Itoophiyaa hundi itti awwaalaman Bataskaana Sillaasee odoo hin taane, kan ofii isaa ijaarsise Bataskaana Cafoo Mikaa'elitti akka awwalan waan firoota isaa kakachiiseef, sirni awwaala isa achuma Maaruutti raawwatame.

Yaadannoo gootummaa Garasuu Dhukiitif, manni barumsaa sadarkaa lammaffaa kan Walisotti argamu maqaa isaatin moggaafamuun Mana Barumsa Sadarkaa Lammaffaa Garasuu Dhukii jedhama. Sana malees, wallee fi geerarsa keessatti maqaan isaa yeroo hedduu ka'a.  




#Article 289: Mala dubbii (249 words)


Malli dubbii fayyadama afaanii kan karaa haala salphaa ta'een ergaa tokko nama hubachiisani. Malli dubbii akaakuu gara garaa kan qabu yoo ta'u isaanis akkasaa, nameessaa, habalaka, eemiti, arbeessaa, fi iddeessaadha.

Jechi akkasaa jedhu gaalee 'akka isaa' jedhurraa dhufe. Tajaajilli akkasaa erga barbaadame tokko waan aadaa hawaasichaa keessatti beekkamaa ta'e tokko wajjin wal cinaa qabuun dhiyeessanii akka salphaatti hubatmu dandeessisuudha. 

Fakkeenya: Tufaan akka booyyetti nyaata

Jechi iddeessaa jedhu gaalee 'iddoo isaa' jedhurraa dhufe. Ideessaan mala dubii kan ittiin waan tokko amala waan biraa gonfachiisuun dhiyeessani.  Malli dubbii kun karaa dhokataa ta'een wantoota wal dorgomsiisa; akkasaa irraa kan adda isa godhus kanuma.

Fakkeenya: 

Sanyii kootu kanniisaa

Maafan argee gadhiisa

Sanyii kootu gafarsa

Maafan bira dabarsa

Nameessi lubbu-maleeyyii yookaan lubbu-qabeeyyii biroo amala namaa gonfachiisuudhaan dubbachuudha. Haala kanaan yeroo isaan akka namaatti socho'an agarsiisa. 

Fakkeenya: 

Shan elmamus shantamni elmamus koo qiraacitti jette adurreen.

Duuti ija babaaftee na ilaalte.

Jech 'eemiti' jedhu gaalee 'eeyyee fi miti' jedhanirraa uummame. Jechoonni kun lamaan faallaa waliiti. Eemitiinis akka wantoonni faallaa ta'an lama wal faana dubbataman taasisuun beekkama.

Fakkeenya: 

Obbo Gaaddisaan kolfaa boo'a.

Guutamaan qotaa deega.

Habalakni tooftaa ittiin waan tokko karaa faallaa isaatin ibsani. Fakkeenyaaf, nama gabaabadhaan birbirsoo, nama gurraachaan faranjii, nama lugnaan goota jechuun karaa faallatiin waan san ibsuudha. Hiika waan ibsamee san hubachuuf, haala keessatti ibsamee fi aadaa hawaasichaa beekun barbaachisaadha.

Arbeessuun waan tokko garmalee guddisanii yookaan garmalee xiqqeessanii dhiyeessudha. Kana jechuun, waan tokko guddisanii hanga arbaa, xiqqeessanii hanga huubaa taasisuu jechuudha.

Inni qallatee lilmoo ta'e.

Waaben guutee sinbirri irra hin qaxxaamurtu.

Ililleen qaqaa harcaase.




#Article 290: Abiyyi Ahimad (244 words)


Dr Abiyyi Ahamad Ali nama siyaasaa yoo ta'u bara 2018 jalqabe muummee ministeera Itoophiyaa 4ffaa ta'uun tajaajila jira. Kana dura sadarkaa itti aanaa pirezidaantii Oromiyaatti ittigaafatamaa waajjira Jiddugalaa DhDUO ta'ee hojjata ture.

Abiyyi Ahimad kan dhalate godina Jimmaa magaalaa Aggaarootti. Barnoota sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa achuma magaalaa Aggaaroo fi magaalaa Jimmaatti barate.  

Abiyyi digrii isaa jalqabaa bara 2001tti Kompitar Injinariingidhaan Maayikirooliinki Informeeshin Teknooloojii Koollejji irraa fudhate. Bara 2005tti ammoo poostigiraajuweet adivaansiid dippiloomaa gosa barnootaa 'Cryptology' yookiin 'aartii barreeffama dhoksanii dabarsuu' Yuunivarsiitii biyya Afrikaa Kibbaatti argamu irraa argateera.

Digrii lammaffaa isaa 'Transformational Transformation and Change with Merit' yuunivarsitii Landanitti argamu Giriinwiichirraa bara 2011tti argateera. Kana malees, Yuunivarsitii Liidistaar Ashlaand irraa MBA bara 2013tti argateera. Akkasumas, bara 2017tti muummee qorannoowwan Nageenyaafi Tasgabbii (peace and security studies) barnoota isaa sadarkaa doktorummaa (PhD) Yuunivarsiitii Finfinneerraa argateera.

Dr Abiyi jalqaba bara 1980n keessa akka DhDUOtti makame kan himamu yoo ta'u, hirmaannaa siyaasaan alattis gama loltummaan sadarkaa leetanaal kolenelummaa qaba. Ergama dhaabbata biyyoota gamtoomanitin tasgabbii fi nageenya buusuuf gara biyya Ruwaandaatti duulee ture.

Bara 2000-2003tti ammoo Ejensii Nageenya Cimdaa Odeeffannoo (INSA) hundeessuun, sadarkaa daarektarumaatiin tajaajileera. Sana boodas Ministeera Saayinsii fi Teknoologii ta'uun hojateera.

Bara 2002 irraa kaasee miseensa koree jiddugaleessaa DhDUO ta'uun, bara 2007 irraa kaasee ammoo miseensa koree hojii raawwachiftuu ta'uun tajaajileera. Akkasumas waggoota sadan darbaniif miseensa koree hojii raawwachiftuu ADWUI ta'uun hojachaa jira. Dr Abiyi wayita ammaa kanatti itti gaafatamaa waajira Jiddugala DhDUO fi miseensa mana maree bakka bu'oota ummataati.

Abiyyi Badhaasa Noobelii Nagaa kan bara 2019 argate.




#Article 291: Caccabsaa (134 words)


Caccabsaan nyaata aadaa oromoo beekkamaa fi godinaalee oromiyaa guutuutti kan baayyinaan qophaawudha. Innis kan hojjetamu midhaan gosa garagaraa garbuu, xaafii, matajaboo,qochoo fi kanneen biroollee ni dabalamu. nyaatni kun akkaataan itti qophaawu bakkaa bakkatti gara garadha. Akka Godina lixaa aanaa abuunaa gindabaratitti yeroo ayyaanaa fi laalchaa akkasumas yeroo keessummaa kabajaa fi firoonni halaalaa dhufan nyaata qophaawudha. nyaatni kun wayita nyaatamu aannanii fi baksaa ykn dhadhaan illee haalaan waan itti godhamuuf nyaata haalaan baayyee nama hawwatudha. urgaan isaa karaa nama hin dabarsu.

Kanumarraa kahuudhaan hawaasa godinichaa biratti nyaatni kun bakka guddaa qaba. Namoonni loon illee yeroo faarsan:

Burreen gaaratti qajeelee eemmoo yaa ombossaa ombossaa

gindoodha nanni aaree urgaahee caccabsaa caccabsaa

sawweekoo          saa eeguu rabbiinii

sawweekoo         jabboota bobbasee

sawweekoo         waareen dabarraanii

sawweekoo         bakkee na macheessee

sawweekoo        bahee caccabsaanii

sawweekkoo       eemmoon buburraaqxee

sawweekoo         ameessatu galaaa

sawweekoo        caccabsaan urgaahee




#Article 292: Foon (295 words)


UmmanniOromoo nyaata aadaa baayyee qaba. Ummanni Oromoo baayyee fi lafa ballaarra kan jiraatu waan ta'eef naannoo adda addaatti nyaata adda addaatu jira. Kan bukkeetti nyaanni Oromiyaa maratti beekkamus baayyetu jira.

Nyaata aadaa Oromoo ballifnee bakka lamatti qooduu dandeenya: nyaata yeroo hunda nyaatamu, fi nyaata akk addaatti nyaatamu. Nyaata yeroo hunda nyaataman kan jedhaman nyaata ummanni Oromoo gannas ta'ee bona, birraas ta'ee arfaasa nyaatu, kan yeroo baayyee mana keessatti qophaawu jechuu dha. Fakkenyaaf, buddenaa baadudhaan/ittoodhan nyaachuu, akaawwii, buddena/maxinoo aannaniin/itittuun nyaachuu fi kkf. Nyaanni akka addaatti nyaatamu nyaata yeroo baayyee hin qophhofne fi kan akka addaatti yeroo muraasa qofa qophaawu. Akka fakkeenyaatti, ancooteen nyaata ayyaanarratti nyaatama. Nyaanni akka cuukoo, qorii, gorsoddoma, fi kkf ammo yeroo fira dubbisuuf deeman kan firaaf/nama jaalataniif fuudhanii dhaqani dha. Nyaanni akkasii kun mana keessatti maatin akka nyaatuuf baayyee hin qophaawu.

Nyaannii aadaa Oromoo baayyeensaa dhadhaa of keessaa qaba. Kun immoo Oromoon loon waan sirriitti qabuuf, dhadhaadhaan nyaata isaa miyeessee nyaata.

Nyaata aadaa Oromoo beekkamaan keessaa:

Waaddii-foonmuramee ibiddarratti waaddame

Ancootee- nyaata baayyinaanOromiyaa DhihaanaannooWallaggaattibeekkamu

Baaduu-aannanraasaniidhadhaanerga irraa bahee booda baadun nyaataaf oola.

Marqaa- ummataOromoobiratti marqaan baayyee jalatamaa dha.

Caccabsaa- maxinoo kukkutyaniidhadhaabaqsanii itti naquun qophaa'a

Qoocco- Qooccoon baayyinaanOromiyaa DhihaanaannooWallaggakeessatti beekkamaa dha. Kun qoccoo kan ummataGuraageebiratti baayyinaan beekkamu sana miti.

Ittoo- Ittoon waan adda addaarraa qophaa'a: muduraa, foon, midhaan ittoof ta'u kan akka baaqelaa, daangulee, gaayyoo irraa qophaa'a

Buddeen (Buddeena)- buddeenni nyaata ummanniOromooyeroo baayyee nyaatu yoo ta'u ittoo ykn baadudhaan nyaatama.

Chuukkoo- a sweet flavor of whole grain also known asbesso; flavored with butter and spices

Cororsaa- Cororsaan baayyinaanOromiyaa DhihaanaannooWallaggakeessatti nyaata jaalatamaa dha.

Qorii- baayyinaan akaawwiigarbuurraaqophaa'a

Cuukkoo- Cuukkoongarbuufidhadhaarraaqopha'aa. Cuukkoon nyaata baayyee jaalatamaa dha.

Gorsoddoma- kun naannoo Shawaa Dhihaatti (Gindabarat) nyaata beekkamu yoo ta'uqamadiiirraa qophaa'a

aadaa mana itti ijaaran,

aadaa fuudhaa fi heerumaa,

aadaa irreechaa,

aadaa sirna ittiin bulmaataa

aadaa ateetee,

aadaa sirbaa,

aadaa ittiin wal dhibdee furatan,




#Article 293: Hajii Adam Saaddoo (760 words)


Hajii Adam Saaddoo(1887?-1983 ALH) qabsaawaa mirga Oromoo yoo ta'u miseensa Waldaa Walgargaarsaa Maccaa fi Tuulamaa ture. Hajii Adam Saaddoo Waldaa Maccaafi Tuulamaa fi Oromoota Baalee fi Arsii gidduutti riqicha ture. Jecha kan harkatti qabadhee dhufe garatti deeffadheera. Kanaa achi waan feetan godhuu dandeettan” jechuudhan hiccitii ittiin qabataniin uummata biratti beekkamu.

Hajii Adam Saaddoo abbaa isaa Saaddoo Sheekoo fi haadha isaa Halkee Waaqoo irraa bara 1887tti Godina Baalee aanaa Gobbaa keessatti dhalatan. Gaafa guddatee umuriinsaa barnootaf ga'u sheekota naanno sanii biratti barnoota amantii Islaamummaa barate.   

Hajii Adam Saaddoo bara Xaaliyaanin Itoophiyaa qabatte mormaa turan. Bilisummaa hirruu hin fudhannu yaada jedhuun yeroo Hayilasillaaseen Ingilaanditti bade Xaaliyaan biyya qabatte Xaaliyaanotaaf harka hin kennine. Gabrummaan sanuma jechuudhaan namoota muratoo yaada isaanii qaban gurmeessuudhaan hidhachiisanii sochiirra ture. Sababa kanaanis qabamee hidhame. Qaroo fi maleessa ta’uu Hajichaa kan hubatte Xaaliyaanin, yeroo gabaabduu qofa hidhanii gadhiisan. Kun yaalii ummataan qabachuuf godhan ta’ullee hin milkoofnef. Yaadni Hajii Adam xurree sochii ummata isaaniitiin walitti isaan baaftu tamuu fayyadamanii murna kaayyoo bilisummaa qabu tokko gurmeessuudhaan hidhachiisanii sochoosuu irratti fuulleffata. Kanaanis adeemsa yeroo keessatti diddaa gabrummaa kamuu irratti kan ummanni bakka bakkatti hidhatee deemsisu walitti qindeessanii gara tokkotti luuccessuu keessatti gaheen isaanii olaanaa ture. Haga gabroomfataan xaaliyaanii gadlakkisee ba'utti meeshaa waraanaa guddaa dhoksanii kaa'uudhaan qabsoo diddaa gabrummaa itti aanuuf haala mijeessaa turan.  Garuu, lukkeewwan iccitii kana beekan hojjattoota nageenyaa H/Sillaaseetti waan eeraniif kan yaade hafee ammas mana hidhaa seene.  

Namoota bebbeekamoo ummata biratti dhageettii qabanitti fayyadamuudhaan uummata bituuf yaaluun amaluma gabroomfataati. Hajii Aadamiin hidhuun ykn ajjeesuun faayidaa akka hin qabne qofa odoo hin taane gadoo fi jibbaa biraa akka dhalu kan hubatan anga'oonni Hayilasillaasee, Hajii Adam mana hidhaatii baasanii ofitti qabuu filatan. Haala kanaan aangoo giraazmaachummaa fi uffata aangoo kana ibsu kennuufiif sirni badhaasaa tokko qopheessan. Haasaa qophii kanarratti godheeniis muudama giraazmaachumma kana akka hin barbaannee ifatti dubbachuun fudhachuu dide.   

Yeroo Waldaan Maccaa fi Tuulamaa gootoa akka Koloneel Alamuu Qixxeessaa, Hayilamaaram Gammadaa, Mokonnin Wosanuu, Jeneraal Taaddasaa Birruu, Dhibbaalaa Maammoo Mazammir fi kanneen birron bu’ureeffamee sochii jalqabe, Hajii Adam Baaletti bu’ureessaa fi bakka bu’aa waldichaa turan. Dabalataanis, yeroon yeroo sochiin Fincila Baalee kan Jeneraal Waaqoo Guutuutiin durfamu haala haarawaan oo'aa jiru ture. Hajii Adam Saaddoo baruma uummanni Oromoo quba wal qabeenyaan halagaa irratti tokko ta’ee qabsaawu hawwaa waan tureef yeroon isaan yaadaa turan kun mul'achutti guddaa gammade. 

Bu’ureeffamuu Waldaa  Maccaa fi Tuulamaa hundeeffame kana sochii diddaa gabrummaa ummata Baaleetiin wal simachiisuuf ammoo sochiin ummanni Baalee bakka bakkatti godhu gara sochii kaayyo-qabeessa ummata Oromoo guutuu tokkotti jijjiiruuf tattaafachuun hujii isaanii ta’e. Kanarrattis hojjatanii sochiin qabsoo Waldaa Maccaa fi Tuulamaa fi sochii Fincila Baalee wal simachuun karaan mijaawe. Haaluma kanaan waldichi haga humnaa fi haalli yeroo dandeessiseen kutaalee Oromiyaa heddutti dameen isaa akka bu’ureeffamu caasaa eega diriirfateen booda kora tokko Finfinnetti waame. Haata’uu malee, yeroon sun yeroo mootummaan Hayilasillaasee ijaaramuu waldaa kanaa mormuudhaan waldicha sababa itti uumee jigsuuf socho’aa ture ture. Yeroo hamaa kanatti Hajii Adam uummata Baalee bakka bu'uun xalayaa ummata Baalee irraa keessattuu Jeneraal Taaddasaa Birruutiif barreeffamte qabatanii Finfinnee dhufan. 

Gaafa Hajiin Finfinnee dhufu kana, humni waraanaa mootummaa miseensota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa hidhuuf Finfinneetti sochii gochaa oole. Humni waraanaa Jeneraal Taaddasaa Birruu qabee hidhuuf mana isaatti marsee ture. Jeneraal Taaddasaan harka kennachuu didee cabsee ba'e. Manni Jeneraal Taaddasaas waraanan qabame. Hajii Adam kana quba hin qaban ture. Jeneraal Taaddasaa arganii dhimma dhufaniif irratti mari’achuuf bilbila gara mana mana Jeneraal Taaddasaatti bilbile. Kan jalaa kaase garuu Taaddasaa odoo hin taane ajajaa waraana mootummaa ture. Ajajaan waraanaa kunis akka Taaddasaatti erga Hajii dubbisee booda, nama isa fudhu akka erguuf itti hime. Loltuun isa fuudhuf ergame wajjin erga wal arganii konkolaata isaatin karaa jalqaban. Loltuun kun Hajii Adam fuudhe gara mana Taaddasaatti odoo hin taane gara buufata poolisiitti geesse.  

Hajiin dubbiin amma galteef. Hiccitii qabatanii dhufan balleessuf jecha, mana fincaanii dhaquu akka fedhu waraanaa qawwee baatee isa marsetti hime. Hajiin akkuma marfametti mana fincaanii seeneen xalayaa ergaa uummata Baalee cicciree mana fincaaniitti gatuu yaade. Garuu deebisanii baasuu danda'u jedhee shakke. Malli ergaan sun diina harka akka hin seenne godhaniin garatti deeffachuu qofa akka ta’etti murteessee xalayaa san cicciree alanfate. Xalayaa san alalchee erga liqimseen booda mana fincaaniitii bahe.  

Akkuma mana fincaaniitii baheen marfamee biiroo ajajichaa geeffame. Ajajaan, yeroo xalayaa qabate akka itti kennu gaafatu, Hajiin Waan garaa nu baate garaatti nu deebite. Kana booda waan feete godhuu dandeetta jechuun dubbate. Miseensota Baale qabmana kan biraa waliin hidhaan waggoota 25 fi qabeenyi hidhamtoota hundi mootummaan akka dhaallamu irratti murtaa'e. Warri Hajillee ta’ee ummanni Baalee galmeen murtii isaanii gara Finfinneetti akka deebi’u iyyachuu isaaniitiin Finfinneetti deebi'e. Hajiin mataan isaanii dhaddacha “Nugusa nagasti” jedhamutti dhihaatanii mormatanii irra aanuun murtii manni murtii olaanaa isaan irratti dabarse san jijjiirsisuu danda'an.    




#Article 294: Oromoo Baabbilee (134 words)


Oromoo Baabbilee, Baabbilee Qalloo Barentoo Oromoo Ummata oromoo kan Naannawa Hararii f Dangaa Naannoo Soomaalee Qarqara Jiraatuudha.
Gosoonni beekkamoon Anaa fi Naannawa kana jiraatan Maayaa,Madigaana,Maaruu,Sirbaa,Goonaa fi kkn fakkaataniidha.

Aanaan baabbilee godina Harargee bahaa naannoo Oromiyaa keessatti argamti maqaan baabbilee ja'amuu kuniis kan moggafameef tokko ilmaan oromoo baabbilee qalloo ja'amurrahii.

Aanaa baabbilee kibbaa fi bahaan naannoo somaaleetiin dangeeffamtii dhihaanis fadis kaabaaniis immoo gursumiin daangeeffamtii baabbileen naannoo oromiyaa taatee magalaa naannoo lama giddutti argamtuudha naannoo Harariiti fi naannoo Soomalee.

Akka bara 2007 lakkoofsii ummata Baabbilee 93,708(kuma sagaltamii sadihii fi dhibba torbaa fi saddeeti) kana kessa dhiira 47,178 fi dhalaa 46,530 dha lakkoofsa ummataa kana kessaa 17,712 ykn 18.9% magaalaa kessa jiraatan. 
Ummata kana kessaa dhibbantaan 95.71% muslima dhibbantaan 3.4 immoo kiristaana.

Sabaa fi sablammiin hedduminaan magalaa tana keessa jiraatan 3(sadihi) isaaniis 
Oromoo(84.4%)
Somalee(10.77%)
Amaaraa(3.76%)
Kan hafan(1.03%)




#Article 295: Aanaa Shirka (124 words)


Aanaan Sirkaa Godina Arsii keessatti argamti.Magaalaan Gobeessaa Kibba Bahaa Itoophiyaa keessatti argamti. Magaalli tuni kan itti argamtu Godina Arsii, Naannoo Oromiyaa yommuu ta'u, Laatituudii Kaabaan 07°37 fi Loongituudii Bahaan 39°30 ta'u qabdi. Olka'iinsa sadarkaa sirrii galaana gubbaa meetira 2353 irratti argamti.Gobeessi Magaalaa guddoo Bulchiinsa Aanaa Sirkaati.

Akkaataa mootummaa Naannoo Oromiyaa tti, magaalaan tun yeroo ammaa bakka buufata Telefoonaa fi waajjira tamsaasati. Yeroo dhiyoo as gahiinsa humna Elektrikii taate. Akkasumallee bakka ka'umsaa fi hirtuu magaalota ollaa isiiti. Fkn Magaalaa Madaroo fi Xiichoo.

Akkaataa Lakkoofsa Istaaksiin Ummataa bara 1999/2005 ibsutti Gobeessi baay'ina Ummataa walitti qabaa 10,170 qabdi. Kanneen keessaa Dhiirri 5,010 yommuu ta'u, 5,160 Dubartoota. Bara 1994 ALA tti, akkaataa gabaasa (National Census Reported) ibsutti Ummanni magaalichaa 5,689 ture. Kana keessaa 2,717 Dhiiraa fi 2,972 Dubartoota.




#Article 296: Faatee (194 words)


Eebbi Arsii ( yookan Eebba Sikkoo fi Mandoo) akka waliigalaatti maqaa faatee jedhamuun waamama. Faateen eebba Oromoo Arsii waan afur irratti bu'uurefateedha. Isaanis ta cidhaa, ta boohaa, ta dhibaayyuu fi Jiloota Uumaa fi Uumee Arsii gurraachaatiin wal qabataniiti. Wanti gaafa gammachuu jedhamu kadhaa gadda jalaa woyyoomuu keessatti hin jedhamu. Haa ta'uu malee seensi faateewwan hundaafuu tokkoma. Arsiin yoo eebbifatu dhiltee dhinnaa ykn iltee dhinnaa jedhee jalqaba. Kunis yoo hiikamu na hoffolchaa akka jechuuti. Erga hoffoltii gaafate booda ammo ijarraa hafaa nu hambisaa jedhee eebba isaa itti fufa. Seensa irrattis Faatee Waaqa lafti sii dhagahi jedhama.

Dhiltee Dhinnaa............... Hoffolaa

Dhiltee Dhinnaa............... Hoffolaa

Dhiltee Dhinnaa............... Hoffolaa

Faatee waaqni dhagahi............. Dhagahi

Lafti sii dhagahi.......................... Dhagahi

Gadaan dhagayi.......................... Dhagahi

Gadaamoojjiin dhagayi............... Dhagayi

Dhibbi dhagayi............................. Dhagayi

Dhibaayyuun dhagayi................. Dhagayi

Gadabitti nu galchi.................... Galchi

Gadaa nu hulluuqsisi................ Hulluuqsisi

Waraana qaqeessi.................... qaqeessi

Oromoo qaqatti nuu bulchi......... bulchi

Doloolloo yaasi............................. Yaasi

Yaa’aa gabbis................................ Yaasi

Jinfuu tuuli.................................... Tuuli

Tuulaa diinaa diigi........................ Diigi

Oromoo biifaa si godhi................. Si Godhi

Biiftuu ganamaa si godhi.............. Si Godhi

Ejersa gaaraa si godhi.................. Si Roobi

Korma nyaaraa si godhi............... Si Roobi

Bokkaa sii roobi..................... Sii Roobi

Bokkuu sii moosisi................ Sii Moosisi

Laftana ititi............................... Ititi

Itittuu nu obaasi........................ Obaasi




#Article 297: Kadiir Abdullaxiif Hajjii (401 words)


Kadiir Abdullaxiif Hajjii: Barreessaa 

Kadiir Abdullaxiif Abbaa isaa sheeka amantii muslimaa Sh/Abdullaxiif H/Hajjii fi haadha isaa  Safiyyaa Habuu irraa Godina Arsii Aanaa Sirkaa Ganda Qotee Bulaa Heellaa Xareetaatti, bara 1992 ALA dhalatee guddate.

Ijoollummaa Isaa

Barnoota Isaa

Akkuma umriin isaa barnoota ga’een akka barachuu qabu murteessee maatii isaatti hime. Kadiir ilma hangafaa waan tureef, carraa waggaa 5-10 tti mana barumsaa galuu hin arganne. Abbaan isaa akka inni barnoota amantaa baratu fedha waan qabaniif, waggaa muraasaf hiriyyoota isaa irraa hambisanii, barnoota bara muraasa isa hanqisan ( jala dabarsan). Waggaa 11ffaa isaatti jechuun bara 2003 ALA M/barumsaa gale. Kadiir nama M/Barnootaa Qophaa’ina fi University baratee miti. Kutaa 1- 7 Mana Barumsa Xareetaa Sadarkaa 1ffaa (1-8) barachaa ture. Tasa addaan kutee baqate. Umriin hindaangessu waantaheef ammas baratuufi qophiidha.

Barreessaa Ta’uusaa

Akka barreessu kan isa taasise yeroo baay’ee dubbisuu jaalata. Dubbii caalaa waan dubbisu barabaada. Abbaan isaa Manzuumaa (Nashiidaa) mana keessatti yoo barsiisan inni immoo waa barreessee mana barumsatti barsiisotaafi barattoota bashannansiisuu barbaada. Kadiir akka barruu guddaa harkaa qabu kan bare erga Facebook fayyadamuu jalqabeefi barreessitoota Oromoo faana dubbachuuf carraa argatee booda. Duraan dhiyootti Kitaaba barreessuu osoo hin taane, CD WALALOO maxxansuuf yaadaa ture. Kan Ummata Oromoo bal’aa kana biraan ga’uu qabdu, Kitaaba jedhee kan natti himaa turan hiriyyoota kiyya ta’anillee kan akka hojiitti hiiku isa taasise garuu kutannoo isaati.

Biyya ormaa jireenya baqaa keessa taa’ee Kadiir hojii gubaa akka ibiddaa, Araba waccu biratti qacaramee hojjachaa akka hojjachuu qabu murteesse. Kadiir Ija Hawaasaa isaa argeen waa barreessa. Ijoollee waan baay’ee hojjachuu danda’an kan biyya ormaa kana keessatti riphanii hafan akka bahanii hojjatan akeekaaf hojjachuu qaba jedhee barruulee adda addaa Saba isaaf laate. 

Kan Inni Maxxanse

'Goonni Gosa Dhaala 

Kitaaba seenaa Atileetiksii Oromoo fi Atileetota Oromoo irratti hundaa’e, keessattuu waa’ee Atileet Fayyisaa Leellisaa irratti xiyyeeffate. Biyya Saudi Arabia Magaalaa Riyaaditti guyyaa 01/01/2017 maxxanfamee, Ebla 07/2017 bakka Ummanni Oromoo baay’een argamutti Eebbifame. Kitaabni Goonni Gosa Dhaala Kitaaba seenaa qabeessa. Kadiir Kitaaba lammataa isaa 'Risaa Bokkaa Mooye' biyyatti gaafa guyyaa 07/07/2011 Adaamaatti maxxansuun, gaafa guyyaa 17/08/2011 Magaalaa Xareetaa mana Barumsaa Sad 2ffaa Xareetaatti, bakka hawaasni naannawa sanii hedduminaan jirutti eebbiseera. Kitaabuma kana gaafa guyyaa 08,06,2019 Saudi Arabia Magaalaa Riyaad Kominiitii Itoophiyaatti bakka Ummanni Oromoo hedduu jirutti eebbiseera. Kitaaba isaa 3ffaa Wayyooma jedhu barreessuun Waldaa Dubartoota Aanolee'tif gumaacheera.

Kan Inni Gulaale 

Kitaaba kuusaa Walaloo, Barreessituu Warqii H/Bulloo (Leellistuu Sabaa) barreeffame.

Asoosama Barreessaa Tololaa Faantayee barreeffame.

Kuusaa Walaloo kan Barreessaa Lalisaa Baqqalaatin Barreeffame.

Asoosama gabaabaa barreessituu Zabiibaa Roobaa'tin kan barreeffame.




#Article 298: TryBishop (208 words)


TryBishop ama TRYBISHOP (dhalootan Jeremy Hicks Saint Paul, Minnesota, United State tti) inni weelisaa fi oomishaa hip-hop America Minnesota irraa. Inni itti dhihaachudhan welistoota bekamoo wajjin dalage jira, kaneen yaadatamu keessaa T-Pain, Jeezy, Dolla, 1500 or Nothin”, Da Internz fi Curtis Williams. 

Dhalootan Jeremy Hicks Saint Paul, Minnesota dha, TryBishop isaa ganna 6 eegale. Fedhiin inni muziqaaf qabu guddaachaa dhufe baroota dheeraf akkuma inni muziqaa mataa isaa oomishe, akkasuma weelitoota hedduu kan hip-hop fi RB wajjin dalagee jire U.S kessatti.

Baroota dheerataf TryBishop sirboota akaakuu gara gara oomishee jira akkasuma welistoota hedduu wajjin muldhate/hirmaate jira.

TryBishop sirba “Movin’ it” oomishee jira, warreen  kanneenif Tech N9ne, Beatnick, Wrekonize akkasuma K-salaam, akkasuma inni oomishaa albumii “it’s Complicated” kan Da' T.R.U.T.H sirboowan biraa kan TryBishop oomishame kessaa sirba Big K.R.I.T tif.

Bara 2012, TryBishop sirba Christopher Dotson irratti hirmaate/muldhate jira, akkasuma ammallee sirba “Thing Now” T-Pain wajjin. Dabalataan, TryBishop welistoota akkaan bekamoo Dolla fi Jezzy walin sirboota irrattin hirmate jira.

TryBishop sirba “The Birds” kan Auburn irratti hirmaate. Inni akkasuma ammallee albamii Curtis Williams irrati hirmaate/muldhate.

Bara 2015, TryBishop gamtaa humnaa EP irratti hirmate/muldhate sunis kan hirmachisu/muldhisu 1500 or Nothin’, Childish Major, Da Internz fi Prem Midha.

Kessumayuu dhiheenna kana 2019 keessattti TryBishop albamii Vernia fi Erich Sermon irratti muldhate jira.




#Article 299: Afaan (142 words)


Afaan meeshaa ilmi namaa ittiin walii galuudha.  Afaan qaama afaani ykn harka fayyadamuun dubbachuun ykn mallattoon karaa itti wal-qunnamaniidha. Namni tokko jaalalaa fi jibba, gaddaa fi gammachuu, beekkumsaa fi wallaala, gaaffi fi deebi, ilaalcha fi yaada isaa namoota biroof ibsuuf afaan ni tajaajiila.

Ulaagaalee sabni tokko ittin beekkamu inni guddaan afaan isaati. Afaan aadaa fi duudha sabaa ni calaqqisa. Itoophiyaa  keessa afaanota 86 kan galmaawantu jira. Addunyaa irra immoo tilmaamaan afaanota 5,000 - 7,000 jira. 

Guddinni afaan saba tokkoo guddina hawaasa isaa waliin deema. Kana jechuun, bal’inniifi dagaaginni afaan tokkoo guddina qabeenyaafi aadaa jechuun, bal’inniifi dagaaginni afaan tokkoo guddina qabeenyaafi aadaa saba sanaa waliin walqabata jechuudha.Qabeenyiifi aadaan saba tokkoo yoo guddachaa deeme, isaan dabalaman kana moggaasuun barbaachisaa ta’a. Kun ammoo, guddina afaan saba sanaatiif karaa bana. Kanaafi guddinni hawaasaafi afaanii walqunnamtii qaba kan jedhamuufis.

Amaloota afaan hunduu waliin qaban kan armaan gadiiti.




#Article 300: የጂኦፖሊመር ሲሚንቶ (1246 words)


የጂኦፖሊመር ሲሚንቶ 

የጂኦፖሊመር ሲሚንቶ በክፍል ውስጥ የሙቀት እና ቅዝቃዜ መጠን ለማጠንከር የሚያገለግል የማያያዣ ስርዓት ነው፡፡

ይህም ለፖርትላንድ ሲሚንቶ በአማራጭነት የቀረበ ከአካባቢ ጋር ጥሩ ግንኙነት ያለው ምርት ነው፡፡ በብዙ የሂንዱ ቤተመቅደሶች ውስጥ በአገልግሎት ላይ ውሎ የነበረ ሲሆን እነዚህም ከሺህ አመታት በላይ እድሜ ያላቸው ናቸው

፡፡ ከፍተኛ የካርቦን ምልክት ያላቸውን የሲሚንቶ ምርት ለመቀነስ በተፈጥሮ ካሉት የአፈር አይነቶች ወይም ከኢንዱስትሪ ተረፈ ምርቶች የሚሰራ ሲሆን በብዙ የአርማታ የቆይታ ጊዜ ውስጥ በከፍተኛ ደረጃ ተከላካይ ሆኖ የሚያገለግል ነው፡፡

የጂኦፖሊመር ሲሚንቶዎች ከፖርትላንድ ሲሚንቶ በላይ የሚገኙ እና የሚያገለግሉ ናቸው፡፡

የፖሊመር ሲሚንቶ ምርት አሉሚኒዮ ሲሊኬትን ለመፍጠር የሚያስፈልጉ እንደ ሜታ ፖሊን ወይም የአፈር ብናኝ የሚያስፈልግ ሲሆን እነዚህም ተጠቃሚ የሚገለገልባቸው እና ጉዳት የማያደርሱ የአልካላይን ሪኤጀንት ናቸውየሆነ፣ ወጪ ቆጣቢ የሆኑ እና እንደ ፖርትላንድ ሲሚንቶ መቀላቀል እና ማጠንከር የሚችሉ የጂኦፖሊመር ሲሚንቶዎች የትራንስፖርት መሰረተ ልማት እና የግንባታ ኢንዱስትሪውን የግንባታ ደረጃ ማሻሻያ፣ ለውጥ እና ማሳደጊያ ሆኖ ሊወክል ችሏል፡፡

ጂኦፖሊመር ሲሚንቶ በሚለው እና ጂኦፖሊመር አርማታ በሚሉት ቃላት መካከል ሁልጊዜም ውዝግብ አለ፡፡ ሲሚንቶው መያዣ ሲሆን አርማታ ግን ሲሚንቶውን ከውሃ ጋር በመቀላቀል እና በማጠናከር የሚገኝ የቅልቅል ምርት ውጤት ነው፡፡ (ወይም በጂኦፖሊመር ሲሚንቶ አገላለጽ የአልካላይን) እንዲሁም የድንጋይ ኮረት ውህድ ነው፡፡ የሁለቱ ምርቶች (ጂኦፖሊመር ሲሚንቶ እና ጂኦፖሊመር አርማታ) መሳሪያዎች በተለያዩ በአለም አቀፍ ደረጃ የሚገኙ ገበያዎች ውስጥ ይገኛሉ፡፡ እነዚህን በዋናነት የአፈር ስልኬት አርማታዎች እና የአፈር ሲሚንቶዎች ተብለው ይታወቁ ነበር፡፡ ምክንያቱም የፖርትላንድ አርማታ ሲሚንቶዎች በጐጂው የአልካላይ እና ኮረት ውህድ፣ በተቀላቀለ የኤኤአር ወይም ከኤኤስአር ጋር በተቀላቀለ የአልካላይ ሲልካ ውህድ ሊጐድ የሚችሉ ሰለሆነ ነው /ለምሳሌ የሪለም ኮሚቴ 2019- ኤሲኤስ በአርማታ መዋቅር ባለው የኮረት ውህድ የተቀመጠውን ይመልከቱ የሚያዝጉ ምርቶች በጓንት፣ በመስታወት እና በጭምብል በመጠቀም የምንገለገልባቸው ናቸው፡፡ እነዚህም ተጠቃሚውን ሊጐዱ የሚችሉ እና ትክከለኛ የደህንነት መጠበቂያ ሕጐችን ሳንከተል በብዛት ልንተገብራቸው የማንችላቸው ናቸው በሁለተኛው ምድብ የፖርትላንድ ሲሚንቶ ወይም ሀድሬትድ ላየን የተባሉ አይነተኛ ከፍተኛ ምርቶች ይገኛሉ፡፡ የጂኦፖሊመራዊ አልካላየን ሪኤጀንቶች የተባሉ እና በዚህ ምድብ የሚገኙት ምርቶች ተጠቃሚን የማይጐዱ ተብለው ሊጠቀሱ ይችላሉ፡፡ እነዚህም የሚገነፍል ተፈጥሮ ያላቸው የአልካላይን ምርቶች ሲሆኑ የምርቶቻቸውን ዱቄቶች በአየር ወደ ውስጥ እንዳይገቡ ምርጫ እና ትክክለኛ የግል ደህንነት መጠበቂያ መሳሪያ መልበስን የሚጠይቅ ሲሆን ይህም በማንኛውም ሁኔታ ኬሚካሎች ወይም ዱቄቶች በሚያዙበት አያያዝ መፈፀም ይገባል፡፡

በአልካላየን የሚሰሩ ሲሚንቶች ወይም በአልካላይን የሚሰሩ ፖሊመሮች (በተወሳኑት አካላት በኋላ ላይ ትክክለኛ ያልሆነ ቃል መሆናቸውን አውቀዋል)፡፡ እንዲሁም የተወሰኑ ባለሙያዎች በስነ ጽሑፉ ውስጥ እና በኢንተርኔት የተገኙ የተለያዩ  አዘጋጃጀቶች በተለይም በብናኝ ላይ የተመሰረቱ የአልካላይን ስልኬቶችን ከሞላር ሬሽዎች SiO2: M2O ከ1.20 በታች ከሆነው ጋር ወይም በንፁህ የኤንኤኦኤች (8M ወይም 12M) ሲስተሞች ላይ ተመስርቶ የሚያገለግል ሆኖ ተገኝቷል፡፡ እነዚህ ሁኔታዎች ለማንኛውም ሰው አገልግሎት ለማዋል በተጠቃሚው ላይ ጉዳት የማያደርሱ አይደሉም፡፡ ስለዚህ በዚህ የስራ መስክ ላይ ከተቀጠሩ ከፍተኛ ጥንቃቄ እና የግል የአደጋ መከላከያ መሳሪያ መጠቀም ያስፈልጋል፡፡ በእርግጥ የወጡ ሕጐች እና ደንቦች እንዲሁም መመሪያዎች ለሰራተኞች የደህንነት እና የጤና አጠባበቅ እንዲሁም ፕሮቶኮላቸውን ለማስፈፀም የወጡ ናቸው፡፡

ከዚህ በተቃራኒ በመስክ ላይ የተሰማሩ የጂኦፖሊመር ሲሚንቶ አዘገጃጀት ሰራተኞች የአልሪላይን ውህድ ያላቸውን ስልኬቶች ከማስጀመሪያ የሞላር ሬሾ መጠኑ 1.45 እስከ 1.95 ከሆነው ጋር ያካትታሉ፡፡ በተለይም ከ1.60 እስከ 1.85 በሚያህለው በማካተት የሚፈጽሙ ሲሆን ይህም ተጠቃሚውን በማይጐዱ ሁኔታዎች የሚያገለግል ነው፡፡ ለምርምር አላማ የተወሰኑ የላብራቶሪ አዘገጃጀቶች ከ1.20 እስከ 1.45 የሚሆኑ  የሞላር ሬሾዎች ያላቸው ናቸው፡፡ 

Categories of geopolymer cement include:

የመጀመሪያው የጂኦፖሊመር ሲሚንቶ የተፈጠረው በ1980ዎቹ ሲሆን አይነቱ (ፓታሺየም፣ ሶዲየም፣ ካልሺየም) - ፖሊ (ሲያሌት) (ወይም በዝቃጭ ላይ የተመሰረተ የጂኦፖሊመር ሲሚንቶ ሆኖ) እንዲሁም በጆሴፍ ዴቭዶቪትስ እና በጄ.ኤል ሳውኢር በሎን ስታር ኢንዱስትሪዎች ዩኤስኤ ውስጥ ከተካሄዱት ምርምሮች የተገኘ ሲሆን እንዲሁም የፓይራሜንት አር ሲሚንቶ የተገኘበት ነው፡ የአሜሪካ የፈጠራ ተግባር የተመዘገበው በ1984 ሲሆን የዩኤስ የፈጠራ ባለቤትነቱ 4,509,985 የሚያህል በሚያዝያ 9/1985// ኢርሊ ሀይ ስትሬንግዝ ሚኒራል ፖሊመር በሚል ስያሜ የተሰጡ ናቸው፡፡

የተወሰኑ MK-750ምርት ከተመረቱት የቮልካኖ ውጤቶች የጂኦፖሊመር ሲሚንቶ ጋር እንዲሁም በቀላል ዝቃጭ ላይ ከተመሰረተው የጂኦፖሊመር ሲሚንቶ በላይ ዝቅተኛ የካርቦን ልቀት ባላቸው እና የተሳለ ምርት ባላቸው ውጤቶች መተካት፡፡

በኋላም በ1997 በዝቃጭ ላይ  በተመሰረተው የጂኦፖሊመር ሲሚንቶዎች ላይ በተካሄዱ ስራዎች በሌላው በኩል በመገንባት እና እንዲሁም ደግሞ በአንዱ በኩል ከዚኦላይትስ ስሪት በተገኙ በአፈር ብናኝ ላይ በመገንባት እነ ሲሊቨር ስትሪም  እና ቫን ጃርስቬልድ እንዲሁም ቫንዴቨንተርበብናኝ አፈር ላይ የተመሰረቱትን የጂኦፖሊመሪክ ሲሚንቶዎችን ለመፍጠር ችሏል፡፡ እነ ሲልቨርስትሪም 5,601,643  የዩኤስ የፈጠራ ባለቤትነት ፍላይ አሽ ሴሜንቲሺየስ ማቴሪያል እና የምርት አሰራር ዘዴ በሚል የተመዘገበ ነው፡፡

በአሁኑ ጊዜ ሁለት አይነት በሲሊከስ (EN 197) ወይም በደረጃ Class F (ASTM C618) የብናኝ አፈር አይነቶች ላይ የተመሰረቱ  ምርቶች አሉ፡፡  

የማምረቻ ዝርዝሮቹ በአለት ላይ ከተመሰረተው የጂኦፖሊመር ሲሚንቶ ጋር ተመሳሳይነት ያለው ሆኖ ነገር ግን በከፍተኛ ደረጃ የኦክሲጅን ይዘት ባለው አይረን የጂኦለጂካል ኤሌመንቶችን ያካተተ ነው፡፡ የጂኦፖሊመር ስሪት አይነት የፖሊ (ፌሮ -  ሲሊየት) (ካልሺየም፣ ፖታሺየም) – (አይረን - ኦክሳይድ) – (ሲልከን - ኦክስጅን - አሉሙኒየም - ኦክስጂን) ናቸው፡፡ ይህ በተጠቃሚው ላይ ጉዳት የሌለው የጂኦፖሊመር ሲሚንቶ በመመረት እና ለንግድ በማቅረብ ምዕራፍ ላይ ይገኛል፡፡

የፖርትላንድ ሲሚንቶ ማምረቻው በሚከተሉት ውህዶች መሰረት የካልሺየም ካርቦኔትን ወደ አመድነት የመቀየር አሰራርን አካትቷል፡፡

የአሉሚናን የሚያካትቱ ውህዶች የምርቱን የአሉሚኔት እና ፌሪት ይዘቶች ወደ መፍጠር የሚያመሩ ናቸው፡፡ 

አንድ ቶን የፖርትላንድ ክሊንከርን ማምረት በግምት 0.55 ቶን የሚያህሉ የካርቦንዳይኦክሳይድ ኬሚካልን በቀጥታ ያወጣል፡፡ ይህም የዚህ ምርት ውህዶች ሆኖ የሚወጣ ሲሆን ስለዚህ ደግሞ ተጨማሪ የ0.40  ቶን ካርቦንዳይኦክሳይድ ምርት ለማምረት የካርቦን ምርት ያለውን ነዳጅ መቀላቀል ያስፈልጋል፡፡ ይህንንም የስራውን ሂደት ብቃት  በማግኘት እና ቆሻሻዎችን እንደ ነዳጅ በመጠቀም መቀነስ ይቻላል፡፡ ይሁን እንጂ በአጠቃላይ 1 ቶን የፖርትላንድ ሲሚንቶ ከ0.8 እስከ 1.0 ቶን ካርቦንዳይኦክሳይድ የሚለቅ ይሆናል፡፡

የፖርትላንድ ሲሚንቶ ኢንዱስትሪ የሕግ ተቋማትን በማግባባት  በስሙ  የሚከራከሩ ሲሆን ይህም የሚለቁት የካርቦንዳይኦክሳይድ ልቀት ቁጥር ከካልሺየም ካርቦኔት ብስባሴ ጋር  የተገናኘውን ክፍል የማያካትት ሲሆን  ነገር  ግን በውህደቱ  ልቀት ላይ ብቻ ትኩረት የሚያደርጉ መሆኑን  ይናገራሉ፡፡ ኒው ሳይንቲስት  በተባለ ሳይንሳዊ መጽሔት ውስጥ የተፃፈው የ1997  አንቀጽ  እንዲህ ይላል …ከሲሚንቶ  ማምረቻ  የሚለኩ የካርቦንዳይኦክሳይድ ልቀት ግምቶች በቀድሞ ምንጭ (የነዳጅ ቅልቅል) ላይ ብቻ ትኩረት ያደረጉ ናቸው፡፡ በመንግስታት መካከል  የተደረገው እና በአየር  ንብረት ለውጥ ላይ የተካሄደው የዩኤን ፓነል ውይይት አጠቃላይ ኢንዱስትሪው  የሚለውቀው የካርቦንዳይኦክሳይድ መጠን 2.4 በመቶ መሆኑን እንዲሁም በታናሴ የኦክሪጅ ብሔራዊ ላብራቶሪ  ውስጥ የተገኘው የካርቦንዳይኦክሳይድ መረጃ ትንተና ማዕከሉ መጠን 2.6 ካርቦንዳይኦክሳይድ መሆኑን ይገልፃል፡፡ አሁን የጂኦፖሊመር ሲሚንቶ ተቋሙ ጆሴፍ ዶቪዶቪትስ   ለመጀመሪያ ጊዜ በሁለቱም ምንጮች ምልክታዎችን አድርጓል፡፡ እርሱም  እንዳሰላው ከሆነ በአመት የሚመረተው 1.4  ቢሊየን ቶን የአለም ኤለመንት አሁን  ያለው የካርቦንዳይኦክሳይድ ልቀት /በአለም/ 7 በመቶ ያህል ያመርታል፡፡ ይህም በሚከተለው መንገድ ተጠቃልሏል፡፡

በአለት ላይ የተመሰረተ የጂኦፖሊመር ሲሚንቶ አመራረት የሚያካትተው፡

የብረት ማቅለጫ ዝቃጭ መኖሩ  ያለ ክፍል ቴምፕሬቸር ለማጠንከር እና የመካኒካል  ጥንካሬውን ለመጨመር ይረዳል፡፡

በዩኤስ የፖርትላንድ ሲሚንቶ ማህበር (2006) መሰረት ለፖርትላንድ ሲሚንቶ የሚያስፈልገን  የሀይል መጠን በአማካይ 4700  ኤምጄ/ቶን ነው፡፡ በአለት  ላይ የተመሰረተው የጂኦፖሊመር ሲሚንቶ ስሌት በሚከተሉት ልኬቶች ላይ ተመስርቶ የተሰራ ነው፡፡

በጣም ተመራጭ በሆነው ሁኔታ - በተረፈ ምርትነት መልክ የሚገኝ ዝቃጭ - በአለት ላይ የተመሰረተውን የፖሊመር ሲሚንቶ ማምረት ከፖርትላንድ ሲሚንቶ ጋር ሲነፃፀር የሚያስፈልገው የሀይል መጠን 59 በመቶ ይቀንሳል፡፡ ዝቅተኛ ተመራጭነት ባለው ሁኔታ ደግሞ የዝቃጭ  ማምረቻው - ቅነሳው 43 በመቶ ይደርሳል፡፡

በማምረት ወቅት  የሚኖር  የካርቦን ልቀት መጠን 

በጣም ተመራጭ በሆነው ሁኔታ - በተረፈ ምርትነት መልክ የሚገኝ ዝቃጭ - በአለት ላይ የተመሰረተውን የፖሊመር ሲሚንቶ ማምረት ከፖርትላንድ ሲሚንቶ ጋር ሲነፃፀር የሚያስፈልገው የሀይል መጠን 80 በመቶ ይቀንሳል፡፡ ዝቅተኛ ተመራጭነት ባለው ሁኔታ ደግሞ የዝቃጭ  ማምረቻው - ቅነሳው 70 በመቶ ይደርሳል፡፡

በብናኝ አፈር ላይ የተመሰረቱ ደረጃ ኤፍ የሆኑ ሲሚንቶዎች 

Tምንም አይነት ተጨማሪ ሙቀት  አያስፈልጋቸውም፡፡  ስለዚህም  ስሌቱ ቀላል  ነው፡፡ ይህም በብናኝ አፈር ላይ ለተመሰረተው የአንድ ቶን ሲሚንቶ የሚለቀው የካርቦንዳይኦክሳይድ መጠን ከ0.09 እስከ 0.25 ቶን ሲሆን ይህም  ማለት የካርቦንዳይኦክሳይድ ልቀቱን ከ75  እስከ 90 በመቶ  በሚያክል መቶን ይቀንሳል  ማለት  ነው፡፡ 

ይህንን ይመልከቱ

በሰኔ 2/2012 እ.ኤ.አ ኤኤስቲኤም ኢንተርናሽናል የተባለው ተቋም (የቀድሞው የአሜሪካ የምርመራ እና የአፈር፣ ኤኤስቲኤም ማህበር) በጂኦፖሊመር መያዣ ሲስተሞች ላይ ሲምፖዚየም አዘጋጅቶ  ነበር የሲምፖዚየሙ መግቢያ እንዲህ ይላል፡
ለፖርትላንድ ሲሚንቶ የአፈፃፀም ማብራሪያዎች ሲፃፉ ፖርትላንድ ያልሆኑ መያዣዎች የሚታወቁ አልነበሩም፡፡ እንደ  ጂኦፖሊመሮች የመሳሰሉ አዳዲስ መያዣዎች በከፍተኛ ደረጃ ምርምር ተካሂዶባቸው እንደ ልዩ ምርቶች በገበያ ላይ ውሎ በመዋቅራዊ አርማታ ላይ አገልግሎት ላይ ውሏል፡፡ ይህ ሲምፖዚየም የኤኤስቲኤም ተቋም ያሉትን የሲሚንቶ ደረጃዎች  አቅርቦት ከግምት እንዲያስገባ ይህም በአንዱ መንገድ ተጨማሪ  የጂኦፖሊመር መያዣዎችን ለማግኘት ውጤታማ ስራ እንዲሰራ እንዲሁም በሌላ መንገድ እነዚህን ምርቶች ለሚጠቀሙ አካላት አስተማማኝ ጥበቃ ለማቅረብ እድል እንዲሰጠው ታስቦ  የተካሄደ ነው፡፡ 
ያሉት የፖርትላንድ ሲሚንቶ ደረጃዎች ከጂኦፖሊመር ሲሚንቶ ጋር የሚሄዱ አይደሉም፡፡ በልዩ ኮሚቴ ሊፈጠሩ ይገባል፡፡ ነገር ግን ይህንን ለማድረግ ደረጃቸውን የጠበቁ የጂኦፖሊመር ሲሚንቶዎች መገኘት አለባቸው፡፡ በአሁኑ ጊዜ እያንዳንዱ ባለሙያ በሀገር ውስጥ ሕግ ላይ በመመስረት የራሱን አሰራር ዘዴ ማቅረብ ያለበት ሲሆን ይህም በምርቶቹ (ቆሻሻዎች፣ ተረፈ ምርቶች ወይም የተጣሉ ምርቶች)  ላይ በመመስረት ነው፡፡ ትክክለኛ የጂኦፖሊመር ሲንቶን ምድብ ለመምረጥ የሚያስፈልግ ነገር አለ የ2012  የጂኦፖሊመር ስቴት ጥናትና ምርምር ሁለት ስሞቻቸው ከዚህ በታች  የተጠቀሱ  ምድቦችን እንደ ሀሳብ አቅርበዋል፡፡ 




#Article 301: Godina Gujii Dhihaa (100 words)


Godinni Gujii Dhihaa (yookaan Godina Gujii Lixaa) Godinoota naannoo Oromiyaa keessaa isa tokko dha.
Godinnichi bara 2009 Aanaalee 9 fi magaalota 2 godinoota laman Godina Gujii fi Godina Booranaa irraa walitti makamaniin  kan hundeeffameedha. Godinni Gujii Lixaa magaloota sadarkaa addaa addaa irra jiran 24 fi gandootaa baadiyyaa 166 kan qabu yommuu ta’u kana keessa gandi  133 qonnaan bulaa 33 immoo Gandota Horsiisee Bulaa dha. Godinnichi Kallattii Bahaan Godina  Gujii, dhihaan(lixaan) Mootummaa Ummattoota Kibbaa Godina saganii, kaabaan  mootummaa naannoo Ummattoota kibbaa  Godina Gedi’oo fi naannoo Sidaamaa,  kibbaan immoo  Godina Booranaatiin Daangeeffamee. Magallii Guddoon  Godinnicha Bulee Horaan  finfinnee  irraa 467km fagaattee  argamti.




#Article 302: Seenaa Oromoo (709 words)


Oromoon seenaa isa afoola fayyadamuun wali dabarsaa ture.

 agarsiisu
Akka seenaan ibsutti, ummanni Oromoo bulchiinsaaf Sirna Gadaa fayyadamaa ture. Oromoon mootummoota ofbulchan muraasas qaba, kanas ummata Sidaamaa wajjin qooddata. Kana keessaa mootummoota naannoo Gibee ta'an Geeraa, Gommaa, Garo, Gummaa, Jimmaa fi Limmuu-Inaariyaa, fi akkasumas mootummaa Jireeni.  

Akka seenaan dubbatutti, walmorkiin karaa nagaa fi waraanaa ummata Oromoo fi sabootaa ollaa kan akka Amaaraa, Sidaamaa fi Sumaalee wajjin ture siyaasa hawaasa Oromoorratti dhiibbaa fide. Goddansi Oromoonni akka Yajuu gara kaabatti godhan, fi keessumattuu Oromoon Arsii gara lafa saba Sumaalee fi Sidaamaatti godhan baballiinsa Amaarri gara kibbaatti godhe wajjin wal fakkaata, fi siyaasa sanyii Itoophiyaa kan harraa kana boce. Akkasumas, baballinni guddaan Sumaalee lafa diriiraa Ogaadeniirraa gara dhihaatti gara laga Jubaatti godhame Oromoo wajjiniin walitti bu'iinsa fide. Iddoo tokko tokkotti, Oromoonii fi Sumaalen qabeenya uummamaa fi lafa gabbata irratti walitti bu'aa turan. Dabalataan, Oromoonni Bahaa, kan Islaamummaa fudhatanii turan, warra Sumaalee fi Affaar wajjin qaama Sulxaana Adaal kan Islaamaa hordofuu turan. Sulxaanni Adaal hooggana Imaam Ahimad Ibin Ibraahim Al-Gaazii jalatti Impaayera Abisiiniyaa kan Kiristaana ture qabachuuf duule ture.   

Qorataan seenaa Riichaardi Paankirasti odoo humnoonni Yuurooppi hin dhufinii fi mootummaan Itoophiyaa hin hundaa'in dura, naannon amma Itoophiyaa, Eertiraa fi Somaaliyaa jedhamu kana:  

Tuuta mootummootaa fi bulchiinsotaa qabata, tokkoon tokkoonsaanii ofumasaaanii kan socho'an turan, garummoo warra kaani dhiibbessaa fi warra kaanin dhiibbeffamaa turan. Bulchaan tokko bulchaa biyya biraa of eeggannoodhan ilaala garummoo yeroo baayyee kennaa fi dhaamsaa garii wal jijjiiru, tarii yoo wal waraanaa jiraatan malee. Sanyiin warra mootii karaa fuudhaa walitti hidhuun baramaadha, garuu yeroo baayyee daangaa amantii hin cabsuu. Karaa biraa, daldalli, garaagarummaa amantii ilaalcha keessa kan galche miti, karaan daldalaa mootummoota amantii aadaa, kiristaana, fi Islaama hordofan walitti hidha. Hawaasni fi sabni afaan mataasaa dubbatu baayyinaan warra kaanirraa adda ta'eetu jiraata, garuu aadaa walirraa dhaalun ni jira. Kunis qarqara Galaana Diimaa fi Gaarren Itoophiyaa keessatti qofa odoo hin taane, gara kibbaa daangaa Sumaalee fi Oromoo dabalata; achittis kara-deemtonni dhuma jaarraa 19ffaa keessa garas deeman hawaasa daldalu kan afaan baayyee dubbatu arganiiru. 
  

Wagga kurnan jalqabaa jaarraa 19ffaa keessaa, mootummaan Oromoo sadi'i Inaariyaa, Gommaa fi Gumaan cimanii dhufan. Naannoon kun walumatti lafa-Oromoo jedhamee yoo beekkamu lafa walakeessaa fi kibba Itoophiyaa qabata, kunis yeroo amma lafa sabni Oromoo hin taane irra jiraatu of keessatti qabata. Gumaachi Oromoo Itoophiyaa hundeessuu keessatti yoo ilaallame, Goobana Daaccii waraana geggeessudhaan mootummoota bilisummaan jiraachaa turan Itoophiyaa jalatti galcheera. Goobanaan Minilik jala galuudhan mootummoota Oromoo baayyee cabsee Itoophiyaa jalatti galche. Sababa kanaafis Oromoonnii Goobanaa akka gantuutti ilaalu. Itoophiyaan har'aa odoo hin hundaa'in dura daldallii naannoo, karaa dheeraa fi daangaa qaxxaamuru Itoophiyaa har'aa, Eertiraa fi kutaan Somaaliyaa walitti hidhee ture. Karaan daldalaa kun Boongaa, Jimma, Saqqaa, Asandaaboo, Goojjam, Bageemidir, Maramma, Misuwwaa, Sooddo, Shawaa, Harar, Zaayilaa fi Baarbaraa walitti qabsiisa ture.   

Bara 1973tti, Oromoon Itoophiyaa keessatti hacuuccamuunsaanii waan daangaa dhabeef ABO hundeessan; ABOnis naannoo Oromiyaa keessatti ummata sochoosuu jalqabe. Baruma kana Itoophiyaa keessa beela hamaa kan ummataa nuusa miliyoonatii ol ta'u fixetu dhufe; kanarrattis mootummaan Hayila Sillaasee tarkanfii fudhatee gargaarsi akka rabsamu eeyyamuufillee yeroo dheeraa itti fudhate. Namoonni beelan dhuman baayyensaanii Oromootaa fi Amaarotaa Walloo, Affaarii fi Tigroota turan. Bara 1974 Finfinnee keessa hiriira nagaa fi fincila hojii dhaabuutu jira ture; baruma kana Gurraandhala keessa mootummaan Hayila Sillaasee kufee Dargiin aangoo qabate; garuu ammas kaawonsiliin kun Amaaradhaan kan guuttame ture, namoota miseensa kaawonsilii kanaa 125 keessa 25 qofatu Amaara miti. Bara 1975 mootummaan lafti baadiyyaa hundi kan mootummaa akka ta'e labse, sirna abbaa lafaas balleesse. Garuu, bu'aan kunis qonnaa waliinii kan dirqamaa, qonnaa mootummaa fi sagantaa ummata dirqamaan qubsiisuurraan kan ka'e galmaa gaa'uu dide. 

Mudde 2009tti, gabaasni fuula 96 qabu kan Human Rights in Ethiopia: Through the Eyes of the Oromo Diaspora jedhamu kan Advocates for Human Rights jedhamuun qophaa'e sarbama mirga dhala namaa ummata Oromoo mootummoota Itoophiyaa sadan darban: Impaayera Abisiiniyaa kan Hayila Sillaaseen bulchaa ture, sirna Maarkisistii kan hordofu Dargii fi kan har'a Itoophiyaa bulchaa jiru ADWUI kan ABUT(Adda Bilisummaa Ummata Tigraayin) hoogganamu, jalatti irra ga'e gabaasa. ABUT miseensota ABO tilmaaman 20,000 ta'u kan hidhan yoo ta'u hoggantoota ABO hunda biyyaa ari'aniiru, ABOn Itoophiyaa keessatti akka dhaaba siyaasaatti akka hin sochoone godhaniiru. 

Akka Biiroo Mootummoota Gamtoomanii Komishinera Olaanaa Mirga Namaatti, Oromia Support Group (OSG) bara 2005 hanga Hagayya 2008tti Oromoonni 594 odoo gara mana murtiitti hin geeffamin humnoota nageenyaa mootummaa Itoophiyaatin ajjeeffamaniiru, 43 ammoo mana hidhaa erga galanii booda dhabamaniiru. 




#Article 303: Sheekkoo (153 words)


Sheekkoon (; Sheeko Sheekkoo) gosa afoolaa keessaa tokko ta’ee falaasama bifa seenaan dubbii bineensotaa, meeshaa fi namaan safuu, naamuusaa fi wajjiin jireenya ijoollee kan ittiin barsiisaniidha. Sheekkoo abshaalummaa fi doofummaa, jaalalaa fi jibba, dabeessaa fi goota walbira qabanii ka gaarii ta’e ijoolleen addaan baaftee akka barattuuf gargaara. 

Manguddoon sheekkoo kalaqanii  ijoollee ittiin gorsu. Dabalataan ummatni Oromoo qorumsaa fi ilaalcha addunyaa kanaaf qabu kan ittin ibsatuudha. Akkasuma waan ifatti dubbachuun hin danda’amne fi dhorkame karaa dubbate dhimma itti ba'uudha.

Sheekkoo durdurii, sheekkoo ibsaa, sheekkoo seeneessaa fi sheekkoo bineensotaa jedhamuun sheekkoon bakka gurguddoo afuri qoodama. Sheekkoo durduriin gootummaa fi ilaalcha bara dheeeraa dura waan ture kan ittiin himamuudha. Sheekkoon kun dur duri ykn bara duri jedheet eegala. Sheekkoo ibsaan aadaa, amantaa, falaasama fi haalaa jireenya uummata sanaa ibsuudhaf kan itti fayyadamnuudha. Sheekkoo seenessaan namootaa fi gochoota bebbeekkamoo turan maqaa dhahuun kan akka asoosamaatti seeneessuudha. Sheekkoon bineensotaa immoo fakkii horii fi bineensota taatoota godhachuun kan dubbatamuudha.




#Article 304: Sheekkoo Leencaa fi Dhala Namaa (299 words)


Bara durii leenci tokko osoo bosona keessa deemuu daa’ima saamtonni haadhaafi abbaa irraa ajjeesan tokko argatee gara mana jireenyaasaatti fudhatee gale. Sana booda lafeedhuma ofii nyaatuufi lafeefi waan dhugamu obaasee guddise. Mucaan sun erga guddatee booda dhala namaatti maxxanuu jalqabe.

Adeemsuma kanaan namoota wajjin yaada waljijjiiruu jalqabe. Achumaan, “Silaa ati ilmoo namaati, akkamitti bineensa bosonaa waliin jiraachuu dandeesse?” jedhanii gaafannaan anaaf abbaa kooti; reeffa abbaa koofi haadha koo jidduudhaa kaasee na fudhatee galee kan naguddise, abbaan koo kanan akka lubbuu kootti jaaladhu isuma. Kanaafuu, anis gara abbaa koottan galaa isinis nagaan naa bulaa jedheenii gara mana ‘abbaasaatti’ gale.

Mucichi guyyaa sana yaa galuu malee hanguma namaan walargu waa’ee leenca wajjin jiraachuusaarratti gaafiin dhiyaataaf. Deebiinsaas sanuma ta’ee osoo jiruu guyyaa tokko galgala warri ati yeroo hunda gara abbaa koottan gala jettee leencuma kana wajjin jiraachuuf deemta. Hanga ammaatti waan badaa tokkllee irratti argitee hinbeektuu? jedhanii gaafannaan waan gaaffiinsaanii itti baay’ateef deebii tokko kennuuf dirqame. Kunis fedhii namootaa guutuudhaaf jecha, yeroo na hammatee rafu bobaansaa natti xiraaya malee waan badaa tokkoyyuu irratti argee hinbeeku jedheenii; jedhaa nagaan bulaa, ani nan galaa jedhee biraa bahe.
Yeroo sanatti alli waan dukkanaa’eef namni hinargu, leencichi mana jala dhaabbatee dhageeffachaa ture. Erga mucichi bahee booda dura kaatee manatti galee eege. Erga mucaan galee, “Maal ilma koo eessa turtee dhufte? jedhee gaafate.

Mucaanis, “Asumaa osoon sanyii mukaa funaannadhuu natti galgalaaye,” jedheen. Achumaan, leencichis bakka mucaan ture waan beekuuf akkasumas waan inni jedhe hundumaa waan dhagaheef aaree eeboo manaa qabu fuudhee, “hoodhu na waraani!” jedhee mucaatti kenne. Achumaan mucaanis reeffa haadhaafi abbaa kootii gidduudhaa na kaastee naguddiftee ammaan na geessee. Aani ofan waraana malee akkamittan si waraana? jedheenii deebiseef. Achumaan mucaanis ajaja dirqamaa waan itti ta’eef, leencicha waraane. Leencichis erga waraanamee booda erga na waraantee hanga madaan koo fayyutti, wanta argatte mara natti funaanii na wal’aani jedheen.




#Article 305: Sheekkoo Qocaa fi Sinbirrootaa (112 words)


Guyyaa tokko qocaan beela’ee osoo karaa deemuu sinbirroota waamicha dhaquuf qophaa’anitti dhufe. Innis sinbirrootaa eessa deemaa jirtu? jedheen. Isaanis bakka dhaquuf jedhan ittihiman. Qocaanis maal ta’aree yoo na fudhattanii deemtan jedheen. Rakkoo hinqabu. Koochoo tokko tokko siif kenninee nu waliin deemta jedhanii akkuma jedhan kennaniifii osoo balali’aa jiranii maqaan kee eenyu jedhanii gaafatan. Innis maqaan koo ‘hunduma keessanii’ jedhee deebisef.

Erga bakka waamichaa gahanii booda ani waanan dubbii beekuuf isiniifin dubbadha jedheenii tole jedhaniin. Innis erga dubbatee booda dhangaan kun eenyuuf qophaa’e? jedhee gaafate. Isaanis hunduma keessaniif jennaan qocaanis dhageessanii maqaan koos hunduma keessanii. Dhangaan kun kan qophaa’e hunduma keessaniif waan ta’eef dhangaan kun anaaf qophaa’e jedhee sinbirroota irraa ari’atee qofaasaa nyaate.




#Article 306: Sheekkoo Gooftaa Jaldoo (Chaaynaa) (220 words)


Kutaa Chaaynaa tan Chuu jedhaniin takka keessatti manguddoo jaldeeyyii tiksuun jiraatu tokkotu ture. Manguddoon
kun fudraalee jaldeeyyiin sun bakka adda addaatirraa funaananii fidaniif nyaachuudhaan jiraata. Ummanni biyyaa
manguddoo saniin akka afaan biyyaatti, (Goofta Jaldo) jechuudhaan yaamaan. Hoggayyuu ganama
ganama jaldeeyyii san mooraa keessatti walitti qaba. Jaldeessa isa bulessa tahe keessaa filee ajajuudhaan warra hafe
hogganee gaara dhaqanii akka fudraalee finaananii fidan bobbaasa. Jaldeeyyiin hundi matamatatti fudraalee
guuranirraa dhibbeentaa kudhan jaarsa saniif fiduu amalfataniiru. Jaldeessi kana gochuu dadhabe ni reebama.
Kanaafuu jaldeeyyiin baay'een seera kana guutuu dadhabanii yeroo hedduu manguddoo saniin hiraarfamu. Haatahu
malee, tokkoon isaaniituu mormuudhaaf huxuchanii hin beekan.

Gaaf tokko garuu jaldeessi xiqqaan tokko, Ofii mukkeen fudraa san kan dhaabeefi kan kunuunse jaarsichuma nu
ergatu kanaa? jechuun warra kaan gaafate. Lakkii, inni hin dhaabne, mukkeen sun kan biqilanii guddatan
uumamumaani. jechuun deebisaniif hiriyoonni isaa. Ee hama! jaarsa kanaa malee mukkeen sanirraa fudraa
guurrachuu hin dandeenyuu? jedhee deebisee gaafate xiqqaan sun. Ni dandeenya jedhaniin. Jaldeessi xiqqaan
gaaffii isaa itti fufuun, Duuba maaliif harka jaarsa kanaa keessatti kufne? Maaliif isa tajaajiluuf dirqamne?...
jechuun osoo gaaffii isaa hin xumurin jaldeeyyii maraafuu dubbiin galteef.

Guyyuma kana halkan hoggaa jaarsi irribni isa fudhate jaldeeyyiin hundinuu mooraa itti hidhamanii
jiraataniifi karaa gara san geessu diigan. Itti fufuunis fudraalee armaandura isaanirraa sassaabee walitti kuuffatee
qabu hunda guurratanii fudhachuudhaan gaaratti galan. Lamuu manguddicha sanitti as hin deebine.




#Article 307: Sheekkoo duula andaaqqoo, hantuuta, bofa, ruumicha fi leencaa (384 words)


Yeroo tokko, andaaqqoo, hantuuta, bofa, ruumicha fi leenca ta’anii gamtaadhaan duula deemuuf waliin mari’atan. Kaayyoon duula kanaas deemanii loon hatuuf ture. Amma deemanii deemanii bakkee dhaquu barbaadanitti yogguu dhiyaatan, dhaabbatanii (ejjetanii) akkamitti akka loon hatan waliin haasa’uu fi hojiis addaan qoqqooddachuuf karoora baafatan. Kana keessatti kan karoora baastu andaaqqoo turte. Andaaqittiinis akkana jettee karoora ibsiti:

Leencaan – yeroo mooraa loonii bira geenyu, ati nu caalaa humna cimaa waan qabduuf, akka karra ykn balbala bantu jettiin.

Bofaan – yeroo leenci karra banu, ati ammoo suuta jedhiitii looyii mooraa seenii; yoo karri banamu loon garafiitii akka bahan godhi jettiin.

Rumichaan – atis bofa wajjin gara mooraa seeniitii yeroo karri banamu laboobbaa (wing) kee waliin rukutuudhaan akka loon dammaqanii mooraa keessaa bayan godhi jettiin

Yeroo karoorri kun hojiirra oolu andaaqqoo fi hantuunni ala dhaabbatanii hojii kana hordofaa turan jechuu dha.

Haala kanaan loon mooraa keessaa yaasanii fudhatanii ykn oofanii otuu deemaa jiranuu, andaaqqoon mala biraa yaaduu jalqabde. Amma bofa ofitti yaamtee akkana jettiin: Yaa boofa rakkoo tokko qabna; leenci guddaa fi humna cimaa qabu kun, waa hundaanuu nu caala; kana malees kan karra bane loon akka bayan godhe isa waan ta’eef, booda nu hin nyaachisu waan tokko godhuu qabna jettiin. Bofnis maal goonuree? jedhaan. Akki gootu, yoo leenci dadhabee ciisee mugu ykn rafu suuta jedhiitii jala seeniitii summii keetiin iddii ajjeesi jettiin. Boftis akkuma itti himametti hojii isaa raawwatee, leenca sodaatamu akkanatti ofirraa ajjeesan.

Ammas xiqqoo turtee andaaqittiin mala (shira) ishii ittifufuudhaan; rumicha ofitti yaamtee akkana jettiin: Waan tokkon sitti himaa dhagayi; akkuma beekamu bofni hamaa dha; summii isaatiin nu fixuu danda’a. Kunoo leencaa ajjeesee jira; amma nutti garagalee, ani leenca jabaa sanaa ajjeesee; isinis fixuu nan danda’a jechun isaa waan hin oolleef, otuu hin dhumin dursuu qabna jettiin. Rumichis maal godhuree? jedhee gaafata. Yeroo kana andaaqqoon akkana jettiin: Yeroo bofti ofmaree ciisu, suuta jedhiitii mataa isaa tumiitii ajjeesi jettiin. Rumichis hojii isaaf kenname raawwate. Bofnis haala kanaa du’e.

Haati malaa (shiraa) andaaqqoon, amma ammoo hantuuta ofitti yaamuudhaan; akkanatti gorsiti: Yaaboo hantuuta, akkuma beektu rumichi duruu diina keeti; amma siriidhaa bofa leenca ajjeese sanaayuu  waan ajjeeseef, nuti isaaf salphaa dha; dafnee mala barbaaduu qabna jettiin. Maal wayyaree? jedhee gaafata. Akki gootu, yoo qilleensi qorruu (diilallaayuu) jalqabu, natti qorree maaloo si jalan seena jedhii kadhadhuutii; yoo inni ofjala si seessisu, laboobbaa isaa irraa cicciriitii hojii ala taasisi jettiin.




#Article 308: Sheekkoo warra badoo (520 words)


Dubartoota lama kan obboleettii ta’an turan; takka gowwaa kan biraa gamna. Isaan lamaanuu dhiira lama (partners) argatu. Dhiirota lamaan kana keessaa’iys inni tokko gamna yoo ta’u, kan biraa ammoo gowwaa dha. Inni gamnichi intala gamna, gowwichis intala gowwaa fuudhu; walitti heerumu jechuu dha. Yeroo kana hunduu mana ba’anii, mana kophaa kophaa ofii qabatu. Otuma akkanatti jiraatanuu, intalli gowwittiin ulfooftee mucaa tokko deessi. Amma namtich gowwichi (dhirsi intala gowwittii) gara mana warra gamnootaa deemee, obboleettii niitii isaatti gammachuu kana hima. Yeroo kana intalli gamnittiin akkana jettiin, “Baga gammaddan, baga ilma argattan, ilma loon isiniif eegu (tkisu) argattanii, amma akka ka’ee bobba’u godhaa” jettee itti qoosti.

Gowwichis amma manatti deebi’ee, niitii isaatiin akkana jedha, “Hayyoon ilma loon isiniif eegu ykn tiksu argattanii; akka inni bobba’u godhaa jettee; ka’ii waan nyaatamu kenniif mucaan haa bobba’uu” jedhaan. Kana dhageenyaan niitii gowwittiin mucaa fuuldura buddeena (biddeena) gootee, “nyaadhutii ni bobbaataa!” jettiin mucaa dhaan. Mucaa sabiyyiin amma dhalate biddeena nyaachuu waan hin dandeenyeef, ajaja kana otuu hojii dhaan hin agarsiisin hafa. Ammas namtich gowwichi (abbaan mucaa) ka’ee warra gamnoota bira deemee, akkana jedhaan, “Ayyaaoo, mucaan waan kennameef nyaachuu dide” jedhaan. Yeroo kana gamnittiin ammas qoosaa dhaan “Bobba’uu diduuf nyaachuu dida; harka isaa eegee sa’aatti hidhaatii akka loon wajjin bobba’u godhaa” jettiin. Gowwichi kana dhaga’ee, gara mana isaatti deebi’ee, niitii isaa gowwaa dhaan “Erga nyaachuu dide, bobba’uu diduufii; harka isaa eegee sa’aatti hidhaa jette; ka’i akkas goonaa” jedheenii mucaa fuudhanii eegee sa’aatti hidhanii akka inni bobba’u godhan.

Galgala yeroo loon galan, saanis mucaa asii fi achi daddarbaa oolee qaama isaa kukkutee, harka mucaa tokko qofaa fidee gala (akka itti hidametti jechuu dha). Amma dhirsii fi niitii gowwaan (warri mucaa) “uu’uu, uu’uu,…” jechaa iyyuu fi booyuu jalqabu. Achumaanis yeroo kana isaan lamaanuu wal qabatanii, iyyaa fi booyaa, gara mana warra gamnootaa deemu. Yeroo achi ga’anii badii kana isaanitti odeessan, niitii gamnittiin (obboleettiin gowwittii fi adaadaan mucaa) akamalee rifachuu fi gadduu dhaan “Baddanii badaa yaa warra badoo!!” jechaa ishiinis iyyuu fi booyuu jalqabdi. Amma akka dur qoosaaf otuu hin taane, rifaatuu dhaan kana dubbatte.

Gowwootnis (dhirsaa fi niitii gowwaan) “Aayyoon baddanii badaa nuun jettee, gara mana keenyaatitti deebinee, galaa qopheeffannee badnaa!” waliin jedhu. Gara manaattis deebi’anii, galaa qopheeffatu. Galaan isaan qopheeffatan bassoo dha. Erga qophii xumurani, ka’anii baduuf deemu. Bakka itti badan garuu hin beekani. Otuma karaa dheeraa deemaa jiranuu, amma beelli isaanitti dhaga’ama. Waan bassoo kana ittiin tolfatan bishaan barbaaduu jalqabu. Akka tasaa ta’ee garba tokko bira ga’u. Bishaan arganne, asumatti bassoo keenya tolfannee nyaanna jedhanii taa’u; achumaanis boqonnaa fudhachuufi. Amma bassoo sana qunxuranii, qunxuranii bishaanitti darbuu jalqabu. Akkana godhaatuma galaa harkaa qaban hundaa fixan. Waan godhan dhabnaan, namtichi niitii isaatiin “Ka’ii bishaan keessa lixii, bassoo keenya nuuf fidi” jedhaan.

Niitiinis bishaan (garba) keessa lixxee achumatti hafte. “Akkasii edaa!! Na dhokattee nyaachuufi!” jedhee aaree dhagaa (dhakaa) guddaa fuudhee bishaan keessatti darba; niitii isaa dhawuufi. Kunis hin oolle; niitii mataa ishii dhayee buruqsa (madeessa). Yeroo kana dhiigni ol dhufee bishaan baddaatti mul’ata. “Akkasii, siriidhaa barbarree itti gooteeti kophaa nyaattii?!” jedhee aaraan bishaan (garba) keessatti utaala. Bakkee’uma niitiin isaa haftetti innis hafa. Hundi isaaniituu mucaas galaafatanii ofiifis badanii hafan jedhama. Kanaaf, “baddanii badaa yaa warra badoo” jedhamee akka taphaatti haasa’amas.




#Article 309: Faaruu (159 words)


Loon wayyaa
Loon wayyaa
Dibatan miidhaagsoo
Dhugan qabbaneessoo
   Yoo jiranis loonii
   Yoo du’anis foonii
   Dhugumaa loon wayyaa! ( 2 X)
   Ishoo! ...
Eessa kee gaturee
Yaa loonii,
Ittiin sii kooru malee,
Faayidaarra si oolchu malee

Ururuu yaa mucayyoo
Mucayyoo yaa  xinnayyoo
Atis ni taata namaa
Sirraa haa qabu hamaa
Afaan kee haa ta’u dammaa
Ururuu  yaa mucayyoo
Aannaan feetu dhugi
Qoraasee siinaqeera
Irriba jettu rafii
Haxaayee si afeera
Haati kees ni gammaddee
Erga mucaa argattee
Waaqni si haa guddisuu
Inni hunda mul’isuu
Inni xinnaa    guddisuu
Inni duudaa dubbisuu
Inni qallaa furdisuu
Ururuu jennaan  rafi
Ka’i jennaan dammaqi

Ashaakiltii baala nyaatuu
Naa ergi baala waleensuu
Magaaltittii nyaara kuullee
Naa ergi waan na jabeessuu
   Muree mureen mana ijaaraa
   Yoo Sokorruun mana taatee
   Dhufee dhufeen si ilaalaa

Yaa sinaara moggaadha (2x)
Nagaan olchii nugaalchii
Yaa ayyaana waggaadha.
Mee sinaara calleechi (2x)
   Adbaarii yaa ulfoo too
   Mee safuu nuu qajeelchii
   Adaamii yaa kurfoo too (2x)
   Bobaa kee jala seene
   Adbaarii yaa ulfoo too




#Article 310: Eebba Waaqeffannaa (147 words)


Eebba Waaqeffannaa eebba maqaa Waaqa jajachuun eegalun akka Waaqni hawwii  isaanii  guutu  kan waqtiilee adda addaatti gaggeeffamuudha. Eebbi kunis ganamaa fi galgala, nyaata duraa fi nyaata booda, hiree fi carraa, gammachuu fi gadda irratti dhihaata. Sababni eebba taasifamuufis wanta hamaarraa of eeguuf, carraa gaarii qunnamuuf ykn galma  gahuufi.

Waaqeffannaa  keessatti  eebbi  iddoo guddaa  qaba. Waaqeffataan eebban hammachiisaafi magnfannaa itti raawwata. Qaalluunis eebban Waaqeffattoota galma keessatti gaggeessa. Akka   Waaqeffannaatti Waaqni  waan  hunda  kan  uumuu  eegale  eebbaan ture;  erga uumees   booda   eebbaan xumure. Wanti cufti eebbaan jalqabama; eebbaanis goolabama.

Eebbi Waaqeffannaa waan  lama  of keessaa  qaba. Tokko  beeliidha.  Beelii jechuun  jalqaba  waan  hundaati. Akka  kanaan  eebba  jechuun  harka  hiikkannaa  ykn  jalqaba  waan  milkii tolfachuufi qajeelchuudha. Waanti hojjatamuuf ykn dalagamuuf jedhu akka toluuf dursa eebbifatan. Kan biraa Belel jedhama. Belel jechuun dhuma waan hundaati. Yeroo  kana  waanti  yaadan  milkaa'uu  ykn  toluu  isaatiif  kan eebbifatanii galateeffatanidha.

Eebbi yeroo adda addaatti taasifama. 




#Article 311: Tarree Eebba Oromoo (960 words)


Eebba lataa Oromoo fi eebba waqtiilee adda addaatti godhaman muraasni armaan gadi tarreeffaman. 

Waaqa gurraacha
Gurraacha garaa garbaa
Leemuu garaa taliilaa
Tokkicha maqaa dhibbaa
Waaqa Bokkuu gurraachaa
Waaqa Ciicoo gurraattii
Waaqa uumee Walaabuu
Waaqa sagaltama gabraa
Waaqa salgan Booranaa
Waaqa torban Baarentumaa
Waaqa Caffee tumaa
Waaqa shanan Gadaa Oromoo!
Nagaan nu oolchitee, nagaan nu bulchi
Irraa gora nu oolchi
Dogoggora nu oolchi
Daafii sababii nu oolchi
Hamaa nurraa qabi, tolaa nutti qabi
Uumaan si kadhannaa, nuu dhagahi
Xiqqaa nuuf guddisi, guddaa nuuf bulchi
Wallaalaa nuu beeksisi, beekaa keenya nuuf bulchi
Alaa mana nu tiksi
Bakka nu wallaalle Waaqa ati itti guuti!
Barri Roobaa nagaa
Gadaan quufaa gabbina
Gabbisi Waaqi!

Hayyee! Hayyee! Hayyee
Waaqa Uumaa, Waaqa Uumamaa
Waaqa Burqaa Walaabuu
Waaqa Sagaltama Garbaa
Waaqa Salgan Booranaa
Waaqa Torban Baarentummaa
Waaqa Ciicoo Gurraattii
Waaqa Caffee Tumaa
Waaqa Shanan Gadaa
Nagaan nu oolchitee
Nagaan nu bulchi
Daafii galtee nu baasi
Irraa gora nu baraari
Dogoggora nu oolchi
Uumaa kadhannaa nuuf haadhaga'uu
Waaqni hamaa nurraa haaqabu
Tolaa nutti haaqabu
Xinnaan haaguddatu
Guddaan haabulu
Wallaalaan haabeeku
Beekaan haabulu
Kormi cirrii haata'u
Rimaan haphee haata'u
Rooba nagaa haaroobu
Qilleensa hamaa nurraa haaqabu
Gadaan roobaa naga'a
Barri quufaa gabbina.
(Gabbisi Waaq!)

Qabattanii aaga qabadhaa
Rafaa abjuu qabaadhaa
Adeemaa milkii qabaadhaa
Miillaan lafa qabadhaa
Harkaan Waaqa qabadhaa
Coqorsa lo’aa ta’aa
Gannaa fi Bona lalisaa
Odaa dagaagaa ta’aa
Gannaa fi Bona garbaabaa
Aannanii fi garaa ta’aa
Dhadhaa fi mataa ta’aa
Akka biiftuu aanga’aa
Akka qorsaa ifaa
Cirracha Abbayyaa ta’aa
Lakkaa’aan isin hin fixin
Madda Walaabuu ta’aa
Waraabaan isin hin fixin
Jalduu Biikkoo ta’aa
Qomaa fi dugdatti baadhaa
Goomattuu fi tolfattuun isin hin danda’in
Bona ongee baraaraamaa
Ganna balaqqee ofkalaa
Hamaa fi hamtuu isin irraa haa qabu
Kumaatama horaa
Kan hortanii wajjin bulaa
Walbira oolaa-bulaa
Safuu waliif qabaadhaa
Eebbi kun eebba gosaatii,
Qabatee isin biraa hin hafin
Dhallaaduu lagarraa tahaa
Baattoo jaldeessaa tahaa
Eessumni gaarii dhalatee gidduu haa marmaaru
Arrii waliin filadhaa
Na hoofkalchaa

Hayyee,Hayyee! Hayyee, Hayyee!
Waaqa uumaa Waaqa uumamaa
Waaqa Burqaa Haroo Walaabuu
Waaqa sagaltama garbaa
Waaqa salgan Booranaa
Waaqa torban Baarentummaa
Waaqa Bokkuu Gurraachaa
Waaqa Ciicoo Gurraattii
Waaqa Caffee Tumaa
Waaqa shanan Gadaa Oromoo
Nagayaan nu olchitee nagayaan nu bulchi
Nagayaan nu bulchitee nagayaan nu olchii
Kan faantii lafaan lolte
kan sammuun Waqaan lolte nurraa qabi
Irraa-gora nu oolchi
Dogoggora nu oolchi,
Hamaa nurraa qabi
Tolaa nutti qabi,
Xiqqaa nuu guddisi 
Guddaa nu muldhisii/bulchi
Waan qabnuun nu bulchi
Rooba nagayaa roobi
Baraa nagayaan nu basii
Gadaan roobaa nagayaa
Barri quufaa gabbina

Ardaan nagaa……….........................................Nagee
Bobbaan nagaa....…….................................….Nagee
Barri nagaa………...............……......................Nagee
Waareen nagaa……….....................................Nagee
Waariin nagaa………...........…….....................Nagee
Reerii nagaa…………….......….....................…Nagee
Dheedi nagaa…………...........…......................Nagee
Yaa’iin nagaa……………...................…...........Nagee
Kuubiin nagaa……...........................................Nagee
Raabi nagaa…………………...........................Nagee
Kuusaa goseen nagaa…….....................…….Nagee
Ijoolleen Kuuchuu nagaa…..............................Nagee
Dirreen nagaa……………...................…...……Nagee
Dirree dirri Liiban nagaa…...............................Nagee
Liiban Golbaa Diidi nagaa…....................…….Nagee
Malbee Golboon nagaa.....…...................…….Nagee
Saakuu waasoon nagaa…...............………….Nagee
Tulaa sallan nagaa………...........Nagee 

Ee…… Ati Waaqi Ardaa
Waaqi Abbaa
Ka Me’ee Bokkoo
Ka Dibbee Dhugoo
Ka Garba Aannoo
Waaqi Gujii Gurraachaa ati nuu dhageyi
Dhageettu nuu Owwaadhu
Ta olii oliitti nu hanqisi
Ta gadii gaditti nu hanqisi
Ta dallaa lamaanii achumatti nu hanqisi
Barri nageya
Bariin nageya
Jaarsi nageya
Jaartiin negeya
Ilmi nageya
Intalti nageya
Ka fuudhu nageya
Ta heerumtu nageyaa
Uchumti nageya
Bobbaan nageya
Tissaa uleen nageyaa
Elemaa gaadin nageya
Ardaan yaa’aa nageya
Me’een Bokkoo nageya
Duddaa daawwaan nageya
Sabbaa Oddoon nageya
Gooroon Doolaa nageya
Gooroon Oromoo teennaa martinuu nageya
Handhurri Oromiyaa Finfinneen nageya.

Abbaa badhaasi abbaa dhaas.. Leel
Taadhii............... ... Leel
Taadhii roobaa...... Leel
Bohaarsa barii....... Leel
Haadha nagayaa... Leel
Biyyii nagaa............ Leel
maatiin nagaa........ Leel
Hoo waqni jee'e hoo waqni jee'e
Horaa bulaa deebanaa

Na oofkalchaa…………………..............................oofkalaa 
Na oofkalchaa…………...……..........................….oofkalaa 
Na oofkalchaa………...………...........................…oofkalaa
Waaq nagaan bullee nagaan nu oolchi ...............nu oolchi
Hamaan gargar nu oolchi ....................................nu oolchi
Irraa gora nu oolchi ..........................................…nu oolchi
Dogoggora nu oolchi............................................nu oolchi 
Citiin sadii citii sadan nu oolchi............................nu oolchi 
Citii waraanaa nu oolchi......................................nu oolchi
Citii waraansaa nu oolchi ...................................nu oolchi 
Kan caamee goggogsu nu oolchi.......................nu oolchi
Kan roobee tortorsu nu oolchi............................nu oolchi 
Walbira oolchii nu bulchi....................................nu bulchi
Waliigaltee nuu kenni……….............................nuu kenni.
Waliigalii nuu toli...............................................nuu toli
Sonii nuu roobi..................................................nuu roobi
Waan rooba keessa jibban nu baasi................nu baasi
Waan caama keessa jibban nu baasi..............nu baasi
Egaa nagaya...................................................nagaya
Barri quufa
Gadaan gabbina gabbisi Waaq!
Kan ati jette tolaadhaa tolaan nu haa ga’u .........haagahu
Bakkalchi bakkee haa ta’u ................................haa ta’u
Bakkeen nagaa haa ta’u ...................................haa ta’u
Qorroon dibdibbee haa ta’u ..............................haa ta’u
Dhiigni dhallaadduu haa ta’u.............................haa ta’u
Adamoon deettii haa ta’u ..................................haa ta’u
Duulli dannaba haa ta’u.....................................haa ta’u
Rimaan haphee haa ta’u ....................................haa ta’u
Kormi cirrii haa ta’u............................................haa ta’u
Dhugee haa booressu .....................................haa booressu
Dheedee haa barbadeessu..............................haa barbadeessu
Booruun gabbina haa ta’u................................haa ta’u
Barbadaan suga haa ta’u ................................haa ta’u
Dhugaan tulluu haa ta’u ..................................haa ta’u
Dharri sulula haa ta’u ......................................haa ta’u
Anaaf sihii hin maqsin .....................................hin maqsin
Kan ormi maqe nu hin gahin............................hin ga’in
Bakka hir’ate Waaqni itti haaguutu…………....haa guutu.
Egaa nagaya ..................................................nagaya
Haleele………............................................…..Diina haleeli!
Irreeffatee, dhibaafateet oofkala!.....................Irreeffatee, dhibaafateet oofkala!

Miinya tahi!………………………..........ziz
Foduu tahi!………………………..........ziz
Alalaasi!…………………………….......ziz
Alaa gali!………………………….........ziz
Oli reebi!……………………………......ziz
Maatii raaphu!…………...………….....ziz
Gadi reebi!…………………………..…ziz
Karra raaphu!……………………….…ziz
Adaboon gooba!.………………….......ziz
Goobni geerarsa!……………………...ziz
Hurrubni Mirga!………..………….......ziz
Dirreen Dannaba!……...……………..ziz
Simoo ta’i! ………………………….....ziz
Sin simin!……………………………....ziz
Dandoo ta'i! ……………………..........ziz
Sin danda'in! ……….………………....ziz
Doobbii ta'i! …………………...……....ziz
Diina gubi !………………………….....ziz
Guchii ta'i !……………………….........ziz
Baalaan booni !….…….……………...ziz
Citaa ta'i! …………………………......ziz
Gurmuu baasi! ……………………….ziz
Daddaraari! ……………..……………ziz
Dilboo ta'i! ………..…………………..ziz
Babbaroodi .………………………….ziz
Cibraa dhoosi ……..…………………ziz
Gaara ta'i! ...................………………ziz
Itti jigi!……....................……………...ziz
Haladdaq ta'i.……..……………..……ziz
Bal'adhu!…………..…………………..ziz
Fantaallee ta'i!..……………………….ziz
Mul’adhu!......................………….......ziz
Qabadhu!...........................................qabadhu!

Dhiltee Dhinnaa............... Hoffolaa
Dhiltee Dhinnaa............... Hoffolaa
Dhiltee Dhinnaa............... Hoffolaa
Faatee waaqni dhagahi............. Dhagahi
Lafti sii dhagahi.......................... Dhagahi
Gadaan dhagayi.......................... Dhagahi
Gadaamoojjiin dhagayi............... Dhagayi
Dhibbi dhagayi............................. Dhagayi
Dhibaayyuun dhagayi................. Dhagayi
Gadabitti nu galchi.................... Galchi
Gadaa nu hulluuqsisi................ Hulluuqsisi
Waraana qaqeessi.................... qaqeessi
Oromoo qaqatti nuu bulchi......... bulchi
Doloolloo yaasi............................. Yaasi
Yaa’aa gabbis................................ Yaasi
Jinfuu tuuli.................................... Tuuli
Tuulaa diinaa diigi........................ Diigi
Oromoo biifaa si godhi................. Si Godhi
Biiftuu ganamaa si godhi.............. Si Godhi
Ejersa gaaraa si godhi.................. Si Roobi
Korma nyaaraa si godhi............... Si Roobi
Bokkaa sii roobi..................... Sii Roobi
Bokkuu sii moosisi................ Sii Moosisi
Laftana ititi............................... Ititi
Itittuu nu obaasi........................ Obaasi




#Article 312: Safuu (196 words)


Safuun hariiroo uumaa fi uumama jiddutti gochoota ta'uu qabaniifi kan ta'u hin qabne seera adda baasuudha. Safuun kanneen akka quxisuufi hangafa, ilmaani fi warra, ofiifi nama biraa jidduu kabajni jiraatuudha. Safuun yeroo akka cidhaa, Gadaa, ayyaanaa, lolaa, nyaataa fi gochoota biroo keessatti seera itti raawwatani.

Oromo biratti, safuun kan Waaqaati. Nama safuu cabse dhukkubsachu, maraatu, maseenu, nagaa dhabu isa mudata jedhame amanama. Oromoon wanta qaanyi yoo arge ykn waan Waaqni qofa beeku gaafa gaafatame safuu jedha.

Waaqeffannaan akka amanutti, safuun kan dhala namaafi uumamaaf kenname jalqabaa kaaseeti. Waaqni uumama yeroo uume, Safuus wajjin uume. Dhalli namaas Safuu jalqabaa kanaan buluu eegale; ittiin buluun duubattis fakkeeffannaa Safuu kanaan seera tumatee walis ta’ee, uumama qajeelchuu eegale. 

Safuu Oromoo keessaa tokko maqaa kabajaan nama waamuudha. Maqaa Kabajaan hawaasa Oromoo garagaraa biratti haala adda addaan kennama. Baayyinaan ummata Oromoo Shawaa biratti, namoota ilmoo hinqabne yeroo baay’ee maqaa farda inni yeroo heddu yaabbatuun waamuu. Akkasuma gaafa cidhaa, ganama misirroodhaaf maqaan kabajaa kennuun ummata Oromoo jimmaa biratti baayyinaan beekkamaadha. Gaafa ilmo horan, maqaa ilmoo irratti hundaa'un maqaan kabajaa haadha fi abbaaf kennama. Gaafa nama guddaa waaman, nama hiriyyaa abbaa sii ta'un adeeroo nama hiriyyaa haadhaa sii ta'un haboo ykn immoo isin jedhu.




#Article 313: Walaloo (181 words)


Walaloon damee ogbarruu keessaa kan bo’oofi, ceesiisaan tolfamee qooqa miidhaginaaniifi yeedalloodhaan
dhiyaatudha. Walaloo keessatti qooqa, suureessuu, malleen dubbii fi jechoota fayyadamuun hiikkaa gabbata dabarsu. 

Sooqiraaxas akka jedhuutti, uunkaa dhugaa waantoota naannoo keenyaafi guutuu adduunyaarratti argaman walaloon akkeessa. Filaaxoos immoo walaloon madaala hamilee biyyaa fi namootaa bakka warraaqsa, kufaatii hamiilee biyyas ta’u namarraan
ga’a. Kanaafuu, waloon addunyaa dhugaa keessa seenuu hinqabu jechuun barreessee falmaa ture. Aristootil walaloon suga miira namaatii fayyina fida, soda fi gadda nama keessa jiru daddamaqsuun nama keessaa mancaasee fayyina namaaf kenna jechuun kaa’a.

Walaloon qabatamaadha. Addunyaa dhugarratti hundaa’ee walaloon ilaalchaafi yaada isaa kan itti ibsatuufi dhimma qabatee ka’e sana dubbisaaf kan dhiyyeessuu wantoota qabatamoo ta’anitti fayyadamuudhani. Walaloon fakkii uumuu yoo jedhamuu jechi ittin dhiyaate sammuu dubbisaa keessaatti fakkii uumuu danda'uu isaa jechuudha. Walaloon filannoo jechaa fi yaadaa gaafata. Jechoota babbareedaafi yaada haala gaariin dabarsuuf jechoota humna qabaniitti tajajlamuu. Qusannoon kan maddu yaadnii iddo tokotti kuufamee dhiyaachuu isaa irra kan ka’e. Walaloon qooqaan kan dhiyaatu waan ta’eef yeedalloo qaba. Miira keenya hunda irraa gurratti dhiiyeenya ta’ee kan yeedalloon dhagahamu kun kan nama gaddisiisuu, gammachiisu, kakaasuu fi dhiphisiisu ta’uu mala.




#Article 314: Tarree Walaloo (259 words)


Tarreen kun walaloo gabaaboo beekaman akka fekkeenyaaf tahuuf dhiheessa.

Yaa Barumsa Yaa Barumsaa 
Yaa Madda Bekumsaa 
Wa'e Fayidaa Kee 
Meeqansaan Ibsa 
Inni Tokkofanii 
Sammuu Nama Cimsa 
Barumsii Qabenyaa 
Kan Hunduma Keenyaa 
Kan Bu'ee Hin Cabne 
Kan Moofa'e Hin Shamne 
Kan Hattuun Hin Hanne 
Warrii Baratan Xiiyyaraa Oofuu 
Warrii Hin Baranne Okkote Sofuu!

Utubaa guddinaa 
Kan fuuldurrii banaa
Haabarannuu jabaannee
Sabaa keenyaaf ibsaa taanee
Walaalli duukkana
Keessaa bahuuf hin laafinaa
Kan barateef akki godhaa
Fakkiin isaan murteessadha
Sammuu keenyaa hidhatnee
Marrii barnootaaf kaanee
Walummaan tolaatti hin dhaabbatamuu
Baruuf namnidirfama kan qabatuu

Tokkumaan Hummna! 
Gaaddisa Odaa jala gadi teenyee 
Yoo wal-hubannee wal dhagenyee 
Yoo wal jalaa kaafne dhagaa 
Yoo waliif yaadne nagaa 
Tokkummaan wal qabannee 
Yoo walii wajjiin dhaabbanne 
Kattaan gaaraa yoo dhodho’e 
Cabbiin roobee yoo lola’e 
Buubbeen kaabaas haa bubbisu 
Nu hin sochoosu nu hin buqqisu!

Qawween koo boraatiin koo 
Kan rasaasa liqimsu 
Yaada garaa koo keessaa 
Danda’ee naaf hin ibsu 
Rasaasa itti guuttadhee 
Gaafan banu cancala 
Biyyi'o gurra qabtee 
Fiigee lixa daggalaa 
Wal caccabsee gulufa 
Wanta qabu harcaasee 
Qawween nageenya hin fidu 
Nagaa dhahee mancaasee 
Allaattiin waaqarra kaattu 
Bineensi bosona kessaa 
Sagalee qawwee kootii  
Hin jaallatu ni dheessa 
Ati garuu qubee koo
Qubee koo quba jabduu
Nagaa buusuufis taanaan
Gita tokkoyyuu  hin qabdu

Utuu naaf hindhagayin
Firrikoo gamaanaa fi gamaa
Bakka rakkoo kiyyaatti
Situ dursee argama
Aantiidhaafi obbolaa koo
Dursitee natti siqxa
Caba koo naaf dhidhiibdee
Dhiiga koo narraa dhiqxa
Kaasuu keetti na fuutee
Qabdee lafaa na kaasta
Dugda keetti na baattee
Bowwaa keessaa na baafta
Gaafa guyyaaa gammaachuu
Wajjiniin nyaannee kolfaa
Gaafa guyyaa dhiphinaa
Kan dhukkubaa fi golfaa.




#Article 315: Xalayaa (193 words)


Xalayaan ergaa barreeffamaan nama tokko irraa kabiraatti dabarsuun karaa itti walquunnamani. Xalayaan kan dubbisaa isaatiif salphaatti hubatamu, ergaa barreessaa qaama barbaadameen kan gahuufi dhimma barreeffameef sana ifa ta’ee kan raawwatu ta’uu qaba. Xalayaa fayyadamuun yaada, ajaja, oduu, fedhii, hawwii, gaddaa fi gammachuu ittiin dabarsu.

Xalayaan kan matayyaafi kan waajjiraa ta'uu danda'a. Xalayaa matayyaa kan firri firaaf, maatiin maatiif, hiriyaan hiriyaaf haala dhuunfaa ofii fageenyaafi dhiyeenya, bakkaafi yeroo irratti hundaa’uun ittiin walquunnamaniidha. Xalayaan waajjiraalee immoo kan dhimma adda addaatiif waajjirri waajjiraaf, waajjirri tokko nama dhuunfaaf yookaan namni dhuunfaan tokko waajjira tokkoof kan barreessuudha.

Wantootni ijoo xalayaa keessatti argamuu qaban teessoo, nagaa gaaffii, keeyyata seensaa, qaamaa xalayaa fi xummura xalayaati.    

Teessoon xalayaalee kan barreeffamu gidduu seensaatti. Maqaan namticha ykn dhaabicha ergamuuf barraawa. Yoo namticha barreessituuf hin beekne iddoo ykn argoo isaan qabaniin barreessuu. Fkn. Itti Gaafatamaa Buufata poolisii. 

Kutaan kun iddoo ittii kabajamaa ykn kabajamtuu ebeluu jenne eegalluudha.

Keeyyataa kana jalatti waan xalayaan barreeffamuuf bakka ittii ibsimuudha ykn dhimma barreessinuuf bakka itti kaafnuudha.

Kutaan kun seensa xalayaa irratti hundaa’uudhaan kan bal’achaa dhuufuudha. 

Bakka kanatti waan jechuu barbaaddu mara bakka itti xummurruudha. Fkn. jaalalee to ykn koo, Obboleessa koo ykn Obboleetti to, Harmeeto, Abbaa koo  jette xummuruu niidandessa.




#Article 316: Maykil Jaakson (146 words)


Maykil Jaakson (; Hagayya 29, 1958 - Waxabajji 25, 2009) wellisaa, barreessaa fi taphataa wallee Ameerikaati. Mootii Pop maqaan jedhu kan kennameef Maykil, seenaa wallee keessatti bashannansiisa guddaa fi hogganaa aadaa jaarraa 21ffaa baay'ee barbaachisoo keessaa isa tokko akka ta'e ilaallama. Karaa waltajjii fi hojii sursagaleen mala wallisu walxaxaa kan akka  (muunwalk) ofii moggaasee beekkamsiise jira. Qooqa fi istaayilin isaa artistoota gosa adda addaa irra dhiibbaa geessisuun alatti, jiruu dhuunfaa banaan isaa gumaacha inni muuziqaa, daansii fi faashinii godhe waliin waggaa kurnaan afuriif aadaa ammayyaa keessatti hogganaa addunya isa taasiseera. Maykil seenaa wallee ammayyaa keessatti nama baay'ee badhaafamedha.

Ilma saddeetaffa kan ta'e Maykil, hojii isaa kan duraa kan qopheesse 1964tti obboleewwan isaa quxisu Jaaki, Tito, Jarmeyn, fi Marlon miseensota (Jaakson 5) ta'uuni. Hojii qenxee isaa 1971 Motawn Rikards irratti kan jalqabee yoo ta'u gara urjii kan cehe immoo albamii qenxee (1979) gaafa diskoon fiixa ta'e baaseeni.




#Article 317: Muhammad (100 words)


Muhammad (S.A.W) (Afaan Arabaa: مُحَمَّد‎, Muhammad bin Abdullahi; 570 Dh.K.D – Waxabajjii 8, 632 Dh.K.D) Araba Islaamumma gad-dhaabee fi dura bu'aa amantii, hawaasumma fi siyaasaati. Akka amantii Islaamaatti, barsiisa Rabbi tokko amanu Aadam, Ibraahim, Muussaa, Yesuus fi nabiyyoota biroo haa itti fufsiisuufi gorsuuf nabiyyii ergamaniidha. Isaan(S.A.W) akka nabiyyii Rabbi dhumaa ta'anitti ilaallamu. Barsiisafi gochi Muhammad(S.A.W) Quraanaa waliin bu'uura amantii Islaama ta'uun Araboota gara mootumma muslima tokkoomse.

Muhammad(S.A.W) tilmaamaan bara 570 Dh.K.D (Bara Arbaa) magaalaa Arabaa Makkaa keessatti dhalatanii, gaafa ganna 6 yataamaa ta'an. Muhammad kan guddatan akaakoo abbaa Abd al-Muxxalib, erga inni du'e booda immoo eessuma isani Abu Xaalib biratti.




#Article 318: Gaa'ela (149 words)


Gaa'elli (gaa'ila ykn fuudhaa fi heeruma) aadaa hawaasaa nama lama walitti hidhuun kan maatii uumuudha. Hawaasa baay'ee keessatti dargaggessaa fi shamara jiddutti gaa'elli yeroo baay'ee kan raawwatamu. Gaa'ela booda, hariiroon saal qunnamtii fi ijoollee uummachu hawaasa ykn amantii biratti fudhatama arkata.

Guyyaan fuudhaa fi heeruma cidha jedhama. Namni fuudhe abbaa warraa yoo jedhamu tan heerumte immo haadha warraa jedhamti.

Gaa'elli addunyaa hunda keessa jiraatus hawaasa, amantii fi biyya adda  addaatti seera garagaraa qaba. Seerri kunis firooma dhiigaa, firooma soddaa, gosa, umuri, saala, heyyama, qabeenyaa fi akkaata cidhaa irratti hundaa'a.

Ummata Oromoo biratti namni umurii fuudhaa heeruma gahe jedhamu Raabaa Doorii fi dubra. Namoota umiriin isaanii gahe, firooma dhiigaa kan hin qabnee fi saala walii faallaa ta'an lama jiddutti gaa'elli Oromoo kan raawwatu. Dubri dhiira tokko qofa heerumu dandeessi al-tokkotti.

Aadaan fuudhaa fi heerumaa akkaataa naannootiin hamma murtaa’e garaagarummaa qabu.

Aadaan fuudhaa fi heerumaa bifa armaan gadiin geggeeffamu ni danda'a.




#Article 319: Dodola (magaalaa) (179 words)


Dodolaan magaalaa Oromiyaa gurguddoo keessaa tokko yoo taatu, Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaa keessa argamti. Magaalaa tun barumsaa fi daldala addaa addaa irratii kan hundooftee dha. Akkasumas magaalaa tun misoomaa fi industurii dhaan carraa guddaa carraaqaa kan jirtuu dha. Keessumayyuu yeroo ammaa saffisaan kan guddachaa (heddu misooma) jirtuu dha.

Ummattootni magaalaa tana keessatti argaman kuma 20000 ol ta'a jedhamee yaaddama. Magaalaa tana keessatti afaanota addaa addaa sagalii (9) oltu dubbatama.

Baldhinni lafa ishiis kiloomeetir isqu'arii 120 fi bishaan kiloometr isqu'arii 0.9 ta'a jedhamee yaaddama. Magaalotiin ollaa ishii kaaba-bahaan Shaashamannee ,kibbaan Adaabbaa, fi bahaan Boqqojii fa'a. Haalli teesuma lafaas ishii tulluwwa, garreeni fi bishaanin marfamaa dha.

Qileensi ishii bayyee kan namatti toluu fi kan nama gammachiisu dha. Yeroo bona ho'a, yeroo Gannaa xinnoo qorra, Arfaasa jiddugalessaa fi Birraa humditii (gammachisa) kan ta'ee dha.

Dodola dandii konkolataa kan Shaashamanne irra ka'ee Dodola keessa darbee Adaabbaa dhaquu fi Dodola irraa ka'ee Boqqojii dhaqu qabdi. Dandiin kun kan cirrachaan afameedha. Yeroo amma aaspaltii afuuf tattafii godhaa jirti.

Dodola manneen barnoota sadarkaa tokkoffa (), sadarkaa lammaffaa () fi Qophaa'ina () tan of keessaa qabduudha.




#Article 320: Keeti Peerii (274 words)


Kaazriyn Ilizaabet Haadsen () (Onkololeessa 25, 1984 dhalatte) maqaa ogummaa Keeti Peeri () kan beekamtu, weellistuu Ameerikaa, sirbituu, fi haadha murtii televijiiniiti. Yeroo ijoollummaa ishee Waldaa keessatti faarfataa erga turte booda, muuziqaa Wangeela keessatti hojii jalqabde. Keetiin Reed Hiil Ricardis () walin mallattessuun albama istudiyo maqaa dhaloota ishe Keeti Haadsenin () bara 2001 gadhiiftee hin milkoofneef. Waggaa booda muuziqaa amantii kan hintaaneetti seenuuf gara Loos Anjeles imaluun pirooduusar Gilen Belaard,  Dr. Luqaas, fi Maaks Maartin waliin hojjechuu jalqabdee. Erga garee muuziqaa Aayland Deef Jaam () fi Kolombiyaa Rikardis () irraa hirrifamte booda, waliigaltee Kaapitol Rikardis () waliin Ebla 2007 keessa mallatteesite.

Keetiin bara 2008 albamii ishee lammaffaa, dhiirota keessaa tokko, jedhuun beekkamtuu taate. Sirba rook kan ta'e albamiin ishee, sirboota falmiisisaa Ameerikaa lakkofsa tokko ta'an dubara dhungadhe fi Ho 'aa fi qorra of keessaa qaba . Albamiin kana aanan hundi Billboordi U.S. 200 irra aananii jiru. Albamii diskoo kan ta'e  ( 2010 ) (abju Ijoollee) Billboordi Ho'aa U.S qeenxee 100 keessatti chaarti shan siboota  (Dubra Kaaliforniyaa),  (Abjuu Ijoollee),  (dhamaashaa), E. T. fi   (T.G.I.F.) (Jimaata darbe galgalan) durfamu oomishuun galmee Maykil Jaakson  (Badaan) qabame waliin qixa ta'e. Albamiin kana aane  (2013) hiikkaa gaa'ela isheetin kaka'uun pop fi shubbisaan hariiroo, jirenya guyya guyyaa fi calaqqii jireenya ishee kan itti ibsatteedha. Keetiin muuziqaa sursagale chaartii irra aanan  (baroodi) fi Dark Horse (Farda gurraachaan) artistii jalqaba sursagalee lama Vevo irratti daawwii biliyoona tokko qaqqabe qabdu taate. Albamii elektiropoppii bara 2017 kan ta'e Witness (Ragaa), kan siyaasaa fi bilisummaa qabuudha. Qeenxee guddaan Albamicha Chained to the Rhythm, galmee sirba artistii dubaraan guyyaa jalqaba baay'ee dhageeffamu Spotify (Ispootifaay)  yeroo sani cabseera. Albamii istuudiyoo ishee jahaffa gaafa Hagayya 28, 2020 seeqxe.




#Article 321: Leonardo da Vinci (283 words)


Li'onaardo da Viinchi (; IPA: liːəˈnɑːrdoʊ ˈvɪntʃi; 14/15 Ebla 1452 - 2 Caamsaa 1519) polymath xaaliyanii kan gaafa Haaromsaa Ol Aanaa kan bal'inaan dibaa gurguddoo yeroo hundaa keessaa tokko ilaalamudha (dibata isaa 25 gad ta'an qofti hafuus). Monaa Lizaan hojii Li'onaardo akkaan beekamaa fi fakkii akkaan beekamaa yeroo kamu ta'eedha. The Last Supper dibata amantaa baay'ee maxxanfame yeroo kamuu yoo ta'u fakkiin isaa Vitruvian Man immoo kan akka mallattoo aadaa ilaalamuudha. Akkasuma kitaabota yaadannoo isaa gubbatti fakkii fi yaadanno saayinsii fi kalaqa kannen anatomy, cartography, halluu dibuu, fi palaeontology dabalatu irratti hojjatuun beekama. Kuusaan Hojiiwwan Li'onaardo kan Michelangelo qofaan walgituun dhaloota artiistoota boodaaf gumaacha godheera.

Sirriitti Leonardo di ser Piero da Vinci jedhamu,[d d Leonardo kan dhalate wedlock gara notary, Piero da Vinci, fi dubara peasant, Caterina, Vinci, naannoo Florence, Italy. Leonardo istuudiyoo haareffama xaaliyaanii painter Andrea del Verrocchio keessatti barate. Jireenya hojii isaa kan duraan ture Ludovico il Moro Milan keessatti, boodas Rome, Bologna fi Venice keessatti hojjete. Biyya Faransaayitti waggaa sadan darbe, bara 1519. tti du ' e.

Ta ' ullee leenjii idilee hin qabu,[9] seenaa fi beektota hedduu Leonardo akka muummicha ministeeraatti ′′ Renaissance Man ′′ yookiin ′′ waliigalaa Genius , nama dhuunfaa ′′ curiosity ′′ fi ′′ yaada hin amanamne ′′ fi ′′ yaada cimaa.[ 6 6 Inni sirritti yaada namoota danddetti adda ta ' e kessa tokko kan akka jirenya hin qabnne.[10 • Akka artti seena Helen Helen Gardner, scope fi fedhi isa osoo hin eegin seena galme kessatti, fi ′′ his Sammuu fi eenyummaan keenya waan guddaa nutti fakkaatu, yeroo namichi of danda 'ee fi remote.[ 6 • Beektonni ilaalcha isaanii addunyaa kana hiikanii logic keessatti hundaa' an, haalli empirikaala inni fayyadame yeroo isaaf hin taanetti.[11 ]




#Article 322: Harkaa fi harma muraa Aanolee (184 words)


Harma Muraa fi Harka Muraan Aanolee yakka sukkanneessaa Minilik ummata Oromoo Arsii irratti raawwatedha. Ummata Oromoo Arsii bakkaa Aanolee jedhamutti walitti qabuun dhiira irraa harka mirgaa dubartiirraa ammoo harma muruun gocha suukanneessaa kana irratti raawwate. Kanas kan raawwate ajajaa gita bittaa Arsii godhuun kan Minilik ramade Raas Daargee ture.

Ajaajaan waraanaa Minilik, ummata Arsii nagaa fi araara dubbannaa koottaa jedhee Aanoleetti akka walga'an waamee. Ummannis nagaa buusuf jecha yaa'ee walitti qabame. Yeroo kana, karaa dhiphoo keessa nama tokko tokkoon akka darban itti himane. Yeroo namoonni karaa dhiphoo kana keessa darbu achitti qabuudhan, warra dhiiraarraa harka mirgaa muranii morma isaanitti fannisanii gad lakkisani. Dubartootarraa ammoo harma muranii mormatti rarraasan. Namoonni guyyaa sana achitti walitti qabaman tilmaaman yoo xiqqaate hanga nama kuma tokkoo yoo ta'an barreessitoonni tokko tokko hanga kumaa sadi'iillee baayyachuu danda'u jedhu. Ummanni nagaa dubbachuuf waan dhaqeef, ofirraa ittisuufillee meeshaa waraanaa hin qaban turan.   

Gocha kana warri Abashootaa kan raawwataniif, ummata Arsii haaloo ba'uufi salphisuu fi. Ummanni Arsii Lenjisoo Diigaan durfamuun waggaa saddeetiif loltoota Minilik moo'ee waan deebiseef kana haaloo ba'uuf godhan. Kana qofa odoo hin taane ummanni sodaatee akka isaanif buluu gochuuf ture.




#Article 323: Maark Tiweeyn (181 words)


Maark Tiweeyn (; 1885 - 1910) barreessaa Ameerikaa haasawa onnachiisoo fi qoosaa godhuun beekamuudha. Akkuma barreffamootni isaa jaallatamaa deemaniin beekamtii fi fudhatamni inni Ameerikaatti qabu dabalaa dhufe. Yeroo sanatti Ameerikaan biyya reef hundeeffamtu ta’uu irraan kan ka’ee aadaa himattu hagas mara waan hin qabneef warrii Yuurooppi maqaa masoo warra fokkatoo jedhanii waamuun isaanii kan baratame ture. Maark yeroo beekamtiin isaa guddatu gara biyyoota garaa garaa deemuun dhaggeffatoota isaa dandeetti qabuun afaan qabachiisaa ture.

Ogummaan isaa addunyaa barreffamaa kan isa sooromse yoo ta’eyyuu isa ofirraa dhiisuun fuula isaa gama investmantiitti jijjiiruun isaa hiyyummaa itti fide. Bu’aa barreeffama irraa argateefi dhaala haadha warraa isaa gara investimentiitti dhangalaasus, maallaqa yartuu kan inni irratti baasee maashinii taaypii qofatu xiqqoo abdachiiseen ture. Maashinichii bu’aa kan argamsiisu ta’ullee yeroo baay'ee waan cabee hammaateef gabaa inni gama sanaan qabus jalaa kufe. Rakkoo maallaqaa isa quunname kana irraa kan inni dandamatee gargaarsa liqaa Henry H.Roggers irraa argateen ture. Sanaan booda suuta waan kasaaraa isaa irraa dandamachuun gara barreffama isaatti waan deebi’eef liqii isaa cufa offirraa baasuu danda’eera.

Maark jechamoota isaan ni yaadatama. Jechamoota isaa keessaa muraasni kan armaan gadiiti!




#Article 324: Le Corbusier (369 words)


La Korbuzye'i (Fireench: /lə kɔr büˈzyeɪ/; Engiliish: Le corbusier; 6 Onkololeessa 1887-27 Hagayya 1965) maqaan dhaloota isaa chaarles-Idwaard Jineret-Giris () kan ta'e, arkiteektii fi barreessaa Iswiizarlaand keessatti dhalatee bara 1930moota keessa lammii Firaansi ta'eedha. Inni tiyoorii waayee arkiteekcharii ammayyaa'aan beekama. Dizaayniin isaa fooyya'iinsa manneen jireenya ummata magaalaa gurguddoo of keessaa qaba. Kuni sababa yeroo sana namni hedduun hiyyummaa keessa jiraatuufiidha. Dizaayiniin isaa hedduun addunyaa kana irra ijaaramaniiru.

Inni halluu dibuu kan jaallataa turee fi  dizaayinii meeshaa manaa dalagutti ogummaa kan qabu ture.

La Korbuzye'i magaalaa xiqqoo kaaba Switzerland La Chaux-de-Fonds keessatti guddate. Bara 1907, isaa umurii 19, gara magaalaa Faransaay Paariisitti godaane. Awurooppaa keessa imaluun, yaada haaraa hedduu barateera. Afaan Jarman dubbachu baratuun arkiteektoota beekamoo  kan akka Peter Behrens waliin hojjeteera.

Yeroo waraana addunyaa I, La Korbuzye'i gara Swizerland deebi 'ee barsiisaa ta'e. Yeroo gabaabaattti, hojii arkiteekcharaa mataa isaa dubrii isaa waliin banatee hanga 1940tti waliin hojjatani. Bara 1918 tti  hallu dibaa Amédée Ozenfant wal arganii hiriyaa cimaa waliif ta'an. Yaada isaanii walitti fidanii aartii gosa haaraa Purism jedhamu uuman.

Lola booda, La Korbuzye'i  hanga 1922 tti aartii isaa irratti xiyyeefate. kana booda, appartimantii wal gubba ijaaaramuu ta'u fedhii manneeni namootaa guutuf dizaayinii godhuu jalqabe. Hojii manneeni kun rakkoo paaris keessatti namootni walii baay'atani jiraatan furuuf ture. Akka jedhetti jijjiramni kun ni barbachisa, yookin warri gadi galoon finciluu danda'u. Inni diizaayinii magaalaa namni hawwuu (Ville Contemporaine) kan gonkumaa ijaaramee hin beekne uume. Karoora gamoowwan gurguddoo hedduu foyyeessuf godhameedha. Karoora kana mootummaa Faransaayiif dhiyeesse, didaniin. Ta'ullee hubannoo isaan magaalaa keessatti walii baay'atanii jiraachuu guddiseeraaf.

La Korbuzye'i  manni ummataa hanga maati isaani irratti malee hammam sooressa akka ta'an irratti hundaa'u hin qabu jechuun kapitaalizimii jibbuu eegale.

La Korbuzye'i bara 1942 irraa eegalee siyaasa keessatti hirmaataa hin turre. Badala sanii, bilookii manneen xixiqqoo biyya Faransaay keessatti ijaara ture.

Maqaan, La Korbuzye'i, Firenchi dha. maqaa akkoo isaa, Lecorbésier irraa kan foyyeefameedha. Maqaan isaa Ingiliffaan The crow like one (Loon akka tokkotti) jedhamuun hiikama. Maqaa kana bara 1920 keessa filate.

Manni maashina kessa jiraatani jechuun ariiti arkitekchara kessatti ilaala. Kaayyoon maashinii kanaa hojiiwwan namoota isa keessa jiraatanii saffisuudha. Inni yaada mana jireenyaa kobkobii, kutaawwanii fi slabs qofaan ijaaru beeksisee jira. Wantootni sadeen kun mana jireenyaa gosa kamiyyuu oomishuu ni danda'a, warra jireenya isaani kamiifuu.




#Article 325: Henri Matisse (100 words)


Henri Matise (Le Cateau-Cambrésis, Nord, 31 Mudde 1869-3 Sadaasa 1954) artiistii fireench  halluu fayyadamuu fi yaada haara maddasiisuun beekamuudha.

Inni sirritti kan beekamu akka halluu dibaatti, garuu inni fakkii kaasaa fi siidaa fi suuraas bocaa ture. Matiseen artiistoota gurguddoo jaarraa 20ffaa keessatti artii ammayyaa uumuuf gargaaran keessaa isa tokko.

Inni jalqaba Fauve (bineensa alaa) jedhamuyyu, isaan aadaas hedduu dibee jira. Jireenya kan dibee inni, hojiin isaa fakkii adda addaa fi kanneen biroos ni dabalata. Hayyuummaan jachama afaanii fi halluu isaa hojii jaarraa walakkaa keessa ture, beekamti akka hogganaatti aartii ammayyaa keessatti isa gonfachiise.

Matiseen dhukkuba onneen Nice, Alpes-Maritimes keessatti du'e.




#Article 326: Andy Warhol (223 words)


Andii Warhol (Andrew Warhol, Jr. yookin Andy Warhol; Hagayya 6, 1928 - Guraandhala 22, 1987) artistoota beekamoo Ameerikaa jaarraa 20ffaa keessaa isa tokko. Namootni baay'een Warhol ′′bellwether of the art market jedhuun ibsu.

Warhol iddoo Pittsburgh, Pennsylvania gaafa Hagayya 6, 1928 kan dhalate yoo ta'u gara Niiw Yoorki dhaquun dura Carnegie Institute of Technology irraa eebbifamee ture. Hojii guddaan isaa inni jalqabaa Hagayya 1949 keessa Barruu Glamouriif fakkii akka kaasu yeroo gaafatame kan hojjateedha. Inni dhuma maqaa isaa irraa 'a' hirrisuun barreeffama fakkii Andrew Warhol jedhuun barruu irra kan galateeffame. Warhol Campbells' and Watties' soup cans halluu dibuuniis kan beekamu dibata adda adda 300 dibeera. Jalqaba akka artistii daldalaa ta'etti yeroo hojjatu wantoota akka advertisements fi window displays mana kuusaaf dizaayinii godhaa ture. Yeroo gabaabaatti sochii aartii Pop kan yeroo hunda wantoota fi suuraawwan miidiyaa fayyadaman keessatti beekkamaa ta'e. Fakkiin isaa beekamoo keessaa tokko fakkii taatoo American movie, Marilyn Monroeti. Erga isheen duute booda gadi fageenyaan itti waan dhagahameef yaadannoo muraasa uumuu barbaadeeti.

Bara 1968 Warhol Valerie Solanasiin rukutame. Innii istuudiyoo isaa warshaa magaalaa Niiw Yoorkitti argamu kan hojiin isaa baay'een itti uumamaniin kan beekamu.

Bara 1987 Warhol hospitaala magaalaa Niiw Yoorki keessatti opireeshinii garaa irra ture. Hirriba keessa osoo jiruu sababa post-operative cardiac arrhythmian umuri 58tti kan inni du'e. Maatiin isaa arrhythmian sababa kunuunsa dhabuu fi summi bishaaniin mudate jechuun hospitaala himataniiru.




#Article 327: Frida Kahlo (252 words)


Magdalena Carmen Frida Kahlo y Calderón (6 Adoolessa 1907 - 13 Adoolessa 1954) halluu dibduu Meeksikoo tan Frida Kahlo jedhamuun beekamtuudha. Kan isheen beekamtu surreal fi hojii dhuunfaa isheetiini. Isheen hallu dibaa beekkama akka ishee Diego Rivera waliin kan gaa'ela uummate.

Isheen kan dhalatte Coyoacán, Meeksikoo keessatti. Pooliyoon ishee umurii waggaa 6 qaama midhamtuu kan godheen yoo ta'u namoonni tokko tokko waan spina bifida (dhukkuba dhalootaan guddina qaama spine dhoorku) dabalataan akka qabduu yaadu. Isheen Medicine barattee doktora ta'uuf turte. Sababa balaa tiraafikaatiin ishee umurii 18 kan miidhamte, laalaa dhukkubaa cimaa waliin jireenya ishee hafee kan dabarsite. Balaa kana booda, Kahlon barnoota fayyaa ishee itti hin fufne garuu halluu dibuu jalqabde. Isheen yaada waa'ee ishee mudatee kan fayyadamtu yoo ta'u karaa fakkiin ishee dhukkubbiii fi jireenya dubartoota, keessumaayyuu  miirri daa'ima horuu dadhabuu ishee agarsiisu baay 'ee nama rifachiisa. Fakkiin ishee 143 keessa afurtami-shan kan waa'ee ofii isheeti. Isheen aadaa Meeksikoo bifa ifaa dhugaa fi mallattoon walmakaas ni fayyadamti. Fakkiin ishee aartistii Diego Rivera ofi harkisee boodarra gaa'ela uummatan. Ishen otoo ofi hin dhoksine bisexual fi communist turte. Dhukkuba bronchopneumonia sababa pulmonary embolism  dhufuun Coyoacán kessatti kan isheen boqotte.

Hojii ishee yeroo tokko tokko ′′surrealist′′ jedhamu agarsiisa aartiiwwanii yeroo baayyee surrealist Yuuroppi waliin qopheesituus, isheen ofiishee akka sana waamamuu hin jaallanne. xiyyeeffannaan ishee dubartoota, fi amanamummaan ishee halluu dibuu keessa jiru, akka waan hoggantuu feminist cult dhuma jaarraa 20 ffa ilaalamtu ishee taasise. Hojiin ishee muraasni muuziyeemii Frida Kahlo kan iddoo dhaloota ishee fi magaalaa xiqqoo itti guddatte Mexico city argamu keessatti agarsiifama.




#Article 328: Raphael (556 words)


Raffaello Sanzio (Ebla 6, 1483 - Ebla 6,  1520) baay'ee kan beekamu Raphael jedhamuun yoo ta'u arkitektii fi hallu dibaa Haaroomsaati. Inni Leonardo da Vinci fi Michelangelo waliin hallu dibdoota gurguddoo Haaromsa Guddaa sadan keessa isa tokko.

Fakkii isaa Madonna fi mucaa kiristoos (Chirist Child) fi dibaawwan Vatican, Rome, Xaaliyaanii argamaniin baay'ee kan inni beekamu.

Raphael magaalaa Urbino naannoo Xaaliyaan Umbria keessatti hallu dibaa Giovanni Santi Ture (d. 1494) fi Magia di Battista Ciarlati (d. 1491) irraa dhalate. Giovanni Santi barsiisaa Raphael kan duraa ture, garuu yeroo Raphael ganna kudha tokkoo boqote.

Raphael gaafa ganna 15, bakka workshoppi hallu dibaa beekama magaala Perugia ta'uu isaa irraa kan ka'e maqaa Pietro Peruginon waamamu bira hojjataa ture. Peruginon Umbria qofattii miti, magaalaa Leonardo fi Michelangelo Rome fi Filorence keessattiis beekkamaa ture. Akkasuma artiistoota hojii barbachisoo Sistine Chapel guddaa Pope kan Vaatikaani argamu ramadaman keessa isa tokko ture. 

Peruginon karaa hayyuummaa qabuun dibuun (teknikaan) kan beekamuu fi kan yeroo jedhamee xumuruun cimaa ta'uun isaa patronota isaa biratti beekkama isa godhe. Namoota tokko tokko bara isaa keessatti lubbuun jiran kan halluu dibe haa ta'u male fakkiin baay'een isaani fakkii amantaa duriiti. Fakkiin isaa muraasni suuraa Madoonna and Child kan waaqeffannaa dhuunfaa maatii chapel keessatti fayyadamuu ta'uudha. Waan inni beekama ta'eef, hojii baay'ee patrons fi mana amantaa irraa argataa waan tureef waan gudda kan koorniisa mana amantaaf ta'u baay'ee dibe. Kana gochuuf, gargaarsa hojii barattoota isaa barbaadaa ture.

Raphael Perugino irraa waan gudda barachu danda'eera kanneen akka fakki, fakki lafee namaa, kemistirii hallu dibuu, fi teknika dibata suura irra kaa'u. Fakkiiwwan dibaa Perugino keessa jiran yeroo baay'ee fuula bareedaa qabu. Fakkiin Raphaelis baay'een isaanii fuula nama toluu fi mijata qabu. Dibaan tokko tokko, kan akka Leonardo, istayili isaani jijjiiruu fi dibaa isaani irratti hojii isaani agarsiisuudhaf saffisoo turan. Garuu Raphael istayile perugino isa barsiisen halluu dibuu itti fufe. Hojii Artistoota biroo ilaaluun yaada haaraa itti dabalaa ture. Faallaa Leonardo fi Michelangelo ta'uun, Raphael aartii hallu dibuu kessatti waan haara tokko ille addunyaa kanaaf hin gumaachine. Inni salphumatti beekamaa kan ta 'eef waan hojjetu irratti hayyuu waan ta' eefi akkasumas namoonni fakkii isaa baay'ee waan jaallataniif.

Dibaan hojii isaa isa duraani ta 'uuf yaadame suuraa xiqqoo mul'ata  knight jedhamu dha. Halkkan hallu kana kessatti sobni rafe. Abjuu isaa keessatti dubartii babbareedduu lamatu jira. Dubarri tokko, uffata lallaafaa uffatte, abaaboo kenniif. Dubarri kan bira, uffata dukkana kessatti uffatte, knight sword fi kitaaba dhiyessi. Danddi dubara bareddu duuba laga bira figddi. Karaan biraa tabba sibilaa nama gessa. Raphael wa ' ee filannoo yaadaa ture. Halkan knight kun karaa salphaa ta ' een deemuu qaba, moo wantoota jijjiiruuf yaaluu qaba?

Suuraawwan kan biraa Raphaeliin ayyaana sadii, fi qulqulluu mikaa ' eel.

Hojiin Raphael inni jalqaba gaa 'ila durbbumma kan bara 1504. dibame. Perugino' s dibata sistine Chapel of Iyyesus furttu qulqullu Peterif kenne. Amma Brera Gallery milan keessa jira xaaliyaanii.

Raphael bara 1504 keessa dhukkuba biraa wajjin deeme, Pinturicchio, gara Filorence, Italy. Florence hojii artti isaatif beekama ture, workshoppi artistti isaa, ijaarssa haara fi katedral isa gudda dha. Raphael hojii Michelangelo, Leonardo da Vinci fi dibata barbachisa kan biro ilaalu barbaade.

Florence suura madonna fi da ' ima gochudhaf bayye cimaa qaba sababni isaas magaalan durbbe ebbifamttef. Danddi hundda irratti qarqara hallu hallu yookin hallu hallu madonna fi da ' ima.[1]

Yeroo inni Florence keessa jiru, Raphael halluuwwan beekamoo madonna dibe. Fakkiiwwan beekamoo kanneen keessaa:




#Article 329: Michelangelo (286 words)


Michelangelo di Lodovico Buonarroti Simoni (Afaan Xaaliyaaniin: /mikeˈlandʒelo di lodoˈviːko ˌbwɔnarˈrɔːti siˈmoːni/; 6 Bitootessa 1475 - 18 Guraandhala 1564) salphumatti Michelangelon (Afaan Inglish / ˌmaɪkəlˈændʒəloʊ, ˌmɪk -/) kan beekamu, bocaa, dibaa, arkiteektii fi walaleessa Xaaliyaanii bara Haaromsa Olaanaa kan Rippaabilika Florence keessatti dhalatee guddina aartii dhihaa irratti dhiibbaa isaan qixxaatu hin qabne uumeedha. Ogeessummaan isaa sadarkaa olaanaa qabaachu irraa kan ka'e yeroo baay'ee morkotaa isaa Leonardo da Vinci Filorentine waliin akka kadhimamaa maqaa kabajaa nama haaromsaa Archetypal ilaallama. Beektonni hedduun Michelangelo akka Artiistii guddaa bara isaa fi akka artistii yeroo hundaatti ibsan.

Hojiiwwan bocaa fi arkitekture Michelangelo baay'een hojii jiran kan beekamtii  guddaa qaban ta'uun sadarka keessa jiru. Inni artistii jaarraa 16 ffaa akka gaaritti Dokumente ta'edha. Hojii isaa beekamoo keessaa lama Pietà fi David kan boce osoo umurii soddoma hin genye ture. Yaada dibuu gadi aanaa qabaataati, seenaa aartii dhihaa keessatti dibaa dhiibbaa guddaa uume lama uume: scenes from Genesis ceiling of Sistine Chapel in Rome, fi The Last Judgment on its alter wall. Dizaayinii isaa mana kitaabaa Laurentian bu'uura Mannerist arkitekture ta'e. Umirii 74 tti Antonio da Sangallo bakka bu'uun arkiteekti St. Peter's Basilica ta'e. Akka Dhumni dhihaa dizayinii isaatti akka xumuramuuf karoora jijjiiree ture, akka dome jijjirameetti erga inni du' ee booda.

Michelangelo artistti lixaa osoo lubbuun jiru seenaan jireenya isaa barraawe isa jalqabaati. Seenaa jireenyaa lama yeroo jireenya isaa keessatti kan maxxanfame. Isaan kessa tokko Giorgio Vasaridhan kan barraawe.

Yeroo jireenya isaa keessatti Michelangeloon yeroo baay ' ee Divino (′′ the divine one ′′) jedhama.[7 • Yeroo baay ' ee jibbisiisaa isaa dinqisifachuu danda ' a. Yaalii artiistoota amansiisoo 's 8 8 Michelangelo ' s kan itti yaadame, haala dhuunfaa haala gaariin bu ' aa, sochii guddaa gara dhihaa aartii haaromsaa booda.




#Article 330: Qur'aana (168 words)


Quraannni (Afaan Arabaa: القرآن; Al-Qur'aan ykn Qur'aana) Kitaaba qulqulluu amantii Islaamaa kan Muslimoonni Rabbi biraa bu'u amananiidha. Barruu Afaan Arabaa Ammayyaa keessatti akka hojii ajaa'ibaa laallama. Quraanni Suuraa(سور; boqonnaa) 114n qophaawuun xiqqoma Kakuu Haaraa irra gabaabaadha. 

Qur’annii kitaaba Rabbii kan boodaa kan nabiyyii quxisuu anbiyootaa ta'e nabi Muhammad(S.A.W) irratti buufameedha. Waggaa 23 keessatti Qur'aannii kan Nabii(S.A.W) (isaani umrii 40-63) irratti buufamee xumurame. Qur'aanni baatii Ramadaanaa halkan laylatulqadrii keysa goda Hiraa’i kan gaaraa Nur mataa gubbatti argamu keysatti “Iqra’i bismi Rabbika” jechuudhaan kan jalqaba buufame. Qur’aanni kun xumurri buufamiinsa isaa aayata “alyawma akmaltu lakum diinakum...” jedhu kan hajjii dhaammannaadhaa (hajjatal wadaai) keessa guyyaa Arafaa 9/12/10 H dirree arafaatti buufameedha. Kalaama Rabbii kan ta'e Qur'aanni kun kitaabban isa dura buufaman hunda kan shaareedha. 

Barnoonni akkaataa qur’aana itti qara’anii tajwiida jedhama. Muslima hundarratti
qur’aana tolchanii tajwiidaan qara’uun dirqama.

Kanneen armaan gadii tarraawan adaboota Ibnu Kasiiir eeraniidha.

Seenaa Qur'aanaa
Quraanni jecha Rabbii guddaa kan namni hundi ittiin akka qajeeluuf karaa nabiyyii keenyaa Muhamned Biin Abdullaahii tiin SAW woggaa 1440 dura kan buufameedha.




#Article 331: Licorne (584 words)


Waxaa looga yaqaanaa Galbeedka Masiixiyiinta ilaa Giriiggii hore xisaabaadka dadka u safraya Beershiya iyo Hindiya, iyadoo loo yaqaan monoceros, unicorn-ka reer galbeedka waxaa looga soocaa kuwa dhigga ah ee Aasiya muuqaalkiisa, astaantiisa iyo taariikhdeeda. Iyada oo ay saameyneyso Physiologus, beertooyinka reer galbeedka iyo muuqaalkoodu waxay ku sifeeyaan iyada xayawaan duur joog ah oo aad u xun, astaan ​​u ah daahirnimo iyo nimco, ay soo jiidatay urta bikradnimadu. Sheekada ugaarsigeeda, oo ay gabadh yar oo bikro ah ka caawiso ugaadhsadayaasha inay soo qabtaan, ayaa ku faafay Galbeedka Masiixiga iyo qayb ka mid ah dunida Muslimka. Matalaadda jireed ee unicorn-ka Reer Galbeedku waa mid u dhexeysa faraska iyo riyaha cad dhamaadka qarniyadii dhexe. Waxaa loo arkaa mid leh jidh siman, ri 'ri', jeex jeexan, iyo wixii ka sarreeya gees dheer oo ku yaal bartamaha foodda, toosan, qaloocsan oo fiiqan, taas oo ka dhigan astaamaha ugu muhiimsan, sida taxanaha ah cajaladaha Lady iyo Unicorn.

Unicorn wuxuu noqday xayawaanka khayaali ee ugu muhiimsan Galbeedka Masiixiga laga soo bilaabo qarniyadii dhexe ilaa dhamaadka Renaissance. Rumaynta jiritaankeedu waa mid meel walba taal, taas oo ay ugu wacan tahay ka ganacsiga geeska iyo joogitaanka tarjumaadaha Kitaabka Quduuska ah qaarkood. Waxyaabaha loo soo bandhigo inay yihiin geeso unicorn dhab ah ayaa laga ganacsadaa, waxaana loo tiriyaa awoodda lagu nadiifiyo cabitaanka sunta iyo daaweynta cudurrada badankood. Si tartiib tartiib ah, walxahan ayaa loo aqoonsaday inay yihiin ilkaha narwhal, xayawaan badeed arctic ah. Jiritaanka unicorn, si kastaba ha noqotee, wuxuu ahaa mid laga dooday illaa bartamihii qarnigii 19aad. Bahalkan halyeeyga ah ayaa had iyo jeer xiise u leh fiqiga, takhaatiirta, dabiici-yaasha, abwaannada, ragga waraaqaha, aqoonyahannada, alchemists, cilmu-nafsiga, taariikhyahannada iyo astaamaha Muuqaalkeeda astaan ​​ahaaneed, aad u hodanka ah, waxay ku lammaanaysaa laba-geesnimada qofka, cilmi-baarista ruuxiga ah, waayo-aragnimada rabbaaniga ah, gabadha bikradda ah, jacaylka iyo ilaalinta. Carl Gustav Jung wuxuu qiyaastii afartan bog u siiyay cilmu-nafsiga iyo Alchemy.

Unicorn wuxuu ahaa mid ka mid ah noolaha caadiga ah ee khiyaaliga iyo sheekooyinka sheekooyinka illaa dhammaadkii qarnigii 19aad, iyada oo ay ugu mahadcelinayaan shaqooyinka sida `` the looking Glass  oo uu qoray Lewis Carroll, The Unicorn-kii ugu dambeeyay ee Peter S. Beagle, Legend by Ridley Scott , ama Unico waxaa qoray Osamu Tezuka. Masawirkeeda casriga ahi waxay ka guureysaa dhaxalkii qarniyadii dhexe, si ay u noqoto faras weyn oo sixir ah, oo leh gees keliya oo ku yaal bartamaha foodda. Xiriirkeedii dhowaa ee ay la gashay adduunyada mala-awaalka ah sida, kuwo kale, My Pony Little, ayaa siinaya sawir gooye. Waxaa badanaa loo adeegsadaa inay marmarsiinyo ka dhigato soojiidashada dhaqanka caanka ah, iyo waxyaabo kale iyada oo loo marayo cibaadada midabka aan 

oo isticmaalaa in lagu qoro bilow, inta badan laga bilaabo Silicon Valley, oo lagu qiimeeyo in ka badan $ 1 billion1. Hadalkan waxaa soo saaray Aileen Lee sanadkii 20132.

Asalka ereyga

Aileen Lee waa maal-qabeen Mareykan ah oo maalgashi sameysay sanadkii 2013, taasoo muujineysa in wax ka yar 0.1% ee shirkadaha maal-gashiga maal-gashiga ay gaareen qiimeyn ka sarreysa $ 1 bilyan.

Si loo xafido xayeysiinta ugu fiican ee falanqeynteeda, waxay raadineysaa erey iibiyaha si ay ugu qalanto maalgashiyadan dhifka ah. Waxay markaa u aragtaa ereyga unicorn mid qumman, maxaa yeelay wuxuu ula jeedaa wax naadir ah, oo ku xiran riyooyin iyo yaabab geesinimo leh, dhaqan u dhigma kan geeks2 Tan iyo markaas, ereyga waxaa loo adeegsaday si loogu qalmo kuwa bilowga ah ee gaara qiimeynta ugu yaraan hal bilyan oo doolar3,44 oo ku saleynaya qaabkooda dhaqaaleed kobaca degdegga ah ee laga maalgeliyo lacagaha dibedda ka hor inta aan diiradda la saarin faa'iidadiisa iyo dakhligeeda5.

Ifafaale dhaqaale




#Article 332: Bill Gate (390 words)


Bill Gate abbaan qabeenyaa addunyaa keenya kan ta’ee fi Paawul Allen wajjin ta’uun kaampaaanii MICROSOFT hundeessuun kan beekamudha. Akkasumas haadha manaa isaa wajjin ta’uun hojii tola ooltummaa inni hojjatuun baldhinaan beekama. Bill Gates Waashiingten keessatti Onkololeessa 28, 1955 dhalate. Abbaan isaa nama seeraa yommuu ta’u haati isaa immoo aangoowwan adda addaan mootummaa tajaajiluun beekamti. 

Bill Gates umrii ijoollummaa 13tti ture jaalala sooftiweerii koompitaraa kan horate. Bill Gates koompitaraaf jaalala guddaa qabaatus kitaaba dubbisuuf jaalala garmalee qaba. sababa kanaan maatiin isaayyuu ijoollee biroo waliin walittii madaquu irratti rakkoon akka isa hin mudannee shakkii qabu ture. Bill Gates pirograamii ibsaa tiraafika too’atu hojjechuun qarshii doolaara 20,000 kan argate umriii ijoollummaa isaa 15 ture.  

Maatiin isaa akka inni sirriitti baratee akka abbaa isaa nama seeraa ta’u waan barbaadaniif hojii inni jaalatu kana akka dhaabu isa taasisan. sana booda barumsa sadarkaa lammaffaa irraa qabxii olaanaa galmeessisuun yuunivarsitii haarvaard seenuu danda’eera. Dhiibbaa maatii isaa irraan kan ka’e barumsa seeraa  barachuuf karoorsus bara jalqabaa isaatti barumsa dhiisee daree koompitaraa deemaa ture. Sana booda garuu barumsa isaa addaan kutee hiriyyaa isaa paul alleen wajjin ta’uun kaampanii Microsoft bara 1975 hundeessaniiru. Jalqaba yeroo dhaabbanni kun hundeeffamu teessoon isaa albaakark, New Mexico yommuu ta’u garuu bara 1979 irraa eegalee gara magaala beeliviwuu, Washington jijjiirameera.  Ebla 1986 Gates kaampanii maayikiroosooftii parsantii 55 uummataaf yookiin aksiyoonii dhiyeessuun sheerii tokkoon tokkoon doolaara 21’n gurgureera. Gates kaampaanicha keessaa parsantii 45 yookiin doolara miliyoona 234 kan ofii godhate. 

Haaluma kanaan waggaa 31 miiliyoonara ta’uu danda’eera.  Bill Gates jalqaba kaampanicha irraa ka’uun hanga bara 2006 kaampanicha keessattii hoogganaa ta’uun tajaajileera.  Qarshii doolara biiliyoona 114.7 yeroo ammaa ni qaba. Waggoottan hedduuf abbaa qabeenyaa tokkooffaa ta’us yeroo dhihootti ‘Jeff Bezos’ injifatamuu danda’eera. Sababni isaas qarshii isaa baay'ee hojii tola ooltummaaf waan oolcheef. Yeroo waggaa 32 turetti mucayyoo waggaa 23 kaampanii isaa keessa hojjettu meelinda fireenchi waliin wal baran. Sana booda turtii yeroo jaalala dheeraan booda ammajjii 1, 1994 edola haawaay irratti cidha taasisaniiru. ijoollee sadiis jeeniffer, roorii fi foobii jedhaman haadha manaa isaa irraa argachuu danda’eera. Bill hooggana ‘Microsoft’  irraa bara 2006 nama baalmaarii jedhamuuf kennanii irraa bu’aniiru. Sana boodas aangoo biraatiin hoogganaa turanis waxabajjii 27, 2008 guutumaan guututti kaampaanicha keessaa bahuun yaada ofii gara hojii tola ooltummaatti deebiseera. Bill Gates osoo biyya tokko ta’eetii biyya addunyaa keessaa qabeenyaan 63ffaa irratti kan argamu ta’a ture! Akkasumas qorumsa SAT 1600 keessaa 1590 deebisuun hangam dandeettii akka qabu muldhiseera.




#Article 333: Tapha ijoollee (185 words)


Tapha Ijoollee

Taphinni ijoollee gosoota afoolaa keessaa isa tokko.Ummaatni Oromoo ol-adeemaasaa/daa’imman isaa taphoota adda addaatiin aadaa,seenaa ,duudhaa,safuu fi jireenya hawwaasummallee  barsiifata.Taphinni ijollee yeroo baayyee galgalaa fi yeroo boqqonna yommuu maatiin walitti qabamu taphatama.Taphinni ijoolee gosa baayyee qaba; naannoodhaa naannoottis garaagarummaa qabaachuu mala.Akkuma gosaan garaagara ta’ees ergaa/barnoota garagara dabarsa.

Kan Golee maali? Taphinni akkas jedhamu naannoo keessan jiraa? Yoo jiraate walfakkeenyaa fi garaagarummaa tapha armaan gadditti  barreeffame kanaa  wajjin qabu nuukatabaa.

Taphinni “ Kan Golee maali?” jedhamu nannoo Wallagga Dhi’aati tapha beekamudha.Namoota lamaan taphatama.Tokko ni gaafata tokko deebii kenna.Gaaffii fi deebiin kuun saffisaan gaggeeffama.Gaafataan gaaffii dogoggorsiisaa /dogoggoraa giddun gaafata.Gaafatamaan gaaffii kanaaf deebii sirrii yoo kennuu baate ni mo’atame jechuudha.

Gaafataan “Kan golee maali?” jedhee irra deddebiidhaan gaafata.Gaafatamaanis “Meshalee mana keessaa kan qophii nyaataf tajaajilan” saffisaan maqaa dha’uudhaan deebii keenna.Gaaffiin doogoggorsiisaa giddun gaafatamus “Akkon kee maali?” kan jedhudha.Gaafatamaan deebii “nama/abbalu” jedhu akkaa kennu eegama.Dogoggoran debii maqaa meshalee yoo deebise garuu ni mo’aatame jechuudha.Taphicha Irra deddeebiin dheerassanii tapachuun ni danda’aama.

Kan Golee Maali?

FKN.               Gaafataa                                Gaafatamaa




#Article 334: Gammoojjii Kaalahaari (124 words)


Gammoojjiin Kalahari () lafa square mile 350,000 (900,000 square km) hagoogee kan argamu yoo ta'u biyyoonni Gammoojjii kun kessaattii argamu Bootiswaanaa, Namiibiyaa fi Afrikaa Kibbaati. Kalahari jachuun afaan naannoo saniitti iddoo bishaan hin qabnee (waterless place) jachuudha. Garuu gammoojjiin kun rooba hanga tokkoo waan argatuuf bineensootaa fii biqiilota adda addaatuu achitti argama. Gammoojjii Kalahari albuudoota akka daaymandi(diamond), kopeerii(copper) fi nikeliin kan badhaatedha. Temprature gammoojjii Kalahari yeroo gannaa degree celcius 100tti olguddaata. Gammoojjii kalahari laga waggaa guutuu yaa'uu tokkoo qofa qabdi, kunis Okavango jedhamuun bekkaama. Gammoojjii kalahari keysa gosoota shinbirroofi bineensoota bosonaa kan adda addaattuu jiraata. Waggoota kuma hedduu dura gammoojjii kana kesasa laggeeniifi bineensota baayyeettuu jiraachaa ture. Garuu sababa jijjirama qilleensaatiin yeroo gara yerootti laggeen kun gogaa wan dhufaniif bineensonis gara iddoo birottii baqatan.




#Article 335: Oprah Winfrey (191 words)


Opra Winfrey gaazexeessitu, qopheessitu sagantaa TV fi haadha qabeenyaa Ameerikaati.

Opra Winfrey kan dhalattee bara 1954 Amerika kutaa mississipi iddoo Kosciusko jedhamuttii.
Haadhaa fii Abbaan ishee osoo wal hin fuudhiin waliin jiraachaa turan. Garuu harmeen Oprah erga ulfoofte boda Abbaa manaa ishee waliin gargar baahaan. Opran erga dhalattee booda jirenyaa qananii jirachudhaaf carraa hin arganne. Jireenyi ishee hiyyuummaan wan marfameef, Opran umri ishee kan daa'immumma jireenya gadadotiin dabarsuf dirqamte. Osoo umriin ishee daa'imaati kan abbaa buddena isheetin gudedamte. Yeroo umriin ishee waggaa 14 gahu opran abbaa ishee birattii galte. Erga abbaa ishee birati galte booda abbaan isheetis opran akka barnotta ishetti ciimtuuf sirriittii hordofuu jalqabee. Opranis barnoota ishettii cimtuu taatee.Mana barnotaa kessaatiis qophiilee diramaatii fi aartii irratiis hirmaachu jalqabdee. 

Opran jalqaba hojiin ishee oduu gabaastuu ture boda garuu sagantaa mataa isheeoprah show kan jedhamu jalqabudhaan,qophiiilee adda adda dhihessu jalqabde. Sagantaan isheen dhiheesa turtees ummata birattii bekkamttuummaa guddaa argachaa dhufee. Sagantaa ishee irrattii dhiimmottaa addaa,seenaa fii hawaasumma qopheesudhaan bekkamttumma ishee yeroo irraa gara yerootti dabalaa dhufee. Cimina isheetin opran dubaartotaaf adda duree(model) tahuu danddesse jirtii. Opran Sagantaa televijini dhiheessun Aalattii Oprah winfrey book club kan jedhamu hunddessuudhan jijjiirama guddaa argamsisuu dandeesse jirti.




#Article 336: Naamrud (167 words)


Seera Uumamaa 

Kuush, Naamrudin dhalche; Naamrud kun biyya lafaa keessatti nama jabaa isa duraa ture. 

Inni Waaqayyo duratti iyyuu adamsaa jabaa ture; kanaaf jechi, Akka Naamrud isa Waaqayyo duratti iyyuu adamsaa jabaa sanaa jedhamee dubbatamu beekamaa ture.

Innis jalqabatti mandaroota biyya Shiinaar isa Baabilon jedhamee beekame keessaa Baabel, Erek, Akaadii fi Kaalne irratti in mo'e. 

Biyya sanaa ba'ee biyya Asor dhaqee mandaroota Nanawwee, Rehobot-Irii fi Kalaa in ijaare;

dabalees mandaroota Nanawwee fi Kalaa gidduutti Resen mandarattii guddittii in ijaare. 

Misraayiim, Ludiim, Anaamiim, Lehabiim, Naftuhiim,

Fatrusiim, Kasluhiim11 isa warri Filiisxiyaa irraa argaman, Kaftoriiminis in dhalche.

Kana'aan, Sidoonin dhalche, inni ilma isaa isa angafa ture; itti aansees Heetin,

Yibusoon, Amooron, Girgaashon, 

Hiiwon, Arqon, Siinon,

Arwaadon, Simaaron, Kamaaton dhalche; booddee immoo qomoon Kana'aan in tatamsa'an. 

Lafti warra Kana'aan Sidoonii ka'ee karaa Geraar irra hamma Gaazaatti, karaa Sodoom, Gomoraa, Aadimaa fi Zebo'iim immoo hamma Laashaatti in bal'ata.

Ilmaan Kaam warri akka qomoo qomoo isaaniitti, afaan afaan isaaniitti, biyya biyya isaaniitti, saba saba isaaniittis lakkaa'aman isaan kana. 

Kuush kuni abbaa gurraachota hundumaati.




#Article 337: Wangoo 2021 (5538 words)


	

	1. qubee jalqabaa kan afaan Ingilizii. 2. barnoota irratti, qabxii hojii sadarkaa ol'aanaatiif, kennamu, tokko

	awwaaldiigessa, olokee

	golloo (gosa waraabessaa qalloo)

	

	I. rifachuu, na'uu. 2. duubatti hafuu

	caasaa sibiilaa gaggabaabduu kan waanti akk sibiilaa yookiin callee irra naqame (kan dur daa'ima lakkoofsa ittiin barsiisan)

	1. guutummaatti dhiisuu. 2. ganuu

	1. kan gutame, kan dhiisame, duwwaa. 2. duubatti kan hafe.

	I. qaana'uu. salphachuu, salphisuu 2. aankii loltummaa fi kkf gad butuu

	salphina

	qaana'uu, yeella'uu, saalfachuu

	laafuu, qabbanaa'uu, callisuu

	lafqalii, maggoraa, qeeraa

	bulchituu gamoo/gadaamii dubartootaa

	gadaamii

	bulchaa gadaamii

	gabaabsuu (jecha)

	gabaajee

	I. aangoo ofii fedhiin dhiisuu 2. ittigaafatamummaa ofii sirriitti bu'uu dhabuu

	huffaa, garaa

	butuu, ukkaamsanii fuudhanii deemuu

	butii, ukkaamsanii fuudhanii deemuu

	Waan baratame tokko irraa maquu

	namni tokko waan dogoggoraa yookiin waan sirrii hin taane akka hojjetu jajjabeessuu ykn gargaaruu

	hojii gadhee yookiin waan gaarii hin taaneef nama nama kakaasu

	yeroodhaaf hojiirra akka hin oolle waan ittifame

	jibbuu, balfuu

	fokkisaa, fokkistuu, fucungee

	1. obsuu 2. bakka tokko turuu

	yeroo dheeraaf kan turu, waara'aa

	dandeettii

	salphaa, kan salphatee

	waan tokko dhiisuuf kakachuu yookiin waadaa galuu (amantii, mirgaafi kkf)

	1.garmalee kan gubatu. 2. miidhagaa, gammachiisaa.

	1. dandeettii, humnaa fi beekumsa kan qabu. 2. kan danda'u.

	harka yookiin dhaqna dhiqachuu (kees. wayita sagaduuf jedhanitti)

	of ganuu

	waan beekamu yookiin waan 

barame irraa adda kan ta'e, waan keessummaa.

	doonii, baaburaa fi xiyyaara kan yaabbatan.

	mana, bakka jireenyaa

	dhabamsiisuu, barbadeessuu, haquu

	1. suukanneessaa, jibbisiisaa 2. baay'ee gadhee

	jibbuu, balfuu

	suukanneessaa, jibbisisaa

	durii jalqabee lafa tokko irra kan jiraate, abbaa biyyaa

	biyya tokko keessa durii jalqabee namoota jiraachaa turan, abba biyyaa

	1. ulfa ofirraa baasuu 2. gatachuu

	ulfa-baasuu, hankaassa

	karoora hin milkoofne, bu'aa-maleessa

	baay'inaan argamuu

	waa'ee

	irra, irra-keessa, ol

	riguu, quncisuu

	dhagna hooquudhaan gogaan akka dheekkamu taasisuu, horbobbuu

	saakarraa'aa, wayita tuqan waan nama quuqu

	wal cinaa (kallatti tokkotti garagaluudhaan yookiin kallatti tokkotti fuulleffachuudhaan)

	gabaabsuu (katabbii kitaabaa fi kkf)

	katabbii gabaabbate (waan akka asoosamaafi kkf)

	biyya alaa, biyya bakkee

	diiguu, dhabamsiisuu

	diguu (seera)

	1. waan itti hin yaadamiin, waan tasaa 2. addaan kukkutuu (haasaa)

	akka tasaa

	1. addaan ciccituu (sagaleedhaaf) 2. addaggummaa, kabajaa agarsiisuu dhabuu

	dhiitoo malaa qabu

	utuu namni hin beekiin suuta miliquu (akka hin hidhamne)

	argamuu dhabuu. hafuu (hojiif kkf irraa)

	I. argamuu dhabuu 2. hafuu (barnootarraa)

	kan hin jirre, kan hafe, kan hin argamne

	bakka silaa argamu qabutti nama hin argamiin hafe.

	hir'ina kan hin qabne, amansiisaa, daangaa maleessa (aangoodhaaf)

	gonkumaa, tasumaa, abadan, cirayyuu, matumaa 

	cubbuu irraa dhiiqamuu, dhiifamuu cubbuu. aagii

	sirna ol'aantummaa siyaasaa kan gartuu tokkoo kophaa

	1. namni tokko balleessaa yookiin yakka irraa walaba tu'uu isaa labsuu 2. qulleessuu (cubbuu irraa)

	xuuxuu, harkisuu (dhangala'aaf)

	waanta waan dangala'aa laafaatii xuuxu/harkisu

	kan qalbii namaa hawwatu, kan xuuxu

	yaadaun liqimsamuuu

	1. sagalee kennuu irraa of qusachuu (filannoo irratti)  2. waan jaallatun gochu irraa of ittisuu.

	1. nama baay'ee hin nyaannee fi hin dhugne. 2. waan barbaadan yookin  jaallatan akka fedhanitti argachuu dhabuu.

	Waan tokko gochuu irraa of tiksuu (kees. filannoo irratti sagalee kennuu irraa)

	waan tokko guutuummaatti lagachuu (saalquunnamtiifi kkf)

	waan yaadumaan mul'atu garuummoo qabatamaan hin jirre (axareeraa, yaada waliigalaa, kan kitaabaafi kkf gabaabaatti cuunfamee kan barreeffame)

	maqaa wantoo, killayyaa

	hubachuuf ulfaataa waan ta'e tokko

	1. waan amansisaa hin taane. kan sababa hin qabne 2.gowwaa, jufunfula

	waan hiika hin qabne, gochaa gowwaa

	baay'ina, heddumina, cafii

	wacaqa, hedduu, baay'ee, danuu

	1. waan gadheetiif itti fayyadamuu (aangoo fi mirga qaban) 2. miidhuu 3. arrabsuu

	nama nama arrabsu, jecha ulfina namaa sulphisu

	arrabsuu

	1. baay'ee gadhee 2. ol'aanaa guddaa

	qililee, bowwaa gad fagoo

	

	dhaddacha, ajoo, laaftoo, garbii

	I. kan barnootaa, barnootatti 2. hojii barkaan hojjetamu caalaatti dubbisuu fi qu'annoo irratti kan xiyyeeffate.

	akkaadaamii

	1. bakka ol'aanaa qabachuu (kees. Mootii yookiin giiftii ta'uuf) 2. Walii galuu, wal ta'uu

	sardamsuu dabaluu

	sardamsuu

	meeshaa saffisa makiinaa to'atu kan makiinaa kaassa jiru.

	1. akkaataa itti haasa'an ykn dubbatan. 2. axarroo mataa jechootaa irra kaa'amu.

	fudhachuu

	fudhatamummaa

	fadhatamaa

	mala ykn daandii waan tokko bira gahuuf nama dandeessisu, odeeffannoo fudhachuuf ykn kaa'achuuf harshama Kompiiteraa banuu 

	itti fayyadamuu ykn bira gahuun waan danda'amu.

	1. dubamuu, aangoo argachuu, muudamuu 2. Dabala, Edaasa

	1. meeshaalee jijjiirraa makiinaa fi kaameeraa 2. nama yakka hejjechuu irratti nama gargaaru ykn kan akkaataa yakkaa beeku 3. faaya dubartootaa

	Balaa

	waan tasaa, waan hin yaadamiin

	tasa, otoo hin yaadamiin, dimmaa

	1. waan tokko gammachuudhaan fudhachuu 2. nama tokko uummata fuulduratti leellisuu

	simannaa o'aa

	madaquu

	kamajaa argachuu

	1. bakka bultii namaaf kennuu 2. yeroo karoora baasan waantota tokko tokko Hubannoo keessa galchuu 3. madaquu 4. gargaaruu 

	1. mana kutaa tokko ykn lama qabu kan keessa jiraachuuf ta'u. 2. walta'insa 

	1. kan faana deemu, waanta waan kan biraa utubu, jalee 2. waa'ila (muuziqaaf)

	meeshaa muuziqaa nama taphatu

	1. faana deemuu 2. erga waan tokko namatti kennanii booda waan kan biraa immoo faana kennuu. 3. meeshaa muuziqaa taphachuu

	tumsaa, tumsituu, baabsituu

	fiixaan baasuu, raawwachuu

	kan Ogummaa qabu, sirriitti kan leenjifame

	1. waan tokko haala milkaa'een xumuruu 2. kennaa uumamaa 3. milkaawwii 

	walii galtee, aangoo ykn mirga kennuu

	haaluma kanaan, kanaaf

	Akkoordiyoonii (gosa meeshaa muuziqaati)

	nama hin beekne itti dhiyaatanii haasofsiisuu

	1. herrega 2. maallaqa mana baankii kaa'ame 3. gabaasa waan tokkoo (kees. poolisiif dhiyaatu)

	gaafatamaa, gaafatamtuu (waan itti gaafatamummaan namarra jirutti)

	herregaa, herregduu

	1. Muuduu (Ambaasaaddara) 2. fudhama kan argate (yaada, amantii fi kkf)

	guddachuu, dabaluu

	waan tokko suuta walitti qabanii baay'ifachuu.

	baatirii huna elektirikiin guutamu

	sirrummaa, dogoggora dhabuu

	sirrii, dogoggora kan hin qabne

	qajeeltootti, dogoggora malee

	abaaramaa, sokkaa'amaa

	himannaa, himata

	aantima, antima

	yakkuu, himachuu 

	himatamaa, himatamtuu

	himataa, himattuu

	waan tokko itti baruu, of madaqsuu 

	waan beekamaa, waan baratame

	1. nama dandeettii guddaa qabu. 2. kaartaa isa ittiin taphatan (lakkoofsa tokko)

	amala ykn haasaa hamaa

	dhangaggaa'aa 

	gaasii bifa maleessa (C2h2) kan waan akka sibiilaa walitti suphuuf gargaaru

	waraansa 

	waan barbaadan argachuu

	hojii haala milkaa'aan hojjetamee galma isaa gahe.

	asiidii 

	asiidawaa 

	asiidummaa 

	1. dhugeeffachuu 2. dhugeeffannaa ofii beeksisuu 3. hoqubaa dhiyeessuu 

	1. galata 2. waan tokko beekanii amananii fudhachuu

	bantii ykn Fiixee waan tokkoo isa dhumaa

	dhukkuba gogaa/coraa (waan akka finnisaa dhaqna irratti akka bahu godhu)

	gosa ija muka qilxuu

	kan sagalee, saayinsii sagalee fi miira dhageettii

	1. sagalee wajjin waan walqabate. 2. meeshaa muuziqaa kan humna elektirikii hin barbaanne. 3. qo'annoo sagalee saayinsaawwaa 4. haala sagalee kan gamoo tokko keessaa dhagahamu

	namni tokko waa'ee waan tokkoo akka beeku gochuu

	1. Beekumsa xiqqoo waa'ee waan tokkoo irratti 2. nama beekan garuu immoo kan hagasmara walitti hin dhiyaanne.

	mormii tokko malee waan tokko fudhachuu

	Waliigaltee (fedhiin)

	argachuu, gonfachuu (beekumsa)

	argachuu (Qabeenya)

	namni tokko yakka irraa walaba ta'uu isaa beeksisuu

	murtii namni tokko yakka ittiin himatame irraa bilisa ta'uu hubachiisu

	bal'ina lafaa kan iskuwer meetirii 4050

	waan foolii cumaa ykn hadhaa'aa cimaa qabu

	1. hadhaa'aa 2.cimaa, jabaa (falmiif)

	qiriiphaa, akiroobaatii

	qubeelee jalqabaa walitti fiduun jecha uumamu

	qubeelee jalqabaa walitti fiduun jecha uumamu

	1. gochaa, hojii 2. gochuu, hojjechuu, taphachuu 3. agarsiisa (diraamaaf kkf)

	eeggataa, eeggattuu

	hojmaata, gochaa

	si'eessuu, kaasuu

	si'aawaa, si'ooftuu, hisataa, hisattuu

	sochii, hojii

	taatoo (dhiiraaf)

	taatota

	taatoo (dubartii)

	1. kan dhugaa, isa sirrii 2. kan amma jiru

	dhugaadhumatti

	1. maashiniin akka hojjetu gochuu 2. kakaasuu

	gamnummaa, abshaalummaa, haxxummaa, si'aayina qabaachuu

	dandeettii dafanii murtii kennuu (waa dafanii hubatanii)

	mala lilmoo qaqallootiin narvii waraananii wal'aanuu

	rakkisaa, cimaa (dhukkubaaf)

	

	kaayyoo addaa tokkoof waan dhaabbate, dursee waan itti hin yaadamiin

	1. barreeffama osoo harkatti hin qabatii dubbachuu, fakkeessuu 2. utuu hin dhiphatiin

	mammaaksa

	nama laafaatti yaada isaa hin jijjiirre

	liqimsituu, lumma, kokkee

	madaqsuu

	haalota jijijjiramanitti madaquu

	karaa haaraa ta'een waan tokkotti fayyadamuuf meeshaa nama gargaaru.

	dabaluu, eda'uu

	katabbii akka dabalataatti dhuma irratti barreeffamu

	nama araada wayii qabu

	araada, haraaraa

	araachisaa

	dabala, edaasa

	dabalata, edaasa

	quyyifa waan nyaataa fi qorichatti dabalamu

	1. diddoo, ajoo, ajeessaa, 2. burjaaja'aa, burjaajoftuu

	teessuma, teessoo

	dhiyeessuu (akka ragaa ykn fkn itti)

	ogeessa, hayyuu

	ga'aa, quubsaa

	1. hordofuu (seera, sirna fi kkf) 2. wayitti qabachuu 3. yaada/kaayyoo tokkotti cichuu, deeggaruu

	deeggartummaa

	deggeraa, deggertuu (jaarmiyaa siyaasaa fi kkf)

	waan tokkotti qabachuu/maxxanuu

	haphee

	wal bira, cinaa kan jiru, itti aanee

	addeessa

	dhihoo, cinaa kan jiru

	1. guyyaa birootiif dabarsaa (walga'ii fi kkf) 2. bakka kan biraa deemuu

	beellama

	waanti tokko dhugaa ta'uu isaa beeksisuu yookiin akka waan dhugaa ta'etti fudhachuu

	1. waldhabdee namoota giddii jiru gad fageenyaan xiinxalanii murtii kennuu 2. dugommii irratti akka abbaa murtii ta'anii hojjechuu

	1. waan akka miitootti waan tokkotti dabalamee garuu immoo hagasmara barbaachisaa hin taane 2. gochima tokko caalaatti ibsuuf dabalgochima himaaf kanneen fakkaatanitti dabalamu

	jabeessanii gaafachuu

	sirreessuu, tottolchuu (haala haaraa wajjin akka wal fudhatu)

	akka barbaadanitti sirreeffamuu waan danda'u

	qondaala loltuu kan dhimma bulchiinsaa fi naamusaatti itti gaafatamaa ta'e.

	1. bulchuu, to'achuu 2. hojii irra oolchuu 3. qoricha kennuu 

	bulchiinsa

	bulchaa, gaggeessaa

	kan dinqisiifamu, dinqisiisaa, maalalchisaa

	qondaala ol'aanaa kan humna galaanaa

	dinqisiifannoo, raajeffannaa, maalalchiifannaa

	jajuu, dinqisiifachuu

	leellisaa, leelliftuu

	waan fudhatama qabu rakkina kan hin qabne

	1. waan balleessan tokko amananii fudhachuu 2. seenuu 3. gatii seensaa

	1. amanuu (balleessaa) 2. akka seenuuf eeyyamuu

	mirga seensaa

	makaa, makamaa

	1. akeekkachiisuu 2. gorsuu (haala jabaa ta'een) 3. dheekkamuu

	akkeekkachiisa,    (amala sirreessuuf)

	ifaatii, ifaatoo, (amala sirreessuuf)

	akeekkachiisa

	walanee, rakkina deddeebi'u

	xubii aduudhaan gogfame

	yeroo dargaggummaa, saalfannoo

	dardara, shamarra

	1. mucaa ormaa fuudhanii akka kan ofiitti guddifachuu 2. waan tokko akka kan ofiitti itti fayyadamuu 3. nama tokko akka kaadhimaatti ykn bakka bu'aatti filuu 4. gabaasa, yaada fudhachuu (raggaasisuuf)

	1. yaada nama kan biraa fudhatanii itti fayyadamuu 2. guddifachaa fudhachuu

	jaallatamaa, jaallatamtuu

	jaalala guddaa, leellifannaa (baay'ina jaalalaa irraan kan ka'e)

	baay'isanii jaalachuu, leellisuu, faarsuu

	shashaqachuu, ofbareechuu, bareechuu, fuuluu

	faaya, jifaara

	adireenaalii

	adireenaaliinii (hormoonii adireenaaliin omishamu)

	doonii ykn bidiruu lafatti hin hidhamne kan callisee bishaanirra bololi'u

	qareessa, qareettii, si'aawaa

	garmalee leellisuu, faarsuu

	jajuu, dinqisiifachuu

	ga'eessa

	waan biraa itti makuudhaan waan tokko ququllinni isaa akka gadi bu'u gochuu

	halalee, eejjaa, mermertuu

	ejjaa, halalee, 

	halalee, eejjaa, mermertuu

	ejja, halalummaa, gaalamootummaa

	1. gara fuulduraatti deemuu, dhiibuu 2. osoo hojiin hin xumuramiin maallaqa dursee kenname, liqii 3. gatii dabalataa (gochima) 1. haala sodaachisaa ta'een gara namaatti adeemuu 2. jijjiirama ykn guddina agarsiisuu 3. liqeessuu 4. mariif yaada dhiyaassuu 5. gatiin meeshaalee dabaluu

	guddina hojii ykn aankii

	faayidaa irra wayyaa'aa ta'e, carraa gaarii, bu'aa, rahaa

	bu'aa qabeessa, kan caalaatti faayidaa qabu

	1. gahuu, dhiyaachuu 2. ayyaanni gooftaa keenya yesuus gahuu isaan dura torbanoota jiran arfan.

	waan tasa ta'e

	1. imala balaa fiduu danda'u 2. jabduu, gochaa hagasmara beekamaa hin taane

	nama jabduu hojjechuu barbaadu

	balaa kan fidu ta'us waan haaraa raaw'achuf nama yaalu

	dabalgochima

	diina, nyaaphaa, siddii, amajaajii

	faallaa kan ta'e, mijaa'aa kan hin taane

	rakkina, yeroo gadhee

	dhaadhessuu, beeksisuu (meeshaalee daldalaa)

	beeksisa, dhaadheessa (kan daldalaa)

	dhaadhessaa, dhaadhessituu, beeksisuu

	gorsa (gorsuu)

	yoo godhan yookiin yoo raaw'atan filatamaa waan ta'e

	gorsa

	gorsaa, gorsituu, makkala, gorsa nama kennu (barataadhaaf.)

	gorsaa, gorsituu

	1. deggersa kennuu 2.ahukaattummaa

	waan tokkko deggeranii addababa'itti dubbachuu (n) 1. waan tokko deggeree nama addababa'itti dubbatu 2. Abukaattoo

	qottoo

	

	waan dhangala'aatti qilleensa qicuu

	gaanfollee, anteenaa (adj) xiyyaura/qillensa irraa

	man'ee allaattiilee (kanneen akka risaa fi kk fakkaatanii)

	erobiksii (gosa ispoortii baay'ina oksijiinii qaama keessa jiru dabaluuf hojjetamu)

	buufata xiyyaaraa

	barnoota xiyyaara suphuu fi oofuu (saayinsii irratti kan hundaa'e)

	xiyyaara

	dinqisiifannaa bareedinaa (kees. artii keessatti )

	

	fagootti

	nama laafaatti itti dhiyaachuun danda'amu, kan namatti hin ulfaanne

	giroo, dhimma, haajaa

	1. dhiibbaa gochuu 2. tuquu 3. miira gaddaa

	amala kijibaa (fakkeessuuf kan agarsiisan)

	itti fakkeessuuf waan hojjetame, garaa irraa kan hin maddine

	jaalala, kabajaa

	jaallatamtuu, jaallatamau

	sagalee kakaa (kan barreeffamaan mana murtiif dhihaate)

	nama/dhaabbata tokko dhaabbata beekamaa kan biraa wajin wal quunnamsiisuu

	1. hariiroo yookiin waliti dhufeenya jabaa 2. wal fakkeenya mirkaneessuu

	mirkaneessuu

	mirkaneessuu

	tole haa ta'u jedhanii waliigaluu (n) jecha waliigaltee agarsiisu (eeyyee tole)

	maxxansuu (keenyan manaa irratti)

	fufata

	gidiraa arguu, dhiphachuu

	gidiraa, cinqi, rakkina, dhukkuba jabaa

	duroommi, sooroma, badhaadhummaa

	sooressa, badhaadhaa

	danda'uu (maallaqa, yeroo fi waantoota fafakkaatan aarsaa gochuuf yookiin baasuuf)

	bosona uwwisuu

	jeequmsa, goolii, lola

	jecha/ haasaa nama mufachiisu, arrabsoo

	bakka barame iraa fagaachuu

	gubachuutti waan jiru

	1. kan boba'u 2. baay'ee qaana'uu yookiin dharraa ol'aanaa agarsiisuu

	1. kan bololi'u (bishaan irra) 2. galaana irra, doonii irra 3. rakkina/cinqii keessaa ba'uu

	waan ta'uutti jiru

	waan dursee jedhame

	sodaadhaan kan guutame

	keessa deebi'uu, akka haaraatti jalqubuu

	goofaree, Afrikaa wajjin hidhata waan qabu

	dudduuba doonii

	booda, booddee, duuba, gulana, maayessa

	daatii, obbaatii

	taatee gadhee /hamaa

	waaree booda

	eger, booddee

	

	ammas, lamuu, irra deebi, lammata, ammallee

	farra

	afaan banuu (dinqisiifannaa ofii ibsuuf yookii amuummachuuf)

	harraqoo, uukkoo, horroqoo, shashara. commee, abbaa-maarqoo, dhuufuu jaarsaa

	umurii, ganna, waggaa

	otontoraa, otontortuu, dulloomaa, dulloomtuu

	kan barabaraa. waan hin dulloomne

	1. dhaabbata daldalaa tajaajila murtaa'e kennu 2. waajjira mootunmaa tajaajila murtaa'e kennu

	ajandaa

	abbaana, wakiila

	walitti qabuu, waitti sassaabuu

	bakka tokkotti kuusamuu, baay'achuu

	walitti qabsiisuu

	guddisuu, dabalu

	abaasuu

	dimshaasha, edaasa/ herrega waliigalaa

	miira diinummaa, jibba

	kan dubbii yookiin lola jaalatu

	weerartuu, biyya yookiin nama dursee lola yookiin dubbii jalqabu

	kan gadde, midhamaa

	sodaa fi naasuudhaan guutamuu

	Si'aawaa, si'ooftuu

	si'aayina

	1. kakaasuu, dadammaqsuu (deggersa/mormii) 2. bulbuluu, sochoosuu (waan dhangala'aa)

	1. dadammaqsa 2. cinqii, yaaddoo yookiin gammachuu

	kakaastuu, dadammaqsituu, namooti duula yookiin hiriira irratti akka qooda fudhatan kakaasuu

	kan ifu, sirritti kan ho'u

	waa'ee wantoota qabatamaan mul'atani malee waa'ee Waaqayyoo waan tokkollee beekuun hin danda'amu nama jedhu

	.... dura, ...darbeera

	dharra'aa, fedhii ol'aanaa kan qabu

	dhiphina, gidiraa, gadadoo, hiraara, dararaa, badada

	Waan qonnaa wajjin walitti dhufeenya qabu

	waliigaluu, wal ta'uu

	itti waliigaluun waan danda'amu, gammachiisaa

	waligaltee, dilaala, walta'iinsa

	qonnaa, qotiisa

	lafa bishaanii galaana jala jiru tuquu/bira ga'uu

	

	gara fulduraatti

	

	gargaarsa, deggersa, hirpha (v) gargaaruu, deggeruu

	gargaaraa, gargaartuu

	dhukkubsachuu

	dhukkuba, dhibee

	kaayyoo, galii, akeeka (v) giyyaafachuu, akeekuu

	qilleensa

	humna qilleensaa

	buufaa

	qilleensa keessa kan deemu 

	xiyyaaraa fi wantoota fafakkaatan kan qilleensa keessa barrisan

	qubata xiyyaaraa (keessaayyuu kan waraanaa)

	daandii qilleensaa

	xalayaa xiyyaaraan ergamu

	miseensa humna qilleensaa

	xiyyaara, baaburbaallee

	dirree xiyyaaraa

	daandii qalloo xiyyaarri irra fiigee qubatu yookiin kan irraa ka'u

	kan qilleensa hin galchine

	qilleensawaa

	barcuma tarree naqamee jiru gidduu karaa ittiin darban

	

	balbala xinnoo saaqamee jiru 

	

	harka mudhii gara gadiirra kaa'uu

	wal fakkaataa

	

	fedhii guddaa, hawwii ol'aanaa

	1. naasuu, Sodaa 2. sagalee balaan yookiin rakkoon wayii kan jiru ta'uusaa himu 3. meeshaa rakkoon kan jiru  ta'uusaa beekee iyyu (v) akeekkachiisa kennuu, sodaachisuu, rifachiisuu

	rifachiisaa, rifachiistuu, birrachiisaa, birrachiistuu, qaxaxii, naasisaa

	gosa simbirroo galaanaa

	ta'ullee, ta'us

	nama yookiin bineelda bifa isaa isa uumamaa malee dhalate (kees. kan gogaan fi rifeensi addaatu)

	albamii

	alkoolii

	waan alkooli qabu

	kutaa xinnoo kan mana keessaa

	gosa farsoo

	si'aawaa (n) akeekkachiisa, hubachiisa

	waabara, saaphuyyee

	aljeebraa (gosa barnoota herregaa)

	maqaa dharaa

	yeroo yakki hojjetame namni tokko bakka yakki itti hojjetame sana kan hin turre ta'uu isaa ragaa mirkaneessu

	1. amba, orma, alagaa 2. kan duraan beekamu irraa waan adda ta'e

	ofirraa fageessuu, irraa baqachuu

	1. bu'uu (makiinaa, fardaa fi kkf irraa) 2. muka irra qubachuu (allaattii fi kk fakkaatan) 3. gubuchuu

	waan tokko wal qixxeessanii tarree naquu

	wal fakkaataa

	kan nyaataa, bullaa'uu nyaataa

	dhirsiif niitiin wayita wal hiikan, maallaqa inni tokko isa kaaniif kaffalu

	jiraataa, kan lubbuun jiru, kan hin duune

	cufa, hunda, mara, jiblaa

	Allaah (Waaqayyo)

	qabbaneessuu, tasgabbeessuu (sodaa, shakkii)

	himannaa (kan ragaan irratti hin dhihaatiin)

	utuu ragaan hin jiraatiin waa tokko akka dhugaatti dhiheeffatanii falmachuu

	amanamummaa, deggeraa ta'uu

	fakkoommii

	galati Wauqayyoof

	adanyoo

	gad hir'isuu, gidiraa laaffisuu/salphisuu

	daandii dhiphoo

	bu'aa gamtaatiif jecha tokkummaa yookiin waldaa biyyoota garaagaraa gidduutti uumamu

	kan waliigale, kan walta'e

	koromtoo

	qooduu, hiruu, kennuu

	kennuu, qooduu (waan qaban irraa)

	1. lafa uummataa kan abaaboo fi wantoota fakkaatan iratti misoomsuuf kiraayii fudhatame 2. qoodamee waan kenname

	hayyamuu, eeyyamuu

	durgoo. olmaayaa

	albuuda wal makaa (keessattuu sibila)

	eeruu, tuquu

	hawwachuu, ofitti harkisuu

	hawwataa

	eeruu, baanuu

	cirracha yookiin biyyoo lagii fi lolaan bakka tokko tuule

	tinfaa

	tumsaa, tumsituu, jaallee

	kitaaba Waan waggaa tokko keessatti raaw'atamuu malu tokko tokkoon ibsu kan akka dhaha guyyaattis tajaajilu

	hunda kan danda'u, baay'ee guddaa, humna qabeessa

	gosa mukaa kookii fakkaatu

	raamata, kennaa, buusii

	qilleensa keessa, ol

	kophaa, duwwaa

	cinaa, bira, wajjin

	cinaa, maddii, wajjin

	nama namatti hin siqne

	sagalee ol fuudhanii dubbachuu, sagalee guddaadhaan

	qubee Giriikii isa jalqabaa

	arfii, qubee

	toora qubeetiin

	dursee, ammaan dura, armaan dura

	itti dabalee, akkasumas

	siidaarsaa, dakkii

	geeddaruu, jijiiruu

	geeddarumsa, jijiirama

	wal qoccolu, wal loluu

	qoccolloo, walitti falmuu (sagalee ol fuudhanii)

	1. waliin jijjiiruu dabaree dabareedhaan 2. wal geeddaruu/ ta'uu 

	kaarentii gegeeddaramaa, guyyaa lama lamatti waan dhufu

	1. filannoo (waan lama gidduudhaa) 2. kan biraa, adda

	ta'ulle, ta'us

	xiyyaarri afooga galaanaatii olitti fageenya hammamii irratti akka argamu meeshaa himu

	ol fageenya

	sagalee qalloo (kees. kan dubartii)

	guutuummaatti, guutuumaan guutuutti, hundumaa

	faayidaa fi gammachuu namoota kan biroo dursuu, ofittoo ta'uu dhabuu

	faayidaa fi gammachuu namoota kan biroo dursuu, ofittoo ta'uu dhabuu

	aluminiyamii, saldaqaa

	barataa mana barnootaa, kolleejii yookiin yunivarsiti tokkoo nama ture (dhiira)

	yeroo hundumaa, hooggayyuu, yoomuu

	

	1. waan ilkaanitti guutamu 2. waan makaa meerkurii qabu

	walitti makuu, tokkoomsuu

	walitti qabuu, walitti guuruu (baay'inaan)

	utuu kaffaltii hin argatiin nama ispoortii fi tiyaatira keessatti qooda fudhatu

	dinqamuu

	dinqamuu

	dinqisiisaa, ajaa'ibsiisaa

	1. dubartii dheertuu (kan cimina qabdu) 2. dubartii loltuu (durdurii warra Giriikii keessatti)

	lamii, ambaasaaddara

	waanta keelloo fakkaatu kan faaya garaagaraa hojechuuf nama gargaaru

	nama harkasaa bitaas ta'e mirga qixxee itti fayyadamuu danda'u

	waan hiika tokko caalaa qabu kan karaa garaagaraatiin hikamuu danda'u, kan hiikisaa shakkisisaa ta'e

	waan hiiki isaa ifa hin taane Kan karaa garaagaraatin Hiikamuu danda'u

	fedhii ol'aanaa, hawwii, niyyaa

	waan tokko argachuuf dharraa yookiin nama hawwii ol'aanaa qubu

	waan tokko argachuuf dharraa yookiin nama hawwii Ol'aanaa qabu

	waan tokkoof ilaalcha gaariis gadhees qabaachuu

	waa'ee waan tokkoo miira gaariis ta'ee gadhee agarsiisuufi

	tirachuu, suuta deemuu

	Anbulaansi

	riphee (riphani eeguudhaan balaa geessisuu yaaluu) (v)riphuu

	waan tokko fooyyessuu

	fooyyessuu, wayyeessuu

	nama yaada yookiin ajaja kennamuf hin mormine, fudhataa yaadaa

	dogoggora sirreessuuf Waan tokkO xinnoo jijiiruu (Seeraa fi kkf)

	Jijjiirama xinnoo (sanadii irratti..)

	beenyaa, bulii

	tajaajila bakka tokkotti kennamu kan jireenyi akka tolu godhu, waan nama gammachiisu

	gaimmacihiisaa, gammachiistuu

	utuu wal hin loliin yookiin utuU wal hin dhabiin mariidhaan kan ta'e

	gidduutti, walakkaatti

	dogoggora

	walitti dhufeenya gaarii namoota yookiin biyyoota gidduu jiru

	rasaasa, meeshaa waraanaa

	of wallaaluu, waa hubachuu dadhabuu (sababa balaatiin)

	namoota biyya irratti yakka hojjetaniif seeraan dihiifama gochuu, Walaba gad dhiisuu

	oota, daata

	ameebaa

	Aarii irraa kan ka'e asiif achi bubbutamuu

	Baay'ee keessaa, keessaa

	waan safuu irratti hin hundoofne

	jaalala qaban fuulleedhumatti argisiisuu (keessaayyuu kan fedhii saalquunnamti)

	mololomii, boca dhabeessa

	Idaa kaffalanii fixuu

	1. bay'na, hammamta 2. herrega maallaqaa kan walii galaa, waan tokkoon qixxee ta'uu

	Jaalala dhoksaa

	ampiirii

	bineensa kan bishaanis ta'e dachee gogaa irra jiraachuu danda'u

	Bineensa bishaanii fi dachee gogaa irra jiraachuu danda'u

	jaarmaa/gamoo soraa/qinaaxxii maleessa kan tiyaatira keessatti agarsiisan

	cuggee

	ga'aa yookiin kan barbaachisuu olitti

	sagaleessaa

	ol fuudhuu (sagalee)

	bal'ina, dheeriina

	bilqaaxxii xinnoo kan dhangala'aa qoricha ittiin bulbulan baattu

	kutuu, muruu (miilla, harkaa)

	citaa, muramaa (miilla, harka), saruxxee

	dooluu, saruxxee

	kudhaama, hirsii

	gammachiisuu, kofalchiisuu

	gammachuu, kolfa, tapha

	kofalchiisaa, kofalchiistuu

	

	tokko, tokkitti

	waan yeroo wajjin hin deemne

	gosa bofaa Ameeriikaa Kibbaatti argamu kan bineensoota caccabsee erga ajjeese booda nyaatu

	dhukkuba hir'ina dhiigaa

	kan oksijiinii hin barbaadne ykn oksijiinii kan hin qabne

	of wallaaluu (qorichaan adoodanii)

	kan munnee, kan hudduu

	waanta waan kan biraa wajjin wal fakkaatu

	wal fakkeenya

	xiinxallii

	xiinxaluu, gamaaggamuu

	tiiyoorii siyaasaa, mootummaa, fi seerri hin barbaachisan jedhu

	ol'aantummaan seeraa akka mirkanaa'u nama hin barbaadne

	seera-maleessummaa, jeequmsa

	agana, ifannaa

	aganuu, ifachuu

	1. saayinsii waa'ee caasaa  qaama namaa yookiin kan neefkaa qu'atu 2. dhaaqamaa, caasaa qaama namaa yookiin kan bineeldaa 3. xiinxalli yookiin gorannoo waan tokkoo

	abuduroo, abuturoo

	koronyoo, qoronyoo

	gadiitoo

	kan bara durii

	.fi

	seenaa dinqisiisaa kan qabatamaan nama quunname akka durduriitti odeeffamu

	hir'ina dhiigaa

	aniimameetir

	of wallaaluu (qorichaan adoodani)

	banjoo (tibba wal'aanssaatti qoricha namni akka of hin beekne ittiin taassissan)

	adoochuu (qorichaan)

	ammas, akka haaraatti

	ergamaa, maleekaa

	aarii

	kofa, cabsaa, roga

	kofa-daangeessaa

	adamsituu qurxummii

	waan nyaataa fiixee kiyyootti diranii qurxummii ittiin qaban

	lammii Ameeriikaa sanyiin isaa Ingilizii ta'e

	gosa beeyladootaa dabbassaa dheeraa qabanii

	kan aare

	Cinqi, gidiraa, gadda guddaa

	1.qalloo, crgaramaa, ergaramtuu 2.mata-jabeessa, mata jabeettii, gogaa 3. han kofa qajeelaa gahu

	neefkaa, bineelda, horii

	horummaa, neefkummaa

	lubbuu itti horuu, dadammaqsuu, kakaasuu

	uumamni hundi jechuun muki, dhagaan qilleensii fi kanneen fakkaatan cufti lubbuu qabu amantii jedhu

	jibba, lola

	insilaala, kamoona, kamunii

	kuburuu. kibirii

	albuu

	tarreeffama argannoolee haaraa yookiin hojiilee waggaa tokko keessatti raaw'ataman kan akka tartiiba isaaniitti naqaman

	biyya kan biraa humnaan biyya kan ofitti dabaluu

	nanneen walitti aanan kan wal qahatanii jiran

	1. barbadeessuu, dhabamsiisuu 2. injifachuu, mo'uu

	dhabamsiisa, barbadeessa

	ayyaana yaadannoo kan waggaa 

	ibsuu, hiikuu (katabbii)

	labsuu, beeksisuu, hubachiisuu

	beeksisa, labsii

	beeksisaa, beeksistuu, labsituu, Iabsaa

	aarsuu, dallansiisuu

	aarii, dallansuu

	kan waggaa

	Waggaa Waggaan

	maallaqa waggaa waggaatti nama tokkoof kaffalamu (akka galiitti)

	seera haquu

	waan qubeelaa fakkaatu

	misiraachoo

	muuduu, dibuu (aangoof)

	waan beekamaa/waan barame irraa adda kan ta'e

	waan seeraa fi barmaatarraa beekamaa ta'een ala ta'uu

	maqaa dhoksuu

	kan maqaan hin beekamne yookiin kan maqaan ifatti hin ibsamne

	Kan biraa, abbii, ka dhibii

	deebii

	jaamaa, mixii, gonjaree

	amajaajummaa

	nama waa mormu, faallaa kan deemu

	olokee (gosa bineensaa arraba dheeraa qabu kan goondaa yookin mixii nyaatu)

	dursee kan dhufu

	abuduroo, abboota durii

	kutaa xinnoo kan gara kutaa guddaatti dabursu

	arroolee

	anteenaa, gaanfollee

	fuullee kan jiru, fulduraa kan mul' 'atu

	faaruu (kan gamtaadhaan faarfatamu)

	antarii, subba sanyii kormaa

	koobii rimmaa

	walaloo yookiin katabbiillee garaagaraa nama tokkoon barreeffaman kan bakka tokkichatti walitti qabaman

	golloobaa, cirmalee

	ximmada

	farra

	farra-xiyyaaraa

	antiibaayootikii, qoricha baakteeriyaa ajjeesu

	antiibodii, farra qaama alagaa

	sochii nama kofalchiisuuf godhamu

	1. ni ta'a jedhanii waa eeguu 2. utuu nami kan biraan hin hojjetiin waan tokko dursanii hojjechuu 3. fulduratti waan ta'u tokko gammachuudhaan eeguu

	waan nama aarsu

	nama kolfisiisuuf yookiin gammachiisuuf sochii godhamu

	farra-summii

	farra-fayyaa

	waree dura

	kuula

	jibba guddaa

	farra-uummataa

	meeshaa waraanaa nama ajeesuuf yookiin miidhuuf tolfaman

	nama waa'ee meeshaalee dulloomanii qoratu fi meeshaalee kanniinis walitti qabee gurguru

	otontoraa, dulloomaa, nama ilaalcha barri itti darbe faarsu

	meeshaa dulloomaa garuu immoo kan gatii guddaa qabu

	1. bara durii 2. meeshaa kan bara duri, hambaa

	antiiseptiksii, keemikaalii madaan baakteeriiyaadhaan akka hin faalamne eegu

	farra hawaasaa

	faallaa waan tokkoo

	farra summii

	gaafa kuruphee yookiin kan warseessaa

	maxxannee

	futee, munnee, bondee, fudee

	sibiila warri tumtuun sibiila irra kaa'ani tuman

	yaaddoo, cinqii, badada

	dhiphataa, dhiphattuu, cinqamaa, cinqamtuu, yaaddooftuu

	kamiyyuu, eenyuyyuu, tokkollee

	eenyuyyuu, nami kamiyyuu, abbaa fedhe

	itti dabalee, sana ta'e kana, ta'us

	eenyuyyuu, namni Kamiyyuu

	si'achi

	waan halle, Waan cufa, waan tokkollee

	haala kamiiniyyuu, karuma ta'en

	bukkayyuu, eessattu

	

	ortaa, aawortaa, ujummoo guddaa dhiiga raabsu (hidda dhiigaa isa furdaa kallattii onne isa bitaa irrraa dhufu)

	

	ariitiidhaan, sardamsuudhaan

	1. addan fagaachuu 2. addaan ba'uu, kopha kophaa, addaan kukkutuu

	sirna siyaasaa Afriikaa Kibbaa keessa ture kan lammiilee biyyattii akka Sanyiisaaniitti addaan qoodee miidhaa geessiisaa ture

	appaartaamaa

	nama waan okko akka dhimma isaatti hin ilaalle, kan fedhii hin qabme

	waan tokkotti fedhii dhabuu

	bineeyyii sanyii jaldeessaa ta'anii garuu immoo kanneen eegee hin qabne

	qoricha garaa namaa kaasu

	dhugaatii soorata dura dhugamu

	1. uraa, qaawwa xinnoo 2. karaa ifti kaameeraa keessa seenu

	fiixee, bantii

	Mammaaksa

	qoricha fedhii saalquunnamtii ainta kakaasu

	bakka gaagurrii kanniisotaaf kaa'amu

	tokkoon tokkoon

	Ofitti amanuu 

	Balleessaa isaatti gaabbee kan dhiifama gaafatu

	dhiifama gaafachuu

	dhiifama

	yaaduu akkasumas socho'uuf humna dhabuu (miidhaa hidda dliigaa sammuu keessa jiru irraa gaheen)

	Nama amantii isaa gane

	duuka buutuu, ergamaa, noolee

	mallattoo hudhaa (') 

	mallattoo hudhaa (')

	1. nama qulqulluu ta'uu, ayyaantuu 2. jireenya biyya lafaa dhiisuu 3. ulfina kennuu

	naasisuu. rifachiisuu

	naasisaa, jibbisiisaa, baay'ee gadhee

	1. meeshaa laabraatoorii keessatti waa ittiin hojjetan 2. caasaa dhaabbataa

	uffata, wayyaa, huccuu

	1. ifatti kan mul'atu, ifaa, beekamaa. kan hin shakkisiifne 2. waan dhugaa fakkaatu garuu immoo dhugaa kan hin taane

	ekeraa

	1. gaafachuu (gaaffii hatattamaa) 2. nama hawwachuu (bareedinaan) (n) iyyata, wagii, maganata

	iyyataa, iyyattuu

	1. mul'achuu, ga'uu 2. suuta ifa ba'uu 3. maxxanfamuu (kitaabaa fi kk fakkaatan) 4. dhihaachuu (mana murtii fi bakka fafakkaatanitti)

	bifa

	gammachiisuu, wan isaan barbaadan kennuudhaan namooti akka qabbanaa'an gochuu

	itti dabaluu (katabbii irratti) yookiin miiltoo itti qabsiisuu

	waan waan tokkotti qabatee yookiin fufee jiru

	dhukkuba garaa bu'aa

	1. odeeffannoo dabalataa fuula dhumaa kan kitaabaa irratti kennamu, miiltoo 2. ciincha (tirfanjatii)

	walitti dhufeenya kan qabu, ta'uu kan qabu

	waanta fedhiin nyaataa akka dabalu godhu (dhugaatii fi kkf)

	fedhii nyaata nyaachuu

	angaasuu, dhawwaaquu

	angaasuu, harka dha'uu, dhawwaaquu (n) angaasa, harka rukuttaa, dhawwaaqqii

	poomii (gosa fuduraa)

	meeshaa, mi'a, qodaa

	wajjin kan deemu yookiin hojiirra ooluu kan danda'u

	iyyataa, iyyattuu

	iyyata, hojii irra oolchuu, hojmaatessuu

	1. gaafachuu 2. hojii irra oolchuu

	shuumuu, muuduu

	shuumii

	beellama (v)muudama, shuumata

	qooduu, hiruu, ramaduu

	wal fudhataa, kan wal faana deemu

	xiinxaluu, qu'achuu (sadarkaa, gatii, faayidaa waan tokkoo)

	1. waan mul'atu yookiin waan tilmaamamuu danda'u 2. waan gatiin dabaluu danda'u

	leellisuu, dinqisiifachuu

	1. dinqisifannaa, raajeffannaa 2. dabalata gatii

	1. qabuu, to'achuu 2. hubachuu

	1. sodaa, cinqii (waan fulduratti ta'u yaadanii) 2. qabuu, to'annaa jala galchuu

	barataa leenjii ogummaa fudhatu (yeroo gabaabaadhaaf)

	beeksisuu

	itti dhihaachuu (n) akkaataa waan tokko itti raaw'atan

	waliigaltee, walta'iinsa, tole jechuu

	mijaa'aa, tolaa, sirrii (v) seeraan dhaaluu, humnaan fudhachuu

	raggaasisuu, haa ta'u jedhanii fudhachuu/waliigaluu

	kan tilmaamaa

	tilmaama

	qabeenyaa dhuunfaa (xixinnoo)

	Ebla

	marxoo

	ilaalchisee, waa'ee wajjin kan deemu

	mijaa'aa, tolaa, sirrii, aanja'aa

	dandeetti waa hojjechuu kan nami uumamaan qabu

	

	meeshaa warri daaktuun afuura ittiin baafatan

	bidiruu yookiin meeshaa kan qurxummii keessa kaa'an

	bishaan bira (naanniggaa) yookiin bishaan keessa kan jiraatu (bineensa, biqiltuu fi kkf)

	bo'oo bishaanni keessa yaa'u

	waan akka bishaanii

	jallaa, gooboo (funyaaniif)

	

	afaan Arabaa

	qonnaaf kan tolu

	waan tokko hojjechuuf yookiin raaw'achiisuuf nama namoota kan biroo caalaatti fudhatama qabu

	1. sababa kan hin qabne waan yaaduma mataa ofii kophaa irratti hundaa'e, kan baay'ee itti hin yaadamne 2. kan aangoon isaa daangaa hin qabne (abbaa irree)

	araarsuu, atoomsuu, jaarsummaa taa'uu

	jaarsummaa, atoomsa

	araarsaa, atoomsaa, jaarsa

	gaaddisa (muka jala)

	gomboo, golboo

	soraa suuqii fi suuqii gidduutti argamu kan nami jala daddarbu

	iccitii

	waagimboo, xiyya

	qu'annoo seenaa kan durii (hambaalee biyyoo keessa awwaalamanii jiran qotanii baasuudhaan)

	kan bara durii, kan dulloome

	ergamaa ergamoota irra caalu

	duree phaaphaasii

	diina (kan garmalee jibbanii fi sodaatan)

	nama xiyyaadhaan sirriitti waa waraanuu danda'u

	ispoortii xiyyaa darbachuu

	isa jalqabaa, isa duraa, angaficha

	cittuu lafaa yookiin oddoola bakka tokkotti baay'atanii jiran

	ogeessa dizzaayinii /saxaxa gamoo qopheessu

	ogummaa dizzaayinii jaarmaalee, arkiteckcharii

	1. sanadoota mootummaa, dhaabbattootaa fi matayyootaa (kan seenaa fi gochaalee garaagaraa bakka tokkotti walitti qabaman) 2. golaaduu, golambaa

	waa'ee waan tokkoo baay'isee kan itti yaadu, waan tokkoof miira jabaa kan qabu

	fedhii o'aa, jaalala ol'aanaa

	rakkisaa, rakkistuu

	bakka, iddoo, naannoo, bal'ina 

	dirree bal'aa kan ispoortiifi kk fakkaatanii

	o

	falmii, falammii

	gammoojii, bakka rooba baay'ee hin arganne

	ka'uu, dammaquu

	namoota gita ol'aanaa

	artimeetikii, herrega

	I. doonii Noh 2. taabota

	irree

	doonii waraanaa baay'inaan wal faana yaa'an

	gosa bineenti qocaa fakkaattu (Ameeriikaa giddu galeessaatti kan argamtu)

	waraana isa dhumaa (kan biyya lafaa gara badiisaatti oofu)

	hidhannoo, meeshaa waraanaa

	barcuma hirkoo (waan harka irra kaa'atan kan qabu)

	yeroof waraana dhaabuuf waliigaluu

	1. sibiila yeroo waraanaatti akka wayyaatti uffatamu 2. sibiila qaama taankiif makiinaa irrattiuwwisamu (akka rasaasaan hin uramne)

	1. sibiila yeroo waraanaatti akka wayyaatti uffatmu 2. sibiila qaama taankiif makinaa irratti uwwisqmu (akka rasaasaan hin uramne)

	mana guddaa bakka meeshaan waraanaa itti kuusamu

	ukoo, bobaa

	meeshaa waraanaa

	raayyaa, ijaaba

	urgaa gaarii

	foolii gaarii waan qabu

	naannoo

	1. dammaqsuu 2. kakaasuu

	araqee

	nama tokko mana murtiitti dhiheessuu

	1. sireessuu, sirriitti naquu 2. qopheessuu

	baay'ee gadhee

	1. nama yookin meeshaalee hiriiraan yookiin tooraan bareechanii naquu 2. uffachuu

	idaa yookiin maallaqa hin kaffalamne

	qabuu, to'annaa jala galchuu

	bakka tokko ga'uu, gahiisa

	ga'uu

	oftulummaa, ofjaja, quufa

	farangagsaa, oftuulaa, oftuultuu, ofjajaa, ofjajjuu, quufaa

	xiyya, xiyyee, lawwee

	hudduu, fagaara

	1. meeshaa waraana 2. bakka meeshaan waraanaa itti tolfamu yookiin kuusamu

	summii cimaa

	mana namaa gubuu

	artii, ogummaa

	kan hidda dhiigaa

	dhiiga raabsituu, go'aa

	abshaala, gamna, mala beektuu

	malaan, tooftaadhaan, ogummaadhaan

	dhukkuba buusaa lafee

	1. mi'a, meeshaa 2. barreeftama dhimma tokko irratti xiyyeeffatu (kan gaazexaafi kkf) 3. keewwata (kan seeraa)

	1. jechaan yaada ofii ibsuu 2. jechoota sirriitti sagaleessuu/afaanessuu (adj) nama yaada isaa sirritti ibsuu danda'u, nama haasaa beeku

	meeshaalee harka namaatiin hojjetaman kan safuu seenaa qaban

	namtolchee

	meeshaalee waraanaa gurguddoolii

	ogeessa hojii harkaa

	1. ogeessa fakkii kaasu, dhagaa soofee suuraa garaagaraa tolchuu fi kkf 2. waa tolchutti nama ogummaa ol'aanaa qabu

	ogeessa muuziiqaa, tiyaatiraa, daalalaa fi kk fakkaatanii

	1. artii wajiin walitti dhufeenya waan qabu 2. ogummaadhaan waan hojjetame

	dandeettii hojiilee artii hojjechuu (waan akka muuziiqaa, fakkii kaasuu fi kkf)

	1. salphaa, kan uumamaa, qulqulluu 2. ogummaan keessatti kan hin mul'anne

	artistii fakkaatanii mul'achuuf yaaluu (utuu hin ta'iin)

	

	akka

	maagaa

	ol ba'uu

	ol'aantummaa, humna

	yeroodhaa yerootti nama aangoonisaa dabalaa adeemu

	ol ba'uu

	ol ba'uu (tulluufi kkf) (n) giraabaa, irraan-olee, randa, toronjii

	mirkaneessuu

	gariibaa, gaaltama, xo'aashii

	waanti tokko kan nama biraa ta'uusaa ibsuu

	qulqullu (kan hin faalamne)

	1. daaraa 2. gosa mukaa

	qaana'aa

	daalachaa'aa, daalachooftu

	buufata galaanaa irratti

	qeremoo (nyaara gidduu, bakka nyaara guurrii)

	daaroftuu, daara'aa

	nama Isiiyaa, eeshiyicha

	cinaatti, gama tokkotti

	talboojja'aa, jibbisiisaa, talboojjoftuu, jibbisiistuu

	gaafachuu

	nama tokko shakkiin ilaaluu

	jallaa

	kan rafe, kan ciise

	bofa xinnoo summii hamaa qabu Afriikaa Kaabaatti argamu

	gosa biqiltuu affeelamee nyaatamu

	kallattii, roga

	1. rakkisaa (amalaaf) 2. jabaa (qillensaaf)

	qeeqa yookin arrabsoo kabajaa nama tokkoo miidhuu danda'u

	asfaaltii

	oksijinii dhabuun ukkaamamuu

	nama waan tokkoof hawwii ykn fedhii qabu

	hawwiin ykn nadha ol'aanaa waan tokko gochuu fi yookiin argachuuf guddaa kan hawwu

	aspiirinii (qoricha dhibee dandamachiiftu)

	harree (adj) jufunfula, raatuu

	dublbii barbaacha nama tultuquu, rukutuu, dha'uu

	luulleessaa, rukuttuu

	maallaqi kennameefii nama nama ajeesu, lubba baasaa(bitamee)

	ajjeesuu (aangawaa yookiin nama beekamaa)

	ajjeechaa

	luulleessa, miidhaa

	qulqullina albuudoota sibiilaa tooftaa garaagaraatiin qorachuu

	namoota yookiin wantoota kan biroo bakka tokkotti walitti qabuu

	1. walitti dacha'uu, walga'uu, walitti qabamuu, mogguu 2. meeshaa wa'ii walitti hidhuu, walitti qabsiisuu, suphuu, warshaaluu

	yaa'ii, gumii

	waliigaltee

	1. ejjennoo jabeeffatanii akka namooti waa hubatan gochuu 2. waan tokko dhugaa ta'uusaa dubbachuu

	mirkannoo

	tilmaamuu, qorachuu, xiinxaluu, gamaaggamuu

	gamaaggamtuu

	1.qabeenyaa gatii qabu 2. nama barbaachisaa

	jabaa, nama hojii jaallatu

	1. hoji yookiin dirqama wayii namatti kennuu 2. ramaduu 3. dabarsanii kennuu (qabeenyaa fi kkf gama seeraatiin)

	beellama (kan namoota dhoksaadhaan wal jaallatanii)

	1. hojii (kan hojjetamuu qabu) 2. muudama

	wal fudhachiisuu, waliin tokkoomsuu

	gargaaruu, deggeruu

	deggersa, gargaarsa

	gargaaraa, gargaartuu, deggeraa, deggertuu, uktuu, makkala

	michuu, shariika (v)tumsuu

	waldaa

	gosa garaagaraa, wal makaa

	qabbaneessuu, tasgabbeessuu

	waan tokko akka dhugaatti fudhachuu, tilmaamuu, yaaduu

	waanti tokko ni ta'a jedhanii fudhachuu, yaaduu

	1. dandeettii fi humna ofitti sirriitti amanuu 2. waabdi, abdii

	mirkaneessuu

	mallattoo urjii fakkaatu (*) kan wayita waa barreessan mataa jechaa irra kaa'an

	qaama duubaa (kan doonii)

	pilaaneetota xixinnoo aduutti naanna'an

	xiichaa, asmaa

	dinqisiisuu

	dinqisiisaa, aja'ibsiisaa

	waan hin yaadne, ajaa'ibsiifannaa, dinqisiifannaa, raajeffannaa

	dinqamuu, ajaa'ibsiifachuu

	dinqisiisaa, ajaa'ibiisaa

	karaa sirrii irraa kan maqe

	bargaanfatanii taa'uu yookiin deemuu

	urjii dhooftuu

	dhaha urjii

	ooftuu rookectii, ruudessaa

	ogeessa waa' ee aduu, ji'aa, urjiifi pilaaneetii qu'atu, ruudessa

	1. kan astiroonoomii, ruuda 2. baay'ee guddaa, jaafoo, ruudaa

	qu'annoo saayinsii kan aduu, ji'aa, urjii, pilaaneetootaa fi kk fakkaatanii

	abshaala, haxxee, gamna

	addaan ba'uu

	1. sababa siyaasaatiin namoota biyya isaanii gad dhiisanii godaananiif eegumsa mootummaatiin kennamuu 2. hospitaala namooti sammuun dhukkubsatu itti wal'aanaman

	

	falaasama Waaqayyo hin jiru jedhu

	Waaqayyo kan hin jirre ta'uu isaatti kan amanu

	atileetii, nama ispoortii (kees. kan fiigichoo fi utaalchoo)

	atiletiksii

	kitaaba kaartaa addunyaa qabu

	1. qilleensa naannoo lafaa 2. haala naanno (kan hojii)

	oddola geengoo wiirtuu galaanaatti argamtu

	atoomii

	atoomikii

	dogoggora duraan hojetame sirreessuu haala danda'amun Waa hojjechuu

	1. suukanneessaa 2. baay'ee gadhee

	hammeenya, hammina, gara jabina

	gad oramuu, gad xinnauchuu

	maxxansuu, qubsiisuu, itti uddeeluu

	attaachee (nama ambaasaaddarii wajjin ramadamu kan ittigaafatamummaa addaa qabu)

	1. walitti qabachuu, walitti makxanuu 2. walitti dhiheenya 3. barreeffama miiltoo

	luulleessa, miidhaa

	1. waan yaadan argachuu, milkaa'uu 2. ga'uu

	yaaluu, carraaquu (n) yaali, carraaqqii

	1. argamuu (bakka sagantaan tokko jirutti) 2. hordofuu 3. eeguu 4.gargaaruu

	barnooti wayita kennamu bakka sanatti argamuu

	eegduu, eegaa

	fuulleeffannaa, xiyyeeffannaa

	xiyyeeffannaan hordofuu, sirriitti ilaaluu

	dadhabsiisuu, hirisuu

	qallisuu

	waanti tokko dhugaa ta'uu isaa ragaa kennuu

	kutaa xinnoo (soraa yookiin diikkaa jala)

	ulfata, wayyaa, huccuu

	ilaalcha, yaada

	abukaattoo, bakka bu'aa

	hawwachuu, harkisuu

	hawwataa, hawwattuu, bareedaa, bareedduu, miidhagaa, miidhugduu, qaxuulee

	hawwatummaa, bareedina, miidhagina

	kennuu (keennamufii kan qabu ta'uusaa amanuudhaan) (n) gochaa yookiin amala namni tokko ittiin beekamu

	suuta dadhabaa adeemuu

	akka waliigalan/wal ta'an gochuu

	

	arrawaa

	araajii

	kan meeshaalee haraajiidhaan gurguru

	1. jabaa, cimaa, uggaa, haala rakkisaa keessatti waa hojjechuuf murteeffachuu 2.kabajaa kennuu dhabuu

	sodaachuu dhabuu

	kan dhagaa'amu

	dhaggeeffataa, daaw'ataa

	kan sagalee

	kan sagalee fi suuraa qabu (waan akka fiilmii fi kkf)

	to'achuu, qorachuu

	namoota tiyaatira hojjetaniif qormaata kennuu

	odiitara

	galma (kan mana tiyaatiraa, fiilmiifi kk)

	dhageettiifi sagalee wajjin walitti dhufeenya kan qabu

	baay'ina waan tokkoo dabaluu

	raajuu, raaguu, isa fulduratti ta'u maluf akka gaddiitti ilaalamuu

	surraa-qabeessa, surraa-qabeettii

	Hagayya (waalta 'aa), Elbasufa

	adaadaa, indootoo, haboo

	afuura

	dhageettifi gurraa wajjin walitti dhufeenya kan qabu

	1. gogaa gurraa isa karaa alaatiin jiru 2. kutaa onnee isa gara olii, oorikilii

	waaqa barii yookiin kan ganama obboroo (dubartii, kan warra Roomaa durii)

	deggersa, gargaarsa

	abdachiisaa, mijaa'aa, milkaa'uu akka danda'u kan hubachiisu

	1.gammachuus ta'e qananii kan hin qabne 2. hagasmara faayaan kan itti hin baay'anne

	dhugaa kan ta'e, sirrii

	barreessaa, barreessituu, kitabeessaa, kitabeessituu

	ajaji isaa sirriiş ta'u dogoggora keessa deeb'anii utuu hin gaafatiin waanta inni jedhe kophaa akka namooti hojjetan nama barbaadu (abbaa irree)

	1. aangoo irratti kan hundaa'e 2. amanamuu kan danda'u

	abbaa taayitaa, abbaa aangoo, aangoo, taayitaa, baallii

	aangoo kennuu

	otomaatikii, atomaatikii

	seenaa ofii kan mataa ofitiin barreeffame

	mootummaa nama tokkoon hoogganamu (kan aangoon isaa daangaa hin qabne)

	abbaa-irree

	barreeffama harkaa (kees. mallattoo)

	mallattoo yookiin barreeffama harkaa (kan nama beekamaa)

	baloo, piinoo

	otomaatikii, kan ofumaan hojjetu

	otomoobilii

	bilisummaa kan qabu, mataa isaa kan danda'e

	bilişummaa/aangoo dhimma ofiirratti oofiin murteeffachuu

	nami tokko sababa maaliitii akka du'e beekuuf qormaata wal'aansaa reeffa irratti adeemsifamu

	arfaasaa

	utubduu, deggertuu, dabalata 

	

	fayyadamuu, dhimma itti ba'uu

	argamuu waan danda'u, kan jiru

	jigoo (kan cabbiifi dhagaa)

	hojii artii, ogbarruu, faashinii fi kkf keessatti namoota adda durummaadhaan maqaan isaanii eeramuu dandau (hojii ol'aanaa ta'e hojjechuu isaatiin)

	dharraa maallaqaafi qabeenya baay'ee horachuu

	doqna

	haaloo ba'uu

	daandii guddaa (kan bitaa fi mirgarra muki fi gamoon jiru)

	giddu-galeessa, walakkeessa

	kan jibbu, kan balfu

	jibba

	ittisuu, dhorkuu, balaan akka hin geenye taasisuu

	godoo baay'ina qabu kan simbirroo keessatti horsiisan

	aviyashanii (ogommaa balalii Saayinsii irratti hundaa'e)

	kan feedhii fi hawwii guddaa qabu

	abukaadoo

	1. waan tokko hojjechu irraa of ittisuu 2. ittisuu, dhorkuu

	qoollifannaa

	waadaa galuu, amanuu

	kan eessumaa, akka eessumaatti

	

	eeguu

	dammaqsuu, dammaquu

	badhaasa (v) badhaasuu

	kan beeku, kan hubatu

	hubannaa, dammaqina

	1. achi, garas 2. walitti ansee

	kabajaa, ulfina

	dinqisiisaa

	sodaachiisaa, jibbisiisaa

	garmalee, baay'ee

	yeroo gabaabaadhaaf

	heefa

	mutaa, meenxoo, siiqee

	da'oo xinnoo

	akka eegametti kan hin taane, dogoggoraan (adj) samaa, xuraa'aa

	

	qottoo, dhakaraa

	waan dhugaa ta'e

	calii, siiqqee, silliqqee

	sibiila golollee yookiin gommaa makiinaa lamaan walitti qabsiisu

	

	gosa saaxoo kan abaaboo/ilillii bareedaa qabu




#Article 338: Aanaa Firaanki: Aanaa Firaanki (56825 words)


Bara mootummaa Adoolfi Hitlerii Naazotaan maaltu raawwatame? Naazii jechuun maali? Fixiinsa sanyii jechuun hoo? Aadaan dubbisaa kitaaba kana keessa jirus dhaloota keenyaaf galaa barumsaa akka ta'u nan amana.

Namoonni  kana irratti gurguddoo jedhaman dhuma irratti calalliin isaanii baasee yeroo hafan, namoota baay'ee muraasa ta'antu calalamee hafa. Mucaan durbaa waggaa kudha shanii isaan keessatti argamti yoo jedhame eenyutu amana?
Haa tau malee mucayyoon ganna kudha shanii kun kan jaarraa sanaaf guddoo taate eenyu? Maalis hojjettee  akkas jajamte?
Akkuma armaan olitti ibsamte maqaa guutuunshee Aanaa Firaanki jedhamti. Umurii gabaabduu kana keessatti akka aduu ganamaa iftee akka fixeensa ganamaa immoo daftee harcaate. Umurii ishee gara dhumaa waggaa lama jechuunis ganna kudha sadiitii hanga ganna kudha shaniitti jechuudha. Umurii ishee kana lamaanitti kan isheen hojjette kanaaf ishee geessiseera.
Jarman bara mootummaa Hitler namoota sanyii yihudaa taan baayee miliyoonotatti lakkaaaman fixuun isaa yaadannoo yeroo sanaati. Aanaanis warra dhuman keessaa ishee tokko dha.
Bara1943tti loltoonni Naazii  magaalaa Amisterdaam keessa warra biyyi nagaadha jedhanii jiraatan yihuudota mana mana isaaniitii funaananii gara Oshiwitzi fi gara mooraa uggurtii gara biroo adda addaatti isaan geessuu yeroo jalqaban, maatiin Aanaa Firaanki immoo dursanii bakka qopheeffatan  bakka icciitii isaanii  dhokatan. 
Aanaa Firaanki osoo hin barbaadiin dirqamaan akka ishee jaallannu kan nu godhe  Diyaarii ishee kana Fulbaana jaha 1947 Gargaarsa Beezintiya Ozikiin Ze NewYorker barruu jedhamu irraatti bahe, Barreeffamni sun roga kamiinuu barreeffama filatamaa jaarraa sanaa kan nu jechisiise dha. 
Dhugaattu Aanaa Firaanki akkuma olitti xuqame akka Fixeensa barii harcaate. Akka Odaa bara kuma jiraatee Bara kuma immoo jiraachuuf osoo jedhuu karaatti citee  jettu kitaaba ishee yoo dubbiftan.
Anas afaan Oromootti akkan hiiku kan na godhe  hojii ishee bareedaa kana dha. Itti dhiyaadhaatii irraa baradhaa,   itti bohaaraa, ni jaalattu jedheen amana.

Guyyoota muraasa darban keessatti waan tokko iyyuu siif hin barreessine. Sababni isaas Diyaarii kiyyaa isa gara fuulduraa yaaduu waanan barbaadeefi. Dhugaa dubbachuuf taanaan akka tiyya kan jirtu haadha Diyaarii yeroo taatu garuu waan nama ajaa'ibuu dha. Kana dura Diyaarii barreessee kanan hin beekne ta'uu koo qofa osoo hin ta'iin, Anis ta'ee namni biraa eenyu illee mucaan durbaa ganna kudha sadii kan garaa ishee keessaa yoo barreessite kan dantaa itti Kennu jira natti hin fakkaatu. Ana maaltu na dhibe? Mi'aahes bushaayes barreessuu nan barbaada. 
Kanaafuu nan barreessa. Waan hundumaa caalaa kanin barbaadu onnee xiqqoo kana walakka kan jiru baasee afuu dha. Jechamni tokko jira. Waraqaan nama caalaa obsa qaba kan jedhu darbee darbee qaxab na jedhee guyyaa keessa natti dhufa. Miira humnaa ol namatti toltu keessa seeneen ture.
Maddii kiyya lamaan barruu harka koo keessa galcheen taa'aa ture. Akkasumatti Mana kana keessa turumoo gadi bahee of taggabbeessu kan jedhu illee dhiphinaan hangan murteessuu dadhabuttin ture. 
Dhuguma waraqaan obsa qabeessa ta'uu isaa shakkii hin qabu. Kana irratti maqaa kabajaa Diyaarii jedhu kan gonfatte, jabaataa fi qola bareedaa kan maxxanfatte, akkasuma icciitii tiyya kan taate, eenyuttuu kanan ishii hin argiseefne, Uumamni kamuu kan isee hin argine,waan garaa kiyyaas isheetti dubbachuu kanin danda'u. Dhiiras haa ta'u uwwaa. Xiqqaa haa ta'uu guddaa, hangan hiriyaa dhugaa argadhutti Diyaarii tiyya kana akkan namatti hin argisiifne ofiif waadaa seeneera.
Amma yaadannoo barreessuuf waan na kakaasetti yeroon darbu, kana kanan jedhu michuu dhugaa waanin dhabeefi. Haala isaa sirriitti ifa gochuun waan narra jiraatu natti fakkaata. Sababni isaas mucaan durbaa tokko addunyaa namni akka goondaa keessaa misu keessa osoo jiraattuu kophummaan na liqimse osoo jettee, eenyuyyuu ishee hin amanu. Dhugaa dubbachuuf taanaan haalli isaa akkana hin jiru.
Maatii baay'ee gaarii ta'anii fi Obboleetti malaaka taaten qaba. Umurii ishii ganna kudha jaha kan taate. Safartuu aadeffatameen yeroo safaraman michoota kan jedhaman namoota soddomaa Olin beeka. Kellaa Mana baruumsaa keenyaa keessatti haa ta'uu Daree keessatti garan deemutti kan na ilaalanii hin quufne hiriyoota baayyeen qaba. Adaadaa fi wasiilota, eessumoota dabalatee firoota gaggaariin qaba. Manni maatiin kiyyaa keessa jiraannu kun kanatu itti hir'ate kan jedhaniin kan hin qabneedha. Qofa walumaa galatti waan tokkoyyuu kan natti hir'ate jira natti hin fakkaatu. Garuu kun hunduu qofummaan akka natti hin dhagahamne gochuu hin dandeenye. Fakkeenyaaf hiriyoota koo osoo fudhannee Kolfa, tapha, wal'aansoo fi kkf'n dha. Dhume. Kanuma. Kan kana irraa hafe cophni tokko kan bu'u hin jiru. Fuula guyyuun barame irra darbee oduun mata duree haaraa tokko iyyuu hin jiru. Kana rakkoon koo Inni hangafni. 
Tarii rakkoon kun ana bira ta'uu danda'a. Garuu ana biras haa ta'uu isaan bira rakkichi jira. Waanti ani gochuu danda'us waan jiru natti hin fakkaatu.
Egaa baay'ee keessaa Gabaabinaan fuula koo gara diyaarii kootti akkan naannessu kan na godhi kana dha. Kanaafuu diyaariin tiyya tun yeroo dheeraaf kanan hawwaa ture muchuu too qaalii ta'uu isheeti. Namoonni baay'een Diyaarii isaanii irratti akka barreessan hojii guyyaa guyyaa fi haalota irratti barreessaa jiraachuu hin barbaadu. Yaadannoon tiyya ofii ishii Hiriyaa kiyya, Gorsituu tiyya, Mukuu baastuu tiyya akka taatu dha kaayyoon koo. Egaa kana booda diyaarii tiyya KIITII jedhee moggaaseera.
Jaalatamtuu Kiitii waliin ka'umsa Marii akka naaf ta'utti jireenya hanga ammaa kan ibsu barreeffama gabaabaan nan jalqaba. Abbaan koo umrii isaa ganna soddomii jaaffaatti Haadha too fuudhe. Yeroo sana ishiin umriin ishii ganna digdamii shan turte. Obboleettiin tiyya angafni, Maargoot Bara 1926 G.C Firaankiferti keessatti dhalatte. 
Waxabajjii 12 Bara 1929 immoo ani dhaladhe. Yihuudota ta'uu keenyanis haleellaa Naazii Jarmanootaa baqachuudhaan gara Hoolanditti galle.
Ana irraan kan hafe maatiin kiyya marruu dhiibbaa Hitler itti cimsaa dhufeen dhiphinni isaanii itti caalaa dhufeera. Walumaagalatti le'iin maatii koo dhiphinaan guutamteetti. Bara 1938 guutummaatti yihuudota irratti saamicha qabeenyaa fi reebicha isaan irratti godhame duuba eessumoonni kiyya gara Ameerikaa deeman. Akkawoon teenna dulloomtuun immoo gara keenya dhufte. Yeroo sana umriin isee 73 ture. Bara 1940 baatii caamsaa booda haalonni hunduu inumaayyuu itti caalaa deeman. Jalqaba waraana. Sana booda mo'amuu Holandii fi jaarsummaa. Itti aansee Jarmanoonni Hoolandiin to'annoo jala oolchuu isaanii. Yeroo kana egaa kan yihuudotaa barbadaan waraanaa isaanii kan ol ka'ee mul'ate. Safaraa fi lakkoofsa kan hin qabne diinni yihuudotaa Mana barnootaa itti fufinsaan hordofuu kan jalqan. Yihudonni iddoo jiran hundumaatti salphaatti akka baramaniif urjii keelloo Daawwit/Daawud guddisanii akka uffata isaanii irratti maxxanfatan, Yihudoonni biskileettota isaanii galchuu qabu. Yihudootaaf Baaburas ta'ee Baasiin deemuun dhooggaa dha. Konkolaataa konkolaachisuus hin danda'an. Akkasumas Yihudoonni kan isaan bitanii gurguruu danda'anis guyyaa keessaa za'aa 9-11 qofaa dha. Kanas gochuu kan danda'an Suuqii mallattoon Yihudootaa irra jiru qofaa irratti. Yihuudonni galgala keessaa sa'aatii lama irratti guutummaatti manatti galuu qabu. Sa'aa lama darbinaan garuu daandii gubbaa irratti argamuu mitii mooraa Mana isaanii keessatti iyyuu argamuun irra hin jiraatu. Manni tiyaatiraa, Manni sinimaa, bakki bashannanaa gosa kamiiyyuu Yihudaa kamiifuu kan dhooggamee dha. Gosa ispoortii kamiyyuu kan woloos ta'ee kan dhuunfaa Yihuudotaaf dhowwaa dha. Yihudoonni kan barachuu danda'an mana baruumsaa isaanii eeyyemame qofaa keessatti. Kanaa fi kan kana fakkaatan qajeelfamoonni daangessoo ta'an unu Yihudoota irratti diriire. Dubbii waliigalaan qajeelfamoota daangessoo ta'an kan safaraaf lakkoofsa hin qabneen xaxamnee jirra. Kana gochuu hin dandeessan nuun jedhu. Sana gochuu hin dandeessan nuun jedhu.
Akkasis ta'ee le'iin itti fufte. Waan hunda caalaa kan nu rakkise immoo waan tokkollee sodaa malee gochuu dadhabuu keenya dha. Sababni isaas waan dhooggame yoo ta'e hoo jennee dhiphanna. Gabaabumatti bilisummaa nagaan turi jenneerra. Kunis ta'ee haalonni humnaa ol nutti hin taane.
Bara 1942 ji'a Amajjiitti akkawoon tiyya duute. Hangam sammuu koo keessaa ta'ee onnee koo keessaa naaf bahuu akka hin dandeenyee fi hangam akkam ishee jaalladhu eenyuyyuu yoomillee baruu hin danda'u.
Qajeelfama haaraa diina yihudummaa Bara 1932 bahe irratti hundaa'uun mana baruumsaan itti barachaa ture gadi lakkisuun koo dirqama natti ta'e. Kanan ishee jaalladhuu fi kan na jaallattu barsiistuu tiyya aadde Kee duukaa osoo walitti boonyuu adda baane. Warri nu argan baay'ee gaddan. Booyicha keenya hirmaatan. Bara 1941 jalqaba irratti obboleettii too Maargoot waliin mana baruumsaa yihuudotaa sadarkaa lammaffaa galmoofne. Arfan keenya jechuun Maargoot, Ana, Abbaa kiyyaa fi Haadha tiyya kan ilaaleen baay'ee waantonni hammaatoon hin turre. Hanga ammaa kan ture kana fakkaata.

Jaalatamtuu KIITIIf
......Yeroo darbe Abba kiyya waliin Addabaabaayii isee xiqqoo osoo qaxxaamuraa jirru yeroo dhiyootti gara iddoo dhokannuutti akka deemnu natti odeessuu jalqabe. 
Ammaa kaasee waan akkasii yaaduu maaliif akka jalqabe nan gaafadhe. Maal sitti fakkaate Aanaa naan jedhe. Akkuma beektu bakka dhokannaa keenya kanatti nyaata, uffata fi meeshaalee mana keessaa suuta suutaan otuma walitti  qabnuu kunoo waggaa tokko fi walakkaa fixnee jirra. Qabeenyi keenya Naaziitiin akka saamamu hin barbaannu. Itti dabalees isaan jala gallee jiraachuu hin feenu. Kanaafuu otoo isaan dhufanii nu hin fudhatiin dhokachuu qabna.

Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu KITIIF
Dilbataa fi har'a gidduu waggaa waan ta'e natti fakkaata. Guyyoota muraasa kana keessatti waantonni baay'een ta'aniiru. Waan addunyaan kun hurrooftee daaraa taatee, Samiinis waan nutti jige fakkaata. Eeyyee kiitii amma illee lubbuun jirra garuu. Abbaan kiyyas Angafti dubbii lubbuun jiraachuu dha. Jedha mitiiree? 
Eeyyee kiitii dhugaatti lubbuunan jira. Garuu eessaa fi akkamitti akkan jiru gaafachuu hin yaaliin! Gonkumaa gaafachuun siif hin Malu. Kanaaf yeroo darbe jechuunis dilbata waaree booda waan ta'eenan siif jalqaba. 
Guyyaa keessaa sa'aatii sagaliif walakkaa irratti namni wayii waamtuu balbalaa mooraa keenyaa bilbile. Ani immoo akkuma yeroo kaanii sibsaabii mana keenyaa jala taa'een kitaaba dubbisaan ture. Kanaafuu waamicha bilbila balbalaa sana hin dhageenye. Baay'ees osoo hin turiin Maargoot balbala kutaa nyaata itti qopheessinuuu achii'as baate.  Baay'ee akka naate irraa beekama ture.  

Akka tasaa waamichi balbala keenyaa irra deebiin dhagahame.  Haarii ta'uu qaba jedhee yeroon gara balbala keenyaatti deemuuf jedhu Maargoot harka koo na qabde.  Akka hin banne naan jette. Garuu yeroodhuma sana harmeenii fi obbo Faandaan Haarii duukaa osoo odeessanii dhufuu isaanii dhageenye.  Gara kutaa nuti jirruutti darbanii balbalicha cufan. Sana booda anii fi Maargoot lakkoofsuma balballi bilbilamun karaa qaawwaa ilaaluun abbaa keenya ta'uu fi ta'uu dhiisuu hanga adda baafannutti hin bannu.  
Obbo Faandaan kophaa harmee waliin marii'achuu waan barbaadaniif anii fi Maargoot akka gadi baanu taassifamne. Kophaa keenya osoo gola ciisichaa jirruu Maargoot fuula ishee irraa gaddaa fi dhiphinni bifa dhokachuu hin dandeenyeen otoo jirtuu, icciitii tokko natti asaaste. Sila waraqaan waamichaa abbaa keennaaf osoo hin taane Maargootiif akka ta'e. Naasuun na keessaa danfe. Miirri haaraan natti dhagahame. Boo'uun eegale. Maargoot reefu umriin isii ganna kudha jaha dha.  Dhuguma shamarran umrii kanaan warra irraa adda baasanii gara buufataa geessu jechuudhaa? Gaarummaan isaa galanni uumaaf malee maargoot hin deemtu. Harmeenis kanuma naa mirkaneessite.  Abbaan koos yeroo dhiyootti gara iddoo dhokannaa keenyaa akka deemnu natti himuun isaa waan kana natti dubbachuu isaati. 
Dhokachuu tole haa dhokannu. Garuu eessa ta'a kan deemnu? Maal keessa ta'a kan dhokannu? Magaala keessa moo baadiyaa dha? Mana keessa moo holqa keessa. Yoom? Haala akkamii keessatti. Bakka akkamiitti? 
Warri kun yeroof kaasuun kan naa hin eeyyamaminii fi sammuu koo keessaa gaaffiiwwan baduu hin dandeenye dha. 
Yerosuma anaa fi Maargoot nu barbaachisu kan jennu daduu barruulee keenyaa keessa keewwachuu jalqabne. Jalqaba daduu kiyya keessa kanin kaahe yaadannoo tiyya tana turte. Sana booda qabsiiftuuwwan rifeensa mataa kiyyaa, Xalayoota turan fi Kkf.... Qofa gara bakka dhokannaa keenyaa yeroon deemu waantota na baarbaachisu jedhee yaade hunda daduu kiyyattin naqe. 
Naannoo za'aa kudha tokkootti aabbaanis dhufe. Baay'ees osoo hin turiin Meeppeen dhufte. (Meeppeen aabbaa wajji shariika biraati) Waan akka Kophee, Wandaboo, Shurraaba, Uffata keessoo fi istokingota kan fafakkatan uffatoota xixiqqoo daduu ishee keessa keessee erga nuuf qabatte booda, dhuftee akka nuuf jettee deebitu waadaa nuu seentee deemte.  Isiinumti akka baateen irra deebiin manni keenya caallinsaan guutame. Eenyuu keenyayyuu nyaata waan jedhan nu jibbisiise. Miirri keessummaan tokko hunda keenya irra buufatee ture. 
Yeroon ciisicha keenyaa yeroo dhiyaatu, isa yeroo kaanii irraa kan adda tahe dadhabbiin guddaan natti dhagahame. Sireen irratti guddadhe ta'us halkan tokkicha kana qofaa kanin qabu akkuman gadi ciiseen irribni na qabee, subii yeroo harmeen na dammaqsitu sa'aa kudha tokkotti ofin bare. Gaarummaan isaa guyyichi akka kaleessaa hin hoo'u. Inumaayyuu haphisee akka barii'uu taheera. Hundi keenyayyuu uffata irratti uffata daballee ofitti uffisuu jalqabne. Sababni isaas korojoo uffataan guutame rarrafatanii deemuun Yihuudaa kamiifiyyuu dhorkaa dha. Kanaaf hanga danda'ametti fala kana arganne. Yeroo sana nama nu argeef garuu hemisfeera kaabaa bakka tuullaa cabbii nama deemu itti fakkaanna. 
Ammas taanaan bakki dhokannaa keenyaa eessa akka tahe odeessa fiixee tokko waanan dhagahe hin qabu. Ana irraan kan hafe hunduu akka beekan garuu nan beeka. Maalumaafuu Kiitii! mana keenya haga har'aa, balbala isaa cufnee sa'aa takka irratti manaa baane siin jechuun barbaada. Seeraan kan nagaa ittin dhaammadhe yoo jiraate murtii hadurree xiqqooo qofa. 
Foon kiiloo walakkaa tahuu fi barreeffama hadurree koo amaanaa jedhu gola hojii nyaataa kaa'eera. Qodaan nyaataa akka itti nyaannetti. Sireenis akka irra bulletti, sinkiramee osoo hin afamiin, qofa hunduu akka hunkurametti, ollaan keenya warri achitti hafe yeroo argan hiika maalii akka kennuuf hin beeku. Nuyif garuu hiika fedhe yoo kenne dantaa keenya miti. Nuun kan barbaanne balaa fuula keenya dura jiru kana jalaa bahuu dha. Yeroon bakka dhokannaa keenyaa gahuu qofa, malee inni kaan yeroof kan nu yaachisu miti. Jedhi egaa kiitii yeroof nagaa sittin dhaamma dha. Oolmaa keenya har'aa immoo borin itti sii fufa.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu KIITIIF
Ji'a tokko guutuu sin cufe mitii? Natti hin murteessiin! 
Dhugaa dubbachuuf taanaan manni keessa jirru kunis ta'ee haalli Keessa jirru waanti haaraan mudatu kan hin jirree fi irra deddeebiin baay'ee karaa nama nuffisiisuun kan guutame ta'uu isaa irraan kan ka'e sitti himuuf dhimma adda ta'e argachuun waan natti ulfaateefi. 
Obbo Faandaan haadha warraa isaanii fi Ilma isaanii tokko waliin Adoolessa 13 dhufanii nutti dabalaman. 
Eegaa kan turre garuu guyyaa tokko booda adoolessa 14 ture. Garuu karoora isaanii guyyaa tokko dursanii ka'uuf kan isaan dirqisiise dhimmi cimaan mudate. 
Mana isaanii karaa bitaa fi karaa mirgaa namoonni jiraatan Adoolessa 13 fi 16 akka dhiyaatan Naazota biraa waamichi isaan dhaqqabe. Kanaaf obbo Faandaanfaa sodaan waan isaan galeef, guyyaa tokko dursanii ka'an. 

Ilmi isaanii Piiter reefu ganna 16 hin fixne. Itti caaleeyyuu gowwaa fi waan fajajaa tokko dha. Michuu waa'ee baasu naa ta'a jedhees hin tilmaamu. Isa irrahoo Adurree isaa jaaledheefiira.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtu kiitiif
Tibbana dubbisuus ta'ee qo'achuun hi'i naan jechaa jira. Hanga fulbaanaatti ofiikoof boqonnaa keennuuf murteesseera. Fulbaanatti aabbaanis akka na qo'achiisu walii galleerra. Ammumarraa dagachuu jalqabuu koo yeroon yaadu sodaan na galeera. Jireenya keenya keessatti jijjiiramni tokkoyyuu hin mul'atu. Anii fi obbo Faandaan osoo wal hin loliin oollee hin beeknu jechuun ni danda'ama. Faallaa isaatiin Maargootiin garuu akka lubbuu isaatti jaalata. Harmeen takka takkaa maaliif akka mucaatti akka na ilaaltu naaf hin galu. Maalirra iyyuu kan na jibbisiise kana dha. Kan hafe haalonni baay'ees hin ulfaanne. Piiteriifis waanan jaalluchuufii danda'u argachuu hin dandeenye. Mucaa baayyee faatii dhabaa dha. Yeroo isaa baay'inaan siree isaarra gangalachaa, yookaan hadurree isaa duukaa wal sukkuumaa oola. Faatii dhabaa hin carroomne dha.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu kiitii
Obbo Faandaan fi Aadde Faandaan jeeqa uleetu hafe jedhamuu danda'u godhanii turan siif ibsuu hin danda'u. Namoonni gurguddoon akkasitti yeroo wal jeeqaniifi wal arrabsan umurii kiyyaa keessatti argee hin beeku. Aabbaa fi harmeen wal loluun haa hafuutii guyyaan isaan walii galuu didan iyyuu qaxab na jechaa hin jiru. Isayyuu kiitii dhimma isaan akkanatti ittiin wal jeeqan osoo beektee si ajaa'ibee si hin dhiisu. Waan tokko waan faayidaa hin qabnerratti hanga laagaan isaanii tatarsa'utti kan isaan walitti iyyan. Nutti hin fidiin qofa jenna kiitii.
Walitti dhufeenyi Harmee fi aadde Faandaan gidduu jiru salphaa shaakirtaa'e sitti hin fakkaatiin. Wal dandeenyi isaaniis fiixee irra jira. Fakkeenyaaf, keessaa tokko siin hima. Aadde Faandaan Uffatoota mana ciisichaa waloon keessa kaawwannu sanduuqa dhaabbii keessaa ansoolaa  sadan fuutee kutaa ishee keessa dhoksiteetti. Ansoolaan  harmee hunduma keenyaaf ni ga'a kan jedhu gamnummaa walanqatteetiin. Egaa harmeenis fakkeenyummaa qulqulluu aadde Faandaan kana sii hordofte kaa!. Guyyaa sireen afumuuf jedhu maaltu akka uumamuuf jedhu ofii kee tilmaami. 
Qodaa nyaata ittin dhiyeessan kan ilaaluunis  sanuma. Kan keenya eessa dhoksinee kan ishee qofa akka fayyadamnu isheef galuu hin dandeenye. Baastee fayyadamuuf iddoon isheen hin barbaanne  jira sitti hin fakkaatiin. Harmeenis akkuma isa hin arginee cal jetti. Animmoo natti buusee qodaa cabsuun hojii kiyya ta'eera. Kaleessa qodaa mata jaboo ittiin dhugan kan  aadde Faandaan nan daakeef. Qaba kan jettu qodaa suphee ishee ture. Ati kan waa'ee hin baafne qalbii dhabduu nanaa jettee natti baacce. Yoomuma ta'a qalbii keetti kan deebitu? Qodaan tokko qabu, isumayyuu daaraa goootaa? Osoo argitee kiitii waan manni ishee jalaa gubate fakkaatti.
Obbo Faandaan faallaa isheetiin baay'ee natti tolaa dhufeera. Keessumattuu gidduu kana walii galleerra. Nuuf haa fullaasu malee. Harmeen har'a ganamas irra deebiin osoo nyaara natti gugguurtuu guyyeessite. Haalli ishee Kun akkam akka na nuffisiise osoo beektee maal qaba. Guyyaan  Ilaalchi keenya kallattii tokko qabatu ni dhufa jedhees abdii hin qabu. 
Torban darbe jireenya nuffisiisaa irra deddeebiin mudatu haalli naa salphisu uumamee ture. Dhimmichis waa'ee dubartootaaf kitaaba barreeffamee fi waa'ee Piiter ilaallata. Isa dura waan tokko ifa siifan godha. Ana anaan waanta ilaallateen kitaabonni akkan dubbisuuf naaf eeyyamamaniif hin eeyyamamne jiru. Anis seericha fudhee kanneen naa eeyyamaman daangaa tokko maleen  dubbisa. Maargootii fi Piiter garuu obbo Kireler kan murteessan hundumaa daangaa tokko malee dubbisuu danda'u. Kitaaba waa'ee dubartootaaf barreeffama kana abbaa manoonni keenya maaliif akka uggura walii galaa  irra kaa'an hubachuu hin dandeenye. Ija Mukaa Dhorkame akka jedhamu sana keessumattuu Piiteriif dhukkubbii itti ta'e. Raajii maaliitu irratti barreeffameetu? Yoo xiqqaate Maargootii fi isaaf kan eeyyamamuu dide? Yeroo miliqqee eegaa kan ture Piiter, harmeen isaa kutaa gajjallaa keessatti  haasaatiin kiyyaawuu yeroo argu suuta jedhee kitaaba isaa fudhatee Qinaaxxii jala (koornisii) keessa  seenee lubbuu baasicha duukaa maadheeffate. Guyyoota itti aananittis akkasuma gochuu itti fufe. Haatisaa maal gochaa akka jiru bira geesseetti. Garuu dabarsitee kennuu hin feenen se'aa argitee akka hin arginee taateefii. Haa ta'u malee baay'ees osoo hin turiin Piiter Ija Dhorkame waliin harka abbaa isaatti kufe. Obbo Faandaan balleessaa Piteritti akkam akka inni maraate hin gaafatiin. Harkaa harkatti kan qabame mucaa isaa irra takkaa bu'ee kitaaba sana harkaa butee lammaffaa gara kitaaba kanaa akka hin ilaalle immoo akeekkachiisa cimaa erga kenneefii booda as achi jedhee of tasgabbeessuu yaale!. 
Beektota jedhamtoonni dogooggora isaan hojjetan argitee kiitii? Obbo Faandaan mana isaatti itti gaafatamummaa isaa bahachuu isaati.  Dursanii dubbii ittifachuun maaniif barbaachisee? Jedhamee obbo Faandaan osoo gaafatamee deebii gahaa waan qabu natti hin fakkaatu. Kanarratti sababa gahaa tokko malee  waan takka dhorkamuu hammam akka nama raasu akkamittiin tilmaamuu dadhaba? Jaalannes jibbines hawwiin Piiter itti caalaa deema. kanumti dhufe haa dhufu malee kitaabicha xumuruuf ni kutate. Sanaaf karaa kitaaba raajii sana deebisee itti argatu yaaduurraan kan hafe osoo waamtee iyyuu hin owwaatu. Aadde Faandaanis haarmee waa'ee kitaabichaa maal akka yaaddu gaafatte. Harmeenis xiqqoo qummaaddee Dhugaa dubbachuuf ani karaa koo Aanaa malee Maargootiin waan ilaaluun kitaabota baa'ee isaanii yoo dubbiste rakkoo hin qabu jettee xiqqoo erga afuura fudhattee booda Kitaaba sana garuu Maargootiyyuu yoo taate akka dibbiftuuf ani eeyyamamtuu miti jettee ejjennoo  ishee gogaa ibsatte.
Kun kanaan osoo jiruu Piiter sa'aatii eenyullee isa hordofuu hin dandeenye osoo qoratuu dadhabbii dheeraan booda akka carraa yeroo argate. Galgala keessaa sa'aa tokkoo hanga sa'aa lamaa fi walakkaatti. Hunduu gara kutaa gadiitti bu'anii yeroo raadiyoo dhaggeeffatan. Gaafuma sana galgala sa'aan tokko yeroo ta'u firii dhowwame sanaafii tirika qabatee baaxii isaa keessa seene. Akka Karoora isaatti sa'aa lamaa dura bahee haalota akka dura turaniitti deebisuutu irra jira ture. Garuu kitaabichi akka qoosaatti waan dhiisan hin turre, yeroo kottee namaa dhagahu miskiintichi Piiter nahee utaalee yeroo qinaaxxii keessaa bahu abbaa isaa waliin fuulaa fuulatti ija walitti baasan. Ammas harkaa harkatti..... Kiitii kana booda waan uumamuu danda'u ani sitti himuurra atumti osoo tilmaamteen jaaladhe.
Aanaa Kee irraa

Jaalatamtuu kiitiif
Har'a kanin sitti himu kuufama oduu waa'ee keenyaati. Eessarraa akkan sii jalqabu garuu mooji. Aadde Faandaan irraa sii haa jalqabu. Aadde Faandaan dubartii akkam rakkistuu sitti fakkaatti. Matumaa dubartii danda'amtu miti. Anaan immoo raajiif qikkeessitee na qabdeetti. Lakkoofsuma ani dubbadhuun gaafni ishee dhaabata. Jireenya ishee keessatti akka tiyya kan odeessitu ishee mudatee akka hin beekne dubbatti. Sanas ta'ee kana asiin ta'ee achiin waan ittiin nu aarsitu hin dhabdu. Amalashee gidduu kanaas siifan hira. Kan ittiin affeelanis haa ta'uu distoota keessatti waan xiqqoo ishee hafe yoo argite meeshaa sana dhiquu hin barbaaddu. Achumatti qadaaddee dhiisti. Hojiif jettee yoo qodaa wayii bardaaddee yeroo qodaa tokko bantu foolii jijjiiratee fi arrii baasee argita. Gaafa nyaata qopheessuun dabaree aadde faandaan ta'e waaqayyo Maargoot si hin godhiin. Kan Ciree, laaqana fi irbaanni  ittii nyaatame, ganaamaa hanga galgalaatti qodaa ittiin dalagamaa oole dhiquun isheema eeggata. Isayyuu akka isheen itti of jajju osoo argitee! 
Aabbaan hojii hiikuu isaa irraan kan ka'e haa ta'uu moojisaa yeroo isaa baay'inaan sanyii isaa lakkaa'uu irratti fixa. Barruulee fi qalama  isaa qabatee taa'ee hiddaa fi sanyii isaa barreessaa oolee, bula. Obboloota isaa, adaadota, indootiyyoota, eessumoota, wasiilota, karaa abbaas, karaa haadhaas akaakayyuu fi akkoo akkasumas akaakileewwan, anis isa biraa mixiq hin jedhu. Waa'ee tokko tokkoo isaaniis Ibsa gabaabaa naa godha ture. Akkam akka natti toluu fi akkamitti afaan kiyyaa banee akkan dhaggeeffadhu sitti himuu hin danda'u kiti.
Obbo Kireleris guyyaa kudha shan shaniin kitaabota gaggaarii naa fida. Addatti kitaabota sisi van maarsivelti akkamitti akkan jaaladhe siif ibsuun na rakkisa. Midisaamer Maadnes's yeroo afurii ol irra deddeebi'ee dubbiseera. Gidduutti wantoota nama kolfisiisan qaxab wayita na jedhan ammas akka maraatuu kophaa kiyyaan kolfa yoon siin jedhe na amantaa?
Qo'annoo koo afaan Faransaayis jabeessee qabadheera. Himoota rakkisoodha jedhaman keessaa guyyaatti yoo xiqqaate himoota shan qabadheen oola. Piiteris karaa gama isaa afaan ingizii raajii isa gochaa jira. 
Takka takkammoo BBC'n waa'ee dachee Hoolaandi yeroo odeessu nan hordofa. Fakkeenyaaf yeroo darbe Ilmi mootii Barnaandi Keessummaa BBC ture. Intalli mootii Juliyaanaan ji'a amajji dhufu akka deessu eegamaa jiraachuu ishee ibse. Baayyee baayyee natti tole. Jireenyi Maatii mootichaa maaliif haga kana akka na harkise maatii koottis bitaa kan gale ture.
Waanti keessa koo jeequ tokko akka tasaa natti dhagahame Kiitii. Edaa uffata gahaa hin qabu. Yeroon qorraas dhufaa jira. Ani kanin qabu wandaboo harka qabuu fi uffata wandaboo mudhii gadii gabaabaa hojii harkaa sadii qofadha. Fo'aa suufii mana keenya jiru hojii harkaa(xibira)f akka fayyadamu abbaan koo naa eeyyame. Maqaan isaa fo'aa suufii haa jedhamu malee qulqullinni isaa baay'ee kan bu'e ture. Garuu gaaffiin ammaaf jiru jabina fi qulqullina osoo hin taane qorra dhowwuu danda'aayii dha. Si hin dhibuu Kiitii? Namoonni uuffata iddoo keenyu dhabnee rakkachaa turre, waa'ee uuffata dhabuu yeroo haasofnu. Mana turretti olloota keenyatti uffanni amaanaa dhiisne, biyya uffisa ture. Maal godha Kiitii? Lolli kun dhaabbatee yoo eddoo keenyatti deebi'uu baanne, deebinee waan argannu miti. Inni namoonni amaanaa itti keennine lubbuun yoo nu eegan mitiiree? 
Waa'ee aadde Faandaan waa ta'e tokkon barreessa ture. Anumaa barreessee fixee eessaa akka dhufte hin beeku, kanuma isheen fuula koo dura dhaabatten arge. Yadannoo koo dafee gombisee walitti qadaadeen itti qummaadnaan, sagalee laafaa tokkoon Aanaa koo yaadannoo kee natti agarsiisi mee naan jette. Anis lakki lakki, aadde Faandaan hin danda'u  jedheen qummaaddii kiyya itti fufe. 

Narraa buttee fuute. Garuu gaarummaan isaa osoo hin dubbisiin lafa keesse. Osoo dubbisteetti ta'ee naa dhumee ture. Keessumaa fuulli dhumaa isheetti mitii diina isheettuu agarsiisuun qaanessaadha. 
Aanaa keerraa

Jaalatamtuu Kiitiif ! 
Kaleessa oduu na dharraasifnaan mana ciisichaa Obbo Faandaanii fi aadde Faandaan kan taate kutaa xiqqoo darbii ol aantu keessan dhaqe. Yeroo tokko tokkommoo yeroo baay'ee gaariin dabarsa. Egaa kaleessa waa'ee Piiter osoo odeessinuu dhiissisnen siin jedha. Piiter darbee darbee maddii koo akka na hooksuu fi anis dhiirri kamiyyuu akka hadurree manaatti akka na sukkuumu akka hin feene, kanaaf Piiter Adaba akka bituu qabu isaanittan hime.
Egaa waa'ee Haadha fi abbaa ni beekta. Afaan laafanii Piiter baay'ee na jaalachaa akka jiruu fi hangan danda'e akkan itti dhiyaachuu yaalu na gaafatan. Garaa kootti Yaa miskiina koo Piitern jedhe.  Afaan koon garuu Lakki dubbiin akkasii hin jirun jedhe. Raajii kiyya argitee Kiitii?
Piiter amala bitaa namatti galu akka qabuu fi akka ija laafu Ija laafuunis isa irratti hin jalqabne Dhiironni dafanii namatti dhiyaachuun isaan rakkisu akkuma isaa kana ta'uu isaaniin ibseef.
Aanaa kee irraa
DILBATA FULBAANA 27 1992
Jaalatamtuu Kiitiif 
Harmee wajji ammas lola hamaa keessa galle. Kun yeroo dhibbaffaaf, yeroo kumaffaaf, yeroo kitilaaf ta'uu isaati. Amma ammammoo ibiddaaf chidii walitti taanee jirra. Maargootis taanaan akka durii garaa fi aannani siin jechuu hin danda'u. Walitti dhufeenyi laafaan akkasii maatii keenya keessatti dhufa jedhamee yaadamee hin beeku. Amala Harmees ta'ee kan Maargoot amma amma keessummaa natti ta'eera. Garuu kan Maargoot malee kan harmee bareera. Hiriyoota koo baay'ee duukaa walii galee haadha too wajjin walii galuun na rakkise. Nama hin gaddisiisuu Kiitii?
Inni kan biraanimmoo, namoonni baay'een isa ijoollee isaanii reebanii seera qabsiisan, ijoollee dhiphisan isaan hanqatee adadumu bakkee bahaniin ijoollee namaa irratti akka isaan ukkaamsaman yaalan, waan isaan hin galchine keessa galanii bukeessan. Obbo Faandaanii fi Aadde Faandaan namoota amala akkasii qabaniidha. Akka ilaalcha isaaniitti Maargoot raawwattee beektuu fi hir'ina kan hin qabne, gorsis kan ishee hin barbaachifnedha. Waa'ee koo garuu maal jedhan seeta? Kan Aanaa dhiisuudha. Yaada jallinaa isheefis obboleettii isheefis gahu qabdi jedhan.
Yeroo maatiin lamaan dhiyaanatti dhiyaannu, wal jijjiirraan dhukaasa dubbii mana kana keessa jiru isoo dhageessee! Irra caalaatti ka'umsi dubbiis ana. Harmee fi aabbaan xiiqiif ta'ee hin beeku yeroo hunda gara koo goru. Akka ani balleessee osoo beekaniillee dabarsanii na hin kennan. Umriin aabbaa fi harmee haa dheeratu malee osoo akka aadde Faandaan faa ta'ee yoona badeera. 
Egaa obbo Faandaan fi aadde Faandaan yeroo bahanii kutaa isaanii deeman Harmee fi aabbaan humna isaanii gara kootti naannessu. Maal qaba arraba kee isa ibidda kana osoo sassaabbattee? Naan jedhu.  Maal qaba nama jabaa duukaa osoo afaan banuu dhiistee, waan si hin galchine keessa galuu dhiistee? Gatii maal qaba Kiitii akka isaan barbaadan ta'uufii hin dandeenye. Hangan danda'u yaaleera. Garuu na dhibe. Gaarummaan isaa obsi aabbaa waraabamee waan dhumu miti. Amala koo danda'ee harmees ni tasgabbeessa. 
Dhiyaana irratti waan irratti waldhabne kan waa'ee hin baafne keessaa tokko sitti haa himu. Fakkeenyaaf guyyaa har'aa ani fuduraalee nyaachuun natti hin tolle ta'a. Kanaaf maalan godha seete? Raafuu irraa xiqqeessee fudheen Mosee irraa immoo guddiseen fudha. Yeroo kana fuula Aadde Faandaan ilaaluu miti. Hiddi ishee ni bubbutama. Akkasumas miira ishee dhoksuuf yaaliin isheen gootu jalaa fashalaa'ee hin beeku. Raafuu irraa itti dabali Aanaa naan jetti achumaa achitti jecha dubbii ta'uu isaati. Galatoomi aadde Faandaan dinnicha waanan baay'isee fudheefii?n jedhaan. Eenyu akka an ta'e na hin beektu isheenis qoosaatti waan na dhiistu sitti hin fakkaatiin. Raafuun baay'ee si gargaara jedheetaniini. Haati kees yeroo baay'ee kan sitti himtu kanuma mitii? Rakkoo hin qabu xiqqoo dabali jettee ofiishee hammaartee dhiyaana kiyyaratti raafuu dabaluu jalqabdi. Garuu aabbaan namni na tuqe nama agartuu isaa tuqe waan ta'eef, osoo isheen baay'ee hin naqiin fal'aana tokko Yookaan lama yeroo isheen naqxu ishee dhaabsisa. Yeroo kanadha fuula ishee ilaaluun, hanga ishee gahutti qummaaddee, haala guddisa mucaashee balballoomsuu jalqabdi. Afaan ishee haga badutti akkamitti gudfiftan!? Maal qaba yoona kana Aanaan osoo daa'ima taatee jiraattee? Akkattan sirrii galchee guddisu beeka 
Wayita mara dubbii ishee jalqabaa fi xumuraa kan ta'e maal qaba otoo Aanaan mucaa tiyya taatee jiraatte? Jetti. Bagayyuu mucaashee hin tahiin. 
Egaa Kiitii waa'ee ijoollee guddisa Isaanitti sii haa deebi'u. Kaleessa aadde Faandaan erga haasaa ishee xumurtee calliinsi guddaan tokko ta'e. Sana booda aabbaan maal akka ittiin jedhe sitti himuu hin danda'u. Akka kootti Aanaan guddisa baay'ee gaarii kan guddattedha. Amma ammaatti akka cabbii yeroo jechaan reebdu jecha tokko sii deebisuu dhiisuun ishee iyyuu kanuma agarsiisa. Raafuu filachuu fi mosee filachuun mirga isheeti.  atis akka jette guddisa gaarii yoo qabaatte, dhiyaana mataa kee malee kan Aanaa ilaaluun sirra hin jiraatu. Yeroo jalqabaaf Aadde Faandaan yeroo suquq jettun arge. Waan dubbattu jalaa badaa ture. Abbaan koo gatii ishee kenneef. Sitti haa agarsiisu Kiitii; Ofiishee raafuun dhiyaana isheerra kaawwatte fal'aana tokko hin caalu. Egaa kan ishee hir'ina guddisaa mitiiree? Tasumaa ani yoon galgala galgala raafuu baay'ise garaa goginsi na ajjeesa hahaha gamni ishee qofaa dha.
Jalqabuma eenyutu waa'ee koo odeessi jennaan walanee kana hunda argiti. Aadde Faandaan yeroo qaanoftu ilaaluun namatti tola. Animmo qaanii wanti jedhan sirumaa naa waliin hin uumamne. Aadde Faandaanis tokko kan isheen na jibbitu kanumaaf natti fakkaata.
 Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Kaleessa waan baay'ee kanan sitti odeessu osoon qabuu addaan kute. Lola biraa mana keenyatti uumame sitti himuun naaf mala. Isa dura garuu waan raawwatee bitaa na gale sin mariissisa. 
Namoonni gurguddoon maaliif akkanatti salphaatti jibbaaf ariifatu? Maaliif waan waa'ee hin baafneef jibba guddaa uumuu? Hanga har'aatti waan xiqqoof lola guddaa kan uumuma ijoollee xixiqqoo gidduutti qofa jedheen yaada ture. Innis adaduma guddattuun kan si dhiisaa deemu jedheen yaada. Takka takkaa haalonni walitti nama buusan hin uumaman jechuu koo miti. Waantin argaa jiru garuu tasuma tilmaama kiyya irra darbee haala qaanessaa dha. Haa ta'u malee ofiif illee jedhee, dhugaa ani dafee baruu fi fudhachuu qabu akka ta'e illee natti dhagahama. Kana gochuu garuu hin danda'u. Danda'uus kanin qabu natti hin fakkaatu. Sababbiin isaas lola baay'eef, hundumaa isaa haala jedhamuu danda'uun ka'umsi isaa ana waan ta'eef.
Namoota akkanaa biratti Kiitii waan tokkoon koo iyyuu sirrii miti. Waan Hundi koo yeroon siin jedhu, ilaalchi koo, uffanni koo, deemsi koo, taa'umsi koo; qofa waan koo A hanga Z'aatti osoo hurgufamuu oola. Osoo hurgufamuus halkanaa'a. Kun osoo natti hin hir'atiin oriisaan hangana hin jedhamne callisee liqimsuu irraan kan hafe deebii deebisuun jechi tokko akka afaan kootii hin baane ajajni naa kennameera. Lakki Kiitii kanallee osoo hawwanii hafu malee ani hin godhu. Isa akkas waliin dhahaa kana ittiin hin guddanne. Utuun yaalees waan naa ta'u miti. Hin danda'u kiitii, arrabsoo nama hundumaa boquu buusee fudhachuu hin danda'u. Dhugaa isaa natti himi yoo jette kiitii, otoodhuman danda'eeyyuu hin godhu. Osoo danda'amee Aanaa Firaanki kaleessa akka hin dhalanne sirrii godheen isaanin hubachiisa; Sana booda Aanaa barsiisuuf akka isaan ga'umsa hin qabne isaan barsiisa. Tarii yeroo nahan arraba saanii xiqqo sassaabbatu ta'a. 
Baayyee kan nama dhibu dha Kiitii, dhuguma ani akka jedhan guddis baddee, of tuultuu, ofittoo, kkf ta'eeni kun hunduu kan narra ga'e. Miti, kun raawwatee miti. Dhugaa dha, akkuma nama kamiiyyuu hanqina mataa koo nan qaba. Sana anuu beeka. Hin waakkadhus. Garuu gurra guddisni isaanii kun anaan kan na sirreessu osoo hin taane, hangam akkan isaan taajjabe osoo beekanii akkam ofitti qaana'u? 
Egaa yeroo isaan dubbii jallinaa, dubbii nama xiqqeessu daddarbachaa oolan akkatti na gubu kiitii. Hanga yoomiitti keessa koo dhoksee jiraadharee?  Guyyaa tokko akka volkaanootti futtaafadhee dhohuun kiyya hin hafu. 
Gara mata duree dura sii jalqabeetti sii haa deebi'utii, Taa'umsa keenyatti naannofnee kan qinaaxxii fi gorroo otoo odeessinuu, akkamiin akka yaadatame hin yaadadhu. Garuu waa'ee aabbaa gaarummaan isaa safara darbe ka'ee asiis achiis dubbiin darbatamuu jalqabe. Aabbaa dhiyeenyaan beeka taanaan nama fayyaa dhiisiitii maraatuunuu dhugaa kana dhoksuuf ni rakkata. Kana gidduutti aadde Faandaan kaatee anis gita abbaa manaa koon yoon ilaalame nama gaariidha jettee gadi sii hin teessuu?. 
Obbo Faandaan eeyyee sirrii jette, ani nama gaarii miti. Ta'uus hin barbaadu. Hamman beekutti nama garraamii ta'uun kasaaraa malee bu'aa isaa hin argine erga jedhee booddee gara kootti naanna'ee Waan tokkon si gorsa Aanaa, yoomiyyuu yoo ta'e kan siif maluu olitti gaarii ta'uuf hin yaaliin. Garraamummaan humna olii eenyuuniyyuu eessayyuu hin geessisu. Siitti hin fakkaatiin naan jedhe.
Harmeenis yaada kanatti akka walii galtu ibsite. Aadde Faandaan garuu waanuma amala ishee dubbatte. Nama dhiba, waa'ee jireenyaaf ilaalcha isin qabdan tasuma waan baramee hin beekne dha jette kallattii qara dubbii ishee gara Harmee fi Aabbaatti garagalchite. Akkamitti mucaa xiqqoo gorora liqimsuuyyuu hin barre biratti waan kana dubbattu? Dhuguma kun hawaasa biratti baratamaa miti. Akka keessan warra qaroomneerra jedhan biratti yoo ta'e malee 
Aadde Faandaan kana jettee yeroo raawwattu maddiin ishee ansoosillaa fakkaatan. Qeeqa waan nama irratti dhiyeessite osoo hin taane waan qeeqi irratti dhiyaate fakkaatti. Haa ta'u malee akka isheetti hin tollee fi mata duree sana xumuruuf akka ariifatte irraa beekama. Maal sitti fakkaate aadde Faandaan anis yoon ta'e waan tokkon amana, namni tokko jireenya isaa keessatti waan tokko gochuuf milkaa'ina yoo fedhe gaarummaa humnaa olii gochuun isarraa hin eegamu. Fakkeenyaaf abbaa manaa koo, Maargoot, mucaa kee Piiteriin yoo fudhanne saaxilamtoota kanaati. Miidhamaniirus. Abbaa manaa kee, Aanaa, sii mataa kee fi ani guutummaa guutuutti isaaniin faallaa yoo ta'uu baanne illee yoo xiqqaate na hin tuqiiniin keenya wal nama hin gaafachiisu jette harmeen.

Obbo Faandaan ofirraan qoladha jedhee dubbii qaanfachiisaa inni dubbateen harmeen aaruu eegalte. Haalli harmee kun immoo boqonnaa sammuu aadde Faandaani. Takkaa afaan Jarmaniin takkaa afaan Hoolaandii wal keessa tartiiba malee dubbachaa dhumarratti arrabni ishee yeroo dubbachuu dadhabu, afuura dheeraa.. dheeraa.. bafachuu qofa ta'e. Sana booda barcuma irra teesse sana irraa kaatee Osoo deemtuu tasa iji ishee lamaan narra bu'e. Akkam akkam akka ishee godhu sitti himuu hin danda'u. Waan hamaa natti nannessuuf,.. yeroon kana hubadhu mataa koo bitaa gara mirgaa sochoosuun gadda koon ibse. 
Sana booda narra naannofte. Ammas jechoota afaan Jarmanii fi Hoolaandi natti firfirsaa jirti. Tilmaamuuf kan nama rakkisu agarsiisa addaa ture. Maal qaba osoon fakkii kaasaa ta'ee haala kanaan osoon ishee kaasee? Dubartii fokkattuu akkamii dha?
Kiitii amma waan tokko naa galeera. Namoota kan sirriitti hubachuu dandeessu yoo lolte dha. Yeroo sana qofaadha amalli isaanii inni sirriin kan akka dungoo ifuutti mul'atu. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu kiitiif
Rakkoo du'a dhokatanii jiraachuu nama hin argineef ibsuun ulfaataa dha. Guyyuun haalonni si mudatan raawwatee amanuuf kan nama rakkisaniidha. Har'a hin ta'iin malee namoonni torba lubbuu keenya tursiisuuf jennee as keessa dhokannee jirru jireenya guutuu akkamii keessaa dhufne.  Iddoon nuti dhokannee jirru garuu mana qaama dhiqannaa kan hin qabnee dha. Dhaqna keenya kan dhiqannu qodaa uffanni irratti miiccamu irratti. Gaarummaan isaa gara gadii waajjira obbo Kirelerfaa keessa elektirikiin bishaan hoo'isu jira. Hijjettoonni hunduu yeroo waajjira gadhiisanii deeman dabaree dabaree dhaan qodaatti waraabnee ol guurree ittiin dhiqanna. Kana qofa miti innumtuu meeshaa mijataa miti. 
Amalli fi saalfiin keenyis akkuma bifa keenyaa adda waan ta'eef hunduu yeroo, bakka fi akkaataan qooddatee qaba. Fakkeenyaaf Piiter kan filate mana nyaata itti qopheessinu. Garuu balballi mana nyaata itti qopheessinu fullee waan ta'eef Piiter wayita dhaqna dhiqatu tilmaama sa'aatii walakkaa gara manichaa akka hin ilaalle nu dhorka. Obbo Faandaan immoo achuma kutaa ciisichaa isaa keessatti dhiqachuu barbaada. Kutaa gara gadiitii bishaan ho'aa fidee dhufee kutaa itti aanutti ol dabarsuun na baasa jedhee amaneera. Aadde Faandaan immoo iddoo isheef mijatu iyyuu waan argatte hin fakkaatu. Aabbaan immoo waajjira dhuunfaa obbo Kireler fayyadama. Harmeen immoo mana nyaata itti qopheeffannu duuba, bakka ittisa ibiddaa cinaa kutaan dukkanaa isheef ta'eera. Anii fi Maargoot immoo kutaa guddaa waajiraalee isa gara gadii, guyyaa sanbataa waaree booda fi dilbata guyyaa guutuu, kutaa irra jireessaan dukkana ta'e keessatti dhiqanna. 
Haa ta'u malee kutaa kana osoo bayyee hin turiinin jibbe. Torban darbe keessa immoo kutaa mijataa kan naaf ta'u kami jedhee yaadaan ture. Piiteris eeruu tokko naa kenne. Akkan kutaa gara gadii keessaa mana fincaanii isa fooyya'aa ta'e akkan fayyadamuuf yaalu naa hime. Eeruu sirrii ture. Kutaan sun bakka bidiruu dhiqannaa waan qabuuf dhaabachuun dirqama miti. Taa'ee dhiqachuu nan danda'a. Ibsaa ibsachuu nan danda'a. Ergan ol seenee balbala shoggomuu nan danda'a. Dhumarrattis rakkoo tokko malee bishaan ittin fayyadame dhangalaasuu nan danda'a. Waan hundarra ijji na argu akka hin jirre ofittin amana. Dilbata darbes bareedaa fi qulqulluu kan ta'e kutaa dhiqannaa koo yeroo jalqabaaf yaaleera.  Dhugumatti bakka kanatti kan kana irra foyya'aa ta'e jira jedhee hin yaadu. 
Aanaa kee irraa.

Jaalatamtuu kiitii
Kaleessa nasuutiin sii du'een oole. Ganama keessaa naannaa sa'aatii lamaa keessa bilbilli balbala keenyaa tasa iyyite. Haala bilbiluu Meeppeefaa isa barre sana miti. Waajjirri obbo kirilerfaa immoo sa'aatii lamaa fi walakkaa gadi waan banamu miti. Kanaaf waan nutti dhufan se'een onneen koo hojii waan dheebde natti fakkaate. Nutti dhufan yeroon siin jedhu eenyufaa akka ta'an tilmaamuun waan si rakkisu natti hin fakkaatu. Boodarra garuu namicha paastaa deddeebisu ta'uu akka hin oolle yaannee tasgabboofne. 
Goyyoonni bakka dhokannaa keenyatti dabarsaa jirru adadumaan sodaan isaanii nutti dabalaa jira. Hunduu wayita sagalee xiqqoo dhagahu akkuma hantuutaa dhokata. 
Fulbaana 29 guyyaa dhaloota aadde Faandaan ture. Akka mana ishee qophii guddaa gochuu yoo dhiifne illee hanga nuuf danda'ame guyyaa dhaloota ishee kabajneerraaf. Jechuun nyaata yeroo kaaniirra xinnoo  adda ta'e nyaanne. Kennaa qoosaa tokko tokkos kennineef. Faaruu guyyaa dhalootaas farfanneefiirra, fi kkf. Dubbii keenya irratti kiitii!. Waa'ee aadde Faandaan ergan kaasee otoon sitti hin himiin kanin darbuu hin dandeenye tokko siin kaasa. Aadde Faandaan aabbaa duukaa waliitti dhufeenya walanqattee uumuuf yaaliin isheen hin yaalle hin jiru. Waan ishee kun baayyee nagaa na dhowwaa jira. Carraa argatte hundaan fuula isaa yookiin qajjisa isaa hooksiti. Ta'e jettee uffata ishee sarbaa ishee irraa fuutee fuula dura isaa teessi. Dubartii baayyee beektuu fakkaachuufis dibbuu makmaaksaa tokko tokko darbatte qalbii isaa booji'uufis ni yaalti. Waaqayyo haa galatoomu malee aabbaan garuu waan hundi ishee itti hin tolu fakkaata fuula isaa hin kennuuf. Harmeenis obbo Faandaan duukaa waan akkasii hin gootu. Kana immoo isheen mataan ishee aadde Faandaan bakka jirtutti dubbadheera.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu kiitiif
Har'a oduuwwan baay'ee nama gaddisiisani dha Kan ani sitti himu. Hiriyoonni mana baruumsaa, firoonni fi lammiwwan keenya yihuudaa ta'an guuramanii hidhamaa akka jiranii fi dhokfamaa akka jiran dubbatamaa jira. Namoota kana poolisoonni Naazii qabanii karaa mirgi namaa baayyee dhiibameen konkolaataawwan loon itti fe'amanii fi baabura walitti hidhamaaniin guuramanii, buufata uggurtii yeroo yihuudotaa Weester boorkitti akka geeffaman dubbatama. Waa'ee buufata uggurtii kanaa waanti odeeffamu hunduu baay'ee kan nama qorrisiisu dha. Namoota dhibbatti manni dhiqanna tokko hin jiru jedhan. Manni itti qulqullaa'an ammoo kana irra ni hammaata. Gituma kanaan akka korniyaa fi umuriitti kan adda bahee jiru hin jiru. Dubartoonni, dhiironni fi ijoolleen iddoodhuma tokko walirra rafu. Kanaaf waanta hamlee namaa miidhuu fi waan baay'ee sodaachisaa dha. Yeroo muraasaaf yookiin ji'a muraasaaf dubartoonni ykn durboonni achi turan ulfaa'uuf ni saaxilamu jedhan.
Meeppeen waan baay'ee  sodaachiisaa kana darbee darbee yeroo nutti himtu, dhagaahuun otoo natti hafee akka naaf wayyu keessi koo otoo natti himuu garuu biraa socho'uu hin dandeenye. Isheen mataan ishee sababii keenyaan walanee keessa galtee, akkasumas dhiphinni ishee keenyaa gadi akka hin taane naa gala. Yeroo dhiyootti kan ishee mudate keessaa jaartii yihuudii tokko caccabdee balbala isheetti yeroo argitu miilli ishee jalatti laafe. Poolisoota naaziitu fidee buusee hanga dhufanitti achii akka mixxiq hin jenne ajajanii deeman. Kanaaf Meeppeen mangoddoon sun hangam yoo isee gaddisiistes ishee gargaaruuf onnee hin jabaanne. Yaalii kana fakkaatu eenyuyyuu hin yaalu. Nama kana godhe yoo argan Naazonni dhiifama gosa kamiiyyuu hin godhaniif. Akkuma yihuudotaa gara bakka sodaachisaa sanaatti fe'u. Sitti haa agarsiisu kiitii, Kana osoo beekaniiti. Meeppee fi obbo keriler faa nama torba nu dhoksanii kan isaan nu sooran. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitii
Dhiphina gosa kamii keessa akkan jiru sitti himuu hin danda'u. Aabbaan baayyee dhukkubsateera. Hoo'i qaamaa guddaan isa dhiphisaa jira. Fuulasaa xosxosiin weeraree timaatimii fakkaateera. Dhukkubichi maal akka ta'e dhuunfaa keenyaan tilmaamuu irraan kan hafe beekuu hin dandeenye. Mee yaadi kiitii, iddoon jirru kun doktara illee waamuu akka hin dandeenye ni beekta. Harmeen gama isheen yoo xiqqaate ho'insa sana illee hir'isuuf yaalaa jirti.
Kan ani sitti hin himne, akkamitti akka ta'e hin beeku kitaabonni tokko tokko ati ijoolleedha jedhanii dubbisuuf kan naa hin eeyyamamne, yeroo dhiyoo asitti naa eeyyamamuu jalqabaniiru. Fakkeenyaaf amma 'Eva's youth' dubbisaan jira. Waan si dhibu garuu kitaabota jaalalaa mana baruumsaatti dubbisnu caalaa adda ta'ee waan natti mul'ate hin qabu. Dhugaadha waantota haaraa tokko tokko irratti argeera. Fakkeenyaaf iddootti dubartoonni qaama isaanii qarshiitti gurguratan jira. Dubartoonni kunis gatiin isaan gaafatan salphaa akka hin taanes ni hima. Maaliyyuu ta'ee haalonni na dirqisiisanii osoon carraa kana hojjechuu argadhee qaaniin isaa akka na ajjeesu nan beeka. 
Mee kiitaaba kana irratti waan haaraa gara biraa tokko waanin arge sitti haa himu. Kitaabicha keessatti taatuu ishee jalqabaa kantaate Eva ji'aan kan argitu marsaa laguu isheef mudannoo haaraa eera. Anis marsaa laguu kiyya isa jalqabaa arguuf ariifadheera. Mudannoon kan keenya qofaa ta'e kun uumama keessatti baayyee barbaachisaa ta'uu isaa nan amana. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu kiitiif
Harmeen tibba kana aartuu taateetti. Inni har'aa immoo waan hammaate fakkaata. Isheen miira akkasii keessa jirti taanaan anaan walaneen na eeggatu jira jechuudha. Maaliif garuu aabbaas ta'ee harmeen guyyaa tokko Maargootitti dubbatanii hin beekan, waanuma ta'e hundumaatti anatti ori'an. Kaleessa galgala waan ta'e sittan hima. Maargoot kitaaba keessa isaatti suuraalee babbareedaa qabu dubbisti. Sana booda kaatee bakka irratti dhaabde mallattoo godhattee keessee gara kutaa irra keessaatti baate. Ani immoo yeroo sanatti hojii tokkoyyuu waan hin qabneef, akkuma isheen baateen kitaabicha fuudheen gaggaragalchee suura isaa ilaaluun jalqabe. Maargoot deebitee dhuftee kitaabicha harka koo irratti yeroo argitu, nyaara ishee akka akka tokko gootee akkan isheef deebisu na gaafatte. Suurota sana ilaaluu waanan jaaladheef garagalchee suurota itti aanan waanan ilaaleef qofa Maargoot aaruu jalqabde. Harmeen itti dabalamtee, Kitaabicha dafi Maargootiif deebisi. Kan dubbisaa ture ishee dha nan jette. Yeroo kanatti aabbaanis gara kutaa nuhi jirruutti ol seene. Waan irra jirru illee osoo hin beekiin fuula Maargoot gurraacha waan argeef qofa natti ori'uu jalqabe. Maali Aanaa yoo tole jette? Osoo Maargoot eeyyama kee malee kitaabota kee keessaa tokko fuutee dubbistee sitti hin dhagahamuu? Naan jedhe.
Kitaabicha achuma kaa'een gara kutaa mataa koottin deeme.  Tilmaama isaaniitiin itti gaddee yookiin dubbii isaanitti aareen bahe. Garuu ani hin gaddine, hin aarres. Qofa miira gaarii hin taane tokkotu natti dhagahame. Aabbaan anii fi Maargoot wal lollee murteessi osoo jedhamee waan isaa osoo hin hubatiin anatti murteessuuf ariifachuun isaa madaalawaa miti. Dhugaa dubbachuuf osoo aabbaa fi harmeen gidduu seenuu baataniis ani yerosuma kitaabicha Maargootiif nan kenna ture. Isaan garuu akka waan Maargoot jalaa firdiin badeetti bira dhaabatan. Garuu maaliif?
Harmeen Maargootiin deeggaruun isheellee waan haaraa miti. Harmee fi Maargoot yeroo hunda wal deeggaru. Waanan beekuuf amalli harmee fi kan Maargoot hagas mara na hin dhiphisu.
Dhugaatti lamaan isaaniiyyuu nan jaaladha. Kanan isaan jaaladhu garuu harmeen haadha too, Maargootis obboleetti tiyya waan taateefi. Miirrin aabbaaf qabu garuu kanarraa adda. Takka takkaa Maargoot akka fakkeenyaatti fudhatee yeroo dubbatu, waan isheen gootu sirrii jedhee yeroo mirkaneessuuf, yeroo ishee galateeffatu, keessumaa jaalala abbummaatiin yeroo ishee hooksu waanti boqonnaa koo nyaatu natti dhaga'ama. Sababiin isaas jaalalli ani aabbaaf qabu humnaa oli. Baay'ees isan kabaja. Addunyaa irraa isarraan kan hafe uumamni ani jaaladhu waan jiru natti hin fakkaatu. Inni garuu ija Maargoot ittiin ilaaluun akka na hin ilaalle waan dammaqe natti hin fakkaatu. Rakkoo hin qabu.  Maargoot shamarree bareedduu amalaan adduunyaa kana irraa gaarii dha haa jennu. Otoo ta'ees anis nama waanin ta'eef akka nama of danda'aa tokkootti ilaalamuun qaba. Hangan beekutti garuu fafni mana kanaa hundi ana akka ta'ee hunduu akka irratti walii galudha. Waanan godhuufis gatii dachaa baasaa har'an gahe. Oriisaa isaanii danda'ee, miira kiyya miidhameefis ofiidhuma koo of wal'aanee!. Kana irratti loogii narratti raawwatamu kana dandamadhee waanan turu miti. Aabbaa irraas kanan barbaadu kan inni naa kennuu hin dandeenye tokko jira. 
Dhugaa dubbachuuf Maargootiin inaafee miti. Yoomillee inaafeenii hin beeku.  Dhaabbii ishee fi bareedina ishee osoo kiyya ta'ee jedhees guyyaan hawwe hin turre. Jaalala aabbaa argachuuf yaadee waanan dhabeef qofaadha. Kana irratti jaalalli dhugaan ani hawwe daa'ima waanan ta'eef qofa osoo hin taane, eenyummaa kootiin fi Aanaa ta'uu kootiin jedhee waanin amaneefi. 
Kanin aabbaa akkanatti itti cichuuf miirri akka maatiitti gammannee jiraachuu kan turuu danda'u gaggeessummaa isaatiini jadhee waanin amanuufi. Dhuguma aabbaan waantota naaf hin beekne baay'ee qaba. Voolkaanoo garaa koo keessaa, yaada dhiphinaa harmeetti darbee darbee kanan futtaafadhu yoo xiqqaate gubaatii isaa xinno lajab akka naa godhu naa beekuu qaba.  Inni hanqinni Harmee matuma takkaallee akka ka'u hin fedhu. Yeroon ani rakkina harmee itti kaasu akkuma ta'u ta'ee mata duree na jalaa jijjiira. Garuu Kiitii tiyyaa, dubbiin cimaanii fi rakkisaan sammuu na nyaatu kanan baachuu dadhabe waa'ee harmeeti. Qofaa koos akkamitti akkan baachuu danda'u hin beeku.
Ammas waanti biraan kan danda'amu jira. Ani fi harmeen raawwannee faallaa taaneerra. Waan ta'eefis yeroo hunda walitti bu'uun keenya waan hin hafnee dha. Kun amala harmeetti murteessuu miti. Sababiin isaas ani humna koon murteessuu waanan danda'u miti waan ta'eef. Ani haadha akka naa taatuufan barbaadan. Ishiin garuu ta'uuf fedhii hin qabdu. Kanaaf hangan danda'etti anumti mataan koo haadha ofiif ta'uuf nan yaala. 
Amma hunduma isaanii irraa adda of baaseen jira. Bidiruu jireenyaa ani yaabe kan oofus anuma. Deemsi qofummaa ani imalaa jiru garuu eessa akka na geessu fuula durattin ilaala. Kun hunduu kan ta'aa jiru irra caalaan sababa tokkoofi. Harmneen beektuun tokko daa'ima ishee duukaa walitti dhufeenya akkamii akka qabaachuu qabdu sammuun koo waan natti himu qaba. Harmee biratti garuu kan sammuun koo natti mul'ise kana bifa dimimmisaan illee arguu hin dandeenye. 
Hir'inoota harmee itti lakkaa'uu dhiisuuf yaaliin ani hin goone hin jiru. Waanin argu akka hin argineetti bira darbuuf yeroo baay'ee nan yaala. Gaarummaa ishee qofaa lakkaa'uuf waan isheen hin qabne illee of keessatti arguuf yaalii guddaa godheera. Garuu ta'uu dide. Tasuma hin hojjetu. Kunis waan harmee fi aabbaan hubachuu dadhabanii fi anis isaanitti murteessuuf dirqamuu kooti. Haa ta'u malee maatiin fedhii ijoollee isaanii guutummaa guutuutti guutuu kan danda'an addunyaa kana irra jiruu gaaffiin jedhus tibbana sammuu kiyya keessa deddeebi'uu eegaleera. 
Takka takka maal akkan yaadu beektaa kiitii? Waan Waaqayyo na qoraa jiru natti fakkaata. Kana duras na qoraa fi fuula durattis na qoruun waan itti fufu natti fakkaachaa jira. Kanaaf eenyuuniyyuu fakkeenya godhee osoo hin ta'iin yaalii mataa kootiin nama gaarii ta'uun qaba. Kana jechuun gargaarsa eenyuuyyuu malee miila koo lamaan isaan of danda'ee akkan dhaabadhuuf jabinan argadhe jechuudha. 
Waanin yaadannoo kana Irratti barreessu ana irraan kan hafe uumamni kan biraan akka hin argine jalqabuma waadaa ofiif seeneen ture. Kanaaf ofiidhama koo jabaadhu ofiinin jedha malee eenyutu dhufee jabaadhu naan jedha?. Gowwummaa haga kanaallee hin qabu. Maaliyyuu yoo ta'e garuu jabaadhuu eenyuuyyuu malee kophaa koo bahachuuf rakkoo cimaa akka natti ta'uu himuu barbaadeeni. Gita nama ta'uu kootiin hanqina hin qabu jechuu koos miti. Hanqinoota safara hin qabne akkan qabus nan beeka. Kanaafis of fooyyessuuf yaalii nan godha. Irra deddeebisees nan yaala. 
Safuu.... Waantonni hagam keessa koo guutanii summuugee akkan jiraachisaa jiru osoo naa beektee maal qaba kiitii? Eenyummaa koo isa sirrii ifa baasuuf jedhee namoota ala nama buusuuf yaalan wajjin deemuun hagam dadhabsiisaa akka ta'e ni beekta jedheen yaada. Kanaafi hirmaattuun miira koo yaadannoo koo qofa kanin jedheef. Sababiin isaas Obsa daangaa hin qabne kan qabu si qofa waan ta'eef. Haadha oolmaa koo waan taateefis waadaa tokkon  siif gala. Maalis haa ta'u maal, imimmaan koo liqimsee hangan karaa rakkoo kana keessaa ittiin bahu argadhutti, matuma iyyuu abdii hin kutu.  Kun waadaa dha. Akkan si hin qaanessines siifan mirkaneessa. Kanan hawwu yeroo dhiyootti akkan argadhu fi nama dhugaatti na jaalatu utuun qabaadhee isa jedhuudha. 
Baay'ee aarteetti yoo siin jedhan natti hin murteessiin kiitii. Inumaayyuu yeroo sana waan tokko yaadadhu. Takka takka anumti iyyuu akka rasaasaa dho'uuf tuqaa dhumaarra nan gaha ta'a.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Oduu ajaa'ibaa sitti haa himu. Mana icciitii keenya kanatti namni biraan kan wajjin burjaajofnu saddeettaffaan nutti dabalamuufi. Eeyyee amantees amanuu baattes kun ta'uufi. Namni tokko dabalamuun rakkoo guddaa qabaachuu isaa wallaallee miti. Waan hunda waliin geessisuu isa jedhutti waan amanneefi. As dhiyoo kana immoo oduuwwan waa'ee lammiilee keenya yihuudotaa suukkaneessaa dhagahuun keenya akka nuti hin didne nu dirqisiiseera. Akkasumas kan nu dirqamsiise hanqina soorata yihuudotaa bakkee kana jiruuti. 
Torbanuma keenya iyyuu sirriitti keessummeessuu kan hin dandeenye mana keenya bakka dhoksaa kanatti, keessummaan keenya dhufu Alberti Duusel kan jedhamu haakima ilkaaniiti. Haati warraa isaa carroomtuun rakkoon yihuudota argate kun osoo akkanatti hin babal'atiin dura, erga  biyyaa baatee uumama kophaa isaa jiraatudha. Obbo Duuseliin, aabbaanfaas obbo Faandaan fa'is ijaan argaas ta'u ni beeku. Nama callisaa fi waajjin jiraachuufis kan rakkisu miti. 
Bakka ciisicha obbo Duuseliif erga irratti baay'ee marii'annee booddee bakka ciisicha Maargoot akka kennamuuf, Maargoot immoo kutaa aabbaa fi harmee akka raftu irratti walii galle.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Kutaa waloo keenya keessatti hunduu walitti  dhufnee guyyaa rakkoof kan keenye hulaa xiqqoo bannee obbo Duuseliin simachuuf osoo eegnuu Obbo Kireleriin durfamee karaa dhiphoo icciitii sanaan ol bahe. Waa'ee maatii keenyaa yookaan waa'ee aabbaa nama beeku fakkaata. Yerooma aabbaa argu akka waan bakakkaan itti bu'ee qorre.
Obbo Duusel miiruma qorre sanaan ol seenee erga taa'ee booda, Yeroo xoqqoof hunda keenya calliinsaan hubatee nu ilaale. Ani ka je'u, isin gara beeljiyeemitti godaantaniittu hin jedhamneeyii? Jedhe, arrabni isaa yeroo jalqabaaf dubbate. Waan hunda tartiibaan itti himne. Gowwoomsaaf, abdii akka kutataniif yaadannoowwan sobaa fi xalayaalee sobaa gara beeljiyeem deemuu keenya kan ibsu manatti akka gannee baane itti himne. Gamnummaa keenya kanatti baay'ee kan ajaa'ibame obbo Duusel gaaffii biraa darbachuu dhiisee haala jireenyaa isatti keessummaa ta'ee fi mana icciitii keenyaa keessa deemee daawwate. Waan arge akka amanuu dadhabe irraa beekama. 
Aanaa kee irraa.

Jaalatamtuu Kiitiif 
Akkuma tilmaamne obbo Duusel baayyee nama gaariidha. Kutaa xiqqoos na duukaa qooddachuu isaa hin jibbine. Ani garuu nama hin beekne waliin waan mana keessaa fayyadamuun natti hin tolu. Garuu maal goota kiitii? Namni tokko hojiin kun sirriidha jedhee itti amanee yoo fudhate aarsaa barbaachisu kaffaluufis qophii ta'uu qaba. Kanaafis mormii tokko malee ture murticha kanin fudhe. Inni guddaan lammii keenya tokko oolchuu danda'uu keenya dha. Rakkinni kanaan dhufu kamuu lakkoofsa keessa galuu hin qabu Jedha aabbaan. Dhugumatti jechama sirrii dha. 
Obbo Duusel akkuma kutaa keenya galleen ture kan gaaffii natti roobse. Dhaqna dhiqachuun kan danda'amu eessatti akka ta'ee fi yoom akka ta'e, mana fincaanii sa'aa kam akka fayyadaman fi Kkf. Dura ka'uun isaanii si kofalchiisuu danda'a kiitii. Garuu namoonni mana dhokannaa keessatti namoota dhiphinaan jiraataniif waan baayyee yaaddessaa dha. Gaaffii obbo Duusel tokko tokkoon ergan deebisee booda waantota gochuun isa irra hin jirre seera manichaa sirriitti ibseef. Waan tokko garuu na ajaa'ibe. Dandeetti obbo Duusel xinnoo ishee gadii bu'aadha. Waan tokko irra deddeebi'ee gafachuu isaa irratti osoon hin nuffiin irra deddeebi'ee ibsuun koo hanqatee, isumayyuu hin yaadatu. Maal qaba jijjiiramnumti wayii osoo sammuu isaa argatee? Akkasumas isa xinno nu qaana'u immoo suuta suuta yeroo nu baraa deemu ni dhiisa jedheen abdadha. 
Kana irraan kan hafe waan ala kanatti ta'aa jiru kan nuun hin dhageenye waan haaraa baayyee nuu hime. Baay'ee oduu gaddisiisu nuu fidee dhufe. Safaraa fi lakkkoofsa kan hin qabne hiriyyoonni keenya, olloonni keenya, firoonni keenya fi naannoo keenyatti namoonni beeknu gara carraa isaanii isa dhiphisaa sanaatti deemaniiru. Galgalli hunduu uffata danbii poolisoota naazii namoota uffatanii fi iyya namootaan kan guutame ture. Ganamnis kanumaan gaha. Mana namoota tokko tokkorras naanna'uun akka yihuudonni jiranii fi hin jirre adda baafatu. Arginaan atattamaan maatii isaa waliin fe'anii sokku. Yoo dhaban ni darbu. Akka keenya bakka hin shakkamne kan tolfate yoo ta'e malee eenyullee gamnummaa isaatiin sakatta'insa Naazii jalaa bahuu hin danda'u. Sakattaatonni kun yeroo tokko tokko Waan qara waan baatanii deemaniif mana yihuudonni jiran yoo mirkaneeffatan malee bansiisanii ol hin seenan. 
Darbee darbee immoo yihuudota harka isaanii galan matta'aan yeroo gadhiisantu jira. Qarshiin yihuudonni kafalan Kunis warra qabanii fi haala irratti hundaa'a. Isa bara durii garboota luba baasan duukaa wal fakkaata. 
Sadarkaan gochaa badaa sunis eenyullee kan gadduu danda'uun ol akka ta'e dha. Gara galgalaa hanga dimismisutti golgaa foddaa xinnoo saaqee asii gad ija koo nan erga ture. Namoonni qulqulluun kan waan isaa hin beekne iyya gurraaf nama jibbisiisuun, ijoollee of jala naqanii dheerinni isaa ijaaf  dadhabsiisaa hiriira ta'een, garaa laafina tokko malee daddarbachaa, tuffachaa fi reebaa, namoota naazii muraasaan ajajamaa, boquu isaanii buusanii gara gaannaba namtolchee isaan eeggatu sanaatti otuu deemanii nan arga. Reebicha isaan irra gahu dandamachuu dadhabuun warri kufan akkuma fe'e ta'anii ka'uun deemsa itti fufuun dirqama ture. Deemsi kun kan itti tolu yihuudonni tokkollee hin jiraatan. Manguddoowwan, daa'imman, kan garaatti baatan, dhukkubsatoonni fi kkf afaan bananii gara jireenya dukkanaa sanaatti deemu. 
Nuti warri as keessa jiraannu carraa qabeessa akkamii akka taane sitti mul'ataa kiitii? Waallee gochuufii kan hin dandeenye lammiilee keenya hammaaranii kan guuran osoo beekuu baannee baay'ee kan nama dhiphisu hin turre.
Qaalii keessaa iyyuu qaalii kan ta'an hiriyoonni koo walakkaan harka naazotaatti wayita gidirfaman walakkaan immoo godaansuma kana illee, halkan qorra lafee nama nyaatu kana keessa yeroo deeman, maaltu akka natti dhagahamu beektaa kiitii? Maalan siin jedha? Onneen koo gogduu fi gantuu akkan ta'e natti hima. Uumama jalqabaa jalqabee hanga har'aatti gara jabummaa isaaniin dorgomaa kan hin qabne abaarsa lafa kana kan ta'an harkatti hiriyoota koo kufan lakkoofsuman yaadadheen sodaan tulluu fakkaatu natti dhagahama. Gowi sagalee isaaniis dhufee dhufee dabaree dabareen natti dhagahama. Kana hundaaf kan isaan geessise yakki isaanii maal seete kiitii? Yakki isaanii,... Yakki isaanii inni guddaan yihuudota ta'anii uumamuu isaaniiti.
Aanaa kee irraa!

Jaalatamtuu Kiitiif 
Wanta ala kanaa raawwatamaa jiru miira kamiin akka keessummeessinu hundi keenya iyyuu waan seraan hubanne natti hin fakkaatu. Waa'ee yihuudota wajjin kan wal qabatu oduu haaraa ta'uu baatus, Akka isa miilanaa kana eenyuummaa keenya isa dhiiga keenya keessa jirutti inaafamee fi irratti hojjetamee hin beeku. Haa ta'us malee dhimma waa tokko gochuu hin dandeenye itti dhiphachuun akka hin barbaachifne hundumni keenya irratti walii gallee oduu biraa hoo'isna. Meeppeen dhuftee kana dura michuu dhiyoo kan turre namni wayii Naazotaan fudhatamuu yeroo dubbattu uu'uu jedhee kan mana jeeqe Harmee fi aadde Faandaan turan. Haalli kun kan ishee yaaddesse Meeppeen gidduutti dhaabde. Obbo Duuseliin garuu itti fufnee gaaffiwwaniin mudduu jalqabne. Egaa oduuwwan obbo Duusel irraa dhaga'aman baayyee qorrisiisoo fi sodaachisoo ta'uu irraan kan ka'e waan sammuu namaa keessaa baduu danda'u hin turre. 
Haa ta'u malee ammas waa gochuuf yaaliin guddaan gochuu qabnu jira. Innis dhiphina amma keessa seenne dhiisnee hanga dandeenyetti of tasgabbeessinee gara jireenya maatii keenyaatti deebi'uu qabna. Sababbiin isaas amma gaddi hunda keenya irratti mul'ataa jiru, akkasumas kan obboloota keenyaa diida jiranii kasaaraa malee bu'aa sharfee tokko hin qabu. Dabalees Bakka jireenyaa dhokataa keenya kana harkuma keenyaan bakka dhiphinaa dhokataa gochuun keenya bu'aa maalii qaba?.
Dhugaa haa dubbannuutii kiitii, yeroon nyaadhus, yeroon dhugus, dhabadhes, taa'es, yookaan immoo daqiidaa tokko tokkoon waa'ee  lammiilee koo gidiraa keessa jiranii yaaduu fi dhiphachuun qabaa? Yeroo takka takka waantonni nama kofalchiisan yeroo dhufan keessa koo ukkaamsee ajaa'ibamuu kiyyatti qaana'uun qabaa? Carraa badaa lammiilee koo mudate yaadee halkanii guyyaa immimmaan dhangalaasuun qabaa? Hin godhu kiitii!. Tasuma gochuu hin danda'u. Gochuunis kan narra jiraatus natti hin fakkaatu. Asirratti dhimma yeroo ta'eeti malee gidiraan kun gaaftokko ni darba. 

Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Har'a ganamaan irra deebiin waan hundaaf of nyaachaan oole. Waan tokkoyyuu seeraan raawwachuu hin dandeenye jechuun ni danda'ama.
Gidiraa fi mankaraarriin ala kanaa jabaateera. Hojiin fokkisaan lammiilee keenya fe'uu fi geejibsiisuu bal'inaan itti fufeera. Maatiin baay'eenis akka callee citetti faffacca'aa jira. Abbaa fi haadha akkasumas ijoolleen bara baraaf akka wal hin arginetti addaan bahaniiru. Ijoolleen mana baruumsaatii yeroo galan warra isaanii manatti hin argan. Dubartoonni gabaatii galanis maatii isaanii manatti hin argan. Manni isaaniis saamsamee isaan eega.
Yihuudota kan hin taane lammiileen Hoolandis shororkaa keessa jiru. Ijoollee dhiiraa isaaniis dirqiin leenjii loltummaaf gara Jarmanitti ergamu. Namni hunduu sodaan weerarameera. 
Halkan halkan immoo xiyyaarri waraanaa dhibbootaan lakka'aman boombii garaa jalatti hidhatanii samii  gurraacha Hoolaandi faalaa gara magaalota jarmanitti barrisu. Yeroo nurra darban sagaleen isaanii akkam akka nama sodaachisu sitti himuu hin danda'u. Uummanni  Boonbiin isaanii itti roobu gochaa gaannabaa akkamii akka arguu danda'an atumti tilmaami. Afrikaa fi Ruusiyaa keessatti qofaa guyyaa guyyaatti dhibbaatamaa fi kumaatamaatti kan lakkaa'aman namoonni du'aa oolu. Addunyaan qarqaraa hanga qarqaraatti waraanaan raafamaa jirti. Waraanni sabdaneessaa ol aantummaa waan argachaa jiru fakkaata. Haa ta'u malee ammas taanaan dhumni isaa maal akka ta'uu danda'u tilmaamuun nama rakkisa.
Kan hafe waa'ee keenya kan ilaaleen waanan siin jedhu yoo jiraate. Baayyee baayyee carraa qabna. Namoota kitila baayyee dhaan lakkaa'aman keessaa warra carroomnedha. Dhugaa dubbachuuf nuun maal dhabne. Yoo xiqqaate haalli keessa jirru kun kan tuffatamu miti!
Magaalaa Amisterdaam kana keessatti ijoolleen baay'een maqaaf uffata ofirra buusanii daandii gubbaarratti gatamaniiru. Uffata dabalataa hin qaban, Uffata mataa irraa hin qaban, uffata miilaas hin qaban, gargaarsa kan isaanii godhus eenyullee hin jiru. Qoonqoon isaaniis duwwaa dha. Mar'immaan isaanii hidhameera. Of sossobuufis kaarota dheedhii alanfachaa oolu. Mana isaanii qorraa keessaa bahanii daandii diilallaa'aa irra otoo kirkiranii fi ilkaan isaanii walitti rukutaanii mana baruumsaa wayita gahan kan isaan eeggatu ittumayyuu kutaalee barnootaa onaa  ture. Eeyyee Amisterdaamis ta'ee guutummaa Hoolaanditti rakkoon kun hammaatee babal'achuu irraan kan ka'e, ijoolleen bakkee keessa naanna'anii nama darbu hunda hambaa daabboo kadhachuu jalqabaniiru. Maaltuyyu si dhamaase kiitii? Yoon rakkoo waraanni kun hordofsiise hunda siin hima jedhe sa'aatileen na hin gahan. Garuu faayidaan isaa maali? Bu'aan isaa of dhiphisuu fi siinis dadhabsiisuu ta'a. Guyyaan dhiphuu kun hanga darbutti of tasgabbeessinee taa'uu malee waanti gochuu dandeenyu tokko hin jiru. Eeyyee! Eeguu qofa. Egaa nuti yihuudonni hundi xumura keenya eegaa jirra. Addunyaan guutuunis eegaa jira. Baay'een namootaas du'a keenya eegaa jiru. 
Aanaa kee irraa!

Jaalatamtuu Kiitiif 
Miirri xiiqii qabiyyeen isaa guddaa ta'e keessa koo burraaqaa jira. Iyyi iyyi, badi badi, barrisi barrisi naan jechaa jira. Garuu miira kiyya kana ukkaamsuu akkan qabu natti dhagahama. Maal abbaa koo akkan godhu mooji kooti. Yookaan uu'uu jedhee iyyuu, yookaan harmee dubbiitiin yaabuu, yookaan ammoo hanga miirri kun narraa galutti of gadhiisee biiwuun qaba. Namoota koo kana hin dandeenye tuffii isaanii, oriisaa isaanii, arrabsoo fi abaarsa hundee hin qabne fi cabsi isaanii na maraachuufi. Xiyyi dubbii isaanii hundi anarratti kan aggaamame. Waanti nama ajaa'ibu immoo maniin xiyya dubbii isaanii guyyaa tokko galma isaanii sokanii hin beekan. Dhukkubbiin guddaan garuu xiyyi sun yeroo si waraanu osoo hin taane, wayita of irraa buqqisuuf yaaltu dha. 
Tasuma ka'ee keessa koo hunda isaanii irratti bulgaafachuuf murteesseera. Maargoot irratti, obbo Faandaan irratti, Obbo Duusel irratti inni kaan haa hafuutii aabbaa irratti Maaliif nagaa naaf hin kennitan? Mee halkanuma tokkoof, immimmaan koon osoo maddii koo hin dhiqiin, osoo boraatiin koo imimmaaniin hin jiidhiin, osoo iji koo hin diimatiin, guyyaama tokko boqonnaa naa kennaa!. Maali isin irraa osoo na boqochiisee! Isin qofa osoo hin taane addunyaa rakkinaa kana irraa odoo na obbaafachiisee! Jedhee otoon itti iyyee baay'ee natti salphata ture. Garuu hin danda'u kiitii. Cabinsa miira koo akka naa argan hin barbaadu. Madaawwan sababbii isaaniin madaa'e akka argan hin eeyyamu. Amma immoo balleessaa isaaniif beenyaa akka ta'uuf sossobbi rukuttaarra hin jirreen kan kana caalu akka na hin madeessine.
Akkam yoon ta'ee akka na dhiisan naaf hin galle qofa. Gochaa koo tokko tokkof maqaa naa baasu. Xiqqo yoon dubbadhe na argaa na argaa hin jedhiin naan jedhu. Yeroon callisu immoo maali ni fajajje naan jedhu. Yoon deebii deebiseef uggituu kan ija namaa nama keessaa fudhattu. Yoon yaada isaan irra caalu dhiyeesse, qancarbuudee mucaa! Dadhabee yoon aara galfadhe dhibooftuu, hojii dhabduu!, yoon daddafee nyaadhe ofittoo, isaan maal naan hin jenne?. Dadhabduu, sodaattuu, fokkiftuu fi kkf. Akkasumas mucayyoo baayyee rakkistuu akkan ta'e. Kanammoo hagamillee waattuu akka hin lakkoofnetti yoon bira darbe iyyuu hammam keessa koo akka gube ana qofatu beeka. Ajaa'ibuma wayiin waaqayyoon osoon fuula kiyya duratti argadhee maal akkan gaafadhu beektaa kiitii?. Hundumaa duukaa walii galuu akkan danda'uuf uumama haaraa akka na godhun gaafadha. Garuu akka hin taane sirriittan beeka. 
Kun akkuma jirutti ta'ee!... Karaa koo isaan kan tilmaamanii ol nama gaarii ta'ee isaan hundumaa wajjin walii galee jiraachuuf nan yaala.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Muddamni dabalaa jira. Waraanni Naazii osoo hin dursiin waraanni tokkummaa saboota Addunyaa dursee weeraruuf guyyaa jedhan sana aabbaan hawwiin eegaa jira. Waraanni Weinstein Churchill biyya Niimooniyaa qabatee tures akka dandamachaa jiru himame. Nagaa jaalataan namaa, Mahatama Gaandiin qabsoo dhuunfaatti godhuun nyaata lagannaa isaa itti fufee jira. 
Carraattin amana kan jettu aadde Faandaan Nuti namoonni dhiphannes, dhiphachuu baannes waanti tokko ta'uurraa xinnoo illee mixxiq hin jedhu jettee lafa dhiitti. Lakkoofsuma waa kosh jedheen ammoo tokkoffaa kan hoollatu ishuma mataa ishee aadde Faandaan dha. 
Amma immoo raajiin ati tasa tilmaamuu hin dandeenye dhufeera kiitii!. Akkuman kana dura sitti hime kutaa kana kan beeku obbo Kirelerfaa fi Meeppee qofa. Maaltu mudateree naan hin jettuu kiitii? Edaa namni gamoo kana itti kireesse, Obbo Kireler fa'iin waan tokkollee osoo gurra hin buusiin gamoo sana nama biraatti dabarsee gurgureera. Abbaan qabeenyaa inni haaraan kun gamoo isaaf suphinsa gochuuf Maandisa qabatee hin dhufu seetaa!?. Gaarummmaan isaa sa'aa hojiin ala Obbo Kireler biiroo galee jira. Namichas kutaa kutaa gamoo sana keessa galchee hunda daawwachiise. Kutaa icciitii keenya irraan kan hafe jechuu kooti. Kutaa nuti keessa jirrutti balbala dabarsitu sana garuu akka waan furtuun harka isaarra hin jirreetti dhiifama erga gaafatee booddee mahaandisichaa fi namicha gaggeesse. Egaa abbaan manaa sun deebi'ee dhufuu yoo baate fi deebi'ee kutaa hafe nan ilaala jechuu yoo baate, ammaaf balaa sana jalaa oolleerra.
Amma amma anii fi harmeen walii galaa jirra. Garuu baayyee nu hafa. Aabbaanis keessa isaatti dhoksee summuugee waanta inni qabe akka jiru irraa mul'ata. Haa ta'u malee garuu abbaa gaarii isuma dur beeknudha. 
Nyaataa fi dhadhaan haaraa nuu dhufe dhiyaana keenya irraa fal'aanaan qodaa nyaataa keenya irra nuu bu'e. Akka ilaacha kootti aadde Faandaan faa loogii ifa ta'e hojjetaniiru. Harmeen fa'i garuu dubbii jibbaniitu natti fakkaata garaama isaanii keessatti taajjabanii dhiisan. Baay'ee nama gaddisiisa kiitii. Namoota gosa akkanaaf dawaan maal naan jedhuun dhiisuu osoo hin taane, achumatti qaanessuudha. 
Aanaa kee irraa!

Jaalatamtuu Kiitiif 
Hanga har'aatti gosti kotoree nuti hin nyeenne jira sitti hin fakkaatiin. Tibba tokko tokkommoo ganamas galgalas kotoreedhuma nyaanna. Baay'ina maqaa isaamoo baay'ina gosa isaa!. Kotoreema waan jedhan ijaan arguu na jibbisiiseera. Amma immoo yerooman waa'ee isaa yaaduu jalqabu ol na jedha. Gara galgalaa yeroo hunda bifa ebellesoo/tursituutiin daabboo nuu kennamu dhabnee addaan kunneerra. 
Kitaaban gidduu kana qabadhe irraa immoo maaltu akka  gargar na baasu garuu mooji. Kan Ayinaa Budi Beeker yeroo ta'u, mata dureen kitaaba isaa Ze nook aat the door Jedha. Asirratti mata duree isaa onneetti naaf qabadhu. Kana irraan kan hafe, Kitaabni kun baay'inaan waa'ee waraanaa, waa'ee barreessitootaa, akkasumas karaalee dubartoonni ittiin bilisa bahani dha. Garuu... Baay'ees natti hin tolle.
Obbo Faandaan tibbana amala dhabaa jira. Sababa hir'ina tanboo fi Nyaatota kuufanne nyaachuu itti haa fufnu moo guyyaa rakkisaaf haa keenyu isa jedhu irratti marii maatii gaggeessineen injifannoo keenyaan xumurameera. Waan harkaa qabnu nyaannee boru akka dhufa isaatti eegna.
Kopheen koo baay'eenis natti dhiphachaa dhufaniiru. Bootisoota koo irraan kan hafe jechuu kooti. Mana tokko keessa nama ukkaamamee taa'uuf bootisiin maal fayyada? Aabbaafaa dhiphiseen kophee tokko naa bitani. Innis torban tokko keessatti ciccite. Egaa akkuma itti fuudhetti Meeppeen akkuma feete naa gootu malee.....
Aabbaaf immoo rifeensa sirreessituu ta'eera. Aabbaanis haala sirreessuu koo baay'ee jaalateera. Isayyuu takka takkaa meeshaan ani ittiin sirreessu dogoggortee otoo gurra isaa qimmiidduu. Akka jedhutti  kana booda waraanichi darbee gara jireenya keenya isa duraatti iyyuu osoo deebinee mana warra rifeensa sirreessanii akka hin dhaqne boonee natti dubbata. Ani immoo salphaan gammade seetee kiitii too? 
Aanaa kee irraa!

Jaalatamtuu Kiitiif 
Baruumsa Aabbaan koo yeroof nu barsiisu xumurre. Amma immoo ariitii keenya fooyyessuuf shaakallii jalqabuufi. Nama gaarii mitii nuun? Yeroo keenya akkataa itti dabarsinu fi maaliin akka dabarsinu yoon sii ibse gaarii natti fakkaata! Eeyyee kan itti yeroo dabarfatani siinan jedha. Sababiin isaas bakka kanatti waan hojjennu waan hin jirreef akka nutti hin dhagahamneef mala ittiin of irraanfachiifnu dhahachuu waan qabnuufi. Kanaaf yeroo koo irra caalaa kitaabolee dubbisuu yeroo ta'u, as dhiyoo kana immoo kitaabota seendurii (Mythology's) irrattan dhahameera. Addumatti immoo dhimma waan warra Roomaa fi Giriikiin. Filannoon koo hin aadeffatamne kun hundumaaf gaaffii ta'e. Haa ta'u malee yeroo isaatti akka na dhiisuu danda'u amantaa hunda isaaniiti. Umurii kanaan akka koo mythology dhaan kan dhahame arganiis dhagahaniis akka hin beekne dubbatu. Akka isaan jedhanis yoo ta'e rakkoo malii qaba? Ani ishee jalqabaan ta'a malee!...
Obbo Faandaan qufaan cimaan isa qabeera. Garuu akka jecha isaa taanaan qufaas ta'uu dhiisuu danda'a. Qoonqoo koo na hooqa jedha. Waca inni uumaa jirus na hin gaafatiin!. Na baqaqseedha, na muree dha, nan boba'eedha. Takkaa qullubbii adiin, takkammoo baala baargamootiin, takkaa qolee isaa, takka immoo dugda isaa sukkuumna. Meeqa isaan sitti hima qofa? Kana irratti dhiphinni isaa fi jeequmsi isaa nama hin teessisu! Na dhiisimee?
Jira kan jedhaman keessaa tajaajilli oduu Jarman guddichi Rooyitersi ibsa haaraa sodaachisaa tokko dabarse. Biyyoota to'annaa Jarman jala jiran keessa yihuudonni jiraatan hanga Adoolessa tokkootti akka gadi lakkisanii bahan ni dirqisiifamu!. Eebila tokkoo hanga Caamsaa tokkootti yuutireeshin yihuudota irraa bilisa ta'uu qabdi. Sitti haa agarsiisu kiitii, akka waan yihuudonni akka allaattiitti balali'anii!. Caamsaa tokko hanga waxabajjii tokkoo immoo naannolee Kaaba Hoolaandi fi naannoo kibbaa Hoolaandi yihuudota irraa akka bilisa ta'an. Hojii jinnummaa yihuudota irraa bilisa guchuu jedhu kana, akkuma jedhanitti achitti haa godhan malee ani sii ibsuu hin danda'u kiitii!.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Maaluma naa wayya kiitii? Rakkoo tasa hin eegne keessan seenee jira. Sa'aatii kutaa kiyya keessatti aabbaa  waliin kadhannaa godhachuudhaan nagaan buli waliin jennutti osoo isa eegaan jiruu harmeen dhuftee Callistee siree kiyya irra teesse!. Haala hin baramne kanaan erga turtee booda bifa kadhaa fakkaatu kanaan Aanaa tiyyaa, aabbaan kee hojii qabatee jiru waan hin fixiniif har'a dhufuu hin danda'u. Har'aaf anaa waliin osoo kadhata goonee hoo? Karaa mataa koo gammachuun qaba naan jette. Deebiin tiyya garuu ariifattuu, gabaabduu fi ifa turte. Hin ta'u Harmee

Akkuman boraatii kootti hirkadhee jirutti miirri gaabbii hanga tulluu gahu na guute. Garaa jabeettii akkamii ta'eeni yeroo isheen haga kana na kadhattu haala akkanaa kanaan kanan gaggeessu. Ishee diduun koo anaafis isheefis faayidaa maalii qaba. Raawwatee faayidaa hin qabu. 
Kanas ta'ee sana harmeef gaddeera kiitii. Baay'een gaddeef!. Sababbiin isaas yeroo jalqabaaf miirri dilallaa'aan ani isheef qabu hangam akka ishee miidhu guyyaa itti mul'ate dha. Keessumaa jaalalli dirqiin hin jiru wayita jettutti duumessi gurraachi fuula ishee irraa ifu dura kootii bada jedhee hin yaadu. Miira ofii osoo hin dhoksiin dhugaa baasanii dubbachuun baayyee ulfaata. Yoo ta'es haqadha kanan itti hime. Anii fi isheen akka bantii kaabaa fi kibbaa ilaalchaan akka wal irraa fagaannus beeka. Ammoo isheedhumadha  dhiibdee dhiibdee kanaan kan na geesse. Dubbii cabsaa wal hanqattee ishee daddarbachaa turtetu kanaaf sababa ta'e. Akka ani ol jedhee hin deemne kan na gochaa turan oriisaa ishee sanatu yeroo jalqabaaf jaalala keenya gidduu qilleensa galche. Otuu boossuu waariin darbe. Sana boodas irriba waan jedhan ija isheetti hin dhufne.
Har'a ijoonni aabbaa akka na mil'atanitti oolan. Ammoo yeroo akka carraa ijji koo irra bu'u ijoota isaa keessaa gaabbii fi gaaffiin sirriitti dubbifama. Akkam akkas garaa jabaatta Aanaa, akkam haadha tee haala kanaan aarsita Aanaa? Jechoota hadhaa'oo akkasii!
Harmee dhiifama gaafachuu qabda jedhanii isaan waan amananiif qofa amma dhiifama gaafatti jedhanii eegaa jiru. Karaa koo dhiifama kan na Gaafachiisu balleessaa hojjedheera jedhee hin amanu. Haqa onnee kiyya keessa jirun itti hime. Ni oola ni bula malee immoo harmeen gaaf tokko dhugaa isaa dubbachuun hin hafu.
Imimmaan harmees ta'ee dhiphinni aabbaa  hagasmara waan na dhiphisu miti. Dhugaa dubbachuuf keessa keessa natti toleyyuu. Sababbiin isaas isa miira ani umurii guutuu itti gubadhe, isa isaan guyyaa tokkotti waan samiin itti kufe fakkeessan kana. Rakkoo kanas guyyaa tokko akka hubataniifi akka naa baran abdiin qaba. 
Kana booda maalis haa ta'u maal dhugaa onnee tiyya keessa jirtu dubbachuu irraa duubatti hin deebi'u. Sababiin isaa jala jalaan afuura baafachiisuu isaatu anaafis isaanif wayya. Waanti ati yeroo dheeraaf ukkaamsitee keessu gaaftokko yoo dhowe, isa fudhatuttis ni ulfaata.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Takka takkaa yihuudota carraa dhokachuu hin arganne yeroon yaadadhu nuun jannata keessa jirran jedha. Kunis ta'ee wanti ala kana jiru xiqqoo ishee yeroo boqonnaa argatu immoo waanan abjuu keessa jiru hanga natti fakkaatuttin gaha. Umurii keenya guutuu namoonni miiliyeenara turan (Aabbaanis Obbo Faandaanis) kitiltoota turan. Akkamiin yeroo hamma kanaa keessatti kufanii? Tokko tokkoon keenya tilmaamni kabajaa guddaa waliif qabnu sun hoo eessa seene?
Fakkeenyota xixiqqoo:-  Minjaalli iddoo tokkotti hundi keenya itti fayyadamnu afata balbalaa ta'uuf illee kan hin geenye dha. Yeroo ijaan ilaaluun na jibbisiisee iddoon dhaqu dhabu moofaa qodaa ittiin qoorsannuunin haxaa'a. Miinjaalichis akka waan kosiin irratti gatamuutti daddafee xuraa'a. Kan biraa Faandaanonni lamaan isaaniituu bona guutuu akka waan uumamee bishaan aergee  hin beekneetti ittiin taphachaa bahan. Uumama akkasii asitti dhiquun ni ulfaata. Sababbiin isaas Oomoon gargaarsaan nu gahu hir'ina qofa osoo hin taane qulqullinni isaas gadi bu'aa dha. Aabbaan uffanni isaa yoo suntuure, yoo ciccite akkasumas yoo xuraa'e garagalee ilaaluu dhiiseera. Harmee fi Maargoot wandaboo sadii waljijijjiiraa uffachaa bona guutuu dabarsan. Animmoo uffata natti gabaabbatan wandaboowwan jilbaa ol ta'an qaanii tokko malee offadheen asii fi achi deema. 
Dhugaa himuuf waantota kanaa waliin wal baruun rakkisaa dha. Haa ta'u malee.... Takka takkaa yeroon yaadu wanti na naassisu maal seete kiitii? Eeyyee rakkoo hammaataa foon keenya fixee lafee nu dhaabetti barreerra, garuu akkam taanee jireenya keessa turre sanatti deebinee barraa? Osoo rabbi jedhee asii nagaan baanee eenyummaa keenya isa duraa sanatti deebi'uu waan dandeenyu natti hin fakkaatu. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Tibba kana ana si hin godhiin kiitii! Gadda cimaa keessan jira. Dhukkuba qaroo dhiyoo (Short site) jedhamuun hubamaan jira. Osoo hin bariinin ture malee kanin (site glass) godhachuu qabu amma hin turre. Hangan (eye Glass) (site glass) sanaan ilaalutti baayyee ariifadheera. Garuu akkuma beektu nama bakka dhoksaa jiraatuuf site glass argachuun ni ulfaata.
Kaleessa guyyaa guutuu waa'ee ija kiyyaan alatti matadureen biraa hin kaane. Harmeen Meeppee wajjin gara mana yaalaa ijaa wayiitti akka na ergitu erga dubbatteen booda miseensi mana icciitii hunduu yaada mataa mataa isaa daddarbachaa oole. Ani mataan koo yaadicha yeroo isheen dhiyeessitu hangam akka natti dhagahame sitti himuu hin danda'u. Gammachuu baayyee guddaa fi sodaa guddaa bifa wal gita ta'een na guutan. Sitti haa agarsiisu kiitii,... Namni yeroo haganaaf osoo bakkee hin argiin as keessa ture yeroo bahee bakkee argu... Waaw~ kun lammaffaa dhalachuudha. Otoon gammachuu guddaa kana dhamdhamee hin quufiin balaan inni qabu dhufee fuula koo dura dhaabate. Dandii irra osoo jirruu wawmaan yihuudaa ta'uun koo yoo narratti beekame hoo? Jedhee yeroon yaadu qaamni koo guutummaan akka tokko hoollachuu jalqabe. Maalan siin jedha? Miironni waliif faallaa dabareen kuffisanii na kaasaa jiru. 
Garuu hojiirra oolmaa isaa rabbit beeka malee yaanni harmeen dhiyeessite yaada eebbifamaa ture. Yaadicharrattis hunduu walii galuu qaba. Walii galtee irra gahuufis aarsaan salphaa ta'e hin kafalamu. Jalqaba balaan dhufuu danda'u safaramee fi lakkaa'amee of eeggannoon raawwatamuu qaba. Malee akka ejjennoo Meeppee osoo ta'ee hoo yerosuma na fuutee baati. Gootummaan Meeppee garuu si hin raajuu kiitii? Kan koo haa hafu ofiif hin sodaattuu?
Meeppeen hojii waajjira isaanii baayyee fiddee anaa fi Maargootiif kennuu jalqabdeetti. Itti gaafatamummaan kun nuu kennamuu isaa anii fi Maargoot kabaja nutti dhagahame sitti himuu hin danda'u. Meeppeenis ba'aa baay'ee akka salphifneef dubbatti. Hojichi eenyuyyuu kan hojjechuu danda'u, akkasumas salphaadha. Anii fi Maargoot itti gaafatamummaa isaa waan jaalanneef qofa of eeggannoon nuti goonu hojii baay'ee ulfaataa fakkeesseera. 
Kan biraa waa'ee Meeppee kan si ajaa'ibu!? Nama ba'aa  baachuun ishee hin nuffisiifnedha. Gaangeema kanatu hir'ate hin jedhamne dha. Nu bira osoo hin dhufiin hin ooltu. Guyyaa tokkos harka qullaa nutti dhuftee hin beektu. Mosee, kuduraa fi fuduraa, shukkaara, daakuu fi sanbata xiqqaa immoo kitaabota gara garaa baattee dhufti. Akka itti nuti sanbata xiqqaa eegnutti ijoolleen kennaa guyyaa ayyaana killee hin eegan. Jaalala nuun kitaabaaf qabnuuf jecha haala keessa jirru isa hin argine hubachiisuun ni rakkisa. Gabaabumatti bakki bashannanaa as jiru isa qofa.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Haleellaan qilleensa irraa akka cabbii samii nutti roobaa jira. Amma daqiiqaawwan muraasa dura waan ture diinattuu hin dhufiin. Erguma barii'ee si'a sadaffaa ta'uu isaati dhoyinsi fi deebiin dhukaasaa. Sagaleen dhoyiinsa sanaas waan itti baramu sitti hin fakkaatiin. Ilkaan koo ofiidhuma koo ciniineen gurra koo duuchadhee of tasgabbeessuf wal'aansoorran jira. wanta dhuma hin qabnerra wanta gadhee dafee dhumutu harka meeqa wayya kan jettu aadde Faandaan kun dhumashee itti fakkaachuu hin oolle. Waan qabdu waan gadhiistu wallaaltee akka baala mukaa asii fi achi raafamaa jirti. Sagaleen ishee durii akka gootaa qulqulluun yeroo hoollatu, yeroo jalqabaaf onnee na naashite. Baay'ee baay'ee na gaddisiifte. Keessumaa amalashee dadhabee ishii oodaa kan ture abbaan manaa ishee har'a isheetti araaramee ishee jajjabeessuuf yeroo ishee hooksu dhiphinni fuula ishee irraa mul'atu imimmaan kiyya osoo hin hafiin na qoraa ture. 
Kiitii hadurree Piiter moshee beekta. Jiraachuu moshee kan jaalannus kan jibbinus akka jirrus beekta. Tibbana immoo hunda keenya walii galchuu kan danda'u haalli haaraan mudate. Edaa hadurreen tokko yoo sibira jiraate akkuma faay'daa qabu miidhaas qaba. Mana keenya tafkiitu dhuunfate. Ittuu haa caaluu guyyaatii gara guyyaatti dabalaa deeme. Obbo Kireler faa guyyaa guyyaan dawaa tafkii fiduun kutaa hunda keessa firfirsu. Tafkiin sunis baduu mitii xinno illee waan tasgabbaa'an sitti hin fakkaatiin. Inumaayyuu akka waan nyaanni kennameefii wal horan. Yeroo nama ciniinan ammoo akkamitti akka nagaa namaa nyaatan nan gaafatiin!. Morma kee osoo hin hooqqatiin isa dugda kee, isa osoo jettuu miilla kee, miilla osoo jettuu gurra kee keessaa si nyaata. 
Hooqqachuuf harka kee yeroo diriirsitu immoo iddoon harki kee dhaqqabuu hin dandeenye ni baay'atu. Qaamuma kee keessaa harki kee kan hin qaqqabne jiraachuun si hin dhibuu kiitii? Keessumaa nuti taa'uu keenya irraan kan ka'e qaamni keenya walitti akka hidhameeru kanin bare erga tafkiin kun dhufee booda. Kana booda garuu guyyuu daqiiqaa muraasaafis taatu jiminaastikii hojjechuuf muteesseera. Uumamni xiqqoon kun nama isa guddaa kana akkasitti akka maraatu gochuu danda'uun, dhugumattuu uumamni waan kolfaati. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Har'a mata dureen hangafaa gamtaan mosee qoncisuu jedha. Mosee irraa gamtaan qola irraa kaasuun hojii keenya guutuu ta'eera. Walumaa galatti suura isaa ani yoon siif himuu baadhe tasa tilmaamuu iyyuu hin dandeessu. 
Nu keessaa tokko gaazexaawwan qola Mosee  itti kuufnu dhiyeessa. Namni lammaffaan immoo haaduuwwan dhiyeessa. Haaduu ishee gaarii immoo ofii filata. Namni sadaffaan ammoo Mosee dhiyeessa. Namni arfaffaan qodaa moseen qunca'e itti kuufamu bishaan waliin dhiyeessa. Amma kutaa waliinii keessa miinjaalatti naannoofnee mosee quncisuuf teenyee jirra. 
Mosee ishee jalqabaa quncisuu kan jalqabu Obbo Duuselidha. Haalli Inni itti soofus akka inni yaadu baay'ee gaarii yoo ta'uu baates hamlee qaba. Haala sooffii nama hundumaa tilmaamuuf jecha si'a sagal bitaa fi mirga ilaala. Akka inni soofutti yoo soofamuu baate, waan hojjetamaa jiru isatti hin fakkaatu. Kanaaf hunduma keenya dabareen haala qabannaa keenyaa ilaala. Haalli sooffii nama kamiyyuu garuu kan isaa waliin wal hin fakkaatu. Kan Namaa fakkaachuufis of dadhabsa. 

Hundi keenya hojii mataa keenyaa itti fufneerra. Qabannaa keenyaa fi haala sooffaa mata mataa keenyaan. Suuta jedheen osoo boquu koo hin naannessiin ija tiyyaan shaffaxa  bitaa kootti isa ilaale. Miira taajjabbiin mataa raasee nyaara guuraa jira. Haala qabannaa keenyaan yookiin haala sooffaa ta'uu yoon beekuu baadhes anumatti dallaneera jedheen amana. 
Obbo Duulesitti toles toluu baates Mosee quncisuun itti fufeera. Amma immoo gara mirga kootti ija koo yeroon naannessu, aabbaatu jira. Mosee soofuun aabbaaf hojii akkasumaanii hin turre. Akka hojii of eeggannoo guddaa barbaaduutti yaada. Aabbaan kan inni irratti of eeggatu baruuf sararoonni Yeroo inni kitaaba dubbisu dacha'insa addasaa waliin walqabatanii uumaman jiru. Yeroo inni Mosee soofu garuu sararoota fuula isaa gubbaa irratti bahan otoo argitee kiitii? Nyaara guuruun isaa, dadacha'insi fuula isaa, xiyyeeffannaan isaa, liqimfamuun isaa nama Mosee quncisu osoo hin taane, nama yaalii baqaqsanii hodhuu wal xaxaa ta'e gaggeessaa jiru fakkaata. Miskiintichi  aabbaan erga soofee booda sana irratti fafa tokko akka hin godhanne meeqa garagalchee ilaala. Akka tasaa qolli Mosee xiqqoon illee yoo hafteetti ta'e, of eeggannoon fiixee haaduun yeroo inni kaasu otoo argitee?!. Dhuguman siin jedha kiitii!.. Of eeggannoo kanaan rifeensa ija kee gubbaa fiixee haaduu sanaan irraa osoo sii kaasee waan si dhukkubu sitti hin fakkaatiin. Mosee aabbaan soofee kaa'e osoo fuutee ilaaltee killee sitti fakkaachuu danda'a.  Qola Mosee isa fuuldura jiru immoo fuutee haphina isaa yoo ilaalte Mosee affeelamaa malee dheedhii quncise hin jettu. Hahaha miskiinticha aabbaa!..
Hojichi itti fufe. Quncifamuuf moseewwan dhufan hir'achaa jiru. Baay'inni warra quncifamanii qodaatti nam'anii immoo dabalaa jira. Akka tasaa mosee quncisuu irraa olan jedhe. Fuuldura koo teessee kan qunciftu aadde Faandaan turte. Hojii kiyya irratti boquu gadi cabsee iyyuu tilmaamaa akkuman ture, qalbii obbo Duusel hatuuf carraaqaa jirti. Jalqaburraa gara isaa ilaaluu baay'ifte. Obbo Duules garuu yaadaan hin qabne. Yeroo inni ol jedhu nyaaraan tuqxe. Obbo Duules mosee quncisuu itti fufe. Waanti nama kofalchiisu waanti tokkollee osoo hin jiraatiin qofaashee basaq gootee kolfite. Namichi ol jechuufiiyyuu dide. Yeroo kana harmeef haalli isaa gale fakkaata ni seeqxe. Obbo Duules amma iyyuu xiyyeeffannaan isaa mosee isaarra jira. Aadde Faandaan mosee baattee jirtu irratti aarii baate. 
Calliinsi akkasii mana keenya keessatti aadeffatamuu irra iyyuu keessumaa aadde Faandaaniif qilleensa dhabuudha. Akka ajaa'ibaa ishee cinqa. Kanaaf filannoo biraa barbaaduun ishee dirqiidha. Yeroo xiqqoof mosee callistee sooftee gara abbaa manaa isheetti gara galtee (yeroo waamtu piitii jetti) akkas jette. Maaloo piitii uffata wayii mudhii gaditti maradhu. Uffata noormaaliin mosee soofuu? Boru coba tokko tokko ishee irraa gadhiissisuun anaan eeggata. Waanan of xureessaa jiru natti hin fakkaatu jedhe mosee soofaa jiru irraa otuma boquu isaa illee ol hin qabatiin. Irra deebiin calliinsa yeroo muraasaa..... Ani kaniin jedhu Piitii, yoo xiqqaate maaliif teessee hin sooftu? Dhaabadhee soofuutu natti tole kaa! Ammas calliinsa.... Ilaa kunoo odoon sitti himuu, mee waan kootii kee irratti cobsite ilaali Argeera. Garuu osoon of eeggadhuuti. Ammas hangan danda'e of eeggannoo nan godha
Aadde Faandaan mataduree biraa fiduuf akka yaadaa jirtu irraa beekama. Ani kanin jedhu piitii, Ingilizoonni har'a maaliif haleellaa qilleesa irraa sana addaan kutanii? Haalli qilleensaa har'aa halleellaa qelleensaaf kan mijatu miti Tole inni har'aa haala qilleensaa haa jennu kaleessa aduu baasaa oole. Garuu xiyyaarri tokko odoo as hin bahiin oole Maal qaba amma waa'ee kanaa osoo dubbachuu baattee? Waanti kanaa olii maaltu jira? Ammoo waan natti fakkaate dubbachuu fi gaafachuu hin danda'uu? Hin dandeessu maaliif hin danda'u Piitii? Maaloo waaqa si uumeef jedhii nu hin jeeqiin! Maaltu akkas si godha? Maaliif gaaffii na gaafattee dha dubbiin? Maaliif Obbo Firaanki irraa hin barattu? Obbo Firaanki waan haati manaa isaa isa gaafattu deebisuurraa duubatti jedhee hin beeku 
Obbo Faandaaniin ilaaluun yeroo kana. Miira isaa to'achuuf yeroo carraaqutti. Sababiin isaas waan amma jaartiin isaa itti kaafte dandamachuu kan hin dandeenye fi bakka laafinoo isaa irratti kan aggaamame ture. Haleellaa kanaan miidhamuu isaa kan hubatte aadde Faandaan salphaatti kan irraa deebitus hin fakkaattu. Amma weerara jalqaba jedhemee kan eegamu waraanni saboota gamtoomanii baraafuu waan  jalqabu natti hin fakkaatu jetteen. Takka isa, takkaa mosee ilaalaa.
Obbo Faandaan afaan isaa akka cufatetti ilkaan walitti qaruu fi illee isaa sochoosuu eegale. Haalli mosee quncisuu isaas akka nama dhagaa bocuu foonsaa duukaa qixxeetti gatuu ta'e. Aadde Faandaan wayita kana agartu fuulli ishee ni ife. Kunis ta'ee namicha hin gadhiifne. Ingilizoonni fakkarsa waa'ee hin baafne afuufu malee waan fidan hin qaban ittiin jette. Obbo Faandaanis boombii wal'aansoon summuugee qabee ture dhoose. Niitii nana afaan kee qabi siin jedheera 
Harmeen kolfa ishee to'achuu hin dandeenye. Ani garuu akkataa isaanii quba akka waan hin qabne fakkaachuuf haala gaariin, kanan soofe mosee mudaa hin qabne gaggaragalchee ilaalaaluu fi fiixee haaduu koon babbaqaqsuun jalqabe. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Walitti dhufeenyi namoota mana icciitii laafaa dhufeera. Yerooma dhiyaana nyaataaf minjaalatti naannofnee teenyu illee namni ija jabaatee afaan saaqqatu hin jiru. Sagalee afaan kaawwachuuf yeroo jedhu irraan kan hafe. Sababni isaas jechi tokko afaan kee keessaa bahe jechuun yookiin nama tokko gaddisiisa, yookaan gara ati hin yaannetti hiikama. 
Dhiphinaa fi mukaa'uuf dawaa gita hin qabne kan jedhamu qoricha valeriyaa fudhachuu ergan eegale guyyoota lakkoofsiseera. Rakkinaaf malee garuu faayidaa hin qabu. Har'aaf dhiphina koo naa dagachuusu malee, bor dhiphina caalu irraa na hin baraaru. Waantan gaarii godhee ittiin kolfu tokko osoon argadhee hidhamaa qoricha Valeria ta'uu irraa bilisa akka na baasu nan beeka. Gatii maalii qabaree hundi keenya kolfa daganneerra jedhamuu ni danda'ama. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Yeroo darbe keessa miseensi mana kanaa hunduu jecha dalgaan isa wal tuttuqaa ture tokko tokkoon Yeroon yaadadhu, yaaduu hangan dadhabutti sammuun koo hadooda. Hundu gubaa mata mataasaa ukkaamsee of keessaa akka qabu beekamaadha. Aabbaan wayita hojii hojjetus ta'ee wayita asiif achi socho'u hidhii isaa walitti qadaadee qola ija isaas walitti dhiphisa. Harmeen yaanni ishee jeeqamuu irraan kan ka'e fuulli ishee gubachaa jira. Maargoot waa'ee mataa bowwuu isheef hadheeffattee jirti. Obbo Duusel maaloo irribni eessa jira jechaa jira. Aadde Faandaan isa guddaattis isa xiqqaattis osuma gungumtuu oolti. Kan koo si hin dhiphisiin haa dhiisu. Dhuguman siin jedha, takka takkaa eenyu duukaa akkan wal oodu fi eenyu duukaa akkan araarame wal na jalaa rukuta. 
Egaa kana hundarra karaan ittiin of tasgabbeessan tokko qofa. Eeyyee falli isaa tokko. Innis Dubbisuu...... Mi'aayes bushaayes waan argite hunda dubbisuu. Karaa mataa koo na baases, na nyaates kanuman godha. 
Aanaa kee irraa 

Jaalatamtuu Kiitiif 
Tibbana Obbo Faandaan fi aadde Faandaan lola iddoo qabaa hin qabne keessa seenaniiru. Manicha miila tokkoon dhaabaa jirun siin jedhe. Maaltu uumame seete kiitii? Akka natti fakkaatutti qarshiin isaanii jalaa dhumuu hin oolle. Sababiin isaa guyyaa isaa hin yaadadhu malee Obbo Kireler Obbo Faandaaniitti waa'ee walitti dhufeenya daldalaa uffata gogaa re'ee irraa hojjetamuu tokkoo itti himuu isaa nan yaadadha. Obbo Faandaan kana yaadatee akka ta'e ofitti amanamummaan nan dubbadha. Lafaa ka'ee uffata gogaa re'ee irraa hojjetame kan aadde faandaan ni gurgurra hin jedhu. Aadde Faandaaniif uffata sana jechuun kan isheen ganna kudha torba guutuu uffattee fi ammallee ija mararteen ilaaltudha. Yoo ati gurra kenniteef waa'ee isaa odeessitee hin dadhabdu. Kennaa abbaa ishii ta'uu isaa, gatiin isaa baayyee qaalii  ta'uu isaa, waa'ee qulqullina isaa fi jabina isaa odeessiti. Qofa fafa malee akka ta'e dhagahaan yoo dadhabuu baate isheen hin dadhabdu. Walumaa galatti uffatichi jireenya isheeti. Egaa ka'umsi waraana Faandaanota lamaanii kana ture. 
Kutaa obbo Faandaanfaa keessatti cookni gaafsana uumame tilmaamuuf nama rakkisa. Baayyee baayyee nama sodaachisa ture. Warri koos qarqara dhaabatanii afuura ukkaamsatanii gara kutaa ol aanuutti  ba'uuf qajeelan. Barbaachisaa ta'ee yoo argame walirraa qabuuf qophaa'anii. Dhuma irrattis Obbo Faandaan mo'ee uffata sana gurgursiise. Hir'ina tamboos dhabamsiise. Aadde Faandaan yoo xiqqaate haftee qarshii sanaan uffata kabiraa bitachuuf gaafatte. Obbo Faandaanis funyaan kee arraabi jedheen. Kiitii ani garuu baay'ee isaanii irra waan xiqqoon fooyyeen qaba siin jechuu nan danda'a. Nyaata na jibbisiisuu irraan kan hafe. Dhangaa foolii isaa iyyuu jibbeera. Kunimmoo ana qofa osoo hin taane hunduma keenya baay'ee sodaachiseera. Hunduu fedhii nyaataa koo kakaasuuf yaalaa jira. Kutaa ciisa koo keessa gosi nyaataa hin jirre hin jiru. Anaan kan na dhiphisu garuu fedhii nyaataa kiyya osoo hin taane guyyaa gara guyyaatti afuurri koo dhiphachaa deemuu isaati. Keessumaa dilbata dilbata du'a na hawwisiisa. Walumaa galatti haalichi baay'ee rafi rafi kan nama godhuu fi kan namarra rafudha. Bakkeetii sagaleen dhagahamu tokko hin jiru. Magaalli guutuun calliinsaan liqinfameera. Calliinsi fokkataan kun anaanis na liqimsuuf, hallayyaattis na gatuuf na harkisaa jira. Egaa Kiitii, miira akkasiin osoon liqimfeen jiruu aabbaa, Harmee fi Maargoot inumaayyuu narraa fagaatu. Yeroo sana ana si hin godhii. waanin godhutu na jalaa bada. Akkuma tokkoon ta'a. Kutaa isa tokkoo gara kutaa isa tokkootti asii fi achi deemeen aada. Sababa tokko malee irraangadee bu'een, irraan olee Baha. Walumaa galatti sinbirroo dukkana duudaa keessa wixxifattu, akkasumas kiyyoo qabamte sanaan wal'aansoo kan qabdu fi kan baalleen irraa cabe akkan ta'etti natti dhagahama. Iyyi iyyi, barrisi barrisi, kolfi kolfi, utaali utaali, afuura haaraa galfadhu galfadhu sagaleen jedhu keessa kootii iyyaa jira.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Waanan guyyaa guyyaatti barreessu osoo gaggaragalchitee argitee, miira waldha'aa garaagaraa akkamiin akkan barreesse sidhibee si hin dhiisu. Haalli ani keessa jiru dhiibbaa hanga kana narratti qabaachuu isaa yeroon yaadu, dadhabduu ta'uu kootti nan aare. Dhugaadha dhiibbaa sana jala kan jiru ana qofa akka hin taane gaarii godheen beeka. Rakkoo hunda keenyaati. Akkuma atiyyuu beektu yeroo ammaa ujummoo dhiphinaa fi mukaa'uu keessan jira. Kun kanaaf akkas ta'a kanan siin jedhu garuu hin qabu. Deebii dhabuurra, sababni kanaa sodaattuu fi naatuu ta'uu kooti jedheen yaada. Guyyaa dhiphachuu koo irra kan caalu immoo maanaaba halkaniiti. Takka takkaa abjuutti boolla gadi fagoo keessatti gatamee karaan bahu dhabee osoon jaabbaruu nan arga. Takka takkaa immoo warab/lafa onaa keessa kophaa koo osoon deemuu, akkasumas manni icciitii keenyaa abiddaan yeroo barbadaa'u fi naazonni osoo nu fudhatanii natti mul'ata. Kan si dhibu gidiraan ani argaa jiru kun dhugaa malee kan abjuu natti fakkaachaa hin jiru. Qulqullina inni ittiin natti mul'atu nan gaafatiin. Kaanaaf dhiyootti qabatamatti jijjiiramuun isaa natti dhagahama. Addunyaan unuuf deebitee akka duraa taati abjuu jedhu hin qabu. Yeroo tokko tokko osoo hin yaadiin tasa mammaaksa keenya Garbummaa sana booda jedhun fayyadama. Haa ta'u malee kun tasumaa kan ta'uu hin dandeenye fakkaatee natti mul'ata. Yaadaan gara  jiruu keenya isa duraatti yeroon deebi'u, manan keessatti guddadhe, hiriyoota koo, mana baruumsaa koo Walumaa gala jireenyan dabarse ana osoo hin taane nama biraa natti fakkaata. 
Nuti saddeettan keenya kutaa icciitii keenya waliin duumessa gurraacha keessa jannata xiqqoo dhuunfaa keenya keessa waan jirru  fakkaatees natti mul'ata. Eeyyee jannata kana keessatti ammas waanti nama sodaachisu jira jedhee hin yaadu. Garuu duumessi nu marsee jiru nutti siqaa, nutti siiqaa, nuu fi diina keenya gidduu osuma jiruu bal'inni geengoo isaa dhiphachaa deemuun na sodaachiseera. Balaa dhufaa jiru jalaas waan oollu natti hin fakkaatu. Kanaaf keessi koo maal akka naan jechaa jiru sitti himuu kiitii!? Maaloo duumessi gurraachi nu marsee jiru kun karaa tokko nuuf banamee karaa furamnu osoo nu kennee?
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Kaleessa galgala siree koorra ciisee irriba barbaacha yaadaan liqimfameen osoon jiruu eenyu dhufee fuula koo dura akka dhaabate sitti himuu hin danda'u. Hiriyaa too qaalii Liizaa dha. Hiriyaa mana barnootaa. Akkuma qaamaan dhufteettin fudhadhe, mataatii hanga miillaatti sirriitti waan natti mul'atteef. Uffanni ishee irratti ciccitee, fuulli ishee huuqqatee dhuftee fuula koo dura dhaabbatte. Fuula lafeen keessa ol babba'eeru irraa ija ishee gurguddaan xiyyeeffattee na ilaalte. Rakkina ishee, ija ishee keessatti barreeffame dubbisuunis na hin rakkifne. 

Yaa anaa! Maal abbaa koo gochuufiin danda'a. Waa'ee namoota gidirfamanii asitti cuqqaalamee yaaduu irraan kan hafe maal gochuun danda'a? Waaqayyo liizaa gara Keenya akka fidu kadhachuun alatti....

Liizaa malaaka taate kana hangana gaddisiisuun hammeenya hammeenyotaati. Ammammoo kunoo na fuuldura dhaabattee ija ishee dhiifamaan na ilaalaa jirti. Akkam akka nama gaddisiistu osoo argitee kiitii! Maal qaba osoon ishee gargaaruu danda'ee? Yaa Waaqayyo waan ati gochaa jirtu kun maali? Ani mana ho'aa keessa jiraachaa, isheen gidiraa fi dhiphinaaf alatti gatamuun maaliifi? Waanan ishee irraa ittiin fooyya'e akkan hin qabne nan beeka. Isheen sirriidha jettee waan itti amante qofa gochuuf nama yaaltu dha. Isheen akka mankaraartu kan godhe sababiin isaa maali? Maalidha garaagarummaan anaa fi ishee gidduu jiru. Maaliifis haga kana akka wal irraa fagaannu nu goote?. 
Liizaa too, Waaqayyo jedhee lubbuun yoo turree fi yoo wal argine, akkamitti akka si beenyu ni argita. Maalii olitti kanin hawwu isa kana. Maaloo yaa Waaqayyo ogummaa keen ishee eegi. Yoo xiqqaate kophummaan akka itti hin dhagahamne ishee gargaari. Yoo eeyyama kee ta'e immoo akkan bifa gaddaan ishee yaadaa jiru naa beeksisi. Jajjabina isheef ishee gargaaruu danda'a waan ta'eef. Keessa keessammoo maaltu akka natti dhagahamu beektaa? Waa'een Liizaa duruma bade, wal arguus hin dandeenyu, balleessaan itti balleesse hundumaafis otoon beenyaa hin kaffaliinan hafa, isa jedhuudha. Kan ta'e haa ta'uu fuula kee duratti  Liizaaf waadaan seenu nan qaba. Hangan lubbuun jirutti sammuu koo keessaa yoomillee akka hin baafne waanan danda'u hunda nan godha. Lakkoofsuma waa'ee koo yaaduun ishees yaadadha. Lakkoofsuma ofiif kadhadhuun isheefis kadhadha!.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Ergan sii barreessee guyyoota hedduu lakkoofsisee mitii? Dhiifama naa godhi, qufaan cimaan na qabee boqonnaa waan na dhorkeefi. As keessatti dhukkubsachuu kan caalu abaarsi gadheen hin jiru. Addatti immoo waajjira obbo Kireler faa keessa hojjettoonni yeroo jiran, rakkinichi harka kudhaniin dabala. Na haxxiffachiisuuf jedhee yerooma inni funyaan koo nyaachuu jalqabu waan ani godhu osoo argitee kolfitee hin deeffattu. Hhhhhh... Tokko lama Sadii.. Akka ajaa'ibaatti fiigee kefaa siree koo irratti fuula koo gadi ukkaamseen.... Hhhhh maal abbaa koon godha kiitii? Yoo na haxxifachiises, yoo na haxxiffachiisuu baates akka kutaa gadiitti hin dhagahamneef filannoon kanarra wayyaa ta'e hin argamu. Adaduma ati ofirraa ittisaa deemtuun immoo sitti hammaata. Maalumaafuu qufichi amma guutuu guutuutti na gadhiiseera. Kan biraa hojjaan koo seentii meetirii tokkoon, ulfaatinni koo immoo paawundii lamaan dabaleera. Fuulli koo ifa aduu dhabuun daalachaa'eera. Fedhiin dubbisuu fi beekuu Koos guyyaatii gara guyyaatti guddachaa dhufeera. 
Gidduu kana maaltu akka dhalate hin beeku miseensonni mana icciitii kanaa walii galaa jiru. Ishoo yoo xiqqaate wal mormii fi wal dhabuun dhaabateera. Ji'oota darban keessa nageenyi akkasii mana kanatti argamee hin beeku. 
Kan hafe haalli qilleensaa isaa callanboo wayiiti. Garaa baayyee keenyaa keessaas ni iyya. Hawwii guddaan kan eegnu weerarri Sabdanuu ittumayyuu callise. Hamleen keenyas laafeera. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Har'a ganamaan ka'ee yaadannoo koo osoon gaggaragalchuu isa hammeenya harmee akka malee ol kaasee barreesseeru argee naasuu guddaan guutame. Dubbisuus dhaabeen gaaffii of gaafadhe. Afaanuma kee keessaa dubbiin jibbiinsaa kun bahee? Oo.. Aanaa kun akkamiin ta'e? Achuma iddoon taa'utti hadoodeen waan darbe xiinxaluun eegale. Gidiraa hagamiitu narra gahee, akkasitti kanin hammeenyaan guutame? Jibbiinsi hagas gahus eessaa madde? Waanta waa'ee hin baafne kana akkamiinin gatii itti kennee sitti himee kiitii? 
Maalumaafuu Aanaa ganna tokko dura turteef Aanaan isheen amma balleessaa isheef dhiifama gootee; fuula duraafis balleessaa ishee irraa barachaa jirti. Inni biraan, dhiphinaa fi aarii ragaa qabatama hin qabne kanan sii barreesse hundumaa qulqulleessee hangan sii barreessutti sammuun kiyya waan boqotu natti hin fakkaatu. 
Itti miidhamaa kanan turee fi ammayyuu itti miidhamaa kanan jiru sitti himuu kiitii? Waantota ilaalcha koo qofaan ilaaluufi ilaalcha karaa biraan yookiin gartuu biraa osoo ta'ee maal murteessa jedhee tilmaamuu dhiisuun Yeroo hundaa miidhamtuu godheen of fudhadha. Kunimmoo miidhuun koo akka natti hin mul'anne godha. Harmee waliinis, wal irraa nu fageessee kan walitti nu hammeesses kanuma malee waan biraa akka hin taane amma naa gale. Dhugaa koo qofa ilaalee kan harmee natti mul'achuu dhiisuu isaati. Miira itti gaafatamummaa hin qabnee  fi dubbii luugama dhableen gaggeeffamee gammachuu harmee kan fageesse anuma mataa kooti. 
Akka qocaan qola ishee keessa galtutti uffata siree kiyya keessa galee qaxabuun natti hir'atee, gammachuu koo, gadda koo, dhiphina koo  cinaatti goree sirrattin barreessa. Dhugaadha, waanan yaadannoo too qaalii irratti barreessu, maalis haa ta'uu maal yaadannoo qabaachuun kiyya qofti gammachuu naa kennu jechaan ibsuu hin danda'u. Guyyoota darban tokko tokkoof  gaariis ta'ee hamaa miira guyyichaa fi yaadannoo guyyichaa akka fuulleetti kanin ilaalu yaadannoon too qabeenya ani ittiin boonudha. Kun akkuma jirutti ta'ee garuu amma yeroon gaggaragalchee ilaalu, rakkoowwan asirratti barreesseeru baayyeen isaanii kan furamaniidha. 
Harmeef ani yoom illee ilmoo qeerransaa ittan fakkaadha. Ammas darbee darbee akkasuma ittin fakkaadha. Dhugaa dha harmeen guyyaa tokko naa hubattee hin beektu. Anis garuu guutummaatti isheef hubadheera kanin jedhu hin qabu. Amma Ofitti amanamuummaan waanan dubbadhus nan qaba. Harmeen baay'ee na jaalatti. Baay'ees na mararsiifatti. Kun kanaan osoo jiruu sababa koon waantota hin barbaachiifne keessa galaa fi bahaa akka yoona geesse naa gala. Kana irratti halli waliigala nuti itti jirru rakkoon guutamaa ta'uun dhiphina itti fe'u, faca'uun yaadaa yeroo irratti ida'amu, ana irratti oriisaa ishee jiksuun na ajaa'ibuu fi akkan isheetti murteessu na dirquu hin qabu. 
Gorsas haa ta'u dunna harmee irraa dhufu kan na ilaallatu hunda xiyyeeffannoo ittan kenna. Jechoota sanaan miirri kiyya ni miidhama. Dafee na danfisa. Xiiqii caaluu fi dubbii oriisaatiin deebiin kenna. Yoom illee baruu kan dadhabde yeroo hunda sammuu ishee kan tuqu, Haalli koo kun gama isaan harmee baay'ee miidheera. Baay'ee natti gadditeetti. Walumaagala haadha dubbii naan jedhi. Gabaabumatti natti himi yoo naan jette, Kubbaa gaabbii fi aarii darbachaa akkasuma isa sitti darbatame sooraa kan ittiin wal dorgomtu, jibbisiisaa fi nuffisiisaa kan ta'e tapha jireenyaati. Anaafis isheefis gaarii hin turre. Lamman keenya iyyuu itti miidhamneerra. Gaarummaan isaa Rabbi galanni haa gahu, kun hunduu waan darbe fakkaata. 
Harmeen sababa kiyyaan immimmaan ishee yeroon itti dhangalaastu asirratt gaha. Amma ani bishaachaa akkasuma gaarii fi gadhees adda baasaan jira. Harmeenis waan xiqqoof aaruu dhiisteetti natti fakkaata. Amma waanti nama aarsu yeroo na mudatu illee miira koo to'achuu fi afuura osoo hin baafatiin afaan koo cufachuu danda'eera. Harmeenis akkasuma. Waan ta'eefis rakkoon nu gidduu jiru dhiphachaa, haadha fi mucummaan uumamni nuu kennite toora qabachaa dhufeera. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Har'a icciitiiwwaan laman sitti hima. Dirqama michuu natti dhiyaatutti akkan himuu qabu waan natti dhagahameefi. Michuun si caalaa natti dhiyaatu immoo hin jiru kiitii. Waan fedhe haa dhufu malee ati icciitii dabarsitee hin kennitu. 
Inni tokkoffaan waa'ee harmeeti. Qooddattuu icciitii koo si qofaa ergan godhee jalqabee, waa'ee harmee hagam akkan hadheeffadhe ni beekta. Sana boodas gaarii ta'uufiif akkan baay'ee yaales ni beekta. Si dhiba kiitii! Harmeen hir'inni ishee maal akka ta'e amma naa ife. Harmeen anaa fi Maargoot akka ijoollee isheetti osoo hin ta'iin akka hiriyoota isiitti nu ilaalti. Kun kan ani tilmaame osoo hin taane Harmeen afaan isheen kan dubbattedha. Eeyyee akkas ta'uun isaa waan namatti tolu tokko qaba. Rakkoon guddaan garuu michuu bakka haadhaa bu'utu hin jiru malee. Akka ilaalcha kiyyatti garuu haati too gaggeessituu too akka naa taatu fi kan naan jettuu fi na ajajju hundumaa fudhachuunis fedhii kooti. Maargoot waantota akkas jiraniif ilaalchi isiin qabdu adda akka ta'ee fi keessumaa waan amma itti jirru kun tasa waan isheef galu miti. Aabbaan akkuma beektu harmee waliin waan wal qabatu keessa galuu hin fedhu. 
Ani haadha sirrii jedhee kanin yaadu, haadha gamna taate, itti dabaluun ammoo yeroo ijoolleen ishee sadarkaa keenya irra gahan haala kamiin akka itti siiquu qabdu kan beektuu fi yoon tasa booye, akka daa'imaatti yookaan akka gowwaatti natti kofaltee kan na hin dhiisne, dubartii beektuu dha. Eeyyee haati tokko yoo xiqqaate waantota kana guutuu qabdi. Harmeen garuu yoo xiqqaate tokkoyyuu kan hin guunne ta'uu isheeti. 
Fakkeenyaaf harmeef waantan dhiifama gochuufii hin dandeenye sitti haa himu. Sitti garuu waan waa'ee hin baafne fakkaachuu danda'a. Itti qabamuu koo gaafsanaa garuu of keessaa baasuuf hangam akkan rakkadhe ana qofatu beeka. Waantichi kan ta'e, gara mana icciitii kanaa osoo hin dhufiin dura ture. Bu'uura beellama doktara ilkaanii biraa naa kennameen guyyaa itti ani mana yaalaa deemu ture. Egaa guyyaa sana naa waliin deemuuf kan ka'an Maargoot fi harmeen biskileeta tiyya qabadhee osoon deemee garii akka ta'e natti himan. Akkan jaalala biskileetii qabuuf akkas jedhameera haa turuu... Akkuman kana dhaga'een biskileetii tiyyarra baheen fuuldura isaanii oofaa takka itti deebi'aa deemsa keenya jalqabne. 
Maargoot fi harmeen wayi bituuf gara magaalaa akka bahan natti himan. Anis isaanii waliin deemuu akkan fedhu ittan hime. Lakki hin ta'u ati biskileetii qabattee waan jirtuuf, magaala keessa deemuun siif hin ta'u  naan jedhan. Yerooma sana naa gale. Duras biskileetii fudhuu ba'i kan naan jedhan duruma daba kana yaadaniiti. Akkam akka na aarse sitti himuu hin danda'u kiitii!. Imimmaan kiyya dhangalasuu wayitan jalqabu inumaayyuu Maargoot fi harmeen natti kolfuu jalqaban. Gaaf Sana ana sin godhiin kiitii. Sirumaa waanin godhu na wallaalchise. Lamaan isaaniitti arraba tiyya baaseen utaalee biskileetii tiyya irra bu'e. Dubartiin nu bira darbaa jirtu tokko hojii koo kana yeroo argitu akka ija ishee babaaftetti hafte. Dhugaa qabdi, intalli haadhatti arraba baaftu kan barame miti. Guyyaa gaaf Sanaa ariitii akkamiin akkan galee fi galees sa'aa dheeraa akkan booye nan yaadadha. Mudannoo sanaan harmeen hagam akka na madeedeessite maal jedheen namatti hima? Sitti himachuun koo qofti bu'aa tokko. 
Icciitiin koo inni lammaffaan ammoo maal seete? Nama biraattii dhiisii sumattuu himuuf kan na rakkisu dha. Sababiin isaas dhimmichi guutummaa guutuutti waa'ee koo waan ta'eef!. 
Kaleessa wayita dargaggummaa of kuuluu fi amaloota mul'atan kan jedhu irratti keeyyata Siis Heeyisteriin barreeffamen dubbise. Baay'ee baay'ee keeyyata ajaa'ibaati. Anaaf waan barreeffame hanga natti fakkaatutti kanan ittiin liqimfame. Of kuuluu inni jedhu hagas mara narratti yoo argamuu baatellee qabiyyeen hafe hunduu guutummaatti kan na ibsuudha. Keeyyatichi waa'ee maalii akka ibsu mataa mataa isaa irraa siif haa himu. Shamarreen tokko umrii ijoollummaa irraa gara dargaggummaatti bara ceetu keessa calliinsi hin baramne ishee irratti mul'ata. Yeroo kanatti kan ishee yaachisuu fi yeroo hunda xiinxaltu jijjirama qaama ishee irratti dhufu dha jedha.
Narratti kan mul'achaa jirus kanuma. Jijjiirama ajaa'ibaati kiitii!. Dhugaa dubbachuuf waan ta'e kana himuun namatti ulfaata. Waan namatti tolus immoo qaba. Jijjiirama yeroon siin jedhu qaama kiyya irratti alaan kan mul'atu qofa osoo hin ta'iin, walii gala keessa koo guutummaatti jijjiirama  natti dhagahame dabalata. Waa'ee koo immoo nama mariissisuuf barsiifata isaa hin qabu. Kanaafi yoo xiqqaate sii waliin dubbachuuf kanan murteesse kiitii tiyya. 
Lakkoofsuman laguu ji'aa koo arguun (reefu si'a sadii qofan argee) walumaa gala dhukkubbii isaa, dadhabbii isaa, jibbisiisummaa isaa, amala nama dhabsiisuun isaa akkuma jirutti ta'ee, kennaa uumamni naa kennite icciitii uwwaa ta'uu isaa wayitan yaadu, gammachuun inni naa kennu xiqqoo miti. Adafiin ji'aa koo dhufee na cinqaa oolee na cinqaa buluu irraan kan hafe, kan biraa bu'aa dhabus, inni yoo hin jiraannes jiini isaa gahee kennaa icciitii uumamni na badhaaste kana arguuf akkam akkan yaadu nan gaafatiin. 
Itti dabaluun Siis Heyister keeyyata kana keessatti kan barreessite Yeroo kana shamarree kanatti miirri sirrii ta'uu itti hin dhagahamu. Sababiin isaas amala dhuunfaa isaanii ta'e fi barsiifata mataa isaanii akk qaban yeroo itti ifa ta'aafii deemu dha jetti. Si dhiba kiitii, waan Siis Heeyister jettu kun baay'een isaa anatti osoo umuriin kiyya hin qaqqabiin mul'ate. Gara mana icciitii kana dhufnee waggaatti jechuun umriin kiyya ganna kudha afur wayita guutu ture, ani nama gahaa dha jechuu fi akka nama guddaatti of  lakkaa'uu kanin jalqabe. Takka takkaa sa'aan ciisichaa gahee gara mana ciisichaa kiyya deemee siree kiyya irra ciisee harma koo sukkuumuu fi dhahannaa onnee koo dhaggeeffachuuf fedhiin guddaan na keessa bula. Fedhiin sunis fedhii akkasumaanii akka sitti hin fakkaanne kiitii. Fedhii to'annaa ala bahedha. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Icciitii koo kanin mariissisu namtokko otoo jiraatee kan jedhu hawwii koo yeroo maraa ta'us argachuu dhabee yoona gaheera. Amma garuu itti yaadee, buusee baasees dirqama jiraachuu akka qabu ergan amenee Piiteritti dhiyaachuun akka na baasu murteesse. Guyyaa tokko tokko darbee darbee gara kutaa Piiter deemuun yeroo koo muraasa achitti dabarsuun jalqabe. Egaa guyyaa sana akka itti natti salphatu osoo argitee kiitii, Yeroo koo darban of miidhuu kiyyas gabbiin na yaadachiisa. Garuu Piiter nama jibbu illee yoo ta'e ija jabaatee narraa bahi jechuu akka hin dandeenye waanan beekuuf isa bira hin turu. Sababiin isaas yoon isa nuffisiise hoo jedheen sodaadha. Kutaa isaa seenee odeessuuf mata duree dheeraa barbaadaan ture. Sababa fedhe argachuun natti ulfaatee miti. Kaayyoon koo akka narratti dammaqan kan hin goone jedheen malee. 
Carraan eegaa ture kaleessan argadhe. Piiter gaaffiiwwan gabatee keessaa guutuuf araada guddaa qaba. Egaa gidduu kana waan biraa osoo dalaguu hin mul'atu. Anis Kaleessa isa gargaaruuf isa bira taa'een guutuu jalqabe. Baay'ees osoo hin turiin gabatee sana guunnee fixnee, minjaala ishee xiqqoo cina teenyee oduu jalqabne. Inni dombii irra ture kan taa'eeru. Animmoo siree dacha'u sana qarqara isaa irra. 
Gidduu gidduun ol jedhee lakkoofsuma ija isa cuquliisa fi keessa galaa ilaaluun miirri kanadha jedhamuu hin dandeenye tokko natti dhagahama. Innis bifa ergaan isaa wal nama jalaa rukutuun hidhii isaa takkaa walirraa banaa takkammoo cufaa seeqa keessa ija ija koo keessa ilaala. Haa ta'u malee miira keessa isaa dubbisee akkan jiru mirkaneeffadheera. Yeroosaatti maal gochuu akka qabu wallaalee akka dhiphatu fuullisaa natti hima. Kabaja namaaf iddoo kenna. Waan hundi isa ija laafina ta'uu hubadheen anis ifin qusadhe. Kunis ta'ee ijoota isaa akka diyaamendii tulloota keessaa ifan ilaaluu dhiisuu hin dandeenye. Ija koo mirmirsuu fi of kenninsa qaama koon keessa koo waanan ibseefiis natti fakkaata. Kana Malee kiitii too; afaaniin maaloo maaloo Piiter wanti onnee kee keessa deddeebi'u kun maal akka ta'e natti himi, waan amma badda sagal haasofneen alatti waanti sitti mul'atu hin jiruu? Mee waaqa si uumeef jedhii natti himi jechuu malee waanti na hafe hin jiru. 
Sanas ta'ee kana waanti haaraan osoo hin mudatiin galgalli sun darbe. Waa'ee ijoolleen bara dargaggummaatti wayita ce'an jijjiirama amalaa isaan fidan waanan dubbiserraa isaaf qooduu koo irraan kan hafe waa'ee kiyyas ta'ee waa'ee Piiter wanni irraa haasofne hin jiru. Halkan ciisee hunduma isaa duubatti deebisee yeroon yaadu waantin ani jalqabe hunduu itti deemuuf kan nama kakaasan miti. Kanarratti hanga gargaarsa Piiter barbaaduutti gadi bu'uun koo miira namatti hin tolle tokko na keessatti uume. Haa ta'u malee namtokko waan barbaadu tokko argachuuf dhagaan inni hin buqqaafne hin jiru. Egaa ani of tuulinsa wal hanqattee kana dhiiseen guyyuu kutaa Piiter dhaqee isa cina taa'ee waan garaa isaa akka natti himu irra deebi'ee yaalii gochuu koo ittan fufa. 
Dubbii keenya irratti garuu kiitii; Aanaa; Piiter irraa jaalalli qabeera jettee akka hin yaanne. Dubbichi akkas miti. Osoo obbo Faandaanfaa  bakka mucaa dhiiraa godhatan kana mucaa durbaa qabu ta'ees walitti dhufeenya Piiter duukaa gochuuf yaalii gochaa jiru kana nan godha ture. Amma ani kanin akka bishaan gammoojjiitti dheebochaa jiru, kan garaa isaa kan natti odeessuu fi kan garaa koo kanin itti odeessu hiriyaa umriin walitti dhiyaannu argachuu qofa. Dhiiras ta'e durba. 
Inni kan biraan jaalatamtuu Kiitiif ani himu!, har'a ganama naannoo sa'aa tokko ta'uu shan hir'uutti abjuu koo halkanii waldhayii tokko malee tokko tokkoonan yaadadhe. Isa yeroo kaanii baay'ee isaa hin yaadadhu. Bifa ciccitaa ta'een yoon yaadadheen alatti. Kan har'aa kun garuu adda kiitii, sirumaa abjuu kan hin fakkaannee fi qulqulleessee kanan yaadadhu. Maal argite naan hin jettuu? Kanin arge - ani barcuma wayiirran taa'eera, fuundura koo immoo Piitertu taa'eera, (Piiter yeroon jedhu Piiter Faandaan akka sitti hin fakkaanne, Hiriyaa ijoollummaa koo Piiter Weesel jechuu kooti) Anaa fi Piiter teenyee kitaabota suuraa manni maxxansaa Meerii Boos maxxanse ilaalla. Qulqullaa'ee mul'achuu abjichaa irraan kan ka'e suuraawwan kitaabicha irra jiran ammallee tokko tokkoon nan yaadadha. 
Kana qofa hin se'iin kiitii - ajbichi itti fufe, tasa ijji koo fi ijji Piiter walirra bu'e. Kunoo ijoota carii bifa diimgurraa qaban hubadheen ilaale. Sana booda Piiter afaan lallaaffifatee yaa anaa.... Aanaa otoon akkas se'eera ta'ee kana dura barrisee siin dhufa ture naan jedhee gara kootti akka dhiyaachuu wayita ta'u, bifa buttuu wayiin fula koo irraan garagalche. Sababiin isaas yeroo sanatti miira garagaraa akka hurka lafa keessaa na guban baay'een isan baachuu danda'u ol waan ta'eef. Akka jirbii hiddamee fi akka killee reefu lukkuu keessaa bu'uu maddiin lallaafu maddii koo duukaa yeroo wal tuqu natti dhagahame. Ooo.. Kiitii, miira akkam namatti tolu seete? Baay'ee baay'ee namatti tola.... Eeyyee baay'ee baay'ee.... 
Haa... Kanarratti ture kanan dammaqe. Nama hin gaddisuusuu kiitii? Akkuma maddiin keenya wal tuqeen, akkuman ho'a isaa fi lallafina isaa dhamdhamuu eegaleen, addunyaa haaraa keessa anumaa galuuf jedhu, ture kanan dammaqe. Sidhiba kiitii ergan dammaqee boodas hoo'i maddii Piiter maddii koo irraa hin banne ture. Akka bakakka lafa tarsaasuu ijoonni bifa diimgurraa qaban yeroo qaama koo weeraran hubatanii maal akkan ta'e yeroo narratti baran (Dhiifama - yeroo naa baran jechuu kooti) gaarii godhee natti dhagahama ture. Eessaa dhufeen isaa kan hin beekamne Imimmaan ija koo guute. Yeroo haga kana gahu booda Piiter bifa raajiin argadhe baay'ee osoo na bira hin turiin, tasa akka dhayichaa fuula kooti yeroo badu gaddi natti dhagahame. Buddeena Abjuu jechamni jedhu akka kanaatti ifa naa ta'ee hin beeku. Faallaa isaatiin garuu filannoon koo ammas Piiter Waales isa duraa ta'uu isaa mirkaneeffachuun koo gammachuu inni naa kenne daangaa hin qabu ture. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif  
Ani dadhabduu gosa kamiiti. Yeroo haga kanaaf waanuma allee sii himaa turee garuu waa'ee koo darbe yookaan saayiboota koo dhiiraa siif hin barreessine. Dhuguman siin jedha, baay'een ofitti qaana'e. Maalumaafuu dhiifamni kee narraa hin fagaatiin malee xiqqoollee haa taatu sittan hima. Ijoollummaa kootti ture - jechuun koo kindargaarten keessa yeroon jiru ture, mucaa xiqqaa Keriil Saamsoon jedhamuu waliin walitti dhufeenya cimaa keessa kanin seene. Keriin jechuun abbaan isaa erga jalaa du'ee booda adaadaa isaa tokko duukaa kan jiraatu yeroo ta'u. Ijoollee adaadaa isaa keessaa immoo inni tokko Roobiin jedhama. Bareedaa  dhaabbii tolaa fi buufata ija shamarran mana baruumsaa sanaa kan ta'e Roobiin uumamuu isaa dabalee otoo natti hin mil'atiin, gabaabaa faati dhabeessa kan ta'e Keriil qalbii koo fudhate. Sababiin isaa maal seete kiitii? Dhaabbiin bareedaan ulaagaa koo ta'ee hin beeku. Kanaaf baay'ee kanan jaalladhu hiriyaa koo keriil wajjin bara dheeraaf michuu garaa turre. Yeroo keenya baay'ee waliin dabarsina ture. Keessumaa kellaa mana baruumsaa keessatti yeroon qofaa keenya waliin dabarsine waan lakkaa'amu hin turre. Haa ta'u malee yeroon hiriyummaan waliin dabarsine kun jaalala ani keriilif qabuuf deebii sirrii ta'e hin arganne. Hangan isa jaalladhu na jaallachuu dhiisiitii, Hangan isa jaalladhu illee hin barre. 
Kana booda ture Piiter Waales duukaa kan wal barre. Ijoollummaama ta'ee hiikaa isaa sirriin yoon beekuu baadhes miirri ani Piiteriif qabu kan keriil irraa xiqqoo adda ture. Jechuunis Piiter irraa jaalala isa dhugumaatu na qabe jechuun ni danda'ama. Innis baay'ee na jaallata. Wal irraa odoo adda hin bahiin bona guutuu dabarsine. Addatti guyyaa harka wal keessa dabarsinee karaa guddaarra waliin bashannanne hin dagadhu. Inni uffannaa guutuu adii ture kan inni uffate. Animmoo wandaboo haphii fi gabaabduu!. Ani kutaa shanii gara ja'atti waanan darbuuf achuma mana barnoota sadarkaa tokkoffaatti yeroon galmaa'u inni immoo kutaa torbatti waan darbuuf sadarkaa lammaffaatti galmaa'e. Kanaaf yookiin inni na bira dhufuu, yookaan immoo ani dhaqee wal arguu malee wal arguun ulfaataa ta'e. Piiter mucaa akkam bareedu seete kiitii? Hojjaa dheeraa, qaamni isaa qal'aa, bareedinni bifa isaa duroo leemmanii, rifeensi isa gurraachaa fi calaqqisaa, ijoota ija wayinii fakkaatan fi bifa diimgurraa qaban, funyaan qara, maalan siinjedha qofa? Walumaa gala waan onnee namaa hatu qaba. Ammoo addatti wanti isa duukaa na roraasu maal akka ta'e sitti himuu kiitii? Kolfasaa, addatti ammoo daba wayii yeroo yaadu, yookaan baacoof kolfa inni kulfu. 
Bonni darbee baruumsi dhumee ani gara firoota keenya baadiyaan deeme. Boqonnaa koo fixee yeroon deebi'u Piiter iddoo jijjiirratee na eege. Piiter barbaacha gara mana isaa yeroon deemutti bakka isaa kanan arge mucaa umriin isaa Piiteriin baay'ee caalu mana isaattin arge. Boodarra waanan dhagaherraa akkan hubadhetti mucaan kun Piiteriin ishee akka koo (hancufa ishee hin liqimsine) duukaa yeroo isaa balleessuu akka hin qabne ganna guutuu yaalaa kan bahedha. Maaliin mirkaneeffatte naan hin jettuu? Halkanaa'ee adda baanee, bari'ee hanga wal'arginutti halkanicha kan hin amanne Piiter, tasa lafaa ka'ee ijaan si arguun jibbee kan naan jedhe. Garuu humnaa ol isa jaalachaa waanan tureef dhugaa sana fudhachuu hin barbaanne. Akka narraa hin fagaanne yaalii garagaraa godheera. Boodarra garuu waan tokko na yaachisaa dhufe. Akkas akkan Piiteriin barbaadutti yoon itti fufe maqaa masoo 'diboo Piiter' jedhu naa moggaasuu hin oolan jedheen sodaadhe. Kanaaf osoo hin jaalatiin waa'ee isaa hunduma dhiise. Baroonnis tokko lama jedhanii darbuu jalqaban. Piiter ijoollee durbaa umriin isa gitan duukaa mul'achuu itti fufe. Anaan nagaa illee na gaafachuu hanga irraanfachuutti gahe. Si dhiba kiitii, ani garuu matumaa isa dagachuu hin dandeenye. 
Mana baruumsaa itti barachaan ture gadhiisee gara mana baruumsaa yihuudotaa sadarkaa lammaffaatti yeroon jijjiirradhu mana baruumsicha keessa dargaggoonni jiran ijji isaanii akka narra jiru nan arga. Ijoollee durbaa baay'ee keessaa xiyyeeffannoo argachuun koo baay'ee na gammachiisaa ture. Gammachuu qofa osoo hin ta'iin kabajnis natti dhagahamaa ture. Kana irraan kan hafe dhiirri akka na tuquuf carraa isaa kenneef garuu hin turre. Gara dhumaa kanarra mucaan Haarii jedhamu baay'ee akka na jaalatee ture nan yaadadha. Garuu akkuman sitti hime Piiteriin booda jaalalli na qabee hin beeku. Jechamni tokko jira, Madaan yeroon hin fayyifne hin jiru jedhama. Anarratti waanti mul'ates kanuma kan mirkaneessu ture. Piiteriin kanan irraanfadhee fi jaalalli isaas guutummaa guutuutti kan na gadhiise natti fakkaatee ture. Edaa qaxabiin isaa gola sammuu koo keessa turee takka takkaa osoon hin yaadiin hanga anaaf illee gaaffii ta'uutti, Piiter duukaa ijoollee durbaan argu inaafuun koo yeroo dheeraaf ture. Kanaafi Piiteriin jaalachuu kanan dhaabe. Faallaa isaatiin garuu kan ta'e maal seete kiitii? Ani guddachaa fi bishaachaa adaduman deemuun edaa jaalalli ani Piiteriif qabu ture, naa waliin guddachaa akkasumas bilchaachaa ture. Waanti haaraan uumame akka hin jirres har'a ganaman hubadhe. Umriin abjuu koof. Yeroo sana Piiter akka daa'imaatti na lakkaa'uun isaa fi ijoollee durbaa umrii isaatti siquun isaa akka balleessaatti isatti lakkaa'uu akkan hin qabne amma reefu naa galaa dhufe. Kunis ta'ee garuu akkasitti guutummaa guutuutti onnee isaa keessaa na baasuu fi uumamuu kiyya dabalee na irraanfachuu danda'uun isaa waan nama dhukkubsu wayii qaba. Fuulli Piiter ani har'a ganama arge isa qaamaan argee beekurra itti dhiyeenya fooyya'aa ta'een ture. Eeyyee dhugaa dha. Piiter Waales mucaa ani irraanfachuu danda'uu miti. Isa osoo ta'uu baatee waggaa hamma kana onnee koo keessa namni biraa jiraachuu waan danda'u natti hin fakkaatu. Abjuun koo Hagam akka na jeeqe baaktaa kiitii? Aabbaan galgala galgala yeroo rafuuf jedhu akkuma na dhungatu ganama yeroon hirribaa ka'us na dhungata. Egaa ganama har'aa yeroo na dhungatu, uu... Maal ta'a osoo Piiter naa taatee jechuuf waa malee na hin hafne. Ganamaa jalqabee waan biraa yaaduu dadhabeen ture. Garaa kootti Piiter Piiter osoon jedhuu dhihe. Egaa maaltu naaf maala? Maalidha fallisaa? Karaa koo filannoon jiru garuu tokko qofa. Innis karaa naa danda'ameen le'ii koo tursiisuuf dhama'uu fi yeroon abaaramaan kun darbee iddoo kanaa wayitan bahu, Piiter duukaa lammaffaa akka wal nu argisiisu Waaqayyoon kadhachuu qofa osoo hin ta'iin, hanga ammaa isa jaalachuu koo fi yeroo wal arginutti akkuma abjuu koon dubbate Aanaa Osoon kana se'eera ta'ee durin sii dhufa ture dhugaadhumaan akkan argu nan kadhadha. 
Fuula koo fuulleetiinan ilaale. Baay'ee jijjiirameera. Ijoonni koo qulqulluu ta'uu isaanii irraatti dabalataan boolla'aniiru. Maddiin koo dhiilga'aniiru. Diiminni isaanii gara diimadiitti kan duufedha. Hidhii koo dabalatee naannoo afaan kootti lallaafinaa fi bareedinni ni mul'ata. Walumaagala mucayyoo rakkoo tokkoyyuu hin qabne fakkaadheera. Kunis ta'ee garuu fuula koo irraa duumessi gaddaa narra gaadiddaa'ee akka dubbifamu natti dhagahama.  Gammachuun koo xiqqoo balaq yoo jedhe osoo hin turii achumatti deebi'ee dhaama. Kanas ta'ee sana ani gammadduu miti. Sababiin isaa onnees ta'ee sammuu Piiter keessaa kanin bahe jalqabuma akka ta'e nan beeka. Yoo ta'es abjuu koo har'aan akka xiyyoota lakkuutti, narratti kan aggaamaman ijoonni Piiter fi maddiin lamaan Piiter maddii lallaafaa kana duukaa kan wal hooksan gammachuun naa kennan ammayyuu naa waliin jira. Oo... Piiter yoon maal godhe suuraa kee fuuldura koo deemu irraa obbaafachuu danda'aa? Yoom onnee koo keessaa naa baataa? Yeroon nama biraatiin bakka si buusu ni dhufaa laata? Sin jaaladha Piiter!. Maaliyyuu caalaa sin jaaladha. Barootaaf na keessatti guddachaa kan jiraate jaalalli kee iddoon inni itti guddatu hanga isa hanqatutti kan inni guddachaa jiru. Amma kan hafe onnee koo dhoosee bahuu fi biyya lafaa hundumatti akkasumas lafa mataa isheetti beeksisuudha. Guyyaa kun ta'e immoo raajiin koo danfe. 
Nama hin dhibuu? Torban kana keessa, Namtokko Hiriyoota dhiiraa baay'ee keessaa inni kum abbaa manaa akka siif ta'u feeta' jedhee otoo si gaafatee isa kam jetta? osoo naan jedhanii deebiin koo Mooji jecha jedhu ta'a jedheen yaada. Amma garuu iyyee maal akkan deebisu sitti himuu kiitii!, Piiter sababiin isaas afuura koonis, foon koonis kanin jaaladhu isa. 
Yoom akka ta'e sirriitti hin yaadadhu. Guyyaa tokko akka carraa aabbaa duukaa osoo haasofnuu waa'ee hiikkaa kaasnee gaaffii dhaabbii hin qabneen yeroon isa gubu maal naan jedhe seete Ammaaf waantonni akka sii maaliif si dhiphisu? Yeroo umuriin kee gahu argita mitii? Isaafimmoo gaafuma achi geessu sii gala ani garuu yerooma sana iyyuu haga ta'e naa galaa ture. Ammammoo guutummaa guutuutti naa galeera jedheen yaada. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Gidduu kana immoo araada ragaduu osoo as hin dhufiin dura qabu natti kaasee na shubbisiisa jira. Jaalalli ani shubbisaaf qabu salphaatti waan himamu miti. Eessaa dhufee isaa osoo hin beekiin tasuma narra bahee wanta kanbiraa na dagachiisaa jira. Halkan tokko tokkoo isaa gulantaalee shubbisaa shaakalaan dabarsa. Uffata (kootii) harmee keessaa bifa garsamii tokko eeyyamsiisee fudhee uffadhee, iddoo hodhaa hodhaa isaatti adda addan baase, kukkutee, deebisee hodhee, saxaxa garaa garaa fi faaya garaa garaa itti baasee, uffata shubbisaa maal hin fakkaanne godhadheera. Shaakallii koo yerooman jalqabu qaamni koo yeroo haga kanaaf hidhamee taa'e inumaa dacha'uu didee na rakkisaa ture. Amma garuu akkatti diriiree naa dacha'u osoo argite kiitii too! Qaama koo akka garaa kootti ajajuuf waanti na hafe hin jiru. Qaama kee akka barbaadde ajajuuf kan si gargaaru sochiin ajaa'ibaa tokko jira. Maal goota seete?, Jalqaba lafa diriiraa irra teessa. Sana booda harka kee tokkoon koomee kee tokko, harka kee tokkoon immoo koomee kee isa tokko qabattee miilla kee lamaan isaayyuu ol kaastee qilleensa irra tursita. Ani sochii kana yeroon godhu dirqama boraatii wayii of jala gochuun qaba. Kana ta'uu baannaan hojii hiikuu irraa kan ka'e, hojiin itti guddatee kan ture,  taa'aan koo hojii ala ta'uu isaati. 
Tokko tokkoon miseensa mana kanaa kitaaba Cloudless Morn jadhu wal harkaa fuudhee dubbisaa jira. Keessumaa harmeen baay'ee kitaaba addaati jette. Baay'ee isaa waa'ee dargaggootaa fi rakkoo isaanii haasa'a. Afaan koon yoon dubbachuu baadhes gara kootti maalin jedhe seete?, Maal qaba, jalqaba akkuma seera isaatti ijoollee keessaniif osoo yaaduu dandeessan? Harmeen, anaa fi Maargootiin akkamiin akka nu ilaaltu beektaa kiitii? Maatiin kamiyyuu walitti dhufeenya ijoollee isaa duukaa qabaachuu danda'uu olitti akka nutti siqxuutti yaaddi jedhee ofitti amanamummaa guutuun sitti himuu nan danda'a. Haa ta'u malee harmeen xiyyeeffannoo kennite osoo jedhamees Maargootiif qofa kenniti. Dhugaa dha Maargootiifis xiyyeeffannoon maatii ishee barbaachisa. Garuu Maargoot hamma koo rakkoo keessoo waan qabdu natti hin fakkaatu. Kanaaf Maargoot xiyyeeffannoon naa ol ishee barbaachisa jedhees hin yaadu. Dubbii keenya irratti Maargoot mucaayyoo akkam mi'ooftuu akka ta'aa dhufte hin gaafatiin. Isa dura turte irraa baay'ee adda taatee jirti. Of qusachuun ishee nama dhiphisu hunduu badee michuu natti dhiyaattu taatee jirti. Anaan akka daa'imaatti na ilaaluus dhiisteetti. Kanumaan haafullaafachiisuufii malee!. 
Kiitii si dhiba, gidduu kana ija nama biraatiin of ilaaluu waan jedhu aadeffadheera. Jechuun ala dhaabbadhee gara koo ilaaluu. Sana booda jireenya Aanaa mucaa durbaa sanaa otoon daaquu ilaalaa, fuula jireenya ishee gaggaragalchee of gadhiiseen dubbisa. Akka waanan tasa ishee hin beekneetti. Otoo gara manaa kanaa hin dhufiin dura fi waantota hunda akka kanaatti ilaaluu hin jalqabiin. Kan harmees, kan aabbaas, kan Maargootis akka hin taane miirri natti dhagahamu yeroo dheeraaf turre. Inumaayyuu takkaa takkaa immoo maatii dhableen ofitti fakkaadha. Booda boodarra garuu ofitti ori'ee, ofii of adabee miira dhiphisaa kanarraa of bilisoomseera. Jechuunis, akkuma isa dhugaa isaa mucayyoo waayyuu natti hin hir'anne fi kanan carroome ta'ee osoon jiruu, amala of sossobuutiin qabamuun koo balleessaa mataa koo akka ta'e ofii koo ofumattin hime. Ofan qaanesse, qulqulleessee ofin arrabse. 
Sana booda immoo hunda duukaa walii galuuf ofin dirqisiise. Mana baruumsaa dhaquuf qophii gochuuf mana keenya namni hunda dura obborfatee ka'u ana ture. Yeroo kamiyyuu kutaa waliinii godaa keessaa yeroon jaabbaru, (kutaa ciisaa keenyi hunduu darbii olii irra) sadarkaa irra namni yeroo gadi bu'u, lakkoofsuma faana namaan dhagahuun osoo harmee taateen jedha. Maaliif seete? Akkam bulte naan jechuun ishee hin oolu waan ta'eef, anis nagaa hoo'isee deebiseefii carraa kanaan ofitti dhiyeessuuf. Sababiin isaa harmeen ija jaalalaan na ilaaluutti nan gammada waan ta'eef. Garuu faayidaa maalii qaba kiitii koo? Harmeen dadhabbiin koo kun hundi isheef hin gallee waan ta'eef muqaxxaayii dubbii isheen na rukuttee gara kutaa itti nyaata qopheessinuutti darbiti. Akkuman bare miira koo miidhame barruulee kiyya waliin rarraafadhee gara mana baruumsaa koo!. 
Wanna Garaa kee irraa barbaaddu gochuuf waanti ati hin gone jira sitti hin fakkaatiin. Yeroo hunda mana baruumsaatii yeroon deebi'u waa'ee harmee xiinxalaa akkasumas waan isheen natti balleessite hundaaf bakka ishee ta'een sababa kennafiin karaarra deema. Hangan danda'etti itti mufachuu waanan hin barbaanneef jechuudha. Akka nama mufii ganamaa irraanfateettis fuula gammachuu qabuun galee daduu barruulee koo lafa kaa'ee har'a waantota nama gammachiisan kan na mudatan keessaa ittan hima. Yeroo oduun na jalaa dhumudha barruulee koo gara kutaa koo kanan geessuyyuu. 
Takka takkaa immoo dhimma isheeti jedhee akkuman oodetti turuuf nan murteessa. Garuu yerooman balbala keenya irra gahu garaan na didee yogguman ol seenu fuundura ishee asii fi achi darbee akka qamalee godhadheen isa baddaa fi gammoojjii osoon lallabuun argama. Egaa yeroon kunis darbee gara mukaa'uu koottin deebi'e. Sagalee Faana nama sadarkaa irra gad deemuu dhaggeeffachuus nan dhiise. Halkan halkan Imimmaan kiyyaan boraatii koo miiccuus ittan fufe!. Maalan siin jedha kiitii!? Yeroo kana ture waanti hunduu ittumayyuu natti hammaataa kan deeme. Yeroo sanaa kaasee Achi abbaa koo akkuman jedhetti hanga har'aatti isheen sitti himaa ture Aanaa sana ta'een hafen siin jedha. 
Amma Waaqayyo rakkoo koo arge fakkaata Piiteriin gargaaraa naa kenne. Amaanaan siin jedha kiitii. Piiter isa kam jettee na hin gaafatiin. Tilmaama mataa kee fudhadhu. Faaya mormaa/tasbee caalaa natti dhiyaateera waan ta'eef ofittin isa hammadha. Isa dhagahuun fedha. Waan jedhan yoo jedhanis haajaa koo miti. Amma Piiter kan kooti. Kun ta'uu isaa immoo kan beeku ana qofa jedheen yaada. Karaa kanaan qofa natti fakkaata kanan dhiibbaa jireenya narra jiru kana jalaa bahu. Hhhh.. Kiitii shamarree umurii kudha afurillee sirriitti hin fixne kana keessa lolli akkasii jira jedhee namni yaadu eenyutu jiraree?. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Waldhabdee mana kana keessatti ta'u hunda siif himuun barbaachisaa ta'ee waan natti hin mul'atiniif Waan tokko qofa siif hima. Isa hafe atumti tilmaami. Dhadhaa fi zayitni osoo hin hafiin hanga addaan hirachuu geenyee jirra. Soora mata mataa keenyaa bilcheeffachuu jalqabneerra. Nuti kan mataa keenyaa, Faandaanonni kan mataa isaanii, Obbo Duusel kan mataa isaa jechuu kooti. Walii galli suuraa isaa sitti mul'atee mitii kiitii?. Guyyaan dhaloota harmee immoo dhiyaachaa jira. Obbo Kireleris hanga sukkaara duraan fidu irratti dabalee fideefiira. Faandaanonni lamaan immoo kana arganii inaaffaa isaanii dhokfachuu hin dandeenye. Sababni isaas obbo Kireler yeroo kan aadde Faandaan akkas hin goone. Haa ta'uutii, Garuu waan hundumaaf wal kiyyeessuu fi wal tuttuquu kanarraa maaltu argamaa? Ofitti amanamummaan kanan sitti himu tokko jira. Faandaanonni yeroo kamiyyuu caalaa nu nuffaniiru. Dhugaa yoo ta'uufii baates harmeenis hawwiishee himatteetti. Kana booda Faandaanota duukaa guyyaa kudha shan illee turuu akka hin feene. Amma amma deddeebisee kanan of gaafadhu tokko jira. Eenyuuniyyuu wajjin haa ta'uu mana tokko nama duukaa hirmaatanii keessa jiraachuun booda booda keessa rakkoo akkasiif nama saaxiliun hin hafu jechuudhaa? Moo numatu warra carraa  hin qabne taaneetu? Moo nuuf haaraa ta'e malee jireenyi nama hundaa akkanuma warra dubbii fi wal idduutiin kan guutameedha? Maalumaafuu waa'ee namaa qorachuu fi waa'ee amaloota namaa irratti hubannoo argachuu akka barbaachisu hubadheera. Ani karaa mataa koo qorannaa na gahu godheera, akkasumas beekumsa na gahu  argadheera jedheen yaada. Nuti wal qoccolles dhiisnes, bilisummaa hawwines dhiisnes, waan jijjiirru hin qabnu. Waraanni alaa garuu akkuma duraa akkuma qorreetti jira. Otoo beeknee garuu weerarri kun jalqabee  waraanni hanga xumuramutti turtii bakka kanaa fooyya'aa gochuuf osoo yaallee hunda keenyaaf waan toludha. Kun egaa fedhii fi lallaba koo ta'uu isaati kiitii too!. Kana booda haala kanaan mana kana yoon ture akka oyiruu caamsaan rukutee umuriin koo mataan isaa gadi guddata jedheen amana. Hawwii koo umrii guutuu immoo atuu beekta kiitii tiyya. Boquu ishee olqabattee addunyaa guutuu ija isheen kan ilaaluu dandeessu, Waan deemtuuf kan beektuu fi ofitti amantee kan ejjettu, bakakkaafis ta'ee qaqawweessaaf kan hin naane, waliigala kan ittiin jedhan uwwaa hin qabne ta'uun barbaada. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Maaliif laata kiitii namoonni miira isaanii isa dhugaa dhoksuuf kufanii kan ka'an? Ani mataan koo maaliif nama yeroon argu amala isan qabu dhiisee amala biraa kanin qabaadhu?.  
Nama yeroo jedhamnu maliif amantiin nuti wal irratti qabnu akkas haphatti?  Kun sababa malee akka hin taane beeka. Kanas ta'ee sana takka takkaa maal akkan yaadu beektaa?. Namoota kan koo jettu biratti illee amantummaa yeroo wal irratti dhabdu waan baay'ee nama sodaachisu qaba. Erga abjuu koo isa darbe sanaa baay'ee hin guddatiinin hafa jettee yaaddaa kiitii?. Anatti hin fakkaanne taanaan miira eenyu iyyuu maal naan jedhuuf jedhee fakkeessuus dhiisaan jira. Fakkeenyaaf ilaalchan Faandaanotaaf qabu jijjiirameera. Wal qoccollaa keenya hunda ilaalcha eessaa akka naa dhufe hin beekamneen ilaalaan jira. Walumaa gala yeroon sitti himu akka duraa dunuunfadhee namatti murteessuu dhaabeera. 
Jijjiiramni akkasii akkamiin akka narra dhufe na dhibe. Qofa maaltu balaq naa jedhe seete. Harmeen amala irra namaa darbuu osoo qabaattee walitti dhufeenyi Faandaanota waliin qabdu akkas hin laafu ture. Dhugaadha aadde Faandaan nama gaariidha sababii ittiin siin jedhu hin qabu. Haa ta'u malee amalli harmees xiqqoo rakkisaa waan ta'eef qoccolloo kanaaf sababa jedheen yaada. Yeroon siin jedhu osoo harmeen amala qabbanaa'aa qabaattee yoo xiqqaate qoccolloo kana walakkaan hir'isuun ni danda'ama ture. 
Dubbii keenya irratti aadde Faandaan roga gaarii tokko qabdi. Innis maal seete? Itti odeessuu dandeessa. Of jaalachuun ishee, qoccolloon ishee fi kkf hunduu akkuma jirutti ta'ee garuu salphaatti walii galuu fi amansiisuu dandeessa. Jechuunis hanga ishee hin aarsineetti fi hanga ta'e jettee ishee mormuuf hin kaanetti. Malli kun yeroo hunda hojjeta hin se'iin immoo. Garuu obsa isaa qabaannaan irra deddeebitee yaaluu dandeessa. Faandaanota duukaa waantota irratti walii galuu dadhabnu  kanan sitti himaa ture osoo nuti yaada hubatu qabaannee akkas hin ta'u ture. Na amani kiitii walitti dhufeenya addaa qabaanna ture. 
Iddoo kanatti waa'ee koo maal yaadaa akka jirtuu fi maaltu akka sitti mul'atu naa gala. Yoo feete fuulaa fuulatti sittan hima. Aanaa haa ta'u malee jechoonni hammi kun afaanuma kee keessaa bahanii? Si'i ishee waa'ee namoota kanaa jechoota hadhaawaa akkasii tarreessaa baate keessaa moo? Umrii kanaan miidhamni hanga kanaa ishee sirra ga'e keessaa moo? Eeyyee kiitii afaanuma koo keessaa ba'aa jira. 
Eeyyee waan hunda jalqabarraa kaasee qorachuun barbaada. Dargaggoonni yoomillee karaa gadhee hordofu akka jedhamu akka hin taaneef. Ofii qoradhee isa kamtu sirrii, isa kamtu dogoggora kan jedhu adda baasuun barbaada. Sana booda haalli walii galaa Faandaanotaa yoo na aarse anis ejjennoo harmee fi aabbaan qabadha. Sana irraan kan hafe garu ilaalcha isaanii jijjiiruuf yaaluu fi walii galuuf yaaliin godhu hin dhaabu. Yoo kun naaf dadhabames murtii madaalawaa fi waltawaa ta'e itti yaadeen murteessa malee, kana booda junuunfadhee eenyuufiyyuu loogee hin murteessu. Carraan argadhuunis waantota kana dura aadde Faandaan duukaa irratti wal dhabnu irratti walii galuuf yaaluu akkasumas ilaalcha haaraa kiyya itti himuu. Asirratti maatii kiyya irratti mormii kaasuu akka hin taane na hubadhu. Dhimma kamirratti iyyuu ejjennoo fedhan fudhachuuf mirga qabu. Karaa koo garuu guyyaa har'aa irraa eegalee,  hamii haqummaa hin qabne kan natti fakkaate hunda irratti hamaamota akka hin taane murtee jala sararamaa tokko dabarseera.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Waanin ta'e tokko hoo qaba. Maal taate yoo naan jette deebiin deebisu hin qabu malee, waan tokko akkan ta'e natti dhagahama. Hangan guyyaa jechootaan  siif himuu danda'uutti ammaaf duuchaadhumaan Waan ta'e tokko yoon siin jedhe si ga'a. Anis kanan beeku kanuma waan ta'eef. Kanarra maaf waan na ajaa'ibe tokko sitti hin himu?. Waan Mana keenyaa fi mana baruumsaa keenyatti na mudataa ture dha. Namni tokko waa'ee hiikkaa rakkatee illee yoo odeesse akka nama safuu hin beekneetti fudhatama. Jecha waliikkaa duukaa hidhata xiqqooshee qabu ususanii dubbatu. Waan kana namni osoo hin beekin dubbate muka kolfaa ta'a. Waanti kun na dhibee yeroo tokko tokko immoo na yaachisa. Ani akkan yaadutti hikkaan uumamtootaaf badhaasa uumaati. Namoota malee uumamni warri kaan yeroo golguuf yaalan hin argine. Egaa namoonni maaliif waa'ee kanaa yeroo dubbatan icciitii godhuree?  Gaaffiin jedhus keessa koo deddeebi'eera. 
Addatti waanti na ajaa'ibu immoo namoonni hunduu odeessuu jibbu malee dhagahuu baay'ee jaalatu. Dhuguma waan nama ajaa'ibuu mitii kiitii? Kophaa koo waa jijjiiruu akka hin dandeenye naa galee afaan koo banuun dura of eeggannoon ani godhe salphaa hin turre. Odeeffannoowwan baruun qabu yoo jiraatan darbee darbee hiriyyota koo ijoollee durbaa gaafachuu irraan kan hafe. Booda boodarra garuu waa'ee waanta icciitii ta'e kana baruuf yaaliin godheen waan baay'ee baruurra darbee mata duree kana irratti warra koo duukaa dubbachuurra gaheen ture yoon siin jedhe na amantaa kiitii? Gaaftokko harmeen maal jette seete? Aanaa koo gorsa gaarii tokkoon si gorsa, yoomillee yoo ta'e, waan kana dhiirotaa waliin hin dubbatiin. Isaan sababuma kamiinuu yoo kaasan wajjin hin haasa'iin. Tasumaayyuu maal jedhee akkan deebisee nan yaadadha. Harmee maal rakkatte? Akkamittin akkas godha? Sitti haa agarsiisu, yeroon nama biraa waliin haasa'u 
Akkuma gara mana kanaa dhufneen aabbaa waliin waa'ee kanaa darbee darbee ni haasofna ture. (Dhugaa dubbachuuf isa irraa dhagahuurra harmee irraa dhagahuutu namatti tola) oduuwwan biroo immoo kitaabotaa fi oduu oduu keessa funaannadhe. Dubbbii keenya keessatti kiitii, Piiter Faandaan akkuma dhiirota ani mana barnootaatti beeku sanaa waa'ee kanaa baay'ees dhagahuu hin barbaadu. Tarii gara jalqabaa xiyyoo xiyyoo qabee natti dubbateera ta'a. Kanarraan kan hafe garuu kan inni dubbate hin yaadadhu. Aadde Faandaan waa'ee kanaa Piiteriin duukaa hasa'uu ishee akka hin yaadannee fi aabbaa isaa wajji immoo akka tasuma haasa'ee hin beekne ofitti amanamummaan akka dubbatte nan yaadadha. Inni kaan hafee Piiter dhamaatii isaatiin hubannoo inni qabullee akka isheen quba hin qabnen hubadhe. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Waraanni sabdaneessaa kan inni Hitler irratti weerara jalqabu yoomi oduun jettu ho'itee jirti. Osoo haala keessa jirru ilaaltee weeraraaf qophii godhamu waliin wal qabatee tarii miira natti uume kana si keessatti uuma ta'a. Karaa biraa immoo waan tokkoyyuu fiduu akka hin dandeenye hubattee nutti kolfita ta'a. Gaazexoonni hunduu barreeffamoota weeraraan guutaniiru. Keessumaa oduun tokko tokko uummata maraachaa jira. Fakkeenyaaf tokko siifan hima. Wayita waraanni sabdaneessaa weerara jalqabu Hoolaandi qabachuuf yaalii inni godhu ofirraa ittisuuf waan danda'an hunda ni godhu. Barbaachisaa ta'ee yoo argames Hidha jigsanii biyyashee hunda lolaan guutuu akka danda'nis ni himama sanaan wal qabatee hoolandi keessatti bakkeewwan bishaaniin fudhatamuu danda'an jedhamee kaartaan isaa agarsiisus baay'inaan maxxanfamuu eegalan. Bu'uura kaartaa sanaan kutaan Amisterdam baay'een qaama bishaaniin haguugama. Daandiiwwan gurguddoonillee bishaan ol ka'insa meetira tokko gad hin taaneen uwwifamu. Nuti hoo wayita kun ta'uutti maal gochuu qabna isa jedhuuf deebiin miseensa mana icciitii kanaa halluu garaagaraa qaba jedhamuuf ni danda'ama. Tarii xiqqoo illee yoo ta'e si bohaarsuu danda'a waan ta'eef muraasa siif haa himu. 
Miilaanis ta'ee biskileetiin deemuun tasuma hin yaadamu, akka hantuuta bishaan ciisaa keessa wixxifattuu dhidhiittachaa du'uu dha. Kan dandeenyuu olitti yaaluu qabna. Kanarratti bishaan keessatti namni yihuudaa ta'uu keenya baru hin jiru. ....boo.. waan hin fakkaanne dha. Natti mul'ate, yeroo dubartoonni keenya bishaan daakan Qoosaan qoosaadha bidiruu xiqqaasaa karaa argachuu dandeenyu nuu barbaadaa Dhiphinni hagasii maali? Ani fala tokko nan beeka. Tokko tokkoon keenya sanduuqa uffataa gadi baasnee erga irra quphannee booda fal'aana ittiin aajjaa sochoofnuun bishaanicha duubatti darbachaa fuulduratti deemna,...kkkk kiitii too amma waan walii galaa nuti keessa jirru hubattee mitii? Yaadota mana kana keessa daddarbatamu osoo dhageessee waan akkam nama bashannansiisan seete. Guyyaan isaa gahee, waanti jedhame osoo dhugaa ta'ee garuu faallaa isaa arguun hin hafu. 
Weerara kanaan wal qabatee gaaffiin kan biraa ka'e, Jarmanoonni osoo Amisterdaamiin guutummaa guutuutti gadhiisanii ba'aniihoo isa jedhuudha. Nutis baanee yihuudummaa keenya dhoksinee uummatatti makamuudha. Eessayyuu deemuun hin jiru!, waan dhufu haa dhufu malee asii mixxiq jechuun hin jiru. Filannoon tokkichi nuti qabnu as taa'uu dha. Waanti Jarmanootaa hin beekamu waan ta'eef. Yoo dhumnes walii wajjin dhumna jedhanii nama hunda sassaabanii Jarmaniin geessuu danda'u. Humna isaas qabu eeyyee isa keessa jirru kanarra bakka  hanga amansiisaa argannutti asuma turuutu filatama. Inumaayyuu Obbo Kireler fa'i maatii isaanii wajjin osoo dhufanii nu bira turanii isaaniif wayya. Bakka ciisichaaf yoo ta'e, walakkaan keenya lafa rafuu dandeenya. 

Kiitii mudaa hin qabne, oduun ani gidduu kana dhagahu oduuwwan gosa kana qofa. Waa'ee weerarichaa fi rakkoo inni fiduu danda'u qofa. Maalumaafiyyuu fakkeenya dabalataa waan si barbaachisu natti hin fakkaatuutii kanumaan si haa gahu. Ani mataan koo jeequmsa hin barbaachifne kana dhagahuu irra jedheen kophaa baheen oolee bula. Dhuguman siin jedha kiitii too, yoon jiraadhes, yoon du'es hagas mara dantaa kanan itti qabu miti. Kan na dhiphisu maaltu jira? Addunyaan Aanaan miidhamteetti jettee deemsa ishee addaan hin kuttu. Jaallannes jibbines waanti ta'uuf jiru inuma ta'a. Inumaayyuu dhaabsisuuf yaaluutu dadhabbii akkasumaaniiti. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Akkuman darbee darbee godhu qinaaxxii manaatti ol bahee foddaa tokkicha jiruun gara samii wayitan ol ilaalu garaa samii garba bishaanii fakkaatun arge. Guyyaa baay'ee natti toluudha. Guyyaa calleensi itti guddatu. Qilleensa qulqulluu dhufee qajjisa koo hafarsee darbu argachaan jira. Maal abbaa koo naa wayya? Waan hundumaa yaadeera. Eeyyee kiitii akka garaa koo odeessuu, hiriyoota koo, bilisummaa koo, Addunyaa kophummaa koo, isa kam himee isa kam dhiisa? Waan hunduu ija koo dura jira, ija koo dura!. 
Wanti na hawwiisiisaa jiru tokkommoo maal seete? Iyyuudha, hanga laagaan koo baqaqutti, uu'uu'uu jedhee iyyuu. Diwu jedhee dhowuuf waanan jedhe natti fakkaachaa jira. Kanaaf osoon iyyee narraa gala jedheen yaada.  Garuu iddoo iyyuun danda'u hin jiru. Qofa baay'ee baay'ee dhiphachaan jira. Waanan godhu na dhabsiisaa jira. Isa yeroo kamiiyyuu caalaa na soofachiisa. Kutaa tokkootii gara kutaa tokkootti na melemelsiisa. Baqaqaan argadhu hundaan funyaan koo suuqee qilleensa qulqulluu fudhachuuf wal'aansoon godha. Ka'uu dha, taa'uu dha, ammas ammas harka koo laphee koo irra kaa'ee rukuttaa onnee koon dhaggeeffadha. Dhiphachuu dha. Falli isaa naaf dhibeeran siin jedha. 
Keessi koo birraan guutameera siin jechuu nan danda'a. Hadaan tokko keessa kootii yeroo dammaqu natti dhagahame. Qaama koottis ta'ee, afuura koottis natti dhagahama. Amala koo isa duraatti deebi'uufillee na rakkisaa jira. Natti naanna'eera. Kanin dubbisu, kanin barreessu, akkasumas kanin hojjedhu hunduu na jalaa badeera. Amma sirriitti kanin beeku waan tokko qofa. Innis yaaduu koo ta'uu isaati. Baay'ee kanin yaade ta'uu isaa!...
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Kaleessa irraa jalqabee waanti baay'een jijjiirameera. Maal argatte naan hin jettuu? Akkam ta'e seete, waan hunda yaadaan jira jedhee sitti himeen ture mitii? Eeyyee ammayyuu yaadaan jira. Garuu amma harka xiqqoonis ta'u waanti dharraa koo narraa hir'isu tokko argameera. 
Akka ganama har'aatti onneen koo gammadee hin beeku. Kana dura ta'ee kan hin beekne waan haaraa tokkon hubadhe. Ijoonni Piiter osoo narraa hin buqqa'iin gara ani deemu hundatti naa waliin jooraa turan. Mil'uun isaa  hundi sirrii hin turre. Jechuun, isa yeroo kaanirraa adda ture. Kana jedhee sii ibsuuf na rakkisa, haalli inni keessa jiru namaa hin galu. Qofa, gosa mil'uu ani kanaan dura argee hin beekne dha. 
Ani kanin yaadaa ture Piiter Maargoot duukaa jaalala jalqabeera jedheen ture. Akkas ta'uu dhiisuu isaa har'a akka tasaa naa ife. Kanaaf gara Piiter ilaaluu dhiisuuf carraaqqii ani hin goone jiraaree? Sababiin isaas lakkoofsuma isan mil'adhuun iji keenya wal kipha waan ta'eef. Na hin amantu kiitii ija koo yeroon gara kallattii biraatti dabsu illee akka waan Piiter na ilaalaa jiruutti natti dhagahama. Sana booda miirri qaama koo guutuutti dhagahamu tokko gammachuun na guuta. Jechuun miira keessumma wayii!... 
Egaaree kiitii too! Guyyaa guutuu nama dhokachaan oole. Maaliif akka ta'e hin beeku qofaa ta'uun filadha. Hagasi, qofaa koo ta'ee yaaduun barbaade. Waan si dhibu immoo aabbaan Aanaa durii akkan hin taane bareera. Maal godha garuu isatti waan hundumaa himuu hin danda'u. Sittis si taanaanan dubbadhe malee filannoon koo callisuu dha ture. Guyyaa guutuu Maaloo nagaa naa kennaa, ani kanin barbaadu waa tokko, innis qophaa ta'uu dha jedhee isaanirratti dheekkamsa koo dhangalaasuuf jedhee si'a meeqa seete kanin afaan koo irraa deebise. Raajiin akkanatti qophummaa nama hawwisiisu kuni maaluma laata? Kanin barbaaduu olitti kophaa osoon ta'ee waanin danda'u hunda godhee rakkoo kana caalaa, maaloo namni eessa jira jedhees akkan hin watwaanne yaadda'aan jira. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Kaleessa ganama Piiter fi obbo Duusel ulee malee waanti isaan hafe hin jiru. Ka'umsi qoccolloo isaaniis waan waa'ee baasu hin turre. Piiter garuu isa yaannee ol hadheeffateera. Karaa koo xiqqoo gurra guddiseera jedheen yaada. Kanas ta'ee sana har'a ganama osoon bakka tartiiba kitaabotaa dhaabadhee kitaaba tokko fuula gaggaragalchee ilaaluu Piiter dhufee waa'ee taatee kaleessaa natti odeessuutti ka'e. Isa dhaggeeffachuuf akkan ariifadhe hubatee bilisummaa fi of gadhiisee natti himuutti ka'e. 

Piiter waa'ee isaa isa natti odeessaa jiru dhaggeeffachuuf akkan fedhii guddaa qabu agarsiisuuf lafa taa'ee ol ilaalaan ture. Karaa naratti beekamuun qummaaddii simannaatiin ofitti isa hawwachaan ture. Dhuguman siin jedha Kiitii too, Ana malee namni tokko mana kana keessa, oriisaa keessoo fi aarii tasaan kan raafamaa jiru jiraachuu isaa yeroon baru gammachuu inni naa kenne xiqqoo sitti hin fakkaatiin. Waa'ee obbo duules akka inni itti natti hime maal qaba osoo naa wajjin jiraattee argiteetta ta'ee?. Jecha tokko akkan dabarsee jalaa hin odeessine waan beekuuf obbo Duuseliin akkam  ol gadi, akkanni godhee fi abaarree gadhee akkamii akka dubbate sitti himuu hin danda'u. iim... Maalan siin jedha?, waan garaa isaa keessaa tokko osoo hin hambisiin erga gad jigsee booda waan tokko akka itti salphate irraa beekama ture. Kan hafe anatti maaltu akka natti dhagahame beekuu yoo barbaadde. Baay'ee baay'ee ture kanin gammade. Sababiin isaas anaa fi Piiter gidduutti walitti dhufeenyi gaariin urgaawuu jalqabeera. Yeroon siin jedhu hiriyummaa dhugaa jechuu kooti. Akkuma hiriyoota koo dubaraa duraaniitti. 
Aanaa kee irraa!

Jaalatamtuu Kiitiif 
Har'a guyyaa dhaloota Maargoot tureeyyuu akkuma akkasaatti kabajneef. Sa'aa ja'aa fi walakkaa irratti Piiter kennaa Maargoot ilaaluuf kutaa isaatii gara kutaa waliiniitti bahee Maargoot waliin baay'ee odeessaa ture. Tasuma kan hin baramnee fi godhee kan hin beeknedha. Waaree boodas nyaata dhiyeessuu fi qodaa kan soneessu ana qofa ture. Kun yeroo hunda hojii Maargoot ture. Garuu guyyaa dhaloota ishee illee mee haa boqottu jedheeni bakka ishee kanin uwwiseef. Kan isaan barbaachisu hunda ergan dhiyeesseefii booda gara kutaa Piiterin deeme!. Balbala banee wayitan ol seenu Piiter qo'achaa jira ture. Maal akka qo'atu wayitan gaafadhu afaan Firaansi ture. Eeyyama isaa yoo ta'e isaa wajjin akkan qo'achuu barbaadu gaaffii ani dhiyeesse fudhatee naa eeyyamnaan, isa cina siree dachaatu sanarran taa'e. 
Qo'annaa isaa ilaalee waan tokko tokko ibseefii osoo xiqqoo hin turiin addunyaa Afaan Faransaayi keessaa baanee oduu biraa keessa galle. Waaqi nuu dubbatee iddoo kanaa nagaan osoo baanee gara biyya Dutch East Indies jedhamuu deemee hojii qonnaa irratti akka bobba'uu barbaadu natti hime. As dhufuu isaan duras jireenyi isaa akkam akka ture tokko tokkoon naa hime. Dhuma irratti garuu Kanas ta'ee sanas ani nama waattuu hin galledha jedhe. Baayyee hundee kan gadi fageeffate fi miira gad aantummaa ifatti mul'atu isarratti akkan arge baaseen itti hime. Sana booda immoo waa'ee Yihuudotaa fi yihudummaa wayita natti odeessu, osoo Yihudizimii ta'uu baatee kiristaana ta'eera ta'ee rakkinni haga kanaa nan qunnamu ture jedhee tilmaama. Fuula durattis gaafa bakka kanaa bahu kiristaana ta'uu akka barbaadu natti odeesse. 

Jechi isaa kun akkam akka na naassise na hin gaafatin. Baay'ee kan nama gaddisiisu mitii kiitii? Garuu amala isaa kanan itti miidhamaa ture duras waanan beekuuf baay'ees itti hin dhiphanne. Yeroon siin jedhu haphatees yoo tae  miirri gantummaa irraa mulata. Kan hafe waa'ee aabbaa, waa'ee harmee, waa'ee namoota amala adda addaa qabanii fi kkf inni haasofne kan namatti tolu ture. Naannoo sa'aa kudhanii fi walakkaatti ture kanin kutaa Piiter gadhiisee bahe. Gara galgalaa immoo wanti nama gammachiisu tokko ni jira. Waa'ee  Poosterii Filmii ani waggaa tokko dura itti kennee keenyan kutaa isaa irratti maxxansee ture irratti haasa'aa turre. Poosteroota baay'ee akka jaalatu dubbii isaa irraa waanan hubadheef, poosteroota biraa lamaan tokko akkan dabaluufii waadaan seeneef. A'aa warra kanarratti osoon ka biraa dabaluu baadhee naa wayya. Maaliif seete, guyyuu ilaalaan jiraadhe. Kanaaf hiriyoota koo natti fakkaachaa dhufaniiru. Osoon Poosterii haaraa fidee isaan kana gidduu kaaee akka waan nama keessummaa duukaa wal baruu natti ta'a naan jedhe onneerraa akka dubbate karaa hin shakkisiisneen fi qooqa mar'immaan namaa nyaatuun. Si dhiba kiitii Piiter Moshee (hadurree) isaa yeroo hunda kan inni hammatee taa'uuf sababni isaa yeroo kamirra iyyuu amma ifa naa ta'e. Eeyyee Piiter nama kophummaadhaan miidhamee fi mucaa jaalala dheebote dha. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif  
Amma amma immoo ganama kutaa ciisicha kootii yeroon bahu waanti ani dharra'u Piiteriin arguu taeera. Onnee too irraayyi kiitii too, waanan eegu tokko akkan qabu yeroo natti dhagahamu, ani hin beeku qofa jireenyi koo akka hiika godhatu naa godheera. Dabalees yeroo jalqabaaf dhandhamni jireenyaa naa dhufe. Kan si dhibu! yeroo na carroomsu miira koo to'annaa isaa jala oolchaa kan jiru mucaan kun, inni kaan kaan isaa hunduu hafee yoo xiqqaate ija koo duraa sababni ittiin deemuu danda'u karaan gosa kamiillee hin jiru. Akka tasaa koochoo baasee karaa qinaaxxii uraa tokkicha jiruun yoo bahee barrisee badeen alatti. kanarratti kan na morkatu hin qabu(dhiifama Maargootiin akka morkattuutti lakkaa'uu waanin hin barbaadiniifi) 
Dubbii keenya irratti kiitii jaalalli na qabee akka sitti hin fakkaanne, matumaa akkas miti dubbichi. Garuu anaa fi Piiter gidduutti walitti dhufeenyi cimaan tokko uumameera tilmaama jedhun qaba. Yeroon siin jedhu hiriyummaa wal amanuun keessa jiru tokko. Sababii kanaafis wanta gara kutaa isaa na geessu xiqqo yoon argadhe dhaquuf duubatti hin jedhu. Immoo micichis akka duraa akka sitti hin fakkaanne. Mucaan akkamitti akka dubbii jalqabu wallaalee dhiphachaa ture oduun jalaa kan hin dhumne ta'eera. Nagaatti ergan jedhee booda illee hangan balbala bahutti oduu kan hin dhabne ta'eera. 
Piiteriin duukaa hariiroo haaraa ani uumaa jiru kana harmeen baay'ees hin jaalanne. Wanni isheen irra deddeebitee natti himtu akkan mucicha jeeqaa jiru fi boqonnaa akkan kennuufii qabu. Si hin dhibuu kiitii!? Harmeen akkan waan ani qocaa sammuu hin qabneetti na yaaduun ishee sirriidhaa? Haa xiqqaatu, haa guddatu sammuu ittiin waa madaalu akkan qabu akkamiin dagatti? Lakkoofsuma kutaa Piiter ani seenuun akkatti moloqqoqa na ilaaltu sitti himuu hin danda'u. Yeroon isa bira turee gara kutaa waliiniitti bahummoo hanga ammaa eessa turte jettee gaaffii gatii hin qabne na gaafachuun ija natti babaasti. Gabaabaamatti kiitii, harmeen dhiphina ani hin dandeenye narratti fe'aa jirti. 
Aanaa kee irraa 

Jaalatamtuu Kiitiif  
Waaree dura calliinsatu buufatee ture. Harmeefaa miiccuu fi qulqulleessuu osoon gargaaruun guyyeeffadhe. Isa duukaas osoo waluma bira daddabarruu jechootuma tokko tokko  walitti daddarbachuu malee takkaa walitti dhiyaannee hin haasofne. Guyyaa keessaa sa'aa saddeetiif walakkaa irratti ciisuuf, dubbisuuf, boqochuuf yookaan waan isa barbaachise gochuuf hunduu kutaa waliinii gadhiisee gara kutaa mataa isaatti galu animmoo uffata halkanii koo fi boraatii koo fudhee kutaa waliinii kanatti bahee mimmijaayee teessuma irran taa'e. Yookaan dubbisuuf yookaan barreessuuf jechuudha. Garuu akkan yaade naa hin taane. Barreessuunis dubbisuunis na didee taaee yaaduu qofa tae. Kanumaan osoon jiruu waci yaadaa sammuu koo keessa ture osoo ani hin se'iin tasa humna kiyyaa ol ta'aa dhufe. Minjaala afoo koo jiru irratti gombifamee hirqinfadhee boo'uun jalqabe. Imimmaan koos akka lolaa yaa'ee minjaala colleesse. 
Duumessa gaddaa eessaa dhufeen isaa hin beekamneenan liqimfame. Aa... kiitii too, inni har'aallee ajaa'ibaaf ture siinan jedha. Maal qaba innillee dhufee osoo na jajjabeessee jedhee kanin hawwes hawwii ta'ee hafe. Naannoo sa'aa kudhanii irratti ture kanin ka'ee gara kutaa koo gale. Kutaan koo akkam akka na jibbisiise sitti himuu hin danda'u. Baay'ees osoo hin turiin achii bahee kutaa gidduu sana keessa asii fi achi jechaan ture. Tarii tasa bahee yoo walitti dhufne jedheeni. Yoree xiqqoof mana fincaanii seenee martii koo sisirreessee fuula koo susukkuumee yeroo gadi bahu, yeroo xiqqoo sana keessatti bahee hadurree isaaf bishaan buusee deebi'uusaa dugda isaan arge. 
Imimmaan koo lammaffaa na huunaan gara mana fincaanii akkuman seeneen fuullee dura dhaabbadhee fakkiidhuma koo irrattin ija babaase. Maddii koo lamaan irra irraa gadee imimmaan koo konkolaatee laphee koo irratti cophu, qoloo koo isa diimaa   halluu diimgurraatiin burreesse. Sa'a sanatti hagam akkan gadde tilmaamuuf hin yaaliin. Sababiin isaas hin dandeessu. 
Gurmuu yaadotaa akka billaachaa keessa kootii barrisan anumti tokko lama siif haa himu. A'aa... karaa kana tasumayyuu onnee Piiter itti dhiyaachuu hin danda'u. Ammoo maaltu beeka, sirumayyuu na hin jaalatu ta'a. Inni akka koo nama waan garaa isaa itti himatu isaaf rakkina miti ta'a. Tarii waa'ee koo waan adda tae waan tokko iyyuu hin qabu ta'a. Eeyyee jaaladhes, jibbes gara kophummaa kootti deebi'uu fi gubachuu kooti. Michuu kamiyyuu malee (Akkasumas Piiteriin malee) of dand'ee dhabbachuu danda'uun qaba. Amma akka natti mul'atutti yoo tae abdii fi jajjabina kan naaf ta'u, qaba kanin jedhuu fi dhihee hamma barii'utti fedhiitiin kanin eegu yeroon ani  irraa fagaadhu fagoo miti. Aa...
Maal qaba sammuu koo yaadni dadhabsiise kana osoon takkaa gateettii isaarratti hirkisee, qophummaa fi kan garaa ofii dhabuun kanin gubachaa jiru kana yeroofillee taatu takkaa utuun uffee jedhee? Garuu maaltu beeka inumaayyuu narraa dantaa iyyuu hin qabu ta'a. Jechuun koo akkuma nama mana kana keessa jiruu kamiitti na ilaala ta'a. Tarii akka inni anaaf ilaalcha addaa qabuutti kan natti fakkeesse abjuu koo ciismalee yoo tae hoo? Aa... Piiter maal qaba akkamitti akkan jiru osoo naa argitee? Maal qaba iyya koo sagalee dhablee kana osoo naa dhageessee? 
Kan tae taee kiitii too gara galgalaa keessa tasgabbaa'aa fi abdiin koo cooliges suuta suutaan naa sirraa'aa dhufe. Ammmas garuu dagaggama imimmaan ija na guutuuf falli argame tokkoyyuu hin jiru. 
Aanaa kee irraa 

Jaallatamtuu Kiitiif 
Baay'ee guyyaa namatti toluu dha. Haalli qilleensa bakkee jiru kan quufamu miti. Anis kaleessa irraa jalqabee afuurri koo baay'ee dadammaqeera siin jechuu nan danda'a. Ganama ganama karaan sitti hime sana karaa uraa baaxii sana ol baheen irra keessa baaxii naannaee  golgameeru garuu irraan banaa ta'ee diida bal'aa kana ilaalaan aduu qaammadha. Kiitii waantan ani sitti hin himne bakki kun bakka itti Piiter hojii humnaa itti hojjetu yeroo ta'u, yeroo tokko tokko anii fi Maargoot uffata kan miiccinu fi kan afnu asitti. Bakka kana iddoon ani jaalladhu tokko jirti. Yeroo baayee achi dhaabadhee yookaan taaee asii ol ija babaasaa samii qulqulluu taeef tooftaa mataa isaaniin, baallee isaaniin qilleensicha duubatti darbachaa shubbisa waloo itti yaadamee qindaaye akka fakkaatutti,  Sinbirroota fi Allaattiiwwan balalii'an bifa inaaffiin isaanin xiinxala. 
Maarree har'a ganamas bakka koo sana taa'een ture kanan waaresiise. Piiter keenyan na cinaa jirutti hirkatee dhaabateera. Qilleensa qulqulluu harganaa jirruu fi samii bal'aa ilaalaa jirrun dhamdhama gaarii jiru dudubbiin akka hin cabsine, akka waan irratti walii galleerruu yeroo dheeraaf calliinsaan liqimfamne. Sana booda Piiter  sababa ittiin gara kanaa dhufe yaadate natti fakkaata, gara qoraan kuufamee taa'ee dhaqee qottoo fuudhee qirixaa keessaa luqqisee falaxuu jalqabe. 
Miira ho'aa fi mi'aahaa akkasii cabsee socho'uun isaa xiqqo na mufachiisus, itti gaafatamummaa isaa dagachuu dhabuu isaa baayee jaaladheefiira. Nuusa sa'aatii gadi waan hin taane ture qoraan falatuun sun kan adeemsifame. Kun hunduu yeroo ta'u ana keessaas taee isa keessaa jechi tokko hin baane. Egaa calliinsaan baayee odeessuun ni danda'ama kiitii too. Achuma bakkaan taae taa'ee sochii isaa tokko tokkoo ishee hordofaan ture. Ammoo waan tokkon hubadhe. Dhiirummaa isaa fi jabina qaamaa isaa natti argisiisuuf yaaliin inni hin goone hin jiru. Si hin sobu kiitii gocha isaa kanas jaaladheefiira. 
Bakkan taa'uu ka'een baaxii irraan magaalaa Amisterdaam bal'oo asii gad daawwadhe. Baaxiiwwan dullooman, Baaxiiwwan haaraa, akkasumas darbee darbee mukoota keessaa dheeratan, fi daandiiwwan akka hojii xibiraa wal keessa xaxaman. Fagootti ammoo sararoota daangaa samii xuqanii fi giraaba dimimmisaan mul'atan. Achuma dhaabadhee maal akkan yaade beektaa kiitii? kun hunduu hanga jiruttin jedhe. Ifti aduu kun, Samiin  bishaan irraa car jedhe. Qilleensi cariin hin quufamne kun, wanti qulqulluun kennaa uumamaa kun hanga jirutti. Sababiin gammachuun narraa itti fagaatu tokkoyyuu hin jiru
Eeyyee kiitii! Kan sodaan isaan guute, Kophummaan kan isaan haleele fi gammachuun kan isaan irraa fagaate hundumaaf qoricha isa adda dureedha jedhee kanan amanu maal seete? Gara alaatti bahuu, Waaqa bal'aa kana keessaa icciitiin ishee ifa bahee dhumuu kan hin dandeenye uumamaa fi hojjetaa raajii kana hundumaa uumaa kan ta'e Waaqayyo wajjin wal harkaa fuudhinsa hafuuraa callinsaa gochuu iddoo danda'an gara alaatti bahuudha; Sababni isaas kana yeroo godhu qofaadha namni tokko icciitii addunyaa kanaa, jechuunis waanti ta'aa jiru hunduu ta'uu waan qabuuf akka ta'e fi nutti, ilmaan namaatti isa nutti mul'atu irrayyuu maniin Waaqayyoo inni baal'aa fi gaariin hojjetamaa jiraachuu hubachuun kan danda'amu. Eeyyee gochaan guddaanii fi qulqulluun kun otoo jiruu (haalli qabatamaan biyya lafaa maalis haa ta'uu maal) gaddi tokko tokkoon isaa yoomillee jajjabina mataa isaa argachuuf akka hin dandeenye kan godhu akka hin jirre ofitti amanamummaatiinin dubbadha. Karaa biraas uumamni rakkinoota hundaa karaa ittiin sirreessitu dha'icha dhokataa kan mataa ishee qabdi kan jedhu amantii cimaan qaba. 
Garuummoo eenyutu beeka kiitii too? Hafuura keessoo koo akka tokko gochaa kan jiru  kana nama  akkuma koo kana itti dhaga'amu duukaa hirmaachaa addanyaa too kanin  jiraadhu yeroon isaa fagoo miti ta'a.
Aanaa kee iraa
Yaada xiqqoo waa'ee Piiter 

Ijoota koo qaarisiisee gara alaatti ergee uumamaa fi uumaa ishee icciitii gadi fagoo yeroon ilaalu gammachuu adda ta'e tokkotu natti dhagahamaa ture. Gammachuu gosa safartuu kamiinuu safaramuu hin dandeenye. Kanaaf Piiter gammachuun kun hanga keessa koo jirutti, ajaa'iba uumamaa gadi fagoo kana raajeffachuu hangan danda'etti, fayyaa guutuus hangan qabutti, yeroon jedhu namni tokko warra kana hanga qabaatetti gammachuun isaa irraa fagaatee ture akka deebii'uuf kan isa hin dandeessisne waan jiru natti hin fakkaatu. 
Qabeenyi kee, soorommaan kee otoo badee deebitee argachuu keef waan wabeeffattu hin qabdu. Akka badetti hafuus waan danda'uudha. Gammachuun kee garuu badee hafuu waan danda'u miti. Golgaa yeroof qofa gollamuu danda'a. Kanaaf lubbuun jiraannaan carraa golgaa sana ittiin saaqtu qabda. Ofitti qaana'uu tokko malee Walaabu kana ol jettee ilaaluu yoo dandeesse, keessi kee guutummaa guutuutti qulqulluu hanga ta'etti, na amani Piiter asittillee osoo hin hafiin gammaduu dandeessa.
Aanaa kee irraa 

Jaalatamtuu Kiitiif  
Har'a ganamaa hanga galgalaatti waa'ee Piiter qofaa sii yaadaan oole. Dhaaphees, taa'ees, yeroon ciisu, yeroon ka'u,  qofa walumaagalatti abjuunis ta'ee osoon ilaaluu suuraan Piiter takkaa ija koo duraa osoo hin deemiin guuyyaan kun kan darbe. 
Amma amma anaa fi Piiter yeroo bakkeedhaan ilaalamnu garaagarummaan keenya isa bakkeedhaan mul'atu osoo hin taane, addaa addummaan keenya dhiphataa dhufeera. Inumaayyuu takka takkaa immoo iddoo baay'eetti nuti gosa tokko ilaalchi jedhu na mo'achaa dhufeera. Sababiin koo maal seete kiitii?, Fakkeenyaaf anis, Innis hanqina haadhaa qabna. Haati isaa;  keessi duwwaa, fakkeessituu, waan wal hanqattee kan jaalattu, waan inni yaadus ta'ee kan inni dhiphatuuf dhimma kan hin qabne, Walumaagala dubartii irruma irra keessa fokkisaa jiraattu dha. Ishiin kan koo dhugaaf taanaan waa'ee koof ni dhiphatti, inumaayyuu kan maluuf olitti jedhamuun ni danda'ama. Haa ta'u malee rakkoo haalota qixsirriin hubachuu dhabuu fi haadha dhugaa dha jedhamuuf bilchinni ishee baay'ee kan ishee hafu dha. 
Anaa fi Piiteriin kan wal nu fakkeessan waantota biroo sitti haa himu. Lamaan keenya iyyuu miira keessoo keenyaa waliin wal'aansoo gochaa warra jiraanne dha. Lamaan keenya iyyuu waantota baayee irratti sirrii ta'uu keenya amanuu kan dadhabnee dha. Lamaan keenya iyyuu namoota walakkaa osoo jirruu qobummaan kan nutti dhagahamuudha. Lamaan keenya iyyuu miirri keenya baay'ee haphii ta'uu irraan kan ka'e, xiqqoo yeroo tuqamnu amala dafee danfuu qabna. Qofa waan baayeen keenya wal fakkaata. 
Dhuguma mudannoowwaniif deebiin nuti kenninu kan mata mataa keenyaa dha. Fakkeenyaaf na aarsuu fi natti ga'isuuf yoo yaalan kanin godhu maal seete? Baqachuu, irraa fagaachuu, baduu na hawwisiisa. Kana gochuunis akka naaf hin danda'amne waanan beekuufis tooftaa biraan fayyadama. Miira koo miidhame dhokseen waan tokkollee nama hin taanen fakkeessa. Sana booda akkuma mar'immaan koo guban anis hanga mar'immaan isaanii ciinca'utti osoo wal irraa hin kutiin nan isaan jeeqa. Ija koo ilaaluun hanga isaan jibbisiisutti Isaan jiilcheera. Inni garuu faallaa kanaan maal godha seete? Kutittii isaa keessa maadheffata. Eenyuuniyyuu duukaa dubbachuu ni dhaaba. Kophaa isaa mataatii caba. Addunyaa abjuu mataa isaa kan ta'e keessa oolee bula. Yeroo kana godhu miira isaa dhugaas ta'ee eenyummaa isaa dhugaa ni dhoksa. 
Garuu akkamittii fi yoom ta'a anaa fi inni gara dhumaatti onneerraa kan walitti dhiyaannu? Dhugaa dubbachuuf hawwii too tana, kanin yaadu kana, arguuf ariifachuu koo kana, haanga yoomiitti to'adhee akkan fullaasu hin beeku Kiitii too. Boqonnaa baay'ee rakkisaarran jira. 
Aanaa kee irraa

Kabajamtuu Kiitiif
Maal abbaa koo akka naa wayyu mooji kooti. Natti caalaa jira. Akka abjuu hamaa boqonnaa na dhowwaa jira mucichi.  Guyyaas ta'ee halkan waa'ee waan biraa yaaduu dadhabaan jira. Kana irratti haalli ani keessa jiru akka narratti hin beekamne dirqiidhaan gammadduu fakkaachuun qaba. Sitti haa agarsiisu mee Kiitii too! Keessaan osoon boba'uu alaan kolfuun yeroo narra jiraatu. 
Dubbii keenya irratti waanta si ajaa'ibu tokkon sitti hima. Piiteroonni lamman(Piiter Wales(ischiif) fi Piiter inni kun) onnee koo keessatti wal dhuganii Piiter guddaa tokko ta'aniiru. Nama baay'ee gaarii tokko, nama qulqulluu  tokko fi waan hundumaan kanin abdadhu Piiter sirrii tokko. 
Akkuma duraanii baaxii manaa bakka bal'aa sana irratti ni dhufa jedhee dura isaa ol ba'een eegaa ture. Inni garuu qooda gara koo dhufuu gara gadiitti bu'ee teessumoota caccaban supha. Amma moo amma hojii isaa fixa jedheen baay'ee isa eege. Inni yoom hojii dhabe? Fagoorraa  bilbila bataskaanaa isa (Be pure in heart, be pure in mind) sagalee jedhu  qillisaan dhagahuu jalqabe. Waan hundi koo shororkaa'aa jira. Egaa waaqi tokkichi na faana haa ta'u malee. 
Aanaa kee irraa

Kabajamtuu Kiitiif
Har'a anaa fi Maargoot baaxii sana irratti yeroo gabaabduu dabarsineerra. Turtiin keenya hagan eege kan nama gammachiisu hin turre siin jechuu nan danda'a. Haa ta'u malee Maargoot miira koo baay'ee isaa akka naa waliin hin hirmaanne shakkii hin qabu. 
Osoo harmee, Maargoot fi aadde faandaan ta'anii uffata miiccaa odeessanii Maargoot jireenyi amma keessa jirru kan ishee ga'uutii olitti harka harka akka itti jedhee fi maalis haa ta'uu maal xumurri keenya dafee osoo gahee jettee hadheeffattee afaan abdii kuteen dubbatte egaa dhiphinni ishee kun waan dhimma kenneefii sittin fakkaatiin. Sirumaa harmee aayyoon gorsa gosa kamii kenniteef seete! Ofitti qaana'uu qabda Maargoot. Galata kee jechuu kan qabdu sirumaa ni hadheeffattaa? Maaliif firoota keenya guyyaa guyyaatti akka baalaa harcaafamaa jiran hin yaaddu jetteen ture. Mee sitti haa garsiisu kiitii! Gidiraa keessa osoo jiranii waa'ee gidiraa biraa yaaduun maalidha faayidaan isaa!? Eeyyee isaanitti kanuma ture kanin dubbadhe. Maal naan jedhan seeteree!? Ati afaan kee qabi, akka titiisa okolee si hin gidhiin. Maaltu haasaa nama guddaa keessa si buuse? 
Argitee doofummaa beektota keenyaa!? Akka yaada isaaniitti ani, Maargoot fi Piiter ijoollee hootuu hoonudha. Egaa haadhonni kun lamaan ijoolleema mataa isaanii miira isaan agarsiisan hangana erga hubachuu dadhabani isa kaansaa atumti.... atumti tilmaami. Harmeerra immoo aadde Vaandaaniyyuu wayya. Yoo xoqqaate xiqqoo xiqqoollee ta'e yaalii ni gooti. 
Dhuguma koon jedha kiitii!. Hagamiyyuu umuriin yoo nu caalan yoo xeqqaate ilaalcha keenya argisiisuu akkamiin nu dhorku. Ammoo dhama'aa isaaniin jedheetu malee homaa waan jijjiiranillee hin qaban. Eeyyee namni wayii afaan kee qabi jedhee yeroof afaan si cufuu danda'a ta'a. Garuu hanga fedhe ka'ee osoo of tumee ilaalcha kan mataa kee ta'e tokko akka ati hin qabaanne si gochuu hin danda'u. A'aa, kanallee osoo hawwanii hafu. Kanaaf eenyuunillee daa'ima jedhamee yaada isatti fakkaate akka hin ibsine gochuuf yaaluun dogooggora dogooggoroota hundaa natti fakkaata. 
Ana, Maargootis ta'ee Piiteriin hubachuun kan danda'amu yaada dhalaaf yaaduu tuffii hin qabneen qofa. Kanammoo eenyuun keenyayyuu argachaa waan jirru miti. Beektonni maatiin keenyas waa'ee keenya waantokkoyyuu hin beekan. Sababiin isaas raawwatee kan isaan nu tilmaamuu hin dandeenyeen sadarkaa yaada yaannuun isaan caallee jirra. Harmeen gidduu kana dallanuu fi nyaara guuruu baay'isteetti. Tibba kana keessa waanan ishee caalaa aadde Faandaan waliin haasa'eef inaaffaan ishee gale fakkaata. 
Akkuma feete ta'ee diboo Piiter qabachuuf yaaliin ani godhu har'a sa'aa booddee naa milkaa'eera. Sa'aa tokkoo gadi waan hin taanes waliin turre. Piiter waa'ee isaa irraan kan hafe odeessuuf rakkoo guddaa qaba. Qarqara qarqara labee dhamaatii hagamiin seete kanin oduu jalqabsiise? Matiin isaa falmii siyaasaa, baasii tamboo fi dhimmoota gara garaa irratti yeroo baay'ee akka isaan xabii keessa galaa turan naa kaase. Maatii isaatti hammam akka qaana'u na hin gaafatiin. Anis waa'ee maatii koo ifa godhee ittin haasa'e. Aabbaaf garuu mudhii hidhatee falmeef. Aabban abbaa gaarii dorgomaa hin qabne lakkoofsa tokko jedhee akka amanu natti hime. Maatii koo fi maatii isaa gidduu walitti dhufeenya jirus baayee odeessine. Ejjennoo maatii kiyyaas waan tokko osoo hin dhoksiin ittan hime. Addatti maatiin isaa guyyaa tokko nutti mi'aawanii akka hin beekne yeroon itti himu isan eegee olitti ture kan inni ajaa'ibsiifate.
Umrii koo guutuu immoo maal akkan haawwaa ture atuu beekta kiitii too. ;

Si dhiba kiitii, jichoonni jajjabinaa xiqqoon kunillee miira gaarii hagam akka irra bulchite osoo argitee. Bifa ofitti qaanu'uu qabuun seeqaa ol jedhee ija ija koo keessa na ilaalaa Sirriitti amantaa?, jechuun koo imm... abbaan kee kana hunda... eeyyeen Piiter, waanan si dhaabsiseef dhiifama, yoon kallattiin waan kana waliin haasa'uu baadhe illee yeroo tokko tokko jechoota miliqanii afaan isaa keessaa ba'an irraa baay'ee akka si jaalatu hubachuun ni danda'ama
Piiter irra deebiin gammade!. Kana arguu kootti anas irra deebiin natti tole. Waan tokkon sitti hima kiitii too, Piiteris nama baay'ee nama gaarii dha. Yeroon jedhu akkuma aabbaa!.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif  
Har'a galgala akkuma barame dungoo keenya Jimaata galgala qabsiifame fuuldura taa'een jira. Nuti yihuudonni barsiifata jimaata jimaata galgala dungoo qabsiisuu qabna. Fiixee dungoo sanaa irraa hurka labooba ibiddaa citee ol bahuuf fakkaatu xiyyeeffadhee yeroon ilaalu tasgabbii fi gammachuun tokko natti dhagahame. Labooba ibiddaa qarqarri isaa keelloo walakkaan isaa immoo adii fi bildimaa faakkaatuun kan guutame, achi keessattis akkoo tiyyan argee. Akkoo yeroo dhiphoo, bal'ina naaf taatuu fi kan balaa irraa na eegdu. 
Dabalees ammoo namni dhuunfaan jireenya koo hogganu tokko jira. Innis Piiteri, har'a waaree booda mosee fiduuf gara bakka nyaata kaawwannutti osoon gadi bu'aa jiruu sadarkaa irra deemanii gadi bu'an isa dhumaarra taa'ee Piiteriinin arge. Akkuma na argeenis sa'aa laaqanaa irraa eegaltee maal dalagaa turte? jechuun na gaafate. Qodaa dinnichaa akkuman qabadhee jiruun isa bira taa'een oduu keenya jalqabne. Waa'een mosees irraanfatame. Sa'aa kudha tokkoo fi ruubii irratti ture kanin dinnicha sana fuudhee deebi'e. (Oduu sa'aa tokkoon booda)
Har'a Piiter waa'ee maatii isaa jecha tokkoyyu natti hin dubbanne. Baay'inaan waa'ee kitaabota fi waa'ee yeroo keenya dabarsinee irraa odeessine.  Dhugaa isaa natti himi yoo jette mucicha irraa jaalalli na qabeera. Inni mataan isaa waa'ee kanaa natti kaaseera yoon siin jedhe na amantaa? Moseewwan sana ergan qola irraa kaasee booda gara kutaa isaa deemeen ture. Akkuman ol galeen uffata koo hurgufeen ho'a jiru dandamachuuf yaaliin godhe. Sadarkaa ho'i kun irra jiru hubachuuf fuula koo fi fuula maargoot qofa ilaaluun gahaadha. Qorra yoo ta'e akka waraqaa addaata. Ho'aa yoo ta'e immoo akka Timaatimii dhiilga'a. 

Erga Piiter gaaffii kana na gaafatee booda Piiter gaaffii kana kan na gaafate dhugumatti maal jechuu akka barbaade xiinxaluu fi herreguutti yeroo kiyya fixaan jira. Dhiyaana sana booda hanga inni kophaa ta'utti eegee, gaaffiin isa gaafachuuf ture dhiisee yeroo hunda kutaa isaa dhufuu  koos ta'ee oduu koo dhuma hin qabneen isa jeeqaan jira yoo ta'e ifatti akka natti himuu qabu sodaa koon ibseef. Lakki tasumaa, yoo dandeesse yeroo hunda koottu jechuun na tasgabbeesse. Haa ta'u malee Kiitii too, Deebiin isaa kun maal naan jettiif yoo ta'e hoo sodaa jedhuuf lakki miti kan jedhu mirkaneessaan hin argamne. 
Qofa maal siin jedhu Kiitii tiyya? Haalli koo hunduu nama jaalalli qabee fi akka durba waa'ee nama sanaa, nama jaalalli irraa qabee qofa malee, waan biraa yaaduu dadhabdee fakkaateera. Eeyyee Piiter sodaa akka natti ta'e si haaluu hin danda'u. Garuu yoomuma ta'a waan kana ifatti itti himee kanin obbaafadhu? Ammoo dubbachuu koon dura waanan mirkaneeffachuu qabu jira. Maal naan hin jettuu? Anis isaaf Yaaddoo ta'uu koo. Eeyyeen, hanga inni waan kana ifatti natti himutti yookaan karaa mataa koo hangan mirkaneeffadhutti miira mataa kiyyaa itti hin himu. Bu'es ba'es keessa keenya wal baraa akka dhufne shakkii hin qabu. Akka hawwii too osoo ta'ee garuu, jalqabuma waan garaa keenyaa walitti himnee, walii wajjin addunyaa mataa  keenyaa keessatti, shubbisa mataa keenyaa shubbisna ture. Garuu ammoo maaltu beeka Kiitii? Yeroon ani hawwu kun fagoo ta'uu dhiisuu danda'a.
Aanaa kee irraa.

Jaalatamtuu Kiitiif 
Bakka kana erga dhufnee jalqabee guyyaan akka sanbataa fi dilbataa nu nuffisiisuu fi nu dhiphisu hin jiru. Addattimmoo guyyaan sanbataa biiroo kutaa keenyaa gaditti argamu keessa wacni jiru afuura ala jiru duukaa gutummaa guutuutti adda cituun keenya akka nutti hin dhagahamne gochuuf yaaliin guddaan ni godhama. Kanaratti guyyaa kaan Meeppee yookiin Obbo Kireeler yookaan ammoo lamaan isaanii amma amma ni dhufu hawwii jedhuun gurra keenya qarree sagalee bilbila kutaa icciitii keenyaa eeguun qoftiyyuu afuura jireenyaa nuu kennu tokko qaba. Sanbataa fi dilbata garuu kun hundi hin jiru. 
Sanbanni darbe garuu yeroo duraaf nuffii tokko malee, dhiphina tokko malee, mukii tokko malee kanin dabarse sanbata jalqabaa ture. Sababii isaa atis osoo hin tilmaamiin hafteetta natti hin fakkaatu. Piiteri dha. 
Har'a wayitan gara baaxiitti ol ba'ee marxoo hojii kiyyaa miiccee deebi'u aabbaan Piiteriin afaan Faransaayi qo'achiisaa jira. Akkan isa wajjin qo'adhu gaaffii aabbaan naa dhiyeesseef hi'ii tokko maleen fudhadhe. Jalqaba  kanuma isaan eegalanii turan irratti marii'anne. Aabbaan beekumsa afaan Faransaayiin isa caalaa hubannoo akkan qabu waan beekuuf dhimma Piiteriin hubachiisuu yeroof naaf dhiiseera. Sana boodammoo gara afaan Ingilizii qo'achuutti darbinee xiqqoo erga qo'anneen booda, aabbaan akka lubbuu isaatti kan jaalatu kitaaba Chaarles Diikensi keessaa fuula tokko banee sagalee isaa ol kaasee nuu dubbisuu jalqabe. Kkk.... Miskiinticha aabbaa... Waan isa dhaggeeffannu se'eera. Dhuguman siin jedha Kiitii. Ani karaa koo samii torbaffaa keessan jira siin jechuu nan danda'a. Sababiin isaas osoo haala taa'umsa keenyaa argitee, anii fi Piiter baay'ee walitti siqnee taa'uu keenya irraan kan ka'e waltuttuquuf waanti nu hafe hin jiru. 
Sa'aa shanirratti gara biiroo obbo Kireelerfaatti gadi bu'een ture. (Sanbatduraa waan ta'eef hojjettoonni akka hin jirre hin dagatiin) achii ba'ee gara kutaa keenyaatti yeroon ol ba'uuf jedhu qaallichi sadarkaa irra taa'ee na eegaa jira. Hanga torba jechuu ruubii hir'uutti osoo haasofnuu waliin turre. Amma amma innis na barbaaduu jalqabeera natti fakkaata. Soorata booda gara kutaa isaatti yeroo galuuf jedhu anaa fi isa qofaatu jira yoo ta'e Aanaa booda wal argina jedhee ol gala. 
Oo.... Kiitii too miira namatti tolu akkamii keessa akkan jiru na hin gaafatiin. Mooji isas anarraa jaalalli qabeeraa laata? Maalumaafuu mucaa baay'ee gaarii ta'uusaa karaa adda addaan mirkaneeffachuu danda'eera. Eeyyee Piiter kanin eegee ol mucaa bayeessa ta'ee isa argeera. Kanarratti hanga ammaatti oduuwwan akkam akkam namatti tolan akka odeessine anaa fi isa qofatu beeka. Si hin sobu kiitii tiyyaa waan kana sittiyyuu hin himu. Garuu dhiifama naaf godhi sababii waanin qabuufi. Maaliif seete? Piiteris hanguma kee natti dhiyaachaa waan dhufeef icciitii isaa dabarsee kennuu hin barbaadu.
Aanaa kee irraa 

Jaalatamtuu Kiitiif  
Piiter akkuma koo yaadaan dhidhimuun isaa fuula isaa qofa irraa dubbisuun ni danda'ama. Kaleessa gara galgalaa kutaa isa gidduu keessa boquu buusee otuu taa'aa jiruu haati isaa aadde Faandaan falaasaa keenya jechuun hidhii ishee gartokkotti jallistee ofitti  akka inni qaana'u  yaalte. Akkam akka na aarsite, Piiter mataan isaayyuu akkam akka ofitti qaana'e fi fuullisaa saffisa akkamiin akka jijijjiirame sitti himuu hin danda'u. Dhuguman siin jedha Akka dhoyinsaatti dhowuuf waan xiqqoo malee na hin hafne
Obbobboshe Namoonni kun maaliif afaan isanii hin cufan? 
Mucaa kana hagam akka kophummaan miidhe fi yeroo inni miidhamu argaa waayyuu gochuufii dadhabuu kee caalaa waanti nama dhiphisu maaltu jira? Bakka isaa Of kaa'ee yeroon yaadu, takkaa qoccolloo keessa, takkaa immoo jaalala keessa, akka kibbaa fi kaabaatti miira wal faallessan lama gidduu, takkaa galaa takka immoo bahaa, dhukkubbiin isaa hagam akka ulfaatu sirriitti tilmaamuu nan danda'a. Miskiinticha Piiter, maalumaafuu mucicha jaalalli isa barbaachisa. 
Tibba dhufnee as galles tokko isa inni Hiriyaa gosa kamiiyyuu hin barbaadu jedhe sanatu gurra irraa na killisa. Wayita kana jedhus jechuumaaf malee dhuguma isaati jedhee hin tilmaamu. Onnee isaa irraa yoo ta'es baay'ee baay'ee dogoggoreera. 
Si dhiba kiitii, Piiter guyyaan isa bare irraa kaasee kophummaa isaatti nama cichu dha. Garuu kan hin qabne fakkeessuuf ni dhphata. Haalli isaa hunduu kan nama guddummaati. Garuu yaaliin kun hunduu dhugumaan osoo hin taane fakkeessuun waacila inni hojjetu ta'uu isaa ofitti amanamummaa guutuunin sitti hima. Ammas irra deebi'een jedha miskiinticha Piiter. Gosa jireenyaa waacila fakkeessaa kanaan hangam deemuu danda'a laata? Waanta humna mucaa kanaa ol faakkatu kana booda kan dhufu maal jette naan jedhi Kiitii too, gaaf tokko dhoohinsi suukkaneessaan tokko ni dhufa. 
Oo... Piiter, maal qaba osoon si qarqaaruu danda'ee? Maal qaba akkan si gargaaruuf carraan osoo naa kennamee? Na amani anii fi ati osoo walii gallee rakkina kophummaa kees ta'ee kan koo hundeedhaa gogsuu dandeenya. 
Yeroo kamirrayyuu karaa adda ta'een gumbii yaadaa ta'een jira. Akka duraa baay'isee hin odeessu. Kan kana irraa hafe isa ilaaluun qofa gammadduu ta'uu danda'eera. Dubbii keenya keessatti kana dura isan maal qaba bakkaa Piiter osoo durba taateetti ta'ee jedhee sitti hime dhiifama guddaa waliin kaasuu koo siif ibsuun barbaada. Piiter bagayyu mucaa dhiiraa naaf ta'e. 
Aanaa kee irraa

Dhiifama Kiitii too, waan tokko waa'ee Piiter sitti himuuf waanan dirqameefi. Amantes amanuu baattes kana booda lubbuun jiraachuu kanin barbaaduuf waa'ee walitti dhufeenya keenya fuula duraaf jedheeni. Akkuma ani isa malee jechaa jiru kana, maal qaba innis ishee malee osoo jedhee jedheen hawwiin cinqamaan jira. Natti dhiyaachuuf yaaliin qaqal'oon inni taasisu ajaa'ibaaf na onnachiifti. Dandeettiin keessa koo baasee ibsachuu koo isa dhibee isa kan hin dhiisne mucaan kun, mirga galuufii didee isa rakkisaa jira malee waan baay'ee waan natti himuu barbaadu akka qabu naa gala. Miskiina kiyyaaaaa.... Maal isaarrayyu kan natti tolu,  mukaa'uu isaa kana, hoollatinsa isaa fi arraba isaa giingee sana ta'uu eenyutu itti naaf hima?..
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Amma waa'ee 1942 yaadaan jira. Waa'ee le'ii tiyya sana dura turte. Waan hunduu siruma dhugaa hin fakkaatu. Abjuus fakkaata. Aanaan isheen jireenya jannata lafarraa keessa jiraachaa turte, mana osoo hin taane, gaagura fakkii mana kana keessatti saamsamtee ganna lama guutuu, abidda siqiqiin akka giixxaa qas jettee gogdee kan bisĥaatte irraa baayyee adda turte. Eeyyee Kiitii, le'iin sun dhugumayyuu jannata lafarraa ture. Si dhiba waan tokko hagam qaalii akka ta'e  kan bartu erga harka kee irraa bahee dha. Yeroo harka kee keessa jiru waayyuu sitti hin fakkaatu. 
Waggaa lama dura, (akkuma Yihuudota kamiiyyuu dhiibbaan narratti ta'u akkuma jirutti ta'ee) waan ani hin qabne hin jiru ture. Har'a hiriyaa dhiiraa argachuun kan akkas akka samii nattii fagaate, yeroo sana hanga nama suuqii karaa irraa buskuttii bitatuu natti hin ulfaatu ture. Umriin kan na gitan hiriyoota dhiiraa fi dubaraa baay'inaan digdamaa gad hin taanen qaba ture. Barsiisonni koos kan naan baannatanii fi akka ijoollee isaaniitti barattuu jaalatanin ture. Harmee fi aabbaan ba'ee hangan deebi'utti akka killeetti kan na sassatanii fi akkaa intala mootii gonfoof qophooftuu mucayyoo na kunuunsaniin ture. Qofa isa kam sitti himeen isa kam dhiisa. Chokkoleetiin sun hunduu, keekiin sun hunduu, Ayiskireemiin sun hunduu, kana irratti aabbaan faa kan naa ramadan qarshiin callaan gahaatii olii, obbobbosh na dhiisi Kiitii too. Dhugaaf taanaan mucayyoon tokko gammaduuf kanarra waanti ishee barbaachisu hin jiru. 
Kiitii du'ii kee of tuuluu koo miti. Dhuguma namni tokko tokkoon isaa sababii mataa mataa isaa qabaachuu danda'a. Garuu na baree fi natti dhiyaatee nama na hin jaalanne hin argine. Kana hundaaf sababa isaa sii kaa'uu nan danda'a. Mana baruumsaa yihuudotaa sadarkaa lammaffaa yeroo jirru anatu isa hin beeku malee inni sirriitti akka na beeku piiter natti himeera. Egaa mana baruumsaa sana keessatti icciitiin jaalatamuu koo inni akka jedhutti Wanta nama harkisu fi nama booji'u tokko  waanan qabaadheef miti. Fakkeenyaaf barsiisonni koo na jaalachaa kan turan kutaa keessatti deebiiwwan koo ariifataa fi  ajaa'ibsiisaa ta'aniin, yerooma yerootti jichamoota bashannansiisoo kiyya, fuula koo seequun irraa adda hin baane, hawwii baruuf ani qabu, waan tokko salphaatti hubachuuf kennaa ani qabu, fi kkf, kkf dha. Siin jechuu nan danda'a. Kanarraan addatti immoo sal'oo sal'isee kanan hin quufne, kolfee kanan hin quufne. Qoosaan kan na hin nuffisiisne fi yoom odeessiti mucayyoo jedhamtun ture. Hunduma keessaa haalota koo naa jaalataman sittan hima kiitii. Kan Mudhukuun bira hin jirre dammaqinsa koo, haqummaa koo, iftoomina koo, waan harka koo irra jiru nama hiruu irraa duubatti jechuu dhiisuu koo fi eenyuttuu boonuu dhiisuu koo!...
Egaa waan koo kana hundumaan  jaalatamuun natti baay'ataaree Kiitii too!?. Jaalalaa fi dinqisiifannaa kana walakkaa jiraadhee hagamiyyuu yoon ofitti amane waan nama ajaa'ibaa maaltu jira?
Garuu ammoo maal goota. Dinqisiifannaa fi raajeffatamuu hanga kanaa qabaadhee osoon jiruu, guyyaa guyyaan guddachaa dhufee baaxii qaqqabee gammachuu jiruu koo dhamdhamaa osoon jiruu, fi dharraan guyyoota dhufan ani arguuf qabu halkan dafee hin bariine keessaan osoon yaadaa jiruu ture kanin akka tasaa dhugaa jireenya koo dhufee fuula dura koo dhaabate duukaa kanan wal kiphe. Haalli ani amma keessa jiru itti baruu fi abjuu osoo hin ta'iin dhugaa ta'uu isaa adda baafachuuf waggaa tokko duudaa isaa ol natti fudhate. 
Barataas ta'ee Barsiisaa waa'ee koof osoo gaaffii gaafatamee maal jedhee kan deebisu sitti fakkaata? Aanaa jechuun qoosaan kan jalaa hin dhumne, carraa hundatti fayyadamtee kolfa kan maddisiisuu dandeessu, tapha kam keessattu shira fi daba isheen kan jaalatamtu, kolfitee kan  kolfisiistu, mukoofte kan hin beekne, yoomillee seequun kan ishee irraa adda hin baane, nama ooduus kan hin beekne, kana fi kan kana fakkaatan  siin jedhu. 
Aanaa ishee yeroo sanaa gara duubatti deebi'ee yeroon ilaalu, yeroo ishee fi bakka isheetti cimtuu fi jaalatamtuu kan turtedha malee, Aanaa ishee ammaa duukaa walitti dhufeenya kan qabdu miti yoon jedhe gurra guddisuu hin ta'u. Piiter inni fagootti na beekullee waa'ee koo isa darbe yeroo natti himu baay'ee sirrii ture. Yoomillee kophaa kee si argee hin beeku. Yoo xiqqaate ijoollee dhiiraa lama yookaan sadii akkasumas ijoollee dubaraa baay'een marfamteetu oolta. Yoomillee walakkaa saanii jirta. Yoomillee akkuma kolfitee fi isaan kolfisiistetti jirta. Kolfi isaaniis ta'ee haasaan isaanii kan gaggeeffamu giddugalummaa keetiini jedhe. 
Egaa hafteen Aanaa  durii kan Aanaa ammaa keessa jiru maaltu jiraree!? Uf.... Dubbii keenya keessatti hin yaadda'iin Kiitii. Ammas taanaan kolfuu hin irraanfanne. Ammas taanaan gaaffii kamiifiyyuu deebii ariifataa fi ajaa'ibsiisaa kennuun na jalaa hin banne. Yeros jaalatamtuu fi raajeffatamtuu kan na godhe dandeetti dogoggoroota namootaa fo'anii adda baasuu fi akka sirrataniif dubbachuu koo yoo ta'es ammas naa waliin jira. Waa'ee heerumaas yoo ta'e ammas heerumuu nan danda'a. Yeroon siin jedhu kana miti rakkinichi. 
Yaadaa fi dhiphina tokko malee gosti guyyaa akka garaa koo dhowwaa tokko malee fandalaluu fi biddiiqu sun halkan tokkoof yookaan guyyaa lama sadiif yookiin immoo torban tokkoof carraa arguu osoon argadhee gammachuu isaa hin danda'u. Dhuma torbanichaa irrattis nama oduu ija qabu natti odeessu barbaacha hagam akkan raafamu natti mul'ata. Amma akka yeroo sanaa hamaamotaa fi hordoftoota hin barbaadu. Amma hiriyootan barbaada. Amma kanin barbaadu qoosaa mucaa dubaraa, tapha, walumaa gala fedhii namummaa isheen qabdu kan dinqisiifataniif, michoota bilchaatoo dha. 
Dhugaadha, haala kanaan ulaagaa kiyya yoon cimse akka durii wacni naannoo kootti baay'atu hin jiru. Kana sirriittan beeka. Kanaaf rakkoon hin jiru. Xiqqoos yoo ta'an michuun si maadalanii fi haqummaa isaanii eeggatan argannaan maal barbaadda?
Garuu waa'ee 1942 kanin sitti hime hunduu akkuma jirutti ta'ee yeroo sanattis taanaan gutummaa guutuutti gammadduu dha siin jechuu hin danda'u. Darbee darbees yoo ta'e guyyaan na mukeessuu fi of na jibbisiisu ni jira. Garuu guyyicha gutuu asii fi achi osoon utaaluu waanin ooluuf mukuu sana ofan dagachiisa. Takka takkaa ta'e jedhee takka takkaa immoo osoo hin yaadiin qoosaawwan, qirixxeewwaan, baacoowwan fi kkf niin ture miira duwwummaa natti dhagahamu kanin of keessaa ari'u. Amma garuu waa'ee jireenyaas ta'ee waanan gochuu qabu ilaalchisee of eeggannoo guddaanan itti yaada. Eeyyee kiitii, Dabareen jireenya koo xumurameera. karaa tokkoon xiyyoorra ga'eera. Yaaddoo tokko malee kanin itti gandhaalaa ture guyyoonni mana baruumsaa keessaa sun akka hin deebinetti sokkaniiru. 
Guyyoonni sun akka tibba duraa na yaachisuun haa turuutii dhamdhamni isaanii iyyuu maal akka ta'e dagachuu danda'eera. Amma eenyummaa koof jecha jireenya nyaarguuruu barsiifadhe waliin wal dhugee jiraachuunis na dhibaa jira. Jireenya koo waggaa lama dura ture leensii baay'ee guddisuun ilaalaan jira. Mana abbaa fi haadha kootti biiftuu ganamaa caalaa jireenya ifuu fi namattolu keessan ture. Sana booda immoo 1942tti gara bakka kanaan dhufe. Waantonni sun hundinuu akka tasaa jijjiiraman. Mukaa dhagaa duukaa walitti bu'uu, qoccolloo, oriisaa isaa, wal afaan darbuu isaa, qofa maal siin haa jedhu? hunduu hubannaa kiyyaan ol ta'e. Tasa kiyyoo hin yaadne keessatti kufeen of arge. Kanaaf tilmaamnin ofiikootiif qabu sababii dhiibbaa namoota biroon akka hin jeeqamne, mirgi kiyya hin dhiitamne, kabajni koo osoo hin uggamiin, akkasumas maaliyyuu caalaa kanan ittiin boonaa ture eenyummaan koo xiyyoon isaa illee osoo hin tuqamiin, jechuunis akkuma haala duran tureen itti fufuuf carraan tokkichi ani qabu ture maal seete? Kan ija natti babaasetti ija babaasuu. Kan natti iyyetti iyyuu. Kan na arrabse arrabsuu. Eeyyee, eenyuyyuu haa ta'u eenyu karaa malee dhiibbaa natti uumuuf yoo yaale yeresuma gochaa sanaan gitu deebisuufiidha. 
Waa'ee 1943 hirtee waggaa duraa mee xiqqoo si haa yaadachiisu. Guddinni miira kophummaa booyi booyi, iyyi iyyi, naan jechaa ture, na joonjessee na liqimsuuf kan ture akkuma jirutti ta'ee, garuu kana caalaatti guddatanii kan mul'atan balleessaawwan koo fi hir'ina koo walii galaa suuta suutaan ilaalaa dhufuu koo fi kan biraa kan biraas. Fakkeenyaaf guyyoota baay'ee kanin dabarsu waantota keessa kootti yaadu waliin walitti dhufeenya waan tokko illee kan hin qabne odeessuun ture. Aabbaa gara kiyyatti harkisuufis yaaliiin ani godhe salphaa hin turre. Akka hawwii kootti naa hin milkoofne malee. Waan hundayyu qophaa koo dhiibuun qaba ture Kiitii. Eenyummaa kiyya jijjiiruuf baay'ee hojii rakkisaa, sigiga jireenyaa nafudhatee deemuuf jedhu, dhiibbaa haga kanaa narraan gahe kophaa kiyya sirreessuuf gargaarsa namtokko malee dhiibeera. 
Baruma sana hirtee waggaa isa walakkaa booddee haalli jiru hagas mara yoo ta'uu baates waan foyya'e dha jedhamuu ni danda'a. Yoo xiqqaate anaan akka daa'imaatti na ilaaluu isaanii xinno naa hir'isaniiru. Hahaha...... si dhiba kiitii!,  Walakkaa ganna tokkoo keessatti maali fi hagam akkan itti jijjiirame hin beeku, akka uwwaa guutuu tokkootti na ilaaluu jalqabanii turan. Waa'ee waantota baay'ee yaaduu fi asoosamoota tokko tokko barreessuus kanin jalqabe baruma kana. Sirumaa bara sana gara dhumaa immoo isin ofiin jechuun jalqabe. Eenyuun isaanii iyyuu akka duraa akka kubbaa Hindii olii gad na oofuun hin eeyyamamuuf kan jedhu murtii dhumaarran gahe. Of jijjiiruuf fedhii mataa koo qofa irratti hundaayen yaalii gochaa jira. Tibba sana maaltu akka na naassise beektaa kiitii? Dhugaa hadhooftuu tokko hubachuu kooti. Maal jettee na hin gaafattuu? Of caalaa kanin jaaladhu aabbaa kiyya icciitii hunda akkan itti himuu hin dandeenye dha. Eeyyee kiitii, ofii koo irraan kan hafe eenyuuniyyuu amanuun yeroo itti natti ulfaatedha. 
Waggaa isa lammaffoo (1944) jalqaba irra immoo jijjirama guddaa gara biraa tokkon arge. Maal akka ta'e tilmaamtee kiitii? Abjuu koo sana dha. Hiriyaa ijoollummaa koo Piiter Waseliin kanan ittiin arge. Hiriyaa koo dhiiraa ta'uu isaa yeroo duraaf kanan ittiin bare. Ana irraan kan hafe eenyutti iyyuu kan hin mul'annee gammachuu keessoo koo fi miirota keessoo koo dhugaa dhoksuuf akka maandhee jabaataa tokkootti itti fayyadamaa kanan ture ogummaa  koo yeroo baay'een itti yaade. Kun hunduu yeroo ta'u guyyaatii gara guyyaatti callisummaan koo dabalaa deemuu fi keessa kootti guddachaa kan dhufan waantonni bareedoo ta'an hundaa fi gaarii ta'aniif fedhiin daangaa hin qabne na keessa jiraachuu natti beekamaa dhufan. 
Kanaaf Kiitii too, amma galgala galgala siree koorra ergan ciisee booda, yeroo kadhataa koorra yeroon gahu  jedhee yeroon ka'u waan hundi koo dharraa bayinsaan guutama. Jechi tokko tokkoon isaa hiika naaf kenna. Yeroofis yoo ta'e oriitoo hamummaa na fudhatee sokkuuf fooggolu jalaa dhokachuu danda'uun koo Gaarii ta'uu dha. Fayyaa koo fi qaalayinsa Piiter. Aniis ta'ee Piiter hanga ammaatti maqaa itti kennuu kan hin dandeenye miirri addaa nu gidduutti uumamaa jiru Bareedina dha. 
Amma kanin yaadaa jiru weerara hadoochaa addunyaa weeraraa jiru osoo hin ta'iin, cina adduunyaa bakka hadoochaan kun hin geenye dha. Anii fi harmeen guutummaa guutuutti waanti ittiin addaan baanu keessaa inni kun isa tokko dha. Fakkeenyaaf harmeen osoo ati teessee yaadaan dhidhimtuu fi cinqamtuu yoo si argite gorsi isii inni jalqabaas ta'ee jajjabeessuun ishii inni dhumaa Yaadaan hin dhidhimiin, hin cinqamiinis, hin dhiphatiinis, inumaayyuu Lammiilee keenya akka baalaa harca'aa jiranii fi addunyaa waraanaan hunkuramaa jirtu kana ilaali. Waaqas galateeffadhu kan jedhuu dha. Gorsi kiyya immoo Dhaqii gara moocii bal'aa fi ol ka'aatti achi ba'i. Akka bakka hunda arguu dandeessuttis asii fi achi ilaali. Biiftuu ifa ishee xiqqaa guddaa, mukaa dhagaa, kan lubbuu qabanii fi hin qabne osoo hin jedhiin ibsitu daawwadhu. Ammas gara alaatti achi ba'i. Gara keessa kee fi gara uumaa kee ilaali. Eeyyee gara keessa kee gadi fageessii ilaali. Gara uumaa keettis ol fageessii ilaali. Keessa keetiis ta'ee naannoo keetii waantota fagaatan irraanfadhu. Waantota gaggaarii keessa kees ta'ee naannoo keetti hafan ilaalii gammadi. Kana gochuu yoo dandeesse gammachuun sirraa fagaatee ture siif deebi'uuf ni dirqama
Dhuguman siin jedha Kiitii too. Jechamni harmee akkamitti sirrii ta'uu akka danda'u naa galuu hin dandeenye. Turi akkamitti dha ati hiraara keessa osoo jirtuu waa'ee hiraara biraa yaaddee kan of jajjabeessitu. Kana yoo geete sirumaa sii dhume jechuu dhaam. Isarrawoo isa ani jedhe kana osoo gootee deebistee of argachuu dandeessa. Waaqayyoonis ni argatta. Kana yoo goote qofaa dha daddaaquun kee hafee madaallii kee eeggattee kan ati jiraattu. 
Asirratti haqni wal nama hin falmisiifne tokko  jira. Ofii isaa kan gammadaa ta'e hunduu akka gammadan ni godha. Akkasumas onneen sabummaa isaa guutuu kan ta'ee fi amantiin afuura isaa cimee kan dhaabate yoomillee yoomillee essayyuu yoo jiraate coolagee hin hafu. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Tibba kana immoo iddoo tokko adabadhee taa'uu iyyuu dadhabaan jira. Eeyyee sadarkicha bu'uu dha. Sadarkicha ba'uudha. Kutaa tokkoo gara kutaa tokkootti  osoon raafamuu, baaxicha ba'uu dha. Ammas bu'uu dha. Obbobbosh na dhiisi Kiitii too. Piiter duukaa odeessuun akka tokko na hawwisiisaa jira. Garuu immoo gituma sanaan tarii isan jeeqe ta'inna kan jedhus na sodaachisa. Piiter waa'ee jireenya isaa darbee hanga takka natti himeera. Waa'ee maatii isaas ta'ee waa'ee mataa isaa jechuu kooti. Haa ta'u malee hangaan quufutti natti odeessee hin beeku siin jechuu nan danda'a. Yeroo mara maal qaba osoo dhaabuu baatee jedhee osoon yaaduu dhaaba. Sababii kanaatiif gaaffiin ani yeroo mara of gaafadhu guddichi tokko jira. 
Hanga inni dandamachuu dadhabuutti waccuu akkan ta'e carraa tokkoon natti himee ture. Anis waa'ee isaaf waan natti dhagahame itti himeen ture. Callisaa fi fajajaa akkanni ta'e jechuu kooti. Ani gama kootiin isa kana dhiiseera. Inni garuu Ilaalcha naaf qabu ture sana jijjiireere moo akkuma jirutti jira kan jedhu gaaffii kiyya ta'ee itti fufeera. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Har'a maal nyaachuuf akka jirru si haa himu. Akkasumatti itti buhaartaa laata jedheem malee odeessuu mitii yaaduu iyyuu hin barbaadun ture. Ammaa nyaata har'aa yeroon siif barreessullee afaan koo fi funyaan koo uffata urgooftuu dibataa dibameen ukkaamseeni. Urgooftuu dibataa as dhufuu keenyaan dura bitame jechuu kooti. Sababiin isaa maal sitti fakkaata? Dhiisi dhiisi Kiitii tasuma waan tilmaamuu dandeessu miti. Kanaaf ani ofii koo jalqabaa kaasee sitti haa himu. 
Namoonni kooppoonii soorataa nuu ergan naazotaan qabaman. Kanaaf amma harka keenya kan jiru kaardii reeshinii afurii qofa. Kaardii kana afran qofaan nama saddeet taanee jiraachuu kan dandeenye gargaarsa kooppoonii kanan ture. Mana kana zayitin hin jiru, ashaboon hin jiru. Dhadhaan hin jiru. Maaloon hin jiru, waan goonu dhabnee ija walitti sii babaasne kaa. Kana irratti Meeppees ta'ee obbo Kireeler waan dhukkubsataniif gara hojii isaaniis ta'ee gara keenya erga dhufuu dhiisanii guyyoonni darbaniiru. Obbo Kuubbeesis bakka Meeppee fa'is haguugee waan hojjetuuf yeroo dhabe ta'ee hin beeku baay'ees nu gargaaruu hin dandeenye. Egaa gabaabaatti natti himi yoo naan jette haalli walii galaa mana keenya keessa jiru baay'ee baay'ee nama jibbisiisa. Bor irraa jalqabee immoo ittuu nama hadoocha. Nyaannis akkasuma. Sababiin isaas dhadhaa jedhi, zayitii jedhi, akkasumas mi'eessituuwwan tokko tokko hudduu qodaa soofnee hurgufnee hunda isaa fixnee har'aaf hojjenne. 
Yeroo hunda ganama ganama daabboo qusachuuf jennee moseen nyaannus dhamdhama muka muka jedhuun bakka bu'eera. Aadde Faandaan rakkinaan akka nuun hin dhumneef aannan kireemii isaa wajji saamsameeru irraa xoqqoo itti cobsiti. Si dhiba inniyyuu jalaa dhumaa jira. Kanas ta'e sana gara ijoo keenyaatti siin deebi'aatii irbaanni keenya har'aa maal seete? Harmeenfaa guyyaa hammaateef jedhanii waggaa dura taanikaa keessatti saamsanii kan kaa'an shoorbaa  raafuu dha. Afaan koo fi funyaan koo uffata urgooftuutiin marachuun koo maaliif akka ta'e amma siif galee? Raafuun taanikaa keessatti saamsamee waggaa tokko ture hagam akka ajaawuu fi dhangaggaawu qooqa kamiinuu ibsuun nama rakkisa. Hagasi maalan siin jedha?..... Hanqaaquu ajeessaa argitee beekta mitii? Isa yoo beekte inuma beekta. Sitti haa agarsiisu, raajii jibbisiisaa akkasii nyaanni qabu akkam akkanni ta'uu malu. Nyaachuu haa turuutii yeroon waa'ee isaa yeedu ol na jedha. 
Yeroon ol galee fidu immoo moseeleen keenya dhukkuba nuun kanaan dura hin beekneen kan hubamaniidha. Si dhiba, Mosee guuboo tokko guutuu keessaa walakkaa guuboo kan ta'u nyaataaf kan ooluu danda'u hin argamne. Kan hafe hoo naan hin jettuu? Inni hafehoo irbaata gemmii ta'eera. Isa gubuuniyyuu hojii dabalataa guddaa tokko dha. Kan hubamee fi hin hubamne adda baasuun hojiin waliinii garuu waanta nama bohaarsu tokko qaba. Fakkeenyaaf kan ati hubameera jettee gattu inni tokko immoo fuudhee hin hubamne jedhee kaa'a. Akkasuma atis dabaree keetti isa tokko hubameera jedhee gate fuutee hin hubamne jettee keessa. Hin duutaaree? Namni gate sun hubameera sababa ittiin jedhe dhiyeeffata. Sababa quubsaa yoo dhiyeesse ni gatama. Yoo ta'uudhaa baate garuu warra nyaataman keessa bu'a. Kanaaf takka takkaas sagalee caalmaatiin ni mirkaneessina. Egaa carraan fuulduree Moseewwanii veetoo Paaweriinis ni  murtaa'a. Veetoo Paaweroonni eenyufaa akka ta'anis atumtuu ni tilmaamta. Harmee fi aadde Faandaani. 
Oo Kiitii..... Waggaa afraffaa isaa kan qabate waraanni addunyaa lammaffaa kun raafama dinagdee fiduun nama nagaan mana isaa jiru irratti iyyuu dhiibbaa guddaa yeroo fidaa jiru kanatti kutaa icciitii keessa haala kanaan jiraachuun qoosaa sitti hin fakkaatiin. Maal qaba akkuma godhu godhee osoo yeroo hiraarsaa kana irraa nu obbaafachiisee? Sirumaa hadhaba dandamachuu hin dandeenye keessa seennee jirra. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Har'a haalli qilleensaa baay'ee baay'ee namatti tola. Dandeettii jechaan ibsuu koo irra daran bareeda. Kanaaf daqiiqaa keessatti gara baaxichaatti ol bahuufani. 
Maaliif akka Piiteritti akkan hin tasgabboofnee fi maaliif kan naa maluu olitti akkan dhiphadhu reefu naa ife. Inni akka barbaadetti kophaa isaa yoo barbaade keessa taa'ee kan yaadu, Kan tilmaamu, kan itti boqotu kutaa mataa isaa qaba. Ani garuu kutaa waliinii sana keessa takkaa cinaa tokko, takka cinaa takkatti osoon ingulaalamuun oola. Umriin obbo Duseeliif haa ta'u malee guyyaa guutuu kutaa koo keessa hudumamee yeroon ani kutaa tiyya kanatti dabarsu waattuu akka hin galle godheera. Haa ta'u malee kophaa kiyya kutaa too keessa yeroon itti taa'ee qaxabu baayyee na hawwisiiseera. Yeroo yeroon gara baaxiitti ol bahee kophaa kiyya taa'ee kanin qaxabuufis kanaaf. Baaxii calliinsa qabutti ol bahee si duukaa yeroon haasa'u dha kanin xiqqo shikifii argadhu. Yeroon siin jedhu, yeroo xiqqoo sana keessatti dha, kanan Aanaa ishee dhugaa sana ta'u. Ammas taanaan kan ta'e haa ta'u malee waa'ee koof gadduu fi boo'uu hin fedhu. Isarrawoo cimtuu, garaa bal'attuu fi kutattuu ta'uu dha kanin fedhu. 
Galata isaa miseensonni mana icciitii kan hafan waa'ee miira keessoo koo hin beekan. Beekuus hin danda'an. Walitti dhufeenyi ani harmee waliin qabu qabbanaa'aa deemuu isaatiin miira kiyyaa dhoksuu dadhabuu irraan kan hafe jechuu kooti. Garuu miirri ani aabbaafis qabu akka duraa sana gadi fagoodha siin jechuufis ija hin jabaadhu. Maargootis yoo taate waan keessoo koo jecha tokko itti hin dubbadhu. Gidaara mataa kiyyaa keessatti lammiilee kiyya wajji jiraachaan jira. Maaliyyuu caalaa kanin itti yaadaa jiru maal seete? Eenyummaa koo alaan mul'atu kana eegee tursiisuun qaba. Waraanni keessakootti deemaa jiru aammallee mo'ee itti fufeera. Eeyyee fedhii kiyyaa fi sammuu kiyya gidduuttii waraanni hamaanii fi walirraa hin cinnee adeemsifamaa jira. Kanas eenyu akka hin barre nan barbaada. Haga ammaattis wal waraansa sana irratti olaantummaa argatee kan jiru sammuu kooti. Garuu gara teellaa fedhiin koo olaantummaa isaa yerootti gonfatu ni dhufa ta'aa? Takka takkaa kun ta'uun hin hafu kan jedhu sodaan qaba. Takka takkaa immoo maal qaba osoo akkas ta'ee akka garaa koo osoon fandalalee jedheen hawwa. 
Oo....  Kiitii, haala akkam nama cinqu seete? Yoomi laata waan onnee koo Piiteritti buruksee himee kanin boqodhu. Garuummoo jalqaba karaa isaa dhufuu qaba amantii jedhuun hidhameen jira. Malee itti himuufis ta'ee gochuuf waanin barbaadu kun hagam keessoo kootti summuugamee akka jiru ana qofatu beeka. Fedhii tiyya tokkoon tokkoo isii abjuu kootiin jiraadheeraam Kiitii too. Garuu kunoo yeroon ni dhufaa, ni darbaa, barris akka fo'aatti taraaramee dheerata malee abjuuwwan koo keessaa tokkoyyuu dhugaa hin taane. Nama hin dhukkubuu Kiitii too. Carroomuu dhabuu hin fakkaatuu?
Eeyyee, Aanaa jechuun mucayyoo durbaa maraattuu tokko dha. Kun tasuma dhugaa ani waakkachuu hin barbaannedha. Garuu immoo Aanaan maal haa gootu? Nama sammuu dhabde yoo taates maal nama ajaa'iba. Bara durbummaa qushuna kana kan dabarsite, bara sammuu darbaa kana keessadhaam. Jiraachaas kan jirtu asuma mana sammuu darbaa kana keessa, haala sammuu darbaa kana keessaam bar!. 
Kanas ta'e sana kiitii, cittoo sana kan naa kenne Waaqayyoo waan na hin dhowwanne tokko qaba. Innis qeensa adda ta'e tokko dha. Innis kan narakkises ta'ee kan na dhiphise hunda barreessuu danda'uu kooti, Malee yoona qaata naa dhumee ture. Waan kana hundaaf Piiter yoona maal yaada laata? Haa turu haa bulu malee guyyaa tokko waan hunda ifaa ifatti ni haasofna kan jedhu abdiin qaba. 
Dubbii keenya irratti Kiitii too, mucichi waa'ee koo waanti adda ta'e tokko galeefii waan jiru natti fakkaata. Sababiin isaas inni ammayyuu Aanaa ishee namoonni bakkeetiin beekan yaada natti fakkaata. Namni akkas naamusaa fi calliinsa qabu akkamiin intala akka koo waccuu kanaan qalbiin isaa butama. Uu'uu.... Kan natti mul'ate sunimmaa ta'uu qaba. Aanaa ishee dhugaa baruu qaba malee Aanaa ishee irra keessaan beeku qofa ilaaluu hin qabu. Dhuguma koon siin jedha Kiitii too. Aanaa ishee dhoksaa fi ishee dhugaa mil'uumaanillee argee yoo ta'e, of dhoksuuf keenyan yabbuu ani ijaare baqaqsee Aanaa ishee gadi fagoo fi dhugaa arguun Piiter nama jalqabaa ta'a. Amma gaaffiin guddichi maal seete? Aanaa ishee dhugaa arguuf keenyan sana tarsaasuu fi dandeettii gadi fageessee arguu horachuuf yeroo baay'ee itti fudhataa laata? Kan jedhu dha. 
Kan biraa waanni na yaachisu,  kan jedhu jechamni durii wayii tokko jira mitii? Kan koos akkas yoo ta'e hoo? Sababiin isaas yeroo hunda gituma ofiin gadduun Piiteriifis gadda. Ani immoo kiyya kun namaa gadduu osoo hin ta'iin jaalala akka ta'un barbaada. 
Ammas dhuguman siin jedha, ani nan jalqaba osuman jedhee iyyuu maal jedheen jalqaba? Isatti immoo hagam akka ulfaatu atumti tilmaami. Uuuyi wanna kana berreeffamaan isaa ibsuun osoo natti ulfaatuu baatee akkam natti tola ture? Afaaniin immoo tasumaayyuu hin yaadamu. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Mana icciitii kana keessatti aara galfii madaalawaan ni mul'ata. Meeppee fi obbo Kireeler faa dhukkuba isaanii irraa dandamatanii akkuma duraa gara keenyatti deddeebi'uu jalqabaniiru. Kanaaf wanni hunduu waan iddootti deebi'e fakkaata. Eeyyee anii fi Maargoot dhiibbaa maatii keenyaan hadheeffachuu irraan kan hafe iddoo duraatti deebi'eera. Gara biraatti na jalaa hin hiikkatiin malee Kiitii, haala amma jiruun harmee duukaa walitti dhufeenya waaraa irra akka gahuu hin dandeenye atuu ni tilmaamta. Wanti ati dagachuun irra hin jiraanne tokko jira. Aabbaatiin ammayyuu akkuma durii sanattin isa jaalladha. Maargootis yoo taate jaalalli aabbaa fi harmeef qabdu hin hir'anne. Rakkoon jiru garuu umrii koo fi umrii Maargoot yoo geesse, yoo xiqqaate waantota muraasa ofii keetii murteessuu fi karaa mataa kee deemuu qabda. Yoo xiqqaate waantota muraasa irratti dhiibbaa eenyuuyyuu malee murteessuu ni feeta. Bilisummaa kee kana yeroo si saaman hadheeffachuuf ni dirqamta. 
Fakkeenyumaaf jecha waan muraasa siif haa himu. Gara kutaa Piiter yookaan gara baaxiitti ol bahuuf akkan jedhu yoo dammaqan sababii maaliif akkan deemun gaafatama. Dhiyaana koo irratti ashaboo dabaluun naaf hin eeyyamamu. Yeroo hunda galgala galgala sa'aa lamaa fi kurmaana irratti uffata guyyaa baasee uffata halkanii koo akkan uffadhu harmeen na akeekkachiifti. Tokko tokkoon kitaabota ani dubbisuu qabiyyeen isaa ni sakatta'ama. Wa'ee isa kaanii egaa ati tilmaami. 
Dhugaa dubbachuuf to'annoonni hagas mara kan ciman jechuu barbaadeetiin miti. Kitaabota ani dubbisuun wal qabatee barsiifata isaanitti ta'ee malee keessumaa amma amma immoo kitaabonni ani dubbisuun naaf hin eeyyamamne baay'een hin jiran. Anaa fi Maargoot akka hadheeffannu kan nu godhe, hojii hojjenne hundaaf guyyaa guutuu ilaalchota kennamanii fi gaaffilee dhuma dhablee nutti darbatamanii dha. 
Kanaa addatti immoo keessumaa waan anaan ilaallateen. Maatiin keenya waan itti hin gammanne tokko jira. Maalidha naan hin jettuu? Yeroon rafuuf jedhus ta'ee yeroon hirriibaa ka'u kanin isaan dhungachaa ture barbaachisummaan isaa hagas mara ta'ee waan natti hin mul'anneef si'a baay'ee keessaa si'a tokko qofan godha. Sitti haa agarsiisu mee, mana icciitii mandhee sinbirroo kana keessatti saamsamtee oltee fi bultee al sagaltamii sagal wal dhungachuun gatii waan qabu miti. Inni biraan immoo wal maseessuu gosa kamii iyyuu haa ta'u, eenyuniyyuu masootiin waamuu dhiiseen jira. Otoo itti yaaddee dhugaatti kan nama ajaa'ibuudha. Maseessee waa'ee masoomaa sanaaf miirri jiru maseessuu sana duukaa kan wal madaaluu fi kan wajji deemu hanga hin taanetti maalidha hiikni maseessuu? Qofa gabaabaatti Kiitii, osoo haala ilaalanii akkan qobaa ta'uuf naa eeyyaman fedhii kooti. Dubbii keenya keessatti waanti amma haasa'aa jiru kun yoo sirra gahe malee guddinni haala keessa jirruu siif galuu dhiisuu danda'a. Garuu waan akkam qoraa seete? Obsishee hammaaramee kan hin dhumne Maargoot illee kaleessa galgala maal naan jette seete? Namoota kana inuman dadhabe, maalidha akkas nama cinquun? Xinnooshee yoo hiixatte yookaan afuura dheeraa yoo baafatte 'nagaa mitimoo?' Obbobbosh,  tokko tokkoon sochii keef sababaa fi ibsa kennuu qabdaa? Isĥee... amma hoo inuma baay'isan
Gara iddoo kanaa dhufuu keenyaan dura walii galteen sun hunduu fi walii yaaduun keenya maaliyyuu yoo dhufe qilleensa kan hin gashine fakkaachaa ture sun, suuta suutaan akka callee citee yeroo faffaca'ee badu arguun keenya, anaa fi Maargootiin baayyee kan nu naassisee dha. Kana hundaaf sababni osoo hin jaalatiin dirqamnee ajajaa fi to'annoo warra keenyaa jalaa finciluu dha. Kana yeroon jedhu maal jechuu koo seeta? Haalota bakkeetiin mul'ataniin nuti akka daa'imaatti ilaalamna. Garuu bilchina keessoo keenyaan nuti warra umriin baay'ee nu caalan iyyuu baay'ee bira dabarreerra. Fakkeenyaaf ani reefu waggaa kudha shanaffaa koodha. Garuu immoo waanin barbaadu sirriittin beeka. Eenyu akka dogoggoree fi eenyu akka sirrii jiru sirriittan beeka. Ilaalcha kan mataa koo nan qaba. Yaada fi qajeelfama jireenyaa mataa kiyyaa nan qaba. Eenyufiyyuu yoo liqimsamuu baate ani akka nama guddaa tokko fi nama guutuu tokkoottin of lakkaa'a. Eeyyee dhiibbaa eenyuun malee mataa kootiin akkan dhaabadheettan of lakkaa'a. 
Marii kam irratti haala harmee irra wayyee fi karaa amansiisaa ta'een dhiyeessuu akkan danda'u nan beeka. Akka ishee beekumsa wal hanqatteen akkan hin sakaalamnes nan beeka. Akkashee haalota gurra hin guddisu. Ishee wajjin iddoo ejjennoon adda baanuttis yeroo baay'ee ani sirrii akkan ta'e miira namoota nu bira jiranii fi ilaalcha isaan calaqqisiisan irraa hubachuun ni danda'ama. Egaa Kiitii yoo kolfites kolfi malee ani harmeetiin waan baay'een nan caala. Salphumatti kanan siin jechuu barbaade eenyuyyuu haa ta'u eenyu onnee koo irraa yoon jaaladhe, maalirrayyuu waantin barbaadu tokko jira. Innis  maali yoo jette 'nama sanaa dinqisiifachuun qaba.' Waan tokkoonis ta'ee waan biraa isaatiin dinqisiifachuu fi kabajuun qaba. Waan hundafuu Piiter harka koo naaf haa galu malee hunduu gaarii ni ta'a amantii jedhun qaba. Sababiin isaas inni waantota isaaf dinqisiifadhu hedduu qaba. Eeyyee Kiitii Piiter mucaa amala qabuu fi mucaa baay'ee namatti toluu dha.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Guyyaan kaleessaa guyyaa tiyya jechuu nan danda'a. Piiter duukaa ifatti haasa'uuf murteesseen tureeyyuu yeroo dhiyaanatti dhiyaachuuf jennu, Har'a qo'annaa kitaabaa qabdamoo Piiter? Jedheen gaafadhe. Lakki hin qabuu ture deebiin isaa. Gara boodaarra yoon si dubbise sitti tolaa? Jennaan innis itti walii galuu isaa naa ibse. Sa'aa afurirratti qodaa miiccuun akkuma raawwateen haala qorachuuf gara kutaa warra Piiter dhaqee foddaa irra dhaabadheen baay'ees osoo hin turiin gara kutaa Piiterin seene. 
Yeroon ol seenu Piiter gara handaaraatti siqee foddaa jala taa'ee na eegaa ture. Akkuman ol galeen anis gara mirgaa dhaabadheen oduu keenya jalqabne. Akkuma yeroo hunda goonu aduu keessa teenyee haasa'uurra, kutaa dukkanni dimismiseesseeru keessa teessee marii'achuun akkam namatti tola seete? Piiterittis akka tolu abdiin qaba. 
Egaa waan baay'ee natti odeesse, anis waan baay'ee ittan odeesse. Baay'ee baay'ee waan baay'ee haasofne. Amma waan haasofne hunda sitti himuu hin danda'u. Garuu kan ati tilmaamtuun oli kan namatti tolu ture. Akka edaa galgalli natti tole fi natti mi'aahe erga as dhufnee kaasee hin turre. Waan haasofne keessaa karaa si qabsiisuuf waan xiqqoo keessa keessaa sii haa tuttuqu. Jalqaba irratti, mana keenya keessatti wal mormuu yeroo dhiyoo as uumamee fi ani haalota karaa adda ta'een akkan ilaalu ittan haasa'e.  Itti aansee immoo waa'ee walii galtee dhabuu nuhii fi maatii keenya gidduu jiru dha. Waa'ee koo, waa'ee harmee, waa'ee aabbaa fi waa'ee Maargoot bal'isee ittan hime.
Osooma haasaa ho'aa keessa jirruu iddoo ta'erratti Piiter addaan kutee Ani hangan beekutti galgala galgala yeroo gara mana ciisichaa keessan deemuuf adda baatan wal dhungattanii adda baatu mitii? Jedhee na gaafate. 

Waanti nuun hin odeessine maaltu jira? Akka odeessine sanattin sitti himaa jiraam! Anis ta'e inni maatii keenyatti afuura baafachuuf rakkoo akka qabnu. Addatti immoo maatiin isaa inni waan garaa isaa akka mariissisu akka fedhan fi inni immoo fedhii akka hin qabne. Gama kiyyaan immoo hanga onneen koo diigamuu fi iji too haga baddutti halkanoota hirqinfadhee boowuun ani dabarsu. Inni baaxii sana irratti waa'ee uumamuu isaatiif yeroo itti of abaaru. Anii fi Maargoot reefu walii keenya baruu akka jalqabnee fi akkasis ta'ee ammas sadarkaa waa hunda walitti himuu irra akka hin geenye. Gabaabumatti Piiteriin akkuman isa yaade ta'een arge. 
Sana booda immoo waa'ee 1942 haasofne. Eenyummaan keenya yeroo sanaa fi inni ammaa hagam akkanni adda ta'e. Waqtii gara asii dhufnu ilaalchi walii keenyaaf qabnu akkam wal dhahaa akka ture. Jechuun koo anis akkaamitti isa tilmaamaa akkan ture fi innis akkamitti na tilmaamaa akka ture. Qerqeree ishee dhumaafii saballaqxuu akkan itti fakkaachaa ture. Innis yoomillee kan natti hin mi'oofnee fi walii galuuf abdii kanan irraa kute ta'uu koo. Maaliif akka dargaggeessa kamiiyyuu natti siiquu fi jaalalaaf na akka dhiise, amma amma garuu kana gochuu dhiisuu isaatti akkan gammade fi waanuma alle, waanuma alle. 
Garagarummaan nu gidduu jiru ani waccuu ta'uu koo fi inni callisaa ta'uu qofa haala nama jechisiisuun, anis taanaan tasgabbii fi nagaa kanin jaaladhu ta'uu koo, Yaadannoo tiyya irraan kan hafe maaliyyuu fi eenyu iyyuu kanan hin qabne ta'uu koo. Kkf ittan hime. Kan biraan immoo waa'ee walitti dhufeenya maatii isaas ta'ee waa'ee cinqama isaa isa gargaaruu akkan barbaadu ittan hime. Yeroo hunda akka na gargaartetti jirtaam naan jedhe. Yeroo jettu, maaliini kan an si gargaaraa jiru? Jedheen gaafadhe. Maaliin siin haa jedhu?,... Kolfa kee booji'aa sanaan, Amala kee gammachiisaa sanaan 
Dhugaa dubbachuuf jechoota Piiter waa'ee koof dubbate keessaa kan garaa na nyaate jecha kana. Hammuma kanaayyuu natti dhiyaachaa dhufuun isaa waan namatti tolu dha. Maalumaafuu Kiitii yeroof kunuu si gaha. Hagam akka natti tolee jiruu fi hangam akkan gammade salphaatti si ibsuu hin dandeenye. Dubbii keenya keessatti tooftaan haala barreeffama koo kan durii irraa gadi bu'aa akka ta'e natti dhagahama. Kanaaf dhiifama si gaafachuun naaf mala. 
Sammuu kiyya keessa waan naanna'u akkuma natti dhufettin sii barreesse. Akkaataa barreeffama koof sirna kennuuf yeroo hin arganne. Kan hafeen anaa fi Piiter icciitii tokko waliin hirmaachaa jirra miirri jedhu natti dhagahamaa dhufeera. Ijoota isaa mil'uu tokkoon qofa waan nama tuqan fakkaataniin yeroo na ilaalu ifti bareedaan tokko dugda koo baqaqsee onnee koo yeroo seenu natti dhagahama. Waan hunduu haala kanaan osoo itti naa fufee fadhii kooti. Waaqayyoo guyyoota akkanaa baay'ee waliin akka dabarsinu nu haa dandeessisu. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Har'a ganama Piiter galgala tokko irra deebiin gara kutaa isaa akkan dhufu na gaafate. Yaaddoon isan jeeqa laataa jedhu akka na  hin galle natti hime. Ani garuu galgala hunda dhaquu akka hin dandeenye, sababbiin isaas kana yoo goone namoonni keenya akka hin jaalanne sodaa koon ibseef. Namoonni keenya jaalatanis jaalachuu baatanis dhimma koo ta'uu akka hin qabne fi dhimma isaanii akka ta'ee natti himee Akkas taanaan anis galagala sanbataa tokko yoon dhufe gammachuu isaa hin danda'u ergan jedhee booda keessumaa galgala jiini jirtu akka na yaadachiisu ittan hime. Dhugaa keeti. Sana booda gara baaxiitti ol baanee baatii sana ilaalaa halkan gaarii dabarsina naan jedhe. 
Kun kanaan osoo jiruu gammachuu koo kan dhuunfachaa jiru humni wayii akka jiru natti dhagahama. Maal sitti fakkaata kiitii? Yeroo dheeraaf akkan xiinxalee fi akkan qoradhetti Maargootis Piiteriin akka jaalattu mirkaneeffadheera. Hagam akka isheen jaalattu tilmaamuu yoon dadhabes baay'ee dhimma na dhiphisaa dhufedha. Lakkoofsumaan kutaa Piiter seenuu fi anaa fi Piiter lakkoofsuma baaxii irratti kophaa keenya wal arginuun dhukkubbii Maargoot dabalaan jira kan jedhu sodaan qaba. Baay'ee kan si ajaa'ibu garuu isheen miirri ishee kun akka irratti dammaqamu tasumayyuu hin gootu. 
Karaa mataa koo iddoo ishee odoon ta'ee inaaffaa dhaan akka dhandaggoo aareen dhuma. Maargoot garuu wanti kun gonkumaa akka na yaachisuu hin qabne fi isheef yaaduu akkan hin qabne qofa irra deddeebitee natti himte. Mana kana keessatti kan qofaa hafe si qofa akka ta'e yeroon yaadu waatu na dhiphisa Maargoot jedhee miira koo ibsuufiin yaale. Hin yaadda'iin Aanaa kophummicha ergan baree tureeraam naan jette afaan baay'ee hadheeffate ta'uun isaa osoo irraa beekamuu. Waan kana Piiter duukaa haasa'uuf yeroof ija jabinni isaa naaf hin dhufne. Egaa tarii gara fuula duraatti nan yaala ta'a. Sana dura garuu anii fi Piiter waan irratti dubbachuu qabnu baay'ee baay'ee qabna. 
Kaleessa galgala harmeen dheekkamsa ishee baratameen na cagadde. Kanuma harka koo naa kennite garuu. Ilaalchi ani waa'ee isheef dhimma dhabuu haga kana guddisuun narra hin turre. Kanaaf ani ilaalcha maalis ta'ee maal ilaalcha kiyyaan ejjennoo koo qabachuu akkuma itti fufetti ta'ee ilaalcha ishees kabajee, ammas irra deebiin itti dhiyaachuuf yaaliin godhu itti fufuun qaba. 
Amma amma aabbaan haga tokko jijjiirameeran siin jedha. Akka na hin ceephaane ana ta'e, akka na hin dhiisnes ana itti ta'e. Maal akka godhu akka isa rakkise irraa beekama. Kun immoo xonno walitti dhufeenyi keenya akka qabbanaa'u godheera. Raajii kiyya naa argitee kiitii tiyya. 
Maalumaafuu ammaaf nu haa gahu kiitii. Amma onnee koo fi qaama koo hundumaa keessa dhiiga koo duukaa kan deddeemaa jiru Oksijiinii osoo hin ta'iin Piiteri dha. Garuu gatii maalii qaba? Ija ija isaa keessa ilaaluu irraan kan hafe waan tokko gochuu hin dandeenye. Waa'ee maargoot waan gaggaarii akkuma sitti himutti ta'ee ragaa tokko siif haa dhiyeessu. Har'a Bitootessa 20 1944 xalayaan kun Maargoot biraa na dhaqqabe. 

Kana irratti walitti dhufeenya osoo jalqabneerra ta'ees walitti dhufeenyi keenya eessayyuu gahuu akka hin dandeenye akka ta'uttiin beeka. Sababiin isaas nama tokko duukaa  haasaa waa'ee baasu marii'achuu yoon barbaade sadarkaa duraa irratti nama sana waliin walii galtee gahaa ta'e qabaachuun qaba jedheen amana. Walii galtee gaafan siin jedhu waanan jechuu barbaade salphaatti kan naaf hubatu, jechoota baay'ee osoo na hin tarreessisiin, isa qinaaxxii fi baaxii osoo na hin buussisiin, yaada koo guutummaa guutuutti kan naa hubachuu danda'u osoo ta'eeti kan natti tolu. Kun ta'uuf immoo namni sun umriin, barumsaan, beekumsa isaan ta'ee sadarkaa ilaalcha isaan na caala jedhee kanin yaadu ta'uutu irra jiraata amantii jedhun qaba. Piiter immoo akkas akka hin taane nan beeka. 
Kanas ta'ee sana Aanaa too, waan kan koo ta'e kan koo akka hin taane waan ati gootes ta'ee waan gochaa jirtu hin qabdu. Waa'ee koof akka of dhiphistuuf sababiin xiqqollee akka hin jirre sii mirkaneessuun barbaada. Ati fi Piiter walitti dhufeenya keessan cimsitanii yoo itti fuftan nama miidha  yaaddoo jedhu keessa tasumaa galuu hin qabdu
Obboleettii kee Maargoot Firaank
Deebii ani deebiseef

Caalaatti sii ibsuun wanti narra jiraatu tokko waan jiru natti fakkaata. Anii fi Piiter akka ati tilmaamte kana walitti dhufeenyi keenya baay'ee kan keessa sokke miti. Piiterii wajjin kophaa keenya turtiilee nuti dabarsinus karaa biraatti akka nu jalaa hin hiikkanne. Jira mitii? dukkana sursurii keessa kutaa Piiter foddaa banaa jala teenyee oduu namatti tulo haasa'uufidha. Yeroon jedhu maaliif naan hin jedhiin malee ifa habanbane keessatti dubbachuuf dubbiin nama rakkisu dimismisa sana keessatti namatti salphata. Dabalataanis, miira keessa kee karaa sirriin wal jijjiiruuf, namoota wacan gidduu taatee wacuu irra adda baatee ususuutu irra salphata. Egaa walitti dhufeenyi koo fi Piiter kanarra kan darbe miti siin jechuu barbaadeeni. 
Piiteriin ija jaalala obbolummaan ilaaluu jalqabdeetta natti fakkaata. Akkuma ani isa gargaaruu barbaadu ati isa gargaaruuf carraa osoo argattee ni gammadda natti fakkaata. Ammoo carraa akkasii argachuudhaaf yeroon si dandeessisu waan dhufu natti hin fakkaatu. Ani fi ati kan yaadne walitti dhufeenya gosa kanaa hin turre. Walitti dhufeenya gaarii gochuufis ta'ee kan guddachuu danda'u gochuuf fedhii namoota lamaanii irratti yoo hundaa'edha. Kanaaf natti fakkaata walitti dhufeenyi koo fi aabbaa eessayyuu gahuu kan dadhabe. 
Kanaaf Maargoot tiyyaa, dhimma kana irratti kana booda maaliyyuu osoo dubbachuu baannee natti tola. Garuu ammas taanaan waanti narraa barbaaddu jiraannaan maaloo naa barreessi. Sababiin isaas anis taanaan jechuuf kanin barbaade hunda akka ta'utti ibsachuudhaaf barreeffamaan naa wayya. 
Maargoot hagam akkan si dinqisiifadhu hin beektu. Dhuguman siin jedha, amma filannoon na hafe gaarummaa sii fi aabbaa keessa jiru yeroo ana keessa jiraachuu danda'u sana eeguudha. Eeyyee gaarummaa waan ilaaleen sii fi aabbaa gidduu garaagarummaan baay'een hin jiru. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Kaleessa galgala Xalayaa Maargoot irraa na gahe.

Dhugumattuu akkuma ati jette Piiteriif miira obbolummaan qaba. Obbolumma gaafan jedhu garuu obbolummaa obboleessa quxusuuti. Dhugaadha, namoonni walitti dhufeenya obboleessummaa fi obboleettummaan walitti dhiyaatan lama wal qaqqabbii yoo itti dabalan guddachuuf sababni isa hin dandeessisne waan jiru natti hin fakkaatu. Egaa yerootti wal qaqqaban gara fuula duraatti ni dhufa ta'a. Feetu immoo yoomillee hin dhufu ta'a. Maalumaafiyyuu ofitti amanamummaan sitti himuu kanin danda'u reefu sadarkaa sana irra kan hin geenye ta'uu isaati.
Kanaaf waa'ee kootiif kan ati itti gadduu qabdu waan tokko iyyuu hin jiru. Carraan kee nama saayiba sii ta'u takkaa sii kenneera. Callisii waan sii danda'ame hundaan of gammachiisuu yaali.
Obboleettii kee Maargoot irraa
Kun hunduu yeroo ta'u garuu haalonni hunduu caalaatti kan wayyanii fi kan miidhagan ta'aa naa dhufan. Aanaan maal jette naan jedhi Kiitii too, manni icciitii kun agarsiisa jaalalaa ajaa'iba ta'e gidduu kana ni agarasiisa. Dubbii keenya keessatti yaanni akka si hin seenne. Piiter faana bultii ijaaruuf yaada hin qabu. Yeroo guddatu nama akkamii akka ta'u hin beeku. Jaalala hanga wal fuudhuutti wal jaalachuun keenyas mirkanoo miti. Ammaaf kanin beeku yoo jiraate Piiter na jaalachuu isaa qofa. Yeroon jedhu duunyaadhumatti akka na jaalatu malee hagam akka na jaalatu illee waanan adda baafadhe hin jiru. 
Piiter kan barbaadu michuu onnee qafa ta'uu mala. Kan na jaallachaa jiru akka hiriyaa jaalalaatti haa ta'uu, akka obboleettii isaatti haa ta'uu, Maalis haa ta'uu maal gara fuula duraatti waanin mirkaneeffadhu ta'a. 
Kaleessa haasaa keenya walakkaatti, Bakka icciitii kana osoo Aanaa baayyeen jiru ta'ee fi akkuma ani gochaa jiru kana yeroo yerootti kutaa kee kan dhufan osoo ta'ee maaltu si liqimsa ? Jedheen gaafadhe. Maal jedhee naa deebise seete? Hunduu akka kee yoo ta'an rakkoo hin qabu! 
Gara kutaa isaa lakkoofsuman deemuun simannaa naa taassisu sitti himuu hin danda'u. Kanaafi gara kutaa isaa deemuu koo akkanni gammadu kanin mirkaneeffadhe. Keessumaa isa sanbata galgalaa yeroon yaadadhu. Kan waliin jenne hundumaaf yeroon yaadadhu. Maal siin jedhu Kiitii too? Yeroo jalqabaaf hadhaayinsi jireenya koo osoo natti hin dhagahamiin galgalan dabarse ture. Intalli maal qaba osoo haalli kun darbee jedhee hadheeffachaa ture, maal qaba haalonni hunduu akkuma jiranitti itti fufanii jedheen hawwe yoon siin jedhe amantaa? Eeyyee Kiitii galgala waan haaraa fi addunyaa addaa itti arge ture. 
Aanaa kee irraa
Deebiin Maargootiif barreesse
Kabajamtuu Maargoot, ani karaa koo callisnee waan dhufu eeguu irraan kan hafe tarkaanfii xiqqoollee nuun fudhachuu dandeenyu hin jiru. Dhuguman siin jedha, ani fi Piiter murtee jala sararamaa irra yeroon geenyu fagoo miti. Itti fufuuf yookiin itti fufuu dhiisuuf jechuu dha. Inni kum akka ta'u tilmaamuuf anumtuu sadarkaa ofitti amanuu irra hin geenye. Garuu raajii kamiinuu gochuun koo kan hin hafne tokko jira. Maalidha naan jedhi. Ani fi Piiter haala amma jirruun yoo kan itti fufnu ta'e waan hunda ifan godhaaf. Jechuun bakka isa dhibe hundatti atis isa gargaaruu akka feetuu fi osoo dandeessee akka sitti tolu ittan hima. 
Kana fudhachuun akka sitti ulfaatu naa galuu dhabee miti. Garuu ammoo maal goota? Anis immoo jaaladheetan miti. Kana irratti Piiter waa'ee kee maal akka yaadu hin beeku.Yeroon isaa gahee hangan isa gaafadhutti jechuu kooti. 
Dhuguman siin jedha kun hin ta'u Maargoot. Inumaayyuu faallaa isaa akka hin taane Maargootii too. Anii fi Piiter yeroo baaxii irras baanu ta'ee kutaa Piiter yeroo teenyu osoo nu bira jiraattee haala jiru nuu mi'eessita. Karaa koo baay'ee dha kan natti tolu. 
Abshir bareedduu koo, guyyaan mankaraarsaan kun haga darbutti akkuma ani gochaa turee fi jiru abdiin kee akka hin cinneef qabsoo jajjabinaa gootu cimsii itti fufi. Salphaa akka hin taane nan beeka. Garuu ammoo maaltu beeka Maargii? Yeroon kee kan ati yaadde sun dursee dhufa ta'a. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Amma haalonni mana hicciitii kana keessa jiran iddoo duraatti deebi'aniiru natti fakkaata. Waaqayyoon haa galatu namoonni kooppoonii nyaataa nuu ergaa turan hidhaadhaa ba'anii gargaarsa isaanii duraa sana jalqabaniiru. 
Kaleessa xiyyaarri tokko naannoo jirru kanatti kufee hunkutaaye. Balaliistonni garuu paaraa shuutiin utaaluu danda'anii turan. Waanti si ajaa'ibu xiyyaarichi mana baruumsaa tokko irratti ture kan inni kufee caccabe. Waaqayyoo oolchaa waan ta'eef garuu barattoonni yeroo sanatti kellaa mana baruumsaa sana keessa hin turre. Kanaaf balaan sun balaa ibidda giddu galeessa tokko fi lubbuu nama lamaa galaafachuu irraan kan hafe balaan hin geenye jedhamuu ni danda'ama. Loltoonni Naazii balaliistota lamaan Paaraashuutiin bu'aa turan osoo isaan qilleensa irra jiranii ture asii ol dhukaasa itti  roobsanii kan isaan ajjeesan. Gochaa hammeenyaan guutame kana kan argan jiraattonni Amisterdaam aariin dhowuu malee waanti isaan hafeeru hin jiru. Kan keenya hin kaasiin. Kan Keenya gaafan siin jedhu kan dubartootaa jechuu kooti. Ana, Maargoot, harmee, aadde Faandaan. Dhiyeenya akkasiin dhukaasa akkas walirra dhuka'u arginee hin beeknu. Akkam akka pherepheramne akkamiinan sii Ibsa? Onneen teenna laphee keenya dhiittee bahuuf wanumti isii hafe hin turre. 
Kan hafeen atihoo akkam yoo naan jette, akkuma barame gara baaxii koo sanaatti ol bahuu itti fufeera. Isaa waliin wal cina taa'ee qilleensa qulqulluu galgalichaa akka garaa koo odoon fayyadamuu fi bakkee fagootti ilaalaa isa baddaa fi isa gammoojjii sonuun araada natti ta'eera. 
Yeroo ani kutaa Piiter seenu obbo Duules fi obbo Faandaan dubbii saballaqinsaa isaan wal harkaa fuffuudhan osoo dhageessee bakka isaanii qaanofta. Nama guddaa jechuun maal jechuu akka ta'e si jalaa balleessu. Kutaa Piiter Godoo Aanaa maqaa jedhu kennaniifiiru. Waanti kun akkam? waliin jedhu. Dargaggoon bara kanaa shamarran kan keessummeessan Godoottii?, Dukkanaanii, hahaha, Sheshesheshe... Kolfanii isaanitti hin hafne!. Kolfanii du'aniiru. Faatii dhabdoonni kun. Gaarummaan isaa garuu Piiter nama cimaa akkamii ta'eera seete? Ga'isa isaaniif jecha afaan qabachiisu itti deebisee afaan isaanii qadaada. Ofumaa kan isaaniin jedha malee kan harmee iyyuu haa caalu. Akka isaanii ifatti ga'isuu haadhiistu iyyuu malee anaa fi Piiter yeroo kophaa turru maal maal akka haasofne osoo itti himnee akka jaalattu haala ishee waliigalaa irraa hubachuun ni danda'ama. Ija jabaattee gaafachuu isaa qofaa dadhabde. 

Takka takkaa inni ofii isaa dhufee gara kutaa isaatti na fudhatee deebi'a. Garuu ol gallee osoo nuun hin taa'iin eessaa dhufeen isaa kan hin beekamne ija laafinni isaa isa irra qubata. Fuulli isaa biluu(Diimachuu), hidhiin isaa hoollachuu jalqaba. Dafquu eegala. Afaan isaa jechoota baasuun isa rakkisa. Dhuguman siin jedha Kiitii, ija laafetti godhee waan na hin uumneef waaqa koo baay'een galateeffadha. Ija laafinni baay'ee miira namatti hin tolle namatti uuma. Garuu immoo gituma sanaan anis rakkoo mataa isaa danda'e nan qaba. Eeyyee Kiitii, isayyuu rakkoo guddaa fi afaan banaa. Fakkeenyaaf haga ammaatti namni bareedduudha ati naan jedhee beeku hin jiru. Yeroon kolfu waan nama harkisu wayii akkan qabu mucaa natti himeen alatti. Egaa kaleessa yeroo jalqabaaf Piiter irraa waa'ee miidhaga koo jajuun na dhaqqabeera. Onneerraa akka tures ofittinamana. Tarii yoo si bashannansiiseef irruma keessa isaa sitti haa himu. 

Sana booda anis dabaree koo faarsuu isaa faarsuutiinan deebiseef. Waa'ee miidhagina isaa qofa osoo hin taane waa'ee waantota inni qabuu, kanin jaalladhuufii tokko osoo hin hanbisiinan tarreesseef. 
Hiriyyummaan keenya boombii tasaa kan itti ta'e namoonni mana icciitii jechoota isaan waa'ee keenyaaf darbatan hunda ni dhageenya. Isaan jecha bishaan fuudhus waan hin dubbanneef nuti bakka itti hin laannu. Waanti tokko garuu na ajaa'iba. Maatiin koos ta'ee maatiin isaa yeroo dargaggummaa isaanii tasuma hin yaadatan jechuu dhaa? Maaliifidha kan koo fi kan Piiter akkas qushuna kan isaanitti ta'e? Dhuguma kootiim Kiitii too, baay'ee baay'ee bitaa isaanitti galeera. Nuti yeroo qoosnu isaan dhugaatti fudhatu. Nuun dhugaa dubbii gaafa haasofnu isaan nutti kolfu. Egaa hin fidiin malee maal jedhama Kiitii too? Hin fidiin qofaadha kan jedhamu. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Tibbana mana icciitii kana keessatti kan mo'e oduu siyaasaati. Ilaalchota tokkoon tokkoon isaanii osoon sii himee natti tola ture. Garuu natti fuudhee oduu siyaasaa na jibbisiise. Tarii oduu siyaasaa jaalatta yoo ta'e mirga kee dhiibuu koof dhiifama. Haa ta'u malee waantonni gara biroon ani sitti himu baay'een jiru. Kanaaf kallattii garuma sanatti siif haa galu. Tokkoffaa harmeen gara kutaa Piiter itti deddeebi'uu koo na dhowwaa jirti. Sababa isaa yeroon gaafadhu Haati Piiter aadde Faandaan inaaffaa mucaa isheen haleelamaa jirti naan jette. Egaa sitti haa agarsiisu Kiitii tiyyaa. Inni lammaffaan immoo Maargoot yeroo barbaaddetti anaa fi Piiter wajji kutaa Piiterittis ta'ee baaxii sana irratti nuu waliin akka argamtu Piiter ishee affeeree jira. Onnee isaa irraa ta'ee, afaanumaaf ta'ee garuu hin mirkaneeffanne. Sadaffaan kallattiin aabbaa bira deemeen Aadde Faandaan mucaa isheetti inaafuun dhimma na yaaddessu dhaa? jedheen isa gaafadhe. Waanan gochaa jirutti hangan amanetti aadde Faandaan inaaftee inaafuu baattee kun rakkoo isheeti malee rakkoo kee miti yaada jedhu naa kaase. Kan hafeen harmeen nyaara guuruu ishee itti fufteetti. Ishees dhukkubni inaaffaa aadde Faandaan ishee qabachuu hin hafne. Aabbaan walitti dhufeenya koo fi Piiteritti waan qabame natti hin fakkaatu. Inumaayyuu walii galuu danda'uu keenya baay'ee waan jaalate fakkaata. Kan Maargoot garuu xiqqo adda ta'a. Piiteriin isheenis ni jaalatti. Garuu isa nuun nu bira koottu jenne sana hin jaalanne. Lama ta'uun haasaaf, Sadii ta'uun qoosaaf isa jedhan sana yaaddi fakkaata. 
Harmeen Piiteriin narraa jaalalli akka qabe mirkaneeffatteetti. Maal naan jetti seete Maali Aanaa ishee ishee akkasii illee nu hin gowwoomsiin. Mucichi jaalala keen qabameera. Maal qaba osoo akka afaan ishee naa ta'ee? Kan biraas waan naan jette tokko qabdi. Akkuma ija sitti babaasetti oola mitimoo? Darbee darbees akka ijaan si tuqu waanin hin argine sitti hin fakkaatiin Egaa maal jedhama Kiitii? Dhugaaf taanaan jechisee sirrii dha. Garuu Piiter akkas akka hin goone gochuun naaf hin danda'amu.
Baay'ee hadhaba rakkisaa keessa seeneen jira. Harmeen ammas irra deebiin natti kaateetti. Anis hin rafneef malee garuu. Waraana sagalee dhabeessa nu gidduu kana ilaaluu jibbaaf jecha aabbaan ija isaa dunuunfateera. Harmeenis haala jirutti akka gaddite beeka. Sababiin isaas baay'ee waan na jaalattuufi dha!. Ani garuu gadduu dhiisii xinnoyyuu hin herregne. Kanas kanan godheef ka'umsa rakkoo akka bartuufi. Inni biraan immoo akkuma beekamu Piiter dha. Piiteriin sitti hamachuu hin barbaadu. Piiter kan gubate fi kan luqqa'e, akkasumas kan tumame dha. Dhuguman siin jedha baay'ee isa dinqisiifachuu jalqabeera. Anaa fi isa gidduutti waan gaarii uumamuu danda'u tokko dhiyeenyatti natti mul'achaa jira. Maal qaba namoonni gurguddoon kun waan isaan hin galchine keessa  osoo  borcuu baatanii? 
Gaarummaan isaa kennaa miira kiyya dhoksuu guddaan qaba. Jaalala gurbichaan akkan gubachaa jiru akka hin dammaqneef yaaliin ani gochaa jiru guutummaa guutuutti  naa milkaa'eera jechuu nan danda'a. Amma rakkoon koo maal seete Kiitii? Piiter yoomidha ofii isaa afaan isaa hidhame kana hiikee (akka Piiter Waales abjuu kiyyaan naan jedhe sanatti) waa kan naan jedhu? Yoomi laata maddii koo maddii isaatiin kan naa tuqu? Namoonni kunis yoomi laata waa'ee koo fi waa'ee mucaa kanaa kan dhiisan? Osoo waan tokko illee hin dubbatiin yeroo kophaa keenya teenyu gammachuun akkam akka machoofnu hin beekanii? Baay'ee daran kan nama ajaa'iban mitii Kiitii? Inni kaan hafee anaa fi Piiter kan walitti fide ayyaana waaqa biraa fi carraan akka walitti nu fides waan yaadan waan jiru hin fakkaatan. Yoomuma laata, rakkoolee keenya kana hundumaa furannee tokko tokkoon keenya akkuma garaa keenyaa kan taanu? Garuu rakkoolee keessaa bahuuf qabsoo gedhamu keessatti qorumsi jiru waan gaarii tokko of keessaa qaba. Sababiin isaa, injifannoo kamiyyuu  caalaatti ajaa'ibsiisaa fi dansaa kan godhu, baay'ina aarsaa kafalameefiidha. Eeyyee Kiitii too, Hiyyaasee..... dhiyoo dha moo'ichi koo!. Hiyyaasee Piiteri moo'ichi koo
Kan hafeen amma anaaf sochiin Piiter tokko tokkoon ishee hiika naa kenniti. Siree isaa irra cinaachaan ciisee, harka isaa duubatti hidhee, ijoota isaa yeroo cufee banu yoon argu daa'ima natti fakkaata. Hadurree isaa duukaa wayita taphatu, gumbii jaalala dhugaa natti fakkaata. Mosee qalqalloo guutuu baatee yookiin hojii humnaa gara biraa wayita hojjetu ciminnisaa na ajaa'iba. Takka takkaa naannoon keenya dhukaasaa fi dhoyinsaan yeroo raafumu, inni akka keenya pherepheramuu dhiisuu, akkasumas waajjirri obbo Kireelerfaa yeroo hattuun uggamu halkan sanaan baheen ilaala jechuu isaa yeroon yaadu onnee jabina isaa tilmaamuun na rakkisa. Isa kaan dhiisiitii yeroo afaan isaa hidhamu, akka daa'ima afaan hin hiikkanneetti garaa na nyaata. Oo... Kiitii too, Piiter na keessatti mo'aa jira jechuun ni danda'ama.
Kan biraa immoo maal seete? Yeroon isa hubachiisuu fi isa barsiisurra, wayita inni waa naa ibsu akka malee natti tola. Waan hunda irratti ajajaan koo isa osoo ta'ee fi yeroo hunda ani gaafattuu inni immoo deebisaa osoo ta'ee gammadduu akkamii akkan ta'u sitti himuu hin danda'u. Eeyyee Kiitii too, sababa isaa na hin gaafatiin malee, akkasuma natti fakkaata. Waan hundumaan ajajaa koo osoo ta'ee natti tola. Kan hafeen waa'ee haadholii cinqamtoota lamaanii nuun waanti dhiphusu maaltu jira. Rakkina isaanii ofii isaanii haa furatan. Amma kan nu yaachisu waa'ee rakkoo keenyaati. Maal qaba afaan isaa hiikee takkaa waa naan jedhee aara na galfachiisee? Siin gubadheem Kiitii too.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Bilookistaayin ministeerri jedhamu tokko raadiyoo landaniin har'a afaan Dechiin waa'ee lola addunyaa lammaffaa odeessaa ture. Gidduutti maal jedhe seete? Waraanichi akkuma raawwateen hojiin jalqabaa diyaarii fi xalayoota wayita waraanaa barreeffaman bakka jiranii walitti qabuu ta'a jedhe. Maaltu akka natti dhagahame sitti himuun waan barbaachisu natti hin fakkaatu. Kan koo argitee ammoo kan miseensota mana icciitii kanaa osoo argitee!... Akkuma kana dhagahaniin ture kan gara yaadannoo kootti fiigan. Sitti hi mul'atuu Kiitii too, manni icciitii bakki dhokannaa roomansitti yeroo maxxanfamee bahu? Uffee, ammuma natti fakkaachaa jiraam!... 
Dhuguma garuu waraanichi darbee waggaa kurnan tokko booddee nuti yihuudonni waqxii abaaramaa kana akkamiin akka dabarre, akkamitti akka jiraanne, maal maal akka nyaanne. Waa'ee maalii odeessaa akka turre fi kkf osoo addunyaa hundatti himnee maaltu akka nu eeggatu beektaa? Kkkk..... Dhuguman siin jedha, lubbuu koo tokkittiin qotinyaan gala, namni tokko nu hin amanu. Isa kan biraa dhiisiitii, waan kana hundumaa  kan ani sitti himaa ture atiyyuu jireenyaa asitti dabarsine keessaa kutaa muraasa qofa dhageesse.
Amisterdaam irratti tokkoo tokkoon reebicha xiyyaaraa yeroo yerootti godhamu boolluma seennu nu dhabsiisa. Fakkeenyaaf, sanbata darbe xiyyaaronni waraanaa Ingiliz dhibba sadii fi shantama ta'an fi boombiin kumtaala kuma shanii ol yeroo itti roobu akka qalqalloo qilleensi fuudhee gamoowwan akkamitti akka hafarsaman, maaltu beeka naannoon kun weerara biraatiinis qabamteetti ta'a nama jechisiisa!. Kanaafuu waanti ta'a jiru hunduu hin beekamu. Waan hundas sitti hin himne. Sababiin isaas, hunda diddiriirsee sittan hima yoon jedhe, guyyaa guutuu barreessuu natti ta'a.
Sababa waraanichaan hir'inni gama hundaan mudate itti caalaa deemuun  wal qabatee gabaa nyaataas ta'ee waantota gara biraaf uummanni akka hiriiretti oola. Dookteroonni akka duraanii mana mana irra naanna'anii dhokkuboota weeraraan ka'an wal'aanuu hin dandeenye. Sababiin isaas konkolaataa isaanii dhaabanii xiqqoo irraa garagallaan konkolaataan isaanii qaata hatamte. Mana cabsanii saamuu fi gosa hannaa garagaraa haala amanuun nama rakkisuun babal'ateera. Hanga maali Hoolaandota maaltu xiqqaatii haga guddaatti akkanatti hattoota isaan godhe? jettee raajeffattutti gaheera. Ijoollee ganna saddeet sagalii osoo hin hafiin mana namaa cabsanii kan argatan hunda ni fudhatu. Daqiiqaa shaniifillee waardiyaa malee mana ofii dhiisanii deemuun haala nama hin dandeessisne keessa jirra. Irraa mixxiq jettee jennaan miini kees deeme jechuu dha. Yeroo hunda beeksisoota bahan keessaa beeksisni hin hafne, mi'a jalaa bade  deebisiisuuf ni kaffalla isa namoonni jedhanii dha. Mi'ota garaagaraa, Taayippoota, afata mana keessaa garaagaraa, Sa'aatota elektiroonii garagaraa, vaayoliinota, meeshaalee faayaa, uffatootaa fi kkf. Daandiiwwan gurguddoo garagaraa irraatii sa'aatiiwwan elektiroonikii akka jiraniin bubuqqa'anii hatamaniiru. Bilbiloonni uummataa horii xiqqoo keessatti argamtuuf caccabanii karaadhuma irratti gatamanii argamu. 
Garuu uummatattis murteessuu hin dandeessu. Guddinni rakkichaa hamlee ofii eeganii turuuf kan nama dandeessisu miti. Fakkeenyaaf reeshinni torban tokkoof jedhamee kennamu guyyaa lama nama hin bulchu. Guyyaan loltoonni sabdaneessaa weerara itti jalqabanis waan fagoo jiru fakkaata. Dargaggoonni biyya kanaas dirqamsiisuu Naazotaatiin hojii humnaaf gara jarmanitti fe'amaa jiru. Kanaaf magaalatti keessatti kan hafan ijoollotaa fi dubartoota. Kan kana irraa hafeen dhiironni yoo jiraatan yookiin dhukkubsattoota yookaan immoo nyaata dhabanii warra baay'ee huuqqatanii dha. Hundi isaanii iyyuu uffata moofa'e fi kophee dhumeeni kan isaan asii fi achi socho'an. Kophee haaraa bituu mitii isuma dulloomaa haaressuunuu baay'ee ulfaataa dha. Kana irratti immoo kophee gosa kamii iyyuu, mana hodhaa kophee yoo geessitees sirraa hin fuudhu. Yoo fuudhes yookaan ji'a shan yookaan ji'a jaha si eegsiseetu sii deebisa. Kophee moofaa yeroo haga kana mana suphaa ture  kana immoo argachuu isaarra dhabuu isaatu irra madaala kaasa. Isa kam himeen isa kam dhiisa? Himamee waan dhumu mitiwoo! Gaarummaan isaa uummata Hoolaandi keessaa muraasa qofatu gochaa sadarkaa hammeeffamuun  geessisu hojjete. Kun yoo ta'es namoota Hoolaandi gaggaarii ta'an kan akka Meeppee fi obbo Kireeler faatiin badii fi gaarummaa isaanii wal madaalchisuun ni danda'ama. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Diilalli isaa ammallee kan lafee namaa cabsu dha. Kutaa hawaasaa irra caalaan garuu cilee erga ijaan argee baatii tokko guuteera. Itti Yaadi mee. Kan ta'e ta'ee garuu addi waraanaa Raashiyaa kutaa waraana sabdaneessaa keessaa suksukkiin inni fuulduratti godhu irra deebiin abdii namatti horeera. Dhugumattuu wanni kanaa ol nama gammachiisu maaltu jira. Siyaasni akka natti hin mi'oofnee fi waa'ee siyaasaa baay'ees odeessuu akkan hin jaalanne beekta. Garuu yoo xiqqaate waraanni Raashiyaa eessa akka qaqqabe sitti himuutu narra jiraata. Waraanni Raashiyaa kallattii garagaraan suksukkii fuulduratti godhuun amma baay'een isaa daangaa Poolaandi irratti argama. Baay'een isaa immoo bakka Rumaaniyaatti dhiyoo naannoo Pirut jedhamu gaheera. Odeessaa gahuufis baay'een isa hin hafu. Namoonni mana icciitii kanaas galgaluma dhufuun odeeffannoo dabalataa ofeeseliis ta'ee kan  Istaaliin dhagahuuf rom'aan isa eegu. 
Magaalaa Moskoo keessatti injifannoo Raashiyaa kana hundee gadi fageessuuf dhukaasni gurguddaan dhuka'u magaalittii macheessaa jira jedhan. Waraanni  guddichi dhiyaachaa dhufuu isaa hagas isaan gammachisee laata, yookiis immoo gammachuu isaanii ibsachuuf karaa kana irra wayyaa ta'e dhabanii haa ta'uu, waan isaa naa galuu hin dandeenye. 
Karaa gara biraa immoo Hangaariin harka Jarmanootaatti erga kuftee bubbulteetti. Kan baqate baqatee yoo xiqqaate Yihuudonni kitila tokko ta'an Hangaarii keessatti hafaniiru. Yoona kana isaanis sagantaa badii Naazotaan daaraa ta'aniiru. 
Anaa fi Piiteriin waan ilaalchiseen jette jetteen nurra ture yeroof nuu qabbanaa'eera. Kanaaf walitti dhufeenya keenya cimsuuf carraa gaarii nuu uumeera. Yeroo baay'ee isaa walumaan dabarsina. Waan nuun hin odeessine, mata duree nuun irratti hin mari'anne hin jiru siin jechuu nan danda'a. Hundumarra immoo waanti natti tolu maal seete Kiitii too? Kana dura dargaggota dhiiraa waliin kophaa koo yeroon ta'u, waanan dubbadhu hundaaf ofan eeggadha. Kan Piiter garuu akkas miti. Waan hundayyuu bilisummaanan odeessa. Innis akkasuma. Fakkeenyaaf yeroo darbe waa'ee dhiigaa haasa'aa turre. Yeroon jedhu waa'ee gosoota dhiigaa irratti jechuu kooti. Akkasumas waa'ee deddeebii dhiigaa. Egaa mata duree kanaan jalqabnee waa'ee maalii odeessuu akka eegalle beektaa? Ati amanuu baattes waa'ee adafii haasofne. Piiter waa'ee uumama keenyaa baay'ee dinqisiifate. Ciminaa fi sabrii siniif kennetu na ajaa'iba naan jedhe. Garuu maalsaatu akkas isa ajaa'ibe laata?
Maalumaafuu Kiitii too, jireenyi koo kutaa icciitii kana keessaa fooyya'eera jedhamuu ni danda'ama. Baay'ee baay'ee foyya'eera. Akkan sodaadhe sana Waaqayyoo badhee walakkaa irratti kophaa koo na hin ganne. Gara fuula duraattis akka kophaa koo na hin ganne nan beeka.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Ammayyuu jijjiiramni tokkoyyuu hin jiru. Baay'ee rakkachaan jira. Maal jechuu akkan barbaade tilmaamuu dandeessa jedheen amana. Hin dandeessuu? Guyyaan yeroo jalqabaaf itti dhungadhu dafee naa gahuu dideetu. Guyyaan itti hidhiin koo fi hidhiin isaa itti wal tuqu yaaduun akka nama waggaa kuma eegeetti na dadhabsiisa. Kana booda hanga obsi koo dhumutti eeguuf yeroo hammamii akkan dabaluu qabu hin beeku. Tasa akkan hin dhoone  sodaan qaba. Kana hunda yeroon godhuu fi yeroon dadhabu maaltu deemaa akka jiru tilmaameeraa laata? Ammallee anaan akka sayiba isaa durbaraatti na lakkaa'aa hin jiru jechuudhaa? Ammallee akka obboleettii isatti na ilaalaa jira jechuu dhaa? Ani isaaf hiika kana bira darbe hin qabuuyii? Yeroo yerootti odeessuu, adda bahuu, odeessuu adda bahuu, odeessuu adda bahuu, hagasii? Kanumaa? Kanarraan kan hafe wanti biraa dhufu hin jiruu? 
Afuurri koo hagam cimaa akka ta'e nan beeka. Kana atis sirriitti beekta. Ba'aa koo hunda gargaarsa nam tokkoo malee kophaa koo baachuu danda'eera. Rakkina koo kamiyyuu eenyuufiyyuu qoodee hin beeku. Haadha koo irratti mataasaa yeroon baay'ee rarra'e hin qabu. Maaliyyuu haa ta'u maal walanee koo hunda matuma koonan bahachaa ture. Amma garuu maaltu akka na tuqe hin beeku, gargaarsa isaa baay'ee barbaadaan jira. Dhugaa kooti Kiitii too. Rakkoo koo isa ammaa kana garuu isa malee bahachuu waanan danda'u natti hin fakkaatu. Hawwiin kanan eegaa jiru harka koo gateettii isaa irra kaa'adhee rakkoo koo hunda isaaf qoodee yaada hamuummatee na liqimsuuf jedhu kana of irraa salphisuu dha. 
Kan biraa dagachuun kan naaf dadhabame, halkanii guyyaa kan na jeeqaa jiru maal seete? Abjuun ani Piiter Waasel itti arge  abadan sammuu koo keessaa bahuu hin dandeenye. Eeyyee Kiitii too, abjuun kun akkuma manaaba kamiiyyuu dhugaa ta'uu yoo baates baay'ee baay'ee kan namatti toluu fi yeroo jalqabaaf icciitii uumamaa haaraa kan naa ibse, akkasumas addunyaa koo yeroo gabaabaaf ifee na duraa dhaame dha. Garuu Piiter Faandaanis abjuuma sana duukaa tokko natti ta'e. Osooma naa waliin jiruu dhugoomuu dadhabe. Si hin ajaa'ibu? Inni maaliif daran natti siquu fi na qaqqabuuf fedhuu dhiise? Dhugumaan ija laafummaan isaa dhiibbaa irraan gaheetuu jaalala isaa ibsachuuf kan yeroo haga kana fixu? Moo kan ani hin barreef rakkina addaa qaba laata? Maalifimmoo yeroo dheeraa wajjin turuuf fedhiin ana irratti mul'atu isa irratti kan hin mul'anneef? Tarii hamleen koo akka hin tuqamneef ta'innaa akkanatti kan naa waliin rakkatu? Hoo... Piiter, maal qaba afaan kee luugamame kana osoo hiiktee anaanis na furtee? 
Maalumaafuu Kiitii too, filannoon ani qabu tokko qofa. Qofaa koo dirree duwwaa keessaa hadheeffachuu fi dhiphachuu dhiisee isa eeguu qofa. Dhiphachuu fi raafamuun koo eenyuuf tola. Inumaa ilkaan kiyya ciniinnadhee, waan hunda haala amma jiru qabee, guyyaan hawwu sana hangan ga'utti turuu dha. Ammoo haa turu haa bulu malee, inni akkuma koo ammaa kana yeroon inni itti ta'u akka dhufu nan beeka. Dhiisees waanan hin dhiisne waan ta'eefis hanga dhumaatti nan eega.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Har'a oduu wayita kaanii irraa adda ta'e sitti odeessuufi. Innis nyaanni bakka kanaa kan gidduu kanaa walii galaan maal akka fakkaatu dha. Yeroo baay'ee waa'ee soorataa kanan sitti himuu dhiiseef hagas mara barbaachisaa ta'ee waan natti hin mul'anneef. Amma garuu waanti barbaachisaanii fi rakkisaan isa waan ta'eef har'a sittin hima jedheen ka'e. Gaaffiin nyaataa haala mata duree ta'uun isa dandeessisuun gaddachaa dhufuun isaa mana icciitii kana qofaa keessatti hin se'iin. Gutummaa Hoolaandi keessaa, Awurooppaa, isaa alattisi. 
Haga ammaatti ji'oota digdamii tokko as turre keessatti guyyaa tokko qulqullinni soorata keenyaa eegamee hin beeku. Maal jechuu akkan barbaade daqiiqaa muraasa booda siif gala. Qulqullina nyaataa yeroon jedhu nyaata madaalamaa jechuu kooti. Fakkeenyaaf tibba tokko nyaanni keenya  hunduu mosee ta'ee ture. Kalaankala Mosee, affeellii Mosee, ittoo Mosee fi waaddii Mosee guyyuun soorachaa turre. Tibba biraa immoo abbaan dabaree kotoree ta'a. Ganamas galgalas sanyiin kotoree qofaan akka jiru hanga sitti fakkaatutti si nuffisiisa. Kotoree saamsamaa, Kotoree hin saamsamne, Kotoree asheeta, Kotoree adii, Kotoree burree, Kotoree ija xixiqqaa, kotoree geengoo, kotoree qalawwee, Kotoree battee, Kotoree, Kotoree, Kotoree. Achiimmoo baaqelaa, baaqelaa, baaqelaa. Achiimmoo atara, atara, atara. Kanaa fi kan kana fakkaatan.
Fakkeenyaaf, laaqana fi irbaata kee baay'ina sauer-krautiin yeroo dabarsitu nuffii akkamii akka sitti uumu na hin gaafatiin. Yoo beelofte garuu maal goota Kiitii too? Du'uu koo irra jettee nyaatta. Eeyyee waggaa lamaan dura waan hin goone yoo taates amma dirqamtee ni goota. Egaa kan tibba kanaa kan adda godhu maal seete? Guutummaa Amisterdaam keessa osoo naannoftee nyaanni yeroon hojiirra ooluu isaa irra hin darbine hin jiru. Kun kan keenya qofa otoo hin ta'iin kan uummata bakkee jiruutis. 
Egaa laaqanni keenya tibba kanaa maal akka ta'e sharafee, bittinsee akkan sitti himu yoo feete, Kotoree kokoraahee bifa garaagaraan, Baaqelaa daanayaahee bifa garagaraan, Timaatima of dadhabeen shoorbaa Ataraa hojjetame, Mosee gogaan isaa shuntuuree fi yeroo jabeessitee qabdu kan irraa muluqu irraa shoorbaa hojjetame. Marqaa, Giixxaa, Salaaxaa, Kaarotii coolage. Raafuu akka uffataa dadacha'e fi KKF. Qofa Kiitii, ashaboo irraan kan hafe waanti hojii ala hin ta'iin argamu hin jiru siin jechuu nan danda'a.
Dubbii keenya keessatti torban dhufu hawwiin eegaa jirra.  Maaliif naan hin jettuu? Meeppeen faa akkuma ta'an ta'anii nyaata yeroon isaa hin darbine barbaadanii nuu fiduuf waadaa nuu galanii waan jiraniif. Kan hafeen Rabbiin haa galatoomu kunoo lubbuun jirra. Eeyyee Kiitii, inni duraa lubbuun jiraachuu dha  kan hafe dabalata waan ta'eef irraanfadhu. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Ergan gara bakka kanaa dhufee kaasee barumsa koo akkan hin daganneef baayyee akkan qo'adhu, baay'ee akkan dubbisu, baay'ee akkan barreessu beekta. Amma amma garuu yaadni keessummaan tokko na jeeqaa jira. Dadhabbiin koo kun hunduu eenyuufi? Kan jedhu miirri abdii kutannaa na keessa deddeebi'uun guyyoota lakkoofsiseera. Sababiin isaas waraanni sabdaneessaa weerara jarmanoota irratti ni bana, gara qe'ee fi jiruu keenyaatti ni deebina jennee abdanne guyyaan achi hiiquun, duraan haalonni turan gaarii fakkaatanis gaaffii keessa galuun, inumaayyuu seenaa sheekkoo wayii fakkaachaa dhufuun, dukkana malee cilaancilli ifaa natti mul'achuu dhiisuu isaatin siin jedha. Miira abdii kutannaa akkasii keessa teessee waan borii yaaduun waan akkam rakkisaa sitti fakkaate. Dhugaa isaa natti himi yoo jette waraanichi dafee jalqabee fulbaana dhufutti xumuramee bilisa hin baanu taanaan barumsa koo itti fufuu hin fedhu. Mee sitti haa agarsiisu. Hiriyoota koo irraa waggaa lamaan boodatti hafee, nan isaan qaqqaba jechuu hin danda'u, dhaabatanii na hin eegan kaa!.  Maaloo waraana nanaa fulbaana dhufu hin darbiin. 
Kan hafeen, qaawwa koo guyyaa guyyaan kan naa duuchaa jiru....... Eeyyee sirrii tilmaamte Kiitii too.... Piiteri dha. Yeroo waan marti harka harka natti jedhee jiru kanatti, anis namummaan koo namaa gad ta'ee jiru kanatti, yaanni guyyaas ta'e halkan na boqochiisu Piiter ture. Guyyaa sanbataa irraa eegalee garuu eessaa dhufe fi dhimmi mata dureen isaa hin beekamne garaa na wansheessee, mar'immaan na raasee uumamuu koo abaaraan jira. Waan ajaa'ibaatiim Kiitii tiyyaa, maaliif garuu yeroo tokko tokko akkasumaan lafaa ka'ee kan waa'ee hin baafnee fi baasuuf garaan si boora'u? Amma fakkeenyaaf guyyaa sana jechuunis sanbatduraa, Piiter akkuma yeroo kaanii naa waliin turus na bohaarsuu hin dandeenye. Piiter akkuma yeroo kaanii ture naa waliin odeessaa fi na haasofsiisaa kan ture. Ani garuu hidha imimmaan koo guutee dhangala'uuf jedhu ittisuuf wal'aansoo qabaan ture malee hagas mara isa hin dhaggeeffanne. Isarra, sana booda obbo Faandaan duukaa tapha darbannoo Loomii gooneen fuulli kiyya hiikame. Garuu  akkuman kophaa ta'een yoosuu miira gaddaan waanan guutameef boo'ee baafachuu akkan qabu natti dhagahame. Kanaaf uffata halkanii koo fuula kootti akkuman haguugee jiruun gara kutaa bal'aa gara gadii jirutti bu'een jilba koo lafa tuqsiise. Achiin booda koomee koorra taa'een fuula koo jilba kiyya lamaan gidduu galchee iyya koon gara waaqa kootti bilbilchuun eegale. Taa'umsa koo odoo argitee mucaama garaa keessa jiru jetta. Dhuma irratti akka ta'utti hirqinfadhee wayitan boo'u ba'aan wayii narraa bu'e natti fakkaate. Gidduu gidduutti yeroo nam tokko akka tasaa gara kutaa kanaa seene, uffata koon dhokseen qoorsadhee nama nagaa fakkaadheen taa'e. Achii booda sagalee koo gadi qabeen ofiif jechoota jajjabinaan dubbadhe. Abshiir, abshiir Aanaa, waan hunduu ni darba, Abshiir abshiir
Taa'umsa koo mijataa hin turre irratti dadhabbiin dabalame natti fakkaata otoon hin beekinin gara cinaatti kufe. Achumaanin ededa keenyanitti addaan kiphe. Yeroo kana akkuma isaatti ka'een kutaa ciisicha koo seenee ciise. Sa'aatiin magaalaa sa'aatii afuriif walakkaa bilbile. Hirribnis akkan sodaadhe baay'ees  osoo na hin rakkisiin na fudhate. Sanbanni fokkataan sunis ni darbe. 
Egaa Kiitii, hima walii galaatiin ani OK dha jechuun ni danda'ama. Afuurri koo ammaas akka cimina fi obsa koo duraatti naa deebi'eera. Kanaaf waantan jalqabe hunda xumuruun qaban jedha. Beekumsa koo caalaatti guddifachuu fi nama akkasumaanii ta'uu koorra, hawwii gaazixeessaa ta'uu koo dhugoomsuuf, akkasumas waan gaarii hundaafuu caalchisee hojjechuun qaba. Eeyyee Kiitii, maalirrayyuu caalaa ani gaazixeessaa ta'uun barbaada. Dandeettii ogummaa barreeffamaa akkan qabu nan beeka. Asoosamootan barreesse keessaa yoo xiqqaate muraasni isaanii gaarii jedhamuu akka danda'an nan amana. Diyaarii koo irrattis yaanni ani jireenya mana icciitii kanaa barreesse keeyyanni ibsu bareedina ogommaa barreeffamaa qaba. Sanas ta'e kana garuu ogummaa barreeffamaa  itti fufiinsa qabu nan qaba inni jedhu garuu adeemsa keessa waan ilaalamu ta'a.
Hanga har'atti asoosamoota ani barreesse keessaa Abjuu Hewaan matadureen jedhu hunda caalaa baay'ee kan natti tolu dha. Kan si ajaa'ibu immoo seenessi asoosama sanaa eessaa akka naa dhufe anaafillee haala hibboo ta'etu jira. Dubbii keenya keessatti Kiitii, hojii koo baay'ee keessattis taatoo cimtuun anuma mataa kooti. Akkamittiin akkan isaan bittinsu sitti himuu hin danda'u. Barruu koo hunduma isaa takkaa qofa dubbisuun inni kun hojii gaarii kun immoo hojii gadhee jechuu nan danda'a. Barruu harka isaan barreesse deebisee gamaggamuun akkam akka nama gammachiisu namni barreessaa hin taane baruu hin danda'u.
Dur dur ijoollee ta'ee xiqqo xiqqollee taatu fakkii kaasuu dadhabuun kiyya baayyee na aarsaa ture. Amma garuu yoo xiqqaate barreessuu akkan danda'u ergan baree gammachuu koo sii ibsuuf jecha hin qabu. Kennaan ogbarruu ani qaba jedhu kun ani akkan yaadutti barruulee fudhatama qaban yookaan keeyyattoota gaazetaa barreessuuf kan na dandeessisan yoo ta'uu baatanis anaaf dhimma koo miti. Kan barbaade yoo hafe, ofii koo ofiidhuma koof barreessuu eenyu abbaa isaatu na dhowwa?
Guyyaa tokko tokkoon isaa ga'umsa koo tarkaanfii tokko dabaluun qaba. Gosa jireenya akka harmee, Kan aadde Faandaan, akkasumas kan dubartoota addunyaa kanaa baay'ee isaanii, jiraadhee darbuu hin barbaadu. Sitti haa garsiisu Kiitii, akkuma gorroo duuba daaddistee fi boroo duuba naannoftetti hafta jechuu dha. Heerumuu, ijoollee godhachuu, guddisuu, kana qofaa isaatti jireenya jedhee hin amanu. Hojii qabatamaa kana bira tare hojjedhee darbuun barbaada. Waan kan kootin jedhu tokko umrii koo guutuu kan maqaa na waamsisu qabaachuun narra jiraata. 
Foon koon yoon du'e illee afuuraan jiraachuun qaba. Maqaan koo naa waliin akka awwaalamu hin fedhu. Kanaaf kennaa ogbarruu koo kanaaf Waaqayyoon nan galateeffadha. Ofii koo of guddisuu akkan danda'u, waa'ee waanta kamiiyyuu sirrii godhee akkan barreessuu danda'u, rakkoolee keessa koo jiran hunda rakkoo tokko malee akkan ibsachuu danda'utti Waaqa na uume onneerraa galateeffachuun barbaada. 
Rakkinni kamiyyuu yoo narratti fe'ame, hagamillee yoo ulfaate yeroon barreessu narraa lafa bu'a. Gaddi koo hunduu na baqatee bada. Abdiin koo waan du'e yeroo natti fakkaatuttis deebi'ee lubbuu horatee lalisa. Garuu waanti guddaan addunyaa barreeffamaa keessatti waan fudhatama qabu irratti barreessuu danda'aa isa jedhuudha. Anoo akkan yaadetti baarreessituu gaarii yookaan gaazixeessituu gaarii ta'uu nan danda'aa? Ani hangan of beekutti hawwii koo kana galmaan gahuu nan danda'a jedheen amana. Baay'ee baay'een abdadha. Sababiin isaas waa'ee waan tokkoo barreessuu yaadee tartiibni gaarraa fi gajjallaa na jalaa badee hin beeku. Jechuun koo jechoonni na hin hanqatan. Yaadni koos  na jalaa hin bittinna'u. Qalbiin koo na hin ganu. Dhugicha malee miirri koo na hin oofu. Jechuun kan narra jiraatu hunda akkan barbaadetti nan jedha. 
Walakkaatti kanin dhaabe Le'iin Keedii ammas xumuruun na rakkisaa jira. Isa xumuraa ergan jalqabee illee yeroo dheeraa natti fudhateera. Seenessa isaa akkam godhee akkan itti fufuu fi akkamitti akkan xumuru ammallee sammuu kiyya keessaa jira. Garuu maaliif akka ta'e hin beeku kobbee fi waraqaa koo wal simsiisuu hin dandeenye. Karaa tokkommoo, hojiin xumuruu hin qabne dha yaadni jedhu baay'ee na qoraa jira. Kanaaf xumurri Le'ii Keedii sanduuqa kosii itti gatan keessa ta'uu danda'a. Yookiin immoo gemmii keessa. Dhugaa dubbachuudhaaf, yaadni gosa kanaa raajii kamiinuu libiin isaa iyyuu yaada koo keessa darbuu hin qabu. Garuu maalan godha? Gaaffiin tokko sammuu koo keessa deddeebi'ee waan na rakkiseefi. Reefu waggaa kudha arfaffaa keetiim, Osoo waan tokkoo isaa hin beekin akkamitti waa'ee falaasamaa barreessuuf ija jabaatta? Dhugumattuu garuu Le'ii Keediin seenessa isaa irra falaasama isaatu baay'ata. 
Waanumti ta'e ta'ee Kiitii too, Abdii kuttee ni dhiisti sodaan jedhu garuu akka si hin seenne. Inumaayyuu onnee haaraan irra deebiin ka'aan jira. Akkan xumurus hin shakkiin. Sababiin isaas barreessuun barbaada waan ta'eef. Eeyyee, baayyee baayyeen barbaada. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Maal maal akkan jaaladhu, jechuunis hoobiin koo fi fedhiin koo maal akka ta'e na gaafataa turte. Isaaf deebii sii kennuun barbaada. Garuu ammumarraa waanti ani si akeekkachiisu maal seete? Heddummina hoobii kiyyaaf akka hin ajaa'ibsiifamne. 
Inni jalqabaa barreessuu dha. Garuu immoo barreessuun illee hoobiitti waan lakkaa'amu natti hin fakkaatu. Barreessuun jireenya waan ta'eef. Inni lammaffaan immoo Hidda dhalataa lakkaa'uu dha. Hidda dhalata bulchitoota garaagaraa lakkaa'uu ergan jalqabee yeroo dheeraa ta'eera. Hanga ammaatti hidda dhaloota maatiiwwan moototaa lakkaa'aan jira. Keessaa muraasa naa himi yoo jette, kan Faransaayi, kan Jarman, kam Ingiliz, kan Ispeen, kan Ostiriyaa, kan Ruusiyaa, kan NoorWeyi, kan Hoolaandi, kkf. Odeeffannoowwan kanan funaanu haalota garaagaraan yeroo garaagaraatti kitaabota harka koo galan, barruuleewwan, gaazexaa fi darbee darbee immoo raadiyoo irraati. Sababii kamiinuu odeeffannoo waa'ee hidda dhalata maatiiwwanii, mootii biyya kamiiyyuu yoon argadhe gara yaadannoo koottin fiiga. Kanaaf odeeffannoowwan sanyii mootota baay'ee humnaa ol na bira akka jiru sittan hima. 
Hoobiin koo inni sadaffaan immoo Seenaa dha. Jechuun seenaa waliigalaa addunyaa. Umriin aabbaaf, kitaabota seenaa baay'ee inni bitee naa kenne amma harka koo irra jiru. Dubbii keenya irratti Kiitii, waantin ani baay'ee hawwiin eegaa jiru maal seete? Bakka kanaa nagaa fi ariitiin karaan ittiin bahuu danda'uu fi akkan baheen immoo mana kitaabaa jiran hunda guyyaan itti mincirsee ilaalu dha. 
Inni arfaffaan immoo afoolota Giriikii fi Roomaa durii iratti qorannaa gochuu dha. Kanaafis kan na ga'an kitaabotaa fi barruu garagaraa of harkaa qaba. 
Hoobiiwwan hafan egaa addunyaa siniimaa keessatti taatota urjii ta'an irratti hordoffii ol aanaa godheera. Isan sitti himuu danda'uun olitti dhayicha dubbisuun qaba. Ogummaa gosa kamiifuu jaalala adda ta'en qaba. Kanaaf tokko tokkoon seenaa ogummaa gosa hundaa tartiibaan beekuun fedha. Yeroon jedhu, Namoota cigoo yeroo darbanii (Mikkiirtuuwwan), Fakki Kaastota, Boctoota(Kistaanotaa fi Siidaawwan namoota bocan), Barreessitoota, Qindeessitoota muuziqaa fi kkf dubbisee hin quufu. Addatti qorannoon ani muuziqaa irratti godhe gahaa fakkaatee waan natti hin mul'anneef gara fuula duraatti sirriitti gadi fageenyaan qorachuun barbaada. Wantin ani osoo sii hin tuqiin darbuu hin barbaanne tokko immoo, Aljebiraa, Ji'omeetirii fi waantota herreega qaban hin jaaladhu. Kan hafeen barnoota mana baruumsaatti kennamanis ta'ee waantotan ofii dubbisee bira gahe hunda akka ajaa'ibaattan jaaladha. Baay'ee na gammachiisu. Addatti garuu seenaa.. Eeyyee Kiitii, namni konkolaataa oofu fuullee cinaa fi duuba isa argisiisu akkuma barbaadu, fuunduratti suksukuuf seenaan kaleessaa maal akka ta'e beekuun murteessaa dha. Seenaaf bakka addaa kanin kenneefis kanaafi . 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Waantota baay'ee dha kan sammuu koo keessa naanna'aa jiran. Dhugaa dubbachuuf eessaa akkan sii jalqabu hin beeku. Jimaata darbe, guyyaa fannoo jechuudhaa, irra caalaatti gosa tapha kaartaa isa monoppoolii jedhamu taphachaa oolle. Sanbata sa'aa boodas akkasuma. Sababii kanaatiif guyyoonni lamaan kun osoo natti hin beekamiin darban. Dilbata sa'aa booda Piiter affeerraa mataa kootiin kutaa isaa daawwate. Sa'aa kudha tokkoof ruubii irratti immoo wal qabannee gara baaxiitti ol baanee hanga sa'aa kudha lamaatti achuma turre. Sana booda ani raadiyoo dhageeffachuuf gara kutaa obbo Kireeler fa'itti gadin bu'e. Sa'aa kudha lamaa haga sa'aa tokkoof ruubiitti konsertii Mozarti baay'ee namatti tolu tokkotu darbaa ture. Sirboota achirratti sirbaman hunda baayyeen jaaladhe. Addatti immoo Kileine Nuchtmusik isa jedhu.
Irbaata booda anaa fi Piiter irra deebiin akka taa'umsaaf nuu mijatutti yeroo dhiyoo keessa kan arganne kefaa soofaa fudhannee gara baaxii keenyaatti ol baane. Sanduuqota meeshaan ittiin saamsaman baaxii sanarra jiran fuunee kefaa soofaa waliin wal qabsiisnee taa'umsaaf tolfannee keessa teenye. Sanduuqichi dhiphaa waan tureef baayyee walitti maxxannee teenyee turre. Hadurreen Piiter Mosheenis nuu waliin turte. Kanaaf waan gaarii ture jechuu dha. 
Sadii ta'uu ruubii hir'uu yeroo ta'u obbo Faandaan sagalee siiksuu wayii dhageessisanii hirkoo soofaa obbo Dusel keessaa wayi tokko fuutanii? jedhee nu gaafate. Lachan keenya iyyuu sallaq jennee kaanee kefaa soofaa sanaa fi Moshee qabannee gadi buune. 
Akka carraa kefoota sana obbo Dules akka boraatiitti fayyadama waan ta'eef akkam akka inni maraate sitti himuu hin danda'u. Dhukkee kaasen siin jedha. Injiraan na ficcisiisuufii kan boraatii koo baaxii gubbaa geessitan jechuun manicha luka tokkoon dhaaban. Qabaa gad na dhiisaa jechaa turee rakkoo meeqaan adaba bitate. Kanaaf anaa fi Piiter bokoka isaa kana hundaaf deebii gitu kennuufii waan barbaanneef, akka mutaa buruushota nama waraanan bakka ciisichaa isaa keessa suuqne. Rafuuf dhaqee gaafa buruushonni isa waraanan akkam akkam akkanni ta'u yaadnee ajaa'ibaaf kolfine. 
Egaa gammachuun keenya kun nu waliin baay'ees hin turre. Sa'aatii sadii fi walakkaa irratti Piiter gara aabbaatti siqee, keeyyanni Ingiliffaa galuufii didee isa rakkisu waan jiruuf, akka isa qo'achiisu osoo gaafatuu, anii fi Maargoot waa'ee koo haasa'aa turre. Gidduutti sagaleen wayii natti dhagahama Maargootn jedhe. Gara biiroo godaatii sagaleen rurrukuttaa wayii natti dhagahame. Sirriin ture, kutaa kuusaa meeshaa hattoonni cabsaa turan. Yerosuma Aabbaa, obbo Faandaan, obbo Dules fi Piiter sadarkicha irraa suuta jedhanii bu'an. Harmee, aadde Faandaan, Maargoot fi ani immoo kutaa waliinii sanatti nam'inee waan ta'u eegne. 
Dubartoonni sodaan isaan guute afur mana tokko keessa afaan isaanii cufanii turuu hin danda'an. Kanaaf ususuu yookaan waan hin taane fi ta'u xeebuu qabu. Nutis akkasuma goone. Baay'ees osoo hin turiin sagaleen wayii dhagahame, achumarraan deebinee cal jenne. Sa'aatiin magaalaa sa'aa afur ta'uu ruubii hir'uu ta'uusaa bilbile. Sekendii tokko tokkoon isheef sodaan keenyi dabalaa deemaa jira. Garuu gidduu keenyaa afuura raafuu kan baafate hin jiru. Dhiirota maaltu isaan liqimse? Gogogiin sunoo maal ture? Hattoota duukaa wal reebu ta'innaa!.
Za'aa afur irratti faanni namaa sadarkicha osoo ol ba'uu dhageenye. Gaafa nu bira ga'u aabbaa dha. Akka baayyee na'eeru irraa beekama. Hedduu dafqee fuula amoolee fakkaatu tokkoon as nutti ba'e. Isatti aanee immoo obbo Faandaan. Akkuma dhufaniin shororkaa nutti gadhiisan. Daddafaatii ibsaa hunda dhaamsaa nuun jedhan sagalee isaanii gadi qabanii sadarkichaa gaditti akka hin dhagahamne yaalii gochaa. Ariifadhaa, mana kana ifti kamiyyuu akka hin jiraanne godhaa, poolisoonni naazii ammasammaa dhufuu danda'u, ariitii, ariitii, ifti kamiyyuu, shokokiin kamiyyuu akka mana kana hin jiraanne jedhan. 
Deemsa hadurreen suuta jennee ariitiin ibsaa hunda dhaamsinee booda gara dhiirota lamaaniitti deebinee gaaffiin isaan sardine. Dhimmichi maali?, Maaltu uumame?, nutti himaa, amma nutti himaa gafa jennu, isaan garuu gaaffii keenya lakkoofsa keessa osoo hin galchiin sagalee dhoksatanii osoo hin shokoksiin irraagadee sadarkichaa bu'an. Ija walitti babaasuun ala waanti nuun gochuu dandeenyu hin turre. Ittumayyuu ni shororkoofne. Za'aa afuriif daqiiqaa kudhan irratti dhiironni afranuu sadarkichaan ol nutti dhufan. Lamaan isaanii gara kutaa Piiter seenanii karaa foddaa sochii ala jiru hordofuu dhaqan. Gara keenya kan seensisu hulaan icciitii sirriitti cufame. Baqaqaan balbalaas ta'ee qaawwi ifa dabarsuu danda'u hunduu moofaan hudumamanii duudan. Kana booda ture waanta mudate kan nutti himan. 
Gaggabaabsee waan isaan nutti himan sitti haa himu. Jalqaba Piiter ture kakakii godaa kan dhagahe. Akkuma dhagaheen sadarkicha gadi bu'ee biiroo irra naanna'ee yeroo addaan baafatu balballi mana kuusaa walakkaan karaa biraa jigee arge. Achii fiigee dhufee aabbaatti hime. Afaan Ingilizii akka isa hubachiisuuf fakkeessee kan inni waamee itti hime kana ture. Sana booda dhiironni afran isaanii iyyuu wal hordofuun gadi bu'an. Yeroo achi gahan hattoonni hulaa sana bal'isuuf dhama'aa turan. Obbo Faandaan hattoota sana naassisuu malee nurratti balaa maalii akka fiduu danda'u osoo hin tilmaamiin dingata Pooliis jedhee iyye. 
Gidduutti gara bakkeetii faanni namaa dhagahamnaan ammas calliinsi mudate. Tarii poolisoota Naazii haala qo'achuuf ba'an yoo ta'an, hulaa icciitii sana akka tasaa yoo argan wacabbarinsi akka hin uumamneef xaawulaa hulaa sanaan gitu barbaaduun cufan. Garuu yoosuu namni wayii dhufee duubaan yeroo dhiitu xaawulaan sun ni kufe. Sa'aa sanatti dhiirota keenya si hin godhiin kiitii, bakkuma jiranitti akka kistaanaa goganii hafan. Sa'aan dhumaa gahuu ishee hubatanii yaalii dhumaa gochuuf murteessu. Addatti Piiterii fi obbo Faandaan eenyus haa ta'u eenyu nama hulaa kana darbee seene ajjeesuuf qophaa'an. Obbo Faandaan maancaa harka isaa irra jiru mimmijeeffatee handaara qabatee eeguutti jira. Haa ta'uutii eeganis eeganis namni seenu hin argamne. Irra deebiin guutummaa guutuutti calliinsi ta'e. Kanaaf aabbaan faa xaawulaa sana deebisuuf barbaadan. Socho'uuf wayita yaalan immoo rakkoo biraa, Rakkoo maalii naan hin jettuu? Daandii guddichaa kellaa biiroo kanaa fuuldura irra tirika ibsachaa dhiirri tokkoo fi uwwaan tokko darban. Tirika isaaniis qaawwa mana keenyaa irratti akeekaa darban. Deebi'anii gara balbala keenyaattis siquu barbaadan. Balballi kuusaa meeshaa sunis ifaan guutame. Raajiin danfe jedhe dhiirota keenya keessaa tokko. Nii nyaatamne dhiiroo Haga ammaatti shoora poolisii taphachaa kan turan dhiirotni keenya, Shoora poolisummaa sana dhiisanii ammammoo shoora hattootaa taphachuu jalqaban. Faanni isaanii akka hin dhagahamneef quba miilla isaaniin ejjechaa, sobanii gadi fiiganii akka irratti hin dammaqamne karaa kuusaa meeshaa sana bahanii as nutti deebi'anii of darbachaa sadarkaa sana irra ol nutti aseenan. Seenaan kun har'aaf kanuma irratti gahan siin jedha. 
Kutaa lammaffoo immoo itti siif haa fufu. Warri abbaa Tirikaa sun cabuu balbala mana kuusaa sanaa arganii waan jiraniif hundi keenya poolisiitti nii himu kan jedhu tilmaamne. Akkuman sitti hime kun kan ta'e dilbata halkani. Dilbata faasigaati. Bulees Wiixata faasigaa waantureef eenyu iyyuu gara Biiroo akka hin dufne beekamaadha. Kanaaf hanga Kibxataatti sochii gosa kamiiyyuu gochuun hin danda'amu jechuu dha. Mee yaadi Kiitii, sodaa guddaa kana waliin halkan lamaa fi guyyaa tokko guutuu eeguu. Waanti mudate maal akka ta'ee fi kana gochuu qabna jedhee namni nu keessaa jecha tokko dubbate hin jiru. Kanaaf kutaa waliinii dukkana limixiin liqimfametti walitti qabamnee waan ta'u eeguu eegalle. Dubbiin keenya martuu ususaan ture. Walakkaa keenyaa namni ta'e shokokii wayii yoo dhageessise Us jechuun wal akeekkachiifna. 
Afuriif walakkaa ta'e.... Irra darbee sa'aa shanis ta'e.... Amma godaa sagalee dhagahamu wayitu hin jiru. Naannoo shaniif ruubiitti gagagiin wayii fi sagalee namootaa kallattii mana kuusaa tii dhagahame, Afuura takka takkaa keenyaa daawullaa daawullaa gahuun mana guunne. Kana irraan kan hafe bakka jiruu namni mixxiq jedhe hin jiru. Sagalee faanaa Mankuusaa darbee nutti dhiyaachaa jiru dhageenye. Eeyyee ammas naannoo Waajjira waloo Meeppeefaa dha. Ammammoo naannoo waajjira Kireeler fa'i. Amma Kushinaa Biiroo bira. Achimmoo hulaa icciitii keenya fuula dura. 
Mudannoo gaafsanaa jechootaan ibsuun dadhabbii akkasumaaniiti Kiitii too. Ammaree nuu dhumeeran jedhe yaada kootti. Sa'aa sanatti tokko tokkoon keenya poolisoota Naaziin yeroo harkifamnu natti mul'ate. Balbala gara keenyatti galchu si'a lama sadii humnaan sochoosan. Amma immoo deebisee calliinsa yeroo gabaabduu booda kotteen namootaa fagaachaa deemuu isaa dhageenye. Uf.... Yeroof boqonneerra. Yeroo murtaayeef afuura baafachuu dhaabneerra jedhamuu ni danda'a. Nama hoollatu, nama kirkiru, kan ilkaan wal reebu, kan wargamu, of dadhabee kan kufu atumti tilmaamuu yaali malee ani siif ibsuun naaf hin danda'amu. 
Amma sagaleen godaa dhufu hin jiru. Garuu Ambuuliin sibsaabii qixa balbala mana icciitii keenyaa poolisoonni ibsanii turan ammallee ifaa jira. Sababni isaa maal ta'inna? Balbala mana icciitii ta'uusaa baraniituu laata? Suuta suuta tokko lama jedhee arrabni keenya hiikamuu jalqabe. Amma biiroo keessas ta'ee mankuusaa keessa waan tokko illee akka hin jirre ni beeksisa. Garuu immoo maaltu beeka? Eegduu tokko ramadanii deeman ta'a. Jechuun koo humna dabalatanii deebi'uuf....
Sana booda waantota sadii qofaa goona ture. Tokko, waanta mudate tilmaama mataa mataa keenyaa kennuu. Lama sodaan pherepheramuu, sadii dabaree dabareen fiffignee qulqullaa'uu. Qulqullaa'uu gaafan siin jedhu waanta baay'ee keessummaa ta'e tokkon sitti hima. Tarii biiroo godaa keessa maandheffataniiru shakkii jedhurraa kan ka'e mana fincaanii isa gajjallaa hin fayyadamnu. Ujummoon mana fincaanii keenyaas keenyan Biiroo keessa darba waan ta'eef ni dhagahu jennee waan yaadneef fayyafamuuf garaa hin jabaanne. Guyyuu hojjettoonni biiroo jiru waan ta'eef meeshaan itti fayyadamu illee, Sanbataa fi Dilbata nu hin barbaachisan jennee qilleensi haa rukutuuf gara baaxiitti ol baasnee keenyeerra. Sa'aatii kanatti immoo gara baaxiichaatti ol ba'uun balaa qabaachuu danda'a. Kanaaf filannoo tokkichi nuti qabnu Piiter kutaa isaa keessatti kuusaa kosii qorqoorroo irraa hojjetame fayyadamuu qofa. Jalqaba obbo Faandaantu fayyadame. Achiimmoo aabbaa, harmeen haallisaa baay'ee itti toluu waan dideef fayyadamuu hin dandeenye.  Maargoot, aadde Faandaan, itti aansee ana, fayyadamnee kan garaa keenyaa salphifanne. Xumurarratti garuu harmeenis dirqiin gaafa ishee qabu fayyadamte. 
Fooliin kuusaa kosii sunis lafa seennu nu dhabsiisaa jira. Halkan keessaa sa'aa ja'a ta'eera. Hunda keenya dadhabbiin nurra buufateera. Hundi keenya kutaa bal'aa kana lafa rafuu qabna ajajni jedhu darbe. Anaa fi Maargootif boraatii fi awsaan mata mataatti nuu kenname. Isheen sanduuqa dhaabbii jala, ani immoo miila teessotaa jala ciciifne. 
Calliinsa, ususa, foolii badaa, sodaa, humna irribaarra darbuun sagalee qilleensaa bakkeetii dhagahamu, Daqiiqaa daqiiqaan ka'ee kottee nama gara kuusaa kosii sanaatti fiiguu fi Kkf. Kan ta'e ta'ee naannoo saddeetiif walakkaatti irriibni na fudhate. Aadde Faandaan luka koo yeroo boraafattu ture kanin deebi'ee dammaqe. 
Baay'ee immoo otoo hin turiin aadde Faandaan kaatee soofaa irra teesse. Achumarraan obbo Faandaan bakka ishee bu'ee miilla koo boraafatee rafe. Hanga sa'aa sagalii fi walakkaatti ciisee yaadaan isa baddaa fi gammoojjii buusee baasaan ture. Darbee darbee miilonni koo waan hoollataniif obbo Faandaan irriba isa dhorkuun koo hin hafne. Poolisoonni deebi'anii dhufanii yoo tarii nu argan waan ta'u hundaaf afuuraan of qopheessuun jalqabe. 

Sa'aa tokkoo oliif miila koo irra kan ciisaa ture obbo Faandaan fi haati warraa isaa deebisanii iddoo wal jijjiiran. Aabbaanis dhufee na cinaa lafuma taa'e. Dhiironni osoo addaan hin kutiin sijaara xuuxu. Takkaa immoo inni tokko afuura dheeraa baafate. Itti aanee immoo isa tokko. 
Halkan keessaa za'aa kudhan, kudha tokkoo, kudha tokkoof walakkaa. Irribni gaafa na didu ka'een gara kutaa Piiter deeme. Foddaa cina teenyee sagalee alaa dhufu eegaa turre. Baay'ee walitti maxxannee taa'uu keenya irraan kan ka'e, sodaa nutti dhagahameen dhahannaa onnee walii keenyaa ni dhageenya. Jechoota tokko lama walitti ususnee irra deebiin gurra keenya gara alaatti ergina. 
Aabbaan faa halkanichi nagaan yoo bari'e gara Obbo Kireeleritti bilbilanii beeksisuu fi nama nu xuwwaarsu akka nuu ergan itti himuu irratti walii galan. Yerosuma maal akka jedhan barreeffamaan lafa kaawwatan. Sodaan jiru garuu poolisiin kuusaa meeshaa keessa yookiin Biiroo keessa dhokatee jiru akka hin dhageenye isa jedhuudha. Garuu dabalees obbo Kireeler faa dhufanii haalota hunda mijeessuu isaaniin dura poolisoonni yoo dhufan hoo sodaan jedhu shakkii fi hookkara uume. 
Ergaawwan bilbilaan darbuu barbaadan isaan kana turan. Hattoonni cabsanii galanii turan. Achii boodas poolisoonni Naazii dhufanii Biiroo keessa naanna'aa turaniiti kan deeman. Hulaa mana icciitii bira hanga gahanitti ture. Ammaaf sana hin darbine. Hattoonni nahanii balbala mana kuusaa meeshaa erga cabsaniin booda karaa lafa biqiltuulee miliqanii bahan. Balballi guddichi ammayyuu keessaan akkuma loofametti jira. Tarii Obbo Kireeler jimaata yeroo bahu karaa balbala isa kaanii bahuu hin hafne. Meeppeen ariitiin furtuu fiddee dhuftee haalota akka hordoftu itti nuu dhaamaa!
Haaluma waliigaltichaan bilbilli bilbilame. Sana booda minjaala jala seenuun hundi keenya waan ol seenu eegne. Meeppee faa yookaan poolisoota. 
Piiteriin irribni fudhateera. Anii fi obbo Faandaan lafa bal'aa sanarra ciifne. Akka tasaa godaa sagalee faana namaa dhiyaachaa deemu dhageenye. Suuta jedheen ol ka'e. Meeppee faa ta'uu qabu ususa.

Balballi keenya ni rurrukutame. Balballi icciitii keenyaa ni rurrukutame. Inni kun addatti aadde Faandaaniif humna ishee ol ture. Fuullishee achumaa achitti akka waraqaa addaate. Of dandeessee dhaabachuun isheef dadhabame. Lallaaftee soofaa cina ishee jiru irratti kufte. Dhugaa sanan sitti hima Kiitii. Dhiphinni sun daqiiqaa dabalataa tokko osoo umrii dheeratee jiraatee aadde Faandaan maal ta'uu akka dandeessu ani hin beeku. Tarii ni duuti. 
Amma immoo dhiimma jeequmsa galgalaa irratti oduu haaraa obbo Kireeler nuu fidee dhufen sii hima. Obbo Kireeler mana obbo Silaagiter yeroo gahu obbo Silaagiter irribaa hin kaane ture. Haadha warraa isaati, abbaan manaa ishee akkuma duraan aadeffate osoo naannoo sonuu Balballi mankuusaa walakkaa irra caalaan cabuu isaa argee poolisoota bilbilee waamee akka agarsiise, kan Obbo Kireeleritti himte. Kan hafe abbaa manaan ishee Kibxata ganama dhufee, akka bal'ina isaa isaaniif ibsu obbo Kireeleritti himtee isa gaggeessite. 
Mana obbo Silaagiterii erga daabi'anii booda Obbo Kireeler qixa gamoo keenyaan daandii gama abbaa qabeenyaa shagaxa nyaataa fi mana dhugaatii namicha ta'e tokko arge. Dubbii keenya keessatti Kiitii, shagaxoonni nyaataa baay'een isaanii  nuu bitaman mana dhugaatii fi nyaataa namicha kanaati. Halkan mankuusaa hattaanni cabsanii galuu isaanii dhageessee? jedhee yeroo Obbo Kireeler gaafatu, Eeyyee nan beeka jedhe sagalee qabbanaa'aan. Eeyyee sa'aa sanatti haadha manaa koo waliin balbala sanarra osoo darbinuu ture kan balballi sun cabuu isaa argine. Jaartiin tiyya callisnee deemsa keenya akka itti fufnu ture kan isheen barbaadde. Ani garuu adda baafachuu waanan fedheef buttujjii koo akkan qabadhetti gara balbalichaatti siqeen yeroon keessa ol ilaalu hattoonni naasuun mankuusicha gadi dhiisanii badan. Garuu walanee isaa waanan sodaadheef bilbilee poolisii beeksisuu hin feene. Sis yoo ta'e bilbiluu dhiisuu koo hin jibbitu. Laal akkam seete Obbo Kireeler? Gamoo kana keessatti icciitiin maalii akka adeemsifamaa jiru waantan ani ofitti amanamummaatiin beeku hin jiru. Garuu dhiifama naa godhi malee waantonni ani shakku baay'een jiru. Kanaafi poolisootaaf bilbiluu kan ani hin barbaanne. 
Obbo Kireeler namicha galateeffatee karaasaa itti fufe. Namichi kun as keessa jiraachuu keenya shakkuun isaa hin oolu. Sababni isaas obbo Kireeler shagaxoota nyaataa kan gara biiroo nuu fidu yeroo hunda sa'aatii laaqanaa wayita hejjettoonni faca'an eegeetu. Ilaali Kiitii, namni gaariin gosa akkasiis jira. 
Obbo Kireeler nagaatti nuun jedhee yeroo deemu fi qodaa nyaataa dhiqnee wayita raawwannu naannoo sa'aa torbaa dha. Hundi keenya iyyuu irribni nu dadhabsiisaa waan jiruuf yoosuu gara gara kutaa ciisicha keenyaa deemnee rafne. Ani sagal ta'uu ruubii hir'uu yeroo ta'un dammaqe. Ijoota koo dunquqquu sukkuummachaa qulqullinaaf gara mana fincaanii deemee yeroon ol seenuuf jedhu Piiter duukaa wal kiphne. Achiin akka kutaa isaatti wal arginu mari'anne. 
Dhiqqadhee fi dibadhee akkan xumureen gara kutaa Piiteriin deeme. Achis osoo hin turiin gara baaxii sanaa deemuuf amma garajabina qabdaa? jedhee na gaafate. Boquu koo olii fi gadi sochoosuun Eeyyee koo isa beeksiseen wal qabannee gara baaxii keenyaa deemne. Qilleensi isaa jiidhaa fi kan hin quufamne ture. Piiter harka isaa salgii kiyya irra buusee garasaatti na siiqse. Anis dugda isaan hammadhe. Fagoorraa Makiinaan poolisootaa iyyaa deeman ni dhagahamu. Dhimma kan itti kennine siitti hin fakkaatiin. Akka wal hammannetti calliinsaan turre. Sa'aa kudhan irratti maargoot bunaaf yeroo nu waamtu ture kan wal gadhiifne. 
Namoonni miseensa mana icciitii kutaa waliinii keessatti walitti qabamne hagas maras yoo ta'uudhaa baate walitti qoosnee kolfine. Isa haa galatu lammaffaa kanaaf geenye. Waan hunduu akka duraaniitti deebi'e. Galgala keessa galata koo fi dinqisiifannaa koon ibseef. Dhugumatti halkan guutuu kutannaa fi murannaa Piiter argisiise hunda keenyaaf gootummaa kan nuu galaasu ture. 
As keessaa eenyuun keenya iyyuu haala sodaachisaa akka Dilbata galgalaa keessa darbinee hin beeknu. Dhuguma koon siin jedha Kiitii too, gaaf sana Waaqayyo gaachana ajaa'ibsiisaa nuu ta'e. Mee yaadi! Poolisoonni Naazii hanga balbala icciitii keenyaa sochoosuutti gahanii, ammas lubbuun jirra. Harka isaaniittis hin kufne. 
Akka Awwaannisaa arifatanii kan nama weeraran, xiyyaarota waraanaa Naazii mataa keenya irraa bookkisani  fi boombii akka bokkaa rooban kanamee kan sodaannu, lubbuu keenya tokkittiifiim. Dhiphinni dilbata galgalaa garuu isa kana irra harka dachaa kudhan hammaata. 
Sababiin isaas nuti qabamne jechuun namoota as keessa nu dhoksuun lubbuu keenya tursiisuuf yaalan kanaaf dhumate jechuu dha. Kana dha dhiphina keenya dachaa fi dirribii kan godhu. Maalumaafuu uumaan keenya salphina jalaa nu baasteetta ammas kanumaan itti fufi. 
Balaa sana teelaa mana keenyatti geeddaramsi baay'een godhameera. Obbo Duusel akka duraanii isa galgala galgala biiroo Obbo Kireeler keessa turu ni dhaabe. Kophaa isaa ta'uu wayita barbaadu gara mana fincaanii deema. Piiter galgala yeroo hunda bahee Biiroo fi mankuusaa akka xuwwaarsu itti gaafatamummaan itti kenname. 
Umriin balaa Dilbata galgalaa sanaaf, jiraattonni mana icciitii yeroo jalqabaaf dhimma dhabuu keenyaaf gargaartota keenya biraa  oriisaan nu qaqqabeera. Obbo Kireeler of eeguu dhabuu keenyaaf nutti dheekkame. Meeppeenis akkasuma. Goda biirootii gogogii dhageenye jedhamee mitii osoo ibiddi ka'ee iyyuu asii akka mixxiq hin jenne nu akeekkachiisan. Nuti dafee dhaqqabdoota balaa tasaa osoo hin taane Yihuudota  du'a dhokannee as jirru akka taane nu yaadachiisan. Waanti ta'e yoo ta'e iyyuu namoota cancala hin mul'annen mana icciitii kana keessatti hidhamne akka taane nuu himan. Dirqama kuma tokko malee mirga tokko iyyuu akka hin qabne dubbatan. Yaanni garaa keenyaa fi afuurri keenya osoo hin mudhukiin akka eeguu qabnu,  lubbuu keenya tursuuf hanga dandeenye qofa qulqulleeffachuu fi isa irra kan darbe Waaqayyotti kenninee akka dhiifnu nu gorsan. Guyyaa tokko kun hunduu ni darba. Duuchaamatti yihuudota qofa osoo hin taane namoota jedhamnee guyyaan waamamnu ni dhufa. 
Garuu eenyu ta'a walanee kana hundaaf kan nu saaxile? Eenyu dha, nu yihuudota saboota warra biraa irraa adda kan nu godhe? Eenyu dha, gidiraa fi dararaa hofotii kana hunda akka hofotnu kan eeyyame? Eeyyee kan ta'e hunduu akka ta'u kan godhe Waaqayyo dha. Ammas garuu qiliilee keessa galle keessaa kan nu baasus Waaqayyo dha. Nan amana, mankaraarrii, dararaa, gidiraa kana hundumaa obsaan dandamannee haleellaa nurra jiru oollee Yihuudonni muraasni yoo hafne, fakkeenya kufanii ka'uu guddaa addunyaaf taana. 
Jajjabinni nurraa hin fagaatiin. Hadheeffachuu dhiisnee le'ii keenya  tursiisuuf  dirqama nurraa eegamu qofa bahachuu qabna. Kan hafeen furmaannisaa yeroo isaatti ni dhufa. Kan ta'uuf ka'es inuma ta'a. Dhugaa tokko garuu dagachuu hin qabnu. Waaqayyo uummattoota keenya ganee hin beeku. Barri lakkaa'amuu erga eegalee kaasee Yihuudonni turani. Baruma baraanis gidiraa fi baqattummaaf saaxilamaa jiraataniiru. Garuu immoo jabinni isaanii kan dhufe kanarraayi. 
Si dhiba Kiitii too, maaliif akka ta'e mooji, Dilbata galgala du'uu akkan qabu natti dhagahame. Dhufaatii poolisoota ture kanan eegu. Yeroon siin jedhu sirriitti of qopheesseen ture. Akkuma loltuu waraana ho'e keessa jirutti. Amma garuu balaa sana irraa nan oole mitii? Waanta biraa hawwaan jira. Waraanni kun akkuma xumurameen lammii Hoolaandi ta'uu dha. Hoolandota baay'een jaaladhe. Qooqa saaniis baayyee waanan jaaladhuuf asuma jiraachuu fi asumaa hojjechuun fedha. Waaqni nama guyyaa sanaa naan haa jedhu malee, kaayyoo koo kana hangan galmaan gahee argutti samiin ani hin daakne hin jiru. Mootittii mataashee xalayaatiin gaafachuu irraa waanti na hanqisu hin jiru. 
Dhiibbaa maatii koo irraa bilisa of gochuuf yaaliin ani godhu guyyaa irraa gara guyyaatti foyyee fidaa jira. Dhuguman siin jedha Kiitii too, Jireenyaa koo  kanan wal'aansoo qabaa jiru karaa harmeerra foyya'aa ta'eeni. Haqarratti ejjennoon ani qabus eenyumaanuu kan hin sharafamnee fi kan hidda gadi fageeffate ta'eera. Kanin barbaadu beeka. Ilaalcha mataa koo fi galma mataa koon qaba. Amantaa qaba. Jaalala nan qaba. Of ta'uuf fedhii guddaan qaba. Amma dubbii walii galaan ani uwwaa guutuu dha. Durba Cimina afuura keessoo fi onnee hin dachaane qabdu dha. 
Waaqayyo akkan jiraadhu yoo naa eeyyame bakka harmeen geesserra namummaa wayyu akkan qabaadhu nan godha. Eeyyee Kiitii, osoo hin beekamiin akkasumaan jiraadhee darbuu hin barbaadu. Hangan danda'etti dhala namaa hundaaf nan hojjedha. 
Aanaa kee irraa
JIMAATA EEBILA 14/1944
Jaalatamtuu Kiitiif 
Erga jeequmsa dheengaddaatii haalli jiru kan namatti ulfaatu dha. Aabbaan inni cimaa jedhamullee ho'ee danfuuf waanti isa hafe hin jiru. Aadde Faandaan qufaa cimaan ishee qabee siree qabattee jirti. Hanga hojjettoonni hunduu asii deemanitti afaanshee siree gubbaatti qadaaddee akkuma qufaatetti oolti. Obbo Faandaan guyyaatii gara guyyaatti huuqqatee huuqatee lilmoo fakkaateera. Obbo Duusel mijuu isaa eeggachuuf yaaliin inni gochaa ture isaaf dadhabamuu irraan kan ka'e iddoo tokko taa'ee areeda isaa osoo sukkuumuu bariissisee dhiissisa. Warri hafnes akkasumatti karaa mataa keenyaa miira walii galaa manichaa agarsiisaa jirra. 
Qofa garuu Kiitii, tibbana carraan nuun duukaa akka hin jirre waan wal nama gaafachiisu miti. Kanarratti ujummoon bishaanii mana fincaanii keenyaa cabee bishaan dhangalaasaa jira. Gara kutaa isa gad aanuutti cobuu jalqabeera. Gaarummaan isaa waan akkasii kana gargaartonni keenya nuu sirreessuu waan danda'anii dha. Rakkoon jiru garuu nuun mataa keenya sirreessee gara miira keenya duraatti akka deebinu kan nu godhu eenyu akka ta'e mooji malee. 
Si ajaa'iba Kiitii, Sammuun koo hadhaba kana gidduutti afuura baafannaa dhabee osoo jiruullee, darbee darbee illee taatu miira gammachuu balaq jettee hillim jettu si'a baayyee nan arga. Akka carraas ta'ee hadhaba sanaa bahuu fi afuura baafannaa argachuuf waan xiqqootu na gaha. Fakkeenyaaf Piiter wajji gatiittii wal hammannee, walitti siqnee, harka isaa tokkoon immoo simala rifeensa mataa koo lama sadii qabee yeroo quba isaatti maru, Sagalee sinbirroota bilisummaan bakkeetii burraaqan yeroon dhagahu, biqiloota baala isaanii guutummaa guutuutti harcaasanii lammaffaa deebisanii magariisa uffachaa jiran yeroon argu, gara baaxiitti ol bahee Aduu ho'i ishees ta'ee ifti ishee kan hin quufamne fuula dura yeroon dhaabadhu,  samii qulqulluu ol jedhee yeroon ilaalu,  Meeqa sitti himeen danda'a? Dubbii keenya keessatti akkuma waantota xixiqqoo fakkaataniif sammuun koo dhiphinaan waadamu, waantotuma xixiqqoo fakkaataniin gammachuun koo ni deebi'a. 
Jechama walii galaan haalli mana icciitii keenyaa maal fakkaata jettee yoo na gaafatte, Afuura watwaannaa dheeraa baafachuu, ammas ammas quboota isaanii qaqaqsu, daqiiqaa sadi sadiin hamuummachuu fi hihiixachuu, gogaa adda isaanii walitti guuruu, oduus ta'e dubbii jibbuu, fi walumaa gala namoota surraa fi gammachuun irraa fagaateen kan guutamedha. Hunduu akka waan jireenya kana ganna lama guutuu hin jiraannee fakkaateera. Karaa koo gurra hin guddisiin hafneerra natti hin fakkaatu. Dhugaa dubbanna taanaan rakkoo nu mudate ol kaasna taanaan hanguma nuti ol kaasne nutti ulfaata. Gidduu keenyaa haalota qabbaneessee nu tasgabbeessuuf kan yaale, akkasumas kan fakkeenya nuu ta'e hin jiru. Aabbaan mataan isaa abshiir jabaadhaa jedha malee inniyyuu jabaadhuu akka barbaadu haala isaa irraa ni hubatama. Hunduu qooda miira isaa tasgabbeessuu qabu matuma mataa isaatiin yeroo hadheeffatu mul'ata. Achi abbattii koo, osoo kan ta'e ta'ee nu obbaafachiisee gaariidha jechi kun hanga gurri kee dhagahuuf nuffutti irra deddebiin dhagahama. 
Ammas dhugaa isaa natti himi yoo naan jette. Har'a callisee aari aari naan jedha. Garuu sababa isaa natti himi yoo jette hin beeku. Waanti hunduu najalaa wal makeera. Mudannoo isa tokko mudannoo isa biraa wajjin daandiin ittiin wal qabsiisu illee dhabaan jira. Ammoo barreeffama  guyyaa guyyaan ani barreessu eenyu iyyuu iddoo itti kennuu dhiisuu mala, yaadni jedhu dhufee fuula koo dhaabatee hamlee barreessuu koo gadi buusaa jira. Waraanichi gaafa raawwatu jalqaba Diyaarota walitti qabna kan jedhan Obbo Baalkestaayin fa'ittis Diyaariin too waan dhama hin qabne taatee itti mul'atti yanni jedhus natti dhagahame. Haa ta'u malee Kiitii too, laftii fi samiin illee osoo bakka wal jijjiiranii barreessuu akkan hin dhaabne waadaan sii seena. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Walanee irratti walanee, dararaa irratti gidiraa, xumurrisaa yoomuma laata? Gaaffii kana amma osoo of gaafannee dhugaa qabna. Amma immoo maaltu uumame naan hin jettuu? Piiter loosaa balbaba karaa guddicha irraa gara biiroo geessu osoo hin baniin dagate.  Guyyaa hunda nageenya keenyaaf jennee galgala galgala balbala sana keessaan loosaa loosnee cufna. Garuu obborfannee kaanee osoo hojjettoonni hin dhufiin loosaa sana keessaa baafna. Kun yeroo hunda itti gaafatamummaan isaa kan Piiter ture. Maarree akkuma yeroo hunda godhu Obbo Kireeler dura hojjettootaa dhufee furtuu banee yeroo ol seenuuf jedhu balballi keessaan loofameera. Sitti haa agarsiisu Kiitii tiyya, akka tasaa osoo Obbo Kireeler barfatanii dhufaniiru ta'ee yookaan otoo hojjettoonni warri kaan dura dhufaniiru ta'ee maal jedhama? Balbalichi keessaan cufameera jechun namni keessa jira jechuudhaam!...... Dogongora dadhabootaa jiraattota mana icciitii kanaan raawwateen obbo Kireeler akkam akka nutti ori'e sitti hin himu. Dhugaa dubbachuuf garuu aaruunuu itti ni xiqqaata. 
Egaa yeroo sana Piiteriin si hin godhiin Kiitii tiyya, Akkam ofitti akka saalfate osoo argitee garaa si nyaata. Haala Piiter kana kan hubatte harmeen dhiyaana irratti maaliyyuu caalaa kan ishee gaddisiise Piiter akka ta'e dubbatte. Boo'uuf waa malee isa hin hafne. Dhugaatti balleessaan isaa kan Piiter qofa osoo hin taane kan hunduma keenyaati. Yeroo kaan hundi keenya gara barii balbalichi loosaan isaa osoo hin kaafamiin akka hin hafne jechoota akeekkachiisaa darbanna ture. Akka carraa ta'ee har'a tokkoon keenya iyyuu hin yaadanne. 
Maalumaafuu gara boodaarra hangan danda'e isa jajjabeessuu nan yaala. Miira hadhaawaa inni keessa gale keessaa baasuuf dirqaman qaba. Piiteriin hubachuurra waanti na gammachiisu akka hin jirre atiyyuu beekta.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Jaalatamtootaa Kiitiif
Guyyicha kaleessaa yoomillee akka ati yaadattun barbaada. Sababiin isaas jireenya kiyya keessatti iddoo guddaa kennuufii guyyaan qabu dha. Dhugumatti mucayyoo tokkoof guyyaan isheen yeroo jalqabaatiif dhungatamte isheef guyyaa addaati. Sirrii mitii Kiitii?, kanaaf anaafis guyyaan kaleessaa guyyaa angafadha. Eeyyee dur obbo Biraam maddii koo mirgaa inni na dhungates ta'ee inni michuun aabbaa obbo Waakir harka koo mirgaa na dhungate hin lakkaa'amu. 
Garuu akkamitti dha, carraa dansa kana argachuu kanin danda'e? Yeroo hamma kana booda akka tasaa carraa dhungatamuu akkamiinan argadhe seeta? Gaarii, jalqabarraa kaasee anumti tokko lamaan siif haa himu. 
Kaleessa galgala keessa sa'aa lama irratti kutaa Piiter akkuman seeneen isa cinaa sireesaa dachaatu irran taa'e. Baay'ees osoo hin turiin Piiter harka isaa tokko gatiittii koo irra kaa'e. Akkasumas ofitti na qabee caalaatti ofitti na maxxanse. Ani kanin taa'e karaa saanduqa dhaabbii waan ta'eef irra deddeebiin waan na dhaheef xiqqoo osoo ol siqnee hin wayyuu jedheen isa gaafadhe. Piiter yoosuu gara keenyanitti siqe. Inumaayyuu cabsaa keenyan keessa ruuqame jedhamuuf ni danda'ama. Anis isa hordofee itti siqee irree isaa jalaan harka koo loosee mudhii isaan hammadhe. Innis harka isaa lamaan gatiittii kiyyarra jiru walitti gudunfee yeroo ofitti na jabeessu lapheesaa irratti na maxxanse. Dubbii keenya keessatti Kiitii, kana duras taa'umsa gosa kanaa teenyee beekna. Akka isa kaleessaa garuu walitti maxxannee hin beeknu. Yeroo kamirrayyuu caalaa jabeessee ofitti na qabee ture. Salgiin koo biraa bo'ii laphee isaa keessa ruuqameera. Ani immoo karaa koo itti caalchiseen itti of maxxanse. Innis  bifa of keessa na galchuu fakkaatuun hudhee ofitti na qabe. Achumarraan dafqa, hargansuu qilleensa daawullaa isaatiin baasuu jalqabne. Qolee koo rifeensa koo waliin walitti hammaaree mataa koo morma jala hanga na galchutti, jechuunis Guutummaa guutuutti hanga na haammatutti harki isaa takkaa hin boqonne siin jechuu nan danda'a. Ho'i keenya suuta suuta dabalaa deeme. Hargansuun keenya ciccituu eegale. Akkuma jirru kanatti osoo bara baraan jiraannee jedheen hawwe.
Akka nama hirribaa dammaqee gidduuttin wareere. Maaliif akka ta'e osoon hin beekiin laphee isaa irraa olan jedhe. Isa cina osoon taa'aa jiruu akka tasaa ol jedhee ofitti na qabee oddoon duraan turetti na deebise. Anis akka duraatti itti maxxanuuf wal'aansoon eegale. Isa ammaahoo na hin gaafatiin Kiitii, fuulli keenya baay'een isaa wal tuxxuqaa ture. Afuurri keenyas akka giimii gubuu jalqabe. Miira mijuu akkamii keessa akka turre sitti himuuf yaaluun dadhabbii akkasumaaniiti. Osoo hin argiin tilmaamuu tasayyuu hin dandeessu. Jecha tokkittii waliin dubbachuu hin dandeenye yoon siin jedhe na amantaa? Edaa gammachuun yeroo baay'atu dubbachuu mara nama dhowwa jechuudhaa? Kan si ajaa'ibu immoo miirri sitti dhagahamu miira oduu wal irraa hin cinne fakkaatu wayiiti. Baay'ee waan waliin dubbatte sitti fakkaata. Takkaa maddii koo, takkaa morma koo, takkaa irree koo lamaan na hooksa ture. Eeyyee, hooksi isaa akkan siniimaatti arge sana suutaa fi tooftaan kan guutame hin turre. Akkas ta'uu dhiisuu isaafis baay'een jaaladheef. Dagaggama immoo shimala qajjisa koo sukkuumee adda baasaa ture. Qofa gabaabumatti Kiitii tiyya, samii torbaffaatti olan bahe yoon siin jedhe waanan gurra guddise sitti hin fakkaatiin. Innis waan garaa isaa otoo dubbatee kan kanaa gadii hin ta'u. 
Maalumaafuu Kiitii too, Akka sa'aa walakkaa erga turree booda, jechuunis galgala sa'aa lamaa fi walakkaatti laamshaa'aan keenya wal gadhiisne. Wal gadhiisuun sun immoo hagam ulfaataa seete? Waan qaamni kee wayii citee hafe sitti fakkaata. Ani qajjisa koo sisirreeffachuu yeroon jalqabu, inni immoo kophee siniikerii isaa dirate. Kophee isaa sinikerii kan kaawwateef immoo yeroo hunda sa'aa kanatti gadi bahee waan jiru mirkaneessee balbala guddicha keessaan cufuun itti gaafatamummaa isaa waan ta'eef, akka faanni isaa hin dhagahamneef kophee kana fayyadama.  Addunyaa keenya kana yeroo xumurru dursee kan siree irraa ka'e Piiter ture. Anis garuu yoosuu ka'een isa bira dhaabadhe. Yaa raajii keenyaa Kiitii too, irra deebiin wal ilaalle. Ammas akka haaraatti ija keessa na ilaalaa, fuula koo qaqqabuu fi martuu kiyya sukkuumuu jalqabe. Anis waanan godhu akka na jalaa bade ifatti karaa narraa beekamuu danda'uu fi hiituu shaamiza isaa fuula duraa qaqqabaa ija kiyya olii gad dhahuun jalqabe. Achii akkam akka tahe mooji, akka tasaa afaan isaa afaan kiyyatti qadaadee ichimee na dhungate. Eeyyee Kiitii too, hidhii isaa qajjisa koo gidduu loosee, maddiin isaa fi mormi koo iddoo wal qunnaman irra silliq godhee na dhungate. Yeroo tokkotti bakka sadii akka na dhungate naa hubattee Kiitii tiyya? Takkaatti maddii koo, gurra koo fi afaan koo na na dhungate. Ol jedhee illee osoo isa hin ilaaliin  balbala banadheen bahee sokke. 
Namoonni kutaa waloo sana keessa taa'anii haasa'aa jiran uumamuun isaanii illee osoo hin hafiin waan qaxab na jedhe sitti hin fakkaatiin. Ganamni yoom naa barihee isaa wajjin wal arga jedhee osoon yaaduu kutaa kiyya galee uffata keessa lixee rafe. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Kutaa dargaggeessa tokkoo seenee siree gulummaa isaa irratti qabdoo gochuu koo osoo dhagahanii waan amananii fudhatan sitti fakkaataa? Dargaggeessa ganna kudha torbaa fi mucayyoo waggaa kudha shan seeraan hin fixnee? Karaa koo raajii kamiinuu ni fudhatu amantii jedhu hin qabu. Kanas ta'ee sana dhimma kanarratti ofitti amanuun qaba. Harka isaa bitaa fi mirgaan naa afee qolee koon irra ciisee abjoochuun boqonnaa hin safaramne naa kenna. Yeruma maddiin koo fi maddiin isaa wal tuqan qaama koo keessaa gaarraatii hanga gajjallaatti waanti hollatu tokko jira. Isa kaan dhiisiitii namni hawwiin na eegaa jiru tokko jiraachuu isaa beekuun koo qofti gammachuu inni naa kennu kana jedhamee kan himamuu danda'amuu miti. Garuu immoo wanti yaaddoo natti ta'aa dhufe tokko jira. Piiter waliin dubbii irra darbee, walitti dhufeenya keenya haga yoonaan gammachuun itti fufuu danda'aa laata? Yeroon inni haasaa arrabaarra waan darbe na gaafatu ni dhufaa laata? Dhuguma waadaa inni naa seene dagadheetiis miti. Yeroon siin jedhu hanga bakka kana jirutti waan kana irra darbe akka hin raawwanne irra deddeebiin naa mirkaneesseera. Garuu waan tokko akka hin daganne Kiitii. Maalis haa ta'u maal Piiter dhiira dha dhiirri miirri isaa yeroo itti ka'u yaadsammuun isaa isa dhiisee deema jedhama. Kanaaf malee Piiter dhimma kam irratti iyyuu yoo amante kan si qaanessu akka hin taane anaa ol ragaan hin jiru. 
Dubbii keenya keessatti Kiitii, anis umrii koo malee akkan eegale naa gala. Eeyyee reefu waggaa kudha shan illee hin fixne. Garuu waa hunda ofii kootii gochuu fi murteessuu jalqabeera. Kun namoota birootti waanta keessummaa yookaan kan amanuuf nama rakkisu ta'uu danda'a. Sababiin isaas kun waan baratamaa miti. Fakkeenyaaf Maargootiin osoo fudhattee, waadaa gaa'ilaa yookiin walii galtee barreeffamaa yoo qabaatte malee raajii kamiinuu akka hin dhunganne ofitti amanamummaa guutuutiinan sitti hima. Tasayyu hin tuqsiistu. Gita sanaan garuu anii fi Piiter waan kun jiraachuu isaa iyyuu sirumaa waan quba qabnu hin fakkaannu. Harmees yoo taate aabbaa dura dhiira gara biraa akka hin beekne nan amana. Hiriyoonni koo ijoolleen dubaraa kan mana barnootaa raajii koo kana osoo dhahanii maal naan jedhu laata!? Dhugaan jedhaam!, Piiter duukaa akka wal sukkuumnu, akka wal dhungannu osoo beekanii maal naan jedhu.  
Garuu, garuu, garuu saballaqamummaan koo eessatti? Dhugaa haa dubbannu osoo jennee  anis ta'ee Piiter balleessan keenya maali? O'o, nuti yeroo kana hunda lafa raajii kana keessa kan turredhaam!, Addunyaa guutuu irraa cinnee, akka hiriyoota keenyaa bilisummaa argachuu qabnu dhorkamnee, carraa abaaramaa nu mudateen dargaggoota barbadaa gidduutti ugguramnee jirrudha. Kanaaf maaliif walirraa fagaachuun nu barbaachisaree?. Maaliifis umrii keenya eeguun nu barbaachisa? Ammoo ilaalcha warra kaaniifis dhiphachuun nu hin  barbaachisu. Hinyinyiin yeroo nama sheeqqatudhaam!
Waanuma fedheefuu dogoggora hin babaachifnee fi rakkoo hin taane keessa akkan hin buune akka na eeguuf itti gaafatamummaa isaa isarratti gatee dhiiseera. Isas yoo ta'e haala rakkoo keessa na buusuu danda'u irraa sirriitti akka of eeggatu dhibbaa dhibbatti ittin amana. Kanaaf onneen koo gara na oofte hundatti akkan hin deemne wanti na dhorku maaltu jira? Yeroon siin jedhu, anis innis wanti ittiin gammachuu argannu isa erga ta'ee. Waanumti ta'e ta'ee Kiitii too, ammas waantin ani mirkaneeffachuu barbaadu akka jiru, akka ati tilmaamtu shakkii hin qabu. Jechuun, wanta wal dhokachuu of keessaa qabu kan gosa kamiiyyuu ani hin barre, akkasumas jireenyin ani hanga har'aatti jiraachaa dhufe, amalli haqummaa koo keessa kootii na qoraa jira.  Kanaaf maal naan jetta Kiitii tiyya? Waa'ee waantan gochaa jiruu kanaa aabbaatti himuun waan na barbaachisu sitti fakkaataa? Anis ta'ee Piiter icciitii keenya qaalii kana nama sadaffaaf hiruu qabnaa? Mooji kooti malee Kiitii too, ani karaa gama koo icciitii keenya kana ifa baasuun gammachuu keenya ni dimimmiseessa yaaddoo jedhun qaba. Karaa biraa immoo walitti dhufeenya icciitii kana aabbaatti himuun ceephoo yaadsammuu koo irraa bilisan ba'a yaanni jedhus natti dhufeera. Maalumaafuu murtii gosa kamiirrayyuu gahuukoon dura Piiteriin mariissisuun qaba. 
Eeyyee Kiitii tiyya, isa duukaa waantan marii'achuu qabu hedduun qaba. Wal hooksuu fi wal dhungachuun qofti gahaa ta'ee natti mul'achaa hin jiru.  kana gochuun keenya immoo lamaan keenyaafuu bu'aa malee kasaaraa hin qabu. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Waanti hunduu gaarii fakkaata. Waraanni sabdaneessaa hoggansa Xaaliyaanii fi Ruusiyaatti akkasumas waraana Naazii gama lixaan jiru irraatti opireeshinii weeraraa bal'aa caamsaa digdama dura ni gaggeessa jedhee ofitti amantii guutuun eegaa jira. Ani garuu bakka kanaa haala itti bahuu dandeenyu yaaduunuu natti ulfaataa jira. Dhugaa ta'uun isaa natti mul'achaa hin jiru. 
Kaleessa anaa fi Piiter gara barsiifata keenya duraatti deebineerra. Jechuun koo akkuman sitti hime gidduu kana, yoo xiqqaate guyyoota kudhanif waanta oduu jedhamu dhiisnee, wal hooksuu, wal dhungachuu, yookaan immoo wal hammannee calliinsaan turuu qofa ture. Har'a ammoo waa'ee ijoollee durbaa sirriitti akka ta'uttin isa hubachiise. Baay'ee icciitii waantonni jedhaman osoo hin hafiin tokko tokkoon gadi fuudheen isa haasofsiise. Galgala kana akkuma baranne kan ittiin xumurre wal dhungachuuni. Jalqaba irratti kan maddii isaa dhungate ana ture. Itti aanee immoo inni na dhungate. Akka durii maddii koo walakkaa osoo hin taane baay'ee gara afaan kootti siqeeran  siin jedha. Fokkuun ta'e malee otoon boquu koo gara isaatti naannesseera ta'ee?
Piiter duukaa marii bal'aa gaggeessuuf dagaggama Diyaarii koo fuudhee deemuun tarii na barbaachisuu hin hafne. Galgalas ganamas wal sukkuummii qofaan adda bahuun gahaa ta'ee natti hin argamne. Innis tarii yaaduma akka kanaa osoo qabaatees baay'ee natti tola. 
Kan hafeen amma waqtiin itti jirru waqtii bareedaa waqtii Birraa dha. Addatti jiini kun qilleensi isaa baay'ee kan namatti tolu dha. Baay'ees osoo hin ho'iin, baay'ees osoo hin qorriin gita barbaadamuuni dha. Darbee darbee immoo qilleensa haphii qilleensa'a. Biqiltuun Cheestineetii guutummaatti magariisa uffataniiru. Akkasumas ililliiwwan xixiqqoon bakka bakkatti ni mul'atu. Garuu guyyaa muraasa booda magariisummaan isaa hanga dhokachuun gahutti habaabonni ni uwwisu. 
Dubbii keenya keessatti waa'ee ilillii erga kaasnee waanan sitti hin himne tokkon qaba. Namoonni mana icciitii kanaa hiree garaa garaa miirri isaanii akka hin miidhamnee fi akka hin jeeqamneef Meeppeen darbitee darbitee waantota tokko tokko nuu gooti. Walanee torban dura keessa seennee turre immoo atiyyuu ni beekta. Kanaaf Meeppeen qodaa ilillii afur qabu Sanbata darbe nuu fiddee dhufte. Inni tokko anaaf kophaatti kan naa dhufe ture. 
Jedhi egaa Kiitii too, Har'a baay'ees si wajjin hin haasofne. Sababiin isaas qo'annoo hirregaa wayii gochuu waanan qabuufi. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Obbobbosh,.... Haa ta'uyyuu malee addunyaa kana irratti baaxii karaa sadiin keenyaniin golgamee karaa tokkoon qofa banaa ta'e irra taa'anii icciitii uumamaa dhamdhamuun, Sinbirroota asiif achi daddarban sagalee kiilolee isaanii dhaggeeffachuu, ifa aadde biiftuu ho'ifachuu, eebba kana hunda mucaa baay'ee jaalatte wajji qooddachuu caalaa maaltu nama gammachiisa? Oo... Kiitii too!... Harkoonni isaa natti maramanii mudhii koo na qaban ho'i isaa yeroo natti dhagahamu, yeroofis ta'u na cina jiraachuu isaa yemmuun yaadadhu, tasgabbii akkamii fi gammachuu akkamii akkan argadhu sitti himuu hin danda'u. Eeyyee Kiitii, jecha kamiinuu kan cabuu hin qabne, dudubbii kamiinuu kan cabuu hin qabne. Callistee waliin dubbii dhiisuun dhamdhama mi'eeffattu fi miira si bashannansiisu ni fayyadamta. Dhuguman siin jedha, osoon jeeqamuu baadhee miirri jedhu si seena.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Kaleessa sa'aa booda na dhukkubee ciiseen ture. Garuu akkuman ciiseen ciisichi waan na nuffisiiseef kan dhohe haa dhohuuf ittumaanan ka'e. Dhugumatti akkan sodaadhe miti. Inumaayyuu har'a kan akkasitti natti wayyeef waanan of jajjabeesseef ta'uu hin oolu. 
Har'a kabaja guyyaa dhaloota Kabajamtuu intala mootii Elsaabeex waggaa kudha saddeettaffaa dha. Bareedduu kana ilmi mootii kam fi eenyu akka ishee fuudhu irratti wal falmaa turree dhuma irratti gita ishee dhabnee dhiisne. Obboleettiin ishee Maargaareet Reez yoomillee yoo ta'e yoom  ilma mootii Beeljiyeem Bawudowwii harka isheen qabdee akka fuussistu tilmaama hunda keenyaa ta'eera. 
Waan tokko immoo yaadaan jira Kiitii, gaazexoota murtaa'aniif xalayaa barreessuu fi asoosamoota koo keessaa tokko maxxansa isaanii irratti akka naa baasan eeyyamamaa ta'uu fi dhiisuu isaanii adda baafachuun barbaada. Abshiir yoon barreesses maqaa kobbeetiinan barreessa. Hahaha.... Yeroo itti aanutti hanga wal arginutti nagaatti naa turi.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Tibba kana kitaaba mootii moototaa Chaarles shanaffaa Yuniversitii Getiningenitti piroofeesera kan ta'aniin kan barreeffame dubbisaan jira. Piroofeeserri kun kitaaba kana katabee xumuruuf waggaa afurtama itti fudhate. Guyyoota shanan darban keessatti kanan dubbisuu danda'e fuula shantama qofa. Haalli barreeffama isaa manshii waan ta'eef ariitii kanaa oliin waan dandeessee dubbistu miti. Kitaabichi fuula dhibba shanii fi sagaltamii saddeet qaba. Egaa dubbisee fixuuf guyyoota hagamii akka natti fudhachuu danda'u atumti herreguu dandeessa. Kana irratti kutaa lammaffaas qaba. Garuu waanuma fe'e yoo ta'e iyyuu kitaaba hin fixiin dhiisuu dandeessu miti. 
Mucaan durbaa beekumsa dheebotte tokko yaalii guyyaa tokkoon beekumsa hagamii gonfachuu dandeessi jettee yaadda. Fakkeenyaaf, kan koo har'aa qofa osoon sitti himee guyyaa tokko jechuun yeroo dheeraa hojii baay'ee guddaa akkamii kan itti hojjechuu dandeenyu akka ta'e sirriitti siif gala. Har'a hojii koo kanan jalqabe, waa'ee seenaa wal'aansoo murteessaa fi xumuraa Neelsen,  afaan Hoolaandii irraa gara afaan Ingiliziitti hiikuun ture. Sana booda kanan kanaan dura jalqabee ture (peter the great's war against Norway (1700-1721)'  ytsß mA¼F únB öyhù K² dGä) - (Charles the 12th') (Augustus the Strong') (Stanislav leczinský) (Mazeppá) - (Von Gorz) - (Brandenburg) fi (Pomerania fi Denmark)-iin tuqaaleen barbaabaadu qofaa gaggaragalchee dubbisaan ture. 
Sana booda immoo kitaaba waa'ee Biraaziil odeessu fuudheen achuma Biraaziil waanan deeme haga natti fakkaatutti Biraaziliin keessa biddiiqaan ture. Oomisha Tamboo Bihiyaa jedhamuun beekamu, Omisha bunaa Biraaziil, Waa'ee magaala guddittii Riyoo Dijeneeroo jiraattota naannoo miliyoona tokko fi walakkaa ta'an kan qabdu, waa'ee Perenaambukoo fi Sawwaa Paaloo, waa'ee laga Amaazoon, Baay'een jiraattota ishee Negroota(Gurraachota), Mulaatota, Meestisoota fi Warra adii ta'uu, Lammiilee ishee keessaa kuma dhibbootaan kan lakkaa'aman kan hin baranne ta'uu isaanii. Weerarri busaa yeroo yerootti lammilee ishee irratti miidhaa geessisuu  fi kanaa fi kan kana fakkaatan. Bu'uura qo'annaa koo har'aan ammas yeroon xiqqoon waan na hafteef akkuman aadeffadhe waa'ee seenaa moototaatti deebi'een (Jan the Elder) - (Willcm Lodewijk) - (Ernst Casimir I) -  akkasumas waa'ee xiqqittii (Margreite  Firansiska) ergan muraasa caccagadee booda xiqqoo aaran galfadhe. 
Guyyaa keessaa sa'aa jaha wayita ta'u gara baaxiitti ol baheen qo'annaa koo ittan fufe. Waa'ee seenaa dhuftee mana lubummaa ture. Waawu Kiitii, akkam akka na sheeqachaan dubbise sitti himuu hin danda'u. Hanga sa'aa torbaatti akka itillee dhisee  na qabe. 
Sa'aa saddeet irratti immoo ammas kitaaba biraa qabadheen sii taa'e. Inni kun immoo waa'ee sanyii jaldeessota funyaan isaanii dhaabatuu fi warra funyaan isaanii godeessaa kan seenessu dha. Waa'ee bineensotaa beekuun waan akkam nama gammachiisu of keessaa qaba seete? Mee hadaraa isa si uumee Kiitii too, gaaffii tokko sin gaafadhaatii ariitiin naa deebisi. Roobiin quboota meeqa qaba. Kakakakaka....
Kitaabni dhimma bineensotaa haasa'u akka quubsuu gaafa na godhu ammammoo Kitaaba qulqulluun kaase. Waa'ee Nohii fi markaba isaa, waa'ee Kaam, waa'ee Yaafeet fi Seemin Dubbise. Kitaabni qulqulluun yeroo na gahu immoo kitaaba biraa fuudheen waa'ee Chaarles Shanaffaan dubbise. Sana booda immoo kitaaba Namicha Zekeraayi jedhamuun barreeffame kan mata dureen isaa The Colonel kan afaan Ingilizii Piiteriin duukaa wal harkaa fuudhuun dubbifne. Dhuma irrattis lageewwan gurguddoo Amerikaa lama (Mississippi fi Missouri) jedhamuun beekaman qabiyyee isaanii wal dorgomsiisuun qo'annaa koo har'aa goolabe. 
Ammas qufaan koo na hin dhiisne. Kana irratti Maargoot, Aabbaa fi Harmeetti dabarseen haxxiffachaa fi maarrabii isaanii baay'ee fayyadamaa jiru. Piiteriin baga qabachuu dhiise malee kan isaanii na hin yaachisu. Piiter garuu mee naa koottu Albuuda tiyya jedhee - ofitti na harkisee booda, akka wal hin dhunganne barbaadee ture. Akka utaalloon na qabe fi akka isatti darbu osoon beekuu yeroon dhungadhu sitti hin mul'atuu? Qirixxee bashannansiisaa akkamii akka ta'e yaadi!...
Maalumaafuu Kiitii too, kan har'aa asuma irratti nu haa gahuutii kanumaan adda haa baanu. Kan hafeen yeroo itti aanutti hanga wal arginutti waaqayyo nuu waliin haa ta'u. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Abjuu koo Piiter Waseliin itti arge yoom akkan irraanfadhu mooji kooti. Yaadattee? Ji'a amajjii jalqaba irratti kanan sitti hime jechuu dha. Lakkoofsuman yaadadhuun ho'i maddii isaa amalle natti dhagahama osoon siin jedhee na amantaa? Yeroo sana natti dhagahamee kan turee fi sana boodas waantonni gaggaariin ta'an hundaaf sababa kan ta'e miirri gaariin sun ammayyuu mar'immaan koo keessaa hin baane. 
Miirri gosa sanaa ammallee Piiter duukaa yeroo turru na mudatee beeka. Garuu hanga kaleessaatti miirri wal fakkaataan natti dhagahamaa ture, sadarkaa jabina isaatiin hanga isa durii sanaa ol ka'ee hin beeku ture. Kaleessa akkuma aadeffanne Piiter wajjin siree dachaatu isaa irra wal hammannee osoo jirruu raajii uumame akkam abbaa kootti akkan sii ibsuu mooji kooti. Mudannoo haaraa ati amanuu hin dandeenye ture kan mudate. Deebisee yaadachuuf illee kan na rakkise dha. Qofa, akka tasaa Aanaan akkasumaanii sunii fi Aanaan dhibooftuuf fakkeessituun sun yeroo na keessaa baatu, akkasumas bakkashee Aanaan isheen dhugaan yeroo bakka buutun arge. Aanaa ishee dhugaa jechuun gowwoomsituu fi ga'iftuu kan hin taane fi jaalala dhugaaf immoo bakka guddaa kennituudha. Akkasumas guutummaa guutuutti iftoomina kan qabduu fi madaaloftuu kan taate dha. 
Cina isaa itti maxxanee akkan taa'ee jirutti danbaliin wayii na weerare. Imimmaan eessaa dhufeen isaa hin beekamne ija na guute. Imimmaan ija koo bitaa keessaa yaa'u maddii koo irra konkolaatee kottee Piiter irratti cobuu jalqabe. Inni ija mirga koo keessaa yaa'us funyaan koo cinaan dhankaayee kootii Piiter irratti cobuu itti fufe. Boo'aa jiraachuu koo Piiter quba qabaachuu isaa waanan mirkaneeffadhe hin jiru. Sababiin isaa sochiis ta'ee mallattoo tokkollee isa irratti hin argine. 
Egaa miirri ana bira jiru isas seeneera ta'innaa? Garuu jecha gosa kamiiyyuu afaan isaa keessaa akka hin baane nan yaadadha. Isa cina Aanaan gosa lama jiraachuus hubateeraa laata? Eeyyee gaaffileen kun yoo xiqqaate yeroof osoo deebii hin argatii turuun isaanii dirqama dha. 
Sa'aa lama irratti ol ka'een gara foddaa yeroo hunda cinatti wal gaggeessinuuttin siqe. Danbalichis sirriitti na hin gadhiifne ture. Ammallee Aanaa ishee lammataa dha. Yoosuu innis taraf jedhee gara kootti hiiqe. Tasuma harka koo lamaan kaaseen gateettii isaa irra kaa'ee maddii isaa mirgaa dhungadhee gara isa kaaniitti yeroon darbuuf jedhu akka tasaa hidhiin koo fi hidhiin isaa wal qunname. Oo... Kiitii tiyya,....
Hidhiiwwan keenya akka walitti qabatanitti hafan. Itti caalchifnee wal haammachuun, itti caalchifnee ofitti wal harkisuun itti fufe. Wal hudhuu jedhiin Ammoo walirraa adda bahuun keenya waan hin jirre wayii hanga fakkaatutti walitti marmine. Waawu Kiitii tiyya, dhugumatti Piiter dheebuu jaalala dhugaan mucaa ashaaraye dha. Egaan jireenya isaa keessatti yeroo jalqabaaf mucaa dubaraa jaalala dhugaa beektu argate. Jireenya isaa keessatti yeroo jalqabaaf ga'iftoota sadarkaa duraa fi ijoollee dubaraa siruma namatti hin tolle jedhaman illee roga gaarii dhokataa tokko akka qabanii fi yeroo isaaniitti onnee qulqulluu qaban mul'isuu akka danda'an isaaf gale. Jireenya isaa keessatti yeroo jalqabaaf guutummaa guutuutti dabarsee ofkenne. Kana dura gita hiriyaa durbaa qabaachuu dhabuu isaatiinis dabarsee ofkennuun isaa adda ture. Amma akka malutti na argateera. Anis akka ta'utti isa argadheera. Akka ta'uttis wal barreerra. 
Kan ta'e ta'ee ammas gaaffiin keessa kootii na quuqu tokko jira. Waantin ani raawwachaa jiru sirriidhaa? Dafee akkasitti of kennuun koo, haga kana ariifachiisuun koo, jechuun ariitii Piiteriin deemuun koo sirriidhaa? Inni illee ilma dhiiraati ani umrii kanaan hagas sarduun koo sirriidhaa? Karaa koo deebiin gaaffii kanaaf qabu tokko qofa. Waantan ani hawwaa fi fedhaan bara baay'ee eegaa ture dha. Kophummaa osoo na doorsisuu fi natti roorrisuu mucayyoon jiraadhedha. Egaan mankaraarrii kana hunda booda jajjabina kana argadheera. Kan hafeen, waa'ee isa kaanii waanti na galchu hin jiru. Akkan qabaadhus hin barbaadu. 
Walitti dhufeenyi keenya obboroo obboroo baay'inaan walitti dhufeenya miseensa mana icciitii kana kamiyyuu duukaa wal fakkaata. Inni sa'aatii boodaas irra caalaan isaa sanuma. Yeroon siin jedhu akka tasaa yoo mudannoon addaa uumamuu baateen alatti. Isa galgala galgalaa garuu na hin gaafatiin. Isa guyyaa guutuu nu keessatti ukkaamamee oole reefu akkuma wal argineen akka qawwee nu keessaa dhuka'a. Uumamni biraan uumamuu isaaniiyyuu hanga dagannuutti nu geessisa. Dhuma irrattis nagaatti jennee wayita wal gaggeessinu, wal dhungannee yeroo kaanu akkattan utaalee bahu otoo na argitee Kiitii, maaliif beektaa? Lammaffaa nagaatti jechuunii waanan hin barbaanneef, lammaffaa ija walitti cololiisuu waanan hin barbaanneef, dafee galee kutaa koo dukkana sana keessa of dhoksuu waanan barbaaduufi. 
Kutaa Piiterii baatee kutaa kiyya seenuuf dirqama kutaa guddicha waloo qaxxaamuruu qabda. Egaan yeroon kutaa waloo kana qaxxaamuru maaltu akka na mudatu beektaa? Ibsaa danbooban, gaaffiiwwan hin barbaachifne, kolfa sobaa, ijaan wal tuquu wal hanqattee, fi kan kana fakkaatan. Maal goota Kiitii tiyya,....
Akka maaliitti iyyuu xiqii koo gad afuuffadhee, nama homaa iyyuu hin taane fakkaadheen darba. Kan hafeen mudannoo kaleessa anaa fi Piiter gidduutti uumameen onneen koo miidhamuun ammallee keessi koo jeeqamaa jira. Bitaa galuu wayii sitti hin fakkaatiin. Naasuus hin jettu, gammachuus hin jettu, gaddas hin jettuun, qofa,  miira  kana jettee maqaa itti kennuun hin danda'amneen keessi koo jeeqamaa jira. Gosti miira booressuu kaleessa Piiter miira koo booresse sirumaa waan addunyaa irra jiru natti hin fakkaatu. Abjuu kootti yoo ta'een alatti. Eeyyee Piiter akka  fe'isa midhaaniittidha kan natti fe'amaa jiru. Duuba koo cumaa fakkaatu gara keessaatti, keessa koo immoo gara bakkeetti hanga garagalchuttidha. Egaan, namni miira akka volkaanoo isa keessaa dhowe tokko qabbaneeffachuuf baqonnaa barbaaduun isaa dirqama. 
Oo.. Piiter, hadaraa isa si uumee maaluma na gootee? Ajaa'ibuma maaliin na tuqxee? Maalidha narraa kan ati barbaaddu? Oo... Rakkoon Meeppee reefu naa gale!. Yeroo isheen waa'ee saayiba ishee natti odeessitu kun haajaadha iyyuu jedhee hin beeku. Sodaan ishee sun hunduu amma reefu naa gale. Amma reefu ujommoo isheen keessa darbite keessa yeroon seenu gaaffileen ishee gaaffii koo ta'uun natti beekame. Fakkeenyaaf odoo umriin kiyya gaheera ta'ee, Piiter immoo sin fuudha naan jedhee maalan deebisaaf ture? Aanaa mee otoo hin sobiin dhuguma natti himi. Isatti heerumuu akka hin dandeenyetu sitti dhagahamaa jira mitii? Garuu immoo kutattee dhiisuunis si rakkisa mitii? Walitti dhiyaachuu, wal jaalachuu, wal dhungachuun iyyuu waan tokko dha. Gaa'ila dhaabbachuun ammoo waan biraa dha. Piiter mucaa of hin barree fi hin bilchaannedha. Ciminni hafuura isaas gahaa miti. Amalli isaa akka qaama isaa kan gabbateefii miti. Ijoollummaanis irraa dubbifama. Anumaafillee umrii fi qaamaan yoo ta'e malee yaada bilchaataan na angafa jechuun na rakkisa. Abjuu amma gammaduu irra darbe hin qabu. 
Ani ka jedhu, amma ani dhuguma mucayyoo waggaa kudha afuriitii? Dhuguma mocayyoo cuucii mana baruumsaa keessaatii? Akkuma durboonni umrii koon jiran jedhaman sana, kan hamaa fi gaarii adda hin baafne, kan gororashee hin liqimsanne, daa'ima jedhamuufan jira jechuudhaa? Kakaka... Mee sitti haa agarsiisu kiitii tiyyaa, anaa kan waa adda hin baafanne? Innoo haa ta'utii, adda  maalinni? Umrii koo kanatti dhiibbaa fi rakkoo eenyu iyyuu keessa hin darbine keessan daebeeraam! Kanaaf, umrii koo kanatti eenyu iyyuu umrii kanaan kan hin argine baay'ee argeera. Amma amma immoo sadarkaan bilchina koo anumaaniyyuu na raajeffachiisaa dhufeera. Yeroon siin jedhu, hiriyoota koos haa ta'anii angafoota koo qooqa maaliin akkan walii galu naaf hin galu. Yaa .... Dhugaa isaa natti himi yoo jette akkan waggaa dhibba guuteetti natti dhagahamaa jira. Onnee kee sammuudhuma keen waldhaansoo qabuun baay'ee ulfaata. Maalumaafuu amma gaaffiin guddichi, waanan keessa gale keessa galuuf yeroo sirriin filadhe jedhee afaan guutee dubbachuu nan danda'aa isa jedhuudha. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Sanbata galagala anaa fi Piiter teenyee wanuma alle osoo haasofnuu Ani kanin jedhu, anaa fi ati haala itti jirru kana waa xiqqo irraa aabbaatti himuu? Jedheen isa gaafadhe. Erga baay'ee irratti haasofnee, innis itti amanee akkan aabbaatti himu walii galle. Ejjennoo inni fudhatetti baay'een gammade. Sababiin isaas kun kan agarsiisu gaarummaa Piiter qabuudha. Kutaa Piiterii akkuman baheen  bishaan fiduuf aabbaa duukaa gara kutaa gadiittin bu'e. Reefu akkuma sadarkicha gadi bu'uu eegalleen Ani kanan siin jedhu aabbaan jedheen.  Ani fi Piiter qofaa keenya yeroo haga kanaa kutaa Piiter keessa teenyu dhumdhuma afurtama walirra fagaanne akka hin teenye si jalaa waan dhokate natti hin fakkaatu, kanaaf, si gaafachuu kanin barbaade, 'Waanta kana akka ilaalcha keetti maal jetta?' Dogoggoraa? Aabbaan dafee deebii na hin kennine. Xiqqoo erga qummaadee booda, Karaa koo dogoggorri isaa maal irratti akka ta'e natti hin mul'atu. Garuu ofeeggannoo guddaa gochuu qabda Aanaa. Bakka akkas rakkisaatti walitti dhufeenyi akkasii balaafamaa ta'uu mala naan jedhe. Bishaan buddusinee sadarkicha yeroo ol yaabuu eegallu immoo jechoota mimmiidhagoon gorsa adda ta'e naa himuu jalqabe. Na gorse. Bulee jechuun Dilbata ganama immoo na fudhatee gara baatii sanaatti ol bahee Aanaa waan kaleessa natti himte sana sirriitti itti yaadeera jechuun dubbii isaa jalqabe. Yeruman isa argu bishaan agartuu isaa natti hin tolle ture. Dhugaa dubbachuuf atii fi Piiter waan gootan sirriidha jechuun nama rakkisa. Mee atumti ofii keetii itti yaadii godhi. Kana keessattii? Haala wal muddaa kana keessa osoo jirruu moo? Ani hanga ammaatti walitti dhufeenya keessan michummaa obbolummaa qofaa jedheen yaadaam! Piiteriin jaalalli qabeera jechuudhaa?

Dilbata ganama baaxii sana irratti yeroo wal arginu Tole Aanaa abbaa kee waliin irratti marii'attanii? Jedhee na gaafate. 

Sana booda waa'ee dhimma biraa odeessine. Yeroon siin jedhu oduu akkasumaanii kan callistee waa'ee waanuma allee akka yeroo kaanii haasoftuu jechuu dha. Egaa tasa otoo hin dirqamne haasaa keenya keessatti, Waaqayyo jedhee yeroo bakka kanaa baanu uumamuu kiyya iyyuu na hin yaadattu mitii. Eeyyee yeroo asii baatu eessa jirti jettee iyyuu garagaltee na hin ilaaltun jedhe. Jira mitii? bifa qirittee wayii. 
Akka dungoo sii boba'e kaa!, ijoonni isaa ni babba'an, hiddi mataa isaa ni yaa'an. Sagaleen isaa raajiif hudhaman. Maal jechuu barbaaddeetu Aanaa? Anaa kan garagalee si hin ilaalle. Uf.... Aanaa waa'ee koo akkas akka ati yaaddu hin fedhu. Waan akka kanaa goonkumaa afaan kee keessaa osoo hin baane natti tola
Yeroo kana kutaa gadii keessaa waamameen achuma baaxii sana irratti isa dhiisee dafeen bu'e. Egaa har'a Piiter wayita na argu maal naan jedhe seete? Aabbaan isa waamee waa'ee keenya akka Isatti hime, Abbaan kee, walitti dhufeenyi keenya kun haala kanaan itti fufnaan jaalala koorniyaatti jijjiiramuu mala sodaa jedhu qaba Ani garuu of to'achuu waan dandeenyuuf rakkoon tokkoyyuu akka mudatuu hin dandeenyen mirkaneesseef. Aabbaan amma ejjennoo tokko waan qabate fakkaata. Akkan guyyuu mana Piiter deemu hin fedhu. Dhuguman siin jedha Kiitii too, haala isaa ammaa kana hin jaalanneef. Piiter duukaa wal arguu waanan barbaaduuf qofa miti kanan eejjennoo aabbaatti gadde. Piiteriin akkan baayyee amanu ergan itti himee booda akkamittiin sodaan gosa kanaa isa seena? Piiteriin nan amana ergan jedhee booda dhugumatti kanin amanu yoo ta'e hagam akkan isa amanu isaaf mirkaneessuun barbaada. Kutaa isaa dhaquu dhiisuun koo isa amanuu koo osoo hin ta'iin garuu inumaayyuu shakkuu koo mul'isa.  Hi'i akkasoo hin godhu. Egaa ammuma gara kutaa Piiter.....
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Jalqabatti oduu torban kanaa gabaabinaan. Oduu siyaasaa kamirraayyuu aara galfanneerra. Kanaaf oduun siyaasaan wal qabatu hin jiru. Amma amma anis waraanni sabdaneessaa Naazii irratti weerara adeemsisuuf qophii ta'uu isaa amanaan dhufe. Maaliyyuu yoo ta'e Raashiyaan kophaa ishee ni bahatti jedhanii waan dhiisan natti hin fakkaatu. Sunis ta'ee garuu hojiin qabatamaan lafarratti mul'atu hin jiru. 
Obbo Kireeler siree Piiteriif cedheedha haaraa biteefii dhufe. Kanaaf Piiteriin hojii cedheedha siree isaa irra afuutu isa eeggata jechuu dha. Sababii kanaatiif yaanni isa galeera. Walanee cedheedha haaraa galchuu irra isa dulloomaa irra rafuu akka filatu irraa beekama. 
Dubbii keenya irratti hadurreen Piiter akka bade sitti himeeraa? Eeyyee, eessa akka inni bu'ee osoo hin beekiin tasa foolii bishaanii ta'e. Kamisa darbe irraa kaasee isa hin argine. Akka tilmaama kootti yoo ta'e yoona bineensa jaalalaan qabameeru tokkotu isa dhamdhameera. Lubbuun isaas yoona jannata keessa. Tarii yoona malayyoo gogaa isaa irraa hojjetame nama hojii basaasaa hojjeteef badhaasa kennu. Oo.. Kiitii too, Piiter hagam akka gadde sitti himuu hin danda'u. Samiin waan itti jige fakkaateera. 
Egaa inni biraan immoo sanbata darbe irraa eegalee mala nyaataa keenya jijjiirreera. Laaqana keenya waaree dura sa'aa shanii fi walakkaatti nyaanna. Sana booda hanga sa'aa afurii yeroo jiru immoo Calallii ittoo kubbaayyaa tokko tokkoon siksanna. Kana jechuun qooda guyyaatti sadii nyaannu lama qofa nyaannee soorata keenya qusachuu dandeenyeerra jechuu dha. Soorata baalaa argachuun ammallee baay'ee ulfaataa dha. Fakkeenyaaf har'a raafuun nuti affeellee nyaanne ijaaf illee ilaaluuf kan nama jibbisiisu ture. Raafuu affeellii, shoorbaa Raafuu, fi waanuma alle, hagasi kana irraan kan hafe waanti nyaatamu hin jiru. Dagaggama garuu maqaa jijjiirama jedhuun mosee coolige xinneessinee keessa bubuufna. Xiqqo qananiin yeroo nutti dhagahamu jechuu dha. 
Salphaatti akka sii galuuf namni mana icciitii kanaa hunduu mankaraaree yeroo hadheeffatu gaaffii of gaafatu tokko qaba. Achi abbaa koo, maalidha? Maali lolli bu'aan isaa? Maaliif namoonni daneessummaa fi nageenyaan jiraachuu dadhaban. Dhumaatiin kun hunduu, badiin kun hunduu, barbadeessuun hunduu maaliif? Eeyyee Kiitii, gaaffiin kun namni kamuu gaaffii of gaafachuu danda'u dha. Ta'us garuu eenyu illee deebii quubsaa deebiseefii hin beeku. Mee yaadi Kiitii, Xiyyaaronni ammayyaanii fi yeroo muraasa keessatti gamoo baayyee fi lubbuu baayyee barbadeessuu danda'an kan hojjetamanii fi gama biraan immoo miini yeroo gabaabaa keessatti gamoo ijaaruu danda'an kan omishaman Maaliif? Jalqaba barbadeessuu! Itti aansee immoo ijaaruu! Tapha maal jedhamuu dha? Maaliif Qarshiin kitilaa  fi kuma kitilatti lakkaa'amu takkaa waraanaaf takkaa immoo fayyaaf, barnootaaf, fi hiyyeessota qiliilee keessa jiran qiliilee keessaa baasuuf kan qisaasamu? Maaliif laata, walakkaan addunyaa kanaa qabeenya tuulee iddoo itti gatu dhabee rakkachaa kan jiru fi walakkaan ammoo waan arraabu illee dhabee beelaan kan dhumuuf? Maaliif? Maaliif namoonni waan godhan hanga wallaalanitti kan maraataniif? Karaa mataa koo, Namoota siyaasaa, Hayyoota, Duressoota, fi Angawoota qofatu waraana kanaaf itti gaafatama ilaalcha jedhus hin qabu. Tasayyuu, namni kamiyyuu qixxeedhuma itti gaafatama. Akkasumas qixxeedhuma itti ceepha'ama. Otoo akkas ta'uu baatee silaa, lubbuu fi qabeenyi hangi kun otoo hunkutaawuudhaa baatee ture. 
Eeyyee namoota gaafa jedhamnu, Keessa keenya keessa dhugaan dhokatee jiru kan balleessaa, kan diiguu, kan ajjeesuu, kan barbadeessuu, kan hunkuteessuu, gaafa haala mijataa argatu quuqee baha. Kanaaf ilmi namaa, guddaatii hanga xiqqaatti haaromsa guddaa godhee yoo qulqullaa'uu baate wal waraansi hin dhaabatu. Kan ijaarame fi kan guddate hunduu ni kufa. Ni barbadaa'a, ni hurraa'a, kan ture hunduu akka hin turre ta'a.  Sana booda dhalli namaa waan hunda akka haaraatti tokko jedhee jalqabuuf dirqama. 
Darbee darbee waanin itti yaadda'uu fi itti gaddu salphaa miti. Haa ta'u malee guutummaa guutuutti yeroon itti abdii cutee fi kan koo kanuma jedhee murtoo xumuraarra gahe hin jiru. Bakka kanatti haalli dabarsaa jirru balaafamaa kan ta'e, garuu immoo adiveencherii namatti tolu fakkaatee natti mul'ata. Jaalala, gammachuu, gadda, sodaa, balaa fi duuni kan itti baay'atan advenchirii baayyee bareedaa dha. Diyaarii koo irratti yeroon fe'u immoo akka nama buhaarsutti qirixxee wayii itti makeen afa. Amma mala jireenya koo, bifa jireenya ijoollee durbaa biraa irraa adda gochuuf murteesseera. Le'iin too gara fuula duraa akka jireenya dubartootaa giiftii manaa akkasumaanii akka ta'u hin barbaadu. 

Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Aabbaan baayyee akka natti gadde haala walii galaa isaarraa hubachuun ni danda'ama. Waliin dubbii Dilbata galgalaa sana booda mana Piiter deemuu waanan dhaabu se'ee ture. Mana kana keessatti saballaqamsi gosa kamiyyuu akka hin adeemsifamne ifatti dubbateera. Saballaqamins jecha afaan aabbaa keessaa baha jedhee hin eegnee fi baay'ee kanan irratti jibbe. Akkan kutaa Piiter hin deemne natti himuun isaayyuu gaarii hin turre. Amma immoo siruma iyyuu ittuu na dhiphisuuf yaaluun isaa  maal jedhama!? Waanti dhufe haa dhufu malee har'a ifatti isaa waliin haasa'uuf murteesseera. Maargootis gorsa tokko tokko naa laatteetti. Egaa na dhagahi Kiitii, aabbaan jechuu waanan barbaadu keessaa muraasni isaan kana. 

Asirratti galata isaa malee miira dhugaa dhokachuuf waacilan taatessu dhabee hin beeku. Akeekkachiisa keessaniinis ta'ee maal naan jedhuu kootiin  duubatti jechuu koo hin yaadadhu. Amma garuu, amma garuu waraanni koo xumurameera. Injifannoonis goolabeera. Amma yaadaanis ta'ee qaamaan giiftii mataa tiyyaa ta'uuf gaheera. Walitti bu'insi keessoo ani dabarse hundi akka sibiilaa na jabeessee amma hururuu haadhaas ta'ee hordoffiin eenyu iyyuu na hin barbaachisu

Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Kaleessa afaanin aabbaatti nan hima jedhee kanin karoorfadhe xalayaa irra qubachiisee kaleessuma irbaata dura dhokseen korojoo isaa  keessa kaa'eef. Erga dubbisee booda, maargoot akka natti himtetti taanaan, Halkan akka ibidda alanfatetti ture, iji isaas barbadaa fakkaata. Ani qodaa dhiqaarra waanan tureef hin argineen. Aabbaa miskiinticha. Xalayaa gadhiisiin akkasii miira akkamii isatti uumuu akka danda'u tilmaamuun qaba ture. Aabbaa jechuun akka daa'imaa nahaa,  miira lallaafaa fi haphii kan qabu dha. 
Piiteriin duukaa akkuma wal argineen akeekkachiisa ani kenneef maal seete. Dhimma kana irratti waan tokko illee na hubachiisuu fi na gorsuu akka hin yaalle. Kan si dhibu. Aabbaanis waa'ee xalayaa sanaa waan naa kaase tokkoyyuu hin qabu. Egaa tarii sa'aa fi yeroo mijataa eeggachaa jira ta'a. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Kaleessa sa'aa booda aabbaa duukaa daqiiqaa baay'ee haasofne. Hirqinfadheen boo'e. Innis na hordofee ajaa'ibaaf boo'e. Maal akka naan jedhe beektaa Kiitii? Jireenya koo keessatti xalayaalee baay'ee fi qabiyyee garagaraa qabantu na dhaqqabeera. Dhuguman siin jedha Aanaa, akka xalayaa kee kanaa miira koo kan na miidhe garuu hin jiru. Sii? Akkamitti Aanaa? Nu maatii kee irraa Jaalala kana hunda mucayyoon unachaa jiraatte sii?, maalirratti iyyuu siif baabsaa fi maatii jireenya isaanii dabarsanii sii kennan mucayyoo qabdu keessaa jochoonni akkasii bahanii? 'Waa'ee eenyuufiyyuu itti gaafatamummaa erbeen ishee iyyuu natti hin dhagahamu' jettaa? Na miitaniittu jetteem!. Na dhiistaniittu, na dagattaniittu jetteem! Lakki Aanaa, kana jechuu keetiin sirumaa kan nu miidhe si dha

Aa.... Kiitii too, Moo'atamuu gaddisiisaatu na qunname. Dhugumatti kun jiraanya koo keessatti dagoggorootan hojjedhe keessaa isa hamaa dha. Mana kootti rakkoo akkasii hordofsiisa jedhee yaadeen osoo hin ta'iin aabbaa fuulduraatti cimtuu fakkaadhee mul'achuuf ture. Dhugaadha rakkoo baay'ee dabarseera. Dararaa himuufis ta'ee barreessuuf dandeettii kiyyaa ol ta'e dabarseera. Waan hunda nama naa godhee fi kan naa gochaa jiru aabbaa konkonuun, of caalaa kan na jaalatuu fi lubbuu isaa tokkittii illee osoon gaafadhee nama na hin dhowwanne aabbaa na miiteetta jechuun, maalan siin jedha Kiitii? Salphina salphina caalu fi jechi kamiyyuu ibsuu hin dandeenye dha. 
Yeroo jalqabaatiif hojii harka koon argadhe. Dhugaatti naaf mala. Sammuu hin bilchaanneen yaadee gubbaarra of kaa'een akka tasaa yeroo darbamee kufuun koo ga'u, lafaa ka'ee isin jedhee of waamuu kanin jalqabe, koorri koo wal hanqattee fi akkasumaanii xiqqoollee ta'u daddaquun isaa, yoo xiqqaate akkan keessa deebi'ee of ilaalu na godheera. Eeyyee dubaree Aanaan yeroo hunda sirrii dha jechuun hin danda'amu. Namni tokko nama biraa, si jaaladheera jedhee  waliin dhiphachaa tureen, haga kana miira isaa tuquu fi miidhuu irraan yoo gahe, gochaan salphinaa kanaa olii maali? Sirumaa kan oduuf hin tollee fi yakka ulfaataadha kanin raawwadhe. Umriin ija jabummaa koof malee kana booda aabbaa ija guutee ilaaluuf naman hin dandeenyen ture. 
Yoomillee caalaa ofitti akkan qaana'u kan na godhe, immoo aabbaan achumaa achitti dhiifama naa gochuu isaati. Xalayaa koo akka gubuu fi akka hin dubbifneettis akka lakkaa'u natti hime. Haasaa keenya kaleessaa booda akkam akka na kunuunsuu fi na mararfatu osoo argitee, nama ani miidhe osoo hin taane akka nama na miidhee fakkaata. 
A'aa... Durbee Aanaa, homaa miti waan baay'ee barachuu qabdutu jira. Kanaaf ofis ta'ee waantota biroo ammuma qorachuu eegali. Warra kaan asii gad ilaaluu fi tuffachuuf ariifachuu keen dura. 
Dhugaatti yabala jalaa hanga gaaraatti rakkina fe'e harkisaa dha kanin jiraadhe. Garuu umrii koo kanatti eenyutu kana hin harkifne? Amala koo raatuu uffadhees taatee ani raawwachaa tures xiqqoo hin turre. Baay'ee kan nama raaju garuu gochi koo baay'een isaa hojii taatummaa akka ta'e anaafiyyu hin galle ture. Amma gara duubaa garagalee yeroon ilaaludha kan naa gale. Qophummaan koo inni sodaachisaan akka na hin dhidhimsine waanan hin goone hin jiru. Dhugaa dubbachuuf baay'ee baayyee ofitti saalfachuun qaba. Saalfadheeras. 
Waanta darbe deebisuu fi waan ta'ee darbe akka hin taanee gochuun hin danda'amu. Haa ta'u malee, akka hin dabalamne ittisuun ni danda'ama. Waan hundumaa irra deebiin jalqaba irraa jalqabuun barbaadan. Kan natti ulfaatus natti hin fakkaatu. Sababiin isaas amma cina kootii Piiteriin qaba. Gargaarummaa Piiteriin sirriitti raawwachuu nan danda'a. Nan raawwadhas!
Kana booda kophummaan na ugguu hin danda'u. Umriin Piiteriif, nan isa jaalladha. Na jaallata. Kanarratti immoo kitaaboleen koo naa jiru, asoosamoonni koo fi Diyaariin koo naa jiru. Fokkuu akka an hin taanes mirkaneesseera. Akkan tilmaamaa ture san beektuu fi hubattuu jedhamuu yoon baadhes, dhibooftuus akkan hin jedhamne nan beeka. Amaloota namoonni naa jaalatanis baay'een qaba. Ammoo kanarra amala koo fooyyessuufis nan carraaqa. 
Eeyyee dubree Aanaa, xalayaan kee kan hongaayee fi kan dhugaarraa fagaate ta'uusaa bartee gaabbiin of nyaachaa jirta. Kan nama ajaa'ibu garuu akka nama waan gaarii hojjetee ofiin boonuu keeti. 
Maalumaafuu Kiitii too, kana booda guutummaa guutuutti akka fakkeenyaatti kanin fudhu aabbaa dha. Kana yoon godhe akkan of jijjiiru shakkii hin qabu. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Ani ka je'u, oduu kana hunda yeroon sii taraaru waa'ee seenduubee maatii koo sii himeeraa? Ani hangan yaadadhutti waanan sitti haasa'e natti hin fakkaatu. Kanaaf amma siif haa eegalu. Maatiin aabbaa koo  lafaa fi samiitti sooressoota akkam ulfaatan seete? Abbaan aabbaa koo otoo homayyuu hin qabaatiin zeeroo irraa ka'ee biyyattii keessatti sooressa beekamaa jedhamuu danda'eera. Haati aabbaas maatii baay'ee tujaara ta'an irraa dhalatte. Kanaaf aabbaan umrii ijoollummaa isaa akkuma mucaa duuressa tokkootti qarabbataa fi quufaan dabarse. Torbanumaan piirtiidha. Subabuma uumuun get to geezeriidha. Ji'umaan shirri shirriidha. Qofa maalan siin jedha sadoo fi qananii guutuun guddate siin jechuu nan danda'a. Yeroo barbaadu bareedduuwwan magaalichaa waamuun, yeroo barbaadetti ari'uun, yeroo barbaadu mana abbaa isaa qulqullinni isaa masaraa mootummaa gadi hintaane keessa basha'aa, yeroo fedhe bakka fedhe deemaa, waan qoonqoon isaa feete hunda nyaachaa, walumaa gala waallee odoo itti hin hir'atiin nama guddate dha. 
Akakayyuun koo erga du'ee booda garuu sababii waraana addunyaa isa jalqabaaf, qalayinsa gatii uumameen wal qabatee qabeenyi sun hunduu akka fixeensaatti hurkee dhume jedhan. Maalumaafuu akka ati beektu kanan barbaade, aabbaan sadoo fi qananii akkamiin akka guddate dha. Egaa kaleessa irbaata irratti aabbaan akkamitti akka ofitti haga mar'immaan isaa butututti kolfe osoo argitee isa hin seetu. Maaltu isa kolfisiise naan hin jettuu? Waggaa shantama keessatti yeroo jalqabaatiif hudduu qodaa waaddii sooffatee nyaate. 
Warri harmees salphaa sooressoota akka sitti hin fakkaanne. Harmeen waa'ee qophiilee xixiqqoo mana isaanii wayita nutti himtu afaan bansiiftee nu hambifti turte. Fakkeenyaaf intalli isaanii tokko naqatamte haa jennuutii, gaafsana tujaaronni badda meeqaa walitti yaa'uun nyaachaa fi dhugaa bulu jette. Sitti mul'ate mitii Kiitii tiyyaa? Qubeelaaf akkas kan ta'e cidhaaf akkam ta'a? Atumti tilmaami. Egaa akkuma argitu sadarkaa jireenyaa sana irraa irraagadee bu'aa dhufnee bakka amma jirru kana geenye. Kunis ta'ee garuu ammas ani jireenyi sun hafe jedhee gaabbaa hin jiru. Inumaayyuu abdii koo kanin irra kaawwadhe nageenya waraana booddee dhufurra. 
Waan tokko ofiitti amanamummaan sitti himuu nan danda'a Kiitii. Isa harmee fi Maargoot kun gahaa dha jedhanii yaadan ogummaa gorroo duubaa kana qofaan daangayee hafuu hin fedhu. Gochuu fi ta'uu kanan barbaadu waantonni baay'een jiru. Fakkeenyaaf takkaa Paariis, takkaa immoo Ingiliz deemee afaanotaa fi seenaa seektera ogummaa garaagaraa qo'achuun fedha. Egaa kaayyoon ishee biyya filisxeem deemtee deessistuu ta'uu kan ta'e Maargoot fi kaayyoo koo wal madaalchisi. Inni Kan biraan yeroo hunda hawwii kiyya ta'e immoo maal seete? Uffatoota dizaayinii babbareedaa qabanii fi namoota namatti tolan ilaaluu dha. 
Waantota addunyaa kanaa irraa adda ta'an ilaaluu fi sammuu namaa qoran hojjechuu dha kaayyoon koo. Kana kana duras irra deddeebi'ee sitti himeera. Dubbii keenya keessatti. Baay'ees xiyyeeffannoo itti kennuu yoon baadhes, qarshii xiqqoo kan mataa koo osoon qabaadhee natti tola. 
Har'a ganama Meeppeen waa'ee yeroo dhiyootti sirna qubeelaa irratti argamtee fi achii deebitees affeerraa irbaataan wal qabatee shubbisa galgalaa (Party) irratti argamtee tokko tokkoon A hanga Ztti nutti odeessite. Aruuzonni gara fuula duraa kun lachanuu maatii badhaadhoo irraa kan dhufan ta'uu isaa fi sababa kanaan qophichi ho'aa akka ture nutti himte. Keessumaa waa'ee nyaataa wayita nutti odeessitu nu si hin godhiin. Gorora nu cophsisiiste. Kan aajjaa isaa, kan isteekii isaa, kan palpeti isaa, kan cheezii isaa, kan killee isaa, kan mortedellaa isaa, kan keekii isaa, kan viinoo isaa, kan shaanpaanyii isaa, kan wuskii isaa, abboo na dhiisi Kiitii. Waanti hafe tokkolleen hin jiru nuun jette. Namni marruu akka fedha isaatti nyaachuu fi inni fedhe kan garaasaa gadi naqaa waari'e jette. Waan hundi keenya gurra ta'e. Meeppeen mataan ishee alkoolii burcuqqoo kudhani gad hintaane akka dhugde dubbatte. Dhuguman siin jedha amanuu maran dadhabe. The Azaawulti Siikood garee humna darbatamaa amisterdaam keessa miseensonni poolisii muraasni hirmaatanii, haaraa fi gabaaboo namoota ta'an suuraa kaasaa turan. Si dhiba Kiitii, kana hunda keessatti waa'ee keenya daqiiqaaf illee akka hin daganne dubbatti. Kanaaf yoo nuti waa taane illee namoonni kun namoota mana Icciitii kanaa gargaaruu danda'u jettee waan yaaddeef yoosuu argama isaanii fudhatte. Nama nama ajaa'ibdu mitii!?
Sitti himuu? Meeppeen bakka sirna qubeelaa sana nu fudhattee deemtee osoo jiraattee, afaan kaa'aa tokkollee isaaniif hin hambifnu ture. Yeroo Meeppeen oduu kana  nutti himtu isheetu nutti sagaleesse osoo hin taane, nuutu arraba keenyaan oduu sana irraa arraabe jedhamuu danda'ama. Afaan ishee jala buunee ija kulul kulul wayita goonu nama nyaata mi'aahaas ta'ee namoota boonan arginee hin beekne fakkaanna. Haga kana gadi dhoobamuuf kan geenye nuti eenyufaadharee? Eeyyee, ijoollee kitiltootaa fi ijoollee ijoollee isaaniiti. Dhugaa dubbachuudhaaf biyyi lafaa kun kan nama dhibdu dha. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Asoosama koo Ellen The Fairy jedhamu barreesseen fixe. Barruulee baay'ee bareeduu fi ijaaf nama booji'uttin gargalche. Garuu aabbaaf kennaa guyyaa dhalootaa gahaa ta'uu danda'aa laata? mooji egaa. Maargootis Harmeenis walaloo barreessaniif. 
Har'a sa'aa booda ab Kireeler oduu namatti hin tolle tokko nuu fidanii dhufan. Biiroo kana keessatti dhimma daldalaa irraa kan hojjettu aadde Bi kan jedhamtu jirti. Kana booda laaqana ishee akka duraanii galtee nyaachuu dhiistee, fidattee dhuftee biiroo keessatti akka nyaachuu barbaaddu nutti hime. Yaadi kaa, akkamitti dha obbo Kireeler fi Meeppeen faa garagalanii nu ilaaluu kan danda'an? Mosee fi Raafuu keenya san iyyuu akkam godhanii nuu kennu? Akkuma beektu waan hundayyuu fudhachuuf sa'aa kana gidduu fayyadamna ture. Amma egaa mana fincaanii fayyadamuun hin jiru. Xiqqollee mixxiiquun hin jiru. Afuura Raafuu baafachuun hin jiru. Niitittiin naannoo kanaa akka fagaattu kallattii nuti hin yaalle, tooftaa nuti hin falle waan jiru sitti hin fakkaatiin. Fakkeenyaaf kan ab Faandaan qofa sitti haa himu. Maal jedhe seete, Suuta jennee aajjaa nama teessisu wayii buna ishee keessatti cophsuu dha. Wayita ishee sardu isheenuu mana koo na feessise jetti. Natti wayyeera yeroo jettee dhuftu immoo ammas dabaluudha Furmaatichi furmaata yoo ta'uudhaa baates yeroof nu kolfisiiseera. 
Aa... Kiitii too, haalli qilleensaa bakkee akkam akka namatti tulu na hin gaafatiin. Maal qaba yeroofillee bahee deebi'uu osoon danda'ee?
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Sa'aa kanatti hagam biizii akkan ta'e sitti himuu hin danda'u. Namni bakka tokkoo waggaa lamaaf otoo mixxiq hin jedhiin taa'e hojii bule baay'ee qabaachuu irraan kan ka'e yeroo ko'oomu eenyutu isa amana? Na amani Kiitii, anaan garuu yeroon baayyee na hankaakaa dhufeera. Gidduu kana qofa waantotan hojechuu qabu siif haa himuu? Gaarii, guyyaa borii, Giitowaliizyeliipees kutaa jalqabaa dubbisee fixuun qaba. Sababiin isaas iftaan mana kitaabaatti deebi'uu akka qabu Meeppeen faa na akeekkachiisaniiru. Sitti haa agarsiisu, reefu Kaleessa dha kanan dubbisuu eegale. Kanarratti kitaaba guddaa akkamii seete? Kan ta'es ta'ee akkuma fedhettuu dubbisee akkan fixu hin shakkiin. 
Torbee itti aanu Palestine the cross road kitaaba jedhu fi Galileo Galilei kutaa lammaffaa dubbisee fixuun qaba. Achii Isximaara Chaarles V San kitaaba jedhame dubbisee kanin fixe kaleessa. Kanaaf odeeffannoon achirraa argadhe caasessuu fi hidda dhaloota mootichaa diyaagiraamiin ibsuun narra jiraata jechuudha. Inni biraan immoo qooqa ormaa garagaraa fuula sadii kanan kitaabota adda addaa irraa funaane sirna qabsiisee barreessuus nan barbaada. Hiika isaanii barbaaduu fi tokko tokkoo isaanii dubbisuun narra jiraata. Kolleekshiniin taatota urjii koos salphaa akka hin taane ni beekta. Innumtii ofii isaa wal muddaa waan jiruuf isas sirreessee barreessee kaa'uuf guyyoota baay'ee natti fudhata. Haa ta'u malee piroofeeser Aanaan akkuma dursitee sitti himte danachuu hojiin ko'oomtee waan jirtuuf hunkuroon sun akkuma hunkurametti turuun isaa dirqama. 
Achiihoo naan hin jettuu? Achii Teesiyoos, Eediippes, Teeliyoos, Arfiyoos, Joosen fi Herkiyooles hunduu irra deebiin sirnaan saxaxamuu waan qabaniif, dabaree isanii eeggachaa jiru. Seenonni isaanii akka mana sarariitiitti sammuu koo keessatti wal xaxanii jiru. Seven and Nines mijeessuu gaarii barbaada. Raajii koo naa argitee Kiitii? 
Kitii inni biraan immoo maal seete? Eeyyee kitaaba qulaulluu dubbisaan jira. Garuu yoomi laata seenaa Suzana irra kanin gahu? Baay'een ariifadheera. Balleessaa Soodomii fi gomoraa yeroo jedhanoo maal jechuu isaaniiti. Obsa isaa siif haa kennu naan jedhi malee baay'ee baay'ee waantonni ani beekuun narra jiraatu baay'eetu jiru. Dubbii keenya keessatti yeroo tokko itti cichee kanin ture Lisoette of Pfalz garagalee waanan ilaalu hin se'iin. Harshama kam keessa akkan kaa'e illee hin yaadadhu. Tole Kiitii too, jiruun of muddee sammuu koo dhoosuu akkan gahe amma sii galeera natti fakkaata. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Atakaroo mana Icciitii kanaa dhagahuun si hin dharraassifnee? Ergan sitti odeessee tureem! Mee wal marii ab Faandaan fi Aadde Faandaan siif haa himu. 
Aadde Faandaan Yoowwana Jarmanoonni raayyaa waraanaa isaanii 'Atilaantik Waal' jedhamu kan ittiin baannatan, dachaa kudhaniin akka cimsatan wal nama hin gaafachiisu. Eeyyee humna isaanii jiruu fi hin jirre fayyadamuun Ingilizoota dhaabiitti hanbisuuf ni yaalu. Obbobbosh, eenyuma laata Jarmanoota kana haa namni jechuu danda'u? Akkam humna qabeessota dha?
Obbo Faandaan Eeyyee humna qabeessota dha
Aadde Faandaan Daran
Obbo Faandaan Eeyyee, asis jedhamee achis jedhamee dhuma irratti Jarmanoonni mo'uuf ga'umsa ni qabaatu. Shakkii tokkoon malee injifannichi kan isaanii ta'a! 
Aadde Faandaan Dhugaa dubbachuudhaaf anis yaada kanarraa adda ta'e qabaachuudhaaf mallattooleen agarsiisan hin jiran
Obbo Faandaan yoo ta'e hoo? yoo akkas ta'es maaltu siif haa waadamuree?
Aadde Faandaan Waan tokkollee naaf haa waadamu hin jenne. Dhimmichi waan na yaachiseefi
Obbo Faandaan Dhimma keeti, amma nagaa akka naa kennitun barbaada. Dhageessaa? Gaaffii kee gosa kamiiyyuu deebisuuf eeyyamamaa miti. Sagalee kee dhagahuu hin barbaadu!
Aadde Faandaan Iyyituu tiyyaan, yeroo jedhan dhageessee jedhan.... 
Obbo Faandaan Jechuun?
Aadde Faandaan Jechuun hoo, gaaffii koo hundaaf osoo hin jaalatiin tokko tokkoon naa deebista kaa. Sababiin isaas si hin dandeessisu waan ta'eefi. Nyaara guuraa ta'uu feeta malee itti hin beektu! Hanga har'aatti gaaffilee koo keessaa tokko kan naa hin deebisne jira sitti fakkaata? 
Ab Faandaan Dhugaa dha hin jiru, deebiwwan koo garuu akkam akkan gabaabsu atiyyuu beekta. Hanga naa danda'ametti jecha tokko. Yoon dadhabe jecha lamaan. Yoo baay'ate immoo jecha Sadiinin sii deebisa. 
Aadde Faandaan Bu'es bahes naa deebista. Dhugaadha jechi kee yeroo hunda sirrii akka siif ta'u feeta. Rakkoon isaa garuu maal seete? Kan ati yaadde yoomillee sii ta'ee hin beeku. Hahaha... Hahahaha.... Baay'ee malee, hahaha.... Yaa Raajii keenya, na dhagahi mee! Akka kee akka keefoo, tokko, waraanni sabdaneessaa Jarmanoota irratti weerara isaa barana jalqabuu qaba ture. Lama, Fiinlaanda yoowwana waraanichaa ala ta'uu qaba ture. Sadii, Yoona kana Xaaliyaaniif guutummaa guutuutti dhumeefiira ture. Afur, Raashiyaan yoowwana Leembergiin to'annaa ishee jala galchitee turte. Shanaffaa, ..... Itti haa fufuu?
Obbo Faandaan Itti fufi, garuu akka narratti hin hooqqifne
Aadde Faandaan hahaha..  Hahaha.... Maaloo yoo na dhiiste Raajii keenyaa? 
Obbo Faandaan obsa isaa fixatee ol ka'ee, Niitii nanaa, mee yeroof adaba bitadhuutii afaan kee cufadhuu taa'uu yaali. Waantonni ani dubbadhu hagam akka sirrii ta'an yeroo bira geessu sii gala. Ammaaf garuu hadaraa isa si uumee arraba kee lakkuu narraa sassaabi.
Aadde Faandaan Yaa walanee, balleeffannaaf oriiti jedhan
Obbo Faandaan Sittimuu? Biyya lafaa kanarra dubartiin akka kee hangeeccaccuu taate hin jirtu. Maalumaafuu saballaqama mataa keetiin gidiraa kee arguun guyyaa tokko akka hin hafne beeki. Qoraattii akkam jirtuudha adaraa keessan?
Kutaan tokkoffaan hookkarichaa kanarratti dhumen siin jedha Kiitittii!.
Kolfa koo to'achuu hin dandeenyen ture. Harmee akkasumas miskiintichi Piiter hidhii isaanii ciniinuun of irraa kutuu malee waanti isaan hafe hin jiru. Dadhaboota gosa kamiiti? Nu dargaggoota fuulduratti hangas kan of salphisan yoo xiqqaate maaliif ol deebi'anii of hin sakatta'an? Dhuguman siin jedha baay'ee baay'ee dha kanan isaanitti qaana'e. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Kaleessa ana si hin godhiin, sirumaa namaa gad ta'een oole. Dhukkuba irratti dhukkuba, dubbisuun hin jiru. Osoon gangaladhuu asuman oole. Ciniinnaa garaa dhiisiitii maal waan ani hin taanetu jira. Gaarummaan isaa har'a baay'ee natti wayyeera. Beelli garuu na galaafachuufi Kiitii too. Kanarratti immoo irbaanni keenya har'aa boloqqicha nyaata ani baay'ee jibbedha. Xiyyoo isaa tuquu koorra harka kudhan beelicha naa wayya. 
Piiteriin duukaa haala gaarii keessa jirra siin jechuu nan danda'a. Mucaan miskiintichi edaa na caalaa jaalala dheeboteera. Akkam akka nama gaddisiisu osoo naa argitee? Akka inni itti sabatbatee fi fuulli isaa akkam akka inni dhiilgahe otuu argitee. Takka takkaa maal akkan yaadu beektaa? Hadurreesaa jalaa bade sana sirriitti bakka bu'eefiiraa laata?n jedha. Garuu waantan ani yaadaa turetu naa ta'e waan ta'eef baay'ees na hin yaaddessu. Eeyyee, Piiter amma durba onnee irraa jaallattu akka qabu waan beekuuf gammachuu qaba. Kana arguun koo qofti na gaha. 
Gidiraa rakkoo kophummaan argaa ture fi qabsoo yeroo dheeraa booda waan garaa koo ergan argadhee booda waan hunda to'annaa kiyyaa ala akka hin baane godheera. Kana yeroon siin jedhu garuu jaalalli koo qabbanaa'ee jechuu koo miti. Tasumaa, jaalalli koo xiqqoo illee irraa hin tuqamne. Eeyyee Kiitii, Piiteriin ammas haga lubbuun koo baatuttan jaaladha. Dhugumatti waantan ani si hin haalle tokko jira. Innis ammas taanaan Aanaa lakkoofsa lama isa dhokseen Aanaa lakkoofsa tokko qofaan isa haasofsiisaan jira. Egaa yeroo duraa sana akkuma godhe san ammas dahannaa sana cabsee Aanaa ishee dhoksaa sana nan arga yoo jedhe, hojii isa duraa irra daran daran caalutu isa eeggata. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Gaafa guyyaa Caamsaa digdamaa aabbaa fi Aadde Faandaan waa'ee weeraraa irratti qotinyaa wal qabanii turan. Itittuun cuggee shan aabbaan qabsiisee ture irbaata irratti nyaatame. Weerarichi ammayyuu hin jalqabamne. Gurra guddisa tokko malee, guutummaan Amisterdaam, guutummaan Hoolaandi, walii gala guutummaan Awurooppaa westi koosti, jechuunis hanga Ispeenitti guyyaa fi halkan hunda waa'eema weerarichaa odeessu, Wal falmu. Wal atakaru, wal qotinyu, abdiinis eegu. 
Muddamichi dhisamee dhisamee gara dhohuutti deemaa jira. Dansoolee kan jennuun Hoolandonni illee amanamummaa Ingiliziif qaban qabatanii turaniiru jechuuf na hin dandeessisu. Tarsiimoo lolaa guutuu jettee kan ittiin Ingiliz dhaadattus namni hunduu itti amaneera jechuun hin danda'amu. Abadan! Amma namni kan barbaadu isa yeroo dheeraaf oduun guban gochaan arguu dha. Oduun uummata nuffisiiseera. Gochaa qofa fedha. Amma namni hojjaa isaa bira dabarsee yaaduun isaaf dadhabameera. Ingilizoonni kan waraanan biyya isaaniif akkasumas nageenya lammiilee isaaniif jedhanii akka ta'e sabni dagateera. Namni hunduu kan yaadaa jiru akka waan Hoolaandiin Jarmanoota irraa bilisa baasuuf dirqama qabduutti. 
Haqni hin haalamne tokko jira.  Biyyi kamiyyuu sababa gahaa tokko malee lammiilee ishee dabarsitee aarsaa hin gootu. Addatti immoo bu'aa biyya biraatiif. Kanaaf Ingilizis matumaa kana hin gootu jechuudha. Garuu gaaftokko sanas ta'ee kana weerarichi bilisummaa hordofsiisee dhufuun isaa hin oolu. Guyyaa sana kan murteessan garuu Ameerikaa fi Ingiliz dha. Biyyoonni hafan hanga barbaadan yoo wacanis waanti isaan jijjiiran hin jiru. 
Waanta nama sukkaneessuu fi nama gaddisuusi tokko dhagahaa jirra Kiitii. Daran baay'ee kan ta'an uummanni lafarraa waa'ee keenya, waa'ee Yihuudota yaanni isaan qaban jijjiirameera jedhan. Antiisemaayitizim waanti jedhamu mudannoo haaraa nuuf ta'ee miti kan nuti rifanne. Sadarkaa inni itti babal'achaa jiru malee. Jiraachuu isaayyuu uummata hin beekne biratti illee osoo hin hafiin haala nama sodaachisuun babal'achaa jiraa jedhan. Mee sitti haa agarsiisu Kiitii, oduun kun hunda keenya baayyee baay'ee nu suukkaneesse. Dhugaa dha, antiisemaayitizimis jedhamee, gara biraas jedhamee jibbamuun keenya sababaani. Inumaayyuu takka takkaa mirga jedhamuun ni danda'ama. Garuu gaarii miti. Fakkeenyaaf kiristaanonni yihuudota sababni itti luugaman jira. Muraasa sitti haa himu. Yihuudonni icciitii keenya Jarmanootaaf dabarsanii kennu nuun jedhu. Kiristaanota gantuu kan godhe sababa yihuudotaati jedhanii waan yaadaniifi. 
Kun hundi garuu dhugaa dha. Garuu eenyu iyyuu yoo ta'e waantota kana karaa lamaan isaa ilaaluun barbaachisaa dha. Kiristaanonni hoo osoo iddoo keenya ta'anii kanarraan kan hafe maal gochuu danda'u? Kanadha gaaffiin guddichi Kiitii!. Jarmanoonni atumti miliqii harka isaaniirra gahi malee isa beektu dhiisiitii isa hin beekne iyyuu kan ittiin si dubbachiisan mala seexanummaa baay'ee qabu. Haala akkanaa kana keessatti obsa ittiin icciitii dhoksan eenyutu qabaachuu danda'aree? Kun kan hin yaalamnee fi kan hin danda'amne ta'uu namni hunduu beeka. Egaa maaliifree? Maaliifi namoonni kan dhala namaa kamiif iyyuu hin danda'amne nurraa kan eegan? 
Inni biraan na yaaddessaa jiru maal seete Kiitii tiyyaa? Lammiileen keenya kan walitti ususan dhimmi tokko jira. Lammiileen keenya Hoolaandi keessa jiraachaa turan, amma naazotaan qabamanii mooraa uggurtii keessa kan jiran  lolicha booda gara Poolaanditti hin deebi'an. Kana dura Poolaandii dhufanii galmee baqattummaan Hoolandi keessa kolu galtumman jiraachaa turan. Amma garuu Hitler biyyoota to'annaa isaa jala jiran hunda gadhiisee yoo gara Jarmaitti deebi'e, yihuudota harka isaa irra jiran fudhatee gara Jarman deema oduun jettu bal'inaan faca'aa jirti. 
Namni tokko gaafa kana dhagahu yoo xiqqaate gaaffii ofitti uumuun isaa hin oolu. Akkas taanaan maaliif waraana rakkisaa fi hadhaa'aa kana keessatti baroota hedduuf summuugamnee teenyaree? Dhugaa dubbachuuf maalirrayyuu waanti naaf hin galle gaarummaa isaaniitiin, haqummaa isaaniitiin, fi garraamummaa isaaniitiin kan beeknu Hoolaandonni illee nutti murteessu. Qindoomina dilii kutaan addunyaa kam iyyuu hin beekne baanneetu kan jirru. Uumama kamii olitti iyyuu gidiramtoota namoota taane dha. Tarii saba hunda irraa foowamnee akkasitti farrajamuu danda'uun keenya hibboo yoomillee naa hiikamu miti. 
Ammas taanaan kanin hawwuu fi ni ta'a jedhee kanin abdadhu waan tokko qofa. Kunis maal seete Kiitii? Biyyoonni addunyaa guutuun, addatti immoo lammiileen Hoolaandi irriba isaanii keessaa dammaquu fi sababa malee Yihuudummaa qofaaf duuchaatti nama jibbuun kun mudannoo yeroon dabarsu ta'uu isaati. Lammiileen Hoolaandi baroon eenyummaa isaanii isa dhugaa akka mul'isan. Waa'ee haqaa irratti ejjennoo jabaa qaban eeganii tursuu, sababiin isaas Farri Semetikummaa gochaa badaa, gochaa badootaati. Kanaaf akkuman siin jedhe Kiitii too, ciniinsuun waraanaa kun akkumasaatti osoo darbee, dhamaatii isaaniitiin yihuudonni lubbuun hafan Hoolaandiin gadhiisanii bahuun dirqama jechuu dha. Nuti miseensonni mana icciitiis darsa keenya nu hafte guurrannee biyya miidhayduu kana, biyya jalalaan nu simattee fi jaalalaan nu keessummeessite kana, dhuma kanarra garuu fuula ishee nurraa naannessite kana dhiisnee isa dhumaaf nagaatti jechuun keenya dhiyaateera. 
Kiitii tiyya, Hoolaandiin sii ibsuu kanin danda'uu olitti dha kanin jaalladhu. Nama biyya kanan qaba jedhee himachuu hin dandeenye yoon ta'es, hawwii gaaftokko Hoolaandiin biyya abbaa koo jedhee waamuu garuu nan qaba. Kan ta'es ta'ee niyyaan koo gaaftokko dhugaa akka ta'u ammas abdiin qaba. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Guyyaa gara guyyaatti waanti haaraan tokko uumamuun isaa hin oolu. Namichi soorata nuu dhiyeessu abbaan girooserii sun har'a ganama naazotaan qabame. Maaliif naan hin jettuu? Namoo yihuudaa lama dhoksee sooraa turuun isaa waan irra gahameefi. Mudannoo baayyee nu rifachiisedha. Gara gaannaba lafarraa sana kan deeman yihuudota lamaan sana qofa sitti hin fakkaatiin. Hoolaandichas carraan dhaqqabu kan yihuudota sana irraa addaa miti. Daran mee hin caaliin iyyuu, akka yihuudotaa dafanii du'uuf carraa dhabuu danda'u. Inumaa maqaa icciitii biraa baasuu danda'a jedhuun gidiraan waaqa diimaa agarsiisu. 
Addunyaan bitawoon kun faatiin ishee badeera. Kan ture hunduu akka hin jirree ta'aa jira. Namoonni kabajamoo fi ulfaatoo jedhaman guyyumaan gara buufata uggurtiitti, gara mana hidhaatti, akkasumas gara bakka hin beekamneetti baay'inaan fe'amanii deemaa jiru. Amma biyyitti bulchaa kan jiran duraan tuffatamanii namoota irraanfataman harcaatota bakka galan dhabanii turani dha. Namni adda addaa kiyyoon inni ittiin qabamu garaagara dha. Tokko tokko yihuudota yookaan nama Naazii jalaa dhokachaa jiru dhoksitan jechuun qabama. Qofa, namni miseensa Naazii hin taane har'aaf boru keessaa waanti isa mudatu hin beekamu. 
Qabamuun namicha abbaa qabeenyaa mana dhugaatii kanaa hagam akka nu miidhu atumti tilmaami. Amma kanarra dhaabannee nyaata keenya qusachuu qabna. Waa'ee kanaa irratti erga marii'annee booda waan irratti walii galle sitti haa himu. Garuu waan baay'ee jijjiirama fidu miti. Harmeen yaada cireen sirumaa haa hafu jettee dhiiyeessite mormii malee mirkanaa'e. Laaqanni daabboo ittoo xiqqoon. Affeellii Mosee afur. Yoo danda'ame immoo torbeetti tokko yookaan torbeetti al lama Raafuu yookiin immoo fuduraalee keessaa tokko akka soorannu walii galle. Yaadni kanaa achii dhaabbiin abjoochuu dha. Beelli xa nu gochuufi Kiitii too, haa ta'u malee garuu Naazota harkatti kufuu irra harka dhibba wayya. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Kunoo kaleessaa jalqabee muddamni mana keenya keessatti uumame xinno tasgabbaa'ee minjaala qixa qaawwaa irra jiru irra taa'ee siif barreessuuf qophii xumureera. 
Afuurri koo bututeera Kiitii tiyyaa, ji'oota muraasa darban kana keessa miirri bullaa'aan akkasii natti dhagahamee hin beeku. Yeruma hattoonni sunuu balbala keenya cabsan sana iyyuu miirri kiyya akkas hin daakamne Siin jechuu nan danda'a. Karaa tokko waa'een namicha keenya girooserii sun sammuu kiyya keessa deddeebi'ee boqonnaa na dhowwaa jira. Karaa biraa immoo isa kam sitti himee isa kam dhiisu? Mana keenya keessatti olii fi gad hafarfamaa mata dureen oolu, akkasumas addunyaan hundi The Jewish Question jecha jedhu dha. Dhimmi soorata keenyaa hammaachaa hammaachaa deemuun isaa, takkaayis muddama walii galaa nurratti mohe, Fuula gaddisiisaa miseensa mana icciitii keenyaa hundaa irratti argamu, fi dhimma Piiteritti aaruu sanaa fi kkf. Kun kun egaa mudannoo gurraacha dha. Gidduu gidduutti immoo adii adiin isaas luf jedhee yeroo darbu nan arga ture. Fakkeenyaaf qubeelaa naqataa Meeppee. Ayyaana witsen gaggeessuu (Witsen jechuun ayyaana Faasigaa booda Dilbata torbaffaa) jechuu dha, fi kkf. Qofa maal siin haa jedhu? Jijjiiramichi jireenya fiixee adda addaa lamaan gidduutti argamu sun yeroo kamillee nuu waliini. Guyyaa tokko kolfaan gammadaa ooluun, guyyaa biraa immoo sodaan perepperamaa oolla. Ijoota hunda keenya keessa sodaa, muddamaa fi abdii kutuun osoo dubbifamu oola. garuu waa'ee keenya kana caalaatti dhimmi namootaa harka dachaa kudhan na yaaddessu jira. Innis dhimma Meeppee fi obbo Kireeler dha. Eeyyee, jireenya ishee nuuf jettee balaa irra buuftee nu gargaaruuf lubbuu ishee kan hin qusanneef Meeppee fi dhiphina sammuu isaarraan kan ka'e dubbachuuf illee kan isaaf dadhabame obbo Kireeler.
Mee itti yaadi Kiitii too, as holqa dhiphinaa kana keessa jiraachuu erga jalqabnee, Kunoo ganna lama guutuu dha. Hanga yoomiitti jireenya harka harka jedhaa kana akkasitti kan itti fufnuu fi Ammoo jireenya afuuraa laanqisaa'aa kana obsuu kan dandeenyu. Ujummoon dhangala'aan ittiin bu'u waan cuqqaalameef ujummoo bishaanii gosa kamiyyuu banuun nuuf dhorkaadha. Gara kutaa dhiqannaa wayita seennu biruushii fi kanaaf jennee bishaan xurii walitti qabneerru qodaatti hir'ifnee fuunee seenuun dirqama. Kan har'aahoo akkuma fedhettu ni dandeenya. Hojjetaan Ujummoo  sun kophaa isaa hojjetuu hin danda'u yoo ta'e garuu maaltu akka nu liqimsu mooji. Warri mana qopheessa hanga guyyaa Kibxatatti waan dhufan miti. 
Meeppeen ayyaana Wetseniif keekii bifa namaan hojjetame (Ashaangulliiti) hojjechiiftee nuu ergite. Keekii sana duukaas yaadannoo nuuf ergite sana irratti Happy Withsun barreeffama jedhu wayitan argu, kan nuu hin faayessine natti fakkaate ture kan natti mul'ate. Dhugaa kooti Kiitii, gurra guddifte naan hin jedhiin malee inumaayyuu faaya jaarraa keenyaa isa ol aanaa jedhamuuf ni danda'ama. Garuu amma haalli waliigalaa itti jirru haala kamiinuu Happy jedhamuun irra hin jiraatu. Waanta namicha keenya abbaa girooserii irra gahe erga dhageenyee ayyaanni nurraa ka'eera. Asiis achiis kan dhageessu ususa akeekkachiisaa darbatamu qofa. Calliinsi mana keenyaa immoo yoomillee caalaatti nu liqimsuuufi. Mana namtichaa cabsanii galuun namichaa fi yihuudota lamaan fudhatanii kan sokkan poolisoota Naaziiti jedhan. Kun nurrattis ta'uu ni danda'a ture jechuu dha. Waaqi hin jedhiin malee guyyaan abaaramaan tokko guyyaa nuti itti qabamnu osoo gahee,.... A'a dhiisi natti haa hafu. Kana hoo osoon barreessuu dhiisee wayya. Haa ta'u iyyuu malee garuu erga kaleessaa gaaffii sammuu kiyya keessaa bahuu dide dha. Hanga har'aatti dhiphinni ani irraa dheessaa ture fuula isaa naannessee ija natti babaasaa jira. 
Ammas garuu abdii haaraa ofiitti horachaa jirra. Namoota waan taaneef. Xumurumti waan kanaa haa dhufu malee gaariis ta'ee hamaa waan na ajaa'ibu jira sitti hin fakkaatiin. Qofa garuu xumura keenya dafnee arguun fedha. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 

Har'a ganama sa'aa lama irratti ture kan BBC'n oduu gammachiisaa kana dabarse. Kaales, Buwuleny, Li Havri fi Cherborgi, Paade Kalaasin dabalatee sigiga dhootuu (Boombii) isaan mudateen akka hin jirre ta'aniiru. Dabalataan naannoo zoonii to'annaa waraana Naazii jala jirun fageenya maayilii digdamaa irratti uummanni akka of eegu akeekkachiisni darbeera. Yoo danda'ameef Ingilizoonni bakka ammaa jedhame kanaaf ergaa kana waraanni taasifamuun dura sa'aa tokko dursanii xiyyaaraan ni harcaasu kan jedhus gabaafameera. 
Tajaajilli oduu Jarman akka gabaasetti taanaan loltoonni Ingiliz xiyyaararraa Paaraashuutiin akka bokkaa harca'anii daangaa Faransaayi irra qubachaa jiru jedhama. Markaboonni Xiyyaara waraanaa Ingiliz baatan karaa isaanii humna galaanaa Jarman wajji waraana ulfaataa irra jiru jedhee BBC'n gabaase.
Miseesonni mana icciitii kutaa waliiniitti walitti dufnee waa'ee dhimma kanaa irratti marii goone. Miirri hedduu keenyaa wal fakkaata ture. Wanti kun waggaa lamaan dura kan yaalame yaalii kuffisuu sana wajjin tokkoo laata?. 
Shakkii keenya kanaan sa'aa tokko akkuma turreen, sa'aa afur irratti BBC'n Afaan Jarmaniin, Afaan Hoolaandiin, Afaan Faransaayiin, akkasumas afaanota kaaniin weerarichi jalqabe jechuun gabaasuu itti fufe. Kana jechuun weerarri inni sirriin jalqabame jechuu dha. Namatti hin toluu Kiitii too? Baayyee baay'ee namatti hin toluu? Sa'aa shan irratti BBC sagantaa afaan Jarmantiin jeneraalli walii galaa weerarichaa jeneraal Ayizenawerii dhiyaatanii haasaa taasisaniiru. 
Sa'aa ja'aa irratti BBC'n afaan ingiliffaa dhowinsi diinarratti akka jalqabe ifa godhe. Jeneraal Ayizenawerii uummata Faransaayif ergaa dabarsaniin Stiff fighting will come now, but after this, the victory. The year 1944 is the year of complete victory; good luck. Sa'aa torba irratti BBC tamsaasni afaan Ingilizii, xiyyaarri waraanaa weerara kanaaf hiriiran kuma kudha tokko akka ta'an dubbate. Markabni Waraanaa 4000 immoo loltoota fi nyaata loltootaa fe'an cheerbergi fi Lee loveritti buusaa jiru. Waraanni Ameerikaa fi Ingilizii kan waliin qindaa'an Waraana labooberra akka jiran ni dubbatama. Namoonni gurguddoon jiru jedhaman haasaa taasisaa jiru. Geer Biraadii, Muummee ministeeraa Beeljiueem, Mooticha Norway Haken, Deegol Faransaayi, Mooticha Biritish, dhuma irrattis Wines ten Churchill guddicha. 
Dhiphachuu fi raafama guddaa mana Icciitii keessatti. Yeroo kana hundaaf abdii fi hawwiin eegaa kan turre baayyee kan dubbatameef, garuu immoo hawwamuun isaa baayyee baay'ee guddatee turuu irraan kan ka'e sheekkoo daa'immanii fakkaatee jira. Bilisa ba'uu waanti jedhamu sun dhugumatti ni dhufaa laata? Bilisummaa keenya baruma kana ni argannaa laata? Ammas taanaan waanti ofitti amanamummaan dubbachuu dandeenyu hin jiru. Haa ta'u malee adbiin keenya coolagee ture keessa keenyaa yoo xiqqaate lalisuu jalqabeera. Afuura haaraan guutamaa fi irra deebiin cimina afuuraa argachaa jirra. Yoomillee caalaa ciniinnachuu kan qabnus amma. 
Oo... Kiitii too, maalirrayyuu caalaatti dhimma weeraraa kanaaf waantan ani gammade maal seete? Yeroo jalqabaaf qomoowwan keenya nutti dhiyaachaa akka jiran waan natti dhagahameefi. Kanaaf yeroo hunda, Jarmanoota fi raajii lafaa kanaan dhiphachaa jiraanne. Qarri baangaa isaaniis yeroo hunda morma keenya irra jira. Egaan Lammiileen keenya gadhiifamuu fi nutis bilisa ba'uu caalaa waanti nama gammachiisu maaltu jira? 
Kana booda dhimmi isaa kan yihuudotaa miti. Inuu dhimma Hoolaandii fi biyyoota biraa to'annaa Naazii jala jiranii dha. Egaa tarii fulbaana yookaan onkoloolessa keessa gara mana baruumsaatti deebi'uu nan danda'a ta'a. Tilmaamni Maargootis kanumadha. 
Kan irraa hafeen nagaatti Kiitii too, haga naa danda'ameen oduuwwan angafoo weeraricha ilaallatan hordofee yeroo yeroon sii barreessuun yaala. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Oduuwwan angafoo weerarichaa, Waraanni sabdaneessaa qarqara Faransaayitti magaalaa xiqqoo argamtu kan BAYU jedhamtu erga to'ataniin booda, gara Kenitti imalaa jiru. Adeemsi isaanii Cheerbergi gahanii saamtota galaanarraa naannoo sanatti argaman guutummaatti to'achuuf waan deeman fakkaatu. Galgala hundaa sabaa himtoonni weerarichaa midiyaatti bahuun dirqama waraanichi bahaa jiruu fi gootummaa inni agarsiise, akkasumas onnee isaaniif cimina akka ta'utti ni ibsu. Baay'ee ajaa'ibaa fi seenaawwan raajii ta'antu himamaa jira. Dabalataanis loltoonni waraanicha irratti madoo ta'an gara Ingilizitti deebi'uun hopsitaala jiran afaan isaaniitiin haala waraanichi irra jiru nuu himu. Haalli qilleensa isaa hagamis rakkisaa yoo ta'e iyyuu xiyyaaronni dhootuu harcaasan boqonnaa malee ergama isaanii bahachaa akka jiran dubbatama. Kabajamaan Churchill guyyaa weerarichi jalqabe Waraana sana duukaa deemuu barbaadee jeneraal Ayizenewari fi jeneraalonni kan biroon dirqiin isa kadhatanii akka isa hanbisan BBC irraa dhageenye. Mee herregi Kiitii, umrii isaanii kanaan onnee akkamii qabaataniitu? Amma yoo xiqqaate torbaatama ta'u. 
Amma miirri jeeqamaan mana icciitii kanaa xiqqoo tasgabbaa'eera. Ammas taanaan waraanni kun baruma kana akka xumura argatu abdii qabna. 
Obbo Faandaan fi Piiter irraan kan hafe namoonni mana icciitii hunduu tiraayooloojii Hungarian Raphsody jedhamu dubbisaniiru. Waa'ee jireenya muuziqeessaa beekamaa Firaansi Liizit kan dhaadhessu fi kitaaba baay'ee namatti toluudha. Garuu akka kootti gaafan yaadu kitaabichi irra caalaatti waa'ee dubartootaa odeessuu isaatiin xiqqoo dadhabbina agarsiiseeran jedha. Dubbii keenya keessatti garuu Kiitii, Firaansi Liizit jechuun muuziqeessaa qofa osoo hin taane direessaa beekamaas ture. Hanga dhuma bara isaatti jechuunis hanga umrii torbaatamaffaa isaatti durbartoota ammayyoomaniif handaaqqoo kormaa isaanii ture. Kanarratti affeelaa qoosaa sitti hin fakkaatiin. Babbareedduu ishee ture kan inni qolatu. Jaalalleewwan isaa kan turan keessaa muraasa sitti haa himu. Kabajamtuu Maariyaa Daagol, Intalmootii Karolin Sayin Witipenistayin, Shubbistuu Loolaa Montees, Piyaanisti Agines Kingiwares, piyaanesti Soofii Menter, Intalmootii Oolgaa Jaan-yaannaa, Kabajamtuu Oolgaa Meeyendoorfi, Taatuu Liilaa, fi kan dhuma hin qabnedhan siin jedha. Kitaabichi bakka waa'ee muuziqaa fi fakkii odeessutu irra baay'ee baay'ee namatti tola. Kutaalee kana keessatti eenyu eenyufaatu eerameera seete,  Iskuman, Kilara Waayik, Hekter Barliyos, Johannis Birahimsi, Biit Hooven, Jowachim, Richardi Wagner, Hansi Von Bulow, Antun Robinistayin, Firedirik Chopin, Viktor Hugo, Honor Di Balzak, Hiler, Humel, Kiserni, Rossini, Cherubini, Paganini, Mendelsi, Son, kkf, kkf,...
Firaansi Liizit uumama isaan nama gaarii fi dhibaawummaa irraa nama fagaate dha. Akkasumaanummaan isaa daangaa darbe akkuma jirutti ta'ee. Namoota isatti dhiyaatan deeggaruufis nama duubatti hin jenne ture. Isaaf Muuziqaa jechuun immoo waan hundaa jechuu dha. Kan inni akka lubbuu isaatti jaalatu lamaan immoo maal sitti fakkaata? Conyaaki fi Dubartoota, kan hafeen garaan isaa naasha'aa imimmaan eenyuu iyyuu nama ilaaluu hin dandeenye dha. Qarshiifis hamma xurii qeensaa dhimma nama hin qabne ture. Bilisummaa amantiilee fi nageenya addunyaa jabeessee kan jaallatu ta'uusaa baay'een dhugeessaniifiiru. Waaw Firaansi Liiziit. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Kaleessa guyyaa dhalootaa kan biraa tokko dabarsine. Kanaaf amma waggaa kudha shanan guute jechuudha. Kennaan kiyyas bash bash ture. 
Ispiriingersi kitaaba History of Art jedhu volume shanan isaa, Maarrabii harka, Itittuu qaruuraa lama, Maarmaalata qaruuraa tokko, karameellaa fi barruuleewwan Meeppee irraa, hunda caalaa kanan itti gammade immoo Kitaaba Mara Theresa jedhamuu fi chiisii muraa Sadii  abbaa kireemii guutuu Obbo Kireeler irraa, kanarra bash bashii maaltu jira mee? Miskiinticha Piiter, hunduma caalaatti kennaa naa qopheessuuf yaaliin inni hin goone hin jiru. 
Haalli qileensaa baayyee rakkisaa fi fokkuu yoo ta'es, umriin loltoota sabdaneessaaf haa ta'uu ammas ciminaa fi gootummaan oduu gaggaarii nu dhageessisaa jiru. 
Kaleessa Cherchi, Ismaatis, Ayizenewari, fi Arnoolde, waraanichaan iddoowwan bilisa bahan magaalota Faransaayi daawwatan. Namni Churchill jedhamu kun sodaan maal akka fakkaattu iyyuu hin beeku. Nama akkam na hinaafsisu seete!, 
Waantan ani sitti hin himne Kiitii too, ji'oota lamaan darbaniif Adafiin (Laguun) kiyya dhaabatee ture. Galatasaa sanbata darbe naa deebi'eera. Si dhiba, waanti kun akkam akka na yaaddessee fi amma immoo yeroo naa dhufu hammam akka natti tole na hin gaafatiin. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Golli sammuu koo, yaaddoo, dhiphina, muddamaa fi himata miseensota mana icciitiin jeeqama guddaa irra jira. Maaliyyuu yoo ta'e hanga namoonni kun yaadan ani dhibooftuu fi of tuultuu miti. Dogoggora koo tokko tokkoo ishee, fafa koo tokko tokkoo ishee isa eenyu beekuu olittin beeka. Garaagarummaan jiru maalirratti seete Kiitii? Kanin beeku rakkoo akkan qabu qofa osoo hin taane, of fooyyessuu akkan barbaadu, barbaaduu qofas osoo hin ta'iin akkan fooyyessus, hanga har'aattis baay'ee akkan fooyyesses dabalatee nan beeka.
Garuu maaliifree jechuun yeroo baay'ee ofan gaafadha. Maaliif namoonni mana icciitii hundi ija jabeettii fi hunda beektuu kan of gootu wayiitti kan na ilaalan. Amma dhuguma ani nama hundan beeka ofiin jedhuudhaa? Moo tarii ani waan baay'ee beekee isaan immoo akkas waan hin taaneef aaraniitu laata? Dhuguman siin jedha Kiitii kun dhimma baay'ee na ajaa'ibu dha. Fakkeenyaaf miseensi mana kanaa hundi aadde Faandaan dubartii wallaaltuu akka taate beeka. Animmoo jechuma dheedhii isaatiin dooftuudhan jedha. Namoonni wallaaloon immoo namoonni wayita isaan caalaan miirri gaariin isaanitti hin dhagahamu. 
Aadde Faandaan anaan akka wallaaltuutti kan na lakkooftuuf maaliif seete? Akka ishee hanqinni beekumsaa waan na hin miineef. Hagasi, kanuma sababni isaa. Anaan nama na argaa na argaa jedhu fakkeessitee kan na farrajaa jiru ishee, garuu immoo ishee caalaa namni na argaa baay'isu hin jiru. Katee koo baayyee gaggabaaboo fakkeessitee dhiyeessuu kan barbaadduufis kateeleen ishee kan koo caalaa gaggabaaboo waan ta'aniifi. Waanumti ta'e ta'ee jechamni ani jaaladhu tokko jira. Ho'i bakka hin jirretti aarri jiraachuu hin danda'u ta'us hunda beekuu koo guutummaa guutuutti haaluu hin danda'u. Dhimma koo waan ilaaleen, eenyullee na luugamuu fi na sakaaluu hin danda'u. Sababiin isaas hanqina ofirratti arginaan anuu matuma kootiin ofan adaba, Ofin arrabsas. Dhugaan kana ta'ee osoo jiruu garuu harmeen sin gorsa jettee yaa Abbaa keenyaa ishee yeroo na dhageessistu maaltu akka natti dhaga'amu atumti tilmaami. To'annaa kiyyaan ala ta'a. Ittan iyya. Namni na gargaaruu danda'u osoo jiraatee jedhee yeroon itti ani hin hawwine hin jiru. Garuu maal godharee nama tokkoyyuu argachuu hin dandeenye.
Yeroon kana jedhu Piiter hoo? gaaffiin jedhu sammuu kee keessatti akka uumamu nan tilmaama. Garuu dubbichi akkasi. Piiter kan natti siiqu akka jaalallee kootti osoo hin taane akka michuu kootti. 
Anis ta'ee Piiter qorannaa jireenyaa isa guddaa mana Icciitii kana keessatti gooneerra jedheen yaada. Yerootii gara yerootti waan gara fuula duraatti, waa'ee yeroo dhufuu akkasumas waa'ee yeroo darbee ni mari'anna. Haa ta'u malee ammas taanaan waanta barbaachisaa argachuuf hin dandeenye. Waanti barbaachisaan ani siin jedhe sun egaa Piiter bira akka jirus nan beeka. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Isa Piiter gara fuula duraatti tapha qabsiisaa fi dhugduu ta'uu malu yeroo natti odeessu hagam akka na yaaddessu na hin gaafatiin. Piiter hagam tasgabbaa'aa fi qabbanaa'aa yoo ta'es sodaa qabu yeroo naa ibsuu baay'een sodaadhe. 
Namoonni amantii qaban dhugumatti gammaduu qabu. Sababiin isaas sammuu isaanii waan lafarraa dhiisanii isa kan waaqaatti hidhuu danda'uun isaa waan guddaa tokko dha. Kuniyyuu carroomuu tokko dha. Kana dhiisiitii du'a booda gubannaa jira jedhame sanayyuu sodaachuun dirqama miti. Walaneen Jannataa fi Gaannaba jedhaman kun namoota baay'eef kan hin liqimsamne dha. Kanas ta'ee sana garuu amantii qabaachuun namtokkoo karaa qajeelaarra akka deemu, akkasumaf jabina akka argatu ni gargaara. Namni kamiyyuu waan kana gochuu ni danda'a. Baay'ees waan ala nama baasu miti. Garuu waa'ee jireenyaa jechaan ibsuuf naan na rakkisa. Eeyyee Kiitii tiyyaa, Wallaalaan baruuf dhama'uu kan qabu fi hunduu jireenya mataa isaa irraa barachuu kan qabu maal seete? Hanga yaadsammuu qulqulluu wanti jabaa fi ciminni hin jiru 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Bakka bu'aan bizinasii biiroo Obbo Kireelerfaa obbo Bii'n gidduu kana gara magaalaa Bevirwaayik caalbaasii dorgomuuf imalee ture. Caalbaasii bizinesii bahe sanarratti argamuunis istiroobarri kiiloo baayyeetti shallagamus bituu danda'eera. Dubbii keenya keessatti Kiitii, biyya Hoolaandi kana keessatti namni oomisha kuduraa fi muduraa hojjetu kamiyyuu caalbaasii ifaan qofa akka gurguru seerri daangessu jira. 
Egaa garuu Istirooberri biyyaaf gahu kan dhukkeen golgame tokko nuu fidee dhufen siin jedha. Istirooberrii gundoo digdamii afur guutuu!... Namoonni biiroo fi nuti akka hirmaannuuf jechuu dha. Na amantes, na amanuu baattes, guyyaadhuma sana ture cuunfaa istirooberrii makarajjii torba qopheessinee, saamsinee kan kaa'uu dandeenye. Bulees Meeppeen namoonni biiroo akka hirmataniif jaamii istirooberrii qopheessuu waan barbaaddeef nu bira fidde. 
Guyyaa keessaa sa'aa ja'a fi walakkaa irratti namoonni waajjira Obbo Kireelerfaa hunduu bahanii gara mana isaaniitti yeroo deemanii fi karaa guddicha irraa gara waajjiraa balballi galchu erga loosaan loosamee booda gahee keenya hafe fudhachuuf qodaa garagaraa guurree gara biirootti gadi buune. Piiter, aabbaa, fi Obbo Faandaan, karaa dhiphoo sanarra irraa gadee osoo bu'anii ajaja sardaa kennan. Aanaa deemiitii ho'isaa keessaa bishaan ho'aa fidii koottu. Maargoot dafii gabatee fidii koottu. Hunduu gara hojii, dafaa jedhanii nu sardan. Baay'ina Istirooberriin shokokiin mana guute. Garaa kiyya keessatti miirri keessummaa uumamaa jira. Agarsiisa ajaa'ibaa akkamii seete Kiitii tiyya? Namoonni mana icciitii fi gargaartonni keenya kutaa kana keessa istirooberrii gundoo gugguutee tarraa'ee taa'utti naanna'anii yeroo mannaagan osoo argitee Kiitii tiyya. Meeppeen garas, Obbo Kuubes garana, Aabbaan immoo asirraan, Piiter karaa achirraanii, Maargoot karaa kana, Obbo Faandaan gara kana, Kiitii jaalatamtuu, Hookkara guddicha istirooberrii jedhamee moggaafamuu danda'a. Kanarratti dukkana osoo hin taane guyyaa waaree dha. 
Garuu foddaaleen golgaan gollamanii waan jiraniif namni bakkee hookkaricha hin argu. Haa ta'u malee gogogsaan balbalaalee fi wacni namoota keenyaa shororkaa hagamii akka natti naqe sitti himuu hin danda'u. Amma dhuguma dhokanneerra jechuudhaa? Yaanni jedhu akka tasaa na cagadee darbe. Kana irratti gidiraa, dararaa, mankaraara, shororkaa kana hunda keessa darbitee Waaqayyo jedhee ifatti addunyaatti baatee jiraachuu yeroo yaaddu miira keessummaa guddaa tokko keessummeessita. Nikeeliin bishaan ho'aa itti naqaan ture ni guute. Nikeelicha fuudhee gara biirootti baheen karaa sadarkaa ishee dhiphoo gara kutaa icciitii keenyaatti olan bahe. Miseensonni asitti hafan immoo kushinaa biirichaa keessa taa'anii istirooberrii adda baasaa turan. Isa cuunfaaf ta'u gabatee tokkotti, isa jaamiif ta'u gabatee tokkotti, isa tortoraa immoo qodaa biraatti adda baasu. Yoo xiqqaate kan achi taa'an kana gochuuf turan. Garuu istirooberroota gara afaan gabateetti garbatamanirra gara afaan miseensota mana icciitii kanaatti ha'amantu caala. Ammaf dabalataan gabateen biraa waan barbaachiseef Piiter gabatee biraa fiduu deeme. Garuu osoo inni hin fidiin bilbilli karraa bilbilame. Yoos Piiteriin si hin godhiin Kiitii tiyya, maalis maalis osoo hin jedhiin karaa hulaa dhiphoo sanaa fatak jedhee kutaa keenya seene. Istirooberrootatti akka naannofnee teenyutti soofachuu eegalle. Istirooberroonni dhukkee uffatan dirqama miiccamuu qabu. Ujummoo bishaanii garuu banuu hin dandeenyu. Sababiin isaas seerri mana keenyaa haala kamiinuu cabuu hin dandeenye, sababii dhangala'insaan sagaleen akka hin dhagahamne, namni waajjira godaa jiraachuun isaa yoo beekame ujummoon bishaanii akka hin banamne jedha. Kanaaf seera hundi keenya kabajnuudha. 
Guyyaa keessaa sa'aa torba irratti obbo Kuubbes gara keenya dhufaniiti, namichi bilbila karraa bilbile sun nama poostaa ta'uu fi dhimma isaa fixatee akka deeme nutti himanii deebi'an. Yoosuu Piiter gabatee fiduu gara kutaa gadiitti bu'e.  Ammas bilbilli karraa kilil kiliwu.... Piiter duubatti, fuulduratti fiige. Namni dhufaa jiru yoo jiraate jedheen faana namaa dhaggeeffadhe. Gara hulaattis nan siqe. Balbala gara kutaa keenyaatti  galchutti hiiqeen dhaggeeffadhe. 
Sana booda akka hadurreetti ofeeggannoo cimaan, qeensaan ejjechaa garuma balbalichaatti yeroon siqu, Piiter natti dhufee akka hattoota lamaatti afuura keenya dhoksannee callisaan dhaggeeffachuu itti fufne. Sagaleen nama keessummaa kamiituu nutti hin dhagahamu. Piiter shokoksaa ammas gara gadiitti siqe. Gara boodaa dhaabatee takka dhaggeeffatee gaafa hubatu sagalee ususaan Meeppee jedhe. Deebiin tokkoyyuu hin jiru. Ammas Meeppee gaafa jedhu sagaleen isaa waca godaa dhufuun liqimfame. Sochii shokokii hin qabneen ittuma hiiquu eegale. Hanga mana nyaata bilcheeffannuutti siiqe. Ammas xiqqo dhaggeeffatee mana nyaata itti bilcheeffannu seene. Xiyyoo sadarkichaa irra dhaabadheen miira dhiphateen asii gad isa ilaalaan ture. O'o Piiter maal asii goota? Abbaan herregaa dhufee as jiraam!. Jedhi dafii gara oliitti bahi Akeekkachiisa ususaa obbo kuubbees ture. Piiter daawullaa harganaa deebi'ee dhufee, wal qabannee gara gubbaa baane. Gara keenyatti balbala galchus loosaan cufanne. 
Minjaala istirooberriin guute marsinee osoo teenyuu Obbo Kireeler sa'aa torba irraatti gara keenya dhufe. Dudubachaa deemaa waan tureef hulaa keenya irra yeroo gahe isa ta'uu waan barreef hundi keenya iyyuu uffee jenne. Yaalee, istirooberriin kun bakka ejjennaa na dhowwateem. Kutaan nyaata itti bilcheeffatan istirooberrii, kutaan keessan istirooberrii, manni galmaa keenya istirooberrii, asirraan istirooberrii, achirraan istirooberrii, shurufkaan hunduu istirooberrii jedhee hadheeffachaa kutaa waliinii keenya qaxxaamuree gara kutaa nuti jirruu mana nyaata bilcheeffannaatti yeroo dhufu sagaleen isaa ni dhagahama. Idaa akkam jiruudha? Xinnoomallee irraa boqodha jedheeniim! Maal hojjettu ijoo? Isĥee, asiis istirooberrii? 
Kiitii tiyyaa bahes bu'es, manni keenya warshaa istirooberrii fakkaateeran siin jedha. Istirooberrii filuu, istirooberrii miiccuu, istirooberrii quncisuu, istirooberrii laanqaxuu, istirooberrii saamsuu, istirooberrii cuunfuu, qaruuraatti naquu. 
Galgala oomisha keenyarraa istirooberriin makarajiin lama dhiyaatee baname. Aabbaan collummaa ajaa'ibaan jaamii istirooberrii nuu hojjete. Bulee ganama isaas makarajjiin lama dhiyaatee baname. Sa'aa booda immoo kan biroo makarajjiin afur dhiyaatan. Aadde Faandaan sadarkaa ho'aa istirooberriif gahu fi haala walii galaa waan hubachaa jirtu hin fakkaattu. Hanga ammaa jaamii istirooberrii kan nuu qopheessaa jiru aabbaa dha. 
Nyaata keenya hunda keessa istirooberriin ni gala, Aannan daakuu keenya keessa istirooberriin ni gala, Daabboo dhadhaan kan nyaannu istirooberriini, soora kamiiyyuu booda goolabbiin isaa istirooberrii dha. Istirooberrii shukkaaraan, istirooberrii ashaboon, istirooberrii Loomiin, istirooberrii duwwaasaa. Guyyaa lama guutuu osoo addaan hin kutiin istirooberrii irratti istirooberrii. Boodarra garuu waaqi isaaf haa kennu innis ni dhume, nutis ni boqonne. Akka ta'utti hojjetamee qaruuraa fi makarajjiitti saamsamee, sanduuqatti galee taa'e. 

Shanii fi walakkaa irratti irraa deebiin ittin taa'e. Qajeelfamni hojii irra deddeebiin kennamu gurra na cufe. Felluuf, jalqabatti asheeticha fiixee isaarraa dachaafta. Irraa waan fo'aa fakkaatee walakkaa isaa irra deemu taraaruu, achii akka micciiruu goota. Qajeelfamichi itti fufa. Qola isa keessaa quncisuuf immoo jalqaba xiqqoo dhooqee bakka jirurraa qeensaan kaasta. Sana booda quba elmituu fi abgudduun qabdee quncista. Achii qola haphii sana qodaa tokkotti, foon isaa immoo qodaa tokkotti kuusta. Foonsaa inni keessaa akka hin foxxoqne, akka hin baqaqne, akka hin meceleqne,.... Raajii keenya argitee? Motora sa'aatii yookiin sarkiyuutii raadiyoo waan hojjennu hin fakkaannuu? Hanga waan hunduu magariisa na jalaa fakkaatuutti kanan garaa guutuutiin itti galee asheeta kana fellu. Qolli yabbuun jalqabaa magariisa. Qolli haphiin isheen keessaa magariisa. Foonsaa inni geengoon ittiyyuu magariisa ifaa. Magariisa, magariisa..... maal abbaa koon godha? Rajii magariisa kana yaaduu dhiisuuf jecha waan sammuu kootti dhufe hunda xeebaa isaan kolfisiisuun eegale. Kunis baay'ee na hin deemsisne. Hanga sagalee koo dhagahuun isaan niffisiisutti ittan fufe. Garuu Lakkoofsuma gumaa tokko tokkoshee quncisaa deemuun ofitti amanamummaan koo dabalaa jira. 
Waaqayyo isaan haa eebbisu, sa'aa ja'a irratti sababii cireen raajii magariisa kanarraa nu boqochiisan. Gatii maalii qabaree? Ja'aa fi wakkatti itti nu deebisanii hanga sa'aa torbaa fi ruubiitti qola haphii sana luqqisaa turre. Dhukkubbiin wayii natti dhagahamuu yeroo jalqabu hojichi dhume. Jarri kaanis baay'ee akka isaan dadhabsiise irraa beekama. Sa'aa kudhan irratti immoo yeroo na dunquqqeessu kutaa kiyya seeneen ciise. Ijoota koo juluunfadhee illee fakkii fokkuu asheeta sana irraa dhokachuu hin dandeenye. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Meeppeen faa kitaaba bareedaa tokko mana kitaabaatii ergifatanii nuu fidan. Kitaabichi yeruma mata duree isaa argitu qurumsa keessa si galcha. What do you think of the modern young girl jedha. Har'a kanan sitti himu waa'ee dhimma kitaaba kanaa ta'a. 
Barreessituun kitaaba kanaa rakkoo dargaggeessi si'anaa itti jiru seeccaati. Yeroo jettu garuu akka barreessitoota warra kaanii yaada gogaa Dargaggoonni si'anaa mul'ata maleeyyii fi kan waa'ee hin baafne jettee miti. Inuu, Ilaalcha cimaa Dargaggoonni onnee isaanii irraa fedhii osoo qabaatanii, Addunyaa bareedaa fi isa kanarra baayyee wayyaa ta'e ijaaruuf waan hunduu harka isaanii irra jira. Rakkoon isaanii waanta faayidaa hin qabne duukaa fiiguu fi bareedina dhugaa sana arguu dhabuu isaaniiti jedhu qabdi. Barreessituun kun iddoo tokko tokkotti waa'ee koo waan barreessite hanga natti fakkaatutti miira koo dadamaqsite. Egaa kanaafi kanan waa'ee kitaaba kanaa mata duree har'aan irraa sii himuu fi ceephoo niitii kanaaf mala jedhee yaadus siif barreessuuf kanan murtesse Kiitii tiyya.  Keessumaa namni na beeku osoo kitaaba kana dubbisee amala ani qabu tokko ifatti kan hubatu qaba. Kunis waa'ee kootiif hubannoo ani qabudha. Gochaa Koo fi hojii koo hunda akka nama biraatti bakkee dhaabadhee ilaaluuf dandeettii nan qaba. Aanaa yeroo hundaa kan namni hunduu beeku sana, loogii tokko malee, akka nama biraa kamiittuu ciminashee fi hanqinashee kaa'uufii nan danda'a. Of beekuun kun hanga libsuuf illee sammuu koo keessaa dhabamee hin beeku. Lakkoofsuma afaan koon saaqqadhuun, dubbadhee osoo sagaleen koo namicha bira hin gahiin A'a... Waanta kana karaa kana dubbachuun qaba ture yookaan immoo Eeyyee.... Sirriin jira Jedheen of gamaaggama. Dhugaatti waantonni  ani irraa of konkonu jiru. Hunda isaa nan ibsa yoon jedhe yeroo fixuu natti ta'a malee. Isa aabbaan ijoolleen koo waan gochuu qabanii fi irraa fagaachuu qaban ofiin beeku jedhe amma reefu oolee bulee naa gale. Eeyyee maatiin waanti gaariin ijoollee isaaniif gochuun irra jiraatu yoo jiraate kallattii sirrii agarsiisuu qofa. Kan hafeen itti bahiinsa dandeettii isaaniin ta'ee jireenya hawwaasummaa isaanii gara fuula duraa ijaaruu ijoollota matuma isaaniif dhiisuu wayya. Kana qofa akka sitti hin fakkaanne kiitii, Ciminnii fi Onneen dhuma hin qabne na keessa jira. Yeroo hunda kan natti dhagahamu hagam akkan cimtuu ta'ee dha. Rakkoo baayyee dandamachuu akkan danda'u nan beeka. Kunimmoo bilisummaa guddaa naa kenneera. Jabinnii fi bareedummaan dargaggummaa akka natti dhagahamu na godheera. Wanti kun na keessa jiraachuu isaa yeroo jalqabaaf gaafan ofirratti bare gammachuun koo daangaa hin qabu ture. Sababiin isaas rakkoolee eenyumaafuu hin oollee fi hulaa miliqqee tokkoyyu hin qabne, akkasumas jireenya hadhaa'aa kamiifuu akkan hin jilbiiffanne gaafsanan bare. Garuu Kiitii tiyyaa, mata duree kana irratti irra deedeebiin sitti odeesseera. Amma sitti himuu kanin barbaade garuu Aabbaa fi harmeen rakkoo na hubachuu qabu mata duree jedhu irratti. Eeyyee aabbaa fi harmeen dhaloota irraa hanga har'aatti na hooksaadha kan isaan jiraatan. Jaalala isaanii daangaa malee naa kennaniiru. Humna isaanii guutuun gaaddisaa fi dahoo naa ta'aniiru. Maatiin tokko ijoollee isaaniif waan gochuun irra jiraatu naa godhaniiru. Haa ta'u malee ani garuu yeroo haga kana hundaa kophummaan liqimsameen jiraadhe. Rakkina koo naman mariissisu dhabuun badhee walakkaatti waanin gatame natti fakkaataa ture. Aabbaan afuura keessa kootii danfu qooddachuuf yaaliin inni hin goone hin jiru. Haa ta'u malees jijjiramni inni naratti fide hin jiru. Ofiidhuma koon of oolche. Rakkoo keessan dhidhime keessaas ofii koo of himachaa jaarsummaa mataa kootiin suuta tiradheen keessaa bahe. 
Yeroo sana hunda qophaa koo galaana dhiphinaa yeroon daaku aabbaan akkamitti na bira dhaabbachuu dadhabe? Eeyyee Kiitii, rakkoon aabbaa karaa dogoggoraa fayyadamuu isaati. Kan inni na haasofsiisu akka mucaatti dha. Akka ijoollee kamiiyyutti na lakkaa'a. Dhugumatti dubbiin koo har'aa waa'ee aabbaa isa yeroo kaan sii ibsu duukaa wal dhiita. Sababni isaas namni ani waan garaa koo waliin haasa'u aabbaa akka ta'e isan beekuun ol malee gadi kan hin taane beekta. Sammuu sirrii akkan qabuu fi ofiitti saalfachuu tokko malee akkan jiraachuu danda'u namni amanu isa qofa. Yoo ta'es garuu aabbaan waa'ee koo waanta hin hubanne tokko qaba. Anaaf wanti kaayyoo koo naa caalu akka hin jirre naaf hin hubanne. Dubbii isaa keessaa jechoonni naaf hin liqimsamne ni jiru. Kuni dhimma umriitiim.... Argitee mii? shamarran umrii akka kanaa keessa jiran jedhee na hubachiisuu yaala. Shamarroonni warri kaanis... yookaan immoo Abshiir kun waan yeroon furudha fi kkf. Ani waan hundumaa caalaa kanan jibbu waan akkasii ture. Akka shamarree akkasumaaniitti lakkaa'amuu hin barbaadu. Aanaadhaatii akka Aanummaa kootti ilaalamuun qaba. Aabbaan kan inni naaf hin beekne kana dha. Inni biraan namni waa'ee isaa gadi fageenyaan yoo naa himuudhaabaate anis waa'ee koo itti himuu hin fedhu. Aabbaa waliin rakkoon ani qabu tokko immoo kana. Eeyyee waa'ee aabbaa waantan ani beeku waan lakoofsa keessa galu miti jechuu nan danda'a. Kanaaf kana caalaatti haallin itti dhiyaachuu danda'u waan jiru sitti hin fakkaatiin. Aabbaan yoomillee yaaliin inni natti siquuf godhu akka abbaan intala isaatti dhiyaachuuti. Irra deddeebisee kan inni naa himu rakkoo umrii isaa akka koo kanaatti isa irra gahaa turee fi waa hunda yeroon akka furudha. Asitti rakkoon aabbaa inni guddaan miira keessoo koo akka hiriyaatti hubachuu dhiisuu isaati. Hagamis yoo yaale kana gochuuf hin dandeenye. Egaa waantota kana dha, waa'ee jireenyaatiif Ilaalcha walii galaa ani qabus ta'ee murtoon qorannoo yeroo dheeraa booda irra gahe, eenyuufiyyuu qooduu irraa akkan of qusadhu kan na godhe. Diyaarii too irratti barreessuu fi yeroo meeqa keessaa immoo al tokko tokko Maargootitti afuura baafachuu irraan kan hafe. Sammuu koo daran jeeqaa nagaa koo waantota nyaatan hunda aabbaa dhokseeni kanan jiraadhe. Ilaalcha koo gosa kamiiyyuu qoodeefii hin beeku. Eeyyee Kiitii, aabbaa ofirraa dhiibaa akkan jiraadhe sirriittan beeka. Kanaa alatti waanan gochuu danda'u hin turrekaa. Guutummaa guutuutti miira keessoo koon oofaman jiraadhe. Kanaaf nagaa sammuu koo naa eega jedhee kanin yaadu yoo ta'e boodarra dogooggora ta'uu isaa osoodhuman beekuu iyyuu  itti fayyadamaan har'a gahe. Sababiin isaas sirreeffama asiis achiis natti darbatamu osoon dhagaheera ta'ee, tulluu yaabuuf qixxeen godhe kana duubatti na deebisuu, fi ofiitti amanamummaa gidiraa meeqaan horadhe kana hundeen isaa osoo hin hafiin ni sigigaata jechuu dha. Kan warra kaanii haa hafuutii sirreeffama tuffii aabbaa biraa dhufu iyyuu fudhachuuf hin danda'u. Si ajaa'iba Kiitii, Waan garaa koo aabbaaf qooduu dhiisuun koo akkuma jirutti ta'ee, danfuu koo daangaa hin qabneen hagam ofirraa akkan isa fageesse naa gala. Amma yaaddoo natti ta'aa kan dhufe, aabbaan natti dhiyaachuuf yeroo yaalu qoodan gammaduu qabu maaliifan jeeqamaa? Keessumaa gararraa koo ta'ee yeroo inni sin barsiisa naan jedhu obsi koo akkamitti akka na ganu na hin gaafatiin!. Kan inni na hubachiisu yaalu hunduu ijoollee waanin ta'eef, kan na hubachiisu natti fakkaata. Amma kanin barbaadu aabbaan yaada akkasii qabaachuu isaa fi qabaachuu dhabuu isaa akka natti himu, akkasumas yeroof akka na dhiisu dha. Sababiin isaas xalayaa kana dura barreesseefiin gaabbiin hagam of nyaachaa akkan jiru na qofat beeka. Oo... Kiitii, karaa hunda obsituu fi cimtuu ta'uun akkam ulfaataa dha? Garuu kan si dhibu waantin ani itti dhiphadhu inni guddaan kana miti. Aabbaa caalaa afuura koo dhiphisee kan jiru Piiteri. Waraana qabbanaa'aa anaa fi isa gidduutti adeemsifamaa turee injifannoon kiyya akka ta'e nan beeka. Fakkii Piiteris sammuu kiyya keessatti bareechee bocadheera. Kan jaalatu, nama hiriyaa ta'uuf kan dhabe, callisaa, kontomaa, miira haphii kan qabuu fi mucaa hubataa jaallatamaa godhee boceera. Anis yoon ta'e jireenya kiyya keessatti nama waan garaa koo itti odeessu baay'ee naman barbaadun ture. Le'ii kiyya keessatti  karaa sirrii qabachuuf  qabsoo wal irraa hin citne yeroon gaggeessu jabaadhu nama naan jedhuu fi qulqullummaan nama na deeggaru na barbaachisa ture. Kanin barbaades argadheera. Haaluma kanaanis Piiteriin ofitti fiduu danda'eera. Dhuma irratti garuu, walitti dhufeenya  nu gidduutti uumame sadarkaa gaarii irra ergan geessisee booda, hiriyyummaan keenya karaa ani yaade dhiisee gara hiriyyummaa akkasumaaniitti guddachaa dhufe. Gara dhuma dhumaarra yeroon yaadu kun akka hin taaneef waanan gochuu qabu hunda akkan hin goone naa gale. Icciitii anii fi Piiter waliin hin haasofne waan jiru sitti hin fakkaatiin. Icciitii uumama kamittuu dubbannee hin beekne hanga waliin haasofnuutti geenyeerra. Kunis ta'ee hanga har'aatti raajii uumamaa onnee too booressaa turanii fi jiraniin ifatti qaama keenyaan wal tuqnee hin beeknu. Mucaa Piiter jedhamu kana maal abbaa koo gochuu akkan qabu hin beeku. Fedhiin jaalalaa inni natti mul'isu hunduu miira hin taanedha jechuu dhaa!? Moo akkuma durboota warra kaan qaana'u naanis ni qaana'aa laata? Dubbii keenya keessatti garuu rakkoo kana keessa harki koo jira. Fedhii miira hiriyyummaa dhugaa ijaaruuf qaburraan kan ka'e dogoggorri ani uume tokko jira. Ani saayibummaa dhugaaf baayyee yeroon dhama'utti inni immoo ittuu fajajaa waan dhufeef, kallattii jijjiiree michummaa keenya gara walitti dhufeenya obbolummaatti akka guddatu yaalii godheera. Kanas kanan godhe, cichee kaayyoo koo bira gahuuf kallattii duraa irra deemuu osoon qabuu kallattii gadhiisee baduu kooti. Nan beeka Piiter jaallachuu ni barbaada. Jaalalli ana irraa isa qabeerus akka isatti caalaa jirus isarraa beekama. Isa wal sukkuumnu qofaarraayyuu gammachuu guddaa tokko akka argatu naa gala. Walitti dhufeenyi gosa kanaa garuu anaan miira miidhamaa keessa na galchaa jira. Eeyyee Kiitii too, rakkoon bara kanaa inni guddaan maal seete? Ilaalchota gaarii, mul'atoota ifaa, fi abdiilee nama maalalchiisan hunduu dhaloota  kaanya irraa kaasanii nu keessatti erga guddachaa dhufanii booda, dhuma irratti dhugaa fokkisaa akka kistaana guddaa karaa keenya irraa dhaabataniin nu harkaa kufanii caccabu. Sirrii dha, gaarii dha, ta'uu qabu, kabaja kennuufiin qaba, jedhee waantota ani amanu hunda akkamitti akka onnee tiyya keessa tursee har'aan gahe atumti tilmaami. Sababiin isaas gita dhugaa lafa jiruun gaafa ilaalamu, ilaalcha gowwaa yookiin ilaalcha raatuu kan fakkaatanii fi dandamachuuf kan nama daangessaniidha. Kunis ta'ee garuu ammas harka koo irraa jiru. Gara fuula duraattis akkan turfadhu nan amana. Sababiin isaas waanti ta'ee fi ta'aa jiru hundi akka jirutti ta'ee, ammas taanaan Namoonni hundee isaanii irraa gaariidha jedheen amana. Manca'a, jeeqama, dararaa fi duuni akka bishaanii, cirrachaa, fi dhagaatti wal dhugee hundee gurraacha ijaarame irratti abdii koo dhaabuun  garuu naa ta'uus naa milkaa'uus hin dandeenye. Addunyaan keenyi kun gara walii yaaduu fi gara isa qooqni bade sanaatti, gara Baabiloonummaatti  deebi'uun ishee natti mul'achaa jira. Guyyaa irraa gara Guyyaatti nutti dhiyaachaa kan jiruu fi bakakkaan badiisa keenyaa yeroo nutti roorrisu natti dhagahama. Kitiloonni diida kanaa dararaa qalqallootti yeroo akaafatan miirri koo natti hima. Sunis ta'ee garuu gara samii samoota sanaatti wayitan yaadsammuu koo kennu, waan hunduu deebi'ee akka sirratu, dilii fi garajabinni dachee keenya irra buufatee jiru dhumti isaa akka dhufu, nageenyii fi jaalalli akkasumas tasgabbiin deebi'ee kan keenya akka ta'us natti dhagahameera. 
Hagasiif garuu yaadsammuun koo gaariidha jedhee waantota itti amane hundaa fi mul'atoota koo akkuman qabadhetti tursiisuuf  dirqaman qaba. Sababiin isaas; maaltu beeka gaaftokko dhugaan godha ta'a.
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 
Dhugaa dubbachuuf abdiin koo naa ka'aa jira. Gara dhumaa irratti haalonni gaarii ta'aa dhufaniiru. Eeyyee Kiitii too, baay'ee baayyee gaarii ta'aa jiru. Sirumaa oduu gaarii sitti haa himu. Oduu bareedaa, Hitler irraatti yaaliin ajjeechaa godhame. Kan si dhibu akka yeroo kaanii osoo hin taane, yaalichi kan gaggeeffame yihuudota, ingilizoota, yookaan nama biraa osoo hin taane, sanyii mootii warra isatti dhiyaatanii taa'an keessaa dargaggeessa tokkooni. Inumaayyuu lubbuun Hitileruu kan oole raajii ayyaantummaatiini jedhama. Kan nama ajaa'ibu du'a irraa hafuusaa sitti hin fakkaatiin. Moccorraa xiqqoo irraan kan hafe balaan isa mudate tokkoyyuu hin jiru. Yeroo sanatti oofiserootaa fi Jeneraalonni achi turan garuu gartokko du'aniiru, gartokko immoo madaa'aniiru. Qindeessaan yaalii ajjeechaa sunis rasaasaan tumamee du'eera. 
Maalumaafuu kun kan ibsu maal seete? Ofiseroonni fi jeneraalonni  Waraanichi harka harka isaanitti jedhe akka jiranii fi Hitler boolla hin baane keessa akka seenu kan   barbaadan baay'een akka jiran agarsiisa. Hitler ajaa'ibuma wayiin osoo hunkutaayee, akka carraa ta'ee isaan immoo odoo bakka isaa qabatanii maal gochuu akka hedan beektaa? Karaa itti waraana sabdaneessaa duukaa nageenya uuman mijeessanii boqonnaa yoo argatan humna isaanii jabeeffatanii waggoota digdama dhufu keessatti waraana haaraa banuudha. Si hin ajaa'ibuu Kiitii? Waaqa isaan uumetu isaan hin ganne malee, warra sabdaneessa kanaaf kan toluufiis ta'ee kan salphatuuf Naazonni walii isaanii yoo fixaniidha. Kun otoo ta'ee Raashiyootaafis Ingilizootaafis hojiin salphatee, Yeroo yartuu keessatti magaalota isaanii deeffatanii hojii deebisanii ijaaruutti galu. 
Sadarka sanarra hin geenye. Kanaaf gara fuula duraatti haalota mudachuu danda'an ammuma sii raaguun fedha. Garuu sis osoo ta'ee oduu har'aan qabattee maaltu akka uumamuu danda'u tilmaamuun si rakkisa jedhee hin yaadu. Akkuma argitu har'a falasamoota gurguddoo jireenyaa sirra lolaasaa hin jiru. Kanaaf keessoon koo hagam akka naa tasgabbaa'e agarsiisaa mii? Oduu biraas sittan hima. Hitler namoota amanammuun tajaajilaa jiraniif ibsa haaraa kenne. Kana booda namni kamiyyuu humnoota Jarman hidhatan keessatti argamu Geestaappaatiin kan ajajame hunda gaaffii tokko malee dirqama raawwachuu qaba. Dabalees loltuun Jarman kamiyyuu sadarkaa loltummaa gad aanaa irraa hanga muudamtoota ol aanootti, eenyu illee waan jireenya Hitleriif balaa ta'u yoo nama wayii irratti arge achumatti ajjeesuuf mirga akka qabu ibsa godhe. Ibsa ajaa'ibaa. 
Agarsiisa dhiigaan ho'ee fi fokkisaa akkamii akka ta'uu danda'u herregii bira ga'i. Sitti haa agarsiisu, Joonii Moontis loltuun sadarkaa gadii dirree waraanaa itti ergamerraa yeroo deebi'u amna dheeraa deemeen luka isaatti dhukkubbiin dhagahamuu jalqabeera ta'a. Akkamu achi gaheen ajajaan isaa ajaja tuffii fi salphisuun isarra bu'a, sana booda Jooniinis Tole gooftaa koo. Waan isin jettan nan raawwadha jechaa boquu isaa gadi qabatee, gadi jedhee qawwee isaa satat godhee, Gooftaa koo, ati Hitleriin ajeesuuf shira xaxaa jirta jechuudhaa? Ittiin jedha. Egaa samii fi lafaaf ajajaa olaanaa namichi ture lafatti gombifamee argita. Achiiwoo? Dhumti isaa maal kan ta'u sitti fakkaata? Laal akkam ta'a seete, lakkoofsuma ajajaan waraanaa tokko nyaara loltuu isa jalaa tokkotti guureen ajajoonni waraanaa loltoota sadarkaa gadiin dhumuu eegalu. Kkkkk... Akkamitti akka fincaaniin dhuman sitti mul'ateeraa? 
Waanan jechuu fedhe amma sirriitti sii dhufee? Moo wal keessa si jalaan facaase? Tarii fulbaana dhufu barcuma mana baruumsaatti nan deebi'a ta'a miira jedhuun gammachuun koo danfaa jira. Safuu, garuu waa'ee koo. Maaluma irratti iyyuu abdii isaaf maluu ol irra kaawwachuu hin qabu kanan siin jedhe dhiyeenya kana tureem! Dhiifama naa godhi Kiitii tiyyaa. Maal haa godhu? Namoonni koos Daduu komii xiqqoo masoo jedhu kan na kennan sababa malee mitiim. 
Aanaa kee irraa

Jaalatamtuu Kiitiif 

Inni jalqabaa egaa isa akkasumaanii Salphaatti amanuu fi walii galuu  waanta ati hin barbaadne, Anatu siif beeka kan jettu, Isa ani jedhe malee kan jettu kan naan jedhanii fi walii gala ani akka Aanaatti amaloota koo ittiin beekamuu fi warra naaf hin jaalatamne hunda ta'uu isaati. Waa'ee isa lammaffaa garuu namni beeku tokkoyyuu hin jiru siin jechuu nan danda'a. Inni kun Icciitii dhuunfaa kooti. 
Kana dura duuchamatti siif eeruu akkuman yaale eenyummaa dachaa (Dual personality)n qaba. Cinaan koo tokko maal seete? Walii galummaa koo, haasoftuu ta'uu koo, waan hundatti qirixxistuu ta'uu koo, afuura dammaqaa qabaachuu koo, hunda caalaa immoo waan tokkorrattiyyuu kan fo'aa itti hin baafne ta'uu koo fi haalota hunda salphisee ilaaluu koo, akkasumas yoo na arrabsan, yoo na aarsuuf yaalan miirri aarii xiqqoollee narratti argamuu dhiisuun isaafaa keessatti hammatamu. Cina koo kanadha yeroo hedduu kan bakka qabatu. Cina koo isa biraa jechuunis baayyee wayyaa, gadi fagoo,  eenyummaa koo isa qulqulluu ari'ee bakka waltajjii to'ata. Kan beekuu qabdu maal seete Kiitii, Cina gaarii Aanaa namni beeku tokkoyyuu hin jiru. Kanaafi namoonni baay'een akka ani didduu fi tole hin jennee wayiitti  na fudhatan. Si dhiba, mee meeqa keessaa tokko ciniinnadheen miira koo keessa haa turu jedhee nan murteessa. Yoo xiqqaate yeroo xiqqoof illee taatu nan yaala. Fakkeenyaaf guyyaa walakkaaf camgag jedhee yoon oole namoonnis kanaaf na hin dadhaban. Rakkoon isaa garuu maal seete? Aanaa ishee kaan waan beekaniif ta'ee hin beeku hunduu itti toluu dida. Maal qaba osoo fuula ishee arguu baannee hanga jedhanitti gahu. Dhuguma koon siin jedha, namoota yaada gadi fagoo qabaniifi bilchaatoo miira Filimni jaalalaa kennuufii beektaa? Kunoo akka kanatti na fudhatu. Jira mitii? Jijjiiramuma qofaaf jettee waantonni ati gootu. Yeroof kan itti fayyadamtuu fi yeroo booda kan dagattu. Gadhees kan hin jenne garuu immoo gaariis hin jettuun. Waan kana osoon sitti himuu baadhee baay'ee natti tola ture. Garuu immoo dhugaan isaa erga akkas ta'ee maaliifan sitti hin himu? Cinaan koo inni salphaan baayyee ariifataa fi humna dhiibbaa uumuu waan qabuuf eenyummaan koo inni gadi fagoon morkachuu fi dandamachuu hin danda'u. Kanaafi yeroo baay'ee olaantummaa kan argatuu fi cinaan koo gaariin immoo hulaa bahumsaa kan dhabeef. Mee har'uma illee Aanaa namni hunduu beeku kana dhiibbaa irraan geessisee ishee haa ari'u, Naafa ishee haa godhu, jedhee yaaliin ani hin goone hin jiru.. Sababiin isaas maal abbaa ishee fiddi? Aanaa jechuun ishittii sana mitii? Isheen kun garuu walakkaa Aanaa ishee sanaati. Garuu gatii maalii qaba hin hojjetu? Hinhojjetu Kiitii, maaliif akka hin hojjennes nan beeka. 
Warri eenyummaa tokkoon na beekan gaafa eenyummaa biraa qabaachuu koo baran yaada jedhu wayitan yaadadhu, keessa koo sodaan guuta. Kan natti kolfan, kan na tuffatan, akk raatuutti warra na ilaalan, yookaan immoo fudhatama kan na dhowwatan, fi amanamummaa dhabuu amaleeffadheera. Garuu kana obsuu fi baachuu kan dandeessu Aanaa ishee ifa qofa. Aanaa ishee gadi fagoof garuu waan baay'ee ishee dhukkubu dha. Takka takka Aanaa ishee gaarii dirqisiisee sa'aa ruubiifillee waltajjii yoo dursite garuu jechumti ani dubbadhu wayii yoo jiraate osoo ani afaan koo hin saaqqatii na keessaa luf jettee baatee Aanaa lakkoofsa lamaaf iddoo gadhiifti. 
Kanaaf Aanaa gaarittiin yeroon ani nama wajjin jirutti na bira hin jiraattu. Kun hanga har'aatti guyyaa tokkoofiyyuu ta'ee hin beeku. Wayitan kophaa koo ta'u garuu olaantummaa kan qabaatu isheedha. Yeroo sanatti akkam ta'uu akkan barbaaduu fi maal ta'uu akkan qabu sirriittan beeka. Keessa kootti jechuu kooti. Garuu gatii maalii qaba? Aanaa ishitti kana ta'uu kanan danda'u ofii kootiif qofa. Warra kaan biratti ta'uu hin danda'u. Tarii namoonni uumama gammadduu dha kan naan jedhaniif kanaaf ta'uu mala. Dhugumatti daandii koo kan na argisiiftu Aanaa ishee keessaati. Malee ana jechuun oggiree hidhaa kuttee araddaa keessa akka garaa ishee burraaqxu mitimoo? 
Akkuman sitti hime waa'ee miira koo dhugaa eenyuttiyyuu xis jedhee hin beeku. Kanaafidha maqoota ariituu dhiiraa, jaalattuu gaa'ilaa, hunda nan beeka kan jettu, dubbistuu seenota jaalala, fi kan fakkaatan horachuu kanin danda'e. Kun egaa Aanaa ishii haasoftuu sanaan ni kolfisiisa. Miira maal na dhibeen gateettii ishee jala galchiti. Akka waan giroo irraa hin qabnee fakkaatti. Aanaan iseen callistuun garuu, oo... Kiitii ishee si hin godhiin. Dhugaa isaa natti himi yoo naan jette, haalli kun baay'ee na dhukkubsa. Kanaafi of jijjiiruuf kanin qabuu fi kanan hin qabneen yeroo hunda kan ani tattaafadhu. Garuu maal goota? Kanan wal'aansoo wal  qabaa  jiru nyaapha cimaa waliini. 
Keessa kootii sagaleen hirqinfatu jira. Argitee mitii!?... Kana dha kan kee dhumni, of tuulummaa keetiin, ana malummaa keetiinis nama hunda qoccoltee qoccoltee kunoo dhuma irratti kophaa kee hafte. Kan sii gaddus hin argamne. Kan si jaalatus hin jiru. Halayyaa osoo buutee iyyuu kan dhimma sirraa qabu hin jiru. Ka'umsi kana hundumaa maali yoo naan jette, walakkaa cina kee kan taate dhagahuu dhiisuu keeti kan naan jedhuudha. Kanaaf qoosaaf waanan godhe fakkeesseen dafee Aanaa lakkoofsa tokko gaggeessee bakkashee Aanaa lakkoofsa lama buusuuf dirqama. Sababni isaas kan warra kaanii dhiisiitii dhiibbaadhuma maatii koo dandamachuu hin danda'u. Waanan calliseef qofa akkan dhukkubsadhe mirkaneeffatu. Akka waan hoo'insi kiyya dabaleetti takka qoosee koo, takkaa immoo mataa koo qaqqabanii na cinqu. Goginsi garaa si qabee akka hin taane jedhanii gaaffiin na dhisu. Barbaadanii rakkoo narratti yoo dhaban mukaa'uun akkasii illee hin barbaachisu jechuun ceeppoo narratti darbatu. Waanin barbaades ta'ee waanan yaade ta'uuf carraa naa hin kennan. Kanaaf maalif akka narratti xiyyeeffatan gaafan yaadu, oriisaa isaanirratti bulgaafadheen isaan adabachiisa. Ittiyyuu natti hammaatu. Sanaa achi dirqamee Aanaa gaarii sana iddoo gadhiissisee Aanaa lakkoofsa lamaaf waltajjii gadhiisa. Aanaa tokkoffaa keessatti deebiseen akka riphxun godha. Amma of ta'uuf yaaliin godhu keessatti karaa biraa barbaaduu ittan fufa. Safuu Kiitii, akkan ta'uu barbaadu osoon ta'ee Aanaa bareedduu akkamiin ta'a ture. Garuu maal gootaree? Namoonni addunyaa kana naa waliin qooddatan osoo hin jiraannee ture. 
Aanaa kee irraa
 

Diyaariin Aanaa kan goolabame xalayaa gaafa hagayya 1 1944 Kiitiif barreessite kanaani. Kana booda itti fufuu hin dandeenye. Sababni isaas poolisoonni Naazii humna nageenyaa Hoolaandiin eegamanii guyyaa sadii booda jechuunis hagayya 4 1944 gamoo sana erga marsanii booda kutaa icciitii akka isaanitti agarsiisu obbo Kireeleriin dirqisiisan. Miseensonni mana icciitii fi dhoksitoonni obbo Kireeler fi obbo Kuubbes dabalatee poolisoota Naaziin harkifamaa fudhatamanii gara mooraa tursiisaa Hoolaandi keessatti argamuu Wester Boorki geeffaman.  Achumaan yihuudonni saddeettan ji'a tokko booda gaafa fulbaana sadii baabura loon fe'uun gara mooraa du'aa Oshiwutzi geeffaman. 
Manni icciitii sakkatta'insa naazotaan akka hin turre ta'ee ture. Akka tasaa hojii qilqullina manaa namni hojjetu waraqaa baay'ee lafatti babbadanii jiran keessatti yaadannoo Aanaa kana argee fuudhee maal akka ta'e akka adda baasaniif Meeppee fi Eeliitti kenne. Shammarran Aanaafaa dhoksuun himatamanii bilisa bahan kunniin yaadannoo Aanaa kana bakka eenyullee arguu hin dandeenye dhoksuun kaa'an. Hanga gaafa guyyaa obbo Firaanki ibiddaa Oshiwuutzi irraa hafee waraana booda gara Amisterdaam dhufee isaan irraa fuudhuutti. 
Miseensonni mana icciitii hagayya 4 1944 harka naazotaatti erga kufaniin duuba, jalqaba kan geeffaman Amisterdaam irraa 120km kan fagaatu fi akka biyya Hoolaanditti guddina isaan mooraa uggurtii Naazotaa beekamu gara Wester Boorkitti. Turtii ji'a tokkoon booda immoo baabura horiin ittiin fe'amuun hudumamanii gara mooraa gubinsaa buufata du'aa yihuudotaa kan ta'e Oshiwuutzitti deemsa guyyaa sadiin geejibsiifaman. (Yihuudonni miiliyoonni ja'aa ol bakka itti gubaman) Akkuma achi gahaniin dhiironni gama tokkotti dubartoonni gartokkotti akka goran erga taassifanii booda, ammas gama lachuurraa ijoollee fi dadhaboonni, warri dullooman, dhukkubsattoonni, akkasumas namoonni hojii humnaa hojjechuuf humna qaban gartokkoon akka hiriiran taassisaman. Yeroo sanatti gareen ijoollee jedhameefii dadhabaa jedhamee fo'ame yeroosuma ibiddatti nam'ee barbadaa'e. Haa ta'u malee yeroo sanaaf akka carraa ta'ee miseensota mana icciitii keessaa garee kanatti kan ramadame hin jiru. 
Kaayyoon Naazotaa inni guddaan Yihuudota fuula lafaa irraa balleessuu yoo ta'es, garuu sana dura humna saanii sirriitti xuuxnee itti fayyadamuu qabna sagantaa jedhus cinaan qabu. Sanarratti uummanni gara buufata gubinsaatti geejibsiifamu gubanii fixuuf humna mooraan ol ture.
Egaa Aanaan mucayyoon ganna kudha shanii umrii waggaa kudha sadaffaa isheetti mana icciitii warqii hiraarfamaa taate keessa seentee ji'oota digdamii shaniif gidiraa ishee kan argite, achii boodas ji'oota dararaa torba dabarsiteetti. 
Namni Oshiwutzi keessatti Aanaafaa waliin turtee ibidda Oshiwuutzi irraa haftee akka dhugaa baatetti, Haati Aanaa ijoollee isheef baayyee kan rorootu fi wajji cololiitu turte. Poolisoonni immoo kana arguun inumaayyuu gara kutaa bira itti aanuu fi qulqullinni isaa hin mijanneetti ijoollee ishee jalaa geessan. Akkasis ta'ee nyaata osoo ofii hin nyaatii isaaniif kenniti ture. jette. 
Turtii ji'a lamaan booda Aanaa fi Maargoot gara mooraa gibinsaa biraa Beergen Beelsen jedhamuutti dabarfaman. Sana booda aadde Firaanki jiraanya akkasumaanii jiraachaa turtee amajji ja'a guyyaa dhumaa le'ii ishee geesse. Ni boqotte. 
Beergen Beelsen hagamis buufata gubinsaa Naazotaan uumame yoo ta'es mooraa du'aa tasgabbii qabu jedhamuun beekama. Garuu waktii Aanaa fi Maargoot achi dhaqan yeroo muddamaa waan tureef akka carraa hiraara daran hammaatetu isaan mudate. Galmoonni mooraa sana keessatti argaman hunduu baay'ina hidhamtootaan humnaa ol muddamanii turan. Weerarri dhukkubaa tures to'annaa ala ture. Dabalataan Aanaa fa'i wajjin dubartoota kuma sadii fi dhibba torbatti dhiyaatan waan ta'aniif godoo yeroo ijaaramte keessa teessee of hooquun alatti waanti dhufu hin jiru. 
Miseensonni mana icciitii namoota gurguddoo jedhaman illee mooraa gubinsaa kana keessatti wayita dabaree isaanii eeggachaa turanitti fooninis ta'ee afuuraan burkutaa'anii turan. Keessumaa obbo Faandaan baa'ee dadhabeera. Bu'uura ajaja Naazotaan kan saamaawaaraa gubinsaatti darbataman warra dadhabanii dha. Kanaaf miseensota mana icciitii keessaa jalqaba gara gemmii ibiddaatti kan darbatame obbo Faandaan ture. Obbo Firaanki mataan isaa haala nama ajaa'ibuun micciiramuu carraan oole. Dhukkubsatee baatii sadaasaa keessa hospitaala mooraa sana keessatti argamu akka ciisu ajajameefiitu kan inni oole. Amajjii digdamii torba kudha sagal afurtamii shan waraanni sooveet mooraa Oshiwuutzitti tarkaanfii fudhateen wayita bilisa baasu obbo faandaan akkuma hopsitaala ciisetti jira ture. Fakkaattota isaa duukaa bilisa baastotaan fuudhamanii gara buufata doonii odeessa  jedhamu geeffaman. Achii markaba Niwuzlaandi isaan eegaa turteen hanga lixa Aawurooppaatti gaggeeffaman. Naazonni ariitii Sooveet Oshiwutzitti dhiyaachaa deemaniin hodhamtoota ajjeesanii fixuu waan dadhabaniif hidhamtoota kuma kudha tokko dhiisanii bahan diilalla fi dadhabbii sanaan miilaan gara Aawurooppaa lixaatti deemsifaman. Warra kana keessa kan ture Piiter kana booda eessa akka gahe hin beekamne. Walakkaan hidhamtootaa imala irratti akka du'an beekamaadha. Hireen Piiteris kanarra adda waan ta'u miti. 

Aanaan cimina keessoo ayyaana isheen hidhamtoota Oshiwutzi hunda biratti kan beekamtu Mooraa Beergen Beelsen keessattis irra deebiin akka raawwatte dhugaa bahamaaf. Ji'a guraandhalaa keessa dhukkuba Busaan qabamanii siree irraa jalaan rafaa kan turan obboloonni kun baayyee of dadhaban. Gaaftokko Maargoot siree saqalaa fakkaatu sana irraa bu'uuf jettee osoo yaaltuu qabannoon ishee ganee diida manicha keessaa irratti kufte. Danuu huuqqattee waan turteef balaa kufaatii sana irraa hafuu hin dandeenye. Achumatti lubbuun ishee darbe. Mankaraara kana hunda dandamachaa kan turte Aanaan du'a obboleettii ishee kanaan ciminni afuura ishee hunduu tasa hurraa'e. Guyyaa muraasa booda isheenis guyyaa dhumaa jireenya ishee geesse.




#Total Article count: 337
#Total Word count: 168416